LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 20
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Phaawulos Maqedooniyaa fi Giriikiitti (1-6)

      • Awuxikos Xiroʼaasitti duʼaa kaʼuu isaa (7-12)

      • Xiroʼaasii gara Milexos deemuu (13-16)

      • Phaawulos jaarsolii Efesoonii wajjin wal arge (17-38)

        • Manaa gara manaatti barsiisuu (20)

        • “Kennuutu caalaatti nama gammachiisa” (35)

Hojii Ergamootaa 20:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 188-189

Hojii Ergamootaa 20:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 189

Hojii Ergamootaa 20:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:12, 16; 2Qo 11:23, 26

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 190-191

Hojii Ergamootaa 20:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 27:2
  • +HoE 16:1, 2
  • +Efe 6:21; Qol 4:7; 2Xi 4:12
  • +HoE 21:29; 2Xi 4:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 191

Hojii Ergamootaa 20:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 191-192

Hojii Ergamootaa 20:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 12:15; 23:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 191-192

Hojii Ergamootaa 20:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 88

Hojii Ergamootaa 20:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 188

Hojii Ergamootaa 20:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 188

Hojii Ergamootaa 20:10

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuun isaa keessa jira.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 17:21, 22; 2Mo 4:32, 34
  • +Mat 9:23, 24; Yoh 11:39, 40; HoE 9:39, 40

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 188

Hojii Ergamootaa 20:11

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “daabboo cabsatee.”

Hojii Ergamootaa 20:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 191-192

Hojii Ergamootaa 20:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 24:17
  • +HoE 18:21

Hojii Ergamootaa 20:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 19:9, 10

Hojii Ergamootaa 20:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 15:9; 1Ta 2:6

Hojii Ergamootaa 20:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 28:19, 20; 2Xi 4:2
  • +HoE 5:42

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 46, 192-193

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2008, ful. 17-18

    7/15/2008, ful. 3-4

Hojii Ergamootaa 20:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mar 1:14, 15
  • +Luq 24:46, 47

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2008, ful. 17-18

Hojii Ergamootaa 20:22

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “hidhamee.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 197-198

Hojii Ergamootaa 20:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:15, 16; 21:4, 11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 216

Hojii Ergamootaa 20:24

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Xi 4:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 194

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    7/2016, ful. 26-27

    Masaraa Eegumsaa,

    9/15/2011, ful. 23-24

    12/15/2008, ful. 18-19

    5/15/2008, ful. 32

Hojii Ergamootaa 20:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 33:8

Hojii Ergamootaa 20:27

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “gorsa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 28:19, 20

Hojii Ergamootaa 20:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Xi 4:16
  • +Mat 26:27, 28; 1Yo 1:7
  • +Yoh 21:15; Efe 4:11; 1Ph 5:2-4
  • +1Xi 3:1-7; Tit 1:5-9; Ibr 13:17

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 121-122

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2013, ful. 22

    6/15/2011, ful. 20

Hojii Ergamootaa 20:29

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “cunqursitoota.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 7:15; 2Ta 2:3; 2Ph 2:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 194-196

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2013, ful. 18

Hojii Ergamootaa 20:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Xi 4:1; 2Xi 4:3, 4; 1Yo 2:18, 19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2013, ful. 18

    7/15/2011, ful. 15

Hojii Ergamootaa 20:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 19:9, 10

Hojii Ergamootaa 20:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 1:18; Qol 1:12

Hojii Ergamootaa 20:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 12:1, 3; Mat 10:8; 1Qo 9:11, 12; 2Qo 7:2; Tit 1:7

Hojii Ergamootaa 20:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 18:3; 1Qo 4:11, 12; 1Ta 2:9

Hojii Ergamootaa 20:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 4:28; 1Ta 4:11, 12; 2Ta 3:7, 8
  • +Fak 19:17; Mat 10:8; Luq 6:38

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 127-128

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 196

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 360

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 17

    Dammaqaa!,

    Lakk. 1 2021, ful. 7

    Lakk. 1 2016, ful. 6

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2018, ful. 18-22

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 1 2018, ful. 14-15

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 2 2017, ful. 13-14

    Masaraa Eegumsaa,

    10/1/2011, ful. 19-20

    Barsiisaa, ful. 92-96

Hojii Ergamootaa 20:37

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 195-196

Hojii Ergamootaa 20:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 20:25

Yaada Wal Simu

HoE. 20:3HoE 23:12, 16; 2Qo 11:23, 26
HoE. 20:4HoE 27:2
HoE. 20:4HoE 16:1, 2
HoE. 20:4Efe 6:21; Qol 4:7; 2Xi 4:12
HoE. 20:4HoE 21:29; 2Xi 4:20
HoE. 20:6Bau 12:15; 23:15
HoE. 20:101Mo 17:21, 22; 2Mo 4:32, 34
HoE. 20:10Mat 9:23, 24; Yoh 11:39, 40; HoE 9:39, 40
HoE. 20:16HoE 24:17
HoE. 20:16HoE 18:21
HoE. 20:18HoE 19:9, 10
HoE. 20:191Qo 15:9; 1Ta 2:6
HoE. 20:20Mat 28:19, 20; 2Xi 4:2
HoE. 20:20HoE 5:42
HoE. 20:21Mar 1:14, 15
HoE. 20:21Luq 24:46, 47
HoE. 20:23HoE 9:15, 16; 21:4, 11
HoE. 20:242Xi 4:7
HoE. 20:26His 33:8
HoE. 20:27Mat 28:19, 20
HoE. 20:281Xi 4:16
HoE. 20:28Mat 26:27, 28; 1Yo 1:7
HoE. 20:28Yoh 21:15; Efe 4:11; 1Ph 5:2-4
HoE. 20:281Xi 3:1-7; Tit 1:5-9; Ibr 13:17
HoE. 20:29Mat 7:15; 2Ta 2:3; 2Ph 2:1
HoE. 20:301Xi 4:1; 2Xi 4:3, 4; 1Yo 2:18, 19
HoE. 20:31HoE 19:9, 10
HoE. 20:32Efe 1:18; Qol 1:12
HoE. 20:331Sa 12:1, 3; Mat 10:8; 1Qo 9:11, 12; 2Qo 7:2; Tit 1:7
HoE. 20:34HoE 18:3; 1Qo 4:11, 12; 1Ta 2:9
HoE. 20:35Efe 4:28; 1Ta 4:11, 12; 2Ta 3:7, 8
HoE. 20:35Fak 19:17; Mat 10:8; Luq 6:38
HoE. 20:38HoE 20:25
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 20:1-38

Hojii Ergamootaa

20 Jeequmsi sun erga qabbanaaʼee booda, Phaawulos dhaamsa ergee barattoota waamsise; achiis erga isaan jajjabeessee fi nagaa isaanitti dhaamee booda gara Maqedooniyaatti qajeele. 2 Naannoowwan sana keessa deemee obboloota achi jiran jechoota hedduudhaan erga jajjabeessee booda gara Giriikii dhufe. 3 Iddoo kana jiʼa sadiif ture; haa taʼu malee, yommuu dooniidhaan gara Sooriyaa dhaquuf kaʼetti Yihudoonni isa ajjeesuuf waan mariʼataniif+ yaada isaa jijjiiree karaa Maqedooniyaa deebiʼe. 4 Namoonni isaa wajjin imalan, Sophaaxiros ilma Phiiros nama Beeriyaa, Arisxaarkosii+ fi Sekondos warra Tasalonqee, Gaayos nama Darbee, Ximotewos,+ akkasumas Tikiqoosii+ fi Xirofimoos+ warra koonyaa Eeshiyaatii dhufan turan. 5 Namoonni kun nu dura darbanii Xiroʼaasitti nu eegan; 6 nuti garuu Ayyaana Maxinoo+ booda dooniidhaan Filiphisiyusii kaanee guyyaa shan keessatti Xiroʼaasitti isaan bira geenye; guyyaa torbaafis achi turre.

7 Guyyaa jalqabaa torban sanaatti nyaataaf walitti qabamnee utuu jirruu, Phaawulos borumtaa isaa waan deemuuf, haasaa isaaniif kennuu jalqabe; haasaa isaas hanga halkan walakkaatti dheeresse. 8 Kutaa fooqii irraa isa keessatti walitti qabamne keessa ibsaa baayʼeetu jira ture. 9 Yeroo kanatti dargaggeessi Awuxikos jedhamu tokko foddaa irra taaʼee muga ture; yommuu Phaawulos dubbii isaa itti fufu hirribni cimaan waan isa qabateef fooqii sadaffaa irraa kufe; yommuu ol isa kaasanis duʼee ture. 10 Phaawulos garuu gad buʼee isa irra ciisee isa hammatee,+ “Wacuu keessan dhiisaa, inni fayyaa dha”*+ jedhe. 11 Achiis fooqichatti ol baʼee nyaata fudhatee* nyaachuu jalqabe. Hanga bariʼutti dubbachuu isaa erga itti fufee boodas, isaan irraa adda baʼee deeme. 12 Kanaafuu, isaan mucicha fayyaa isaa fudhatanii deeman; baayʼees ni jajjabaatan.

13 Nutis bakka dooniin jiru dhaqnee gara Asoositti imaluuf doonii yaabbanne; Phaawulos garuu miilaan achi dhaquuf murteesse. Akkuma inni nutti himetti iddoo kanatti doonii isa yaabbachiisuu barbaannee turre. 14 Kanaafuu, Asoositti yommuu inni nu bira gaʼu, isa fudhannee dooniidhaan gara Mixileenee dhaqne. 15 Guyyaa itti aanutti achii kaanee Kiiyos geenye; borumtaa isaas Saamositti takka dhaabbanne; guyyaa itti aanutti immoo Milexos geenye. 16 Phaawulos yoo dandaʼame guyyaa Ayyaana Phenxeqosxeetti Yerusaalem gaʼuuf waan ariifateef,+ koonyaa Eeshiyaa keessatti yeroo akka hin balleessineef dooniidhaan Efesoon bira darbee deemuuf murteesse.+

17 Haa taʼu malee, Milexos irraa Efesoonitti dhaamsa ergee jaarsolii gumii waamsise. 18 Yommuu isaan gara isaa dhufanis akkana isaaniin jedhe: “Guyyaan jalqaba gara koonyaa Eeshiyaa dhufee kaasee isin gidduutti akkamitti akkan jiraadhe akka gaariitti beektu;+ 19 ani guutummaatti gad of qabuudhaan Gooftaa tajaajileera;+ daba Yihudootaatiin kan kaʼes imimmaan koo dhangalaaseera, rakkadheeras; 20 wanta isin fayyadu isinitti himuu irraas taʼe, bakka namoonni walgaʼanittii+ fi manaa gara manaatti+ isin barsiisuu irraa duubatti hin jenne. 21 Kanaa mannaa, Yihudoonnis taʼan Giriikonni yaada geddaratanii+ gara Waaqayyootti akka deebiʼanii fi Gooftaa Yesuusitti akka amanan guutummaatti isaaniif ragaa baʼeera.+ 22 Kunoo, ani amma wanta achitti na irra gaʼu beekuu baadhus, hafuura qulqulluutiin dirqisiifamee* gara Yerusaalem dhaqaan jira; 23 haa taʼu malee, akkan hidhamuu fi rakkinni akka na irra gaʼu magaalaan dhaqu hundumaa keessatti hafuurri qulqulluun irra deddeebiʼee na akeekkachiisa.+ 24 Taʼus, fiigicha koo yoon xumuree fi misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa guutummaatti dhugaa baʼuuf tajaajilan Gooftaa Yesuus irraa fudhadhe yoon raawwadhe,+ jireenya* koo akka waan faayidaa anaaf qabuutti hin ilaalu.

25 “Egaa amma, isin warra ani Mootummicha lallabeef keessaa tokkoon keessan iyyuu lammata fuula koo akka hin argine ani beeka. 26 Kanaafuu, dhiiga nama hundumaa irraa qulqulluu taʼuu koo guyyaa kanatti akka dhugaa anaaf baatan isin waameera;+ 27 sababiin isaas, ani kaayyoo* Waaqayyoo hunda isinitti himuu irraa duubatti hin jenne.+ 28 Ofii keessaniifis taʼe guutummaa tuuta hoolotaatiif xiyyeeffannaa kennaa;+ sababiin isaas, gumii Waaqayyoo isa inni dhiiga Ilma isaatiin bite+ tiksee taatanii akka eegdaniif,+ hafuurri qulqulluun ilaaltota ol aanaa godhee irratti isin muudeera.+ 29 Ergan deemee booda, yeeyyiiwwan hamoo* taʼan isin gidduu akka seenanii+ fi tuuticha gara laafinaan akka hin qabne ani beeka; 30 isinuma gidduudhaa illee namoonni barattoota ofitti fudhachuuf dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu.+

31 “Kanaafuu, dammaqaa eegaa, akkasumas waggaa sadiif+ halkanii fi guyyaa tokkoon tokkoon keessan imimmaaniin gorsuu irraa matumaa duubatti akkan hin jenne yaadadhaa. 32 Ammas Waaqayyotti, akkasumas dubbii gaarummaa isaa isa guddaa isin ijaaruu dandaʼuu fi qulqulloota hunda gidduutti dhaala isiniif kennu sanatti imaanaadhaan isin nan kenna.+ 33 Ani meetii yookiin warqii yookiin uffata nama tokkoo illee hin hawwine.+ 34 Wanta anaafis taʼe warra anaa wajjin jiraniif barbaachisu dhiheessuuf harka koo kanaan akkan hojjedhe+ isinumti iyyuu beektu. 35 Akka kanaan jabaadhee hojjechuudhaan,+ warra dadhaban akka gargaartanii fi wanta Gooftaan Yesuus, ‘Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa’+ jedhee dubbate akka yaadattan karaa hundumaan isinitti argisiiseera.”

36 Wantoota kana erga dubbatee booda, hunduma isaanii wajjin jilbeenfatee kadhate. 37 Hundi isaanii iyyuu akka malee booʼanii morma Phaawulositti maramanii isa dhungatan; 38 sababiin isaas, keessumaa lammata akka isaan fuula isaa hin argine dubbachuun isaa baayʼee isaan gaddisiisee ture.+ Achiis hanga doonichaatti isa geggeessan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi