Keessa Deebii
7 “Waaqni kee Yihowaan gara biyya itti seentee dhaalaan fudhachuuf jettutti yommuu si galchu,+ inni saboota torba warra si caalaa uummata hedduu qabanii fi ciccimoo taʼan,+ jechuunis Heetota, Girgaashota, Amoorota,+ Kanaʼaanota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota+ si duraa ni balleessa.+ 2 Waaqni kee Yihowaan sitti dabarsee isaan ni kenna; atis isaan ni injifatta.+ Ati mamii tokko malee haxaaʼii isaan balleessi.+ Isaanii wajjin kakuu akkamii iyyuu hin galin yookiin gara laafina tokko illee isaanitti hin argisiisin.+ 3 Gaaʼelaan isaanitti hin firoomin. Ijoollee durbaa kee ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kennin yookiin ijoollee durbaa isaanii ijoollee dhiiraa keetiif hin fudhatin.+ 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+
5 “Kanaa mannaa, wanti isaan irratti gochuu qabdan kana dha: Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa, siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa,+ utubaawwan waaqeffannaa* isaanii kukkutaa,+ fakkiiwwan isaanii warra bocamanis gubaa.+ 6 Ati Waaqa kee Yihowaadhaaf saba qulqulluu dha; Waaqni kee Yihowaan saboota lafa irra jiraatan hundumaa keessaa saba isaa, isa isaaf qabeenya addaa* taʼe akka taatu si filateera.+
7 “Yihowaan kan isin jaallatee fi kan isin filate+ isin saboota hundumaa irra hedduu waan turtaniif miti; saboota hundumaa irra lakkoofsi keessan xinnoo ture.+ 8 Kanaa mannaa, Yihowaan mana garbummaa fi humna* Faraʼoon mootii Gibxii jalaa isin furuuf+ harka jabaadhaan kan isin baase, Yihowaan waan isin jaallateef, kakuu abbootii keessaniif kakates waan eegeef ture.+ 9 Waaqni kee Yihowaan Waaqa dhugaa, Waaqa amanamaa, Waaqa warra isa jaallatanii fi ajajawwan isaa eeganiif hamma dhaloota kumaatti kakuu isaa eeguu fi jaalala amanamaa argisiisu taʼuu isaa akka gaariitti beekta.+ 10 Haa taʼu malee, inni warra isa jibban ifatti balleessuudhaan gatii isaanii isaaniif ni kenna.+ Inni warra isa jibbaniif hin obsu; kanaa mannaa ifatti gatii isaanii isaaniif kenna. 11 Kanaafuu, ati isaan eeguudhaan ajajawwan, dambiiwwanii fi heerawwan ani harʼa si ajaju kana of eeggannoodhaan raawwadhu.
12 “Isin heerawwan kana yoo dhageessan, yoo isaan eegdanii fi yoo isaan raawwattan, Waaqni keessan Yihowaan kakuu kakatee fi jaalala amanamaa abbootii keessanitti argisiisuuf kakate ni eega. 13 Inni si jaallata, si eebbisa, si baayʼisas. Eeyyee, inni biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakate keessatti+ ijoollee hedduu siif kennuudhaan,*+ oomisha lafa keetiitiin, oomisha midhaan keetiitiin, oomisha wayinii haaraa keetiitiin, oomisha zayitii keetiitiin,+ jabbilee horii keetii fi ilmoolee bushaayee* keetiitiin si eebbisa. 14 Ati saboota hundumaa caalaa kan eebbifamte taata;+ si gidduutti dhiirri yookiin dubartiin dhala hin qabaanne hin jiraatu; horiin kees maseena hin taʼu.+ 15 Yihowaan dhukkuba hundumaa si irraa ni balleessa; dhukkuboota hamoo biyya Gibxii keessatti beektu sana keessaa isa kam iyyuu si irratti hin fidu.+ Kanaa mannaa, wantoota kana warra si jibban hundumaa irratti ni fida. 16 Saboota Waaqni kee Yihowaan dabarsee sitti kennu hundumaa ni balleessita.*+ Kun kiyyoo waan sitti taʼuuf,+ isaaniif hin gaddin,*+ waaqolii isaaniis hin tajaajilin.+
17 “Ati garaa keetti, ‘Saboonni kun lakkoofsaan nu irra ni caalu. Ani akkamittan isaan ariʼuu dandaʼa?’ jettee yaaduudhaan+ 18 isaan hin sodaatin.+ Wanta Waaqni kee Yihowaan Faraʼoonii fi guutummaa Gibxii irratti raawwate yaadadhu;+ 19 murtiiwwan guguddaa ija keetiin argite, mallattoowwan, dinqiiwwan,+ harka jabaa fi irree diriirfame warra Waaqni kee Yihowaan achi keessaa ittiin si baase sana hin dagatin.+ Waaqni kee Yihowaan saba ati sodaattu hundumaa irratti kana ni godha.+ 20 Isaan keessaa hamma warri hafanii fi si duraa dhokatan sun dhumanitti Waaqni kee Yihowaan naasuu* isaanitti ni erga.+ 21 Waaqni kee Yihowaan inni Waaqa guddaa fi sodaachisaa taʼe+ sii wajjin waan jiruuf,+ isaaniin kan kaʼe hin sodaatin.
22 “Waaqni kee Yihowaan saba kana suutuma suuta si duraa ni ariʼa.+ Bineensonni bosonaa si irratti akka wal hin horreef, ati daftee akka isaan balleessitu siif hin heyyamamu. 23 Waaqni kee Yihowaan harka keetti dabarsee isaan ni kenna; hamma isaan haxaaʼamanii balleeffamanittis guutummaatti isaan ni moʼa.+ 24 Inni mootota isaanii harka keetti dabarsee ni kenna;+ atis maqaa isaanii samii jalaa haxooftee ni balleessita.+ Hamma haxooftee isaan balleessituttis+ namni tokko illee si dura hin dhaabbatu.+ 25 Fakkiiwwan waaqolii isaanii warra bocaman ibiddaan gubaa.+ Meetii fi warqiin isaan irra jiru Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa waan taʼeef,+ kiyyoo akka sitti hin taaneef isa hin hawwin yookiin hin fudhatin.+ 26 Atis wanta jibbisiisaa taʼee wajjin akka hin balleeffamneef, wanta jibbisiisaa taʼe akkamii iyyuu gara mana keetti hin galchin. Wanta guutummaatti balleeffamuu qabu waan taʼeef, ati guutummaatti isa balfachuu fi guutummaatti isa jibbuu qabda.