ANBAAQOM
1 Ergaa murtii Anbaaqom* raajichatti mulʼataan himame:
2 Yaa Yihowaa, iyya ani gargaarsa argachuuf dhageessisu kan hin dhageenye hamma yoomiitti?+
Hammina irraa akka na oolchitu kanan si waammadhu hamma yoomiitti?+
3 Balleessaan yommuu raawwatamu akkan argu maaliif goota?
Cunqursaa hoo maaliif callistee ilaalta?
Badiisnii fi jeequmsi na dura jira.
Lollii fi walitti buʼiinsis baayʼateera.
4 Kanaan kan kaʼes seerri laafeera,
Haqnis matumaa raawwatamee hin beeku.
Sababiin isaas, inni hamaan isa qajeelaatti marseera;
Haqni kan jalʼates kanaafi.+
5 “Saboota ilaalaa, xiyyeeffannaas isaaniif kennaa!
Dinqisiifannaadhaan ilaalaa, ajaaʼibsiifadhaas;
Sababiin isaas, wanti utuma isinitti himamee illee isin hin amanne tokko
Bara keessanitti ni raawwatama.+
Isaan mana kan isaanii hin taane fudhachuuf,
Lafa balʼaa keessa ni fiigu.+
7 Isaan sodaachisoo fi kan nama naasisani dha.
Haqa ofii isaanii fi aangoo* ofii isaanii hundeessu.+
8 Fardeen isaanii qeerransa caalaa saffisu,
Yeeyyii halkan deemu caalaas ni hammaatu.+
Fardeen waraanaa isaanii gulufaa dhufu,
Fardeen isaanii iddoo fagoo irraa dhufu.
Isaan akkuma risaa wanta nyaatu irratti lafa dhaʼutti saffisaan gad buʼu.+
9 Hundi isaanii hammina raawwachuuf fedhii guddaa qabu.+
Fuulli isaanii yeroo walitti qabamu akkuma bubbee bahaa ti,+
Isaan boojiʼamtoota akkuma cirrachaatti hammaaru.
10 Moototatti ni qoosu,
Abbootii taayitaa ol aanoottis ni kolfu.+
Iddoo dallaa dhagaa qabu hundumaatti ni kolfu;+
Biyyoo tuulaniis isa ni qabatu.
11 Achiis isaan akkuma bubbee fuulduratti ni fiigu, keessas ni darbu,
Haa taʼu malee, humna kan isaaniif kenne waaqa isaanii akka taʼetti waan yaadaniif,*+
Yakkaan itti gaafatamu.”+
12 Yaa Yihowaa, ati bara baraa kaasee jirta mitii?+
Yaa Waaqa koo, yaa Qulqulluu koo, ati hin duutu.*+
Yaa Yihowaa, ati murtii raawwachiisuuf isaan muuddeetta;
13 Ijji kee baayʼee qulqulluu waan taʼeef wanta hamaa hin ilaalu,
Ati hammina callistee hin ilaaltu.+
Maarree, gantoota maaliif callistee ilaalta?+
Yeroo namni hamaan nama isa irra wayyu liqimsu maaliif callista?+
14 Namni akka qurxummii galaanaa,
Akka uumamawwan munyuuqan warra bulchaa hin qabnee akka taʼu maaliif goota?
15 Inni* hunda isaanii iyyuu hookkoo qurxummiitiin qabee ol ni baasa.
Saaphana isaatiin isaan ni qaba,
Saaphana qurxummii ittiin qabuttis walitti isaan ni qaba.
Inni baayʼee kan gammadu kanaafi.+
16 Saaphana isaatiif aarsaa kan dhiheessu,
Saaphana ittiin qurxummii qabuufis aarsaa* kan dhiheessu kanaafi;
Sababiin isaas, gaʼeen isaa isaaniin kan kaʼe baayʼateera,*
Nyaanni isaas filatamaa dha.
17 Maarree inni saaphana isaa keessaa garagalchuu isaa* itti fufaa?
Gara jabinaan saboota gorraʼuu isaa hoo itti fufaa?+
Wanta inni karaa koo dubbatu beekuuf,
Akkasumas yommuun adabamu deebii akkamii akkan kennu hubachuuf dammaqinaan nan hordofa.
2 Achiis Yihowaan akkana jedhee naaf deebise:
“Namni sagalee isaa ol kaasee dubbisu salphaatti* dubbisuu akka dandaʼuuf,+
Mulʼaticha barreessi, gabatee irrattis akka gaariitti boci.+
3 Sababiin isaas, mulʼatichi yeroo isaaf murteeffame qaba,
Inni gara xumura* isaatti ni ariifata, hin sobus.
Utuma turee illee* eeggachuu kee itti fufi!*+
Sababiin isaas, inni shakkii tokko malee ni raawwatama.
Hin turus!
Inni qajeelaan garuu amanamummaa* isaatiin jiraata.+
5 Daadhiin wayinii namni tokko gocha gowwummaa akka raawwatu godha,
Kanaafuu, namni of tuulu milkaaʼina hin argatu.
Inni saboota hundumaa walitti qabachuu fi
Namoota hundumaa sassaabbachuu isaa ittuma fufa.+
6 Hundi isaanii fakkeenya, cigoo fi mammaaksa isa irratti dubbatu mitii?+
Isaan akkana jedhu:
‘Isa wanta kan isaa hin taane walitti qabatuuf,
Isa liqii isaa baayʼisuuf wayyoo!
Kun hamma yoomiitti itti fufa?
7 Warri siif liqeessan akkuma tasaa hin kaʼanii?
Isaan dammaqanii akka malee si hurgufu,
Isaan si saamu.+
8 Ati saboota hedduu waan saamteef,
Dhiiga namootaa waan dhangalaasteef,
Akkasumas lafa, magaalotaa fi warra isaan keessa jiraatan irratti
9 Isa badiisa jalaa baʼuuf jedhee,
Manʼee isaa ol kaasee ijaarrachuuf,
Maatii isaatiif faayidaa sirrii hin taane walitti qabatuuf wayyoo!
10 Ati mana kee irratti qaanii qopheesiteetta.
Namoota hedduu fixuudhaan cubbuu of* irratti hojjetteetta.+
11 Dallaa gidduudhaa dhagaan tokko ni iyya,
Mukeetii baaxii gidduudhaa immoo baattuun baaxii tokko deebii isaaf ni kenna.
12 Isa dhiiga dhangalaasuudhaan magaalaa ijaaruuf,
Jalʼinaanis ishii hundeessuuf wayyoo!
13 Kunoo, namoonni wanta ibiddaan gubamuuf jabaatanii akka hojjetan,
Saboonnis akkasumaan akka of dadhabsan kan godhe Yihowaa Gooftaa Raayyaa mitii?+
15 Nama qullaa isaanii ilaaluuf jedhee,
Akka isaan machaaʼan gochuuf,
Dheekkamsaa fi aarii itti dabalee michoota isaatiif wanta dhugamu kennuuf wayyoo!
16 Ati ulfinaan utuu hin taʼin salphinaan ni guutamta.
Atis dhugi, qullaa kee isa dhaqna hin qabamnes saaxili.*
Xoofoon harka mirgaa Yihowaa keessa jiru sitti marsa,+
Ulfina kees salphinni ni uwwisa;
17 Hamminni Libaanon irratti hojjettame si uwwisa,
Badiisni bineensota naasises sitti dhufa,
Sababiin isaas, ati dhiiga namootaa dhangalaasteetta,
Lafa, magaalotaa fi warra isaan keessa jiraatan irrattis
Hammina raawwatteetta.+
18 Fakkiin bocame inni namaan tolfame,
Faayidaa maalii qaba?
Waaqolii gatii hin qabne warra dubbachuu hin dandeenye tolchuudhaan,
Inni isa tolche yoo isatti amaname illee,
Siidaan sibiilaa* fi barsiisaan sobaa faayidaa maalii qabu?+
19 Isa mukaan, “Dammaqi!”
Yookiin dhagaa dubbachuu hin dandeenyeen, “Kaʼi! Nu barsiisi!” jedhuuf wayyoo!
20 Yihowaan garuu mana qulqullummaa isaa keessa jira.+
Yaa guutummaa lafaa, isa duratti calluma jedhaa!’”+
3 Kadhannaa Anbaaqom raajichi faaruu gaddaatiin dhiheesse:
2 Yaa Yihowaa, ani waaʼee kee oduu dhagaʼeera.
Yaa Yihowaa, ani gocha keetiin kan kaʼe sodaadheera.
Waggoota gidduutti* isa raawwadhu!
Waggoota gidduutti* isa beeksisi!
Yeroo jeequmsaatti gara laafina argisiisuu hin dagatin.+
Ulfinni isaa samiiwwan uwwiseera;+
Laftis jajannaa isaatiin guutamteetti.
4 Ifni isaa akkuma ifa aduu ti.+
Harka isaa keessaa,
Bakka ciminni isaa dhokatee jiru keessaa carallaan lama ni baʼe.
5 Golfaan isa dura ni baʼe,+
Dhagna gubaa cimaanis faana isaa duukaa ni buʼe.
6 Inni dhaabbatee lafa ni sochoose.+
Yeruma tokko ilaaluudhaan saboonni akka utaalan ni godhe.+
Gaaronni bara baraa ni caccaban,
Tabbawwan bara duriis ni gombifaman.+
Daandiiwwan bara durii kan isaa ti.
7 Ani dunkaana Kuushaan keessatti rakkina nan arge.
Huccuuwwan dunkaanaa biyya Miidiyaan ni hollatan.+
8 Yaa Yihowaa, aariin kee kan bobaʼe lageen irrattii?
Ati lageenitti aartee?
Moo galaanatti aarte?+
9 Ati iddaa kee baafattee qophoofteetta.
Akka kakaa sanaatti uleewwan* hojii isaaniitiif qophaaʼaniiru. (Seelaa)
Ati lafa lageeniin gargar ni hirta.
10 Gaaronni yommuu si argan dhiphinaan ni raafaman.+
Bokkaa yandoon haree sokke.
Bishaanonni gad fagoon ni huursan.+
Isaan harka isaanii ol ni kaasan.
11 Aduu fi addeessi iddoo jireenyaa isaanii isa ol kaʼaa irra dhaabbataniiru.+
Xiyyawwan kee akkuma ifaatti baʼaniiru.+
Balaqqeessi eeboo keetii ni calaqqise.
12 Ati dheekkamsaan lafa irra ni deemte.
Aariidhaan saboota ni dhidhiitte.*
13 Ati saba kee fayyisuuf jettee, isa dibde sana fayyisuuf jettee ni baate.
Geggeessaa* mana nama hamaa sanaa ni caccabsite.
Manichi buʼuura isaatii jalqabee hamma fiixee* isaatti ni saaxilame. (Seelaa)
14 Yommuu isaan na bittinneessuuf natti yaaʼanitti,
Ati mataa loltoota isaa meeshaawwan waraanaa* ofii isaatiin ni waraante.
Isaan isa rakkataa dhoksaatti ajjeesuun baayʼee isaan gammachiise.
15 Ati fardeen keetiin galaanota keessa,
Bishaanota gad fagoo keessas ni ejjette.
Lafeen koo ni bosose;+
Miilli koos na jalatti ni hollate.
Ani garuu callisee guyyaa dhiphinaa sana nan eeggadha,+
Sababiin isaas, inni namoota warra nu haleelan irratti ni dhufa.
17 Mukti harbuu yoo daraaruu baate,
Mukti wayinii yoo firii kennuu dhiise,
Mukti ejersaa* yoo firii godhachuu baate,
Maasiin* midhaan yoo baasuu dide,
Bushaayeen goorannoo keessaa yoo badan,
Horiinis dallaa keessa yoo jiraachuu baatan illee,
18 Ani garuu, Yihowaatti nan gammada;
Waaqa fayyinaa kootiin kan kaʼes nan ililcha.+
19 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan jabina koo ti;+
Inni miila koo akkuma luka gadamsaa ni godha,
Iddoowwan ol kaʼoo irra akkan deemus ni godha.+
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa koo warra ribuu qabaniin.
“Cimsanii Hammachuu” taʼuu dandaʼa.
Ykn., “kabaja.”
Ykn tarii, “humni isaanii waaqa isaanii waan taʼeef.”
Ykn tarii, “nuti hin duunu.”
Jechuunis, Kaladicha isa diina taʼe.
Ykn., “aarsaa aarfamu.”
Kal., “zayitiidhaan jiidheera.”
Ykn tarii, “goraadee isaa luqqifachuu isaa.”
Ykn., “akka gaariitti.”
Ykn., “raawwii.”
Ykn., “Waan ture yoo fakkaate illee.”
Ykn., “hawwiidhaan eeggadhu.”
Ykn., “Ilaa, lubbuun isaa bokokeera.”
Ykn tarii, “amantii.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu kee.”
Ykn tarii, “gatantari.”
Ykn., “Siidaan baqfamee tolfamee.”
Ykn tarii, “Bara keenyatti.”
Ykn tarii, “Bara keenyatti.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “fayyina.”
Ykn tarii, “xiyyawwan.”
Kal., “siribsiiste.”
Kal., “Mataa.”
Kal., “morma.”
Kal., “uleewwan.”
Kal., “garaan.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “Daagaan.”