MIIKIYAAS
1 Bara mootota Yihudaa+ Yootaam,+ Akaazii+ fi Hisqiyaasitti+ dubbiin Yihowaa gara Miikiyaas*+ isa nama Moresheet dhufee fi inni waaʼee Samaariyaa fi Yerusaalem mulʼataan arge isa kana:
2 “Yaa namoota nana, dhagaʼaa!
Laftii fi ishii keessa kan guuttanis xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa,
Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan,
Eeyyee, Yihowaan mana qulqullummaa isaa keessaa isin irratti ragaa haa baʼu.+
3 Sababiin isaas, kunoo, Yihowaan iddoo isaatii gad ni baʼa;
Inni gad buʼee iddoowwan ol kaʼoo lafaa irra ni ejjeta.
4 Akkuma gagaan ibidda duratti taʼu,
Akkuma bishaan irraan gadee irra gad dhangalaʼutti,
Gaaronni isa jalatti ni baqu,+
Sululawwanis* ni baqaqu.
5 Kun hundi kan taʼu fincila Yaaqoobiin,
Cubbuu mana Israaʼeliin kan kaʼe dha.+
Fincilli Yaaqoob maali dha?
Samaariyaa mitii?+
Iddoowwan ol kaʼoon Yihudaa hoo maal faʼi?+
Yerusaalem mitii?
6 Ani Samaariyaa tuullaa diiggaa dirree keessa jiru,
Akkasumas iddoo muka wayinii dhaaban nan godha;
Dhagoota ishii sululatti gad nan darbadha,*
Buʼuurawwan ishiis qullaatti nan hambisa.
7 Fakkiiwwan ishii warri bocamanii tolfaman hundi ni caccabsamu,+
Kennaawwan ishiin akka gatiitti fudhatte* hundi ibiddaan ni gubamu.+
Waaqolii tolfamoo ishii hundumaa nan balleessa.
Wantoota kana kan walitti qabatte mindaa sagaagalummaa ishiitiin argatteen waan taʼeef,
Ammas isaan mindaa sagaagaltuudhaaf kennamu ni taʼu.”
Akkuma sardiidaatti nan iyya,
Akkuma guchiittis nan gadda.
Dhaʼichi sun hamma karra saba kootti, hamma Yerusaalemitti babalʼateera.+
10 “Kana Gaat keessatti hin beeksisinaa;
Matumaa hin booʼinaa.
Beet* Afraatti biyyoo keessa gangaladhaa.
11 Yaa jiraattota* Shaafiir, qullaa keessan salphinaan ceʼaa.
Jiraattonni* Zaʼaanaan gad hin baane.
Beet Ezeel keessa booʼichi ni jiraata; ishiinis isin gargaaruu ni dhiisti.
12 Jiraattonni* Maarot wanta gaarii eeggatan,
Haa taʼu malee, Yihowaa biraa wanti hamaan karra Yerusaalem irratti gad ni buʼe.
13 Yaa jiraattota* Laakiish,+ gaarii keessan fardeenitti hidhaa.
Cubbuun intala Xiyoon isin irraa dhufe,
Sababiin isaas, fincilli Israaʼel si keessatti argameera.+
14 Kanaafuu, ati yommuu ishiin si biraa deemtu Moresheet Gaatiif kennaa ni kennita.
Manni Akziib+ mootota Israaʼel gowwoomsee ture.
15 Yaa jiraattota* Maareshaa,+ isa moʼu* sana isin irratti nan fida.+
Ulfinni Israaʼel hamma Adulaamitti+ ni dhufa.
16 Ijoollee kee warra jaallattuuf rifeensa kee muradhu, mataa kees haaddadhu.
Isaan boojuudhaan si jalaa waan fudhatamaniif,+
Akkuma risaatti mataa kee moluu godhi.”
2 “Warra wanta miidhaa geessisu yaadaniif,
Warra siree isaanii irratti wanta hamaa karoorfataniif wayyoo!
Isaan yommuu bariʼu wanta sana ni raawwatu,
Sababiin isaas, humni kana ittiin raawwatan harka isaanii keessa jira.+
2 Isaan maasii ni hawwu, ni qabatus;+
Mana ni hawwu, isas ni fudhatu;
Nama gowwoomsanii mana isaa ni fudhatu,+
Dhaala isaas jalaa ni fudhatu.
3 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha:
‘Kunoo, ani badiisa isin jalaa miliquu* hin dandeenye+ isin irratti fiduuf karoorfadheera.+
Kun yeroo badiisaa waan taʼeef,+ isin kana booda of tuulummaadhaan hin deddeebitan.+
4 Guyyaa sanatti namoonni waaʼee keessan ni mammaaku,
Mararamaniis isiniif ni booʼu.+
Isaan akkana jedhu: “Nuti guutummaatti badneerra!+
Inni dhaala keenya fuudhee warra kaaniif kenneera, eeyyee, dhaalli keenya badeera!+
Maasii keenyas saba amanamaa hin taaneef kenneera.”
5 Kanaafuu, gumii Yihowaa keessatti,
Nama wadaroo safaraatiin lafa hiru hin qabaattu.
6 Isaan, “Lallabuu dhiisaa!
Wantoonni kun lallabamuu hin qaban;
Salphinni nu irra hin gaʼu!” jedhanii lallabu.
7 Yaa mana Yaaqoob, namoonni,
“Hafuurri Yihowaa obsa dhabee?
Kun gochawwan isaa tii?” jechaa jiruu?
Dubbiin koo namoota qajeelummaadhaan deddeebiʼaniif wanta gaarii hin argamsiisuu?
8 Haa taʼu malee, sabni koo dhiheenya kana akka diinaatti kaʼeera.
Namoota akkuma waan waraana irraa deebiʼanitti ofitti amanannaadhaan darban irraa,
Faaya isa bareedaa uffataa wajjin* fuulleetti baastanii fudhattaniittu.
9 Dubartoota saba kootii manneen isaanii gammachuudhaan keessa jiraatan keessaa ariitaniittu;
Ijoollee isaanii irraas simboo koo bara baraaf fudhattaniittu.
10 Kun iddoo boqonnaa waan hin taaneef, kaʼaatii deemaa.
Xuraaʼummaadhaan kan kaʼe+ badiisni, eeyyee, badiisni cimaan ni dhufa.+
11 Namni tokko bubbee fi gowwoomsaa duukaa buʼee,
“Ani waaʼee daadhii wayinii fi waaʼee dhugaatii alkoolii siif nan lallaba” jedhee soba yoo dubbate,
Inni lallabduu wanta saba kana gammachiisu dubbatu taʼa!+
12 Yaa Yaaqoob, ani hunda keessan dhugumaan walitti nan qaba;
Warra Israaʼel keessaa hafan dhugumaan walitti nan qaba.+
Akkuma hoolota goorannoo keessa jiraniitti,
Akkuma bushaayee kaloo isaanii irra jiraniitti walitti isaan qabee tokkummaa akka qabaatan nan godha;+
Bakki sun waca namootaatiin ni guutama.’+
13 Inni cabsee baʼu isaan dura ni deema;
Isaan cabsanii ni baʼu, karricha keessa darbanii achiin ni baʼu.+
Mootiin isaanii isaan dura buʼee ni darba,
Yihowaanis isaan dura ni deema.”+
3 Ani akkana nan jedhe: “Yaa dura buutota Yaaqoob,
Isin ajajjoonni mana Israaʼel, maaloo dhagaʼaa.+
Wanta sirrii beekuun isin irra hin jiruu?
2 Isin garuu wanta gaarii ni jibbitu,+ wanta hamaa immoo ni jaallattu;+
Saba koo irraa gogaa isaanii ni quncistu, lafee isaanii irraas foon ni kaastu.+
3 Kana malees foon saba kootii ni nyaattu,+
Gogaa isaaniis irraa ni baastu,
Akkuma wanta distiitti affeelameetti, akkuma foon distii keessa jiruutti,
Lafee isaanii caccabsitanii ni hurreessitu.+
4 Yeroo sanatti isaan gargaarsaaf Yihowaa ni waammatu,
Inni garuu deebii isaaniif hin kennu.
5 Yihowaan raajota warra saba koo karaa irraa jalʼisan+
Warra yeroo ilkaan isaaniitiin waa ciniinanitti,*+ ‘Nagaa dha!’ jedhanii labsan,+
Nama afaan isaanii keessa homaa hin keenye irratti immoo waraana labsaniin* akkana jedha:
6 ‘Halkan isinitti ni dhufa;+ mulʼata hin argitan;+
Dukkanni isinitti ni dhufa malee, hooda hin dubbattan.
Raajota irratti aduun ni lixxi,
Guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa.+
7 Warri mulʼata argan ni qaanaʼu,+
Warri hooda dubbatanis abdii ni kutatu.
Deebiin Waaqayyo biraa dhufu waan hin jirreef,
Hundi isaanii iyyuu qaaniidhaan afaan isaanii ni qabatu.’”
8 Ani garuu Yaaqoobitti fincila isaa, Israaʼelittis cubbuu isaa akkan himuuf,
Hafuura Yihowaatiin humnaan,
Haqaa fi jabinaan guutameera.
9 Isin dura buutonni mana Yaaqoob,
Isin ajajjoonni mana Israaʼel,+ maaloo, kana dhagaʼaa,
Isin warri haqa jibbitanii fi wanta qajeelaa taʼe hundumaa jalʼistan,+
10 Warri Xiyooniin dhiiga dhangalaasuudhaan, Yerusaalemiinis jalʼinaan ijaartan+ kana dhagaʼaa.
Taʼus, “Yihowaan nuu wajjin jira mitii?+
Badiisni nutti hin dhufu”+
Jedhanii Yihowaatti amanamu.*
12 Kanaafuu, isiniin kan kaʼe
Xiyoon akkuma maasiitti ni qotamti,
Yerusaalem tuullaa diiggaa ni taati,+
Gaarri Manichaas* akkuma iddoowwan ol kaʼoo bosona keessa jiranii* ni taʼa.+
4 Guyyoota dhumaatti,
Gaarri mana Yihowaa+
Fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata,
Tabbawwanii olittis ol ni kaafama,
Namoonnis gara isaatti ni yaaʼu.+
2 Saboonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:
“Kottaa, gara gaara Yihowaatti,
Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+
Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,
Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”
Sababiin isaas, seerri* Xiyoon keessaa,
Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.
3 Inni namoota hedduu gidduutti murtii ni kenna,+
Dhimmoota saboota jajjaboo fagoo jiraniitiifis furmaata ni argamsiisa.
Isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti,
Eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru.+
Sabni saba irratti goraadee hin kaasu,
Isaan kana booda waraana hin baratan.+
4 Tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jala ni taaʼu,*+
Eenyu iyyuu isaan hin sodaachisu,+
Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa kana dubbateera.
5 Namoonni hundi tokkoon tokkoon isaanii maqaa waaqa isaaniitiin ni deddeebiʼu,
Nuti garuu baraa hamma bara baraatti maqaa Waaqa keenya Yihowaatiin ni deddeebina.+
Warran miidhe sanaa wajjin nan sassaaba.+
7 Ani inni okkolu, lubbuudhaan akka oolu,+
Inni fagootti ariʼamee tures saba jabaa akka taʼu nan godha;+
Yihowaanis ammaa jalqabee bara baraaf
Gaara Xiyoon irratti isaan irratti mootii taʼee ni bulcha.
8 Ati garuu yaa masaraa bushaayee,
Yaa tabba intala Xiyoon,+
Inni gara keetti ni deebiʼa, eeyyee, bulchiinsi jalqabaa* gara keetti ni deebiʼa,+
Mootummaan intala Yerusaalem ni dhufa.+
9 Amma maaliif sagalee kee guddistee iyyita?
Akkuma dubartii daʼumsa irra jirtuutti ciniinsuun kan si qabate,+
Ati mootii hin qabduu?
Moo gorsitoota keetu dhume?
10 Yaa intala Xiyoon, akkuma dubartii daʼumsa irra jirtuutti,
Dhidhiittadhu, aadi,
Sababiin isaas, amma magaalattii keessaa baatee dirree keessa ni jiraatta.
Hamma Baabilonitti ni deemta,+
Achittis ni oolta;+
Achitti Yihowaan harka diinota kee keessaa deebisee si fura.+
11 Saboonni hedduun si irratti walitti ni qabamu;
Isaan, ‘Ishiin haa xurooftu,
Kun Xiyoon irra yommuu gaʼu ijji keenya haa argu’ ni jedhu.
12 Haa taʼu malee, isaan yaada Yihowaa hin beekan,
Kaayyoo* isaas hin hubatan;
Inni akkuma midhaan reefuu haamameetti oobdii irratti walitti isaan ni qaba.
13 Yaa intala Xiyoon, kaʼiitii midhaan siribsiisi;+
Sababiin isaas, ani gaanfa kee gara sibilaatti nan jijjiira,
Kottee kees gara sibiila diimaatti nan jijjiira,
Atis saboota hedduu ni caccabsita.+
Buʼaa isaan karaa sirrii hin taaneen argatan Yihowaadhaaf,
Qabeenya isaaniis Gooftaa guutummaa lafaa isa dhugaatiif adda ni baasta.”+
Isaan maddii* abbaa murtii Israaʼel uleedhaan ni rukutu.+
Ishii kumaatama* Yihudaa gidduutti baayʼee xinnoo taate nana,
Inni Israaʼel irratti bulchaa taʼu,
Inni maddi isaa kan bara durii taʼee fi bara dheeraa dura ture si keessaa anaaf ni baʼa.+
3 Kanaafuu, ishiin daʼuuf jettu yeroon itti deessu hamma gaʼutti,
Waaqayyo isaan ni dhiisa.
Obboloonni isaa warri hafanis gara saba Israaʼelitti ni deebiʼu.
4 Inni jabina Yihowaatiin,
Guddina maqaa Yihowaa Waaqa isaatiin ni dhaabbata, ni tiksas.+
Asoorichi biyya keenya weeraree masaraawwan keenya warra ciccimoo irra yoo dhidhiite,+
Nuti tiksitoota torba, eeyyee, bulchitoota* saddeet ilmaan namootaa keessaa isa irratti ni kaasna.
6 Isaan biyya Asoor goraadeedhaan ni tiksu,+
Karra biyya Naamrudis+ ni toʼatu.
Yommuu Asoorichi dhufee biyya keenya weeraruu fi naannoo keenya dhidhiitutti,
Inni isa irraa nu oolcha.+
7 Warri Yaaqoob keessaa lubbuudhaan oolan,
Saboota hedduu gidduutti akkuma fixeensa Yihowaa biraa dhufuu,
Akkuma rooba biqiltuu irratti roobu
Isa nama hin abdanne
Yookiin ilmaan namootaa hin eeggannee ni taʼu.
8 Warri Yaaqoob keessaa lubbuudhaan oolan,
Saboota keessatti, namoota hedduu gidduutti,
Akkuma leenca bineensota bosonaa gidduu jiruu,
Akkuma leenca saafela tuuta hoolotaa gidduu jiru
Isa isaan gidduu darbee isaan butuudhaan isaan cicciruu ni taʼu;
Kan isaan oolchus hin jiru.
9 Harki kee hamajaajota kee irratti ni kaʼa,
Diinonni kee hundi ni balleeffamu.”
10 Yihowaan akkana jedha;
“Guyyaa sanatti ani fardeen kee si gidduudhaa nan balleessa, gaariiwwan fardaa kees nan barbadeessa.
