XALAYAA YAAQOOB
1 Yaaqoob+ isa garbicha Waaqayyoo fi garbicha Gooftaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa, gosoota 12n warra bakka adda addaatti bittinnaaʼaniif:
Nagaan isiniif haa taʼu!
2 Yaa obboloota koo, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼu akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa;+ 3 kana yommuu gootan amantiin keessan inni qoramee ilaalame jabaatanii dhaabbachuu akka isiniif argamsiisu ni beektu.+ 4 Haa taʼu malee, wanti tokko illee utuu isinitti hin hirʼatin, karaa hundumaatiin guutuu fi mudaa kan hin qabne akka taataniif, jabaatanii dhaabbachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa.+
5 Kanaafuu, isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu;+ sababiin isaas, inni utuu hin ceephaʼin* nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna,+ isaafis ni kennama.+ 6 Haa taʼu malee, matumaa utuu hin shakkin amantiidhaan kadhachuu isaa itti haa fufu;+ namni shakku akka dambalii galaanaa qilleensaan oofamuu fi asii fi achi darbatamuu ti. 7 Namni kun Yihowaa* biraa waan tokko illee nan argadha jedhee eeguu hin qabu; 8 inni yaada dhaabbataa kan hin qabne+ dha, wanta hojjetu hundumaa irrattis ejjennoo hin qabu.
9 Haa taʼu malee, obboleessi gad aanaa taʼe ol qabamuu isaatti haa gammadu;*+ 10 inni sooressis akka daraaraa dirree keessaa waan darbuuf, gad qabamuu isaatti haa gammadu.+ 11 Sababiin isaas, akkuma yommuu aduun baʼee hoʼa isaatiin waxalee biqiltuu coolligsutti abaaboon isaa harcaʼuu fi bifti isaa inni miidhagu badu, sooressis jireenya isaatiif utuu asii fi achi fiiguu bada.+
12 Namni qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufu gammadaa dha;+ sababiin isaas, inni yeroo fudhatama argatu gonfoo jireenyaa+ isa Yihowaan* warra isa jaallachuu isaanii itti fufaniif waadaa gale+ ni argata. 13 Namni kam iyyuu yommuu qoramu, “Waaqayyotu na qoraa jira” hin jedhin. Sababiin isaas, Waaqayyo wanta hamaadhaan qoramuu hin dandaʼu; ofii isaatiis nama kam iyyuu wanta hamaadhaan hin qoru. 14 Haa taʼu malee, tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama.+ 15 Achiis hawwiin erga guddatee* booda cubbuu dhala; cubbuun yommuu raawwatamu immoo duʼa geessisa.+
16 Yaa obboloota koo jaallatamo, hin dogoggorinaa. 17 Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi ol gubbaadhaa,+ Abbaa ifawwan samii,+ isa akka gaaddidduu iddoo isaa jijijjiiruutti hin gegeddaramne+ biraa gad buʼa. 18 Kun fedhii isaa waan taʼeef, nuti uumamawwan isaa keessaa firiiwwan jalqabaa akka taanuuf,+ inni dubbii dhugaatiin+ gara jireenyaatti nu fide.
19 Yaa obboloota koo jaallatamo, kana beekaa: Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa,+ dheekkamuufis suuta jedhaa+ haa taʼu; 20 sababiin isaas, dheekkamsi namaa qajeelummaan Waaqayyoo akka raawwatamu hin godhu.+ 21 Kanaafuu, xuraaʼummaa hundumaa fi hammina akkamii iyyuu* of irraa fageessaatii,+ dubbicha isa isin keessa dhaabamee fi isin* fayyisuu dandaʼu sana garraamummaadhaan fudhadhaa.
22 Taʼus dubbicha hojii irra kan oolchitan taʼaa+ malee, sababii sobaa dhiheessuudhaan dhagaʼuu qofaan kan of gowwoomsitan hin taʼinaa. 23 Namni kam iyyuu dubbicha dhagaʼee hojii irra kan hin oolchine yoo taʼe,+ inni nama fuula isaa daawwitii keessatti ilaaluu wajjin wal fakkaata. 24 Inni erga of ilaalee booda ni deema, yeruma sanas maal akka fakkaatu ni irraanfata. 25 Haa taʼu malee, namni seera mudaa hin qabne+ isa bilisummaa argamsiisu sana xiyyeeffannaadhaan ilaaluu fi hordofuu isaa itti fufu, isa dhagaʼee irraanfatu utuu hin taʼin, isa hojii irra oolchu dha; inni wanta raawwatetti ni gammada.+
26 Namni tokko Waaqa akka waaqeffatu kan yaadu taʼus, arraba isaa kan hin toʼanne* yoo taʼe,+ inni garaa isaa gowwoomsa, waaqeffannaan isaas gatii hin qabu. 27 Akka ilaalcha Waaqaa fi Abbaa keenyaatti waaqeffannaan* qulqulluunii fi xurii hin qabne, ijoollee warra hin qabnee+ fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan+ rakkina isaanii irratti gargaaruu,+ akkasumas xurii addunyaa irraa of eeguu dha.+
2 Yaa obboloota koo, utuma loogdanii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa ulfina qabeessa taʼetti ni amanna jettuu?+ 2 Namni quba isaatti qubeellaa warqii kaaʼatee fi uffata miidhagaa uffate gara walgaʼii keessanii yoo seenee fi hiyyeessi uffata xuraaʼaa uffate tokkos yoo seene, 3 isa uffata miidhagaa uffate sanaaf loogdanii, “Ati as iddoo gaarii kana taaʼi,” isa hiyyeessaan immoo, “Ati achi dhaabbadhu” yookiin “Achi ejjeta miila kootii jala taaʼi” jettuu?+ 4 Taanaan, gidduu keessanitti garaa garummaan akka uumamuu gochuu keessan,+ akkasumas abbootii murtii murtoo jalʼaa kennitan taʼuu keessan mitii?+
5 Yaa obboloota koo jaallatamo, mee dhaggeeffadhaa. Waaqayyo amantiidhaan sooressota akka taʼanii+ fi Mootummaa isa inni warra isa jaallataniif waadaa gale+ akka dhaalaniif, namoota akka ilaalcha addunyaatti hiyyeeyyii taʼan hin filannee? 6 Isin garuu hiyyeeyyii salphistan. Warri isin cunqursanii+ fi harkisanii mana murtii isin dhaaban sooressota mitii? 7 Maqaa gaarii isin ittiin waamamtan kan arrabsan hoo isaan mitii? 8 Akka Kitaabonni Qulqulluun jedhanitti, seera mootii isa, “Nama* akka ofii keetti jaalladhu”+ jedhu hojii irra kan oolchitan yoo taʼe gaarii gochaa jirtu. 9 Looguu keessan yoo itti fuftan garuu,+ cubbuu hojjechuu keessan waan taʼeef, seerichi yakkamtoota taʼuu keessan mulʼisa.*+
10 Sababiin isaas, namni tokko guutummaa Seerichaa eegee, ajaja tokkittii illee yoo cabse, guutummaa Seerichaa akka cabsetti ilaalama.+ 11 Inni, “Hin ejjin”+ jedhe sun, “Hin ajjeesin”+ jedheera. Kanaafuu, ejja raawwachuu baattus, yoo ajjeeste seera cabsiteetta. 12 Akka namoonni seera warra bilisoomaniitiin* murtii argachuuf jedhan sun dubbatanitti dubbachuu fi akka isaaniitti hojjechuu keessan itti fufaa.+ 13 Sababiin isaas, namni gara laafina hin argisiisne gara laafina malee isatti murteeffama.+ Gara laafinni murtii irratti injifannoo ni argata.
14 Yaa obboloota koo, namni tokko amantii akka qabu kan dubbatu taʼus, hojiidhaan hin argisiisu taanaan maal isa fayyada?+ Amantiin sun isa fayyisuu ni dandaʼaa?+ 15 Obboleessi yookiin obboleettiin kam iyyuu uffataa* fi nyaata guyyichaaf isaan barbaachisu hin qaban yoo taʼe, 16 garuu isin keessaa namni tokko, “Nagaadhaan deemaa; isinitti haa hoʼu, quufaas” yoo isaaniin jedhee fi wanta qaama isaaniitiif barbaachisu yoo isaaniif kennuu baate maal isaan fayyada?+ 17 Haaluma wal fakkaatuun, amantiin hojiidhaan hin deggeramne kophaa isaatti duʼaa dha.+
18 Haa taʼu malee namni tokko, “Ati amantii qabda, ani immoo hojii qaba. Amantii kee hojii irraa adda baasii natti argisiisi; ani immoo amantii koo hojiidhaan sitti nan argisiisa” jedha. 19 Ati Waaqni tokko akka jiru ni amanta mitii? Gaarii goote. Haa taʼu malee, jinniiwwanis ni amanu, ni romʼus.+ 20 Ati garuu yaa nama hubannaa hin qabne nana, amantiin hojii malee gatii akka hin qabne beekuu ni barbaaddaa? 21 Abbaan keenya Abrahaam qajeelaa jedhamee kan waamame ilma isaa Yisihaaqiin iddoo aarsaa irratti erga dhiheessee booda hojiidhaan mitii?+ 22 Amantiin isaa hojii isaa wajjin hojjechaa akka turee fi amantiin isaa hojii isaatiin guutuu akka taʼe ni argita;+ 23 yaadni Kitaabota Qulqulluu inni, “Abrahaam Yihowaatti* amane, kunis qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame”+ jedhus ni raawwatame; inni michuu Yihowaa* jedhamee waamameera.+
24 Namni tokko qajeelaa jedhamee kan waamamu amantii qofaan utuu hin taʼin hojiidhaanis akka taʼe ni argitu. 25 Haaluma wal fakkaatuun, Rahaab ishiin sagaagaltuun ergamtoota sana keessummummaa simattee karaa kan biraatiin erga isaan ergitee booda qajeeltuu jedhamtee kan waamamte hojiidhaan mitii?+ 26 Eeyyee, akkuma qaamni hafuura hin qabne duʼaa taʼe,+ amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha.+
3 Yaa obboloota koo, nuti murtii cimaa akka fudhannu waan beektaniif isin keessaa baayʼeen barsiisota hin taʼin.+ 2 Sababiin isaas, hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna.*+ Namni dubbiidhaan hin gufanne yoo jiraate garuu, inni nama mudaa hin qabnee fi guutummaa qaama isaa toʼachuu* dandaʼu dha. 3 Fardeen akka nuuf ajajamaniif luugama afaan isaaniitti yoo keenye, guutummaa qaama isaaniis toʼachuu dandeenya. 4 Mee dooniiwwanis ilaalaa: Baayʼee guddaa kan taʼanii fi bubbee jabaadhaan kan oofaman yoo taʼan iyyuu, batoo baayʼee xinnoo taateen gara namni isaan oofu sun barbaadetti geeffamu.
5 Haaluma wal fakkaatuun, arrabni kutaa qaamaa ishii xinnoo yoo taate iyyuu akka malee of tuulti. Bosona guddaa tokko gubuuf ibiddi xinnoon ni geessi! 6 Arrabnis ibidda dha.+ Arrabni kutaa qaamaa keenya keessatti addunyaa jalʼinaa bakka buuti; ishiin guutummaa qaamaa xureessiti,+ akkasumas guutummaa daandii jireenyaa* gubdi, ofii ishiis Gahaannam* keessatti gubatti. 7 Bineensi bosonaa, simbirroon, uumamni lafa irra loʼuu* fi uumamni galaanaa kam iyyuu namaan madaqfamuu dandaʼa, madaqfameeras. 8 Haa taʼu malee, namni arraba madaqsuu dandaʼu tokko illee hin jiru. Arrabni kan hin toʼatamne, miidhaa kan geessistuu fi summii nama ajjeesuun kan guutamte dha.+ 9 Arraba keenyaan Abbaa keenya Yihowaa* ni jajanna; arrabuma kanaanis namoota akka “fakkaattii Waaqayyootti”+ uumaman ni abaarra. 10 Eebbii fi abaarsi afaanuma tokko keessaa baʼu.
Yaa obboloota koo, wantoonni kun taʼuu hin qaban.+ 11 Burqaan tokko boolluma tokko keessaa bishaan miʼaawuu fi bishaan hadhaaʼu burqisiisuu dandaʼaa? 12 Yaa obboloota koo, mukti harbuu firii ejersaa godhachuu yookiin mukti wayinii firii harbuu godhachuu ni dandaʼaa?+ Akkasumas bishaan soogiddaa bishaan qulqulluu argamsiisuu hin dandaʼu.
13 Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Inni hojii isaa kan raawwatu garraamummaa isa ogummaa irraa maddeen taʼuu isaa amala isaa isa gaariidhaan haa argisiisu. 14 Haa taʼu malee, garaa keessan keessa hinaaffaa+ cimaanii fi morkiin*+ yoo jiraate of hin tuulinaa,+ akkasumas dhugaa irratti soba hin dubbatinaa. 15 Kun ogummaa isa ol gubbaadhaa dhufu miti; kanaa mannaa kan lafaa,+ kan bineensotaa fi kan jinniiwwanii ti. 16 Bakka hinaaffaa fi morkiin* jiru kam iyyuu, jeequmsii fi wanti gadheen hundi ni jiraata.+
17 Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu garuu, hundumaa dura qulqulluu dha,+ achiis naga qabeessa,+ yaada ofiitti kan hin cichine,+ ajajamuuf kan qophaaʼe, gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame,+ kan hin loognee+ fi kan hin fakkeessine+ dha. 18 Kana malees, warra nagaa uumaniif,*+ firiin qajeelinaa haala naga qabeessa taʼe+ keessatti facaafama.
4 Waraannii fi lolli isin gidduu jiru maal irraa madde? Fedhiiwwan foonii keessan warra isin keessatti* wal morman irraa kan madde mitii?+ 2 Isin ni hawwitu, garuu hin argattan. Ni ajjeestu, akkasumas ni gomjaatu, garuu argachuu hin dandeessan. Wal loltu, waraanas wal irratti bantu.+ Waan hin gaafanneefis hin argattan. 3 Fedhiiwwan foonii keessan ittiin guuttachuuf jecha kaayyoo dogoggoraatiif waan gaafattaniif, yoo gaafattan iyyuu hin argattan.
4 Ejjitoota* nana, addunyaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii? Kanaafuu, namni michuu addunyaa taʼuu barbaadu kam iyyuu diina Waaqayyoo of godha.+ 5 Yookiin Kitaabonni Qulqulluun, “Hafuurri nu keessa jiraatu yeroo hunda hinaaffaadhaan hawwa”+ kan jedhan sababii malee isinitti fakkaataa? 6 Haa taʼu malee, gaarummaa guddaan Waaqayyo kennu, hafuura akkasii caalaa guddaa dha. Kanaafuu, “Waaqayyo warra of tuulan ni morma,+ warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa ni kenna”+ jedhamee barreeffameera.
7 Kanaafuu, Waaqayyoof bitamaa;+ Diyaabilosiin garuu mormaa,+ innis isin irraa ni baqata.+ 8 Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.+ Isin cubbamoonni, harka keessan qulqulleessaa;+ isin warri yaada dhaabbataa hin qabne, garaa keessan qulqulleessaa.+ 9 Dhiphadhaa, gaddaa, booʼaas.+ Kolfi keessan gaddatti, gammachuun keessanis abdii kutachuutti haa jijjiiramu. 10 Yihowaa* duratti gad of qabaa,+ innis ol isin qaba.+
11 Yaa obbolootaa, hamaa walitti dubbachuu dhiisaa.+ Namni obboleessa isaatti hamaa dubbatu yookiin obboleessa isaatti murteessu hundi seera irratti hamaa dubbata, akkasumas seera irratti murteessa. Kanaafuu, seera irratti yoo murteessite, ati seera hojii irra oolchaa jirta utuu hin taʼin, abbaa murtii taʼuu kee ti. 12 Seera kan tumuu fi Abbaan Murtii tokko qofa dha;+ innis isa fayyisuu fi balleessuu dandaʼu sana dha.+ Haa taʼu malee, nama kan biraatti kan murteessitu ati eenyu?+
13 Egaa isin warri, “Harʼa yookiin boru gara magaalaa kanaa ni dhaqna, achis waggaa tokko ni turra, ni daldalla, buʼaas ni buufanna”+ jettan dhagaʼaa, 14 isin jireenyi keessan boru maal akka taʼu hin beektan.+ Sababiin isaas, isin hurrii yeroo muraasaaf mulʼatee sana booda badu dha.+ 15 Kanaa mannaa, “Fedhii Yihowaa* yoo taʼe,+ ni jiraanna, kana yookiin sana ni goona” jechuu qabdu. 16 Isin garuu akka malee of tuuluu keessanitti boontu. Of tuuluun akkasii hundi immoo hamaa dha. 17 Kanaafuu, namni tokko wanta sirrii taʼe akkamitti akka hojjetu beekee, utuu hin hojjetin yoo hafe cubbuu isatti taʼa.+
5 Egaa isin sooreyyiin rakkinni isinitti dhufaa waan jiruuf, booʼaa, gadoodaas.+ 2 Qabeenyi keessan tortoreera, uffanni keessanis biliidhaan nyaatameera.+ 3 Warqii fi meetiin keessan ligidaaʼeera, ligidni isaaniis ragaa isinitti taʼa, foon keessanis ni nyaata. Wanti isin kuufattan guyyoota dhumaatti akka ibiddaa taʼa.+ 4 Ilaa, mindaan isin hojjettoota maasii keessan irraa midhaan isiniif sassaaban dhowwattan iyyaa jira; iyyi haamtonni gargaarsaaf dhageessisan gurra Yihowaa* Gooftaa Raayyaa bira gaʼeera.+ 5 Isin lafa irratti jireenya qananii jiraattaniittu, fedhii mataa keessaniis guuttattaniittu. Guyyaa qalmaatiif of* gabbistaniittu.+ 6 Isin isa qajeelaa yakkamaa gootanii ajjeestaniittu. Inni isin mormaa jira mitii?
7 Egaa, yaa obbolootaa, hanga argama Gooftaatti obsaa.+ Kunoo, qonnaan bulaan hanga bokkaan inni jalqabaa fi bokkaan inni boodaa dhufutti obsee firii lafaa isa gatii guddaa qabu ni eeggata.+ 8 Isinis obsaa;+ argamni Gooftaa waan dhihaateef garaa keessan cimsaa.+
9 Yaa obbolootaa, akka isinitti hin murteeffamneef,+ walitti hin gunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii balbala dura dhaabbateera. 10 Yaa obbolootaa, raajota maqaa Yihowaatiin* dubbatan+ ilaalaa, fakkeenya isaan rakkina dandaʼuu+ fi obsa argisiisuudhaan+ isiniif kaaʼan hordofaa. 11 Kunoo, warra jabaatanii dhaabbatan gammadoo* akka taʼanitti ilaalla.+ Iyyoob jabaatee akka dhaabbate dhageessaniittu;+ wanta Yihowaan* isaaf godhes argitaniittu;+ Yihowaan* jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa dha.+
12 Keessumaa immoo yaa obbolootaa, samiidhaan yookiin lafaan yookiin wanta kan biraa kamiin iyyuu kakachuu dhiisaa. Kanaa mannaa, akka isinitti hin murteeffamneef, “Eeyyeen” keessan eeyyee, “Lakkiin” keessan lakkii haa taʼu.+
13 Isin gidduudhaa namni rakkinni irra gaʼe jiraa? Inni kadhachuu isaa itti haa fufu.+ Namni gammade jiraa? Inni faarfannaa galataa haa faarfatu.+ 14 Isin gidduudhaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii gumii ofitti haa waammatu;+ isaanis maqaa Yihowaatiin* zayitii dibanii+ isaaf haa kadhatan. 15 Kadhannaan amantiidhaan dhihaate isa dhukkubsate* sana ni fayyisa, Yihowaanis* isa ni kaasa. Cubbuu hojjeteera yoo taʼes isaaf dhiifama.
16 Kanaafuu, fayyuu akka dandeessaniif cubbuu keessan ifatti walitti himadhaa,+ akkasumas waliif kadhadhaa. Wawwaannaan nama qajeelaa humna qaba, namoota gargaaruus ni dandaʼa.+ 17 Eliyaas namuma miira akka keenyaa qabu ture; taʼus bokkaan akka hin roobne cimsee yommuu kadhatetti, biyyattii irratti waggaa sadii fi jiʼa jaʼaaf bokkaan hin roobne.+ 18 Achiis lammata yommuu kadhatu samiin bokkaa kenne, biyyattiinis firii godhatte.+
19 Yaa obboloota koo, isin gidduudhaa namni tokko daandii dhugaa irraa yoo goree fi namni kan biraan immoo yoo isa deebise, 20 namni cubbamaa tokko daandii dogoggoraa irraa deebisu+ kam iyyuu duʼa irraa akka isa* oolchuu fi cubbuu hedduu akka haguugu beekaa.+
Ykn., “utuu dogoggora hin funaanin.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “boonu.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “ulfa taʼee.”
Ykn tarii, “hammina hedduu.”
Ykn., “lubbuu keessan.”
Ykn., “arraba isaatti luugama kan hin goone.”
Ykn., “amantaan.”
Kal., “Ollaa kee.”
Ykn., “isin adaba.”
Kal., “seera bilisummaatiin.”
Kal., “qullaa yoo taʼanii.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “dogoggora ni raawwanna.”
Ykn., “guutummaa qaama isaatti luugama kaaʼuu.”
Kal., “geengoo dhalootaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “munyuuquu.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn tarii, “kajeellaan ofittummaa.”
Ykn tarii, “kajeellaan ofittummaa.”
Ykn tarii, “uumaniin.”
Kal., “kutaawwan qaamaa keessan keessatti.”
Ykn., “Warra amanamoo hin taane.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “garaa keessan.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “eebbifamoo.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn tarii, “dadhabe.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “lubbuu isaa.”