AMOOS
1 Bara Ooziyaa+ mootii Yihudaattii fi bara Yeroboʼaam+ ilma Yoʼaas+ mootii Israaʼelitti, kirkirri lafaa uumamuu isaa waggaa lama dura,+ dubbiin Israaʼeliin ilaalchisee Amoos* isa namoota Teqoohaa+ warra hoolota horsiisan keessaa tokko taʼetti mulʼataan himame isa kana. 2 Inni akkana jedhe:
“Yihowaan Xiyoon keessaa ni barooda,
Yerusaalem keessaas sagalee isaa guddisee ni dhageessisa.
Iddoowwan dheedichaa tiksitootaa ni gaddu,
Fiixeen Qarmeelosis ni goga.”+
3 “Yihowaan akkana jedha:
‘“Fincila* Damaasqoon siʼa sadii, eeyyee, siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;
Sababiin isaas, isaan konkolaataa sibiilaa ittiin midhaan siribsiisan* Giiliyaad irra deemsisaniiru.+
4 Kanaafuu, ani mana Hazaaʼel irratti ibidda nan erga,+
Innis masaraawwan Benhadaad warra ciccimoo ni nyaata.+
5 Ani danqaraawwan Damaasqoo nan cabsa;+
Jiraattota Biqaat Aweenii fi
Isa Beet Eedan keessa taaʼee bulchu* sana nan balleessa;
Namoonni Sooriyaas boojuudhaan gara Qiiritti ni fudhatamu”+ jedha Yihowaan.’
6 Yihowaan akkana jedha:
‘“Fincila Gaazaan siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;
Sababiin isaas, isaan guutummaa sabichaa boojiʼanii+ Edoomitti dabarsanii kennaniiru.
7 Kanaafuu, ani dallaa Gaazaa irratti ibidda nan erga,+
Innis masaraawwan ishii warra ciccimoo ni nyaata.
8 Ani jiraattota Ashdoodii+ fi
Isa Ashqaloon+ keessa taaʼee bulchu* sana nan balleessa;
Harka koo Eqroon+ irratti nan kaasa,
Filisxeemonni hafanis ni dhumu”+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.’
9 Yihowaan akkana jedha:
‘Fincila Xiiros siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;
Sababiin isaas, isaan guutummaa sabichaa boojiʼanii Edoomitti dabarsanii kennaniiru,
Kakuu obbolummaas hin yaadanne.+
10 Kanaafuu, ani dallaa Xiiros irratti ibidda nan erga,
Innis masaraawwan ishii warra ciccimoo ni nyaata.’+
11 Yihowaan akkana jedha:
‘Fincila Edoom siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwateen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;
Sababiin isaas, inni obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeera,+
Gara laafina argisiisuus dideera;
Aarii isaatiin garaa jabaatee isaan ciccireera,
Isaanitti dheekkamuu isaas ittuma fufe.+
12 Kanaafuu, ani Temaan+ irratti ibidda nan erga,
Innis masaraawwan Boozraa warra ciccimoo taʼan ni nyaata.’+
13 Yihowaan akkana jedha:
‘“Fincila Amoononni siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwataniin kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;
Sababiin isaas, isaan naannoo isaanii balʼifachuuf jedhanii garaa dubartoota ulfaa Giiliyaad tarsaasaniiru.+
14 Kanaafuu, ani dallaa Raabaatti ibidda nan qabsiisa,+
Innis masaraawwan ishii warra ciccimoo ni nyaata,
Guyyaa waraanaatti iyyi waraanaa ni dhagaʼama,
Guyyaa obomboleettiitti bubbeen cimaan ni taʼa.
15 Mootiin isaaniis bulchitoota isaa wajjin boojuudhaan ni fudhatama”+ jedha Yihowaan.’
2 “Yihowaan akkana jedha:
‘“Fincila* Moʼaab siʼa sadii,+ eeyyee siʼa afur raawwateen kan kaʼe, ani murtoo koo hin jijjiiru;
Sababiin isaas, inni nooraadhaaf jedhee lafee mootii Edoom gubeera.
2 Kanaafuu, ani Moʼaabitti ibidda nan erga,
Innis masaraawwan Qeriyoot warra ciccimoo ni nyaata;+
Moʼaab iyya waraanaa fi sagalee xurumbaatiin,*
Jeequmsa keessatti ni duʼa.+
3 Ani ishii keessaa bulchaa* nan balleessa,
Ajajjoota ishii hundumaas isaa wajjin nan ajjeesa”+ jedha Yihowaan.’
4 Yihowaan akkana jedha:
‘Fincila Yihudaan siʼa sadii,+ eeyyee siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani murtoo koo hin jijjiiru;
Sababiin isaas, isaan seera* Yihowaa tuffataniiru,+
Dambiiwwan isaas hin eegne;
Haa taʼu malee, sobni abbootiin isaanii duukaa buʼan sun karaa irraa isaan jalʼiseera.+
5 Kanaafuu, ani Yihudaatti ibidda nan erga,
Innis masaraawwan Yerusaalem warra ciccimoo ni nyaata.’+
6 Yihowaan akkana jedha:
‘Fincila Israaʼel siʼa sadii,+ eeyyee siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani murtoo koo hin jijjiiru;
Sababiin isaas, isaan meetiidhaaf jedhanii isa qajeelaa,
Kophee cimdii tokkoof jedhaniis isa hiyyeessa gurguru.+
Abbaa fi ilmi intala takka wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaan
Maqaa koo isa qulqulluu xureessu.
8 Isaan uffata liqiidhaaf qabsiisa godhanii fudhatan+ iddoo aarsaa hundumaa biratti afatanii ciisu;+
Maallaqa adabaan fudhataniin daadhii wayinii bitatanii mana* waaqolii isaaniitti dhugu.’
9 ‘Haa taʼu malee, Amooricha isa akka gaattiraa dheeratuu fi akka qilxuu cimaa taʼe sana
Isaan duratti kan balleesse ana ture;+
Ani firii isaa isa oliis taʼe hidda isaa isa gadii mancaaseera.+
10 Biyya Amoorichaa akka dhaaltaniif,
Biyya Gibxii keessaa isin baasee,+
Lafa onaa keessa waggaa 40f akka deemtan godheera.+
11 Ilmaan keessan keessaa tokko tokko raajota,+
Dargaggoota keessan keessaa tokko tokko immoo Naazrota godhee kaaseera.+
Yaa saba Israaʼel, ani kana hin goonee?’ jedha Yihowaan.
12 ‘Isin garuu akka dhuganiif Naazrotaaf daadhii wayinii ni kennitan,+
Raajotas, “Raajii hin dubbatinaa” jettanii ajajjan.+
13 Kanaafuu, akkuma gaariin midhaan haamame irratti feʼame wanta isa jala jiru caccabsu,
Ani iddoo keessan irratti isin nan caccabsa.
14 Inni saffisa qabu iddoo itti baqatu hin argatu,+
Inni cimaan humna isaa akkuma qabatetti itti hin fufu,
Loltuun lubbuu isaa oolfatus hin jiraatu.
15 Inni xiyya darbatu iddoo isaa irra hin dhaabbatu,
Inni saffisaan fiigu hin miliqu,
Abbaan fardaas lubbuu isaa hin oolfatu.
16 Inni loltoota hundumaa keessaa onnataa taʼe illee
Guyyaa sanatti qullaa isaa baqata’+ jedha Yihowaan.”
3 “Yaa saba Israaʼel, dubbii Yihowaan waaʼee keessan, eeyyee, guutummaa maatii inni biyya Gibxii keessaa baase ilaalchisee dubbate kana dhagaʼaa:
2 ‘Ani guutummaa maatiiwwan lafaa keessaa kanan beeke isin qofa dha.+
Balleessaa keessan hundumaatiif kanan isin gaafadhu kanaafi.+
3 Namoonni lama wal arguuf utuu walii hin galin* wajjin ni deemuu?
4 Leenci bosona keessatti wanta adamsu utuu hin argatin ni baroodaa?
Leenci saafelli homaa utuu hin qabatin holqa isaa keessaa ni gururiʼaa?
5 Simbirroon kiyyoon* utuu ishiidhaaf hin kaaʼamin, kiyyoo lafa irra jiruun ni qabamtii?
Kiyyoon utuu homaa hin qabatin lafa irraa ni futtaʼaa?
6 Magaalaa keessatti xurumbaan yoo afuufame, namoonni hin sodaatanii?
Magaalaa keessatti badiisni yoo gaʼe, badiisicha kan fide Yihowaa mitii?
7 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan iccitii isaa raajota warra tajaajiltoota isaa taʼanitti utuu hin mulʼisin
Waan tokko illee hin raawwatu.+
8 Leenci baroodeera!+ Eenyutu hin sodaatu ree?
Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan dubbateera! Eenyutu raajii hin dubbatu ree?’+
9 ‘Masaraawwan Ashdood warra ciccimoo irratti,
Masaraawwan biyya Gibxii warra ciccimoo irrattis kana labsaa.
Akkana jedhaa: “Gaarota Samaariyaa irratti walitti qabamaa;+
Jeequmsa ishii gidduu jiru,
Gowwoomsaa ishii keessa jirus ilaalaa.+
10 Sababiin isaas, warri masaraawwan isaanii keessatti jeequmsaa fi badiisa kuufatan kun
Wanta sirrii gochuu hin beekan” jedha Yihowaan.’
11 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
‘Diinni biyyattiitti ni marsa,+
Inni humna kee ni fixa,
Masaraawwan kee warri ciccimoonis ni saamamu.’+
12 Yihowaan akkana jedha:
‘Akkuma tikseen tokko luka lama yookiin citaa gurraa tokko afaan leencaa keessaa butee fudhatu,
Namoonni Israaʼel warri Samaariyaa keessa
Sireewwan babbareedoo fi sireewwan gaggabaaboo gaggaarii taʼan* irra taaʼanii jiranis butamanii ni fudhatamu.’+
13 ‘Dhagaʼaa, mana Yaaqoobis akeekkachiisaa’* jedha Waaqa Raayyaa kan taʼe Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
14 ‘Sababiin isaas, guyyaa ani fincila* isaa hundumaaf Israaʼeliin itti gaafadhutti,+
Iddoowwan aarsaa Beetelis akka itti gaafataman nan godha;+
Gaanfonni iddoo aarsaa irraa ni kutamu, lafattis ni kufu.+
15 Mana gannaas taʼe mana bonaa nan rukuta.’
4 “Isin saawwan Baashaan,
Warri gaara Samaariyaa irra jirtan,+
Isin dubartoonni warri namoota rakkatoo cunqursitanii+ fi hiyyeeyyii caccabsitan,
Isin warri abbootii manaa* keessaniin, ‘Wanta dhugnu nuuf fidaa!’ jettan dubbii kana dhagaʼaa.
2 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedhee qulqullummaa isaatiin kakateera:
‘“Kunoo, barri inni hookkoo foon itti rarraasaniin itti ol isin kaasu gaʼeera,
Warri haftan immoo hookkoo qurxummiitiin ol ni kaafamtu.
3 Tokkoon tokkoon keessan baqaqaa dallaa gidduu kallattiidhaan fuulduratti ni baatu;
Gara Harmoonittis ni darbatamtu” jedha Yihowaan.’
4 ‘Gara Beetel kottaatii balleessaa raawwadhaa,*+
Gara Gilgaal kottaatii caalaatti balleessaa raawwadhaa!+
5 Waaqayyoof galata dhiheessuuf daabboo bukaaʼaa aarsaa godhaatii gubaa;+
Sagalee keessan ol kaasaatii aarsaawwan fedhiidhaan dhiheessitan labsaa!
Sababiin isaas, yaa saba Israaʼel, isin akkana gochuu jaallattu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
6 ‘Ani immoo magaalota keessan hundumaa keessatti wanta afaaniin qabdan akka dhabdan,*
Manneen keessan hundumaa keessas beelli akka jiraatu godheera;+
Taʼus isin gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan.
7 ‘Akkasumas, makarri gaʼuu isaa jiʼa sadii dura bokkaa isin nan dhowwadhe.+
Magaalaa tokko irratti akka roobu, magaalaa kan biraa irratti immoo akka hin roobne nan godhe.
Maasiin tokko bokkaa ni argate,
Maasiin inni bokkaa dhabe immoo ni goge.
8 Namoonni magaalota lama yookiin sadii keessa jiraatan bishaan dhuguuf gara magaalaa tokkootti ni tiratan,+
Garuu dheebuu hin baane;
Taʼus isin gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan.
9 ‘Ani hoʼa waxaluu fi waagiidhaan isin nan rukute.+
Isin iddoowwan biqiltuu fi maasiiwwan wayinii ni baayʼifattan,
Haa taʼu malee, awwaannisni mukeetii harbuu fi mukeetii ejersaa* keessan ni nyaate;+
Taʼus isin amma iyyuu gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan.
10 ‘Ani golfaa isa Gibxii rukutee turee wajjin wal fakkaatu isin gidduutti nan erge.+
Dargaggoota keessan goraadeedhaan nan ajjeese,+ fardeen keessanis nan boojiʼe.+
Ajaan buufata keessanii funyaan keessan bira akka gaʼu nan godhe;+
Taʼus isin gara kootti hin deebine’ jedha Yihowaan.
11 ‘Akkuma Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa garagalche,+
Biyya keessan nan garagalche.
Isin akkuma jirma ibidda keessaa butamee baafamee turtan;
Taʼus isin gara kootti hin deebine’+ jedha Yihowaan.
12 Kanaafuu, yaa Israaʼel, ani si irratti kana nan raawwadha.
Yaa Israaʼel, kana waanan si irratti raawwadhuuf,
Waaqa kee dura dhaabbachuuf qophaaʼi.
13 Sababiin isaas, inni isa gaarota tolchee fi bubbee uume dha;+
Inni wanta yaade namatti ni hima,
Barraaqa gara dukkanaatti ni jijjiira,+
Iddoowwan ol kaʼoo lafaa irra ni ejjeta;+
Maqaan isaa Yihowaa Waaqa Raayyaa ti.”
5 “Yaa mana Israaʼel, dubbii ani akka faaruu gaddaatti isin irratti dubbadhu kana dhagaʼaa:
2 ‘Durbi sun, jechuunis Israaʼel ni kufte;
Ishiin lammata kaʼuu hin dandeessu.
Lafuma ishii irratti dhiifamteetti;
Kan ishii kaasus hin jiru.’
3 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
‘Magaalaa namoota kuma tokko fudhattee duultuuf nama dhibba tokko qofatu hafa;
Ishii namoota dhibba tokko fudhattee duultuuf immoo kudhan qofatu hafa; kun mana Israaʼel irratti ni raawwatama.’+
4 “Sababiin isaas, Yihowaan mana Israaʼeliin akkana jedha:
‘Na barbaaddadhaa, lubbuudhaanis jiraadhaa.+
5 Beeteliin hin barbaadinaa,+
Gara Gilgaal hin dhaqinaa+ yookiin gara Ber Sheebaatti hin ceʼinaa,+
Sababiin isaas, Gilgaal dhugumaan boojuudhaan ni fudhatamti,+
Beetelis ni balleeffamti.*
6 Yihowaa barbaaddadhaa, lubbuudhaanis jiraadhaa,+
Taʼuu baannaan garuu, inni akka ibiddaatti mana Yoseef irratti ni dhufa,
Beeteliin ni nyaata, namni ibiddicha dhaamsus hin jiraatu.
7 Isin haqa gara hadheessaatti jijjiirtu,
Qajeelummaas lafatti darbattu.+
8 Inni tuuta urjiilee Kiimaa* fi tuuta urjiilee Kasiil* tolche,+
Inni dukkana cimaa gara ifa ganamaatti jijjiiru,
Inni guyyaa akka halkaniitti dukkaneessu,+
Inni lafa irratti isaan dhangalaasuuf
Bishaanota galaanaa waamu,+
Maqaan isaa Yihowaa dha.
9 Inni isa cimaa irratti badiisni hatattamaa akka dhufu ni godha,
Akka kanaan, iddoowwan dallaa dhagaa qaban ni barbadeessa.
10 Isaan warra karra magaalaa irratti adaba kennan ni jibbu,
Warra dhugaa dubbatanis ni balfu.+
11 Isin isa hiyyeessa irraa kiraa lafa qonnaa* waan gaafattaniif,
Midhaan isaas akka gibiraatti waan fudhattaniif,+
Manneen dhagaa bocame irraa ijaarrattan keessa jiraachuus taʼe,+
Mukeetii wayinii filatamoo warra ofii keessanii dhaabdan irraa daadhii wayinii dhuguu keessan itti hin fuftan.+
12 Ani fincilli* keessan hammam akka baayʼate,
Cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe beeka,
Isin isa qajeelaa ni miitu,
Mattaʼaa* ni fudhattu,
Karra magaalaa irrattis isa hiyyeessa mirga isaa ni dhowwattu.+
13 Kanaafuu, warri hubannaa gad fagoo qaban yeroo sanatti ni callisu,
Sababiin isaas, inni yeroo badiisaa ti.+
14 Lubbuudhaan jiraachuu keessan akka itti fuftaniif,+
Wanta hamaa utuu hin taʼin, wanta gaarii barbaaddadhaa.+
Taanaan akkuma isin inni isinii wajjin akka jiru dubbattan,
Yihowaan Waaqni Raayyaa isinii wajjin ni taʼa.+
Tarii Yihowaan Waaqni Raayyaa
Warra sanyii Yoseef keessaa hafanitti gaarummaa ni argisiisa taʼa.’+
16 “Kanaafuu, Yihowaan Waaqni Raayyaa, Yihowaan akkana jedha:
‘Addabaabayiiwwan hundumaa irratti booʼichi ni jiraata,
Daandiiwwan hundumaa irrattis, “Wayyoo, wayyoo!” ni jedhu.
Akka gaddaniif qonnaan bultoota,
Akka booʼaniifis boossistoota ni waammatu.’
17 ‘Ani isin gidduu waanan darbuuf,
Maasii wayinii hundumaa keessatti namoonni ni booʼu’+ jedha Yihowaan.
18 ‘Warra guyyaa Yihowaa hawwaniif wayyoo!+
Egaa, guyyaan Yihowaa isiniif hiika maalii qaba?+
Inni dukkana taʼa malee ifa hin taʼu.+
19 Guyyaa sanatti isin akka nama yommuu leenca jalaa baqatu amaakenni itti dhufuu,
Yommuu mana isaatti seenee harka isaatiin girgiddaatti hirkatu immoo bofti isa hidduu ni taatu.
20 Guyyaan Yihowaa ifa utuu hin taʼin dukkana,
Ifa guddaa utuu hin taʼin dukkana cimaa ni taʼa mitii?
21 Ani ayyaanota keessan nan jibba, nan tuffadhas,+
Urgaa walgaʼiiwwan qulqulluu keessaniittis hin gammadu.
22 Utuma isin aarsaa guutummaatti gubamuu fi aarsaa kennaadhaan dhihaatu naaf dhiheessitanii illee,
Ani isaanitti hin gammadu;+
Horiiwwan coccoomoon aarsaa gamtaa gootanii dhiheessitanis na duratti fudhatama hin argatan.+
23 Waca faarfannaawwan keetii na irraa fageessi;
Muuziqaa meeshaalee muuziqaa ribuu qabaniin taphattus dhagaʼuu hin barbaadu.+
24 Haqni akka bishaaniitti,+
Qajeelummaanis akka laga yeroo hundumaa yaaʼuutti haa yaaʼu.
25 Yaa mana Israaʼel, yommuu waggaa 40f lafa onaa keessa turtanitti,
Aarsaawwanii fi aarsaawwan akka kennaatti dhihaatan naaf fidaa turtanii?+
26 Amma Saakuut isa mootii keessan taʼee fi Kiwaan,*
Fakkiiwwan keessan, jechuunis waaqa urjii ofiif tolfattan baattanii deemtu.
27 Gara biyya Damaasqoo irraa garasitti argamuutti boojuudhaan akka fudhatamtan nan godha’+ jedha inni maqaan isaa Yihowaa Waaqa Raayyaa taʼe.”+
6 “Warra Xiyoon keessa ofitti amanamuudhaan,*
Gaara Samaariyaa irras tasgabbiidhaan jiraatan,
Namoota beekamoo saba saboota hundumaa caalu keessa jiran,
Warra manni Israaʼel gara isaanii dhaquuf wayyoo!+
2 Gara Kaalneetti ceʼaatii ilaalaa.
Achi irraa immoo gara Hamaat Guddittii dhaqaa,+
Achiis gara Gaat ishii kan Filisxeemotaatti gad buʼaa.
Isaan mootummoota* kana irra ni wayyuu?
Naannoon isaanii hoo kan keessan irra balʼaa dhaa?
3 Isin guyyaa badiisaa sammuu keessan keessaa baastanii,+
5 Isaan baganaa* rukutaa sirba qindeessu,+
Akka Daawitis meeshaalee muuziqaa ni kalaqu;+
6 Isaan saanii golboodhaan daadhii wayinii dhugu,+
Zayitii hundumaa caalaa filatamaa taʼes ni dibatu.
Badiisni Yoseef garuu isaan hin yaaddessu.*+
7 Kanaafuu, isaan warra boojuudhaan fudhataman keessaa warra jalqabaa ni taʼu,+
Yeroon bashannanaa warra diriirfatanii ciisan sanaas ni xumurama.
8 Yihowaan Waaqni Raayyaa akkana jedha: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan ofiin* kakateera,+
“Ani of tuulummaa Yaaqoob nan balfa,+
Masaraawwan isaa warra ciccimoos nan jibba,+
Magaalattiis taʼe wanta ishii keessa guutee jiru diinatti dabarsee nan kenna.+
9 “‘“Mana tokko keessatti namoonni kudhan yoo hafan isaanis ni duʼu. 10 Firri isaanii tokko* dhufee alatti isaan baasee tokko tokkoon isaan guba. Inni lafee isaanii mana keessaa ni baasa; achiis nama kutaa manichaa isa keessaa keessa jiru kamiin iyyuu, ‘Si biratti kan hafe jiraa?’ jedhee gaafata. Innis, ‘Homtuu hin jiru!’ jedha. Achiis inni, ‘Calluma jedhi! Amma yeroo maqaa Yihowaa itti dhaʼan miti’ jedha.”
11 Sababiin isaas, ajaja kan kenne Yihowaa dha,+
Inni mana isa guddaa rukutee tuullaa diiggaa ni godha,
Mana isa xinnaas ni hurreessa.+
12 Fardeen kattaa irra ni fiiguu?
Namni qotiyyoodhaan achi irra qotu hoo jiraa?
13 Isin wanta gatii hin qabnetti gammaddu,
Akkasumas, “Nuti jabinuma keenyaan humna qabeeyyii taaneerra* mitii?” jettu.+
14 Kanaafuu, yaa mana Israaʼel, ani saba tokko isin irratti nan fida,+
Isaanis Lebo Hamaat*+ irraa jalqabee hamma Laga Gogaa* Arabaatti isin cunqursu’ jedha Yihowaan Waaqni Raayyaa.”
7 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan kana natti argisiise: Kunoo, inni yommuu midhaan inni boodaa* biqiluu jalqabu hoomaa awwaannisaa ni erge. Kun midhaan isa boodaa margi mootichaa erga haamamee booda biqile ture. 2 Yommuu hoomaan awwaannisaa sun biqiltuu biyyattii nyaatee fixutti, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, maaloo dhiifama isaaniif godhi!+ Yaaqoob dadhabaa waan taʼeef, akkamitti kana irraa ooluu* dandaʼa?”+ nan jedhe.
3 Kanaafuu, Yihowaan deebiʼee kana irratti ni yaade.*+ Yihowaan, “Kun hin raawwatamu” jedhe.
4 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan kana natti argisiise: Kunoo, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan ibiddaan adabuuf ni labse. Innis bishaan balʼaa isa gad fagoo taʼe ni nyaate, akkasumas kutaa biyyattii tokko nyaatee ni fixe. 5 Achiis ani, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, maaloo, kana hin fidin.+ Yaaqoob dadhabaa waan taʼeef, akkamitti kana irraa ooluu* dandaʼa?”+ nan jedhe.
6 Kanaafuu, Yihowaan deebiʼee kana irratti ni yaade.*+ Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan, “Kunis hin raawwatamu” jedhe.
7 Inni kana natti argisiise: Kunoo, Yihowaan dallaa tumbiidhaan* ijaarame tokko irra dhaabbatee ture; harka isaattis tumbii qabatee ture. 8 Achiis Yihowaan, “Amoos, maaltu sitti mulʼata?” naan jedhe. Anis, “Tumbii” jedheen deebise. Achiis Yihowaan akkana jedhe: “Kunoo, ani saba koo Israaʼeliin tumbiidhaan nan safara. Kana booda ani dhiifama isaaniif hin godhu.+ 9 Iddoowwan ol kaʼoon Yisihaaq+ ona ni taʼu; iddoowwan qulqulluun Israaʼel ni barbadeeffamu;+ anis goraadee fudhadhee mana Yeroboʼaam irratti nan dhufa.”+
10 Amaaziyaan lubni Beetel+ gara Yeroboʼaam+ mootii Israaʼelitti ergaa kana ni erge: “Amoos manuma Israaʼel gidduutti si irratti daba qopheessaa jira.+ Biyyattiin dubbii isaa hundumaa dandamachuu hin dandeessu.+ 11 Sababiin isaas, Amoos, ‘Yeroboʼaam goraadeedhaan ni duʼa; Israaʼelis dhugumaan biyya isaa keessaa boojuudhaan ni fudhatama’ jedheera.”+
12 Achiis Amaaziyaan Amoosiin akkana jedhe: “Yaa nama mulʼata argu nana, asii deemi, gara biyya Yihudaatti baqadhu; nyaata kee achumaa nyaadhu; raajiis achitti dubbadhu.+ 13 Beetelitti garuu kana booda raajii dubbachuu hin qabdu;+ sababiin isaas, ishiin iddoo qulqulluu mootichaa+ fi mana mootummaa ti.”
14 Amoosis akkana jedhee Amaaziyaadhaaf deebise: “Ani raajiis taʼe ilma raajii miti; ani tiksee+ fi nama muka harbuu kunuunsun* ture. 15 Yihowaan garuu bushaayee duukaa buʼuu irraa na waame; Yihowaan, ‘Dhaqi, saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’+ naan jedhe. 16 Kanaafuu, dubbii Yihowaa dhagaʼi: ‘Ati, “Israaʼel irratti raajii hin dubbatin,+ mana Yisihaaq irrattis hin lallabin”+ naan jette. 17 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: “Haati manaa kee magaalattii keessatti sagaagaltuu ni taati; ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa kee goraadeedhaan ni kufu. Biyyi kee wadaroo safaraatiin ni hihiramti; ati biyya xuraaʼaa keessatti ni duuta; Israaʼelis dhugumaan biyya isaa irraa boojuudhaan ni fudhatama.”’”+
8 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan kana natti argisiise: Kunoo, guuboon firii bonaa qabate tokko jira ture. 2 Achiis, “Amoos, maaltu sitti mulʼata?” naan jedhe. Anis, “Guuboo firii bonaa qabate” jedheen deebise. Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Dhumni saba koo Israaʼel gaʼeera. Ani kana booda dhiifama isaaniif hin godhu.+ 3 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan, ‘Guyyaa sanatti faarfannaan mana qulqullummaa gara booʼichaatti jijjiirama.+ Iddoo hundumaatti reeffi hedduun ni gatama;+ sagaleen tokko illee hin dhagaʼamin’ jedha.
4 Isin warri isa hiyyeessa dhidhiittan,
Warri garraamota biyyattii keessa jiran ajjeestan kana dhagaʼaa;+
5 Isin akkana jettu: ‘Midhaan keenya akka gurgurannuuf, ayyaanni baatii haaraa yoom xumurama?+
Midhaan keenya gurgurtaadhaaf akka dhiheessinuuf Sanbanni+ yoom darba?
Silaa madaallii gowwoomsaa keenya dhugaa fakkeessuuf,
Safartuu eefaa* ni xinneessina,
Madaallii sheeqilii* immoo ni guddisna turre;+
6 Isa rakkataa meetiidhaan,
Isa hiyyeessas kophee cimdii tokkoon ni bitanna,+
Midhaan qulqullina hin qabnes ni gurgurra.’
7 Yihowaan Ulfina Yaaqoobiin akkana jedhee kakateera:+
‘Ani gocha isaanii hundumaa matumaa hin irraanfadhu.+
Guutummaan biyyattii akka Abbayyaatti ol ni kaati;
Akkuma Abbayyaa Gibxiitti ol kaatee gad ni lixxi.’+
9 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
‘Guyyaa sanatti aduun guyyaa saafaa akka lixxu nan godha,
Utuma ifni guyyaa jiruus biyyattii nan dukkaneessa.+
10 Ayyaanota keessan hundumaa gara gaddaatti,+
Faarfannaawwan keessan hundumaas gara faaruu gaddaatti nan jijjiira.
Mudhii hundumaatti uffata gaddaa nan mara, mataa hundas nan haada;
Akkuma ilma tokkichaaf booʼanitti akka booʼan nan godha,
Dhumni isaas akka guyyaa rakkinaa ni taʼa.’
11 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
‘Kunoo, guyyaan ani biyyattiitti beela ergu ni dhufa,
Beelli kun garuu nyaata beelaʼuu yookiin bishaan dheebochuu utuu hin taʼin,
Dubbii Yihowaa dhagaʼuuf beelaʼuu dha.+
12 Isaan galaanaa hamma galaanaatti,
Kaabaa hamma bahaattis* ni jooru.
Dubbii Yihowaa barbaacha asii fi achi ni naannaʼu, garuu hin argatan.
13 Guyyaa sanatti dheebuudhaan kan kaʼe durboonni babbareedoon,
Dargaggoonnis ni gaggabu;
14 Warri balleessaa Samaariyaatiin kakatan,+
Warri, “Yaa Daan, waaqa kee isa jiraataadhaan ni kakanna!”+
Akkasumas, “Daandii Ber Sheebaa+ isa jiraataadhaan ni kakanna!” jedhan
Ni kufu, lammatas hin kaʼan.’”+
9 Yihowaan iddoo aarsaa gararraa dhaabbatee nan arge,+ innis akkana jedhe: “Mataa utubichaa rukuti, manichis ni sochoʼa. Mataa isaanii irraa kuti; anis isaan keessaa isa dhumaa goraadeedhaan nan ajjeesa. Kan baqatu jalaa ooluu hin dandaʼu; miliquuf kan yaalu kam iyyuus isaaf hin milkaaʼu.+
2 Awwaala* keessa qotanii yoo seenan,
Harki koo achi keessaa isaan ni baasa;
Gara samiiwwaniitti yoo ol baʼanis,
Ani achi irraa gad isaan nan buusa.
3 Fiixee Qarmeelos irra yoo dhokatan,
Achi keessaa barbaadee isaan nan qaba.+
Galaana jala lixanii ija koo duraa yoo dhokatan,
Achitti bofti akka isaan hiddu nan ajaja.
4 Diinota isaaniitiin boojuudhaan yoo fudhataman,
Achitti goraadee nan ajaja, innis isaan ajjeesa;+
Ani gaariidhaaf utuu hin taʼin hamaadhaaf jedhee ija koo isaan irra nan kaaʼa.+
5 Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan raayyaa biyyattii* ni tuqa,
Kanaan kan kaʼes ishiin ni baqxi,+ jiraattonni ishii hundis ni gaddu;+
Guutummaan biyyattii akka Abbayyaatti ol ni kaati;
Akkuma Abbayyaa Gibxiitti gad ni lixxi.+
6 ‘Inni samiiwwan keessatti kortoo isaa dhaabu,
Baaxii isaas lafa gararraatti hundeessu,
Inni lafa irratti isaan dhangalaasuuf
Bishaanota galaanaa waamu,+
Maqaan isaa Yihowaa dha.’+
7 Yihowaan akkana jedha: ‘Yaa saba Israaʼel, isin anaaf akkuma ilmaan Kuush mitii?
Ani Israaʼeliin biyya Gibxii keessaa,+
Filisxeemota Qarxees keessaa,+ warra Sooriyaa immoo Qiir keessaa hin baasnee?’+
8 ‘Kunoo, ijji Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa mootummaa cubbamaa sana irra jira,
Inni lafa irraa haxaaʼee isa ni balleessa.+
Mana Yaaqoob garuu guutummaatti haxaaʼee hin balleessu’+ jedha Yihowaan.
9 ‘Kunoo, ani ajaja nan kenna,
Akkuma namni tokko yeroo gingilchaadhaan gingilchu
Cirrachi tokko illee lafa hin buune,
Anis mana Israaʼel saboota hundumaa gidduutti nan gingilcha.+
10 Cubbamoonni saba koo gidduu jiran,
Warri, “Badiisni nutti hin dhihaatu yookiin nu bira hin gaʼu” jedhan hundi goraadeedhaan ni ajjeefamu.’
11 ‘Guyyaa sanatti ani daasii* Daawit isa jige ol nan kaasa,+
Baqaqaa isaa* nan supha,
Diiggaa isaas nan haaressa;
Akkuma isa bara duriitti deebisee nan ijaara,+
12 Kunis, isaan isa Edoom irraa hafee+ fi
Saboota maqaan koo itti waamame hundumaa akka dhaalaniifi’ jedha Yihowaan inni wanta kana raawwatu.
13 Yihowaan akkana jedha:
‘Kunoo, guyyaan namni qotu isa midhaan sassaabu bira itti gaʼu,
Namni wayinii dhidhiitus isa sanyii facaasu bira itti gaʼu ni dhufa;+
Gaaronni daadhii wayinii miʼaawaa ni coccophsu,+
14 Ani saba koo Israaʼel warra boojiʼaman deebisee walitti nan qaba,+
Isaan magaalota ona taʼan deebisanii ni ijaaru, keessas ni jiraatu;+
Mukeetii wayinii ni dhaabu, daadhii wayinii isaaniis ni dhugu,+
Biqiltuu ni dhaabu, firii isaas ni nyaatu.’+
15 ‘Ani biyya isaanii irratti isaan nan dhaaba,
Isaan matumaa biyya ani isaaniif kenne irraa
Lammata hin buqqaʼan’+ jedha Yihowaan Waaqni kee.”
“Baʼaa Taʼuu” ykn “Baʼaa Baachuu” jechuu dha.
Ykn., “Yakka.”
Saanqaa midhaan ittiin dhaʼuuf looniin harkifamu argisiisa.
Kal., “ulee mootii qabatee jiru.”
Kal., “ulee mootii qabatee jiru.”
Ykn., “Yakka.”
Ykn., “fiinootiin,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Kal., “abbaa murtii.”
Ykn., “barumsa.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Ykn., “beellamaan utuu wal hin argin.”
Ykn tarii, “kiyyoo irra nyaanni.”
Ykn., “Sireewwan warra Damaasqoo.”
Ykn., “mana Yaaqoob irrattis ragaa baʼaa.”
Ykn., “yakka.”
Ykn tarii, “hedduunis.”
Ykn., “gooftolii.”
Ykn., “fincilaa.”
Ykn., “Harka kudhan keessaa harka tokko.”
Kal., “ilkaan qulqulluu isiniif kenneera.” Ykn., “wanta nyaattan isiniif hin kennine.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn tarii, “wanta hamaa ni taati.”
Urjiilee Piliyaadis warra tuuta urjiilee Taawuras keessa jiran kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Tuuta urjiilee Oriyoon kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn., “gibira lafaa.”
Ykn., “yakki.”
Ykn., “Maallaqa wanta sirrii hin taane dhoksuuf kaffalamu.”
Waaqoliin kun lamaan isaanii iyyuu pilaaneetii Saatarni isa akka waaqa tokkootti waaqeffatamu kan argisiisan taʼuu dandaʼu.
Ykn., “dantaa malee.”
Mootummoota Yihudaa fi Israaʼel kan argisiisu fakkaata.
Kal., “Teessoon.”
Ykn., “jiboota.”
Ykn., “meeshaa muuziqaa ribuu qabuu.”
Kal., “isaan hin dhukkubsu.”
Ykn., “lubbuu isaatiin.”
Kal., “Obboleessi abbaa isaa.”
Ykn., “hadhaaʼinaatti.”
Kal., “Nuti ofii keenyaaf gaanfa fudhanneerra mitii?”
Ykn., “karra Hamaat.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechuunis, jiʼa Amajjii fi Guraandhalaa keessatti.
Kal., “ol kaʼuu.”
Ykn., “ni gaabbe.”
Kal., “ol kaʼuu.”
Ykn., “ni gaabbe.”
Ykn., “wuhaa likkiidhaan.”
Ykn., “nama balasii waraanun.” Kun gosa muka balasii Israaʼel keessatti argamuu fi “harbuu” jedhamu dha.
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “lafti.”
Ykn., “baha biiftuuttis.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lafa.”
Ykn., “dunkaana; godoo.”
Ykn., “isaanii.”
Kal., “Tabbawwan hundis ni baqu.”