LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 14
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Lakkoofsaa

      • Sabichi gara Gibxiitti deebiʼuu barbaade (1-10)

        • Iyyaasuu fi Kaaleb oduu gaarii fidan (6-9)

      • Yihowaan ni aare; Museen sabichaaf kadhate (11-19)

      • Waggaa 40f lafa onaa keessa akka jooran itti murteeffame (20-38)

      • Amaaleqonni Israaʼeliin ni injifatan (39-45)

Lakkoofsa 14:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 1:32, 33

Lakkoofsa 14:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 1:27; Fr 106:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/1/2006, ful. 4

Lakkoofsa 14:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 78:40
  • +Lak 14:31; Kes 1:39
  • +Lak 11:5

Lakkoofsa 14:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Nah 9:17

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2011, ful. 25-26

Lakkoofsa 14:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 13:8, 16
  • +Lak 13:6, 16; 14:30

Lakkoofsa 14:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 13:26, 27; Kes 1:25; 8:7, 8

Lakkoofsa 14:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 3:8

Lakkoofsa 14:9

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “sababiin isaas, isaan buddeena keenya dha.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 7:17, 18; 20:3
  • +Bau 33:16; Kes 20:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/1/2006, ful. 15-16

Lakkoofsa 14:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 17:4
  • +Bau 16:10

Lakkoofsa 14:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 16:28; Lak 14:22, 23
  • +Kes 9:23; Ibr 3:19

Lakkoofsa 14:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 32:10

Lakkoofsa 14:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 32:12; His 20:9

Lakkoofsa 14:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 15:13, 14; Iya 2:10; 5:1
  • +Kes 4:12; 5:4
  • +Bau 13:21; Fr 78:14

Lakkoofsa 14:15

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “akka nama tokkootti.”

Lakkoofsa 14:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 9:28

Lakkoofsa 14:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 103:8; Mik 7:18
  • +Bau 34:6, 7

Lakkoofsa 14:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 34:9; Fr 78:38

Lakkoofsa 14:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yaq 5:16

Lakkoofsa 14:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 72:19; An 2:14

Lakkoofsa 14:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Nah 9:17
  • +Bau 17:2; Fr 95:9; 106:14; Ibr 3:16
  • +Fr 81:11

Lakkoofsa 14:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 26:63, 64; 32:11; Kes 1:35; Fr 95:11; 106:26; Ibr 3:18; 4:3

Lakkoofsa 14:24

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “hafuura.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 13:30; 26:65
  • +Iya 14:9, 14

Lakkoofsa 14:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dirree gad jedhaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 13:29
  • +Kes 1:40

Lakkoofsa 14:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 16:28; Lak 14:11
  • +1Qo 10:6, 10

Lakkoofsa 14:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 14:2; 26:64; 32:11; Kes 1:35

Lakkoofsa 14:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 1:45, 46; Yih 5
  • +Fr 106:26; 1Qo 10:5; Ibr 3:17

Lakkoofsa 14:30

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “harka koo kaasetti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 26:65; 32:11, 12; Kes 1:34-38
  • +Bau 6:8

Lakkoofsa 14:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 14:3; Kes 1:39
  • +Fr 106:24

Lakkoofsa 14:33

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ejja.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 32:13; Iya 14:10
  • +Kes 1:3; 2:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2023, ful. 30-31

Lakkoofsa 14:34

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “diina na godhachuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 13:25
  • +Fr 95:10; HoE 7:36; 13:18

Lakkoofsa 14:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 14:29; Ibr 3:17

Lakkoofsa 14:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 13:32

Lakkoofsa 14:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 10:6, 10; Yih 5

Lakkoofsa 14:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 14:30; 26:65; 32:11, 12; Kes 1:35, 36; Iya 14:6

Lakkoofsa 14:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 1:41

Lakkoofsa 14:42

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:14, 17; Kes 1:42

Lakkoofsa 14:43

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 13:29
  • +2Se 15:2

Lakkoofsa 14:44

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 1:43
  • +Lak 10:33

Lakkoofsa 14:45

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 21:1, 3; Kes 1:44

Yaada Wal Simu

Lak. 14:1Kes 1:32, 33
Lak. 14:2Kes 1:27; Fr 106:25
Lak. 14:3Fr 78:40
Lak. 14:3Lak 14:31; Kes 1:39
Lak. 14:3Lak 11:5
Lak. 14:4Nah 9:17
Lak. 14:6Lak 13:8, 16
Lak. 14:6Lak 13:6, 16; 14:30
Lak. 14:7Lak 13:26, 27; Kes 1:25; 8:7, 8
Lak. 14:8Bau 3:8
Lak. 14:9Kes 7:17, 18; 20:3
Lak. 14:9Bau 33:16; Kes 20:1
Lak. 14:10Bau 17:4
Lak. 14:10Bau 16:10
Lak. 14:11Bau 16:28; Lak 14:22, 23
Lak. 14:11Kes 9:23; Ibr 3:19
Lak. 14:12Bau 32:10
Lak. 14:13Bau 32:12; His 20:9
Lak. 14:14Bau 15:13, 14; Iya 2:10; 5:1
Lak. 14:14Kes 4:12; 5:4
Lak. 14:14Bau 13:21; Fr 78:14
Lak. 14:16Kes 9:28
Lak. 14:18Fr 103:8; Mik 7:18
Lak. 14:18Bau 34:6, 7
Lak. 14:19Bau 34:9; Fr 78:38
Lak. 14:20Yaq 5:16
Lak. 14:21Fr 72:19; An 2:14
Lak. 14:22Nah 9:17
Lak. 14:22Bau 17:2; Fr 95:9; 106:14; Ibr 3:16
Lak. 14:22Fr 81:11
Lak. 14:23Lak 26:63, 64; 32:11; Kes 1:35; Fr 95:11; 106:26; Ibr 3:18; 4:3
Lak. 14:24Lak 13:30; 26:65
Lak. 14:24Iya 14:9, 14
Lak. 14:25Lak 13:29
Lak. 14:25Kes 1:40
Lak. 14:27Bau 16:28; Lak 14:11
Lak. 14:271Qo 10:6, 10
Lak. 14:28Lak 14:2; 26:64; 32:11; Kes 1:35
Lak. 14:29Lak 1:45, 46; Yih 5
Lak. 14:29Fr 106:26; 1Qo 10:5; Ibr 3:17
Lak. 14:30Lak 26:65; 32:11, 12; Kes 1:34-38
Lak. 14:30Bau 6:8
Lak. 14:31Lak 14:3; Kes 1:39
Lak. 14:31Fr 106:24
Lak. 14:33Lak 32:13; Iya 14:10
Lak. 14:33Kes 1:3; 2:14
Lak. 14:34Lak 13:25
Lak. 14:34Fr 95:10; HoE 7:36; 13:18
Lak. 14:35Lak 14:29; Ibr 3:17
Lak. 14:36Lak 13:32
Lak. 14:371Qo 10:6, 10; Yih 5
Lak. 14:38Lak 14:30; 26:65; 32:11, 12; Kes 1:35, 36; Iya 14:6
Lak. 14:40Kes 1:41
Lak. 14:42Lew 26:14, 17; Kes 1:42
Lak. 14:43Lak 13:29
Lak. 14:432Se 15:2
Lak. 14:44Kes 1:43
Lak. 14:44Lak 10:33
Lak. 14:45Lak 21:1, 3; Kes 1:44
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Lakkoofsa 14:1-45

Lakkoofsa

14 Achiis guutummaan yaaʼichaa sagalee isaa ol kaasee iyye; sabichis halkan sana guutuu iyyaa fi booʼaa bule.+ 2 Israaʼelonni hundis Musee fi Aaron irratti gungumuu jalqaban;+ guutummaan yaaʼichaas akkana jechuudhaan isaan mormee dubbate: “Maal taʼa, biyya Gibxii keessatti yookiin lafa onaa kana keessatti utuu duuneerra taʼee! 3 Goraadeedhaan akka dhumnuuf Yihowaan gara biyya kanaatti kan nu fide maaliifi?+ Haadhotiin manaa keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu.+ Gara biyya Gibxiitti utuu deebinee nuuf hin wayyuu?”+ 4 Kana irra darbees isaan, “Kottaa geggeessaa tokko muudnee gara biyya Gibxiitti haa deebinu!” waliin jedhu turan.+

5 Yeroo kanatti Musee fi Aaron guutummaa gumii Israaʼel isa walitti qabame duratti adda isaaniitiin lafatti gombifaman. 6 Iyyaasuu+ ilmi Nuunii fi Kaaleb+ ilmi Yofunee warri namoota biyyattii basaasan keessa tokko turan uffata isaanii tarsaasanii, 7 guutummaa yaaʼii Israaʼeliin akkana jedhan: “Biyyattiin basaasuuf keessa darbine sun biyya baayʼee gaarii taate dha.+ 8 Yihowaan nutti gammadeera yoo taʼe, dhugumaan biyya aannanii fi damma maddisiistu+ kanatti nu galcha; ishiis nuuf kenna. 9 Isin garuu Yihowaa irratti hin fincilinaa; namoota biyyattiis hin sodaatinaa;+ sababiin isaas, nuti akkuma buddeenaatti isaan ni nyaanna.* Eegduun isaanii isaan dhiiseera; Yihowaan nuu wajjin jira.+ Isaan hin sodaatinaa.”

10 Guutummaan yaaʼichaa garuu dhagaadhaan isaan tumuuf mariʼate.+ Taʼus ulfinni Yihowaa dunkaana walgaʼii irratti guutummaa saba Israaʼelitti ni mulʼate.+

11 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Sabni kun hamma yoomiitti na tuffata?+ Mallattoowwan kana hundumaa isaan gidduutti kanan raawwadhe taʼus isaan hamma yoomiitti natti hin amanan?+ 12 Golfaadhaan rukutee isaan nan balleessa; siin garuu saba isaan caalaa guddaa fi jabaa taʼe nan godha.”+

13 Museen garuu Yihowaadhaan akkana jedhe: “Yeroo kanatti warri Gibxii warri ati humna keetiin saba kana isaan gidduudhaa baaste sun kana ni dhagaʼu;+ 14 achiis waaʼee kanaa jiraattota biyya kanaatti ni himu. Isaan ati Yihowaan saba kana gidduu akka jirtuu+ fi fuulaa fuulatti akka isaanitti mulʼattes dhagaʼaniiru.+ Ati Yihowaa dha; duumessi kees isaan gararraa buufateera; guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaan dura ni deemta.+ 15 Ati saba kana hundumaa takkaatti* yoo ajjeeste, saboonni maqaa gaarii ati qabdu dhagaʼanii turan akkana jedhu: 16 ‘Yihowaan saba kana gara biyya isaaniif kennuuf kakatetti galchuu waan hin dandeenyeef, lafa onaa keessatti isaan fixe.’+ 17 Ammas yaa Yihowaa, maaloo, akkana jechuudhaan akkuma waadaa galtetti humni kee guddaa haa taʼu: 18 ‘Yihowaa, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe,+ dogoggoraa fi balleessaa kan namaaf dhiisu, taʼus, isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin kan hin dhiisne, balleessaa abbootiin raawwataniif ilmaan isaanii, dhaloota sadaffaa fi dhaloota arfaffaa kan adabu.’+ 19 Akkuma biyya Gibxiitii jalqabee hamma ammaatti saba kanaaf dhiifama goote, maaloo ammas akkuma jaalala kee isa amanamaa isa guddaa taʼe sanaatti balleessaa saba kanaatiif dhiifama godhi.”+

20 Achiis Yihowaan akkana jedhe: “Akkuma ati jettetti dhiifama isaaniif nan godha.+ 21 Haa taʼu malee, jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha, guutummaan lafaa ulfina Yihowaatiin ni guutamti.+ 22 Haa taʼu malee, namoota ulfina koo fi mallattoowwan koo+ warra ani biyya Gibxii keessattii fi lafa onaa keessatti raawwadhe kan argan taʼus warra yeroo kudhan na qoranii+ fi sagalee koo hin dhageenye+ kana keessaa tokko illee 23 matumaa biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe hin argan. Namoota na tuffatan kana keessaa tokkoon isaanii illee ishii hin argan.+ 24 Tajaajilaan koo Kaaleb+ garuu ilaalcha* adda taʼe waan qabuuf, akkasumas garaa guutuudhaan ana duukaa waan buʼeef, ani dhugumaan biyya inni dhaqee ture sanatti isa nan galcha; sanyiin isaas ishii ni dhaalu.+ 25 Amaaleqonnii fi Kanaʼaanonni+ sululicha* keessa waan jiraataniif, boru duubatti deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gara lafa onaa sanaa dhaqaa.”+

26 Achiis Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 27 “Yaaʼiin hamaan kun hamma yoomiitti ana irratti gungumuu isaa itti fufa?+ Israaʼelonni maal jedhanii ana irratti akka gunguman dhagaʼeera.+ 28 Akkana isaaniin jedhaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha, wantuma ani yeroo isin dubbattan dhagaʼe sana isin irratti nan raawwadha!+ 29 Warri umuriin keessan waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffamtan hundi, jechuunis warri ana irratti gungumtan hundi+ reeffi keessan lafa onaa kana keessatti ni kukkufa.+ 30 Kaaleb ilma Yofunee fi Iyyaasuu ilma Nuuniin alatti+ tokkoon keessan illee biyya akka keessa jiraattan isiniif kakadhetti* hin galtan.+

31 “‘“Ani ijoollee keessan warra isin akka boojiʼaman dubbattan+ achitti nan galcha; isaanis biyya isin tuffattan sana ni beeku.+ 32 Reeffi keessan garuu lafa onaa kana keessatti ni kukkufa. 33 Ilmaan keessanis lafa onaa keessatti waggaa 40f tiksitoota ni taʼu;+ isaan isin keessaa hamma reeffi nama isa dhumaa lafa onaa keessatti kufutti+ amanamoo utuu hin taʼin hafuu* keessaniif deebii ni kennu. 34 Anaan mormuu* jechuun maal jechuu akka taʼe akka beektaniif, akkuma guyyoota 40mman biyyattii itti basaastan sanaatti,+ jechuunis guyyaan tokko akka waggaa tokkootti lakkaaʼamee waggaa 40f balleessaa keessaniif deebii ni kennitu.+

35 “‘“Ani Yihowaan dubbadheera. Guutummaa yaaʼii hamaa taʼe isa anaan mormuudhaan walitti qabame kana irratti akkana nan godha: Isaan lafa onaa kana keessatti ni dhumu; asumattis ni duʼu.+ 36 Namoonni warri biyyattii akka basaasaniif Museen ergee turee fi waaʼee biyyattii oduu hamaa fiduudhaan guutummaan yaaʼichaa akka isa irratti gungumu godhan,+ 37 eeyyee, namoonni waaʼee biyyattii oduu hamaa fidan sun rukutamanii Yihowaa duratti ni duʼu.+ 38 Iyyaasuu ilmi Nuunii fi Kaaleb ilmi Yofunee warri namoota biyyattii basaasuuf deeman keessaa tokko turan sun garuu, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraatu.”’”+

39 Museen wantoota kana Israaʼelota hundumaatti yommuu himu, sabichi baayʼee ni gadde. 40 Kana malees isaan ganama bariidhaan kaʼanii, “Nuti cubbuu waan hojjenneef, kunoo gara bakka Yihowaan waaʼee isaa dubbate sanaatti ol baʼuuf qophoofneerra” jedhanii gara fiixee gaarichaatti ol baʼuuf yaalii godhan.+ 41 Museen garuu akkana isaaniin jedhe: “Isin ajaja Yihowaa irra darbitanii kan deemtan maaliifi? Isiniif hin milkaaʼu. 42 Yihowaan isinii wajjin waan hin jirreef achitti ol hin baʼinaa; diinonni keessan isin ni injifatu.+ 43 Sababiin isaas, Amaaleqonnii fi Kanaʼaanonni achitti isinitti ni dhufu;+ isinis goraadeedhaan ni kukkuftu. Yihowaa duukaa buʼuu irraa waan garagaltaniif, Yihowaan isinii wajjin hin taʼu.”+

44 Haa taʼu malee, isaan of tuulummaadhaan gara fiixee gaarichaatti ol ni baʼan;+ taabonni kakuu Yihowaa fi Museen garuu buufaticha walakkaadhaa hin sochoone.+ 45 Achiis Amaaleqonnii fi Kanaʼaanonni warri gaaricha irra jiraachaa turan gad buʼanii isaan ni rukutan; hamma Hoormaattis akka bibittinnaaʼan ni godhan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi