TASALONQEE TOKKOFFAA
1 Phaawulos, Silwaanosii*+ fi Ximotewos+ irraa, gumii Tasalonqee warra Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii wajjin tokkummaa qabaniif:
Gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.
2 Nuti kadhannaa keenya keessatti waaʼee hunda keessanii yommuu kaasnu, yeroo hunda Waaqayyoon ni galateeffanna;+ 3 hojii isin amanamummaadhaan hojjettan, jaalalaan kakaatanii carraaqqii gochuu keessanii fi abdii Gooftaa Yesuus Kiristoos irratti qabdaniin+ kan kaʼe jabaattanii dhaabbachuu keessan, Waaqayyoo fi Abbaa keenya duratti yeroo hunda ni yaadanna. 4 Isin obboloonni Waaqayyo biratti jaallatamtan akka inni isin filate beekna; 5 sababiin isaas, misiraachoon nuti isiniif lallabne gara keessan kan dhufe humnaa fi hafuura qulqulluudhaan, akkasumas amantii cimaadhaan malee dubbii qofaan miti; nuti isiniif jennee akkamitti gidduu keessan akka jiraanne beektu. 6 Rakkinni hedduun+ yoo isin irra gaʼe iyyuu dubbicha gammachuu hafuura qulqulluu irraa argamuun waan fudhattaniif, fakkeenya keenyaa+ fi fakkeenya Gooftaa+ hordoftaniittu; 7 kanaan kan kaʼes, amantoota Maqedooniyaa fi Akaayaa keessa jiran hundumaaf fakkeenya taataniittu.
8 Dubbiin Yihowaa* isin biraa baʼee kan dhagaʼame Maqedooniyaa fi Akaayaa qofatti miti; kanaa mannaa, amantiin isin Waaqayyo irratti qabdan bakka hundumaatti odeeffameera;+ kanaafuu, nuti waan tokko illee dubbachuun nu hin barbaachisu. 9 Sababiin isaas, nuti jalqaba akkamitti akka isinii wajjin wal argine, isinis Waaqa isa jiraataa fi isa dhugaa akka garbaatti tajaajiluuf jecha akkamitti waaqolii tolfamoo+ keessan irraa gara Waaqayyootti akka deebitan isaanumti iyyuu yeroo hunda ni dubbatu; 10 kana kan gootanis Ilma isaa isa samii irraa dhufu,+ isa inni duʼaa kaasee fi dheekkamsa dhufu jalaa nu oolchu,+ jechuunis Yesuusiin eeggachuuf jettanii ti.
2 Yaa obbolootaa, isin bira dhufuun keenya faayidaa kan hin qabne akka hin taane isinumti iyyuu akka gaariitti beektu.+ 2 Akkuma beektan jalqaba Filiphisiyus keessatti rakkinnii fi salphinni nu irra gaʼee ture;+ taʼus utuma mormii guddaan nu irra gaʼuu* misiraachoo Waaqayyoo isiniif lallabuuf+ gargaarsa Waaqa keenyaatiin akkuma taʼetti ija jabina arganne. 3 Gorsi nuti isiniif kenninu, yaada dogoggoraa yookiin xuraaʼummaa yookiin gowwoomsaa irraa kan madde miti; 4 kanaa mannaa, akkuma Waaqayyo misiraachicha imaanaadhaan nutti kennuuf gaʼumsa qabaachuu keenya nuu mirkaneesse, namoota gammachiisuuf utuu hin taʼin, Waaqa isa garaa keenya qoru+ gammachiisuuf jennee dubbanna.
5 Nuti matumaa dubbii gowwoomsaa akka hin dubbanne yookiin sassata nu keessa jiru dhoksuuf jennee fakkeessuuf akka hin yaalle beektu;+ Waaqayyos kanaaf ragaa baʼa! 6 Nuti ergamoota Kiristoos waan taaneef, baasii hedduu isin baasisuudhaan baʼaa isinitti taʼuu kan dandeenyu taʼus, isin irraas taʼe warra kaan irraa, namoota irraa ulfina hin barbaanne.+ 7 Kanaa mannaa, akkuma haati hoosistu takka ijoollee ishii gaarummaadhaan kunuunsitu, nutis yeroo isin gidduu turre garraamummaadhaan isin kunuunsine. 8 Jaalala guddaa waan isiniif qabnuuf, misiraachoo Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin, lubbuu keenya illee isinii kennuuf+ murteessinee* turre; sababiin isaas, isin nu biratti baayʼee jaallatamoo turtan.+
9 Yaa obbolootaa, dadhabbii fi dhamaatii keenya akka gaariitti ni yaadattu. Misiraachoo Waaqayyoo yeroo isiniif labsinetti, isin keessaa nama tokko illee baasii hedduu baasisuudhaan baʼaa akka isinitti hin taanetti halkanii fi guyyaa hojjenna turre.+ 10 Nuti warra amantoota taatan gidduutti hangam amanamoo, qajeeloo fi hirʼina kan hin qabne taanee akka jiraanne isin ragaa ni baatu; Waaqayyos ragaa ni baʼa. 11 Akkuma abbaan+ ijoollee isaatiif godhu, nuti isin gorsaa fi jajjabeessaa, akkasumas tokkoon tokkoon keessaniif dhugaa baʼaa akka turre+ akka gaariitti beektu; 12 kanas kan goone, Waaqayyo isa gara Mootummaa isaa+ fi ulfina isaatti isin waameef+ akka taʼutti deddeebiʼuu keessan akka itti fuftaniifi.+
13 Nutis utuu wal irraa hin kutin Waaqayyoon kan galateeffannu kanaafi;+ sababiin isaas, isin dubbii Waaqayyoo isa nu irraa dhageessan sana yommuu fudhattan, akka dubbii namaatti utuu hin taʼin, akka dubbii Waaqayyootti fudhattan; inni dhuguma dubbii Waaqayyoo ti; isin warra amantoota taatan keessattis hojjechaa jira. 14 Yaa obbolootaa, isin fakkeenya gumiiwwan Waaqayyoo warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabanii fi Yihudaa keessa jiranii hordoftaniittu; sababiin isaas, akkuma namoota biyya keessanii irraa rakkinni isin irra gaʼe,+ isaanis Yihudoota irraa rakkinni isaan irra gaʼaa jira; 15 Yihudoonni Gooftaa Yesuusii fi raajota illee ajjeesaniiru;+ nuunis ariʼataniiru.+ Kana malees, isaan Waaqayyoon gammachiisaa hin jiran; kanaa mannaa, wanta namoota hundumaa fayyadu mormu; 16 kanas kan godhan, saboonni kaan akka fayyaniif akka nuti isaaniif hin lallabne nu dhowwuuf yaaluudhaani.+ Isaan yeroo hunda karaa kanaan safartuu cubbuu isaanii ni guutu. Dhuma irratti garuu dheekkamsi isaa isaanitti ni dhufa.+
17 Haa taʼu malee, yaa obbolootaa, yeroo gabaabaadhaaf yommuu isin irraa addaan baanee turretti (yaadaan utuu hin taʼin qaamaan), baayʼee waan isin yaanneef, qaamaan isin* arguuf wanta nuu dandaʼame hunda goone. 18 Gara keessan dhufuu barbaannee turre; eeyyee, ani Phaawulos siʼa tokko qofa utuu hin taʼin siʼa lama yaaleen ture; Seexanni garuu karaa nutti cufe. 19 Gooftaan keenya Yesuus yeroo argamu, isa duratti abdiin keenya yookiin gammachuun keenya yookiin gonfoon ililchuu keenya eenyu? Isinuma mitii ree?+ 20 Isin dhuguma ulfinaa fi gammachuu keenya dha.
3 Kana caalaa obsuu yommuu dadhabnu, kophaa keenya Ateenaa+ keessa turuun gaarii akka taʼe nutti dhagaʼame; 2 kanaafuu, amantii keessanitti akka isin cimsuu fi akka isin jajjabeessuuf obboleessa keenya Ximotewos+ isa misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsuuf tajaajilaa Waaqayyoo taʼe* ergine; 3 kunis namni kam iyyuu rakkoowwan kanaan akka hin raafamneefi.* Nuti rakkoowwan akkasii akka nu irra hin geenye gochuu akka hin dandeenye isinumti iyyuu beektu.+ 4 Yeroo isinii wajjin turre, rakkinni akka nu irra gaʼu dursinee isinitti himaa turre; akkuma beektan wanti taʼes kanuma dha.+ 5 Anis kana caalaa obsuu waanan dadhabeef, amanamoo taʼuu keessan beekuuf gara keessanitti isa nan erge;+ kana kanan godhes inni qoru+ sun hamma tokko isin qoree dadhabbiin keenya gatii dhabeera taʼa jedhee waanan yaadeefi.
6 Haa taʼu malee, Ximotewos ammuma isin biraa gara keenya dhufee,+ isin yeroo hunda jaalalaan akka nu yaadattanii fi akkuma nuti isin arguu yaannu, isinis nu arguu akka yaaddan, waaʼee amanamummaa keessanii fi waaʼee jaalala keessanii oduu gammachiisaa nutti himeera. 7 Kanaan kan kaʼes yaa obbolootaa, nuti dhiphina keenyaa* fi rakkina keenya hunda keessatti, sababii keessaniin, akkasumas amanamummaa isin argisiistaniin jajjabaanneerra.+ 8 Sababiin isaas, isin walitti dhufeenya Gooftaa wajjin qabdaniin jabaattanii yoo dhaabbattan jireenyi keenya ni haareffama.* 9 Sababii keessaniin gammachuu guddaa Waaqa keenya duratti arganneef, waaʼee keessaniif Waaqayyoon ni galateeffanna. 10 Nuti qaamaan isin* arguu fi wanta amantii keessan jabeessuuf barbaachisu isiniif guutuuf,+ hamma nuuf dandaʼame halkanii fi guyyaa garaadhaa wawwaannaa dhiheessina.
11 Waaqni keenyaa fi Abbaan keenya, akkasumas Gooftaan keenya Yesuus gara keessan akka dhufnu karaa nuuf haa qajeelchan. 12 Kana malees, Gooftaan jaalala keessan haa baayʼisu; eeyyee, akkuma nuti isiniif goonu, jaalala waliifis taʼe, nama hundumaaf qabdan isiniif haa baayʼisu;+ 13 kunis yeroo Gooftaan keenya Yesuus qulqulloota isaa hundumaa wajjin argamutti,+ Waaqa keenyaa fi Abbaa keenya duratti qulqullummaadhaan mudaa kan hin qabne akka taataniif, inni garaa keessan akka cimsuufi.+
4 Dhuma irrattis yaa obbolootaa, Waaqayyoon gammachiisuuf+ akkamitti deddeebiʼuu akka qabdan ilaalchisee akkuma qajeelfama nu irraa fudhattanii fi akkuma amma deddeebiʼaa jirtanitti, caalaatti kana gochuu keessan akka itti fuftan maqaa Gooftaa Yesuusiin isin gaafanna, akkasumas isin kadhanna. 2 Sababiin isaas, isin qajeelfama* nuti karaa Gooftaa Yesuus isiniif kennine beektu.
3 Kun fedhii Waaqayyoo waan taʼeef, qulqulloota taʼaa,+ akkasumas halalummaa* irraa fagaadhaa.+ 4 Tokkoon tokkoon keessan qulqullummaa+ fi ulfinaan akkamitti qaama* keessan akka toʼattan beekuu qabdu;+ 5 akka saboota Waaqayyoon hin beekneetti+ fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne+ isa sassata irratti hundaaʼe hin qabaatinaa. 6 Akkuma dursinee isinitti himnee fi cimsinee isin akeekkachiisne, Yihowaan* sababii wantoota kana hundumaatiif adaba waan fiduuf, dhimma kana ilaalchisee namni kam iyyuu daangaa isaa irra darbuu fi obboleessa isaa irraa buʼaa buufachuu hin qabu. 7 Sababiin isaas, Waaqayyo kan nu waame qulqullummaadhaaf malee xuraaʼummaadhaaf miti.+ 8 Kanaafuu, namni kana tuffatu nama utuu hin taʼin Waaqa isa hafuura qulqulluu isiniif kennu+ tuffata.+
9 Haa taʼu malee, isinumti iyyuu wal jaallachuu akka qabdan Waaqayyo irraa waan barattaniif,+ jaalala obbolummaa+ ilaalchisee isiniif barreessuun nu hin barbaachisu. 10 Dhugaa dubbachuuf, isin obboloota guutummaa Maqedooniyaa keessa jiran hundaaf kana gochaa jirtu. Haa taʼu malee, yaa obbolootaa, kana guutummaatti gochuu keessan akka itti fuftan isin gorsina. 11 Akkuma nuti isin barsiisne, nagaadhaan jiraachuuf,+ dhimma ofii keessanii qofa irratti xiyyeeffachuu+ fi harka keessaniin hojjechuuf+ carraaqqii godhaa; 12 kunis namoota ala jiran duratti seeraan akka deddeebitanii+ fi homtuu kan isinitti hin hirʼanne akka taataniifi.
13 Kana malees yaa obbolootaa, isin akka warri abdii hin qabne+ gaddanitti akka hin gaddineef, waaʼee warra duʼaan boqotanii+ utuu hin beekin akka haftan hin barbaannu. 14 Yesuus akka duʼee fi duʼaa akka kaʼe+ amantii yoo qabaanne, Waaqayyo warri Yesuusii wajjin tokkummaa qabaatanii duʼan* isaa wajjin akka taʼaniif gara jireenyaatti isaan ni fida.+ 15 Wanti dubbii Yihowaa* irratti hundoofnee isinitti himnu kana dha: Nuti warri hanga Gooftaan argamutti lubbuudhaan turru, matumaa warra duʼan hin dursinu; 16 sababiin isaas, Gooftaan ofuma isaatiin sagalee ajajaatiin, sagalee hogganaa maleekotaa+ fi malakata Waaqayyootiin samii irraa gad ni buʼa; warri Kiristoosii wajjin tokkummaa qabaatanii duʼanis jalqaba ni kaʼu.+ 17 Sana booda nuti warri lubbuudhaan turru, isaanii wajjin taʼuu fi qilleensa irratti Gooftaa wajjin wal arguuf+ duumessaan ol ni butamna;+ akka kanaan yeroo hunda Gooftaa wajjin ni jiraanna.+ 18 Kanaafuu, dubbii kanaan wal jajjabeessuu keessan itti fufaa.
5 Egaa yaa obbolootaa, waaʼee yeroowwanii fi waaʼee waqtiilee waan tokko illee isiniif barreessuun hin barbaachisu. 2 Guyyaan Yihowaa*+ akkuma hattuun halkaniin dhufutti+ akka dhufu isinumti iyyuu akka gaariitti beektu. 3 Yeroo isaan, “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhan, yeroo sanatti akkuma ciniinsuun dubartii ulfaa qabu, badiisni tasaa yeruma sana isaan irra gaʼa;+ isaan matumaa jalaa hin miliqan. 4 Isin garuu yaa obbolootaa, dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuu itti bariʼeetti tasa isin irra hin gaʼu; 5 sababiin isaas, hundi keessan ilmaan ifaa fi ilmaan guyyaa ti.+ Nuti kan halkaniis taʼe kan dukkanaa miti.+
6 Kanaafuu, akka warra kaanii rafuu dhiisnee+ dammaqinaan haa jiraannu,+ akkasumas dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu.+ 7 Sababiin isaas, warri rafan halkaniin rafu; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu.+ 8 Nuti warri kan guyyaa taane garuu, dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu; uffata qomaa* amantii fi jaalalaas haa uffannu; akkasumas abdii fayyinaa akka baarmeexaa sibiilaatti haa kaaʼannu;+ 9 sababiin isaas, Waaqayyo kan nu filate dheekkamsaaf utuu hin taʼin, karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos fayyina akka argannuufi.+ 10 inni kan nuuf duʼe+ yoo jiraannes taʼe yoo duune, isaa wajjin akka jiraannuufi.+ 11 Kanaafuu, akkuma amma gochaa jirtan wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa.+
12 Ammas yaa obbolootaa, warra isin gidduutti jabaatanii hojjetanii fi karaa Gooftaa isin geggeessan, akkasumas isin gorsan akka kabajjan isin gaafanna; 13 hojii isaaniitiin kan kaʼes jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa.+ Walii keessanii wajjin nagaa qabaadhaa.+ 14 Karaa biraa immoo yaa obbolootaa, warra seeraan ala deddeebiʼan akka akeekkachiistan,*+ warra dhiphatan* akka jajjabeessitan, warra dadhaban akka deggertan, hundumaattis obsa akka argisiistan+ isin gorsina. 15 Yeroo hunda walii keessaniifis taʼe namoota kaan hundumaaf wanta gaarii gochuuf carraaqaa malee, eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan akka hin deebisne of eeggadhaa.+
16 Yeroo hunda gammadaa.+ 17 Yeroo hundumaa kadhadhaa.+ 18 Waan hundumaatiif galateeffadhaa.+ Kun karaa Kiristoos Yesuus fedhii Waaqayyo isiniif qabu dha. 19 Ibidda hafuuraa hin dhaamsinaa.+ 20 Raajii dubbatamu hin tuffatinaa.+ 21 Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa;+ wanta gaarii taʼe jabeessaa qabadhaa. 22 Hammina akaakuu hundumaa irraa fagaadhaa.+
23 Waaqni nagaa ofuma isaatiin guutummaatti isin haa qulqulleessu. Yaa obbolootaa, guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos argamutti+ hafuurri keessan, lubbuun* keessanii fi qaamni keessan karaa hundumaan fayyaa taʼee mudaa malee haa eegamu. 24 Inni isin waame amanamaa dha; kanas dhuguma ni raawwata.
25 Yaa obbolootaa, nuuf kadhachuu keessan itti fufaa.+
26 Dhungannaa qulqulluudhaan obboloota hunda nagaa gaafadhaa.
27 Xalayaan kun obboloota hundumaatiif akka dubbifamu maqaa Gooftaatiin isinan kadhadha.+
28 Gaarummaa guddaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isinii wajjin haa taʼu.
Siilaas jedhamees ni waamama.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn tarii, “waldhaansoo cimaa gidduutti.”
Kal., “gammannee.”
Kal., “fuula keessan.”
Ykn tarii, “Waaqayyoo wajjin hojjetu.”
Kal., “fudhatamneefi.”
Kal., “wantoota nu barbaachisanii.”
Kal., “ni jiraanna.”
Kal., “fuula keessan.”
Ykn., “ajaja.”
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “miʼa.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “rafan.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kun wanta akka gaachanaa qoma loltuu tokkoo miidhaa irraa eeguuf gargaaru dha.
Ykn., “gorsitan.”
Ykn., “warra abdii kutatan.” Kal., “warra lubbuu xinnoo.”
Ykn., “jireenyi.” Ibsa Jechootaa ilaali.