WARRA QOLOSAAYISIIF
1 Phaawulos isa fedhii Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi Ximotewos+ obboleessa keenya irraa, 2 qulqullootaa fi obboloota amanamoo Kiristoosii wajjin tokkummaa qabanii fi Qolosaayis keessa jiraniif:
Waaqayyo Abbaa keenya biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.
3 Nuti yeroo isiniif kadhannu, Waaqayyo isa Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos taʼe yeroo hunda ni galateeffanna; 4 sababiin isaas, amantii isin Kiristoos Yesuus irratti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdan dhageenyeerra; 5 kunis kan taʼe abdii samii keessatti isiniif kaaʼameen+ kan kaʼe dha. Kanaan dura waaʼee abdii kanaa karaa ergaa dhugaa misiraachichaa dhageessaniittu; 6 misiraachoon kun isin biras gaʼeera. Misiraachoon kun akkuma guutummaa addunyaatti firii godhachaa fi babalʼachaa jiru,+ dhugaa gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa guyyaa itti dhageessanii fi sirriitti beektanii jalqabee isin gidduuttis firii godhachaa fi babalʼachaa jira. 7 Ephaafraa+ isa jaallatamaa fi amanamaa isa bakka keenya buʼee akka garbichaatti Kiristoosiin tajaajilaa jiru irraa wanti barattanis kanuma ture. 8 Inni jaalala isin karaa hafuuraa* qabdanis nutti himeera.
9 Nutis guyyaa waaʼee kanaa itti dhageenye irraa jalqabee, beekumsa sirrii+ waaʼee fedhii isaa ibsu, akkasumas ogummaa fi hubannaa hafuuraa+ hundumaan akka guutamtan isiniif kadhachuu matumaa kan hin dhiisne+ kanumaaf ture; 10 kunis hojii gaarii hundumaan firii godhachuu fi beekumsa sirrii waaʼee Waaqayyoo ibsuun+ guddachuudhaan guutummaatti isa gammachiisuuf akka Yihowaadhaaf* taʼutti akka deddeebitaniifi; 11 obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaattanii akka dhaabbattaniif Waaqayyo akka jabina isaa isa ulfina qabeessa taʼeetti humna hundumaan cimina isiniif haa kennu;+ 12 Abbaa isa dhaala qulqulloota+ warra ifa keessa jiranii irraa hirmaachuuf gaʼumsa akka qabaattan godhe sana galateeffadhaa.
13 Inni aangoo dukkanaa jalaa nu oolchee+ gara mootummaa Ilma isaa isa jaallatamaatti nu ceesise; 14 dhiifama cubbuu akka argannuuf karaa Ilma isaa furichaan bilisa baaneerra.+ 15 Inni fakkaattii Waaqayyo isa ijaan hin argamne+ sanaa fi angafa uumama hundumaa ti;+ 16 sababiin isaas, wantoonni samii keessa jiranii fi lafa irra jiran kaan hundi, wantoonni mulʼatanii fi wantoonni hin mulʼanne,+ teessoowwanis taʼan gooftummaan, mootummoonnis taʼan aangoon hundi karaa isaa uumaman. Wantoonni kaan hundi karaa isaa+ fi isaaf uumaman. 17 Inni wantoota hundumaa dura dha;+ wantoonni kaan hundi karaa isaa uumaman; 18 inni mataa qaamichaa, jechuunis mataa gumichaa ti.+ Inni isa jalqabaa ti, warra duʼan keessaas angafa dha;+ kunis kan taʼe inni wanta hundumaatiin isa jalqabaa akka taʼuufi; 19 sababiin isaas, Waaqayyo wantoonni hundi isa keessatti guutuu akka taʼan+ gochuutti gammadeera; 20 inni dhiiga Kiristoos muka dhiphinaa* irratti dhangalaase sanaan nagaa uumee+ wantoota lafa irra jiranis taʼe, wantoota samii keessa jiran kaan hunda karaa isaa ofitti araarseera.+
21 Isin sammuun keessan hojii hamminaa irratti waan xiyyeeffatee tureef yeroo tokkotti Waaqayyo irraa kan fagaattanii fi diinota isaa turtan; 22 inni qulqulloota, hirʼina kan hin qabnee fi isa duratti himata irraa walaba akka taatan godhee isin dhiheessuuf,+ karaa duʼa qaama Ilma isaa sanaan amma ofitti isin araarseera; 23 kun taʼuu kan dandaʼu garuu, abdii misiraachichaa isa dhageessanii fi uumama samiidhaa gad jiru hundatti lallabame+ sana irraa utuu asii fi achi hin jedhin buʼuura sana irratti ciminaan ijaaramtanii+ fi jabaattanii dhaabbattanii+ amantiidhaan jiraachuu+ keessan yoo itti fuftani dha. Ani Phaawulos misiraachoo kanaaf tajaajilaa taʼeera.+
24 Ani amma isiniif jedhee rakkachaa kanan jiru taʼus+ gammadaan jira. Kutaa qaama Kiristoos waanan taʼeef rakkinni ana irra gaʼu akka itti fufu natti dhagaʼama. Rakkinni kunis qaama Kiristoosiif,+ jechuunis gumichaaf+ faayidaa argamsiisa. 25 Ani dubbii Waaqayyoo guutummaatti akkan lallabu isiniif jecha itti gaafatamummaa naaf kennamee wajjin haala wal simuun gumii kanaaf tajaajilaa taʼeera;+ 26 eeyyee, iccitii qulqulluun+ kun sirnoota* darbanii fi dhaloota darban jalaa dhokatee ture.+ Amma garuu warra qulqulloota isaa taʼaniif ifa taʼeera;+ 27 Waaqayyo iccitii qulqulluu isa qabeenya ulfina qabeessa taʼe kana saboota gidduutti isaanitti beeksise. Iccitii qulqulluun+ kun Kiristoos isa isinii wajjin tokkummaa qabuu fi isin ulfina isaa irraa hirmaachuuf+ abdii qabdani dha. 28 Nama hunda tokkummaa Kiristoosii wajjin qabuun guutuu goonee akka dhiheessinuuf,+ inni isa nuti ogummaa hundumaatiin nama hunda gorsinuu fi nama hunda barsiisnu, akkasumas balʼinaan akka beekamu gochaa jirru dha. 29 Anis jabina isaa isa humna guddaadhaan na keessatti hojjechaa jiruun, kana fiixaan baasuuf carraaqqii cimaa gochuudhaan jabaadhee hojjechaan jira.+
2 Ani isinii fi warra Lodooqiyaatiif,+ akkasumas warra dhuunfaatti na arganii hin beekne* hundaaf jedhee qabsoo guddaa akkamii gochaa akkan jiru akka hubattan nan barbaada. 2 Kana kanan godhus, garaan isaanii jajjabina akka argatuu+ fi jaalalaan wal simuudhaan tokko akka taʼaniif,+ akkasumas hundi isaanii badhaadhina hubannaa guutuu isa mirkanaaʼaa taʼe irraa argamu akka qabaataniifi; kunis waaʼee iccitii qulqulluu Waaqayyoo, jechuunis waaʼee Kiristoos beekumsa sirrii akka argataniifi.+ 3 Badhaadhinni ogummaa fi beekumsaa hundi of eeggannoodhaan isa keessa dhokfamee jira.+ 4 Kana kanan jedhu, namni kam iyyuu sossobee akka isin hin gowwoomsineefi. 5 Ani yoon qaamaan isin bira jiraachuu baadhe illee, yaadaan* waanan isin bira jiruuf, jireenya keessan isa seera qabeessa taʼee+ fi amantii cimaa Kiristoos irratti qabdan+ ilaalee gammadaan jira.
6 Kanaafuu, akkuma Kiristoos Yesuus isa Gooftaa taʼe fudhattanitti, isaa wajjin tokkummaa qabaattanii deddeebiʼuu keessan itti fufaa; 7 akkuma barattanitti isa irratti hidda gad fageeffadhaatii ijaaramaa,+ amantiittis cimaa;+ galateeffannaan keessan guutee kan irraa hafu haa taʼu.+
8 Namni kam iyyuu, akka Kiristoositti utuu hin taʼin, akka aadaa namootaatti, akka wantoota jalqabaa addunyaatti, falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee* akka isin hin fudhanne of eeggadhaa;+ 9 sababiin isaas, guutummaan amala Waaqayyoo qaamaan kan jiraatu Kiristoos keessa dha.+ 10 Kanaafuu, isin isa mataa mootummaa fi mataa aangoo hundumaa taʼe sanaan guutuu taataniittu.+ 11 Kana malees walitti dhufeenya isaa wajjin qabdaniin dhaqna qabaa isa qaama foonii harkaan muranii gatuudhaan hin raawwatamne sanaan,+ jechuunis dhaqna qabaa isa kan Kiristoosiin dhaqna qabattaniittu.+ 12 Sababiin isaas, isin cuuphaa isaatiin isaa wajjin awwaalamtanii turtan;+ walitti dhufeenya isaa wajjin qabdaniinis amantii humna Waaqa isa duʼaa isa kaase+ sanaa irratti qabdaniin isaa wajjin duʼaa kaataniittu.+
13 Kana malees, isin sababii cubbuu keessaniitiin, akkasumas foon keessan dhaqna waan hin qabamneef duutanii kan turtan taʼus, Waaqayyo isaa wajjin jiraataa isin godheera.+ Balleessaa keenya hundas gaarummaadhaan nuuf dhiiseera;+ 14 akkasumas seera harkaan barreeffame+ isa labsiiwwan qabatee+ fi nu mormu+ sana haqeera.* Muka dhiphinaa* irratti mismaaraan rukutuudhaanis karaa irraa kaaseera.+ 15 Kanaanis* mootummootaa fi abbootii taayitaa boojiʼee+ qullaatti hambisuudhaan hiriira injifannootiin geggeessee uummatatti isaan mulʼise.
16 Kanaafuu, wanta nyaattanii fi wanta dhugdan,+ yookiin ayyaanota yookiin baatii haaraa+ yookiin sanbata kabajuu ilaalchisee eenyu illee isinitti hin murteessin.+ 17 Wantoonni kun gaaddidduu wantoota dhufuuf jiranii ti;+ inni dhugaan garuu Kiristoosi dha.+ 18 Namni sobaan gad of qabuu fi waaqeffannaa maleekotaa irratti hirmaachuutti gammadu, jechuunis namni wantoota ijaan argaman irratti hundaaʼee “ejjennoo cimaa qabaatu”* badhaasicha+ akka isin dhabsiisu hin heyyaminaa. Namni akkasii ilaalchi foonii inni qabu sababii gaʼaa malee akka of bokoksu isa godha; 19 inni mataa+ isa guutummaan qaamaa wanta isa barbaachisu irraa argatu sana, isa qaamni buusaa fi ribuudhaan tokkummaadhaan walitti hidhamee guddina Waaqayyo biraa argamuun+ akka guddatu godhu sana jabeessee hin qabatu.
20 Isin wantoota jalqabaa addunyaa+ ilaalchisee Kiristoosii wajjin erga duutanii, maaliif labsiiwwan+ kanaaf caalaatti bitamuudhaan amma iyyuu akka waan kutaa addunyaa taataniitti jiraattu? 21 Labsiiwwan kun, “harkaan hin qabin, afaaniin hin qabin, hin tuqin” kan jedhani dha. 22 Isaan ajajaa fi barumsa namootaa yeroo taʼan, wantoota hojii irra erga oolanii booda akka badaniif murteeffamani dha.+ 23 Wantoonni akkasii ogummaa fakkaatu. Taʼus, namoonni akkana godhan akkaataa itti waaqeffatan ofumaan kan filatan yeroo taʼu, kan gad of qaban fakkaatanii mulʼachuuf of hacuucu;+ wantoonni kun garuu fedhii foonii moʼuu irratti faayidaa tokko illee hin qaban.
3 Haa taʼu malee, isin Kiristoosii wajjin duʼaa kan kaatan erga taʼee,+ wantoota samii irra, jechuunis mirga Waaqayyoo bakka Kiristoos taaʼe+ jiran barbaaduu keessan itti fufaa. 2 Sammuun keessan wantoota lafa irra jiran irratti utuu hin taʼin,+ wantoota samii irra jiran irratti akka xiyyeeffatu godhaa.+ 3 Sababiin isaas, isin duutaniittu; jireenyi keessanis Kiristoos isa Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabuu wajjin dhokfameera. 4 Kiristoos inni jireenya keenya taʼe+ yommuu mulʼifamu, isinis isaa wajjin ulfinaan ni mulʼifamtu.+
5 Kanaafuu, kutaawwan qaama keessanii+ warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa,* xuraaʼummaa, fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne,+ hawwii hamaa fi sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe dha. 6 Sababii wantoota kanaatiin dheekkamsi Waaqayyoo ni dhufa. 7 Isinis akkaataa jireenyaa keessan isa duraa keessatti wantoota akkasii raawwachaa* turtan.+ 8 Amma garuu dheekkamsa, aarii, hamminaa+ fi arrabsoo+ hundumaa of irraa fageessaa; dubbiin nama qaanessus+ afaan keessan keessaa hin baʼin. 9 Wal hin sobinaa.+ Namummaa* moofaa gochawwan isaa wajjin of irraa baasaa gataa;+ 10 namummaa haaraa isa akka fakkaattii uumaa isaatti+ beekumsa sirriidhaan haareffamaa deemu sana uffadhaa;+ 11 isa keessas Giriikiin yookiin Yihudiin, dhaqna kan qabate yookiin dhaqna kan hin qabanne, ormi, Iskutees,* garbichi yookiin namni bilisa taʼe hin jiru; Kiristoos garuu waan hundumaa ti, hundumaa keessa jiras.+
12 Kanaafuu, isin warra Waaqayyoof filatamtan,+ qulqullootaa fi jaallatamoo waan taataniif, gara laafina garaadhaa madde,+ gaarummaa, gad of qabuu,+ garraamummaa+ fi obsa+ uffadhaa. 13 Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee,+ wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.+ Akkuma Yihowaan* tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.+ 14 Wantoota kana hundumaa malees, jaalala uffadhaa;+ sababiin isaas, jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha.+
15 Kana malees, akka qaama tokkootti nagaa sanaaf waan waamamtaniif, nagaan Kiristoos garaa keessan keessatti haa moʼu.*+ Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa. 16 Dubbiin Kiristoos ogummaa hundumaan baayʼinaan isin keessa haa jiraatu. Faarfannaadhaan,+ jajannaa Waaqayyoof dhihaatuun, faarfannaa hafuuraa galateeffannaadhaan faarfatamuun wal barsiisuu fi wal jajjabeessuu* keessan itti fufaa; garaa keessanitti Yihowaadhaaf* faarfadhaa.+ 17 Wanta dubbattanis taʼe wanta hojjettan kam iyyuu karaa Yesuus Waaqayyo Abbaa galateeffachaa, wanta hundumaa maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa.+
18 Isin haadhotiin manaa, Gooftaa duratti fudhatama waan qabuuf, abbootii manaa keessaniif bitamaa.+ 19 Isin abbootiin manaa, haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa,+ garmalees isaanitti hin dheekkaminaa.*+ 20 Isin ijoolleen, waan hundumaatiin warra keessaniif ajajamaa;+ kun Gooftaa kan gammachiisu dha. 21 Isin abbootiin, hamileen isaanii akka hin cabneef,* ijoollee keessan hin aarsinaa.+ 22 Isin garboonnis namoota gammachiisuuf jecha yeroo isaan isin ilaalanitti qofa* utuu hin taʼin, garaa qulqulluu fi Yihowaa* sodaachuudhaan waan hundumaatiin gooftolii keessaniif ajajamaa.+ 23 Wanta hojjettan hunda, akka namootaaf hojjettanitti utuu hin taʼin, akka Yihowaadhaaf* hojjettanitti lubbuu* guutuudhaan hojjedhaa;+ 24 sababiin isaas, isin dhaala keessan Yihowaa* biraa akka badhaasaatti akka argattan beektu.+ Kiristoos Goofticha akka garbaatti tajaajilaa. 25 Namni balleessaa hojjetu, balleessaa hojjeteef gatii isaa akka argatu beekamaa dha;+ Waaqayyo hin loogu.+
4 Isin gooftoliin, isinis samii keessaa Gooftaa akka qabdan beekuudhaan garboota keessan qajeelummaa fi haqaan qabaa.+
2 Kadhannaatti jabaadhaa;+ dammaqinaan kadhachuudhaan galata dhiheessaa.+ 3 Iccitii qulqulluu waaʼee Kiristoos ibsu isa ani sababii isaatiif hidhamee jiru+ labsuu akka dandeenyuuf, Waaqayyo dubbichaaf balbala akka nuu banu nuufis kadhadhaa;+ 4 akkasumas iccitii qulqulluu kana akkan labsuu qabutti ifatti akkan labsu naaf kadhadhaa.
5 Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamuudhaan*+ warra ala jiran biratti ogummaadhaan deddeebiʼaa. 6 Nama hundumaatiif akkamitti deebii kennuu akka qabdan akka beektaniif, dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.+
7 Obboleessi koo jaallatamaan Tikiqoos+ inni tajaajilaa amanamaa taʼee fi anaa wajjin akka garbichaatti Gooftaa tajaajilu waaʼee koo waan hundumaa isinitti hima. 8 Haala akkamii keessa akka jirru akka beektanii fi akka isin jajjabeessuuf ani gara keessanitti isa nan erga. 9 Inni, Oneesimos+ obboleessa koo amanamaa fi jaallatamaa isa isin bira turee wajjin dhufa; isaan wanta asitti taʼaa jiru hunda isinitti himu.
10 Arisxaarkos+ inni anaa wajjin hidhame nagaa isiniif dhaameera; Maarqos+ inni durbii Barnaabaas taʼee fi (inni yoo gara keessan dhufe akka isa simattan+ qajeelfamni isiniif kennameera) 11 Yesuus inni Yosxos jedhamu, warri namoota dhaqna qabatan keessaa taʼan nagaa isiniif dhaamaniiru. Mootummaa Waaqayyootiif anaa wajjin kan hojjetan isaan kana qofa dha; isaan madda jajjabinaa guddaa naaf taʼaniiru. 12 Garbicha Kiristoos Yesuus kan taʼe Ephaafraan+ inni isin biraa dhufes nagaa isiniif dhaameera. Dhuma irratti guutuu taatanii akka dhaabbattanii fi fedhii Waaqayyoo hundumaa irratti amantii cimaa akka qabaattaniif, inni yeroo hundumaa cimsee isiniif kadhachaa jira. 13 Inni isiniif, akkasumas warra Lodooqiyaa fi Heraapholis keessa jiraniif carraaqqii cimaa akka godhu ani isaaf ragaa nan baʼa.
14 Ogeessa fayyaa jaallatamaa kan taʼe Luqaas+ nagaa isiniif dhaameera; Deemaasis+ nagaa isiniif dhaameera. 15 Obboloota Lodooqiyaa keessa jiranitti, akkasumas Niimfaa fi gumii mana ishii keessa jirutti nagaa naa himaa.+ 16 Xalayaan kun isin gidduutti erga dubbifamee booda, gumii Lodooqiyaa keessattis akka dubbifamu+ qophii godhaa; isinis xalayaa Lodooqiyaadhaa dhufu dubbisuuf qophii godhaa. 17 Arkiphositti+ immoo, “Tajaajila Gooftaa irraa fudhatte galmaan gaʼuuf, tajaajila sanaaf xiyyeeffannaa kenni” jedhaa himaa.
18 Kun nagaa koo isa ani Phaawulos harkuma kootiin barreesse dha.+ Funcaadhaan hidhamee akkan jiru+ yaadadhaa. Gaarummaa guddaan isinii wajjin haa taʼu.
Kal., “hafuuraan.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “baroota.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “fooniin fuula koo arganii hin beekne.”
Kal., “hafuuraan.”
Ykn., “adamsee.”
Ykn., “balleesseera.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “Kiristoosiinis.”
Yaanni kun sirna amantii sobaa iccitiidhaan geggeeffamu irraa fudhatame.
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “akkasitti deddeebiʼaa.”
Kal., “nama.”
“Iskutees” nama qaroomina hin qabne argisiisa.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “garaa keessan haa toʼatu.”
Ykn., “gorsuu.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “hin hammaatinaa.”
Ykn., “abdii akka isaan hin kutanneef.”
Kal., “akka warra namoota gammachiisuuf jecha ija ilaallachaa hojjetaniitti.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “yeroo murteeffame bitachuudhaan.”