Faarfannaa
106 Yaahiin jajadhaa!*
Inni gaarii+ waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
2 Gochawwan Yihowaa warra jajjaboo guutummaatti labsuu
Yookiin hojiiwwan isaa warra jajamuu qaban hundumaa lallabuu kan dandaʼu eenyu?+
3 Warri haqaan tarkaanfii fudhatan,
Warri yeroo hunda wanta sirrii taʼe raawwatan+ gammadoo dha.
4 Yaa Yihowaa, yommuu saba keetti gaarummaa* argisiistu na yaadadhu.+
Gochawwan fayyinaa keetiinis kunuunsa naaf godhi;
5 Kunis gaarummaa ati warra siif filatamaniif+ raawwattu akkan dhandhamuuf,
Saba kee wajjin akkan gammaduuf,
Dhaala kee wajjin si jajachuudhaanis akkan siin boonuufi.
6 Nuti akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra;+
Dogoggora raawwanneerra; hamminaanis deddeebineerra.+
7 Abbootiin keenya yeroo Gibxii keessa turanitti hojiiwwan kee warra dinqisiisoo hin hubanne.*
Jaalala kee isa amanamaa isa hedduu taʼe hin yaadanne;
Kanaa mannaa galaanicha, jechuunis Galaana Diimaa biratti fincila kaasan.+
9 Galaana Diimaa ni ifate; galaanichis ni goge;
Akkuma waan gammoojjii* keessa deemaniitti gad fageenya galaanichaa keessa isaan geggeesse;+
10 Harka diina isaanii jalaa isaan oolche,+
Harka hamajaajii jalaas isaan fure.+
13 Taʼus wanta inni raawwate yeruma sana irraanfatan;+
Gorsa isaas obsaan hin eegganne.
14 Lafa onaa keessatti fedhii ofittummaa isaaniitiif ni moʼaman;+
Gammoojjii keessatti Waaqayyoon ni qoran.+
15 Innis wanta isaan gaafatan isaaniif ni kenne,
17 Achiis lafti banamtee Daataaniin liqimsite,
Warra Abiraamii wajjin walitti qabaman irrattis ni deebite.+
18 Garee isaanii gidduutti ibiddi ni bobaʼe;
Laboobnis warra hamoo sana ni nyaate.+
19 Isaan Horeeb keessatti jabbii tolchan,
Siidaa sibiilaatiifis* ni sagadan;+
20 Ulfina koos
Bifa qotiyyoo marga dheeduutti jijjiiran.+
21 Waaqa isa Fayyisaa isaanii taʼe,
Isa Gibxii keessatti wantoota guguddaa raawwate,+
22 Isa biyya Kaam keessatti hojiiwwan dinqisiisoo,+
Galaana Diimaa birattis gochawwan sodaachisoo raawwate+ ni irraanfatan.
23 Inni haxaaʼee isaan balleessuuf kaʼee ture,
Haa taʼu malee, Museen inni isaaf filatame sun
Dheekkamsi isaa inni badiisa fidu isaan irraa akka goru gochuuf isaaniif ni kadhate.*+
24 Sana booda biyya isaanii ishii bareedduu ni tuffatan;+
Waadaa isaa irrattis amantii hin qaban turan.+
26 Kanaafuu, inni lafa onaa keessatti akka dhuman gochuuf
Waaʼee isaanii harka isaa ol kaasee kakate;+
27 Sanyiiwwan isaanii saboota gidduutti akka dhuman akka godhu,
Biyyoota garaa garaa keessattis akka isaan bittinneessus ni kakate.+
28 Achiis isaan waaqeffannaa Baʼaal+ isa Pheʼor irratti ni hirmaatan,*
Aarsaawwan warra duʼaniif* dhihaatanis ni nyaatan.
30 Taʼus Finahaas kaʼee yommuu tarkaanfii fudhatetti,
Dhaʼichi sun ni dhaabbate.+
31 Kunis dhaloota hundumaa keessatti bara baraaf
Akka qajeelummaatti isaaf ni lakkaaʼame.+
32 Isaan bishaan Mariibaa* biratti isa dheekkamsiisan,
Isaaniin kan kaʼes Musee irra rakkinni ni gaʼe.+
36 Waaqolii tolfamoo isaanii tajaajiluu isaanii itti fufan,+
Waaqoliin kunis kiyyoo isaanitti taʼan.+
37 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii
Jinniiwwaniif aarsaa godhanii dhiheessu turan.+
38 Dhiiga qulqulluu,
Dhiiga ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii
Warra waaqolii tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhan+ sanaa dhangalaasuu isaanii hin dhiisne;+
Biyyattiinis dhiigaan ni faalamte.
39 Isaan hojiiwwan isaaniitiin ni xuraaʼan;
Gochawwan isaaniitiin karaa hafuuraa sagaagalummaa ni raawwatan.+
40 Kanaafuu, dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti ni bobaʼe,
Dhaala isaas ni jibbe.
42 Diinonni isaanii isaan cunqursan,
Isaanis aangoo* isaanii jala galanii turan;
43 Inni yeroo baayʼee isaan ni oolche,+
Isaan garuu ni fincilu, ajajamuu ni didu,+
Balleessaa isaaniitiin kan kaʼes ni salphatu turan.+
44 Inni garuu dhiphina isaanii ni ilaala,+
Iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessanis ni dhagaʼa ture.+
45 Isaaniif jedhee kakuu isaa ni yaadata,
Jaalala isaa isa amanamaa isa guddaa* taʼeen kakaʼees isaaniif ni gadda ture.*+
46 Warri isaan boojiʼan hundi
Akka isaaniif gaddan ni godha ture.+
47 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nu oolchi;+
Maqaa kee isa qulqulluudhaaf galata akka galchinuuf,
Akkasumas si jajachuudhaan akka gammannuuf,+
Saboota keessaa walitti nu qabi.+
48 Yihowaan Waaqni Israaʼel,
Baraa hamma bara baraatti haa jajamu.+
Namoonni hundis, “Ameen!”* haa jedhan.
Yaahiin jajadhaa!*