LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 10
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Harki Waaqaa Israaʼel irratti kaʼe (1-4)

      • Ulee dheekkamsa Waaqaa kan taʼe Asoor (5-11)

      • Adaba Asoor irratti dhufu (12-19)

      • Warri Yaaqoob keessaa hafan ni deebiʼu (20-27)

      • Waaqni Asooritti ni murteessa (28-34)

Isaayyaas 10:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 19:15; Kes 1:16, 17

Isaayyaas 10:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “warri jalaa duʼan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Amo 2:7, 8
  • +Kes 27:19; Yaq 1:27

Isaayyaas 10:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “adabamtanitti.”

  • *

    Ykn., “Ulfina.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Hos 9:7
  • +Kes 28:49, 50
  • +Hos 5:13

Isaayyaas 10:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 5:25; 9:12

Isaayyaas 10:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 10:9, 11
  • +2Mo 17:3; Isa 8:3, 4; 10:24

Isaayyaas 10:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 17:6
  • +Kes 28:45, 63; 2Mo 17:22, 23

Isaayyaas 10:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:19, 24

Isaayyaas 10:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Amo 6:2
  • +2Se 35:20
  • +2Mo 17:24
  • +2Mo 19:11, 13
  • +2Mo 17:5; 18:9, 10
  • +2Mo 16:8, 9

Isaayyaas 10:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:17, 18

Isaayyaas 10:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:33, 34; 2Se 32:16, 19

Isaayyaas 10:12

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “nan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:19, 28, 35

Isaayyaas 10:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 15:29; 17:6; 18:11; 1Se 5:26
  • +2Mo 16:8; 18:16
  • +2Mo 18:19, 25

Isaayyaas 10:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 10:5

Isaayyaas 10:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:21
  • +Isa 30:30, 31

Isaayyaas 10:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 84:11
  • +Isa 9:5; 30:27; 31:8, 9; Nho 1:6

Isaayyaas 10:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuudhaa hamma fooniitti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 37:36

Isaayyaas 10:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 28:20, 21; Hos 5:13; 14:3

Isaayyaas 10:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 65:9; Hos 1:10, 11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2008, ful. 22

Isaayyaas 10:22

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Adabnis.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 1:9
  • +Isa 28:22
  • +Rom 9:27, 28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2008, ful. 22

Isaayyaas 10:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:45, 63

Isaayyaas 10:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 14:3, 9
  • +2Mo 18:13; Isa 10:5

Isaayyaas 10:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:35

Isaayyaas 10:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 7:25; 8:21; Fr 83:11
  • +2Se 32:21; Isa 30:32; Nho 3:7
  • +Bau 14:21, 27

Isaayyaas 10:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 9:4; Nho 1:13
  • +Isa 14:25
  • +2Mo 19:35; Isa 37:35, 36

Isaayyaas 10:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 7:2
  • +1Sa 13:2; 14:31

Isaayyaas 10:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 21:8, 17; 2Se 16:6
  • +Abo 20:13
  • +Hos 5:8

Isaayyaas 10:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 21:8, 18; Er 1:1

Isaayyaas 10:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 22:18, 19

Isaayyaas 10:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:21; Isa 37:36

Isaayyaas 10:34

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “qottoodhaan.”

Yaada Wal Simu

Isa. 10:1Lew 19:15; Kes 1:16, 17
Isa. 10:2Amo 2:7, 8
Isa. 10:2Kes 27:19; Yaq 1:27
Isa. 10:3Hos 9:7
Isa. 10:3Kes 28:49, 50
Isa. 10:3Hos 5:13
Isa. 10:4Isa 5:25; 9:12
Isa. 10:5Uma 10:9, 11
Isa. 10:52Mo 17:3; Isa 8:3, 4; 10:24
Isa. 10:62Mo 17:6
Isa. 10:6Kes 28:45, 63; 2Mo 17:22, 23
Isa. 10:82Mo 18:19, 24
Isa. 10:9Amo 6:2
Isa. 10:92Se 35:20
Isa. 10:92Mo 17:24
Isa. 10:92Mo 19:11, 13
Isa. 10:92Mo 17:5; 18:9, 10
Isa. 10:92Mo 16:8, 9
Isa. 10:102Mo 19:17, 18
Isa. 10:112Mo 18:33, 34; 2Se 32:16, 19
Isa. 10:122Mo 18:19, 28, 35
Isa. 10:132Mo 15:29; 17:6; 18:11; 1Se 5:26
Isa. 10:132Mo 16:8; 18:16
Isa. 10:132Mo 18:19, 25
Isa. 10:15Isa 10:5
Isa. 10:162Se 32:21
Isa. 10:16Isa 30:30, 31
Isa. 10:17Fr 84:11
Isa. 10:17Isa 9:5; 30:27; 31:8, 9; Nho 1:6
Isa. 10:18Isa 37:36
Isa. 10:202Se 28:20, 21; Hos 5:13; 14:3
Isa. 10:21Isa 65:9; Hos 1:10, 11
Isa. 10:22Isa 1:9
Isa. 10:22Isa 28:22
Isa. 10:22Rom 9:27, 28
Isa. 10:23Kes 28:45, 63
Isa. 10:24Bau 14:3, 9
Isa. 10:242Mo 18:13; Isa 10:5
Isa. 10:252Mo 19:35
Isa. 10:26Abo 7:25; 8:21; Fr 83:11
Isa. 10:262Se 32:21; Isa 30:32; Nho 3:7
Isa. 10:26Bau 14:21, 27
Isa. 10:27Isa 9:4; Nho 1:13
Isa. 10:27Isa 14:25
Isa. 10:272Mo 19:35; Isa 37:35, 36
Isa. 10:28Iya 7:2
Isa. 10:281Sa 13:2; 14:31
Isa. 10:29Iya 21:8, 17; 2Se 16:6
Isa. 10:29Abo 20:13
Isa. 10:29Hos 5:8
Isa. 10:30Iya 21:8, 18; Er 1:1
Isa. 10:321Sa 22:18, 19
Isa. 10:332Se 32:21; Isa 37:36
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 10:1-34

Isaayyaas

10 Warra dambiiwwan miidhaa geessisan baasaniif,+

Warra yeroo hundumaa labsiiwwan nama cunqursan qopheessaniif wayyoo!

 2 Isaan kana kan godhan, dhimma seeraa hiyyeeyyii dabsuuf,

Namoota rakkatoo saba koo gidduutti argaman haqa dhowwachuuf,+

Qabeenya dubartoota abbaan manaa irra duʼee boojiʼuuf,

Akkasumas ijoollee abbaa hin qabne* saamuufi.+

 3 Guyyaa itti qoratamtanitti,*+

Yeroo badiisni fagoodhaa dhufutti maal gootu laata?+

Gargaarsa argachuuf eenyutti baqattu?+

Qabeenya* keessan hoo eessatti dhiistu?

 4 Hidhamtoota gidduu quphanuu

Yookiin warra duʼan gidduutti kufuu malee wanti isiniif hafu hin jiru.

Kana hundumaatiin kan kaʼes, dheekkamsi isaa hin qabbanoofne,

Kanaa mannaa, harki isaa rukutuuf akkuma diriirfametti jira.+

 5 “Kunoo, Asoorota,+

Warra ulee dheekkamsi koo ittiin ibsamu taʼanii+ fi

Harcummeen balaaleffannaa koo ibsu harka isaanii irra jiru!

 6 Ani saba gantuu taʼe irratti,

Uummata na dheekkamsiisu irratti isa nan erga;+

Wanta hedduu boojiʼee fi saamee akka fudhatuuf,

Akkuma dhoqqee daandii irra jiruuttis akka isaan dhidhiituuf isa nan ajaja.+

 7 Inni garuu fedhiin isaa kana miti,

Wanti inni garaa isaatti yaadus kana miti;

Garaa isaa keessa kan jiru guutummaatti balleessuu,

Saba xinnoo utuu hin taʼin, saboota hedduu balleessuu dha.

 8 Sababiin isaas, inni akkana jedha:

‘Bulchitoonni koo hundi mootota mitii?+

 9 Kaalnoon+ akkuma Kaarkemiish,+

Hamaat+ akkuma Arpaad,+

Samaariyaanis+ akkuma Damaasqoo+ mitii?

10 Harki koo mootummoota waaqolii gatii hin qabnee,

Warra Yerusaalemii fi Samaariyaa caalaa fakkiiwwan bocaman hedduu qaban sana qabateera!+

11 Ani akkuman Samaariyaa fi waaqolii ishii warra gatii hin qabne irratti raawwadhe,

Yerusaalemii fi waaqolii tolfamoo ishii irratti hoo hin raawwadhuu?’+

12 “Yihowaan hojii Gaara Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti hojjetu hundumaa yommuu xumurutti, addaggummaa garaa isaatiin, boonuu isaa fi of tuulummaadhaan ilaaluu isaatiin kan kaʼe mootii Asoor ni* adaba.+ 13 Sababiin isaas, inni akkana jedheera:

‘Ogeessa waanan taʼeef, harka koo isa jabaadhaan,

Ogummaa kootiinis kana nan godha.

Daangaawwan sabootaa nan buqqisa,+

Qabeenya isaanii nan saama,+

Akkuma nama jabaattis jiraattota isaanii toʼannaa jala nan galfadha.+

14 Akkuma nama harka isaa manʼee simbiraa keessa galchutti

Harki koo qabeenya sabootaa ni fudhata;

Akkuma nama hanqaaquu gatame walitti qabuttis

Guutummaa lafaa walitti nan qaba!

Qoochoo isaa kan walitti rukutu yookiin afaan isaa kan banu yookiin kan wacu tokko illee hin jiraatu.’”

15 Qottoon nama ittiin falaxu irratti ol of ni qabaa?

Magaaziin hoo nama ittiin muru irratti ol of ni qabaa?

Harcummeen+ nama isa kaasu asii fi achi raasuu ni dandaʼaa?

Yookiin uleen nama isa muka irraa hin tolfamne ol kaasuu ni dandaʼaa?

16 Kanaafuu, Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa,

Namoota isaa warra fufurdoo taʼan ni huqqisa,+

Ulfina isaa jalattis ibidda gubu ni qabsiisa.+

17 Ibsaan+ Israaʼel ibidda,+

Qulqulluun isaas labooba ni taʼa;

Inni ni bobaʼa, guyyaa tokkottis aramaa fi harangamaa isaa ni nyaata.

18 Inni ulfina bosonaa fi ulfina maasii fuduraa isaa guutummaatti* ni balleessa;

Ulfinni sunis akkuma nama dhukkubsatee dhumaa deemuu ni taʼa.+

19 Mukeetiin bosona isaa warri hafan

Baayʼee xinnoo taʼuu isaaniitiin kan kaʼe, mucaa xinnoon isaan galmeessuu ni dandaʼa.

20 Guyyaa sanatti warri Israaʼel keessaa hafan,

Warri mana Yaaqoob keessaa oolanis

Qaama isaan rukute irratti hin hirkatan;+

Kanaa mannaa, amanamummaadhaan Yihowaa irratti,

Isa Qulqulluu kan Israaʼel irratti ni hirkatu.

21 Warra hafan, jechuunis warra Yaaqoob keessaa hafan qofatu

Gara Waaqa Jabaatti deebiʼa.+

22 Yaa Israaʼel, sabni kee

Akkuma cirracha galaanaa yoo taʼan iyyuu,

Warra isaan irraa hafan qofatu deebiʼa.+

Badiisni isaan irratti murteeffameera,+

Haqnis* isaan ni liqimsa.+

23 Eeyyee, badiisni Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa isaan irratti murteesse

Guutummaa biyyattii irratti ni raawwatama.+

24 Kanaafuu, Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Sabni koo warri Xiyoon keessa jiraattan, Asoorota warra akkuma Gibxiin gootetti+ uleedhaan isin reebaa fi harcummee isaanii isin irratti kaasaa turan+ hin sodaatinaa. 25 Sababiin isaas, yeroo xinnoo booda balaaleffannaan sun ni xumurama; dheekkamsi koos badiisa isaanitti fiduuf isaanitti ni garagala.+ 26 Yihowaan Gooftaan Raayyaa, yeroo qarsaa Oreeb biratti Miidiyaaniin moʼetti akkuma godhe,+ alangaa isa irratti ni mirmirsa.+ Uleen isaas galaanicha gubbaa ni taʼa; akkuma Gibxii irratti godhettis ulee sana ol ni kaasa.+

27 Guyyaa sanatti baʼaan isaa gateettii kee irraa,+

Waanjoon isaas morma kee irraa ni buʼa;+

Waanjoon sunis zayitichaan kan kaʼe ni caba.”+

28 Inni gara Aayaat+ dhufeera;

Migroon keessa darbeera;

Feʼumsa isaas Mikmaash+ keessa ni kaaʼata.

29 Isaan malkaa sana ceʼaniiru;

Geebaa+ keessa ni bulu;

Raamaan ni hollatti, Gibeʼaan+ magaalaan Saaʼolis ni baqatte.+

30 Yaa intala Gaaliim, iyyi, caraanis!

Yaa Laayishaa, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu!

Yaa Anaatot+ ishii nama gaddisiistu nana, iyyi!

31 Maadmenaan baqatteetti.

Jiraattonni Geebiim bakka itti dhokatan barbaaddataniiru.

32 Guyyuma kanatti inni Noob+ keessa ni dhaabbata.

Harka isaa aboottatees, gaara intala Xiyoon irratti,

Tabba Yerusaalem irratti ni raasa.

33 Kunoo, Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa,

Dameewwan sana akka malee ni ciccira;+

Mukeetiin hunda caalaa dhedheeroo taʼan ni muramu,

Warri ol qabamanis ni salphifamu.

34 Inni miʼa sibiilaatiin* tusiiwwan bosonaa ni rukuta,

Libaanonis nama jabaadhaan ni kufti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi