LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Asteer 1:1-10:3
  • Asteer

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Asteer
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Asteer

ASTEER

1 Bara Ahaashweros,* isa Hindii irraa jalqabee hamma Itoophiyaatti* koonyaawwan+ 127 irratti bulchaa turetti, 2 jechuunis bara Ahaashweros Mootichi dahoo* Shushaan*+ keessa teessoo mootummaa isaa irra taaʼaa turetti, 3 bara bulchiinsa isaa waggaa sadaffaatti, bulchitoota isaa fi tajaajiltoota isaa hundumaatiif affeerraa ni qopheesse. Yeroo kanatti raayyaan waraanaa Faarsii+ fi Meedon,+ guguddoonni, akkasumas bulchitoonni koonyaawwanii isa dura jiru turan; 4 innis badhaadhina mootummaa isaa isa ulfina qabeessa taʼe sanaa, akkasumas ulfina isaa fi guddina isaa guyyoota hedduudhaaf, jechuunis guyyaa 180f isaanitti argisiise. 5 Guyyoonni kun yommuu xumuramanitti, mootichi isa xinnaa irraa hamma isa guddaatti namoota dahoo* Shushaan* keessatti argaman hundumaatiif mooraa iddoo biqiltuu mana mootichaa keessatti guyyaa torbaaf affeerraa ni qopheesse. 6 Iddoon biqiltuu sun golgaawwan adii fi cuquliisaan kan miidhagfame yeroo taʼu, golgaawwan kun wadaroowwan uffata adii fi suufii bifa dhiilgee irraa tolfamaniin hidhamanii turan. Golgaawwan kun meetii qubeellaa fakkaatuun rarraafamanii utubaawwan dhagaa adii irratti hidhamanii turan. Sireewwan xixinnoon warqii fi meetii irraa tolfaman lafa dhagaa diimaa, dhagaa adii, callee* fi dhagaa gurraachaan afame irra kaaʼamanii turan.

7 Daadhiin wayinii xoofoo* warqiitiin dhihaata ture; xoofoon sun tokkoon tokkoon isaa isa kan biraa irraa adda ture; akkasumas akkuma qabeenya mootichaatti daadhiin wayinii mootichaa baayʼinaan dhihaatee ture. 8 Mootichi namni hundi wanta barbaade akka godhu abbootii taayitaa mana mootummaa isaatiif qajeelfama kennee waan tureef, akka seerichaatti namni kam iyyuu dhugaatii sana ilaalchisee dirqamni isa irra hin jiru* ture.

9 Waashtii+ Mootittiinis mana mootummaa Ahaashweros Mootichaatti dubartootaaf affeerraa qopheessitee turte.

10 Guyyaa torbaffaatti mootichi yommuu daadhii wayinii dhugee gammadee turetti, abbootii taayitaa mana mootummaa torban warri Ahaashweros Mooticha tajaajilan, jechuunis Mehumaan, Biztaan, Harboonaan,+ Bigtaan, Abaagtaan, Zetaarii fi Kaarkaas, 11 gonfoo* mootummaa akkuma kaaʼattetti Waashtii Mootittii mooticha duratti akka dhiheessan isaanitti hime; kanas kan godhe, ishiin baayʼee bareedduu waan turteef, bareedina ishii namoota sanaa fi bulchitoota sanatti argisiisuuf ture. 12 Haa taʼu malee, Waashtii Mootittiin ajaja mootichaa isa karaa abbootii taayitaa mana mootummaa kennameef ajajamtee dhufuu matumaa ni didde. Yeroo kanatti mootichi baayʼee aare, ni dheekkames.

13 Sana booda mootichi namoota ogeeyyii yeroo bara durii* ilaalchisee hubannaa guddaa qaban ni mariisise (sababiin isaas, dhimmi mootichaa namoota seerichaa fi dhimmoota seeraa akka gaariitti beekan hundumaa duratti haala kanaan dhihaata ture; 14 bulchitoonni Faarsii fi Meedon warri hundumaa caalaa isatti dhihaatan torban+ Kaarsheenaa, Shetaar, Admaataa, Tarshiish, Meeres, Maarseenaa fi Memukaan yeroo taʼan, isaan mooticha duratti dhihaachuu kan dandaʼanii fi mootummaa sana keessatti aangoo hundumaa irra caalu kan qaban turan). 15 Mootichis, “Waashtii Mootittiin ajaja Ahaashweros Mootichi karaa abbootii taayitaa mana mootummaa dabarseef ajajamuu waan diddeef, akka seeraatti maaltu ishii irratti raawwatamuu qaba?” jedhee gaafate.

16 Yeroo kanatti Memukaan mootichaa fi bulchitoota achitti argaman duratti akkana jedhe: “Waashtii Mootittiin balleessaa kan raawwatte+ mooticha irratti qofa utuu hin taʼin, bulchitoota hundumaa fi namoota hundumaa warra koonyaawwan Ahaashweros Mootichaa hundumaa keessa jiran irratti dha. 17 Sababiin isaas, wanti mootittiin raawwatte haadhotii manaa hundumaa biratti ni beekama; isaanis, ‘Ahaashweros Mootichi, Waashtii Mootittii isa duratti akka dhiheessan ajajee ture; ishiin garuu dhufuu didde’ jedhanii abbootii manaa isaanii tuffatu. 18 Guyyaa harʼaatti giiftonni Faarsii fi Meedon warri wanta mootittiin goote kana beekan bulchitoota mootichaa hundumaatti haaluma kanaan ni dubbatu; kunis tuffii fi dheekkamsa guddaa fida. 19 Mootichi gaarii taʼee yoo isatti mulʼate, labsiin mootummaa Waashtiin matumaa lammata Ahaashweros Mooticha duratti akka hin seenne ibsu isa biraa haa baʼu; labsiin kunis seerawwan Faarsii fi Meedon warra jijjiiramuu hin dandeenye+ keessatti haa barreeffamu; mootichis aangoo ishiin mootuu taʼuudhaan qabdu dubartii kan biraa ishii irra wayyituuf haa kennu. 20 Labsiin mootichaa guutummaa bulchiinsa isaa isa balʼaa taʼe keessatti yommuu dhagaʼamu, xinnaa guddaa utuu hin jedhin haadhotiin manaa hundi abbootii manaa isaaniitiif ulfina ni kennu.”

21 Yaanni dhihaate kunis mootichaa fi bulchitoota sana ni gammachiise; mootichis wanta Memukaan dubbate ni raawwate. 22 Kanaafuu, abbaan manaa hundi mana isaa keessatti gooftaa* akka taʼuu fi qooqa saba isaatiin akka dubbatuuf, mootichi koonyaawwan mootichaa hundumaatiif, tokkoon tokkoon koonyaawwan sanaatiif barreeffama* isaaniitiin, akkasumas namoota hundumaatiif qooqa isaaniitiin xalayaa erge.+

2 Wantoota kana booda, Ahaashweros+ Mootichi yommuu aariin isaa qabbanaaʼu wanta Waashtiin raawwattee+ fi wanta ishii irratti murteeffame ni yaadate.+ 2 Yeroo kanatti tajaajiltoonni mootichaa akkana jedhan: “Shamarran babbareedoon durba taʼan mootichaaf haa barbaadaman. 3 Mootichis shamarran babbareedoo durboota taʼan hundumaa gara mana dubartootaa isa dahoo* Shushaan* keessatti argamuutti akka walitti qabaniif koonyaawwan bulchiinsa isaa keessatti argaman hundumaa keessatti bakka buutota haa muudu.+ Isaanis itti gaafatamummaa Hegaay+ isa xuʼaashii mootichaa fi eegduu dubartootaa taʼe jala haa taʼan; akkasumas kunuunsi miidhaginaa isaaniif haa godhamu.* 4 Shamarreen mootichi hundumaa caalaa itti gammadus Waashtii bakka buutee mootuu haa taatu.”+ Yaanni dhihaate kun mooticha ni gammachiise; innis akkanuma ni godhe.

5 Gosa Biiniyaam+ keessaa ilma Yaaʼir, ilma Shimeʼii, ilma Qiish kan taʼe namni Yihudii maqaan isaa Mordekaay+ jedhamu tokko dahoo* Shushaan*+ keessa jira ture; 6 inni namoota Yikooniyaa*+ mootii Yihudaa isa Nebukadnezaar mootiin Baabilon boojuudhaan fudhatee wajjin Yerusaalem keessaa boojuudhaan fudhataman keessaa tokko ture. 7 Inni guddiftuu* Haadaasaa, jechuunis guddiftuu Asteer ishii intala obboleessa abbaa isaa taate sanaa ture;+ ishiin abbaas taʼe haadha hin qabdu turte. Shamarreen tun dhaabbata kan toltuu fi bareedduu kan turte yeroo taʼu, Mordekaay yommuu abbaan ishii fi haati ishii duʼanitti akka intala isaatti ofitti ishii fudhate. 8 Yommuu dubbiin mootichaa fi seerri isaa labsamutti, akkasumas yommuu shamarran hedduun itti gaafatamummaa Hegaay jalatti gara dahoo* Shushaanitti* walitti qabamanitti, Asteeris itti gaafatamummaa Hegaay+ isa eegduu dubartootaa taʼe jalatti gara mana mootichaatti geeffamte.

9 Shamarreen tun baayʼee waan isa gammachiisteef, akkasumas isa duratti fudhatama* waan argatteef, inni yeruma sana wanta kunuunsa miidhaginaa*+ fi soorata ishiitiif barbaachisuuf qophii ni godhe; mana mootichaa keessaas shamarran filataman torba ishiidhaaf ramade. Kana malees, ishii fi shamarran tajaajiltoota ishii taʼan gara mana dubartootaa isa hundumaa caalaa gaarii taʼetti geesse. 10 Mordekaay+ eenyutti iyyuu akka hin dubbanne+ ishii ajajee waan tureef, Asteer waaʼee saba ishii+ yookiin waaʼee firoottan ishii waan tokko illee hin dubbanne. 11 Mordekaay waaʼee nageenya Asteerii fi haala akkamii keessa akka jirtu beekuuf guyyaa guyyaadhaan mooraa mana dubartootaa fuuldura asii fi achi deddeebiʼa ture.

12 Kunuunsi miidhaginaa* jiʼa 12f dubartootaaf akka godhamu ajajame erga raawwatamee booda, shamarran hundi tokkoon tokkoon isaanii dabaree dabaree isaaniitiin gara Ahaashweros Mootichaatti seenu turan; kunis kan taʼe jiʼa jaʼaaf zayitii qumbiitiin,+ jiʼa jaʼaaf immoo zayitii baalsaamii*+ fi dibata miidhaginaa adda addaatiin kunuunsa miidhaginaa* isaaniif godhamu raawwachuu kan qaban akkaataa kanaan waan tureefi. 13 Sana booda, shamarreen sun gara mootichaatti seenuuf ni qophoofti; achiis yeroo mana dubartootaa keessaa gara mana mootichaatti deemtu wanti ishiin gaafattu kam iyyuu ishiidhaaf ni kennama. 14 Yommuu dhihu gara mootichaatti seenti; ganama immoo itti gaafatamummaa Shaaʼaashgaaz xuʼaashii mootichaa+ isa eegduu saajjatootaa* taʼe jalatti gara mana dubartootaa isa lammaffaatti deebiti. Mootichi baayʼee yoo ishiitti gammadee fi maqaa ishii dhaʼee yoo ishii waamsise malee lammata gara mootichaa hin dhaqxu turte.+

15 Asteer intalli Abihaayil ishiin durbii Mordekaay taatee fi inni akka intala isaatti ofitti fudhate,+ gara mootichaatti seenuuf yommuu dabareen ishii gaʼu, wanta Hegaay xuʼaashiin mootichaa inni eegduu dubartootaa taʼe akka ishiin gaafattu itti himeen alatti waan tokko illee hin gaafanne. (Yeroo kana hundumaatti Asteer nama ishii ilaalu hundumaa duratti jaallatamtuu turte.) 16 Asteer bara bulchiinsa isaa waggaa torbaffaatti,+ waggicha keessaas jiʼa kurnaffaatti, jechuunis jiʼa Teebeetitti* gara Ahaashweros Mootichaatti, gara mana mootummaa isaatti geeffamte. 17 Mootichi dubartoota kaan hundumaa caalaa Asteeriin ni jaallate; ishiin durboota kaan hundumaa caalaa isa biratti fudhatama* argatte. Kanaafuu, inni gonfoo* mootuu mataa ishii irra kaaʼe; bakka Waashtiis+ mootuu ishii godhe.+ 18 Akkasumas mootichi ulfina Asteeriif jecha bulchitootaa isaa fi tajaajiltoota isaa hundumaatiif affeerraa guddaa qopheesse. Achiis koonyaawwaniif dhiifamni akka godhamu ni labse; akka qabeenya mootichaattis kennaa ni hihire.

19 Yommuu durboonni*+ yeroo lammataatiif walitti qabamanitti, Mordekaay karra mootichaa bira taaʼa ture. 20 Asteer akkuma Mordekaay ishii ajajee turetti, waaʼee firoottan ishii fi waaʼee saba ishii+ waan tokko illee hin dubbanne; Asteer akkuma yeroo isa jala turteetti+ wanta Mordekaay ishiidhaan jedhu raawwachuu ishii itti fufte.

21 Bara sanatti yeroo Mordekaay karra mootichaa bira taaʼaa turetti, abbootiin taayitaa mana mootummaa lamaan, jechuunis Bigtaanii fi Tereesh warri karra eegdota taʼan, aaranii Ahaashweros Mooticha ajjeesuuf* mala qopheessan. 22 Haa taʼu malee, Mordekaay waaʼee kanaa ni beeke; yeruma sanas Asteer Mootittiitti ni hime. Achiis Asteer maqaa Mordekaayiin* mootichatti ni dubbatte. 23 Kanaafuu, dhimmichi qoratamee dhuma irratti dhugaa taʼuun isaa ni mirkaneeffame; namoonni sun lamaanis muka irratti fannifaman; wanti kun hundis kitaaba seenaa waaʼee yeroo sanaa ibsu irratti mooticha duratti ni galmeeffame.+

3 Kana booda Ahaashweros Mootichi Haamaan+ ilma Hamedaataa Agaagichaaf+ iddoo guddaa ni kenne; bulchitoota warra isaa wajjin turan kaan hundumaa caalaas aangoo guddaa isaaf ni kenne.+ 2 Mootichi isa ilaalchisee ajaja kennee waan tureef, tajaajiltoonni mootichaa warri karra mootichaa bira jiran hundi Haamaaniif gombifamanii sagadu turan. Mordekaay garuu isa duratti gombifamuus taʼe isaaf sagaduu dide. 3 Kanaafuu, tajaajiltoonni mootichaa warri karra mootichaa bira turan Mordekaayiin, “Ati ajaja mootichaa kan tuffattu maaliifi?” jedhanii gaafatan. 4 Isaan guyyuma guyyaadhaan akkanuma jechaa isa gaafatu turan; inni garuu isaan hin dhagaʼu ture. Inni Yihudii+ taʼuu isaa isaanitti himee waan tureef, gochi Mordekaay akka laayyootti kan ilaalamu taʼuu fi dhiisuu isaa ilaaluuf+ jecha dhimma kana Haamaanitti himan.

5 Haamaanis Mordekaay gombifamee isaaf sagaduu akka dide yommuu argu baayʼee aare.+ 6 Haa taʼu malee, isaan waaʼee saba Mordekaayis isatti himanii waan turaniif, Mordekaayiin qofa ajjeesuuf* yaaduun wanta gatii hin qabne akka taʼe godhee ilaale. Kanaafuu, Haamaan Yihudoota guutummaa bulchiinsa Ahaashweros keessa jiran hundumaa, jechuunis saba Mordekaay hundumaa balleessuu barbaade.

7 Ahaashweros Mootichi mootii taʼee waggaa 12ffaa isaatti,+ waggicha keessaa jiʼa tokkoffaatti, jechuunis jiʼa Niisaanitti* guyyaa isaa fi jiʼa isaa murteessuuf Haamaan duratti Puur+ (jechuunis Carraa) ni buusan; carraan sunis jiʼa 12ffaa, jechuunis jiʼa Adaar*+ irra buʼe. 8 Achiis Haamaan Ahaashweros Mootichaan akkana jedhe: “Sabni namoota koonyaawwan bulchiinsa kee+ hundumaa keessa jiran gidduu faffacaʼee fi tatamsaʼee jiraatu tokko jira;+ seerri isaanii seera saboota kaanii hundumaa irraa adda dha; isaan seera mootichaatiif hin ajajaman; namoota kana callisanii ilaaluun faayidaa mootichaa miidha. 9 Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, labsiin akka isaan balleeffaman ajaju haa barreeffamu. Anis mana qabeenyaa mootichaatti akka galchaniif abbootii taayitaatiif meetii taalaantii* 10,000 nan kaffala.”*

10 Yeroo kanatti mootichi qubeellaa chaappaa isaa harka isaa irraa baasee,+ Haamaan+ ilma Hamedaataa Agaagicha+ isa diina Yihudootaa taʼetti kenne. 11 Mootichi Haamaaniin, “Wanta gaarii taʼee sitti mulʼate akka ittiin gootuuf, meetichii fi sabichi siif kennamaniiru” jedhe. 12 Achiis jiʼa tokkoffaa keessaa guyyaa 13ffaatti barreessitoonni mootichaa+ ni waamaman. Isaanis abbootii taayitaa mootichaa warra aangoo guddaa qabaniif, bulchitoota warra koonyaawwan irratti aangoo qabaniif, akkasumas bulchitoota saba adda addaatiif ajaja Haamaan kenne hundumaa, tokkoon tokkoon koonyaatiif barreeffama* isaatiin, tokkoon tokkoon namaatiifis qooqa isaatiin ni barreessan.+ Xalayaan sunis maqaa Ahaashweros Mootichaatiin barreeffamee qubeellaa chaappaa mootichaatiin chaappaan irratti godhamee ture.+

13 Ajajni dargaggeessaa fi maanguddoo, ijoollee fi dubartoota utuu hin jedhin guyyaa tokkotti, jiʼa 12ffaa isa jiʼa Adaar+ taʼe keessaa guyyaa 13ffaatti, Yihudoota hundumaa akka fixan, akka ajjeesanii fi akka barbadeessan, akkasumas qabeenya isaanii akka saaman xalayaawwan sun gara koonyaawwan mootichaa hundumaatti kan ergaman karaa ergamtootaa ture.+ 14 Namoonni sun guyyaa sanaaf akka qophaaʼaniif, garagalchiin xalayaawwan sanaa koonyaa hundumaa keessatti seera taʼee baʼuu fi namoota hundumaatiif labsamuu qaba ture. 15 Ergamtoonni sunis ajaja mootichaatiin saffisaan baʼanii deeman;+ seerichis dahoo* Shushaan*+ keessatti ni labsame. Achiis mootichii fi Haamaan dhugaatii dhuguudhaaf ni taaʼan; magaalaan Shushaan* garuu jeequmsa keessa turte.

4 Mordekaay+ wanta raawwatame hundumaa yeroo beeketti+ uffata isaa tarsaasee uffata gaddaa uffate; mataa isaa irrattis daaraa firfirse. Achiis sagalee isaa ol kaasee iyyaa, mararamees booʼaa walakkaa magaalattii keessa darbe. 2 Namni kam iyyuu uffata gaddaa uffatee karra mootichaatti seenuu waan hin dandeenyeef, inni hamma karra mootichaatti qofa deeme. 3 Koonyaa+ dubbiin mootichaa fi labsiin isaa gaʼe hundumaatti, Yihudoota gidduu gadda guddaatu ture; isaan soomaa,+ booʼaa fi gadoodaa turan. Baayʼeen isaanii uffata gaddaa fi daaraa irra ciisu turan.+ 4 Tajaajiltoonni Asteer warri dubartoota taʼanii fi xuʼaashonni ishii gara ishiitti seenanii wanta kana yommuu ishiitti himan, mootittiin baayʼee dhiphatte. Achiis inni uffata gaddaa of irraa baasee akka isa uffatuuf Mordekaayiif uffata ergite; inni garuu uffachuu ni dide. 5 Yeroo kanatti Asteer Hataak isa xuʼaashota mootichaa keessaa tokko taʼee fi akka ishii tajaajiluuf mootichi muude sana waamtee wanta taʼee fi wanta raawwatame Mordekaay irraa akka qulqulleeffatu isa ajajje.

6 Kanaafuu, Hataak gara Mordekaay isa addabaabayii magaalattii karra mootichaa fuuldura jiru sanaa ni dhaqe. 7 Mordekaayis wanta isa irra gaʼe hundumaa fi Haamaan Yihudoonni akka balleeffamaniif+ jecha mana qabeenyaa mootichaatiif maallaqa+ hammamii kaffaluuf waadaa akka gale isatti hime. 8 Kana malees, garagalchii labsii barreeffamaan qophaaʼe isa Shushaan*+ keessatti baʼee fi akka isaan balleeffaman ajaju sana isatti kenne. Barreeffama sanas Asteeritti akka argisiisuu fi dhimmicha akka ishiidhaaf ibsu, akkasumas gara mootichaatti seentee isa biratti fudhatama argachuuf akka kadhattuu fi saba ishiitiif cimsitee kallattiidhaan akka isa kadhattu akka ishiitti himu+ isa erge.

9 Hataakis deebiʼee dhufee wanta Mordekaay jedhe Asteeritti hime. 10 Asteeris akkana jedhee Mordekaayitti+ akka himu Hataakiin ajajje: 11 “Tajaajiltoonni mootichaa fi namoonni koonyaawwan mootichaa keessa jiran hundi seerri dhiiras taʼe dubartii utuu hin waamamin mooraa mootichaa+ isa keessaatti seenu kam irratti iyyuu raawwatamu tokko qofa akka taʼe beeku; namni sun ni ajjeefama; lubbuudhaan ooluu kan dandaʼu mootichi ulee mootii isa warqii irraa tolfame yoo isatti hiixate qofa dha.+ Anis gara mootichaatti akkan seenu guyyaa 30f hin waamamne.”

12 Mordekaay wanti Asteer jette yommuu isatti himamu 13 akkana jedhee Asteeriif deebise: “Ati mana mootichaa keessa waan jirtuuf qofa Yihudoota hundumaa gidduudhaa ooluu akka dandeessu gootee hin yaadin. 14 Ati yeroo kanatti yoo calliste, boqonnaanii fi fayyinni bakka kan biraatii Yihudootaaf ni dhufa;+ atii fi manni abbaa keetii garuu ni baddu. Ati mootuu kan taate yeroo akkanaatiif yoo taʼe maaltu beeka?”+

15 Achiis Asteer akkana jettee Mordekaayiif deebiste: 16 “Dhaqiitii Yihudoota Shushaan* keessatti argaman hundumaa walitti qabi; waaʼee kootiifis soomaa.+ Guyyaa sadiif+ halkanis taʼe guyyaa hin nyaatinaa, hin dhuginaas. Anis tajaajiltoota koo warra dubartii wajjin nan sooma. Seericha cabsees gara mootichaatti nan seena; yoon bades nan bada.” 17 Kanaafuu, Mordekaay karaa isaa ni deeme; wanta Asteer akka inni godhu isatti himte hundumaas ni raawwate.

5 Guyyaa sadaffaatti+ utuu mootichi mana mootii isa faallaa karrichaatiin argamu keessa teessoo isaa irra taaʼee jiruu Asteer uffata mootuu uffattee mooraa mana mootichaa isa keessaa isa fuullee mana mootichaatiin argamu keessa dhaabbatte. 2 Mootichi Asteer Mootittiin mooraa keessa dhaabbattee akkuma argeen, ishii arguu isaatti ni gammade; achiis mootichi ulee warqii isa harka isaa irra jiru Asteeritti hiixate.+ Asteeris itti siqxee fiixee ulee sanaa tuqxe.

3 Mootichis, “Yaa Asteer Mootitti, dhimmi kee maali dha? Gaaffiin kee hoo maali dha? Walakkaa mootummaa kootii yoo taʼe illee siif ni kennama!” ishiidhaan jedhe. 4 Asteeris deebistee, “Mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, mootichi Haamaanii+ wajjin affeerraa ani harʼa isaaf qopheesse irratti haa argamu” jette. 5 Mootichis namoota isaatiin, “Akkuma Asteer gaafattetti, dafee akka dhufuuf Haamaanitti himaa” jedhe. Kanaafuu, mootichii fi Haamaan gara affeerraa Asteer qopheessite sanaa ni dhaqan.

6 Utuma affeerraa daadhii wayinii irra jiraniis mootichi Asteeriin, “Wanti kadhattu maali dha? Siif ni kennama! Gaaffiin kee hoo maali dha? Walakkaa mootummaa kootii yoo taʼe illee siif ni godhama!”+ jedhe. 7 Asteeris deebistee akkana jette: “Wanti ani kadhadhuu fi gaaffiin koo kana dha: 8 Mooticha duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, mootichis wantan kadhadhe gochuu fi akkan gaafadhetti tarkaanfii fudhachuun kan isa gammachiisu yoo taʼe, mootichii fi Haamaan affeerraa ani boru isaaniif qopheessu irratti haa argaman; anis boru akkuma mootichi jedhe nan godha.”

9 Guyyaa sanatti Haamaan gammadee miirri gaariin isatti dhagaʼamee baʼee deeme. Haa taʼu malee, Haamaan Mordekaayiin karra mootichaa biratti yommuu ilaalu, akka inni isaaf hin kaanee fi isa duratti hin hollanne yommuu argu Mordekaayitti baayʼee aare.+ 10 Taʼus, of toʼatee gara mana isaatti deebiʼe. Achiis namoota ergee michoota isaa fi haadha manaa isaa Zeereeshiin+ waamsise. 11 Haamaan waaʼee guddina qabeenya isaa, waaʼee baayʼina ilmaan isaa,+ mootichi akkamitti iddoo guddaa akka isaaf kenne, akkasumas akkamitti bulchitootaa fi tajaajiltoota mootichaa caalaa aangoo guddaa akka isaaf kenne of jajee dubbate.+

12 Haamaan itti dabaluudhaan akkana jedhe: “Kana malees, Asteer Mootittiin affeerraa qopheessite irratti mootichaa wajjin akka argamu ana malee nama kan biraa tokko illee hin affeerre.+ Borus ishii fi mootichaa wajjin akkan taʼuuf affeerameera.+ 13 Haa taʼu malee, Mordekaay Yihudichi karra mootichaa bira taaʼee kanan argu yoo taʼe kun hundi na hin gammachiisu.” 14 Kanaafuu, haati manaa isaa Zeereeshii fi michoonni isaa hundi, “Jirma dhundhuma 50* dheeratu dhaabsisi. Achiis Mordekaay achi irratti akka fannifamu ganama mootichatti himi.+ Sana booda, affeerraa sana irratti gammaduudhaaf mootichaa wajjin dhaqi” isaan jedhan. Haamaanis yaanni kun gaarii fakkaatee waan isatti mulʼateef, jirma sana ni dhaabsise.

6 Halkan sana mootichi hirribni* isa fudhachuu dide. Kanaafuu, kitaaba seenaa bara sanaa akka isaaf fidan ajaje;+ kitaabichis mootichaaf ni dubbifame. 2 Achi irrattis mala abbootiin taayitaa mana mootummaa lamaan Bigtaanii fi Tereesh warri karra eegdota taʼan Ahaashweros Mooticha ajjeesuuf* qopheessan ilaalchisee wanti Mordekaay dubbate barreeffamee argame.+ 3 Mootichis, “Mordekaay kana gochuu isaatiif ulfinaa fi beekamtii akkamiitu isaaf kenname?” jedhee gaafate. Yeroo kanatti tajaajiltoonni mootichaa, “Homtuu isaaf hin godhamne” isaan jedhan.

4 Boodas mootichi, “Mooraa keessa kan jiru eenyu?” jedhee gaafate. Yeroo kanatti Haamaan Mordekaay jirma inni isaaf qopheesse irratti akka fannifamu+ mootichatti dubbachuuf gara mooraa mana mootichaa isa alaatti+ dhufee ture. 5 Tajaajiltoonni mootichaas, “Mooraa keessa dhaabbatee kan jiru Haamaani”+ jedhanii isatti himan. Kanaafuu mootichi, “Ol seensisaa” isaaniin jedhe.

6 Haamaan yommuu ol seenu mootichi, “Nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf maaltu godhamuu qaba?” isaan jedhe. Haamaanis garaa isaatti, “Mootichi ana caalaa eenyuuf ulfina kennuu barbaada?”+ jedhee yaade. 7 Kanaafuu, Haamaan mootichaan akkana jedhe: “Nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf, 8 uffata mootii+ isa mootichi uffatuu fi farda mootichi irra taaʼu isa mataa isaa irra gonfoon kaaʼame haa fidan. 9 Achiis uffatichii fi fardichi bulchitoota mootichaa warra guguddoota taʼan keessaa isa tokkotti itti gaafatamummaadhaan haa kennaman; isaanis nama mootichi ulfina kennuufii barbaadu sanatti uwwisanii fardicha irra isa kaaʼuudhaan addabaabayii magaalattii keessa haa naannessan. Achiis, ‘Nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf kanatu godhama!’+ jedhanii isa duratti haa labsan.” 10 Mootichis yeruma sana Haamaaniin, “Dafi! Uffatichaa fi fardicha fudhadhuutii wanta amma dubbatte kana Mordekaay Yihudicha isa karra mootichaa bira taaʼuuf godhi. Wanta dubbatte keessaa waan tokko illee hin hambisin” jedhe.

11 Kanaafuu, Haamaan uffatichaa fi fardicha ni fudhate; achiis Mordekaayitti+ uwwisee fardicha irra isa kaaʼee addabaabayii magaalattii keessa isa naannessee, “Nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf kanatu godhama!” jedhee isa duratti labse. 12 Sana booda Mordekaay gara karra mootichaatti ni deebiʼe; Haamaan garuu mataa isaa haguuggatee gaddaa hatattamaan gara mana isaatti deebiʼe. 13 Haamaan wanta isa irra gaʼe hundumaa haadha manaa isaa Zeereeshii+ fi michoota isaa hundumaatti yommuu himu, namoonni isaa warri ogeeyyii taʼanii fi haati manaa isaa Zeereesh, “Mordekaay inni ati isa duratti kufuu jalqabde kun sanyiin isaa Yihudii yoo taʼe, ati isa moʼuu hin dandeessu; shakkii tokko malee isa duratti ni kufta” isaan jedhan.

14 Isaan utuma isaa wajjin dubbachaa jiranii, abbootiin taayitaa mootichaa dhufanii hatattamaan Haamaaniin gara affeerraa Asteer qopheessitetti fuudhanii deeman.+

7 Kanaafuu, mootichii fi Haamaan+ gara affeerraa Asteer Mootittiin qopheessite sanaa dhaqan. 2 Mootichi guyyaa lammaffaatti affeerraa daadhii wayinii irratti ammas Asteeriin, “Yaa Asteer Mootitti, wanti ati kadhattu maali dha? Siif ni kennama. Gaaffiin kee hoo maali dha? Walakkaa mootummaa kootii yoo taʼe illee siif ni godhama!”+ jedhe. 3 Asteer Mootittiinis akkana jettee deebiste: “Yaa mootii, ani si biratti fudhatama argadheera yoon taʼee fi kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, akkuma kadhannaa kootti lubbuu koo, akkuma gaaffii koottis saba koo+ naaf oolchi. 4 Sababiin isaas anii fi sabni koo dhumaatiidhaaf, ajjeefamuu fi barbadeeffamuuf gurguramneerra.+ Garboota dhiiraa fi garboota dubartii taʼuudhaaf qofa gurguramne utuu taʼee nan callisan ture. Haa taʼu malee, badiisni kun mooticha irrattis miidhaa waan geessisuuf, callifamee ilaalamuu hin qabu.”

5 Yeroo kanatti Ahaashweros Mootichi Asteer Mootittiidhaan, “Namni kun eenyu? Namichi wanta akkanaa gochuuf onnate eessa jira?” jedhe. 6 Asteeris, “Hamajaajii fi diinni kun Haamaan isa namicha hamaa taʼe kana dha” jette.

Haamaanis mootichaa fi mootittii duratti ni hollate. 7 Mootichi aariidhaan affeerraa daadhii wayinii sana irraa kaʼee gara iddoo biqiltuu mana mootummaa dhaqe; Haamaan garuu mootichi isa adabuuf akka murteesse waan hubateef, Asteer Mootittiin lubbuu isaa akka isaaf oolchitu kadhachuuf kaʼee dhaabbate. 8 Mootichi iddoo biqiltuu mana mootummaa sana irraa gara mana affeerraan daadhii wayinii itti qophaaʼetti yommuu deebiʼu, Haamaan siree Asteer Mootittiin irra jirtu irratti gombifamee arge. Mootichis, “Inni manuma koo keessatti mootittii gudeeduus ni barbaadaa?” jedhee iyye. Akkuma dubbiin kun afaan mootichaa keessaa baʼeenis fuula Haamaan ni haguugan. 9 Yeroo kanatti abbootii taayitaa mana mootummaa mootichaa keessaa tokko kan taʼe Harboonaan,+ “Haamaan Mordekaay+ isa wanta lubbuu mootichaa oolche+ dubbate sanaafis jirma inni irratti fannifamu qopheesseera. Jirmichi dhundhuma 50* kan dheeratu yeroo taʼu, mana Haamaan bira dhaabamee jira” jedhe. Yeroo kanatti mootichi, “Achi irratti isa fannisaa” jedhe. 10 Kanaafuu, isaan jirma inni Mordekaayiif qopheesse irratti Haamaaniin ni fannisan; aariin mootichaas ni qabbanaaʼe.

8 Guyyaa sanatti Ahaashweros Mootichi mana Haamaan+ isa diina Yihudootaa taʼe+ sanaa Asteer Mootittiidhaaf ni kenne; Asteer inni fira ishii taʼuu isaa+ isatti himtee waan turteef, Mordekaay mooticha duratti ni dhihaate. 2 Achiis mootichi qubeellaa chaappaa+ isaa isa Haamaan irraa fudhatee ture sana of irraa baasee Mordekaayiif ni kenne. Asteeris Mordekaay mana Haamaan irratti itti gaafatamaa akka taʼu goote.+

3 Asteer ammas mooticha ni haasofsiiste. Ishiin miila isaatti kuftee miidhaa Haamaan Agaagichi raawwatee fi karoora hamminaa inni Yihudoota irratti qopheesse+ akka dhaabsisu booʼaa isa kadhatte. 4 Mootichi ulee warqii isaa Asteeritti ni hiixate;+ Asteeris ol kaatee mooticha dura dhaabbatte. 5 Achiis akkana jette: “Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, anis isa duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, mooticha duratti sirrii fakkaatee yoo mulʼatee fi anis isa gammachiiseera yoon taʼe, ajajni barreeffama Haamaan+ ilmi Hamedaataa Agaagichi+ inni hamaan sun Yihudoota koonyaawwan mootichaa hundumaa keessatti argaman balleessuuf qopheesse sana fashaleessu haa barreeffamu. 6 Yommuu badiisni saba koo irra gaʼuu fi yommuu firoonni koo balleeffaman akkamittan callisee ilaaluu dandaʼa?”

7 Kanaafuu, Ahaashweros Mootichi Asteer Mootittii fi Mordekaay Yihudichaan akkana jedhe: “Kunoo, Haamaan Yihudoota miidhuuf mala waan qopheesseef,* ani mana isaa Asteeriif kenneera;+ innis jirma irratti akka fannifamu godheera.+ 8 Labsiin maqaa mootichaatiin barreeffamee fi qubeellaa chaappaa mootichaatiin chaappaan irratti godhame diigamuu waan hin dandeenyeef,+ ammas isin Yihudootaaf wanta gaarii fakkaatee isinitti mulʼate maqaa mootichaatiin barreessitanii qubeellaa chaappaa mootichaatiin chaappaa irratti gochuu dandeessu.”

9 Kanaafuu yeroo sana jiʼa sadaffaatti, jechuunis jiʼa Siiwaanitti,* jiʼicha keessaa guyyaa 23ffatti barreessitoonni mootichaa ni waamaman; achiis Yihudootaaf, abbootii taayitaatiif,+ bulchitootaaf, akkasumas bulchitoota koonyaawwan+ 127 taʼan warra Hindii irraa jalqabee hamma Itoophiyaatti argamaniif, tokkoon tokkoon koonyaatiif akka barreeffama* isaatti, tokkoon tokkoon sabaatiif akka qooqa isaatti, Yihudootaafis akka barreeffama* isaaniittii fi akka qooqa isaaniitti wanta Mordekaay ajaje hundumaa ni barreessan.

10 Innis barreeffamicha maqaa Ahaashweros Mootichaatiin barreessee qubeellaa chaappaa+ mootichaatiin chaappaa irratti godhee, harka ergamtoota fardaan gulufaniitti erge; isaanis fardeen saffisa qabanii fi tajaajila mootichaatiif oolaniin ni deeman. 11 Barreeffamoota kana keessatti Yihudoonni magaalota adda addaa hundumaa keessatti argaman walitti qabamanii akka of* irraa isaan ittisan, akkasumas dubartootaa fi ijoollee dabalatee humnoota saba yookiin koonyaa warra isaan balleessuu barbaadan kam iyyuu akka fixan, akka ajjeesanii fi akka barbadeessan, qabeenya isaaniis akka saaman mootichi isaaniif ni heyyame.+ 12 Kunis guyyuma tokkotti, jechuunis jiʼa Adaar*+ isa jiʼa 12ffaa taʼe keessaa guyyaa 13ffaatti koonyaawwan Ahaashweros Mootichaa hundumaa keessatti akka raawwatamu ni murteeffame. 13 Yaanni* barreeffamaa kun koonyaawwan hundumaa keessatti seera taʼee akka baʼu murteeffamee ture. Yihudoonni guyyaa sanatti diinota isaanii irratti haaloo baʼuuf+ akka qophaaʼaniif, yaanni barreeffamaa kun saboota hundumaatti akka labsamu murtaaʼee ture. 14 Ergamtoonni fardeen tajaajila mootichaatiif oolan gulufan sun ajaja mootichaatiin yeruma sana hatattamaan baʼanii deeman. Seerichi dahoo* Shushaan*+ keessattis labsamee ture.

15 Yeroo kanatti Mordekaay uffata mootii bifa cuquliisaa fi adii uffatee, gonfoo warqii guddaa kaaʼatee, uffata bifa dhiilgee suufii foʼaa baʼeessa irraa tolfamee fi irratti uffatamu uffatee mooticha duraa ni baʼe.+ Magaalaan Shushaanis* gammachuudhaan ni ililchite. 16 Yihudoonnis boqonnaa,* gammachuu fi ulfina argatan. 17 Akkasumas koonyaawwan hundumaa fi magaalota hundumaa bakka labsiin mootichaa fi seerri isaa gaʼe hundumaatti Yihudoonni baayʼee gammadan, akkasumas affeerraa fi ayyaana ni qopheeffatan. Namoonni biyya sanaa hedduun Yihudoota waan sodaataniif, isaanis Yihudii taʼan.+

9 Jiʼa Adaar,*+ jechuunis jiʼa 12ffaa keessaa guyyaa 13ffaatti, yommuu dubbiin mootichaa fi seerri isaa hojii irra oolfamuuf jedhutti,+ guyyaa diinonni Yihudootaa akka isaan moʼan abdatanii turanitti, wanti kana irraa faallaa taʼe ni raawwatame; Yihudoonni warra isaan jibban ni moʼan.+ 2 Yihudoonni warra isaan miidhuu barbaadaniin loluuf magaalota isaanii warra koonyaawwan Ahaashweros+ Mootichaa hundumaa keessatti argaman keessatti walitti qabaman; saboonni hundi waan isaan sodaataniif namni tokko illee isaan dura dhaabbachuu hin dandeenye.+ 3 Isaan Mordekaayiin waan sodaataniif, bulchitoonni koonyaawwanii, abbootiin taayitaa,+ bulchitoonnii fi warri hojii mootichaa toʼatan hundi Yihudoota deggeraa turan. 4 Mordekaay mana mootichaa keessatti caalaatti jabaachaa deeme;+ inni aangoon isaa ittuma dabalaa waan deemeef beekamummaan isaa guutummaa koonyaawwanii keessatti ni babalʼate.

5 Yihudoonni diinota isaanii hundumaa goraadeedhaan ni rukutan, isaan ni ajjeesan, akkasumas ni barbadeessan; warra isaan jibban irrattis wanta barbaadan ni raawwatan.+ 6 Yihudoonni dahoo* Shushaan*+ keessatti namoota 500 ni ajjeesan, akkasumas ni barbadeessan. 7 Kana malees isaan, Paarshaandaataa, Daalfoon, Asfaataa, 8 Poraataa, Adaaliyaa, Ariidaataa, 9 Paaraamaashtaa, Arisaay, Ariidaayii fi Waayizaataa, 10 jechuunis ilmaan Haamaan ilma Hamedaataa isa diina Yihudootaa+ taʼe sanaa kurnan ni ajjeesan. Erga isaan ajjeesanii booda garuu, boojuu tokko illee hin fudhanne.+

11 Guyyaa sanatti lakkoofsi namoota dahoo* Shushaan* keessatti ajjeefamanii mootichatti ni himame.

12 Mootichi Asteer Mootittiidhaan, “Yihudoonni dahoo* Shushaan* keessatti namoota 500 fi ilmaan Haamaan kurnan ajjeesaniiru, akkasumas barbadeessaniiru. Koonyaawwan mootichaa warra hafan keessatti hoo maal godhaniiru?+ Amma wanti ati kadhattu maali dha? Siif ni kennama. Wanti dabalataa akka siif godhamu barbaaddu hoo maali dha? Siif ni godhama” jedhe. 13 Asteeris deebistee, “Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe,+ Yihudoonni Shushaan* keessa jiran seera harʼa hojii irra oolchan borus akka hojii irra oolchan isaaniif haa heyyamamu;+ ilmaan Haamaan kurnanis jirma irratti haa fannifaman”+ jette. 14 Kanaafuu, mootichi wanti kun akka raawwatamu ajaja kenne. Achiis Shushaan* keessatti seerri ni baʼe; ilmaan Haamaan kurnanis ni fannifaman.

15 Yihudoonni Shushaan* keessa jiraatan jiʼa Adaar+ keessaa guyyaa 14ffaatti ammas walitti qabamanii Shushaan* keessatti namoota 300 ajjeesan; taʼus boojuu tokko illee hin fudhanne.

16 Yihudoonni koonyaawwan mootichaa keessa jiran kaanis walitti qabamanii of irraa isaan ittisan.*+ Warra isaan jibban keessaa namoota 75,000 ajjeesuudhaan diinota isaanii haxaaʼanii balleessan;+ taʼus boojuu tokko illee hin fudhanne. 17 Kunis kan taʼe, jiʼa Adaar keessaa guyyaa 13ffaatti yommuu taʼu, isaanis guyyaa 14ffaatti ni boqotan; guyyichas guyyaa affeerraa fi guyyaa gammachuu ni godhatan.

18 Yihudoonni Shushaan* keessa jiraatan guyyaa 13ffaattii+ fi guyyaa 14ffaatti+ walitti qabaman; achiis guyyaa 15ffaatti ni boqotan; guyyichas guyyaa affeerraa fi guyyaa gammachuu ni godhatan. 19 Yihudoonni baadiyyaa warri magaalota kan biroo keessa jiraatan, jiʼa Adaar keessaa guyyaa 14ffaa guyyaa gammachuu fi guyyaa affeerraa, guyyaa ayyaanaa+ fi yeroo nyaata itti waliif ergan+ kan godhatan kanaaf ture.

20 Mordekaayis+ wantoota raawwataman kana barreessee Yihudoota koonyaawwan Ahaashweros Mootichaa hunda keessa jiraatan warra dhihoo fi fagootti argaman hundumaatiif xalayaawwan ni erge. 21 Inni jiʼa Adaar keessaa guyyaa 14ffaa fi guyyaa 15ffaa waggaa waggaadhaan akka kabajan isaan ajaje; 22 kunis kan taʼe, guyyoota sanatti Yihudoonni diinota isaanii irraa boqonnaa waan argataniif, akkasumas jiʼa sanatti gaddi isaanii+ gammachuutti, booʼichi isaaniis guyyaa ayyaanaatti waan jijjiirameef ture. Isaanis guyyoota kana guyyoota affeerraa fi guyyoota gammachuu, akkasumas yeroo nyaata itti waliif erganii fi hiyyeeyyiidhaaf kennaa itti kennan godhanii kabajuu qabu turan.

23 Yihudoonnis ayyaana ayyaaneffachuu jalqaban sana itti fufuuf, akkasumas wanta Mordekaay isaaniif barreesse hojii irra oolchuuf walii galan. 24 Kanas kan godhan, Haamaan+ ilmi Hamedaataa Agaagichi+ inni diina Yihudoota hundumaa taʼe, Yihudoota balleessuuf mala qopheessee waan tureef,+ akkasumas isaan naasisuu fi isaan balleessuuf Puur, jechuunis Carraa buusee waan tureefi.+ 25 Haa taʼu malee, yommuu Asteer mooticha duratti dhihaattu, mootichi ajaja barreeffamaa,+ “Malli inni hamminaan Yihudoota irratti qopheesse+ kun mataa isaa irratti haa deebiʼu” jedhu kenne; isaanis isaa fi ilmaan isaa jirma irratti fannisan.+ 26 Isaan maqaa Puur*+ jedhu irraa kaʼuudhaan guyyoota kana Puuriim jedhanii kan moggaasan kanaafi. Kanaafuu, wantoota xalayaa kana irratti barreeffaman hundumaatiin kan kaʼe, akkasumas dhimma kana ilaalchisee wanta argan irraan kan kaʼee fi wanta isaan irra gaʼe irraan kan kaʼe, 27 Yihudoonni waggaa waggaadhaan yeroo murteeffametti guyyoota lamaan kana kabajuu fi wanta guyyoota kana ilaalchisee barreeffame raawwachuuf ofii isaanii, sanyiiwwan isaanii fi warra isaan deggeran hundumaa dirqama keessa galchan.+ 28 Guyyoonni kun dhaloota hundumaa keessatti maatii hundumaa, koonyaa hundumaa fi magaalaa hundumaa biratti yaadatamuu fi kabajamuu qabu; Yihudoonni guyyoota Puuriim kana kabajuu dhiisuu hin qaban; yaadannoon isaaniis sanyiiwwan isaanii gidduudhaa baduu hin qabu.

29 Achiis Asteer Mootittiin intalli Abihaayilii fi Mordekaay Yihudichi xalayaa isa lammaffaa Puuriimiin ilaalchisee barreeffame sana aangoo guutuudhaan raggaasisan. 30 Innis xalayaawwan jechoota nagaa fi dhugaa taʼaniin barreeffaman kana Yihudoota koonyaawwan 127+ warra bulchiinsa Ahaashweros+ taʼan keessatti argaman hundumaatiif ni erge. 31 Xalayaawwan kunis kan ergaman, akkuma Mordekaay Yihudichii fi Asteer Mootittiin isaan ajajanitti,+ akkasumas akkuma Yihudoonni soomuu+ fi wawwaannaa dhiheessuu+ dabalatee wantoota kana raawwachuuf ofii isaaniis taʼe sanyiiwwan isaanii dirqama keessa galchanitti,+ guyyoonni Puuriim yeroo isaaniif murteeffametti akka kabajaman raggaasisuuf ture. 32 Ajajni Asteer kennite dhimmawwan Puuriimiin+ ilaallatan kana ni raggaasise; kunis kitaaba keessatti ni galmeeffame.

10 Ahaashweros Mootichi namoonni biyyattii fi odolawwan galaanichaa keessatti argaman hojii dirqamaa akka hojjetan dirqisiise.

2 Hojiiwwan isaa kanneen jajjaboo fi dinqisiisoo taʼan hundi, akkasumas seenaa balʼaan mootichi akkamitti Mordekaayiif+ ulfina guddaa akka kenne+ ibsu, kitaaba seenaa waaʼee bara+ mootota Meedonii fi Faarsi+ dubbatu keessatti barreeffamaniiru mitii? 3 Mordekaay Yihudichi Ahaashweros Mootichatti aansee nama sadarkaa lammaffaa qabu ture. Inni nama Yihudoota gidduutti iddoo guddaa qabuu fi obboloota isaa hedduu biratti kabajamaa taʼe ture. Kana malees, inni faayidaa saba isaatiif hojjechaa fi nageenya sanyiiwwan isaanii hundumaatiif falmaa* ture.

Namni kun Xaraksiis Tokkoffaa ilma Daariyos Guddichaa (Daariyos Hiistaaspis) akka taʼetti yaadama.

Ykn., “Kuush.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.

Ykn., “miʼa; kubbaayyaa.”

Ykn., “hin dhowwamu.”

Ykn., “marata.”

Ykn., “sirna.” Kal., “yeroo.”

Ykn., “bulchaa.”

Ykn., “akkaataa barreeffamaa.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “haa sukkuumaman.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

2Mo 24:8 irratti Yehoyaakiin jedhameera.

Ykn., “kunuunsituu.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaatti.”

Ykn., “jaalala isaa isa amanamaa.”

Ykn., “sukkuummaa ishiitii.”

Ykn., “Sukkuummaan.”

Zayitii urgaaʼaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.

Ykn., “sukkuummaa.”

Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.

Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Ykn., “jaalala isaa isa amanamaa.”

Ykn., “marata.”

Ykn., “shamarran.”

Kal., “harka irra kaaʼuuf.”

Ykn., “bakka Mordekaay buutee.”

Kal., “harka irra kaaʼuuf.”

Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn tarii, “Ani namoota hojii kana hojjetaniif taalaantii 10,000 mana kuusaa mootichaatti nan kaffala.”

Ykn., “akkaataa barreeffamaa.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “Susaa.”

Gara 22.3 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “hirribni mootichaa ni bade.”

Kal., “irra harka kaaʼuuf.”

Gara 22.3 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “Yihudoota irratti harka isaa waan diriirseef.”

Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Ykn., “akkaataa barreeffamaa.”

Ykn., “akkaataa barreeffamaa.”

Ykn., “lubbuu isaanii.”

Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Ykn., “Garagalchiin.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “Susaas.”

Kal., “ifa.”

Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “lubbuu isaaniitiif ni dhaabbatan.”

Ykn., “Susaa.”

“Puur” jechuun “Carraa” jechuu dha. Maqaan heddummina argisiisuu fi “Puuriim” jedhu, yeroo booda ayyaana Yihudootaa akka lakkoofsa guyyaa isa qulqulluutti jiʼa 12ffaatti kabajamu argisiisuuf itti hojjetamuu jalqabe. Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Kal., “sanyiiwwan isaanii hundumaatiif nagaa dubbachaa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi