RUUT
1 Bara abbootiin murtii+ haqa raawwachiisaa* turanitti beelli biyyattiitti ni buʼe; namichi tokkos Beetaliheem+ ishii Yihudaatti argamtu keessaa haadha manaa isaa fi ilmaan isaa lamaanii wajjin nama biyya ormaa taʼee achi jiraachuuf gara biyya* Moʼaab+ dhaqe. 2 Maqaan namichaa Eliimeleek,* maqaan haadha manaa isaa Naaʼomii,* maqaan ilmaan isaa lamaanii immoo Maahiloonii* fi Kiiliyoon* jedhama ture. Isaan namoota Efraataa warra Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessa jiraatan turan. Gara biyya Moʼaab dhufaniis achi jiraachuu jalqaban.
3 Yeroo muraasa booda abbaan manaa Naaʼomii Eliimeleek ni duʼe; ishiinis ilmaan ishii lamaanii wajjin hafte. 4 Boodas ilmaan ishii kun dubartoota Moʼaab ni fuudhan; maqaan ishii takkaa Oorfaa, maqaan ishii kan biraa immoo Ruut+ jedhama ture. Isaan gara waggaa kudhaniitiif achi jiraatan. 5 Sana booda ilmaan ishii lamaan Maahiloonii fi Kiiliyoonis ni duʼan; dubartittiinis ijoollee ishii lamaanii fi abbaa manaa ishii dhabdee kophaatti hafte. 6 Ishiinis utuu Moʼaab keessa jirtuu, Yihowaan midhaan* isaaniif kennuudhaan saba isaa akka eebbise waan dhageesseef, haadhotii manaa ilmaan ishii wajjin biyya Moʼaabii deebiʼuuf karaa jalqabde.
7 Ishiinis bakka haadhotii manaa ilmaan ishii lamaanii wajjin jiraachaa turte dhiistee baate. Gara biyya Yihudaatti deebiʼuuf utuu daandii irra deemaa jiraniis, 8 Naaʼomiin haadhotii manaa ilmaan ishii lamaaniin akkana jette: “Deemaa, lamaan keessan iyyuu gara mana haadhotii keessanitti deebiʼaa. Akkuma isin abbootii manaa keessan warra duʼanittis taʼe anatti jaalala amanamaa argisiistan, Yihowaan jaalala amanamaa isinitti haa argisiisu.+ 9 Yihowaan tokkoon tokkoon keessaniif mana abbootii manaa keessaniitti tasgabbii* isiniif haa kennu.”+ Achiis isaan dhudhungatte; sagalee isaanii ol kaasaniis ni booʼan. 10 Sana booda, “Hin taʼu, sii wajjin gara saba kee ni deemna!” ishiidhaan jedhan. 11 Naaʼomiin garuu akkana jette: “Deebiʼaa, yaa ijoollee koo. Maaliif anaa wajjin deemtu? Ani amma iyyuu ilmaan abbootii manaa isiniif taʼan daʼuu nan dandaʼaa?+ 12 Deebiʼaa, yaa ijoollee koo. Deebiʼaa, ani kana booda heerumuuf baayʼee dulloomeera. Harʼa galgala abbaa manaa argachuuf abdii utuun qabaadhee fi ilmaan daʼuu utuun dandaʼe illee, 13 hanga guddatanitti isaan ni eegduu? Isaan eeggachuuf jettanii hoo lammata utuu hin heerumin haftuu? Lakki, yaa ijoollee koo, harki Yihowaa na adabuuf waan anatti garagaleef, ani haala keessaniin kan kaʼe jireenyi natti hadhaaʼeera.”+
14 Isaan ammas sagalee isaanii ol kaasanii booʼan; achiis Oorfaan amaatii ishii dhungattee ishii irraa addaan baate. Ruut garuu ishii irraa addaan baʼuu diddee itti maxxante. 15 Kanaafuu Naaʼomiin, “Kunoo, agabaatteen kee* gara saba ishiitti, gara waaqolii ishiittis deebiteetti. Ishii wajjin deebiʼi” ishiidhaan jette.
16 Ruut garuu akkana jette: “Akkan si dhiisus taʼe, sii wajjin deemuu dhiisee akkan deebiʼu na hin kadhatin; bakka ati dhaqxu anis nan dhaqa, bakka ati bultu anis nan bula. Sabni kee saba koo, Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa.+ 17 Bakka ati duututti anis nan duʼa; achittis nan awwaalama. Duʼa malee anaa fi siin kan gargar baasu yoo jiraate, Yihowaan adaba guddaa na haa adabu.”
18 Naaʼomiin Ruut ishii wajjin deemuuf akka kutatte yommuu argitu ishii amansiisuuf yaalii gochuu ni dhiiste. 19 Achiis lamaan isaanii hanga Beetaliheem gaʼanitti karaa isaanii itti fufan.+ Akkuma Beetaliheem gaʼaniin guutummaan magaalattii sababa isaaniitiin ni sochoote; dubartoonnis, “Tun Naaʼomii dhaa?” jedhan. 20 Ishiin immoo dubartoota sanaan akkana jette: “Naaʼomii* jettanii na hin waaminaa. Inni Hundumaa Dandaʼu jireenya koo baayʼee waan natti hadheesseef, Maaraa* jedhaa na waamaa.+ 21 Yommuun asii baʼetti guutuun ture; Yihowaan garuu harka duwwaa akkan deebiʼu na godhe. Yihowaan na mormee, Inni Hundumaa Dandaʼu rakkina natti fidee utuu jiruu, maaliif Naaʼomii jettanii na waamtu?”+
22 Naaʼomiin haadha manaa ilma ishii Ruut ishii nama biyya Moʼaab taatee wajjin biyya Moʼaabii+ kan deebite akka kanaan ture. Beetaliheem kan gaʼanis yeroo garbuun haamamuu jalqabetti ture.+
2 Naaʼomiin karaa abbaa manaa ishii fira baayʼee sooressa taʼe tokko qabdi turte; maqaan namichaa Boʼaaz+ yeroo taʼu, innis fira Eliimeleek ture.
2 Ruut ishiin nama biyya Moʼaab taate Naaʼomiidhaan, “Mee maaloo gara maasii* dhaqeen, nama faara naa tolu biraa qaarmii funaannadha”+ jette. Naaʼomiinis, “Dhaqi, yaa intala too” ishiidhaan jette. 3 Yeroo kanatti ishiin baatee warra midhaan haaman duubaan maasii keessaa qaarmii funaannachuu jalqabde. Akkuma carraa taʼees gara maasii Boʼaaz+ isa fira Eliimeleek+ taʼee dhaqxe. 4 Boʼaazis yeruma sana Beetaliheemii dhufee warra midhaan haaman sanaan, “Yihowaan isinii wajjin haa taʼu” jedhe. Isaanis, “Yihowaan si haa eebbisu” jedhanii isaaf deebisan.
5 Achiis Boʼaaz dargaggeessa itti gaafatamaa warra midhaan haamanii taʼe sana, “Intalli tun kan eenyuu ti?” jedhee gaafate. 6 Dargaggeessi itti gaafatamaa warra midhaan haamanii taʼe sunis akkana jedhee isaaf deebise: “Intalattiin nama biyya Moʼaab+ ishii Naaʼomii wajjin biyya Moʼaabii dhufte sana dha.+ 7 Ishiin, ‘Maaloo, mataa midhaanii* haamtonni bira darban funaannadhuu?’+ jettee na gaafatte. Xinnoo boqochuuf amma daasii keessa taaʼuu ishii irraan kan hafe, ganama erga dhuftee jalqabee hamma ammaatti takkaa gad hin teenye.”
8 Achiis Boʼaaz Ruutiin akkana jedhe: “Dhagaʼi, yaa intala too. Qaarmii funaannachuuf gara maasii kan biraa hin dhaqin; bakka kan biraa eessa iyyuu hin dhaqin; hojjettoota koo warra durbaa irraa hin fagaatin.+ 9 Maasii isaan keessaa haaman ilaaliitii isaanii wajjin deemi. Dargaggoonni kun akka si hin tuqne* ani isaan ajajeera. Yommuu dheebottu gara hubboo* bishaanii dhaqiitii isa dargaggoonni waraaban sana keessaa dhugi.”
10 Yeroo kanatti ishiin adda ishiitiin lafatti gombifamtee sagaduudhaan, “Ani nama biyya ormaa+ taʼee utuun jiruu, ija kee duratti ulfina kanan argadhee fi xiyyeeffannaa kan naaf kennite akkamitti?” isaan jette. 11 Boʼaazis akkana jedhee deebiseef: “Abbaan manaa kee erga duʼee booda wanta amaatii keetiif goote hundumaa, gara saba kanaan dura hin beeknee deemuuf jettee akkamitti abbaa kee, haadha tee fi firoottan kee dhiistee akka baates guutummaatti dhagaʼeera.+ 12 Wanta ati gooteef Yihowaan si haa kiisu;+ Yihowaan Waaqni Israaʼel inni ati qoochoo* isaa jalatti dahoo argachuuf gara isaa dhufte+ gatii kee guutummaatti* siif haa kennu.” 13 Ishiinis deebistee, “Ani tajaajiltoota kee keessaa tokko taʼuu baadhus, yaa gooftaa koo, waan na jajjabeessitee fi karaa nama jajjabeessuun ana* tajaajiltuu teetti waan dubbatteef, yeroo hundumaa ija kee duratti ulfina akkan argadhu godhi” jette.
14 Yeroo nyaanni dhihaatetti Boʼaaz, “As kottuutii daabboo xinnoo nyaadhu, cuunfaa wayinii isa dhangaggaaʼaattis cuuphadhu” ishiidhaan jedhe. Kanaafuu, ishiin warra midhaan haaman bira teesse. Innis akaayii ishiidhaaf kenne; ishiinis erga nyaattee quuftee booda hammi taʼe ishii irraa ni hafe. 15 Yommuu ishiin qaarmii funaanuuf kaatu,+ Boʼaaz akkana jedhee dargaggoota sana ajaje: “Mataa midhaanii* isa haamame irraa illee haa funaannattu; ishii hin rakkisinaa.+ 16 Bissii* hidhame keessaa mataa midhaanii luqqisaatii akka ishiin funaannattuuf dhiisaafii; ishii dhowwuufis homaa hin dubbatinaa.”
17 Kanaan kan kaʼes, ishiin hamma galgalaatti qaarmii funaanuu ishii itti fufte.+ Garbuu funaannatte sanas yommuu cagaddu, gara eefaa* tokkoo taʼe. 18 Achiis midhaanicha fudhattee gara magaalattii seente; amaatiin ishiis qaarmii ishiin funaannatte ni argite. Ruut nyaata nyaattee erga quuftee booda irraa hafe+ sana baastee ishiidhaaf kennite.
19 Yeroo kanatti amaatiin ishii, “Harʼa eessaa qaarmii funaannatte? Eessa hojjechaa oolte? Inni xiyyeeffannaa siif kenne haa eebbifamu”+ ishiidhaan jette. Ishiinis, “Namichi ani harʼa biraa hojjechaa oole maqaan isaa Boʼaaz jedhama” jechuudhaan eenyu biraa hojjechaa akka oolte amaatii ishiitti himte. 20 Yeroo kanatti Naaʼomiin haadha manaa ilma ishiitiin, “Yihowaan inni jaalala isaa isa amanamaa warra jiranittis taʼe warra duʼanitti argisiisuu+ hin dhiisne isa haa eebbisu” jette. Naaʼomiin itti fufuudhaan, “Namichi fira keenya+ isa nu furuuf* mirga qabu dha”+ jette. 21 Sana booda Ruut ishiin nama biyya Moʼaab taate, “Namichi, ‘Hanga isaan midhaan koo hundumaa haamanii fixanitti hojjettoota koo irraa addaan hin baʼin’+ naan jedheera” jette. 22 Naaʼomiinis haadha manaa ilma ishii Ruutiin, “Yaa intala too, gara maasii nama kan biraa dhaqxee balaadhaaf saaxilamuu mannaa, hojjettoota isaa warra durbaa wajjin taʼuu sii wayya” jette.
23 Kanaafuu, ishiin hanga haamaan garbuu+ fi haamaan qamadii xumuramutti hojjettoota Boʼaaz warra durbaa irraa addaan utuu hin baʼin qaarmii funaannatte. Amaatii ishii wajjin jiraachuu ishiis itti fufte.+
3 Yeroo kanatti amaatiin ishii Naaʼomiin akkana ishiidhaan jette: “Yaa intala too, gaarii akka siif taʼuuf, mana* siif barbaaduun+ ana irra hin jiruu ree? 2 Boʼaaz fira keenya mitii?+ Hojjettoonni durbaa ati wajjin turte sun kan isaa ti. Inni harʼa galgala bakka oobdiitti garbuu calleeffata.* 3 Kanaafuu, dhiqadhu, zayitii urgaaʼus dibadhu; achiis uffata kee isa gaarii uffadhuutii gara oobdii sanaatti gad buʼi. Hanga inni nyaatee, dhugee xumurutti achitti argamuu kee namichi akka beeku hin godhin. 4 Yommuu inni ciisu, bakka inni ciisu sirriitti ilaali; achiis dhaqiitii miila isaa irraa wayyaa saaqii ciisi. Innis wanta gochuu qabdu sitti hima.”
5 Yeroo kanatti ishiin, “Wanta ati naan jette hundumaa nan godha” jettee deebiste. 6 Kanaafuu, ishiin gara oobdii sanaatti gad buutee wanta amaatiin ishii akka gootu ishii gorsite hundumaa ni goote. 7 Boʼaaz erga nyaatee dhugee booda garaan isaa ni gammade. Achiis tuullaa midhaan calleeffame sana bira ciisuuf dhaqe. Sana booda Ruut suuta jettee dhuftee miila isaa irraa wayyaa saaqxee ciiste. 8 Halkan walakkaas namichi dammaqee hollachuu jalqabe; yommuu ol jedhus dubartiin takka miila isaa jala akka ciiste arge. 9 Innis, “Eenyu ati?” jedhe. Ishiinis deebistee, “Ana Ruut tajaajiltuu tee ti. Inni nu furu+ si waan taʼeef, uffata kee ana tajaajiltuu tee irra buusi” jette. 10 Innis yeroo kanatti akkana ishiidhaan jedhe: “Yaa intala too, Yihowaan si haa eebbisu. Sooressas taʼe hiyyeessa dargaggoota duukaa buʼuu dhiisuudhaan, isa yeroo jalqabaa caalaa isa yeroo dhumaa kanatti jaalala amanamaa argisiisteetta.+ 11 Ammas yaa intala too, hin sodaatin. Namoonni magaalattii keessa jiran hundi* ati dubartii baʼeettii taʼuu kee waan beekaniif,+ wanta jette hundumaa siif nan godha. 12 Ani isa isin furu sana taʼuun koo dhugaa taʼus,+ namni ana caalaa fira dhihoo taʼee fi isin furu kan biraan jira.+ 13 Harʼa asuma buli, inni boru ganama yoo isin fure gaarii dha! Isin haa furu.+ Isin furuu hin barbaadu yoo taʼe garuu, Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani ofii kootii isin nan fura. Hanga bariʼutti asuma ciisi.”
14 Kanaafuu, ishiin hamma bariʼutti miila isaa jala ciiste; achiis eenyu illee akka ishii hin arginetti ganama barii utuma dukkana taʼee jiruu ni kaate. Innis, “Eenyu illee dubartiin takka gara oobdii kanaa dhufuu ishii akka hin beekne” jedhe. 15 Achiis, “Kutaa uffatte diriirsii natti qabi” jedhe. Ishiinis itti qabde, inni immoo garbuu safartuu jaʼa* itti naqee ishii baachise; sana booda gara magaalaa dhaqe.
16 Ishiinis gara amaatii ishii ni dhaqxe; yeroo kanatti amaatiin ishii, “Yaa intala too, akkam taate?”* jette. Ishiinis wanta namichi ishiidhaaf godhe hundumaa itti himte. 17 Itti dabaluudhaanis, “Namichi, ‘Harka duwwaa gara amaatii kee hin dhaqin’ jedhee, garbuu safartuu jaʼa kana naaf kenne” jette. 18 Yeroo kanatti Naaʼomiin, “Yaa intala too, namichi harʼuma dhimma kanaaf hamma furmaata kennutti waan hin boqonneef, dhimmichi maal irra akka gaʼu hanga beektutti asuma taaʼii eegi” jette.
4 Boʼaazis gara karra magaalattiitti+ ol baʼee achi taaʼe. Yeroo kanatti namichi dubartittii akka furu Boʼaaz dubbatee ture+ sun achiin darbaa ture. Boʼaazis, “Yaa abalu, as kottu; taaʼi mee” isaan jedhe. Innis dhaqee taaʼe. 2 Achiis Boʼaaz jaarsolii magaalattii+ kudhan fidee, “As taaʼaa” isaaniin jedhe. Isaanis ni taaʼan.
3 Yeroo kanatti Boʼaaz namicha furu+ sanaan akkana jedhe: “Naaʼomiin ishiin biyya Moʼaabii+ deebite maasii obboleessa keenya Eliimeleek+ ni gurgurti. 4 Kanaafuu, akkana jedhee dhimma kana si beeksisuufan yaade: ‘Namoota as jiraatanii fi jaarsolii saba keenyaa kana duratti laficha bitadhu.+ Bitachuu yoo barbaadde bitadhu. Bitachuu hin barbaaddu taanaan garuu, bitachuuf jalqaba mirga kan qabu siʼi, sitti aansee immoo ana waan taʼeef na beeksisi.’” Namichis, “Bitachuu nan barbaada”+ jedhee deebise. 5 Achiis Boʼaaz, “Guyyaa Naaʼomii irraa laficha bitattutti, dhaalli isaa maqaa namicha duʼe sanaatiin akka waamamuuf, Ruut nama biyya Moʼaab ishii haadha manaa namicha duʼe sanaa taate irraas bitachuu qabda”+ isaan jedhe. 6 Namichi furu sunis akkana jedhe: “Dhaala koo na dhabsiisuu waan dandaʼuuf, ani furuu hin dandaʼu. Ani furuu waan hin dandeenyeef, mirga ani furuuf qabutti fayyadamiitii ofii keetiif furi.”
7 Bara duriitti Israaʼel keessatti mirga furuuf qabanis taʼe mirga sana dabarsanii kennuu isaanii raggaasisuuf sirni itti hojjetamu kana ture: Namni tokko kophee isaa of irraa baasee+ namicha isa kan biraadhaaf kenna; Israaʼel keessatti walii galteen* kan mirkaneeffamu akka kanatti ture. 8 Kanaafuu, namichi furu sun Boʼaaziin, “Ati ofii keetiif bitadhu” jechuudhaan kophee isaa of irraa baase. 9 Achiis Boʼaaz jaarsolii fi namoota sana hundaan akkana jedhe: “Ani wanta kan Eliimeleek, kan Kiiliyoonii fi kan Maahiloon taʼe hundumaa Naaʼomii irraa bitachuu kootiif harʼa isin ragoota dha.+ 10 Kana malees, maqaan namicha duʼe sanaa obboloota isaa fi namoota magaalattii* gidduudhaa akka hin badnetti dhaalli isaa maqaa namicha duʼe sanaatiin akka waamamuuf,+ Ruut nama biyya Moʼaab ishii haadha manaa Maahiloon taate haadha manaa godhadhee fudhadheera. Isin harʼa ragoota dha.”+
11 Yeroo kanatti namoonni karra magaalattii keessa jiran hundii fi jaarsoliin sun akkana jedhan: “Nuti ragoota dha! Yihowaan haadha manaa ishii gara mana keetti seentu tana akka Raahelii fi akka Liyaa warra manni Israaʼel irraa argame sanaa haa godhu. Atis Efraataa keessatti sooressa taʼi; Beetaliheem keessattis maqaa gaarii qabaadhu. 12 Sanyii Yihowaan karaa dubartii tanaa siif kennuun, manni kee akkuma mana Faares isa Taamaar Yihudaadhaaf deesse sanaa haa taʼu.”
13 Kanaafuu, Boʼaaz Ruutiin ofitti fudhate, ishiinis haadha manaa isaa taate. Innis ishii wajjin saalqunnamtii raawwate; ishiinis eebba Yihowaatiin ulfooftee ilma deesse. 14 Achiis dubartoonni Naaʼomiidhaan akkana jedhan: “Yihowaan inni harʼa nama si furu si hin dhabsiisne haa jajamu. Maqaan daaʼima kanaas Israaʼel keessatti haa labsamu! 15 Inni kan dhalate haadha manaa ilma keetii ishii si jaallattuu fi ilmaan torba irra siif caaltu sana irraa waan taʼeef, jireenya* kee siif haaromseera; bara dullumaa keettis si gargaara.” 16 Naaʼomiin mucicha fuutee hammatte; isa kunuunsuus ni jalqabde.* 17 Dubartoonni ollaa ishiis maqaa isaaf ni baasan. “Ilmi Naaʼomiidhaaf dhalateera” jechuudhaan maqaa isaa Yoobeed jedhanii moggaasan. Inni abbaa Issey isa abbaa Daawit taʼee ti.
18 Hiddi dhalootaa* Faares kana dha: Faares Hesrooniin dhalche; 19 Hesroon Raamiin dhalche; Raam Aminaadaabiin dhalche; 20 Aminaadaab Naʼaasooniin dhalche; Naʼaasoon Salmooniin dhalche; 21 Salmoon Boʼaaziin dhalche; Boʼaaz Yoobeediin dhalche; 22 Yoobeed Isseyiin dhalche; Issey immoo Daawitiin dhalche.
Kal., “murtii kennaa.”
Ykn., “naannoo.”
Hiikni isaa “Waaqni Koo Mootii Dha” jechuu dha.
Hiikni isaa “Gammachuu Koo” jechuu dha.
Jecha Afaan Ibrootaa hiika “dadhabaa, dhukkubsataa” jedhu qabu irraa kan fudhatame taʼuu hin oolu.
Hiikni isaa “Isa hin Milkoofne; Isa Xumurame” jechuu dha.
Kal., “daabboo.”
Kal., “bakka boqonnaa.”
Ykn., “haati manaa obboleessa abbaa manaa keetii.”
Hiikni isaa “Gammachuu Koo” jechuu dha.
Hiikni isaa “Hadhaaʼaa” jechuu dha.
Ykn., “oyiruu.”
Ykn tarii, “bissii.”
Ykn., “si hin rakkisne.”
Ykn., “okkotee.”
Jechuunis, goflaa.
Ykn., “badhaasa guutuu.”
Kal., “garaa.”
Ykn tarii, “bissii.”
Jechuunis, nadoo ykn ladoo.
Eefaan tokko gara 22 L ti. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Fira rakkina keessaa bitee baasuuf mirga qabu argisiisa.
Kal., “bakka boqonnaa.”
Ykn., “qulleeffata.”
Kal., “karri saba kootii hundi.”
Safartuu siihii jaʼa ykn gara 44 L taʼuu dandaʼa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “Ati eenyu?”
Ykn., “jechi ragaa.”
Kal., “karra magaalattii mana isaa.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “guddiftuu isaa taate.”
Kal., “dhaloonni.”