Ermiyaas
51 Yihowaan akkana jedha:
2 Warra midhaan afarsan Baabilon irratti nan erga,
Isaan ishii ni afarsu, biyya ishiis duwwaa ni godhu;
Guyyaa badiisaatti kallattii hundumaatiin ishiitti ni dhufu.+
3 Namni iddaa darbatu iddaa isaa hin dabsin.*
Namni tokko illees kootii sibiilaa isaa uffatee hin dhaabbatin.
Dargaggoota ishiitti gara laafina hin argisiisinaa.+
Raayyaa waraanaa ishii hundumaa guutummaatti balleessaa.
4 Isaan biyya Kaladootaa keessatti ajjeefamanii,
Daandiiwwan ishii irrattis waraanamanii ni kukkufu.+
5 Yihowaan Gooftaan Raayyaa Israaʼelii fi Yihudaa hin dhiisne; isaan akka dubartii abbaan manaa irraa duʼee hin taane.+
Haa taʼu malee, akka ilaalcha Isa Qulqulluu kan Israaʼelitti biyyi isaanii* yakkaan guutamteetti.
Balleessaa ishiitiin kan kaʼe hin dhuminaa.
Sababiin isaas, yeroon kun yeroo Yihowaan haaloo itti baʼu dha.
Inni wanta ishiin raawwatteef gatii ishii ishiidhaaf ni deebisa.+
7 Baabilon harka Yihowaa keessatti xoofoo warqii taateetti;
Ishiin guutummaa lafaa macheessiteetti.
8 Baabilon akkuma tasaa kufteetti, cabdeettis.+
Ishiidhaaf booʼaa!+
Tarii fayyuu waan dandeessuuf, dhukkuba ishiitiif zayitii baalsaamii fidaa.”
9 “Nuti Baabiloniin fayyisuuf yaallee turre, ishiin garuu fayyuu hin dandeenye.
Ishii dhiisaa, tokkoon tokkoon keenya gara biyya keenyaa haa deemnu.+
Sababiin isaas, murtiin ishii samii bira gaʼeera;
Hamma duumessa bira gaʼuttis ol kaʼeera.+
10 Yihowaan haqa nuuf argamsiiseera.+
Kottaa, Xiyoon keessatti hojii Waaqa keenya Yihowaa haa dubbannu.”+
11 “Xiyyawwan qaradhaa;+ gaachanootas qabadhaa.*
Yihowaan Baabiloniin ona gochuu waan barbaadeef,
Hafuura mootota Meedon kakaaseera.+
Sababiin isaas, Yihowaan haaloo ni baʼa, inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo ni baʼa.
12 Dallaawwan Baabilon haleeluuf mallattoo* dhaabaa.+
Eegumsa isaa cimsaa, waardiyyoota dhaabaa.
Warra riphanii eegan qopheessaa.
Sababiin isaas, Yihowaan karoora kana qopheesseera,
Inni wanta jiraattota Baabilon irratti raawwachuuf waadaa gale ni raawwata.”+
14 Yihowaan Gooftaan Raayyaa,
‘Ani namoota akkuma awwaannisaa baayʼee hedduu taʼaniin sin guuta,
Isaanis miira injifannootiin si irratti ni iyyu’+ jedhee ofii* isaatiin kakateera.
15 Inni isa humna isaatiin lafa tolche,
Isa ogummaa isaatiin dachee oomisha kennitu hundeessee+ fi
Hubannaa isaatiin samiiwwan diriirse dha.+
16 Sagalee isaa yommuu dhageessisu,
Bishaanonni samiiwwan keessa jiran ni jeeqamu,
Inni duumessoonni* andaara lafaatii akka ol baʼan ni godha.
17 Namni hundi hubannaa fi beekumsa hin qabu.
Namni sibiila tumu hundi fakkii bocameen kan kaʼe ni qaanaʼa;+
Sababiin isaas, fakkiin isaa inni sibiila irraa tolfame* soba dha,
Hafuurris fakkiiwwan kana keessa hin jiru.+
18 Isaan abjuu*+ fi hojii itti qoosamu dha.
Guyyaan itti qorataman yommuu dhufu ni badu.
19 Qoodni Yaaqoob akka wantoota kanaa miti,
Sababiin isaas, inni isa wanta hundumaa tolche dha,
Inni ulee dhaala isaa ti.+
Maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.”+
20 “Ati anaaf ulee waraanaa, meeshaa waraanaa ti,
Sababiin isaas, ani sitti fayyadamee saboota nan caccabsa.
Sitti fayyadamee mootummoota nan diiga.
21 Sitti fayyadamee fardaa fi abbaa fardaa nan caccabsa.
Sitti fayyadamee gaarii fardaa waraanaa fi isa isa oofu nan caccabsa.
22 Sitti fayyadamee dhiiraa fi dubartii nan caccabsa.
Sitti fayyadamee maanguddoo fi mucaa nan caccabsa.
Sitti fayyadamee dargaggeessaa fi shamarree nan caccabsa.
23 Sitti fayyadamee tiksee fi bushaayee isaa nan caccabsa.
Sitti fayyadamee qonnaan bulaa fi tuuta horii isaa nan caccabsa.
Sitti fayyadamee bulchitootaa fi bulchitoota gad aanoo nan caccabsa.
24 Ani hammina isaan Xiyoon keessatti ija keessan duratti raawwatan hundumaatiif,
Baabilonii fi jiraattota biyya Kaladootaa hundumaatiif gatii isaanii nan deebisa”+ jedha Yihowaan.
25 Yihowaan akkana jedha: “Yaa gaara badiisa geessistu,
Yaa isa guutummaa lafaa balleessitu nana,+ kunoo, ani si irratti kaʼeera.+
Ani harka koo si irratti diriirsee qarsaawwan irraa sin gangalcha,
Gaara gubates sin godha.”
26 “Ati bara baraaf ona waan taatuuf,
Namoonni dhagaa golee yookiin dhagaa buʼuuraa si irraa hin fudhatan”+ jedha Yihowaan.
27 “Biyyattii keessatti mallattoo* dhaabaa.+
Saboota gidduutti xurumbaa afuufaa.
Saboota ishii irratti ramadaa.*
Mootummoota Araaraat,+ Miinii fi Ashkenaaz+ ishii irratti waamaa.
Ajajaa loltoota filatu ishii irratti ramadaa.
Fardeenis akka awwaannisaatti akka itti dhufan godhaa.
28 Saboota ishii irratti ramadaa,*
Mootota Meedon,+ bulchitoota ishii fi bulchitoota ishii warra gad aanoo hundumaa,
Akkasumas biyyoota isaan jalatti bulan hundumaa ishii irratti ramadaa.
29 Wanti Yihowaan Baabilon irratti yaade,
Jechuunis wanti inni biyyi Baabilon kan sodaachistuu fi bakka namni keessa hin jiraanne akka taatu gochuuf yaade waan raawwatamuuf,
Lafti ni kirkirti, ni raafamtis.+
30 Loltoonni Baabilon waraana dhaabaniiru.
Isaan dahoo isaanii keessa taaʼaniiru.
Humni isaanii laafeera.+
Isaan akkuma dubartootaa taʼaniiru.+
Manneen ishii ibiddaan gubamaniiru.
Danqaraawwan ishii cabaniiru.+
31 Magaalaan isaa kallattii hundumaatiin qabamuu ishii mootii Baabilonitti himuuf,
Namni ergaa dabarsu tokko nama ergaa dabarsu kan biraa argachuuf,
Ergamaan tokkos ergamaa kan biraa argachuuf ni fiiga;+
32 Malkaawwan qabamuu isaanii,+
Bidiruuwwan dhallaadduu ibiddaan gubamuu isaanii,
Loltoonnis sodaachuu isaanii itti himuuf ni fiiga.”
33 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
“Intalli Baabilon akkuma oobdii ti.
Yeroon ishiin humnaan itti dhidhiitamtu amma dha.
Yeroo gabaabaa keessatti yeroon makaraa ishii ni dhufa.”
Inni akkuma miʼa duwwaatti lafa na kaaʼeera.
Akka bofa guddaatti na liqimseera;+
Wantoota gaggaarii ani qabuun garaa isaa guuttateera.
Inni na gateera.*
35 ‘Jalʼinni ana irrattis taʼe qaama koo irratti raawwatame Baabilon irra haa gaʼu!’ jetti ishiin Xiyoon keessa jiraattu.+
‘Dhiigni koo jiraattota biyya Kaladootaa irra haa taʼu!’ jetti Yerusaalem.”
36 Kanaan kan kaʼes Yihowaan akkana jedha:
Ani galaana ishii fi boollawwan bishaanii ishii nan gogsa.+
37 Baabilonis tuullaa dhagaa,+
Holqa sardiidotaa,+
Wanta sodaachisaa fi wanta itti siiqsamu,
Bakka namni keessa hin jiraannes ni taati.+
38 Hundi isaanii iyyuu akkuma leencota saafelaatti waliin ni baroodu.
Akkuma ilmoolee leencaatti ni gururiʼu.”
39 “Yommuu isaan dharraʼanitti,
Akka gammadaniif, affeerraa isaanii isaaniif nan qopheessa, isaan nan macheessas;+
Achiis hirriba bara baraa
Isa irraa dammaquu hin dandeenye ni rafu”+ jedha Yihowaan.
40 “Ani akkuma hoolota xobbaallaa,
Akkuma korbeeyyii hoolaa fi reʼoota qalmaaf geeffamaniitti gad isaan nan buusa.”
41 “Sheshaak* kan qabamte akkamitti!+
Ulfinni guutummaa lafaa kan qabamte akkamitti!+
Baabilon saboota gidduutti wanta sodaachisaa kan taate akkamitti!
42 Galaanichi Baabilon irratti dhufeera.
Bishaanota isaa warra hedduu taʼaniinis liqimfamteetti.
43 Magaalonni ishii wanta sodaachisaa, biyya bishaan hin qabnee fi gammoojjii taʼaniiru.
Isaan biyya namni keessa hin jiraannee fi namni keessa hin darbine taʼaniiru.+
44 Ani xiyyeeffannaa koo gara Beel+ isa Baabilon keessatti argamutti nan deebisa,
Wanta inni liqimses afaan isaa keessaa nan baasa.+
Kana booda saboonni gara isaatti hin yaaʼan,
Dallaan Baabilonis ni jiga.+
45 Yaa saba koo, ishii gidduudhaa baʼaa!+
Dheekkamsa Yihowaa isa bobaʼu jalaas+ lubbuu keessan oolfadhaa!+
46 Oduu biyyattii keessatti dhagaʼamu ilaalchisee hin naʼinaa, hin sodaatinaas.
Jalʼina biyyattii keessatti raawwatamuu fi bulchaan bulchaa irratti kaʼuu isaa ilaalchisee
Waggaa tokko oduun tokko,
Waggaa itti aanutti immoo oduun kan biraan ni dhagaʼama.
47 Kanaafuu, kunoo, guyyaan ani
Xiyyeeffannaa koo gara fakkiiwwan bocamoo Baabilonitti itti deebisu ni dhufa.
Guutummaan biyya ishii ni qaanaʼa,
Namoonni ishii warri ajjeefamanis ishii gidduutti ni kukkufu.+
48 Warri badiisa geessisan kaaba irraa waan ishiitti dhufaniif,+
Samiiwwanii fi lafti, wantoonni isaan keessa jiran hundis
Yommuu Baabilon kuftu ni ililchu”+ jedha Yihowaan.
49 “Baabilon akka ajjeefaman kan goote namoota Israaʼel qofa miti,+
Kanaa mannaa, namoonni guutummaa lafaas Baabilon keessatti ajjeefamaniiru.
50 Isin warri goraadee jalaa miliqxan, deemuu keessan itti fufaa malee hin dhaabbatinaa!+
Biyya fagoo irraa Yihowaa yaadadhaa,
Yerusaalemis garaa keessan keessa haa teessu.”+
51 “Nuti arrabsoo waan dhageenyeef, qaanofneerra.
Namoonni biyya ormaa* iddoowwan qulqulluu mana Yihowaatti waan dhufaniif,+
Salphinni fuula keenya haguugeera.”
52 Yihowaan akkana jedha: “Kanaafuu, kunoo guyyaan ani xiyyeeffannaa koo
Gara fakkiiwwan ishii warra bocamaniitti itti deebisu ni dhufa,
Guutummaa biyya ishii keessattis warri madaaʼan ni aadu.”+
53 “Baabilon gara samiiwwaniitti yoo ol baate illee,+
Dahoowwan ishii warra ol dheeratan yoo cimsatte illee,
Warri ishii balleessan ana biraa ishiitti ni dhufu”+ jedha Yihowaan.
54 “Ilaa, Baabilon keessaa iyyi tokko,
Biyya Kaladootaa keessaas sagaleen badiisa guddaa ni dhagaʼama,+
55 Sababiin isaas, Yihowaan Baabiloniin ni balleessa,
Sagalee ishii isa guddaas cal jechisiisa.
Dambaliiwwan isaanii akkuma bishaanota hedduutti ni huursu,
Sagaleen waca isaaniis ni dhagaʼama.
56 Sababiin isaas, inni badiisa geessisu Baabilon irratti ni dhufa;+
Yihowaan Waaqa haaloo baʼu waan taʼeef,+
Loltoonni ishii ni qabamu,+
Iddaawwan isaanii ni caccabu.
Inni dhugumaan gatii ishii ishiidhaaf ni deebisa.+
57 Ani guguddoota ishii fi namoota ishii warra ogeeyyii taʼan,
Bulchitoota ishii fi bulchitoota ishii warra gad aanoo, akkasumas loltoota ishii nan macheessa,+
Isaanis hirriba bara baraa
Isa irraa dammaquu hin dandeenye ni rafu”+ jedha Mootichi, inni maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe.
58 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
“Dallaan Baabilon balʼaa taʼus guutummaatti ni diigama,+
Karrawwan ishii dhedheeroo taʼanis ibiddaan ni gubamu.
Namoonni akkanumaan dhamaʼu;
Saboonnis ibidduma sooruuf of dadhabsu.”+
59 Zedeeqiyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, yommuu Seraayaan ilmi Neriyaa+ ilmi Maaseyaa mootichaa wajjin gara Baabilon deemetti ajajni Ermiyaas raajichi isaaf kenne isa kana; Seraayaan itti gaafatamaa mana mootummaa ture. 60 Ermiyaas badiisa Baabilon irratti dhufu hundumaa, jechuunis dubbii Baabiloniin ilaalchisee barreeffame kana hundumaa kitaaba tokko irratti ni barreesse. 61 Kana malees, Ermiyaas Seraayaadhaan akkana jedhe: “Gara Baabilon dhaqxee yommuu ishii argitu, dubbii kana hundumaa sagalee kee ol kaasii dubbisi. 62 Achiis, ‘Yaa Yihowaa, ati iddoon kun akka balleeffamu, namnis taʼe bineensi ishii keessatti akka hin hafnee fi bara baraaf ona akka taatu dubbatteetta’ jedhi.+ 63 Yommuu kitaaba kana dubbistee xumurtus isa irratti dhagaa hidhiitii Efraaxis gidduutti darbadhu. 64 Achiis, ‘Badiisa ani ishii irratti fiduun kan kaʼe Baabilonis akkuma kana gad ni lixxi, matumaas deebitee hin kaatu;+ isaanis ni bututu’+ jedhi.”
Dubbiin Ermiyaas as irratti xumurama.