LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 6
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Solomoon mana qulqullummaa ijaare (1-38)

        • Kutaa isa gara keessaa (19-22)

        • Kiruubelota (23-28)

        • Fakkiiwwan bocaman, balbaloota, mooraa isa keessaa (29-36)

        • Ijaarsi mana qulqullummaa gara waggaa torbaatti xumurame (37, 38)

1 Mootota 6:1

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Ilmaan Israaʼel.”

  • *

    Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

  • *

    Kutaa Dabalataa B8 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 12:14, 51
  • +1Mo 6:37
  • +1Se 28:11, 12; 2Se 3:1, 2

1 Mootota 6:2

Miiljaleewwan

  • *

    Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 3:3; Iz 6:3

1 Mootota 6:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Dalgi.”

  • *

    Kal., “mana qulqullummaa manichaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 3:4

1 Mootota 6:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ittisawwan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 41:26

1 Mootota 6:5

Miiljaleewwan

  • *

    Kun Kutaa Qulqulluu argisiisa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 16:2; 2Se 5:7; Ibr 9:3
  • +1Mo 6:10; His 41:5, 26

1 Mootota 6:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “bakka dhooqaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 41:6, 7

1 Mootota 6:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 5:17

1 Mootota 6:8

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “mirga.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 41:11

1 Mootota 6:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 6:38
  • +1Mo 5:6; 6:20

1 Mootota 6:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 6:5

1 Mootota 6:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 17:18, 19; 1Mo 8:25; 1Se 28:9
  • +2Sa 7:13; 1Se 22:9

1 Mootota 6:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 25:8; Lew 26:12; Fr 132:13
  • +1Se 28:20

1 Mootota 6:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 5:8; 2Se 3:5

1 Mootota 6:16

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, manicha keessatti.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 6:5
  • +2Se 3:8, 9; Ibr 9:3

1 Mootota 6:17

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, Kutaa Qulqulluu, isa Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu fuuldura jiru.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 9:2

1 Mootota 6:18

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, masaaqula.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 7:24
  • +Bau 25:33

1 Mootota 6:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 40:21; 1Mo 8:6
  • +Ibr 9:3

1 Mootota 6:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 6:16
  • +Bau 30:1; 1Mo 7:48

1 Mootota 6:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 26:29; 2Se 3:7
  • +Bau 26:33

1 Mootota 6:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 30:1, 3; 40:5

1 Mootota 6:23

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “muka zayitii,” tarii immoo gaattiraa Aleeppoo.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 3:24; 2Mo 19:15; Fr 99:1
  • +2Se 3:10-13; 5:8

1 Mootota 6:24

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, goflaan.

1 Mootota 6:27

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 80:1; Isa 37:16; Ibr 9:4, 5

1 Mootota 6:29

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “isa keessaa fi isa alaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 3:14
  • +His 41:17, 18
  • +Bau 25:33; 1Mo 6:18

1 Mootota 6:31

Miiljaleewwan

  • *

    Tarii ijaarsa fireemii balbalaa ykn hamma balbaloota sanaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

1 Mootota 6:33

Miiljaleewwan

  • *

    Kun Kutaa Qulqulluu argisiisa.

  • *

    Tarii ijaarsa fireemii balbalaa ykn hamma balbaloota sanaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

1 Mootota 6:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 41:24, 25

1 Mootota 6:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 27:9; 2Se 4:9; 7:7
  • +1Mo 7:12

1 Mootota 6:37

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 6:1

1 Mootota 6:38

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 28:11, 12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2072, 2180

Yaada Wal Simu

1Mot. 6:1Bau 12:14, 51
1Mot. 6:11Mo 6:37
1Mot. 6:11Se 28:11, 12; 2Se 3:1, 2
1Mot. 6:22Se 3:3; Iz 6:3
1Mot. 6:32Se 3:4
1Mot. 6:4His 41:26
1Mot. 6:5Lew 16:2; 2Se 5:7; Ibr 9:3
1Mot. 6:51Mo 6:10; His 41:5, 26
1Mot. 6:6His 41:6, 7
1Mot. 6:71Mo 5:17
1Mot. 6:8His 41:11
1Mot. 6:91Mo 6:38
1Mot. 6:91Mo 5:6; 6:20
1Mot. 6:101Mo 6:5
1Mot. 6:12Kes 17:18, 19; 1Mo 8:25; 1Se 28:9
1Mot. 6:122Sa 7:13; 1Se 22:9
1Mot. 6:13Bau 25:8; Lew 26:12; Fr 132:13
1Mot. 6:131Se 28:20
1Mot. 6:151Mo 5:8; 2Se 3:5
1Mot. 6:161Mo 6:5
1Mot. 6:162Se 3:8, 9; Ibr 9:3
1Mot. 6:17Ibr 9:2
1Mot. 6:181Mo 7:24
1Mot. 6:18Bau 25:33
1Mot. 6:19Bau 40:21; 1Mo 8:6
1Mot. 6:19Ibr 9:3
1Mot. 6:201Mo 6:16
1Mot. 6:20Bau 30:1; 1Mo 7:48
1Mot. 6:21Bau 26:29; 2Se 3:7
1Mot. 6:21Bau 26:33
1Mot. 6:22Bau 30:1, 3; 40:5
1Mot. 6:23Uma 3:24; 2Mo 19:15; Fr 99:1
1Mot. 6:232Se 3:10-13; 5:8
1Mot. 6:27Fr 80:1; Isa 37:16; Ibr 9:4, 5
1Mot. 6:292Se 3:14
1Mot. 6:29His 41:17, 18
1Mot. 6:29Bau 25:33; 1Mo 6:18
1Mot. 6:34His 41:24, 25
1Mot. 6:36Bau 27:9; 2Se 4:9; 7:7
1Mot. 6:361Mo 7:12
1Mot. 6:371Mo 6:1
1Mot. 6:381Se 28:11, 12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 6:1-38

Mootota Tokkoffaa

6 Israaʼelonni* biyya Gibxiitii baʼanii+ waggaa 480ffaa isaatti, Solomoon Israaʼel irratti mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jiʼa Ziifitti*+ (jechuunis jiʼa lammaffaatti) Solomoon mana Yihowaa* ijaaruu jalqabe.+ 2 Manni Solomoon Mootichi Yihowaadhaaf ijaare dheerinni isaa dhundhuma* 60, dalgi isaa dhundhuma 20, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 30 ture.+ 3 Dheerinni* barandaa+ fuuldura mana qulqullummaa* jiru dhundhuma 20 yeroo taʼu, dalga manichaa wajjin qixxee dha. Barandichi manicha irraa dhundhuma kudhan gara fuulduraatti baʼa ture.

4 Inni foddaawwan fireemiiwwan* wal irra kaaʼamanii keessaa gara alaatti dhiphachaa deeman+ qaban manichaaf ni hojjete. 5 Kana malees, inni girgiddaa manichaatti maxxansee mana dabalataa ni ijaare; manichis, girgiddaa manichaatti, jechuunis girgiddaa mana qulqullummaa* sanaa fi kutaa isa keessaatti+ naanneffamee kan ijaarame ture; akka kanaan itti naannessee kutaawwan dabalataa ni ijaare.+ 6 Kutaan dabalataa inni gadii dalgi isaa dhundhuma shan ture; kutaan inni gidduu kutaa isa gadii irratti ijaarame dalgi isaa dhundhuma jaʼa ture; kutaan inni olii immoo dalgi isaa dhundhuma torba ture; inni manichatti naannessee baattuuwwan* waan tolcheef, girgiddaawwan manichaa wajjin wanti wal qabate tokko illee hin turre.+

7 Manichi kan ijaarame dhagaa iddoo qotamee baafametti bocamee qopheeffameen waan taʼeef,+ yommuu manichi ijaaramaa turetti sagaleen burruusaa yookiin sagaleen qottoo yookiin sagaleen meeshaa sibiilaa tokko illee hin dhagaʼamne. 8 Balballi kutaa dabalataa isa gad aanuu kallattii kibba* manichaatti argama ture;+ kortoon jajalʼaan gara kutaa isa gidduutti geessu, kutaa isa gidduu irraa immoo gara kutaa isa oliitti geessu jira ture. 9 Innis manicha ijaaruu isaa itti fufee ni xumure;+ baaxii manichaas baattuuwwan gaattiraa fi saanqaawwan gaattiraa tarree naqamaniin ni uwwise.+ 10 Inni kutaawwan dabalataa tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma shan shan ol dheeratan manichatti naannessee ijaare;+ kutaawwan kunis saanqaawwan gaattiraatiin manichaa wajjin walitti qabsiifamanii turan.

11 Kana gidduutti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Solomoon ni dhufe: 12 “Ati akka dambiiwwan kootti yoo deemte, murtiiwwan koo yoo raawwatte, ajajawwan koo hunda yoo eegdee fi isaanii wajjin haala wal simuun yoo jiraatte,+ mana ijaaraa jirtu kana ilaalchisee waadaa isan abbaa kee Daawitiif gale siif nan raawwadha;+ 13 akkasumas Israaʼelota gidduu nan jiraadha;+ saba koo Israaʼeliinis hin dhiisu.”+

14 Solomoonis manicha ijaaree xumuruuf hojii ijaarsaa sana itti fufe. 15 Girgiddaa manichaa isa keessaa saanqaa gaattiraatiin ni ijaare. Girgiddaa manichaa isa keessaa lafa manichaatii jalqabee hamma baattuuwwan koornisii isaatti saanqaadhaan ni uwwise; lafa manichaas saanqaa birbirsaatiin ni uwwise.+ 16 Manicha keessa gara duubaatiin kutaa dhundhuma 20 taʼu tokko lafa isaatii jalqabee hanga baattuuwwan baaxii isaatti saanqaa gaattiraatiin ni ijaare; achi keessatti* immoo kutaa isa keessaa,+ jechuunis Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe+ ni ijaare. 17 Kutaan manichaa inni fuuldura isaa jiru, jechuunis manni qulqullummaa*+ dhundhuma 40 ture. 18 Saanqaa gaattiraa keessa manichaatti maxxanfame irratti fakkiiwwan buqqee*+ fi fakkiiwwan abaaboo+ bocamanii turan. Guutummaan isaa saanqaa gaattiraatiin waan uwwifameef, dhagaan tokko illee hin mulʼatu ture.

19 Kana malees inni taabota kakuu Yihowaa+ achi keessa kaaʼuuf, manicha keessatti kutaa isa keessaa+ ni qopheesse. 20 Kutaan inni keessaa dheerinni isaa dhundhuma 20, dalgi isaa dhundhuma 20, ol dheerinni isaas dhundhuma 20 ture;+ innis kuticha warqii qulqulluudhaan ni uwwise; iddoo aarsaa+ sanas muka gaattiraatiin ni uwwise. 21 Solomoon keessa manichaa warqii qulqulluudhaan ni uwwise;+ kutaa isa keessaa+ isa warqiidhaan uwwifame fuuldurattis funcaa warqii ni diriirse. 22 Manicha guutummaatti warqiidhaan ni uwwise; guutummaa iddoo aarsaa+ isa kutaa isa keessaa bira jirus warqiidhaan ni uwwise.

23 Kutaa isa keessaa keessattis kiruubelota+ ol dheerinni isaanii dhundhuma kudhan+ taʼe lama muka gaattiraa* irraa ni hojjete. 24 Qoochoon* kiruubel inni tokko dhundhuma shan, qoochoon isaa inni kan biraanis dhundhuma shan ture. Fiixee qoochoo isa tokko irraa hamma fiixee qoochoo isa kan biraatti dhundhuma kudhan ture. 25 Kiruubel inni lammaffaanis dhundhuma kudhan ture. Kiruubelonni lamaanuu hammi isaanii fi bifti isaanii tokko ture. 26 Ol dheerinni kiruubel isa tokkoo, akkuma kiruubel isa kan biraa dhundhuma kudhan ture. 27 Achiis inni kiruubelota+ sana mana isa keessaa* keessa ni kaaʼe. Qoochoowwan kiruubelotaa kan diriiran waan taʼaniif, qoochoon kiruubel isa tokkoo girgiddaa isa tokko bira kan gaʼu yeroo taʼu, qoochoon kiruubel isa kan biraa immoo girgiddaa isa kan biraa bira ni gaʼa ture; qoochoowwan isaanii gara gidduu manichaatti waan diriiraniif qoochoowwan kun wal tuqu turan. 28 Innis kiruubelota sana warqiidhaan ni uwwise.

29 Guutummaa girgiddaa manichaa, jechuunis guutummaa girgiddaa kutaa manichaa isa duubaa fi isa fuulduraa* irratti fakkii kiruubelotaa,+ fakkii muka meexxii+ fi fakkii abaaboo+ ni boce. 30 Lafa kutaawwan manichaa lamaanis warqiidhaan ni uwwise. 31 Kutaa isa keessaatti ittiin seenuuf akka taʼuufis, balbaloota muka gaattiraa, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan, akkasumas maqaaniiwwan kutaa shanaffaa* godhee ni hojjete. 32 Balbaloonni lamaan sun muka gaattiraa irraa kan tolfaman turan; innis isaan irratti fakkii kiruubelotaa, fakkii mukeetii meexxii fi fakkii abaaboowwanii bocee warqiidhaan isaan uwwise; fakkii kiruubelotaa fi fakkii mukeetii meexxii sanas warqiidhaan ni uwwise. 33 Balbala mana qulqullummaa* sanaaf, kutaa arfaffaatiif* akka kanaan muka gaattiraa irraa maqaaniiwwan ni hojjete. 34 Kana malees, muka birbirsaa irraa balbaloota lama ni hojjete. Balballi inni tokko saanqaawwan wiirtuuwwan irratti naannaʼan lama qaba ture; balballi inni kan biraanis saanqaawwan wiirtuuwwan irratti naannaʼan lama qaba ture.+ 35 Innis fakkii kiruubelotaa, fakkii mukeetii meexxii fi fakkii abaaboowwanii bocee, bocawwan sana warqiidhaan uwwise.

36 Mooraa+ isa keessaa dhagaa bocamee tarree sadiin wal irra kaaʼamee fi saanqaa gaattiraa tarree tokkoon kaaʼameen ni ijaare.+

37 Waggaa 4ffaatti jiʼa Ziifitti* buʼuurri mana Yihowaa ni kaaʼame;+ 38 waggaa 11ffaatti jiʼa Buulitti* (jechuunis jiʼa saddeettaffaatti) manichi akka pilaanii isaatti guutummaan hojii isaa ni xumurame.+ Akka kanaan manicha ijaaruuf waggaa torba isatti fudhate.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi