LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt 2 Qorontos 1:1-13:14
  • 2 Qorontos

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 2 Qorontos
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Qorontos

QORONTOS LAMMAFFAA

1 Phaawulos isa fedhii Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi Ximotewos+ obboleessa keenya irraa, qulqulloota guutummaa Akaayaa+ keessa jiran hunda dabalatee gumii Waaqayyoo isa Qorontositti argamuuf:

2 Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.

3 Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos+ isa Abbaa gara laafina guddaa+ fi Waaqa jajjabina hundaa+ taʼeef galanni haa taʼu; 4 inni jajjabina isa irraa argannuun+ warra rakkina akkamii iyyuu keessa jiran jajjabeessuu akka dandeenyuuf+ rakkina keenya hundumaa keessatti nu jajjabeessa.+ 5 Sababiin isaas, akkuma Kiristoosiif jennee dhiphachuun keenya baayʼate,+ jajjabinni karaa Kiristoos argannus baayʼateera. 6 Ammas rakkinni yoo nu irra gaʼe, isin jajjabinaa fi fayyina akka argattaniifi; nuti jajjabina yoo argannes, jajjabinni kun dhiphinni nu irra gaʼe yommuu isin irra gaʼu, jabaattanii akka dhaabbattan isin gargaaruudhaan jajjabina isiniif argamsiisa. 7 Isin akkuma dhiphina keenya irraa hirmaattan jajjabina keenya irraas akka hirmaattan+ waan beeknuuf, abdiin nuti isin irratti qabnu hin sochoʼu.

8 Yaa obbolootaa, rakkina koonyaa Eeshiyaa keessatti nu irra gaʼe akka beektan barbaanna.+ Lubbuudhaan hin oollu jennee hamma abdii kutannutti, rakkina guddaa humna keenyaa ol taʼe keessa turre.+ 9 Dhugaa dubbachuuf, duuti akka nutti murteeffame nutti dhagaʼamee ture. Kunis kan taʼe, ofii keenyatti utuu hin taʼin, Waaqa isa warra duʼan duʼaa kaasutti akka amanamnuufi.+ 10 Inni balaa guddaa duʼaaf nama saaxilu akkasii irraa nu oolcheera, nu oolchas; nu oolchuu isaa akka itti fufus isa irratti abdii qabna.+ 11 Isinis wawwaannaa nuuf dhiheessuudhaan nu gargaaruu dandeessu;+ kunis gargaarsi nuti kadhannaa namoonni hedduun nuuf dhiheessaniin arganne namoonni hedduun waaʼee keenyaaf galata akka galchan kakaasa.+

12 Egaa wanti nuti ittiin boonnu kana; nuti addunyaa keessatti, keessumaa immoo isin biratti qulqullummaa fi dhugaa Waaqayyootiin akka jiraanne qalbiin keenya ragaa nuuf baʼa; ogummaa fooniitiin utuu hin taʼin,+ gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin jiraanne. 13 Nuti dhuguma wanta isin dubbisuu* fi hubachuu dandeessaniin alatti waaʼee wanta tokkoo illee isiniif hin barreessinu; anis isin wantoota kana guutummaatti* hubachuu keessan itti fuftu jedheen abdadha; 14 nuti boonuu keessaniif sababa taʼuu keenya hamma tokko akkuma hubattan, isinis guyyaa Gooftaa Yesuusitti akka boonnuuf sababii nuu taatu.

15 Anis kana abdachuudhaan, gammaduuf yeroo lammataatiif carraa akka argattaniif* jalqaba gara keessan dhufuuf yaadeen ture; 16 sababiin isaas, ani yeroon Maqedooniyaa dhaqu achumaan isin daawwachuuf, Maqedooniyaadhaas gara keessanitti deebiʼuuf, achiis gara Yihudaatti akka na geggeessitan yaadeen ture.+ 17 Yeroon karoora akkanaa baafadhu, dhimma isaa akka laayyootti ilaaleetanii? Yookiin karoora kanan baafadhe yaada fooniitiin kakaʼee “Eeyyee, eeyyee” ergan jedhee booda, “Lakki, lakki” jechuufii? 18 Haa taʼu malee, akkuma Waaqayyo amanamaa taʼe, dubbiin keenyas amanamaa dha; nuti “eeyyee” jennee, booda immoo “lakki” hin jennu. 19 Sababiin isaas, Ilmi Waaqayyoo Yesuus Kiristoos inni karaa keenya, jechuunis karaa koo, karaa Silwaanosii* fi karaa Ximotewos+ isin gidduutti lallabame, “eeyyee,” booda immoo “lakki” hin taane; kanaa mannaa, isaa wajjin haala wal qabateen “eeyyeen” “eeyyee” taʼeera. 20 Abdiiwwan Waaqayyo kenne hammam iyyuu baayʼee yoo taʼan, karaa isaa “eeyyee” taʼaniiru.+ Kanaafuu, nuti karaa isaa Waaqayyoof “Ameen” jenna;+ akka kanaan ulfina isaaf kennina. 21 Haa taʼu malee, inni isinis taatan nuti kan Kiristoos akka taanu nuuf mirkaneesse, akkasumas inni nu dibe Waaqayyo dha.+ 22 Kana malees, inni chaappaa isaa nu irratti godheera;+ akkasumas hafuura+ isa wanta dhufu sanaaf qabdii taʼe garaa keenya keessa nuuf kaaʼeera.

23 Ani hanga ammaatti gara Qorontos utuu hin dhufin kanan ture, gadda dabalataa irraa isin oolchuuf jedheeni; kun soba yoo taʼe garuu, Waaqayyo na* irratti dhugaa haa baʼu. 24 Nuti gammachuu keessaniif isinii wajjin hojjenna malee, amantii keessan irratti gooftolii hin taanu;+ sababiin isaas, isin kan dhaabbattan amantii keessaniini.

2 Ani yeroon lammata gara keessan dhufu akkan isin hin gaddisiisne murteesseen ture. 2 Yoon isin gaddisiise, isinuma warra ani gaddisiise malee eenyutu na gammachiisa? 3 Kanan isiniif barreesse yeroon dhufu namootan itti gammaduu qabutti akkan hin gaddineefi; sababiin isaas, wanti anaaf gammachuu argamsiisu, hunda keessaniifis gammachuu akkasii akka argamsiisu nan amana. 4 Ani isin gaddisiisuuf utuu hin taʼin,+ jaalala guddaa ani isiniif qabu akka beektaniif, rakkina guddaa fi dhiphina garaatiin imimmaan hedduu wajjin isiniif barreesseera.

5 Ammas namni kam iyyuu wanta nama gaddisiisu yoo hojjete,+ inni ana utuu hin taʼin, hunda keessan hamma tokko gaddisiiseera; taʼus waaʼee kanaa baayʼee dubbachuu hin barbaadu. 6 Nama akkasiitiif adabni baayʼeen keessan isa adabdan isa gaʼa; 7 Amma garuu inni gadda guddaadhaan akka hin liqimfamneef,+ gaarummaadhaan dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuu qabdu.+ 8 Kanaafuu, jaalala isaaf qabdan akka isaaf mirkaneessitan isinan gorsa.+ 9 Kanan isiniif barreesses, isin wanta hundumaan ajajamoo taʼuu fi dhiisuu keessan mirkaneessuufi. 10 Isin balleessaa namni tokko raawwate kamiif iyyuu dhiifama yoo gootan, anis dhiifama isaaf nan godha. Dhugaa dubbachuuf wanta kamiif iyyuu dhiifama kanan godhe (wanta kamiif iyyuu yoon dhiifama godheera taʼe) isiniif jedhee akka taʼe Kiristoos ragaa naaf baʼa; 11 kunis nuti Seexanaan akka hin gowwoomfamneefi;+ sababiin isaas, nuti akeeka* isaa beekna.+

12 Ani yeroon misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu lallabuuf Xiroʼaas gaʼetti,+ hojii Gooftaatiif balballi naaf banamee ture; 13 taʼus obboleessa koo Tiitoo+ waanan hin arganneef, baayʼee dhiphadheen ture. Kanaafuu, nagaa isaanitti dhaameen gara Maqedooniyaa+ deeme.

