Lakkoofsa
10 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Meetii tumame irraa malakata+ lama ofii keetiif tolfadhuutii, yaaʼicha walitti qabuu fi buufata isaa buqqifatee akka deemu gochuuf itti fayyadami. 3 Lamaan isaanii yommuu afuufamanitti, guutummaan yaaʼichaa balbala dunkaana walgaʼii duratti si biratti walitti haa qabamu.+ 4 Malakanni tokko qofti yoo afuufame, ajajjoonni, jechuunis dura buutonni kumaa Israaʼel qofti si biratti walitti ni qabamu.+
5 “Sagalee malakataa jijijjiiramu yommuu dhageessistan, gareen gosootaa inni kallattii bahaatiin+ buufate kaʼee haa deemu. 6 Sagalee malakataa jijijjiiramu siʼa lammaffaadhaaf yommuu dhageessistan immoo, gareen gosootaa inni kallattii kibbaatiin+ buufate kaʼee haa deemu. Isaan keessaa gareen inni tokko kaʼee yeroo deemu hundumaatti akka kanaan sagalee malakataa haa dhageessisan.
7 “Yeroo gumicha walitti qabuuf waamtanitti malakata afuufaa;+ haa taʼu malee, yeroo kanatti sagalee malakataa jijijjiiramu hin dhageessisinaa. 8 Ilmaan Aaron warri luboota taʼan malakata haa afuufan;+ isaanitti fayyadamuunis guutummaa dhaloota keessanii keessatti dambii dhaabbataa isiniif ni taʼa.
9 “Biyya keessan keessatti diina isin rakkisu waraanuuf yommuu deemtan, sagalee malakataa waamicha waraanaatiif afuufamu dhageessisaa;+ Waaqni keessan Yihowaan isin ni yaadata; diinota keessan irraas isin ni oolcha.
10 “Kana malees, waqtiilee gammachuu keessaniitti,+ jechuunis yeroo ayyaanota keessaniittii+ fi jalqaba jiʼoottan keessaniitti, aarsaawwan keessan warra gubaman irrattii+ fi aarsaawwan gamtaa+ keessan irratti sagalee malakataa dhageessisaa; isaanis Waaqa keessan duratti yaadannoo isiniif ni taʼu. Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.”+
11 Waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa jiʼa isa lammaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 20ffaatti,+ duumessi sun godoo qulqulluu Dhugaa Baatuu sana irraa ni kaʼe.+ 12 Kanaafuu, Israaʼelonni duraa duuba adeemsa isaanii hordofanii lafa onaa Siinaa keessaa baʼanii deemuu jalqaban;+ duumessichis lafa onaa Phaaraan+ keessa ni qubate. 13 Ajaja Yihowaan karaa Musee kenne hordofuudhaan yeroo jalqabaatiif kaʼanii kan deeman yeroo kanatti ture.+
14 Kanaafuu, jalqaba irratti buufanni garee Yihudaa inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kaʼee ni deeme; Naʼaasoon+ ilmi Aminaadaab ajajaa garee sanaa ture. 15 Naataaniʼel+ ilmi Zuʼaar ajajaa garee gosa ilmaan Yisaakor ture. 16 Eeliyaab+ ilmi Heloon immoo ajajaa garee gosa ilmaan Zaabiloon ture.
17 Godoon qulqulluun sun yommuu diigamu,+ ilmaan Geershonii+ fi ilmaan Meraarii+ warri godoo qulqulluu sana baatan kaʼanii ni deeman.
18 Itti aansuudhaan buufanni garee Ruuben inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kaʼee ni deeme; Elizuur+ ilmi Shedeʼur ajajaa garee sanaa ture. 19 Shelumiʼel+ ilmi Zurishaadaay ajajaa garee gosa ilmaan Simiʼoon ture. 20 Eliyaasaaf+ ilmi Dewuʼel immoo ajajaa garee gosa ilmaan Gaad ture.
21 Sana booda Qehaatonni warri miʼawwan iddoo qulqulluu sanaa baatan+ kaʼanii deeman. Godoo qulqulluun sun yeroo isaan achi gaʼanitti dhaabamee isaan eega ture.
22 Itti aansuudhaan buufanni garee Efreem inni gosoota sadii qabate akka garee garee isaatti kaʼee ni deeme; Elishaamaan+ ilmi Amihuud ajajaa garee sanaa ture. 23 Gamaaliʼel+ ilmi Pedaazur ajajaa garee gosa ilmaan Minaasee ture. 24 Abidaan+ ilmi Giidewonii immoo ajajaa garee gosa ilmaan Biiniyaam ture.
25 Itti aansuudhaan buufanni garee Daan inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti karaa duubaatiin eegduu buufatawwan hundumaa taʼuudhaan kaʼee ni deeme; Ahiʼezer+ ilmi Amishaadaay ajajaa garee sanaa ture. 26 Paagiʼel+ ilmi Okraan ajajaa garee gosa ilmaan Asheer ture. 27 Ahiiraan+ ilmi Enaan immoo ajajaa garee gosa ilmaan Niftaalem ture. 28 Duraa duubni Israaʼelonnii fi gareewwan isaanii* yommuu kaʼanii deeman hordofan kana ture.+
29 Achiis Museen Hobaab ilma Rewuʼel*+ Miidiyaanicha isa abbiyyuu* isaa taʼeen akkana jedhe: “Nuti gara bakka Yihowaan, ‘Ani isiniif nan kenna’+ jedhetti qajeelaa jirra. Yihowaan Israaʼeliif wantoota gaggaarii gochuuf waadaa waan galeef,+ nuu wajjin kottu;+ nutis wanta gaarii siif ni goona.” 30 Inni garuu, “Ani isinii wajjin hin deemu. Gara biyya koo fi gara firoottan koottan deebiʼa” isaan jedhe. 31 Yeroo kanatti Museen akkana isaan jedhe: “Ati lafa onaa keessatti bakka buufachuu qabnu waan beektuuf, akkasumas karaa nutti argisiisuu* waan dandeessuuf, maaloo nu dhiistee hin deemin. 32 Ati yoo nuu wajjin dhufte,+ gaarummaa Yihowaan nutti argisiisu akkamii iyyuu dhugumaan sitti ni argisiisna.”
33 Akka kanaan, isaan gaara Yihowaa+ irraa kaʼanii adeemsa guyyaa sadii deemuu jalqaban; taabonni+ kakuu Yihowaas iddoo boqonnaa isaaniif barbaaduuf adeemsa guyyaa sadii isaan dura deeme.+ 34 Yeroo isaan buufaticha keessaa baʼanii deemuu jalqabanitti duumessi Yihowaa+ guyyaa guyyaa isaan gararraa ni taʼa ture.
35 Yeroo Taabotichi sochoʼu hundumaatti Museen, “Yaa Yihowaa kaʼi,+ diinonni kee haa bittinnaaʼan; warri si jibbanis si duraa haa baqatan” jedha ture. 36 Yommuu taabotichi boqotu immoo, “Yaa Yihowaa, gara Israaʼelota kumaatama taʼan warra lakkaaʼamuu hin dandeenyetti+ deebiʼi” jedha ture.