LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Galaatiyaa 1:1-6:18
  • Galaatiyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Galaatiyaa
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Galaatiyaa

WARRA GALAATIYAATIIF

1 Ana Phaawulos isa namootaan yookiin karaa namaa utuu hin taʼin, karaa Yesuus Kiristoosii+ fi karaa Waaqayyo Abbaa+ isa Yesuusiin duʼaa kaaseen ergamaa taʼe, 2 akkasumas obboloota anaa wajjin jiran hunda irraa, gumiiwwan Galaatiyaa keessa jiraniif:

3 Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu. 4 Inni akka fedhii Waaqaa fi Abbaa keenyaatti+ sirna*+ hamaa kana irraa nu oolchuuf cubbuu keenyaaf dabarsee of kenne;+ 5 baraa hamma bara baraatti Waaqayyoof ulfinni haa taʼu. Ameen.

6 Isin Waaqa isa gaarummaa Kiristoos isa guddaatiin isin waame sana irraa gara misiraachoo kan biraatti saffisa akkasiitiin garagaluun keessan na dinqisiiseera.+ 7 Misiraachoo kan biraan hin jiru; haa taʼu malee, namoonni isin jeeqanii+ fi misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu jalʼisuu barbaadan tokko tokko jiru. 8 Taʼus, nu keessaa namni tokko yookiin maleekaan samii irraa dhufe tokko misiraachoo nuti isiniif lallabne irraa adda taʼe yoo isiniif lallabe, abaaramaa haa taʼu. 9 Akkuma duraan dubbanne ammas dabalee nan dubbadha, eenyu iyyuu misiraachoo isin fudhattan irraa adda taʼe yoo isiniif lallabe abaaramaa haa taʼu.

10 Ani amma namoota duratti moo Waaqayyo duratti fudhatama argachuufan yaalaa jira? Yookiin namoota gammachiisuuf yaalaan jiraa? Ani amma iyyuu namoota gammachiisaan jira yoo taʼe, garbicha Kiristoos miti jechuu dha. 11 Yaa obbolootaa, misiraachoon ani isiniif lallabe nama irraa akka hin maddine+ akka beektan nan barbaada; 12 sababiin isaas, ani misiraachoo kana Yesuus Kiristoos irraan mulʼataan fudhadhe malee, nama irraa hin fudhanne yookiin namni na hin barsiisne.

13 Ani dur amantii Yihudii+ keessatti akkamitti akkan jiraadhe, jechuunis gumii Waaqayyoo baayʼee* ariʼachaa fi miidhaa guddaa irraan gaʼaa akkan ture dhageessaniittu;+ 14 akkasumas aadaa abbootii kootiif hinaaffaa guddaan qaba ture; saba koo keessatti warra hiriyoota koo taʼan hedduu caalaas amantii Yihudii keessatti guddina gochaan ture.+ 15 Haa taʼu malee, Waaqayyo inni akkan dhaladhu godhee* fi karaa gaarummaa isaa isa guddaa+ na waame sun, 16 misiraachoo waaʼee isaa ibsu sabootaaf lallabuudhaan+ Ilma isaa karaa koo mulʼisuun gaarii taʼee yommuu isatti mulʼatetti, ani yeruma sana nama tokkoo* wajjin illee hin mariʼanne; 17 warra ana dura ergamoota taʼan bira dhaquufis gara Yerusaalemitti ol hin baane; kanaa mannaa, gara biyya Arabaan dhaqe; achiis gara Damaasqoottan deebiʼe.+

18 Waggaa sadii boodas Keefaasiin*+ gaafachuuf gara Yerusaalemitti ol baʼeen+ isaa wajjin guyyaa 15f achi ture. 19 Taʼus ani Yaaqoob+ obboleessa Gooftaa malee, ergamoota kaan keessaa nama tokko illee hin argine. 20 Wantootan isiniif barreessu ilaalchisee, akkan hin sobne Waaqayyo duratti isiniif nan mirkaneessa.

21 Sana booda gara naannoowwan Sooriyaa fi Kiilqiyaatti+ argamanii nan dhaqe. 22 Haa taʼu malee, gumiiwwan Kiristoos warri Yihudaa keessa jiran na arganii hin beekan. 23 Isaan, “Namichi duraan nu ariʼachaa ture+ sun, amma waaʼee amantii isa kanaan dura balleessuu barbaadu+ sanaa misiraachoo lallabaa jira” yeroo jedhamu qofa dhagaʼu turan. 24 Kanaan kan kaʼes sababii kootiin Waaqayyoon galateeffachuu jalqaban.

2 Achiis waggaa 14 booda Tiitoo fudhadheen Barnaabaasii+ wajjin ammas gara Yerusaalemitti ol baʼe.+ 2 Kanan ol baʼes mulʼata Gooftaan natti argisiiseen ture; achiis misiraachoo isan saboota kaan gidduutti lallabaa ture sana isaan duratti nan dhiheesse. Taʼus amma fiigaa kanan jirus taʼe kanaan dura kanan fiige akkasumaan akka hin taane mirkaneessuuf, namoota iddoo guddaa qaban duratti misiraachoo kana kanan dhiheesse kophaatti ture. 3 Haa taʼu malee, Tiitoon+ inni anaa wajjin ture illee, nama Giriikii yoo taʼe iyyuu akka dhaqna qabatu hin dirqisiifamne.+ 4 Taʼus, dhimmi kun kan kaʼe sababii obboloota sobduu, guutummaatti garboota nu godhachuuf+ jecha bilisummaa+ tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabnuun arganne basaasuuf dhoksaatti loʼanii galaniini;+ 5 taʼus dhugaan misiraachichaa isinii wajjin akka jiraatuuf, nuti takkaa* illee tole jennee isaaniif hin bitamne.+

6 Haa taʼu malee, warra iddoo guddaa akka qabanitti ilaalaman+ sana ilaalchisee, Waaqayyo bifa namaa ilaalee waan hin loogneef, isaan maal iyyuu yoo taʼan anaaf jijjiirama hin fidu; isaan waan haaraa naaf dabalan tokko illee hin qaban. 7 Faallaa kanaatiin, akkuma misiraachichi warra dhaqna qabataniif Pheexirositti imaanaadhaan kenname, warra dhaqna hin qabanneef imaanaadhaan natti kennamuu isaa+ yommuu argan 8 (sababiin isaas, inni warra dhaqna qabataniif ergamaa akka taʼu Pheexirosiif humna kenne, anis saboota kaaniif ergamaa akkan taʼu humna naa kenneera),+ 9 isaan gaarummaa guddaa naaf kenname+ yommuu argan, Yaaqoob,+ Keefaasii* fi Yohaannis warri utubaatti fakkeeffaman, anii fi Barnaabaas+ gara saboota kaanii akka dhaqnu, isaan immoo gara warra dhaqna qabatanii akka dhaqan harka isaanii mirgaa nuu kennuudhaan walii galuu isaanii ibsan. 10 Isaan hiyyeeyyii akka yaadannu qofa nutti himan; anis kana gochuuf carraaqqii guddaa godheera.+

11 Haa taʼu malee, Keefaas*+ gara Anxokiyaa+ yeroo dhufetti fuulleettan isa morme; sababiin isaas, dogoggora guddaa hojjetee ture.* 12 Inni namoonni tokko tokko Yaaqoob+ biraa dhufuu isaanii dura, namoota saboota kaanii wajjin nyaata ture;+ yommuu namoonni sun dhufan garuu, warra dhaqna qabatan+ sodaatee kana gochuu dhiisee isaan irraa adda of baase. 13 Yihudoonni warri kaanis fakkeessaa isaa kana irratti ni hirmaatan; kanaan kan kaʼes Barnaabaas illee fakkeessaa isaaniitiin fudhatamee ture. 14 Taʼus, isaan dhugaa misiraachichaa wajjin haala wal simuun deddeebiʼaa+ akka hin jirre yommuun argu, hunduma isaanii duratti Keefaasiin,* “Ati ofii keetii Yihudii taatee akka Yihudiitti utuu hin taʼin akka saboota kaaniitti jiraachaa utuu jirtuu, namoonni saboota kaanii akka aadaa Yihudootaatti akka jiraatan akkamitti isaan dirqisiisuu dandeessa?”+ nan jedhe.

15 Nuti warri dhalootaan Yihudii taanee fi akka cubbamoota saboota kaan keessa jiranii hin taane, 16 namni tokko qajeelaa jedhamee kan waamamu, seera eeguudhaan utuu hin taʼin, Yesuus Kiristoositti amanuu+ isaatiin qofa akka taʼe beekna. Kanaafuu, namni* kam iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa jedhamee waamamuu waan hin dandeenyeef, seera eeguudhaan utuu hin taʼin, Kiristoositti amanuudhaan qajeelota jedhamnee waamamuu akka dandeenyuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra.+ 17 Egaa nutis karaa Kiristoos qajeelota jedhamnee waamamuuf utuu carraaqqii goonuu cubbamoota taanee yoo argamne, Kiristoos tajaajilaa cubbuu ti jechuu dhaa? Matumaa! 18 Ani wantootuman yeroo tokko diige sana deebisee nan ijaara yoon taʼe, seera cabsaan jira jechuu dha. 19 Sababiin isaas, Waaqayyoof jiraachuu akkan dandaʼuuf, ani karaa seerichaa seerichaaf duʼeera.+ 20 Ani Kiristoosii wajjin mismaaraan muka irratti fannifameera.+ Kana booda kan jiraatu ana utuu hin taʼin,+ Kiristoos isa anaa wajjin tokkummaa qabu sana dha. Amma fooniin kanan jiraadhu, amantii ani Ilma Waaqayyoo+ isa na jaallatee fi anaaf jedhee dabarsee of kenne+ irratti qabuuni dha. 21 Ani gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa hin tuffadhu;*+ sababiin isaas, qajeelummaan karaa seeraa argama utuu taʼee, Kiristoos duʼuun isaa faayidaa hin qabu ture.+

3 Yaa warra Galaatiyaa gowwoota nana! Yesuus Kiristoos muka irratti fannifamuun isaa+ akka gaariitti isiniif ibsamee kan ture taʼus, eenyutu isin joonjesse?+ 2 Mee wanta tokkon isin gaafadha:* Hafuura qulqulluu kan fudhattan seera eeguudhaan moo wanta dhageessanitti amanuudhaan ture?+ 3 Isin hamma kana gowwootaa? Karaa hafuuraa* erga jalqabdanii booda karaa foonii xumurtuu?*+ 4 Rakkina hedduu keessa kan darbitan waanuma faayidaa hin qabneef turee? Faayidaa malee akka hin turre ani iyyuu mirkanaaʼaa dha. 5 Kanaafuu, inni hafuura qulqulluu isiniif kennee fi isin gidduutti dinqiiwwan guguddaa+ raawwate sun, kana kan godhe seera waan eegdaniif moo wanta dhageessanitti waan amantaniifi? 6 Kunis akkuma Abrahaam, “Yihowaatti* amane, kunis qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame”+ jedhametti dha.

7 Ilmaan Abrahaam kan taʼan warra amantiidhaan jiraatan akka taʼan akka gaariitti beektu.+ 8 Waaqayyo saboota kaan amantiidhaan qajeelota akka godhu dursee ilaalee, dubbii isaa isa barreeffame keessatti, “Saboonni hundi karaa kee ni eebbifamu”+ jechuudhaan Abrahaamiif dursee misiraachoo labseera. 9 Kanaafuu, warri amantiidhaan jiraatan hundi Abrahaam isa amantii qabuu wajjin ni eebbifamu.+

10 Warri seera eeguutti amanaman hundi abaaramoo dha; sababiin isaas, “Namni wantoota maraa kitaaba Seerichaa keessatti barreeffaman hunda eegee hin jiraanne kam iyyuu abaaramaa dha”+ jedhamee barreeffameera. 11 Kana malees, namni kam iyyuu Waaqayyo duratti seeraan qajeelaa jedhamee waamamuu akka hin dandeenye+ beekamaa dha; sababiin isaas, “Inni qajeelaan amantiidhaan jiraata.”+ 12 Seerichi amantii irratti kan hundaaʼe miti. Kanaa mannaa, “namni wantoota kana hojii irra oolchu kam iyyuu isaaniin ni jiraata.”+ 13 “Namni muka irratti fannifamu hundi abaaramaa dha”+ jedhamee waan barreeffameef, Kiristoos bakka keenya buʼee abaaramaa taʼuudhaan nu bitee+ abaarsa Seerichaa jalaa nu baaseera.+ 14 Kunis kan taʼe, eebbi Abrahaam karaa Kiristoos Yesuus+ saboota kaaniif akka dhufuu fi nutis karaa amantii keenyaa hafuura isa abdachiifame+ akka fudhannuufi.

15 Yaa obbolootaa, fakkeenya namoonni beekan tokkotti fayyadameen isinitti dubbadha: Kakuun tokko erga raggaasifamee booda, nama tokko qofaan yoo taʼe illee, eenyu iyyuu kakuu sana diiguu yookiin itti dabaluu hin dandaʼu. 16 Waadaan kun kan galame Abrahaamii fi sanyii isaatiif ture.+ Akka nama baayʼeedhaaf taʼetti, “sanyiiwwan keetiif” hin jedhu. Kanaa mannaa akka nama tokkoof taʼetti “sanyii keetiif” jedha; innis Kiristoosi.+ 17 Dabalataanis kana nan dubbadha: Seerichi inni waggaa 430 booda dhufe,+ kakuu Waaqayyo duraan gale sana diiguudhaan waadaa sana gatii hin dhabsiisne. 18 Sababiin isaas, dhaalli sun seera irratti kan hundaaʼe utuu taʼee, kana booda waadaa irratti kan hundaaʼe hin taʼu ture; Waaqayyo garuu karaa waadaa sanaa Abrahaamiif gaarummaadhaan dhaala kenneera.+

19 Seerichi maaliif kenname ree? Hanga sanyichi inni waadaan galameef sun dhufutti,+ dogoggora namoonni hojjetan mulʼisuuf dabalame;+ kan kennames karaa maleekotaa+ harka araarsaa+ tokkootiin ture. 20 Yeroo qaama tokko qofa taʼutti araarsaan hin jiraatu; Waaqayyo waadaa kana kan gale kophaa isaa ture. 21 Maarree, Seerichi waadaa Waaqayyoo wajjin wal faallessaa? Matumaa! Sababiin isaas, seerri jireenya argamsiisu utuu kennameera taʼee, qajeelummaan karaa seeraa argama ture. 22 Taʼus, Dubbiin Waaqayyoo wanta hundumaa toʼannaa cubbuu jala godheera; kunis, warri amantii qaban wantoota gaggaarii warra Yesuus Kiristoositti amananiif waadaa galaman akka argataniifi.

23 Haa taʼu malee, amantiin dhufuu isaa dura amantii isa mulʼachuuf jiru eeggachaa, hidhaatti dabarfamnee kennamnee Seericha jalatti eegamaa turre.+ 24 Kanaafuu, karaa amantii qajeelota jedhamnee waamamuu akka dandeenyuuf,+ Seerichi guddiftuu* keenya isa gara Kiristoositti nu geessu taʼeera.+ 25 Amma garuu amantiin waan dhufeef,+ kana booda guddiftuu* jala hin jirru.+

26 Hundi keessan amantii Kiristoos Yesuus irratti qabdaniin ilmaan Waaqayyoo taataniittu.+ 27 Sababiin isaas, isin warri gara Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosiin uffattaniittu.+ 28 Hundi keessan tokkummaa Kiristoosii wajjin qabdaniin tokko waan taataniif,+ Yihudii yookiin nama Giriikii,+ garbicha yookiin nama bilisa taʼe,+ dhiira yookiin dubartii+ gidduu garaa garummaan hin jiru. 29 Kana malees, isin kan Kiristoos yoo taatan, dhuguma sanyii Abrahaam+ warra waadaa isaaf galame+ dhaaltani dha.+

4 Egaa ani kana nan dubbadha, dhaaltichi gooftaa waan hundumaa yoo taʼe iyyuu daaʼima hamma taʼetti garbicha irraa adda miti; 2 kanaa mannaa, hamma guyyaa abbaan isaa dursee murteesse sun gaʼutti guddiftootaa fi bulchitoota manaa jala tura. 3 Haaluma wal fakkaatuun nutis yommuu ijoollee turretti, wantoota jalqabaa addunyaa keessa jiraniif garboota turre.+ 4 Haa taʼu malee, yeroon murteeffame sun yommuu xumuramu, Waaqayyo Ilma isaa isa dubartii irraa dhalatee+ fi seera jala ture+ ni erge; 5 kana kan godhes, warra seera jala jiran bitee gadhiisisuufi;+ akka kanaan akka ilmaan isaatti nu guddisa.+

6 Egaa isin ilmaan waan taataniif, Waaqayyo hafuura Ilma isaa garaa keenya keessatti ergeera;+ hafuurri kunis, “Aabbaa!”*+ jedhee iyya. 7 Kanaafuu, ati kana booda ilma malee garbicha miti; ilma yoo taate immoo Waaqayyo dhaaltuu si godheera.+

8 Haa taʼu malee, isin yeroo Waaqayyoon hin beeknetti, warra dhuguma waaqolii hin taaneef garboota turtan. 9 Taʼus amma Waaqayyoon erga beektanii, caalaatti immoo Waaqayyo biratti erga beekamtanii, akkamitti wantoota jalqabaa dadhaboo+ taʼanii fi gatii hin qabnetti deebitanii isaaniif garboota taatu?+ 10 Isin guyyoota, jiʼoota, waqtiilee fi waggoota of eeggannoodhaan kabajju.+ 11 Ani tarii akkasumaanan isiniif dhamaʼe jedheen sodaadha.

12 Yaa obbolootaa, anis akkuma keessan waanan tureef,+ akkuma koo akka taatan isinan kadhadha. Isin homaa natti hin balleessine. 13 Haa taʼu malee, yeroo jalqabaatiif misiraachoo isiniif lallabuuf carraa kanan argadhe, dhukkubsachuu kootiin kan kaʼe akka taʼe beektu. 14 Haalli fayyaa koo qorumsa yoo isinitti taʼe illee, isin na hin tuffanne yookiin na hin balfine;* kanaa mannaa, akka maleekaa Waaqayyootti yookiin akka Kiristoos Yesuusitti na simattan. 15 Maarree gammachuun keessan sun eessa dhaqe? Utuu dandeessanii ija keessan illee fonqolchitanii baastanii naa kennuuf fedhii keessan akka ture ragaa isiniif nan baʼa.+ 16 Dhugaa isinitti himuu kootiinan diina keessan taʼee ree? 17 Isaan isin gowwoomsuuf hinaaffaa guddaa qabu; kana kan godhan garuu, akka cimsitanii isaan hordoftaniif ana irraa adda isin baasuuf malee faayidaa keessaniif jedhanii miti. 18 Haa taʼu malee, namni tokko yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin, yeroo hunda kaayyoo gaariidhaaf dhimmee isin barbaaduun isaa gaarii dha 19 yaa ijoollee koo;+ ani hamma eenyummaan Kiristoos guutummaatti isin keessatti guddatutti* isiniif jedhee lammata nan ciniinsifadha. 20 Ani waaʼee keessan wantan godhu waanan wallaaleef, ammuma isin biratti argamee sagalee laafaadhaan utuun isinitti dubbadhee natti tola ture.

21 Mee natti himaa, isin warri seera jala taʼuu barbaaddan, wanta Seerichi jedhu hin dhageessanii? 22 Fakkeenyaaf, Abrahaam ilmaan lama akka qabu, isa tokko tajaajiltuu irraa,+ isa tokko immoo dubartii bilisa taate irraa+ akka dhalche barreeffameera; 23 haa taʼu malee, inni kan tajaajiltuu sanaa taʼe karaa foonii dhalate,+ inni kan dubartii bilisa taate sanaa taʼe garuu karaa waadaa+ dhalate. 24 Wantoonni kun akka diraamaa fakkeenyaan ibsameetti ilaalamu; sababiin isaas, dubartoonni kun lamaan kakuu lama argisiisu; ishiin tokko Aggaar ishii Gaara Siinaa+ irraa dhuftee fi garbummaadhaaf ijoollee deessu dha. 25 Aggaar gaara Siinaa+ isa biyya Arabaa keessatti argamu bakka buuti; ishiin ijoollee ishii wajjin garbummaa jala waan jirtuuf Yerusaalem ishii ammaa argisiisti. 26 Yerusaalem ishiin olii garuu bilisa dha, ishiin haadha teenya.

27 Akkana jedhamee barreeffameera: “Yaa dubartii dhabduu,* deessee hin beekne nana, gammadi; ati dubartiin ciniinsifattee hin beekne gammachuudhaan ililchi; sababiin isaas, ijoollee dubartii abbaa manaa qabdu sanaa caalaa kan ishii dhiifamte sanaa baayʼataniiru.”+ 28 Yaa obbolootaa, isin akkuma Yisihaaq ijoollee waadaa sanaa ti.+ 29 Haa taʼu malee, akkuma yeroo sanatti inni karaa foonii dhalate isa karaa hafuuraa dhalate sana ariʼachuu jalqabe,+ ammas akkasuma taʼa.+ 30 Taʼus, Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Ilmi tajaajiltuu sun ilma dubartii bilisa taate sanaa wajjin matumaa dhaaluu waan hin qabneef, tajaajiltuu sanaa fi ilma ishii ariʼi.”+ 31 Kanaafuu, yaa obbolootaa, nuti ijoollee tajaajiltuu sanaa utuu hin taʼin, ijoollee dubartii bilisa taate sanaa ti.

5 Kiristoos bilisa kan nu baase bilisummaa akkasii akka argannuufi. Kanaafuu, jabaadhaa dhaabbadhaa;+ deebitaniis waanjoo garbummaa jala of hin galchinaa.+

2 Egaa, ani Phaawulos isinitti nan hima, yoo dhaqna qabattan Kiristoos faayidaa isiniif hin argamsiisu.+ 3 Namni dhaqna qabate hundi guutummaa Seerichaa eeguuf dirqamni akka isa irra jiru+ ammas nama hundumaaf ragaa nan baʼa. 4 Isin warri seeraan qajeelota jedhamtanii waamamuuf carraaqqii gootan Kiristoos irraa addaan baataniittu;+ gaarummaa isaa isa guddaa irraas fagaattaniittu. 5 Nuti gama keenyaan, qajeelummaa isa karaa amantii akka argamu abdannu hawwii guddaadhaan eegganna. 6 Sababiin isaas, warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaniif amantii isa karaa jaalalaa mulʼatu malee, dhaqna qabachuunis taʼe dhaqna qabachuu dhiisuun gatii hin qabu.+

7 Isin akka gaariitti fiigaa turtan.+ Maarree dhugaadhaaf ajajamuu keessan akka itti hin fufne kan isin dhowwe eenyu? 8 Sossobbiin akkasii isa isin waamu sana biraa kan dhufe miti. 9 Raacitii xinnoon guutummaa bukichaa bukeessa.+ 10 Isin warri Gooftaa wajjin tokkummaa qabdan+ yaada kana irraa adda taʼe akka hin qabne ani mirkanaaʼaa dha; haa taʼu malee, inni isin jeequ+ eenyu illee yoo taʼe, murtii isaaf malu ni argata. 11 Yaa obbolootaa, gama kootiin amma iyyuu dhaqna qabaa nan lallaba utuu taʼe, silaa hanga ammaatti maaliifan ariʼatama? Utuu akkana taʼee, mukti dhiphinaa* sun gufuu hin taʼu ture.+ 12 Namoonni isin jeequuf yaalii godhan guutummaatti utuu of irraa muratanii* iyyuu natti tola.

13 Yaa obbolootaa, isin bilisummaadhaaf waamamtan; kanaafuu, bilisummaa kana jaalalaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa+ malee, fedhii foonii hordofuuf carraa akka isiniif argamsiisu gootanii itti hin fayyadaminaa.+ 14 Sababiin isaas, guutummaan Seerichaa ajaja tokko, jechuunis ajaja, “Nama* akka ofii keetti jaalladhu”+ jedhu keessatti walitti qabameera. 15 Wal ciniinuu fi wal nyaachuu+ keessan yoo itti fuftan garuu, wal balleessuun keessan akka hin oole beekaa.+

16 Haa taʼu malee, ani isinitti nan hima, hafuuraan deddeebiʼuu keessan itti fufaa;+ yoo akkas gootan matumaa fedhii foonii hin raawwattan.+ 17 Sababiin isaas, fedhiin foonii fedhii hafuuraa morma, fedhiin hafuuraas fedhii foonii morma; isaan kun waan wal mormaniif, isin wanta gochuu barbaaddan hin raawwattan.+ 18 Kana malees, hafuuraan kan geggeeffamtan yoo taʼe, seera jala hin jirtan.

19 Hojiiwwan foonii ifatti mulʼatu: Isaanis halalummaa,*+ xuraaʼummaa, addaggummaa,*+ 20 waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, gocha hafuurota hamoo raawwachuu,*+ diinummaa, lola, hinaaffaa, aariidhaan finiinuu, gargar baʼuu, wal qoqqooduu, garee amantii uumuu, 21 goomachuu, machii,+ gadhiisii* fi wantoota kana fakkaatani dha.+ Akkuman kanaan dura isin akeekkachiise waaʼee wantoota kanaa irra deebiʼeen isin akeekkachiisa; namoonni wantoota akkasii raawwachuu amaleeffatan Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.+

22 Karaa gara biraa immoo, firiin hafuuraa jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa,+ arjummaa,* amantii, 23 garraamummaa, of toʼachuu dha.+ Seerri wantoota akkasii dhowwu hin jiru. 24 Kana malees, namoonni kan Kiristoos Yesuus taʼan, foon kajeellaa fi fedhii isaa hundumaa wajjin mismaaraan muka irratti fannisaniiru.+

25 Hafuuraan kan jiraannu yoo taʼe, qajeelfama hafuuraa hordofuu keenya itti haa fufnu.+ 26 Egaa wal morkii kakaasuu+ fi walitti hinaafuudhaan of tuuluu haa dhiisnu.+

6 Yaa obbolootaa, namni tokko utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa yoo fudhate, isin warri karaa hafuuraa gaʼumsa qabdan nama akkasii hafuura garraamummaatiin sirreessuuf yaalii godhaa.+ Haa taʼu malee, yeroo kanatti atis ofii keetii akka hin qoramne of eeggadhu.+ 2 Baʼaa walii baachuu keessan itti fufaa;+ karaa kanaan seera Kiristoos ni raawwattu.+ 3 Namni tokko iddoo guddaa utuu hin qabaatin iddoo guddaa akka qabutti yoo of ilaale+ of gowwoomsaa jira. 4 Haa taʼu malee, namni hundi hojii ofii isaa haa qoru;+ achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin,+ waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata. 5 Sababiin isaas, namni hundi baʼaa* ofii isaa baata.+

6 Kana malees, namni dubbicha barachaa* jiru hundi, isa barumsa* akkasii isaaf kennuu wajjin wanta gaarii hunda haa hirmaatu.+

7 Hin dogoggorinaa: Waaqayyo kan itti qoosamu miti. Namni waanuma facaase sana haammata;+ 8 sababiin isaas, namni fooniif jedhee facaasu, foon isaa irraa tortoruu haammata; namni hafuuraaf jedhee facaasu garuu, hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.+ 9 Kanaafuu, yoo abdii kutachuu baanne yommuu yeroon isaa gaʼu waan haammannuuf, wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.+ 10 Egaa hamma carraa argannetti,* namoota hundumaatiif, keessumaa immoo warra amantiidhaan nutti firoomaniif wanta gaarii haa goonu.

11 Qubeewwan guguddaa akkamiitiin harkuma kootiin akkan isiniif barreesse ilaalaa.

12 Warri fooniin fudhatama argachuu barbaadan* hundi akka dhaqna qabattan isin dirqisiisuuf kan yaalan, muka dhiphinaa* Kiristoosiif jedhanii ariʼatamuu irraa ooluuf qofa dha. 13 Sababiin isaas, warri dhaqna qabatan iyyuu Seericha hin eegan;+ taʼus, akka isin dhaqna qabattan kan barbaadan waaʼee foon keessanii wanta ittiin boonan argachuuf jedhanii ti. 14 Ani garuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa muka dhiphinaa* irratti fannifameen+ malee wanta kan biraatiin matumaa hin boonu; akka ilaalcha kootti karaa isaa addunyaan duʼeera, akka ilaalcha addunyaatti immoo karaa isaa ani duʼeera.* 15 Sababiin isaas, uumama haaraa+ taʼuu malee, dhaqna qabachuunis taʼe dhaqna qabachuu dhiisuun homaa miti.+ 16 Namoota seera amalaa kana hordofanii sirriitti deddeebiʼan hundumaaf, eeyyee, Israaʼel Waaqayyootiif+ nagaa fi gara laafinni haa taʼu.

17 Godaannisni garbicha Yesuus taʼuu koo argisiisu qaama koo irra waan jiruuf, kana booda namni kam iyyuu na hin rakkisin.+

18 Yaa obbolootaa, gaarummaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura isin argisiistanii wajjin haa taʼu. Ameen.

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “garmalee.”

Kal., “gadameessaa haadha koo irraa adda na baasee.”

Kal., “foonii fi dhiigaa.”

Pheexiros jedhamees ni waamama.

Kal., “saʼaatii tokkoof.”

Pheexiros jedhamees ni waamama.

Pheexiros jedhamees ni waamama.

Ykn., “balaaleffatamuu qaba ture.”

Pheexiros jedhamees ni waamama.

Kal., “foon.”

Ykn., “darbadhee hin gatu.”

Kal., “isin irraa baradha.”

Kal., “Hafuuraan.”

Kal., “fooniin xumuramtuu?”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “barsiisaa.”

Ykn., “barsiisaa.”

Jecha Afaan Ibrootaa ykn Afaan Aaraam hiika, “Yaa Abbaa” jedhu qabu dha.

Ykn., “natti hin tufne.”

Ykn., “boca godhatutti.”

Ykn., “maseena.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “of kolaasanii; xuʼaashii taʼanii,” kanaan kan kaʼes, seera isa jaallatan sana raawwachuuf gaʼumsa dhabu.

Kal., “Ollaa kee.”

Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “falfala raawwachuu; qoricha sammuu hadoochu fayyadamuu.”

Akka malee nyaachuu, dhuguu fi iyyuu argisiisa.

Jechi Afaan Giriikii as irratti arjummaa jedhamee hiikame jecha “gaarii” jedhu irraa kan madde yeroo taʼu, akkuma gaarummaa, amala gocha warra kaan fayyadu raawwachuudhaan argisiifamu dha.

Ykn., “baʼaa itti gaafatamummaa.”

Ykn., “afaaniin barachaa.”

Ykn., “barumsa afaanii.”

Kal., “yeroo murteeffametti.”

Ykn., “warri alaan gaarii taʼanii mulʼachuu barbaadan.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “muka irratti fannifameera.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi