LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Daawit Solomooniif qajeelfama kenne (1-9)

      • Daawit ni duʼe; Solomoon mootii taʼe (10-12)

      • Fincilli Adoniyaa duʼaaf isa saaxile (13-25)

      • Abiyaataar ni ariʼame; Yoʼaab ni ajjeefame (26-35)

      • Shimeʼiin ni ajjeefame (36-46)

1 Mootota 2:2

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Ani daandii lafaa hunda deemuufan jedha.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 31:6; Iya 1:6; 1Se 28:20
  • +1Mo 3:7

1 Mootota 2:3

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ogummaadhaan sochoota.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 17:18-20; Lal 12:13

1 Mootota 2:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 6:5; 2Mo 20:3; 23:3; 2Se 17:3; Mat 22:37
  • +2Sa 7:12, 16; 1Mo 8:25; 1Se 17:11; Fr 132:11, 12

1 Mootota 2:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 3:27, 30
  • +2Sa 17:25; 20:10; 1Se 2:17
  • +Lak 35:33; 2Sa 3:28

1 Mootota 2:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 3:29; 1Mo 2:31-34

1 Mootota 2:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 19:31
  • +2Sa 15:14
  • +2Sa 17:27-29

1 Mootota 2:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 17:24
  • +2Sa 16:5-7
  • +2Sa 19:23

1 Mootota 2:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 22:28
  • +1Mo 2:44, 46

1 Mootota 2:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 5:7; 1Se 11:7; 29:26, 27; HoE 2:29

1 Mootota 2:11

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Guyyoonni.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 12:23
  • +2Sa 5:4, 5

1 Mootota 2:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 7:8, 12; 1Se 29:23; 2Se 1:1; Fr 89:36, 37; 132:12

1 Mootota 2:15

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “fuula isaanii ana irra kaaʼanii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:5, 25
  • +1Se 22:9

1 Mootota 2:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:1, 3

1 Mootota 2:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 3:1, 2, 5
  • +2Sa 16:21
  • +2Sa 8:16
  • +1Mo 1:7

1 Mootota 2:24

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “mootummaa dhalatti darbu naaf hundeesseen.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 22:9, 10
  • +2Sa 7:11; 1Se 17:10
  • +1Mo 1:51, 52

1 Mootota 2:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Adoniyaa irratti kufee.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 8:18; 1Mo 1:8; 1Se 27:5

1 Mootota 2:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 22:20; 1Mo 1:7
  • +Iya 21:8, 18; Er 1:1
  • +1Sa 23:6; 2Sa 15:24; 1Se 15:11, 12
  • +1Sa 22:22, 23

1 Mootota 2:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 18:1
  • +1Sa 2:31; 3:12

1 Mootota 2:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 18:14
  • +1Mo 1:7
  • +1Se 21:29

1 Mootota 2:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 9:6; Bau 21:14; Lak 35:33; Kes 19:13; 1Mo 2:5

1 Mootota 2:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 3:26, 27
  • +2Sa 2:8
  • +2Sa 20:10
  • +2Sa 17:25

1 Mootota 2:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 3:29

1 Mootota 2:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 11:24; 27:5
  • +1Sa 2:35; 1Se 6:50, 53; 12:28; 16:37, 39; 24:3

1 Mootota 2:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 2:8

1 Mootota 2:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 15:23; 2Mo 23:6; Yoh 18:1

1 Mootota 2:39

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 21:10; 27:2

1 Mootota 2:42

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 2:38

1 Mootota 2:44

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 16:5, 13
  • +Fr 7:16; Fak 5:22

1 Mootota 2:45

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 21:6; 72:17

1 Mootota 2:46

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 2:8, 9
  • +2Se 1:1; Fak 16:12

Yaada Wal Simu

1Mot. 2:2Kes 31:6; Iya 1:6; 1Se 28:20
1Mot. 2:21Mo 3:7
1Mot. 2:3Kes 17:18-20; Lal 12:13
1Mot. 2:4Kes 6:5; 2Mo 20:3; 23:3; 2Se 17:3; Mat 22:37
1Mot. 2:42Sa 7:12, 16; 1Mo 8:25; 1Se 17:11; Fr 132:11, 12
1Mot. 2:52Sa 3:27, 30
1Mot. 2:52Sa 17:25; 20:10; 1Se 2:17
1Mot. 2:5Lak 35:33; 2Sa 3:28
1Mot. 2:62Sa 3:29; 1Mo 2:31-34
1Mot. 2:72Sa 19:31
1Mot. 2:72Sa 15:14
1Mot. 2:72Sa 17:27-29
1Mot. 2:82Sa 17:24
1Mot. 2:82Sa 16:5-7
1Mot. 2:82Sa 19:23
1Mot. 2:9Bau 22:28
1Mot. 2:91Mo 2:44, 46
1Mot. 2:102Sa 5:7; 1Se 11:7; 29:26, 27; HoE 2:29
1Mot. 2:111Se 12:23
1Mot. 2:112Sa 5:4, 5
1Mot. 2:122Sa 7:8, 12; 1Se 29:23; 2Se 1:1; Fr 89:36, 37; 132:12
1Mot. 2:151Mo 1:5, 25
1Mot. 2:151Se 22:9
1Mot. 2:171Mo 1:1, 3
1Mot. 2:221Se 3:1, 2, 5
1Mot. 2:222Sa 16:21
1Mot. 2:222Sa 8:16
1Mot. 2:221Mo 1:7
1Mot. 2:241Se 22:9, 10
1Mot. 2:242Sa 7:11; 1Se 17:10
1Mot. 2:241Mo 1:51, 52
1Mot. 2:252Sa 8:18; 1Mo 1:8; 1Se 27:5
1Mot. 2:261Sa 22:20; 1Mo 1:7
1Mot. 2:26Iya 21:8, 18; Er 1:1
1Mot. 2:261Sa 23:6; 2Sa 15:24; 1Se 15:11, 12
1Mot. 2:261Sa 22:22, 23
1Mot. 2:27Iya 18:1
1Mot. 2:271Sa 2:31; 3:12
1Mot. 2:282Sa 18:14
1Mot. 2:281Mo 1:7
1Mot. 2:281Se 21:29
1Mot. 2:31Uma 9:6; Bau 21:14; Lak 35:33; Kes 19:13; 1Mo 2:5
1Mot. 2:322Sa 3:26, 27
1Mot. 2:322Sa 2:8
1Mot. 2:322Sa 20:10
1Mot. 2:322Sa 17:25
1Mot. 2:332Sa 3:29
1Mot. 2:351Se 11:24; 27:5
1Mot. 2:351Sa 2:35; 1Se 6:50, 53; 12:28; 16:37, 39; 24:3
1Mot. 2:361Mo 2:8
1Mot. 2:372Sa 15:23; 2Mo 23:6; Yoh 18:1
1Mot. 2:391Sa 21:10; 27:2
1Mot. 2:421Mo 2:38
1Mot. 2:442Sa 16:5, 13
1Mot. 2:44Fr 7:16; Fak 5:22
1Mot. 2:45Fr 21:6; 72:17
1Mot. 2:461Mo 2:8, 9
1Mot. 2:462Se 1:1; Fak 16:12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 2:1-46

Mootota Tokkoffaa

2 Daawit yeroon inni itti duʼu yommuu dhihaachaa dhufetti, ilma isaa Solomooniif qajeelfama kana kenne: 2 “Ani duʼuufan jedha.* Kanaafuu, jabaadhu;+ dhiira taʼi.+ 3 Daandiiwwan isaa irra deemuudhaan, dambiiwwan isaa, ajajawwan isaa, murtiiwwan isaa fi yaadachiisawwan isaa warra Seera Musee keessatti barreeffaman eeguudhaan, dirqama Waaqa kee Yihowaa duratti qabdu raawwadhu;+ kana yoo goote wanta gootu hundaanis taʼe bakka deemtu hundatti milkaaʼina ni argatta.* 4 Yihowaanis, ‘Ilmaan kee garaa isaanii fi lubbuu* isaanii guutuu+ amanamummaadhaan na dura deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa hin dhabamu’ jechuudhaan waadaa gale ni raawwata.+

5 “Atis wanta Yoʼaab ilmi Zeruuyaa na irratti raawwate, wanta inni ajajjoota raayyaa waraanaa Israaʼel lamaan, jechuunis Abneer+ ilma Neerii fi Amaasaa+ ilma Yeteer irratti raawwate akka gaariitti beekta. Inni isaan ajjeesuudhaan waraanni utuu hin jiraatin yeroo nagaatti dhiiga dhangalaaseera;+ akkasumas qabattoo mudhii isaatti hidhatee fi kophee miila isaatti kaaʼate dhiiga yeroo waraanaatti dhangalaʼuun faaleera. 6 Atis akka ogummaa keetti isa irratti tarkaanfii fudhadhu; harriin isaas nagaadhaan gara Awwaalaatti* akka gad buʼu hin godhin.+

7 “Ilmaan Baarzilaay+ Giiliyaadichaa garuu yommuu ani obboleessa kee Abishaalom jalaa baqadhetti+ na cinaa waan dhaabbataniif,+ jaalala amanamaa isaanitti argisiisi; isaan warra maaddii kee irraa nyaatan keessaa tokko akka taʼanis godhi.

8 “Shimeʼiin ilmi Geeraa Biiniyaamtichi inni Baahuriimii dhufes sii wajjin jira. Inni guyyaa ani gara Mahaanaayim dhaqaa turetti+ abaarsa cimaa na abaareera;+ na simachuuf gara Yordaanositti yeroo gad buʼetti garuu, ‘Ani goraadeedhaan si hin ajjeesu’ jedhee maqaa Yihowaatiin isaaf kakadheera.+ 9 Ammas inni utuu hin adabamin akka hafu hin godhin;+ ati nama ogeessa waan taateef wanta isa irratti raawwachuu qabdu ni beekta; harriin isaa dhiigaan gara Awwaalaatti* akka gad buʼu godhi.”+

10 Achiis Daawit abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit+ keessattis ni awwaalame. 11 Barri* Daawit Israaʼel irratti itti bulche waggaa 40 ture. Kebroon+ keessatti waggaa 7f bulche; Yerusaalem keessatti immoo waggaa 33f bulche.+

12 Achiis Solomoon teessoo abbaa isaa Daawit irra taaʼe; mootummaan isaas suutuma suuta jabaatee dhaabbate.+

13 Yeroo booda Adoniyaan ilmi Haagiit gara Baat Sheebaa gara haadha Solomoon ni dhufe. Ishiinis, “Naguma dhuftee?” jettee isa gaafatte. Innis, “Naguman dhufe” jedhee ishiidhaaf deebise. 14 Achiis inni, “Wantan sitti himadhu tokkon qaba” ishiidhaan jedhe. Ishiinis, “Tole, natti himi” isaan jette. 15 Innis itti fufuudhaan akkana jedhe: “Mootummichi kan koo taʼuuf akka ture, Israaʼelonni hundi ani mootii akkan taʼu eegaa* akka turan akka gaariitti ni beekta;+ garuu mootummichi kan isaa akka taʼu fedhii Yihowaa waan taʼeef, na harkaa baʼee obboleessa kootiif taʼeera.+ 16 Amma garuu wanta tokko qofa akka naaf gootun si gaafadha. Na hin didin.” Ishiinis, “Tole, natti himi” isaan jette. 17 Achiis inni, “Maaloo, inni waan si hin dinneef, Abishaag+ Shunaamittii akka natti heerumsiisuuf Solomoon mooticha naaf gaafadhu” ishiidhaan jedhe. 18 Yeroo kanatti Baat Sheebaan, “Gaarii dha! Ani mootichatti siif nan hima” isaan jette.

19 Kanaafuu, Baat Sheebaan waaʼee Adoniyaa itti himuuf gara Solomoon Mootichaatti ol seente. Mootichis yeruma sana ishii simachuuf kaʼee ishiidhaaf sagade. Achiis teessoo isaa irra ni taaʼe; akka ishiin karaa mirga isaa teessuufis haadha mootichaatiif teessoo tokko ni fichisiise. 20 Achiis ishiin, “Waanuma xinnoo tokko akka naaf gootun si gaafadha. Na hin didin” isaan jette. Kanaafuu mootichi, “Haadha too, natti himi; ani si hin didu” ishiidhaan jedhe. 21 Ishiinis, “Abishaag Shunaamittiin obboleessa kee Adoniyaatti haa heerumtu” isaan jette. 22 Yeroo kanatti Solomoon Mootichi, “Ati, Adoniyaadhaaf Abishaag Shunaamittii qofa maaliif gaafatta ree? Inni obboleessa koo isa angafaa+ waan taʼeef, mootummichas isaaf gaafachuu dandeessa;+ Abiyaataar lubichii fi Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaas+ isa deggeraa jiru” jedhee ishiidhaaf deebise.

23 Yeroo kanatti Solomoon Mootichi akkana jedhee maqaa Yihowaatiin kakate: “Adoniyaan kana waan gaafateef, inni lubbuu isaa yoo dhabuu baate, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu. 24 Ammas Yihowaa isa jiraataa, isa akkuma waadaa galetti jabeessee na dhaabe,+ teessoo abbaa koo Daawit irra na kaaʼee fi mana naaf ijaareen*+ nan kakadha, Adoniyaan harʼa ni ajjeefama.”+ 25 Solomoon Mootichis yeruma sana Benaayaa+ ilma Yehoyaadaa ni erge; innis gad baʼee Adoniyaa rukutee* isa ajjeese.

26 Mootichis Abiyaataar+ lubichaan, “Gara maasii kee isa Anaatot+ keessatti argamuu dhaqi! Ati duʼuu qabda turte; garuu ani harʼa si hin ajjeesu; sababiin isaas, ati abbaa koo Daawit duratti Taabota Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa baatteetta;+ rakkina abbaa koo irra gaʼe hundumaa keessattis isaa wajjin rakkatteetta”+ jedhe. 27 Kanaafuu, Solomoon dubbiin Yihowaan Shiiloo+ keessatti mana Eelii+ irratti dubbate akka raawwatamuuf, luba Yihowaa taʼee akka hin tajaajilleef Abiyaataariin ni ariʼe.

28 Yoʼaab Abishaalomiin+ kan hin deggerre taʼus, Adoniyaa+ waan deggereef, inni yommuu oduu kana dhagaʼu, gara dunkaana Yihowaatti+ baqatee gaanfota iddoo aarsaa ni qabate. 29 Achiis Solomoon Mootichi, “Yoʼaab gara dunkaana Yihowaatti baqatee achi iddoo aarsaa cinaa jira” jedhamee itti himame. Kanaafuu Solomoon, “Dhaqi, isa ajjeesi!” jedhee Benaayaa ilma Yehoyaadaa erge. 30 Kanaafuu, Benaayaan gara dunkaana Yihowaa dhaqee, “Mootichi, ‘Gad baʼi!’ siin jedha” isaan jedhe. Inni garuu, “Asumattan duʼa malee, hin baʼu!” isaan jedhe. Benaayaanis, “Yoʼaab akkana akkana naan jedhe; inni akkana akkana jedhee naaf deebise” jedhee mootichatti hime. 31 Achiis mootichi akkana isaan jedhe: “Akkuma inni jedhe isa irratti raawwadhu; ajjeesiitii isa awwaali; dhiiga isa Yoʼaab sababii malee dhangalaase sana anaa fi mana abbaa koo irraa balleessi.+ 32 Yihowaan dhiiga isaa mataa isaa irratti ni deebisa; sababiin isaas, inni abbaan koo Daawit utuu hin beekin namoota isa caalaa qajeeloo fi gaggaarii taʼan lama, jechuunis Abneer+ ilma Neer isa ajajaa raayyaa waraanaa Israaʼel+ taʼee fi Amaasaa+ ilma Yeteer isa ajajaa raayyaa waraanaa Yihudaa+ taʼe goraadeedhaan rukutee ajjeeseera. 33 Dhiigni isaanii bara baraaf mataa Yoʼaabii fi mataa sanyii isaa irratti ni deebiʼa;+ Daawitiif, sanyii isaatiif, mana isaatii fi teessoo isaatiif garuu bara baraaf Yihowaa biraa nagaan haa taʼu.” 34 Achiis Benaayaan ilmi Yehoyaadaa ol baʼee Yoʼaabiin rukutee ajjeese; innis mana isaa isa lafa onaa keessa jiru biratti ni awwaalame. 35 Achiis mootichi bakka Yoʼaab, Benaayaa+ ilma Yehoyaadaa ajajaa raayyaa waraanaa godhee muude; akkasumas mootichi bakka Abiyaataar, Saadoq+ lubicha ni muude.

36 Achiis mootichi Shimeʼii+ waamsisee akkana isaan jedhe: “Yerusaalemitti mana ijaarradhuutii achuma jiraadhu; achii baatee eessa iyyuu akka hin dhaqne. 37 Haa taʼu malee, guyyaa achii baatee Sulula Qedroon+ ceetutti akka ajjeefamtu beekkadhu. Dhiigni kee matuma kee irra ni taʼa.” 38 Shimeʼiinis deebisee mootichaan, “Wanti ati jette sirrii dha. Ani tajaajilaan kee akkuma gooftaan koo mootichi jedhe nan godha” jedhe. Kanaan kan kaʼes, Shimeʼiin guyyoota hedduudhaaf Yerusaalem keessa taaʼe.

39 Dhuma waggaa sadaffaatti garuu, garboota Shimeʼii keessaa lamaan isaanii badanii Akiish+ ilma Maʼaakaa isa mootii Gaat taʼe bira dhaqan. Shimeʼiin yommuu, “Kunoo, garboonni kee Gaat keessa jiru” jedhamee itti himamu, 40 yeruma sana harree isaa feʼatee, garboota isaa barbaacha gara Akiish isa Gaat keessa jiruu dhaqe. Shimeʼiin garboota isaa wajjin Gaat irraa yommuu deebiʼu, 41 Solomoon, “Shimeʼiin Yerusaalem keessaa baʼee gara Gaat dhaqee deebiʼeera” jedhamee itti himame. 42 Yeroo kanatti mootichi Shimeʼii waamsisee akkana isaan jedhe: “Ani, ‘Guyyaa asii baatee bakka kan biraa kam iyyuu itti deemtutti akka ajjeefamtu beekkadhu’ jedhee Yihowaa duratti si kakachiisee fi si akeekkachiisee hin turree? Atis, ‘Wanti ati jette sirrii dha; nan ajajama’ naan jettee hin turree?+ 43 Maarree, wanta Yihowaadhaaf kakattee fi ajaja ani sii kenne utuu hin eegin kan hafte maaliifi?” 44 Achiis mootichi Shimeʼiidhaan akkana jedhe: “Wanta hamaa abbaa koo Daawit irratti raawwatte hunda garaan kee ni beeka;+ Yihowaanis wanta hamaa sana mataa keetti ni deebisa.+ 45 Solomoon Mootichi garuu ni eebbifama;+ teessoon Daawitis Yihowaa duratti bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.” 46 Achiis mootichi Benaayaa ilma Yehoyaadaa ni ajaje; innis gad baʼee Shimeʼii rukutee ajjeese.+

Akka kanaan, mootummichi harka Solomoon keessatti ni jabaate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi