XIMOTEWOS LAMMAFFAA
1 Phaawulos isa abdii jireenyaa karaa Kiristoos Yesuus+ kennamee wajjin haala wal simuun, fedhii Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa, 2 Ximotewos ilma koo isa jaallatamaadhaaf:+
Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus biraa gaarummaa guddaan, gara laafinnii fi nagaan siif haa taʼu.
3 Ani Waaqa isan akkuma abbootiin koo gochaa turanitti qalbii qulqulluudhaan tajaajila qulqulluu dhiheessuuf sana nan galateeffadha; kanaafuu, wawwaannaa ani halkanii fi guyyaa dhiheessu keessatti yeroo hundumaa sin yaadadha. 4 Imimmaan kee yommuun yaadadhu, si argee gammachuudhaan guutamuuf nan hawwa. 5 Amantii kee isa fakkeessaa hin qabne+ isa jalqaba akkoo tee Looyisii fi haadha tee Ewunqee keessa ture nan yaadadha, si keessas akka jiru nan amana.
6 Kanaan kan kaʼes, kennaa Waaqayyoo isa yommuu ani harka koo si irra kaaʼe sii kenname akka ibiddaatti akka qabsiistu sin yaadachiisa.+ 7 Sababiin isaas, Waaqayyo hafuura humnaa,+ hafuura jaalalaa fi hafuura sammuu fayyaa malee hafuura sodaa nuuf hin kennine.+ 8 Kanaafuu, waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuuttis taʼe ana isa isaaf jedhee hidhamee jirutti hin qaanaʼin;+ kanaa mannaa, humna Waaqayyootti amanamuudhaan+ atis gama keetiin rakkina misiraachichaan kan kaʼe si irra gaʼu dandaʼi.+ 9 Inni sababii hojii keenyaatiin utuu hin taʼin, kaayyoo isaa fi gaarummaa isaa isa guddaadhaan kan kaʼe nu oolcheera,+ waamicha qulqulluudhaanis nu waameera.+ Kunis Kiristoos Yesuusii wajjin haala wal qabateen yeroo dheeraa dura nuu kenname; 10 amma garuu mulʼachuu Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus,+ isa duʼa balleessee+ karaa misiraachichaa+ jireenyaa fi qaama hin tortorre+ irratti ifni akka ifu godhe+ sanaatiin akka gaariitti beekameera; 11 anis kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera.+
12 Rakkinni kun na irra gaʼaa kan jiru kanaafi;+ taʼus ani hin qaanaʼu.+ Sababiin isaas, ani isan amane sana beeka; inni hamma guyyaa sanaatti wantan imaanaadhaan itti kennadhe eeguu akka dandaʼu hin shakku.+ 13 Dubbii gaarii*+ isa ana irraa dhageesse akka qajeelfamaatti* hordofi; akka nama Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabuutti amantii fi jaalala argisiisuu kee itti fufi. 14 Wanta gaarii imaanaadhaan sitti kenname kana hafuura qulqulluu isa nu keessa jiraatuun+ eegi.
15 Figeelosii fi Hermogenes dabalatee namoonni koonyaa Eeshiyaa keessa jiran+ hundi na dhiisanii akka deeman beekta. 16 Gooftaan maatii Oneesiforositti+ gara laafina haa argisiisu; inni yeroo baayʼee na jajjabeesseera; funcaadhaan hidhamuu koottis hin qaanofne. 17 Inni yeroo Roomaa keessa turetti dhimmee na barbaadee na argateera. 18 Gooftaan keenya Yihowaan* guyyaa sanatti gara laafina isatti haa argisiisu. Atis tajaajila inni Efesoon keessatti raawwate hunda akka gaariitti beekta.
2 Kanaafuu yaa ilma koo,+ gaarummaa guddaa karaa Kiristoos Yesuus argamu irraa humna argachuu kee itti fufi; 2 wantoota ana irraa dhageessee fi ragaa baatota hedduudhaan mirkanaaʼe sana,+ namoota amanamoo taʼanitti imaanaadhaan kenni; isaan immoo warra kaan barsiisuuf gaʼumsa ni qabaatu. 3 Loltuu Kiristoos Yesuus isa gaarii+ waan taateef, gama keetiin rakkina si irra gaʼu dandaʼi.+ 4 Namni loltuu taʼee tajaajilu kam iyyuu isa loltuu godhee isa galmeesse biratti fudhatama argachuu waan barbaaduuf, buʼaa argachuuf jedhee hojii daldalaa* keessa hin seenu.* 5 Namni dorgommii irratti hirmaatu kam iyyuu, akka seera isaatti yoo dorgome malee gonfoo injifannoo hin argatu.+ 6 Qonnaan bulaan jabaatee hojjetu firii argamu irraa jalqaba hirmaachuu qaba. 7 Wantan dubbadhuuf yeroo hundumaa xiyyeeffannaa kenni; Gooftaan wantoota hundumaa irratti hubannaa siif kenna.
8 Yesuus Kiristoos duʼaa akka kaʼee+ fi sanyii Daawit+ akka taʼe yaadadhu; anis waaʼee kanaa misiraachoo lallabaan jira;+ 9 kanaan kan kaʼes akka nama yakkamaa tokkootti hidhamee rakkachaan jira.+ Haa taʼu malee, dubbiin Waaqayyoo hin hidhamu.+ 10 Kanaafuu, warri filataman ulfina bara baraa wajjin fayyina karaa Kiristoos Yesuus argamu akka argataniif,+ isaaniif jedhee wantoota hundumaa dandaʼee jiraachuu koo ittan fufa. 11 Dubbiin kun amanamaa dha: Nuti isaa wajjin yoo duune, isaa wajjin akka jiraannu beekamaa dha;+ 12 jabaannee dhaabbachuu keenya yoo itti fufne, isaa wajjin mootota taanee ni bulchina;+ yoo isa ganne, innis nu gana;+ 13 nuti yoo amanamoo taʼuu baanne, inni amanamaa akkuma taʼetti itti fufa; sababiin isaas, inni of ganuu hin dandaʼu.
14 Jechoota irratti akka wal hin falmine Waaqayyo duratti isaan ajajuudhaan* wantoota kana isaan yaadachiisuu kee itti fufi; wantoonni akkasii warra dhagaʼan miidhuu* malee matumaa faayidaa hin qaban. 15 Dubbii dhugaa sirriitti barsiisuudhaan+ akka hojjetaa waan itti qaanaʼu tokko illee hin qabneetti, Waaqayyo duratti fudhatama kan qabu gootee of dhiheessuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi. 16 Dubbii faayidaa hin qabnee fi wanta qulqulluu taʼe mormu irraa fagaadhu;+ sababiin isaas, wanti akkasii caalaatti Waaqayyoon tuffachuutti nama geessa; 17 dubbiin namoota akkasii akka gaangiriiniitti* babalʼachaa deema. Hemenewoosii fi Filexoos isaan keessaa tokko dha.+ 18 Namoonni kun duʼaa kaʼuun kanaan dura taʼeera+ jedhanii dubbachuudhaan dhugaa irraa jalʼataniiru; amantii namoota tokko tokkoos diigaa jiru. 19 Haa taʼu malee, buʼuurri Waaqayyoo inni jabaan akkuma dhaabbatetti jira; chaappaan, “Yihowaan* warra kan isaa taʼan beeka”+ jedhuu fi “Maqaa Yihowaa* kan waammatu+ hundi jalʼina irraa haa fagaatu” jedhu isa irratti godhameera.
20 Mana guddaa tokko keessa qodaa warqii fi meetii qofa utuu hin taʼin, qodaan mukaa fi suphees jira; isaan keessaa tokko tokko tajaajila ulfina qabuuf, warri kaan immoo tajaajila ulfina hin qabneef oolu. 21 Kanaafuu, namni kam iyyuu warra boodaa kana irraa yoo of eege, miʼa tajaajila ulfinaatiif oolu, kan qulqullaaʼe, gooftaa isaatiif faayidaa kan argamsiisuu fi hojii gaarii hundumaaf kan qophaaʼe taʼa. 22 Kanaafuu, hawwii dargaggummaa irraa baqadhu; kanaa mannaa, warra garaa qulqulluudhaan Gooftaa waammatanii wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa hordofi.
23 Kana malees, lola akka kaasu beekuudhaan falmii gowwummaa fi wallaalummaa irratti hundaaʼe irraa fagaadhu.+ 24 Sababiin isaas, garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa, namoota hundumaatiif garraamii* kan taʼe,+ barsiisuuf gaʼumsa kan qabuu fi yeroo jalʼinni isa irratti raawwatamu kan of toʼatu taʼuu qaba;+ 25 akkasumas warra ilaalcha sirrii hin qabne garraamummaadhaan kan gorsu taʼuu qaba.+ Tarii Waaqayyo beekumsa dhugaa isa sirrii akka argataniif+ yaada akka geddaratan carraa isaaniif ni kenna taʼa; 26 isaan Diyaabilos fedhii isaa akka raawwataniif utuma lubbuudhaan jiranii akka isaan qabe+ hubachuudhaan, gara yaada isaaniitti deebiʼanii kiyyoo isaa keessaa baʼuu ni dandaʼu.
3 Haa taʼu malee, guyyoota dhumaatti+ yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. 2 Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, arrabsitoota, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, 3 jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, 4 gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan, Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu; 5 Waaqa kan sodaatan fakkaatu, humna isaa garuu ni ganu;+ namoota akkasii irraa fagaadhu. 6 Warri manneen namootaa keessa loʼanii galan isaan kana keessaa kaʼu; isaan, dubartoota dadhaboo cubbuun irra tuulamee fi hawwii adda addaatiin asii fi achi oofaman boojiʼanii fudhatu; 7 dubartoonni kun yeroo hunda ni baratu, garuu matumaa beekumsa dhugaa isa sirrii bira gaʼuu hin dandaʼan.
8 Akkuma Yaaneesii fi Yaambires Musee morman, isaanis dhugaa mormuu isaanii itti fufu. Namoonni akkasii, sammuun isaanii guutummaatti kan mancaʼe yeroo taʼu, amantii wajjin haala wal qabateen fudhatama dhabaniiru. 9 Haa taʼu malee, akkuma namoota sana lamaanii gowwummaan namoota kanaa, hundumaa duratti ifatti waan mulʼatuuf eessa iyyuu hin gaʼan.+ 10 Ati garuu barumsa koo, akkaataa jireenyaa koo,+ kaayyoo koo, amantii koo, obsa koo, jaalala koo fi jabaadhee dhaabbachuu koo cimsitee hordofteetta; 11 ariʼatamaa fi rakkina Anxokiyaa,+ Iqooniyumii+ fi Lisxiraatti+ na irra gaʼes beekta. Ani ariʼatama kana dandaʼeera, Gooftaanis hunda isaanii irraa na oolcheera.+ 12 Eeyyee, namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu.+ 13 Haa taʼu malee, hamoonnii fi fakkeessitoonni dogoggorsuu fi dogoggoruudhaan+ isa gadhee irraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti deemu.
14 Ati garuu eenyu irraa akka baratte waan beektuuf, wantoota barattee fi itti amante sanatti cimii itti fufi;+ 15 daaʼimummaa keetii jalqabdee+ Kitaabota Qulqulluu+ fayyina Kiristoos Yesuusitti amanuudhaan argamuuf ogeessa si gochuu dandaʼan baratteetta.+ 16 Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman+ yeroo taʼu, barsiisuuf,+ balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf* fayyadu;+ 17 kunis namni Waaqaa hojii gaarii hundumaatiif akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti kan qophaaʼe akka taʼuufi.
4 Waaqayyo durattii fi Kiristoos Yesuus isa karaa mulʼachuu isaa+ fi Mootummaa isaatiin+ warra jiranii fi warra duʼan+ irratti murteessuuf jedhu+ duratti cimseen kana si ajaja: 2 Dubbicha lallabi;+ yeroo mijaaʼaa taʼettis taʼe yeroo rakkisaa taʼetti hinaaffaadhaan lallabi; obsa hundumaa fi ogummaa barsiisuutiin balleessaa hubachiisi,+ cimsii akeekkachiisi, akkasumas cimsii gorsi.+ 3 Sababiin isaas, yeroon namoonni barumsa gaarii*+ taʼe itti hin obsine ni dhufa; kanaa mannaa, akka fedhii isaaniitti barsiisota gurra isaanii isaaniif qirqirsan* walitti qabatu.+ 4 Isaan dhugaa dhaggeeffachuu irraa garagaluudhaan, seenaa sobaatiif xiyyeeffannaa kennu. 5 Ati garuu wantoota hundumaa keessatti dandeettii hubannaa kee eeggadhu, rakkina keessatti jabaadhuu dhaabbadhu,+ hojii lallabaan wangeelaa hojjetu hojjedhu,* tajaajila kee guutummaatti raawwadhu.+
6 Ani amma iyyuu akka aarsaa dhugaatiitti dhangalaafamaan jira;+ yeroon itti gadhiifamus+ baayʼee dhihoo dha. 7 Lola isa gaarii loleera,+ dorgommicha irratti hamma dhumaatti fiigeera,+ amantiis eegeera. 8 Ammaa jalqabee gonfoon qajeelinaa,+ Gooftaan inni abbaa murtii+ qajeelaa taʼe guyyaa sana akka badhaasaatti kennu naaf qophaaʼeera;+ taʼus warra mulʼachuu isaa hawwiidhaan eeggatan hundumaatiif malee anaaf qofa miti.
9 Ariitiidhaan gara koo dhufuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi. 10 Sababiin isaas, Deemaas+ sirna* ammaa kana jaallatee na dhiisee gara Tasalonqee deemeera; Qeerqis gara Galaatiyaa, Tiitoon immoo gara Dalmaaxiyaa deemaniiru. 11 Luqaas qofatu na bira jira. Maarqos tajaajilaaf waan na fayyaduuf isa fidii kottu. 12 Tikiqoosiin+ immoo gara Efesoonitti ergeera. 13 Yeroo dhuftu waaroo isan Xiroʼaasitti Kaarphos biratti dhiisee fi maraawwan kitaabaa, keessumaa immoo biraannaawwan* sana fidii kottu.
14 Iskindir inni sibiila diimaa tumu miidhaa guddaa na irra geessise. Yihowaan* akka hojii isaatti isaaf deebisa.+ 15 Inni ergaa keenya garmalee waan mormuuf atis isa irraa of eegi.
16 Yeroo falmii koo isa jalqabaatti namni tokko illee na cinaa hin dhaabbanne; kanaa mannaa, hundi isaanii na dhiisanii deeman; Waaqayyo kana isaanitti hin lakkaaʼin. 17 Taʼus, hojiin lallabaa karaa koo guutummaatti akka raawwatamuu fi saboonni hundi akka dhagaʼaniif, Gooftaan na bira dhaabbatee humna naaf kenne;+ anis afaan leencaa keessaa ooleera.+ 18 Gooftaan hojii hamaa hundumaa irraa na oolcha, Mootummaa isaa isa samiittis na galcha.+ Baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
19 Phirisqaa fi Aqiilaatti,+ akkasumas maatii Oneesiforositti+ nagaa koo naaf himi.
20 Eraasxos+ Qorontositti hafe, Xirofimoos+ garuu waan dhukkubsateef Milexosittan isa dhiise. 21 Utuu ganni hin seenin dhufuuf waan sii dandaʼame hunda godhi.
Yubuloos nagaa siif dhaameera, Phudenis, Liinos, Qilaawudiyaanii fi obboloonni hundi nagaa siif dhaamaniiru.
22 Gooftaan hafuura ati argisiistuu wajjin haa taʼu. Gaarummaan isaa inni guddaan isinii wajjin haa taʼu.
Ykn., “fayya qabeessa; faayida qabeessa.”
Ykn., “tooriitti.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn tarii, “sochii guyyaa guyyaa.”
Kal., “hojii daldalaatiin of hin xaxu.”
Ykn., “balleessuu; garagalchuu.”
Kal., “guutummaatti dhugaa baʼuudhaan.”
Madaa hin fayyinee fi babalʼachaa deemu.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “mala qabeessa.”
Ykn., “adabuuf.”
Ykn., “fayya qabeessa; faayida qabeessa.”
Ykn., “wanta isaan dhagaʼuu barbaadan isaanitti himan.”
Ykn., “misiraachicha lallabuu kee itti fufi.”
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Maraawwan kitaabaa gogaa irraa qopheeffaman argisiisa.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.