Fakkeenya
11 Madaalliin sirrii hin taane* Yihowaa duratti jibbisiisaa dha,
2 Yeroo of tuulummaan dhufu salphinnis ni dhufa,+
Ogummaan garuu warra humna isaanii beekan biratti argama.+
3 Qajeelonni amanamummaan isaanii isaan qajeelcha,+
Gantoonni garuu jalʼinni isaanii isaan balleessa.+
5 Qajeelummaan nama balleessaa hin qabnee daandii isaa isaaf ni qajeelcha,
Namni hamaan garuu hammina isaatiin ni kufa.+
7 Namni hamaan yeroo duʼu abdiin isaa ni bada;
Wanti inni humna isaatiin argachuuf eeggatus ni bada.+
8 Namni qajeelaan dhiphina irraa ni oola,
Namni hamaan immoo bakka isaa ni buʼa.+
9 Namni gantuun* afaan isaatiin ollaa isaa irratti badiisa fida,
Qajeelonni garuu beekumsaan ni oolu.+
10 Gaarummaan qajeelotaa magaalaan akka gammaddu godha,
Namoonni hamoon yeroo badanis gammachuu guddaatu taʼa.+
12 Namni hubannaa* hin qabne hundi ollaa isaa tuffata,
Namni hubannaa dhugaa qabu garuu calluma jedha.+
13 Namni maqaa namaa balleessu iccitii baasaa asii fi achi deema,+
14 Qajeelfamni ogummaa irratti hundaaʼe hin jiru taanaan uummanni ni kufa,
15 Namni liqii nama ormaatiif wabii taʼu kam iyyuu miidhaan isa irra gaʼa,+
Namni harka rukutuudhaan waadaa galuu irraa fagaatu* garuu nagaadhaan jiraata.
19 Namni ciminaan qajeelummaadhaaf dhaabbatu jireenya argata,+
Namni wanta hamaa duukaa buʼu garuu ni duʼa.
20 Warri garaan isaanii jalʼaa taʼe Yihowaa duratti jibbisiisoo dha,+
Warri karaa isaanii irratti balleessaa hin qabne garuu isa ni gammachiisu.+
21 Waaʼee kanaa mirkanaaʼaa taʼi:* Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu,+
Ijoolleen qajeelotaa garuu ni oolu.
22 Dubartii bareedduun hubannaa tuffattu,
Akkuma amartii warqii funyaan booyyee irra jiruu ti.
23 Hawwiin qajeelotaa gara gaariitti geessa,+
Wanti hamoonni abdatan garuu gara aariitti geessa.
24 Namni tokko arjummaadhaan ni kenna,* dhuma irrattis wanta dabalataa ni argata,+
Namni kan biraan immoo wanta kennamuu qabu ni dhowwata, garuu ni hiyyooma.+
25 Namni* arjaan ni badhaadha,*+
Namni warra kaan dheebuu baasu* hundis ofii isaatiif dheebuu ni baʼa.+
26 Namoonni nama midhaan gurguruu didu ni abaaru,
Nama midhaan gurguru garuu ni eebbisu.
27 Namni dhimmee wanta gaarii raawwatu gaarummaa argata,+
Namni wanta hamaa barbaadu garuu wantuma sanatu isa irra gaʼa.+
29 Namni maatii isaa irratti rakkina* fidu hundi bubbee dhaala,+
Namni gowwaanis nama garaa ogeessa taʼe qabuuf tajaajilaa ni taʼa.
31 Namni qajeelaan lafa irratti argamu dhugumaan gatii isaa kan argatu erga taʼee,
Namni hamaanii fi namni cubbamaan hoo caalaatti gatii isaanii hin argatanii ree?+