YOOʼEL
1 Dubbiin Yihowaa gara Yooʼel* ilma Petuʼel dhufe isa kana:
2 “Isin jaarsoliin, kana dhagaʼaa,
Isin jiraattonni biyyattii* hundi, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa.
Bara keessanitti yookiin bara abbootii keessaniitti
Wanti akkanaa taʼee beekaa?+
3 Waaʼee kanaa ilmaan keessanitti himaa,
Ilmaan keessan immoo ilmaan isaaniitti haa himan,
Ilmaan isaaniis dhaloota itti aanutti haa himan.
4 Wanta awwaannisa barbaddeessu irraa hafe hoomaan awwaannisaa ni nyaate;+
Wanta hoomaa awwaannisaa irraa hafe ilmaan awwaannisaa ni nyaatan;
Wanta ilmaan awwaannisaa irraa hafe immoo awwaannisni hin quufne ni nyaate.+
5 Isin warri machooftuun, dammaqaatii+ booʼaa!
Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundi, iyyaa,
Sababiin isaas, daadhiin wayinii inni miʼaawu afaan keessan irraa fudhatameera.+
6 Sabni jabaa fi lakkoofsi isaa hammana hin jedhamne tokko biyya koo irratti dhufeera.+
Ilkaan isaa ilkaan leencaa ti,+ mangaagaan isaas mangaagaa leencaa ti.
7 Inni muka wayinii koo barbadeesseera, muka harbuu koos gara gufuutti jijjiireera,
Guutummaatti irraa quncisee darbatee gateera,
Dameewwan isaaniis adii akka taʼan godheera.
9 Aarsaan midhaanii+ fi aarsaan dhugaatii+ gara mana Yihowaatti fidamaa hin jiru;
Luboonni warri tajaajiltoota Yihowaa taʼan gadda irra jiru.
10 Maasichi mancaʼeera, lafichis gaddeera;+
Sababiin isaas, midhaan barbadaaʼeera, daadhii wayinii haaraan hin jiru, zayitiinis dhumeera.+
11 Qamadii fi garbuudhaan kan kaʼe,
Qonnaan bultoonni qaanaʼaniiru, warri maasii wayinii keessatti hojjetanis ni gadoodu;
Sababiin isaas, oomishni maasichaa badeera.
12 Mukti wayinii gogeera,
Mukti harbuus coolligeera.
Mukti romaanii, mukti meexxii fi mukti poomii,
Mukti dirree keessaa hundis gogeera;+
Gammachuun sabicha gidduu jiru qaaniitti jijjiirameera.
Isin tajaajiltoonni Waaqa kootii kottaa, uffata gaddaa uffadhaa bulaa;
Sababiin isaas, aarsaan midhaanii+ fi aarsaan dhugaatii+ mana Waaqa keessanii irraa citeera.
14 Sooma labsaa;* walgaʼii qulqulluu waamaa.+
Jiraattota biyyattii hundumaa dabalatee jaarsolii mana Waaqa keessan Yihowaatti walitti qabaatii+
Gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyaa.
15 Guyyichaan kan kaʼe isiniif wayyoo!
Guyyaan Yihowaa dhihaateera,+
Isa Hundumaa Dandaʼu biraa badiisni ni dhufa!
16 Ija keenya duraa nyaanni,
Mana Waaqa keenyaa keessaas ililchii fi gammachuun fudhatameera mitii?
17 Sanyiiwwan* akaafaa isaanii jalatti coolliganiiru.
Manneen kuusaa onaniiru.
Midhaanichi waan gogeef, gootaraawwan jiganiiru.
18 Horiiwwan illee ni aadu!
Waan dheedan waan hin qabneef, loon burjaajaʼanii asii fi achi jooru!
Tuutni hoolotaa ni adabamu.
19 Ibiddi iddoowwan dheedichaa lafa onaa waan gubeef,
Laboobni ibiddaas mukeetii dirree keessa jiran hundumaa waan fixeef,
Yaa Yihowaa, ani gargaarsaaf sin waammadha.+
20 Lageen waan goganiif,
Ibiddis iddoowwan dheedichaa lafa onaa waan gubeef,
Bineensonni bosonaa illee si eeggatu.”
2 “Xiyoon keessatti xurumbaa* afuufaa!+
Gaara koo isa qulqulluu irratti iyya waraanaa dhageessisaa.
Guyyaan Yihowaa dhufaa waan jiruuf,+ guyyichi waan dhihaateef,
Jiraattonni biyyattii* hundi haa hollatan!
2 Guyyichi guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa ti,+
Guyyaa duumeessaa fi dukkana cimaa ti,+
Akkuma ifa barraaqaa gaarota irratti babalʼatuu ti.
Sabni guddaanii fi jabaa taʼe tokko jira;+
Kanaan dura kan akka isaa tokko illee hin turre,
Gara fuulduraattis dhaloota hundumaa keessatti
Kan akka isaa matumaa hin jiraatu.
3 Fuuldura isaatii ibiddi ni guba,
Duuba isaatiis laboobni ibiddaa ni nyaata.+
Lafti fuuldura isaa jiru iddoo biqiltuu Eedan fakkaata,+
Duubni isaa garuu lafa onaa barbadaaʼe dha,
Wanti isa jalaa ooluu dandaʼus hin jiru.
4 Bifti isaa bifa fardeenii fakkaata,
Isaan akkuma fardeen waraanaatti gulufu.+
5 Fiixee gaarotaa irra yommuu utaalan sagaleen isaanii akkuma sagalee gaariiwwan fardaa,+
Akkuma sagalee labooba ibiddaa yommuu galabaa gubu xaaxaʼuu ti.
Inni akkuma saba jabaa waraanaaf tarree galee ti.+
6 Isaaniin kan kaʼe namoonni ni dhiphatu.
Fuulli hundi ni daalachaaʼa.
7 Akkuma loltootaatti ni haleelu,
Akkuma loltootaatti dallaa irra ni baʼu,
Tokkoon tokkoon isaanii daandii isaanii qabatanii deemu,
Karaa isaanii irraa hin jalʼatan.
8 Isaan wal hin dhiiban;
Tokkoon tokkoon namaa daandii isaa irra fuulduratti adeema.
Muraasni isaanii meeshaa waraanaatiin* yoo kufan,
Warri kaan hiriira isaanii hin gadhiisan.
9 Gara magaalaatti fiiganii seenu, dallaa irras ni fiigu.
Manneen irra ni baʼu, akkuma hattuus karaa foddaa ni seenu.
10 Isaan duratti lafti ni hollatti, samiiwwanis ni raafamu.
Aduunii fi addeessi ni dukkanaaʼu,+
Urjiileenis ifa isaanii ni dhabu.
11 Raayyaan isaa baayʼee waan taʼeef,+ Yihowaan raayyaa isaa duratti sagalee isaa ol ni kaasa.+
Inni dubbii isaa raawwatu jabaa dha;
Guyyaan Yihowaa guddaa fi baayʼee sodaachisaa dha.+
Eenyutu isa dura dhaabbachuu dandaʼa?”+
12 Yihowaan akkana jedha: “Amma iyyuu taanaan, soomaa,+ booʼaa fi gadoodaa
Garaa keessan guutuudhaan gara kootti deebiʼaa.+
13 Uffata keessan utuu hin taʼin,+ garaa keessan tarsaasaa,+
Gara Waaqa keessan Yihowaatti deebiʼaa,
Inni gara laafessaa* fi araara qabeessa, aariidhaaf suuta kan jedhuu+ fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha,+
Inni badiisa fiduuf yaade ilaalchisee yaada isaa ni jijjiira.*
14 Akka isin aarsaa midhaanii fi aarsaa dhugaatii Waaqa keessan Yihowaadhaaf dhiheessitaniif,
Inni duubatti deebiʼee yaada isaa jijjiiruudhaan*
Eebba yoo isiniif kenne maaltu beeka?+
15 Xiyoon keessatti xurumbaa afuufaa!
Sooma labsaa;* walgaʼii qulqulluu waamaa.+
16 Sabicha walitti qabaa; gumicha qulqulleessaa.+
Maanguddoota* walitti qabaa; ijoollee fi daaʼimman harma hodhan sassaabaa.+
Misirroo kutaa isaa isa keessaatii, misirrittiinis diinqa misirroo keessaa haa baʼan.
17 Luboonni warri tajaajiltoota Yihowaa taʼan,
Barandaa fi iddoo aarsaa gidduutti+ booʼaa akkana haa jedhan:
‘Yaa Yihowaa, saba keetiif gaddi;
Saboonni akka isaan bulchan gochuudhaan,
Dhaalli kee kan itti qoosamu akka taʼu hin godhin.
Saboonni, “Waaqni isaanii eessa jira?” maaliif jedhu?’+
18 Yeroo sanatti, Yihowaan biyya isaatiif ni hinaafa,
Saba isaattis gara laafina ni argisiisa.+
19 Yihowaan saba isaatiif akkana jedhee deebisa:
‘Kunoo, ani midhaan, wayinii haaraa fi zayitii isiniif nan kenna,
Isinis guutummaatti ni quuftu;+
Ani kana booda saboota gidduutti akka arrabsamtan hin godhu.+
20 Isa kaabaa sana isin irraa nan fageessa;
Lafa gogaa fi ona taʼe keessatti isa nan bittinneessa,
Loltoota isaa warra dura buʼan* gara galaana isa bahaatti,*
Loltoota isaa warra duubaan jiran immoo gara galaana isa dhihaatti* nan erga.
Xiraan isaa ol ni baʼa,
Ajaan isaa ol baʼuu isaa ittuma fufa;+
Sababiin isaas, Waaqayyo wantoota guguddaa ni raawwata.’
21 Yaa lafaa, hin sodaatin.
Yihowaan wantoota guguddaa waan raawwatuuf gammadi, ililchis.
22 Isin bineensonni bosonaa, hin sodaatinaa,
Sababiin isaas, iddoowwan dheedichaa lafa onaa ni lalisu,+
Mukeetiinis firii ni kennu;+
Mukti harbuu fi mukti wayiniis akka gaariitti firii ni godhatu.+
23 Yaa ilmaan Xiyoon, Waaqa keessan Yihowaatti gammadaa, ililchaas;+
Sababiin isaas, inni bokkaa birraa hamma isin barbaachisu isiniif ni kenna,
Rooba isiniif ni roobsa,
Akkuma kanaan duraa bokkaa birraa fi bokkaa arfaasaa isiniif ni kenna.+
24 Oobdiin midhaanii midhaan qulqulluudhaan ni guutama,
Wayinii haaraa fi zayitiinis iddoo itti cuunfan keessa guutee ni dhangalaʼa.+
25 Waggoota raayyaa koo isa guddaa,
Jechuunis hoomaa awwaannisaa, ilmoo awwaannisaa, awwaannisa hin quufnee fi awwaannisa barbadeessu
Warra midhaan keessan akka nyaatan ani isinitti erge sanaaf isin nan kiisa.+
26 Isin dhugumaan hamma quuftanitti ni nyaattu,+
Maqaa Waaqa keessan Yihowaas ni jajattu,+
Inni isiniif jedhee wantoota dinqisiisoo raawwateera;
Sabni koo matumaa lammata hin qaanaʼu.+
27 Ani Israaʼel gidduu akkan jiru,+
Waaqa keessan Yihowaa akkan taʼee+ fi ana malee kan biraan akka hin jirre dhugumaan ni hubattu!
Sabni koo matumaa lammata hin qaanaʼu.
28 Sana booda ani foon hundumaa irratti hafuura koo nan dhangalaasa,+
Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keessan raajii ni dubbatu,
Maanguddoonni keessan abjuu ni abjuʼatu,
Dargaggoonni keessanis mulʼata ni argu.+
29 Ani guyyoota sanatti garbootaa fi garbittiiwwan koo irratti illee
Hafuura koo nan dhangalaasa.
30 Samiiwwan keessattii fi lafa irratti dinqiiwwan* nan raawwadha,
Dhiigni, ibiddii fi utubaan aaraa ni mulʼata.+
31 Guyyaan Yihowaa inni guddaanii fi sodaachisaan dhufuu isaa dura,+
Aduun ni dukkanoofti, addeessis gara dhiigaatti ni jijjiiramti.+
32 Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya;+
Akkuma Yihowaan jedhe, Gaara Xiyoon irra, Yerusaalem keessas warri miliqan,+
Jechuunis warri badiisa irraa oolanii fi Yihowaan waame ni jiraatu.”
3 “Kunoo, guyyoota sanattii fi yeroo sanatti,
Yommuu ani boojiʼamtoota Yihudaa fi Yerusaalem deebisee fidutti,+
2 Saboota hundumaa walitti qabee
Isaan saboota gidduutti waan isaan bittinneessaniif,
Biyya koos waan hirataniif,+
Ani saba koo fi dhaala koo Israaʼeliif jedhee,
Achitti isaanitti nan murteessa.+
3 Isaan saba koo irratti carraa buufatu;+
Sagaagaltuudhaaf gatii kaffaluuf jedhanii mucaa dhiiraa gurguru,
Daadhii wayinii dhuganiif jedhaniis intala gurguru.
4 Yaa Xiiros, Siidoonii fi naannoowwan Filisxeem hundi,
Isin maal na irraa qabdu?
Wantan isin irratti raawwadhe tokkoof gatii naaf deebisaa jirtuu?
Gatii koo naaf deebisaa jirtu taanaan,
Saffisa guddaadhaan wanta isin yaaddan mataa keessan irratti nan deebisa.+
5 Sababiin isaas, isin meetii fi warqii koo fudhattaniittu,+
Qabeenya koo isa gaggaariis gara mana qulqullummaa keessaniitti galchitaniittu;
6 Naannoo isaanii irraa buqqistanii isaan fageessuuf,
Namoota Yihudaa fi Yerusaalem warra Giriikiitti gurgurtaniittu.+
7 Kunoo, ani iddoo isin itti isaan gurgurtan irraa akka deebiʼaniif isaan nan kakaasa,+
Wanta isin yaaddanis mataa keessan irratti nan deebisa.
8 Ani ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa keessan namoota Yihudaatti nan gurgura,+
Isaan immoo saba fagoo jirutti, jechuunis namoota Sheebaa warra fagoo jiranitti isaan ni gurguru;
Sababiin isaas, Yihowaan kana dubbateera.
9 Kana saboota gidduutti labsaa:+
‘Waraanaaf qophaaʼaa!* Namoota jajjaboo kakaasaa!
Loltoonni hundi haa dhihaatan, fuuldurattis haa deeman!+
10 Maarashaa keessan goraadee, haamtuu keessanis eeboo gochuuf tumaa.
Inni dadhabaan, “Ani jabaa dha” haa jedhu.
11 Saboonni kallattii hundumaatiin jirtan hundi kottaatii gargaaraa, walittis qabamaa!’”+
Yaa Yihowaa, loltoota kee gara iddoo sanaatti gad buusi.
12 “Ani saboota kallattii hundumaatiin jiran irratti murteessuuf achi waanan taaʼuuf,+
Saboonni kaʼanii gara Sulula* Yoshaafaax haa dhufan.
13 Makarri waan gaʼeef, haamtuu keessanitti fayyadamaa.
Iddoon wayinii itti cuunfan firii wayiniitiin waan guuteef, gad buʼaatii dhidhiitaa.+
Hamminni isaanii baayʼee waan taʼeef, iddoon wayiniin itti kuufamu guutee dhangalaʼeera.
14 Guyyaan Yihowaa sulula* murtoo keessatti waan dhihaateef,+
Namoonni hedduun, eeyyee, namoonni hedduun sulula* murtoo sana keessa jiru.
15 Aduu fi addeessi ni dukkanaaʼu,
Urjiileenis ifa isaanii hin kennan.
16 Yihowaan Xiyoon keessaa ni barooda,
Yerusaalem keessaas sagalee isaa guddisee ni dhageessisa.
Samii fi lafti ni raafamu;
Yihowaan garuu saba isaatiif iddoo kooluu itti galan,+
Saba Israaʼeliif dahoo ni taʼa.
17 Isinis ani Waaqa keessan Yihowaa isa Xiyoon gaara koo ishii qulqulluu irra jiraatu+ taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.
18 Guyyaa sanatti gaaronni daadhii wayinii miʼaawaa ni coccophsu,+
Tabbawwan aannan ni yaasu,
Lageen Yihudaa hundis bishaaniin ni guutamu.
19 Gibxiin garuu ni onti,+
Edoomis lafa onaa ni taati,+
Sababiin isaas, isaan saba Yihudaa irratti hammina raawwataniiru,+
Biyya isaa keessattis dhiiga qulqulluu dhangalaasaniiru.+
20 Yihudaa keessa yeroo hundumaatiif,
Yerusaalem keessas dhalootaa hamma dhalootatti namoonni ni jiraatu.+
21 Ani dhiiga* isaanii isan akka qulqulluutti hin ilaalle sana akka qulqulluutti nan ilaala;+
Yihowaan Xiyoon keessa ni jiraata.”+
“Yihowaan Waaqa Dha” jechuu dha.
Ykn., “lafaa.”
Ykn., “shamarree.”
Ykn., “Abbaa manaa.”
Kal., “mudhii hidhadhaatii.”
Ykn., “qoma keessan rukutaa.”
Kal., “qulqulleessaa.”
Ykn tarii, “Harbuuwwan goggogan.”
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Ykn., “lafaa.”
Ykn., “meeshaa waraanaa furguggifamuun.”
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “ni gaabba.”
Ykn., “gaabbuudhaan.”
Kal., “qulqulleessaa.”
Ykn., “Jaarsolii.”
Kal., “Fuula isaa.”
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Jechuunis, Galaana Meditiraaniyaa.
Ykn., “mallattoowwan.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
“Yihowaan Abbaa Murtii Dha” jechuu dha.
Kal., “Waraana qulqulleessaa.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Kal., “keessummoonni.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “dhiiga dhangalaasuu.”