MIILKIYAAS
1 Murtii Waaqayyo dabarse:
Dubbii Yihowaan karaa Miilkiyaas* Israaʼelitti dubbate:
2 “Ani jaalala isinitti argisiiseera”+ jedha Yihowaan.
Isin garuu, “Ati akkamitti jaalala nutti argisiiste?” jettu.
Yihowaan akkana jedha: “Esaawu obboleessa Yaaqoob mitii?+ Haa taʼu malee, ani Yaaqoobiin nan jaalladhe, 3 Esaawuun immoo nan jibbe;+ gaarota isaa ona nan godhe;+ dhaala isaas sardiidota lafa onaatiif nan kenne.”+
4 “Edoom, ‘Nuti caccabneerra; taʼus, ni deebina, isa diigames ni ijaarra’ yoo jedhe illee, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isaan ni ijaaru, taʼus ani nan diiga; isaanis “naannoo hamminni itti raawwatamuu” fi “saba Yihowaan bara baraaf balaaleffatu” jedhamanii ni waamamu.+ 5 Ijji keessan kana ni arga; isin, “Yihowaan naannoo Israaʼel irratti guddaa haa taʼu” jettu.’”
6 “Isin luboonni warri maqaa koo tuffattan nana, ‘Ilmi abbaa isaa,+ tajaajilaanis gooftaa isaa ni kabaja. Maarree, ani abbaa keessan yoon taʼe,+ kabajni naaf malu meerre?+ Gooftaa keessan* yoon taʼes sodaan* naaf malu meerre?’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
“‘Isin garuu, “Nuti akkamitti maqaa kee tuffanne?” jettu.’
7 “‘Iddoo aarsaa koo irratti nyaata* faalame dhiheessuudhaani.’
“‘Akkasumas isin, “Akkamitti si faalle?” jettu.’
“‘“Maaddiin Yihowaa+ tuffatamaa dha” jechuudhaani. 8 Horii jaamaa taʼe aarsaa gootanii yeroo dhiheessitan, “Rakkina tokko iyyuu hin qabu” jettu. Horii naafa yookiin dhukkubsataa taʼe yeroo dhiheessitanis, “Rakkina tokko iyyuu hin qabu” jettu.’”+
“Mee bulchaa keessaniif isaan dhiheessuuf yaalaa. Inni isinitti ni gammadaa? Yookiin gammachuudhaan isin ni simataa?” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
9 “Ammas maaloo, gaarummaa akka argisiisuuf Waaqa kadhadhaa. Aarsaawwan akkanaa qabattanii utuu jirtanii, inni gammachuudhaan isin ni simataa?” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
10 “Isin keessaa balbaloota sana cufuuf fedhii kan qabu eenyu?*+ Isin iddoo aarsaa koo irratti ibidda qabsiisuuf illee gatii gaafattu.+ Ani isinitti hin gammadu, aarsaan naaf dhiheessitan kam iyyuus na hin gammachiisu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.+
11 “Sababiin isaas, baha biiftuu irraa kaasee hamma lixa biiftuutti* maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼa.+ Maqaan koo saboota gidduutti guddaa waan taʼuuf, iddoo hundumaatti aarsaawwan ni aarfamu, kennaawwanis kennaa qulqulluu taʼanii ulfina maqaa kootiif ni dhihaatu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
12 “Isin garuu, ‘Maaddiin Yihowaa faalameera, firiin isaa, nyaanni isaas tuffatamaa dha’+ jechuudhaan isa* xureessaa jirtu.+ 13 Akkasumas, tuffiidhaan ‘Ilaa, akkam nama nuffisiisa!’ jettu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. “Isin horii hatame, naafaa fi dhukkubsataa fiddu. Eeyyee, wantoota akkanaa akka kennaatti fiddu! Maarree, ani isin harkaa fudhachuun qabaa?”+ jedha Yihowaan.
14 “Namni bushaayee isaa keessaa horii mudaa hin qabne utuma qabuu wareega wareegee horii mudaa qabu aarsaa godhee Yihowaadhaaf dhiheessuudhaan gowwoomsaa raawwatu abaaramaa haa taʼu. Sababiin isaas, ani Mootii isa guddaa dha;+ maqaan koos saboota gidduutti sodaachisaa ni taʼa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
2 “Yaa luboota nana, ajajni kun isiniif kenname.+ 2 Isin yoo na dhagaʼuu diddan, maqaa kootiif ulfina kennuufis garaa keessanitti yoo isa qabachuu baattan, ani abaarsicha isinitti nan erga;+ eebba keessanis abaarsatti nan jijjiira.+ Eeyyee, isin garaa keessanitti waan isa hin qabanneef, ani eebba keessan abaarsatti jijjiireera” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
3 “Kunoo, ani isiniin kan kaʼe, sanyii keessan isa facaafame nan balleessa;*+ fuula keessan irratti faltii, eeyyee, faltii ayyaanota keessanii nan facaasa; isinis isaa* wajjin ni gatamtu. 4 Achiis isin ajaja kana kanan isiniif kenne kakuun ani Leewwii wajjin gale akka itti fufuuf taʼuu isaa ni hubattu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
5 “Kakuun ani isaa wajjin gale kakuu jireenyaa fi kakuu nagaa ti; kana kanan isaaf kennes akka inni na sodaatuufi.* Inni na sodaateera, eeyyee, maqaa kootiif ulfina guddaa kenna ture. 6 Seerri* dhugaa afaan isaa keessa ture;+ jalʼinnis afaan isaa irratti hin argamne. Inni nagaa fi qajeelummaadhaan naa wajjin deddeebiʼeera;+ namoota hedduus dogoggora irraa deebiseera. 7 Lubichi yeroo hundumaa afaan isaa irraa beekumsa qabaachuu qaba; namoonnis seera* afaan isaa keessaa baʼu barbaaduu qabu;+ sababiin isaas, inni ergamaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.
8 “Isin garuu daandicha irraa jalʼattaniittu. Seerichaa wajjin haala wal qabateen* namoota hedduu gufachiistaniittu.+ Isin kakuu Leewwii balleessitaniittu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. 9 “Kanaafuu, ani namoota hundumaa duratti kan tuffatamtanii fi kan gad qabamtan akka taatan nan godha; sababiin isaas, isin daandiiwwan koo hin eegne; kanaa mannaa seericha raawwachuu irratti loogdaniittu.”+
10 “Hundi keenya iyyuu abbaa tokko qabna mitii?+ Kan nu uumes Waaqa tokkicha mitii? Maarree, kakuu abbootii keenyaa xureessuudhaan maaliif gocha gantummaa wal irratti raawwanna?+ 11 Yihudaan gocha gantummaa raawwateera; Israaʼelii fi Yerusaalem keessattis wanti jibbisiisaan raawwatameera; sababiin isaas, Yihudaan qulqullummaa* Yihowaa isa inni jaallatu sana xureesseera;+ intala waaqa biyya ormaas fuudheera.+ 12 Inni eenyu iyyuu yoo taʼe, Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif kennaa aarsaa taʼu kan dhiheessu yoo taʼe illee, Yihowaan nama akkana godhu kam iyyuu dunkaanota Yaaqoob keessaa ni balleessa.”+
13 “Wanti isin gootan kan biraanis* jira; innis iddoon aarsaa Yihowaa imimmaan, booʼichaa fi aaduudhaan akka guutamu kan godhu dha; kanaan kan kaʼes inni kennaa aarsaa keessaniitiif xiyyeeffannaa hin kennu yookiin wanti isin fiddan kam iyyuu isa duratti fudhatama hin argatu.+ 14 Isinis, ‘Maaliif?’ jettu. Sababiin isaas, Yihowaan sii fi haadha manaa ijoollummaa kee gidduutti ragaa baatuu dha; ishiin michuu kee fi haadha manaa kee ishii kakuu galteef* taatus ati ishii ganteetta.+ 15 Haa taʼu malee, akkana kan hin goone tokko jira; sababiin isaas, inni hamma tokko hafuuricha qaba. Inni maal barbaada ture? Sanyii Waaqayyoo barbaada ture. Kanaafuu, hafuura keessan eeggadhaa; haadha manaa ijoollummaa keessanii hin ganinaa. 16 Sababiin isaas, ani wal hiikuu nan jibba”*+ jedha Yihowaan Waaqni Israaʼel; “nama jalʼinaan uffata isaa faalus* nan jibba” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. “Hafuura keessan eeggadhaa; gantummaas hin raawwatinaa.+
17 “Isin dubbii keessaniin Yihowaa nuffisiistaniittu.+ Isin garuu, ‘Akkamitti isa nuffisiisne?’ jettu. ‘Namni wanta hamaa raawwatu kam iyyuu ija Yihowaa duratti gaarii dha; inni isatti ni gammada’+ yookiin ‘Waaqni haqaa meerre?’ jechuudhaani.”
3 “Kunoo, ani ergamaa koo nan erga, innis na dura buʼee daandii ni qulqulleessa.*+ Gooftaa dhugaan inni isin barbaaddattan akkuma tasaa gara mana qulqullummaa isaa ni dhufa;+ ergamaan kakuu sanaa inni isin itti gammaddanis ni dhufa. Kunoo, inni dhugumaan ni dhufa” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
2 “Guyyaa inni dhufutti garuu eenyutu dandamachuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatu eenyutu dhaabbachuu dandaʼa? Sababiin isaas, inni akka ibidda sibiila baqsee qulqulleessuu fi akka saamunaa+ uffata ittiin miiccanii ni taʼa. 3 Inni akka nama meetii baqsuutti+ taaʼee ilmaan Leewwii ni qulqulleessa; akkuma warqii fi meetiitti isaan ni qulqulleessa; isaanis dhugumaan saba qajeelummaadhaan Yihowaadhaaf kennaa dhiheessu ni taʼu. 4 Akkuma bara duriitti, akkuma waggoota darbaniitti, aarsaan Yihudaanii fi Yerusaalem akka kennaatti dhiheessan Yihowaa ni gammachiisa.*+
5 “Ani murtiidhaaf gara keessan nan dhufa; falfaltoota,+ ejjitoota, namoota sobaan kakatan,+ namoota warra mindeessanii hojjechiisan,+ dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi mucaa abbaa hin qabne* gowwoomsan,+ akkasumas warra namoota biyya ormaa gargaaruu didan*+ irratti dafee ragaa nan baʼa. Isaan kun na hin sodaanne” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
6 “Sababiin isaas, ani Yihowaa dha; ani hin jijjiiramu.*+ Isin ilmaan Yaaqoobi; isin amma iyyuu hin dhumne. 7 Isin bara abbootii keessanii irraa kaasee dambiiwwan koo irraa garagaltaniittu, isaaniinis hin eegne.+ Gara kootti deebiʼaa, anis gara keessanitti nan deebiʼa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
Isin garuu, “Nuti akkamitti gara keetti deebina?” jettu.
8 “Namni Waaqayyoon ni saamaa? Isin garuu na saamaa jirtu.”
Isinis, “Akkamitti si saamne?” jettu.
“Kurnoo fi buusii fiduu dhiisuudhaan na saamtan. 9 Isin na saamaa waan jirtaniif, dhugumaan ni abaaramtu,* eeyyee, guutummaan sabichaa akkana gochaa jira. 10 Mana koo keessa nyaanni akka jiraatuuf,+ kurnoo sana guutummaatti gara mana kuusaatti fidaa;+ ani foddaawwan samii banee hamma iddoo kaaʼattan dhabdanitti eebba kanan isin irratti roobsu* taʼuu fi dhiisuu+ isaa ilaaluuf mee gama kanaan na qoraa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
11 “Ani isa nyaatee fixu sana* isiniif nan ifadha; inni firii biyya keessanii hin mancaasu; mukti wayinii maasii keessaniis firii kan hin godhanne hin taʼu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
12 “Biyyi keessan biyya gammachuu waan taatuuf,* saboonni hundi gammadoo isiniin jedhu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
13 “Isin dubbii cimaa na irratti dubbattaniittu” jedha Yihowaan.
Isinis, “Nuti si irratti dubbii akkamii dubbanne?” jettu.+
14 “Isin akkana jettu: ‘Waaqayyoon tajaajiluun gatii hin qabu.+ Wanta inni nu irraa eegu raawwachuu fi cubbuu keenyaan kan kaʼe Yihowaa Gooftaa Raayyaa duratti gadduun keenya maal nu fayyade? 15 Amma nuti namoonni of tuulan gammadoo akka taʼan hubanneerra. Warri hammina raawwatanis milkaaʼina argachaa jiru.+ Isaan Waaqa qoruuf ni onnatu, garuu hin adabaman.’”
16 Yeroo sanatti namoonni Yihowaa sodaatan walii wajjin, tokkoon tokkoon isaanii michoota isaanii wajjin ni haasaʼan; Yihowaanis xiyyeeffannaadhaan ni dhaggeeffate, wanta isaan jedhanis ni dhagaʼe. Warra Yihowaa sodaatanii fi maqaa isaa irratti xiinxalaniifis*+ kitaabni yaadannoo isa duratti ni barreeffame.+
17 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Guyyaa ani qabeenya addaa* isaan godhadhutti,+ isaan kan koo ni taʼu.+ Akkuma abbaan tokko ilma isaaf ajajamutti gara laafina argisiisu, anis gara laafina isaanitti nan argisiisa.+ 18 Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaa fi nama hamaa,+ nama Waaqayyoon tajaajiluu fi nama isa hin tajaajille gidduu jiru ni hubattu.”
4 “Kunoo, guyyaan akka iddoo ibiddaatti bobaʼu ni dhufa;+ guyyaa sanatti namoonni of tuulanii fi namoonni hammina raawwatan hundi akka galabaa ni taʼu. Isaan guyyaa dhufu sanatti dhugumaan ni balleeffamu; hiddis taʼe dameen isaaniif hin hafu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. 2 “Isin warra maqaa kootiif ulfina kennitaniif* garuu aduun qajeelummaa ni baati, carallaan* ishiis isin fayyisa; isinis akkuma jabbilee coccoomootti ni burraaqxu.”
3 “Isin hamoota miila keessan jalatti ni dhidhiittu; sababiin isaas, isaan guyyaa ani tarkaanfii fudhadhutti akkuma biyyoo faana miila keessanii jala jiruu ni taʼu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
4 “Seera tajaajilaa koo Musee, jechuunis dambiiwwanii fi heeraawwan ani Israaʼelonni hundi akka eeganiif Horeebitti ajaje sana yaadadhaa.+
5 “Kunoo, ani guyyaan Yihowaa inni guddaanii fi sodaachisaan dhufuu isaa dura+ Eeliyaas raajicha+ gara keessanitti nan erga. 6 Innis ani dhufee lafa rukutuudhaan guutummaatti akka ishii hin balleessineef, garaa abbootii gara ilmaaniitti,+ garaa ilmaaniis gara abbootiitti ni deebisa.”
(Hiikkaan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa fi Afaan Aaraam as irratti xumurama; kanatti aansee Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikiitu itti fufa)
“Ergamaa Koo” jechuu dha.
Ykn., “Gooftaa guddicha.”
Ykn., “ulfinni.”
Kal., “daabboo.”
Hojii balbala mana qulqullummaa cufuu kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “bahaa hamma dhihaatti.”
Ykn tarii, “na.”
Kal., “ifadha.”
Jechuunis, faltii horii aarsaa taʼee dhihaatuu.
Ykn., “kabajuufi.”
Ykn., “Barumsi.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn tarii, “Barumsa keessaniin.”
Ykn tarii, “iddoo qulqulluu.”
Kal., “lammaffaanis.”
Ykn., “seeraan fuute.”
Kal., “inni wal hiikuu ni jibba.”
Ykn., “nama jalʼina raawwatus.”
Kal., “ni qopheessa.”
Ykn., “garaa ni ciibsa.”
Ykn., “warri jalaa duʼan.”
Ykn., “mirga isaanii dhowwatan.”
Ykn., “hin jijjiiramne.”
Ykn tarii, “abaarsaan na abaaraa jirtu.”
Kal., “xuruursu.”
Dhaʼicha ilbiisotaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Kal., “Isin biyya gammachuu waan taataniif.”
Ykn., “irratti yaadaniifis.” Ykn tarii, “maqaa isaatiif iddoo guddaa kennaniifis.”
Ykn., “gatii guddaa qabu.”
Kal., “maqaa koo sodaattaniif.”
Kal., “qoochoon.”