HOSEʼAA
1 Bara mootota Yihudaa+ Ooziyaa,+ Yootaam,+ Akaazii+ fi Hisqiyaasitti,+ akkasumas bara mootii Israaʼel Yeroboʼaam+ ilma Yoʼaasitti+ dubbiin Yihowaa gara Hoseʼaa* ilma Beʼerii dhufe isa kana. 2 Yihowaan karaa Hoseʼaa dubbachuu yommuu jalqabetti, Yihowaan Hoseʼaadhaan, “Dhaqiitii dubartii sagaagaltuu* fuudhi; ishiinis sagaagalummaa* ishiitiin ijoollee siif ni deessi; sababiin isaas, sagaagalummaadhaan* kan kaʼe biyyattiin guutummaatti Yihowaa hordofuu irraa deebiteetti” jedhe.+
3 Kanaafuu, inni dhaqee Gomeer intala Diblaayim fuudhe; ishiinis ulfooftee ilma isaaf deesse.
4 Achiis Yihowaan akkana isaan jedhe: “Maqaa isaa Yezriʼel* jedhii moggaasi; sababiin isaas, ani yeroo muraasa booda dhiiga isaan Yezriʼelitti dhangalaasaniif mana Yehuu+ itti gaafatamaa nan godha; bulchiinsi mootummaa mana Israaʼelis akka hafu nan godha.+ 5 Ani guyyaa sanatti iddaa Israaʼel Sulula* Yezriʼel keessatti nan cabsa.”
6 Ishiin ammas ulfooftee intala deesse. Waaqayyos akkana jedhee isatti hime: “Maqaa ishii Lo Ruhaamaa* jedhii moggaasi; sababiin isaas, ani kana booda mana Israaʼelitti gara laafina hin argisiisu;+ ani dhugumaan isaan nan ariʼa.+ 7 Mana Yihudaatti garuu gara laafina nan argisiisa;+ ani Waaqni isaanii Yihowaan isaan nan oolcha;+ kanan isaan oolchu iddaadhaan yookiin goraadeedhaan yookiin waraanaan yookiin fardeeniin yookiin abbootii fardeeniitiin miti.”+
8 Ishiin erga Lo Ruhaamaa harma guustee booda ulfooftee ilma ni deesse. 9 Achiis Waaqayyo akkana jedhe: “Maqaa isaa Lo Aamii* jedhii moggaasi; sababiin isaas, isin saba koo miti, anis Waaqa keessan miti.
10 “Lakkoofsi saba* Israaʼel akkuma cirracha galaanaa isa safaramuu yookiin lakkaaʼamuu hin dandeenyee ni taʼa.+ Isaan bakkuma, ‘Isin saba koo miti’ itti jedhamanitti,+ ‘Ilmaan Waaqa jiraataa’ ni jedhamu.+ 11 Sabni Yihudaa fi sabni Israaʼel tokkummaadhaan walitti ni qabamu;+ ofii isaaniitiifis dura buʼaa tokko filatanii biyyattii keessaa ni baʼu; sababiin isaas, guyyaan Yezriʼel guddaa ni taʼa.+
2 “Obboloota keessaniin, ‘Saba koo!’*+
Obboleettota keessaniinis, ‘Yaa dubartii gara laafinni itti argisiifame!’* jedhaa.+
2 Haadha keessan himadhaa; eeyyee ishii himadhaa,
Sababiin isaas, ishiin haadha manaa koo miti,+ anis abbaa manaa ishii miti.
Ishiin sagaagalummaa* ishii of irraa,
Ejja ishiis harma ishii gidduudhaa haa balleessitu,
3 Taʼuu baannaan, akkuma guyyaa dhalatteetti qullaatti ishii nan hambisa,
Akka lafa onaa,
Biyya bishaan hin qabne ishii nan godha,
Dheebuudhaan akka duutus nan godha.
4 Ilmaan ishii ilmaan sagaagalummaa* waan taʼaniif,
Gara laafina isaanitti hin argisiisu.
5 Sababiin isaas, haati isaanii sagaagalummaa* raawwatteetti.+
Ishiin isaan ulfoofte gocha qaanessaa raawwatteetti;+
Ishiin, ‘Ani warra baayʼee na jaallatan,
Warra nyaata koo fi bishaan koo,
Uffata koo isa rifeensa hoolaa fi quncee talbaa irraa tolfame, akkasumas zayitii fi dhugaatii koo naaf kennan duukaa nan buʼa’ jetteetti.+
6 Kanaafuu, ani dallaa qoreetiin daandii ishii nan cufa;
Akka ishiin daandii ishii hin arganneefis
Dallaa dhagaa ishiitti nan ijaara.
7 Ishiin warra baayʼee ishii jaallatan duukaa ni buuti, garuu bira hin geessu;+
Isaan ni barbaaddi, garuu isaan hin argattu.
Achiis, ‘Jireenya koo isa ammaa irra jireenyi koo inni duraanii waan wayyuuf,+
Gara abbaa manaa koo isa jalqabaattan deebiʼa’ jetti.+
8 Ishiin midhaan, wayinii haaraa fi zayitii,
Akkasumas meetii hedduu fi warqii
Warra isaan waaqeffannaa Baʼaaliif itti fayyadaman+ kan ishiidhaaf kenne ana taʼuu koo hin hubanne.+
9 ‘Kanaafuu, ani nan deebiʼa, midhaan koo yeroo isaatti,
Wayinii koo isa haaraas waqtii isaatti ishii irraa nan fudhadha,+
Uffata koo isa rifeensa hoolaa fi quncee talbaa irraa tolfame isa ishiin qullaa ishii ittiin dhokfachaa turte sana ishii irraa nan buta.
10 Warri baayʼee ishii jaallatan utuma ishii ilaalanii qullaa ishii nan saaxila,
Namni harka koo jalaa ishii oolchus hin jiru.+
11 Ani gammachuu ishii,
Ayyaanota ishii,+ guyyoota baatii haaraa ishii, sanbatawwan ishii fi waqtiilee gammachuu ishii hundumaa nan hambisa.
12 Ani mukeetii wayinii ishii fi mukeetii harbuu ishii warra ishiin,
“Kanneen kun mindaa koo isa warri baayʼee na jaallatan naaf kennani dha” jettu sana nan balleessa;
Gara bosonaatti isaan nan jijjiira,
Bineensonni bosonaas isaan ni nyaatu.
13 Guyyoota ishiin fakkiiwwan Baʼaaliif aarsaa itti dhiheessaa turte,+
Yeroo ishiin amartiiwwanii fi faayawwan ishiitiin of miidhagsitee warra baayʼee ishii jaallatan duukaa itti buʼaa turte sanaaf akka itti gaafatamtu nan godha,
Ishiin kan irraanfatte ana dha’+ jedha Yihowaan.
14 ‘Kanaafuu, ani ishii nan amansiisa,
Gara lafa onaatti ishii nan geessa,
Dubbii garaa ishii tuqus ishiitti nan dubbadha.
15 Yeroo sanaa kaasee maasiiwwan wayinii ishii ishiidhaaf nan deebisa,+
Sululli* Akooris+ karra abdii ishiidhaaf ni taʼa;
Ishiin akka yeroo ijoollummaa ishiitti,
Akka yeroo biyya Gibxii keessaa baatetti achitti deebii naaf ni kenniti.+
16 Guyyaa sanatti, abbaa manaa koo jettee na waamta,
Sana booda gooftaa* koo jettee na hin waamtu’ jedha Yihowaan.
17 ‘Ani maqaawwan fakkiiwwan Baʼaal afaan ishii keessaa nan balleessa,+
Isaanis sana booda maqaa isaaniitiin hin yaadataman.+
18 Guyyaa sanatti ani isaaniif jedhee bineensota bosonaa wajjin,
Simbirroota samii fi uumamawwan lafa irra munyuuqanii wajjin kakuu nan gala;+
Iddaa, goraadee fi waraana biyyattii keessaa nan balleessa;+
19 Ani bara baraaf sin kaadhimadha;
Qajeelummaa fi haqaan,
Jaalala amanamaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha.+
20 Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha,
Atis dhugumaan Yihowaa ni beekta.’+
21 Yihowaan akkana jedha: ‘Guyyaa sanatti ani deebii nan kenna,
Samiiwwaniif deebii nan kenna,
Isaanis lafaaf deebii ni kennu;+
22 Lafti midhaaniif, wayinii haaraadhaaf, akkasumas zayitiidhaaf deebii ni kenniti;
23 Ani ofii kootiif akka sanyiitti lafa irratti ishii nan facaasa,+
Ishii gara laafinni itti hin argisiifamnetti* gara laafina nan argisiisa;
Warra saba koo hin taaneen,* “Isin saba koo ti”+ nan jedha;
Isaan immoo, “Ati Waaqa keenya”+ naan jedhu.’”
3 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Akkuma Yihowaan utuma isaan waaqolii kan birootti garagalanii+ fi bixxillee zabiibii* jaallatanii jiranii saba Israaʼel jaallatetti,+ dhaqiitii ammas dubartii dhiirri kan biraan jaallatee fi ejja raawwattu sana jaalladhu.”+
2 Kanaafuu, meetii sheeqilii 15 fi garbuu safartuu homeerii* tokkoo fi walakkaadhaan ishii nan bitadhe. 3 Achiis, “Guyyoota hedduudhaaf kan koo taatee jiraatta. Sagaagalummaa* hin raawwatin; nama kan biraa wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; anis sii wajjin hin raawwadhu” ishiidhaan nan jedhe.
4 Sababiin isaas, sabni Israaʼel yeroo dheeraadhaaf* mootii malee,+ bulchaa malee, aarsaa malee, utubaa waaqeffannaa malee, akkasumas efuudii+ fi siidaawwan taraafiimii*+ malee ni jiraatu. 5 Sana booda sabni Israaʼel deebiʼanii dhufanii Waaqa isaanii Yihowaa fi Daawit mootii isaanii+ ni barbaaddatu;+ isaan bara dhumaatti gaarummaa isaa argachuuf hollachaa gara Yihowaa ni dhufu.+
4 Yaa saba Israaʼel, dubbii Yihowaa dhagaʼaa,
Yihowaan jiraattota biyyattii wajjin falmii seeraa qaba;+
Sababiin isaas, biyyattii keessa dhugaan yookiin jaalalli amanamaan yookiin beekumsi Waaqayyoo hin jiru.+
2 Kakaan sobaa, sobnii+ fi ajjeechaan,+
Hannii fi ejji+ babalʼateera,
Namoonni yeroo hundumaa dhiiga warra kaanii ni dhangalaasu.+
3 Biyyattiin kan gadditu kanaafi;+
Warri ishii irra jiraatan hundi ni dhumu;
Bineensonni bosonaa fi simbirroonni samii,
Qurxummiiwwan galaanaa illee ni balleeffamu.
4 “Haa taʼu malee, isin akka namoota luba mormanii waan taataniif,+
Namni isin falmu yookiin ifatu hin jiru.+
5 Kanaafuu, isin guyyaa saafaa ni gufattu,
Raajonnis akka waan halkan taʼeetti isinii wajjin ni gufatu.
Ani haadha keessan nan callisiisa.*
6 Beekumsi waan hin jirreef, sabni koo ni callisiifamu.*
Isin beekumsa waan tuffattaniif,+
Anis luboota koo taatanii akka hin tajaajilleef isin nan tuffadha;
Isin seera* Waaqa keessanii waan irraanfattaniif,+
Anis ilmaan keessan nan irraanfadha.
7 Isaan hammuma baayʼachaa deeman caalaatti cubbuu na irratti hojjetaniiru.+
Ani ulfina isaanii gara salphinaatti nan jijjiira.*
8 Isaan yommuu sabni koo cubbuu hojjetu foon ni sooratu,
Sabichi caalaatti cubbuu akka hojjetus ni hawwu.*
9 Wanti sabicha irras taʼe lubicha irra gaʼu tokkuma;
Daandii isaaniitiif akka itti gaafataman nan godha,
Rakkina gocha isaaniitiin kan kaʼe dhufu isaanitti nan fida.+
10 Isaan ni nyaatu, garuu hin quufan.+
Halalummaa* ni raawwatu, garuu lakkoofsi isaanii hin dabalu.+
Sababiin isaas, isaan Yihowaadhaaf kabaja hin qaban.
11 Sagaagalummaan,* wayiniinii fi wayinii haaraan
Kakaʼumsa isaan wanta sirrii taʼe raawwachuuf qaban jalaa balleesseera.*+
12 Sabni koo waaqolii isaanii warra muka irraa tolfaman gorsa gaafatu,
Wanta uleen isaanii* isaanitti himus ni raawwatu;
Sababiin isaas, hafuurri sagaagalummaa* akka isaan karaa irraa jalʼatan godheera,
Sagaagalummaa* isaaniitiin kan kaʼes Waaqa isaaniitiif bitamuu didu.
13 Isaan fiixee gaarotaa irratti aarsaa dhiheessu,+
Tabbawwan irratti aarsaawwan aarsu,
Gaaddisni isaanii gaarii waan taʼeef,
Mukeetii qilxuu fi mukeetii libnaa,* akkasumas mukeetii guguddaa hundumaa jalatti+ akkana godhu.
Ijoolleen durbaa keessan sagaagalummaa* kan raawwatan,
Haadhotiin manaa ilmaan keessaniis ejja kan raawwatan kanaafi.
14 Ijoolleen durbaa keessan sagaagalummaa,*
Haadhotiin manaa ilmaan keessaniis ejja raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe ani isaan hin adabu.
Sababiin isaas, dhiironni dubartoota halalee duukaa buʼaniiru,
Sagaagaltoota mana qulqullummaa wajjinis aarsaa dhiheessaniiru;
Sabni hubannaa hin qabne+ akkanaa ni bada.
Gara Gilgaal+ yookiin gara Beet Aween+ hin dhufinaa,
‘Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!’+ jettaniis hin kakatinaa.
16 Sababiin isaas, Israaʼel akkuma qotiyyoo didaa, didaa taʼeera.+
Egaa Yihowaan akka xobbaallaa hoolaa iddoo dheedichaa* irra jiruutti isaan ni tiksaa?
17 Efreem waaqolii tolfamootti maxxaneera.+
Isa dhiisaa!
Bulchitoonni* ishii baayʼee salphina jaallatu.+
19 Bubbeen qoochoo isaa ishiitti ni mara,*
Isaanis aarsaawwan isaaniitti ni qaanaʼu.”
5 “Yaa luboota nana, kana dhagaʼaa,+
Yaa mana Israaʼel, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa,
Yaa mana mootichaa, dhagaʼaa,
Sababiin isaas, murtiin kun isin ilaallata;
Isin Misphaatti kiyyoo,
Taabor irrattis saaphana diriirfame taataniittu.+
2 Warri na irraa fagaatan* dhiiga dhangalaasuutti qabamaniiru,
Anis hunda isaanii nan akeekkachiisa.*
3 Ani Efreemiin beeka,
Israaʼelis na duraa hin dhokanne.
4 Gochi isaanii gara Waaqaatti akka deebiʼan isaaniif hin heyyamu,
Sababiin isaas, hafuurri sagaagalummaa* isaan gidduu jira;+
Isaan Yihowaadhaaf beekamtii hin kennan.
5 Koorri Israaʼel isa irratti* ragaa baʼeera;+
Israaʼelii fi Efreem balleessaa isaaniitiin gufataniiru,
Yihudaanis isaanii wajjin gufateera.+
6 Isaan bushaayee fi loon isaanii qabatanii Yihowaa barbaaddachuuf deeman,
Garuu isa argachuu hin dandeenye.
Inni isaan irraa fagaatee ture.+
7 Isaan Yihowaa gananiiru,+
Ilmaan orma taʼan dhalchaniiru.
Isaanis taʼan gaʼeen* isaanii jiʼa tokko gidduutti ni badu.
8 Gibeʼaa keessatti xurumbaa,* Raamaa keessattis malakata afuufaa!+
‘Yaa Biiniyaam, si hordofaa jirra!’ jedhaatii Beet Aween keessatti iyya waraanaa dhageessisaa!+
9 Yaa Efreem, guyyaa adabaatti wanta nama sodaachisu ni taata.+
Ani wanta dhugumaan gosoota Israaʼel gidduutti raawwatamu beeksiseera.
10 Bulchitoonni Yihudaa akka warra daangaa dhiibanii ti.+
Ani akkuma bishaaniitti dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa.
11 Efreem cunqurfameera, murtiidhaan caccabeera,
Sababiin isaas, inni diina isaa duukaa buʼuuf murteesseera.+
12 Kanaafuu, ani Efreemitti akka bilii,
Mana Yihudaattis akka daanawoo taʼeera.
13 Efreem dhukkuba isaa yommuu argu, Yihudaanis madaa isaa yommuu argu,
Efreem gara Asoor ni dhaqe,+ mootii guddichattis ergamtoota ni ergate.
Inni garuu isin fayyisuu hin dandeenye;
Madaa keessanis fayyisuu hin dandeenye.
14 Ani Efreemitti leenca saafela,
Mana Yihudaattis leenca cimaa nan taʼa.
15 Rakkina balleessaa isaaniitiin kan kaʼe dhufu hamma baatanitti ani nan deema; gara iddoo koottis nan deebiʼa,
Yommuu dhiphatanitti na barbaaddatu.”+
6 “Kottaa, gara Yihowaatti haa deebinu,
Inni nu ciccireera,+ taʼus nu fayyisa.
Nu rukuteera, taʼus madaa keenya nuuf hidha.
2 Inni guyyaa lama booda nu bayyanachiisa.
Guyyaa sadaffaatti ol nu kaasa,
Nutis isa duratti ni jiraanna.
3 Nuti Yihowaa ni beekna, isa beekuufis ni carraaqna.
Inni baʼuun isaa akkuma ifa barii kan hin oolle dha;
Inni akkuma bokkaatti,
Akkuma bokkaa arfaasaa isa lafa jiisuutti gara keenya ni dhufa.”
4 “Yaa Efreem, yoon maal si godhe wayya?
Yaa Yihudaa, yoon maal si godhe wayya?
Sababiin isaas, amanamummaan* keessan akkuma duumessa ganamaa,
Akkuma fixeensa dafee baduu ti.
5 Raajotatti fayyadamee kanan isaan kukkutu kanaafi;+
Dubbii afaan koo keessaa baʼuun isaan nan ajjeesa.+
Murtiin isaan irratti darbu akka ifaa calaqqisa.+
6 Sababiin isaas, ani aarsaatti utuu hin taʼin, jaalala amanamaattan* gammada,
Aarsaa guutummaatti gubamu mannaa beekumsa Waaqayyoottan gammada.+
7 Isaan garuu akka nama cubbamaatti kakuu koo cabsaniiru.+
Isaan achitti na gananiiru.
9 Waldaan lubootaa akkuma tuuta weerartootaa riphee nama eeggatuu ti.
Isaan daandii gara Sheekemitti geessu irratti nama ajjeesu,+
Amalli isaanii kan nama qaanessu dha.
10 Ani mana Israaʼel keessatti wanta suukanneessaa argeera.
11 Ati garuu yaa Yihudaa, yeroo ani saba koo warra boojiʼaman deebisee walitti qabutti,
Makarri si eeggata.”+
7 “Yeroo ani Israaʼeliin fayyisuuf jedhutti,
Balleessan Efreemii fi
Hamminni Samaariyaas ni saaxilama.+
Sababiin isaas, isaan gowwoomsaa raawwatu;+
Hattoonni cabsanii seenu, tuutni weerartootaas alaan weeraru.+
2 Haa taʼu malee, akka ani hammina isaanii hundumaa yaadadhu garaa isaaniitti hin yaadan.+
Amma gochi isaanii isaanitti marsee jira;
Isaan fuuluma koo dura jiru.
3 Hammeenya isaaniitiin mooticha,
Gowwoomsaa isaaniitiinis bulchitoota gammachiisu.
4 Hundi isaanii iyyuu ejjitoota dha,
Isaan akka iddoo ibiddaa namni daabboo tolchu ibidda itti qabsiiseetti bobaʼu,
Inni bukoo erga bukeessee booda hamma bukaaʼutti ibiddicha tuttuqachuu ni dhiisa.
5 Guyyaa mootii keenyaatti bulchitoonni ni dhukkubsatu;
Isaan daadhii wayiniitiin kan kaʼe aaraniiru.+
Inni qoostotaaf harka isaa diriirseera.
6 Garaan isaanii akka iddoo ibiddaatti ni bobaʼa.*
Namni daabboo tolchu halkan guutuu ni rafa;
Ganamas iddoon ibiddaa sun akka labooba ibiddaatti ni guba.
7 Hundi isaanii iyyuu akkuma iddoo ibiddaatti ni gubu,
Isaan bulchitoota* isaanii nyaatanii ni fixu.
8 Efreem saboota kaanitti ni makama.+
Efreem akkuma bixxillee hin garagalfamnee ti.
9 Namoonni ormaa humna isaa fixaniiru,+ inni garuu kana hin beekne.
Rifeensi isaa harrii taʼeera, inni garuu kana hin hubanne.
10 Koorri Israaʼel isuma irratti ragaa baʼeera,+
Isaan garuu gara Waaqa isaanii Yihowaatti hin deebine,+
Kana hundumaa booda illee isa hin barbaaddanne.
11 Efreem akkuma gugee* gowwaa hubannaa* hin qabnee ti.+
Isaan Gibxii ni waammatan;+ gara Asooris ni dhaqan.+
12 Bakka dhaqan hundatti saaphana koo isaan irratti nan diriirsa.
Akka simbirroota samiitti gad isaan nan buusa.
Akeekkachiisa yaaʼii isaaniitiif kenname irratti hundaaʼee isaan nan adaba.+
13 Isaan ana irraa waan baqataniif, isaaniif wayyoo!
Ana irratti balleessaa waan raawwataniif, badiisni isaanitti haa dhufu!
Ani isaan furuuf qophaaʼeen ture, isaan garuu na irratti soba dubbatan.+
14 Siree isaanii irratti kan wawwaatan taʼus,
Gargaarsa argachuuf garaadhaa na hin waammanne.+
Midhaanii fi wayinii haaraadhaaf jedhanii of mummuru;
Isaan ana irratti fincilaniiru.
15 Ani kanan isaan leenjisee fi irree isaanii cimse taʼus,
Isaan garuu wanta hamaa taʼe karoorfachuudhaan ana irratti kaʼaniiru.
16 Isaan daandii jijjiirrataniiru, garuu wanta fooyyaʼaatti miti;*
Isaan akkuma iddaa laafee kan hin amansiisne dha.+
Bulchitoonni isaanii arraba isaanii isa mormu sanaan kan kaʼe goraadeedhaan ni kufu.
Kanaan kan kaʼe isaan biyya Gibxii keessatti kan itti qoosamu ni taʼu.”+
8 “Xurumbaa afuufi!+
Isaan kakuu koo waan cabsaniif,+ seera koo irrattis cubbuu waan hojjetaniif,+
Diinni akka risaatti gara mana Yihowaatti dhufaa jira.+
2 Isaan, ‘Yaa Waaqa keenya, nuti Israaʼel si beekna!’+ jedhanii gara kootti iyyu.
3 Israaʼel wanta gaarii tuffateera.+
Diinni isa haa ariʼu.
4 Isaan mootota muudaniiru, garuu karaa koo miti.
Isaan bulchitoota muudaniiru, ani garuu beekamtii isaaniif hin kennine.
5 Yaa Samaariyaa, jabbiin kee tuffatameera.+
Dheekkamsi koo isaan irratti ni bobaʼa.+
Isaan hamma yoomiitti qulqulluu taʼuu dadhabu?
6 Sababiin isaas, kun Israaʼel irraa madde.
Kan isa tolche ogeessa harkaa ti malee Waaqa miti;
Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.
7 Isaan bubbee facaasu,
Obomboleettiis ni haammatu.+
Mukti midhaanii midhaan gaʼe baasu hin jiru;+
Wanta biqile irraa daakuun hin argamu.
Utuma firii argamsiisee illee namoota biyya ormaatu* nyaata.+
8 Israaʼel ni liqimfama.+
Isaan saboota gidduutti+
Akkuma miʼa hin barbaadamnee ni taʼu.
9 Sababiin isaas, isaan akkuma harree bosonaa kophaa jiraatuu gara Asooritti ol baʼaniiru.+
Efreem jaalaleewwan mindeeffateera.+
10 Isaan saboota gidduudhaa kan isaan mindeeffatan taʼus,
Ani walitti isaan nan qaba;
Isaan baʼaa mootichii fi bulchitoonni isaan irratti feʼaniin kan kaʼe ni dhiphatu.+
11 Sababiin isaas, Efreem cubbuu hojjechuuf iddoo aarsaa baayʼifateera.+
Isaan iddoo aarsaa inni cubbuu ittiin hojjetu isaaf taʼaniiru.+
12 Ani seera* hedduu isaaf barreesseen ture,
Haa taʼu malee, akka waan keessummaa taʼanitti ilaalaman.+
13 Isaan kennaawwan aarsaadhaaf taʼan ni dhiheessu, foonichas ni nyaatu,
Yihowaan garuu isaanitti hin gammadu.+
Amma inni balleessaa isaanii ni yaadata; cubbuu isaaniitiifis isaan ni adaba.+
Isaan gara Gibxiitti deebiʼaniiru.*+
14 Israaʼel Uumaa isaa irraanfateera,+ manneen qulqullummaas ijaarrateera,+
Yihudaan magaalota dallaa dhagaa qaban baayʼifateera.+
Haa taʼu malee, ani magaalota isaatti ibidda nan erga,
Innis masaraawwan tokkoon tokkoon isaanii gubee ni fixa.”+
9 “Yaa Israaʼel, hin gammadin,+
Akka sabootaa hin gammadin.
Sababiin isaas, ati sagaagalummaadhaan* Waaqa kee irraa fagaatteetta.+
Mindaa sagaagaltuu isa oobdii midhaanii hundumaa irratti argattu jaallatteetta.+
2 Haa taʼu malee, oobdiin midhaanii fi iddoon wayinii itti cuunfan isaan hin sooru,
Daadhii wayinii haaraas hin argatan.+
3 Isaan biyya Yihowaa keessa jiraachuu isaanii itti hin fufan;+
Kanaa mannaa, Efreem gara Gibxiitti ni deebiʼa,
Isaan Asoor keessatti wanta xuraaʼaa ni nyaatu.+
4 Isaan kana booda Yihowaadhaaf aarsaa daadhii wayinii hin dhangalaasan;+
Aarsaan isaanii isa hin gammachiisu.+
Isaan akka nyaata warra gaddaa ti;
Warri isa nyaatan hundi of xureessu.
Nyaanni isaanii isaaniif* qofa taʼa;
Gara mana Yihowaatti hin fidamu.
5 Guyyaa walgaʼii keessaniitti,*
Guyyaa Yihowaadhaaf ayyaanni kabajamutti maal gootu?
6 Kunoo, isaan badiisichaan kan kaʼe baqachuu qabu.+
Gibxiin walitti isaan ni qabdi,+ Memfiis isaan awwaalti.+
Miʼawwan meetii isaanii warra gatii guddaa qaban doobbiin ni dhaala,
Dunkaana isaanii keessattis harangamaan* ni biqila.
Raajiin isaanii gowwaa ni taʼa, namni geggeessaa hafuuraatiin dubbatus ni maraata;
Balleessaan kee baayʼee waan taʼeef, jibbi si irra gaʼu ni baayʼata.”
8 Eegduun+ Efreem Waaqa koo bira ture.+
Amma garuu daandiin raajota isaa hundi+ akkuma kiyyoo isa simbira qabatuu ti;
Mana Waaqa isaa keessa jibbi jira.
9 Akkuma yeroo Gibeʼaatti taʼe sanaa isaan guutummaatti mancaʼaniiru.+
Inni balleessaa isaanii ni yaadata, cubbuu isaaniitiifis isaan adaba.+
10 “Ani akkuma firii wayinii lafa onaa keessa jiruutti Israaʼeliin nan argadhe.+
Akkuma firii harbuu jalqabaa muka harbuu irra jiruutti abbootii keessan nan arge.
Isaan garuu gara Baʼaal isa Pheʼor ni dhaqan;+
Wanta qaanessaa taʼeef of ni murteessan,+
Akkuma wanta* qaanessaa jaallatan sanaattis balfamoo ni taʼan.
11 Ulfinni Efreem akkuma simbirrootti barrisee ni bada;
Daʼuun, ulfaaʼuunis taʼe, garaatti baachuun hin jiru.+
12 Utuma ijoollee guddisanii illee,
Ijoollee malee isaan nan hambisa, namni tokko illee isaaniif hin hafu;+
Eeyyee, yommuun isaan irraa garagalu isaaniif wayyoo!+
13 Efreem inni iddoo dheedichaa keessa dhaabame anaaf akkuma Xiirosi;+
Amma Efreem ilmaan isaa qalmaaf haa fidu.”
14 Yaa Yihowaa, wanta isaaniif kennamuu qabu isaaniif kenni;
Gadameessa ulfi irraa baʼuu fi harma gogaa* isaaniif kenni.
15 “Hamminni isaanii hundi Gilgaal keessatti argama,+ sababiin isaas, ani achitti isaan jibbeera.
Gocha isaanii isa hamaadhaan kan kaʼe mana koo keessaa isaan nan ariʼa.+
Ani kana booda isaan hin jaalladhu;+
Bulchitoonni isaanii hundi mata jabeeyyii dha.
16 Efreem ni rukutama.+
Hiddi isaanii ni goga, isaan firii hin godhatan.
Utuma ijoollee godhatanii illee ijoollee isaanii warra jaallatan jalaa nan ajjeesa.”
17 Waaqni koo isaan ni dhiisa,
Sababiin isaas, isaan isa hin dhageenye,+
Isaan saboota gidduutti baqattoota ni taʼu.+
10 “Israaʼel muka wayinii mancaʼaa* jiruu fi firii godhatu dha.+
Hammuma firiin isaa baayʼachaa deemu, iddoowwan aarsaa isaas ni baayʼifate;+
Hammuma lafti isaa oomisha gaarii kennu, utubaawwan waaqeffannaa isaas caalaatti ni bareeche.+
2 Garaan isaanii fakkeessituu* dha;
Egaa isaan yakkamtoota ni taʼu.
Iddoowwan aarsaa isaanii kan caccabsuu fi utubaawwan waaqeffannaa isaanii kan diigu tokko jira.
3 Isaan, ‘Nuti Yihowaa waan hin sodaanneef, mootii hin qabnu.+
Mootiin maal nuuf gochuu dandaʼa?’ jedhu.
4 Isaan dubbii gatii hin qabne dubbatu, sobaan ni kakatu,+ kakuus ni galu;
Kanaafuu, murtiin dhufu akkuma aramaa summaaʼaa boʼoo maasii keessa jiruu ti.+
5 Jiraattonni Samaariyaa waaqa tolfamaa Beet Aween isa jabbii fakkaatu sanaaf ni sodaatu.+
Sabichis taʼe luboonni waaqa ormaa warri isattii fi ulfina isaatti gammadan,
Isaaf ni booʼu,
Sababiin isaas, inni boojuudhaan isaan irraa ni fudhatama.
6 Inni gara Asooritti geeffamee akka kennaatti mootii guddaa tokkoof ni kennama.+
Efreem ni salphata,
Israaʼelis gorsa hordofeen kan kaʼe ni qaanaʼa.+
7 Akkuma damee fottoqfamee bishaan irratti gatameetti,
8 Iddoowwan ol kaʼoon Beet Aween+ warri Israaʼel cubbuu akka hojjetu+ godhan haxaaʼamanii ni balleeffamu.+
Iddoowwan aarsaa isaanii irratti qoreenii fi sokorruun ni biqila.+
Namoonni gaarotaan, ‘Nu dhoksaa!’
Tabbawwaniinis, ‘Nu irratti jigaa!’ jedhu.+
9 Yaa Israaʼel, ati bara Gibeʼaa irraa eegalee cubbuu hojjetteetta.+
Isaan akkuma sanatti itti fufaniiru.
Waraanni ilmaan jalʼinaa Gibeʼaa keessa jiran hin balleessine.*
10 Ani yeroon barbaadetti isaan nan adaba.
Balleessaan isaanii lamaan yommuu isaan irratti feʼaman,*
Namoonni isaan irratti walitti ni qabamu.
11 Efreem goromsa leenjifamtee fi midhaan siribsiisuu jaallattu dha;
Kanaafuu, ani morma ishii isa bareedaa irra waanjoo hin keenye.
Amma namni tokko Efreemiin akka gulufu* nan godha.+
Yihudaan ni qota; Yaaqoob isaaf ni bulleessa.
12 Ofii keessaniif qajeelummaadhaan sanyii facaafadhaatii jaalala amanamaa galfadhaa.
Lafa isa qotiisaaf taʼu qotadhaa,+
Hamma inni dhufee qajeelummaadhaan isin barsiisutti,+
Yeroon utuu isinitti hin darbin Yihowaa barbaaddadhaa.+
13 Isin garuu hammina qottanii
Jalʼina galfattan,+
Firii gowwoomsaas ni nyaattan;
Sababiin isaas, isin daandii mataa keessaniitti,
Loltoota keessan warra hedduu taʼanitti amanamtaniittu.
14 Akkuma badiisa isa Shaalmaan mana Arbeel irratti geessiseetti,
Akkuma guyyaa waraanaa isa haadhotiin ijoollee isaanii wajjin itti caccabsamanitti,
Saba keessan irratti jeequmsi ni kaʼa,
Magaalonni keessan warri dallaa dhagaa qaban hundis ni balleeffamu.+
15 Yaa Beetel, hamminni kee hedduu waan taʼeef, kun si irratti ni raawwatama.+
Mootiin Israaʼel dhugumaan bariidhaan ni balleeffama.”*+
Fakkiiwwan Baʼaaliif aarsaa dhiheessuu isaanii ittuma fufan,+
Fakkiiwwan bocamaniifis aarsaa ni dhiheessan.+
3 Haa taʼu malee, kaasuutti* isaan baadhee,+ Efreem akka deemu kan barsiise ana ture;+
Isaan garuu akkan isaan fayyise amananii hin fudhanne.
4 Wadaroo namootaatiin,* funyoo jaalalaatiin isaan harkisuu koo ittuman fufe;+
Ani isaaniif akka nama morma* isaanii irraa waanjoo kaasuu nan taʼe,
Gaarummaadhaanis tokkoon tokkoon isaaniitiif nyaata nan fide.
5 Isaan gara biyya Gibxiitti hin deebiʼan, taʼus Asoor mootii isaanii ni taʼa;+
Sababiin isaas, isaan gara kootti deebiʼuu didaniiru.+
6 Goraadeen magaalota isaa irra ni naannaʼa,+
Danqaraawwan isaa ni balleessa, haxxummaa isaaniitiin kan kaʼe isaan ni fixa.+
7 Sabni koo anaaf amanamoo taʼuu diduuf kutataniiru.+
Isaan gara oliitti* yoo isaan waaman iyyuu, kan ol kaʼe hin jiru.
8 Yaa Efreem, akkamittan si dhiisuu dandaʼa?+
Yaa Israaʼel, akkamittan dabarsee si kennuu dandaʼa?
Akkamittan akka Admaa si gochuu dandaʼa?
Akkamittan akka Zeboʼiim si gochuu dandaʼa?+
9 Ani dheekkamsa koo isa bobaʼu hin dhangalaasu.
Lammata Efreemiin hin balleessu,+
Sababiin isaas, ani Waaqa dha malee nama miti,
Ani Isa Qulqulluu si gidduu jiru dha;
Aariidhaan sitti hin dhufu.
10 Isaan Yihowaa duukaa ni buʼu, innis akka leencaatti ni barooda;+
Yommuu inni baroodu, ilmaan isaa hollachaa dhiha irraa ni dhufu.+
11 Isaan yommuu Gibxii keessaa baʼan akka simbirrootti,
Yommuu biyya Asoor keessaa baʼanis akka gugeetti ni hollatu;+
Manneen isaanii keessa isaan nan jiraachisa” jedha Yihowaan.+
12 “Efreem sobaan,
Manni Israaʼelis gowwoomsaadhaan natti marsaniiru.+
Yihudaan garuu amma iyyuu Waaqaa wajjin deema,*
Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu sanaafis amanamaa dha.”+
12 “Efreem bubbee soorachaa jira.
Inni bubbee bahaa ariʼaa oola.
Sobaa fi jeequmsa baayʼisaa jira.
Isaan Asoorii wajjin kakuu galaniiru,+ gara Gibxiittis zayitii geessu.+
2 Yihowaan Yihudaa irratti falmii seeraa qaba;+
Yaaqoobiin akka daandiiwwan isaatti ni adaba,
Akka gocha isaattis isaaf ni deebisa.+
3 Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa ni qabate,+
Jabina isaatiinis Waaqayyoo wajjin waldhaansoo ni qabe.+
4 Inni maleekaa tokkoo wajjin waldhaansoo qabuu isaa itti fufe, achiis ni moʼe.
Booʼee eebba argachuuf ni kadhate.”+
Inni Beetelitti isa argate, achittis nutti ni dubbate,+
5 Yihowaan Waaqa Raayyaa ti,+
Yihowaan maqaa inni ittiin yaadatamu dha.+
6 “Kanaafuu, gara Waaqa keetti deebiʼi,+
Jaalala amanamaa fi haqaan deddeebiʼi,+
Yeroo hundumaas Waaqa kee abdadhu.
7 Haa taʼu malee, harka daldaltuu keessa madaalliin sobaa jira;
Inni nama gowwoomsuu ni jaallata.+
Wantan itti dadhabee argadhe hundumaa keessaa dogoggora yookiin cubbuu tokko illee hin argatan’ jechaa jira.
9 Haa taʼu malee, ani biyya Gibxii irraa jalqabee Waaqa kee Yihowaa dha.+
Akkuma guyyoota ayyaanaatti,*
Ammas dunkaanota keessa akka jiraattu nan godha.
10 Ani raajotatti nan dubbadhe,+
Mulʼatawwan isaanii nan baayʼise,
Karaa raajotaas fakkeenya nan dubbadhe.
11 Giiliyaad keessa gowwoomsaa*+ fi sobatu jira.
Gilgaal keessatti qotiyyoowwan aarsaa godhaniiru,+
Iddoowwan aarsaa isaaniis akka tuullaa dhagaa boʼoowwan maasii keessa jiruu ti.+
12 Yaaqoob gara naannoo* Aaraamitti*+ baqate;
Israaʼel+ haadha manaa argachuuf achitti ni tajaajile,+
Haadha manaa argachuuf jedhee hoolota ni tikse.+
13 Yihowaan raajii tokkotti fayyadamee Israaʼeliin Gibxii keessaa ni baase,+
Inni karaa raajii tokkoo eegumsa isaaf ni godhe.+
14 Efreem Waaqayyoon baayʼee ni dheekkamsiise;+
Yakki inni dhiiga dhangalaasuudhaan raawwate isuma irra ni taʼa;
Gooftaan isaa arrabsoo isaatiif gatii isaa isaaf ni deebisa.”+
13 “Yommuu Efreem dubbatu namoonni ni hollatu turan;
Inni Israaʼel keessatti beekamaa ture.+
Haa taʼu malee, Baʼaalii wajjin haala wal qabateen yakkamaa ni taʼe,+ achiis ni duʼe.
2 Ammas isaan cubbuu isaanii irratti dabaluudhaan
Meetii isaanii irraa siidaawwan sibiilaa* tolfataniiru;+
Waaqolii tolfamoo ogummaadhaan ni tolfatu, hundi isaanii iyyuu hojii ogeeyyii harkaa ti.
Achiis, ‘Namoonni aarsaa dhiheessan jabbilee haa dhungatan’+ isaaniin jedhu.
3 Kanaafuu, isaan akkuma duumessa ganamaa,
Akkuma fixeensa dafee baduu,
Akkuma habaqii bubbeen oobdii irraa fuudhee sokkuu,
Akkuma aara qaawwa baaxii keessaa baʼuus ni taʼu.
4 Haa taʼu malee, ani biyya Gibxii irraa kaasee Waaqa kee Yihowaa dha;+
Ati ana malee Waaqa kan biraa hin beektu turte,
Ana malee fayyisaan hin jiru.+
5 Ani lafa onaa, biyya gogaa taʼe keessattan xiyyeeffannaa siif kenne.+
6 Isaan bakka dheedichaa isaanii irratti ni quufan;+
Waan quufaniifis garaan isaanii of tuule.
Kanaan kan kaʼes isaan na irraanfatan.+
7 Ani akka leenca saafelaa,+
Akka qeerransa daandii biratti riphee eeggatuu isaanitti nan taʼa.
8 Ani akkuma amaaketa ilmoolee ishii dhabdeetti isaanitti nan dhufa,
Laphee isaaniis* nan tarsaasa.
Achitti akka leencaatti isaan nan nyaadha;
Bineensi bosonaas isaan ni ciccira.
9 Yaa Israaʼel, inni si balleessa;
Sababiin isaas, ati ana irratti, eeyyee, gargaaraa kee irratti kaateetta.
10 Ati, ‘Mootii fi bulchitoota naa kenni’ jettee turte,+
Maarree, magaalota kee hundumaa keessatti akka si oolchuuf mootiin kee meerre?
Bulchitoonni* kee hoo meerre?+
11 Ani dheekkamsa kootiin mootii siif kenneen ture,+
Aarii koo isa guddaadhaanis achii isa nan kaasa.+
12 Balleessaan Efreem maramee kaaʼameera;
Cubbuun isaas kuufameera.
13 Ciniinsuun daʼumsaa isatti ni dhufa.
Inni garuu daaʼima ogummaa hin qabne dha;
Yeroon itti dhalatu yommuu gaʼu dhalachuu hin barbaanne.
Yaa Duʼaa, ilkeen kee meerre?+
Yaa Awwaalaa, badiisni ati geessistu meerre?+
Gara laafinni ija koo duraa ni dhokata.
15 Inni shomboqqoo gidduutti yoo dagaage illee,
Bubbeen bahaa, eeyyee, bubbeen Yihowaa ni dhufa,
Boolla bishaanii isaa fi burqaa bishaanii isaa gogsuuf lafa onaa irraa ni dhufa.
Manni kuusaa isaa inni miʼawwan isaa warra gatii guddaa qaban hundumaatiin guutame ni saamama.+
16 Samaariyaan Waaqa ishii irratti waan fincilteef,+ yakka ishiitiif itti gaafatamti.+
Isaan goraadeedhaan ni kufu,+
Ijoolleen isaanii ni caccabsamu,
Dubartoonni isaanii warri ulfaas garaan isaanii ni tarsaafama.”
14 “Yaa Israaʼel, gara Waaqa kee Yihowaatti deebiʼi,+
Ati balleessaa keetiin kan kaʼe gufatteetta.
2 Gara Yihowaatti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa:
‘Balleessaa keenya nuuf dhiisi,+ wanta gaarii siif dhiheessinus fudhadhu,
Akkuma jibicha aarsaa goonee dhiheessinutti jajannaa afaan keenyaa siif ni dhiheessina.*+
3 Asoor nu hin oolchu.+
Nuti fardeen hin gulufnu,+
Kana boodas hojii harka keenyaatiin, “Yaa Waaqa keenya!” hin jennu,
Sababiin isaas, ati mucaa abbaa hin qabnetti gara laafina ni argisiista.’+
4 Ani isaan nan fayyisa, isaanis kana booda amanamummaa isaanii hin dhiisan.+
5 Ani Israaʼeliif akka fixeensaa nan taʼa;
Inni akka abaabootti ni daraara,
Akka muka Libaanonitti hidda isaa gad ni fageeffata.
6 Latiiwwan isaa ni dagaagu,
Bareedinni isaa akka kan muka ejersaa,*
Urgaan isaas akka urgaa muka Libaanon ni taʼa.
7 Isaan ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala ni jiraatu.
Isaan midhaan ni biqilchu, akkuma muka wayiniis ni latu.+
Beekamtiin* isaa akkuma daadhii wayinii Libaanon ni taʼa.
8 Efreem, ‘Kana booda waaqolii tolfamoo irraa maalan qaba?’+ jedha.
Ani deebii isaaf nan kenna, eegumsas isaaf nan godha.+
Akka muka birbirsaa lalisaa jiruu nan taʼa.
Firiin kee ana irraa ni argama.”
9 Ogeessi eenyu? Inni wantoota kana haa hubatu.
Hubataan eenyu? Inni wantoota kana haa beeku.
Daandiiwwan Yihowaa qajeeloo dha,+
Namoonni qajeeloon isaan irra ni deemu;
Warri balleessaa raawwatan garuu isaan irratti ni gufatu.
Maqaan Hoshaayaa gabaabaatti yommuu barreeffamu; “Yaah Isa Fayyise; Yaah Fayyiseera” jechuu dha.
Ykn., “addaggee; halalee.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaadhaan; halalummaadhaan.”
“Waaqayyo Sanyii ni Facaasa” jechuu dha.
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
“Gara Laafinni kan Itti hin Argisiifamne” jechuu dha.
“Saba Koo Miti” jechuu dha.
Kal., “ilmaan.”
Milj. Hos 1:9 ilaali.
Milj. Hos 1:6 ilaali.
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaan.”
Ykn., “Baʼaal.”
Ykn., “jiraatanis.”
“Waaqayyo Sanyii ni Facaasa” jechuu dha.
Milj. Hos 1:6 ilaali.
Milj. Hos 1:9 ilaali.
Bixxillee zabiibii waaqeffannaa sobaatiif oolu argisiisa.
Homeeriin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Kal., “guyyoota hedduudhaaf.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Ykn., “nan balleessa.”
Ykn., “ni balleeffamu.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn tarii, “Isaan ulfina koo gara salphinaatti jijjiiraniiru.”
Ykn., “lubbuun isaanii ni hawwa.” Ibsa Jechootaa jalaa, “Lubbuu” ilaali.
Ykn., “Sagaagalummaa.”
Ykn., “Addaggummaan; Halalummaan.”
Kal., “Garaa jalaa fudhateera.”
Ykn., “uleen nama hooda dubbatuu.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Muka abaaboo adii urgaa gaarii qabu baasu.
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Kal., “iddoo balʼaa.”
Ykn., “dhugaatiin isaanii qamadii irraa tolfame.”
Ykn., “sagaagalummaa ni raawwatu.”
Kal., “Gaachanoonni.”
Ykn., “qoochoo isaatiin haxaaʼee ishii ni balleessa.”
Ykn., “Finciltoonni.”
Ykn., “nan gorsa.”
Ykn., “sagaagalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Kal., “fuula isaatti.”
Ykn., “maasiin.”
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Kal., “fuula.”
Ykn., “jaalalli amanamaan.”
Ykn., “gara laafinattan.”
Ykn tarii, “Isaan haxxummaa isaaniitiin yommuu dhihaatan garaan isaanii akka iddoo ibiddaa ti.”
Kal., “abbootii murtii.”
Ykn., “makoodii; andarii.”
Kal., “garaa.”
Jechuunis, waaqeffannaa ol aanaatti miti.
Ykn., “keessummootatu.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn tarii, “ni deebiʼu.”
Ykn., “addaggummaadhaan; halalummaadhaan.”
Ykn., “lubbuu isaaniitiif.”
Ykn., “affeerraa keessanii isa murteeffametti.”
Jechuunis, muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.
Ykn., “waaqa.”
Ykn., “shuntuure.”
Ykn tarii, “dagaagaa.”
Ykn., “kan mucucaatu; laafaa.”
Kal., “ni callisiifamu.”
Kal., “bira hin geenye.”
Jechuunis, yommuu adaba isaanii akka waanjootti baatan.
Ykn., “Efreem irratti miʼa fardaa akka feʼu.”
Kal., “ni callisiifama.”
Jechuunis, raajotaa fi namoota Israaʼeliin barsiisuuf ergaman kaan.
Kaasuutti baachuun harkaa fi irree gidduutti baachuu argisiisa.
Ykn., “Wadaroo gaarummaatiin,” akka wadaroo abbaa ykn haadhaa.
Kal., “mangaagaa.”
Jechuunis, iddoo waaqeffannaa ol kaʼaa taʼetti.
Kal., “hoʼee.”
Ykn., “joora.”
Kal., “Akkuma guyyoota yeroo murteeffamaniitti.”
Ykn., “iccitii.”
Kal., “dirree.”
Ykn., “Sooriyaatti.”
Ykn., “siidaawwan baqfamanii tolfaman.”
Kal., “Dallaa onnee isaanii.”
Kal., “Abbootiin murtii.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Nutis jiboota hidhii keenyaa ni dhiheessina.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Kal., “Yaadannoon.”