WARRA FILIPHISIYUSIIF
1 Phaawulosii fi Ximotewos warra garboota Kiristoos Yesuus taʼan irraa, ilaaltota ol aanaa fi tajaajiltoota gumii+ dabalatee, qulqulloota Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabanii fi Filiphisiyus+ keessa jiran hundumaaf:
2 Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.
3 Ani yeroon isin yaadadhu hundumaatti Waaqa koo nan galateeffadha; 4 yeroo hundumaa waaʼee hunda keessanii gammachuudhaan wawwaannaa nan dhiheessa;+ 5 kana kanan godhus, isin guyyaa jalqabaatii kaastanii hanga ammaatti misiraachichaaf gumaacha gochaa* waan jirtaniifi. 6 Sababiin isaas, inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun, hanga guyyaa Kiristoos Yesuusitti+ hojii sana akka xumuru nan amana.+ 7 Isin yeroon hidhamee jirutti,+ akkasumas misiraachichaaf falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuuf yaalaa turetti,+ gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irratti anaa wajjin waan hirmaattaniif garaa koo keessa jirtu; kanaan kan kaʼes, hunda keessan ilaalchisee kana yaaduun koo sirrii dha.
8 Jaalala guddaa isa Kiristoos Yesuus qabuun hunda keessan hammam akkan yaadu Waaqayyo ragaa naaf baʼa. 9 Jaalalli keessan beekumsa sirrii+ fi hubannaa guutuudhaan+ caalaatti guddachaa akka deemu+ kadhachuu koo ittan fufa; 10 kunis isin wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baastanii beekuudhaan,+ hamma guyyaa Kiristoositti mudaa kan hin qabne akka taatanii fi warra kaan akka hin gufachiisneefi;+ 11 akkasumas Waaqayyo ulfina akka argatuu fi akka jajamuuf, firii qajeelinaa karaa Yesuus Kiristoos+ argamuun akka guutamtaniifi.
12 Yaa obbolootaa, haalli ani keessa jiru caalaatti misiraachicha babalʼisuuf gumaacha gochuu isaa akka beektan nan barbaada; 13 Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo+ waardiyyoota mootii Roomaa hundaa fi warra kaan hunda biratti akka gaariitti beekameera.+ 14 Hidhamuu kootiin kan kaʼe, obboloota Gooftaa tajaajilan keessaa hedduun isaanii jabina argataniiru; dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuufis caalaatti ija jabina argisiisaa jiru.
15 Dhugaa dha, namoonni tokko tokko Kiristoosiin kan lallaban hinaaffaa fi morkiidhaan kakaʼanii ti; warri kaan garuu yaada gaariidhaan kakaʼanii ti. 16 Warri yaada gaariidhaan kakaʼanii lallaban ani misiraachichaaf falmuuf akkan muudame+ waan beekaniif jaalalaan kakaʼanii Kiristoosiin lallabu; 17 warri kaan garuu, garaa qulqulluudhaan utuu hin taʼin, hidhamuu koo irratti rakkina dabaluuf jedhanii jibbaan kakaʼanii kana godhu. 18 Kun buʼaa maalii argamsiise ree? Fakkeessuudhaanis taʼe dhugaadhaan, karaa kamiin iyyuu Kiristoos lallabamaa jira; anis kanatti nan gammada. Gara fuulduraattis gammaduu koo ittan fufa; 19 sababiin isaas, wawwaannaa keessanii+ fi deggersa hafuura Yesuus Kiristoosiin+ kun fayyina akka naaf argamsiisu beeka. 20 Kunis wantan hawwiidhaan eeggadhuu fi abdii koo isan karaa tokkoon illee itti hin qaanofnee wajjin kan wal simu dha; akkuman kanaan dura gochaa ture, bilisummaadhaan dubbachuudhaan yoon jiraadhes taʼe yoon duʼe, qaama kootiin Kiristoosiin ol nan godha.+
21 Gama kootiin, yoon jiraadhe, Kiristoosiif jedheen jiraadha;+ yoon duʼes kun anaaf buʼaa dha.+ 22 Ani fooniin yoon jiraadhe, kun firii hojii koo ti; haa taʼu malee, wantan filadhu hin beeksisu. 23 Ani gadhiifamuu fi Kiristoosii wajjin taʼuu isa shakkii tokko malee hunda irra wayyu waanan hawwuuf,+ wantoota kana lamaan gidduutti dhiphachaan jira.+ 24 Haa taʼu malee, isiniif jedhee fooniin turuun koo anaaf caalaatti barbaachisaa dha. 25 Kanaafuu, waaʼee kanaa mirkanaaʼaa waanan taʼeef, guddina akka gootanii fi amantii keessatti akka gammaddaniif fooniin turuu fi hunda keessanii wajjin jiraachuu koo akkan itti fufu beeka; 26 kunis, yommuun lammata gara keessan dhufu gammachuun isin karaa Kiristoos Yesuus qabdan guutee akka irraa dhangalaʼuufi.
27 Ani yoon dhufee isin arges taʼe yoon isin irraa fagaadhee jiraadhe, akka nama tokkootti*+ hafuura tokkoon amantii misiraachoo sanaaf wal cinaa dhaabbattanii carraaqqii gochuudhaan jabaattanii dhaabbachuu keessan akkan dhagaʼuuf, misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsuu wajjin haala wal simuun jiraadhaa;*+ 28 akkasumas karaa kamiin iyyuu diinota keessan hin sodaatinaa. Kun isaan akka badan,+ isin garuu fayyina akka argattan+ kan mirkaneessu dha; kunis Waaqayyo biraa kan kenname dha. 29 Sababiin isaas, isin Kiristoositti amanuuf qofa utuu hin taʼin, isaaf jettanii dhiphachuufis mirga argattaniittu.+ 30 Isinis qabsoo utuu ani gochaa jiruu argitanii+ fi ammas gochaa akkan jiru dhageessan sana gochaa jirtu.
2 Egaa isin karaa Kiristoos jajjabina kan kennitan, jaalalaan kakaatanii warra kaan kan jajjabeessitan, warra kaaniif kan yaaddan, kan isaan jaallattanii fi garaa kan isaaniif laaftan erga taatanii, 2 yaada tokkoo fi jaalala tokko qabaachuudhaan, guutummaatti tokkummaa qabaachuudhaan,* akkasumas ilaalcha tokko qabaachuudhaan+ gammachuu koo guutuu naaf godhaa. 3 Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa+ malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan+ kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa;+ 4 faayidaa warra kaaniis yaadaa+ malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.+
5 Ilaalcha Kiristoos Yesuus qabu kana qabaadhaa;+ 6 inni bifa Waaqayyootiin jiraachaa kan ture taʼus,+ Waaqayyoo wajjin qixxee taʼuuf yaaluu yaanni jedhu gara sammuu isaatti illee hin dhufne.+ 7 Kanaa mannaa duwwaa of godhe; bifa garbummaa qabaatees+ nama taʼe.*+ 8 Kana malees, yeroo nama taʼee dhufe,* gad of qabuudhaan hamma duʼutti, jechuunis hamma muka dhiphinaa* irratti fannifamee duʼutti+ ajajamaa taʼe.+ 9 Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol isa godhe;+ akkasumas maqaa maqaa kan biraa kam irra iyyuu caalu gaarummaadhaan isaaf kenne;+ 10 kana kan godhes jilbi hundi, jechuunis samii keessa kan jiranii fi lafa irra kan jiran, akkasumas lafa jala kan jiran hundi maqaa Yesuusiin akka jilbeenfataniif,+ 11 arrabni hundis ulfina Waaqayyo Abbaatiif Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa ifatti akka beeksisuufi.+
12 Egaa yaa obboloota jaallatamo, akkuma yeroo hunda ajajamtan yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin, caalaatti amma yeroo ani isin bira hin jirretti, sodaachuu fi romʼuudhaan fayyina keessan mirkaneessuuf carraaqqii gochuu keessan itti fufaa. 13 Sababiin isaas, Waaqayyo wanta isa gammachiisuu wajjin haala wal simuun, fedhii fi humna hojiidhaaf isin barbaachisu isiniif kennuudhaan isin jabeessa. 14 Waan hundumaa gungummii+ fi falmii malee+ hojjedhaa; 15 kunis dhaloota jalʼaa fi micciiramaa+ kana gidduutti ijoollee Waaqayyoo+ warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota akka taataniifi; addunyaa kana keessattis akka ibsitoota ifaatti ifaa jirtu;+ 16 kana kan gootanis dubbii jireenyaa cimsitanii qabachuudhaani.+ Anis kanan fiige yookiin jabaadhee kanan hojjedhe akkasumaan akka hin taane beekuudhaan guyyaa Kiristoositti sababiin itti gammadu nan argadha. 17 Haa taʼu malee, aarsaa+ fi tajaajila qulqulluu* amantiidhaan kakaatanii dhiheessitan irratti akka aarsaa dhugaatiitti yoon dhangalaafame illee+ ani nan gammada; akkasumas hunda keessanii wajjin nan ililcha. 18 Haaluma wal fakkaatuun isinis anaa wajjin gammaduu fi ililchuu qabdu.
19 Ammas waaʼee keessan dhagaʼee akkan jajjabaadhuuf fedhii Gooftaa Yesuus yoo taʼe Ximotewosiin+ dafee gara keessanitti akkan ergu nan abdadha. 20 Sababiin isaas, ani nama akka isaatti waaʼee keessan garaadhaa yaadu kan biraa hin qabu. 21 Warri kaan hundi faayidaa Yesuus Kiristoosiif utuu hin taʼin, faayidaa mataa isaaniitiif carraaqu. 22 Inni garuu misiraachicha babalʼisuuf jecha, akkuma ilmi+ abbaa isaa wajjin hojjetutti anaa wajjin tajaajiluudhaan eenyummaa isaa akkamitti akka mirkaneesse beektu. 23 Kanaafuu, akkuman haala koo beekeen, hatattamaan gara keessanitti akkan isa ergu nan abdadha. 24 Fedhii Gooftaa yoo taʼe, ani mataan koo iyyuu dafee gara keessan akkan dhufu hin shakku.+
25 Ammaaf garuu Ephaafrodixos obboleessa koo isa anaa wajjin hojjetuu fi anaa wajjin loltuu taʼe isa isin wanta na barbaachisu irratti dhuunfaatti akka na tajaajiluuf ergitan gara keessanitti erguun gaarii akka taʼe natti dhagaʼama;+ 26 inni hunda keessan arguu barbaada; akka inni dhukkubsate waan dhageessaniif baayʼee dhiphateera. 27 Dhugaa dubbachuuf inni baayʼee dhukkubsatee duʼuu jala gaʼee ture; haa taʼu malee Waaqayyo garaa isaaf laafe; isa qofaaf utuu hin taʼin, gadda irratti gaddi akka natti hin dabalamneef anaafis garaa laafeera. 28 Kanaafuu, isin yommuu isa argitan lammata akka gammaddanii fi anis yaaddoon koo akka naa salphatuuf, hatattamaan gara keessanitti isa nan erga. 29 Egaa akkuma warra Gooftaa tajaajilan gidduutti barsiifata taʼetti gammachuudhaan isa simadhaa; namoota akka isaatiif ulfina guddaa kennaa;+ 30 sababiin isaas, isin as waan hin jirreef, inni iddoo keessan buʼee dhuunfaatti na tajaajiluuf lubbuu isaa balaadhaaf saaxiluudhaan hojii Kiristoosiif* jedhee duʼuu jala gaʼee ture.+
3 Dhuma irrattis yaa obboloota koo, Gooftaatti gammaduu keessan itti fufaa.+ Wantootan kanaan dura isiniif barreesse irra deebiʼee barreessuun na hin rakkisu; kun nageenya keessaniif barbaachisaa dha.
2 Saroota irraa of eeggadhaa; warra miidhaa geessisan irraa of eeggadhaa; warra foon muran irraa of eeggadhaa.+ 3 Sababiin isaas, nuti warri hafuura Waaqayyootiin tajaajila qulqulluu dhiheessinu, warri Kiristoos Yesuusitti boonnuu+ fi foonitti hin amanamne, dhaqna qabaa isa dhugaa qabanneerra;+ 4 eenyu illee foonitti amanamuuf sababii yoo qabaate namni sun ana dha.
Namni foonitti amanamuuf sababii akka qabu yaadu kan biraan yoo jiraate ani isa caalaa sababii qaba: 5 guyyaa saddeettaffaattan dhaqna qabadhe;+ saba Israaʼel irraa, gosa Biiniyaam keessaan dhaladhe; ani Ibricha Ibroota irraa dhalate dha;+ seera ilaalchisee immoo Fariisicha dha;+ 6 hinaaffaa ilaalchisee, gumicha ariʼachaan ture;+ qajeelummaa seera irratti hundaaʼe ilaalchisee immoo, hirʼina akkan hin qabne mirkaneesseen ture. 7 Taʼus, Kiristoosiif jedhee wantoota anaaf buʼaa qaban akka kasaaraatti lakkaaʼeera.*+ 8 Kana malees, beekumsa Kiristoos Yesuus Gooftaa koo isa hunda caalaa gatii guddaa qabu sanaaf jedhee wantoota hundumaa akka kasaaraatti nan lakkaaʼa. Ani isaaf jedhee wantoota hundumaa dhabeera; wantootan dhabe kanas akka kosiittan ilaala; kana kanan godhu Kiristoosiin argachuuf jedheeni; 9 akkasumas qajeelummaa koo isan Seericha hordofuudhaan argadhuun utuu hin taʼin, qajeelummaa isa Kiristoositti amanuudhaan+ argamuun, jechuunis qajeelummaa isa karaa amantii Waaqayyo biraa argamuun isaa wajjin tokkummaa qabaachuu akkan dandaʼuufi.+ 10 Kaayyoon koo, isaa fi humna duʼaa kaʼuu+ isaa beekuu, akkasumas duʼa akka isaa duʼuuf of kennuudhaan+ dhiphina isaa irraa hirmaachuu dha;+ 11 kana malees yoo naa dandaʼame, duʼaa kaʼuu isa jalqabaa argachuu akkan dandaʼu ilaaluu dha.+
12 Ani amma akkan argadhe yookiin guutuu akkan taʼe hin yaadu; kanaa mannaa, isa Kiristoos Yesuus akkan fudhadhuuf na filate* sana of harka galfachuu yoon dandaʼe arguuf carraaqqii gochaan jira.+ 13 Yaa obbolootaa, ani amma iyyuu akkan of harka galfadhe godhee hin yaadu; haa taʼu malee, waan tokko nan godha: Wantoota na duuba jiran irraanfadhee,+ wantoota fuula koo dura jiranitti nan hiixadha;+ 14 galma sana bira gaʼuuf, jechuunis badhaasicha argachuuf carraaqaan jira;+ innis waamicha isa olii+ isa Waaqayyo karaa Kiristoos Yesuus kennu dha. 15 Kanaafuu, nu keessaa warri bilchaatoo taane+ ilaalcha kana haa qabaannu; karaa kamiin iyyuu ilaalcha kana irraa adda taʼe yoo qabaattan immoo Waaqayyo ilaalcha sirrii isinitti ni mulʼisa. 16 Kanas taʼe sana, guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu.
17 Yaa obbolootaa, hundi keessan fakkeenya koo hordofaa;+ akkasumas, namoota fakkeenya nuti isiniif keenyee wajjin haala wal simuun deddeebiʼan hubadhaa ilaalaa. 18 Sababiin isaas, namoonni muka dhiphinaa* Kiristoosiif diinota taʼanii deddeebiʼan hedduun jiru; kanaan dura waaʼee isaanii irra deddeebiʼee dubbachaan ture; garuu, ammas imimmaaniin waaʼee isaanii nan dubbadha. 19 Isaan dhumni isaanii badiisa; waaqni isaanii garaa isaanii ti; ulfinni isaanii salphina isaanii ti; sammuun isaanii wantoota lafaa irratti kan xiyyeeffate dha.+ 20 Nuti garuu lammiilee+ samii ti;+ fayyisaa isa achii dhufu, jechuunis Gooftaa Yesuus Kiristoosiin hawwii guddaadhaan eegganna;+ 21 inni humna isaa isa guddaa wantoonni hundi akka isaaf bitaman godhuun, qaama isaa isa ulfina qabeessa akka fakkaatuuf+ qaama keenya isa dadhabaa ni jijjiira.+
4 Kanaafuu, yaa obboloota koo jaallatamo, warri ani isin jaalladhuu fi isin yaadu, akkasumas gammachuu koo fi gonfoo koo taatan,+ akkuma kanatti Gooftaa wajjin tokkummaa qabaadhaatii jabaadhaa dhaabbadhaa.+
2 Gooftaadhaan yaada tokko akka qabaatan+ Ewodiyaa fi Sinxiikee nan gorsa. 3 Eeyyee, atis inni amanamummaadhaan anaa wajjin hojjettu,* dubartoota kana gargaaruu kee akka itti fuftu sin gaafadha. Isaan Qaleeminxoosii fi warra kaanii wajjin misiraachichaaf anaa wajjin carraaqaniiru;* maqaan hunda isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameera.+
4 Yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas irra deebiʼeen dubbadha, gammadaa!+ 5 Yaada ofiitti kan hin cichine+ taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu. Gooftaan dhihoo dha. 6 Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa+ malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa;+ 7 nagaan+ Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada* keessan ni eega.+
8 Dhuma irrattis yaa obbolootaa, wanta dhugaa taʼe hunda, wanta ulfina qabu hunda, wanta qajeelaa taʼe hunda, wanta qulqulluu taʼe hunda, wanta jaallatamaa taʼe hunda, wanta maqaa gaarii qabu hunda, wanta gaarii taʼe hundaa fi wanta galateeffamu hunda, eeyyee, wantoota kana yaaduu* keessan itti fufaa.+ 9 Wantoota ana irraa barattan, ana irraa fudhattan, ana irraa dhageessanii fi ana irraa argitan hojii irra oolchuu keessan itti fufaa;+ Waaqni nagaas isinii wajjin taʼa.
10 Gooftaa wajjin haala wal qabateen amma dhuma irratti deebitanii naaf yaaduu jalqabuu keessanitti guddaan gammada.+ Isin naaf yaadaa kan turtan taʼus, carraa kana itti argisiistan hin arganne. 11 Kana yeroon jedhu rakkadheera jechuu koo miti; ani haala akkamii iyyuu keessatti, wantan qabutti gammadee jiraachuu baradheera.+ 12 Wanta xinnoodhaanis+ taʼe wanta hedduudhaan akkamitti jiraachuu akkan dandaʼu beeka. Yeroon quufuttis taʼe yeroon beelaʼutti, yeroon irraa hafaa qabaadhuttis taʼe yeroon dhabutti iccitii waan hundumaa fi haala hundumaa keessatti gammadanii jiraachuu baradheera. 13 Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.+
14 Taʼus, rakkina koo irratti na gargaaruu keessanitti gaarii gootaniittu. 15 Dhugaa dubbachuuf, jalqaba erga misiraachicha dhageessanii booda, yeroon Maqedooniyaadhaa deeme, kennuu fi fudhachuu irratti isin qofa malee gumiin tokko illee akka anaa wajjin hin hirmaanne isin warri Filiphisiyus ni beektu;+ 16 sababiin isaas, yeroon Tasalonqee keessa ture, wanta na barbaachisu siʼa tokko qofa utuu hin taʼin siʼa lama naaf ergitaniittu. 17 Kana yeroon jedhu kennaa keessan barbaadee utuu hin taʼin, hojiin keessan inni gaariin herrega* keessan akka dabalu barbaadeeni. 18 Haa taʼu malee, ani wanta na barbaachisu hundumaa qaba; hamma na barbaachisu caalaa iyyuu qaba. Wanta isin naaf ergitan isa urgaa gaarii qabu,+ aarsaa fudhatama qabuu fi Waaqayyoon gammachiisu Ephaafrodixos+ irraa waanan fudhadheef wanti hundi naaf guutameera. 19 Waaqni koos akka badhaadhina isaa isa ulfina qabeessaatti wanta isin barbaachisu hunda karaa Kiristoos Yesuus guutummaatti deebisee isiniif kenna.+ 20 Waaqaa fi Abbaa keenyaaf ulfinni baraa hamma bara baraatti haa taʼu. Ameen.
21 Qulqulloota Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qaban hundatti nagaa koo naaf himaa. Obboloonni anaa wajjin jiran nagaa isiniif dhaamaniiru. 22 Qulqulloonni hundi, keessumaa immoo warri maatii Qeesaar keessaa taʼan+ nagaa isiniif dhaamaniiru.
23 Gaarummaa guddaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura isin argisiistanii wajjin haa taʼu.
Ykn., “misiraachicha babalʼisu irratti hirmaannaa gochaa.”
Ykn., “tokkummaadhaan.”
Ykn., “akka lammii tokkootti deddeebiʼaa.”
Ykn., “lubbuudhaan walitti hidhamuudhaan.”
Kal., “fakkaattii namaatiin ni dhufe.”
Kal., “bifa namaa qabaatetti.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “tajaajila uummataa.”
Ykn tarii, “hojii Gooftaatiif.”
Ykn tarii, “fedhiidhaan dhiiseera.”
Kal., “harka isaa na irra kaaʼeef.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “anaa wajjin waanjoo tokko jala jirtu.”
Ykn., “qabsoo cimaa godhaniiru.”
Ykn., “sammuu.”
Ykn., “irratti xiinxaluu.”
Kun maqaa gaarii isaan Waaqa biratti qabaatan argisiisa.