11 Magaalota biyya keetii nan balleessa,
Iddoowwan dallaa dhagaa qaban hundumaas nan diiga.
13 Fakkiiwwan kee warra bocamanii fi siidaawwan kee si gidduudhaa nan balleessa,
Atis kana booda hojii harka keetiitiif hin sagaddu.+
15 Ani saboota hin ajajamne irratti,
Aarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa.”
6 Maaloo, wanta Yihowaan jedhu dhagaʼaa.
Kaʼaa, gaarota duratti dhimma seeraa keessan dhiheeffadhaa,
Tabbawwanis sagalee keessan haa dhagaʼan.+
2 Yaa gaarota nana, yaa hundeewwan lafaa warri ciccimoo taatan,
Falmii seeraa Yihowaa dhagaʼaa,+
Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa wajjin falmii seeraa qaba;
Inni saba Israaʼeliin ni falma:+
3 “Yaa saba koo, maalan si godhe?
Akkamittan si dadhabsiise?+
Mee ragaa na irratti baʼi.
4 Ani biyya Gibxii keessaa si baaseera,+
Mana garbummaa jalaas si fureera;+
Musee, Aaronii fi Miiriyaamiin+ si dura ergeera.
5 Gochawwan qajeelummaa Yihowaa beekuu akka dandeessuuf,
Yaa saba koo, maaloo, yaada Baalaaq mootiin Moʼaab dhiheessee+ fi
Deebii Balaʼaam ilmi Be’or isaaf kenne,+
Wanta Shitiim+ irraa kaasee hamma Gilgaalitti+ raawwatame yaadadhu.”
6 Ani maal fudhadheen Yihowaa duratti dhihaadha?
Maal fudhadheen Waaqa isa ol gubbaa jiru duratti sagada?
Aarsaawwan guutummaatti gubamanii fi
Jabbiiwwan waggaa tokkoo qabadhee isa duratti dhihaadhuu?+
7 Yihowaan korbeeyyii hoolaa kumaan lakkaaʼamanitti,
Zayitii safartuu guguddaa kuma kudhaniin lakkaaʼamutti ni gammadaa?+
8 Yaa namaa, inni wanta gaarii taʼe sitti himeera.
Yihowaan maal si irraa* barbaada?
Haqa* akka raawwattu,+ amanamummaa akka jaallattu,*+
Gad of qabuudhaan*+ Waaqa kee wajjin akka deddeebitu qofa mitii?+
9 Sagaleen Yihowaa magaalattii ni waama;
Warri ogummaa qaban maqaa kee ni sodaatu.
Ulee sanaa fi isa isa ramade sanaaf xiyyeeffannaa kennaa.+
10 Mana nama jalʼaa keessa qabeenyi jalʼinaan argamee fi
Safartuun eefaa* hirʼuun inni jibbisiisaa taʼe amma iyyuu jiraa?
11 Ani madaallii jalʼaa fi
Dhagaa madaallii sobaa utuun harkaa qabuu karaa naamusaa qulqulluu taʼuu nan dandaʼaa?+
12 Sababiin isaas, namoonni ishii warri sooreyyiin jeequmsaan guutamaniiru;
Jiraattonni ishii soba dubbatu;+
Arrabni isaaniis gowwoomsituu dha.+
13 “Kanaafuu, ani si rukutee sin madeessa,+
Cubbuu keetiin kan kaʼes ona sin godha.
14 Ati ni nyaatta, garuu hin quuftu;
Keessi kee duwwaa ni taʼa.+
Wanta fudhattu eeggattee turfachuu hin dandeessu,
Wanta ati eeggattee turfatte immoo goraadeetti dabarsee nan kenna.
15 Sanyii ni facaafatta, garuu midhaan hin galfattu.
Zayitii baafachuuf firii ejersaa ni dhidhiitta, garuu zayitii isaatti hin fayyadamtu;
Daadhii wayinii haaraa ni qopheeffatta, garuu daadhii wayinii hin dhugdu.+
16 Sababiin isaas, ati dambiiwwan Omrii fi gocha mana Ahaab hundumaa ni hordofta,+
Akka gorsa isaaniittis ni deddeebita.
Ani, siin wanta sodaachisu,
Jiraattota ishii immoo wanta itti siiqsamu kanan godhu kanaafi;+
Ati qoosaa sabootaa ni baatta.”+
7 Anaaf wayyoo! Ani akka nama
Firiin bonaa erga walitti qabamee fi
Yeroon firiin wayinii walitti qabamu darbee qaarmiin erga funaanamee booda
Firii wayinii walitti tuutaʼe nyaataaf hin argannee taʼeera,
Harbuu jalqaba gaʼu kanan* dharraʼe taʼus hin arganne.
2 Namni amanamaan lafa irraa badeera;
Namoota gidduu namni qajeelaan hin jiru.+
Hundi isaanii iyyuu dhiiga dhangalaasuuf riphanii eeggatu.+
Tokkoon tokkoon namaa obboleessuma isaa saaphana qurxummiitiin ni adamsa.
3 Harki isaanii wanta hamaa hojjechuu irratti dandeettii guddaa qaba;+
Bulchaan waa gaafata,+
Abbaan murtii gatii gaafata,
Namni beekamaan fedhii isaa* ibsata,+
Isaan waliin taʼanii hammina qopheessu.*
4 Isaan keessaa inni hundumaa irra wayyu akka qoree ti,
Inni hundumaa caalaa qajeelaa taʼes dallaa qoree caalaa hammaata.
Guyyaan eegdonni kee waaʼee isaa dubbatan, guyyaan ati itti qoratamtu ni dhufa.+
Amma isaan ni sodaatu.+
5 Hiriyaa keessan hin amaninaa,
Yookiin michuu dhihoo keessanitti hin amanaminaa.+
Ishii hammattee ciistu sanatti wanta dubbattu ilaalchisee of eeggadhu.
6 Sababiin isaas, ilmi abbaa isaa ni tuffata,
Intalli haadha ishii irratti ni kaati,+
Haati manaa ilmaas amaatii ishii irratti ni kaati;+
Diinonni namaa miseensota maatii isaa ti.+
7 Ani garuu dammaqinaan Yihowaa eeggachuu koo ittan fufa.+
Waaqa fayyinaa koo obsaan* nan eeggadha.+
Waaqni koo na dhagaʼa.+
8 Yaa diina* koo, rakkina kootti hin gammadin.
Kanan kufe taʼus, nan kaʼa;
Dukkana keessa kanan jiraadhu taʼus, Yihowaan ifa koo ni taʼa.
9 Ani cubbuu waanan isa irratti hojjedheef,+
Hamma inni dhimma koo irratti naaf falmuttii fi haqa naaf argamsiisutti
Dheekkamsa Yihowaa nan baadha.
Inni gara ifaatti na baasa;
Anis qajeelummaa isaa nan ilaala.
10 Diinni koos ni argiti,
Ishii, “Waaqni kee Yihowaan eessa jira?”+
Naan jette qaaniin ni haguuga.
Ijji koo ishii ni ilaala.
Amma ishiin akkuma dhoqqee daandii irra jiruutti ni dhidhiitamti.
11 Guyyaa sanatti dallaawwan dhagaa kee ni ijaaramu;
Guyyaa sanatti daangaan biyya keetii ni balʼata.
12 Guyyaa sanatti namoonni Asoorii fi magaalota Gibxii keessa jiran,
Akkasumas Gibxiidhaa hamma Lagichaatti,*
Galaanaa hamma galaanaattii fi gaaraa hamma gaaraatti jiran
Gara kee ni dhufu.+
13 Biyyattiinis jiraattota ishiitiin kan kaʼe,
Wanta isaan raawwataniin* kan kaʼe ona ni taati.
14 Saba kee, bushaayee dhaala keetii,
Isa bosona keessa, maasii fuduraa gidduu kophaa isaa jiraachaa ture sana ulee keetiin tiksi.+
Isaan akkuma bara durii Baashaanii fi Giiliyaad keessa haa dheedan.+
15 “Akkuman yeroo biyya Gibxii keessaa baatanitti godhe,
Wantoota dinqisiisoo isinitti nan argisiisa.+
16 Saboonni kana ni ilaalu, isaan ciccimoo taʼanis ni salphatu.+
Harka isaaniitiin afaan isaanii ni qabatu;
Gurri isaaniis ni duuda.
17 Isaan akkuma bofaa biyyoo arraabu;+
Akkuma uumamawwan lafa irra loʼaniis hollachaa dahoo isaanii keessaa ni baʼu.
Isaan sodaadhaan romʼaa gara Waaqa keenya Yihowaa ni dhufu,
Siinis ni sodaatu.”+
18 Waaqni akka keetti
Warra dhaala isaa keessaa hafaniif+ balleessaa isaanii isaaniif dhiisuu fi dogoggora isaanii irra isaaniif darbu eenyu?+
Inni jaalala amanamaatti waan gammaduuf,
Bara baraaf akkuma dheekkametti itti hin fufu.+
19 Inni ammas gara laafina nutti argisiisa;+ balleessaa keenyas toʼannaa jala ni galcha.*
Ati cubbuu isaanii hundumaa galaana gad fagoo keessatti ni darbatta.+
20 Ati akkuma bara duriitti abbootii keenyaaf kakattetti,+
Yaaqoobitti amanamummaa,
Abrahaamittis jaalala amanamaa ni argisiista.
Maqaan Mikaaʼel (“Kan Akka Waaqayyoo Eenyu?” jechuu dha) ykn Mikaayaa (“Kan Akka Yihowaa Eenyu?” jechuu dha) jedhu gabaabfamee yommuu barreeffamu.
Ykn., “Dirreewwan gad buʼoonis.”
Kal., “nan dhangalaasa.”
Ykn., “Mindaan sagaagalummaa ishii.”
Ykn., “Mana.”
Kal., “jiraattuu.”
Kal., “Jiraattuun.”
Kal., “Jiraattuun.”
Kal., “jiraattuu.”
Kal., “jiraattuu.”
Ykn., “saamu.”
Kal., “morma keessan jalaa baafachuu.”
Ykn tarii, “uffata irraa.”
Ykn tarii, “wanta alanfatan qabaatanitti.”
Kal., “qulqulleessaniin.”
Kal., “Mataawwan.”
Ykn., “meetiidhaan.”
Ykn., “Yihowaatti akka amanaman dubbatu.”
Ykn., “mana qulqullummaas.”
Ykn., “tabba mukeetiidhaan guutamee.”
Ykn., “barumsi.”
Ykn., “ni jiraatu.”
Kal., “ishii okkoltu.”
Ykn., “durii.”
Ykn., “Gorsa.”
Ykn., “boqoo.”
Ykn., “qomoowwan.”
Ykn., “geggeessitoota.”
Kal., “harka kee irraa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu kootiifis.”
Ykn., “maal deebistee akka isaaf kennitu.”
Ykn., “Wanta sirrii.”
Ykn., “jaalala keetiin gaarummaa akka argisiistuu fi amanamaa akka taatu.” Kal., “jaalala amanamaa akka jaallattu.”
Ykn., “Humna kee beektee.”
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “lubbuun koo kan.”
Ykn., “wanta lubbuun isaa dharraʼe.”
Kal., “walitti foʼu.”
Ykn., “ilaalcha sirrii qabaadhee.”
Afaan Ibrootaatiin jechi “diina” jedhamee hiikame dubartii argisiisa.
Jechuunis, Efraaxis.
Kal., “Firii gocha isaaniitiin.”
Ykn., “ni dhidhiita; ni injifata.”