LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Lallaba 1:1-12:14
  • Lallaba

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lallaba
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Lallaba

LALLABA

1 Dubbii sassaabdichi*+ ilmi Daawit, mootichi Yerusaalem+ keessa jiru dubbate.

 2 Sassaabdichi akkana jedha: “Homaa gatii hin qabu!

Homaa gatii hin qabu! Wanti hundi gatii hin qabu!”+

 3 Namni hojii isaa isa itti dadhabe,

Isa aduudhaa gaditti itti dhamaʼe hundumaa irraa buʼaa maalii argata?+

 4 Dhaloonni ni darba, dhaloonni ni dhufa,

Lafti garuu bara baraaf jiraatti.*+

 5 Aduun ni baati,* aduun ni lixxi;

Achiis gara iddoo deebitee itti baatutti deebiʼuuf ariifatti.*+

 6 Bubbeen gara kibbaatti bubbisa, naannaʼees gara kaabaatti qajeela;

Utuu wal irraa hin citin bifa geengootiin ni naannaʼa; bubbeen naannaʼuu isaa ittuma fufa.

 7 Lageen* hundi gara galaanaatti yaaʼu, taʼus galaanichi hin guutu.+

Lageen gara iddoo keessaa yaaʼanitti deebiʼu, isaan yaaʼuu isaanii itti fufuuf achumatti deebiʼu.+

 8 Wanti hundi nuffisiisaa dha;

Namni waaʼee isaa dubbachuu dandaʼu illee hin jiru.

Ijji ilaaluu hin quufu;

Gurris dhagaʼuudhaan hin guutu.

 9 Wanti kanaan dura ture gara fuuldurattis ni taʼa,

Wanti kanaan dura raawwatame ammas ni raawwatama;

Aduudhaa gaditti wanti haaraan hin jiru.+

10 Wanti namni tokko waaʼee isaa, “Ilaa, wanta haaraa kana” jechuu dandaʼu jiraa?

Wanti sun wanta bara dheeraa dura ture dha;

Bara keenya dura iyyuu jira ture.

11 Namni namoota bara durii yaadatu hin jiru;

Warra yeroo booda dhufanis kan yaadatu tokko illee hin jiru;

Isaanis warra yeroo booda dhufan biratti hin yaadataman.+

12 Ani sassaabdichi Yerusaalem keessatti Israaʼel irratti mootii nan taʼe.+ 13 Wanta samii jalatti raawwatame hundumaa, jechuunis hojii gaddisiisaa ilmaan namootaa ittiin qabaman isa Waaqayyo isaaniif kenne ogummaadhaan+ qoʼachuu fi qorachuuf nan murteesse.+

14 Hojii aduudhaa gaditti hojjetame hundumaa nan arge,

Kunoo, wanti hundi gatii hin qabu, akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.+

15 Wanti jalʼaan sorooroo taʼuu hin dandaʼu,

Wanti hin jirres matumaa lakkaaʼamuu hin dandaʼu.

16 Anis garaa kootti, “Kunoo, namoota na dura Yerusaalem keessa turan hundumaa caalaa ogummaa guddaa nan argadhe;+ garaan koos ogummaa fi beekumsa hedduu ni argate”+ jedheen yaade. 17 Waaʼee ogummaa, waaʼee maraatummaa* fi waaʼee gowwummaa beekuuf nan carraaqe;+ kunis akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.

18 Sababiin isaas, ogummaan baayʼachuun isaa gadda baayʼisa,

Namni beekumsa dabalu kam iyyuu rakkinas ni dabala.+

2 Achiis garaa kootti, “Mee kaʼeen gammachuu qora, wanti gaariin akkamii akka argamus nan ilaala” jedheen yaade. Garuu kunoo, kunis wanta gatii hin qabne dha.

 2 “Kolfuun, maraatummaa dha!

Gammachuunis faayidaa maalii qaba?” nan jedhe.

3 Ogummaa koo utuu hin dhabin, wanta gaarii daadhii wayiniitti gammaduudhaan+ argamu beekuuf nan murteesse; samii jalatti wanta gaarii ilmaan namootaa bara jireenyaa isaanii isa gabaabaatti gochuu dandaʼan beekuuf gocha gowwummaa illee nan raawwadhe. 4 Hojiiwwan guguddoo nan raawwadhe.+ Manneen nan ijaarradhe;+ mukeetii wayinii nan dhaabbadhe.+ 5 Iddoowwan biqiltuu fi iddoowwan bashannanaa nan qopheeffadhe; achi keessattis mukeetii firii godhatan adda addaa nan dhaabe. 6 Mukeetii bosonaa biqilaa jiran jalʼisiidhaan obaasuufis bishaan kuufamaa nan qopheeffadhe. 7 Tajaajiltoota dhiiraa fi durbaa nan baayʼifadhe;+ tajaajiltoota mana koo keessatti dhalatanis* qaban ture. Kana malees, warra na dura Yerusaalem keessa turan hundumaa caalaa horii, jechuunis loonii fi bushaayee hedduu nan argadhe.+ 8 Meetii fi warqii warra qabeenya moototaa fi koonyaawwanii taʼan* nan kuufadhe.+ Weellistoota dhiiraa fi durbaa walitti nan qabadhe; akkasumas dubartii* dhiiraaf gammachuu guddaa argamsiistu, eeyyee, dubartoota* hedduu walitti nan qabadhe. 9 Kanaafuu, guddaa nan taʼe; nama na dura Yerusaalem keessa ture kam irra iyyuu nan caale.+ Ogummaan koos anuma biratti hafe.

10 Wantan hawwe* kam iyyuu of hin dhowwanne.+ Gammachuu akkamii iyyuu garaa koo hin dhowwanne; hojii koo isan jabaadhee hojjedhe hundumaatiin kan kaʼe garaan koo gammadee ture; hojii koo isan jabaadhee hojjedhe hundumaatiif kun badhaasa* koo ture.+ 11 Haa taʼu malee, hojiiwwan harki koo hojjetee fi hojiiwwan koo warra ani itti dhamaʼee raawwadhe+ hundumaa irratti yommuun xiinxalu, wanti hundi gatii kan hin qabne, akkasumas akkuma bubbee duukaa fiiguu taʼuu isaa nan hubadhe;+ aduu jalatti wanti faayidaa dhugaa qabu tokko illee hin jiru.+

12 Achiis xiyyeeffannaa koo gara ogummaatti, gara maraatummaattii fi gara gowwummaatti nan naannesse.+ (Sababiin isaas, namni mooticha booda dhufu maal gochuu dandaʼa? Wantuma sana dura raawwatame qofa raawwachuu dandaʼa.) 13 Akkuma ifni dukkana caalaa faayidaa qabu, ogummaanis gowwummaa caalaa faayidaa akka qabu+ nan arge.

14 Namni ogeessi daandii isaa sirriitti ilaala;*+ gowwaan garuu dukkana keessa deema.+ Kana malees, wanti dhuma irratti hunduma isaanii irra gaʼu* tokkuma akka taʼe nan hubadhe.+ 15 Achiis garaa kootti, “Wanti gowwaa irra gaʼu ana irras ni gaʼa” nan jedhe.+ Maarree, akka malee ogeessa taʼuudhaan buʼaa maaliin argadhe? Kanaafuu, garaa kootti, “Kunis wanta gatii hin qabne dha” jedheen yaade. 16 Sababiin isaas, namni ogeessis taʼe namni gowwaan bara baraaf hin yaadatamu.+ Guyyoota dhufanitti namni hundi ni irraanfatama. Namni ogeessis akkuma namni gowwaan duʼutti ni duʼa.+

17 Kanaafuu, wanti samii jalatti raawwatamaa jiru kan nama dhiphisu waan natti fakkaateef, jireenya nan jibbe;+ wanti hundi gatii kan hin qabne dha;+ akkuma bubbee duukaa fiiguu tis.+ 18 Ani nama na booda dhufuuf dhiisee waanan darbuuf,+ wantan samii jalatti baayʼee itti dadhabee argadhe hundumaa nan jibbe.+ 19 Inni ogeessa yookiin gowwaa akka taʼu eenyutu beeka?+ Taʼus inni wantoota ani carraaqqii guddaa fi ogummaadhaan samii jalatti argadhe hundumaa ni fudhata. Kunis wanta gatii hin qabne dha. 20 Kanaafuu, hojii cimaa ani samii jalatti itti dhamaʼe hundumaa ilaalchisee garaa kootti abdii kutachuun jalqabe. 21 Sababiin isaas, namni tokko ogummaa, beekumsaa fi dandeettiidhaan geggeeffamee jabaatee hojjeta; taʼus gaʼee isaa* nama hojicha hin hojjenneef dabarsee kenna.+ Kunis wanta gatii hin qabnee fi baayʼee nama gaddisiisu* dha.

22 Namni tokko wanta aduu jalatti jabaatee hojjetuu fi fedhii jabaatee akka hojjetu isa kakaasu* hundumaa irraa dhugumaan buʼaa akkamii argata?+ 23 Sababiin isaas, inni umurii isaa guutuu hojiin isaa gaddaa fi abdii kutachuu isatti fida;+ halkan illee garaan isaa boqonnaa hin argatu.+ Kunis wanta gatii hin qabne dha.

24 Nyaachuu, dhuguu fi hojii isaa isa jabaatee hojjetetti gammachuu argachuu* caalaa wanti namaaf gaarii taʼe tokko illee hin jiru.+ Wanti kunis harka Waaqa dhugaa irraa kan argamu taʼuu isaa hubadheera;+ 25 sababiin isaas, namni ana caalaa nyaatuu fi dhugu hin jiru.+

26 Inni nama isa gammachiisuuf ogummaa, beekumsaa fi gammachuu ni kenna;+ isa cubbamaa taʼeef garuu nama Waaqa dhugaa gammachiisuuf akka kennu gochuuf hojii sassaabuu fi hojii akkanumaan walitti qabuu ni kenna.+ Kunis wanta gatii hin qabne dha; akkuma bubbee duukaa fiiguu tis.

3 Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba,

Wanti samii jalatti raawwatamu hundi yeroo qaba:

 2 Dhalachuun yeroo qaba, duʼuunis yeroo qaba;

Dhaabuun yeroo qaba, isa dhaabame buqqisuunis yeroo qaba;

 3 Ajjeesuun yeroo qaba, fayyisuunis yeroo qaba;

Diiguun yeroo qaba, ijaaruunis yeroo qaba;

 4 Booʼuun yeroo qaba, kolfuunis yeroo qaba;

Gadooduun yeroo qaba, shubbisuunis* yeroo qaba;

 5 Dhagaa darbachuun yeroo qaba, dhagaa walitti qabuunis yeroo qaba;

Hammachuun yeroo qaba, hammachuu irraa of qusachuunis yeroo qaba;

 6 Barbaaduun yeroo qaba, akka badetti yaadanii dhiisuunis yeroo qaba;

Kaaʼuun yeroo qaba, gatuunis yeroo qaba;

 7 Tarsaasuun yeroo qaba,+ walitti hodhuunis yeroo qaba;

Calluma jechuun yeroo qaba,+ dubbachuunis yeroo qaba;+

 8 Jaallachuun yeroo qaba, jibbuunis yeroo qaba;+

Waraanni yeroo qaba, nagaanis yeroo qaba.

9 Hojjetaan tokko carraaqqii isaa hundumaa irraa maal argata?+ 10 Hojii Waaqayyo ilmaan namootaa akka itti qabamaniif isaaniif kenne nan arge. 11 Inni wanta hundumaa yeroo isaatti bareechee* tolcheera.+ Inni garaa ilmaan namootaa keessa bara baraaf jiraachuu kaaʼeera; taʼus isaan hojii Waaqni dhugaan jalqabaa kaasee hamma xumuraatti hojjete matumaa hubachuu hin dandaʼan.

12 Gammaduu fi bara jireenyaa isaaniitti wanta gaarii gochuu+ caalaa wanti isaaniif gaarii taʼe tokko illee akka hin jirre nan hubadhe; 13 kana malees, namni hundi nyaachuu, dhuguu fi hojii isaa isa jabaatee hojjete hundumaatti gammachuu argachuu caalaa wanti isaaf gaarii taʼe hin jiru. Kun kennaa Waaqayyoo ti.+

14 Wanti Waaqni dhugaan tolchu hundi bara baraaf akka jiraatu hubadheera. Wanti isa irratti dabalamus taʼe wanti isa irraa hirʼifamu tokko illee hin jiru. Namoonni akka isa sodaataniif,+ Waaqni dhugaan akka kanatti isa tolcheera.

15 Wanti taʼaa jiru kam iyyuu, wantuma kanaan dura taʼe dha; wanti gara fuulduraatti dhufus, wantuma kanaan dura ture dha;+ Waaqni dhugaan garuu wanta namoonni hordofaa turan* ni barbaada.

16 Aduu jalatti wantoota kanas nan arge: Bakka haqaa hamminatu ture, bakka qajeelummaas hamminatu ture.+ 17 Kanaafuu garaa kootti, “Hojiin hundii fi gochi hundi yeroo waan qabuuf, Waaqni dhugaan nama qajeelaa irrattis taʼe nama hamaa irratti murtii ni kenna”+ jedheen yaade.

18 Anis Waaqni dhugaan ilmaan namootaa akka qoruu fi akkuma horii taʼuu isaanii akka isaanitti argisiisu garaa kootti nan yaade; 19 sababiin isaas, wanti dhuma irratti namoota irra gaʼuu* fi horii irra gaʼu jira; wanti hunda isaanii irra gaʼu tokkuma.+ Akkuma inni tokko duʼu, inni kan biraanis ni duʼa; hundi isaanii hafuuruma+ tokko qabu. Wanti hundi gatii kan hin qabne waan taʼeef, namni horii irra caalmaa hin qabu. 20 Hundi isaanii gara bakka tokkoo dhaqu.+ Hundi isaanii biyyoo irraa argaman,+ hundi isaaniis gara biyyootti deebiʼu.+ 21 Hafuurri namootaa akka ol baʼu, hafuurri horii immoo gara lafaatti akka gad buʼu dhugumaan kan beeku eenyu?+ 22 Kun badhaasa* isaa waan taʼeef, nama tokkoof wanti hojii isaa irraa gammachuu argachuu+ irra isaaf caalu tokko illee akka hin jirre nan arge; maarree, inni erga duʼee booda wanta raawwatamu akka argu gochuu kan dandaʼu eenyu?+

4 Ammas xiyyeeffannaa koo gara gocha hacuuccaa aduu jalatti raawwatamaa jiru hundumaatti nan deebise. Imimmaan warra hacuucamanii nan arge, kan isaan jajjabeessu tokko illees hin turre.+ Warri isaan hacuucan humna qabu turan; kan isaan jajjabeessu tokko illee hin jiru ture. 2 Warra amma iyyuu lubbuudhaan jiran caalaa, warra duʼaniif nan gammade.+ 3 Lamaan isaanii mannaa, isa amma iyyuu hin dhalanne, isa gocha nama dhiphisuu fi aduu jalatti raawwatamu hin argine wayya.+

4 Wal morkiin+ isaan gidduu jiru, namoonni carraaqqii guddaa akka godhanii fi hojii gaarii akka hojjetan kan isaan kakaasu taʼuu isaa argeera; kunis wanta gatii hin qabne dha; akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.

5 Namni gowwaan utuma foon isaa dhumaa jiruu* harka isaa maratee taaʼa.+

6 Bubbee duukaa fiigaa hojii cimaa harka lama guutuu qabaachuu mannaa, boqonnaa harka tokko guutuu qabaachuu wayya.+

7 Xiyyeeffannaa koo gara wanta aduu jalatti gatii hin qabne kan biraatti nan deebise: 8 Namni michuu tokko malee kophaa isaa jiraatu jira; inni ilma yookiin obboleessa hin qabu; taʼus hojiin inni jabaatee hojjetu hundi dhuma hin qabu. Ijji isaa matumaa badhaadhina hin quufu.+ Garuu inni, ‘Ani jabaadhee kanan hojjedhuu fi wantoota gaggaarii kanan of* dhowwu eenyuuf jedheeni?’+ jedhee of ni gaafataa? Kunis wanta gatii hin qabnee fi hojii gaddisiisaa dha.+

9 Hojii jabaatanii hojjetaniif badhaasa gaarii* waan argataniif, tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya.+ 10 Sababiin isaas, inni tokko yoo kufe, inni kan biraan ol isa kaasuu dandaʼa. Garuu namni yeroo kufutti nama gargaaree ol isa kaasu hin qabne akkam taʼa?

11 Kana malees, namoonni lama yoo wajjin ciisan isaanitti hoʼa; garuu namni tokko kophaa isaa akkamitti itti hoʼuu dandaʼa? 12 Akkasumas namni tokko nama kophaa isaa jiru moʼuu dandaʼa; lama yoo taʼan garuu isa mormanii dhaabbachuu dandaʼu. Wadaroon foʼaa sadiin foʼames dafee* hin citu.

13 Mootii maanguddoo gowwaa taʼee fi akeekkachiisa fudhachuuf hubannaa gaʼaa hin qabne+ mannaa, mucaa hiyyeessa ogeessa taʼe wayya.+ 14 Sababiin isaas, inni* bulchiinsa mootii maanguddoo sanaa jalatti hiyyeessa+ taʼee kan dhalate taʼus, mootii taʼuuf mana hidhaatii baʼeera.+ 15 Ani warra jiraatoo samii jala asii fi achi deddeebiʼan hunda, akkasumas dargaggeessa iddoo mootichaa buʼu irra maaltu akka gaʼu nan hubadhe. 16 Inni deggertoota hammana hin jedhamne yoo qabaate iyyuu, warri booda dhufan isatti hin gammadan.+ Kunis wanta gatii hin qabne dha; akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.

5 Yommuu gara mana Waaqa dhugaa dhaqxu hundumaatti tarkaanfii kee eeggadhu;+ akkuma gowwoonni godhan aarsaa dhiheessuu mannaa dhagaʼuuf+ dhihaachuu wayya;+ isaan wanti gochaa jiran gaarii akka hin taane hin hubatan.

2 Afaan keetiin dubbachuuf hin ariifatin; garaan kees ariifatee Waaqa dhugaa duratti akka dubbatu hin godhin;+ sababiin isaas, Waaqni dhugaan samii irra jira, ati garuu lafa irra jirta. Wanti dubbattu muraasa+ taʼuu kan qabu kanaafi. 3 Abjuun yaaddoo baayʼisuu irraa dhufa,+ oduun nama gowwaas dubbii baayʼisuu irraa dhufa.+ 4 Inni gowwootatti waan hin gammanneef,+ yeroo Waaqayyoof wareega wareegdu hundumaatti wareega kee utuu hin turin raawwadhu.+ Wanta wareegde raawwadhu.+ 5 Wareega wareegdee utuu hin raawwatin hafuu mannaa, utuu wareega wareeguu baattee siif wayya.+ 6 Afaan kee akka cubbuu si* hojjechiisu hin godhin;+ maleekaa* durattis wareegni kee dogoggora akka ture hin dubbatin.+ Wanta dubbatteen kan kaʼe Waaqni dhugaan sitti dheekkamee hojii harka keetii+ akka balleessu maaliif goota? 7 Akkuma yaaddoo baayʼisuun abjuutti nama geessu,+ dubbii baayʼisuunis gara wanta gatii hin qabneetti nama geessa. Ati garuu Waaqa dhugaa sodaadhu.+

8 Bulchiinsa keessa jiraattu keessatti hacuuccaa hiyyeessa irra gaʼu akkamii iyyuu, akkasumas haqnii fi qajeelummaan jalʼachuu isaa yoo argite waaʼeen kanaa si hin dinqisiisin.+ Sababiin isaas, kan isa irra caalu abbaa taayitaa ol aanaa sana ni ilaala; warri isaan irra caalan kan biroonis jiru.

9 Kana malees, buʼaan biyyattii irraa argamu hunda isaaniitiif ni hirama; mootichi illee wanta maasii irraa argamutti fayyadama.+

10 Namni meetii jaallatu matumaa meetii hin quufu, namni qabeenya jaallatus galii argatu hin quufu.+ Kunis wanta gatii hin qabne dha.+

11 Wanti gaariin yommuu baayʼatu, warri isa nyaatanis ni baayʼatu.+ Abbaan qabeenyaa garuu ijuma isaatiin ilaaluu malee faayidaa maalii irraa argata?+

12 Namni tajaajilaa taʼe wanti nyaatu xinnoos taʼe hedduu hirribni isaa miʼaawaa dha; sooressi garuu qabeenyi hedduun inni qabu hirriba isa dhowwa.

13 Ani aduu jalatti wanta baayʼee nama gaddisiisu* nan arge: kunis qabeenya hedduu abbaan qabeenyaa of miidhuuf kuufate dha. 14 Qabeenyi kun wanti hamaan waan irra gaʼeef ni bade; namichi yommuu ilma dhalchus wanta isa dhaalchisu tokko illee hin qabu ture.+

15 Namni tokko akkuma gadameessa haadha isaa keessaa qullaa isaa baʼetti, qullaa isaa deebiʼee deema.+ Hojii jabaatee hojjete hundumaa irraa wanta fudhatee deemuu dandaʼu tokko illee hin qabu.+

16 Kunis wanta baayʼee nama gaddisiisu* dha: Inni akkuma dhufetti deebiʼee deema; namni bubbeedhaaf jabaatee hojjetu buʼaa maalii argata ree?+ 17 Kana malees inni abdii kutannaa, dhukkubaa fi aarii guddaadhaan+ guyyaa guyyaatti dukkana keessa taaʼee nyaata.

18 Wanti ani gaarii fi sirrii akka taʼe arge kana dha: kun badhaasa* isaa waan taʼeef, namni tokko umurii gabaabaa Waaqni dhugaan isaaf kennetti nyaachuu fi dhuguu, akkasumas hojii jabaatee hojjechuudhaan aduu jalatti itti dadhabe hundumaa irraa gammachuu argachuu qaba.+ 19 Kana malees, Waaqni dhugaan nama tokkoof badhaadhinaa fi qabeenya,+ akka isaanitti gammaduufis dandeettii yommuu kennu, namni sun badhaasa* isaa fudhachuu fi hojii isaa isa jabaatee hojjetetti gammaduu qaba. Kun kennaa Waaqayyoo ti.+ 20 Waaqni dhugaan namni kun gammachuu garaa isaatiin akka qabamu waan godhuuf, inni umurii isaa isa darbaa jiru matumaa hin hubatu.*+

6 Wanta baayʼee nama gaddisiisu* kan biraas aduu jalatti nan arge, innis namoota gidduutti wanta barame dha: 2 Namni wanta hawwe tokko illee akka hin dhabneef* Waaqni dhugaan badhaadhina, qabeenyaa fi ulfina isaaf ni kenna; haa taʼu malee, Waaqni dhugaan namichi akka isaanitti fayyadamu hin godhu; ormi garuu isaanitti ni fayyadama. Kun wanta gatii hin qabnee fi baayʼee nama gaddisiisu dha. 3 Namni tokko ijoollee dhibba yoo qabaatee fi waggoota hedduu jiraatee yoo dulloome, garuu immoo duʼuu isaa* dura wantoota gaggaarii qabutti hin gammadu taanaan, isa mannaa mucaa duʼee dhalate wayya nan jedha.+ 4 Sababiin isaas, inni gadameessa keessaa kan baʼe akkanumaani, dukkana keessas deemeera; maqaan isaas dukkanaan haguugameera. 5 Inni matumaa aduu kan hin arginee fi homaa kan hin beekne taʼus, isa duraa irra wayya.*+ 6 Utuu gammachuu hin argatin siʼa lama waggaa kuma jiraachuun faayidaa maalii qaba? Hundi isaanii bakkuma tokko dhaqu+ mitii?

7 Namni jabaatee kan hojjetu afaan isaa guuttachuuf+ qofa dha; taʼus fedhiin* isaa matumaa hin guutu. 8 Namni ogeessi nama gowwaa caalaa faayidaa maalii argata?+ Yookiin hiyyeessi akkamitti akka jiraatu beekuun isaa* faayidaa maalii isaaf argamsiisa? 9 Hawwii ofii duukaa buʼanii jooruu mannaa,* wanta ijji argutti gammaduu wayya. Kunis wanta gatii hin qabne dha; akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.

10 Wanti amma jiru, wantuma kanaan dura maqaan isaaf kenname dha; namni maal akka taʼes ni beekama; inni kan isa caalaa humna qabuu wajjin falmuu hin dandaʼu. 11 Dubbiin yommuu baayʼatu, wanti gatii hin qabnes ni baayʼata; kun namaaf faayidaa maalii argamsiisa? 12 Bara jireenyaa isaa isa gabaabaa fi gatii hin qabne, isa akkuma gaaddidduutti darbutti wanta gaarii namni tokko gochuu qabu eenyutu beeka?+ Namni tokko erga duʼee booda wanta aduu jalatti raawwatame isatti himuu kan dandaʼu eenyu?

7 Maqaa gaariin* zayitii gaarii irra wayya,+ guyyaan duʼaas guyyaa dhalootaa irra wayya. 2 Gara mana cidhaa deemuu irra gara mana gaddaa deemuu wayya;+ sababiin isaas, duuti dhuma nama hundumaa ti; warri lubbuudhaan jiranis kana yaadatti qabachuu qabu. 3 Gaddi fuulaa garaadhaaf gaarii waan taʼeef,+ kolfa irra gadda wayya.+ 4 Garaan ogeeyyii mana gaddaa jira; garaan gowwootaa garuu mana gammachuu* jira.+

5 Faarfannaa gowwootaa dhaggeeffachuu irra ifannaa ogeessaa dhaggeeffachuu wayya.+ 6 Kolfi nama gowwaa akkuma qoree bobaʼuu fi distii jalaa xaxxaaxaʼuu ti;+ kunis wanta gatii hin qabne dha. 7 Hacuuccaan nama ogeessa maraachuu dandaʼa; mattaʼaanis garaa namaa mancaasa.+

8 Jalqaba wanta tokkoo irra dhuma wanta sanaa wayya. Of tuuluu irra obsuu wayya.+ 9 Aariin bobaa gowwootaa jala waan jiruuf,*+ aariidhaaf hin ariifatin.*+

10 “Guyyoonni duraanii warra ammaa irra kan wayyan maaliifi?” hin jedhin. Sababiin isaas, kana gaafachuun kee ati ogeessa akka hin taane argisiisa.+

11 Ogummaan dhaalaa wajjin yommuu argamu, warra ifa guyyaa arganiif* wanta gaarii taʼee fi faayidaa qabu dha. 12 Sababiin isaas, akkuma maallaqni eegumsa argamsiisu,+ ogummaanis eegumsa argamsiisa;+ caalmaan beekumsaa fi ogummaa garuu nama isaan argate lubbuudhaan jiraachisuu isaanii ti.+

13 Hojii Waaqa dhugaa hubadhu; wanta inni jalʼise eenyutu sirreessuu dandaʼa?+ 14 Guyyaa gaariitti atis gaarummaa kana argisiisi;+ guyyaa rakkinaatti garuu, namoonni wanta gara fuulduraatti isaan irra gaʼu kam iyyuu ilaalchisee mirkanaaʼoo taʼuu* akka hin dandeenyeef,+ Waaqayyo isa kanas taʼe isa sana akka godhe hubadhu.+

15 Jireenya koo isa gatii hin qabne+ keessatti, nama qajeelaa isa qajeelummaa isaatiin badu+ irraa jalqabee hamma nama hamaa isa utuma wanta hamaa raawwatuu bara dheeraa jiraatuutti+ wanta hundumaa argeera.

16 Garmalee qajeelaa hin taʼin,+ garmalees ogeessa hin taʼin.+ Maaliif badiisa ofitti fidda?+ 17 Akka malee hamaa hin taʼin, gowwaas hin taʼin.+ Umurii kee malee maaliif duuta?+ 18 Akeekkachiisa isa tokko utuu hin dhiisin, akeekkachiisa isa kan biraa fudhachuun gaarii dha;+ sababiin isaas, namni Waaqayyoon sodaatu lamaan isaanii iyyuu ni eega.

19 Ogummaan, namni ogeessa taʼe tokko namoota ciccimoo magaalaa keessa jiran kudhan caalaa cimaa akka taʼu godha.+ 20 Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii godhuu fi matumaa cubbuu hin hojjenne tokko illee lafa irratti hin argamu.+

21 Wanta namoonni dubbatan hundumaatiif xiyyeeffannaa hin kennin;+ taʼuu baannaan tajaajilaan kee yommuu si abaaru dhagaʼuu dandeessa; 22 sababiin isaas, atumti iyyuu yeroo baayʼee warra kaan akka abaarte garaan kee akka gaariitti beeka.+

23 Wantoota kana hundumaa ogummaadhaan ergan qoree booda, “Ogeessan taʼa” nan jedhe. Taʼus kun humna kootii ol ture. 24 Wanti amma jiru wanta bira hin gaʼamnee fi wanta akka malee gad fagoo taʼe dha. Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?+ 25 Ani ogummaa fi sababa wanta tokko duuba jiru beekuuf, qorachuu fi qoʼachuuf, akkasumas gowwummaan hammina taʼuu isaa, maraatummaanis gowwummaa taʼuu isaa hubachuuf nan murteesse.+ 26 Achiis kana nan hubadhe: Dubartiin akkuma saaphana adamsituu taate, garaan ishii akkuma saaphana qurxummii taʼe, harki ishiis akkuma funcaa mana hidhaa taʼe duʼa caalaa hadhoofti. Namni Waaqa dhugaa gammachiisu ishii jalaa ni miliqa;+ cubbamaan garuu ishiidhaan ni qabama.+

27 Sassaabdichi+ akkana jedha: “Wanti ani hubadhe kana dha. Xumura tokko irra gaʼuuf wanta garaa garaa nan qoradhe; 28 wantan cimsee barbaade garuu hin arganne. Namoota kuma keessaa dhiira* tokko nan argadhe; garuu isaan keessaa dubartii takka illee hin arganne. 29 Wantin hubadhe kana qofa dha: Waaqni dhugaan ilmaan namootaa qajeeloo godhee tolche;+ isaan garuu karoora hedduu qopheeffatan.”+

8 Namni akka nama ogeessa sanaa taʼe eenyu? Namni furmaata rakkina tokkoo* beeku eenyu? Ogummaan, namni tokko fuulli isaa akka ifu, fuulli isaa inni gurraachaʼes akka gammadu godha.

2 Ani akkanan jedha: “Waaqayyo duratti kakaa waan kakatteef,+ ajaja mootii eegi.+ 3 Fuula isaa duraa deemuuf hin ariifatin.+ Wanta hamaa taʼe kam iyyuu cinaa hin dhaabbatin;+ sababiin isaas, inni wanta barbaade gochuu dandaʼa; 4 dubbiin mootii utuu hin raawwatamin hin hafu;+ eenyutu, ‘Maal gochaa jirta?’ isaan jechuu dandaʼa?”

5 Namni ajaja eegu wanti hamaan isa irra hin gaʼu;+ garaan ogeessa taʼes yeroo sirrii fi adeemsa* sirrii beeka.+ 6 Rakkinni ilmaan namootaa baayʼee hedduu waan taʼeef, wanti hundi yeroo fi adeemsa* qaba.+ 7 Wanta gara fuulduraatti taʼu kan beeku waan hin jirreef, wanti sun akkamitti akka raawwatamu eenyutu isatti himuu dandaʼa?

8 Namni hafuura* irratti aangoo qabu yookiin hafuura ittisuu dandaʼu akkuma hin jirre, namni guyyaa duʼaa irratti aangoo qabus hin jiru.+ Namni kam iyyuu yeroo waraanaatti dhiisee akka deemu akkuma isaaf hin heyyamamne, hamminnis warri wanta hamaa raawwatan akka miliqan isaaniif hin heyyamu.*

9 Wanta aduu jalatti raawwatame hundumaa beekuuf ergan carraaqee booda, wantoota kana hundumaa hubadheera. Bara hundumaa keessatti namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti.+ 10 Kana malees, hamoonni warri gara iddoo qulqulluutti seenaa fi achi keessaa baʼaa turan yommuu awwaalaman nan arge; taʼus isaan magaalaa akkana gochaa itti turan keessatti yeruma sana ni irraanfataman.+ Kunis wanta gatii hin qabne dha.

11 Gocha hamaa irratti hatattamaan murtiin waan hin kennamneef,+ garaan namootaa wanta hamaa raawwachuuf ni onnate.+ 12 Cubbamaan tokko siʼa dhibba wanta hamaa utuma raawwatuu bara dheeraa kan jiraatu taʼus, warri Waaqa dhugaa sodaatan isa sodaachuu isaaniitiin kan kaʼe gaarii akka isaaniif taʼu nan beeka.+ 13 Namni hamaan garuu Waaqayyoon waan hin sodaanneef, isaaf gaarii hin taʼu;+ umurii isaa isa akka gaaddidduu taʼes hin dheereffatu.+

14 Wanti gatii hin qabnee* fi lafa irratti raawwatamu tokko jira: Namoonni qajeeloon akka wanta hamaa hojjetanitti ilaalaman jiru;+ namoonni hamoon akka wanta qajeelaa hojjetanitti ilaalamanis jiru.+ Kunis wanta gatii hin qabne taʼuu isaa nan dubbadha.

15 Namni tokko nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalaa aduu jalatti wanti isaaf gaarii taʼe waan hin jirreef, ani gammachuu argachuu nan jajjabeesse;+ inni bara jireenyaa isaa isa Waaqni dhugaan aduu jalatti isaaf kennetti yeroo jabaatee hojjetutti gammachuu argachuu qaba.+

16 Ani ogummaa argachuuf, akkasumas sochii* lafa irratti raawwatamaa jiru hundumaa beekuuf halkanii fi guyyaa hirriba dhabee* carraaqqii nan godhe.+ 17 Achiis hojii Waaqa dhugaa hundumaa ilaalee, ilmaan namootaa wanta aduu jalatti raawwatamu hubachuu akka hin dandeenye+ nan beeke. Namoonni carraaqqii akkamii iyyuu yoo godhan, kana hubachuu hin dandaʼan. Isaan ogummaa wanta kana beekuuf gargaaru akka qaban yoo dubbatan iyyuu, dhugumaan kana hubachuu hin dandaʼan.+

9 Kanaafuu, kana hundumaatiif xiyyeeffannaa nan kenne; qajeelonnii fi ogeeyyiin, akkasumas hojiin isaanii harka Waaqa dhugaa keessa akka jiran+ nan hubadhe. Namoonni jaalalaa fi jibba bara isaanii dura ture hin beekan. 2 Qajeelonnii fi hamoonni,+ namoonni gaariin, namoonni qulqulluu taʼanii fi namoonni qulqulluu hin taane, akkasumas warri aarsaa dhiheessanii fi warri aarsaa hin dhiheessine hundi wanti dhuma irratti isaan irra gaʼu* tokko dha.+ Namni gaariinii fi namni cubbamaan tokko dha; namni kakaa kakatuu fi namni kakaa kakachuu irratti of eeggatus tokko dha. 3 Wanti aduu jalatti raawwatamuu fi nama dhiphisu kana dha: Wanti dhuma irratti hunduma isaanii irra gaʼu* tokko waan taʼeef,+ garaan namootaa wanta hamaadhaan kan guutame dha; bara jireenyaa isaaniitti maraatummaan garaa isaanii keessa jira; sana booda isaan ni duʼu!*

4 Sareen lubbuudhaan jiru leenca duʼe irra waan wayyuuf, namni warra lubbuudhaan jiran gidduutti argamu kam iyyuu abdii qaba.+ 5 Warri lubbuudhaan jiran akka duʼan beeku;+ warri duʼan garuu homaa hin beekan;+ yaadannoon isaanii hundi waan irraanfatameef,+ sana booda isaan gatii* argatan hin qaban. 6 Kana malees, jaalalli, jibbii fi hinaaffaan isaanii badeera; sana booda wanta aduu jalatti raawwatamu keessaa homaa qooda hin qaban.+

7 Waaqni dhugaan hojii keetti waan gammadeef,+ dhaqi, nyaata kee gammachuudhaan nyaadhu, daadhii wayinii kees garaa gammadeen dhugi.+ 8 Uffanni kee yeroo hundumaa adii haa taʼu;* mataa kees zayitii dibachuu hin dhiisin.+ 9 Bara jireenyaa kee isa gabaabaa isa inni aduu jalatti siif kenne hundumaatti, guutummaa umurii kee isa gatii hin qabne keessatti haadha manaa tee ishii jaallattuu wajjin gammadi;+ sababiin isaas, kun jireenya kee keessatti carraa* kee ti, hojii cimaa aduu jalatti itti dhamaateefis badhaasa kee ti.+ 10 Awwaala* isa itti deemtu keessa hojiin, karoorri, beekumsis taʼe ogummaan waan hin jirreef,+ wanta gochuu dandeessu kam iyyuu humna kee guutuudhaan raawwadhu.

11 Ani wanta kan biraas aduu jalatti nan arge; warri saffisan yeroo hundumaa dorgommii irratti hin moʼan, jajjaboonni yeroo hundumaa waraana irratti hin moʼan,+ ogeeyyiin yeroo hundumaa nyaata hin argatan, gamnoonni yeroo hundumaa qabeenya hin argatan,+ warri beekumsa qabanis yeroo hundumaa milkaaʼina hin argatan;+ sababiin isaas, yeroo fi wanti hin eegamne* hunduma isaanii irra ni gaʼa. 12 Namni guyyaa ofii hin beeku.+ Akkuma qurxummiin saaphana hamaadhaan, simbirroonis kiyyoodhaan qabamu, ilmaan namootaas yeroo rakkinaa* akkuma tasaa isaan irra gaʼuun ni qabamu.

13 Kana malees ani aduu jalatti ogummaa ilaalchisee kana nan hubadhe, innis na dinqisiise: 14 Magaalaa xinnoon dhiirota muraasa qabdu tokko jirti turte; mootii jabaan tokkos dhufee itti marsee naannoo ishiitti dallaa guddaa ijaare. 15 Namni hiyyeessi ogeessa taʼe tokko ishii keessa jira ture; innis ogummaa isaatiin magaalattii ni oolche. Taʼus namni hiyyeessa sana yaadate tokko illee hin turre.+ 16 Anis, ‘Jabina irra ogummaa wayya,+ taʼus ogummaan hiyyeessa sanaa ni tuffatame, namni dubbii isaa dhaggeeffates hin jiru’+ jedheen yaade.

17 Iyya nama gowwoota gidduutti bulchuu dhaggeeffachuu mannaa dubbii tasgabbaaʼaa nama ogeessa taʼee dhaggeeffachuu wayya.

18 Ogummaan meeshaawwan waraanaa irra wayya; namni cubbamaan tokko qofti garuu wanta gaarii hedduu balleessuu dandaʼa.+

10 Akkuma tisiisni duʼe urgooftuu dandeettii guddaadhaan qophaaʼe faalee ajeessutti gowwummaa xinnoonis ogummaa fi ulfina ni balleessa.+

2 Namni ogeessi garaan isaa daandii sirrii taʼe irra isa buusa;* namni gowwaan garuu garaan isaa daandii dogoggora taʼe irra isa buusa.*+ 3 Gowwaan daandii kam irra iyyuu yoo deeme hubannaa* hin qabu;+ namni hundi inni gowwaa taʼuu isaa akka beekus ni godha.+

4 Bulchaan tokko aariin* isaa yoo si irratti bobaʼe iddoo kee hin gadhiisin;+ sababiin isaas, tasgabbiin cubbuu guddaan akka hirʼatu ni godha.+

5 Aduu jalatti wanta nama dhiphisu tokko nan arge; kunis dogoggora isa namoonni aangoo irra jiran raawwatan fakkaatu dha:+ 6 Gowwoonni aangoo guguddaa argatu, sooreyyiin* garuu aangoo gad aanaa keessatti hafu.

7 Ani tajaajiltoonni farda irra yommuu taaʼan, bulchitoonni garuu akkuma tajaajiltootaatti miila isaaniitiin yommuu deeman argeera.+

8 Namni boolla qotu achi keessatti kufuu dandaʼa;+ namni dallaa dhagaa diigus bofaan hiddamuu dandaʼa.

9 Namni dhagaa baasu dhagaa sanaan miidhamuu dandaʼa; namni muka falaxus muka sanaan balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa.*

10 Meeshaan sibiilaa yoo doome, namnis yoo isa qaruu baate, namichi humna baayʼee fixa. Ogummaan garuu milkaaʼina argachuuf gargaara.

11 Bofti dawweeffamuu isaa dura yoo nama hidde, namni dawweessuu irratti dandeettii qabu* faayidaa hin argatu.

12 Dubbiin afaan ogeessaa keessaa baʼu fudhatama isaaf argamsiisa;+ afaan nama gowwaa garuu badiisa isatti fida.+ 13 Dubbiin jalqaba afaan isaa keessaa baʼu gowwummaa dha;+ dubbiin isaa inni dhumaas maraatummaa badiisa geessisu dha. 14 Taʼus, gowwaan dubbachuu isaa hin dhiisu.+

Namni wanta gara fuulduraatti taʼu hin beeku; maarree wanta isa booda dhufu eenyutu isatti himuu dandaʼa?+

15 Namni gowwaan hojii cimaa hojjechuun isaa isa butucha; sababiin isaas, inni akkamitti gara magaalattii akka dhaqu illee hin beeku.

16 Biyyi tokko mootiin ishii mucaa xinnoo yoo taʼe,+ bulchitoonni ishiis ganamaan affeerraa irratti kan argaman yoo taʼe haalli ishii akkam nama gaddisiisa! 17 Biyyi tokko mootiin ishii ilmaan guguddootaa keessaa tokko yoo taʼe, bulchitoonni ishiis machaaʼuuf utuu hin taʼin+ jabina argachuuf yeroo sirrii taʼetti kan nyaatanii fi kan dhugan yoo taʼe akkam nama gammachiisa!

18 Dhibaaʼummaa guddaa irraa kan kaʼe baaxiin ni dhooqa; harka hojii hiikeen kan kaʼes manni ni dhimmisa.+

19 Nyaanni kolfaaf qophaaʼa; daadhiin wayiniis jireenyi akka nama gammachiisu godha;+ maallaqni garuu wanta barbaachisu hundumaa ni guuta.+

20 Yaada keetti* illee mootii hin abaarin;+ kutaa ciisichaa kee keessattis sooressa hin abaarin; sababiin isaas, simbirri* sagalee* sana dabarsuu dandeessi yookiin uumamni qoochoodhaan* barristu wanta jedhame irra deebitee dubbachuu dandeessi.

11 Daabboo kee bishaan irratti darbadhu;*+ guyyoota hedduu booda deebitee isa ni argatta.+ 2 Badiisa lafa irratti dhufu waan hin beekneef, wanta qabdu torbaaf yookiin saddeetiif hirii kenni.+

3 Duumessi bishaaniin yoo guutame, lafa irratti bokkaa ni roobsa; mukti gara kibbaatti yookiin gara kaabaatti yoo jige, bakkuma itti jige sana ciisa.

4 Namni bubbee eeggatu sanyii hin facaasu; namni duumessa ilaalus hin haammatu.+

5 Ati hafuurri lafee daaʼima garaa* dubartii ulfaa keessa jiru keessatti akkamitti akka hojjetu akkuma hin beekne,+ hojii Waaqa dhugaa isa wanta hunda godhe sanaas hin beektu.+

6 Ganamaan sanyii kee facaasi, hamma galgalaattis harki kee hin boqotin;+ sababiin isaas, inni kam akka guddatu, inni kun yookiin inni sun yookiin lamaanuu gaarii taʼuu fi dhiisuu isaanii hin beektu.

7 Ifni nama gammachiisa, aduu arguunis ijaaf gaarii dha. 8 Namni tokko waggoota hedduu kan jiraatu yoo taʼe hunduma isaaniitti haa gammadu.+ Taʼus inni guyyoonni dukkanaa hedduu taʼuu akka dandaʼan yaadachuu qaba; wanti dhufu hundi wanta gatii hin qabne dha.+

9 Yaa dargaggeessaa, dargaggummaa keetti gammadi, bara dargaggummaa keettis garaan kee haa gammadu. Daandii garaa keetii duukaa buʼi, gara ijji kee si geessus dhaqi; taʼus Waaqni dhugaan wantoota kana hundumaatiif gara murtiitti akka si fidu* beeki.+ 10 Kanaafuu, wantoota nama dhiphisan garaa kee keessaa balleessi, wantoota nama miidhanis qaama* kee irraa fageessi; sababiin isaas, dargaggummaanii fi ijoollummaan wantoota gatii hin qabne dha.+

12 Guyyoonni dhiphinaa* dhufuu isaanii dura,+ waggoonni, “Na hin gammachiisan” itti jettu gaʼuu isaanii dura, bara dargaggummaa keetti Uumaa kee isa Guddaa yaadadhu;+ 2 aduun, ifni, addeessii fi urjiileen dukkanaaʼuu isaanii dura,+ akkasumas duumessoonni bokkaan erga roobee booda* deebiʼanii dhufuu isaanii dura Uumaa kee yaadadhu; 3 guyyaa sanatti eegdonni mana eegan ni hollatu, dhiironni jajjaboon ni goophatu, muraasa taʼuu isaaniitiin kan kaʼe dubartoonni midhaan daakuu ni dhiisu, akkasumas giiftiiwwan karaa foddaa ilaalan isaanitti dukkanaaʼa;+ 4 guyyaa sanatti balbaloonni gara daandiitti geessan ni cufamu, sagaleen dhagaa daakuu ni xiqqaata, namni sagalee simbiraatiin ni dammaqa, akkasumas sagaleen sirba ijoollee durbaa ni dadhaba.+ 5 Kana malees, namni tabba ni sodaata, balaan daandii irratti uumamus isa yaaddessa. Mukti almoondii ni daraara,+ kuruphisni ni tirata, akkasumas fedhiin nyaataa* ni bada; namnis gara mana isaa isa yeroo dheeraadhaaf itti turutti ni qajeela,+ warri gaddanis daandii irra asii fi achi deemu;+ 6 wadaroon meetii ciccituu isaa dura, saaniin warqii caccabuu isaa dura, hubboon* burqaa bira jiru cabuu isaa dura, geengoon bishaan boollaa ittiin waraabanis caccabuu isaa dura Uumaa kee yaadadhu. 7 Achiis biyyoon gara lafaatti,+ bakkuma duraan turetti deebiʼa; hafuurris* gara Waaqa dhugaa isa hafuuricha namootaaf kennetti deebiʼa.+

8 Sassaabdichi+ akkana jedha: “Homaa gatii hin qabu! Wanti hundi gatii hin qabu.”+

9 Sassaabdichi ogeessa taʼuu qofa utuu hin taʼin, wanta beekus utuu wal irraa hin kutin namoota barsiiseera;+ kana malees, fakkeenyota hedduu walitti qabuuf* irratti yaadeera, qorannaa guddaas godheera.+ 10 Sassaabdichi jechoota nama gammachiisan+ argachuu fi jechoota dhugaa sirriitti galmeessuuf carraaqqii godheera.

11 Jechoonni namoota ogeeyyii akkuma arfii* qotiyyoo ti;+ dubbiiwwan isaanii warri walitti qabamanis akkuma mismaara cimee cinqaarfamee ti; isaan tiksee tokko irraa kan argamani dha. 12 Yaa ilma koo, akeekkachiisa kanas hubadhu: Kitaabota hedduu qopheessuun dhuma hin qabu; isaan qoʼachuuf akka malee carraaqqii gochuunis nama* butucha.+

13 Xumurri wanta dhagaʼame hundumaa kana dha: Waaqa dhugaa sodaadhu,+ ajajawwan isaas eegi;+ kun guutummaa dirqama namaa ti.+ 14 Sababiin isaas, Waaqni dhugaan gaariis taʼe hamaa wanta dhokate hundumaa dabalatee, gocha hundumaa irratti murtii ni kenna.+

Ykn., “qindeessichi.”

Kal., “dhaabbatti.”

Ykn., “ni ifti.”

Ykn., “harganaa deebiti.”

Ykn., “Lageen gannaa; Lageen waqtii isaaniitti yaaʼan.”

Ykn., “gowwummaa guddaa.”

Kal., “ilmaan manichaas.”

Ykn., “moototaa fi koonyaawwaniif adda baafaman.”

Ykn., “giiftii.”

Ykn., “giiftiiwwan.”

Kal., “Wanta ijji koo gaafate.”

Ykn., “gaʼee.”

Kal., “ijji isaa mataa isaa keessa jira.”

Ykn., “egereen isaanii.”

Ykn., “wanta hundumaa.”

Ykn., “balaa guddaa.”

Kal., “carraaqqii garaa isaa.”

Ykn., “lubbuun isaa wanta gaarii akka argu gochuu.”

Kal., “utaaluunis; burraaquunis.”

Ykn., “akka gaariitti kan qindaaʼe godhee; sirriitti.”

Ykn tarii, “wanta darbe.”

Ykn., “egereen namootaa.”

Ykn., “gaʼee.”

Kal., “foon isaa nyaachaa.”

Ykn., “lubbuu koo.”

Ykn., “faayidaa guddaa.”

Ykn., “salphaatti.”

Tarii mucaa ogeessa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “foon kee.”

Ykn., “ergamaa.”

Ykn., “balaa guddaa.”

Ykn., “balaa guddaa.”

Ykn., “gaʼee.”

Ykn., “gaʼee.”

Ykn., “hin yaadatu.”

Ykn., “Balaa.”

Ykn., “lubbuu isaatti homtuu akka hin hirʼanneef.”

Ykn., “awwaala bira gaʼuu isaa.”

Kal., “caalaa boqonnaa qaba.”

Ykn., “lubbuu.”

Kal., “warra jiraatoo dura deemuun isaa.”

Ykn., “Lubbuun jooruu isaa mannaa.”

Kal., “Maqaan.”

Ykn., “mana taphaa.”

Ykn tarii, “mallattoo nama gowwaa waan taʼeef.”

Kal., “aariidhaaf hafuura keetiin hin ariifatin.”

Jechuunis, warra lubbuudhaan jiran.

Ykn., “beekuu.”

Ykn., “dhiira qajeelaa.”

Ykn., “hiika dhimma tokkoo.”

Ykn., “murtii.”

Ykn., “murtii.”

Ykn., “bubbee.”

Ykn tarii, “hamminni isaanii hamoota oolchuu hin dandaʼu.”

Ykn., “Wanti abdii nama kutachiisuu.”

Ykn., “hojii.”

Ykn tarii, “namoonni guyyaas taʼe halkan hirriba malee dabarsuu isaanii beekuuf.”

Ykn., “egereen isaanii.”

Ykn., “Egereen isaanii.”

Kal., “sana booda, gara warra duʼaniitti!”

Ykn., “mindaa.”

Jechuunis, uffata gaddaa utuu hin taʼin, uffata bifa ifu qabuu fi gammachuu qabaachuu argisiisu.

Ykn., “gaʼee.”

Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “taʼeewwan hin hubatamne.”

Ykn., “badiisaa.”

Kal., “karaa mirgaa isaa jira.”

Kal., “karaa bitaa isaa jira.”

Kal., “qalbii.”

Kal., “hafuurri.”

Ykn., “warri gaʼumsa qaban.”

Ykn tarii, “muka sana irraa of eeggachuu qaba.”

Kal., “gooftaan arrabaa.”

Ykn tarii, “Siree kee irratti.”

Kal., “uumamni samii keessa barrisu.”

Ykn., “ergaa.”

Jechuunis, goflaadhaan.

Ykn., “ergi.”

Kal., “lafee gadameessa.”

Ykn., “akka si gaafatu.”

Kal., “foon.”

Ykn., “rakkinaa.”

Ykn tarii, “bokkaa wajjin.”

Kallattiidhaan akaakuu goraa fedhii nyaataa kakaasuuf tajaajilu argisiisa.

Ykn., “okkoteen.”

Ykn., “humni jireenyaas.”

Ykn., “tartiibaan kaaʼuuf.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “foon.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi