LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt 1 Ximotewos 1:1-6:21
  • 1 Ximotewos

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1 Ximotewos
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Ximotewos

XIMOTEWOS TOKKOFFAA

1 Phaawulos, isa ajaja Waaqa isa Fayyisaa keenya taʼee fi Kiristoos Yesuus isa abdii keenya taʼeen ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,+ 2 Ximotewos*+ isa karaa amantii ilma koo isa dhugaa+ taʼeef:

Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus biraa gaarummaa guddaan, gara laafinnii fi nagaan siif haa taʼu.

3 Yeroon Maqedooniyaa dhaquuf kaʼetti ati Efesoon keessa akka turtu akkuman si jajjabeesse, ammas namoonni tokko tokko barumsa sobaa akka hin barsiisne isaan ajajuuf achuma akka turtu sin jajjabeessa; 4 oduu sobaa+ fi hidda dhalootaatiif xiyyeeffannaa akka hin kennines isaan ajaji. Wantoonni akkasii faayidaa tokko illee hin qaban;+ kanaa mannaa, tilmaama irratti kan hundaaʼan yeroo taʼu, amantii wajjin haala wal qabateen Waaqayyo biraa wanta argamsiisan hin qaban. 5 Kaayyoon qajeelfama* kanaa jaalala+ garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii+ fakkeessaa hin qabne irraa madde qabaachuu dha. 6 Namoonni tokko tokko wantoota kana irraa jalʼatanii, dubbii faayidaa hin qabnetti garagalaniiru.+ 7 Isaan barsiisota seeraa taʼuu barbaadu,+ taʼus wanta dubbachaa jiran yookiin wanta cimsanii barsiisaa jiran hin hubatan.

8 Namni tokko yoo sirriitti* hojii irra oolche Seerichi gaarii taʼuu isaa beekna; 9 seerri kan tumamu nama qajeelaadhaaf akka hin taane beekna; kanaa mannaa, warra seera cabsanii+ fi finciltootaaf, warra Waaqayyoon hin sodaannee fi cubbamootaaf, warra amanamoo hin taanee* fi warra wanta qulqulluu tuffataniif, warra abbootii isaanii ajjeesanii fi warra haadhotii isaanii ajjeesaniif, warra nama ajjeesaniif, 10 warra halaleedhaaf,* warra nama gadhoomsaniif,* warra nama ukkaamsanii fudhataniif, warra sobaniif, warra sobaan kakatanii fi wanta barumsa gaarii*+ taʼeen mormu kan biraa hundumaatiifi; 11 barumsi kun, misiraachoo ulfina qabeessa isa kan Waaqa gammadaa taʼee fi imaanaadhaan natti kennamee+ wajjin kan wal simu dha.

12 Tajaajilaaf na muuduudhaan amanamaa akkan taʼetti waan na lakkaaʼeef,+ Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa humna naa kenne nan galateeffadha; 13 ani kanaan dura Waaqayyoon arrabsaa, saba isaa ariʼachaa fi of tuulaa kanan ture taʼus,+ inni kana naaf godheera. Taʼus, kana kanan godhe wallaalummaa fi amantii dhabuudhaan waan taʼeef gara laafina natti argisiiseera. 14 Haa taʼu malee, Gooftaan keenya gaarummaa baayʼee guddaa taʼe natti argisiiseera; Kiristoos Yesuus irraa amantii fi jaalala argadheera. 15 Dubbiin kun amanamaa fi guutummaatti fudhatama argachuu kan qabu dha: Kiristoos Yesuus gara addunyaa kan dhufe cubbamoota fayyisuufi.+ Isaan keessaa immoo cubbamaan hunda caalu ana dha.+ 16 Taʼus, gara laafinni kan natti argisiifame, Kiristoos Yesuus ana isa hunda caalaa cubbamaa taʼe akka fakkeenyaatti fayyadamee, namoota jireenya bara baraa argachuuf+ amantii isaanii isa irra kaaʼatanitti obsa isaa hundumaa argisiisuuf jedhee ti.

17 Mootii bara baraa+ isa hin badne,+ isa ijaan hin mulʼannee+ fi Waaqa tokkicha+ taʼeef kabajnii fi ulfinni baraa hamma bara baraatti haa taʼu. Ameen.

18 Yaa Ximotewos ilma koo, raajiiwwan waaʼee kee dubbatamanii wajjin haala wal simuun, wantoota kanaan waraana isa gaarii sana irratti hirmaachuu kee akka itti fuftu qajeelfama* kana imaanaadhaan sitti nan kenna;+ 19 kanas amantii fi qalbii gaariidhaan+ raawwadhu; namoonni tokko tokko qalbii isaanii dhagaʼuu waan didaniif, amantiin isaanii akka doonii balaan irra gaʼeetti caccabeera. 20 Hemenewoosii+ fi Iskindiris isaan keessaa tokko dha; isaan adaba irraa baratanii Waaqayyoon arrabsuu irraa akka of qusataniif ani Seexanatti dabarsee isaan kenneera.+

2 Hundumaa dura akaakuu namootaa hunda ilaalchisee wawwaannaan, kadhannaan, warra kaaniif kadhachuunii fi galanni akka dhihaatu nan gorsa; 2 guutummaatti Waaqayyoof buluu fi dhimminee hojjechuudhaan jireenya tasgabbii fi gabii qabu akka jiraannuuf,+ moototaa fi warra aangoo qaban+ hundumaatiifis akkasuma akka godhamu nan gorsa. 3 Kun, Waaqayyo isa Fayyisaa keenya taʼe duratti gaarii fi fudhatama kan qabu dha;+ 4 inni fedhiin isaa akaakuun namootaa hundi akka fayyanii+ fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatani dha. 5 Sababiin isaas, Waaqa tokkotu jira;+ Waaqayyoo fi namoota gidduu+ immoo araarsaa+ tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼe dha;+ 6 inni namoota hundumaatiif* furii wal gitu godhee of kenneera;+ kunis wanta yeroo isaatti dhugaa baʼamuufii qabu dha. 7 Anis lallabaa fi ergamaa,+ jechuunis amantii fi dhugaa ilaalchisee barsiisaa sabootaa+ taʼee kanan muudame kana dhugaa baʼuufi;+ ani dhugaa dubbachaan jira malee sobaa hin jiru.

8 Kanaafuu, ani dhiironni bakka hundumaatti dheekkamsaa+ fi falmii irraa fagaachuudhaan+ harka qulqulluu ol kaasanii*+ yeroo hunda Waaqayyoon akka kadhatan nan barbaada. 9 Haaluma wal fakkaatuun, dubartoonnis shurrubbaa dhaʼachuu fi warqii yookiin callee* yookiin uffata gatii guddaa qabuun utuu hin taʼin, karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan uffata seera qabeessa* taʼeen of haa miidhagsan;+ 10 dubartoota Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti hojii gaariidhaan of haa miidhagsan.+

11 Dubartiin guutummaatti bitamuudhaan+ callistee haa barattu. 12 Dubartiin akka barsiistu yookiin dhiira irratti aangoo akka qabaattu ani hin heyyamu; kanaa mannaa haa callistu.+ 13 Sababiin isaas, jalqaba Addaamtu uumame; Hewaan sana booda uumamte.+ 14 Kana malees, Addaam hin gowwoomfamne; guutummaatti kan gowwoomfamtee+ fi seera kan cabsite dubartittii dha. 15 Haa taʼu malee, dubartiin hubannaa+ dabalatee, amantii, jaalalaa fi qulqullummaadhaan jiraachuu ishii* yoo itti fufte, ijoollee daʼuudhaan eegumsa argatti.+

3 Dubbiin kun amanamaa dha: Namni ilaaltuu ol aanaa+ taʼuuf carraaqu hojii gaarii hawwa. 2 Kanaafuu, ilaaltuu ol aanaan himata irraa walaba kan taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, barsiifata madaalamaa kan qabu, sirriitti kan yaadu,*+ seera qabeessa, keessummaa kan simatu,+ barsiisuuf gaʼumsa kan qabu,+ 3 kan hin machoofne,+ abbaa humnaa kan hin taane,* yaada ofiitti kan hin cichine,+ kan nama hin lolle,+ maallaqa kan hin jaallanne,+ 4 ijoollee isaa kan ajajamanii fi amala gaarii kan qaban godhee guddisuudhaan haala gaariidhaan maatii isaa kan bulchu taʼuu qaba;+ 5 (sababiin isaas, namni tokko maatii isaa akkamitti akka bulchu hin beeku taanaan, gumii Waaqayyoo akkamitti kunuunsuu dandaʼa?) 6 boonuudhaan of bokoksee murtiin Diyaabilos irratti murteeffame akka isa irra hin geenyeef dhiheenyatti kan amane taʼuu hin qabu.+ 7 Kana malees, akka hin komatamnee* fi kiyyoo Diyaabilos keessatti akka hin kufneef namoota alaa birattis maqaa gaarii kan qabu taʼuu qaba.+

8 Haaluma wal fakkaatuun, tajaajiltoonni gumii itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu, arraba lamaan kan hin dubbanne,* daadhii wayinii hedduudhaaf kan hin bitamne, karaa sirrii hin taaneen buʼaa argachuuf kan hin sassanne,+ 9 akkasumas qalbii qulqulluudhaan+ iccitii qulqulluu amantii jabeessanii kan eegan taʼuu qabu.

10 Kana malees, isaan gaʼumsa akka qaban ilaaluuf dura haa qoraman; achiis himata irraa walaba yoo taʼan+ tajaajiltoota taʼanii haa tajaajilan.

11 Haaluma wal fakkaatuun dubartoonni, itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu, maqaa namaa kan hin balleessine,+ barsiifata madaalamaa kan qabanii fi karaa hundumaa amanamoo kan taʼan taʼuu qabu.+

12 Tajaajiltoonni gumii haadha manaa takkittii kan qaban, akkasumas ijoollee isaanii fi maatii isaanii haala gaariidhaan kan bulchan taʼuu qabu. 13 Sababiin isaas, dhiironni haala gaariidhaan tajaajilan ofii isaaniitiif maqaa gaarii qabaachuu, akkasumas amantii Kiristoos Yesuus irratti qaban bilisummaa guddaadhaan dubbachuu dandaʼu.

14 Yeroo dhihootti gara kee dhufuuf kanan abdadhu taʼus wantoota kana kanan siif barreesse, 15 tarii yoon ture maatii Waaqayyoo,+ jechuunis gumii Waaqa jiraataa isa utubaa fi deggertuu dhugaa taʼe keessatti akkamitti jiraachuu akka qabdu akka beektuufi. 16 Dhuguma iyyuu, iccitii qulqulluun Waaqayyoof buluu kun shakkii tokko malee guddaa dha: ‘Inni fooniin akka mulʼatu godhame,+ hafuuraan qajeelaa akka taʼe dubbatame,+ maleekotatti mulʼate,+ waaʼeen isaa saboota gidduutti lallabame,+ addunyaa keessatti itti amaname,+ akkasumas ulfinaan ol fudhatame.’

4 Haa taʼu malee, dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame,* baroota boodaatti namoonni tokko tokko dubbiiwwan nama dogoggorsan warra geggeessaa hafuuraatiin dubbatamaniif,*+ akkasumas barumsa jinniiwwaniitiif xiyyeeffannaa kennuudhaan amantii keessaa akka baʼan ifatti dubbata; 2 kunis kan taʼu, soba namoonni fakkeessitoota taʼan+ warri qalbiin isaanii akka sibiila diimessaadhaan gubameetti hadoode dubbataniin kan kaʼe dha. 3 Namoonni kun gaaʼela dhaabbachuu dhowwu;+ akkasumas nyaata namoonni amantii qabanii+ fi dhugaa sirriitti hubatan galateeffatanii akka nyaatan Waaqayyo uume+ akka lagatan ajaju.+ 4 Wanti Waaqayyo uume hundinuu gaarii dha;+ galateeffannaadhaan yoo nyaatame wanti gatamu hin jiru;+ 5 sababiin isaas, karaa dubbii Waaqayyoo fi kadhannaadhaan qulqulleeffameera.

6 Ati gorsa kana obbolootaaf kennuudhaan, tajaajilaa Kiristoos Yesuus isa gaarii akka taate, akkasumas dubbii amantii fi barumsa gaarii baʼeessa gootee hordofte sana akka sooratte ni argisiista.+ 7 Haa taʼu malee, seenaa sobaa Waaqayyoon mormu, isa akka dubartoonni dullooman dubbatanii irraa fagaadhu.+ Kanaa mannaa, Waaqayyoof buluu galma godhachuudhaan of leenjisi. 8 Sababiin isaas, leenjiin qaamaa* wanta muraasaaf fayyada; Waaqayyoof buluun garuu, jireenya ammaatiifis taʼe jireenya isa dhufuuf abdii waan qabuuf, wanta hundumaatiif fayyada.+ 9 Dubbiin kun amanamaa fi guutummaatti fudhatamuu kan qabu dha. 10 Nuti jabaannee kan hojjennuu fi carraaqqii cimaa kan goonu kanaafi;+ sababiin isaas, Waaqa jiraataa isa akaakuu namootaa hundumaatiif,+ keessumaa immoo warra amanamoo taʼaniif Fayyisaa+ taʼe abdanna.

11 Ajaja kana kennuu fi barsiisuu kee itti fufi. 12 Eenyu illee dargaggummaa kee akka tuffatu hin heyyamin. Kanaa mannaa, warra amanamoo taʼaniif, dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantiidhaan, akkasumas qulqullummaadhaan fakkeenya taʼi. 13 Hamman dhufutti uummataaf dubbisuuf,+ gorsuu* fi barsiisuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi. 14 Kennaa si keessa jiru isa yeroo qaamni jaarsolii harka isaa si irra kaaʼetti raajiidhaan siif kenname sana hin dagatin.+ 15 Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali, xiyyeeffannaa guddaas isaaniif kenni. 16 Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.+ Wantoota kanatti cimi; kana yoo goote ofis taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita.+

5 Maanguddootti dubbii jabaa hin dubbatin.+ Kanaa mannaa, akka abbaatti gaarummaadhaan isa gorsi; dargaggoota akka obbolootaatti, 2 dubartoota maanguddoo akka haadhotaatti, dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran akka obboleettotaatti qulqullummaa hundumaatiin gorsi.

3 Dubartoota abbaan manaa irraa duʼee fi dhuguma gargaarsi isaan barbaachisuuf yaadi.*+ 4 Haa taʼu malee, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko ijoollee yookiin ijoollee ijoollee yoo qabaatte, kun Waaqayyo duratti fudhatama waan qabuuf,+ jalqaba isaan maatii ofii isaanii+ keessatti Waaqayyoof akka bulan argisiisuu, akkasumas wanta warra isaanii, akkoo fi akaakayyuu isaaniitiif malu deebisanii kaffaluu+ haa baratan. 5 Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe, dhuguma gargaarsi ishii barbaachisuu fi homaa hin qabne, abdii ishii Waaqayyo irra kaaʼatti,+ halkanii fi guyyaas wawwaannaa fi kadhannaa dhiheessiti.+ 6 Ishiin fedhii foonii guuttachuuf of kennite garuu, lubbuudhaan kan jirtu taʼus duuteetti. 7 Kanaafuu, isaan himata irraa walaba akka taʼaniif, qajeelfama* kana kennuu kee itti fufi. 8 Namni kam iyyuu warra kan isaa taʼaniif, keessumaa immoo miseensota maatii isaatiif wanta barbaachisu yoo dhiheessuu baate, amantii kan ganee fi nama amantii hin qabne irra kan hammaatu dha.+

9 Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko waggaa 60 ol yoo taatee fi haadha manaa abbaa manaa tokkoo qofa kan turte yoo taate galmee irratti haa galmeeffamtu; 10 ishiin ijoollee guddisuudhaan,+ keessummoota simachuudhaan,+ miila qulqullootaa dhiquudhaan,+ warra rakkatan gargaaruudhaan,+ akkasumas gochawwan gaggaarii hundumaatiif of kennuudhaan, hojii gaarii hojjechuu irratti maqaa gaarii kan qabdu+ taʼuu qabdi.

11 Dubartoota abbaan manaa irraa duʼee fi umurii dargaggummaa irra jiran garuu hin galmeessin; isaan yeroo fedhiin saalqunnamtii isaanii walitti dhufeenya Kiristoosii wajjin qaban irratti dhiibbaa godhu heerumuu barbaadu. 12 Waadaa duraan galan* waan dhiisaniifis murtii of irratti fidu. 13 Akkasumas, mana tokko irraa gara mana isa kan biraa dhaquudhaan hojii hiikuu baratu; hojii hiikuu qofa utuu hin taʼin, wantoota dubbachuu hin qabne dubbachuudhaan hamattootaa fi dhimma namootaa keessa kan galan+ taʼu. 14 Kanaafuu, dubartoonni abbaan manaa irraa duʼee fi umurii dargaggummaa irra jiran, akka heeruman,+ ijoollee akka daʼan,+ maatii isaanii akka kunuunsan, akkasumas inni mormu carraa ittiin nu ceephaʼu akka hin qabaanne akka godhan nan barbaada. 15 Tokko tokko ammuma iyyuu Seexana duukaa buʼuuf daandii isa gaarii dhiisaniiru. 16 Dubartiin amante tokko dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan keessaa firoota yoo qabaatte, gumichatti baʼaan akka hin baayʼanneef ishiin isaan haa gargaartu. Taanaan gumichi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼanii fi dhuguma gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruu dandaʼa.+

17 Jaarsoliin akka gaariitti bulchan,+ keessumaa warri dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii hojjetan ulfina guddaa argachuu qabu.+ 18 Sababiin isaas, Kitaabonni Qulqulluun, “Qotiyyoo midhaan siribsiisu afaan isaa hin hidhin,”+ akkasumas, “Namni hojjetu mindaa isaa argachuu qaba”+ jedhu. 19 Ragoonni lama yookiin sadii ragaa yoo dhiheessan malee,+ himata maanguddoo* irratti dhihaatu hin fudhatin. 20 Warra kaaniif akeekkachiisa akka taʼutti,* namoota cubbuu hojjechuu amaleeffatan+ nama hundumaa duratti ifadhu.+ 21 Jibba halaalaa yookiin loogii akkamii irraa iyyuu fagaachuudhaan+ qajeelfama kana hojii irra akka oolchitu Waaqayyoo fi Kiristoos Yesuus, akkasumas maleekota filataman duratti cimseen si ajaja.

22 Nama kam irra iyyuu ariifattee harka kee hin kaaʼin;*+ cubbuu namoota kaanii irrattis hin hirmaatin; qulqullummaa kee eeggadhu.

23 Kana booda bishaan hin dhugin,* kanaa mannaa garaa kee fi dhukkuba kee isa deddeebiʼee sitti kaʼuuf daadhii wayinii xinnoo dhugi.

24 Cubbuun namoota tokko tokkoo ifatti waan beekamuuf, yeruma sana murtii argata; kan namoota kaanii garuu yeroo booda mulʼata.+ 25 Haaluma wal fakkaatuun, hojiiwwan gaariin ifatti beekamu;+ warri ifatti hin beekamne illee dhokfamanii hafuu hin dandaʼan.+

6 Maqaan Waaqayyoo fi barumsichi matumaa akka hin arrabsamneef,+ warri waanjoo garbummaa jala jiran gooftoliin isaanii ulfina guutuu argachuu akka qabanitti haa ilaalan.+ 2 Kana malees, warri gooftolii amanan qaban gooftoliin isaanii obboloota waan taʼaniif qofa isaan hin tuffatin. Kanaa mannaa, warri tajaajila isaanii isa gaarii irraa fayyadaman, amantootaa fi jaallatamoo waan taʼaniif caalaatti fedhiidhaan isaan haa tajaajilan.

Wantoota kana barsiisuu fi gorsa kana kennuu kee itti fufi. 3 Namni tokko barumsa kan biraa kan barsiisu, akkasumas barumsa gaarii*+ isa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa dhufee wajjinis taʼe, barumsa Waaqayyoof buluu+ jajjabeessuu wajjin kan wal hin simne yoo taʼe, 4 inni boonuudhaan of bokokseera, homaas hin hubatu.+ Inni nama mormii kaasuu fi waaʼee jechootaa falmuu jaallatu dha.+ Wantoonni akkasii hinaaffaa, qoccolloo, maqaa balleessuu* fi shakkii hamaa kakaasu; 5 akkasumas, wantoonni akkasii warra sammuun isaanii mancaʼee+ fi dhugaan irraa fudhatame gidduutti dhimmoota xixinnoo irratti falmii wal irraa hin cinne kakaasu; namoonni kun Waaqayyoof kan bulan taʼuun karaa buʼaa itti argatan+ akka taʼetti yaadu. 6 Dhugaa dubbachuuf, Waaqayyoof kan bulan taʼuun,+ waan qabanitti gammadanii jiraachuu* wajjin buʼaa guddaa argamsiisa. 7 Sababiin isaas, gara addunyaatti homaa fidnee hin dhufne, homaas fudhannee deemuu hin dandeenyu.+ 8 Kanaafuu, nyaataa* fi uffata* yoo qabaanne wantoota kanatti gammannee jiraachuu qabna.+

9 Warri sooressa taʼuuf kutatanii kaʼan garuu qorumsaa fi kiyyoo+ keessatti kufu; kana malees hawwii hedduu faayidaa hin qabnee fi miidhaa geessisu, akkasumas badiisaa fi mancaʼiinsatti nama galchu keessatti kufu.+ 10 Sababiin isaas, jaalalli maallaqaa hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa ti; namoonni tokko tokko jaalala kana utuu hordofanii daandii amantii irraa goraniiru, dhiphina hedduudhaanis of waraananiiru.+

11 Yaa nama Waaqayyoo, ati garuu wantoota kana irraa baqadhu. Kanaa mannaa qajeelummaa, Waaqayyoof buluu, amantii, jaalala, jabaatanii dhaabbachuu fi garraamummaa+ hordofi. 12 Lola amantii isa gaarii sana loli; jireenya bara baraa isa itti waamamtee fi ragaa baatota hedduu duratti akka gaariitti labsiteef sana jabeessii qabadhu.

13 Waaqa isa wantoota hundumaa jiraachisuu fi Kiristoos Yesuus isa Phonxiyos Philaaxos+ duratti ifatti ragaa baʼe duratti ajaja kana siif nan kenna: 14 hanga Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mulʼatutti,+ mudaa fi himata tokko malee ajajicha eegi; 15 inni gammadaanii fi kophaa isaa Bulchaa taʼe sun yeroo isaaf murteeffametti of mulʼisa. Inni Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa ti;+ 16 kan hin duune isa qofa dha;+ ifa itti dhihaachuun hin dandaʼamne keessa jiraata;+ namni tokko illee isa argee hin beeku, isa arguus hin dandaʼu.+ Ulfinnii fi jabinni bara baraa isaaf haa taʼu. Ameen.

17 Warri sirna* ammaa keessatti sooreyyii taʼan, akka of hin tuulle, akkasumas abdii isaanii badhaadhina hin amansiisne+ irra utuu hin taʼin, Waaqa isa wantoota itti gammannu hunda baayʼinaan nuu kennu+ irra akka kaaʼatan ajaji. 18 Wanta gaarii akka hojjetan, hojii gaariidhaan badhaadhota akka taʼan, arjoota akka taʼanii fi warra kaaniif hiruuf qophaaʼoo akka taʼan,+ 19 akkasumas jireenya isa dhugaa jabeessanii qabachuu+ akka dandaʼaniif, ofii isaaniitiif qabeenya Waaqayyo biraa argamu walitti qabachuudhaan gara fuulduraatiif buʼuura gaarii akka kaaʼatan+ itti himi.

20 Yaa Ximotewos, dubbii gatii hin qabne isa wanta qulqulluu mormuu fi yaadawwan wal faallessan warra sobaan “beekumsa” jedhaman irraa fagaachuudhaan+ wanta imaanaadhaan sitti kenname jabeessii eegi.+ 21 Namoonni tokko tokko beekumsa akkasii argisiifachuuf utuu yaalanii amantii irraa jalʼataniiru.

Gaarummaa guddaan sii wajjin haa taʼu.

“Isa Waaqayyoof Ulfina Kennu” jechuu dha.

Ykn., “aangoo; ajaja.”

Kal., “seeraan.”

Ykn., “warra jaalala amanamaa hin qabnee.”

Ibsa Jechootaa ilaali, “Halalummaa.”

Ykn., “dhiirota dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwataniif.” Kal., “dhiirota dhiirotaa wajjin ciisaniif.”

Ykn., “fayyaa; faayida qabeessa.”

Ykn., “aangoo; ajaja.”

Ykn., “namoota akaakuu hundumaatiif.”

Ykn., “Waaqayyoof amanamoo taʼanii.”

Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.

Ykn., “ulfina qabeessa.”

Kal., “isaanii.”

Ykn., “hubataa.”

Ykn., “kan nama hin rukunne.” Jechi Afaan Giriikii as irratti hojii irra oole karaa qaamaas taʼe dubbiidhaan nama rukutuu argisiisa.

Ykn., “salphifamnee.”

Ykn., “dubbiidhaan kan nama hin dogoggorsine.”

Kal., “hafuurri.”

Kal., “hafuurota dogoggorsanii.”

Ykn., “sochiin qaamaa.”

Ykn., “jajjabeessuu.”

Kal., “kabaja kenni.”

Ykn., “ajaja.”

Kal., “Amantii isaanii isa jalqabaa.”

Ykn., “jaarsa gumii.”

Kal., “Warri kaan akka sodaataniif.”

Jechuunis, nama kam iyyuu ariifattee hin muudin.

Ykn., “Bishaan qofa dhuguu dhiisi.”

Ykn., “fayya qabeessa; faayidaa qabu.”

Ykn., “arrabsoo.”

Kal., “na gaʼa jechuu.”

Ykn., “waan ittiin jiraannuu.”

Ykn tarii, “mana.”

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi