IBROOTAAF
1 Bara duriitti Waaqayyo yeroo baayʼee fi karaa hedduutiin abbootii keenyatti karaa raajotaa dubbate.+ 2 Amma immoo dhuma guyyoota kanaatti karaa Ilma isaa+ isa dhaaltuu wanta hundumaa+ godhee muudee fi sirnoota* adda addaa karaa isaa uume+ sanaa nutti dubbate. 3 Inni ulfina+ Waaqayyoo calaqqisa, eenyummaa isaas sirriitti bakka buʼa;+ akkasumas humna dubbii isaatiin waan hundumaa jiraachisa. Inni cubbuu keenya erga qulqulleessee booda,+ mirga isa Ulfina Qabeessa sanaa, iddoo ol aanaa taaʼe.+ 4 Kanaafuu, maqaa isa kan maleekotaa irra baayʼee caalu hamma dhaalutti,+ maleekota irra kan wayyu taʼe.+
5 Fakkeenyaaf, Waaqayyo maleekota keessaa isa kamiin, “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera,”+ akkasumas, “Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa”+ jedhee beeka? 6 Yeroo Ilma isaa isa Angafa+ lammata gara lafaatti fidu ilaalchisees, “Maleekonni Waaqayyoo hundi isaaf haa sagadan” jedheera.
7 Waaʼee maleekotaa immoo, “Maleekota isaa hafuurota, tajaajiltoota* isaas+ labooba ibiddaa ni godha”+ jedheera. 8 Waaʼee Ilma isaa garuu akkana jedhe: “Waaqayyo baraa hamma bara baraatti aangoo mootii siif ni kenna,*+ uleen Mootummaa kee ulee qajeelinaa* ti. 9 Ati qajeelummaa jaallattee jalʼina jibbite. Waaqayyo inni Waaqa kee taʼe, hiriyoota kee caalchisee zayitii gammachuutiin kan si dibe+ kanaafi.”+ 10 Dabalataanis akkana jedhe: “Yaa Gooftaa, ati jalqaba irratti hundee lafaa keesse, samiiwwanis hojii harka keetii ti. 11 Isaan ni badu, ati garuu ni jiraatta; hundi isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu; 12 ati akkuma waarootti* isaan ni marta, isaan akkuma uffataa ni jijjiiramu. Ati garuu sanuma, waggoonni kees matumaa dhuma hin qaban.”+
13 Haa taʼu malee, maleekota keessaa isa kamiin, “Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti mirga koo taaʼi”+ jedhee beeka? 14 Hundi isaanii hafuurota tajaajila qulqulluu*+ dhiheessanii fi warra fayyina dhaaluuf jiran akka tajaajilan ergaman mitii?
2 Suutuma suuta amantii irraa akka hin fagaanneef,+ wantoota dhageenyeef+ isa yeroo kaanii caalaa xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaa kan taʼe kanaafi. 2 Dubbiin karaa maleekotaa dubbatame+ dhugaa taʼuun isaa erga mirkanaaʼee, akkasumas seera cabsuu fi ajajamuu diduu hundumaatiif adabni haqaa wajjin wal simu erga kennamee,+ 3 nuti fayyina guddaa kana yoo tuffanne akkamitti adaba irraa ooluu dandeenya ree?+ Sababiin isaas, kun jalqaba karaa Gooftaa keenyaa dubbatame,+ warri isa irraa dhagaʼan immoo nuuf mirkaneessan; 4 Waaqayyos mallattoodhaan, dinqiidhaan, hojii guguddaa garaa garaatiin,+ akkasumas hafuura qulqulluu isa akka fedhii isaatti hireen dhugaa baʼe.+
5 Inni addunyaan* dhufuuf jiru,+ inni nuti waaʼee isaa dubbannu maleekotaaf akka bitamu hin goone. 6 Haa taʼu malee, iddoo tokkotti ragaa baatuun tokko akkana jedheera: “Akka isa yaadattuuf namni maali dha? Yookiin akka isa kunuunsituuf ilmi namaa maali dha?+ 7 Maleekota irra xinnuma isa xiqqeessite; ulfinaa fi kabaja isa gonfachiiste, hojiiwwan harka keetii irrattis isa muudde. 8 Wantoonni hundi miila isaa jalatti akka isaaf bitaman goote.”+ Waaqayyo, wantoonni hundi akka isaaf bitaman gochuudhaan,+ wanti isaaf hin bitamne tokko illee akka hin jiraanne godheera.+ Taʼus, amma wantoonni hundi yommuu isaaf bitaman argaa hin jirru.+ 9 Haa taʼu malee, Yesuus inni xinnuma maleekota irraa gad taʼee ture,+ dhiphatee duʼuu isaatiin amma ulfinaa fi kabaja gonfatee argina;+ kunis kan taʼe, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin kan kaʼe tokkoon tokkoon namaatiif duʼa akka dhandhamuufi.+
10 Inni wanti hundi isaaf jiraatuu fi karaa isaa jiraatu ilmaan hedduu gara ulfinaatti fidaa jira.+ Kanaafuu, Bakka Buʼaa Guddaan fayyina isaaniif argamsiisu+ sun rakkinaan gaʼumsa akka qabaatu gochuun isaa sirrii ture.+ 11 Sababiin isaas, inni qulqulleessus taʼe, warri qulqullaaʼan+ hundi isa tokko keessaa maddan;+ kanaafuu, inni obboloota jedhee isaan waamuuf hin qaanaʼu;+ 12 inni, “Ani maqaa kee obboloota kootti nan beeksisa; gumii gidduuttis faarfannaadhaan sin jajadha”+ jedheera. 13 Akkasumas, “Ani amanannaa koo isa irra nan kaaʼadha”+ jedheera. Itti dabalees, “Kunoo, anaa fi ijoollee Yihowaan* naaf kenne”+ jedheera.
14 Kanaafuu, “ijoolleen” sun foonii fi dhiiga waan taʼaniif,* innis foonii fi dhiiga taʼe;*+ kanas kan godhe, duʼa isaatiin Diyaabilos+ isa duʼa fiduuf+ humna qabu sana balleessuuf, 15 akkasumas warra jireenya isaanii guutuu duʼa sodaachuudhaan garbummaa jala turan hundumaa bilisa baasuufi.+ 16 Sababiin isaas, inni gargaaraa kan jiru sanyii Abrahaami+ malee, maleekota akka hin taane beekamaa dha. 17 Kanaafuu, inni wantoota Waaqayyoo wajjin wal qabatan hundumaa irratti luba ol aanaa gara laafessaa fi amanamaa taʼuudhaan, aarsaa araaraa+ cubbuu namootaatiif+ dhiifama argamsiisu dhiheessuuf, gama hundumaatiin “obboloota” isaa fakkaachuun+ isa barbaachiseera. 18 Inni mataan isaa yeroo qorametti waan dhiphateef,+ warra qorumsa keessa jiran gargaaruu ni dandaʼa.+
3 Kanaafuu, yaa obboloota qulqullaaʼoo waamicha* isa samii irraa+ hirmaattan, Yesuus isa ergamaa fi luba ol aanaa+ taʼuu isaa amannee fudhanne sana yaadaa. 2 Akkuma Museen guutummaa mana isa sanaa+ keessatti amanamaa ture, innis isa isa muude sanaaf+ amanamaa ture. 3 Sababiin isaas, inni mana ijaare manicha caalaa ulfina waan qabuuf, inni* Musee caalaa ulfina argachuun+ akka isaaf malutti lakkaaʼame. 4 Manni hundi nama taʼe tokkoon akka ijaaramu beekamaa dha; inni wantoota hundumaa tolche garuu Waaqayyo dha. 5 Museen guutummaa mana Waaqayyoo keessatti akka tajaajilaa tokkootti amanamaa ture; tajaajilli isaas wantoota sana booda dubbatamaniif ragaa kan taʼu ture; 6 Kiristoos garuu ilma+ waan taʼeef mana Waaqayyoo irratti amanamaa ture. Nutis bilisummaa dubbachuuf qabnuu fi abdii keenya isa ittiin boonnu hamma dhumaatti cimsinee yoo qabanne dhuguma mana isaa ti.+
7 Kanaafuu, hafuurri qulqulluun akkana jedha:+ “Harʼa sagalee isaa yoo dhageessan, 8 akka yeroo dheekkamsa guddaadhaaf na kakaasan sanaa, akka guyyaa lafa onaa keessatti na qoran sanaa garaa keessan didaa hin godhinaa;+ 9 abbootiin keessan waggaa 40f hojiiwwan koo kan ilaalan taʼus iddoo sanatti na qoran.+ 10 Ani dhaloota sanatti aaree, ‘Garaan isaanii yeroo hunda karaa irraa ni maqa, isaan daandiiwwan koo hin beekne’ kanan jedhe kanaafi. 11 Kanaan kan kaʼes, dheekkamsa kootiin, ‘Isaan gara boqonnaa kootti hin galan’ jedheen kakadhe.”+
12 Yaa obbolootaa, isin keessaa namni kam iyyuu Waaqa isa jiraataa irraa fagaachuudhaan garaa hamaa amantii hin qabne akka hin qabaanne of eeggadhaa;+ 13 kanaa mannaa, isin keessaa namni kam iyyuu humna cubbuun gowwoomsuuf qabuun mata jabeessa akka hin taaneef, yeroon “Harʼa”+ jedhamee waamamu utuu jiruu, guyyaa hundumaa wal jajjabeessuu keessan itti fufaa. 14 Sababiin isaas, Kiristoosii wajjin hirmaattota kan taanu, amanannaa jalqaba irratti qabnu hamma dhumaatti jabeessinee yoo qabanne qofa dha.+ 15 Kunis akkuma, “Harʼa sagalee isaa yoo dhageessan, akka yeroo dheekkamsa guddaadhaaf na kakaasan sanaa garaa keessan didaa hin godhinaa”+ jedhametti dha.
16 Kan dhagaʼan taʼan iyyuu warri aarii guddaadhaaf isa kakaasan eenyufaa turan? Warra geggeessaa Museetiin Gibxii keessaa baʼan hunda hin turree?+ 17 Kana malees, warri Waaqayyo waggaa 40f isaanitti aare eenyufaa turan?+ Warra cubbuu hojjetanii reeffi isaanii lafa onaa keessatti kukkufee hafe+ sana mitii ree? 18 Warri inni gara boqonnaa isaatti akka hin galle itti kakate eenyufaa turan? Warra ajajamuu didan sana hin turree? 19 Kanaafuu, isaan utuu hin galin kan hafan amantii waan dhabaniif+ akka taʼe ni hubanna.
4 Kanaafuu, gara boqonnaa Waaqayyootti galuuf amma iyyuu abdiin waan jiruuf, isin keessaa namni tokko illee abdii sanaaf gaʼumsa akka hin dhabne of haa eeggannu.*+ 2 Misiraachichi akkuma isaaniif labsame nuufis labsameera;+ haa taʼu malee, isaan warra dhagaʼan sanaa wajjin amantiidhaan tokko waan hin taaneef, dubbiin isaan dhagaʼan sun isaan hin fayyanne. 3 Nuti warri amantii akka qabnu argisiisne gara boqonnaa sanaatti ni galla; sababiin isaas, inni hojiin isaa erga addunyaan hundeeffamee jalqabee kan xumurame taʼus,+ “Ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan gara boqonnaa kootti hin galan’+ jedheen kakadhe” jedheera. 4 Inni guyyaa torbaffaa ilaalchisee iddoo tokkotti, “Waaqayyos guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa ni boqote” jedheera;+ 5 ammas iddoo kanatti, “Isaan gara boqonnaa kootti hin galan”+ jedheera.
6 Kanaafuu, ammas namoonni muraasni akka itti galaniif carraan waan jiruuf, akkasumas warri jalqaba misiraachoon isaaniif lallabame ajajamuu diduu isaaniitiin utuu itti hin galin waan hafaniif,+ 7 yeroo dheeraa booda faarfannaa Daawit keessatti, “Harʼa” jedhee ammas guyyaa tokko murteesse; kunis akkuma olitti, “Harʼa sagalee isaa yoo dhageessan garaa keessan didaa hin godhinaa”+ jedhametti dha. 8 Sababiin isaas, Iyyaasuun+ iddoo boqonnaa tokkotti utuu isaan galcheera taʼee, Waaqayyo sana booda waaʼee guyyaa kan biraa hin dubbatu ture. 9 Kanaafuu, saba Waaqayyootiif boqonnaan sanbataa kaaʼamee jira.+ 10 Sababiin isaas, akkuma Waaqayyo hojii ofii isaa irraa boqote, namni boqonnaa Waaqayyootti gales hojii ofii isaa irraa boqoteera.+
11 Kanaafuu, namni kam iyyuu daandii ajajamuu diduu sanatti akka hin kufneef, gara boqonnaa sanaatti galuuf wanta nuu dandaʼame hunda haa goonu.+ 12 Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha;+ goraadee karaa lamaan qara qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha;+ lubbuu* fi hafuura,* buusaa fi dhuka hamma gargar baasutti illee waraanee seena; yaadaa fi kaayyoo garaa namaas hubachuu dandaʼa. 13 Uumamni ija isaa jalaa dhokatu tokko illee hin jiru;+ kanaa mannaa, wanti hundi ija isa nu gaafatu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan saaxilame dha.+
14 Kanaafuu, luba ol aanaa guddaa gara samiiwwaniitti seene, jechuunis Yesuus Ilma Waaqayyoo+ waan qabnuuf, amantii isa irratti qabnu ifatti labsuu keenya itti haa fufnu.+ 15 Lubni ol aanaan nuti qabnu, isa cubbuu qabaachuu baatus+ akkuma keenya karaa hundumaan qorame dha malee, isa dadhabina keenyatti nuuf gadduu hin dandeenye miti.+ 16 Kanaafuu, yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gara laafinaa fi gaarummaa guddaa akka argannuuf, bilisummaadhaan+ gara teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti haa dhihaannu.
5 Lubni ol aanaan namoota keessaa filatame kam iyyuu, bakka isaanii buʼee cubbuudhaaf kennaa fi aarsaa dhiheessuuf+ wantoota Waaqayyoo wajjin wal qabatan irratti muudama.+ 2 Innis dadhabina mataa isaa waan qabuuf, warra wallaalota taʼanii fi warra dogoggoran* gara laafinaan* qabuu dandaʼa; 3 kanaan kan kaʼes, akkuma namoota sanaaf godhu, cubbuu ofii isaatiifis aarsaa dhiheessuu qaba.+
4 Namni tokko akkuma Aaron+ yoo Waaqayyo isa waame malee, ulfina kana fedhii mataa isaatiin fudhachuu hin dandaʼu. 5 Kiristoosis, luba ol aanaa taʼuudhaan ofii isaatiif ulfina hin kennine;+ kanaa mannaa isa, “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera”+ jedhe sanatu ulfina isa gonfachiise. 6 Iddoo kan biraattis, “Ati akkuma Malkiseedeq bara baraaf luba dha”+ jedheera.
7 Kiristoos yeroo lafa irra jiraachaa turetti,* sagalee guddaa fi imimmaaniin+ gara isa duʼa irraa isa oolchuu dandaʼu sanaatti wawwaannaa fi iyyata dhiheesse; Waaqayyoon waan sodaatuufis isaaf dhagaʼame. 8 Inni ilma Waaqayyoo yoo taʼe iyyuu, rakkoowwan isa irra gaʼan irraa ajajamuu barateera.+ 9 Guutummaatti gaʼumsa erga qabaatee boodas,+ warri isaaf ajajaman hundi fayyina bara baraa akka argatan itti gaafatamummaan ni kennameef;+ 10 sababiin isaas, Waaqayyo akkuma Malkiseedeq+ luba ol aanaa godhee isa muudeera.
11 Nuti waaʼee isaa waan dubbannu baayʼee qabna; taʼus isin daftanii hubachuu waan hin dandeenyeef ibsuun rakkisaa dha. 12 Isin yeroo kanatti* barsiisota taʼuu kan qabdan taʼus, ammas namni wantoota jalqabaa+ dubbii Waaqayyoo irraa barattan isin barsiisu isin barbaachisa; nyaata jabaa nyaachuu mannaa duubatti deebitanii aannan barbaaduu jalqabdaniittu. 13 Sababiin isaas, namni yeroo hunda aannan dhugu kam iyyuu daaʼima waan taʼeef,+ dubbii qajeelummaa wajjin wal hin beeku. 14 Nyaanni jabaan garuu kan namoota bilchaatoo warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisanii ti.
6 Kanaafuu, amma barumsa jalqabaa+ isa waaʼee Kiristoos ibsu irra waan darbineef, gara bilchinaatti deemuuf carraaqqii haa goonu,+ akkasumas lammata buʼuura kaaʼuu haa dhiisnu; isaanis, waaʼee hojiiwwan duʼaa taʼan irraa yaada geddarachuu, waaʼee Waaqayyotti amanuu, 2 waaʼee barumsa cuuphaa, waaʼee harka nama irra kaaʼuu,+ waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii+ fi waaʼee murtii bara baraa ti. 3 Waaqayyo yoo heyyame kana ni goona.
4 Sababiin isaas, warra yeroo tokko ifni isaaniif ife,+ warra kennaa tolaa isa samii irraa dhandhamatan, warra hafuura qulqulluu fudhatan, 5 akkasumas warra dubbii Waaqayyoo isa gaarii fi humnoota sirna* dhufu sanaa dhandhamatanii turan, 6 garuu immoo amantii irraa garagalan,+ deebiʼanii yaada akka geddaratan kakaasuun hin dandaʼamu; sababiin isaas, isaan ofii isaaniitiif Ilma Waaqayyoo lammata muka irratti fannisu, akkasumas uummata duratti isa salphisu.+ 7 Lafti bokkaa yeroo hunda isa irratti roobu dhugee midhaan warra isa qotaniif fayyadu argamsiisu, Waaqayyo biraa eebba argata. 8 Qoree fi sokorruu yoo baase garuu ni dhiifama, akkasumas abaarsaaf saaxilama, dhuma irrattis ni gubama.
9 Haa taʼu malee obboloota jaallatamo, nuti akkasitti yoo dubbanne iyyuu, isin wantoota fayyinaa wajjin wal qabatan ilaalchisee haala gaarii irra akka jirtan nuti mirkanaaʼoo dha. 10 Sababiin isaas, Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas qulqulloota tajaajiluu fi tajaajiluu keessan itti fufuudhaan jaalala maqaa isaatiif argisiistan+ hin irraanfatu. 11 Haa taʼu malee, abdicha isa guutummaatti mirkanaaʼaa taʼe+ hamma dhumaatti qabattanii akka itti fuftaniif,+ tokkoon tokkoon keessan akkuma jalqabaa kaasee gochaa turtan dhimmitanii akka hojjettan ni hawwina; 12 kunis isin dhibaaʼoo akka hin taaneefi;+ kanaa mannaa, fakkeenya warra amantii fi obsaan abdii sana dhaalanii akka hordoftaniifi.
13 Waaqayyo yeroo Abrahaamiif waadaa gale, kan isa caalu kamiin iyyuu kakachuu waan hin dandeenyeef ofii isaatiin kakate;+ 14 “Ani dhugumaan sin eebbisa, ani dhugumaan sin baayʼisa”+ jedhe. 15 Abrahaam erga obsa argisiisee booda, waadaa kana argate. 16 Sababiin isaas, namoonni kan isaan irra caaluun kakatu; kakaan isaanii seera duratti wabii waan taʼeef, wal dhabiinsi kam iyyuu kakaadhaan furmaata argata.+ 17 Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo kaayyoon isaa akka hin jijjiiramne namoota waadaa sana dhaalanitti+ caalaatti ifatti argisiisuuf yeroo murteessetti waadaa sana kakaadhaan mirkaneesse;* 18 kana kan godhes, karaa wantoota hin jijjiiramnee fi Waaqayyo sobuu itti hin dandeenye+ lamaan, nuti warri eegumsa argachuuf Waaqayyotti baqanne, abdii isa nu dura jiru jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa akka argannuufi. 19 Abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu kana qabna;+ abdiin kunis golgaa sana keessa darbee ol seena;+ 20 Yesuus inni akkuma Malkiseedeq bara baraaf luba ol aanaa taʼe,+ nu dursuudhaan nuuf jedhee iddoo kanatti seeneera.+
7 Malkiseedeq mootiin Saalem inni luba Waaqa Hundaa Olii taʼe kun, yommuu Abrahaam mootota injifatee deebiʼu isa simatee isa eebbise;+ 2 Abrahaamis wantoota hundumaa irraa harka kudhan keessaa harka tokko isaaf kenne.* Hiikni maqaa isaa jalqaba, “Mootii Qajeelinaa,” akkasumas mootii Saalem, jechuunis “Mootii Nagaa” jechuu dha. 3 Inni abbaa fi haadha, akkasumas hidda dhalootaa hin qabu; barri isaa jalqaba hin qabu, jireenyi isaas dhuma hin qabu; kanaa mannaa, Ilma Waaqayyoo akka fakkaatu waan godhameef, yeroo hundumaa luba taʼee jiraata.+
4 Namichi kun hammam guddaa akka taʼe ilaalaa! Abrahaam inni mataa maatii* taʼe wanta boojiʼe isa hunda caalu irraa harka kudhan keessaa harka tokko kan isaaf kenne kanaafi.+ 5 Dhugaa dha, akka Seerichaatti ilmaan Leewwii+ warri luboota taʼanii muudaman, isaanis akkuma isaanii sanyii Abrahaam* yoo taʼan iyyuu, sabicha irraa, jechuunis obboloota isaanii irraa kurnoo akka sassaaban ajajamanii turan.+ 6 Namichi hidda dhalootaa isaanii keessaa hin taane kun garuu Abrahaam irraa kurnoo fudhateera; nama waadaan galameef kanas eebbiseera.+ 7 Inni xinnaan kan isa caaluun akka eebbifamu beekamaa dha. 8 Karaa tokkoon kurnoo kan fudhatan namoota duʼuu dandaʼani dha; karaa biraa immoo, kurnoo kan fudhatu isa jiraachuu isaa akka itti fufu ragaa baʼameef sana dha.+ 9 Leewwiin inni kurnoo fudhatu iyyuu, karaa Abrahaam kurnoo kenneera jedhamuu dandaʼa; 10 sababiin isaas, yeroo Malkiseedeq Abrahaamiin simatetti+ Leewwiin inni sanyii Abrahaam taʼe hin dhalanne ture.*
11 Maarree, karaa lubummaa Leewwii cubbuu irraa walaba taʼuun ni dandaʼama utuu taʼee+ (sababiin isaas, Seera sabichaaf kenname keessaa lubummaan tokko ture), lubni akka Aaron utuu hin taʼin akka Malkiseedeq+ jedhame kan biraan kaʼuun isaa maaliif barbaachisa ture? 12 Lubummaan erga jijjiiramee, Seericha jijjiiruunis barbaachisaa taʼa.+ 13 Namni waaʼee isaa wantoonni kun dubbataman gosa kan biraa namni kam iyyuu achi keessaa iddoo aarsaatti hin tajaajille irraa dhufe.+ 14 Gooftaan keenya gosa Yihudaa keessaa akka dhufe ifa dha;+ taʼus Museen luboota gosa kana keessaa dhufan ilaalchisee homaa hin dubbanne.
15 Kun yeroo lubni kan biraan+ akka Malkiseedeq+ taʼe kaʼetti caalaatti ifa taʼeera; 16 inni luba kan taʼe ulaagaa Seerichaa isa hidda dhalootaa maatii* irratti hundaaʼeen utuu hin taʼin, humna isa jireenya hin badne+ argamsiisuun ture. 17 Sababiin isaas, “Ati akkuma Malkiseedeq+ bara baraaf luba dha” jedhamee ragaa isaaf baʼameera.
18 Kanaafuu, ajajni duraanii dadhabaa fi buʼaa kan hin qabne waan taʼeef hafeera.+ 19 Seerichi wanti tokko illee mudaa kan hin qabne akka taʼu hin goone;+ abdiin inni caaluu+ fi karaa isaa gara Waaqayyootti dhihaannu+ kennamuun isaa garuu kana gochuu dandaʼeera. 20 Kana malees lubni kun kan kaʼe kakaa malee miti. 21 (sababiin isaas, namoonni kakaa malee luboota taʼan akka jiran beekamaa dha; inni kun garuu, karaa kakaa waaʼee isaa kakatameen luba taʼe; Waaqayyo, “Ani Yihowaan,* ‘Ati bara baraaf luba dha’ jedhee kakadheera; ani yaada koo hin jijjiiru”* jedheera)+ 22 Akka kanaan Yesuus kakuu isa caalu+ sanaaf wabii taʼeera.* 23 Kana malees, tajaajila isaanii akka itti hin fufne duuti waan isaan dhowweef luboonni hedduun bakka walii buufamuu qabu turan;+ 24 Yesuus garuu bara baraaf waan jiraatuuf,+ namni bakka isaa buʼee luba taʼu hin jiru. 25 Inni yeroo hundumaa jiraatee waan isaaniif kadhatuuf,+ warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhihaatan guutummaatti oolchuu ni dandaʼa.
26 Luba ol aanaa amanamaa, qulqulluu, xurii hin qabne,+ cubbamoota irraa adda taʼee fi samiiwwan gararraatti ol kaafame+ akkasii qabaachuun keenya barbaachisaa dha. 27 Inni akka luboota ol aanoo sanaa, jalqaba cubbuu ofii isaatiif, achiis cubbuu sabichaatiif+ guyyaa guyyaadhaan aarsaa dhiheessuun isa hin barbaachisu;+ sababiin isaas, inni yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha ofii isaa aarsaa godhee dhiheessuudhaan+ kana raawwateera. 28 Seerichi namoota dadhabina qaban luboota ol aanoo godhee muuda;+ kakaan Seericha booda kakatame+ garuu, Ilma isa bara baraaf guutuu godhame+ sana muuda.
8 Yaadni ijoo wanta dubbachaa jirruu kana dha: Nuti luba ol aanaa akkasii qabna;+ inni samii keessatti mirga teessoo isa Ulfina Qabeessa sanaa taaʼeera;+ 2 inni tajaajilaa* iddoo qulqulluu+ fi dunkaana dhugaa isa nama utuu hin taʼin Yihowaan* dhaabe sanaa ti. 3 Lubni ol aanaan hundi kennaa fi aarsaa dhiheessuuf muudama; kanaafuu, inni kunis wanta dhiheessu qabaachuun isaa barbaachisaa ture.+ 4 Inni utuu lafa irra jira taʼee luba hin taʼu ture;+ sababiin isaas, namoonni akka Seerichaatti kennaa dhiheessan jiru turan. 5 Namoonni kun isa fakkeenyaa fi gaaddidduu+ wantoota samii keessa jiranii+ taʼe keessatti tajaajila qulqulluu dhiheessu; kunis akkuma yeroo Museen dunkaanicha hojjechuuf jedhetti Waaqayyo, “Wanta hunda pilaanii gaaricha irratti sitti argisiifame hordofiitii of eeggannoodhaan hojjedhu”+ jedhee isa ajajetti dha. 6 Amma garuu Yesuus kakuu isa caaluuf+ araarsaa+ waan taʼeef, tajaajila* isa hunda irra caalu fudhateera; kakuun kunis waadaawwan warra caalan irratti seeraan kan hundeeffame dha.+
7 Kakuun inni jalqabaa utuu hirʼina hin qabu taʼee, inni lammaffaan hin barbaachisu ture.+ 8 Inni akkas jechuun isaa sabicha irratti hirʼina akka argate argisiisa: “‘Kunoo, guyyoonni ani mana Israaʼelii fi mana Yihudaa wajjin kakuu haaraa itti galu ni dhufu’ jedha Yihowaan.* 9 ‘Kunis akka kakuu isa yeroon biyya Gibxiitii isaan baasuuf+ harka isaanii qabetti abbootii isaanii wajjin gale sanaa miti; sababiin isaas, isaan kakuu kootti jabaatanii hin dhaabbanne; kanaafuu, anis isaaniif yaaduu nan dhiise’ jedha Yihowaan.*
10 “‘Guyyoota sana booda kakuun ani mana Israaʼelii wajjin galu isa kana’ jedha Yihowaan.* ‘Ani seerawwan koo sammuu isaanii keessa nan kaaʼa, garaa isaanii keessattis nan barreessa.+ Ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu.+
11 “‘Sana booda isaan keessaa eenyu iyyuu, “Yihowaa* beeki!” jedhee lammii isaas taʼe obboleessa isaa hin barsiisu. Sababiin isaas, isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti hundi isaanii iyyuu na beeku. 12 Ani jalʼina isaan hojjetan isaaniif nan dhiisa, sana boodas cubbuu isaanii hin yaadadhu.’”+
13 Inni “kakuu haaraa” yommuu jedhu inni duraa sun yeroon kan itti darbe akka taʼu godheera.+ Amma wanti yeroon itti darbee fi dulloomaa jiru sun baduu jala gaʼeera.+
9 Kakuun inni duraa gama isaatiin, seerawwan tajaajilli qulqulluun itti raawwatamuu fi lafa irratti iddoo qulqulluu+ qaba ture. 2 Kutaan dunkaanichaa inni jalqabaa ijaaramee ture; isa keessas baattuun ibsaa,+ minjaallii fi daabboon Waaqayyo duratti dhihaatu*+ jira ture; inni Iddoo Qulqulluu+ jedhama. 3 Golgaa+ isa lammaffaa duuba immoo kutaan dunkaanichaa, “Hundumaa Caalaa Qulqulluu”+ jedhamu jira. 4 Iddoo kana keessa qodaan ixaanni itti aarfamuu inni warqii irraa tolfamee+ fi taabonni kakuu+ guutummaan isaa warqiidhaan uwwifame+ jira ture; taabota kana keessas hubboon warqii mannaa qabate,+ uleen Aaron inni late,+ akkasumas gabateewwan+ kakuun irratti barreeffame jira ture; 5 taabota kana gubbaas kiruubelonni ulfina qabeeyyii taʼanii fi qadaada araaraa* golgan jiru turan.+ Amma garuu waaʼee wantoota kanaa tokko tokkoon dubbachuun yeroo isaa miti.
6 Wantoonni kun haala kanaan erga ijaaramanii booda, luboonni tajaajila qulqulluu dhiheessuuf yeroo hunda kutaa dunkaanichaa isa jalqabaatti seenu turan;+ 7 kutaa isa lammaffaatti garuu luba ol aanaatu kophaa isaa waggaatti al tokko seena;+ inni dhiiga cubbuu ofii isaatii+ fi cubbuu sabichi+ utuu hin beekin hojjeteef dhiheessu utuu hin qabatin hin seenu.+ 8 Kanaafuu, dunkaanni inni jalqabaa dhaabbatee utuu jiruu, karaan gara iddoo qulqulluutti geessu amma iyyuu akka hin mulʼanne hafuurri qulqulluun ifa godheera.+ 9 Dunkaanni kun yeroo ammaatiif fakkeenya dha;+ akka qophii kanaattis kennaawwanii fi aarsaawwan ni dhihaatu turan.+ Taʼus, wantoonni kun qalbiin nama tajaajila qulqulluu dhiheessu sanaa guutummaatti qulqulluu akka taʼu gochuu hin dandaʼan.+ 10 Wantoonni kun nyaataa fi dhugaatii, akkasumas sirna dhiqannaa*+ garaa garaa wajjin qofa kan wal qabatani dha. Isaan ulaagaawwan seeraa dhaqna ilaalchisee kennaman+ siʼa taʼan, hojii irra kan oolan hanga yeroon wantoota sirreessuuf murteeffame sun gaʼutti dha.
11 Haa taʼu malee, Kiristoos wantoota gaggaarii raawwatamaniif luba ol aanaa taʼee yeroo dhufe, dunkaana isa guddaa fi hunda caalutti, isa harkaan hin hojjetamne, jechuunis kan uumama kanaa hin taane keessa seene. 12 Inni dhiiga reʼootaa fi dhiiga jibootaa utuu hin taʼin, dhiiga ofii isaa+ qabatee yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha iddoo qulqulluutti seenuudhaan fayyina* bara baraa nuuf argamsiise.+ 13 Dhiigni reʼootaa fi dhiigni jibootaa,+ akkasumas daaraan goromsaa warra xuraaʼan irratti facaafamu foon ni qulqulleessa erga taʼee,+ 14 dhiigni Kiristoos+ isa hafuura bara baraatiin mudaa malee ofii isaa Waaqayyoof dhiheesse sanaa, Waaqa jiraataadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessuu akka dandeenyuuf+ qalbii keenya hojiiwwan duʼan irraa caalaatti hin qulqulleessuu ree?+
15 Inni kakuu haaraadhaaf araarsaa kan taʼe kanaafi;+ kana kan godhes warri waamaman dhaala bara baraa isa waadaa galame sana akka argataniif,+ balleessaa kakuu isa duraa sana jalatti raawwataniif karaa duʼa isaa furichaan bilisa isaan baasuufi.+ 16 Kakuun yoo jiraate, namni kakuu gale sun duʼuun isaa mirkaneeffamuu qaba; 17 kakuun tokko fudhatama kan argatu yeroo duʼaatti waan taʼeef, hanga namni kakuu gale sun lubbuudhaan jirutti kakuun sun hojii irra hin oolu. 18 Kanaan kan kaʼes, kakuun inni duraas dhiiga malee hojii irra hin oolle.* 19 Museen yeroo ajajawwan Seerichaa hunda guutummaa sabichaatti dubbatetti, dhiiga jibootaa fi reʼootaa, bishaan, suufii diimaa fi hiisoophii wajjin fuudhee kitaabichaa* fi guutummaa sabichaa irratti facaase; 20 yeroo facaasus, “Kun dhiiga kakuu isa Waaqayyo akka eegdan isin ajaje sanaa ti”+ jedhe. 21 Dunkaanichaa fi miʼawwan tajaajila qulqulluutiif* oolan hunda irrattis dhiigicha facaase.+ 22 Eeyyee, akka Seerichaatti wantoonni hundi dhiigaan qulqulleeffamu+ jechuun ni dandaʼama; dhiigni yoo dhangalaʼe malee dhiifamni cubbuu hin argamu.+
23 Kanaafuu, warri wantoota samii keessa jiraniif fakkeenya taʼan akka kanaan qulqulleeffamuun isaanii barbaachisaa ture;+ wantoonni samii garuu aarsaan kana irra baayʼee caalu isaan barbaachisa. 24 Sababiin isaas, Kiristoos iddoo qulqulluu isa harkaan hojjetame, isa fakkeenya isa dhugaa sanaa taʼetti+ hin seenne;+ kanaa mannaa, amma nuuf jedhee Waaqayyo* duratti mulʼachuuf+ kallattiidhaan gara samiitti seene.+ 25 Kunis, akka lubni ol aanaan dhiiga isa kan ofii isaa hin taane qabatee waggaa waggaadhaan gara iddoo qulqulluutti seenutti+ yeroo baayʼee of dhiheessuuf hin turre. 26 Utuu akkas taʼee, addunyaan erga hundeeffamee jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Haa taʼu malee, aarsaa ofii isaatiin cubbuu balleessuuf,+ dhuma sirnootaa* irratti yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha of mulʼiseera. 27 Namni hundi al tokko duʼuun isaa hin oolu; sana booda garuu murtii argata, 28 haaluma wal fakkaatuun, Kiristoos cubbuu namoota hedduu baachuuf+ yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha of dhiheesseera; yeroo lammataatiif kan dhufu garuu cubbuu balleessuuf utuu hin taʼin, warra fayyina argachuuf cimsanii isa eeggatanitti mulʼachuufi.+
10 Seerichi gaaddidduu+ wantoota gaggaarii dhufuuf jiranii ti+ malee, wantootuma sana miti; kanaafuu, inni* aarsaawwan utuu wal irraa hin citin waggaa waggaadhaan dhihaataniin, namoota Waaqayyotti dhihaatan sana matumaa mudaa kan hin qabne gochuu hin dandaʼu.+ 2 Utuu kun taʼuu baatee, namoonni tajaajila qulqulluu dhiheessan sun takkaa erga qulqullaaʼanii booda cubbamoota akka taʼan waan isaanitti hin dhagaʼamneef, aarsaawwan sun dhihaachuun isaanii hin hafu turee? 3 Kanaa mannaa, aarsaawwan kun waggaa waggaadhaan cubbuun akka yaadatamu godhu;+ 4 sababiin isaas, dhiigni jibootaa fi dhiigni reʼootaa cubbuu balleessuu hin dandaʼu.
5 Kanaafuu, inni gara addunyaa yeroo dhufetti akkana jedhe: “‘Ati aarsaa fi kennaa hin barbaanne, kanaa mannaa dhaqna anaaf qopheessite. 6 Ati aarsaa guutummaatti gubamuu fi aarsaa cubbuutti hin gammanne.’+ 7 Anis, ‘Yaa Waaqayyoo, kunoo ani (waaʼeen koo maraa kitaabaa irratti barreeffameera) fedhii kee raawwachuuf dhufeera’+ nan jedhe.” 8 Jalqaba aarsaawwan akka Seerichaatti dhihaatan ilaalchisee, “Ati aarsaawwan, kennaawwanii fi aarsaawwan guutummaatti gubaman, akkasumas aarsaawwan cubbuu hin barbaanne, isaanittis hin gammanne” jedhe. 9 Achiis, “Kunoo, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera”+ jedhe. Inni isa lammaffaa hundeessuuf jedhee isa jalqabaa balleessa. 10 Nuti “fedhii”+ kanaan, karaa kennaa dhaqna Yesuus Kiristoosiin yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha qulqulloofneerra.+
11 Kana malees, lubni hundi guyyaa guyyaadhaan tajaajila qulqulluu dhiheessuu*+ fi aarsaawwan matumaa guutummaatti cubbuu balleessuu hin dandeenye+ sana irra deddeebiʼee dhiheessuuf+ iddoo isaa dhaabbata. 12 Namni kun garuu yeroo hundumaatiif akka taʼutti cubbuudhaaf aarsaa tokko dhiheessee mirga Waaqayyoo taaʼe;+ 13 yeroo sanaa jalqabee hanga diinonni isaa ejjeta miila isaa godhamanitti eeggachaa jira.+ 14 Inni aarsaa tokko dhiheessuudhaan warri qulqulleeffaman sun yeroo hundumaatiif mudaa kan hin qabne akka taʼan godheera.+ 15 Kana malees, hafuurri qulqulluun yommuu ragaa nuuf baʼu akkana jedha: 16 “‘Guyyoota sana booda, kakuun ani isaanii wajjin galu isa kana’ jedha Yihowaan.* ‘Ani seerawwan koo garaa isaanii keessa nan kaaʼa, sammuu isaanii keessattis nan barreessa.’”+ 17 Itti dabaluudhaanis, “Ani sana booda cubbuu isaanii fi jalʼina isaan hojjetan hin yaadadhu”+ jedha. 18 Cubbuuwwan kanaaf dhiifamni erga argamee booda aarsaan sababii cubbuutiif dhihaatu hin barbaachisu.
19 Yaa obbolootaa, dhiiga Yesuusiin daandii gara iddoo qulqulluutti+ geessutti galuuf ija jabina* arganneerra; 20 daandiin inni nuuf bane* kun daandii haaraa gara jireenyaatti geessu dha; kana kan godhes golgaa+ sana jechuunis foon isaa keessa darbuudhaani; 21 akkasumas luba guddaa mana Waaqayyoo irratti muudame qabna;+ 22 kanaafuu, qalbii hamaa irraa qulqullaaʼuudhaaf+ garaa keenyatti facaafannee, akkasumas qaama keenya bishaan qulqulluudhaan dhiqannee+ garaa qulqulluu fi amantii guutuudhaan Waaqayyotti haa dhihaannu. 23 Inni waadaa gale amanamaa waan taʼeef, utuu hin raafamin+ carraa abdii keenya ifatti lallabuuf arganne jabeessinee haa qabannu. 24 Akkasumas jaalalaa fi hojii gaariidhaaf+ wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu;* 25 akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu;+ kanaa mannaa, guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu+ isa duraa caalaa wal haa jajjabeessinu.+
26 Beekumsa dhugaa isa sirrii erga argannee booda, taʼe jennee cubbuu hojjechuu yoo amaleeffanne,+ sana booda aarsaa kan biraan cubbuu keenyaaf dhihaatu hin jiraatu;+ 27 kanaa mannaa, murtii sodaachisaa isa akka dhufu eegamuu fi dheekkamsa bobaʼu isa warra morman sana gubutu jiraata.+ 28 Namni Seera Musee cabse kam iyyuu namoonni lama yookiin sadii yoo ragaa isa irratti baʼan gara laafina tokko malee ajjeefama.+ 29 Egaa namni Ilma Waaqayyoo irra ejjete, dhiiga kakuu+ isa ittiin qulqulleeffame sana akka waan faayidaa hin qabnetti lakkaaʼee fi hafuura Waaqayyoo isa gaarummaa guddaa kennu sana tuffate adaba guddaa akkamiitu isaaf mala jettanii yaaddu ree?+ 30 Nuti Waaqa isa, “Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala” jedhe beekna. Akkasumas, “Yihowaan* saba isaatiif murtii ni kenna.”+ 31 Harka Waaqa jiraataa keessatti kufuun wanta nama sodaachisu dha.
32 Haa taʼu malee, yeroo darbe isa erga ifni isiniif ifee booda,+ rakkina guddaadhaan qabsoo cimaa keessa jabaattanii itti dhaabbattan sana yaadadhaa. 33 Yeroo tokko tokko uummata duratti* arrabsamaa fi rakkinni isin irra gaʼaa ture; yeroo kan biraatti immoo warra rakkina akkasii keessa jiran cinaa dhaabbattanii turtan. 34 Isin warra hidhamanitti gara laafina argisiistaniittu; akkasumas isinis qabeenya isa caaluu fi hin badne akka qabdan waan beektaniif,+ qabeenyi keessan yommuu saamamu gammachuu keessan hin dhabne.+
35 Kanaafuu, ija jabina* keessan isa badhaasa guddaa isiniif argamsiisu sana darbattanii hin gatinaa.+ 36 Fedhii Waaqayyoo erga raawwattanii booda, waadaa inni gale sana argachuuf jabaattanii dhaabbachuun isin barbaachisa.+ 37 Sababiin isaas, “yeroo muraasaaf”+ malee, “inni dhufaa jiru sun ni dhufa, hin turus.”+ 38 “Haa taʼu malee, tajaajilaan koo inni qajeelaan amantiidhaan jiraata,”+ “gara duubaatti yoo deebiʼe ani* isatti hin gammadu.”+ 39 Egaa nuti akka namoota amantii isa lubbuu isaanii jiraataa godhee eegu qabanii ti malee, akka namoota badiisaaf duubatti deebiʼanii miti.+
11 Amantiin wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu dha,+ akkasumas ragaa* wantoonni ijaan hin mulʼanne dhuguma akka jiran argisiisu dha. 2 Sababiin isaas, namoota bara duriitiif* ragaan kan baʼame karaa kanaan ture.
3 Wanti argamu gara jireenyaatti kan dhufe wantoota hin argamne irraa waan taʼeef, sirnoonni* kan hundeeffaman dubbii Waaqayyootiin akka taʼe amantiidhaan ni hubanna.
4 Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin caalaa gatii qabu+ Waaqayyoof dhiheesse; Waaqayyo kennaa isaa waan fudhateef,*+ karaa amantii sanaa qajeelaa akka taʼe ragaa isaaf baʼame; inni kan duʼe taʼus amma iyyuu karaa amantii isaa dubbachaa jira.+
5 Heenok+ duʼa akka hin argineef amantiidhaan iddoo kan biraatti geeffame; Waaqayyo iddoo kan biraatti waan isa geesseef iddoo kamitti iyyuu hin argamne;+ sababiin isaas, inni iddoo kan biraatti geeffamuu isaa dura akka gaariitti Waaqa akka gammachiise ragaa isaaf baʼameera. 6 Dabalataanis, amantii malee akka gaariitti Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas, namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu+ amanuu qaba.
7 Noh,+ Waaqayyo wantoota yeroo sanatti hin mulʼanne ilaalchisee akeekkachiisa erga isaaf kennee booda,+ Waaqa akka sodaatu kan argisiisee fi maatii isaa oolchuuf doonii kan ijaare+ amantiidhaan ture; amantii kanaanis addunyaatti murteesse,+ akkasumas qajeelina amantiidhaan argamu dhaale.
8 Abrahaam+ yommuu waamame, iddoo akka dhaalaatti fudhachuuf jedhu sana dhaquuf amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu kan hin beekne taʼus, iddoo jiraatu dhiisee baʼe.+ 9 Inni Yisihaaqii fi Yaaqoob warra isaa wajjin waadaa kana dhaalanii wajjin dunkaana keessa jiraachuudhaan+ akka waan biyya ormaa keessa jiraatutti keessummaa taʼee biyya waadaa isaaf galame+ sana keessa amantiidhaan jiraate.+ 10 Sababiin isaas, inni magaalaa buʼuura dhugaa qabdu, ishii Waaqayyo pilaanii ishii qopheessee fi ijaare+ sana eeggata ture.
11 Saaraan umuriin dhala godhachuu itti dandeessu kan darbe taʼus, ulfaaʼuuf* amantiidhaan humna argatte;+ ishiin inni waadaa gale sun amanamaa taʼuu isaa yaaddee turte. 12 Kanaan kan kaʼes, nama akka duʼetti lakkaaʼamu+ tokko irraa, ijoolleen akka urjiilee samii lakkoofsi isaanii baayʼee taʼee fi akka cirracha qarqara galaanaa lakkaaʼamuu hin dandeenye+ dhalataniiru.+
13 Namoonni kun hundi amantii isaanii eeganii duʼaniiru; taʼus, waadaawwan sun yommuu raawwataman hin argine;+ kanaa mannaa, fagootti ilaalanii simatan,+ akkasumas biyyattii keessatti keessummootaa fi yeroo gabaabaadhaaf kan jiraatan taʼuu isaanii ifatti labsan. 14 Namoonni wantoota akkasii lallaban kun, iddoo isa kan ofii isaanii cimsanii barbaadaa akka jiran ifatti argisiisu. 15 Akkasumas iddoo dhiisanii baʼan+ sana yaaduu isaanii utuu itti fufaniiru taʼee, achitti deebiʼuuf carraa qabu turan. 16 Amma garuu iddoo isa caalu, jechuunis isa kan samii taʼe argachuuf carraaqqii gochaa jiru. Kanaafuu, Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu;+ inni magaalaa isaaniif qopheesseera.+
17 Abrahaam yeroo qorametti,+ amantiidhaan Yisihaaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf jedhee ture; namni waadaawwan sana gammachuudhaan fudhate kun, ilma isaa isa tokkicha aarsaa godhee dhiheessuuf yaalii godhe;+ 18 kana kan godhes, “Inni sanyii kee jedhamee waamamu karaa Yisihaaq dhufa”+ jedhamee utuu jiruu ti. 19 Haa taʼu malee, inni Waaqayyo duʼaa isa kaasuu illee akka dandaʼu yaadee ture; akka fakkeenyaatti ilma isaa duʼa jalaa deebisee argateera.+
20 Yisihaaq wantoota dhufuuf jiran ilaalchisee Yaaqoobii+ fi Esaawuun+ amantiidhaan eebbise.
21 Yaaqoob yommuu duʼuu jala gaʼetti,+ amantiidhaan ilmaan Yoseef eebbise,+ fiixee ulee isaatti hirkatees+ ni waaqeffate.
22 Yoseef yommuu duʼuu jala gaʼe, amantiidhaan ilmaan Israaʼel Gibxii keessaa akka baʼan dubbate, lafee* isaa ilaalchisees qajeelfama* kenne.+
23 Museen erga dhalatee booda warri isaa amantiidhaan jiʼa sadiif isa dhoksan;+ sababiin isaas, isaan mucichi miidhagaa+ taʼuu isaa arganii turan, ajaja mootichaas hin sodaanne.+ 24 Museen erga guddatee booda+ amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide;+ 25 inni gammachuu cubbuun yeroo muraasaaf argamsiisu mannaa, saba Waaqayyoo wajjin rakkachuu filate; 26 inni arrabsoon Isa Dibame* taʼuu isaatiin irra gaʼu badhaadhina Gibxii keessatti argamu irra akka caalu godhee yaadeera; sababiin isaas, badhaasa isaaf kaffalamu xiyyeeffannaadhaan ilaaleera. 27 Inni isa ijaan hin argamne+ sana akka waan arguutti amantiitti cimee waan itti fufeef, dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin+ amantiidhaan Gibxii dhiisee baʼe.+ 28 Inni balleessu sun, ijoollee isaanii warra angafaa akka hin miineef,* Museen Faasikaa kan kabajee fi dhiiga kan facaase amantiidhaan ture.+
29 Israaʼelonni amantiidhaan akka lafa gogaatti Galaana Diimaa keessa darban;+ haa taʼu malee, warri Gibxii kana gochuuf yommuu yaalan galaanichaan liqimfaman.+
30 Sabichi guyyaa torbaaf erga itti naannaʼee booda dallaan Yerikoo amantiidhaan jige.+ 31 Rahaab ishiin sagaagaltuun sun warra hin ajajamne sanaa wajjin utuu hin balleeffamin kan hafte amantiidhaan ture; sababiin isaas, ishiin basaastota sana nagaadhaan simatteetti.+
32 Kana caalaa maal jechuun dandaʼa ree? Waaʼee Giidewon,+ waaʼee Baaraaq,+ waaʼee Saamson,+ waaʼee Yiftaa,+ waaʼee Daawit,+ akkasumas waaʼee Saamuʼelii+ fi waaʼee raajota kaanii dubbachuuf yeroon na hin gaʼu. 33 Isaan amantiidhaan mootummoota injifataniiru,+ qajeelummaan akka jiraatu godhaniiru, waadaa argataniiru,+ afaan leencotaa cufaniiru,+ 34 humna ibiddaa dhaamsaniiru,+ qara goraadee jalaa baʼaniiru,+ yeroo dadhabanitti humna argataniiru,+ waraana irratti jaboo taʼaniiru,+ loltoota isaan weeraran moʼaniiru.+ 35 Dubartoonni, namoota isaan jalaa duʼan duʼaa kaafamanii argataniiru;+ dhiironni kaan garuu duʼaa kaʼuu isa caalu argachuuf jecha, furiidhaan gadhiifamuu didanii dhiphifamaniiru. 36 Eeyyee, warri kaan immoo itti qoosamuu fi garafamuudhaan, darbees funcaadhaan hidhamuu+ fi mana hidhaa galuudhaan+ qoramaniiru. 37 Dhagaadhaan tumamaniiru,+ qoramaniiru, magaaziidhaan iddoo lamatti baqaqfamaniiru, goraadeedhaan gorraʼamaniiru,+ gogaa hoolaa fi gogaa reʼee uffatanii jooraniiru,+ wanta isaan barbaachisu dhabaniiru, rakkataniiru,+ akkasumas dhiphataniiru;+ 38 addunyaan namoota akkasii qabaachuun isaaf hin malu ture. Isaan gammoojjii keessa, gaarota irra, akkasumas holqaa+ fi boolla keessa jooraniiru.
39 Namoonni kun hundi sababii amantii isaaniitiin ragaa kan isaaniif baʼame taʼu illee, waadaan Waaqayyo gale yommuu raawwatamu hin argine; 40 sababiin isaas, Waaqayyo waaʼee keenya dursee wanta caalu argeera;+ isaan nu malee mudaa kan hin qabne akka taʼan kaayyoo isaa hin turre.
12 Kanaafuu, nuti dhugaa baatota akka duumessa guddaa nutti marsanii jiran waan qabnuuf, baʼaa hundumaa fi cubbuu isa salphaatti nu sakaalu+ of irraa gannee, dorgommii fiigichaa nu dura jiru jabinaan haa fiignu;+ 2 fiigicha kanas Yesuus isa Bakka Buʼaa Guddaa fi Fiixaan Baasaa amantii keenyaa taʼe+ xiyyeeffannaadhaan ilaalaa haa fiignu. Inni gammachuu isa dura jiruuf jedhee salphina isa irra gaʼe tuffatee hamma muka dhiphinaa* irratti fannifamee duʼutti jabaatee dhaabbateera; akkasumas mirga teessoo Waaqayyoo taaʼeera.+ 3 Isin akka hin dadhabnee fi akka abdii hin kutanneef,*+ Yesuus isa dubbii hamaa cubbamoonni faayidaa ofii isaanii mormuudhaan dubbatan+ dandaʼe sana akka gaariitti yaadaa.
4 Isin qabsoo cubbuu sanaa wajjin gochaa jirtaniin, amma iyyuu hanga dhiigni keessan dhangalaʼutti hin mormine. 5 Kana malees, isa akka ilmaaniitti akkana jedhee isin gorsu sana guutummaatti irraanfattaniittu: “Yaa ilma koo, adaba Yihowaa* akka laayyootti hin ilaalin, yeroo inni sirreeffama sii kennus abdii hin kutatin; 6 Yihowaan* warra jaallatu ni adaba, nama akka ilma isaatti fudhatu hundas ni garafa.”*+
7 Jabaattanii dhaabbachuun keessan karaa adaba* itti argattan keessaa tokko akka taʼetti ilaalaa. Waaqayyo akka ilmaan isaatti isin ilaala.+ Ilmi abbaan isaa isa hin adabne eenyu?+ 8 Haa taʼu malee, hundi keessan adaba kana yoo fudhachuu baattan, isin dhuguma diqaalota malee ilmaan isaa miti. 9 Kana malees, abbootiin keenya* nu adabu turan, nutis isaan kabajna turre. Maarree Abbaa isa hafuura qulqulluudhaan jireenya keenya geggeessuuf fedhiidhaan bitamuudhaan jiraachuun keenya caalaatti barbaachisaa mitii?+ 10 Isaan akkuma gaarii fakkaatee isaanitti mulʼatetti yeroo gabaabaadhaaf nu adaban; inni garuu qulqullummaa isaa irraa akka hirmaannuuf+ jedhee faayidaa keenyaaf nu adaba. 11 Dhugaa dha, adabni kam iyyuu yeroo sanatti kan gaddisiisu malee kan gammachiisu hin fakkaatu; sana booda garuu warra ittiin leenjifamaniif firii qajeelummaa isa nagaa isaaniif argamsiisa.
12 Kanaafuu, harka laafee fi jilba dadhabe jabeessaa;+ 13 inni naafate akka fayyuuf malee iddoo isaatii akka hin buqqaaneef, miila keessaniif daandii qajeelaa qopheeffachuu keessan itti fufaa.+ 14 Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf carraaqaa;+ qulqullummaa malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu waan hin dandeenyeef qulqullummaa hordofaa.+ 15 Hiddi summaaʼaan isin gidduutti biqilee rakkina akka hin uumnee fi namoota hedduu akka hin xureessineef, eenyu iyyuu gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa utuu hin argatin akka hin hafne of eeggadhaa;+ 16 kana malees, namni halaleenis* taʼe, namni akka Esaawu isa nyaata tokkoof jedhee mirga angafummaa isaa dabarsee kenne sanaa wantoota qulqulluu hin dinqisiifanne isin gidduutti akka hin argamne of eeggadhaa.+ 17 Inni sana booda eebbicha dhaaluuf yommuu barbaadu akka dhowwame beektu; imimmaaniin yaada* jijjiirsisuuf carraaqqii cimaa kan godhe taʼus+ isaaf hin milkoofne.
18 Isin wanta harkaan qaqqabamuu dandaʼu,+ isa ibiddaan gubatu,+ duumessa gurraacha, dukkana cimaa fi bubbee,+ 19 akkasumas sagalee malakataa+ fi sagalee+ Waaqayyoo isa namoonni sun yommuu dhagaʼan sana caalaa akka isaanitti hin dubbatamne kadhatan sanatti hin dhihaanne.+ 20 Sababiin isaas ajajni, “Horiin illee gaaricha yoo tuqe, dhagaadhaan haa tumamu”+ jedhu isaan sodaachisee ture. 21 Kana malees, wanti mulʼatu baayʼee sodaachisaa waan tureef Museen, “Ani nan sodaadhe, nan romʼes”+ jedheera. 22 Isin garuu, Gaara Xiyoonii+ fi magaalaa Waaqa jiraataa, jechuunis Yerusaalem ishii samii,+ maleekota kumaatama hedduu* 23 walgaʼii guddaa+ keessa jiran, gumii angafoota warra samii keessatti galmaaʼanii, Waaqa isa abbaa murtii hundumaa,+ jireenya warra qajeelotaa hafuuraan dhalatanii+ fi mudaa hin qabnee,+ 24 Yesuus isa araarsaa+ kakuu haaraa+ taʼe, akkasumas dhiiga facaafame isa karaa dhiiga Abeel irra caaluun dubbatutti+ dhihaattaniittu.
25 Isin isa dubbachaa jiru sana dhaggeeffachuu akka hin didne* of eeggadhaa. Namoonni isa lafa irratti akeekkachiisa Waaqayyo biraa dhufe dubbatu sana dhaggeeffachuu didan adaba irraa erga hin oollee, nuti isa samii irraa dubbatu+ sana irraa yoo garagalle akkamitti adaba jalaa ooluu dandeenya? 26 Yeroo sanatti sagaleen isaa lafa sochoose,+ amma garuu, “Al tokko dabalee lafa qofa utuu hin taʼin, samiis nan sochoosa”+ jedhee waadaa galeera. 27 Jechoonni “al tokko dabalee” jedhan wantoonni hin sochoone akka itti fufaniif, wantoonni sochoʼan, jechuunis wantoonni tolfaman akka balleeffaman argisiisu. 28 Kanaafuu, Mootummaa sochoʼuu hin dandeenye fudhachuuf akka jirru waan beeknuuf, gaarummaa guddaa isa karaa fudhatama qabuun, sodaa fi ulfina guddaadhaan tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessuu itti dandeenyu fudhachuu keenya itti haa fufnu. 29 Sababiin isaas, Waaqni keenya ibidda gubee balleessu dha.+
13 Jaalala obbolummaa argisiisuu keessan itti fufaa.+ 2 Keessummoota simachuu* hin dagatinaa;+ sababiin isaas, namoonni tokko tokko utuu hin beekin karaa kanaan maleekota simataniiru.+ 3 Akkuma isaanii wajjin hidhamtanii jirtanitti ilaaluudhaan+ warra mana hidhaa keessa jiran* yeroo hunda yaadadhaa;+ akkasumas isin iyyuu qaama fooniitiin waan jirtaniif,* warra dhiphinni isaan irra gaʼaa jiru yaadadhaa. 4 Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu;+ sababiin isaas, Waaqayyo namoota halalee* fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa.+ 5 Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu,+ wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa.+ Sababiin isaas inni, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu”+ jedheera. 6 Kanaafuu, ija jabina guddaadhaan, “Yihowaan* gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?”+ jenna.
7 Warra isin gidduutti dura buutota taʼanii fi dubbii Waaqayyoo isinitti himan yaadadhaa;+ akkasumas buʼaa gaarii jireenyi isaanii argamsiise irratti xiinxaluudhaan amantii isaanii hordofaa.+
8 Yesuus Kiristoos kaleessas taʼe harʼa, bara baraaf isuma sana.
9 Barumsawwan garaa garaa keessummaa taʼaniin karaa irraa hin maqfaminaa; garaan namaa nyaataan* utuu hin taʼin gaarummaa guddaadhaan yoo cime wayya; namoonni nyaata irratti xiyyeeffatan faayidaa hin arganne.+
10 Nuti iddoo aarsaa qabna; namoonni dunkaanicha keessatti tajaajila qulqulluu dhiheessan isa irraa nyaachuuf mirga* hin qaban.+ 11 Sababiin isaas, foon horii lubni ol aanaan dhiiga isaanii aarsaa cubbuutiif gara iddoo qulqulluutti geessu sanaa buufatichaa alatti gubama ture.+ 12 Yesuusis dhiiga ofii isaatiin namoota qulqulleessuuf,+ karra magaalattiitii alatti dhiphateera.+ 13 Egaa nutis salphina inni baate sana baannee, buufatichaa alatti gara isaa haa deemnu;+ 14 magaalaa dhaabbataa asii hin qabnu; kanaa mannaa, magaalaa ishii dhufuuf jirtu hawwiidhaan eegganna.+ 15 Karaa isaa yeroo hunda Waaqayyoof aarsaa galataa haa dhiheessinu;+ kunis firii hidhii+ keenyaa isa waaʼee maqaa isaa namoota duratti labsinu dha.+ 16 Kana malees, wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa;+ Waaqayyo aarsaawwan akkasiitti baayʼee gammada.+
17 Warra gidduu keessanitti dura buutota taʼaniif ajajamaa,+ akkasumas bitamaa;+ isaan akka warra herrega dhiheessaniitti dhimmanii isin* eegu;+ kana yoo gootan hojii isaanii gammachuudhaan hojjetu; taʼuu baannaan garuu hojii isaanii gaddaan hojjetu, kun immoo isin miidha.
18 Nuuf kadhachuu keessan itti fufaa; sababiin isaas nuti qalbii qulqulluu* akka qabnu ni amanna; waan hundumaa irrattis amanamummaadhaan jiraachuu hawwina.+ 19 Keessumaa immoo dafee gara keessanitti akkan deebiʼu akka kadhattan isinan jajjabeessa.
20 Waaqni nagaa inni tiksee hoolotaa isa guddicha+ jechuunis, Gooftaa keenya Yesuusiin dhiiga kakuu bara baraa wajjin duʼaa kaase, 21 fedhii isaa akka raawwattaniif wanta gaarii hundumaan isin haa hidhachiisu; inni karaa Yesuus Kiristoos wanta baayʼee isa gammachiisu akka raawwannu nu kakaasa; baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
22 Egaa yaa obbolootaa, dubbii jajjabinaa kana obsaan akka dhaggeeffattan isinan gorsa; sababiin isaas, ani xalayaa gabaabaan isiniif barreesse. 23 Obboleessi keenya Ximotewos gadhiifamuu isaa akka beektan nan barbaada. Inni dafee yoo dhufe, isaa wajjin dhufeen isin ilaala.
24 Warra isin gidduutti dura buutota taʼanii fi qulqulloota hundatti nagaa koo naa himaa. Warri Xaaliyaanii+ keessa jiran nagaa isiniif dhaamaniiru.
25 Gaarummaa guddaan hunda keessanii wajjin haa taʼu.
Ykn., “baroota.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “tajaajiltoota uummataa.”
Kal., “teessoo kee ti.”
Ykn., “haqaa.”
Ykn., “uffata irratti uffatamu.”
Ykn., “tajaajila uummataa.”
Ykn., “lafti.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “waan hirmaataniif.”
Kal., “hirmaate.”
Ykn., “affeerraa.”
Jechuunis, Yesuus.
Kal., “haa sodaannu.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “karaa irraa goran.”
Ykn., “garraamummaadhaan.”
Kal., “yeroo foon isaatiin turetti.”
Kal., “yeroo isaa irraa kan kaʼe.”
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “gidduu seene.” Kal., “araarse.”
Kal., “hire.”
Ykn., “abbaa amantii.”
Kal., “mudhii Abrahaam keessaa kan baʼan.”
Kal., “mudhii akaakilii isaa keessa ture.”
Ykn., “foonii.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “hin gaabbu.”
Ykn., “akka qabsiisaatti kennameera.”
Ykn., “tajaajilaa uummataa.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “tajaajila uummataa.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “daabboo ilaalchaa.”
Ykn., “iddoo araaraa.”
Kal., “cuuphaa.”
Kal., “furamuu.”
Kal., “hin eebbifamne.”
Ykn., “maraa kitaabaa.”
Ykn., “tajaajila uummataatiif.”
Kal., “fuula Waaqayyoo.”
Ykn., “barootaa.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “namoonni.”
Ykn., “tajaajila uummataa raawwachuu.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “amanannaa.”
Kal., “eebbise.”
Ykn., “waliif haa yaannu.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “akka bakka tiyaatiraatti saaxilamtanii.”
Kal., “bilisummaa dubbachuu.”
Ykn., “lubbuun koo.”
Ykn., “ragaa amansiisaa.”
Ykn., “akaakiliiwwan keenyaaf.”
Ykn., “baroonni.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “kennaa isaatiif beekamtii kennuudhaan ragaa waan baʼeef.”
Kal., “sanyii ulfaaʼuuf.”
Ykn., “awwaalcha.”
Ykn., “ajaja.”
Kal., “Kiristoos.”
Kal., “tuqneef.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu keessaniin akka abdii hin kutanneef.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “adaba.”
Ykn., “leenjii.”
Kal., “abbootiin foon keenyaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali, “Halalummaa.”
Jechuunis, yaada abbaa isaa.
Ykn., “kuma kudhan siʼa hedduu.”
Ykn., “dhaggeeffachuu diduuf sababa akka hin uumne; akka hin tuffanne.”
Ykn., “Keessummootatti gaarummaa argisiisuu.”
Kal., “warra hidhamanii jiran.”
Ykn tarii, “akka waan isaanii wajjin dhiphachaa jirtanitti.”
Ibsa Jechootaa ilaali, “Halalummaa.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Jechuunis, seerawwan nyaataatiin.
Kal., “aangoo.”
Ykn., “lubbuu keessan.”
Kal., “gaarii.”