LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Faaruu Ermiyaas 1:1-5:22
  • Faaruu Ermiyaas

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Faaruu Ermiyaas
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Faaruu Ermiyaas

FAARUU ERMIYAAS

א [Aleef]*

1 Magaalaan namootaan guutamtee turte, amma akkamitti kophaa teesse!+

Ishiin saboota naannoo ishiitti argaman hundumaa caalaa namootaan guutamtee turte, akkamitti akka dubartii abbaan manaa irraa duʼee taate!+

Ishiin mootuu koonyaawwanii turte, akkamitti hojii dirqamaa akka hojjettu godhamte!+

ב [Beet]

 2 Halkan mararamtee boossi,+ imimmaan ishiis maddii* ishii irra yaaʼa.

Warra ishii jaallatan hundumaa keessaa kan ishii jajjabeessu tokko illee hin jiru.+

Michoonni ishii hundi ishii gananiiru;+ diinota ishiis taʼaniiru.

ג [Giimel]

 3 Yihudaan cunqurfamtee fi garbummaa hamaa jala galtee+ boojuudhaan fudhatamteetti.+

Ishiin saboota gidduu jiraachuu qabdi;+ bakka boqonnaas hin argattu.

Warri ishii ariʼatan hundi yeroo dhiphina ishiitti hordofanii ishii qabataniiru.

ד [Daalet]

 4 Eenyu iyyuu gara ayyaanichaatti waan hin dhufneef, daandiiwwan gara Xiyoonitti geessan gaddaa jiru.+

Karrawwan ishii hundi onaniiru;+ luboonni ishii aadaa jiru.

Durboonni* ishii gaddaa jiru, ishiinis dhiphina guddaa keessa jirti.

ה [Hii]

 5 Hamajaajonni ishii amma gooftolii* ishii taʼaniiru; diinonni ishii dantaa hin qaban.+

Sababiin isaas, Yihowaan yakkawwan hedduu ishiin raawwatteen kan kaʼe gadda ishiitti fideera.+

Ijoolleen ishii diinaan oofamanii boojuudhaan fudhatamaniiru.+

ו [Waaw]

 6 Miidhaginni intala Xiyoon hundi ishii irraa fudhatameera.+

Bulchitoonni ishii akka gadamsa bakka dheedichaa dhabee taʼaniiru,

Dadhabaniis warra isaan ariʼan dura deemu.

ז [Zaayin]

 7 Yerusaalem yeroo rakkattettii fi mana dhabdetti,

Wantoota gatii guddaa qabanii fi bara duriitti kan ishii turan hundumaa ni yaadatti.+

Yeroo sabni ishii harka diinaa irratti kufettii fi kan ishii gargaaru hin turretti,+

Diinonni ishii arganii kufaatii ishiitti kolfan.*+

ח [Heet]

 8 Yerusaalem cubbuu guddaa hojjette.+

Ishiin jibbamtuu kan taate kanaafi.

Warri ishii kabajaa turan hundi qullaa ishii waan arganiif, amma akka waan tuffatamtuu taatetti ishii ilaalu.+

Ishiinis ni aaddi,+ qaanoftees achi garagalti.

ט [Teet]

 9 Xuraaʼummaan ishii qamisii ishii irra jira.

Ishiin waaʼee egeree ishii hin yaadne.+

Kufaatiin ishii kan nama naasisu dha; kan ishii jajjabeessu tokko illee hin qabdu.

Diinni waan of guguddiseef, yaa Yihowaa, rakkina koo ilaali.+

י [Yood]

10 Diinni harka isaa qabeenya ishii hundumaa irra kaaʼateera.+

Sababiin isaas, ishiin saboonni warri ati gumii kee keessa seenuu akka hin qabne ajajje sun,

Yommuu iddoo qulqulluu ishii keessa seenan argiteetti.+

כ [Kaaf]

11 Sabni ishii hundi aadaa jiru; isaan nyaata barbaaddachaa jiru.+

Isaan lubbuudhaan jiraachuuf* qofa, wanta nyaatamu argachuuf qabeenya isaanii isa gatii guddaa qabu kennaniiru.

Yaa Yihowaa, kunoo, ani akka dubartii* gatii hin qabnee taʼuu koo ilaali.

ל [Laamed]

12 Warra daandicha irra darbitan hundaaf, kun homaa jechuu mitii?

Ilaalaa, argaas!

Dhiphinni kan biraan dhiphina isa ana irra gaʼe

Isa Yihowaan guyyaa dheekkamsa isaa isa bobaʼaatti akkan ittiin rakkadhu godhe fakkaatu jiraa?+

מ [Meem]

13 Inni ol gubbaadhaa gara lafeewwan kootti ibidda erge,+ tokkoon tokkoon isaaniis akka moʼaman godhe.

Miila kootiif saaphana diriirse; duubatti akkan deebiʼus na dirqisiise.

Inni dubartii kophaatti hafte na godhe.

Guyyaa guutuu nan dhukkubsadha.

נ [Nuun]

14 Cubbuuwwan koo akka waanjootti* harka isaatiin ana irratti hidhamaniiru.

Isaan morma koo irra kaaʼamaniiru; humni koos laafeera.

Yihowaan harka warra humna kootii ol taʼaniitti dabarsee na kenneera.+

ס [Saamek]

15 Yihowaan namoota humna qabeeyyii taʼan hundumaa ana gidduudhaa baasee gateera.+

Inni dargaggoota koo caccabsuuf yaaʼii ana irratti waameera.+

Yihowaan intala durbaa Yihudaa bakka wayinii itti cuunfanitti dhidhiiteera.+

ע [Ayiin]

16 Wantoota kanaan kan kaʼe ani nan booʼa;+ ijji koos imimmaan dhangalaasa.

Sababiin isaas, na jajjabeessuu yookiin na* haaromsuu kan dandaʼu kam iyyuu ana irraa fagoo dha.

Diinni waan nutti cimeef, ilmaan koo kophaatti hafaniiru.

פ [Pee]

17 Xiyoon harka ishii diriirsiteetti;+ garuu kan ishii jajjabeessu tokko illee hin jiru.

Diinonni isaa warri naannoo isaatti argaman hundi Yaaqoob irratti akka kaʼan Yihowaan ajaja dabarseera.+

Yerusaalem isaan biratti jibbamtuu taateetti.+

צ [Tsadee]

18 Yihowaan qajeelaa dha,+ sababiin isaas ajajawwan* isaatiif ajajamuu kan dide ana dha.+

Isin namoonni hundi dhagaʼaa, dhiphina koos ilaalaa.

Durboonni* koo fi dargaggoonni koo boojuudhaan fudhatamaniiru.+

ק [Qoof]

19 Ani warra na jaallatan nan waammadhe, isaan garuu na ganan.+

Luboonni koo fi jaarsoliin koo lubbuudhaan jiraachuuf*

Utuu midhaan barbaaddatanii magaalaa keessatti dhuman.+

ר [Reesh]

20 Yaa Yihowaa, dhiphina guddaa keessa akkan jiru ilaali.

Marʼimaan* koo ni raafama.

Ani guutummaatti ajajamuu waanan dideef,+ garaan koo na keessatti jeeqameera.

Alaa goraadeen ni fixa;+ mana keessas duʼatu jira.

ש [Shiin]

21 Namoonni aaduu koo dhagaʼaniiru; garuu kan na jajjabeessu tokko illee hin jiru.

Diinonni koo hundi badiisa koo dhagaʼaniiru.

Ati badiisa waan natti fiddeef isaan gammadaniiru.+

Ati garuu guyyaa isaan akkuma koo akka taʼan+ labsite sana ni fidda.+

ת [Taaw]

22 Hamminni isaanii hundi si duratti haa dhihaatu;

Akkuma sababii yakkawwan koo hundaatiif na adabde, isaaniinis adabi.+

Sababiin isaas, yeroo hedduu nan aada, garaan koos dhukkubsateera.

א [Aleef]

2 Yihowaan intala Xiyooniin akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin haguuge!

Inni miidhagina Israaʼel samii irraa gara lafaatti darbateera.+

Guyyaa dheekkamsa isaatti bakka ejjeta miila isaa+ hin yaadanne.

ב [Beet]

 2 Yihowaan gara laafina tokko malee bakka jireenyaa Yaaqoob hundumaa liqimseera.

Aarii isaa isa guddaadhaan iddoowwan intala Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban diigeera.+

Inni mootummichaa fi bulchitoota ishii lafatti darbateera, akkasumas xureesseera.+

ג [Giimel]

 3 Inni dheekkamsa bobaʼaadhaan jabina* Israaʼel hundumaa kuteera.

Yeroo diinni dhihaatetti harka isaa mirgaa dachaafateera,+

Dheekkamsi isaas akka ibidda wanta naannoo isaatti argamu hundumaa gubuutti Yaaqoob irratti bobaʼuu isaa itti fufeera.+

ד [Daalet]

 4 Inni akka diinaatti iddaa isaa dabsate;* harki isaa mirgaas akka hamajaajiitti haleeluuf akka qophaaʼu godhe;+

Warra ijatti tolan hundumaa ajjeesuu isaa itti fufe.+

Dheekkamsa isaas dunkaana intala Xiyoon keessatti akka ibiddaatti dhangalaase.+

ה [Hii]

 5 Yihowaan akka diinaa taʼe;+

Israaʼeliinis ni liqimse.

Inni masaraawwan ishii hundumaa ni liqimse;

Iddoowwan ishii warra dallaa dhagaa qaban hundumaa ni barbadeesse.

Inni booʼichii fi faaruun gaddaa intala Yihudaatti akka baayʼatu godhe.

ו [Waaw]

 6 Inni godoo isaa akka daasii bakka biqiltuu keessa jiruutti ni diige.+

Ayyaanni isaa akka hafu ni godhe.*+

Yihowaan Xiyoon keessatti ayyaannii fi sanbanni akka irraanfatamu ni godhe,

Dheekkamsa isaa isa sodaachisaadhaanis mootii fi luba ni tuffate.+

ז [Zaayin]

 7 Yihowaan iddoo aarsaa isaa ni gate;

Iddoo isaa isa qulqulluus ni dhiise.+

Inni dallaawwan masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan sanaa harka diinaatti dabarsee kenne.+

Isaan akkuma guyyaa ayyaanaatti, mana Yihowaa keessatti sagalee isaanii ol kaasanii iyyan.+

ח [Heet]

 8 Yihowaan dallaa intala Xiyoon barbadeessuuf murteesseera.+

Inni wadaroo safaraa ishii irratti diriirseera.+

Badiisa fiduu* irraa harka isaa hin deebisne.

Inni dallaan ittisaa fi dallaan akka gaddan ni godha.

Hundi isaanii dadhaboo akka taʼan godhamaniiru.

ט [Teet]

 9 Karrawwan ishii lafa keessa gad lixaniiru.+

Inni danqaraawwan ishii balleesseera, akkasumas caccabseera.

Mootiin ishii fi bulchitoonni ishii saboota gidduutti argamu.+

Seerri* hin jiru; raajonni ishii illee Yihowaa biraa mulʼata hin argatan.+

י [Yood]

10 Jaarsoliin intala Xiyoon callisanii lafa irra taaʼu.+

Isaan mataa isaanii irratti awwaara firfirsu, uffata gaddaas ni uffatu.+

Durboonni Yerusaalem mataa isaanii gara lafaatti gad qabaniiru.

כ [Kaaf]

11 Ijji koo imimmaan dhangalaasuu irraa kan kaʼe dadhabeera.+

Marʼimaan* koo ni raafama.

Kufaatii intala* saba kootiitiin kan kaʼe,+

Ijoolleenii fi daaʼimman addabaabayii magaalittii keessatti of wallaalanii kufuu isaaniitiin kan kaʼes+ garaan koo cabeera.*

ל [Laamed]

12 Isaan akka nama addabaabayii magaalattii keessatti madaaʼeetti yommuu of wallaalanii kukkufanitti,

Harka haadhotii isaanii irratti yommuu duʼuuf jedhanitti,

Irra deddeebiʼanii, “Midhaanii fi daadhiin wayinii eessa jira?” jedhanii haadhotii isaanii gaafatu.+

מ [Meem]

13 Yaa intala Yerusaalem, ani wanta akkamiin akka ragaatti fayyadamuu dandaʼa?

Yookiin maalii wajjinan wal si fakkeessuu dandaʼa?

Yaa intala Xiyoon ishii durba taate nana, si jajjabeessuuf maalii wajjinan wal si fakkeessuu dandaʼa?

Sababiin isaas, badiisni kee akka galaanaatti balʼaa dha.+ Eenyutu si fayyisuu dandaʼa?+

נ [Nuun]

14 Mulʼatawwan raajonni kee siif argan sobaa fi duwwaa dha,+

Boojiʼamtee fudhatamuu irraa si oolchuuf isaan dogoggora kee hin saaxille,+

Kanaa mannaa, mulʼata labsiiwwan soba taʼanii fi dogoggorsan siif arguu isaanii itti fufan.+

ס [Saamek]

15 Warri karicha irra darban hundi qoosaadhaan harka isaanii si irratti walitti rurrukutu.+

Isaan intala Yerusaalem irratti ajaaʼibsiifannaadhaan siiqsaa+ fi mataa isaanii raasaa,

“Kun magaalaa isaan waaʼee ishii, ‘Ishiin bareedduu mudaa hin qabnee fi gammachuu guutummaa lafaa ti’+ jedhan sana mitii?” jedhu.

פ [Pee]

16 Diinonni kee hundi si irratti afaan isaanii bananiiru.

Isaan siiqsanii, ilkaan isaaniis qaranii, “Nuti ishii liqimsineerra.+

Guyyichi eeggachaa turre kana dha!+ Kunoo gaʼeera, nutis isa argineerra!”+ jedhu.

ע [Ayiin]

17 Yihowaan wanta yaade godheera;+ wanta dubbate,

Isa yeroo dheeraa dura ajaje+ raawwateera.+

Inni gara laafina tokko malee si diigeera.+

Diinni wanta sirra gaʼetti akka gammadu godheera; jabina* hamajaajota keetiis ol qabeera.

צ [Tsadee]

18 Yaa dallaa intala Xiyoon, garaan isaanii Yihowaatti ni iyyata.

Imimmaan halkanii fi guyyaa akka lolaatti haa yaaʼu.

Aara galfii ofiif hin kennin, ija keetiifis* boqonnaa hin kennin.

ק [Qoof]

19 Kaʼi! Halkan yeroo eegumsi jalqabutti iyyi.

Garaa kee akka bishaaniitti Yihowaa duratti dhangalaasi.

Lubbuu ijoollee kee warra sababii beelaatiin,

Qarqara daandii* hundumaatti of wallaalanii kukkufaniif+ harka kee gara isaatti ol kaasi.

ר [Reesh]

20 Yaa Yihowaa ilaali, isa akka malee adabde sanas argi.

Dubartoonni dhala* ofii isaanii, warra ijoollee isaanii taʼan nyaachuu qabuu?+

Yookiin luboonnii fi raajonni iddoo qulqulluu isa kan Yihowaa taʼe keessatti ajjeefamuu qabuu?+

ש [Shiin]

21 Dargaggoonnii fi maanguddoonni duʼanii karaa irra ciciisaniiru.+

Durboonni* koo fi dargaggoonni koo goraadeedhaan dhumaniiru.+

Ati guyyaa dheekkamsa keetti isaan ajjeesteetta; gara laafina tokko malees isaan gorraateetta.+

ת [Taaw]

22 Ati akka waan guyyaa ayyaanaa taʼetti,+ kallattii hundumaatii jeequmsa waamteetta.

Guyyaa dheekkamsa Yihowaatti namni tokko illee hin miliqne yookiin hin oolle;+

Diinni koo warra ani daʼee* guddise fixeera.+

א [Aleef]

3 Ani ulee dheekkamsa isaatiin kan kaʼe nama rakkina arge taʼeera.

 2 Inni gad na baaseera, ifa keessa utuu hin taʼin dukkana keessa akkan deemu godheera.+

 3 Dhuguma iyyuu inni guyyaa guutuu irra deddeebiʼee harka isaa na irratti kaaseera.+

ב [Beet]

 4 Inni foon koo fi gogaa koo butucheera;

Lafee koos caccabseera.

 5 Inni natti marseera; summii hadhaaʼaa+ fi rakkina natti naannesseera.

 6 Akka namoota bara dheeraa dura duʼaniitti, iddoo dukkana taʼe keessa akkan taaʼu na dirqisiiseera.

ג [Giimel]

 7 Miliquu akkan hin dandeenyetti, dallaa natti cufeera;

Hidhaa sibiila diimaa ulfaatuunis na hidheera.+

 8 Yommuun dhiphina guddaadhaan gargaarsaaf iyyutti inni kadhannaa koo ni tuffata.*+

 9 Daandiiwwan koo dhagoota bocamaniin cufeera;

Karaawwan koos jajalʼiseera.+

ד [Daalet]

10 Inni akkuma amaaketaa, akkuma leenca dhokateetti riphee na eeggata.+

11 Dirqisiisee daandii irraa na baaseera, na ciccireeras;*

Onas na godheera.+

12 Iddaa isaa dabsateera,* xiyya natti darbachuufis akeeka godhee na dhaabeera.

ה [Hii]

13 Xiyyawwan* korojoo xiyyaa isaa keessa jiraniin kalee koo waraaneera.

14 Ani namoota hundumaa biratti nama itti kolfamu nan taʼe, isaan guyyaa guutuu sirba isaanii keessatti natti qoosu.

15 Inni wantoota hadhaaʼoo taʼaniin na guuteera, hadheessas na quubseera.+

ו [Waaw]

16 Ilkaan koo cirrachaan caccabsa;

Daaraa keessas akkan gangaladhu godha.+

17 Ati nagaa na dhowwatteetta; ani wanta gaarii taʼe irraanfadheera.

18 Kanaafuu, “Simboon koos taʼe abdiin Yihowaa irratti qabu badeera” nan jedha.

ז [Zaayin]

19 Rakkachuu koo fi mana dhabuu koo, hadheessaa fi summii hadhaaʼaa+ nyaachuu koos yaadadhu.+

20 Ati dhugumaan ni yaadatta, gara koottis gad ni jetta.+

21 Ani garaa kootti waaʼee kanaa nan yaada; obsaan kanan eeggadhus kanaafi.+

ח [Heet]

22 Nuti kan hin dhumne jaalala Yihowaa isa amanamaa taʼeen kan kaʼe dha,+

Sababiin isaas, gara laafinni isaa matumaa dhuma hin qabu.+

23 Gara laafinni isaa yeroo hundumaa ganama ganama haaraa dha;+ amanamummaan kee hedduu dha.+

24 “Yihowaan qooda koo ti,+ obsaan kanan isa eeggadhus kanaafi”+ nan jedhe.

ט [Teet]

25 Yihowaan nama isa abdatuuf,+ nama* yeroo hundumaa isa barbaaddatuuf gaarii dha.+

26 Fayyina Yihowaan argamsiisu calluma jedhanii* eeggachuun+ gaarii dha.+

27 Namni tokko dargaggummaa isaatti waanjoo baachuun isaa isaaf gaarii dha.+

י [Yood]

28 Yommuu Waaqayyo waanjoo isa irra kaaʼutti inni kophaa isaa haa taaʼu, callumas haa jedhu.+

29 Fuula isaa awwaara keessa haa dhoksu;+ tarii amma iyyuu abdii ni qabaata taʼa.+

30 Maddii isaa isa isa kabalutti haa kennu; arrabsoos haa quufu.

כ [Kaaf]

31 Sababiin isaas, Yihowaan bara baraaf nu hin gatu.+

32 Inni gadda kan geessise taʼus, akka jaalala isaa isa amanamaa isa hedduu taʼetti gara laafinas ni argisiisa.+

33 Sababiin isaas, ilmaan namootaa miidhuun yookiin gaddisiisuun garaa isaa keessa hin jiru.+

ל [Laamed]

34 Yommuu hidhamtoonni lafa irra jiran hundi miila jalatti caccaban,+

35 Yommuu namni tokko Isa Hundaa Olii duratti haqa dhowwatamu,+

36 Yommuu namni tokko dhimma seeraa isaa irratti gowwoomfamu,

Yihowaan wantoota akkanaa hin obsu.

מ [Meem]

37 Maarree, Yihowaan yoo ajaje malee, eenyutu waa dubbatee akka raawwatamu gochuu dandaʼa?

38 Wantoonni hamoonii fi wantoonni gaggaariin yeroo tokkotti

Afaan Isa Hundaa Olii keessaa hin baʼan.

39 Namni* tokko cubbuu raawwateen kan kaʼe miidhaa isa irra gaʼeen kan gungumu maaliifi?+

נ [Nuun]

40 Daandiiwwan keenya haa gamaaggamnu, of eeggannoodhaanis haa qorru,+ gara Yihowaattis haa deebinu.+

41 Garaa keenyaa fi harka keenya gara Waaqa isa samiiwwan keessa jiruutti ol kaasnee+ akkana haa jennu:

42 “Nuti yakkineerra, fincilleerras,+ atis dhiifama hin goone.+

ס [Saamek]

43 Nuti sitti akka hin dhihaanneef dheekkamsa keetiin daandii nutti cufteetta;+

Nu ariiteetta, gara laafina malees nu ajjeesteetta.+

44 Kadhannaan keenya gara keetti akka hin darbinetti, duumessaan daandii nutti cufteetta.+

45 Saboota gidduutti xurii fi kosii nu gooteetta.”

פ [Pee]

46 Diinonni keenya hundi afaan isaanii nu irratti banu.+

47 Dhumni keenya naasuu fi kiyyoo,+ diigamuu fi caccabuu taʼeera.+

48 Caba intala saba kootiitiin kan kaʼe, ija koo keessaa imimmaan akka bishaaniitti dhangalaʼa.+

ע [Ayiin]

49 Ijji koo yeroo hundumaa utuu wal irraa hin kutin booʼa,+

50 Kunis, hamma Yihowaan gad jedhee samii irraa ilaalutti dha.+

51 Ijoollee durbaa magaalaa kootii hundumaatiin kan kaʼe ijji koo gadda natti* fideera.+

צ [Tsadee]

52 Diinonni koo sababa malee akkuma simbirrootti adamsanii na qabaniiru.

53 Isaan lubbuu koo boolla keessatti cal jechisiisaniiru; dhagaa natti darbachuu isaaniis itti fufaniiru.

54 Bishaan mataa koo irra yaaʼeera, anis “Naa dhume!” nan jedhe.

ק [Qoof]

55 Yaa Yihowaa, boolla gad fagoo keessaa maqaa kee nan waammadhe.+

56 Sagalee koo dhagaʼi; boqonnaa akka naaf kennitu yommuun gargaarsaaf gara keetti iyyadhu gurra kee hin cufin.

57 Guyyaan si waammadhetti ati natti dhihaatte. “Hin sodaatin” naan jette.

ר [Reesh]

58 Yaa Yihowaa, dhimma seeraa koo* irratti naaf falmiteetta, lubbuu koos furteetta.+

59 Yaa Yihowaa, balleessaa na irratti raawwatame argiteetta; maaloo, haqa naaf argamsiisi.+

60 Haaloo isaan na irratti baʼan hundumaa, mala isaan na irratti qopheessan hundumaas argiteetta.

ש [Siin] ykn [Shiin]

61 Yaa Yihowaa, arrabsoo isaanii fi mala isaan na irratti qopheessan hundumaa,+

62 Dubbii warra na mormanii, akkasumas guyyaa guutuu na irratti asaasuu isaanii dhageesseetta.

63 Isaan ilaali; yommuu taaʼanii fi yommuu kaʼan sirba isaanii keessatti natti qoosu!

ת [Taaw]

64 Yaa Yihowaa, ati akka gocha isaaniitti isaaniif ni deebista.

65 Ati akkuma abaarsa isaan abaarte sanaatti mata jabeeyyii isaan ni goota.

66 Dheekkamsa keetiin isaan ariita, samiiwwan Yihowaa jalaas haxooftee isaan balleessita.

א [Aleef]

4 Warqiin calaqqisu, warqiin baʼeessi bifti isaa akkamitti jijjiirame!+

Dhagoonni qulqulluun+ golee* daandii hundumaatti akkamitti bittinnaaʼan!+

ב [Beet]

 2 Ilmaan Xiyoon warri gatii guddaa qabanii fi akka warqii qulqulluutti ilaalaman,

Akka hubboowwan* suphee

Warra harka suphe dhooftuutiin tolfamanii kan taʼan akkamitti!

ג [Giimel]

 3 Sardiidonni illee ilmoolee isaanii hoosisuuf mucha isaanii isaanitti qabu,

Intalli saba kootii garuu akkuma guchiiwwan lafa onaatti+ gara jabeettii taate.+

ד [Daalet]

 4 Daaʼimman harma hodhan dheebuu irraa kan kaʼe arrabni isaanii laagaa isaaniitti maxxane.

Ijoolleen nyaata kadhatu,+ garuu namni isaaniif kennu hin jiru.+

ה [Hii]

 5 Warri nyaata gaggaarii nyaachaa turan, beelaʼanii* daandii irra ciciisu.+

Warri uffata gaggaarii* uffatanii guddatan,+ tuullaa daaraa hammataniiru.

ו [Waaw]

 6 Adabni* intala saba kootii irra gaʼe

Adaba Sodoom ishii cubbuu ishiitiin kan kaʼe harka ishii gargaaru dhabdee yeroo gabaabaa keessatti garagalfamte sanaa caalaa guddaa dha.+

ז [Zaayin]

 7 Naazronni+ ishii cabbii caalaa qulqulluu, aannan caalaas adii turan.

Isaan elellaa caalaa diimaa turan; akkuma safiroos* kan cululuqan turan.

ח [Heet]

 8 Fuulli isaanii cilaattii* caalaa gurraachaʼeera;

Isaan daandii irratti hin hubataman.

Gogaan isaanii lafee isaanii irratti shuntuureera;+ inni akka muka gogee taʼeera.

ט [Teet]

 9 Warra beelaan duʼan, warra akka waan waraanamaniitti hanqina nyaataatiin dirree keessatti dhuman irra

Warra goraadeedhaan duʼan wayya.+

י [Yood]

10 Dubartoonni gara laafeyyii taʼan harkuma isaaniitiin ijoollee isaanii affeelan.+

Isaan, yeroo caba intala saba kootiitti nyaata gaddaa isaaniif taʼan.+

כ [Kaaf]

11 Yihowaan dheekkamsa isaa ni ibse;

Aarii isaa isa bobaʼaas ni dhangalaase.+

Xiyoon keessatti ibidda buʼuurawwan ishii nyaatu ni qabsiise.+

ל [Lamed]

12 Mootonni lafaa fi jiraattonni lafa oomisha kennitu sanaa hundi,

Hamajaajiinii fi diinni karrawwan Yerusaalemitti akka seene hin amanne.+

מ [Meem]

13 Kunis kan taʼe, cubbuu raajotaa fi balleessaa luboota ishii+

Warra ishii keessatti dhiiga qajeelotaa dhangalaasan sanaatiin kan kaʼe dha.+

נ [Nuun]

14 Isaan jaamanii daandiiwwan irra asii fi achi jooran.+

Dhiigaan waan faalamaniif,+

Eenyu iyyuu uffata isaanii tuquu hin dandaʼu.

ס [Saamek]

15 Isaan, “Asii deemaa! Isin xuraaʼoo dha! Asii deemaa! Asii deemaa! Nu hin tuqinaa” jedhanii isaanitti iyyu.

Sababiin isaas, isaan mana dhabanii asii fi achi jooru.

Namoonnis saboota gidduutti akkana jedhu: “Isaan nuu wajjin as jiraachuu* hin dandaʼan.+

פ [Pee]

16 Fuulli Yihowaa isaan bittinneesseera;+

Inni kana booda gaarummaa isaanitti hin argisiisu.

Namoonni luboota hin kabajan,+ jaarsoliittis gaarummaa hin argisiisan.”+

ע [Ayiin]

17 Amma iyyuu ijji keenya akkasumaan gargaarsa argachuuf eeggachuutti dadhabeera.+

Gargaarsa argachuuf gara saba nu oolchuu hin dandeenyeetti+ ilaaluu keenya ittuma fufne.

צ [Tsadee]

18 Nuti addabaabayiiwwan keenya irra deemuu akka hin dandeenyetti isaan tarkaanfii keenya hundumaa irratti adamsanii nu qabataniiru.+

Dhumni keenya dhihaateera; dhumni keenya waan gaʼeef, guyyoonni keenya dhumaniiru.

ק [Qoof]

19 Warri nu ariʼan risaa samii keessa barrisu caalaa saffisa qabu.+

Isaan gaarota irratti nu ariʼan; lafa onaa keessattis riphanii nu eeggatan.

ר [Reesh]

20 Hafuurri funyaan keenyaa, inni Yihowaan dibe+

Inni waaʼee isaa, “Nuti gaaddisa isaa jalatti saboota gidduu jiraanna” jenne sun boolla isaanii isa guddaa keessatti qabameera.+

ש [Siin]

21 Yaa intala Edoom+ ishii biyya Uuz keessa jiraachaa jirtu nana, gammadi, ililchis.

Haa taʼu malee, xoofoon sun siifis ni kennama,+ atis ni machoofta, qullaa kees ni mulʼista.+

ת [Taaw]

22 Yaa intala Xiyoon, adabni balleessaa keetiin si irra gaʼu xumurameera.

Inni lammata boojiʼee si hin fudhatu.+

Yaa intala Edoom, kanaa mannaa inni xiyyeeffannaa isaa gara keetti ni deebisa.

Inni cubbuu kee ni saaxila.+

5 Yaa Yihowaa, wanta nu irra gaʼe yaadadhu.

Salphina nu irra gaʼe ilaali, argis.+

 2 Dhaalli keenya keessummootaaf, manni keenyas namoota biyya ormaatiif kennameera.+

 3 Nuti ijoollee abbaa hin qabne taaneerra; haadhotiin keenyas akkuma dubartoota abbaan manaa irraa duʼee taʼaniiru.+

 4 Bishaanuma keenya dhuguuf gatii kaffalla,+ qoraan keenyas gatiidhaan arganna.

 5 Warri nu ariʼan morma keenya bira gaʼaniiru;

Bututneerra, garuu boqonnaa hin arganne.+

 6 Nyaata gaʼaa argachuuf harka keenya gara Gibxiittii+ fi gara Asooritti diriirsina.+

 7 Abbootiin keenya warri cubbuu hojjetan amma hin jiran, nuti garuu balleessaa isaanii baachuuf dirqamneerra.

 8 Amma tajaajiltootatu nu bulchaa jira; namni harka isaanii jalaa nu oolchus hin jiru.

 9 Goraadee lafa onaa keessa jiruun kan kaʼe, nyaata keenya kan argannu lubbuu keenya balaadhaaf saaxillee ti.+

10 Beela cimaadhaan kan kaʼe, gogaan keenya akkuma iddoo ibiddaa guba.+

11 Isaan haadhotii manaa Xiyoon keessa jiranii fi durboota magaalota Yihudaa keessa jiran salphisaniiru.*+

12 Bulchitoonni harka isaaniitiin fannifamaniiru,+ jaarsoliinis kabaja hin arganne.+

13 Dargaggoonni dhagaa daakuu baatu, ijoolleenis baʼaa qoraanii jalatti kufu.

14 Jaarsoliin karra magaalattii irraa deemaniiru;+ dargaggoonnis muuziqaa hin taphatan.+

15 Gammachuun garaa keenya keessaa badeera; shubbisni keenyas gara gaddaatti jijjiirameera.+

16 Gonfoon mataa keenya irraa kufeera. Cubbuu waan hojjenneef, nuuf wayyoo!

17 Kanaan kan kaʼe garaan keenya dhukkubsateera,+

Wantoota kanaan kan kaʼes ijji keenya dadhabeera,+

18 Kunis kan taʼe Gaarri Xiyoon ona waan taʼeefi;+ amma jeedalootatu achi irra joora.

19 Ati garuu yaa Yihowaa, bara baraaf teessoo irra teessa.

Teessoon kee dhalootaa hamma dhalootaatti ni jiraata.+

20 Bara baraaf kan nu irraanfattuu fi yeroo dheeraa hammanaatiif kan nu dhiistu maaliifi?+

21 Yaa Yihowaa, ofitti nu deebisi, nutis fedhiidhaan gara keetti deebina.+

Akkuma bara duriitti guyyoota keenya haaressi.+

22 Ati garuu guutummaatti nu dhiisteetta.

Amma iyyuu akka malee nutti aarteetta.+

Boqonnaan 1-4 faaruuwwan gaddaa duraa duuba qubee Afaan Ibrootaatiin barreeffamani dha.

Ykn., “boqoo.”

Ykn., “Shamarran.”

Kal., “mataa.”

Ykn., “ni gammadan.”

Ykn., “lubbuun akka itti deebiʼu gochuuf.”

As irratti Yerusaalem dubartiitti fakkeeffamtee ibsamteetti.

Jechuunis, harqootatti, qambaratti.

Ykn., “lubbuu koo.”

Kal., “afaan.”

Ykn., “Shamarran.”

Ykn., “lubbuun akka itti deebiʼu gochuuf.”

Ykn., “Keessi.”

Kal., “gaanfa.”

Kal., “irra ni dhaabbate.”

Ykn., “Ayyaana isaa ni balleesse.”

Kal., “liqimsuu.”

Ykn., “Qajeelfamni.”

Ykn., “Keessi.”

As irratti Yerusaalem nameeffamtee kan ibsamte yeroo taʼu, yaanni bifa walalootiin barreeffame kun gaddaa fi gara laafina kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “tiruun koo lafa irratti dhangalaʼeera.”

Kal., “gaanfa.”

Kal., “intala ija keetiif.”

Kal., “Mataa daandiiwwan.”

Ykn., “firii.”

Ykn., “Shamarran.”

Ykn., “akkuma fayyaa taʼanitti daʼee.”

Ykn., “ni ittisa.”

Ykn tarii, “lafa akkan baʼus godheera.”

Kal., “irra ejjeteera.”

Kal., “Ilmaan.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “obsaan.”

Kal., “Namni lubbuudhaan jiru.”

Ykn., “lubbuu kootti.”

Ykn., “lubbuu kootii.”

Kal., “mataa.”

Ykn., “okkoteewwan.”

Kal., “onanii.”

Kal., “diimaa.”

Kal., “Balleessaan.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “gurraachina.”

Ykn., “namoota biyya ormaa taʼanii as jiraachuu.”

Ykn., “gudeedaniiru.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi