LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Efesoon 1:1-6:24
  • Efesoon

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Efesoon
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Efesoon

WARRA EFESOONIIF

1 Phaawulos isa fedhii Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa, qulqulloota Efesoon+ keessa jiranii fi tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabaniin amanamoo taʼaniif:

2 Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.

3 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa jajamu; inni tokkummaa Kiristoosii wajjin qabnuun iddoowwan samii keessatti eebba hafuuraa hundumaatiin nu eebbiseera;+ 4 nuti isa duratti jaalalaan qulqulluu fi mudaa kan hin qabne+ akka taanutti, addunyaan hundeeffamuu isaa dura isaa* wajjin tokkummaa akka qabaannuuf nu filateera. 5 Sababiin isaas, inni akka isa gammachiisuttii fi akka fedhii isaatti,+ karaa Yesuus Kiristoos akka ilmaan isaatti nu guddifachuuf+ dursee nu filateera;+ 6 kana kan godhes gaarummaa isaa isa guddaa+ isa ulfina qabeessa taʼe, karaa Ilma isaa isa jaallatamaa+ gaarummaadhaan nuu kenneef Waaqayyo akka jajamuufi. 7 Akka baayʼina gaarummaa isaa isa guddaatti, karaa dhiiga Ilma isaa+ furicha kaffaluu isaatiin bilisa baaneerra, eeyyee, cubbuun keenya nuuf dhiifameera.+

8 Gaarummaa guddaa kana ogummaa fi hubannaa hundumaan nuuf baayʼiseera; 9 kana kan godhe iccitii qulqulluu+ waaʼee fedhii isaa ibsu nutti beeksisuudhaani. Iccitiin kunis kaayyoo isaa wajjin haala wal simuun wanta inni raawwachuu barbaadee wajjin kan wal qabate dha; 10 yeroon murteeffame yommuu xumuramutti bulchiinsa tokko hundeessuudhaan, wantoota hunda, jechuunis wantoota samii keessaa fi wantoota lafa irraa gara Kiristoositti walitti qaba.+ Eeyyee, karaa isaa wantoonni hundi walitti qabamu; 11 nuti isaa wajjin tokkummaa qabna, dhaaltota akka taanuufis filatamneerra;+ inni akka fedhii isaatti karaa ofiin murteesseen waan hundumaa waan raawwatuuf, haala kaayyoo isaa wajjin wal simuun dursee nu filateera; 12 kunis nuti warri Kiristoosiin abdachuudhaan warra jalqabaa taane, Waaqayyo ulfina guddaa akka argatu akka goonuufi. 13 Haa taʼu malee, isinis dubbii dhugaa, jechuunis misiraachoo waaʼee fayyina keessanii ibsu erga dhageessanii booda isa abdattaniittu. Erga amantanii boodas karaa isaa, hafuura qulqulluu isa abdachiifame sanaan chaappaan isinitti godhameera;+ 14 inni dhaala keenyaaf dursee akka qabdiitti kan kenname+ yeroo taʼu, warra qabeenya Waaqayyoo+ taʼan furiidhaan+ bilisa baasuudhaan ulfina guddaa isaaf argamsiisa.

15 Kanaafuu, amantii isin Gooftaa Yesuus irratti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundatti argisiistan ergan dhagaʼee jalqabee, 16 waaʼee keessaniif galata dhiheessuu matumaa hin dhiisne. Gara fuulduraattis isiniif kadhachuu koo ittan fufa; 17 Waaqni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos inni Abbaa ulfinaa taʼe, hafuura ogummaa akka isinii kennuu fi beekumsa sirrii waaʼee isaa ibsu+ akka isiniif mulʼisu kadhachuu koo ittan fufa. 18 Inni ija garaa keessanii isiniif ibseera; kanas kan godhe abdii akkamiitiif akka isin waame, badhaadhinni guddaan inni qulqullootaaf dhaala godhee kennu kan akkamii akka taʼe,+ 19 akkasumas humni guddaan inni nu warra amanneef kenne hunda irra kan caalu akka taʼe akka beektaniifi.+ Humni kun hojii jabinni isaa inni guddaan raawwateen mulʼateera; 20 inni humna kanaan Kiristoosiin warra duʼan keessaa kaasee iddoowwan samii keessatti karaa mirga isaa akka taaʼu godheera;+ 21 sirna* ammaa keessatti qofa utuu hin taʼin sirna dhufu keessattis, mootummaa, aangoo, humna, gooftummaa fi maqaa moggaafamuu dandaʼu hundumaa gararraatti ol isa qabeera.+ 22 Kana malees, wantoonni hundi miila isaa jalatti akka isaaf bitamanii+ fi gumichaa wajjin haala wal qabateen wanta hundumaa irratti mataa akka taʼu isa godheera;+ 23 gumichi qaama isaa ti,+ isaan kan guutame dhas; inni immoo wanta hundumaa wanta hundaan kan guutu dha.

2 Kana malees, isin yakkaa fi cubbuu keessaniin duutanii kan turtan taʼus, Waaqayyo jiraataa isin godheera;+ 2 yeroo sanatti akka sirna* addunyaa kanaatti,+ akka bulchaa aangoo qilleensichaatti+ deddeebiʼaa turtan; kunis hafuura+ isa amma warra hin ajajamne irratti hojjechaa jiru dha. 3 Eeyyee, hundi keenya yeroo sanatti fedhii foonii+ fi fedhii yaada keenyaa raawwachaa, hawwii foonii keenyaa wajjin wal simnee isaan gidduu jiraachaa turre;+ akkuma warra kaaniis uumama keenyaan ijoollee dheekkamsaa turre.+ 4 Haa taʼu malee, Waaqayyo gara laafinni isaa guddaa dha;+ inni jaalala guddaadhaan waan nu jaallateef,+ 5 yeroo cubbuu keenyaan kan duune turretti illee Kiristoosii wajjin nu jiraachiseera;+ isinis gaarummaa isaa isa guddaadhaan fayyitan. 6 Kana malees, Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa waan qabnuuf Kiristoosii wajjin nu kaasee, isaa wajjin iddoowwan samii keessa akka teenyu godhe;+ 7 kana kan godhes, sirna* dhufu keessatti arjummaa isaatiin baayʼina gaarummaa isaa isa guddaa hunda irra caalu nu warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabnutti argisiisuuf jedhee ti.

8 Isin karaa amantii keessanii gaarummaa guddaa kanaan fayyitaniittu;+ kunis kennaa Waaqayyoo ti malee hojii keessaniin kan argattan miti. 9 Namni kam iyyuu boonuuf sababii akka hin qabaanneef, fayyina kana kan argattan hojii keessaniin miti.+ 10 Nuti hojii harka Waaqayyoo* ti; hojii gaarii isa Waaqayyo akka hojjennu dursee nuuf murteesseef, tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabnuun+ uumamneerra.+

11 Kanaafuu, isin warri saboota kaan keessaa dhuftan yeroo sanatti warri harka namaatiin “dhaqna qabatan” sun “namoota dhaqna hin qabanne” jedhanii isin waamaa akka turan yaadadhaa. 12 Isin yeroo sanatti saba Israaʼel irraa fagaattanii, kakuu waadaa sanaatiif+ keessummoota taatanii Kiristoos malee jiraachaa turtan; addunyaa keessattis abdii malee fi Waaqayyo malee jiraachaa turtan.+ 13 Amma garuu tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabdaniin isin warri yeroo sanatti Waaqayyo irraa fagaattanii turtan dhiiga Kiristoosiin isatti dhihaattaniittu. 14 Kiristoos nagaa keenya dha;+ inni girgiddaa gidduu isaaniitti dallaa taʼee gargar isaan baase diigee+ garee lamaan tokko godheera.+ 15 Gareewwan lamaan isaa wajjin tokkummaa qaban sana nama haaraa tokko gochuu+ fi nagaa uumuudhaaf foon isaatiin diinummaa, jechuunis ajajawwan Seerichaa warra labsiiwwan qabatan sana balleesseera; 16 kana kan godhes karaa muka dhiphinaa*+ isaatiin gareewwan lamaan sana qaama tokko godhee guutummaatti Waaqayyotti araarsuufi; sababiin isaas, inni duʼa isaatiin diinummaa balleesseera.+ 17 Akkasumas, inni dhufee isin warra fagaattanii turtaniifis taʼe warra dhihaatanii jiraniif misiraachoo nagaa lallabe; 18 sababiin isaas, nuti saboonni lamaan karaa isaa hafuura tokkoon bilisummaadhaan Abbaatti dhihaachuu dandeenyeerra.

19 Kanaafuu, isin kana booda keessummootaa fi namoota biyya ormaa miti;+ kanaa mannaa, isin qulqullootaa wajjin lammii biyya tokkoo ti,+ miseensota maatii Waaqayyoo tis;+ 20 buʼuura ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu;+ dhagaan golee inni buʼuura taʼe immoo Kiristoos Yesuusi dha.+ 21 Guutummaan gamoo sanaa tokkummaa isaa wajjin qabuun kutaawwan isaa hundumaa wajjin walitti makamee+ mana qulqullummaa Yihowaa* isa qulqulluu taʼee guddachaa jira.+ 22 Isinis iddoo Waaqayyo hafuuraan jiraatu taʼuuf tokkummaa isaa wajjin qabdaniin ijaaramaa jirtu.+

3 Kanaan kan kaʼes ani Phaawulos, inni isin warra saboota kaan keessaa dhuftaniif jedhee Kiristoos Yesuusiif hidhamee jiru,+ 2 gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan isiniif jecha itti gaafatamummaadhaan natti kennamuu isaa+ dhuguma dhageessaniittu, 3 akkuman kanaan dura gabaabaatti isiniif barreesse, iccitii qulqulluun mulʼataan natti beeksifameera. 4 Kanaafuu, yommuu kana dubbistan iccitii qulqulluu+ Kiristoos ilaalchisee beekumsa ani qabu hubachuu dandeessu. 5 Iccitiin kun akka amma karaa hafuuraa ergamoota qulqulluu fi raajotatti mulʼate, ilmaan namootaa warra dhaloota darban keessa turanitti hin mulʼanne;+ 6 kunis, namoonni saboota kaan keessaa dhufan Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan karaa misiraachichaa, isaa wajjin akka dhaalanii fi miseensa qaama tokkoo+ akka taʼan, akkasumas nuu wajjin waadaa Waaqayyo gale irratti akka hirmaatan kan ibsu dha. 7 Anis, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa karaa hojii humna isaa tola anaaf kennamee wajjin haala wal simuun iccitii qulqulluu kanaaf tajaajilaa taʼeera.+

8 Gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan ana isa qulqulloota hunda irraa gad taʼeef+ kennameera;+ kunis kan taʼe, misiraachoo waaʼee eebba Kiristoos isa hangana hin jedhamne sanaa saboota kaaniif akkan labsuufi; 9 akkasumas Waaqayyo inni waan hundumaa uume iccitii qulqulluu+ baroota darban hundatti dhoksee ture kana akkamitti akka hojii irra oolchu namoota hunda akkan hubachiisuufi. 10 Kunis kan taʼe, ogummaan Waaqayyoo inni bifawwan adda addaa hedduu qabu, amma mootummootaa fi abbootii taayitaa iddoowwan samii keessa jiranitti karaa gumichaa+ ifa akka taʼuufi.+ 11 Kun, Kiristoos Yesuus Gooftaa keenya ilaalchisee kaayyoo bara baraa inni qabuu wajjin kan wal simu dha;+ 12 nutis amantii isa irratti qabnuun bilisummaadhaan dubbachuu fi gufuu tokko malee Waaqayyotti dhihaachuu dandeenya.+ 13 Kanaafuu, kun isiniif ulfina waan taʼeef, rakkina sababii keessaniif na irra gaʼeen akka abdii hin kutanne isinan kadhadha.+

14 Kanaan kan kaʼes, ani Abbaadhaaf nan jilbeenfadha; 15 maatiin samii keessa jiruu fi lafa irra jiru hundi maqaa isaa isa irraa argate. 16 Inni keessa namummaa keessaniin+ jaboo akka taataniif ulfina isaa isa guddaadhaan, karaa hafuura isaa humna akka isiniif kennu, 17 akkasumas Kiristoos karaa amantii keessanii jaalalaan garaa keessan keessa akka jiraatu nan kadhadha.+ Hidda kan gad fageeffattanii+ fi buʼuura sana irra kan dhaabamtan taʼaa;+ 18 kunis balʼinni isaa, dheerinni isaa, ol fageenyi isaa fi gad fageenyi isaa hammam akka taʼe qulqulloota hundumaa wajjin guutummaatti hubachuu akka dandeessaniif, 19 akkasumas jaalala Kiristoos+ isa beekumsa irra baayʼee caalu akka beektaniifi; kunis wanta gaarii Waaqayyo kennu hundumaan akka guutamtan godha.

20 Isa humna isaa isa nu keessatti hojjetuu+ wajjin haala wal simuun, wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu hundumaa irra hedduu caalchisee gochuu dandaʼu+ sanaaf, 21 karaa gumichaa fi karaa Kiristoos Yesuus dhaloota hundumaa biratti baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.

4 Kanaafuu, ani inni Gooftaadhaaf jedhee hidhamee jiru,+ waamicha isa waamamtanii wajjin haala wal simuun akka deddeebitan+ isinan kadhadha; 2 yeroo hundumaa gad of qabuu+ fi garraamummaadhaan jiraadhaa; obsa qabaadhaa,+ akkasumas jaalalaan wal dandaʼaa;+ 3 hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii cimaa godhaa.+ 4 Akkuma yommuu waamamtan abdii tokkoon+ waamamtan, qaama tokkoo+ fi hafuura tokkotu jira;+ 5 Gooftaa tokko,+ amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira; 6 akkasumas, hundumaa ol kan taʼe, karaa hundumaa kan hojjetuu fi hundumaa keessatti kan hojjetu Abbaa hundumaa kan taʼe Waaqa tokkotu jira.

7 Akkuma Kiristoos kennaa tolaa safaree nuuf kennetti gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan tokkoon tokkoon keenyaaf kennameera.+ 8 Sababiin isaas, Kitaabonni Qulqulluun, “Inni yommuu gara iddoo ol kaʼaatti ol baʼe boojiʼamtoota fudhate; namootas kennaa godhee kenne”+ jedhu. 9 Maarree jechi, “ol baʼe” jedhu maal jechuu dha? Sana dura gara lafaatti gad buʼee ture jechuu dha. 10 Inni wantoota hundumaa guutuu gochuuf jedhee samiiwwan+ hunda gararraatti ol baʼe+ sun isuma gad buʼee ture sana dha.

11 Inni tokko tokko ergamoota,+ tokko tokko raajota,+ tokko tokko labsitoota wangeelaa,*+ tokko tokko immoo tiksitootaa fi barsiisota+ godhee kenne; 12 kanas kan godhe, qulqulloota akka qajeelchan,* warra kaan akka tajaajilanii fi qaama Kiristoos akka ijaaraniifi;+ 13 kunis hamma hundi keenya tokkummaa isa amantii fi waaʼee Ilma Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuudhaan argamu bira geenyutti, akkasumas hamma bilchaatoo taanutti,+ jechuunis akkuma Kiristoos hamma bilchina guutuu bira geenyutti dha. 14 Kanaafuu, kana booda ijoollee taʼuu hin qabnu; akka waan dambaliidhaan asii fi achi oofamnuu qilleensa barumsaa+ hundumaa isa gowwoomsaa namootaa fi mala haxxummaa irratti hundaaʼeen asii fi achi daddarbatamuu hin qabnu. 15 Kanaa mannaa, dhugaa dubbachuudhaan, wanta hundumaan gara isaatti, jechuunis gara Kiristoos isa mataa taʼetti jaalalaan haa guddannu.+ 16 Guutummaan qaamichaa+ karaa isaa wal simee kan wal qabate yeroo taʼu, tokkoon tokkoon buusaawwanii wanta isaaf barbaachisu kennaniin walitti hidhameera. Kutaan qaamaa hundi akka gaariitti yommuu hojii isaa hojjetu, qaamni sun akka guddatuu fi jaalalaan akka of ijaaru gochuu irratti gumaacha godha.+

17 Kanaafuu, isin kana booda akka saboonni kaan sammuu faayidaa hin qabneen*+ deddeebiʼanitti akka hin deddeebine+ ani maqaa Gooftaatiin kana nan dubbadha, akkasumas ragaa nan baʼa. 18 Isaan doofummaa waan qabanii fi garaan isaanii waan hadoodeef, sammuun isaanii dukkanaaʼeera; jireenya isa kan Waaqayyoo irraas fagaataniiru. 19 Miirri naamusaa isaanii guutummaatti waan hadoodeef, sassataan xuraaʼummaa gosa hundumaa raawwachuuf addaggummaatti*+ dabarsanii of kennaniiru.

20 Isin garuu Kiristoosiin akkasitti hin baranne; 21 dhugaa Yesuus barsiisee wajjin haala wal simuun yoo isa dhageessanii fi yoo isa irraa barattan wantoota kana akka gaariitti ni beektu. 22 Namummaa moofaa isa jireenya keessan isa durii wajjin wal simuu fi hawwii isaa isa gowwoomsaa taʼeen mancaʼaa deemu+ of irraa baastanii akka gattan barattaniittu.+ 23 Humna sammuu keessan hojjechiisuun* haareffamuu keessan itti fufaa;+ 24 akkasumas, namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffadhaa.+

25 Kanaafuu, nuti amma kutaawwan qaama tokkoo+ waan taanee fi gowwoomsaa of irraa baasnee waan gatneef, tokkoon tokkoon keessan dhugaa namatti dubbadhaa.+ 26 Dheekkamaa, garuu cubbuu hin hojjetinaa;+ utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin;+ 27 Diyaabilosiif carraa* hin kenninaa.+ 28 Inni hatu kana booda hin hatin; kanaa mannaa, nama rakkateef wanta kennu akka qabaatuuf+ harka isaatiin jabaatee hojii gaarii haa hojjetu.+ 29 Dubbii tortoraan afaan keessan keessaa hin baʼin;+ kanaa mannaa, warri dhagaʼan faayidaa akka argataniif+ akkuma barbaachisummaa isaatti dubbii gaarii ijaaruuf gargaaru dubbadhaa. 30 Kana malees, hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa furii sanaan bilisa itti baataniif+ chaappaan ittiin isinitti godhame+ sana hin gaddisiisinaa.+

31 Jibba guddaa,+ aarii, dheekkamsa, iyya, arrabsoo+ fi wanta miidhaa geessisu hundumaa of irraa fageessaa.+ 32 Kanaa mannaa gaarummaa walitti argisiisaa, akkasumas garaa waliif laafaa;+ akkuma Waaqayyo karaa Kiristoos tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.+

5 Kanaafuu, ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa;+ 2 akkuma Kiristoos nu* jaallachuudhaan+ nuuf* jedhee Waaqayyoof kennaa fi aarsaa urgaa gaarii qabu+ godhee of dhiheesse, jaalalaan deddeebiʼuu keessan itti fufaa.+

3 Namoota qulqulluudhaaf sirrii waan hin taaneef,+ halalummaan,* xuraaʼummaan akaakuu hundumaa yookiin sassatni isin gidduutti hin dubbatamin;+ 4 gochi qaanessaan yookiin dubbiin gowwummaa yookiin qoosaa jibbisiisaan+ wantoota sirrii hin taane dha; kanaa mannaa, kan galateeffattan taʼaa.+ 5 Akkuma beektanii fi ofii keessanii hubattanitti, namni halaleen*+ yookiin namni xuraaʼaan yookiin namni sassata+ isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe raawwatu Mootummaa Kiristoosii fi Mootummaa Waaqayyoo keessatti dhaala tokko illee hin qabaatu.+

6 Dheekkamsi Waaqayyoo sababii wantoota akkasiitiin warra hin ajajamne irratti waan dhufuuf, namni kam iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin. 7 Kanaafuu, isaanii wajjin tokkummaa hin qabaatinaa; 8 isin yeroo tokkotti dukkana turtan; amma garuu Gooftaa wajjin haala wal qabateen ifa taataniittu.+ Akka ijoollee ifaatti deddeebiʼuu keessan itti fufaa; 9 sababiin isaas, firiin ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa akaakuu hundumaa kan qabate dha.+ 10 Yeroo hundumaa wanta Gooftaa biratti fudhatama qabu+ qoraa mirkaneeffadhaa; 11 hojiiwwan dukkanaa firii hin qabne irratti hirmaachuu dhiisaa;+ kanaa mannaa isaan saaxilaa. 12 Sababiin isaas, wanta isaan dhoksaatti hojjetan dubbachuun illee nama qaanessa. 13 Wantoonni ifatti baʼan hundi ni saaxilamu, wantoonni saaxilaman hundi ifa taʼu. 14 Kanaafuu, “Yaa namicha rafaa jirtu nana, dammaqi, warra duʼan keessaas kaʼi;+ Kiristoos si irratti ibsa”+ jedhameera.

15 Egaa kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; 16 guyyoonni kun hamoo waan taʼaniif, yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.*+ 17 Kanaafuu, gowwoota hin taʼinaa; kanaa mannaa, fedhiin Yihowaa* maal akka taʼe hubachuu keessan itti fufaa.+ 18 Akkasumas, jireenya gadhiisiidhaaf* waan isin saaxiluuf, daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa;+ kanaa mannaa, hafuuraan guutamuu keessan itti fufaa. 19 Faarfannaadhaan, Waaqayyoon jajachuudhaan, akkasumas faarfannaa+ hafuuraatiin walitti dubbadhaa;* garaa keessanitti muuziqaadhaan+ Yihowaadhaaf* faarfadhaa;+ 20 yeroo hunda Waaqaa fi Abbaa keenyaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin+ wanta hundumaatiif galata dhiheessaa.+

21 Kiristoosiin sodaachuudhaan waliif bitamaa.+ 22 Haadhotiin manaa akkuma Gooftaadhaaf bitaman abbootii manaa isaaniitiif haa bitaman;+ 23 sababiin isaas, akkuma Kiristoos gumichaaf mataa taʼe, abbaan manaas mataa haadha manaa isaa ti;+ Kiristoos gumicha isa qaama isaa taʼeef fayyisaa dha. 24 Akkuma gumiin Kiristoosiif bitamu, haadhotiin manaas waan hundumaatiin abbootii manaa isaaniitiif haa bitaman. 25 Isin abbootiin manaa, akkuma Kiristoos gumii jaallatee fi ofii isaa dabarsee isaaf kenne,+ haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa;+ 26 inni kana kan godhe gumicha bishaaniin, jechuunis dubbii Waaqayyootiin dhiqee qulqulleessuudhaan qulqulluu gochuufi;+ 27 kunis gumichi xuriin yookiin gogaa shuntuuraan yookiin wanti akkasii tokko illee utuu irratti hin argamin,+ qulqulluu fi hirʼina kan hin qabne+ taʼee akkuma miidhagina isaa eegetti isa duratti akka mulʼatuufi.

28 Haaluma wal fakkaatuun, abbootiin manaa akkuma qaama isaaniitti haadhotii manaa isaanii haa jaallatan. Namni haadha manaa isaa jaallatu of jaallata; 29 namni qaama* ofii jibbu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, ni soora, akkasumas ni kunuunsa; Kiristoosis gumichaaf akkanuma godha; 30 sababiin isaas, nuti kutaawwan qaama isaa ti.+ 31 “Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana;* lamaan isaanii foon tokko taʼu.”+ 32 Iccitii qulqulluun+ kun guddaa dha. Ani waaʼee Kiristoosii fi waaʼee gumichaa dubbachaan jira.+ 33 Taʼus, tokkoon tokkoon keessan akkuma of jaallattanitti haadha manaa keessan jaalladhaa;+ karaa biraa immoo, haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.+

6 Yaa ijoolle, kun qajeelaa waan taʼeef, fedhii Gooftaa wajjin haala wal simuun warra keessaniif ajajamaa.+ 2 Ajajni jalqabaa, “Abbaa kee fi haadha tee kabaji”+ jedhu eebba akkana jedhu qabateera: 3 “Kunis gaarii akka siif taʼuu* fi umuriin kee lafa irratti akka dheeratuufi.” 4 Isin abbootiin, ijoollee keessan hin aarsinaa;+ kanaa mannaa, adabaa+ fi gorsa* Yihowaatiin*+ isaan guddisaa.

5 Isin garboonni, akkuma Kiristoosiif ajajamtan sodaadhaan, akkasumas romʼuudhaan garaa qulqulluudhaan gooftolii keessaniif ajajamaa;+ 6 namoota gammachiisuuf jecha, yeroo namni isin ilaalutti qofa utuu hin taʼin,*+ akka garboota Kiristoos warra lubbuu* guutuudhaan+ fedhii Waaqayyoo raawwataniitti isaaniif ajajamaa. 7 Namootaaf utuu hin taʼin, akkuma Yihowaadhaaf* hojjettanitti+ ilaalcha gaariidhaan tajaajilaa; 8 sababiin isaas, garbichas taʼe nama bilisa taʼe, tokkoon tokkoon namaa wanta gaarii hojjete kamiif iyyuu, Yihowaa* biraa gatii isaa akka argatu beektu.+ 9 Isin gooftoliinis, doorsisuudhaan utuu hin taʼin, haaluma kanaan isaan qabaa; sababiin isaas, Gooftaan isaaniis taʼe kan keessan samii keessa akka jiruu+ fi isa bira looguun akka hin jirre beektu.

10 Dhuma irrattis, Gooftaa fi jabina isaa isa guddaa irraa humna argachuu keessan itti fufaa.+ 11 Malawwan haxxummaa Diyaabilos mormitanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, meeshaa waraanaa guutuu isa Waaqayyo biraa argamu uffadhaa;+ 12 sababiin isaas, waldhaansoon+ keenya dhiigaa fi foonii wajjin miti; kanaa mannaa mootummoota, abbootii taayitaa, bulchitoota addunyaa isa dukkanaaʼaa kanaa, jechuunis humnoota hafuurota hamoo+ iddoowwan samii keessa jiranii wajjini dha. 13 Kanaafuu, guyyaa hamaa sanatti mormuu fi wanta hundumaa erga raawwattanii booda jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, meeshaa waraanaa guutuu isa Waaqayyo biraa argamu+ fudhadhaa.

14 Egaa, qabattoo dhugaatiin mudhii keessan hidhachuudhaan,+ uffata qomaa* qajeelinaa uffachuudhaan,+ 15 akkasumas misiraachoo nagaa labsuuf qophaaʼuuf miila keessanitti kophee kaaʼachuudhaan jabaadhaa dhaabbadhaa.+ 16 Kana hunda malees, gaachana amantii+ guddaa isa xiyyawwan isa hamaa sanaa warra bobaʼan*+ hunda dhaamsuuf isin dandeessisu kaasaa. 17 Kana malees, baarmeexaa sibiilaa fayyinaa+ fi goraadee hafuuraa isa dubbii Waaqayyoo+ taʼe fudhadhaa; 18 kadhannaa gosa hundumaa+ fi wawwaannaadhaan yeroo hundumaa hafuuraan kadhadhaa.+ Kanaafuu, yeroo hunda dammaqoo taʼaa; akkasumas qulqulloota hundumaatiif yeroo hunda wawwaannaa dhiheessaa. 19 Iccitii qulqulluu misiraachichaa beeksisuu irratti ija jabinaan dubbachuu akkan dandaʼutti, yommuun afaan koo saaqqadhu wanti ani dubbadhu akka naaf kennamu anaafis kadhadhaa;+ 20 misiraachoo kanaaf ambaasaaddara+ taʼee funcaadhaan hidhamee waanan jiruuf, akkan dubbachuu qabutti ija jabinaan waaʼee isaa dubbachuu akkan dandaʼu anaaf kadhadhaa.

21 Isin waaʼee koo fi maal hojjechaa akkan jiru akka beektaniif, obboleessi keenya jaallatamaan Tikiqoos+ inni tajaajilaa Gooftaa amanamaa taʼe waan hundumaa isinitti hima.+ 22 Ani kanan isa ergu kanumaafi; innis waaʼee keenya isinitti hima, akkasumas isin jajjabeessa.

23 Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa nagaa fi jaalalli amantii wajjin obboloota keenyaaf haa taʼu. 24 Gaarummaa guddaan, warra jaalala hin badneen Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin jaallatan hundumaa wajjin haa taʼu.

Jechuunis, Kiristoos.

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “adeemsa.”

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “buʼaa hojii isaa.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “misiraachichaa.”

Ykn., “leenjisan.”

Ykn., “duwwaadhaan.”

Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “Hafuura sammuu keessaniin.”

Ykn., “iddoo.”

Ykn tarii, “isin.”

Ykn tarii, “isiniif.”

Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali, “Halalummaa.”

Kal., “yeroo murteeffame bitaa.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “seeraan ala taʼeef.”

Ykn tarii, “ofitti dubbadhaa.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kal., “foon.”

Ykn., “haadha manaa isaa wajjin jiraata.”

Ykn., “badhaadhaa akka taatuu.”

Ykn., “barumsa; qajeelfama.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kal., “akka warra namoota gammachiisuuf jecha ija ilaallachaa hojjetaniitti utuu hin taʼin.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kun wanta akka gaachanaa qoma loltuu tokkoo miidhaa irraa eeguuf gargaaru dha.

Ykn., “meeshaawwan waraanaa furguggifaman.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi