LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Weedduu Weedduu Caalu 1:1-8:14
  • Weedduu Weedduu Caalu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Weedduu Weedduu Caalu
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Weedduu Weedduu Caalu

WEEDDUU WEEDDUU CAALU

1 Weedduu weedduu caalu, kan Solomoon:+

 2 “Ibsi jaalalaa kee daadhii wayinii irra waan wayyuuf,+

Dhungoo afaan keetiitiin na dhungadhu.

 3 Urgaan zayitii keetii nama gammachiisa.+

Maqaan kee akkuma zayitii urgaaʼaa dhangalaafamee ti.+

Shamarran kan si jaallatan kanaafi.

 4 Na fudhadhuu* badi; haa fiignu.

Mootichi gara kutaa isaa isa keessaatti na galcheera!

Yeroo gaarii waliin haa dabarsinu, haa gammannus.

Daadhii wayinii caalaa ibsa jaalalaa kee haa jajannu.*

Isaan* dhugumaan si jaallatu.

 5 Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem, ani gurraattii taʼus bareedduu dha;

Ani akkuma dunkaanota Qeedaar,+ akkuma huccuuwwan dunkaanaa+ Solomooni.

 6 Gurraattii waanan taʼeef xiyyeeffannaadhaan na hin ilaalinaa,

Kanan gurraachaʼe aduun waan na gubeefi.

Obboloonni koo natti aaranii turan;

Isaan maasii wayinii akkan eegu na ramadan,

Taʼus ani maasii wayinii koo hin eegne.

 7 Yaa isan baayʼee jaalladhuu*, natti himi,

Bushaayee kee eessa dheechista?+

Guyyaa saafaa hoo eessa isaan boqochiista?

Ani maaliifan bushaayee michoota keetii gidduutti

Akka dubartii shaashii* haguuggattee taʼa?”

 8 “Yaa ishii dubartoota hunda caalaa bareedduu taate nana, kana hin beektu taanaan,

Dhaqi, kottee bushaayee hordofiitii

Xobbaallaa reʼoota keetii dunkaanota tiksitootaa cinaa dheechisi.”

 9 “Yaa jaalallee too, farda dhaltuu* gaariiwwan fardaa Faraʼoon+ gidduu jirtuu wajjinan wal si fakkeessa.

10 Maddiin* kee faayawwaniin,*

Mormi kees faaya mormaatiin miidhagfameera.

11 Nuti faayawwan warqii

Meetiidhaan miidhagfaman siif tolchina.”

12 “Mootichi yommuu minjaala isaa isa geengoo taʼe bira taaʼee jirutti,

Urgooftuun*+ koo ni urgaaʼa.

13 Jaalalleen koo anaaf akkuma korojoo qumbii+ urgaaʼuu fi

Harma koo gidduu buluu ti.

14 Jaalalleen koo anaaf akkuma biqiltuu hiinnaa walitti tuutaʼee+

Maasiiwwan wayinii Een Gedii+ gidduu jiruu ti.”

15 “Yaa jaalallee too, ati bareedduu dha.

Ati bareedduu dha. Ijji kee akkuma ija gugee* ti.”+

16 “Yaa jaalallee koo, ati bareedaa* dha, gammachiisaa dhas.+

Sireen keenya baala gidduu dha.

17 Baattuuwwan baaxii mana keenyaa* mukeetii gaattiraa ti,

Utubaawwan keenyas mukeetii birbirsaa ti.

2 “Ani saafron* dirree qarqara galaanaatti argamu irratti biqile dha,

Abaaboo sululawwaniitis.”+

 2 “Jaalalleen too ijoollee durbaa gidduutti

Akkuma abaaboo qoree gidduu jirtuu ti.”

 3 “Jaalalleen koo ijoollee dhiiraa gidduutti

Akkuma muka poomii mukeetii bosonaa gidduu jiruu ti.

Ani gaaddisa isaa jala taaʼuuf baayʼeen hawwa,

Firiin isaas natti miʼaawa.

 4 Gara mana affeerraatti* na geesse,

Faajjiin inni na gubbaatti fannises jaalala dha.

 5 Jaalalaan waanan dhukkubsadheef,

Bixxillee zabiibiitiin na haaromsaa,+

Poomiidhaanis na jajjabeessaa.

 6 Harki isaa inni bitaan mataa koo jala jira,

Harki isaa inni mirgaas na hammata.+

 7 Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem,

Borofawwanii+ fi gadamsawwan dirreetiin isin nan kaksiisa:

Hamma ofii isaatiin kakaʼutti, na keessatti jaalala dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa.+

 8 Sagaleen jaalallee kootii ni dhagaʼama!

Kunoo, inni dhufaa jira,

Gaarota irra baʼaa jira, tabbawwan irras utaalaa jira.

 9 Jaalalleen koo akkuma borofaa, akkuma ilmoo gadamsaa ti.+

Inni kuunnoo, girgiddaa keenya duuba dhaabbatee

Karaa foddaa

Karaa golgaa foddaas ilaalaa jira.

10 Jaalalleen koo akkana jedhee natti dubbate:

‘Yaa jaalallee too, kaʼi,

Yaa bareedduu too, naa wajjin kottu.

11 Kunoo, ganni* darbeera.

Bokkaan caameera, sokkeeras.

12 Daraaraawwan biyyattii keessatti mulʼataniiru,+

Yeroon muka wayinii itti gondolan* gaʼeera,+

Sagaleen gugee bosonaas biyya keenya keessatti dhagaʼameera.+

13 Firiin muka harbuu inni jalqabaa bilchaateera;+

Mukti wayinii daraareera, urgaaʼaa jiras.

Yaa jaalallee too, kaʼiitii kottu.

Yaa bareedduu too, naa wajjin kottu.

14 Sagaleen kee kan nama gammachiisu, bifti kees bareedaa waan taʼeef,+

Yaa gugee too, dahoo kattaa keessatti,+

Gola hallayyaa keessattis,

Si arguu fi sagalee kee dhagaʼuu nan barbaada.’”+

15 “Maasiin wayinii keenyaa waan daraareef,

Jeedaloota sana,

Eeyyee, ilmoolee jeedalootaa warra maasii wayinii balleessan nuuf qabaa.”

16 “Jaalalleen koo kan koo ti, anis kan isaa ti.+

Inni abaaboowwan gidduutti tiksaa jira.+

17 Yaa jaalallee koo,

Akkuma borofaa+ yookiin akkuma ilmoo gadamsaa+ gaarota nu gidduutti argaman* irra jiraniitti,

Yeroon guyyichi itti qilleensaʼu gaʼuu isaa fi gaaddisni darbuu isaa dura dafii deebiʼi.

3 “Halkan siree koo irra utuun jiruu,

Isan jaalladhu* nan barbaade.+

Isa nan barbaade, garuu argachuu hin dandeenye.+

 2 Ani kaʼee magaalattii keessa nan naannaʼe;

Daandiiwwanii fi addabaabayiiwwan irra

Isan jaalladhu* nan barbaada.

Isa nan barbaade, garuu argachuu hin dandeenye.

 3 Waardiyyoonni naannaʼanii magaalattii eegan natti dhufan.+

Anis, ‘Isan jaalladhu* argitaniittuu?’ jedheen isaan gaafadhe.

 4 Akkuman isaan bira darbeen

Isan jaalladhu* nan argadhe.

Isa nan qabadhe,

Gara mana hadhaa tiyyaatti,

Gara diinqa kan ishii garaatti na baatte sanaatti hamman isa galchutti gad isa hin dhiisne.+

 5 Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem,

Borofawwanii fi gadamsawwan dirreetiin isin nan kaksiisa:

Hamma ofii isaatiin kakaʼutti, na keessatti jaalala dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa.”+

 6 “Wanti qumbii fi ixaana adii,

Akkasumas urgooftuuwwan daldaltootaa hundumaatiin urgeeffamee,+

Akka utubaa aaraatti lafa onaa keessaa ol baʼaa jiru kun maali dha?”

 7 “Inni siree Solomooni.

Dhiirota jajjaboo Israaʼel keessaa,

Dhiironni jajjaboon jaatamni isatti marsaniiru,+

 8 Hundi isaanii goraadee hidhataniiru,

Hundi isaanii waraanaaf leenjiʼaniiru,

Balaa halkanii irraa isa eeguuf

Tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii mudhiitti hidhataniiru.”

 9 “Inni siree mootii* Solomoon Mootichaa

Isa inni mukeetii Libaanon irraa ofii isaatiif tolfate dha.+

10 Inni utubaawwan isaa meetii irraa,

Deggertuuwwan isaas warqii irraa tolcheera.

Teessumni isaa suufii bifa dhiilgee irraa kan tolfame dha;

Keessi isaas ijoollee durbaa Yerusaalemiin

Akka gaariitti kan miidhagfame dha.”

11 “Yaa ijoollee durbaa Xiyoon,

Gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa;

Inni gonfoo cidhaa* haati isaa+

Guyyaa gaaʼela isaatiif,

Guyyaa garaan isaa itti gammadeef isaaf tolchite kaaʼateera.”

4 “Yaa jaalallee too, ati bareedduu dha.

Ati bareedduu dha.

Ijji kee shaashii kee keessatti akkuma ija gugee ti.

Rifeensi kee akkuma tuuta reʼootaa

Gaarota Giiliyaad+ irraa gad yaaʼuu ti.

 2 Ilkaan kee akkuma hoolota reefuu rifeensi irraa muramee

Dhiqamanii gad baʼaa jiranii ti,

Hundi isaanii lakkuu lakkuu dhalu,

Isaan keessaa ilmoo ishii kan dhabde tokko illee hin jirtu.

 3 Hidhiin kee akkuma foʼaa diimaa ti,

Dubbiin kees namatti tola.

Maddiin* kee shaashii kee keessatti

Akkuma romaanii bakka lamatti hiramee ti.

 4 Mormi kee+ akkuma masaraa Daawit+

Isa dhagaa wal irra kaaʼameen ijaaramee,

Isa gaachanni kumni irratti fannifamuu,

Isa gaachanni namoota jajjaboo hundi irratti fannifamuu ti.+

 5 Harmi kee lamaan akkuma ilmoolee borofaa lamaa ti;

Akkuma borofa lakkuu+

Abaaboowwan gidduu dheedanii ti.”

 6 “Yeroon guyyichi itti qilleensaʼu gaʼuu isaa fi gaaddisni darbuu isaa dura,

Ani gara gaara qumbiitti,

Gara tabba ixaana adiittis+ karaa koo nan qajeela.”

 7 “Yaa jaalallee too, ati guutummaatti bareedduu dha,+

Mudaa tokko illee hin qabdu.

 8 Yaa misirroo too, Libaanon+ irraa naa wajjin kottu,

Libaanon irraa naa wajjin kottu.

Fiixee Amaanaa* irraa,

Fiixee Seenir, fiixee Hermoon+ irraa,

Holqa leencotaa keessaa, gaarota qeerransootaa keessaas gad buʼi.

 9 Yaa obboleettii too, yaa misirroo too, onnee koo boojiteetta,

Liphsuu ija kee tokkoon,

Callee mormaa kee tokkoonis onnee koo boojiteetta.+

10 Yaa obboleettii too, yaa misirroo too, ibsi jaalalaa kee akkam namatti tola!+

Ibsi jaalalaa kee daadhii wayinii irra,

Urgaan urgooftuu keetiis wanta urgaaʼu+ kam irra iyyuu ni wayya!+

11 Yaa misirroo too, hidhiin kee damma coccophsa.+

Dammii fi aannan arraba kee jala jiru,+

Urgaan uffata keetii akkuma urgaa Libaanoni.

12 Obboleettiin too, misirroon too, akkuma iddoo biqiltuu cufamaa,

Akkuma iddoo biqiltuu cufamaa, akkuma burqaa cufamee tis.

13 Latiiwwan* kee jannata* romaanii

Isa firiiwwan filatamoo, biqiltuu hiinnaa fi biqiltuu naardosii,

14 Naardosii+ fi saafron, marga urgaaʼuu+ fi qarafaa,+

Mukeetii ixaana adii akaakuu hundumaa, qumbii fi argisa,*+

Akkasumas urgooftuuwwan+ hunda caalaa baʼeessa taʼan hundumaa qabu dha.

15 Ati burqaa iddoo biqiltuu, boolla bishaan qulqulluu ti,

Akkasumas lageen Libaanon irraa yaaʼani dha.+

16 Yaa bubbee kaabaa, dammaqi;

Yaa bubbee kibbaa, ol seeni.

Iddoo biqiltuu kootti qilleensaʼi.

Urgaan isaa haa tamsaʼu.”

“Jaalalleen koo gara iddoo biqiltuu isaatti seenee

Firiiwwan filatamoo haa nyaatu.”

5 “Yaa obboleettii too, yaa misirroo too,

Ani gara iddoo biqiltuu kootti nan seene.+

Qumbii koo fi urgooftuu koo nan fudhadhe.+

Dhaaba dammaa koo fi damma koo nan nyaadhe;

Daadhii wayinii koo fi aannan koo nan dhuge.”+

“Yaa michoota jaallatamo, nyaadhaa!

Dhugaa, ibsa jaalalaatiinis machaaʼaa!”+

 2 “Ani rafeera, garaan koo garuu dammaqaa dha.+

Jaalalleen koo yeroo balbala rurrukutu natti dhagaʼamaa jira!

‘Yaa obboleettii too, yaa jaalallee too,

Yaa gugee too, yaa ishii mudaa hin qabne, balbala naaf bani!

Mataan koo fixeensaan,

Rifeensi koos jiidha halkaniitiin jiidheera.’+

 3 Uffata koo of irraa baaseera.

Deebiseen uffadhaa ree?

Miila koo dhiqadheera.

Deebiseen xureessaa ree?

 4 Jaalalleen koo qaawwa balbalaa irraa harka isaa ni deebise,

Miirri ani isaaf qabus ni kakaʼe.

 5 Jaalallee kootiif balbala banuuf nan kaʼe;

Qabannoo cuftuu irratti,

Harki koo qumbii,

Qubni koos dhangalaʼaa qumbii ni coccophse.

 6 Jaalallee kootiif balbala nan bane,

Jaalalleen koo garuu of irra garagalee deemeera.

Yommuu inni deemus* abdiin kutadhe.*

Isa nan barbaade, garuu argachuu hin dandeenye.+

Isa nan waame, inni garuu hin owwaanne.

 7 Waardiyyoonni naannaʼanii magaalattii eegan natti dhufan.

Isaan rukutanii na madeessan.

Waardiyyoonni dallaa eegan haguuggii* koo na irraa fudhatan.

 8 Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem, isin nan kaksiisa:

Jaalallee koo yoo argitan,

Jaalalaan dhukkubsachuu koo itti naa himaa.”

 9 “Yaa ishii dubartoota hunda caalaa bareedduu taate nana,

Jaalalleen kee jaalallee kan biraa kam irra iyyuu hammam caalee ti?

Ati kakaa akkanaa kan nu kaksiiste,

Jaalalleen kee jaalallee kan biraa kam irra iyyuu hammam caalee ti?”

10 “Jaalalleen koo diimaa miidhagaa dha;

Namoota kuma kudhan gidduudhaa illee ni mulʼata.

11 Mataan isaa warqii, warqii baʼeessa dha.

Rifeensi isaa akkuma dameewwan muka meexxii asii fi achi raafamanii ti,*

Akkuma arraagessaas gurraacha dha.

12 Ijji isaa akkuma gugee yaaʼaa bishaanii bira jirtuu,

Akkuma bishaan kuufamaa bira* teessee

Aannaniin dhiqachaa jirtuu ti.

13 Maddiin isaa akkuma siree urgooftuuwwanii,+

Akkuma tuullaa baala urgaaʼuu ti.

Hidhiin isaa abaaboo dhangalaʼaa qumbii coccophsu dha.+

14 Qubni harka isaa warqii dha; qeensi quba isaas kirisoliixosi.*

Garaan isaa ilka arbaa cululuqfamee fi safiroosiin* uwwifame dha.

15 Miilli isaa utubaa dhagaa adii miiloo warqii baʼeessa taʼe irra dhaabame dha.

Bifti isaa akkuma Libaanoni; akkuma muka gaattiraas gita kan hin qabne dha.+

16 Afaan* isaa miʼaawaa dha,

Inni guutummaan isaa namatti tola.+

Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem, jaalalleen koo isa kana; inni ani jaalladhu kana dha.”

6 “Yaa ishii dubartoota hunda caalaa bareedduu taate nana,

Jaalalleen kee eessa dhaqe?

Jaalalleen kee garamitti gore?

Kottu sii wajjin isa haa barbaannu.”

 2 “Jaalalleen koo gara iddoo biqiltuu isaatti,

Gara siree biqiltuu urgooftuutti,

Iddoowwan biqiltuu keessatti tiksuuf,

Akkasumas abaaboo kutuuf gad buʼeera.+

 3 Ani kan jaalallee koo ti,

Jaalalleen koos kan koo ti.+

Inni abaaboowwan gidduutti tiksaa jira.”+

 4 “Yaa jaalallee too, ati akkuma Tirzaa*+ bareedduu dha,+

Akkuma Yerusaalem miidhagduu dha,+

Akkuma raayyaawwan faajjii isaaniitti marsanii jiraniitti baayʼee nama hawwatta.+

 5 Ijji kee+ waan na boojiʼeef,

Na irraa kaasi.

Rifeensi kee akkuma tuuta reʼootaa

Irraan gadee Giiliyaad irraa gad buʼaa jiruu ti.+

 6 Ilkaan kee akkuma hoolota

Dhiqamanii gad baʼaa jiranii ti,

Hundi isaanii lakkuu lakkuu dhalu,

Isaan keessaa ilmoo ishii kan dhabde tokko illee hin jirtu.

 7 Maddiin* kee shaashii kee keessatti

Akkuma romaanii bakka lamatti hiramee ti.

 8 Mootuuwwan 60ni,

Saajjatoowwan* 80ni,

Shamarran lakkaaʼamuu hin dandeenyes+ jiraachuu dandaʼu.

 9 Gugeen too+ ishiin mudaa hin qabne garuu takkittii dha.

Ishiin haadha ishiitiif takkittii dha.

Ishiin kan ishii deesse biratti baayʼee jaallatamtuu* dha.

Ijoolleen durbaa ishii ilaalanii gammadduu akka taate dubbatu;

Mootuuwwanii fi saajjatoonnis ishii jajatu.

10 ‘Ishiin akka barraaqaatti ibsitu,*

Ishiin akka addeessa guutuutti bareeddu,

Ishiin akka ifa aduutti qulqulluu taate,

Ishiin akka raayyaawwan faajjii isaaniitti marsanii jiraniitti baayʼee nama hawwattu tun eenyu?’”+

11 “Ani biqiltoota sulula* keessatti reefuu biqilan ilaaluuf,

Mukti wayinii akka late,

Mukti romaaniis akka daraare ilaaluuf,

Gara iddoo biqiltuu muka gawuziitti*+ gad nan buʼe.

12 Utuman kana hin beekin,

Hawwiin* koo

Gara gaariiwwan fardaa namoota koo warra iddoo guddaa* qabaniitti na geesse.”

13 “Yaa Shulaamittii, deebiʼi, deebiʼi!

Akka si ilaalluuf,

Deebiʼi, deebiʼi!”

“Isin maaliif xiyyeeffannaadhaan Shulaamittii ilaaltu?”+

“Ishiin akkuma shubbisa garee namootaa lamaa ti!”*

7 “Yaa intala kabajamtuu taate nana,

Miilli kee kophee kee keessatti akkam bareeda!

Bocni tafa keetii akkuma faayawwan

Harka ogeessaatiin tolfamanii ti.

 2 Handhuurri kee saanii golboo dha.

Inni matumaa daadhii wayinii walitti makame hin dhabin.

Garaan kee tuullaa qamadii

Abaaboodhaan marfame dha.

 3 Harmi kee lamaan akkuma ilmoolee borofaa lamaa,

Akkuma borofa lakkuu ti.+

 4 Mormi kee+ akkuma masaraa ilka arbaatiin tolfamee ti.+

Ijji kee+ lamaan akkuma bishaanota kuufamoo Heshboon+

Warra karra Baatraabiim biratti argamanii ti.

Funyaan kee akkuma masaraa Libaanon

Isa gara Damaasqootti garagale sanaa ti.

 5 Mataan kee akkuma Qarmeelos+ ajaaʼibsiisaa dha,

Rifeensi* kee+ akkuma suufii bifa dhiilgee+ ti.

Mootichi rifeensa kee isa jigeen boojiʼameera.*

 6 Yaa durba jaallatamtuu nana, ati akkam bareedda, akkam nama gammachiista!

Wanta nama gammachiisu hundumaa caalaa baayʼee nama gammachiista!

 7 Dhaabbiin kee akkuma muka meexxii ti.

Harmi kees akkuma teemirii walitti tuutaʼee ti.+

 8 Anis, ‘Dameewwan firii isaa qabachuuf

Muka meexxiitti ol nan baʼa’ nan jedhe.

Harmi kee akkuma firii wayinii walitti tuutaʼee,

Hafuurri kee akkuma urgaa poomii,

 9 Afaan* kees akkuma daadhii wayinii hunda irra caaluu haa taʼu.”

“Daadhiin wayinii kun suuta jedhee jaalallee kootiif gad haa buʼu,

Hidhii warra rafan sanaa irra suuta jedhee haa dhangalaʼu.

10 Ani kan jaalallee koo ti,+

Innis na hawwa.

11 Yaa jaalallee koo, kottu,

Gara dirreetti gad haa baanu;

Biqiltoota hiinnaa+ gidduus haa bullu.

12 Mukti wayinii akka late,

Daraaraan akka daraare,+

Mukti romaaniis akka daraare ilaaluuf,+

Ganamaan kaanee gara maasii wayinii haa dhaqnu.

Anis achitti jaalalan siif qabu nan ibsa.+

13 Firiiwwan+ urgaaʼaa jiru;

Akaakuun firiiwwan filatamoo taʼanii hundi balbala keenya irra jiru.+

Yaa jaalallee koo, ani firii isa haaraas taʼe isa duraanii

Siif kaaʼeera.

8 “Maal taʼa ati akka obboleessa koo

Isa harma haadha tiyyaa hodhe sanaa utuu taatee!

Silaa yommuun alatti si argadhu sin dhungadhan ture,+

Namni tokko illees na hin tuffatu ture.

 2 Ani si fudhadhee,

Gara mana haadha too

Ishii na barsiiste sanaatti sin geessan ture.+

Akka dhugduuf daadhii wayinii miʼaawaa,

Cuunfaa romaaniis siifan kenna ture.

 3 Harki isaa inni bitaan mataa koo jala taʼa,

Harki isaa inni mirgaas na hammata ture.+

 4 Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem, isin nan kaksiisa:

Hamma ofii isaatiin kakaʼutti, na keessatti jaalala dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa.”+

 5 “Ishiin jaalallee ishiitti hirkattee,

Lafa onaa keessaa dhufaa jirtu sun eenyu?”

“Ani muka poomii jalatti sin dammaqse.

Achitti haati tee ciniinsuu irra turte.

Achitti ishiin si deesse si daʼuuf ciniinsifachaa turte.

 6 Onnee kee irra akkuma chaappaatti na kaaʼadhu,

Irree kee irras akkuma chaappaatti na kaaʼadhu,

Sababiin isaas, jaalalli akkuma duʼaa cimaa dha,+

Amanamummaanis* akkuma Awwaalaa* didaa dha.

Laboobni isaa ibidda bobaʼu, labooba Yaahi.*+

 7 Dambaliiwwan bishaanii jaalala dhaamsuu hin dandaʼan,+

Lageenis haxaaʼanii isa balleessuu hin dandaʼan.+

Namni tokko jaalalaaf jedhee qabeenya mana isaa hundumaa utuu kennee,

Namoonni qabeenya sana* guutummaatti ni tuffatu.”

 8 “Obboleettii xinnoo takka qabna,+

Ishiin guntuta hin baasne.

Guyyaa ishiin kadhatamtutti*

Obboleettii teenyaaf maal goona?”

 9 “Ishiin dallaa yoo taate,

Masaraa meetii ishii irratti ni ijaarra,

Ishiin balbala yoo taate garuu,

Saanqaa muka gaattiraa ishii irratti cufna.”

10 “Ani dallaa dha,

Harmi koos akkuma masaraa ti.

Kanaafuu, ani ija isaa duratti

Akkuma nama nagaa argatee nan taʼe.

11 Solomoon Baʼaal Hamoon keessatti maasii wayinii tokko qaba ture.+

Inni maasii wayinii sana eegdotaaf imaanaadhaan ni kenne.

Tokkoon tokkoon isaaniis firii isaatiif meetii sheeqilii* kuma tokko ni fidu turan.”

12 Ani maasii wayinii kan dhuunfaa koo taʼe qaba.

Yaa Solomoon, meetiin sheeqilii kumni* kan kee ti,

Meetiin sheeqilii dhibbi lama immoo kan warra firii isaa kunuunsanii ti.”

13 “Yaa ishii iddoo biqiltuu keessa jiraattu nana,+

Michoonni sagalee kee ni dhagaʼu.

Mee anis nan dhagaʼa.”+

14 “Yaa jaalallee koo, dafi,

Akka borofaatti

Yookiin akka ilmoo gadamsaa

Gaarota urgooftuun irratti biqilu irra jiruutti ariifadhu.”+

Kal., “Na harkisii.”

Ykn., “haa dubbannu.”

Jechuunis shamarran.

Ykn., “Yaa isa lubbuun too baayʼee jaallattuu.”

Ykn., “shaashii gaddaa.”

Ykn., “farda dhaltuu koo.”

Ykn., “Boqoon.”

Ykn tarii, “foʼaawwan rifeensaa gidduutti.”

Ykn., “Naardosiin.”

Ykn., “makoodii; andarii.”

Ykn., “miidhagaa.”

Ykn., “mana keenya isa guddaa.”

Akaakuu abaaboo ti.

Kal., “mana daadhii wayiniitti.”

Ykn., “waqtiin roobaa.”

Gondoluu jechuun damee mukaa dulloome irraa muruu jechuu dha.

Ykn tarii, “gaarreen baqaqaa qaban.” Ykn., “gaarreen Beetar.”

Ykn., “Isa lubbuun too jaallattu.”

Ykn., “Isa lubbuun too jaallattu.”

Ykn., “Isa lubbuun too jaallattu.”

Ykn., “Isa lubbuun too jaallattu.”

Kun siree xinnoo nama aangoo guddaa qabu baachuuf tajaajilu dha.

Ykn., “abaaboo akka gonfootti dhaʼame.”

Ykn., “Illeen.”

Ykn., “Faallaa Libaanon.”

Ykn tarii, “Gogaan.”

Ykn., “iddoo biqiltuu.”

Akaakuu mukaa foolii urgaaʼu qabuu fi bara duriitti akka urgooftuutti tajaajilu dha.

Ykn tarii, “Yommuu inni dubbatu lubbuun too na dhiiste.”

Ykn., “Lubbuun too ni deemte.”

Ykn., “shaashii.”

Ykn tarii, “akkuma teemirii walitti tuutaʼee ti.”

Ykn tarii, “qarqara fincaaʼaa.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “Laagaan.”

Ykn., “Magaalaa Bareedduu.”

Ykn., “Illeen.”

Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.

Kal., “qulqulluu.”

Kal., “gad ilaaltu.”

Ykn., “laga gogaa.”

Gosa mukaa biyya Israaʼel keessatti biqiluu fi firii akka loozii godhatu.

Ykn., “Lubbuun.”

Ykn., “fedhii.”

Ykn., “shubbisa Mahaanaayimi.”

Kal., “Mataan.”

Ykn., “qabamee hidhameera.”

Kal., “Laagaan.”

Ykn., “Guutummaatti waliif buluunis.”

Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.

Ykn tarii, “nama sana.”

Guyyaa ishii haasaʼachuuf dhufanitti.

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “kumni sun.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi