ZAKKAARIYAAS
1 Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti,+ waggicha keessaas jiʼa saddeettaffaatti, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Zakkaariyaas* raajichaa+ ilma Berekiyaa, ilma Idoo ni dhufe: 2 “Yihowaan abbootii keessanitti akka malee dheekkameera.+
3 “Wanta ani Yihowaan Gooftaan Raayyaa jedhe kana isaanitti himi: ‘Ani Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti. Gara kootti deebiʼaa, anis gara keessanitti nan deebiʼa.’+ Wantoota kana isinitti dubbachaa kan jiru ana Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.”
4 “‘Isin akka abbootii keessanii warra raajonni durii, “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Maaloo, daandii keessan isa hamaa fi gocha keessan isa hamaa irraa deebiʼaa’+ jedhanii itti himan sanaa hin taʼinaa.”’
“‘Isaan garuu hin dhageenye, xiyyeeffannaadhaanis na hin dhaggeeffanne’+ jedha Yihowaan.
5 “‘Abbootiin keessan amma eessa jiru? Raajonni keessan hoo bara baraaf jiraataniiruu? 6 Haa taʼu malee, dubbiin koo fi labsiin koo inni ani tajaajiltoota koo warra raajota taʼan ajaje abbootii keessan irratti hin raawwatamnee?’+ Kanaafuu isaan gara kootti deebiʼanii, ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkuma murteessee turetti+ akka daandii keenyaattii fi akka hojii keenyaatti nuuf deebiseera’ jedhan.”
7 Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa Sheebaat* isa jiʼa 11ffaa taʼetti,+ jiʼicha keessaas guyyaa 24ffaatti, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Zakkaariyaas raajichaa ilma Berekiyaa, ilma Idoo ni dhufe: 8 “Anis halkan mulʼata nan arge. Namichi farda diimaa gulufu tokko jira ture; innis hallayyaa keessa mukeetii hadaasii* gidduu dhaabbatee ture; duuba isaatiinis fardi diimaan, fardi boorrii fi fardi adiin jiru turan.”
9 Kanaafuu, “Yaa gooftaa koo, kanneen kun eenyu faʼi?” jedheen gaafadhe.
Maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sunis, “Kanneen kun eenyufaa akka taʼan sitti nan argisiisa” jedhee naaf deebise.
10 Yeroo kanatti namichi inni mukeetii hadaasii gidduu dhaabbatee ture sun, “Kanneen kun warra lafa irra akka deddeebiʼaniif Yihowaan erge dha” jedhe. 11 Isaanis maleekaa Yihowaa isa mukeetii hadaasii gidduu dhaabbatee ture sanaan, “Nuti lafa irra deddeebineerra; kunoo, guutummaan lafaas tasgabbii kan qabduu fi kan hin jeeqamne dha”+ jedhan.
12 Kanaafuu, maleekaan Yihowaa, “Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, hamma yoomiitti Yerusaalemii fi magaalota Yihudaa+ warra waggaa 70f itti dheekkamtetti gara laafina argisiisuu dhiista?”+ jedhe.
13 Yihowaanis jechoota gaarii fi nama jajjabeessanitti fayyadamee maleekaa isa anaa wajjin dubbachaa ture sanaaf deebii ni kenne. 14 Achiis maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sun akkana naan jedhe: “Akkana jedhii labsi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ani hinaaffaa guddaadhaan Yerusaalemii fi Xiyooniif hinaafeera.+ 15 Ani saboota warra dhiphina malee jiraatan irratti dheekkamsa guddaa nan dheekkama;+ sababiin isaas, yeroo ani dheekkamsa xinnoo dheekkametti+ isaan rakkina dabalataa isaan irratti geessisaniiru.”’+
16 “Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: ‘“Ani gara laafinaan gara Yerusaalemitti nan deebiʼa,+ manni koos ishii keessatti ni ijaarama”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa, “wadaroon safaraas Yerusaalem irra ni diriirfama.”’+
17 “Ammas irra deebiʼiitii akkana jedhii labsi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Magaalonni koo ammas deebiʼanii wanta gaariidhaan ni guutamu; Yihowaan ammas Xiyooniin ni jajjabeessa;+ Yerusaalemiinis deebisee ni filata.”’”+
18 Achiis ol jedhee yommuun ilaalu gaanfota afur nan arge.+ 19 Kanaafuu, maleekaa anaa wajjin dubbachaa ture sana, “Kanneen kun maali dha?” jedheen gaafadhe. Innis, “Kanneen kun gaanfota warra Yihudaa, Israaʼelii fi Yerusaalemiin bittinneessanii turani dha”+ jedhee deebise.
20 Achiis Yihowaan ogeeyyii harkaa afur natti argisiise. 21 Anis, “Kanneen kun maal hojjechuuf dhufan?” jedheen gaafadhe.
Innis, “Kanneen kun gaanfota namni tokko illee mataa isaa ol qabachuu hamma hin dandeenyetti Yihudaa bittinneessanii turani dha. Kanneen kun immoo isaan sodaachisuuf, gaanfota sabootaa warra ishii bittinneessuuf gaanfota isaanii biyya Yihudaa irratti kaasan sana gatuuf ni dhufu” jedhe.
2 Anis ol jedhee yommuun ilaalu namicha wadaroo safaraa+ harka isaatti qabate tokko nan arge. 2 Kanaafuu, “Eessa dhaqxa?” jedheen isa gaafadhe.
Innis, “Dalga ishii fi dheerina ishii beekuuf, Yerusaalemiin safaruufan dhaqa”+ jedhee deebise.
3 Kunoo, maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sun gad baʼe; maleekaan kan biraanis isa argachuu dhufe. 4 Achiis akkana isaan jedhe: “Gara achiitti fiigiitii dargaggeessa sanaan akkana jedhi: ‘“Yerusaalem namootaa fi horii ishii keessa jiran hundumaatiin kan kaʼe akkuma gandeen dallaa hin qabneetti kan namni keessa jiraatu ni taati.+ 5 Anis dallaa ibiddaa ishiitti marsee jiru ishiidhaaf nan taʼa;+ ulfinni koos ishii gidduu ni jiraata”+ jedha Yihowaan.’”
6 “Kottaa! Kottaa! Biyya kaabaa keessaa baqadhaa”+ jedha Yihowaan.
“Sababiin isaas, ani gara bubbeewwan samii arfaniitti isin bittinneesseen ture”+ jedha Yihowaan.
7 “Yaa Xiyoon ishii intala Baabilonii wajjin jiraattu nana, miliqii kottu.+ 8 Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa inni erga ulfina argatee booda* saboota isin saamanii turanitti na erge akkana jedha:+ ‘Kan isin tuqu kam iyyuu qaroo ija kootii tuqa.+ 9 Ani harka koo isaan irratti nan raasa, isaanis garbootuma isaaniitiin ni saamamu.’+ Isinis Yihowaan Gooftaan Raayyaa akka na erge dhugumaan ni beektu.
10 “Yaa intala Xiyoon,+ gammachuudhaan ililchi; sababiin isaas, ani nan dhufa,+ si gidduus nan jiraadha”+ jedha Yihowaan. 11 “Guyyaa sanatti saboonni hedduun Yihowaa cinaa ni dhaabbatu,+ isaanis saba koo ni taʼu; ani si gidduu nan jiraadha.” Atis Yihowaan Gooftaan Raayyaa gara keetti akka na erge dhugumaan ni hubatta. 12 Yihowaan lafa qulqulluu irratti Yihudaa gaʼee isaa godhatee akka dhaalaatti ni fudhata; inni ammas Yerusaalemiin ni filata.+ 13 Isin foon* hundi, inni iddoo jireenyaa isaa isa qulqulluu irraa tarkaanfii waan fudhatuuf, Yihowaa duratti calluma jedhaa.
3 Innis Iyyaasuu luba ol aanaa isa maleekaa Yihowaa dura dhaabbatee jiru natti argisiise;+ Seexanni immoo+ isa mormuuf karaa harka mirgaa isaatiin dhaabbatee ture. 2 Achiis maleekaan Yihowaa sun Seexanaan akkana jedhe: “Seexana nana,+ Yihowaan si haa ifatu, eeyyee, Yihowaan inni Yerusaalemiin filate+ si haa ifatu! Inni kun muka ibidda keessaa butamee baʼe mitii?”
3 Yeroo kanatti Iyyaasuun uffata xuraaʼaa uffatee maleekaa sana dura dhaabbatee ture. 4 Maleekaan sunis warra isa dura dhaabbatanii jiraniin, “Uffata isaa isa xuraaʼaa irraa baasaa” jedhe. Achiis, “Ilaa, ani balleessaan* kee akka si irraa fagaatu godheera, atis uffata gaarii* ni uffatta”+ isaan jedhe.
5 Kanaafuu ani, “Maratni mataa qulqulluun mataa isaa irra haa kaaʼamu”+ nan jedhe. Isaanis marata mataa qulqulluu mataa isaa irra ni kaaʼan, uffatas isatti ni uwwisan; maleekaan Yihowaas achi dhaabbatee ture. 6 Achiis maleekaan Yihowaa sun Iyyaasuudhaan akkana jedhe: 7 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ati daandii koo irra yoo deddeebitee fi itti gaafatamummaa na duratti qabdu yoo raawwatte, mana koo keessatti abbaa murtii taatee ni tajaajilta;+ mooraa koos ni kunuunsita;* ani warra as dhaabbatan gidduu deddeebiʼuuf mirga akka qabaattu nan godha.’
8 “‘Yaa Iyyaasuu Luba Ol Aanaa, maaloo dhagaʼi, michoonni kee warri si dura taaʼanis haa dhagaʼan; sababiin isaas, namoonni kun akka mallattootti tajaajilu; kunoo, ani Latii+ isa tajaajilaa koo taʼe nan fida!+ 9 Dhagaa ani Iyyaasuu dura kaaʼe kana ilaalaa! Dhagaa tokko irra ija torbatu jira; ani barreeffama tokko isa irratti nan boca; balleessaa biyya sanaas guyyaa tokkotti irraa nan fuudha’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.+
10 “‘Guyyaa sanatti, tokkoon tokkoon keessan muka wayinii fi muka harbuu keessan jalatti ollaa keessan ni affeertu’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”+
4 Maleekaan inni naa wajjin dubbachaa ture sunis deebiʼee dhufee akkuma nama tokko hirribaa dammaqsanitti na dammaqse. 2 Achiis, “Maaltu sitti mulʼata?” naan jedhe.
Anis akkana nan jedhe: “Kunoo, baattuu ibsaa guutummaatti warqii irraa hojjetamee+ fi fiixee isaa irra saanii golboon jiru tokkotu natti mulʼata. Ibsaawwan torba, eeyyee, ibsaawwan torba isa irra jiru;+ ibsaawwan fiixee isaa irra jiran kunis ujummoowwan torba qabu. 3 Isa biras mukeetiin ejersaa* lama jiru;+ isaanis inni tokko karaa mirgaa saanii golboo sanaa, inni tokko immoo karaa bitaa isaa jira.”
4 Achiis maleekaa anaa wajjin dubbachaa ture sana, “Yaa gooftaa koo, wantoonni kun maal argisiisu?” jedheen gaafadhe. 5 Kanaafuu, maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sun, “Wantoonni kun maal akka argisiisan hin beektuu?” jedhee na gaafate.
Anis, “Lakki, gooftaa koo” jedheen deebise.
6 Innis akkana naan jedhe: “Dubbiin Yihowaa Zarubaabeliif ergame isa kana: ‘“Wantoonni kun hundi humna waraanaatiin yookiin jabina namaatiin utuu hin taʼin,+ hafuura kootiin raawwatamu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. 7 Yaa gaara guddaa nana, ati eenyu? Zarubaabel+ duratti lafa diriiraa* ni taata.+ Iyyi, “Akkam bareeda! Akkam bareeda!” jedhu utuma dhagaʼamuu inni dhagaa fiixee fidee ni kaaʼa.’”
8 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 9 “Harki Zarubaabel buʼuura mana kanaa kaaʼeera,+ kan ijaaree xumurus harkuma isaa ti.+ Isinis gara keessanitti kan na erge Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼuu isaa dhugumaan ni hubattu. 10 Guyyaa hojicha keessaa xinnoon qofti hojjetamuu itti jalqabe* kan tuffate eenyu?+ Isaan harka Zarubaabel keessatti tumbii* yommuu argan ni gammadu. Isaan kun torban ijawwan Yihowaa guutummaa lafaa irra naannaʼani dha.”+
11 Achiis, “Mukeetiin ejersaa lamaan baattuu ibsaa sana irraa gara mirgaa fi gara bitaatiin jiran maal argisiisu?”+ jedheen isa gaafadhe. 12 Ammas siʼa lammaffaadhaaf, “Dameewwan* mukeetii ejersaa ujummoowwan warqii lamaan sana keessaan dhangalaʼaa warqii fakkaatu yaasan lamaan maal argisiisu?” jedheen isa gaafadhe.
13 Kanaafuu inni, “Wantoonni kun maal akka argisiisan hin beektuu?” jedhee na gaafate.
Anis, “Lakki, gooftaa koo” jedheen deebise.
14 Innis, “Kanneen kun dibamtoota lamaan Gooftaa guutummaa lafaa bira dhaabbatani dha”+ naan jedhe.
5 Ammas ol jedhee yommuun ilaalu, maraa kitaabaa balaliʼu tokko nan arge. 2 Innis, “Maaltu sitti mulʼata?” jedhee na gaafate.
Anis, “Maraa kitaabaa balaliʼuu fi dheerinni isaa dhundhuma* 20, dalgi isaa immoo dhundhuma 10 taʼe tokkotu natti mulʼata” jedheen deebise.
3 Achiis akkana naan jedhe: “Kun abaarsa guutummaa lafaa irratti baʼu dha; sababiin isaas, namni hatu kam iyyuu+ akka karaa tokkoon isa irratti barreeffametti hin adabamne; namni kakaa kakatu kam iyyuus+ akka karaa isa kan biraatiin irratti barreeffametti hin adabamne. 4 ‘Ani isa ergeera, innis mana hattuu sanaa fi mana isa maqaa kootiin sobaan kakatu sanaa keessa ni seena; manuma sana keessa turees, manicha, muka isaa fi dhagaa isaa ni nyaata’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”
5 Achiis maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sun natti dhihaatee, “Maaloo, ol jedhiitii wanta baʼaa jiru ilaali” naan jedhe.
6 Anis, “Maali dha?” jedheen gaafadhe.
Innis, “Kun miʼa eefaa* baʼaa jiru dha” jedhee naaf deebise. Itti fufees, “Guutummaa lafaa irratti bifti isaanii kana dha” naan jedhe. 7 Achiis qadaadni geengoon sibiila irsaasii irraa tolfame tokko yommuu ol kaafamu nan arge; miʼa sana keessas dubartiin takka teessee turte. 8 Innis, “Dubartiin tun hammina bakka buuti” naan jedhe. Achiis inni miʼa safartuu eefaa sana keessatti gad ishii deebisee qadaada sibiila irsaasii irraa tolfame sana afaan isaatti qadaade.
9 Achiis ol jedhee yommuun ilaalu dubartoonni lama gara fuulduraatti yommuu dhufan nan arge; isaan qilleensa keessa barrisaa turan. Isaan qoochoo kan akka allaattii awwaannisaa qabu turan. Achiis miʼicha qilleensa keessatti* ol fuudhan. 10 Anis maleekaa anaa wajjin dubbachaa ture sana, “Miʼa safartuu eefaa sana eessatti geessaa jiru?” jedheen gaafadhe.
11 Innis, “Mana ishiidhaaf ijaaruuf gara biyya Shinaaritti*+ ishii geessu; yommuu manichi qopheeffamus achi, iddoo ishii isa sirrii keessa kaaʼamti” jedhee deebise.
6 Achiis ol jedhee yommuun ilaalu gaariiwwan fardaa afur gaarota lama gidduudhaa utuu dhufanii nan arge; gaaronni sunis sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. 2 Gaariin inni jalqabaa fardeen diddiimoodhaan, gaariin inni lammaffaan immoo fardeen gugurraachaan harkifama ture.+ 3 Gaariin inni sadaffaan fardeen aʼadiidhaan, gaariin inni arfaffaan immoo fardeen buburree+ fi bifa garaa garaa qabaniin harkifama ture.
4 Anis maleekaa anaa wajjin dubbachaa ture sana, “Gooftaa koo, isaan kun maali dha?” jedheen gaafadhe.
5 Maleekaan sunis akkana jedhee naaf deebise: “Kanneen kun hafuurota samii arfan+ Gooftaa guutummaa lafaa dura erga dhaabbatanii booda baʼani dha.+ 6 Gaariin fardeen gugurraacha sanaan harkifamu gara biyya kaabaa dhaqa;+ warri aʼadiin galaanicha gama, warri buburreen immoo gara biyya kibbaa dhaqu. 7 Warri bifa garaa garaa qabanis baʼanii lafa irra deddeebiʼuuf hawwii guddaa qabu turan.” Achiis inni, “Dhaqaa, lafa irra deddeebiʼaa” jedhe. Isaanis lafa irra asii fi achi deddeebiʼuu jalqaban.
8 Innis na waamee, “Ilaa, warri gara biyya kaabaa dhaquuf baʼan hafuurri Yihowaa biyya kaabaa keessa akka buufatu godhaniiru” naan jedhe.
9 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 10 “Wanta Heldaay, Toobiyaanii fi Yedaayaan namoota boojiʼaman harkaa fuudhanii fidan sana isaan irraa fuudhi; guyyaa sanatti warra Baabilon irraa dhufan kanaa wajjin gara mana Yosiyaas ilma Sefaaniyaa dhaqi. 11 Meetii fi warqii fuudhiitii gonfoo* ittiin tolchi; achiis mataa Iyyaasuu+ ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa irra kaaʼi. 12 Akkana isaan jedhi:
“‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Namichi maqaan isaa Latii jedhamu isa kana.+ Inni iddoo isaatii ni lata; mana qulqullummaa Yihowaas ni ijaara.+ 13 Mana qulqullummaa Yihowaa kan ijaaru isa dha; ulfinas ni argata. Inni teessoo isaa irra taaʼee ni bulcha; teessoo isaa irra taaʼees luba ni taʼa;+ lamaan isaanii gidduus* waliigalteen nagaa ni jiraata. 14 Gonfoon sunis* mana qulqullummaa Yihowaa keessatti Heleem, Toobiyaa, Yedaayaa+ fi Heen ilma Sefaaniyaatiif akka yaadannootti* ni tajaajila. 15 Warri fagoo jiranis dhufanii mana qulqullummaa Yihowaa ijaaruu irratti ni hirmaatu.” Isinis gara keessanitti kan na erge Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼuu isaa dhugumaan ni hubattu. Sagalee Waaqa keessan Yihowaa yoo dhageessan wantoonni kun ni raawwatamu.’”
7 Daariyos mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jiʼa saglaffaatti, jechuunis jiʼa Kiisluutti,* jiʼicha keessaas guyyaa arfaffaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Zakkaariyaas+ ni dhufe. 2 Namoonni Beetel Yihowaan gaarummaa akka isaanitti argisiisu kadhachuuf Shaarezer, Regeem Meleekii fi namoota isaa ergan; 3 isaanis luboota mana* Yihowaa gooftaa raayyaa fi raajota, “Akkuma waggoota hedduudhaaf gochaa turretti, jiʼa shanaffaatti booʼuu+ fi nyaata lagachuu qabnaa?” jedhanii gaafatan.
4 Ammas dubbiin Yihowaa Gooftaa Raayyaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 5 “Namoota biyyattii hundumaa fi lubootaan akkana jedhi: ‘Isin waggaa 70f+ jiʼa shanaffaa fi jiʼa torbaffaatti+ yeroo soomaa fi booʼaa turtanitti, dhuguma anaaf soomtanii? 6 Yeroo nyaachaa fi dhugaa turtanitti hoo, kan nyaattanii fi kan dhugdan ofiif jettanii mitii? 7 Isin yeroo Yerusaalemii fi magaalota ishiitti marsanii jiran keessa namoonni jiraachaa turanittii fi nagaan jiru sanatti, akkasumas yeroo Negeebii fi Shefelaa keessa namoonni jiraachaa turanitti, dubbii Yihowaan karaa raajota isaa warra durii dabarseef ajajamuu hin qabdan turtanii?’”+
8 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Zakkaariyaas ni dhufe: 9 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Haqaan murtii kennaa;+ jaalala amanamaa+ fi gara laafina walitti argisiisaa. 10 Dubartii abbaan manaa irraa duʼe yookiin mucaa abbaa hin qabne,*+ nama biyya ormaa+ yookiin hiyyeessa hin gowwoomsinaa;+ garaa keessan keessattis waan hamaa wal irratti hin yaadinaa.’+ 11 Isaan garuu dhagaʼuu didan;+ mata jabeeyyii taʼuudhaan na irraa garagalan;+ akka hin dhageenyeefis gurra isaanii cuqqaalan.+ 12 Isaan garaa isaanii akkuma dhagaa* ni jabeessan;+ seerichaa* fi dubbii Yihowaan Gooftaan Raayyaa karaa raajota durii hafuura isaatiin ergeefis hin ajajamne.+ Kanaan kan kaʼes, Yihowaa Gooftaa Raayyaa irraa dheekkamsi guddaan ni dhufe.”+
13 “‘Isaan yommuu ani* isaan waame akkuma na hin dhageenye,+ anis yommuu isaan na waaman hin dhagaʼu’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. 14 ‘Ani saboota isaan sana dura hin beekne hundumaa gidduutti bubbee cimaadhaan isaan nan bittinneesse;+ biyyattiinis ona taate; namni ishii keessa darbus taʼe gara ishiitti deebiʼu hin jiru ture;+ sababiin isaas, isaan biyya bareedduu taate gara wanta sodaachisaatti jijjiiraniiru.’”
8 Ammas dubbiin Yihowaa Gooftaa Raayyaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani Xiyooniif hinaaffaa guddaadhaan nan hinaafa;+ dheekkamsa guddaadhaanis ishiidhaaf nan hinaafa.’”
3 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani gara Xiyoonitti nan deebiʼa,+ Yerusaalem keessas nan jiraadha;+ Yerusaalem magaalaa amanamtuu* jedhamtee ni waamamti;+ gaarri Yihowaa Gooftaa Raayyaas gaara qulqulluu jedhamee ni waamama.’”+
4 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Jaarsoliinii fi jaartiiwwan umurii dheeraa jiraachuu isaaniitiin* kan kaʼe ammas ulee qabatanii addabaabayiiwwan Yerusaalem keessa ni taaʼu.+ 5 Addabaabayiiwwan magaalattii ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa achi taphataniin ni guutamu.’”+
6 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Yeroo sanatti kun namoota saba kana keessaa hafaniif baayʼee ulfaataa yoo fakkaate illee, anatti baayʼee ulfaataa fakkaachuu qabaa?’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”
7 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani saba koo biyyoota bahaa fi dhihaa* keessaa baasee nan fida.+ 8 Ani isaan nan fida, isaanis Yerusaalem keessa ni jiraatu;+ isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii isa dhugaa* fi isa qajeelaa isaaniif nan taʼa.’”+
9 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isin warri dubbii kana afaan raajotaa keessaa dhagaʼaa jirtan,+ harka keessan jabeeffadhaa;*+ dubbiin kun manni qulqullummaa akka ijaaramuuf yeroo buʼuurri mana Yihowaa Gooftaa Raayyaa kaaʼametti dubbatamee ture. 10 Yeroo sana dura, namaafis taʼe horiidhaaf mindaan kaffalamaa hin turre;+ diinaan kan kaʼes nagaadhaan seenanii baʼuun hin jiru ture; sababiin isaas, ani namoota hundumaa wal irratti kaaseen ture.’
11 “‘Amma garuu warra saba kana keessaa hafan irratti akka baroota darbanii hin godhu’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. 12 ‘Sababiin isaas, sanyiin nagaa ni facaafama; mukti wayinii firii isaa ni kenna; lafti oomisha ishii ni kenniti;+ samiinis fixeensa isaa ni kenna; ani warri saba kana keessaa hafan wantoota kana hundumaa akka dhaalan nan godha.+ 13 Yaa mana Yihudaa fi mana Israaʼel, isin akkuma saboota gidduutti abaarsa taatanii turtan,+ amma ani isin nan oolcha, isinis eebba ni taatu.+ Hin sodaatinaa!+ Harka keessan jabeeffadhaa.’*+
14 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘“Abbootiin keessan waan na dheekkamsiisaniif badiisa isaan irratti fiduuf akkuman murteessee turee fi kanattis hin gaabbinetti” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa,+ 15 “yeroo kanattis Yerusaalemii fi mana Yihudaatiif wanta gaarii gochuuf murteesseera.+ Hin sodaatinaa!”’+
16 “‘Wanti isin gochuu qabdan kana dha: Walii keessanitti dhugaa dubbadhaa;+ murtiin isin karra keessan irratti kennitanis dhugaa fi nagaa kan babalʼisu haa taʼu.+ 17 Garaa keessan keessatti hammina wal irratti hin yaadinaa;+ kakaa sobaa akkamii iyyuu hin jaallatinaa;+ sababiin isaas, ani wantoota kana hundumaa nan jibba’+ jedha Yihowaan.”
18 Ammas dubbiin Yihowaa Gooftaa Raayyaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 19 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Soomni jiʼa arfaffaa,+ soomni jiʼa shanaffaa,+ soomni jiʼa torbaffaa+ fi soomni jiʼa kurnaffaa+ mana Yihudaatiif yeroo itti ililchanii fi yeroo gammachuu, eeyyee, yeroo ayyaana gammachuu ni taʼa.+ Kanaafuu, dhugaa fi nagaa jaalladhaa.’
20 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Saboonnii fi jiraattonni magaalota hedduu dhugumaan ni dhufu; 21 jiraattonni magaalaa tokkoos jiraattota magaalaa kan biraatiin, “Kottaa, Yihowaan gaarummaa akka nutti argisiisu kadhachuu fi Yihowaa Gooftaa Raayyaa barbaaddachuuf haa dhaqnu. Nutis ni dhaqna”+ jedhu. 22 Namoonni hedduunii fi saboonni jajjaboon Yerusaalem keessatti Yihowaa Gooftaa Raayyaa barbaaddachuu+ fi Yihowaan gaarummaa akka isaanitti argisiisu kadhachuuf ni dhufu.’
23 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Bara sanatti namoonni qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan+ kudhan uffata* nama Yihudii tokkoo qabatanii, eeyyee, cimsanii qabatanii, “Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef,+ nuti isinii wajjin deemuu barbaanna”+ jedhu.’”
9 Murtii Waaqayyo dabarse:
“Dubbiin Yihowaa biyya Hadraak irratti dhufeera,
Damaasqoon akeeka* isaa taateetti,+
Sababiin isaas, ijji Yihowaa ilmaan namootaa irra,+
Gosoota Israaʼel hundumaa irra jira.
2 Akkasumas Hamaat+ ishii ishii daangessitu,
Xiirosii+ fi Siidooniinis+ akeeka isaa godhateera; sababiin isaas, isaan baayʼee ogeeyyii akka taʼanitti yaadu.+
3 Xiiros dallaa ittisaa* ijaarratteetti.
Ishiin meetii akkuma biyyootti,
Warqiis akkuma kosii daandii irra jiruutti tuullatteetti.+
4 Kunoo, Yihowaan qabeenya ishii ishii irraa ni fuudha,
Raayyaa waraanaa ishii galaana keessatti* ni rukuta;+
Ishiinis ibiddaan gubamti.+
5 Ashqaloon kana argitee ni sodaatti;
Gaazaan baayʼee ni dhiphatti,
Eqroonis baayʼee ni dhiphatti, sababiin isaas, inni ishiin abdatte salphateera.
Gaazaan mootii ishii ni dhabdi,
Ashqaloon keessas namni hin jiraatu.+
6 Ilmi diqaalaa taʼe Ashdood keessa ni buufata,
Anis of tuulummaa Filisxeem nan balleessa.+
7 Wantoota dhiigaan faalaman afaan isaa keessaa,
Wantoota balfamoo taʼanis ilkaan isaa gidduudhaa nan balleessa,
Isa keessaa kan hafe kan Waaqa keenyaa ni taʼa;
Yihudaa keessatti akka dura buʼaa* ni taʼa,+
Eqroonis akka Yebuusichaa ni taati.+
8 Namni tokko illee akka isa keessa hin darbinee fi akka achiin hin deebineef,
Ani eegduu taʼee mana koo bira nan buufadha;+
Namni hojii hojjechiisu* kana booda achi keessa hin darbu,+
Sababiin isaas, ani amma ijuma kootiin isa* argeera.
9 Yaa intala Xiyoon, baayʼee gammadi.
Yaa intala Yerusaalem, injifannoodhaan iyyi.
Kunoo, mootiin kee gara kee ni dhufa.+
10 Ani Efreem irraa gaarii fardaa waraanaa,
Yerusaalem irraas farda nan fuudha.
Iddaan waraanaa ni fudhatama.
Inni sabootaaf nagaa ni labsa;+
Bulchiinsi isaa galaanaa hamma galaanaatti,
11 Yaa dubartii nana, ani dhiiga kakuu keetiitiin kan kaʼe
Hidhamtoota kee boolla bishaan hin qabne keessaa baasee nan erga.+
12 Isin hidhamtoonni warri abdii qabdan, gara dahoo sanaatti deebiʼaa.+
Ani harʼa sitti nan hima:
‘Yaa dubartii nana, ani gaʼee dachaa siif nan deebisa.+
13 Sababiin isaas, ani Yihudaa akka iddaa kootti nan dabsa.*
Iddaa sana Efreemiin nan guuta,*
Yaa Xiyoon, ani ilmaan kee dammaqsee
Ilmaan Giriikii irratti akka kaʼan nan godha,
Akka goraadee loltuus sin godha.’
14 Yihowaan saba isaa wajjin akka jiru ni argisiisa,
Xiyyi isaa akkuma bakakkaatti ni baʼa.
Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan sagalee xurumbaa* ni dhageessisa,+
Obomboleettii kibbaatiinis fuulduratti ni adeema.
15 Yihowaan Gooftaan Raayyaa isaaniif ni lola,
Isaan dhagoota furrisaa ni liqimsu, ni dhidhiitus.+
Isaan ni dhugu, akka waan daadhii wayinii dhuganiittis ni wacu;
Akka saanii golbootti,
Akka goleewwan iddoo aarsaattis ni guutamu.+
16 Sabni isaa hoolota isaa waan taʼaniif,
Guyyaa sanatti Waaqni isaanii Yihowaan isaan ni oolcha;+
Isaan akkuma dhagaa gatii guddaa qabuu fi gonfoo irra jiruutti biyyoo isaa irraa ni calaqqisu.+
17 Sababiin isaas, gaarummaan isaa baayʼee guddaa dha!+
Miidhaginni isaas baayʼee dinqisiisaa dha!
Midhaan dargaggoonni,
Daadhiin wayiniis shamarran akka ciman ni godha.”+
10 “Waqtii rooba arfaasaatti Yihowaan bokkaa akka roobsu gaafadhaa.
Duumessa bokkaa cimaa qabu kan uumu,
Bokkaa kan isaaniif roobsu,+
Hundumaatiif biqiltoota dirree keessa jiran kan kennu Yihowaa dha.
Isaan waaʼee abjuuwwan gatii hin qabnee dubbatu,
Yaaliin isaan jajjabina kennuuf godhan gatii hin qabu.
Kanaan kan kaʼes isaan akka hoolaatti asii fi achi ni jooru.
Tikseen waan hin jirreef isaan ni rakkatu.
3 Dheekkamsi koo tiksitoota irratti ni bobaʼa,
Geggeessitoonni cunqursitoota taʼan* akka itti gaafataman nan godha;
Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa xiyyeeffannaa isaa gara hoolota isaatti, gara mana Yihudaatti deebiseera,+
Akkuma fardi waraanaa isaa ulfina qabeessa taʼe, isaaniinis ulfina qabeeyyii godheera.
4 Namni iddoo guddaa qabu* isa keessaa ni baʼa,
Bulchaan isa deggeru* isa keessaa ni baʼa,
Iddaan waraanaa isa keessaa ni baʼa;
Tokkoon tokkoon ilaaltuu ol aanaa* isa keessaa ni baʼa, hundi isaanii walumaan ni baʼu.
5 Isaan akkuma loltoota
Waraana irratti dhoqqee daandii irra jiru dhidhiitanii ni taʼu.
6 Ani manni Yihudaa hundumaa irra akka caalu nan godha,
Mana Yoseefis nan fayyisa.+
Ani gara laafina waanan isaanitti argisiisuuf,+
Iddootti isaan nan deebisa;
Isaan akkuma waan ani kanaan dura isaan hin gannee ni taʼu;+
Sababiin isaas, ani Waaqa isaanii Yihowaa dha; deebiis isaaniif nan kenna.
7 Namoonni Efreem akkuma loltuu jabaa ni taʼu,
Garaan isaaniis akkuma waan daadhii wayinii dhuganiitti ni gammada.+
Ilmaan isaaniis kana arganii ni gammadu;
Garaan isaanii Yihowaatti ni gammada.+
8 ‘Ani siiqsuudhaan walitti isaan nan qaba;
Isaan nan fura,+ isaanis hedduu ni taʼu,
Baayʼachuu isaaniis ittuma fufu.
9 Ani akka sanyiitti saboota gidduutti kanan isaan bittinneesse taʼu illee,
Isaan iddoowwan fagootti na yaadatu;
Ilmaan isaanii wajjin bayyanatanii ni deebiʼu.
10 Ani biyya Gibxii keessaa isaan nan deebisa,
Asoor keessaas walitti isaan nan qaba;+
Gara biyya Giiliyaadii+ fi Libaanonitti isaan nan fida,
Iddoo gaʼaan isaaniif hin argamu.+
11 Inni galaanicha jeequudhaan isa gidduu ni darba;
Galaanicha keessattis dambaliiwwan ni rukuta;+
Bishaanonni Abbayyaa gad fagoo taʼan hundis ni gogu.
Of tuulummaan Asoor gad ni qabama,
Uleen mootummaa Gibxiis ni bada.+
12 Ani Yihowaan isaan hundumaa irra akka caalan nan godha,+
Isaanis maqaa kootiin ni deddeebiʼu’+ jedha Yihowaan.
11 “Yaa Libaanon, ibiddi muka gaattiraa kee akka nyaatuuf,
Balbala kee bani.
2 Yaa muka birbirsaa, mukti gaattiraa waan jigeef gadoodi;
Mukeetii guguddaan balleeffamaniiru!
Yaa qilxuuwwan Baashaan,
Bosonni gobbuun waan badeef gadoodaa!
3 Tiksitoonni ulfinni isaanii baduu isaatiin kan kaʼe
Yommuu gadoodan dhagaʼaa!
Leenconni saafelli bosonni gobbuun Yordaanos bira jiru mancaʼuu isaatiin kan kaʼe
Yommuu baroodan dhagaʼaa!
4 “Waaqni koo Yihowaan akkana jedha: ‘Hoolota qalamuuf jedhan tiksi;+ 5 warri isaan bitan isaan qalan;+ taʼus, isaan yakka rawwataniin itti hin gaafatamne. Warri isaan gurguranis,+ “Yihowaadhaaf galanni haa taʼu, ani sooressa nan taʼa” jedhu. Tiksitoonni isaanii garaa isaaniif hin laafan.’+
6 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani kana booda jiraattota biyyattiitti gara laafina hin argisiisu. Kanaafuu, ani tokkoon tokkoon namaa harka ollaa isaa fi harka mootii isaa keessatti akka kufu nan godha; isaan biyyattii ni balleessu; anis harka isaanii keessaa isaan hin oolchu.’”
7 Yaa hoolota cunqurfamtan nana, ani isiniif jedhee hoolota qalamuuf jedhan sana+ tiksuu jalqabeera. Kanaafuu, ani ulee lama fudhadhee isa tokko Gammachuu, isa kan biraa immoo Tokkummaa jedhee moggaaseera;+ hoolotas tiksuu jalqabeera. 8 Ani* kana caalaa isaaniif obsuu waan hin dandeenyeef, isaanis* waan na jibbaniif, tiksitoota sadii jiʼa tokko gidduutti nan ariʼe. 9 Anis, “Isin tiksuu koo itti hin fufu. Inni duʼuuf jedhu haa duʼu, inni baduuf jedhus haa badu. Warri hafan immoo foon walii isaanii haa nyaatan” nan jedhe. 10 Kanaafuu, ulee koo isa Gammachuu+ jedhamu fuudhee cabsuudhaan kakuu isan saba koo wajjin gale nan diige. 11 Akka kanaan, inni guyyaa sanatti ni cabe; hoolota keessaa warri cunqurfamanii fi na ilaalaa turanis kun dubbii Yihowaa taʼuu isaa ni beekan.
12 Achiis, “Gaarii fakkaatee yoo isinitti mulʼate mindaa koo naaf kennaa; taʼuu baannaan immoo itti dhiisaa” isaaniin nan jedhe. Isaanis mindaa koo, meetii sheeqilii* 30 naaf kaffalan.*+
13 Achiis Yihowaan, “Gatii guddaa isaan ittiin na shallagan sana fuudhiitii mana qabeenyaa keessatti darbadhu”+ naan jedhe. Kanaafuu, meetii sheeqilii 30 sana fuudheen mana qabeenyaa mana Yihowaa keessatti darbadhe.+
14 Achiis ulee koo isa lammaffaa isa Tokkummaa+ jedhamu cabsuudhaan obbolummaa Yihudaa fi Israaʼel gidduu jiru nan diige.+
15 Yihowaanis akkana naan jedhe: “Amma meeshaalee tiksee faayidaa hin qabne sanaa fudhadhu.+ 16 Sababiin isaas, ani tikseen tokko biyyattii keessatti akka kaʼu nan godha. Inni hoolota dhumuuf jedhan hin kunuunsu;+ ilmoo hoolaa bade hin barbaadu yookiin isa miidhame hin fayyisu+ yookiin warra dhaabbachuu dandaʼan hin sooru. Kanaa mannaa, foon hoolaa gabbataa ni nyaata;+ kottee hoolotaas irraa ni kuta.+
17 Tiksee koo isa gatii hin qabne, isa hoolota koo gate sanaaf wayyoo!+
Goraadeen harka isaa fi ija isaa isa mirgaa ni rukuta.
Harki isaa guutummaatti ni goga,
Ijji isaa inni mirgaas guutummaatti ni jaama.”*
12 Murtii Waaqayyo dabarse:
Dubbiin Yihowaan Israaʼeliin ilaalchisee dubbate isa kana;
Yihowaan inni samiiwwan diriirse,+
Inni buʼuura lafaa kaaʼe,+
Inni nama keessatti hafuura uume akkana jedha:
2 “Kunoo, ani Yerusaalem xoofoo* saboonni naannoo ishii jiran hundi akka gatantaran godhu akka taatu nan godha; Yihudaa fi Yerusaalemittis diinni ni marsa.+ 3 Guyyaa sanatti Yerusaalem saboota hundumaatti dhagaa ulfaataa akka taatu nan godha. Kan ol ishii kaasan hundi akka malee ni miidhamu;+ saboonni lafa irraa hundis ishii irratti walitti ni qabamu.”+ 4 Yihowaan akkana jedha: “Guyyaa sanatti ani farda hundumaa sodaadhaan, isa fardicha gulufus maraatummaadhaan nan rukuta. Ani ija koo mana Yihudaa irra nan kaaʼa; fardeen sabootaa hunda garuu nan jaamsa. 5 Dura buutonni Yihudaas garaa isaaniitti, ‘Jiraattonni Yerusaalem Waaqa isaanii Yihowaa Gooftaa Raayyaatiin kan kaʼe jabina keenya taʼaniiru’ jedhu.+ 6 Guyyaa sanatti ani dura buutonni Yihudaa akka distii ibidda qabatee qoraan gidduu jiruu, akkasumas akka guca bobaʼuu fi midhaan reefuu haamame gidduu jiruu akka taʼan nan godha;+ isaan namoota naannoo isaanii mirgaa fi bitaadhaan jiran hundumaa ni nyaatu;+ jiraattonni Yerusaalemis iddoo isaanii,* eeyyee, Yerusaalem keessa jiraachuu isaanii itti fufu.+
7 “Yihowaan jalqaba dunkaanota Yihudaa ni oolcha; kanas kan godhu, bareedinni* mana Daawitii fi bareedinni* jiraattota Yerusaalem kan Yihudaa caalaa guddaa akka hin taaneefi. 8 Guyyaa sanatti Yihowaan jiraattota Yerusaalemiif ittisa ni taʼa;+ guyyaa sanatti isaan gidduudhaa namni gufatu* akka Daawit ni taʼa; manni Daawitis akka Waaqayyoo, akka maleekaa Yihowaa isaan dura deemuu ni taʼu.+ 9 Guyyaa sanatti ani saboota Yerusaalem irratti dhufan hundumaa dhugumaan haxaaʼee nan balleessa.+
10 “Ani mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem irratti hafuura fudhatama argachuu fi hafuura wawwaannaa nan dhangalaasa; isaanis gara isa waraanan sanaa ni ilaalu;+ akkuma ilma tokkichaaf booʼanitti isaaf ni booʼu; akkuma ilma angafaatiif gaddanittis baayʼee isaaf ni gaddu. 11 Guyyaa sanatti booʼichi Yerusaalem keessa jiraatu, akkuma booʼicha Hadaadrimoon ishii dirree Megidoo keessatti argamtuu guddaa ni taʼa.+ 12 Biyyattiin ni boossi; tokkoon tokkoon maatii kopha kophaatti, maatiin mana Daawit kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, maatiin mana Naataan+ kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, 13 maatiin mana Leewwii+ kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, maatiin Shimeʼiiwotaa+ kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, 14 maatiiwwan hafan hundis tokkoon tokkoon maatii kopha kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti ni booʼu.
13 “Guyyaa sanatti cubbuu fi xuraaʼummaa irraa qulqulleessuuf mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalemiif boolli bishaanii tokko ni qotama.+
2 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Guyyaa sanatti ani maqaa waaqolii tolfamoo biyyattii keessaa nan balleessa,+ isaanis sana booda hin yaadataman; raajotaa fi hafuura xuraaʼummaas biyyattii keessaa haxaaʼee nan balleessa.+ 3 Namni tokko ammas yoo raajii dubbate abbaan isa dhalchee fi haati isa deesse, ‘Ati maqaa Yihowaatiin soba waan dubbatteef, lubbuudhaan hin jiraattu’ isaan jedhu. Abbaan isa dhalchee fi haati isa deesse raajii dubbachuu isaatiin kan kaʼe isa ni waraanu.+
4 “Guyyaa sanatti tokkoon tokkoon raajii yommuu raajii dubbatu mulʼata isaatti ni qaanaʼa; gowwoomsuudhaafis uffata isa rifeensa irraa tolfame hin uffatu.+ 5 Akkasumas inni, ‘Ani raajii miti. Ani qotee bulaa dha; namicha tokkotu ijoollummaa kootti na bitate’ jedha. 6 Namni tokko, ‘Madaan gateettii* kee gidduu jiru kun maali dha ree?’ jedhee yeroo isa gaafatu, inni, ‘Mana michoota koo* utuun jiruun madaaʼe’ jedhee deebisa.”
7 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Yaa goraadee nana, tiksee koo irratti,+
Namicha isa michuu koo taʼe irratti kaʼi.
Tiksee sana rukuti, hoolonnis haa bittinnaaʼan;+
Anis warra xixinnoo taʼan irratti harka koo nan kaasa.”
8 Yihowaan akkana jedha: “Guutummaa biyyattii keessatti,
Ishii keessaa harka sadii keessaa harki lama ni kutama, ni badas;*
Harki inni sadaffaan immoo ishii keessatti ni hafa.
9 Harka isa sadaffaa ibidda keessa nan dabarsa;
Akkuma meetiin qulqulleeffamutti isaan nan qulqulleessa,
Akkuma warqiin qoramuttis isaan nan qora.+
Isaan maqaa koo ni waammatu,
Anis isaaniif nan deebisa.
Ani, ‘Isaan saba koo ti’ nan jedha,+
Isaan immoo, ‘Yihowaan Waaqa keenya dha’ jedhu.”
14 “Kunoo, guyyaan Yihowaa, guyyaan wanti si* irraa boojiʼame suma gidduutti itti hihiramu ni dhufa. 2 Ani saboonni hundi Yerusaalem irratti kaʼanii akka ishii waraananiif walitti isaan nan qaba; magaalattiin ni qabamti, manneen ni saamamu, dubartoonnis ni gudeedamu. Jiraattota magaalattii keessaa walakkaan isaanii boojuudhaan ni fudhatamu; warri sabicha keessaa hafan garuu magaalattii keessaa hin balleeffaman.
3 “Yihowaan akkuma guyyaa waraanaatti lolutti+ baʼee saboota sana ni waraana.+ 4 Guyyaa sanatti miilli isaa Gaara Ejersaa+ isa kallattii bahaatiin Yerusaalem fuullee jiru irra ni dhaabbata; Gaarri Ejersaa sunis bakka lamatti ni hirama; bahaa* hamma dhihaatti* baqaquudhaan sulula baayʼee guddaa taʼe tokko ni uuma; walakkaan gaarichaa gara kaabaatti, walakkaan isaa immoo gara kibbaatti ni siqa. 5 Sululli gaarota sanaa Azeel bira waan gaʼuuf, isin gara sulula gaarota kootiitti ni baqattu. Isin akkuma bara Ooziyaa mootii Yihudaatti yeroo kirkirri lafaa uumame baqattanitti ni baqattu.+ Waaqni koo Yihowaan ni dhufa; qulqulloonni hundis isaa wajjin ni taʼu.+
6 “Guyyaa sanatti ifni guddaan hin jiraatu,+ wanti hundis ni kantara.* 7 Guyyaan sun guyyaa addaa, guyyaa Yihowaa taʼuudhaan beekamu ni taʼa.+ Guyyaas taʼe halkan hin qabaatu; yeroo galgalaatti immoo ifni ni jiraata. 8 Guyyaa sanatti bishaan jireenyaa+ Yerusaalem keessaa baʼee+ walakkaan isaa gara galaana isa bahaatti,*+ walakkaan isaa immoo gara galaana isa dhihaatti* ni yaaʼa.+ Bonaa fi ganna akkana ni taʼa. 9 Yihowaan guutummaa lafaa irratti Mootii ni taʼa.+ Guyyaa sanatti Yihowaan tokko,+ maqaan isaas tokko ni taʼa.+
10 “Geebaa+ irraa kaasee hamma Rimoon+ ishii Yerusaalem irraa kallattii kibbaatiin argamtutti guutummaan biyyattii akka Arabaa+ ni taati; ishiin iddoo ishii duriitti ni kaati, namoonnis ishii keessa ni jiraatu;+ isaanis Karra Biiniyaam irraa kaasee+ hamma iddoo Karra Jalqabaatti, hamma Karra Goleetti, akkasumas Masaraa Hanaanʼel irraa kaasee+ hamma iddoo cuunfaa wayinii mootichaatti achi ni jiraatu. 11 Namoonni ishii keessa ni jiraatu; sana booda abaarsi badiisa geessisu matumaa hin dhufu;+ Yerusaalem keessa namoonni nagaadhaan ni jiraatu.+
12 “Dhaʼichi Yihowaan saboota Yerusaalem irratti waraana banan hundumaa ittiin rukutu isa kana:+ Foon isaanii utuma isaan miila isaaniitiin dhaabbatanii jiranii ni tortora, ijji isaanii boolla isaa keessatti ni tortora, arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti ni tortora.
13 “Guyyaa sanatti Yihowaan isaan gidduu burjaajaʼuun akka babalʼatu ni godha; tokkoon tokkoon isaanii harka michuu isaanii ni qabatu; harki isaanii harka michuu isaanii irratti ni kaʼa.*+ 14 Yihudaanis waraana Yerusaalemitti godhamu irratti ni hirmaata; qabeenyi saboota naannoo isaanii jiranii, jechuunis warqiin, meetiinii fi uffanni hedduun walitti ni qabama.+
15 “Dhaʼichi dhaʼicha sana fakkaatu, fardeen, gaangolii, gaalota, harrootaa fi horiiwwan buufatawwan sana keessatti argaman hundumaa irrattis ni dhufa.
16 “Saboota Yerusaalem irratti kaʼan hundumaa keessaa warri hafan hundi Mootichaaf, jechuunis Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif sagaduu*+ fi Ayyaana Daasii* kabajuuf+ waggaa waggaadhaan ol ni baʼu.+ 17 Haa taʼu malee, maatiiwwan lafa irra jiran keessaa eenyu iyyuu Mootichaaf, jechuunis Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif sagaduuf gara Yerusaalemitti yoo ol baʼuu baate bokkaan isaaniif hin roobu.+ 18 Maatiin Gibxii kan ol hin baanee fi achitti kan hin seenne yoo taʼe, bokkaa hin argatan. Kanaa mannaa, dhaʼicha isa Yihowaan saboota Ayyaana Daasii kabajuuf ol hin baane ittiin rukutuun ni rukutamu. 19 Gibxiinii fi saboonni Ayyaana Daasii kabajuuf ol hin baane hundi cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe adabni isaan irratti dhufu isa kana.
20 “Guyyaa sanatti jechi, ‘Qulqullummaan kan Yihowaa ti!’+ jedhu bilbila fardeen irratti rarraafamu irratti ni barreeffama. Distiiwwan+ mana Yihowaa keessa jiranis akkuma saaniiwwan golboo+ iddoo aarsaa fuuldura jiranii ni taʼu. 21 Distiin Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiru hundi qulqulluu ni taʼa, kan Yihowaa Gooftaa Raayyaas ni taʼa; warri aarsaa dhiheessan hundi ol seenanii foon affeeluuf isaan keessaa tokko tokkotti ni fayyadamu. Guyyaa sanatti mana Yihowaa Gooftaa Raayyaa keessatti namni biyya Kanaʼaan* lammata hin argamu.”+
“Yihowaan ni Yaadate” jechuu dha.
Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Biqiltuu baalli isaa cululuquu fi abaaboo adii urgaaʼu qabu.
Kal., “ulfina booda.”
Ykn., “Ilmaan namootaa.”
Ykn., “yakki.”
Ykn., “uffata guyyaa addaatti uffatamu.”
Ykn., “ni toʼatta; ni eegda.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “dirree.”
Ykn., “Guyyaa wantoota xixinnoo.”
Kal., “dhagaa, qorqorroo.”
Jechuunis, dameewwan firii hedduu baatan.
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “Kun eefaa,” as irratti miʼa ykn guuboo eefaa tokko safaruuf oolu argisiisa. Eefaan tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “lafaa fi samii gidduutti.”
Jechuunis, Baabiloniyaa.
Ykn., “gonfoo guddicha.”
Jechuunis, gaʼee inni bulchaa fi luba taʼuudhaan qabu gidduu.
Ykn., “Gonfoon guddichis.”
Ykn., “yaadachiisaatti.”
Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Ykn., “warri jalaa duʼan.”
Jechi Afaan Ibrootaa almaazii ykn dhagaa jabaa kan biraa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “barumsaa.”
Kal., “inni.”
Ykn., “dhugaa.”
Kal., “baayʼina guyyootaatiin.”
Ykn., “biyya baha biiftuu fi biyya lixa biiftuu.”
Ykn., “amanamaa.”
Ykn., “onnadhaa.”
Ykn., “onnadhaa.”
Ykn., “fiixee uffata.”
Kal., “iddoo boqonnaa.”
Ykn., “dahoo.”
Ykn tarii, “irratti.”
Kal., “sheekii.” Namni dura buʼaa gosaa taʼe “sheekii” jedhamee waamama ture.
Ykn., “cunqursu.”
Dhiphina saba isaa kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “ni injifata; oolcheeras.”
Ykn., “Wadala.”
Jechuunis, Efraaxis.
Kal., “irra nan ejjedha.”
Jechuunis, akkuma xiyyaatti.
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Ykn., “Waaqoliin maatii; Waaqolii tolfamoon.”
Ykn., “iccitii.”
Kal., “Korbeeyyiin reʼee.”
Kal., “Masaraan golee,” nama barbaadamu ykn iddoo guddaa qabu argisiisa; geggeessaa.
Kal., “Qofoon.” Nama deggeru argisiisa.
Ykn., “hojjechiisaa.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “lubbuuwwan isaaniis.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “madaalan.”
Kal., “dukkanaaʼa.”
Ykn., “saanii golboo.”
Ykn., “iddoo isaanii isa sirrii.”
Ykn., “simboon.”
Ykn., “simboon.”
Ykn., “inni hundumaa irra dadhabaan.”
Kal., “harka.” Jechuunis, qoma irra ykn dugda irra.
Ykn., “warra na jaallatanii.”
Ykn., “ni duʼas.”
Jechuunis, magaalaa lakk. 2 irratti ibsamte.
Ykn., “baha biiftuutii.”
Kal., “galaanichaatti.”
Ykn., “kan hin sochoone taʼa,” akka waan qorri isa gogsetti.
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Jechuunis, Galaana Meditiraaniyaa.
Ykn., “namni tokko nama isa kan biraa ni rukuta.”
Ykn., “waaqeffannaa dhiheessuu.”
Ykn., “Bakka Yeroo Muraasaaf Keessa Turan.”
Ykn tarii, “daldaltuun.”