YOHAANNIS TOKKOFFAA
1 Waaʼee dubbii jireenyaa+ isa jalqabaa kaasee ture, isa dhageenye, isa ija keenyaan argine, isa hubannee ilaallee fi isa harka keenyaan qaqqabne sanaa isiniif barreessina; 2 (eeyyee, jireenyi mulʼifameera, nutis argineerra, ragaas baʼaa jirra;+ jireenya bara baraa+ isa Abbaa bira turee fi nutti mulʼifame sana isinitti himaa jirra), 3 isinis nuu wajjin tokkummaa* qabaachuu akka dandeessaniif, isa arginee fi isa dhageenye sana isinitti ni himna.+ Tokkummaan kunis isa nuti Abbaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoosii wajjin qabnu dha.+ 4 Wantoota kana kan isiniif barreessinu gammachuun keenya guutuu akka taʼuufi.
5 Ergaan isa irraa dhageenyee fi isinitti beeksisaa jirru isa kana: Waaqayyo ifa dha,+ dukkannis matumaa isa keessa hin jiru.* 6 “Nuti isaa wajjin tokkummaa qabna” jennee dubbachaa, dukkana keessa deddeebiʼuu keenya yoo itti fufne, sobaa jirra, dhugaas hojii irra oolchaa hin jirru.+ 7 Haa taʼu malee, akkuma inni ifa keessa jiru nutis ifaan yoo deddeebine, walii wajjin tokkummaa ni qabaanna, akkasumas dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.+
8 “Cubbuu hin qabnu” jennee yoo dubbanne of gowwoomsaa jirra,+ dhugaanis nu keessa hin jiru. 9 Waaqayyo amanamaa fi qajeelaa waan taʼeef, cubbuu keenya yoo himanne, inni cubbuu keenya nuuf dhiisa, akkasumas jalʼina hundumaa irraa nu qulqulleessa.+ 10 “Nuti cubbuu hin hojjenne” jennee yoo dubbanne sobduu isa gochaa jirra, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.
2 Yaa ijoollee koo, wantoota kana kanan isiniif barreessu akka isin cubbuu hin hojjenneefi. Haa taʼu malee, namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa* qabna; innis Yesuus Kiristoos+ isa qajeelaa taʼe dha.+ 2 Inni aarsaa+ araaraa cubbuu keenyaaf dhihaate dha;+ taʼus cubbuu guutummaa addunyaatiifis+ malee cubbuu keenyaaf qofa miti. 3 Ajajawwan isaa eeguu keenya yoo itti fufne, kanaan akka isa beekne ni hubanna. 4 Namni, “Ani isa beeka” jechaa ajajawwan isaa hin eegne sobduu dha, dhugaanis nama kana keessa hin jiru. 5 Haa taʼu malee, namni dubbii isaa eegu kam iyyuu dhugumaan Waaqa akka jaallatu+ ni argisiisa. Kanaanis isaa wajjin tokkummaa akka qabnu ni beekna.+ 6 Namni isaa wajjin tokkummaadhaan akka jiraatu dubbatu, akka inni deddeebiʼetti deddeebiʼuuf dirqamni isa irra jira.+
7 Obboloota jaallatamo, kanan isiniif barreessu ajaja haaraa miti; kanaa mannaa, ajaja durii isa isin jalqabumaa kaasee qabdani dha.+ Ajajni durii kunis dubbicha isa dhageessan sana dha. 8 Ammas ajaja haaraa isa inni hordofaa turee fi isinis hordofaa turtan sana isiniif nan barreessa; sababiin isaas, dukkanichi darbaa jira, ifni dhugaanis ammuma iyyuu ifaa jira.+
9 Namni ifa keessa akka jiru dubbachaa obboleessa isaa jibbu+ amma iyyuu dukkana keessa jira.+ 10 Namni obboleessa isaa jaallatu ifa keessa jiraata,+ wanti gufachiisu tokko iyyuu isa keessa hin jiru. 11 Namni obboleessa isaa jibbu garuu dukkana keessa jira, akkasumas dukkana keessa deddeebiʼaa jira;+ dukkanichi ija isaa waan jaamseef, eessa akka dhaqu hin beeku.+
12 Yaa ijoollee koo, kanan isiniif barreessu, sababii maqaa isaatiin cubbuun keessan waan isiniif dhiifameefi.+ 13 Yaa abbootii, kanan isiniif barreessu, isa jalqabaa kaasee ture sana waan beektaniifi. Yaa dargaggootaa, kanan isiniif barreessu, isa hamaa sana waan mootaniifi.+ Yaa ijoolle, kanan isiniif barreessu, Abbaa waan beektaniifi.+ 14 Yaa abbootii, kanan isiniif barreessu, isa jalqabaa kaasee ture sana waan beektaniifi. Yaa dargaggootaa, kanan isiniif barreessu, jaboo waan taatanii+ fi dubbiin Waaqayyoo isin keessa waan jiraatuuf,+ akkasumas isa hamaa sana waan mootaniifi.+
15 Addunyaas taʼe wantoota addunyaa keessa jiran hin jaallatinaa.+ Namni kam iyyuu addunyaa yoo jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru;+ 16 sababiin isaas, wanti addunyaa keessa jiru hundi, jechuunis hawwiin foonii,+ hawwiin ijaa+ fi qabeenya ofii argisiifachuun* Abbaa irraa utuu hin taʼin addunyaa irraa madda. 17 Kana malees, addunyaanii fi hawwiin isaa darbaa jiru,+ namni fedhii Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraaf jiraata.+
18 Yaa ijoolle, kun saʼaatii dhumaa ti; akkuma dhageessan mormituun Kiristoos dhufaa jira,+ ammuma iyyuu mormitoonni Kiristoos baayʼeen kaʼaniiru;+ kun saʼaatii dhumaa taʼuu isaa kanaan beekna. 19 Isaan nu keessaa baʼan, taʼus garee keenya* hin turre;+ sababiin isaas, utuu garee keenya taʼanii nuu wajjin itti fufu turan. Haa taʼu malee, garee keenya kan taʼan hunda isaanii akka hin taane akka beekamuuf isaan nu keessaa baʼaniiru.+ 20 Isin isa qulqulluu sanaan dibamtaniittu,+ hundi keessanis beekumsa qabdu. 21 Kanan isiniif barreessu, isin dhugaa waan hin beekneef miti;+ kanaa mannaa, dhugaa waan beektanii fi sobni kam iyyuu dhugaa irraa waan hin maddineefi.+
22 Yesuus, Kiristoos taʼuu isaa kan ganu malee sobduun eenyu?+ Inni mormituu Kiristoos+ isa Abbaa fi Ilma ganu dha. 23 Ilma kan ganu kam iyyuu Abbaas hin qabu.+ Ilmatti akka amanu kan beeksisu+ kam iyyuu garuu Abbaas qaba.+ 24 Isin garuu wanti jalqabaa kaastanii dhageessan isin keessa jiraachuu qaba.+ Wanti jalqabaa kaastanii dhageessan isin keessa yoo jiraate, isinis Ilmaa wajjin tokkummaadhaan jiraattu, Abbaa wajjinis tokkummaadhaan jiraattu. 25 Kana malees, waadaan inni ofuma isaatii nuuf gale isa kana, innis jireenya bara baraa ti.+
26 Ani warra isin dogoggorsuuf yaalan ilaalchisee wantoota kana isiniif nan barreessa. 27 Isin garuu dibanni hafuuraa isa irraa argattan+ isin keessa waan jiraatuuf, eenyu iyyuu isin barsiisuun isaa hin barbaachisu; kanaa mannaa, dibanni hafuuraa isa irraa argattan wantoota hundumaa isin barsiisa,+ inni dhugaa dha malee soba miti. Akkuma dibanni sun isin barsiisetti isaa wajjin tokkummaadhaan jiraadhaa.+ 28 Egaa yaa ijoolle, yommuu inni mulʼifamutti bilisummaa dubbachuu akka qabaannuu+ fi yommuu argama isaatti qaanofnee isa irraa akka hin fagaanneef tokkummaa isaa wajjin qabdan eeggadhaa jiraadhaa. 29 Inni qajeelaa taʼuu isaa yoo beektan, namni qajeelummaa raawwatu kam iyyuu isa irraa akka dhalate ni beektu.+
3 Nuti ijoollee Waaqayyoo jedhamnee akka waamamnuuf+ Abbaan jaalala guddaa akkamii akka nutti argisiise ilaalaa!+ Dhuguma iyyuu nuti ijoollee isaa ti. Addunyaan Waaqayyoon hin beeku;+ nuunis kan hin beekne kanaafi.+ 2 Obboloota jaallatamo, nuti amma ijoollee Waaqayyoo ti;+ taʼus, gara fuulduraatti maal akka taanu amma iyyuu hin mulʼifamne.+ Yommuu inni mulʼifamu akka isaa akka taanu beekna; sababiin isaas, yeroo sanatti dhuguma isa ni argina. 3 Akkuma inni sun qulqulluu taʼe, namni abdii kana isa irratti qabu hundis of qulqulleessa.+
4 Namni cubbuu hojjechuu amaleeffatu hundi seera cabsaa jira; cubbuun seera cabsuu dha. 5 Isinis inni kan mulʼifame cubbuu keenya balleessuuf+ akka taʼe beektu; isa keessa cubbuun hin jiru. 6 Namni isaa wajjin tokkummaadhaan jiraatu hundi cubbuu hojjechuu hin amaleeffatu;+ namni cubbuu hojjechuu amaleeffatu hundi isa hin argine yookiin isa hin beekne. 7 Yaa ijoolle, namni tokko illee isin hin dogoggorsin; akkuma inni sun qajeelaa taʼe, namni qajeelina hojjechuu amaleeffate qajeelaa dha. 8 Diyaabilos jalqabumaa kaasee* cubbuu hojjechaa waan jiruuf,+ namni cubbuu hojjechuu amaleeffatu kan Diyaabilosi. Ilmi Waaqayyoo kaayyoo kanaatiif, jechuunis hojii Diyaabilos diiguuf* mulʼifame.+
9 Namni Waaqayyo irraa dhalate hundi cubbuu hojjechuu hin amaleeffatu;+ sababiin isaas, namni akkasii sanyiin* Waaqayyoo isa keessa waan jiraatuu fi inni Waaqayyo irraa waan dhalateef+ cubbuu hojjechuu amaleeffachuu hin dandaʼu. 10 Ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Diyaabilos kanaan adda baafamanii beekamu: Namni qajeelina hojjechuu hin amaleeffannes taʼe obboleessa isaa hin jaallanne hundi kan Waaqayyoo miti.+ 11 Ergaan jalqabaa kaasee dhageessan wal jaallachuu akka qabnu kan ibsu dha;+ 12 akka Qaayin isa kan isa hamaa sanaa taʼee fi obboleessa isaa gara jabinaan ajjeese sanaa taʼuu hin qabnu.+ Inni obboleessa isaa kan ajjeese maaliifi? Hojiin isaa hamaa,+ kan obboleessa isaa immoo qajeelaa+ waan tureefi.
13 Yaa obbolootaa, addunyaan isin jibbuu isaatti hin dinqisiifatinaa.+ 14 Nuti obboloota keenya waan jaallannuuf,+ duʼa irraa gara jireenyaatti akka darbine beekna.+ Namni jaalala hin qabne duʼa keessa jiraata.+ 15 Namni obboleessa isaa jibbu hundi nama nama ajjeesu dha;+ namni nama ajjeesu hundi immoo jireenyi bara baraa isa keessa akka hin jiraanne beektu.+ 16 Inni lubbuu isaa dabarsee waan nuu kenneef kanaan jaalala beekneerra;+ nutis obboloota keenyaaf lubbuu keenya dabarsinee kennuuf dirqamni nu irra jira.+ 17 Haa taʼu malee, namni qabeenya addunyaa kanaa qabu kam iyyuu obboleessi isaa utuu rakkatuu argee yoo garaa isaaf laafuu dide, jaalalli Waaqayyoo akkamitti isa keessa jiraata?+ 18 Yaa ijoolle, dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin,+ hojii+ fi dhugaadhaan+ wal haa jaallannu.
19 Kanaan nuti kan dhugaa taʼuu keenya ni beekna, isa durattis garaa keenya ni tasgabbeessina;* 20 wanta garaan keenya nutti murteessu hundumaa irratti kana ni goona; sababiin isaas, Waaqayyo garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas beeka.+ 21 Yaa obboloota jaallatamo, garaan keenya nutti hin murteessu yoo taʼe, Waaqayyo duratti bilisummaa dubbachuu ni qabaanna;+ 22 ajajawwan isaa waan eegnuu fi wanta isa gammachiisu waan hojjennuuf, wanta isa gaafannu kam iyyuu isa irraa ni arganna.+ 23 Eeyyee, ajajni isaa isa kana: kunis maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoos irratti amantii akka qabaannuu+ fi akkuma inni nu ajajetti akka wal jaallannu dha.+ 24 Kana malees, namni ajajawwan isaa eegu kam iyyuu isaa wajjin tokkummaadhaan jiraata; innis nama akkasii wajjin tokkummaa ni qabaata.+ Hafuura inni nuu kenneenis, inni nuu wajjin tokkummaadhaan akka jiraatu beekna.+
4 Obboloota jaallatamo, dubbii geggeessaa hafuuraatiin dubbatame+ hunda* hin amaninaa; kanaa mannaa, dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame* Waaqayyo biraa kan dhufe+ taʼuu isaa beekuuf qoraa; sababiin isaas, raajonni sobaa hedduun gara addunyaatti baʼaniiru.+
2 Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame Waaqayyo biraa kan dhufe taʼuu isaa kanaan beektu: Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatamee fi Yesuus Kiristoos fooniin akka dhufe ibsu hundi Waaqayyo biraa kan dhufe dha.+ 3 Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatamee fi Yesuusiif beekamtii hin kennine hundi garuu Waaqayyo biraa kan dhufe miti.+ Kana malees, kun isa akka dhufu dhageessanii+ fi mormituun Kiristoos sun geggeessaa hafuuraatiin dubbate dha; inni ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.+
4 Yaa ijoolle, isin kan Waaqayyoo ti; inni isinii wajjin tokkummaa qabu+ isa addunyaa wajjin tokkummaa qabu+ sana waan caaluuf, isin isaan mootaniittu.+ 5 Isaan kan addunyaa ti;+ wanta addunyaa irraa madde kan dubbatanii fi addunyaan kan isaan dhaggeeffatu kanaafi.+ 6 Nuti kan Waaqayyoo ti. Namni Waaqayyoon beeku kam iyyuu nu dhaggeeffata;+ namni kan Waaqayyoo hin taane hundi nu hin dhaggeeffatu.+ Dubbii dhugaa geggeessaa hafuuraatiin dubbatame, dubbii sobaa geggeessaa hafuuraatiin dubbatame+ irraa kanaan gargar baasna.
7 Obboloota jaallatamo, wal jaallachuu keenya itti haa fufnu;+ sababiin isaas, jaalalli Waaqayyo irraa madda; namni jaalala qabu hundi Waaqayyo irraa kan dhalate yeroo taʼu, Waaqayyoon ni beeka.+ 8 Namni jaalala hin argisiisne Waaqayyoon hin beeku; sababiin isaas, Waaqayyo jaalala.+ 9 Nuu wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera: Nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf,+ Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha+ gara addunyaatti erge. 10 Jaalala jechuun kana dha; kunis nuti Waaqayyoon waan jaallanneef utuu hin taʼin, Waaqayyo waan nu jaallateef, cubbuu keenyaaf aarsaa+ araaraa akka taʼu Ilma isaa erguu isaa ti.+
11 Obboloota jaallatamo, Waaqayyo akkasitti erga nu jaallatee, nutis wal jaallachuuf dirqamni nu irra jira.+ 12 Yoom iyyuu namni Waaqayyoon argee beeku hin jiru.+ Wal jaallachuu keenya yoo itti fufne, Waaqayyo nu keessa ni jiraata, jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.+ 13 Inni hafuura isaa waan nuu kenneef, kanaan nuti isaa wajjin tokkummaadhaan akka jiraannuu fi innis nuu wajjin tokkummaadhaan akka jiraatu ni beekna. 14 Kana malees, Abbaan Ilmi isaa Fayyisaa addunyaa akka taʼuuf erguu isaa+ ofuma keenyaa argineerra, akkasumas ragaa baʼaa jirra. 15 Namni Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa amanee fudhatu+ kam iyyuu, Waaqayyo nama akkasii wajjin tokkummaadhaan ni jiraata; innis Waaqayyoo wajjin tokkummaadhaan ni jiraata.+ 16 Nuti jaalala Waaqayyo nuuf qabu+ beekneerra, amanneerras.
Waaqayyo jaalala;+ namni yeroo hunda jaalala argisiisu Waaqayyoo wajjin tokkummaadhaan jiraata, Waaqayyos isaa wajjin tokkummaadhaan jiraata.+ 17 Karaa kanaan jaalalli nu keessatti guutuu taʼeera; kunis, guyyaa murtiitti bilisummaa dubbachuu* akka qabaannuufi;+ sababiin isaas, nuti addunyaa kana keessatti akkuma Kiristoosi. 18 Jaalala keessa sodaan hin jiru,+ jaalalli guutuun sodaa baasee gata;* sababiin isaas, sodaan gufuu nutti taʼa. Eeyyee, namni sodaatu jaalalli isaa guutuu+ hin taane. 19 Inni dursee waan nu jaallateef,+ nuti jaalala ni argisiisna.
20 Namni kam iyyuu, “Waaqayyoon nan jaalladha” utuu jedhuu obboleessa isaa kan jibbu yoo taʼe inni sobduu dha.+ Namni obboleessa isaa isa ijaan argu hin jaallanne,+ Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu.+ 21 Nuti ajaja kana isa biraa fudhanneerra, namni Waaqayyoon jaallatu hundi obboleessa isaas jaallachuu qaba.+
5 Namni Yesuus dhuguma Kiristoos taʼuu isaa amanu hundi Waaqayyo irraa kan dhalate dha;+ namni abbaa jaallatu hundis isa isa irraa dhalate sana ni jaallata. 2 Waaqayyoon yommuu jaallannuu fi ajajawwan isaa yommuu raawwannu, ijoollee Waaqayyoo+ akka jaallannu kanaan ni beekna. 3 Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha;+ ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti;+ 4 sababiin isaas, namni* Waaqayyo irraa dhalate hundi addunyaa ni moʼa.+ Addunyaa akka moonu kan nu dandeessise immoo amantii keenya dha.+
5 Addunyaa moʼuu kan dandaʼu eenyu?+ Isa Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa amanu mitii?+ 6 Yesuus Kiristoos bishaanii fi dhiigaan dhufe; inni bishaanichaa wajjin qofa utuu hin taʼin,+ bishaanichaa fi dhiigichaa+ wajjin dhufe. Hafuurichi kana ragaa ni baʼa;+ sababiin isaas, hafuurichi dhugaa dha. 7 Ragaa baatonni sadii jiru; 8 isaanis hafuuricha,+ bishaanichaa+ fi dhiigicha;+ sadan isaanii walii galu.
9 Isa namoonni ragaa baʼan kan fudhannu yoo taʼe, wanti Waaqayyo ragaa baʼu immoo kana irra ni caala. Sababiin isaas, wanti Waaqayyo ragaa baʼe isa kana, kunis isa inni waaʼee Ilma isaa ragaa baʼe dha. 10 Namni Ilma Waaqayyootti amanu, wanta ragaa isaaf baʼame garaa isaa keessaa qaba. Namni Waaqayyotti hin amanne, wanta Waaqayyo Ilma isaa ilaalchisee ragaa baʼetti waan hin amanneef, sobduu isa godheera.+ 11 Wanti inni ragaa baʼe isa kana, Waaqayyo jireenya bara baraa nuu kenneera;+ jireenyi kunis Ilma isaa keessa jira.+ 12 Namni Ilma Waaqayyoo qabu jireenya kana qaba; namni Ilma Waaqayyoo hin qabne jireenya kana hin qabu.+
13 Ani wantoota kana kanan isiniif barreessu, isin warri maqaa Ilma Waaqayyootti amantan+ jireenya bara baraa+ qabaachuu keessan akka beektaniifi. 14 Amanannaan* nuti isa irratti qabnu+ kana dha, wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.+ 15 Akkasumas wanta isa kadhannu hunda akka nu dhagaʼu yoo beekne, wanta sana waan isa kadhanneef, wanta kadhanne akka argannu beekna.+
16 Namni kam iyyuu obboleessi isaa cubbuu duʼa hin geessisne utuu hojjetuu yoo arge isaaf haa kadhatu, Waaqayyos jireenya isaaf ni kenna;+ eeyyee, Waaqayyo warra cubbuu duʼa hin geessisne hojjetaniif jireenya ni kenna. Cubbuun duʼa geessisu jira.+ Nama cubbuu akkasii hojjeteef haa kadhatu hin jedhu. 17 Jalʼinni hundi cubbuu dha,+ taʼus cubbuun duʼa hin geessisne jira.
18 Namni Waaqayyo irraa dhalate kam iyyuu cubbuu hojjechuu akka hin amaleeffanne beekna; inni Waaqayyo irraa dhalate sun* isa eega, inni hamaan sun homaa isa gochuu hin dandaʼu.*+ 19 Nuti kan Waaqayyoo akka taane beekna, guutummaan addunyaa garuu humna isa hamaa sanaa* jala jira.+ 20 Haa taʼu malee, Ilmi Waaqayyoo akka dhufe beekna;+ inni waaʼee isa dhugaa taʼe sanaa beekumsa akka argannuuf hubannaa* nuuf kenneera. Nutis karaa Ilma isaa Yesuus Kiristoos, isa dhugaa taʼe sanaa wajjin tokkummaa qabna.+ Inni Waaqa dhugaa fi jireenya bara baraa ti.+ 21 Yaa ijoolle, waaqolii tolfamoo irraa of eegaa.+
Ykn., “qooda.”
Ykn., “isaa wajjin tokkummaa hin qabu.”
Ykn., “abukaatoo.”
Ykn., “qabeenyaan of jajuun.”
Ykn., “kan keenya.”
Ykn., “yeroo jalqabee kaasee.”
Ykn., “balleessuuf.”
Jechuunis, sanyii wal horuu yookiin firii godhachuu dandaʼu.
Ykn., “ni amansiisna.”
Kal., “hafuura hunda.”
Kal., “hafuurichi.”
Ykn., “amanannaa.”
Ykn., “ariʼa.”
Kal., “wanti.”
Ykn., “Bilisummaan dubbachuu.”
Jechuunis, Yesuus Kiristoos Ilma Waaqayyoo.
Ykn., “jabeessee isa qabuu hin dandaʼu.”
Jechuunis, Seexana.
Kal., “dandeettii yaaduu.”