14 Haa taʼu malee, Waaqayyo isa yeroo hunda Kiristoosii wajjin hiriira injifannootiin nu geggeessuu fi karaa keenya urgaa beekumsa isaa bakka hundatti babalʼisuuf* galanni haa taʼu! 15 Sababiin isaas, nuti warra fayyanii fi warra badan gidduutti Waaqayyoof urgaa Kiristoos isa gaarii taʼe dha; 16 nuti warra badaniif, foolii* duʼaa gara duʼaatti geessu,+ warra fayyaniif garuu, urgaa jireenyaa gara jireenyaatti geessu dha. Wantoota kanaaf guutummaatti gaʼumsa kan qabu eenyu? 17 Nuyi; sababiin isaas, nuti akka namoota hedduu dubbii Waaqayyoo hin qanxabnu;*+ kanaa mannaa, Waaqayyo duratti Kiristoosii wajjin taanee akka namoota Waaqayyo biraa ergamaniitti dhugaadhaan ni dubbanna.

3 Nuti ammas isinitti of beeksisuu qabnaa? Yookiin akka namoota tokko tokkoo xalayaa deggersaa gara keessanitti fiduun yookiin isin irraa argachuun nu barbaachisaa? 2 Isin mataan keessan xalayaa keenya+ isa garaa keenya keessatti barreeffame, isa namoonni hundi beekanii fi dubbisani dha. 3 Sababiin isaas, isin xalayaa Kiristoos nu warra tajaajiltoota taaneen,+ qalamaan utuu hin taʼin hafuura Waaqa jiraataatiin, gabatee dhagaa irratti utuu hin taʼin,+ gabatee foonii, jechuunis garaa irratti barreeffame+ akka taatan ifatti argisiistaniittu.

4 Nuti karaa Kiristoos Waaqayyo irratti amanannaa akkasii qabna. 5 Gaʼumsa hojii kana hojjechuuf nu dandeessisu ofii keenyaan akka qabnu hin dubbannu; kanaa mannaa gaʼumsa kana akka qabaannu kan nu gargaaru Waaqayyo dha;+ 6 inni tajaajiltoota kakuu haaraa+ taʼuuf gaʼumsa akka qabaannu nu gargaareera; kakuun kunis seera barreeffame sana utuu hin taʼin,+ seera hafuuraa ti; sababiin isaas, seerri barreeffame sun duʼa namatti murteessa;+ hafuurri garuu nama jiraachisa.+

7 Seerri inni duʼa fiduu fi dhagaa irratti qubeedhaan bocame sun+ hamma ilmaan Israaʼel ulfina fuula Musee irra jiruun, jechuunis ulfina isa baduun kan kaʼe fuula isaa ilaaluu dadhabanitti+ ulfina guddaadhaan erga dhufee, 8 tajaajilli hafuuraa immoo+ kana caalaa ulfina guddaa hin qabaatuu ree?+ 9 Seerichi inni yakkamaa nama godhu+ ulfina qabeessa+ erga taʼee, tajaajilli qajeelummaa argamsiisu immoo caalaatti ulfina hin qabaatuu ree?+ 10 Dhugaa dubbachuuf, inni yeroo tokkotti ulfina qabeessa ture illee, inni isa caalaa ulfina qabu yommuu dhufu ulfina isaa dhabeera.+ 11 Egaa inni badu sun ulfinaan erga dhufee,+ inni utuu hin badin jiraatu kana caalaa ulfina hin qabaatuu ree?+

12 Nuti abdii akkasii waan qabnuuf,+ bilisummaa guddaadhaan dubbanna; 13 akkasumas akka Museen yommuu ilmaan Israaʼel dhuma wanta badu sanaa hubatanii akka hin ilaalleef fuula isaa haguuggatetti+ godhe sana hin goonu. 14 Isaan sammuun isaanii hadoodee ture.+ Haguuggiin sun kan irraa fuudhamu karaa Kiristoos qofa waan taʼeef,+ hamma guyyaa harʼaatti yommuu kakuu moofaan sun dubbifamu hundatti haguuggiin sun isaan irra jira.+ 15 Hamma guyyaa harʼaatti, yeroo kitaabonni Musee dubbifaman hundatti+ garaan isaanii akkuma haguugametti jira.+ 16 Namni tokko yommuu gara Yihowaatti* garagalu garuu haguuggichi irraa fuudhama.+ 17 Yihowaan* hafuura;+ bakka hafuurri Yihowaa* jirus bilisummaan jira.+ 18 Hundi keenya fuula hin haguugamneen ulfina Yihowaa* akka daawwitiitti yommuu calaqqisiisnu, bifa sana fakkaachuuf sadarkaa ulfinaa isa tokko irraa gara sadarkaa ulfinaa isa kan biraatti* jijjiiramna; akka kanaan akkuma Yihowaan* inni hafuura taʼe* nu godhu taana.+

4 Kanaafuu, gara laafina nutti argisiifameen kan kaʼe tajaajila kana waan qabnuuf abdii hin kutannu. 2 Haa taʼu malee, wantoota qaanessaa taʼanii fi dhoksaatti raawwataman dhiisneerra; haxxummaadhaan hin deddeebinu yookiin dubbii Waaqayyoo hin booressinu;+ kanaa mannaa, karaa qalbii isaanii hawwatuun dhugaa mulʼisuudhaan namoota hundumaatiif fakkeenya gaarii goonee Waaqayyo duratti of dhiheessina.+ 3 Misiraachoon nuti lallabnu kan haguugame yoo taʼe, kan haguugame warra badaniifi; 4 misiraachoon ulfina qabeessi waaʼee Kiristoos isa fakkaattii Waaqayyoo taʼe+ sanaa dubbatu akka isaan irratti hin ibsineef,+ waaqni sirna* kanaa+ sammuu warra hin amannee jaamseera.+ 5 Nuti waaʼee ofii keenyaa utuu hin taʼin, Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa, nuti immoo Yesuusiif jecha garboota keessan taʼuu keenya lallabna. 6 Sababiin isaas, “Dukkana keessaa ifni haa ifu”+ kan jedhe Waaqayyo dha; inni beekumsa Waaqayyoo isa ulfina qabeessa taʼe sana karaa fuula Kiristoos garaa keenya irratti ibseera.+

7 Haa taʼu malee, humni humna caalu kun kan keenya utuu hin taʼin,+ kan Waaqayyoo taʼuun isaa akka beekamuuf, qabeenya gatii guddaa qabu kana+ qodaa suphee* keessaa+ qabna. 8 Nuti karaa hundumaan gad dhiibamna, garuu sochoʼuu hin dadhabnu; ni burjaajofna, garuu karaa itti keessaa baanu hin dhabnu;*+ 9 ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu;+ rukutamnee kufna, garuu hin badnu.+ 10 Jireenyi Yesuus qaama keenya irrattis akka mulʼatuuf bakka deemne hundatti rakkina guddaa duʼaaf nama saaxiluu+ fi Yesuus irra gaʼe yeroo hunda qaama keenya keessatti ni baanna. 11 Sababiin isaas, jireenyi Yesuus foon keenya isa duʼu irrattis akka mulʼatuuf, nuti warri lubbuudhaan jirru yeroo hunda Yesuusiif jennee duʼaaf ni saaxilamna.+ 12 Kanaafuu, nuti duʼaaf saaxilamna, garuu kun isiniif jireenya argamsiisa.

13 Hafuura amantii isa waaʼeen isaa, “Ani nan amane, kanaafuu nan dubbadhe”+ jedhamee barreeffamee wajjin wal fakkaatu waan qabnuuf, nutis ni amanna, kanaafuu ni dubbanna; 14 Inni Yesuusiin duʼaa kaase sun, nuunis Yesuusii wajjin duʼaa kaasee isinii wajjin isa duratti akka nu dhiheessu beekna.+ 15 Namoonni hedduun ulfina Waaqayyootiif galata dhiheessaa waan jiraniif, gaarummaa guddaan inni baayʼate caalaatti akka baayʼatuuf, wantoonni kun hundi isiniif jecha taʼaniiru.+

16 Kanaafuu, nuti abdii hin kutannu; namummaan keenya inni alaa dhumaa yoo deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa guyyaa guyyaadhaan haareffamaa akka deemu beekamaa dha. 17 Sababiin isaas, rakkinni* nu irra gaʼu yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa taʼus, ulfina caalaatti dabalaa deemuu* fi bara baraaf jiraatu nuuf argamsiisa;+ 18 kanaafuu, ijji keenya wantoota mulʼatan irratti utuu hin taʼin, wantoota hin mulʼanne irratti akka xiyyeeffatu goona.+ Sababiin isaas, wantoonni mulʼatan yeroo muraasaaf turu; wantoonni hin mulʼanne garuu bara baraaf jiraatu.

5 Mana keenya isa lafa irraa kan taʼe dunkaanni kun yoo diigame,+ samii irratti mana bara baraa harkaan utuu hin taʼin Waaqayyoon ijaarame akka qabnu beekna.+ 2 Sababiin isaas, nuti isa samii* irratti nuuf qophaaʼe sana uffachuuf* hawwii guddaa waan qabnuuf, mana* kana keessatti ni aadna;+ 3 kanaafuu, yommuu isa uffannu qullaa keenya taanee hin argamnu. 4 Nuti warri dunkaana kana keessa jirru nutti ulfaatee aadna; sababiin isaas, isa kana of irraa baasuu hin barbaannu; taʼus, wanti duʼu sun jireenyaan akka liqimfamuuf,+ isa kan biraa uffachuu barbaanna.+ 5 Wanta kanaaf kan nu qopheesse Waaqa isa+ wanta dhufu sanaaf hafuuricha qabdii godhee nuu kenne+ sana dha.

6 Kanaafuu, nuti yeroo hunda ija jabina guddaa qabna; akkasumas qaama keenya isa mana keenya taʼe keessa yommuu jirrutti Gooftaa irraa fagaannee akka jirru beekna;+ 7 sababiin isaas, nuti ijaan arguudhaan utuu hin taʼin, amantiidhaan deddeebina. 8 Haa taʼu malee, nuti ija jabina guddaa qabna, akkasumas qaama keenya irraa fagaannee bakka jireenyaa keenya Gooftaa wajjin godhachuu filanna.+ 9 Kanaafuu, isaa wajjin yoo jiraannes taʼe isa irraa yoo fagaanne, kaayyoon keenya isa biratti fudhatama argachuu dha. 10 Sababiin isaas, tokkoon tokkoon namaa gaariis taʼe gadhee wanta yeroo qaamaan jirutti raawwateef akkuma hojii isaatti gatii isaa akka argatuuf, hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhihaachuu* qabna.+

11 Kanaafuu, Gooftaa sodaachuun maal akka taʼe waan beeknuuf, namoota amansiisuu keenya itti fufna; taʼus, Waaqayyo akka gaariitti nu beeka. Qalbiin keessanis akka gaariitti akka nu beeku nan abdadha. 12 Nuti ammas isin biratti fudhatama argachuuf yaalaa jirra miti; kanaa mannaa, warra wanta garaa keessa jiruun utuu hin taʼin wanta alaan mulʼatuun boonaniif deebii kennuu akka dandeessaniif,+ sababii nuun akka boontan isin godhu isiniif kennaa jirra. 13 Nuti yoo maraanne+ Waaqayyoof jennee ti; sammuu fayyaa yoo qabaanne immoo isiniif jennee ti. 14 Namni tokko nama hundumaaf akka duʼe waan hubanneef, jaalalli Kiristoos nu dirqisiisa;+ sababiin isaas, hundinuu duruma iyyuu duʼaniiru. 15 Warri lubbuudhaan jiran isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef malee, kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanneef inni hundumaaf duʼeera.+

16 Kanaafuu, nuti kana booda nama kam iyyuu kan beeknu akka ilaalcha fooniitti miti.+ Nuti yeroo tokko Kiristoosiin fooniin kan beekne taʼus, kana booda karaa kanaan isa hin beeknu.+ 17 Kanaafuu, namni kam iyyuu Kiristoosii wajjin tokkummaa yoo qabaate inni uumama haaraa dha;+ wantoonni moofaan darbaniiru; kunoo, wantoonni haaraan gara jireenyaatti dhufaniiru. 18 Haa taʼu malee, wanti hundi Waaqayyo isa karaa Kiristoos ofitti nu araarsee+ fi tajaajila araarsuu nuuf kenne irraa dhufe;+ 19 kanaanis Waaqayyo cubbuu isaanii utuu isaanitti hin lakkaaʼin,+ karaa Kiristoos addunyaa ofitti araarsaa ture;+ ergaa araarsuu kanas imaanaadhaan nutti kenneera.+

20 Kanaafuu, akka waan Waaqayyo karaa keenya kadhatutti, nuti ambaasaaddaroota+ bakka Kiristoos buʼani dha.+ Bakka buʼoota Kiristoos waan taaneef, “Waaqayyotti araaramaa” jennee kadhanna. 21 Nuti karaa isaa Waaqayyo duratti qajeelota akka taanuuf,+ inni isa cubbuu hin beekne+ sana nuuf jedhee aarsaa cubbuu akka taʼu godheera.

6 Kana malees, isaa wajjin waan hojjennuuf+ gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa erga fudhattanii booda kaayyoo isaa irraa akka hin jalʼanne isin gorsina.+ 2 Sababiin isaas inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera, guyyaa fayyinaattis si gargaareera”+ jedha. Kunoo, yeroon fudhatama qabu amma. Kunoo, guyyaan fayyinaa amma.

3 Tajaajila keenya irratti mudaan tokko illee akka hin argamneef, nuti karaa kamiin iyyuu wanti nama gufachiisu akka jiraatu hin goonu;+ 4 kanaa mannaa, karaa hundumaan akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessina;+ kanas kan goonu, jabaannee dhaabbachuudhaan, rakkinaan, dhabaan, haalawwan rakkisoo taʼaniin,+ 5 reebamuudhaan, hidhaadhaan,+ jeequmsaan, hojii cimaadhaan, hirriba malee buluudhaan, hagabuu taʼuudhaan,+ 6 qulqullummaadhaan, beekumsaan, obsaan,+ gaarummaadhaan,+ hafuura qulqulluudhaan, jaalala fakkeessaa hin qabneen,+ 7 dubbii dhugaatiin, humna Waaqayyootiin,+ meeshaa waraanaa qajeelinaa+ harka mirgaa* fi harka bitaatti* qabachuudhaan, 8 yeroo ulfinaa fi yeroo salphinaatti, yeroo oduu gadhee fi yeroo oduu gaariin odeeffamutti. Gowwoomsitoota akka taanetti ilaalamna, taʼus nuti dhuga qabeeyyii dha; 9 akka hin beekamnetti ilaalamna, garuu ni beekamna; akka duunetti* ilaalamna, garuu kunoo jirra;+ akka adabamnetti ilaalamna, garuu duʼaaf dabarfamnee hin kennamne;+ 10 akka gaddinetti ilaalamna, garuu yeroo hunda ni gammanna; akka hiyyeeyyiitti ilaalamna, garuu namoota hedduu sooreyyii goona; akka homaa hin qabnetti ilaalamna, garuu waan hundumaa qabna.+

11 Yaa warra Qorontos, nuti isinitti dubbachuuf afaan keenya saaqqanneerra;* garaa keenyas balʼisnee banneerra. 12 Nuti jaalala keenya isin jalaa hin daangessine,+ isin garuu jaalala keessan nu jalaa daangessitaniittu. 13 Kanaafuu, ani akkuma ijoollee kootti isinitti nan dubbadha, isinis garaa keessan balʼisaa banaa.+

14 Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa.*+ Qajeelinnii fi jalʼinni tokkummaa maalii qaba?+ Yookiin ifnii fi dukkanni maal wal irraa qaba?+ 15 Kana malees, Kiristoosii fi Beelhoor* gidduu walii galtee maaliitu jira?+ Yookiin namni amane* isa hin amannee wajjin qooda maalii qaba?+ 16 Akkasumas, manni qulqullummaa Waaqayyoo waaqolii tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba?+ Sababiin isaas, akkuma Waaqayyo, “Ani isaan gidduu nan jiraadha,+ akkasumas isaan gidduu nan deddeebiʼa, ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu”+ jedhee dubbate, nuti mana qulqullummaa Waaqayyoo ti.+ 17 “‘Kanaafuu, isaan gidduudhaa baʼaa, adda of baasaa’ jedha Yihowaan,* ‘wanta xuraaʼaa hin tuqinaa’”;+ “‘anis isin nan simadha.’”+ 18 “‘Ani abbaa isiniif nan taʼa,+ isin immoo ilmaanii fi ijoollee durbaa naaf taatu’+ jedha Yihowaan* Inni Hundumaa Dandaʼu.”

7 Kanaafuu, yaa obboloota jaallatamo, nuti abdii kana waan qabnuuf,+ Waaqayyoon sodaachuudhaan qulqullummaa keenya guutuu gochuuf, wanta foonii fi hafuura xureessu+ hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.

2 Garaa keessan keessatti iddoo nuuf kennaa.+ Nuti eenyu irratti iyyuu balleessaa hin hojjenne, eenyuun iyyuu hin miine, eenyu irraa iyyuu faayidaa sirrii hin taane hin fudhanne.+ 3 Ani kana kanan dubbadhu isin yakkuuf jedhee miti. Sababiin isaas, isin nuu wajjin duʼuufis taʼe nuu wajjin jiraachuuf garaa keenya keessa akka jirtan dursee dubbadheera. 4 Ani isinitti dubbachuuf bilisummaa guddaan qaba. Baayʼeen isinitti boona. Ani jajjabinaan guutameera; rakkina keenya hunda keessattis gammachuu hangana hin jedhamne argadheera.+

5 Dhugaa dubbachuuf, yommuu Maqedooniyaa geenye+ qaamni* keenya boqonnaa tokko illee hin arganne; kanaa mannaa, kallattii hundumaan dhiphachaa turre, ala lola, keessa immoo sodaatu ture. 6 Haa taʼu malee, Waaqayyo inni warra gaddan jajjabeessu,+ Tiitoon nu bira jiraachuu isaatiin nu jajjabeesseera; 7 nu bira jiraachuu isaa qofaan utuu hin taʼin, jajjabina inni isin irraa argateenis jajjabaanneerra; na arguuf akka hawwitan, baayʼee akka gadditanii fi garaadhaa akka naaf yaaddan* dhufee waaʼee keessan nutti himeera; kanaan kan kaʼes ani caalaatti gammadeera.

8 Xalayaa kootiin yoon isin gaddisiiseera taʼe illee+ kanatti hin gaabbu. Jalqaba irratti kanan itti gaabbe taʼus (yeroo gabaabaadhaaf taʼu illee, xalayichi akka isin gaddisiise hubadheera), 9 amma nan gammada; kanan gammadu garuu waan gadditaniif utuu hin taʼin, gaddi keessan yaada akka geddarattan waan isin kakaaseefi. Isin karaa Waaqayyoon gammachiisuun waan gadditaniif, sababii keenyaan kan kaʼe miidhaan tokko illee isin irra hin geenye. 10 Sababiin isaas, karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduun yaada geddarachuu fi fayyinatti waan geessuuf nama hin gaabbisiisu;+ akka addunyaatti gadduun garuu duʼa fida. 11 Karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduudhaan carraaqqiin gootan buʼaa akkamii akka buuse ilaalaa; himata irraa walaba of gochuu akkamii, aarii akkamii, sodaa akkamii, hawwii guddaa akkamii, hinaaffaa akkamii, dogoggora sirreessuu akkamii akka isin keessatti uume ni argitu!+ Isin dhimma kana ilaalchisee karaa hundumaa qulqulluu taʼuu keessan argisiistaniittu. 12 Kanaafuu, ani kanan isiniif barreesse taʼus kana kanan godhe isa balleessaa raawwate+ yookiin isa balleessaan irratti raawwatameef jedhee utuu hin taʼin, gidduu keessanittis taʼe Waaqayyo duratti jaalala guddaa nuuf qabdan akka argisiistaniifi. 13 Nuti jajjabina kan arganne kanaafi.

Jajjabina arganneen qofa utuu hin taʼin, hundi keessan hafuura Tiitoo haaressuu keessaniin, nutis gammachuu isaatti caalaatti gammanneerra. 14 Waaʼee keessan boonee isatti dubbadheera yoo taʼes wanta na qaanessu hin qabu; kanaa mannaa, akkuma wantoonni isinitti dubbanne hundi dhugaa taʼan, wanti nuti boonuudhaan Tiitootti dubbannes dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera. 15 Kana malees, hundi keessan ajajamuu keessan, akkasumas sodaa fi romʼuudhaan akkamitti akka isa simattan yommuu yaadatu, jaalalli cimaan inni isiniif qabu caalaatti guddachaa deemeera.+ 16 Ani karaa hundumaan isin irratti amanannaa* waanan qabuuf baayʼee nan gammada.

8 Yaa obbolootaa, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa gumiiwwan Maqedooniyaatti argamaniif kenname akka beektan barbaanna.+ 2 Isaan qorumsi guddaan isaan irra gaʼee rakkina cimaa keessa yeroo turanitti, utuma hiyyummaa cimaa keessa jiranii gammachuu guddaadhaan kennaniiru; kun immoo arjummaa guddaa* isaan qaban argisiisa. 3 Sababiin isaas, isaan hamma humna isaanii qofa utuu hin taʼin,+ humna isaaniitii olitti illee akka arjooman ani isaaniif ragaa nan baʼa;+ 4 isaan mirga gaarummaadhaan kennuuf dandeessisu argatanii, tajaajila gargaarsaa qulqullootaaf godhamu irratti hirmaachuuf ofuma isaaniitiin kakaʼanii cimsanii nu kadhatu turan.+ 5 Isaan isa nuti eegne caalaa godhaniiru, eeyyee, akka fedhii Waaqayyootti jalqaba Gooftaadhaaf, achiis nuuf of kennaniiru. 6 Kanaafuu, Tiitoon+ akkuma hojii kana isin gidduutti jalqabe, kennaa gaarummaadhaan gootan kana walitti qabuu isaa akka fiixaan baasu isa jajjabeessineerra. 7 Taʼus, akkuma wanti hundi, jechuunis amantiin, dubbiin, beekumsi, karaa hundaan dhimmuunii fi jaalalli isiniif qabnu isiniif baayʼate, gaarummaadhaan kennuun kunis isiniif haa baayʼatu.+

8 Kana kanan jedhu, warri kaan dhimmanii akka hojjetan akka beektanii fi jaalalli keessan kan dhugaa taʼuu isaa qoruuf malee isin ajajuuf jedhee miti. 9 Sababiin isaas, isin gaarummaa guddaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos beektu; inni sooressa kan ture taʼus, karaa hiyyummaa isaa sooreyyii akka taataniif isiniif jedhee hiyyeessa taʼe.+

10 Kana ilaalchisee yaada koon isiniif kenna:+ Isin waggaa tokko dura hojii kana jalqabuu qofa utuu hin taʼin, hojicha hojjechuufis fedhii akka qabdan argisiisuu keessan hubadheera; hojii kana hojjechuun keessan faayidaa isiniif argamsiisa. 11 Kanaafuu, ammas hojii jalqabdan kana fiixaan baasaa; akkuma duraan fedhii argisiistanitti hamma humna keessanii kennuudhaan hojii kana fiixaan baasaa. 12 Sababiin isaas, jalqaba fedhiin yoo jiraate, kennaan nama tokkoo keessumaa fudhatama kan argatu, hamma qabuun yoo kenne malee,+ hamma hin qabneen yoo kenne miti. 13 Ani, warra kaanitti salphatee, isinitti akka ulfaatu gochuu hin barbaadu; 14 kanaa mannaa, wanti yeroo ammaatti isin irraa hafe, hirʼina warra kaanii akka guutu, wanti isaan irraa hafes hirʼina keessan akka guutuufi; akka kanaan baʼaa isaa wal gargaartu. 15 Kunis akkuma, “Namni baayʼee walitti qabe isa irraa hin hafne; namni xinnoo walitti qabes itti hin hirʼanne” jedhamee barreeffametti dha.+

16 Waaqa isa akkuma nuti isiniif yaannu Tiitoonis garaadhaa akka isiniif yaadu godheef galanni haa taʼu;+ 17 inni waan isa jajjabeessineef qofa utuu hin taʼin, hawwii guddaa waan qabuuf ofuma isaatiin kakaʼee gara keessan dhufa. 18 Haa taʼu malee, obboleessa isa misiraachichaa wajjin haala wal qabateen gumiiwwan hunda keessatti maqaa gaarii qabu sanas isaa wajjin ergina. 19 Kana malees, inni yommuu nuti ulfina Gooftaatiif kennaa gaarummaa kana warra kaaniif hiruu fi warra kaan gargaaruuf fedhii qabaachuu keenya argisiisuuf deemnu, miiltoo keenya akka taʼu gumiiwwan isa muudaniiru. 20 Kanaafuu, kennaa arjummaa kana hiruu wajjin haala wal qabateen namni kam iyyuu dogoggora akka nu irratti hin arganne of eegganna.+ 21 Sababiin isaas nuti, ‘Yihowaa* duratti qofa utuu hin taʼin, namoota durattis waan hundumaa amanamummaadhaan hojjenna.’+

22 Kana malees, obboleessa keenya isa yeroo baayʼee qorree dhimmoota hedduu irratti dhimmee kan hojjetu taʼuu isaa mirkaneessine isaanii wajjin ni ergina; inni amantii guddaa waan isin irratti qabuuf ammas isa duraa caalaa dhimmee hojjechaa jira. 23 Haa taʼu malee, Tiitoo ilaalchisee namni gaaffii qabu yoo jiraate, inni michuu koo isa faayidaa keessaniif anaa wajjin hojjetu dha; yookiin obboloota keenya ilaalchisee namni gaaffii qabu yoo jiraate, isaan ergamoota gumiiwwanii fi ulfina Kiristoosi dha. 24 Kanaafuu, jaalala dhugaa akka isaaniif qabdan argisiisaa;+ akkasumas, nuti maalif akka isinitti boonnu gumiiwwan duratti akka beekamu godhaa.

9 Tajaajila qulqullootaaf kennamu ilaalchisee,+ isiniif barreessuun na hin barbaachisu; 2 sababiin isaas, ani fedhii qabaachuu keessan waanan beekuuf, warri Akaayaa waggaa tokko dura qophaaʼaniiru jedhee boonuudhaan warra Maqedooniyaatti waaʼee keessan dubbadheen ture; hinaaffaan keessanis baayʼee isaanii kakaaseera. 3 Haa taʼu malee, kana ilaalchisee waaʼee keessan boonuun keenya gatii kan hin qabne akka hin taanee fi akkuma ani dubbadhe qophaaʼoo akka taataniif obboloota gara keessanitti nan erga. 4 Taʼuu baannaan, obboloonni Maqedooniyaa anaa wajjin dhufanii akka isin hin qophoofne yoo argan, isin qofa utuu hin taʼin nutis isinitti amanamuu keenyatti ni qaanofna. 5 Kanaafuu, kennaan keessan arjummaadhaan malee dirqamaan akka hin taaneef, obboloonni dursanii gara keessan dhufanii, kennaa isin arjummaadhaan kennuuf waadaa galtan dursanii akka qopheessaniif isaan jajjabeessuun gaarii taʼee natti mulʼateera.

6 Akkuma beekamu, namni xinnoo facaasu kam iyyuu xinnoo galfata, namni baayʼee facaasu kam iyyuu baayʼee galfata.+ 7 Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf,+ namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin,+ akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu.

8 Kana malees, yeroo hunda wanti isinitti hirʼatu akka hin jiraannee fi hojii gaarii hundumaan badhaadhota akka taataniif, Waaqayyo gaarummaa isaa isa guddaa hunda isiniif baayʼisuu ni dandaʼa.+ 9 (Kunis akkuma, “Inni balʼinaan* raabseera; hiyyeeyyiidhaafis kenneera. Qajeelummaan isaa bara baraaf itti fufa”+ jedhamee barreeffametti dha. 10 Waaqni inni isa facaasuuf sanyii, soorataaf akka taʼuufis nyaata baayʼinaan kennu, sanyii isin facaastan baayʼinaan isiniif kenna; firii qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa.) 11 Isin karaa hundumaan arjummaadhaan akka kennitaniif, Waaqayyo karaa hundumaan isin eebbisa; kunis namoonni karaa keenya Waaqayyoon akka galateeffatan kakaasa; 12 sababiin isaas, tajaajilli uummataaf kennamu kun wanta qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin,+ Waaqayyoof galanni hedduun akka dhihaatus ni godha. 13 Ragaan karaa tajaajila gargaarsaa kanaan mulʼatu, Waaqayyoof ulfina akka isaan kennan godha; sababiin isaas, isin akkuma ifatti labsitan, misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsuuf bitamuudhaan, isaaniifis taʼe namoota hundumaatiif arjummaadhaan buusii gootaniittu.+ 14 Kana malees, Waaqayyo gaarummaa isaa isa guddaa hangana hin jedhamne waan isinitti argisiiseef, isaan waaʼee keessaniif wawwaannaa dhiheessuudhaan jaalala isiniif qaban argisiisaa jiru.

15 Kennaa tolaa isaa isa jechaan ibsamuu hin dandeenyeef Waaqayyoof galanni haa taʼu.

10 Ani Phaawulos, inni yommuun isin bira jiru dadhabaa,+ yommuun isin irraa fagaadhu immoo ija jabeessa taʼe,+ garraamummaa fi gaarummaa Kiristoosiin+ isinan kadhadha. 2 Ani yommuun dhufu, namoota nuti akka ilaalcha fooniitti akka deddeebinu godhanii nu ilaalan tokko tokko irratti hamman yaade ija jabinaan tarkaanfii cimaa akkan hin fudhanne nan abdadha. 3 Nuti fooniin kan deddeebinu taʼus, akka ilaalcha fooniitti waraana hin geggeessinu. 4 Sababiin isaas meeshaan waraanaa keenya kan foonii miti;+ kanaa mannaa, dahoowwan jajjaboo garagalchuuf humna Waaqayyoo qaba.+ 5 Sababiin isaas, nuti yaadawwan dogoggoraa fi wantoota guguddaa beekumsa Waaqayyoo morman hunda garagalchina;+ akkasumas yaada hunda boojinee Kiristoosiif akka ajajamu goona; 6 akkasumas guutummaatti ajajamuu keessan erga argisiistanii booda, nama hin ajajamne kam irratti iyyuu tarkaanfii adabaa fudhachuuf qophoofneerra.+

7 Isin wanta tokko akkuma alaan mulʼatutti madaaltu. Namni kam iyyuu kan Kiristoos akka taʼe amanannaa yoo qabaate, akkuma inni kan Kiristoos taʼe, nutis kan Kiristoos taʼuu keenya irra deebiʼee haa yaadu. 8 Ani aangoo Gooftaan akka nuti isin diignuuf utuu hin taʼin akka isin ijaarruuf+ nuu kennetti garmalee yoon boone illee hin qaanaʼu. 9 Xalayaa kootiin isin sodaachisaa akkan jiru gootanii akka yaaddan hin barbaadu. 10 Sababiin isaas tokko tokko, “Xalayaawwan isaa ulfaatoo fi cimoo dha, yeroo nu biratti argamu garuu dadhabaa dha, dubbiin isaas tuffatamaa dha” jedhu. 11 Namni akkasii yommuu dhufnus wantuma utuu isin irraa fagaannee jirruu xalayaa keenyaan barreessine sana akka raawwannu haa beeku.+ 12 Nuti namoota ofuma isaaniitiin gaʼumsa qabaachuu isaanii beeksisan tokko tokkoo wajjin garee tokko taʼuuf yookiin isaanii wajjin wal bira of qabuuf hin onnannu.+ Haa taʼu malee, isaan yommuu ofuma isaaniitiin of madaalanii fi ofuma isaanii wajjin wal bira of qaban hubannaa akka hin qabne argisiisu.+

13 Nuti gama keenyaan daangaa Waaqayyo safaree nuu kenne keessatti malee, daangaa nuu ramadameen alatti hin boonnu; daangaan kun immoo isiniinis ni dabalata.+ 14 Dhugaa dubbachuuf, nuti yommuu gara keessan dhufne daangaa nuuf ramadame darbuu keenya miti; sababiin isaas, misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu jalqaba kan isiniif lallabe nu dha.+ 15 Nuti daangaa nuu ramadameen alatti wanta namni kan biraan itti dadhabetti hin boonnu; kanaa mannaa, amantiin keessan guddachuu isaa yommuu itti fufu wanti nuti raawwannes daangaa keenya keessatti guddachuu isaa akka itti fufu abdanna. Sana booda caalaatti babalʼanna; 16 kanaafuu, nuti wanta naannoo nama kan biraa keessatti raawwatametti akka hin boonneef, misiraachicha biyyoota isin gama jiranitti lallabna. 17 “Haa taʼu malee, inni boonu Yihowaadhaan* haa boonu.”+ 18 Sababiin isaas, fudhatama kan argatu nama gaʼumsa akka qabu godhee of dhiheessu utuu hin taʼin,+ nama Yihowaan* akka inni gaʼumsa qabu ibsu dha.+

11 Gowwummaa xinnoo qabaachuu kootiif naaf obsitu jedheen abdadha. Garuu amma iyyuu naaf obsaa jirtu! 2 Ani hinaaffaa Waaqayyootiin isiniif nan hinaafa; sababiin isaas, abbaa manaa tokkoof, jechuunis Kiristoosiif akka durba qulqulluutti isin dhiheessuuf dhuunfaatti isin kaadhimeera.+ 3 Haa taʼu malee, akkuma bofichi haxxummaa isaatiin Hewaaniin gowwoomse,+ sammuun keessan karaa taʼe tokkoon mancaʼee amanamummaa fi qulqullummaa Kiristoosiif taʼu irraa ni garagala jedheen sodaadha.+ 4 Sababiin isaas, namni tokko dhufee Yesuus isa nuti isiniif lallabne sana irraa adda taʼe yoo isiniif lallabe yookiin hafuura kanaan dura fudhattan irraa adda taʼe yookiin misiraachoo kanaan dura fudhattan irraa adda taʼe+ yoo fide isin wanta inni jedhu salphaatti fudhattu. 5 Ani waan tokkoon illee ergamoota keessan warra hunda irra caalan sanaa gad akkan taʼe godhee hin yaadu.+ 6 Ani nama akka gaariitti dubbatu taʼuu baadhus,+ beekumsa akkan qabu garuu mirkanaaʼaa dha; kanas karaa hundumaa fi waan hundumaan ifa isiniif gooneerra.

7 Yookiin akka isin ulfina argattaniif gad of qabee gammachuudhaan misiraachoo Waaqayyoo gatii malee isiniif lallabuun koo cubbuu dhaa?+ 8 Ani isin tajaajiluuf jedhee, gumiiwwan kaan irraa gargaarsa fudhachuudhaan isaan saameera.+ 9 Haa taʼu malee, utuun isin bira jiruu yeroon rakkadhee turetti, obboloonni Maqedooniyaadhaa dhufan wanta na barbaachisu hunda waan naa kennaniif, ani nama tokkotti illee baʼaa hin taane.+ Eeyyee, karaa kamiin iyyuu baʼaa akkan isinitti hin taaneef of eeggachaan ture; gara fuulduraattis of eeggachuu koo ittan fufa.+ 10 Akkuma Kiristoos dhugaa nan dubbadha, hamman naannoowwan Akaayaa keessa jirutti wanta kanaan boonuu koo hin dhiisu.+ 11 Maaliif? Waanan isin hin jaallanneefii? Akkan isin jaalladhu Waaqayyo beeka.

12 Haa taʼu malee, wantan hojjechaa jiru kana hojjechuu koo ittan fufa;+ kana kanan godhus namoonni wantoota ittiin boonaniin* nu waliin of qixxeessuu barbaadan wanta kanaaf buʼuura isaaniif taʼu akka hin arganneefi. 13 Sababiin isaas, namoonni akkasii warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of jijjiiran, ergamoota sobaa fi hojjettoota gowwoomsitoota taʼani dha.+ 14 Kun immoo nama hin dinqisiisu; sababiin isaas, Seexanni mataan isaa maleekaa ifaa fakkaachuuf of ni jijjiira.+ 15 Kanaafuu, tajaajiltoonni isaas tajaajiltoota qajeelinaa fakkaachuuf yoo of jijjiiran nama hin dinqisiisu. Taʼus, dhumni isaanii akkuma hojii isaanii taʼa.+

16 Ammas nan dubbadha: Namni kam iyyuu gowwaa akkan taʼe godhee hin yaadin. Gowwaa akkan taʼe yoo yaaddan illee, xinnoo akkan boonuuf akka nama gowwaatti na simadhaa. 17 Wantan amma dubbachaa jiru kana ofitti amanamee boonuudhaan akka nama gowwaattan dubbadha malee fakkeenya Gooftaa hordofeen dubbadha miti. 18 Namoonni hedduun wantoota fooniitiin* waan boonaniif, anis nan boona. 19 Isin baayʼee ogeeyyii waan taataniif, warra gowwaa taʼan gammachuudhaan obsitu. 20 Eeyyee, isin nama isin garboomfatu kam iyyuu, nama qabeenya keessan saamu kam iyyuu, nama wanta qabdan isin jalaa fudhatu kam iyyuu, nama isin irratti of jaju kam iyyuu, akkasumas nama isin kabalu kam iyyuu ni obsitu.

21 Kun dadhaboo waan nu fakkeessuuf, kana dubbachuun koo wanta nu qaanessu dha.

Haa taʼu malee, warri kaan ija jabina yoo argisiisan, akka nama gowwaattan dubbadha, anis ija jabina nan argisiisa. 22 Isaan Ibrootaa? Anis akkasuma.+ Isaan Israaʼelotaa? Anis akkasuma. Isaan sanyii Abrahaamii? Anis akkasuma.+ 23 Isaan tajaajiltoota Kiristoosii? Akka nama maraateettan dubbadha, ani hundumaa nan caala: Isaan caalaa hojjedheera,+ yeroo baayʼee hidhameera,+ rukuttaa lakkoofsa hin qabne rukutameera, akkasumas yeroo baayʼee duʼa jala gaʼeera.+ 24 Yihudoonni, 40 jechuuf tokko hanquu siʼa shan na garafaniiru,+ 25 Siʼa sadii uleedhaan reebameera,+ yeroo tokko dhagaadhaan tumameera,+ siʼa sadii dooniin ani ittiin deemu caccabeera,+ guyyaa tokkoo fi halkan tokko galaana irra tureera; 26 yeroo baayʼee karaa deemeera, lageen irraa balaan, saamtota irraa balaan, saba koo irraa balaan,+ saboota kaan irraa balaan,+ magaalaa keessatti balaan,+ lafa onaa keessatti balaan, galaana irratti balaan, akkasumas obboloota sobaa irraa balaan na irra gaʼeera; 27 baayʼee dhamaʼeera, dadhabeeras, halkan hedduu hirriba malee buleera,+ beelaʼeera, dheebodheeras,+ yeroo baayʼee hagabuu taʼeera,+ dhaamodheera, akkasumas daareera.*

28 Wantoota alaan na mudatan kana malees, guyyaa guyyaadhaan waaʼeen gumiiwwan hundumaa na yaaddessa.+ 29 Namni tokko yoo dadhabe, ani hin dadhabuu? Namni tokko yoo gufate, ani aaree hin gubadhuu?

30 Boonuun yoo na barbaachise, wantoota dadhabina koo mulʼisaniin nan boona. 31 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa Yesuus inni bara baraaf jajamu sun akkan sobaa hin jirre beeka. 32 Damaasqoo keessatti bulchaan Areexaas Mooticha jalatti bulchu na qabuuf magaalaa warra Damaasqoo eegsisaa ture; 33 haa taʼu malee, guuboo keessa kaaʼanii karaa foddaa dallaa magaalattiitiin gad waan na buusaniif+ isa harkaa miliquu dandaʼeera.

12 Ani boonuun qaba. Faayidaa qabaachuu baatus, waaʼee mulʼatawwan Gooftaan+ natti mulʼisee fi ergaawwan+ inni natti kennee nan dubbadha. 2 Nama barataa Kiristoos taʼe tokko beeka; inni waggaa 14 dura gara samii isa sadaffaatti ol fudhatame; kan ol fudhatame garuu fooniin haa taʼuu fooniin ala, ani hin beeku, Waaqayyotu beeka. 3 Eeyyee, ani nama akkasii beeka, fooniin haa taʼuu fooniin ala, ani hin beeku; Waaqayyotu beeka. 4 Inni gara jannataatti ol fudhatamee jechoota dubbatamuu hin dandeenyee fi namni dubbachuun isaaf hin heyyamamne dhagaʼe. 5 Ani waaʼee nama akkasii nan boona; waaʼee ofii koo garuu dadhabina koo malee waanan ittiin boonu hin qabu. 6 Yoon boonuu barbaade illee gowwaa jedhamuu hin qabu; ani dhugaan dubbadha. Taʼus, namni kam iyyuu wanta ana irratti argu yookiin wanta ana irraa dhagaʼu irra darbee hangan taʼe caalaatti akka na hin yaanneef kana gochuu irraa ofan qusadha; 7 mulʼatawwan adda taʼan akkanaa waanan argeef qofa jechuu koo ti.

Ani akkan of hin tuulleef, qoreen foon koo waraanu naaf kennameera;+ kunis maleekaa Seexanaa isa akkan of hin tuulle yeroo hunda na kabalu* dha. 8 Kun akka na irraa baduuf siʼa sadii Gooftaa kadhadheen ture. 9 Inni garuu, “Gaarummaan koo inni guddaan si gaʼa; sababiin isaas, humni koo guutuu kan taʼu yeroo ati dadhabdutti dha”+ naan jedhe. Kanaafuu, humni Kiristoos akka dunkaanaatti akka na irra turuuf, dadhabina kootti gammachuudhaan nan boona. 10 Kanaafuu, ani Kiristoosiif jedhee dadhabinatti, arrabsootti, dhabatti, ariʼatamattii fi rakkinatti guddaa nan gammada. Sababiin isaas, yeroon dadhabu yeroo sanatti humna nan qabaadha.+

11 Ani gowwaa taʼeera. Isin na galateeffachuu utuu qabdanii, kana waan hin gooneef, gowwaa akkan taʼu na dirqisiistaniittu. Sababiin isaas, ani homaa yoon taʼuu baadhe illee, waan tokkoon iyyuu ergamoota keessan warra hunda irra caalan sana irraa gad miti.+ 12 Eeyyee, ani ergamaa taʼuu koo jabaadhee dhaabbachuudhaan,+ mallattoowwaniin, dinqiiwwanii fi hojiiwwan guguddaadhaan+ gidduu keessanitti mulʼiseera. 13 Ani baʼaa isin irratti utuun hin taʼin hafuu kootiin alatti, isin gumiiwwan kaan irraa gad kan taatan maaliini?+ Dogoggora koo kanaaf gaarummaadhaan dhiifama naa godhaa.

14 Kunoo, ani gara keessan dhufuuf yeroo sadaffaadhaaf qophaaʼaan jira, isin irratti baʼaa hin taʼu. Ani isiniin malee qabeenya keessan hin barbaadu;+ sababiin isaas, warratu ijoolleedhaaf qabeenya walitti qaba malee, ijoolleetu+ warraaf qabeenya walitti qaba miti. 15 Ani gama kootiin, waan hundumaa gammachuudhaan isiniif kennuu fi guutummaatti isiniif* dabarsee of kennuu nan barbaada.+ Hamma kana baayʼisee kanan isin jaalladhu erga taʼee, jaalalli isin naaf qabdan kanaa gad taʼuu qabaa ree? 16 Taʼus, wantan olitti ibseen alatti karaa kamiin iyyuu baʼaa isinitti hin taane.+ Isin garuu “haxxee” akkan taʼee fi “gowwoomsee” akkan isin qabe gootanii dubbattu. 17 Ani namootan isinitti erge tokkotti illee fayyadamee faayidaa isin irraa argachuuf yaalii godheeraa? 18 Tiitoon gara keessan akka dhufu ani isa jajjabeesseera; obboleessa tokkos isaa wajjin ergeera. Tiitoon faayidaa tokko illee isin irraa argateeraa?+ Nuti hoo hafuuruma tokkoon deddeebine mitii? Daandii tokko irra deddeebineerra mitii?

19 Hamma ammaatti himata nu irratti dhiheessitaniif deebii kennaa akka jirru gootanii yaadduu? Nuti Kiristoosii wajjin taʼuudhaan Waaqayyo duratti dubbachaa jirra. Taʼus yaa obboloota jaallatamo, nuti wanta hojjennu hunda isin ijaaruudhaaf hojjenna. 20 Sababiin isaas, ani yommuun dhufu hamma tokko akka ani barbaadu taatanii isin hin argadhu taʼa, anis akka isin barbaaddan taʼee hin argamu taʼa jedheen sodaadha; lolli, hinaaffaan, aarii guddaan, wal qoqqooduun, maqaa balleessuun, hamiin, boonuudhaan of bokoksuunii fi jeequmsi ni jiraata taʼa. 21 Tarii yommuun dhufu Waaqni koo isin gidduutti na qaanessa taʼa; anis namoota hedduu kanaan dura cubbuu hojjetanii xuraaʼummaa, halalummaa* fi addaggummaa* isaanii irraa yaada hin geddarannetti nan gadda taʼa jedheen sodaadha.

13 Gara keessan dhufuuf yommuun qophaaʼu kun yeroo sadaffaa koo ti. “Dhimmi hundinuu ragaa* namoonni lama yookiin sadii dhiheessaniin mirkaneeffamuu qaba.”+ 2 Ani amma yoon isin bira jiraachuu baadhe illee, akkuman yeroo lammaffaadhaaf isin bira jirutti ilaalaa; ammas yoon dhufe akkuman kanaan dura godhe utuun isaan hin adabin akkan hin dhiisne, namoota kanaan dura cubbuu hojjetanis taʼe warra kaan hunda dursee akeekkachiisuun barbaada; 3 kanas kanan godhu, Kiristoos inni dhuguma karaa koo dubbatu, isin gidduutti dadhabaa utuu hin taʼin, jabaa taʼuu isaatiif ragaa argachuu waan barbaaddaniifi. 4 Sababiin isaas, inni dadhabaa yeroo turetti muka irratti fannifameera; amma garuu humna Waaqayyootiin jiraataa taʼeera.+ Dhugaa dha, nutis isaa wajjin dadhaboo taaneerra; haa taʼu malee, humna Waaqayyo isiniif kenneen+ isaa wajjin ni jiraanna.+

5 Amantii keessa jiraachuu keessan beekuuf yeroo hunda of qoraa; eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa.+ Fudhatama dhabdaniittu yoo taʼe malee, Yesuus Kiristoos isinii wajjin tokkummaa akka qabu hin beektanii? 6 Nuti fudhatama akka qabnu ni hubattu jedheen abdadha.

7 Isin dogoggora tokko illee akka hin hojjenne Waaqayyoon ni kadhanna; kana kan goonus nuti fudhatama kan qabnu fakkaannee mulʼachuuf utuu hin taʼin, fudhatama kan dhabne yoo fakkaanne illee isin wanta gaarii taʼe akka gootaniifi. 8 Sababiin isaas, wanta dhugaa mormu tokko illee gochuu hin dandeenyu; nuti dhugaadhaaf qofa hojjenna. 9 Yeroo nuti dadhaboo taanu hundatti isin jaboo waan taataniif ni gammanna. Sirreeffama gochaa akka deemtanis isiniif ni kadhanna. 10 Yeroon dhufu aangoo Gooftaan akkan diiguuf utuu hin taʼin, akkan ijaaruuf naaf kenneen tarkaanfii cimaa akkan hin fudhanneef,+ yeroon isin bira hin jirretti wantoota kana isiniif barreesseera.

11 Dhuma irrattis yaa obbolootaa, gammaduu keessan, sirreeffama gochuu keessan, jajjabaachuu keessan,+ yaada tokko qabaachuu+ fi nagaadhaan jiraachuu+ keessan itti fufaa; Waaqni jaalalaa fi nagaa+ isinii wajjin taʼa. 12 Dhungannaa qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. 13 Qulqulloonni hundi nagaa isiniif dhaamaniiru.

14 Gaarummaa guddaan Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi jaalalli Waaqayyoo, akkasumas hafuurri qulqulluun inni waliin hirmaannu hunda keessanii wajjin haa taʼu.

Ykn tarii, “akka gaariitti beektanii.”

Kal., “hamma dhumaatti.”

Ykn tarii, “siʼa lama akka fayyadamtaniif.”

Siilaas jedhamees ni waamama.

Ykn., “lubbuu koo.”

Ykn., “malawwan.”

Ykn., “akka mulʼatu godhuuf.”

Ykn., “urgaa.”

Ykn., “hin daldallu; buʼaa irraa hin buufannu.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kal., “ulfinaa gara ulfinaatti.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn tarii, “hafuurri Yihowaa.”

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “okkotee.”

Ykn tarii, “abdii hin kutannu.”

Ykn., “qorumsi.”

Kal., “ulfaatuu.”

Ykn., “bakka jireenyaa keenya isa samii.”

Ykn., “bakka jireenyaa keenya uffachuuf.”

Ykn., “bakka jireenyaa.”

Ykn., “mulʼachuu.”

Tarii haleeluuf.

Tarii of irraa faccisuuf.

Ykn., “duuti kan nuuf malu akka taanetti.”

Ykn., “ifatti dubbanneerra.”

Ykn., “hidhaminaa.”

Jecha Afaan Ibrootaa hiika “Gatii kan hin Qabne” jedhu qabu irraa kan dhufe dha. Seexana argisiisuuf itti hojjetameera.

Ykn., “namni amanamaan.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kal., “foon.”

Kal., “hinaaftan.”

Ykn tarii, “sababa keessaniin ija jabina guddaa.”

Ykn., “irraa hafaa.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “arjummaadhaan.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “aangoo isaaniitiin.”

Jechuunis, akka ilaalcha namaatti.

Kal., “qullaa taʼeera.”

Ykn., “rukutu.”

Ykn., “lubbuu keessaniif.”

Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “afaan.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi