Ermiyaas
49 Amoonota+ ilaalchisee Yihowaan akkana jedha:
“Israaʼel ilmaan hin qabuu?
Dhaaltuu hoo hin qabuu?
Maarree Maalkaam+ Gaadiin kan dhaale maaliifi?+
Namoonni isaa magaalota Israaʼel keessa kan jiraatan hoo maaliifi?”
2 “Yihowaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, kunoo,
Guyyaan ani sagaleen mallattoo* waraanaa Raabaa+ ishii kan Amoonotaa+ taate irratti akka dhagaʼamu itti godhu ni dhufa.
Ishiin tabba one ni taati,
Magaalonni ishii jalatti* argamanis ibiddaan ni gubamu.’
‘Israaʼelis warra iddoo isaa irraa isa ariʼanii turan ni dhaala’+ jedha Yihowaan.
3 ‘Yaa Heshboon, Aay waan balleeffamteef gadoodi!
Isin magaalonni Raabaa jalatti argamtan, iyyaa.
Uffata gaddaa uffadhaa.
Maalkaam luboota isaa fi bulchitoota isa tajaajilanii wajjin
Boojuudhaan waan fudhatamuuf,
4 Yaa intala amanamtuu hin taane,
Yaa ishii qabeenya ofii amanattuu fi “Eenyutu natti dhufa?” jettu nana,
Sululawwan* sanaan,
Dirree kee isa oomisha kennu sanaan kan of jajju maaliifi?’”
5 “Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
‘Kunoo, ani warra sitti marsanii jiran hundumaa irraa wanta sodaachisaa tokko sitti nan fida.
Isinis kallattii hundumaatiin ni faffacaatu,
Warra baqatanis eenyu iyyuu walitti hin qabu.’”
6 “‘Haa taʼu malee, sana booda Amoonota warra boojiʼaman walitti nan qaba’ jedha Yihowaan.”
7 Edoomiin ilaalchisee Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
“Kana booda Temaan+ keessatti ogummaan akkamii iyyuu hin argamuu?
Warra hubannaa qaban jalaa gorsi gaariin ni badee?
Ogummaan isaanii hoo gatii kan hin qabne taʼee?
8 Yaa jiraattota Deedaan,+ baqadhaa, duubatti deebiʼaa!
Dhaqaatii iddoo gad fagoo keessa jiraadhaa!
Sababiin isaas, yeroon xiyyeeffannaa koo gara isaatti itti naannessu yommuu dhufu
Esaawu irratti badiisa nan fida.
9 Warri firii wayinii funaanan gara kee yommuu dhufan,
Qaarmiidhaaf akka taʼutti muraasa isaa hin hambisanii?
Hattoonni halkaniin yoo dhufan,
Hammuma barbaadan badiisa geessisu.+
10 Ani garuu Esaawuun qullaatti nan hambisa.
Akka inni dhokachuu hin dandeenyeefis,
Iddoowwan dhokannaa isaa nan saaxila.
Ijoolleen isaa, obboloonni isaa fi olloonni isaa hundi ni balleeffamu,+
Innis kana booda hin jiraatu.+
11 Ijoollee kee warra abbaa hin qabne dhiisi,
Ani lubbuudhaan isaan nan tursa,
Dubartoonni kee warri abbaan manaa irraa duʼes natti amanamu.”
12 Sababiin isaas, Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, warri xoofoo dheekkamsaa akka dhugan itti hin murteeffamne dhuguu qabu erga taʼee, ati hoo guutummaatti utuu hin adabamin ni haftaa? Ati isa dhuguu waan qabduuf, utuu hin adabamin hin haftu.”+
13 “Sababiin isaas, ani Boozraan wanta nama sodaachisu,+ kan arrabsamte, badiisni kan irra gaʼee fi kan abaaramte akka taatu ofiin kakadheera; magaalonni ishii hundis yeroo hundumaatiif ona ni taʼu” jedha Yihowaan.+
14 Ani gabaasa Yihowaa biraa dhufe tokko dhagaʼeera,
Ergamaan akkana jedhu tokko saboota gidduutti ergameera:
“Walitti qabamaatii ishiitti kottaa;
Waraanaaf qophaaʼaa.”+
15 “Kunoo, ani saboota gidduutti homaatti kan hin lakkaaʼamne,
Namoota gidduuttis kan tuffatamte akka taatu si godheera.+
16 Yaa ishii dahoo kattaa keessa jiraattuu fi
Tabba ol kaʼaa irra buufattu nana,
Naasuun ati geessiste,
Of tuulummaan garaa keetiis si gowwoomseera.
Ati akka risaatti manʼee kee ol fageessitee yoo ijaarratte illee,
Achi irraa gad sin buusa” jedha Yihowaan.
17 “Edoomis wanta sodaachisu ni taati.+ Namni ishii bira darbu hundi sodaadhaan ishii ilaala, dhaʼicha ishii irra gaʼe hundumaatiin kan kaʼes ni siiqsa. 18 Akkuma yeroo Sodoomii fi Gomoraan, akkasumas magaalonni ollaa isaanii turan garagalfamanitti taʼe,+ eenyu iyyuu achi hin jiraatu, namni tokko illees achi hin buufatu”+ jedha Yihowaan.
19 “Kunoo, qaamni tokko akka leenca tusii gobbuu Yordaanos bira jiru keessaa baʼuutti+ iddoo dheedichaa amansiisaa taʼe kanatti ni dhufa; ani garuu yeruma sana ishii irraa akka baqatu nan godha. Isa filatame sanas ishii irratti nan muuda. Kan akka kootii eenyu? Kan na mormu hoo eenyu? Tikseen na dura dhaabbachuu dandaʼu isa kami?+ 20 Kanaafuu, yaa namootaa, murtoo Yihowaan Edoom irratti dabarsee fi wanta inni jiraattota Temaan+ irratti fiduu yaade dhagaʼaa:
Ilmooleen bushaayee sanaa harkifamanii fudhatamuun isaanii hin oolu.
Inni isaaniin kan kaʼe iddoo jireenyaa isaanii ona ni godha.+
21 Sagalee yommuu isaan kufan dhagaʼamuun kan kaʼe lafti ni kirkirte.
Iyyi tokko ni dhagaʼame!
Sagaleen sunis hamma Galaana Diimaatti+ ni dhagaʼame.
22 Kunoo, inni akkuma risaatti ol baʼee saffisaan gad ni buʼa,+
Qoochoo isaas Boozraa+ irratti ni diriirsa.
Guyyaa sanatti garaan loltoota Edoom
Akkuma garaa dubartii ciniinsuu irra jirtuu ni dhiphata.”
23 Dubbii Damaasqoo+ ilaalchisee dubbatame:
Oduu hamaa waan dhagaʼaniif
Hamaatii+ fi Arpaad qaana’aniiru.
Isaan sodaadhaan baqaniiru.
Galaanicha keessa jeequmsa tasgabbaaʼuu hin dandeenyetu jira.
24 Damaasqoon onnachuu hin dandeenye.
Baqachuuf of irra garagalte, garuu naasuun ishii qabate.
Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuu,
Dhiphinnii fi dhukkubbiin ishii qabateera.
25 Magaalaan ulfina qabeettii taate,
Magaalaan gammachuudhaan guutamte utuu hin onin kan hafte akkamitti?
26 Sababiin isaas, dargaggoonni ishii addabaabayiiwwan ishii irratti ni kukkufu,
Loltoonni hundis guyyaa sanatti ni dhumu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
27 “Dallaa Damaasqootti ibidda nan qabsiisa,
Innis masaraawwan Benhadaad warra ciccimoo ni nyaata.”+
28 Qeedaarii+ fi mootummoota Hazoor warra Nebukadnezaar* mootiin Baabilon rukute ilaalchisee Yihowaan akkana jedha:
“Kaʼaa, gara Qeedaaritti ol baʼaa,
Ilmaan Bahaa sanas balleessaa.
29 Dunkaanonnii isaanii fi bushaayeewwan isaanii,
Huccuuwwan dunkaanaa isaanii fi miʼawwan isaanii hundi ni fudhatamu.
Gaalonni isaanii ni fudhatamu,
Namoonnis, ‘Bakka hundumaa jeequmsatu jira!’ jedhanii isaanitti ni iyyu.”
30 “Yaa jiraattota Hazoor, baqadhaa, fagaadhaa deemaa!
Dhaqaatii iddoo gad fagoo keessa jiraadhaa.
Sababiin isaas, Nebukadnezaar* mootiin Baabilon tooftaa tokko isin irratti qopheesseera,
Karoora tokkos isin irratti yaadeera” jedha Yihowaan.
31 “Kaʼaa, saba nagaadhaan taaʼaa jiru,
Tasgabbiidhaanis jiraachaa jirutti adeemaa!” jedha Yihowaan.
“Inni balbala yookiin danqaraa hin qabu; isaan adda baʼanii jiraatu.
32 Gaalonni isaanii ni saamamu,
Horiiwwan isaanii warri hedduu taʼanis ni boojiʼamu.
Warra rifeensa illee isaanii haaddatan,+
Bakka bubbeen itti bubbisu hundumaatti* nan bittinneessa,
Kallattii hundumaa irraas badiisa isaanitti nan fida” jedha Yihowaan.
33 “Hazoor holqa sardiidotaa ni taati,
Yeroo hundumaatiifis ona ni taati.
Eenyu iyyuu achi hin jiraatu,
Namni tokko illees ishii keessa hin buufatu.”
34 Jalqaba bulchiinsa Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatti, dubbiin Yihowaa Eelaamiin+ ilaalchisee gara Ermiyaas raajichaa dhufe isa kana: 35 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani iddaa Eelaam+ isa madda* jabina isaanii taʼe nan cabsa. 36 Andaara samii arfan irraa Eelaam irratti bubbeewwan arfan nan fida; gara bubbeewwan kana hundumaattis isaan nan bittinneessa. Sabni namoonni Eelaam warri bittinnaaʼan itti hin deemne tokko illee hin jiraatu.’”
37 “Diinota isaanii fi warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadan* duratti Eelaamota nan caccabsa; badiisa, jechuunis aarii koo isa bobaʼu isaan irratti nan fida. Guutummaatti hamman isaan balleessuttis duuba isaaniitiin goraadee nan erga” jedha Yihowaan.
38 “Eelaam+ keessatti teessoo koo nan dhaaba; mootichaa fi bulchitootas achi keessaa nan balleessa” jedha Yihowaan.
39 “Haa taʼu malee, guyyoota dhumaatti warra Eelaam keessaa boojiʼaman walitti nan qaba” jedha Yihowaan.