IZRAA
1 Dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate+ akka raawwatamuuf, waggaa jalqabaa Qiiros+ mootii Faarsitti, Yihowaan guutummaa mootummaa isaa keessatti labsii tokko akka labsuuf hafuura Qiiros mootii Faarsi ni kakaase; innis akkana jedhee labsii sana barreesse:+
2 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafaa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru+ na ajajeera. 3 Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isaa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishii Yihudaa keessatti argamtutti ol baʼee mana Yihowaa Waaqa Israaʼel isa manni isaa Yerusaalem keessatti argamuu deebisee haa ijaaru; inni Waaqa dhugaa dha. 4 Namni tokko nama biyya ormaa+ taʼee eessa iyyuu yoo jiraate, olloonni isaa,* kennaa fedhiidhaan mana Waaqa dhugaa isa Yerusaalem keessatti argamuuf kennamu dabalatee, meetii fi warqii, akkasumas miʼawwanii fi horii qeʼee isaaf kennuudhaan+ isa haa gargaaran.’”
5 Achiis dura buutonni manneen abbootii Yihudaa fi Biiniyaam, luboonnii fi Leewwonni, namoonni Waaqni dhugaan hafuura isaanii kakaase hundi ol baʼanii mana Yihowaa isa Yerusaalemitti argamu deebisanii ijaaruuf ni qophaaʼan. 6 Warri naannoo isaaniitti argaman hundis kennaa fedhiidhaan kennamu hundumaa dabalatee, miʼawwan meetii fi miʼawwan warqii, miʼawwan adda addaa, horii qeʼee fi wantoota gatii guddaa qaban isaaniif kennuudhaan isaan ni gargaaran.*
7 Kana malees, Qiiros Mootichi miʼawwan mana Yihowaa warra Nebukadnezaar Yerusaalem keessaa fudhatee mana waaqa isaa keessa kaaʼee+ ture sana gad ni baase. 8 Qiiros mootiin Faarsi toʼannaa Mitredaat isa itti gaafatamaa qabeenyaa taʼe jalatti gad isaan baase; innis lakkaaʼee Sheshbaazaar*+ isa geggeessaa Yihudaa taʼetti kenne.
9 Wantoonni lakkaaʼamanis kanneen kana turan: miʼawwan warqii boca guuboo qaban 30, miʼawwan meetii boca guuboo qaban 1,000 fi miʼawwan bakka buufaman 29, 10 saaniiwwan golboo warqii xixinnoo 30, saaniiwwan golboo meetii xixinnoo 410, akkasumas miʼawwan kan biroo 1,000. 11 Miʼawwan warqii fi miʼawwan meetii hundi 5,400 turan. Sheshbaazaar yeroo namoonni boojiʼaman+ Baabilon irraa gara Yerusaalemitti deebifamanitti miʼawwan kana hundumaa fudhatee baʼe.
2 Kanneen kun jiraattota koonyaa sanaa warra boojuudhaa deebiʼan,+ warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara Baabilonitti boojiʼee fudhatee+ turee fi booda immoo gara Yerusaalemii fi Yihudaatti, gara magaalaa magaalaa isaaniitti deebiʼan+ turan; 2 isaan Zarubaabel,+ Yeshuwaa,+ Nahimiyaa, Seraayaa, Reʼelaayaa, Mordekaay, Bilshaan, Misphaar, Bigwaay, Rehuumii fi Baʼaanaa wajjin dhufan.
Lakkoofsi dhiirota Israaʼel kanneen kana kan dabalatu ture:+ 3 ilmaan Paarosh 2,172; 4 ilmaan Shefaatiyaa 372; 5 ilmaan Araa+ 775; 6 ilmaan Yeshuwaa fi ilmaan Yoʼaab keessaa, ilmaan Paahaat Moʼaab+ 2,812; 7 ilmaan Eelaam+ 1,254; 8 ilmaan Zaatuu+ 945; 9 ilmaan Zaakaay 760; 10 ilmaan Baanii 642; 11 ilmaan Bebaay 623; 12 ilmaan Azgaad 1,222; 13 ilmaan Adoniqaam 666; 14 ilmaan Bigwaay 2,056; 15 ilmaan Adiin 454; 16 mana Hisqiyaas keessaa ilmaan Ateer 98; 17 ilmaan Bezaay 323; 18 ilmaan Yoraa 112; 19 ilmaan Hashuum+ 223; 20 ilmaan Giibaar 95; 21 ilmaan Beetaliheem 123; 22 namoonni Netoofaa 56; 23 namoonni Anaatot+ 128; 24 ilmaan Azmaawet 42; 25 ilmaan Qiriyaat Yeʼariim, ilmaan Kefiiraa fi ilmaan Beʼeerot 743; 26 ilmaan Raamaa+ fi ilmaan Geebaa+ 621; 27 namoonni Mikmaas 122; 28 namoonni Beetelii fi Aay+ 223; 29 ilmaan Neboo+ 52; 30 ilmaan Maagbiish 156; 31 ilmaan Eelaam isa kan biraa 1,254; 32 ilmaan Hariim 320; 33 ilmaan Lood, ilmaan Hadiidii fi ilmaan Onoo 725; 34 ilmaan Yerikoo 345; 35 ilmaan Senaaʼaa 3,630.
36 Luboota:+ mana Yeshuwaa+ keessaa ilmaan Yedaayaa+ 973; 37 ilmaan Iimer+ 1,052; 38 ilmaan Paashuur+ 1,247; 39 ilmaan Hariim+ 1,017.
40 Leewwota:+ ilmaan Hodaawiyaa keessaa, ilmaan Yeshuwaa fi ilmaan Qaadmiʼel+ 74. 41 Faarfattoota:+ ilmaan Asaaf+ 128. 42 Ilmaan karra eegdotaa:+ ilmaan Shaalum, ilmaan Ateer, ilmaan Taalmoon,+ ilmaan Aquub,+ ilmaan Haxiixaa fi ilmaan Shobaay walumaa galatti 139.
43 Tajaajiltoota mana qulqullummaa:*+ ilmaan Zihaa, ilmaan Hasuufaa, ilmaan Taabaaʼot, 44 ilmaan Qeeros, ilmaan Siʼaahaa, ilmaan Paadoon, 45 ilmaan Lebaanaa, ilmaan Hagaabaa, ilmaan Aquub, 46 ilmaan Hagaab, ilmaan Saalmaay, ilmaan Haanaan, 47 ilmaan Gideel, ilmaan Gaahaar, ilmaan Reʼaayaa, 48 ilmaan Reezin, ilmaan Neqodaa, ilmaan Gaazaam, 49 ilmaan Uuzaa, ilmaan Paaseʼaa, ilmaan Beesaay, 50 ilmaan Asnaa, ilmaan Meʼuniim, ilmaan Nefusiim, 51 ilmaan Baaqbuq, ilmaan Haqufaa, ilmaan Harhuur, 52 ilmaan Baasluut, ilmaan Mehiidaa, ilmaan Harshaa, 53 ilmaan Baarqos, ilmaan Siseeraa, ilmaan Temaa, 54 ilmaan Neeziyaa fi ilmaan Haxiifaa.
55 Ilmaan tajaajiltoota Solomoon: ilmaan Sootaay, ilmaan Sofereet, ilmaan Peruudaa,+ 56 ilmaan Yaaʼaalaa, ilmaan Daarqon, ilmaan Gideel, 57 ilmaan Shefaatiyaa, ilmaan Haxiil, ilmaan Pokehereet Hazebaayimii fi ilmaan Amii.
58 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa* fi ilmaan tajaajiltoota Solomoon hundi 392 turan.
59 Warri kanaa gaditti ibsaman Teel Melaa, Teel Harshaa, Keruub, Adoonii fi Iimer irraa kan dhufan taʼus, isaan Israaʼelota taʼuu fi dhiisuu isaanii ilaalchisee manneen abbootii isaanii fi sanyii isaanii sirriitti beekuu hin dandeenye:+ 60 ilmaan Delaayaa, ilmaan Xoobiyaa fi ilmaan Neqodaa 652. 61 Ilmaan lubootaa keessaa: ilmaan Habaayaa, ilmaan Haqoozii+ fi ilmaan Baarzilaay+ isa ijoollee durbaa Baarzilaay Giiliyaadichaa keessaa ishii takka fuudhee fi maqaa soddaa isaatiin waamame sanaa. 62 Kanneen kun, hidda dhalootaa isaanii mirkaneeffachuuf galmee keessaa kan barbaadan taʼus, argachuu waan hin dandeenyeef hojii lubummaa irraa ni ittifaman.*+ 63 Bulchaan* sunis lubni Uuriimii fi Tuumiimiidhaan+ gorsa gaafatu hamma argamutti wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼan+ irraa nyaachuu akka hin dandeenye isaanitti hime.
64 Lakkoofsi guutummaa gumichaa walumaa galatti 42,360 ture;+ 65 kunis, dhiirotaa fi dubartoota garboota taʼan 7,337 hin dabalatu ture; kana malees, isaan dhiirotaa fi dubartoota faarfattoota taʼan 200 qabu turan. 66 Fardeen isaanii 736, gaangoliin isaanii 245, 67 gaalonni isaanii 435, harroonni isaanii immoo 6,720 turan.
68 Isaan mana Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamu bira yommuu gaʼan, dura buutonni manneen abbootii tokko tokko manicha idduma isaa duriitti+ deebisanii ijaaruuf* mana Waaqa dhugaatiif kennaa fedhiidhaan kennamu+ ni kennan. 69 Isaan akka humna isaaniitti hojichi akka ittiin hojjetamuuf warqii diraakmaa* 61,000 fi meetii miinaa* 5,000, akkasumas uffata lubootaa 100 mana qabeenyaatiif ni kennan.+ 70 Luboonni, Leewwonni, sabicha keessaa namoonni muraasni, faarfattoonni, karra eegdonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa* magaalota isaanii keessa jiraachuu jalqaban; Israaʼelonni kaan hundis* magaalota isaanii keessa jiraachuu jalqaban.+
3 Jiini torbaffaan+ yommuu gaʼetti, Israaʼelonni* magaalota isaanii keessa utuu jiranii, Yerusaalem keessatti tokko taʼanii walitti qabaman. 2 Isaan akka Seera Musee+ isa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaa keessatti barreeffametti, achi irratti aarsaawwan gubaman dhiheessuuf Yeshuwaan+ ilmi Yehozaadaaqii fi luboonni isaa wajjin tajaajilan, akkasumas Zarubaabel+ ilmi Saalaatiʼelii+ fi obboloonni isaa kaʼanii iddoo aarsaa Waaqa Israaʼel ni ijaaran.
3 Kanaafuu, isaan namoota biyyoota naannoo isaaniitti argaman kan sodaatan taʼus,+ iddoo aarsaa bakka isaa duriitti ni hojjetan; isaan achi irratti aarsaawwan gubaman warra Yihowaadhaaf dhihaatan, jechuunis aarsaawwan gubaman+ warra ganamaa fi galgala dhihaatan dhiheessuu jalqaban. 4 Achiis isaan akka seerichi ajajutti Ayyaana Daasii* ni kabajan;+ guyyaa guyyaadhaanis hamma ajajame aarsaawwan gubaman ni dhiheessan.+ 5 Sana booda isaan aarsaawwan gubaman warra yeroo hunda dhihaatan,+ aarsaawwan baatii haaraa+ fi warra tibba ayyaanota qulqulluu+ Yihowaatti dhihaatan hundumaa, akkasumas kennaa namni hundi fedhiidhaan Yihowaadhaaf kennu+ ni dhiheessan. 6 Buʼuurri mana qulqullummaa Yihowaa amma iyyuu kan hin kaaʼamne taʼus, isaan guyyaa jalqabaa jiʼa torbaffaatii+ kaasee aarsaawwan gubaman Yihowaadhaaf dhiheessuu ni jalqaban.
7 Isaan warra dhagaa bocanii+ fi ogeeyyii harkaatiif+ maallaqa ni kennan; Qiiros mootiin Faarsi akka isaaniif heyyamettis+ saanqaa muka gaattiraa galaana irra kaaʼanii Libaanon irraa gara Yoopheetti+ waan fidaniif, isaan warra Siidoonii fi warra Xiirosiif nyaata, dhugaatii fi zayitii ni kennan.
8 Isaan gara mana Waaqa dhugaa isa Yerusaalemitti argamuu dhufanii waggaa lammaffaa isaatti, waggicha keessaa jiʼa isa lammaffaatti Zarubaabel ilmi Saalaatiʼel, Yeshuwaan ilmi Yehozaadaaqii fi obboloonni isaanii warri kaan, luboonnii fi Leewwonni, akkasumas warri boojuudhaa deebiʼanii+ gara Yerusaalemitti dhufan hundi hojicha ni jalqaban; isaanis hojii mana Yihowaatti hojjetamu ol aantummaadhaan akka toʼataniif Leewwota umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe ni muudan. 9 Kanaafuu Yeshuwaan, ilmaan isaa fi obboloonni isaa, akkasumas ilmaan Yihudaa kan taʼan Qaadmiʼelii fi ilmaan isaa, ilmaan Henaadaad,+ ilmaan isaanii fi obboloota isaanii warra Leewwota taʼanii wajjin taʼuudhaan warra hojii mana Waaqa dhugaa keessatti hojjetamu hojjetan ol aantummaadhaan ni toʼatan.
10 Ijaartonni yommuu buʼuura mana qulqullummaa Yihowaa kaaʼanitti,+ luboonni uffata isaanii uffatan malakataan,+ Leewwonni warri ilmaan Asaaf taʼan immoo siimbaaliidhaan* akka qajeelfama Daawit mootiin Israaʼel kennetti+ Yihowaa jajachuuf ni dhaabbatan. 11 Isaanis, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan inni Israaʼeliif qabu bara baraaf jabaatee dhaabbata”+ jedhanii wal harkaa fuudhanii+ Yihowaa jajachuu fi galateeffachuu jalqaban. Buʼuurri mana Yihowaa waan kaaʼameefis, sana booda guutummaan sabichaa sagalee guddaadhaan Yihowaa ni jajate. 12 Luboonni, Leewwonnii fi dura buutonni manneen abbootii hedduun, jechuunis maanguddoonni warri mana isa durii argan,+ buʼuurri mana kanaa kaaʼamuu isaa yommuu argan sagalee isaanii ol kaasanii booʼan; namoonni hedduun kaan garuu sagalee isaanii ol kaasanii ililchan.+ 13 Namoonni sun hamma fagoodhaa dhagaʼamutti sagalee isaanii ol kaasanii iyyaa waan turaniif, namoonni sagalee ililchuu sana sagalee booʼichaa sana irraa adda baafachuu hin dandeenye.
4 Diinonni Yihudaa fi Biiniyaam+ namoonni boojuudhaa deebiʼan+ Yihowaa Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaraa akka jiran yommuu dhagaʼan, 2 yeruma sana Zarubaabelii fi dura buutota manneen abbootiitti dhihaatanii, “Nutis isinii wajjin haa ijaarru; nuti akkuma keessan Waaqa keessan+ waaqeffanna;* akkasumas bara Eesaar Hadoon+ mootii Asoor isa as nu fide+ irraa jalqabee isaaf aarsaa dhiheessaa turreerra” isaaniin jedhan. 3 Haa taʼu malee, Zarubaabel, Yeshuwaanii fi dura buutonni manneen abbootii Israaʼel kaan, “Akkuma Qiiros mootiin Faarsi nu ajajetti,+ Yihowaa Waaqa Israaʼeliif mana kan ijaaru nu qofa waan taʼeef, isin mana Waaqa keenyaa ijaaruu irratti nuu wajjin qooda hin qabdan”+ isaaniin jedhan.
4 Achiis namoonni biyyattii namoota Yihudaa hamilee cabsuu* fi manicha akka hin ijaarre abdii isaan kutachiisuu isaanii itti fufan.+ 5 Guutummaa bara Qiiros mootii Faarsii jalqabee hamma bulchiinsa Daariyos+ mootii Faarsitti, karoora isaanii fashaleessuuf gorsitoota isaanitti bitan.+ 6 Isaan jalqaba bulchiinsa Ahaashwerositti, jiraattota Yihudaa fi Yerusaalem irratti barreeffamaan himata dhiheessan. 7 Bara Arxeksis mootii Faarsitti, Bishlaam, Mitredaat, Taabeʼelii fi michoonni isaa warri kaan, Arxeksis Mootichaaf xalayaa ni barreessan; xalayichas gara Afaan Aaraamitti+ hiikanii, qubee afaan Aaraamiin barreessan.*
8 * Rehuum inni dura buʼaa abbaa taayitaa mootummaa taʼee fi Shimshaay inni barreessaa taʼe Yerusaalemiin mormanii akkana jedhanii Arxeksis Mootichaaf xalayaa barreessan: 9 (Xalayaa kana kan ergan, Rehuum isa dura buʼaa abbaa taayitaa mootummaa taʼe, Shimshaay isa barreessaa taʼe, michoota isaanii warra kaan, abbootii murtii fi bulchitoota gad aanoo, barreessitoota, saba Eereek,+ Baabilonota, jiraattota Susaa,+ jechuunis Eelaamota,+ 10 saboota warra Asnaafar inni guddichii fi kabajamaan boojuudhaan fudhatee magaalota Samaariyaa+ keessa qubachiise kaan, akkasumas namoota naannoo Lagicha* Gamaa keessa jiraatan kaan turan; 11 garagalchiin xalayaa isaaf ergan sanaa kana ture.)
“Arxeksis Mootichaaf, tajaajiltoota kee warra naannoo Lagicha Gamaa jiraatan irraa: Ammas 12 Yihudoonni warri si biraa gara keenya dhufan Yerusaalem gaʼuun isaanii mooticha biratti kan beekame haa taʼu. Isaan magaalaa finciltuu fi hamtuu taate sana deebisanii ijaaraa jiru; dallaawwan+ ishii xumuraa jiru; buʼuurawwan ishiis haaressaa jiru. 13 Ammas, magaalaan kun deebitee yoo ijaaramtee fi dallaawwan ishii yoo xumuraman, isaan qaraxa, gibira+ yookiin qaraxa kellaa hin kaffalan; kun immoo maallaqni moototaaf walitti qabamu akka hirʼatu godha. 14 Nuti soogidda mana mootummaa waan nyaannuuf* faayidaan mootichaa yommuu tuqamu callisnee ilaaluun keenya sirrii miti; kanaan kan kaʼes, dhimmi kun mooticha biratti akka beekamuuf dhaamsa kana ergineerra; 15 kanaafuu, kitaaba seenaa abbootii keetii irratti qorannaan haa godhamu.+ Kitaaba seenaa irraas magaalaan kun magaalaa finciltuu, moototaa fi koonyaawwan kan miitu akka taate, bara duriitii jalqabees warri fincila kakaasan ishii keessa akka turan ni hubatta. Magaalaan kun kan balleeffamte kanaaf ture.+ 16 Magaalaan kun deebitee yoo ijaaramtee fi dallaawwan ishii yoo xumuraman, ati naannoo Lagicha Gamaa+ toʼachuu* akka hin dandeenye si beeksisuu barbaanna.”
17 Mootichis Rehuum isa dura buʼaa abbaa taayitaa mootummaa taʼetti, Shimshaay isa barreessaa taʼettii fi michoota isaanii warra Samaariyaa keessa jiraatan kaanitti, akkasumas naannoo Lagicha Gamaa kaanitti dhaamsa akkana jedhu erge:
“Nagaan isiniif haa taʼu! Ammas, 18 xalayaan isin nuuf ergitan na duratti ifatti dubbifameera.* 19 Ajaja kootiin qorannaan kan godhame yeroo taʼu, bara duriitii jalqabee magaalattiin mootota irratti fincila kaasaa akka turte, ishii keessattis mormii fi fincilli geggeeffamaa akka ture hubatameera.+ 20 Yerusaalem mootota humna guddaa qabanii fi guutummaa naannoo Lagicha Gamaa bulchan qabdi turte; isaan qaraxa, gibiraa fi qaraxa kellaa ni kaffalchiisu turan. 21 Ammas, hamman ajaja kennutti magaalattiin deebitee akka hin ijaaramneef namoonni kun hojicha akka dhaaban ajaja dabarsaa. 22 Faayidaan mootichaa caalaatti akka hin tuqamnetti+ dhimma kana ilaalchisee tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti akka hin jenne of eeggadhaa.”
23 Garagalchiin xalayaa Arxeksis Mootichaa Rehuum, Shimsaay isa barreessaa taʼee fi michoota isaanii duratti erga dubbifamee booda, isaan hatattamaan gara Yerusaalem, gara Yihudootaa dhaqanii dirqisiisanii hojicha isaan dhaabsisan. 24 Hojiin mana Waaqayyoo inni Yerusaalem keessatti argamu kan dhaabbate yeroo kanatti ture; hamma waggaa lammaffaa bulchiinsa Daariyos mootii Faarsittis hojichi bakkuma jirutti ni dhaabbate.+
5 Sana booda Haageen+ raajichii fi ilma ilma Idoo+ kan taʼe Zakkaariyaas+ raajichi maqaa Waaqa Israaʼel isa isaanii olitti argamuun Yihudoota warra Yihudaa fi Yerusaalem keessa jiranitti raajii dubbatan. 2 Bara sanatti Zarubaabel+ ilmi Saalaatiʼelii fi Yeshuwaan+ ilmi Yehozaadaaq mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu deebisanii ijaaruu jalqaban;+ raajonni Waaqayyoos isaanii wajjin turan; akkasumas isaan ni deggeru turan.+ 3 Yeroo kanatti Taatenaay inni bulchaa naannoo Lagicha* Gamaa taʼee fi Shetaar Bozenaay, akkasumas michoonni isaanii gara isaanii dhufanii, “Mana kana akka ijaartanii fi ijaarsa* kana akka xumurtan eenyutu isin ajaje?” jedhanii isaan gaafatan. 4 Achiis, “Maqaan namoota mana kana ijaaraa jiranii eenyu?” jedhanii isaan gaafatan. 5 Haa taʼu malee, Waaqayyo jaarsolii Yihudootaatiif eegumsa gochaa* waan tureef,+ ergaan gara Daariyositti ergamee, xalayaan dhimma kana ilaallatu isa biraa hamma deebiʼutti hojicha isaan dhaabsisuu hin dandeenye.
6 Garagalchiin xalayaa Taatenaay inni bulchaa naannoo Lagicha Gamaa taʼe, Shetaar Bozenaayii fi michoonni isaa warri bulchitoota gad aanoo naannoo Lagicha Gamaa taʼan, Daariyos Mootichaaf ergan kana ture; 7 isaan ergaa akkana jedhu barreessanii isaaf ergan:
“Daariyos Mootichaaf:
“Nagaan siif haa taʼu! 8 Nuti gara koonyaa Yihudaa gara mana Waaqa isa guddaa akka dhaqne, manichis dhagoota guguddaadhaan ijaaramaa fi girgiddaawwan isaa irra saanqaawwan kaaʼamaa akka jiran mooticha biratti haa beekamu. Namoonni sun hojicha ciminaan hojjechaa jiru; hojichis carraaqqii isaaniitiin saffisaan hojjetamaa jira. 9 Nutis, ‘Mana kana akka ijaartanii fi ijaarsa* kana akka xumurtan eenyutu isin ajaje?’ jennee jaarsolii isaanii gaafanne.+ 10 Kana malees, maqaa isaanii barreessinee si beeksisuuf, maqaa namoota geggeessitoota taʼanii akka nutti himan isaan gaafannee turre.
11 “Deebiin isaan nuuf kennan kana dha: ‘Nuti tajaajiltoota Waaqa samii fi lafaa ti; mana waggoota hedduu dura ijaarame, isa mootiin Israaʼel inni guddaan ijaaree xumure+ sana deebisnee ijaaraa jirra. 12 Haa taʼu malee, abbootiin keenya Waaqa samiiwwanii waan dheekkamsiisaniif+ inni harka Nebukadnezaar+ mootii Baabilon Kaladichaatti dabarsee isaan kenne; innis mana kana diigee+ sabicha boojuudhaan gara Baabilonitti fudhate.+ 13 Haa taʼu malee, waggaa jalqabaa Qiiros mootii Baabilonitti, Qiiros Mootichi manni Waaqayyoo deebisee akka ijaaramu ajaja kenne.+ 14 Kana malees, Qiiros Mootichi miʼawwan warqii fi meetii mana Waaqayyoo warra Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa fudhatee mana qulqullummaa Baabilonitti geesse+ sana mana qulqullummaa Baabilon keessaa ni baase. Miʼawwan kunis namicha Sheshbaazaar*+ jedhamuu fi Qiiros bulchaa+ isa godhetti kennamanii turan. 15 Qiirosis, “Miʼawwan kana fuudhi. Dhaqiitii mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessatti argamu keessa kaaʼi; manni Waaqayyoos bakka isaa duriitti deebiʼee haa ijaaramu” isaan jedhe.+ 16 Achiis Sheshbaazaar kun dhufee buʼuura mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu ni kaaʼe;+ manichi yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti ijaaramaa kan jiru taʼus hin xumuramne.’+
17 “Ammas mootichi gaarii fakkaatee yoo isatti mulʼate, manni Waaqayyoo inni Yerusaalem keessatti argamu deebisee akka ijaaramu Qiiros Mootichi ajajuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee, mana qabeenyaa* mootichaa isa Baabilon keessatti argamu irratti qorannaan haa godhamu;+ dhimma kana ilaalchisee murtoon mootichi godhes nuuf haa ergamu.”
6 Yeroo kanatti Daariyos Mootichi ajaja ni kenne; isaanis kuusaawwan* Baabilon keessa bakka qabeenyi itti walitti qabame keessatti argaman irratti qorannaa ni godhan. 2 Koonyaa Meedon keessa dahoo Ekbaataanaatti maraan kitaabaa tokko ni argame; achi irrattis yaanni akkana jedhu barreeffamee ture:
3 “Waggaa jalqabaa Qiiros Mootichaatti, Qiiros Mootichi mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu ilaalchisee ajaja akkana jedhu kennee ture:+ ‘Isaan achitti aarsaawwan akka dhiheessaniif, manichi deebiʼee haa ijaaramu; buʼuurri isaas haa kaaʼamu; ol dheerinni isaa dhundhuma* 60, dalgi isaas dhundhuma 60+ taʼee, 4 dhagaa guguddaa toora sadiin wal irra kaaʼamuu fi saanqaa toora tokkoon kaaʼamuun haa ijaaramu;+ baasiin isaas mana mootichaa keessaa haa kaffalamu.+ 5 Kana malees, miʼawwan warqii fi meetii mana Waaqayyoo warri Nebukadnezaar mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessa ture keessaa fudhatee gara Baabilonitti geesse+ haa deebifaman; isaanis mana qulqullummaa Yerusaalem keessa jiru keessa bakka isaaniitti haa deebifaman; mana Waaqayyoo keessas haa kaaʼaman.’+
6 “Kanaafuu, amma ati Taatenaay inni bulchaa biyya Lagicha* Gamaa taate, Shetaar Bozenaayii fi michoonni keessan warri bulchitoota gad aanoo Lagicha Gamaa+ taatan bakka sanaa fagaadhaa. 7 Hojii mana Waaqayyoo kana keessa hin seeninaa. Bulchaan Yihudootaa fi jaarsoliin Yihudootaa mana Waaqayyoo sana iddoo isaa duriitti deebisanii ni ijaaru. 8 Kana malees, jaarsolii Yihudootaa warra mana Waaqayyoo ijaaraniif wanta gochuu qabdan ilaalchisee ani ajaja kana kenneera: Hojichi akka wal irraa hin cinneef,+ mana qabeenyaa mootichaa+ irraa, jechuunis qaraxa naannoo Lagicha Gamaatii walitti qabame irraa namoota kanaaf baasiin isaanii hatattamaan haa kennamu. 9 Akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan jedhanitti, Waaqa samiitiif aarsaawwan gubamaniif akka taʼanitti wanti isaan barbaachisu hundi, jechuunis jiboonni,+ korbeeyyiin hoolaa+ fi xobbaallaan* hoolaa,+ akkasumas qamadiin,+ soogiddi,+ daadhiin wayinii+ fi zayitiin+ guyyaa guyyaadhaan utuu addaan hin citin isaaniif haa kennamu; 10 kunis kan godhamu, isaan utuu addaan hin kutin aarsaawwan Waaqa samiiwwanii gammachiisan akka dhiheessaniif, akkasumas lubbuu mootichaa fi kan ilmaan isaatiif akka kadhataniifi.+ 11 Kana malees, namni seera kana cabsu kam iyyuu balleessaa isaa kanaaf mana isaa keessaa utubaan akka buqqifamu, innis ol kaafamee achi irratti akka fannifamu, manni isaas mana boolii uummataa* akka taʼu ani ajajeera. 12 Waaqni inni maqaan isaa achi akka jiraatu godhes,+ mootiis taʼe saba ajaja kana cabsuu fi mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu balleessuuf harka isaa kaasu kam iyyuu haa garagalchu. Ani Daariyos ajaja kana kenneera. Kunis hatattamaan haa raawwatamu.”
13 Achiis Taatenaay inni bulchaa naannoo Lagicha Gamaa taʼe, Shetaar Bozenaayii+ fi michoonni isaanii wanta Daariyos Mootichi ajaje hundumaa hatattamaan ni raawwatan. 14 Jaarsoliin Yihudootaas raajii Haageen+ raajichii fi Zakkaariyaas+ ilmi ilma Idoo dubbataniin jajjabina argatanii manicha ijaaruu isaanii itti fufan; hojichis isaaniif ni qajeele;+ isaan ajaja Waaqa Israaʼeliin,+ akkasumas ajaja Qiirosiin,+ ajaja Daariyosii+ fi ajaja Arxeksis+ mootii Faarsiin manicha ijaaranii xumuran. 15 Waggaa jaʼaffaa bulchiinsa Daariyos Mootichaatti, jiʼa Adaaritti,* jiʼicha keessaa guyyaa sadaffaatti manicha ijaaranii xumuran.
16 Achiis Israaʼelonni, luboonni, Leewwonnii+ fi warri duraan boojiʼamanii turan kaan eebba* mana Waaqayyoo kana gammachuudhaan ni kabajan. 17 Isaan eebba mana Waaqayyoo kanaaf qotiyyoo 100, korbeeyyii hoolaa 200 fi xobbaallaa hoolaa 400, akkasumas lakkoofsa gosoota Israaʼelii wajjin haala wal qixa taʼeen guutummaa Israaʼeliif aarsaa cubbuutiif akka taʼanitti korbeeyyii reʼee 12 ni dhiheessan.+ 18 Akkuma kitaaba Musee keessatti barreeffamettis,+ luboota akka garee garee isaaniitti, Leewwotas akka garee garee isaaniitti tajaajila mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamuuf ni muudan.+
19 Namoonni duraan boojiʼamanii turanis jiʼa isa tokkoffaa keessaa guyyaa 14ffaatti Faasikaa ni kabajan.+ 20 Luboonnii fi Leewwonni hundi of qulqulleessanii+ waan turaniif, hundi isaanii qulqulluu turan; isaan warra duraan boojiʼamanii turan hundumaatiif, akkasumas luboota isaanii wajjin tajaajilanii fi ofii isaaniitiif aarsaa Faasikaa ni qalan. 21 Achiis Israaʼelonni warri boojuudhaa deebiʼan, namoota Yihowaa Waaqa Israaʼeliin waaqeffachuuf* xuraaʼummaa saboota biyyattii irraa adda of baasanii isaanitti makaman+ hundumaa wajjin isa irraa ni nyaatan. 22 Kana malees, Yihowaan akka gammadan waan isaan godheef, akkasumas garaa mootii Asoor isaaniif laaffisuudhaan+ hojii mana Waaqa dhugaa isa Waaqa Israaʼel taʼee irratti akka isaan gargaaru* waan godheef, gammachuudhaan guyyaa torbaaf Ayyaana Maxinoo ni kabajan.+
7 Wantoota kana booda, bara bulchiinsa Arxeksis+ mootii Faarsitti Izraan*+ ni deebiʼe. Inni ilma Seraayaa+ yeroo taʼu, Seraayaan ilma Azaariyaa, Azaariyaan ilma Hilqiyaa,+ 2 Hilqiyaan ilma Shaalum, Shaalum ilma Saadoq, Saadoq ilma Ahixuub, 3 Ahixuub ilma Amaariyaa, Amaariyaan ilma Azaariyaa,+ Azaariyaan ilma Meraayoot, 4 Meraayoot ilma Zeraahiyaa, Zeraahiyaan ilma Uuzii, Uuziin ilma Buqqii, 5 Buqqiin ilma Abishuwaa, Abishuwaan ilma Finahaas,+ Finahaas ilma Eleʼazaar,+ Eleʼazaar ilma Aaron+ isa dura buʼaa lubootaa taʼee ti. 6 Izraan kun Baabilon irraa dhufe. Inni garagalchituu* Seera Musee+ isa Yihowaan Waaqni Israaʼel kenne akka gaariitti beeku ture.* Harki Waaqa isaa Yihowaa isa irra waan tureef, mootichi wanta inni gaafate hundumaa isaaf ni kenne.
7 Waggaa torbaffaa Arxeksis Mootichaattis Israaʼelonni, luboonni, Leewwonni,+ faarfattoonni,+ karra eegdonnii+ fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa*+ tokko tokko gara Yerusaalemitti ol ni baʼan. 8 Izraanis waggaa torbaffaa mootichaatti, waggicha keessaas jiʼa shanaffaatti gara Yerusaalem ni dhufe. 9 Inni jiʼa tokkoffaa keessaa guyyaa isa tokkoffaatti Baabilon keessaa baʼee karaa jalqabe; harki Waaqa isaa inni gaariin isa irra waan tureefis,+ jiʼa shanaffaa keessaa guyyaa isa tokkoffaatti Yerusaalem ni gaʼe. 10 Izraan Seera Yihowaa qorachuu fi hojii irra oolchuuf,+ akkasumas dambiiwwanii fi murtiiwwan isaa Israaʼel keessatti barsiisuuf+ garaa isaa qopheeffatee ture.*
11 Garagalchiin xalayaa Arxeksis Mootichi Izraa isa lubaa fi garagalchituu* taʼe, isa ajajawwan Yihowaa fi dambiiwwan isaa warra inni Israaʼeliif kenne qoʼachuu irratti dandeettii guddaa qabu* sanaaf kenne kana ture:
12 * “Arxeksis+ isa mootii moototaa taʼe irraa, Izraa lubicha isa garagalchituu* Seera Waaqa samiiwwanii taʼeef: Nagaan siif haa taʼu. Ammas 13 namoota bulchiinsa koo keessa jiraatan keessaa, saba Israaʼel keessaa, akkasumas luboota isaanii fi Leewwota isaanii keessaa sii wajjin gara Yerusaalemitti deemuu kan barbaadan hundi akka deeman ani ajaja kenneera.+ 14 Sababiin isaas, mootichii fi gorsitoonni isaa torban Seerri Waaqa keetii inni si bira* jiru Yihudaa fi Yerusaalem keessatti hojii irra oolfamaa akka jiruu fi akka hin jirre akka qorattuuf, 15 kana malees, meetii fi warqii isa mootichii fi gorsitoonni isaa Waaqa Israaʼel isa bakki jireenyaa isaa Yerusaalem keessa taʼeef fedhii isaaniitiin kennan, 16 meetii fi warqii guutummaa koonyaa Baabilon keessaa fudhatte,* akkasumas kennaa sabichii fi luboonni fedhii isaaniitiin mana Waaqa isaanii isa Yerusaalem keessatti argamuuf kennan hundumaa+ fudhattee akka deemtuuf si erganiiru. 17 Atis maallaqa kanaan hatattamaan qotiyyoo,+ korbeeyyii hoolaa+ fi xobbaallaa hoolaa,+ akkasumas aarsaawwan midhaanii+ fi aarsaawwan dhugaatii+ warra isaanii wajjin dhihaatan bittee, iddoo aarsaa mana Waaqa keetii isa Yerusaalem keessatti argamu irratti ni dhiheessita.
18 “Meetii fi warqii isa hafetti, akka fedhii Waaqa keessaniitti wanta sittis taʼe obboloota keetti gaarii fakkaatee mulʼate akkamii iyyuu gochuu dandeessu. 19 Miʼawwan tajaajila mana Waaqa keetiif akka taʼaniif sitti kennaman hundumaa, Yerusaalemitti Waaqa kee duratti ni dhiheessita.+ 20 Wantoota barbaachisoo mana Waaqa keetiif akka kennitu si irraa barbaadaman kaanis mana qabeenyaa mana mootichaa keessaa baastee ni kennita.+
21 “Ani Arxeksis Mootichi, warri naannoo Lagicha* Gamaa keessatti qabeenya irratti itti gaafatamummaa qabdan hundi, wanta Izraan+ lubichi inni garagalchituu* Seera Waaqa samiiwwanii taʼe isin gaafatu hundumaa hatattamaan akka isaaf raawwattan ajaja kenneera; 22 hamma meetii taalaantii* 100tti, qamadii safartuu qorosii* 100tti, daadhii wayinii+ safartuu baatii* 100tti, zayitii+ safartuu baatii 100tti, akkasumas soogiddi+ hammana hin jedhamne isaaf haa kennamu. 23 Bulchiinsa mootichaa irrattis taʼe ilmaan isaa irratti dheekkamsi akka hin dhufnetti+ wanti Waaqni samiiwwanii mana Waaqa samiiwwanii ilaalchisee ajaje+ hundi hinaaffaadhaan haa raawwatamu. 24 Kana malees, isin luboota, Leewwota, faarfattoota,+ karra eegdota, tajaajiltoota mana qulqullummaa*+ fi hojjettoota mana Waaqayyoo keessaa isa kam irratti iyyuu qaraxa, gibira+ yookiin qaraxa kellaa akkamii iyyuu muruun akka hin heyyamamne beekaa.
25 “Atis yaa Izraa, namoota naannoo Lagicha Gamaa keessa jiraatan hundumaatiif, jechuunis warra seerawwan Waaqa keetii beekan hundumaatiif murtii akka kennaniif, akka ogummaa Waaqa kee biraa argattetti* warra seera kabachiisanii fi abbootii murtii muudi; nama seerawwan sana hin beekne kam iyyuu immoo barsiisaa.+ 26 Namni Seera Waaqa keetii fi seera mootichaa hin eegne kam iyyuu, murtiin duʼaa yookiin murtiin biyyaa baafamuu yookiin murtiin adaba maallaqaa yookiin murtiin hidhamuu hatattamaan isa irratti haa dabarfamu.”
27 Waaqa abbootii keenyaa kan taʼe Yihowaan, inni mana Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamu akka miidhagsuuf yaada kana garaa mootichaa keessa kaaʼe haa jajamu!+ 28 Kana malees, inni mootichaa fi gorsitoota isaa,+ akkasumas bulchitoota mootichaa warra jajjaboo taʼan hundumaa duratti jaalala amanamaa natti argisiiseera.+ Harki Waaqa koo Yihowaa anaa wajjin waan tureef, nan onnadhe;* Israaʼel keessaas namoonni dura buutota* taʼan anaa wajjin akka ol baʼan walitti isaan nan qabe.
8 Bara bulchiinsa Arxeksis+ Mootichaatti dura buutonni manneen abbootii isaanii fi galmeen hidda dhalootaa namoota anaa wajjin Baabilon keessaa baʼanii kanneen kana turan: 2 ilmaan Finahaas+ keessaa Geershom; ilmaan Itaamaar+ keessaa Daaniʼel; ilmaan Daawit keessaa Haxuush; 3 ilmaan Shekaaniyaa keessaa, ilmaan Paarosh keessaa Zakkaariyaasii fi dhiirota isaa wajjin galmeeffamanii turan 150; 4 ilmaan Paahaat Moʼaab+ keessaa Eliyahoʼenaay ilma Zeraahiyaa fi dhiirota isaa wajjin turan 200; 5 ilmaan Zaatuu+ keessaa Shekaaniyaa ilma Yaahaaziʼelii fi dhiirota isaa wajjin turan 300; 6 ilmaan Adiin+ keessaa Ebeed ilma Yonaataanii fi dhiirota isaa wajjin turan 50; 7 ilmaan Eelaam+ keessaa Yeshaayaa ilma Ataaliyaa fi dhiirota isaa wajjin turan 70; 8 ilmaan Shefaatiyaa+ keessaa Zebaadiyaa ilma Mikaaʼelii fi dhiirota isaa wajjin turan 80; 9 ilmaan Yoʼaab keessaa Obaadiyaa ilma Yehiʼelii fi dhiirota isaa wajjin turan 218; 10 ilmaan Baanii keessaa Shelomiit ilma Yosiifiyaa fi dhiirota isaa wajjin turan 160; 11 ilmaan Bebaay+ keessaa Zakkaariyaas ilma Bebaayii fi dhiirota isaa wajjin turan 28; 12 ilman Azgaad+ keessaa Yohaanaan ilma Haqaaxaanii fi dhiirota isaa wajjin turan 110; 13 ilmaan Adoniqaam+ warri kan dhumaa taʼan maqaan isaanii kana ture: Elifeelet, Yeyiʼelii fi Shemaayaa, akkasumas dhiirota isaanii wajjin turan 60; 14 ilmaan Bigwaay+ keessaa Uutaayii fi Zaabuud, akkasumas dhiirota isaanii wajjin turan 70.
15 Anis laga gara Ahaawaatti+ yaaʼu biratti walitti isaan nan qabe; guyyaa sadiifis achi buufanne. Haa taʼu malee, sabichaa fi luboota yommuun hubadhee ilaalu, achitti Leewwota keessaa nama tokko illee hin arganne. 16 Kanaafuu, ani Eliiʼezar, Ariʼeel, Shemaayaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakkaariyaasii fi Meshulaam warra geggeessitoota turan, akkasumas Yoyaariibii fi Elnaataan warra barsiisota turan nan waamsise. 17 Achiis gara Idoo isa bakka Kaasiifiyaa jedhamu keessatti geggeessaa taʼe sanaa akka dhaqan isaan nan ajaje. Idoo fi obboloonni isaa warri tajaajiltoota mana qulqullummaa* taʼanii fi Kaasiifiyaa keessa jiraatan, mana Waaqa keenyaatiif tajaajiltoota akka nuuf fidan akka isaan gaafatan isaanitti nan hime. 18 Harki Waaqa keenyaa inni gaariin nuu wajjin waan tureef, isaan ilmaan Maahlii+ isa ilma ilma Leewwii isa ilma Israaʼel taʼe sanaa keessaa Sherebiyaa+ isa nama hubannaa qabu, akkasumas ilmaan isaa fi obboloota isaa walumaa galatti namoota 18 nuu fidan; 19 kana malees, Hashaabiyaa fi isaa wajjin Meraarota+ keessaa Yeshaayaa, akkasumas obboloota isaa fi ilmaan isaanii walumaa galatti namoota 20 nuu fidan. 20 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa* warri Daawitii fi bulchitoonni tajaajila Leewwotaatiif isaan kennan 220 turan; hundi isaaniis maqaadhaan galmeeffamanii turan.
21 Waaqa keenya duratti akka gad of qabnuuf, akkasumas adeemsa keenyaaf, nuuf, ijoollee keenyaa fi qabeenya keenya hundumaatiif isa irraa qajeelfama argachuuf achuma laga Ahaawaa biratti sooma nan labse. 22 Nuti mootichaan, “Harki Waaqa keenyaa inni gaariin warra isa barbaaddatan hundumaa wajjin jira;+ jabinni isaa fi dheekkamsi isaa garuu warra isa dhiisan hundumaa irratti ni dhufa”+ jennee waan turreef, loltootaa fi abbootii fardeenii daandii irratti diinota irraa nu eegan akka nuuf kennu isa gaafachuu nan qaanaʼe. 23 Kanaafuu ni soomne; dhimma kana ilaalchisees Waaqa keenya ni kadhanne; innis kadhannaa keenya ni dhagaʼe.+
24 Yeroo kanatti ani ajajjoota lubootaa keessaa namoota 12, jechuunis Sherebiyaa fi Hashaabiyaa,+ akkasumas obboloota isaanii keessaa namoota kudhan adda nan baase. 25 Achiis meetii, warqii fi miʼawwan, jechuunis buusii mootichi, gorsitoonni isaa, bulchitoonni isaa fi Israaʼelonni achitti argaman hundi mana Waaqa keenyaatiif+ godhan madaalee isaanitti nan kenne. 26 Akka kanaan, wantoota kana madaalee harka isaaniitti isaaniif nan kenne: meetii taalaantii* 650, miʼawwan meetii taalaantii 2 madaalan 100, warqii taalaantii 100, 27 saaniiwwan golboo warqii daarikii* 1,000 madaalan 20, akkasumas miʼawwan sibiila diimaa baʼeessa taʼee fi calaqqisu irraa tolfamanii fi akka warqiitti gatii guddaa qaban 2.
28 Achiis akkana isaaniin nan jedhe: “Isin Yihowaadhaaf qulqulluu dha;+ miʼawwan kunis qulqulluu dha; meetichii fi warqichi immoo kennaawwan Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii taʼeef fedhiidhaan kennamani dha. 29 Yerusaalemitti kutaawwan* mana Yihowaa keessatti+ ajajjoota lubootaa fi Leewwotaa, akkasumas bulchitoota manneen abbootii Israaʼel duratti hamma isaan madaaltanitti of eeggannoodhaan isaan eegaa.” 30 Luboonnii fi Leewwonnis gara Yerusaalem gara mana Waaqa keenyaatti isaan fiduuf, meeticha, warqichaa fi miʼawwan warra isaaniif madaalaman sana ni fudhatan.
31 Dhuma irrattis, jiʼa tokkoffaa+ keessaa guyyaa 12ffaatti gara Yerusaalem deemuuf laga Ahaawaa+ biraa ni kaane; harki Waaqa keenyaa nuu wajjin ture; innis karaa irratti harka diinaa fi warra riphanii nama eeggatan irraa nu oolche. 32 Kanaafuu, gara Yerusaalem dhufnee+ guyyaa sadiif achi teenye. 33 Guyyaa arfaffaattis meeticha, warqichaa fi miʼawwan sana mana Waaqa keenyaa+ keessatti madaallee Meremoot+ ilma Uuriyaa lubichaatti kennine; Eleʼazaar ilmi Finahaas isaanii wajjin ture; Leewwota kan taʼan Yozaabaad+ ilmi Yeshuwaa fi Noʼaadiyaan ilmi Binuuyis+ isaanii wajjin turan. 34 Wanti hundi lakkaaʼamee fi madaalamee kan ture yeroo taʼu, madaalliin isaa hundis galmeeffamee ture. 35 Namoonni duraan boojiʼamanii turanii fi boojuudhaa deebiʼan Waaqa Israaʼeliif aarsaawwan gubaman ni dhiheessan; guutummaa Israaʼeliif qotiyyoo+ 12, korbeeyyii hoolaa+ 96, hoolota xobbaallaa kormaa 77 fi korbeeyyii reʼee+ 12 aarsaa cubbuu godhanii ni dhiheessan; kanneen kun hundi Yihowaadhaaf aarsaa gubamu taʼanii dhihaatan.+
36 Achiis labsii mootichaa+ bulchitoota koonyaa* mootichaattii fi bulchitoota naannoo Lagicha*+ Gamaatti ni kennine; isaanis sabichaa fi mana Waaqa dhugaa ni deggeran.+
9 Wantoonni kun akkuma raawwatamaniin, bulchitoonni gara koo dhufanii akkana naan jedhan: “Sabni Israaʼel, akkasumas luboonnii fi Leewwonni saboota biyyoota sanaa fi gochawwan jibbisiisoo+ Kanaʼaanonni, Heetonni, Pheriizonni, Yebuusonni, Amoononni, Moʼaabonni, Gibxoonnii+ fi Amooronni+ raawwatan irraa adda of hin baasne. 2 Isaan ijoollee durbaa saboota kanaa keessaa tokko tokko fuudhaniiru; ilmaan isaaniis fuusisaniiru.+ Warri sanyii qulqulluu+ taʼan kun saboota biyyoota sanaa wajjin wal makaniiru.+ Bulchitoonnii fi bulchitoonni gad aanoon gama kanaan adda durummaadhaan amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru.”
3 Anis wanta kana akkuman dhagaʼeen, uffata koo fi qoloo koo tarsaasee, rifeensa mataa koo fi areeda koos of irraa ciree naasuudhaan gad nan taaʼe. 4 Achiis namoonni boojiʼamanii turan amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin kan kaʼe, namoonni dubbii Waaqa Israaʼeliif kabaja qaban* hundi naannoo kootti walitti ni qabaman; yeroo kanatti hamma aarsaan midhaanii inni galgalaa dhihaatutti+ naasuudhaan nan taaʼe.
5 Yeroo aarsaan midhaanii inni galgalaa itti dhihaatuttis+ uffanni koo fi qoloon koo akkuma tarsaʼee jirutti, gadda koo irraa nan kaʼe; achiis jilbeenfadhee harka koo gara Waaqa koo Yihowaatti nan diriirse. 6 Achiis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa koo, dogoggorri keenya mataa keenya irratti waan baayʼatee fi yakki keenya hamma samiitti waan tuulameef, yaa Waaqa koo, ani fuula koo gara keetti ol kaasuuf nan qaanaʼe, nan saalfadhes.+ 7 Bara abbootii keenyaatii jalqabee hamma harʼaatti yakki keenya guddaa dha;+ dogoggora keenyaan kan kaʼes, akkuma harʼa arginu kanatti nuti, mootonni keenyaa fi luboonni keenya harka mootota biyyoota kanaatti, goraadeetti,+ boojuutti,+ saamichattii+ fi salphinatti dabarfamnee kennamneerra.+ 8 Haa taʼu malee, warri hafan akka oolan gochuudhaan, akkasumas iddoo isaa isa qulqulluu keessatti bakka tasgabbaaʼaa* nuuf kennuudhaan,+ amma yeroo gabaabaadhaaf Waaqa keenya Yihowaa biraa araarri nuu dhufeera; yaa Waaqa keenya, kanas kan goote ijji keenya akka ifuu fi garbummaa keenya irraa xinnoo akka bayyanannuufi. 9 Nuti garboota yoo taane iyyuu,+ Waaqni keenya garbummaa keenya keessatti nu hin dhiisne; kanaa mannaa, bayyanannee mana Waaqa keenyaa akka ol kaasnuuf,+ isa diigame deebisnee akka ijaarruuf, akkasumas Yihudaa fi Yerusaalem keessatti dallaa dhagaa* akka argannuuf, mootota Faarsi duratti jaalala isaa isa amanamaa nutti argisiiseera.+
10 “Yaa Waaqa keenya, kana booda maal jechuu dandeenya? Nuti ajajawwan kee dhiisneerra; 11 ajajawwan ati karaa raajota warra tajaajiltoota kee taʼanii akkana jechuudhaan kennite dhiisneerra: ‘Lafti isin dhaaluuf jettan, xuraaʼummaa saboota biyyoota sanaa fi gochawwan jibbisiisoo warra guutummaatti xuraaʼummaa isaaniitiin ishii guutaniin kan kaʼe xuroofteetti.+ 12 Kanaafuu, ijoollee durbaa keessan ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kenninaa; ijoollee durbaa isaaniis ijoollee dhiiraa keessaniif hin fudhatinaa;+ isin cimaa akka deemtanii fi wanta gaarii lafti sun kennitu akka nyaattaniif, akkasumas ijoollee keessaniif dhaala bara baraa ishii gochuu akka dandeessaniif, nagaa isaanii fi badhaadhina isaanii matumaa hin barbaadinaa.’+ 13 Wantoota gocha hamaa taʼee fi yakka guddaa raawwanneen nutti dhufan kana hundumaa boodas, yaa Waaqa keenya, ati akka dogoggora keenyaatti nu irratti hin murteessine;+ kanaa mannaa, nuti warri as jirru akka oollu heyyamteetta;+ 14 maarree, nuti ammas ajajawwan kee cabsuu fi saboota gochawwan jibbisiisoo kana raawwatanitti gaaʼelaan firoomuu qabnaa?+ Ati hoo namni hafu yookiin namni oolu tokko illee akka dhabamu gochuudhaan guutummaatti hamma nu balleessitutti dheekkamuu hin qabduu? 15 Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, ati qajeelaa dha;+ nutis badiisa irraa oollee hamma guyyaa harʼaatti lubbuudhaan jirra. Kanaan kan kaʼe, si dura dhaabbachuun kan hin dandaʼamne taʼus, kunoo, nuti yakka keenyaa wajjin si dura jirra.”+
10 Izraan mana Waaqa dhugaa duratti gombifamee booʼaa, kadhachaa+ fi cubbuu isaa himachaa utuu jiruu, namoonni hedduun jechuunis, dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen Israaʼelota taʼan naannoo isaatti walitti ni qabaman; sabichis garmalee booʼaa ture. 2 Achiis ilmaan Eelaam+ keessaa ilma Yehiʼel+ kan taʼe Shekaaniyaan Izraadhaan akkana jedhe: “Nuti saboota biyyattii keessaa dubartoota biyya ormaa fuudhuudhaan* Waaqa keenyaaf amanamoo utuu hin taʼin hafneerra.+ Kun taʼus, Israaʼel amma iyyuu abdii qaba. 3 Amma, qajeelfama Yihowaa fi qajeelfama warra ajaja Waaqa keenyaatiif kabaja qabanii*+ wajjin haala wal simuun, haadhotii manaa keenyaa fi ijoollee isaan irraa dhalatan hundumaa geggeessuuf Waaqa keenyaa wajjin kakuu haa gallu.+ Akka Seerichi jedhuttis tarkaanfii haa fudhannu. 4 Dhimmi kun itti gaafatamummaa kee waan taʼeef kaʼi; nutis sii wajjin jirra. Jabaadhu, tarkaanfiis fudhadhu.”
5 Yeroo kanatti Izraan kaʼee, ajajjoonni lubootaa fi Leewwotaa, akkasumas guutummaan Israaʼel wanta jedhame raawwachuuf akka kakatan ni godhe.+ Isaanis ni kakatan. 6 Yeroo kanatti Izraan mana Waaqa dhugaa fuulduraa kaʼee gara kutaa* Yehohaanaan isa ilma Eliyaashiib taʼetti deeme. Namoonni boojiʼaman sun amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin kan kaʼe gaddaa waan tureef, achi kan deeme taʼus, nyaata hin nyaanne, bishaanis hin dhugne.+
7 Achiis isaan warri duraan boojiʼamanii turan hundi Yerusaalemitti akka walitti qabamaniif guutummaa Yihudaa fi Yerusaalem keessatti labsii ni labsan; 8 akka bulchitoonnii fi jaarsoliin murteessanitti, namni guyyaa sadii keessatti hin dhufne qabeenyi isaa hundi ni saamama;* innis gumii namoota boojiʼamanii turan keessaa ni ariʼama.+ 9 Kanaafuu, namoonni Yihudaa fi namoonni Biiniyaam hundi guyyaa sadii keessatti, jechuunis jiʼa saglaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 20ffaatti Yerusaalemitti walitti ni qabaman. Namoonni sun hundi mooraa mana Waaqa dhugaa keessa taaʼanii turan; dhimma cimaa sanaa fi bokkaa cimaa roobaa tureen kan kaʼes hollachaa turan.
10 Achiis Izraan lubichi kaʼee akkana isaaniin jedhe: “Isin dubartoota biyya ormaa fuudhuudhaan+ amanamoo utuu hin taʼin haftaniittu; kanaan kan kaʼes, yakka Israaʼel irratti yakka dabaltaniittu. 11 Ammas cubbuu keessan Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii taʼetti himadhaa; fedhii isaas raawwadhaa. Saboota biyyattii fi haadhotii manaa biyya ormaa kana irraas adda of baasaa.”+ 12 Yeroo kanatti guutummaan gumichaa sagalee isaanii ol kaasanii akkana jedhanii deebisan: “Akkuma ati jette gochuun dirqama keenya dha. 13 Haa taʼu malee, namoonni kun baayʼee dha; yeroon isaas waqtii roobaa ti. Ala dhaabbachuun hin dandaʼamu; nuti dhimma kana ilaalchisee Waaqayyo irratti cubbuu guddaa waan hojjenneef, dhimmi kun guyyaa tokko yookiin guyyaa lama qofa kan fudhatu miti. 14 Kanaafuu, maaloo bulchitoonni keenya guutummaa gumichaa bakka haa buʼan;+ dheekkamsi Waaqa keenyaa inni bobaʼaan sababii dhimma kanaatiin nutti dhufe hamma nu irraa deebiʼutti, namoonni magaalota keenyaa warri dubartoota biyya ormaa fuudhan hundi jaarsolii fi abbootii murtii magaalota hundumaa wajjin yeroo murteeffametti haa dhufan.”
15 Haa taʼu malee, Yonaataan ilmi Asaahelii fi Yaahzeyaan ilmi Tiquwaa wanta kana ni morman; Meshulaamii fi Shaabetaay+ warri Leewwota taʼanis isaan ni deggeran. 16 Warri duraan boojiʼamanii turan garuu wanta irratti walii galame ni raawwatan; Izraan lubichii fi dura buutonni manneen abbootii isaanii warri maqaadhaan galmeeffaman hundis jiʼa kurnaffaa keessaa guyyaa jalqabaatti dhimma kana qorachuuf kophaatti walitti ni qabaman; 17 jiʼa tokkoffaa keessaa guyyaa jalqabaattis isaan haala dhiirota dubartoota biyya ormaa fuudhan hundumaa qoratanii xumuran. 18 Ilmaan lubootaa tokko tokkos dubartoota biyya ormaa fuudhanii akka turan ni hubatame:+ ilmaan Yeshuwaa+ keessaa, ilma Yehozaadaaqii fi obboloota isaa kan taʼan Maaʼaaseyaa, Eliiʼezar, Yaariibii fi Gedaaliyaa. 19 Haa taʼu malee, isaan haadhotii manaa isaanii geggeessuuf waadaa galan;* yakka waan raawwataniifis yakka isaaniitiif bushaayee* isaanii keessaa korbeessa hoolaa tokko ni dhiheessan.+
20 Ilmaan Iimer+ keessaa, Hanaanii fi Zebaadiyaa; 21 ilmaan Hariim+ keessaa, Maaʼaaseyaa, Eeliyaas, Shemaayaa, Yehiʼelii fi Ooziyaa; 22 ilmaan Paashuur+ keessaa, Eliyoʼenaay, Maaʼaaseyaa, Ishmaaʼel, Naataaniʼel, Yozaabaadii fi Elʼaasaa. 23 Leewwota keessaa, Yozaabaad, Shimeʼii, Qelaayaa (jechuunis Qeliixaa), Petaahiyaa, Yihudaa fi Eliiʼezar; 24 faarfattoota keessaa Eliyaashiib; karra eegdota keessaa, Shaalum, Teleemii fi Uurii.
25 Saba Israaʼel keessaa, ilmaan Paarosh+ keessaa, Raamiyaa, Yiziiyaa, Maalkiyaa, Miyaamiin, Eleʼazaar, Maalkiyaa fi Benaayaa; 26 ilmaan Eelaam+ keessaa, Maataaniyaa, Zakkaariyaas, Yehiʼel,+ Abdii, Yeremootii fi Eeliyaas; 27 ilmaan Zaatuu+ keessaa, Eliyoʼenaay, Eliyaashiib, Maataaniyaa, Yeremoot, Zaabaadii fi Aziizaa; 28 ilmaan Bebaay+ keessaa, Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabaayii fi Atlaay; 29 ilmaan Baanii keessaa, Meshulaam, Maaluuk, Adaayaa, Yaashuub, Sheʼaalii fi Yeremoot; 30 ilmaan Paahaat Moʼaab+ keessaa, Adnaa, Kelaal, Benaayaa, Maaʼaaseyaa, Maataaniyaa, Bezaaliʼel, Binuuyii fi Minaasee; 31 ilmaan Hariim+ keessaa, Eliiʼezar, Yishishiyaa, Maalkiyaa,+ Shemaayaa, Shimeʼon, 32 Biiniyaam, Maaluukii fi Shemaariyaa; 33 ilmaan Hashuum+ keessaa, Maatenaay, Maataataa, Zaabaad, Elifeelet, Yeremaay, Minaasee fi Shimeʼii; 34 ilmaan Baanii keessaa, Maaʼaadaay, Amraam, Uuʼel, 35 Benaayaa, Bediyaa, Keluuhii, 36 Waaniyaa, Meremoot, Eliyaashiib, 37 Maataaniyaa, Maatenaayii fi Yaaʼaasuu; 38 ilmaan Binuuy keessaa, Shimeʼii, 39 Shelemiyaa, Naataan, Adaayaa, 40 Maaknaadebaay, Shaashaay, Shaaraay, 41 Azaarel, Shelemiyaa, Shemaariyaa, 42 Shaalum, Amaariyaa fi Yoseef; 43 ilmaan Neboo keessaa, Yeyiʼel, Maataatiyaa, Zaabaad, Zebinaa, Yaadaay, Yooʼelii fi Benaayaa. 44 Kanneen kun hundi haadhotii manaa biyya ormaa fuudhanii turan;+ isaanis haadhotii manaa isaanii ijoollee isaanii wajjin ni geggeessan.+
Kal., “namoonni naannoo isaa.”
Kal., “harka isaanii ni jabeessan.”
Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoota kennaman.”
Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoonni kennaman.”
Ykn., “akka xuraaʼootti ilaalamanii hojii lubummaa irraa ni ittifaman.”
Ykn., “Tirshaataan,” maqaa ulfinaa bulchaa koonyaa Faarsiif kennamu dha.
Ykn., “dhaabuuf.”
Walumaa galatti daarikii warqii warra Faarsi 8.4 g taʼuu dha. Kun diraakmaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti ibsamee wajjin tokko miti. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti miinaan tokko 570 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoonni kennaman.”
Kal., “Israaʼel hundis.”
Kal., “ilmaan Israaʼel.”
Ykn., “Bakka Yeroo Muraasaaf Keessa Turan.”
Siimbaaliin meeshaa muuziqaa sibiila irraa hojjetamuu fi yeroo walitti rukutamu sagalee guddaa dhageessisu dha.
Kal., “barbaaddanna.”
Kal., “harka laaffisuu.”
Ykn tarii, “jalqaba irratti Afaan Aaraamiin barreeffame, achiis ni hiikame.”
Iz 4:8 hamma 6:18tti jalqaba irratti kan barreeffame Afaan Aaraamiin ture.
Ykn., “Efraaxis.”
Ykn., “mindaa keenya kan fudhannu mana mootummaa irraa waan taʼeef.”
Kal., “jiru irratti qooda qabaachuu.”
Ykn tarii, “hiikamee dubbifameera.”
Ykn., “Efraaxis.”
Ykn., “baattuuwwan baaxii.”
Kal., “ijji Waaqa isaanii jaarsolii Yihudootaa irra.”
Ykn., “baattuuwwan baaxii.”
Ykn., “mana galmee.”
Kal., “mana galmee.”
Gara 26.7 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Efraaxis.”
Jechuunis, ilmoon.
Ykn tarii, “tuullaa kosii; tuullaa faltii.”
Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Ykn., “murteeffamuu.”
Kal., “barbaaddachuuf.”
Kal., “harka isaanii akka jabeessu.”
“Gargaarsa” jechuu dha.
Ykn., “barreessaa.”
Ykn., “Inni Seera Musee isa Yihowaan Waaqni Israaʼel kenne garagalchuu irratti dandeettii guddaa kan qabu ture.”
Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoonni kennaman.”
Ykn., “garaa isaatti murtoo godhee ture.”
Ykn., “barreessaa.”
Ykn., “garagalchu.”
Iz 7:12 hamma 7:26tti jalqaba irratti kan barreeffame Afaan Aaraamiin ture.
Ykn., “barreessaa.”
Kal., “si harka.”
Kal., “argatte.”
Ykn., “Efraaxis.”
Ykn., “barreessaa.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Qorosiin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Baatiin tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Naataaniimii.” Kal., “namoota kennamanii.”
Kal., “akka ogummaa Waaqa kee isa harka kee keessa jiruutti.”
Ykn., “of nan jajjabeesse.”
Kal., “mataa.”
Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoota kennaman.”
Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoonni kennaman.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Daarikiin saantima warqii warra Faarsi ture. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “galmawwan nyaataa.”
Afaan jalqabaatiin maqaan ulfinaa Faarsi kun hiika, “eegdota bulchiinsichaa” jedhu kan qabu yeroo taʼu, as irratti bulchitoota koonyaa Bulchiinsa Faarsi keessatti argaman kan argisiisu dha.
Ykn., “Efraaxis.”
Kal., “hollatan.”
Kal., “hookkoo.”
Ykn., “dallaa eegumsaa.”
Ykn., “gara manneen keenyaatti fudhachuudhaan.”
Kal., “hollatanii.”
Ykn., “galma nyaataa.”
Ykn., “ittisa jala galfama.”
Kal., “harka isaanii ni kennan.”
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.