ABBOOTII MURTII
1 Iyyaasuun erga duʼee booda,+ Israaʼelonni,* “Nu keessaa Kanaʼaanota waraanuuf dursee kan ol baʼu eenyu?” jedhanii Yihowaa gaafatan.+ 2 Yihowaanis, “Yihudaan ol ni baʼa.+ Kunoo, ani biyyattii harka isaatti dabarsee nan kenna”* jedhe. 3 Yihudaanis obboleessa isaa Simiʼooniin, “Kanaʼaanota waraanuuf gara naannoo anaaf ramadameetti*+ naa wajjin ol baʼi. Anis gara naannoo siif ramadamee sii wajjin nan dhaqa” jedhe. Kanaafuu, Simiʼoon isaa wajjin ni deeme.
4 Yihudaan yeroo ol baʼetti, Yihowaan Kanaʼaanotaa fi Pheriizota harka isaaniitti dabarsee kenne;+ isaanis Beezeq keessatti dhiirota 10,000 injifatan. 5 Isaan Beezeq keessatti Adonii Beezeqiin argatan; achitti isa waraananii Kanaʼaanotaa+ fi Pheriizota+ injifatan. 6 Adonii Beezeq yeroo baqatettis, duukaa buʼanii isa qaban; achiis abgudduuwwan harka isaa fi abgudduuwwan miila isaa kutan. 7 Achiis Adonii Beezeq, “Mootonni abgudduuwwan harka isaanii fi abgudduuwwan miila isaanii irraa kutamee maaddii koo jalaa nyaata funaannatan 70ni jiru. Waaqayyo wantuma ani godhe naaf deebise” jedhe. Sana booda isaan gara Yerusaalemitti isa fidan;+ innis achitti duʼe.
8 Kana malees, namoonni Yihudaa Yerusaalemiin+ waraananii ishii qabatan; magaalattii goraadeedhaan rukutanii ibidda itti gadhiisan. 9 Sana booda, namoonni Yihudaa Kanaʼaanota warra naannoo gaarotaa keessa, akkasumas Negeebii fi Shefelaa+ keessa jiraatan waraanuuf gad buʼan. 10 Kanaafuu, Yihudaan Kanaʼaanota warra Kebroon (maqaan Kebroon duraan Qiriyaat Arbaa jedhama ture) keessa jiraatan irratti duule; isaanis Sheshaayiin, Ahimaanii fi Taalmaayiin+ ni rukutan.
11 Achii kaʼaniis jiraattota Deebir+ irratti duulan. (Maqaan Deebir duraan Qiriyaat Seefer jedhama ture.)+ 12 Achiis Kaaleb,+ “Nama Qiriyaat Seefer rukutee ishii qabatuuf intala tiyya Aksaa isatti nan heerumsiisa” jedhe.+ 13 Otniʼel+ ilmi Qeenaazis+ biyyattii ni qabate; Qeenaaz obboleessa Kaaleb isa quxisuu dha. Kanaafuu, Kaaleb intala isaa Aksaa isatti ni heerumsiise. 14 Ishiinis utuu gara manaa deemaa jirtuu, abbaan ishii maasii akka isaaf kennu akka gaafatu abbaa manaa ishiitti himte. Achiis harree ishii irraa ni buute.* Kaalebis, “Maal barbaadda?” jedhee ishii gaafate. 15 Ishiinis, “Kan naa laatte lafa xinnoo gara kibbaatti* argamtu waan taʼeef, maaloo na eebbisi; Guuloot Maayimiinis* naaf kenni” isaan jette. Kanaafuu, Kaaleb Guuloot Isa Olii fi Guuloot Isa Gadii ishiidhaaf ni kenne.
16 Sanyiin Qeenicha+ isa abbiyyuu*+ Musee taʼe sanaa namoota Yihudaa wajjin magaalaa mukeetii meexxii+ biraa gara lafa onaa Yihudaa isa Aaraad+ irraa kallattii kibbaatiin argamuutti ni dhufan. Achi dhaqaniis sabicha gidduu jiraachuu jalqaban.+ 17 Yihudaan garuu obboleessa isaa Simiʼoonii wajjin Kanaʼaanota Zefaat keessa jiraatan irratti duulee isaan haleele; biyyattiis guutummaatti ni balleessan.+ Kanaafuu, magaalattii Hoormaa*+ jedhanii moggaasan. 18 Achiis Yihudaan Gaazaa+ fi naannoo ishii, Ashqaloonii+ fi naannoo ishii, akkasumas Eqroonii+ fi naannoo ishii ni qabate. 19 Yihowaan Yihudaa wajjin ture; isaanis naannoo gaarotaa sana ni dhaalan; haa taʼu malee, jiraattonni dirree* sanaa gaariiwwan fardaa waraanaa haamtuu sibiilaa qaban* waan qabaniif isaan ariʼuu hin dandeenye.+ 20 Akkuma Museen waadaa galee turettis+ Kebrooniin Kaalebiif ni kennan; innis ilmaan Anaaq+ sadan achi keessaa ni ariʼe.
21 Biiniyaamonni garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan hin ariine; kanaafuu, Yebuusonni hanga harʼaatti Biiniyaamotaa wajjin Yerusaalem keessa jiraachaa jiru.+
22 Yeroo kanatti manni Yoseef+ Beetel irratti duule; Yihowaanis isaanii wajjin ture.+ 23 Gaaf tokko manni Yoseef Beeteliin (maqaan magaalaa kanaa duraan Luuz+ jedhama ture) basaasaa ture; 24 basaastonni sunis namicha magaalattii keessaa gad baʼaa jiru tokko argan. Isaanis, “Maaloo, daandii gara magaalattiitti seensisu nutti argisiisi; nutis gaarummaa* sitti argisiisna” isaan jedhan. 25 Namichis daandii gara magaalattiitti seensisu isaanitti argisiise; isaanis magaalattii goraadeedhaan rukutan; namichaa fi guutummaa maatii isaa garuu nagaadhaan gadhiisan.+ 26 Namichi sunis gara biyya Heetotaa deeme; achiis magaalaa tokko ijaaree Luuz jedhee ishii moggaase; hanga harʼaattis maqaan ishii kanuma dha.
27 Minaaseen, Beet Shiʼaanii fi magaalota ishii jalatti* argaman, Taʼaanaakii+ fi magaalota ishii jalatti argaman, Doorii fi magaalota ishii jalatti argaman, Yibleʼaamii fi magaalota ishii jalatti argaman, akkasumas Megidoo fi magaalota ishii jalatti argaman+ dhaalaan hin fudhanne. Kanaʼaanonni biyyattii gadhiisanii deemuu didanii turan. 28 Israaʼelonni jabaachaa yeroo dhufanitti Kanaʼaanota hojii dirqamaa hojjechiisan+ malee, guutummaatti isaan hin ariine.+
29 Efreemis Kanaʼaanota Geezer keessa jiraachaa turan hin ariine. Kanaʼaanonni Geezer keessatti isaan gidduu jiraachuu isaanii ittuma fufan.+
30 Zaabiloon jiraattota Qiitroonii fi jiraattota Nahaalool+ hin ariine. Kanaʼaanonni sun isaan gidduu jiraachuu isaanii kan itti fufan yeroo taʼu, isaanis hojii dirqamaa isaan hojjechiisu turan.+
31 Asheer jiraattota Aakoo, akkasumas jiraattota Siidoon,+ Ahilaab, Akziib,+ Helbaa, Afiiqii+ fi Rehoob+ hin ariine. 32 Asheeronnis Kanaʼaanota biyyattii keessa jiraatan gidduu jiraachuu isaanii ittuma fufan; sababiin isaas, isaan isaan hin ariine turan.
33 Niftaalem jiraattota Beet Sheemeshii fi jiraattota Beet Aanaat+ hin ariine; kanaa mannaa Kanaʼaanota biyyattii keessa jiraatan gidduu jiraachuu isaanii ittuma fufan.+ Jiraattonni Beet Sheemeshii fi Beet Aanaat warra hojii dirqamaa isaaniif hojjetan ni taʼan.
34 Daanonni gara dirreetti* akka gad buʼan Amooronni waan isaaniif hin heyyamneef,+ naannoo gaarotaa keessa jiraachuuf dirqaman. 35 Kanaafuu, Amooronni Gaara Herees, Ayiloonii+ fi Shaʼaalbiimiin+ gadhiisanii deemuu didan. Humni* mana Yoseef yommuu dabaletti* garuu, isaan hojii humnaa ulfaataa taʼe akka hojjetan dirqisiifaman. 36 Naannoon Amoorotaa tabba Aqraabiimii+ fi Seelaa irraa jalqabee kan ol baʼu ture.
2 Achiis maleekaan Yihowaa+ Gilgaal+ irraa gara Bookiim dhufee akkana jedhe: “Ani biyya Gibxii keessaa isin baasee gara biyya abbootii keessaniif kennuuf kakadhetti+ isin fideera. Kana malees akkanan isiniin jedhe: ‘Kakuun isinii wajjin gale matumaa hin cabsu.+ 2 Isinis jiraattota biyya kanaa wajjin kakuu hin galinaa;+ iddoowwan aarsaa isaaniis diigaa.’+ Isin garuu sagalee kootiif hin ajajamne.+ Kana kan gootan maaliifi? 3 ‘Ani isin duraa isaan hin ariʼu;+ isaanis kiyyoo isinitti ni taʼu;+ waaqoliin isaanii isin gowwoomsu’+ kanan isiniin jedhes kanaafi.”
4 Yommuu maleekaan Yihowaa dubbii kana Israaʼelota hundatti dubbatu, sabichi sagalee isaa ol kaasee booʼuu jalqabe. 5 Kanaafuu, isaan iddoo sana Bookiim* jedhanii moggaasan; achittis Yihowaadhaaf aarsaa ni dhiheessan.
6 Iyyaasuun yeroo sabicha geggeessetti, Israaʼelonni biyyattii dhaalaan fudhachuuf tokkoon tokkoon isaanii gara dhaala dhaala isaanii ni dhaqan.+ 7 Sabichi guutummaa bara Iyyaasuutti, guutummaa bara jaarsolii warra Iyyaasuu boodas lubbuudhaan turanittii fi wantoota guguddaa Yihowaan Israaʼeliif godhe hundumaa arganiitti Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufe.+ 8 Achiis Iyyaasuun ilmi Nuun inni tajaajilaa Yihowaa taʼe umurii isaa waggaa 110tti duʼe.+ 9 Kanaafuu, isaan naannoo dhaala isaa keessatti, jechuunis Timnaat Herees+ ishii kaaba Gaara Gaʼaashitti naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamtu keessatti isa awwaalan.+ 10 Guutummaan dhaloota sanaa gara abbootii isaatti walitti ni qabame;* isaan boodas dhaloonni Yihowaas taʼe wanta inni Israaʼeliif godhe hin beekne kan biraan ni kaʼe.
11 Kanaafuu, Israaʼelonni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan; Baʼaaliinis ni tajaajilan.*+ 12 Akka kanaan isaan Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼee fi biyya Gibxii keessaa isaan baase ni dhiisan.+ Akkasumas waaqolii kan biroo, jechuunis waaqolii saboota naannoo isaaniitti argamanii duukaa buʼan;+ isaaniif sagaduudhaanis Yihowaa ni dheekkamsiisan.+ 13 Isaan Yihowaa dhiisanii Baʼaalii fi siidaawwan Ashtooret ni waaqeffatan.+ 14 Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe; kanaafuu, warra isaan saamanitti dabarsee isaan kenne.+ Diinota naannoo isaaniitti argamanitti dabarsee isaan gurgure;+ sana booda isaan diinota isaanii dura dhaabbachuu hin dandeenye.+ 15 Akkuma Yihowaan dubbatee turettii fi akkuma Yihowaan isaaniif kakatee turetti,+ bakka isaan dhaqan hundatti badiisa isaanitti fiduudhaan+ harki Yihowaa isaan irratti kaʼee ture; isaanis dhiphina guddaa keessa galanii turan.+ 16 Kanaafuu, Yihowaan abbootii murtii harka warra isaan saamanii irraa isaan oolchan isaaniif ni kaasa ture.+
17 Isaan garuu abbootii murtii sana illee dhagaʼuu didanii waaqolii kan biroo wajjin sagaagalummaa raawwatan; isaaniifis ni sagadan. Daandii abbootiin isaanii warri ajajawwan Yihowaatiif ajajaman+ irra adeemaa turan irraa dafanii jalʼatan. Isaan wanta abbootiin isaanii raawwatan hin raawwanne. 18 Yihowaan yeroo abbootii murtii isaaniif kaasu hundatti,+ Yihowaan abbaa murtii sanaa wajjin taʼuudhaan guutummaa bara jireenyaa abbaa murtii sanaatti harka diinota isaanii jalaa isaan ni oolcha ture; sababiin isaas, namoota isaan cunqursanii+ fi gara jabinaan isaan qabaniin kan kaʼe waan aadaniif Yihowaan isaaniif ni gadda* ture.+
19 Yeroo abbaan murtii sun duʼu garuu, ammas waaqolii kan biroo duukaa buʼuudhaan, isaan tajaajiluudhaan, akkasumas isaaniif sagaduudhaan abbootii isaanii caalaa gocha hamaa raawwatu turan.+ Gocha isaanii irraas taʼe mata jabina isaanii irraa hin deebine. 20 Dhuma irrattis dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe;+ innis akkana jedhe: “Sabni kun kakuu koo isa ani akka eegan abbootii isaanii ajaje waan cabseef,+ anaafis ajajamuu waan dideef,+ 21 ani immoo saboota Iyyaasuun duʼuu isaa dura toʼannaa jala hin galfanne keessaa tokko illee isaan duraa hin ariʼu.+ 22 Kana kanan godhus Israaʼel akkuma abootiin isaa godhan daandii Yihowaa+ irra deemuudhaan daandicha kan eegu taʼuu fi dhiisuu isaa qoruufi.” 23 Kanaafuu, Yihowaan saboonni sun achumatti akka hafan heyyameera. Inni hatattamaan isaan hin ariine; harka Iyyaasuuttis dabarsee isaan hin kennine.
3 Israaʼelota warra waraana Kanaʼaanii wajjin godhame kam irratti iyyuu hin hirmaanne hundumaa qoruu akka dandaʼaniif, Saboonni Yihowaan akka hafan heyyame kanneen kana dha+ 2 (kunis kan taʼe dhaloonni Israaʼelotaa warri itti aanan, jechuunis warri kanaan dura wanti akkanaa isaan hin mudanne waraana irratti muuxannoo akka argataniifi): 3 gooftolii Filisxeemotaa+ shanan, Kanaʼaanota hundumaa, Siidoonotaa+ fi Hiiwota+ warra Gaara Baʼaal Hermoon irraa jalqabee hamma Lebo Hamaatitti*+ Gaara Libaanon+ irra jiraatan. 4 Israaʼelonni ajajawwan Yihowaan karaa Musee abbootii isaaniitiif kenne kan ajajaman taʼuu fi dhiisuu isaanii beekuuf, saboonni kun Israaʼelitti qorumsa taʼanii turan.+ 5 Kanaafuu, Israaʼelonni Kanaʼaanota,+ Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota gidduu ni jiraatan. 6 Isaanis ijoollee durbaa isaanii ni fuudhan; ijoollee durbaa ofii isaaniis ilmaan isaaniitti ni heerumsiisan; akkasumas waaqolii isaanii tajaajiluu jalqaban.+
7 Kanaafuu, Israaʼelonni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan; Waaqa isaanii Yihowaa irraanfatanii Baʼaalii+ fi utubaawwan waaqeffannaa*+ tajaajilaa turan. 8 Kanaan kan kaʼes, dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe; innis mootii Mesophotaamiyaa* kan taʼe Kuushaan Rishaataayimitti dabarsee isaan gurgure. Israaʼelonnis Kuushaan Rishaataayimiin waggaa saddeetiif ni tajaajilan. 9 Yommuu Israaʼelonni gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyatanis,+ Yihowaan Israaʼelota oolchuuf fayyisaa tokko isaaniif kaase;+ innis Otniʼel+ ilma Qeenaaz yeroo taʼu, Qeenaaz obboleessa Kaaleb isa quxisuu dha. 10 Hafuurri Yihowaa isa irra ni buʼe;+ innis abbaa murtii Israaʼel taʼe. Yommuu inni waraanaaf baʼuttis Yihowaan Kuushaan Rishaataayim isa mootii Mesophotaamiyaa* taʼe harka isaatti dabarsee kenne; innis Kuushaan Rishaataayim irratti injifannoo argate. 11 Sana booda biyyattiin waggaa 40f boqonnaa* argatte. Achiis Otniʼel ilmi Qeenaaz ni duʼe.
12 Ammas Israaʼelonni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe raawwachuu jalqaban.+ Kanaafuu, Yihowaan Egloon mootiin Moʼaab+ Israaʼel irratti akka jabaatu ni godhe; sababiin isaas, isaan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe raawwatanii turan. 13 Kana malees inni Amoonotaa+ fi Amaaleqota+ isaanitti ni fide. Isaanis Israaʼeliin rukutanii magaalaa mukeetii meexxii+ qabatan. 14 Israaʼelonnis Egloon mootii Moʼaab waggaa 18f ni tajaajilan.+ 15 Achiis Israaʼelonni gargaarsaaf gara Yihowaatti ni iyyatan;+ kanaafuu, Yihowaan fayyisaa tokko isaaniif ni kaase;+ innis Eehud+ ilma Geeraa isa sanyii Biiniyaam+ taʼee fi bitaacha taʼe+ dha. Yeroo boodas Israaʼelonni Egloon mootii Moʼaabiif karaa isaa gibira ergan. 16 Yeroo kanatti Eehud goraadee karaa lamaan qara qabuu fi dhundhuma* tokko dheeratu tolfatee uffata isaa jalaan karaa mirgaatiin mudhii isaatti hidhatee ture. 17 Achiis gibiricha Egloon mootii Moʼaab duratti ni dhiheesse. Egloon nama baayʼee furdaa taʼe ture.
18 Eehud gibiricha dhiheessee yommuu xumuru namoota gibiricha baatanii dhaqan ni geggeesse. 19 Haa taʼu malee, fakkiiwwan bocamoo* Gilgaalitti+ argaman bira erga gaʼee booda duubatti deebiʼee, “Yaa mootii, ergaa iccitii taʼe tokkon sitti hima” jedhe. Mootichis, “Callisaa!” jedhe. Yeroo kanatti tajaajiltoonni isaa hundi isa biraa deeman. 20 Kanaafuu, Eehud utuu mootichi kutaa qabbanaaʼaa baaxii irratti argamu keessa kophaa isaa taaʼee jiruu gara isaa dhaqe. Achiis Eehud, “Waaqayyo biraa ergaa tokko siif fideera” isaan jedhe. Kanaafuu, inni teessoo* isaa irraa ni kaʼe. 21 Eehudis harka isaa isa bitaatiin goraadee karaa mirgaatiin mudhii isaatti hidhatee ture sana luqqifatee garaa isaa waraane. 22 Qabannoon isaas qara isaa wajjin keessa ni lixe; inni goraadee sana garaa isaa keessaa waan hin baasneef coomni qara isaa ni uwwise; miini garaa isaas gad jige. 23 Eehudis balbaloota kutaa baaxii irraa sana of duubaan cufee erga qollofee booda karaa barandaa* gad baʼe. 24 Erga inni deemee booda tajaajiltoonni sun deebiʼanii balbaloonni kutaa baaxii irraa sun akka qollofaman argan. Kanaafuu, “Kutaa isa keessaa isa qabbanaaʼaa taʼe keessatti bobbaa baʼaa* jira taʼa” jedhan. 25 Isaanis hamma qaanaʼanitti isa eegan; haa taʼu malee, inni amma iyyuu balbaloota kutaa baaxii irraa sana akka hin banne yeroo arganitti, furtuu fudhatanii balbaloota sana ni banan; yeroo kanatti gooftaan isaanii duʼee lafatti kufee argan!
26 Eehud utuma isaan mamaa jiranii miliqee fakkiiwwan bocamoo*+ sana bira darbee nagaadhaan Seʼiiraa gaʼe. 27 Yommuu achi gaʼus naannoo gaarotaa Efreem+ keessatti xurumbaa* afuufe;+ Israaʼelonnis of dura isa buusanii naannoo gaarotaa keessaa gad ni buʼan. 28 Achiis inni, “Yihowaan Moʼaabota warra diinota keessan taʼan harka keessanitti dabarsee waan kenneef, na duukaa buʼaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan isa duukaa buʼanii Moʼaabonni akka hin darbine dhowwuuf malkaawwan Yordaanos ni qabatan; namni tokko iyyuu akka ceʼus hin heyyamne. 29 Yeroo sanatti Moʼaabota+ ciccimoo fi gootota taʼan 10,000 ni ajjeesan; namni tokko illees hin miliqne.+ 30 Akka kanaan, Moʼaab guyyaa sanatti harka Israaʼel jala galte; biyyattiinis waggaa 80f boqonnaa* argatte.+
31 Isa booda immoo Shaamgaar+ ilmi Anaat inni arfii* looniitiin+ Filisxeemota+ 600 ajjeese ni kaʼe; innis Israaʼelota ni oolche.
4 Eehud erga duʼee booda garuu, Israaʼelonni ammas wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan.+ 2 Kanaafuu, Yihowaan harka Yaabiin mootii Kanaʼaan+ isa Hazoor keessatti bulchaa tureetti dabarsee isaan gurgure. Siseeraan inni Harosheet+ ishii kan sabootaa taate* keessa jiraachaa ture immoo ajajaa raayyaa waraanaa isaa ture. 3 Yaabiin* gaariiwwan fardaa waraanaa haamtuu sibiilaa qaban*+ 900 waan qabuuf, akkasumas waggaa 20f akka malee Israaʼelota cunqursaa waan tureef,+ Israaʼelonni gara Yihowaatti ni iyyatan.+
4 Yeroo sanatti Dibooraa raajittiin+ ishiin haadha manaa Laaphidot taate Israaʼel keessatti murtii Waaqayyoo dabarsaa turte. 5 Ishiin naannoo gaarotaa Efreem keessa muka meexxii Dibooraa isa Raamaa+ fi Beetel+ gidduutti argamu jala teessi turte; Israaʼelonnis murtii argachuuf gara ishii ni dhaqu turan. 6 Ishiinis Qeedesh Niftaalem+ keessaa Baaraaq+ ilma Abinoʼaamiin waamsistee akkana isaan jette: “Yihowaan Waaqni Israaʼel ajaja kana kenneera: ‘Dhaqiitii Gaara Taaboritti duuli;* Niftaalemii fi Zaabiloon keessaas namoota 10,000 fuudhii dhaqi. 7 Ani Siseeraa isa ajajaa raayyaa waraanaa Yaabiin taʼe gaariiwwan fardaa waraanaa isaa fi loltoota isaa wajjin laga* Qiishoon+ biratti gara keetti nan fida; harka keettis dabarsee isa nan kenna.’”+
8 Yeroo kanatti Baaraaq, “Ati yoo anaa wajjin deemte nan deema; yoo anaa wajjin deemuu baatte garuu hin deemu” ishiidhaan jedhe. 9 Ishiinis, “Ani dhugumaan sii wajjin nan deema. Haa taʼu malee, Yihowaan Siseeraa harka dubartii takkatti dabarsee waan kennuuf, duulli ati geggeessitu kun ulfina siif hin argamsiisu”+ isaan jette. Achiis Dibooraan kaatee Baaraaqii wajjin gara Qeedesh deemte.+ 10 Baaraaqis Zaabiloonii fi Niftaalemiin+ gara Qeedeshitti kan waame yeroo taʼu, dhiironni 10,000 faana isaa duukaa buʼan. Dibooraanis isaa wajjin ol baate.
11 Akka tasaa taʼee, Hebeer Qeenichi Qeenota kaan irraa adda baʼee ture; Qeenonni+ sanyii Hobaab isa abbiyyuu Musee+ taʼee ti; dunkaanni Hebeeris muka guddaa Zaʼaanaaniim isa Qeedeshitti argamu bira dhaabamee ture.
12 Isaan Baaraaq ilmi Abinoʼaam Gaara Taaboritti akka ol baʼe Siseeraatti ni himan.+ 13 Siseeraanis yeruma sana gara laga* Qiishoon dhaquuf gaariiwwan fardaa waraanaa isaa hundumaa, jechuunis gaariiwwan fardaa warra haamtuu sibiilaa qaban* 900, akkasumas loltoota isaa wajjin turan hundumaa Harosheet ishii kan sabootaa taate irraa walitti ni qabe.+ 14 Dibooraanis Baaraaqiin, “Guyyaan Yihowaan Siseeraa harka keetti dabarsee itti kennu harʼa waan taʼeef, kaʼi. Yihowaan si dura baʼee ni deema mitii ree?” jette. Baaraaqis namoota isa duukaa buʼan 10,000 wajjin Gaara Taabor irraa gad ni buʼe. 15 Achiis Yihowaan Siseeraan, gaariiwwan fardaa waraanaa isaa hundii fi raayyaan waraanaa isaa hundi goraadee Baaraaq duratti akka burjaajaʼan+ ni godhe. Dhuma irrattis Siseeraan gaarii fardaa isaa irraa buʼee miilaan ni baqate. 16 Baaraaqis gaariiwwan fardaa waraanaa fi raayyaa waraanaa sana hamma Harosheet ishii kan sabootaa taateetti ni ariʼe. Kanaafuu, guutummaan raayyaa waraanaa Siseeraa goraadeedhaan ni dhume; isaan keessaa tokko illee hin hafne.+
17 Siseeraan garuu gara dunkaana Yaaʼel+ haadha manaa Hebeer+ Qeenichaatti miilaan baqate; sababiin isaas, Yaabiin+ mootii Hazoorii fi mana Hebeer Qeenichaa gidduu nagaan jira ture. 18 Achiis Yaaʼel Siseeraa simachuuf gad baatee, “Ol seeni gooftaa koo, oluma seeni. Hin sodaatin” isaan jette. Kanaafuu, inni gara dunkaana ishiitti ol seene; ishiinis bullukkoo isatti uwwiste. 19 Achiis, “Maaloo, dheebodheera, bishaan dhugaatii xinnoo naaf kenni” ishiidhaan jedhe. Kanaafuu, ishiin qalqalloo aannanii hiiktee wanta dhugamu isaaf kennite;+ sana booda deebistee isatti uwwiste. 20 Innis, “Balbala dunkaanichaa irra dhaabbadhu; namni kam iyyuu dhufee, ‘Namichi tokko as jiraa?’ yoo siin jedhe, ‘Hin jiru!’ jedhi” ishiidhaan jedhe.
21 Yaaʼel haati manaa Hebeer garuu qofoo dunkaanaa fi burruusa fudhatte. Achiis utuu inni dadhabee hirriba cimaa keessa jiruu suuta jettee itti siqxee, qofoo sana illee* isaa keessa baastee lafatti gad rukutte; innis ni duʼe.+
22 Baaraaqis Siseeraa faana dhaʼee achi ni dhaqe; Yaaʼelis gad baatee isa simattee, “Kottu, namicha ati barbaadaa jirtu sittan argisiisa” isaan jette. Achiis ishii wajjin ol seene; innis Siseeraan qofoon illee isaa keessa baʼee duʼee lafatti kufuu isaa arge.
23 Akka kanaan, Waaqayyo guyyaa sanatti Yaabiin mootiin Kanaʼaan Israaʼelota duratti akka moʼamu ni godhe.+ 24 Hamma Yaabiin isa mootii Kanaʼaan+ taʼe balleessanitti, harki Israaʼelotaa Yaabiin mootii Kanaʼaan irratti caalaatti jabaachaa deeme.+
5 Guyyaa sanatti Dibooraan+ Baaraaq+ ilma Abinoʼaamii wajjin faarfannaa kana faarfatte:+
2 “Rifeensa hiikamaa Israaʼel keessa jiruun* kan kaʼe,
Namoonni fedhiidhaan of dhiheessuu+ isaaniitiin kan kaʼe,
Yihowaa jajadhaa!
3 Isin mootonni dhagaʼaa! Isin bulchitoonni gurra keessan as qabaa!
Ani Yihowaadhaaf nan faarfadha.
Yihowaa Waaqa Israaʼeliif+ faarfannaa galataa nan faarfadha.*+
4 Yaa Yihowaa, yommuu ati Seʼiirii+ baatetti,
Yommuu ati naannoo Edoom keessaa baatee duultetti,
Lafti ni sochoote, samiiwwan bishaan ni dhangalaasan,
Duumessoonnis bishaan gad naqan.
5 Gaaronni fuula Yihowaa duratti ni baqan,*+
Siinaan illee fuula Yihowaa Waaqa Israaʼel+ duratti ni baqe.+
6 Bara Shaamgaar+ ilma Anaatitti,
Bara Yaaʼelitti,+ daandiiwwan ona ni taʼan;
Imaltoonnis daandiiwwan kaan irratti hafan.
7 Ani Dibooraan+ hamman kaʼutti,
Hamman Israaʼel keessatti haadha taʼee kaʼutti,+
Jiraattonni gandeen Israaʼel keessaa ni dhabaman.
Israaʼel keessa namoota 40,000 gidduutti,
Gaachannis taʼe eeboon argamuu hin dandeenye.
9 Garaan koo ajajjoota raayyaa waraanaa Israaʼel,+
Warra fedhii isaaniitiin sabicha duukaa baʼanii wajjin jira.+
Yihowaa jajadhaa!
10 Isin warri harroota mammagaala irra teessan,
Isin warri afatawwan gaggaarii irra teessan,
Isin warri daandicha irra deemtanis,
Qalbeeffadhaa!
11 Sagaleen warra bishaan raabsanii iddoo bishaan waraabamu irraa ni dhagaʼame;
Isaan achitti gochawwan Yihowaa warra qajeeloo,
Gochawwan qajeelummaa saba isaa warra gandeen Israaʼel keessa jiraatan sanaa dubbachaa turan.
Achiis sabni Yihowaa gara karrawwan sanaatti gad ni buʼe.
12 Yaa Dibooraa,+ dammaqi, dammaqi!
Dammaqi, dammaqi, faarfannaa faarfadhu!+
Yaa Baaraaq,+ kaʼi! Yaa ilma Abinoʼaam, boojiʼamtoota kee dura buʼii deemi!
13 Warri hafanis gara guguddootaatti gad ni buʼan;
Sabni Yihowaa warra jajjaboo waraanuuf gara kootti gad ni buʼe.
14 Warri sululicha* keessa jiran kan maddan Efreem keessaa ti;
Yaa Biiniyaam, isaan saboota kee gidduutti si duukaa buʼaa jiru.
Ajajjoonni raayyaa waraanaa, Maakiir+ keessaa,
Warri raayyaa waraanaatiif nama filatanis,* Zaabiloon keessaa baʼanii gad buʼaniiru.
15 Bulchitoonni Yisaakor keessa jiran Dibooraa wajjin turan;
Akkuma Yisaakor, Baaraaqis+ ishii wajjin ture.
Inni miila isaatiin gara dirree sululichaa* akka dhaqu ergamee ture.+
Gareewwan Ruuben garaan isaanii akka malee mamee ture.
16 Yeroo isaan bushaayee* isaaniitiif ulullee afuufan isaan dhaggeeffachaa,
Feʼumsa lama gidduu kan teesse maaliifi?+
Gareewwan Ruuben garuu garaan isaanii akka malee mameera.
Asheer hojii hiikee qarqara galaanaa taaʼeera,
Buufatawwan isaa birattis hafeera.+
18 Zaabiloon saba hamma duʼaatti lubbuu isaa balaadhaaf saaxilu* dha;
19 Taʼaanaak keessa laga Megidoo+ biratti,
Mootonni dhufanii waraana banan;
Mootonni Kanaʼaan waraana banan.+
Garuu meetii boojiʼame tokko illee hin fudhanne.+
20 Urjiileen samii irraa ni lolan;
Daandii isaanii irraas Siseeraa waraanan.
Yaa lubbuu* koo, ati warra humna qabeeyyii taʼan irra ejjetteetta.
22 Fardeen waraanaa isaa akka malee waan gulufaniif,
Kotteen fardeenii yommuu lafa rukutu ni dhagaʼama ture.+
23 Maleekaan Yihowaa akkana jedhe: ‘Merooziin abaaraa,
Eeyyee, jiraattota ishii abaaraa,
Isaan Yihowaa gargaaruuf hin dhufne,
Warra jajjaboo wajjin Yihowaa gargaaruuf hin dhufne.’
24 Yaaʼel+ haati manaa Hebeer+ Qeenichaa,
Dubartoota hundumaa caalaa kan eebbifamte dha;
Ishiin dubartoota dunkaana keessa jiraatan hundumaa caalaa kan eebbifamte dha.
25 Inni bishaan gaafate, ishiin garuu aannan isaaf kennite.
Saanii golboo guddaatti itittuu isaaf kennite.+
26 Harka ishii hiixattee qofoo dunkaanaa fudhatte,
Harki ishii inni mirgaas burruusa qabate.
Ishiin Siseeraa ni rukkutte, mataa isaa ni buruqsite,
Illee isaas ni caccabsite, ni urtes.+
27 Inni miila ishii gidduutti kufe; lafa dhaʼees diriiree hafe;
Miila ishii gidduutti kufee lafa dhaʼe;
Bakka kufetti, achumatti ni moʼame.
28 Dubartiin takka karaa foddaa gara alaa ilaalte,
Haati Siseeraa foddaa keessaan ala ilaalte,
‘Gaariin fardaa isaa kan ture maaliifi?
Kotteen fardeenii isaa hamma ammaatti kan hin dhagaʼamne maaliifi?’+
29 Giiftiiwwan ishii keessaa warri hundumaa caalaa ogeeyyii taʼan ishiidhaaf ni deebisu;
Eeyyee, ishiinis ofii ishiitiif irra deebitee akkana jetti:
30 ‘Boojuu argatan hirachaa jiru,
Tokkoon tokkoon loltuus durba* tokko, eeyyee, durba* lama lama hirachaa jiru,
Siseeraadhaaf uffata halluu cuuphame, eeyyee, uffata boojiʼame isa halluu cuuphame kennaa jiru,
Uffata xilfiin irratti dhaʼame, halluu kan cuuphame, uffata xilfiin irratti dhaʼame lama
Morma warra boojiʼanii irra kaaʼaa jiru.’
31 Yaa Yihowaa, diinonni kee hundi haa dhuman,+
Warri si jaallatan garuu akka aduu humna ishii guutuudhaan ibsituu haa taʼan.”
Biyyattiinis waggaa 40f boqonnaa* argatte.+
6 Haa taʼu malee, Israaʼelonni ammas wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan;+ kanaafuu, Yihowaan waggaa torbaaf harka Miidiyaanitti dabarsee isaan kenne.+ 2 Harki Miidiyaan Israaʼel irratti ni cime.+ Israaʼelonnis Miidiyaaniin kan kaʼe, gaarota, holqawwanii fi iddoowwan salphaatti bira hin gaʼamne keessatti iddoo keessa dhokatan* ni qopheeffatan.+ 3 Yommuu Israaʼelonni sanyii facaasanitti Miidiyaanonni, Amaaleqonnii+ fi namoonni Bahaa+ isaan haleelu turan. 4 Isaan naannoo isaanii keessa buufatanii oomisha biyyattii hamma Gaazaatti ni balleessu turan; Israaʼeliifis wanta nyaatanis taʼe, hoolaa yookiin qotiyyoo yookiin harree hin hambisan turan.+ 5 Isaan horii isaanii fi dunkaanota isaanii qabatanii akka awwaannisaatti baayʼatanii dhufu turan;+ isaanii fi gaalonni isaaniis lakkaaʼamuu hin dandaʼan turan;+ biyyattii balleessuufis gara ishiitti ni seenu turan. 6 Akka kanaan, Israaʼel Miidiyaaniin kan kaʼe akka malee ni hiyyoome; Israaʼelonnis gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyatan.+
7 Israaʼelonni Miidiyaaniin kan kaʼe yommuu gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyatan,+ 8 Yihowaanis raajii akkana isaaniin jedhu tokko gara Israaʼelotaatti erge: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani biyya Gibxii keessaa mana garbummaa jalaa isin nan baase.+ 9 Harka warra Gibxii fi warra isin cunqursan hundumaa jalaa isin nan oolche; isin duraas isaan ariʼee biyya isaanii isiniif nan kenne.+ 10 Achiis, “Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.+ Waaqolii Amoorotaa warra isin biyya isaanii keessa jiraachaa jirtanii+ hin sodaatinaa” isiniin jedheen ture. Isin garuu anaaf hin ajajamne.’”*+
11 Boodas maleekaan Yihowaa dhufee+ muka guddaa Ofraa keessatti argamuu fi kan Yoʼaas Abiʼezerichaa+ taʼe jala taaʼe. Yeroo sanatti, ilmi isaa Giidewon+ warra Miidiyaan jalaa dhoksuuf jedhee iddoo wayinii itti cuunfanitti qamadii dhaʼaa ture. 12 Maleekaan Yihowaas isatti mulʼatee, “Yaa loltuu jabaa nana, Yihowaan sii wajjin jira”+ isaan jedhe. 13 Yeroo kanatti Giidewon akkana isaan jedhe: “Dhiifama naa godhi gooftaa koo, Yihowaan nuu wajjin jira utuu taʼee, wanti kun hundi kan nu irra gaʼu maaliifi?+ Gochawwan isaa warri dinqisiisoon abbootiin keenya, ‘Yihowaan biyya Gibxii keessaa nu hin baasnee?’+ jedhanii nutti himaa turan+ sun hundi meerre? Amma Yihowaan nu dhiiseera;+ harka Miidiyaanittis dabarsee nu kenneera.” 14 Yihowaanis fuuldura isaa dhaabbatee, “Humna qabduun dhaqi; ati Israaʼeliin harka Miidiyaan jalaa ni oolchita.+ Kan si erge ana mitii?” isaan jedhe. 15 Giidewonis deebisee, “Dhiifama naa godhi, Yihowaa. Ani akkamittan Israaʼeliin oolchuu dandaʼa? Kunoo, qomoon* koo gosa Minaasee keessaa isa hundumaa irra xinnaatu dha; anis mana abbaa koo keessatti iddoo guddaa kan hin qabne dha” jedhe. 16 Yihowaan garuu, “Ani sii wajjin waanan taʼuuf,+ ati akka waan isaan nama tokko taʼanitti warra Miidiyaan ni rukutta” isaan jedhe.
17 Achiis akkana isaan jedhe: “Egaa, si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, mallattoo dhuguma anaa wajjin dubbachaa kan jiru si taʼuu kee argisiisu tokko naaf kenni. 18 Maaloo, hamman kennaa koo fidee dhufee si duratti dhiheessutti asii hin deemin.”+ Innis, “Hamma ati deebitutti asuman tura” isaan jedhe. 19 Giidewonis dhaqee xobbaallaa* reʼee tokko ni qopheesse; daakuu eefaa* tokko irraas maxinoo ni tolche.+ Foonicha guubootti, maraqii isaa immoo distiitti naqe; achiis gara isaatti fidee muka guddaa sana jalatti dhiheesse.
20 Yeroo kanatti maleekaan Waaqa dhugaa, “Foonichaa fi maxinoo sana fuudhiitii qarsaa guddaa achi jiru irra kaaʼi; maraqii isaas dhangalaasi” isaan jedhe. Innis akkanuma ni godhe. 21 Achiis maleekaan Yihowaa ulee harka isaa keessa jiru diriirsee fiixee isaatiin foonichaa fi maxinoo sana ni tuqe; ibiddis qarsaa sana keessaa baʼee foonichaa fi maxinoo sana nyaatee fixe.+ Sana booda maleekaan Yihowaa ija isaa duraa ni bade. 22 Yeroo kanatti Giidewon qaamni sun maleekaa Yihowaa akka ture ni hubate.+
Giidewonis yeruma sana, “Wayyoo, yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ani maleekaa Yihowaa fuulaa fuulatti argeera!”+ jedhe. 23 Yihowaan garuu, “Nagaan siif haa taʼu. Hin sodaatin;+ hin duutu” isaan jedhe. 24 Kanaafuu, Giidewon bakka sanatti Yihowaadhaaf iddoo aarsaa kan ijaare yeroo taʼu, innis hamma harʼaatti Yihowaa Shaalom*+ jedhamee waamama. Iddoon aarsaa sun amma iyyuu Ofraa ishii kan Abiʼezerotaa taate keessa jira.
25 Halkan sana Yihowaan akkana isaan jedhe: “Jibicha isa kan abbaa keetii, jibicha isa lammaffaa isa umurii waggaa torbaa sana fuudhi; iddoo aarsaa Baʼaal isa kan abbaa kee taʼes diigi; utubaa waaqeffannaa* isa bira jirus kukkuti.+ 26 Dahoo kana gubbaatti dhagoota tarree galchitee Yihowaadhaaf iddoo aarsaa erga ijaartee booda, jibicha isa lammaffaa fuudhiitii qoraan utubaa waaqeffannaa* isa kukkutte sana irraa argame irratti aarsaa gubamu godhii dhiheessi.” 27 Kanaafuu, Giidewon tajaajiltoota isaa keessaa namoota kudhan fudhatee akkuma Yihowaan isatti hime ni godhe. Haa taʼu malee, maatii abbaa isaa fi namoota magaalattii baayʼee waan sodaateef, kana kan godhe guyyaa utuu hin taʼin halkan ture.
28 Namoonni magaalattii guyyaa itti aanutti ganamaan yommuu kaʼan, iddoon aarsaa Baʼaal diigamee, utubaan waaqeffannaa* isa bira jiru kukkutamee, jibichi inni lammaffaanis iddoo aarsaa ijaarame sana irratti aarsaa taʼee dhihaatee ni argan. 29 Isaanis, “Kana kan godhe eenyu?” jedhanii wal gaafatan. Erga qorannaa geggeessanii boodas, “Giidewon ilma Yoʼaastu kana godhe” jedhan. 30 Kanaafuu, namoonni magaalattii Yoʼaasiin, “Ilmi kee iddoo aarsaa Baʼaal waan diigee fi utubaa waaqeffannaa* isa bira jiru waan kukkuteef, akka ajjeefamuuf gad isa baasi” jedhan. 31 Achiis Yoʼaas+ namoota isa falmaa turan hundumaatiin akkana jedhe: “Isin Baʼaaliif falmuu qabduu? Isa oolchuun isin irra jiraa? Namni isaaf falmu kam iyyuu ganama kana haa ajjeefamu.+ Inni waaqa yoo taʼe, namni tokko iddoo aarsaa isaa waan jalaa diigeef, ofii isaatiif haa falmatu.”+ 32 Innis, “Namni tokko iddoo aarsaa isaa waan jalaa diigeef, Baʼaal ofii isaatiif haa falmatu” jechuudhaan, guyyaa sanatti Giidewoniif maqaa Yerubaʼaal* jedhu moggaase.
33 Guutummaan Miidiyaan,+ Amaaleqii+ fi namoonni Bahaa raayyaawwan waraanaa isaanii walitti makanii+ gara Sulula* Yezriʼelitti ceʼanii* achi buufatan. 34 Achiis hafuurri Yihowaa Giidewon irra ni buʼe;*+ innis xurumbaa afuufe;+ Abiʼezeronnis+ isa duuba ni hiriiran. 35 Innis guutummaa Minaasee keessatti ergamtoota ni erge; isaanis isa duuba ni hiriiran. Kana malees inni Asheer, Zaabiloonii fi Niftaalem keessatti ergamtoota ni erge; isaanis isa simachuuf ol ni baʼan.
36 Achiis Giidewon Waaqa dhugaatiin akkana jedhe: “Akkuma waadaa galtetti,+ karaa kootiin Israaʼeliin ni oolchita yoo taʼe, 37 kunoo ani rifeensa hoolaa oobdii keessa si dura afeera. Lafti naannoo isaatti argamu goggogaa taʼee rifeensichi qofti fixeensa yoo qabaate, ati akkuma waadaa galtetti karaa koo Israaʼeliin akka oolchitu kanaan nan beeka.” 38 Wanti taʼes kanuma ture. Guyyaa itti aanu ganamaan kaʼee yommuu rifeensicha cuunfu bishaan isa keessaa baʼe saanii golboo guddaa affeerrii itti dhiheessan tokko ni guute. 39 Haa taʼu malee, Giidewon Waaqa dhugaatiin akkana jedhe: “Dheekkamsi kee ana irratti hin bobaʼin; gaaffii tokko qofan gaafadha. Maaloo, rifeensicha irratti qorannaa kan biraa tokkon godha. Maaloo guutummaan lafichaa fixeensa qabaatee rifeensichi qofti goggogaa haa taʼu.” 40 Kanaafuu, Waaqayyo halkan sanatti akkanuma godhe; rifeensichi qofti goggogaa yommuu taʼu, guutummaan lafichaa immoo fixeensa qaba ture.
7 Achiis Yerubaʼaal, jechuunis Giidewonii+ fi namoonni isaa wajjin jiran hundi bariidhaan kaʼanii Burqaa Harood bira buufatan; yeroo kanatti buufanni Miidiyaan isa irraa kallattii kaabaatiin dirree sululichaa* keessa tabba Mooree bira jira ture. 2 Yihowaanis Giidewoniin akkana jedhe: “Ani Miidiyaaniin harka isaaniitti dabarsee akkan hin kennineef namoonni sii wajjin jiran baayʼee hedduu dha.+ Taʼuu baannaan, Israaʼel ana irratti of jajuudhaan, ‘Harka kootu na oolche’+ jedha. 3 Amma, maaloo, bakka sabichi jirutti, ‘Namni sodaatee fi hollate kam iyyuu, gara manaatti haa deebiʼu’+ jedhii labsi.” Kanaafuu, Giidewon isaan ni qore. Akka kanaan, namoonni 22,000 gara manaatti ni deebiʼan, namoonni 10,000 immoo ni hafan.
4 Ammas Yihowaan Giidewoniin akkana jedhe: “Amma iyyuu namoonni kun akka malee hedduu dha. Akkan achitti isaaniin siif qoruuf gara bishaaniitti gad isaan buusi. Yommuun, ‘Inni kun sii wajjin ni deema’ jedhu, inni sii wajjin ni deema; yommuun, ‘Inni kun sii wajjin hin deemu’ jedhu garuu, inni sii wajjin hin deemu.” 5 Kanaafuu, inni namoota sana gara bishaaniitti gad buuse.
Achiis Yihowaan Giidewoniin, “Warra akka sareen arrabaan dhugdutti bishaanicha arraba isaaniitiin dhugan hundumaa, warra dhuguuf jilbeenfatan irraa addaan baasi” jedhe. 6 Lakkoofsi namoota harka isaanii keessaa arraba isaaniitiin bishaan dhuganii 300 ture. Namoonni hafan garuu jilbeenfatanii dhugan.
7 Yeroo kanatti Yihowaan Giidewoniin, “Namoota 300n arraba isaaniitiin bishaan dhuganiin isin nan oolcha; Miidiyaaniin harka keetti dabarsee nan kenna.+ Namoonni kaan hundi garuu gara mana isaaniitti haa deebiʼan” jedhe. 8 Kanaafuu, isaan galaa fi xurumbaa erga isaan irraa fudhatanii booda, Giidewon namoonni Israaʼel kaan hundi gara mana isaaniitti akka deebiʼan godhe; kan of biratti hambise namoota 300 qofa ture. Buufanni Miidiyaan buufata Giidewonii gaditti dirree sululichaa keessatti argama ture.+
9 Halkan sana keessa Yihowaan akkana isaan jedhe: “Kaʼi, ani harka keetti dabarsee waanan kenneef, buufaticha haleeli.+ 10 Yoo sodaatte garuu, tajaajilaa kee Puuraa wajjin gara buufatichaatti gad buʼi. 11 Wanta isaan jedhan dhaggeeffadhu; sana booda buufaticha haleeluuf ija jabina ni qabaatta.”* Achiis innii fi tajaajilaan isaa Puuraan gara qarqara buufata raayyaa waraanaa sanaatti gad ni buʼan.
12 Yeroo kanatti Miidiyaan, Amaaleqii fi namoonni Bahaa+ akka gurmuu awwaannisaatti dirree sululichaa uwwisanii turan; gaalonni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa hedduu fi lakkaaʼamuu kan hin dandeenye turan.+ 13 Giidewonis ni dhufe; achittis namni tokko akkana jedhee michuu isaatti abjuu himaa ture: “Abjuu kana argeen ture. Bixxilleen garbuu tokko gara buufata Miidiyaanitti konkolaachaa ture. Innis gara dunkaana tokkoo dhufee akka malee waan isa rukuteef dunkaanichi ni jige.+ Eeyyee, dunkaanicha ni garagalche; dunkaanichis lafa irra afame.” 14 Yeroo kanatti michuun isaa, “Kun goraadee Giidewon+ ilma Yoʼaas isa nama Israaʼel taʼe sanaa ti malee kan biraa taʼuu hin dandaʼu. Waaqayyo Miidiyaanii fi guutummaa buufatichaa harka isaatti dabarsee kenneera”+ jedhe.
15 Giidewonis abjuu sanaa fi hiika isaa akkuma dhagaʼeen,+ waaqeffannaa dhiheessuuf gad ni gombifame. Sana booda gara buufata Israaʼelitti deebiʼee, “Yihowaan buufata Miidiyaan harka keessanitti dabarsee waan kenneef, kaʼaa” jedhe. 16 Namoota 300n sanas garee sadiitti qoodee hunda isaaniitiif xurumbaa+ fi hubboo* guddaa gucni* keessa jiru ni kenne. 17 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Ana ilaalaatii wantuma ani godhu godhaa. Yommuun gara qarqara buufatichaa dhufu, isinis wantuma ani godhu gochuu qabdu. 18 Anii fi warri anaa wajjin jiran xurumbaa yommuu afuufnu, isinis guutummaa buufatichaatti xurumbaa afuufaatii, ‘Yihowaa fi Giidewoniif!’ jedhaa iyyaa.”
19 Giidewonii fi namoonni 100 warri isaa wajjin jiran eegumsi halkan walakkaa yeroo jalqabutti,* akkuma waardiyoonni iddoo isaanii qabataniin gara qarqara buufatichaa ni dhufan. Isaan xurumbaawwan ni afuufan,+ hubboowwan guguddaa harka isaanii irra turanis ni caccabsan.+ 20 Kanaafuu, gareewwan sadan xurumbaawwan ni afufan, hubboowwan guguddaa sanas ni caccabsan. Gucawwan sana harka bitaatti qabatan; harka mirgaatti immoo xurumbaawwan sana qabatanii afuufan; achiis, “Goraadee Yihowaa fi kan Giidewon!” jedhanii iyyan. 21 Yeroo kana hundumaatti tokkoon tokkoon namaa guutummaa buufatichaa keessa iddoo isaa irra dhaabbatee ture; namoonni buufaticha keessa jiran hundis ni fiigan; iyyaas ni baqatan.+ 22 Namoonni 300n sunis xurumbaa afuufuu isaanii ittuma fufan; Yihowaanis guutummaa buufatichaa keessatti inni tokko isa kan biraa irratti goraadee akka kaasu godhe;+ raayyaan waraanaa sunis gara Zereraatti qajeeluudhaan hamma Beet Shitaatti, hamma qarqara Abeel Meholaa+ ishii Xaabaat biratti argamtuutti ni baqate.
23 Namoonni Israaʼelis Niftaalem, Asheerii fi guutummaa Minaasee+ keessaa walitti waamamanii Miidiyaan duukaa ni buʼan. 24 Giidewonis, “Miidiyaaniin rukutuuf gad buʼaa; iddoowwan bishaaniis hamma Beet Baaraattii fi hamma Yordaanositti qabadhaa” jedhee guutummaa naannoo gaarotaa Efreem keessatti ergamtoota erge. Kanaafuu, namoonni Efreem hundi walitti ni qabaman; bishaan hamma Beet Baaraattii fi hamma Yordaanositti argamus ni qabatan. 25 Kana malees bulchitoota Miidiyaan lamaan, jechuunis Oreebii fi Zeʼeebiin ni qabatan; Oreebiin qarsaa Oreeb+ irratti, Zeʼeebiin immoo iddoo cuunfaa wayinii Zeʼeeb biratti ni ajjeesan. Miidiyaaniin+ ariʼuu isaaniis itti fufan; achiis mataa Oreebii fi Zeʼeeb naannoo Yordaanositti gara Giidewon ni fidan.
8 Achiis namoonni Efreem, “Wanti ati nu irratti goote kun maali dha? Miidiyaaniin waraanuuf yeroo dhaqxetti maalif nu hin waamne?”+ isaan jedhan. Garmalees isa lolan.+ 2 Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Wanta isin gootanii wajjin yeroo wal bira qabamu ani maalan raawwadhe? Qaarmiin Efreem+ oomisha wayinii Abiʼezer+ irra hin wayyuu? 3 Waaqayyo bulchitoota Miidiyaan kan taʼan Oreebii fi Zeʼeebiin+ dabarsee kan kenne harka keessanitti dha; maarree, wanta isin gootanii wajjin yeroo wal bira qabamu ani maalan raawwadhe?” Yommuu inni karaa kanaan* dubbatus isaan ni tasgabbaaʼan.*
4 Achiis Giidewon gara Yordaanos dhufee lagicha ni ceʼe. Innii fi namoonni isaa wajjin turan 300n dadhabanii kan turan taʼus, diinota isaanii ariʼuu isaanii itti fufan. 5 Kanaafuu, inni namoota Suukootiin, “Waan dadhabaniif maaloo, namoota na duukaa buʼaa jiraniif daabboo kennaafii; ani Zeebaa fi Zaalmunaa warra mootota Miidiyaan taʼan ariʼaan jira” jedhe. 6 Bulchitoonni Suukoot garuu, “Nuti raayyaa waraanaa keetiif daabboo akka kenninuuf ati Zeebaa fi Zaalmunaa harka kee keessa galfatteettaa ree?” isaan jedhan. 7 Yeroo kanatti Giidewon, “Erga akkas jettanii, yommuu Yihowaan Zeebaa fi Zaalmunaa harka kootti dabarsee kennutti, ani immoo qoree fi sokorruu lafa onaatiin isin nan garafa”+ isaaniin jedhe. 8 Achiis bakka sanaa gara Phenuʼelitti ol baʼee gaaffii wal fakkaatu isaan gaafate; garuu namoonni Phenuʼelis deebii namoonni Suukoot kennanii wajjin wal fakkaatu isaaf kennan. 9 Kanaafuu, inni namoota Phenuʼeliinis, “Yommuun nagaadhaan deebiʼu, masaraa kana nan diiga”+ jedhe.
10 Yeroo kanatti Zeebaanii fi Zaalmunaan raayyaawwan waraanaa isaanii, jechuunis namoota gara 15,000 taʼanii wajjin Qaarqor keessa jiru turan. Namoonni goraadee hidhatan 120,000ni waan dhumaniif, guutummaa raayyaa waraanaa namoota Bahaa+ keessaa kan hafan kanneen kana qofa turan. 11 Giidewon daandii qubattoonni warri baha Nobaa fi Yogbehaatiin+ jiran itti fayyadamaniin ol baʼuu isaa itti fufuudhaan buufata diinotaa isa of gatee jiru sana ni rukute. 12 Zeebaanii fi Zaalmunaan yommuu baqatan inni isaan duukaa buʼee mootota Miidiyaan kana lamaan ni qabate; kunis guutummaa buufatichaa ni naasise.
13 Sana booda Giidewon ilmi Yoʼaas karaa gara Heeresitti ol baasuun waraanicha irraa ni deebiʼe. 14 Karaa irrattis dargaggeessa Suukoot irraa dhufe tokko qabee ni qorate. Dargaggeessi sunis maqaa bulchitootaa fi jaarsolii Suukoot 77 isaaf ni barreesse. 15 Innis gara namoota Suukoot dhaqee, “Zeebaanii fi Zaalmunaan warri isin, ‘Nuti namoota kee warra dadhabaniif daabboo akka kenninuuf Zeebaa fi Zaalmunaa harka kee keessa galfatteettaa ree?’ jettanii ittiin natti qoostan sun kunoo ti”+ isaaniin jedhe. 16 Achiis jaarsolii magaalattii fuudhee qoree fi sokorruu lafa onaatti fayyadamee namoota Suukoot kana barumsa tokko ni barsiise.+ 17 Kana malees, masaraa Phenuʼel+ diigee namoota magaalattii ni ajjeese.
18 Zeebaa fi Zaalmunaas, “Namoonni isin Taaboritti ajjeestan kan akkamii ti?” jedhee gaafate. Isaanis, “Namootuma akka keetii turan; tokkoon tokkoon isaaniis ilma mootii fakkaatu” isaan jedhan. 19 Innis, “Isaan obboloota koo, ilmaan haadha tiyyaa ti. Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, utuu isin lubbuudhaan isaan dhiistaniittu taʼee, isin hin ajjeesun ture” isaaniin jedhe. 20 Achiis ilma isaa isa angafaa Yeteeriin, “Kaʼii, isaan ajjeesi” jedhe. Dargaggeessichi garuu goraadee isaa hin luqqifanne; inni amma iyyuu ijoollee waan taʼeef ni sodaate. 21 Kanaafuu, Zeebaanii fi Zaalmunaan, “Eenyummaan namaa kan beekamu jabina isaatiin waan taʼeef, atumti kaʼiitii nu ajjeesi” isaan jedhan. Kanaafuu, Giidewon kaʼee Zeebaa fi Zaalmunaa+ ni ajjeese; faaya boca baatii haaraatiin tolfamee fi morma gaalota isaanii irra tures ni fudhate.
22 Boodas namoonni Israaʼel Giidewoniin, “Harka Miidiyaan jalaa waan nu oolchiteef,+ ati, ilmi kee fi ilmi ilma keetii nu bulchaa” jedhan. 23 Giidewon garuu, “Ani isin hin bulchu; ilmi koos isin hin bulchu. Kan isin bulchu Yihowaa dha”+ isaaniin jedhe. 24 Giidewon itti fufuudhaan, “Mee wanta tokkon isin gaafadha: tokkoon tokkoon keessan boojuu keessan irraa amartii funyaanii tokko tokko naaf kennaa” isaaniin jedhe. (Sababiin isaas, isaan Ishmaaʼelota waan turaniif, amartii funyaanii warqii irraa tolfame qabu turan.)+ 25 Isaanis, “Mamii tokko malee ni kennina” jedhanii isaaf deebisan. Yeroo kanatti uffata dheeraa tokko ni afan; tokkoon tokkoon namaas boojuu isaa keessaa amartii funyaanii tokko tokko achi irratti darbate. 26 Faaya boca baatii haaraatiin tolfame, faaya mormaa, uffata suufii bifa dhiilgee irraa tolfamee fi mootonni Miidiyaan uffatan, akkasumas amartii mormaa isa gaalota irra ture utuu hin dabalatin, amartiin funyaanii warqii irraa tolfamee fi kan inni isaan gaafatee fudhate ulfaatinni isaa warqii sheeqilii* 1,700 taʼe.+
27 Giidewonis efuudii ittiin tolchee+ akka isa ilaalaniif magaalaa isaa Ofraa+ keessa isa ni kaaʼe; guutummaan Israaʼelis efuudichaa wajjin achitti karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwate;+ efuudichis Giidewonii fi maatii abbaa isaatti kiyyoo taʼe.+
28 Akka kanaan warri Miidiyaan+ Israaʼelota duratti kan moʼaman yeroo taʼu, deebiʼaniis isaan hin rakkisne;* bara Giidewonitti biyyattiin waggaa 40f boqonnaa* argatte.+
29 Kanaafuu, Yerubaʼaal+ ilmi Yoʼaas gara mana isaatti deebiʼee achi jiraate.
30 Giidewon haadhotii manaa hedduu waan qabuuf, ilmaan 70 ni dhalche.* 31 Saajjatoon* isaa ishiin Sheekemitti argamtus ilma isaaf ni deesse; innis Abimelek+ jedhee maqaa isaaf moggaase. 32 Giidewon ilmi Yoʼaas bara dheeraa jiraatee umurii quufee ni duʼe; iddoo awwaalchaa abbaa isaa Yoʼaas isa Ofraa ishii kan Abiʼezerotaa+ taate keessatti argamutti ni awwaalame.
33 Akkuma Giidewon duʼeenis Israaʼelonni deebiʼanii Baʼaalii+ wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa ni raawwatan; Baʼaal Beriitiin immoo waaqa isaanii godhanii muudan.+ 34 Israaʼelonni Waaqa isaanii Yihowaa+ isa harka diinota isaanii warra naannoo isaaniitti argaman hundumaa jalaa isaan oolche hin yaadanne;+ 35 kana malees, wanta gaarii inni Israaʼeliif raawwate hundumaa yaadachuudhaan maatii Yerubaʼaalitti, jechuunis maatii Giidewonitti jaalala amanamaa hin argisiisne.+
9 Yeroo booda Abimelek+ ilmi Yerubaʼaal gara obboloota haadha isaa warra Sheekem keessatti argamanii dhaqee isaanii fi guutummaa maatii akaakayyuu isaatiin* akkana jedhe: 2 “Maaloo geggeessitoota* Sheekem hundumaa akkana jedhaa gaafadhaa: ‘Ilmaan Yerubaʼaal 70n hundi+ isin bulchuu isaanii moo, namni tokko isin bulchuu isaa wayya? Kana malees ani lafee keessanii fi foon keessan* taʼuu koo yaadadhaa.’”
3 Kanaafuu, obboloonni haadha isaa bakka isaa buʼanii geggeessitoota Sheekem hundumaatti kana ni himan; isaanis, “Inni obboleessa keenya dha” jedhanii waan yaadaniif, garaan isaanii Abimelek duukaa buʼuu barbaade. 4 Achiis isaan mana* Baʼaal Beriit+ keessaa meetii sheeqilii* 70 isaaf kennan; Abimelekis akka isa duukaa buʼaniif namoota hojii hiikanii fi kashalabbee taʼan ittiin bitate. 5 Sana booda gara mana abbaa isaa isa Ofraatti+ argamuu dhaqee ilmaan Yerubaʼaal 70n warra obboloota isaa taʼan dhagaa tokko irratti ni ajjeese.+ Yootaam ilmi Yerubaʼaal inni quxisuu hundumaa taʼe dhokatee waan tureef, lubbuudhaan kan oole isa qofa dha.
6 Achiis geggeessitoonni Sheekem hundii fi namoonni Beet Miiloo hundi walitti qabamanii, siidaa Sheekem keessatti argamuu fi muka guddaa sana bira jiru biratti Abimelekiin mootii godhan.+
7 Yommuu isaan wanta kana itti himan Yootaam yeruma sana dhaqee Gaara Geriizim+ gubbaa dhaabbatee sagalee guddaadhaan akkana isaaniin jedhe: “Yaa geggeessitoota Sheekem, na dhagaʼaa; Waaqayyos isin dhagaʼa.
8 “Yeroo tokko mukeetiin mootii of irratti muuduuf ni deeman. Kanaafuu, isaan muka ejersaatiin,* ‘Nu irratti mootii taʼi’+ jedhan. 9 Mukti ejersaa garuu, ‘Ani dhaqee mukeetii kaan gubbaadhaa raafamuuf jecha, zayitii* koo isa Waaqayyoo fi namootaaf ulfina argamsiisu kennuu dhiisuun qabaa?’ isaaniin jedhe. 10 Achiis mukeetiin sun muka harbuutiin, ‘Kottu, nu irratti mootii taʼi’ jedhan. 11 Mukti harbuu garuu, ‘Ani dhaqee mukeetii kaan gubbaadhaa raafamuuf jecha, firiiwwan koo warra miʼaawoo fi gaggaarii taʼan kennuu dhiisuun qabaa?’ isaaniin jedhe. 12 Itti aansuudhaan mukeetiin sun muka wayiniitiin, ‘Kottu, nu irratti mootii taʼi’ jedhan. 13 Mukti wayinii sunis, ‘Ani dhaqee mukeetii gubbaadhaa raafamuuf jecha, wayinii koo isa haaraa isa Waaqayyoo fi namoota gammachiisu kennuu dhiisuun qabaa?’ jedhee isaaniif deebise. 14 Dhuma irrattis mukeetiin kaan hundi muka goraatiin, ‘Kottu, nu irratti mootii taʼi’+ jedhan. 15 Yeroo kanatti mukti goraa, ‘Isin dhuguma akkan isin irratti mootii taʼuuf na muuddu taanaan, kottaatii gaaddisa koo jalatti dawoo argadhaa. Taʼuu baannaan garuu, ibiddi muka goraa kana keessaa baʼee muka gaattiraa Libaanon gubee haa fixu’ isaaniin jedhe.
16 “Amma isin Abimelekiin mootii gochuun+ keessan qulqullummaa fi kabaja qabaachuu keessan argisiisaa? Yerubaʼaalii fi maatii isaatti gaarummaa argisiistaniittuu? Wanta isaaf malu hoo gootaniittuu? 17 Abbaan koo yommuu isiniif loletti,+ harka Miidiyaan+ irraa isin oolchuuf lubbuu isaa balaadhaaf saaxilee ture. 18 Isin garuu harʼa maatii abbaa koo irratti kaatanii ilmaan isaa 70 dhagaa tokko irratti ajjeestan.+ Achiis waanuma inni obboleessa keessan taʼeef qofa, Abimelek isa ilma garbittii+ isaa taʼe geggeessitoota Sheekem irratti mootii gootan. 19 Eeyyee, isin harʼa Yerubaʼaalii fi maatii isaatiif kana kan gootan qulqullummaa fi kabajaan yoo taʼe, isin Abimelekitti gammadaa, innis isinitti haa gammadu. 20 Taʼuu baannaan garuu, ibiddi Abimelek keessaa baʼee geggeessitoota Sheekemii fi Beet Miiloo+ gubee haa fixu; akkasumas ibiddi geggeessitoota Sheekemii fi Beet Miiloo keessaa baʼee Abimelekiin gubee haa fixu.”+
21 Achiis Yootaam+ baqatee gara Beʼeer dhaqe; obboleessa isaa Abimelekiin kan kaʼes achi ni jiraate.
22 Abimelekis waggaa sadiif Israaʼeliin ni bulche.* 23 Achiis Waaqayyo Abimelekii fi geggeessitoota Sheekem gidduutti diinummaan akka jiraatu godhe;* isaanis Abimelek irratti daba qopheessan. 24 Kunis kan taʼe jalʼina ilmaan Yerubaʼaal 70n irratti raawwatameef haaloo baʼuuf, akkasumas Abimelekii fi geggeessitoonni Sheekem dhiiga obboloota Abimelek waan dhangalaasaniif hammina isaanii isaanitti deebisuufi. Abimelek kan isaan ajjeese+ yeroo taʼu, geggeessitoonni Sheekem immoo isa gargaaranii turan. 25 Kanaafuu, geggeessitoonni Sheekem fiixee gaarotaa irratti namoota riphanii isa eeggatan ni qopheessan; isaanis nama karicha irra isaan bira darbu hundumaa ni saamu turan. Yeroo boodas kun Abimelekitti ni himame.
26 Achiis Gaʼaal ilmi Ebeedii fi obboloonni isaa gara Sheekemitti+ ni ceʼan; geggeessitoonni Sheekemis isa amanan. 27 Isaanis gara maasiitti baʼanii firii mukeetii wayinii isaanii walitti qabatanii erga cuunfanii booda ayyaana tokko kabajan; sana booda gara mana waaqa isaaniitti+ seenanii ni nyaatan, ni dhugan, akkasumas Abimelekiin ni abaaran. 28 Achiis Gaʼaal ilmi Ebeed akkana jedhe: “Akka isaan tajaajilluuf, Abimelek eenyu? Sheekem hoo eenyu? Inni ilma Yerubaʼaal+ mitii? Zeebul hoo bakka buʼaa isaa mitii? Namoota Hamoor isa abbaa Sheekem taʼe sanaa tajaajilaa! Garuu Abimelekiin kan tajaajillu maaliifi? 29 Saba kana kan ajaju utuu ana taʼee, silaa Abimelekiin aangoo irraa nan buusan ture.” Achiis Abimelekiin, “Raayyaa waraanaa kee baayʼifadhuu as baʼi” jedhe.
30 Zeebul bulchaan magaalattii dubbii Gaʼaal ilma Ebeed yommuu dhagaʼu aariin isaa ni bobaʼe. 31 Kanaafuu, akkana jedhee dhoksaadhaan* Abimelekitti ergamtoota erge: “Kunoo, Gaʼaal ilmi Ebeedii fi obboloonni isaa Sheekem keessa jiru; isaan magaalattii si irratti kakaasaa jiru. 32 Egaa atii fi namoonni kee halkaniin ol baʼaatii dirree keessatti riphaa eeggadhaa. 33 Ganama akkuma aduun baateenis, daftee kaatee magaalattii rukutuu qabda; yommuu innii fi namoonni isaa si loluuf baʼanis isa moʼuuf wanta dandeessu hunda godhi.”*
34 Kanaafuu, Abimelekii fi namoonni isaa wajjin jiran halkaniin kaʼanii, garee afur taʼanii riphanii Sheekemiin eeggatan. 35 Yommuu Gaʼaal ilmi Ebeed baʼee karra magaalattii bira dhaabbatu, Abimelekii fi namoonni isaa wajjin jiran iddoo riphanii turan sanaa ni kaʼan. 36 Gaʼaal yommuu namoota sana argu Zeebuliin, “Kunoo, namoonni fiixee gaarotaa irraa gad buʼaa jiru” jedhe. Zeebul garuu, “Namoota fakkaatee kan sitti mulʼachaa jiru gaaddidduu gaarotaa ti” isaan jedhe.
37 Boodas Gaʼaal, “Kunoo, namoonni biyyattii gidduudhaa gad buʼaa jiru; gareen inni tokko karaa muka guddaa Meʼoneniim bira darbuun dhufaa jira” jedhe. 38 Zeebulis, “Of tuulummaan kee inni ati, ‘Akka isa tajaajilluuf Abimelek eenyu?’+ ittiin jechaa turte meerre? Namoonni kun warra ati tuffatte sana mitii? Amma baʼiitii isaaniin loli” jedhee isaaf deebise.
39 Kanaafuu, Gaʼaal geggeessitoota Sheekem dura buʼee deemuudhaan Abimelek irratti waraana bane. 40 Abimelek isa duukaa buʼee isa ariʼe; Gaʼaalis isa jalaa ni baqate; hamma karra magaalattiittis namoonni hedduun ni dhuman.
41 Abimelek Arumaa keessa jiraachuu isaa itti fufe; Zeebulis+ Sheekem keessaa Gaʼaalii fi obboloota isaa ni ariʼe. 42 Guyyaa itti aanutti namoonni magaalattii keessa turan gad ni baʼan; kunis Abimelekitti ni himame. 43 Kanaafuu, inni namoota sana fuudhee garee sadiitti hiree dirree keessatti riphee eeggate. Magaalattii keessaa namoonni baʼaa akka jiran yommuu argus haleelee isaan fixe. 44 Abimelekii fi gareewwan isaa wajjin jiran gara fuulduraatti didichanii karra magaalattii biratti iddoo qabatan; yeroo kanatti gareewwan lamaan sun immoo namoota dirree keessa turan hundumaa haleelanii fixan. 45 Abimelek guyyaa sana guutuu magaalattii waraanee ishii qabate. Namoota ishii keessa jiran erga ajjeesee booda magaalattii diigee+ soogidda irratti facaase.
46 Geggeessitoonni masaraa Sheekem hundi yommuu kana dhagaʼan, yeruma sana gara iddoo dhokannaa* mana* Eel Beriit+ keessatti argamu sanaa dhaqan. 47 Geggeessitoonni masaraa Sheekem hundi walitti qabamanii akka jiran Abimelekitti akkuma himameen, 48 Abimelekii fi namoonni isaa wajjin jiran hundi gara Gaara Zaalmonitti ol ni baʼan. Abimelek qottoo fudhatee damee mukaa erga muree booda gateettii isaa irratti baachuudhaan namoota isaa wajjin jiraniin, “Wanta yeroo ani godhu argitan kana, dafaa akkasuma godhaa!” jedhe. 49 Kanaafuu, namoonni sun hundis dameewwan mukaa muranii Abimelek duukaa buʼan. Achiis dameewwan sana iddoo dhokannaa sana irra tuulanii iddoo dhokannaa sanatti ibidda qabsiisan. Kanaan kan kaʼes, namoonni masaraa Sheekem hundi, dhiironnii fi dubartoonni gara 1,000 taʼan ni duʼan.
50 Achiis Abimelek gara Tebeez ni deeme; Tebeezitti marsees ishii ni qabate. 51 Walakkaa magaalattii masaraan cimaa taʼe tokko jira ture; dhiironnii fi dubartoonni hundi, akkasumas geggeessitoonni magaalattii hundis achitti baqatan. Isaan of irratti cufanii gara baaxii masaraa sanaatti ol baʼan. 52 Abimelekis gara masaraa sanaa dhaqee isa rukute. Ibidda itti gadhiisuufis gara karra masaraa sanaatti siqe. 53 Yeroo kanatti dubartiin takka mataa Abimelek irratti majii gadhiistee buqqee mataa isaa buruqsite.+ 54 Innis yeruma sana tajaajilaa isa meeshaa waraanaa isaaf baatu waamee, “Isaan waaʼee koo, ‘Dubartiitu isa ajjeese’ akka hin jenneef, goraadee kee luqqifadhuutii na ajjeesi” isaan jedhe. Kanaafuu, tajaajilaan isaa isa ni waraane; innis ni duʼe.
55 Namoonni Israaʼel Abimelek duʼuu isaa yommuu argan, hundi isaanii gara mana isaaniitti deebiʼan. 56 Akka kanaan Waaqayyo Abimelek obboloota isaa 70 ajjeesuudhaan+ wanta hamaa abbaa isaa irratti raawwate isatti deebise. 57 Kana malees, Waaqayyo wanta hamaa namoonni Sheekem raawwatan hunda mataa isaaniitti deebise. Akka kanaan abaarsi Yootaam+ ilma Yerubaʼaal+ isaan irra ni gaʼe.
10 Abimelek booda Tolaan ilmi Puwaa, ilmi Doodoo inni nama Yisaakor taʼe Israaʼeliin oolchuuf ni kaʼe.+ Inni Shaamiir ishii naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamtu keessa jiraata ture. 2 Inni waggaa 23f Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. Achiis ni duʼe; Shaamiir keessattis ni awwaalame.
3 Isa booda Yaaʼir Giiliyaadichi kaʼee waggaa 22f Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. 4 Inni ilmaan harree 30 irra taaʼanii deeman 30 qaba ture; isaan magaalota 30 qabu turan; magaalonni kunis hamma harʼaatti Hawoot Yaaʼir+ jedhamanii kan waamaman yeroo taʼu, biyya Giiliyaad keessatti argamu. 5 Sana booda Yaaʼir ni duʼe; Qaamon keessattis ni awwaalame.
6 Israaʼelonni ammas wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan;+ akkasumas Baʼaaliin,+ siidaawwan Ashtooret, waaqolii Aaraam,* waaqolii Siidoon, waaqolii Moʼaab,+ waaqolii Amoonotaa+ fi waaqolii Filisxeemotaa+ tajaajiluu jalqaban. Yihowaa ni dhiisan; isas hin tajaajille. 7 Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe; harka Filisxeemotaattii fi harka Amoonotaattis dabarsee isaan kenne.*+ 8 Kanaafuu, isaan waggaa sana keessatti Israaʼelota ni miidhan; akka malees isaan cunqursan; Israaʼelota Yordaanos irraa kallattii bahaatiin biyya Giiliyaad isa kan Amoorotaa ture keessa jiran hundumaa waggaa 18f ni cunqursan. 9 Akkasumas Amoononni Yihudaa, Biiniyaamii fi mana Efreem waraanuuf Yordaanosiin ni ceʼu turan; Israaʼelonnis akka malee dhiphatanii turan. 10 Yeroo kanatti Israaʼelonni, “Nuti Waaqa keenya dhiisnee Baʼaaliin tajaajiluudhaan, si irratti cubbuu raawwanneerra”+ jedhanii gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyatan.+
11 Yihowaan garuu Israaʼelotaan akkana jedhe: “Ani warri Gibxii,+ Amooronni,+ Amoononni, Filisxeemonni,+ 12 Siidoononni, Amaaleqonnii fi Miidiyaanonni yommuu isin cunqursan harka isaanii jalaa isin hin oolchinee? Yommuu isin gara kootti iyyattan ani harka isaanii jalaa isin oolcheera. 13 Isin garuu na dhiistanii waaqolii kan biroo tajaajiltan.+ Ani kana booda kanan isin hin oolchine kanaafi.+ 14 Gara waaqolii filattan sanaa dhaqaatii gargaarsaaf isaanitti iyyadhaa.+ Yeroo dhiphina keessaniitti isaan isin haa oolchan.”+ 15 Israaʼelonni garuu Yihowaadhaan, “Nuti cubbuu raawwanneerra. Wanta gaarii taʼee sitti mulʼate kam iyyuu nu irratti raawwadhu. Maaloo, harʼuma qofa nu oolchi” jedhan. 16 Akkasumas isaan waaqolii ormaa of gidduudhaa balleessanii Yihowaa tajaajilan;+ kanaafuu, inni sana booda dhiphina Israaʼel+ callisee bira darbuu hin dandeenye.*
17 Yeroo booda Amoononni+ walitti qabamanii Giiliyaad keessa buufatan. Kanaafuu, Israaʼelonnis walitti qabamanii Misphaa keessa buufatan. 18 Sabichii fi bulchitoonni Giiliyaad, “Amoonota waraanuuf nu dura buʼee kan deemu eenyu?+ Inni jiraattota Giiliyaad hundumaa irratti ajajaa haa taʼu” waliin jedhan.
11 Yiftaa+ Giiliyaadichi loltuu jabaa ture; inni ilma dubartii sagaagaltuu taate takkaa yeroo taʼu, abbaan isaa immoo Giiliyaad ture. 2 Haa taʼu malee, haati manaa Giiliyaadis ilmaan isaaf ni deesse. Ilmaan haadha manaa isaa yommuu guddatanitti, “Ati ilma dubartii kan biraa waan taateef, mana abbaa keenyaa keessatti dhaala hin qabaattu” jedhanii Yiftaa ariʼan. 3 Kanaafuu, Yiftaan obboloota isaa baqatee biyya Xoob keessa jiraachuu jalqabe. Namoonni hojii hin qabnes Yiftaa wajjin taʼanii isa duukaa buʼan.
4 Yeroo muraasa booda Amoononni Israaʼel irratti waraana banan.+ 5 Yommuu Amoononni Israaʼel irratti waraana bananis, jaarsoliin Giiliyaad yeruma sana Yiftaa deebisanii fiduuf gara biyya Xoob dhaqan. 6 Isaan Yiftaadhaan, “Amoonota waraanuu akka dandeenyuuf, kottu ajajaa keenya taʼii tajaajili” jedhan. 7 Yiftaan garuu jaarsolii Giiliyaadiin, “Akka malee na jibbitanii mana abbaa koo keessaa kan na ariitan isin mitii?+ Maarree, amma yommuu dhiphattan gara koo kan dhuftan maaliifi?” jedhe. 8 Yeroo kanatti jaarsoliin Giiliyaad Yiftaadhaan, “Nuti amma gara keetti kan deebine kanaafi. Nuu wajjin dhaqxee Amoonota kan nuuf waraantu yoo taʼe, ati jiraattota Giiliyaad+ hundumaa irratti geggeessaa keenya ni taata” jedhan. 9 Kanaafuu, Yiftaan jaarsolii Giiliyaadiin, “Isin Amoonota akkan waraanuuf yoo na deebistanii fi Yihowaan isaaniin yoo anaaf moʼe, ani dhugumaan geggeessaa keessan nan taʼa!” jedhe. 10 Jaarsoliin Giiliyaadis Yiftaadhaan, “Akkuma ati jette yoo gochuu baanne Yihowaan nu gidduutti dhugaa baatuu* haa taʼu” jedhan. 11 Kanaafuu, Yiftaan jaarsolii Giiliyaadii wajjin ni deeme; namoonni sunis geggeessaa fi ajajaa isaanii isa godhatan. Yiftaanis wanta dubbatee ture hundumaa Misphaa+ keessatti Yihowaa duratti irra deebiʼee dubbate.
12 Achiis Yiftaan, “Ati biyya koo waraanuuf kan dhufte ana irraa maal qabda?”* jedhee gara mootii Amoonotaatti+ ergamtoota erge. 13 Mootiin Amoonotaas ergamtoota Yiftaatiin, “Si waraanuuf kanan dhufe, Israaʼelonni yommuu biyya Gibxii keessaa baʼanitti+ Arnoonii+ jalqabee hamma Yaaboqittii fi hamma Yordaanositti+ biyya koo waan fudhataniifi. Amma nagaadhaan naaf deebisi” jedhe. 14 Yiftaan garuu ammas deebisee gara mootii Amoonotaatti ergamtoota ergee 15 akkana akka isaan jedhan isaanitti hime:
“Yiftaan akkana jedha: ‘Israaʼelonni biyya Moʼaabotaa+ fi biyya Amoonotaa+ hin fudhanne; 16 sababiin isaas, Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa yeroo baʼanitti hamma Galaana Diimaatti+ lafa onaa keessa deemanii gara Qaadesh+ dhufan. 17 Achiis Israaʼelonni, “Maaloo, biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami” jedhanii gara mootii Edoomitti+ ergamtoota ergan; mootiin Edoom garuu isaan hin dhageenye. Isaan gara mootii Moʼaabittis+ dhaamsa ni ergan; garuu innis tole hin jenne. Kanaafuu, Israaʼelonni Qaadesh+ keessa jiraachuu isaanii itti fufan. 18 Isaan yommuu lafa onaa keessa deemanitti, biyya Edoomii+ fi biyya Moʼaab irraa goranii darban. Biyya Moʼaab+ irraa kallattii bahaatiin imalanii naannoo Arnoon keessa buufatan; Arnoon daangaa Moʼaab+ waan turteef isaan daangaa Moʼaab keessa hin seenne.
19 “‘Sana booda Israaʼelonni gara Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessatti argamuutti ergamtoota ergan; Israaʼelonni, “Maaloo, gara biyya keenyaa dhaquuf biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami”+ isaan jedhan. 20 Sihoon garuu Israaʼelota waan hin amanneef naannoo isaa keessa akka darban hin heyyamne; kanaafuu, namoota isaa hundumaa walitti qabatee Yaahaaz keessa buufatee Israaʼel irratti waraana bane.+ 21 Yeroo kanatti Yihowaan Waaqni Israaʼel Sihoonii fi namoota isaa hundumaa harka Israaʼelitti dabarsee waan kenneef, isaan ni moʼan; Israaʼelonni guutummaa biyya Amooronni keessa jiraatan sana ni dhaalan.+ 22 Akka kanaan isaan Arnoonii hamma Yaaboqitti, akkasumas lafa onaa irraa hamma Yordaanositti guutummaa naannoo Amoorotaa ni dhaalan.+
23 “‘Amoorota saba isaa Israaʼel+ duraa kan ariʼe Yihowaa Waaqa Israaʼeli; maarree, amma ati isaan ariʼuuf jettaa? 24 Ati wanta waaqni kee Kemoosh+ akka dhaaltu siif kenne akkamii iyyuu hin dhaaltuu? Nuti warra Waaqni keenya Yihowaan nu duraa ariʼe hundumaa ni ariina.+ 25 Ati Baalaaq+ ilma Ziphoor, mootii Moʼaab irra ni caaltaa ree? Inni Israaʼeliin morkatee yookiin isaan irratti waraana banee beekaa? 26 Israaʼelonni Heshboonii fi magaalota ishii jalatti argaman,+ Aroʼerii fi magaalota ishii jalatti* argaman, akkasumas magaalota qarqara Arnoonitti argaman hundumaa keessa waggaa 300f yeroo jiraachaa turanitti, isin iddoowwan sana deebifachuuf yaaluu kan dhiistan maaliifi?+ 27 Ani si irratti cubbuu hin raawwanne; ati garuu na waraanuuf kaʼuun kee sirrii miti. Yihowaan inni Abbaa Murtii taʼe+ harʼa saba Israaʼelii fi saba Amoon gidduutti murtii haa kennu.’”
28 Mootiin Amoonotaa garuu dhaamsa Yiftaan isatti erge hin dhageenye.
29 Hafuurri Yihowaa Yiftaa+ irra ni buʼe; innis gara Misphee ishii Giiliyaad+ keessatti argamtuu dhaquuf Giiliyaadii fi Minaasee keessa darbe; Misphee ishii Giiliyaad keessatti argamtu irraa kaʼees gara Amoonotaatti qajeele.
30 Achiis Yiftaan akkana jedhee Yihowaadhaaf wareega wareege:+ “Ati Amoonota harka kootti dabarsitee yoo kennite, 31 yommuun Amoonota biraa nagaadhaan deebiʼu na simachuuf balbala mana koo keessaa jalqaba kan baʼu kam iyyuu kan Yihowaa ni taʼa;+ anis aarsaa gubamu godhee isa nan dhiheessa.”+
32 Kanaafuu, Yiftaan Amoonota waraanuuf ni deeme; Yihowaanis harka isaatti dabarsee isaan kenne. 33 Innis magaalota 20n Aroʼerii hamma Miinititti argaman keessatti, akkasumas naannoo hamma Abeel Keraamiimitti argamu keessatti namoota hedduu ni fixe. Akka kanaan, Amoononni Israaʼelota duratti ni moʼaman.
34 Dhuma irrattis, Yiftaan gara mana isaa isa Misphaatti+ argamuutti ni deebiʼe; kunoo, yeroo kanatti intalli isaa isa simachuuf dibbee rukutaa fi shubbisaa mana keessaa gad baate! Ishiin intala isaa ishii takkittii turte. Inni ishii malee ilmas taʼe intala kan biraa hin qabu ture. 35 Yommuu ishii argus uffata isaa tarsaasee, “Wayyoo, yaa intala too! Garaa koo cabsite;* kanan manaa baasu siini. Ani Yihowaadhaaf waadaa galeera;* duubatti deebisuus hin dandaʼu”+ jedhe.
36 Ishiin garuu, “Yaa abbaa koo, ati Yihowaadhaaf waadaa galteetta taanaan, wanta waadaa galte na irratti raawwadhu;+ sababiin isaas, Yihowaan Amoonota warra diinota kee taʼan irratti haaloo siif baʼeera” isaan jette. 37 Achiis abbaa ishiitiin, “Akkana naaf haa godhamu: Jiʼa lamaaf kophaa koon taʼa; gara gaarotaa dhaqee hiriyoota koo warra durbaa wajjin durbummaa kootiif nan booʼa”* jette.
38 Yeroo kanatti inni, “Dhaqi!” ishiidhaan jedhe. Akka kanaan inni jiʼa lamaaf ishii ni erge; ishiinis durbummaa ishiitiif booʼuuf hiriyoota ishii wajjin gara gaarotaa ni dhaqxe. 39 Jiʼa lama boodas gara abbaa ishiitti deebite; sana booda inni wareega ishii ilaalchisee wareege ni raawwate.+ Ishiin dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwattee hin beektu turte. Israaʼel keessattis wanti kun barsiifata* ni taʼe: 40 Waggaa waggaadhaan guyyaa afuriif shamarran Israaʼel intala Yiftaa Giiliyaadichaa galateeffachuuf ni dhaqu turan.
12 Achiis namoonni Efreem walitti qabamanii gara Zaafonitti* ceʼanii Yiftaadhaan, “Amoonota waraanuuf yommuu ceetetti sii wajjin akka dhaqnu kan nu hin waamne maaliifi?+ Mana kee si irratti gubna” jedhan. 2 Yiftaan garuu akkana isaaniin jedhe: “Anii fi namoonni koo Amoonotaa wajjin waraana cimaa irra turre. Gargaarsaaf isin waammadheen ture; isin garuu harka isaanii jalaa na hin oolchine. 3 Akka isin na hin oolchine yommuun argu, lubbuu koo balaadhaaf saaxilee* dhaqee Amoonota+ waraanuufan murteesse; Yihowaanis harka kootti dabarsee isaan kenne. Maarree, isin harʼa na waraanuuf kan dhuftan maaliifi?”
4 Achiis Yiftaan namoota Giiliyaad+ hundumaa walitti ni qabe; isaanis Efreemiin ni waraanan; namoonni Giiliyaad Efreemota ni moʼan; Efreemonni Giiliyaadotaan, “Isin Giiliyaadonni warri Efreemii fi Minaasee keessatti argamtan warra Efreem keessaa baqattani dha” jedhu turan. 5 Giiliyaadonni malkaawwan Yordaanos+ warra Efreem fuuldura jiran ni qabatan; namoonni Efreem yommuu miliquuf yaalanitti, “Mee nan ceʼa” jedhu turan; achiis namoonni Giiliyaad, “Ati nama Efreemii?” jedhanii tokkoon tokkoon isaanii gaafatu turan. Yommuu inni, “Lakki!” jedhee deebisu, 6 “Mee Shiiboleet jedhi” isaan jedhu turan. Inni garuu jecha sana sirriitti waamuu waan hin dandeenyeef, “Siiboleet” jedha ture. Achiis isa qabanii malkaawwan Yordaanos biratti isa ajjeesu turan. Akka kanaan, yeroo sanatti Efreemonni 42,000 ni dhuman.
7 Yiftaan waggaa jaʼaaf Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile; sana booda Yiftaan Giiliyaadichi ni duʼe; magaalaa isaa Giiliyaad keessattis ni awwaalame.
8 Isatti aansee Ibzaan Beetaliheemichi Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile.+ 9 Inni ijoollee dhiiraa 30 fi ijoollee durbaa 30 qaba ture. Ijoollee durbaa isaa namoota qomoo isaatii ala taʼanitti akka heeruman erge; ijoollee dhiiraa isaatiifis dubartoota 30 ni fide. Waggaa torbaafis Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. 10 Achiis Ibzaan ni duʼe; Beetaliheem keessattis ni awwaalame.
11 Isatti aansee Eloon Zaabiloonichi Israaʼel irratti abbaa murtii taʼe; inni waggaa kudhaniif Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. 12 Achiis Eloon Zaabiloonichi ni duʼe; Ayiloon ishii biyya Zaabiloon keessatti argamtu keessattis ni awwaalame.
13 Isatti aansee Abdoon ilmi Hiilel Phiraatonichi Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. 14 Inni ilmaan 40 fi ilmaan ilmaanii 30 harree 70 irra taaʼanii deeman qaba ture. Inni waggaa saddeetiif Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. 15 Achiis Abdoon ilmi Hiilel Phiraatonichi ni duʼe; Phiraaton ishii biyya Efreem keessa gaara Amaaleqotaa+ keessatti argamtuttis ni awwaalame.
13 Israaʼelonni ammas deebiʼanii wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe raawwatan;+ Yihowaanis waggaa 40f harka Filisxeemotaatti+ dabarsee isaan kenne.
2 Yeroo kanatti, namni Zoraa+ maatii Daanotaa+ keessaa taʼee fi Maanoʼaa+ jedhamu tokko jira ture. Haati manaa isaa dhabduu* fi daaʼima kan hin qabne turte.+ 3 Yeroo booda maleekaan Yihowaa ishiitti mulʼatee akkana ishiidhaan jedhe: “Kunoo, ati dhabduu fi daaʼima kan hin qabne dha. Haa taʼu malee, ni ulfoofta, ilmas ni deessa.+ 4 Egaa wayiniis taʼe dhugaatii alkoolii akkamii iyyuu akka hin dhugnee+ fi wanta qulqulluu hin taane akkamii iyyuu akka hin nyaanne of eeggadhu.+ 5 Kunoo, ati ni ulfoofta, ilmas ni deessa; mucichi yeroo itti dhalatuu jalqabee* Waaqayyoof Naazricha waan taʼuuf, haadduun mataa isaa tuquu hin qabu;+ inni harka Filisxeemotaa jalaa Israaʼeliin oolchuu irratti dursa ni fudhata.”+
6 Achiis dubartiin sun dhaqxee akkana jettee abbaa manaa ishiitti himte: “Namni Waaqa dhugaa tokko gara koo dhufee ture; bifti isaa akkuma maleekaa Waaqa dhugaa baayʼee kan nama sodaachisu dha. Ani eessaa akka dhufe isa hin gaafanne; innis maqaa isaa natti hin himne.+ 7 Haa taʼu malee, akkana naan jedhe: ‘Kunoo, ni ulfoofta, ilmas ni deessa. Mucichi yeroo itti dhalatuu jalqabee* hamma guyyaa itti duʼuutti Waaqayyoof Naazricha waan taʼuuf, wayiniis taʼe dhugaatii alkoolii akkamii iyyuu hin dhugin; wanta qulqulluu hin taane akkamii iyyuus hin nyaatin.’”
8 Maanoʼaanis akkana jedhee Yihowaa kadhate: “Yihowaa, dhiifama naa godhi. Maaloo, mucaa dhalatu sana akkamitti guddisuu akka qabnu qajeelfama akka nuu kennuuf, namni Waaqa dhugaa inni ati ergitee turte sun deebiʼee gara keenya haa dhufu.” 9 Kanaafuu, Waaqni dhugaan Maanoʼaa ni dhagaʼe; utuu ishiin ala teessee jirtuu maleekaan Waaqa dhugaa sun gara dubartii sanaa deebiʼee ni dhufe; abbaan manaa ishii Maanoʼaan ishii wajjin hin turre. 10 Dubartittiinis daftee fiigdee, “Kunoo, namichi guyyaa darbe na bira dhufee ture sun natti mulʼateera”+ jettee abbaa manaa ishiitti himte.
11 Achiis Maanoʼaan kaʼee haadha manaa isaa wajjin deeme. Gara namicha sanaa dhufee, “Namichi inni haadha manaa tiyyatti dubbate sun siʼii?” isaan jedhe. Innis, “Eeyyee, ana dha” jedhe. 12 Achiis Maanoʼaan, “Wanti ati dubbatte haa raawwatamu! Garuu mucichi jireenya akkamii jiraata? Hojiin isaa hoo maal taʼa?”+ jedhe. 13 Kanaafuu maleekaan Yihowaa Maanoʼaadhaan akkana jedhe: “Haati manaa tee wanta ani ishiitti hime hundumaa irraa of haa eegdu.+ 14 Ishiin wanta muka wayinii irraa argamu akkamii iyyuu nyaachuu, wayiniis taʼe dhugaatii alkoolii akkamii iyyuu dhuguu,+ akkasumas wanta qulqulluu hin taane akkamii iyyuu nyaachuu hin qabdu.+ Wantan ishii ajaje hundumaa haa eegdu.”
15 Yeroo kanatti Maanoʼaan maleekaa Yihowaatiin, “Maaloo, xobbaallaa reʼee tokko qopheessinee hamma siif dhiheessinutti asuma turi”+ jedhe. 16 Maleekaan Yihowaa garuu Maanoʼaadhaan, “Utuun as turees ani nyaata kee hin nyaadhu; Yihowaadhaaf aarsaa gubamu dhiheessuu yoo barbaadde garuu dhiheessuu dandeessa” jedhe. Maanoʼaan inni maleekaa Yihowaa taʼuu isaa hin beekne ture. 17 Achiis Maanoʼaan, “Yommuu wanti ati dubbatte raawwatamu ulfina akka siif kenninuuf maqaan kee eenyu?”+ jedhee maleekaa Yihowaa gaafate. 18 Haa taʼu malee, maleekaan Yihowaa, “Dinqisiisaa waan taʼeef, maaliif maqaa koo gaafatta?” isaan jedhe.
19 Achiis Maanoʼaan xobbaallaa reʼee sanaa fi aarsaa midhaanii sana fuudhee qarsaa irratti Yihowaadhaaf ni dhiheesse. Innis* utuma Maanoʼaanii fi haati manaa isaa isa ilaalanii wanta dinqisiisaa taʼe ni godhe. 20 Yommuu laboobni ibiddaa iddoo aarsaa sana keessaa gara samiitti ol baʼu, maleekaan Yihowaas utuma Maanoʼaanii fi haati manaa isaa isa ilaalanii labooba ibiddaa isa iddoo aarsaatii baʼu keessaan ol ni baʼe. Isaanis yeruma sana adda isaaniitiin lafatti gombifaman. 21 Maleekaan Yihowaa deebiʼee Maanoʼaa fi haadha manaa isaatti hin mulʼanne. Yeroo kanatti Maanoʼaan inni maleekaa Yihowaa+ akka ture ni hubate. 22 Achiis Maanoʼaan haadha manaa isaatiin, “Inni argine sun Waaqayyo waan taʼeef, duʼuun keenya hin oolu”+ jedhe. 23 Haati manaa isaa garuu, “Yihowaan nu ajjeesuu barbaada utuu taʼee, aarsaa gubamuu+ fi aarsaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu, wantoota kana hundumaas nutti hin argisiisu, akkasumas wantoota kana keessaa isa kam iyyuu nutti hin himu ture” isaan jette.
24 Boodas dubartittiin ilma ni deesse; maqaa isaas Saamson+ jettee moggaaste; yommuu mucichi guddachaa deemuttis Yihowaan isa eebbisuu isaa ittuma fufe. 25 Yeroo boodas Mahaane Daan+ ishii Zoraa fi Eeshtaaʼol+ gidduutti argamtu keessatti hafuurri Yihowaa isa kakaasuu jalqabe.+
14 Achiis Saamson gara Timnaatti gad buʼe; Timnaa keessattis dubartii Filisxeem* takka ni arge. 2 Kanaafuu, ol baʼee abbaa isaa fi haadha isaatiin, “Timnaa keessatti ijji koo intala Filisxeem takka irra buʼeera; ishii akka na fuusistanin barbaada” jedhe. 3 Abbaan isaa fi haati isaa garuu, “Ati firoota kee fi saba keenya hundumaa gidduudhaa dubartii takka dhabdee?+ Dhaqxee Filisxeemota dhaqna hin qabamne gidduudhaa haadha manaa fuudhuu qabdaa?” isaan jedhan. Haa taʼu malee, Saamson abbaa isaatiin, “Kan anaaf taatu ishii waan taateef,* ishii na fuusisi” jedhe. 4 Abbaan isaa fi haati isaa garuu kun Yihowaa biraa akka dhufe hin hubanne; yeroo sanatti Filisxeemonni Israaʼel irratti bulchaa waan turaniif, inni carraa Filisxeemota itti waraanu barbaada ture.+
5 Kanaafuu, Saamson abbaa isaa fi haadha isaa wajjin gara Timnaatti gad buʼe. Maasii wayinii Timnaatti argamu bira yommuu gaʼus, kunoo, leenci* tokko baroodaa isatti dhufe. 6 Yeroo kanatti hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ innis akkuma namni tokko xobbaallaa reʼee bakka lamatti addaan baasutti harka isaa duwwaa bakka lamatti addaan isa baase. Haa taʼu malee, inni wanta godhe abbaa isaattis taʼe haadha isaatti hin himne. 7 Achiis gad buʼee dubartii sana haasofsiise; amma iyyuu Saamson ishii ni jaallata ture.+
8 Boodas gara manaatti ishii fudhachuuf+ deebiʼee utuu dhaqaa jiruu raqa leenca sanaa ilaaluuf itti gore; raqa leencichaa keessas gurmuun kanniisaa fi dammi jira ture. 9 Kanaafuu, inni damma sana kutee harka isaa irra kaaʼatee nyaachaa deeme. Yommuu abbaa isaa fi haadha isaa wajjin wal argus akka nyaataniif muraasa isaa isaaniif ni kenne. Damma sana kan kute raqa leencaa keessaa akka taʼe garuu isaanitti hin himne.
10 Abbaan isaa gara dubartii sanaatti gad ni buʼe; dargaggoonni barsiifata akkanaa waan qabaniif, Saamsonis achitti affeerrii ni qopheesse. 11 Yommuu isa arganis akka isaa wajjin taʼaniif miinjota* 30 ni fidan. 12 Achiis Saamson akkana isaaniin jedhe: “Mee maaloo hibboo tokkon isinitti hima. Isin guyyoota affeerriin itti godhamu torban keessatti hiika isaa yoo beektanii fi deebii isaa yoo natti himtan, ani uffata quncee talbaa irraa tolfame 30 fi uffata guutuu 30 isiniif nan kenna. 13 Deebii isaa natti himuu yoo dadhabdan garuu, uffata quncee talbaa irraa tolfame 30 fi uffata guutuu 30 naaf kennitu.” Isaanis, “Hibboo kee nutti himi; dhagaʼuu barbaanna” isaan jedhan. 14 Kanaafuu, akkana isaaniin jedhe:
“Isa nyaatu keessaa wanti nyaatamu ni baʼe,
Isa jabaa keessaas wanti miʼaawu ni baʼe.”+
Isaan guyyaa sadiif hibboo sana hiikuu hin dandeenye. 15 Guyyaa arfaffaattis haadha manaa Saamsoniin, “Akka inni deebii hibboo sanaa nutti himuuf abbaa manaa kee gowwoomsi.+ Taʼuu baannaan, sis taʼe mana abbaa keetii ibiddaan gubna. Asitti kan nu affeertan qabeenya keenya saamuufii?” jedhan. 16 Kanaafuu, haati manaa Saamson isatti boossee, “Ati na jibbita; ana hin jaallattu.+ Saba kootti hibboo tokko himteetta; deebii isaa garuu anatti hin himne” isaan jette. Yeroo kanatti inni, “Ani abbaa koo fi haadha tiyyatti illee hin himne! Maarree, akkamittan sitti hima?” ishiidhaan jedhe. 17 Haa taʼu malee, ishiin hamma guyyaa affeerrii isa torbaffaatti isatti booʼuu ishii itti fufte. Dhiibbaa cimaa waan isa irratti gooteef, dhuma irratti guyyaa torbaffaatti ishiitti hime. Achiis ishiin deebii hibboo sanaa saba ishiitti himte.+ 18 Kanaafuu, guyyaa torbaffaatti aduun lixuu ishii dura,* namoonni magaalattii akkana isaan jedhan:
“Damma caalaa maaltu miʼaawa?
Leenca caalaas maaltu jabaa dha?”+
Innis akkana jedhee isaaniif deebise:
“Raada kootiin utuu qotuu baattanii,+
Silaa hibboo koo hin hiiktan.”
19 Achiis hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ innis gara Ashqaloonitti+ gad buʼee namoota isaanii 30 ajjeesee uffata isaanii fudhate; uffata guutuu sanas warra deebii hibboo sanaa deebisaniif ni kenne.+ Gara mana abbaa isaatti yeroo deebiʼus baayʼee aaree ture.
20 Haati manaa Saamsonis+ miinjota warra isaa wajjin turan keessaa isa tokkoof ni kennamte.+
15 Yeroo muraasa booda yeroo qamadiin itti sassaabamutti Saamson xobbaallaa reʼee tokko qabatee haadha manaa isaa gaafachuu dhaqe. Achiis, “Gara kutaa ciisichaa* haati manaa tiyya keessa jirtuutti seenuun barbaada” jedhe. Abbaan ishii garuu akka seenu isaaf hin heyyamne. 2 Abbaan ishii, “Ani, ‘Dhugumaan ishii jibbiteetta’+ jedheen yaade. Kanaafuu, miinjee keetiifan ishii kenne.+ Obboleettiin ishii ishiin quxisuun ishii caalaa bareeddi mitii? Maaloo, bakka ishii ishii fuudhi” isaan jedhe. 3 Haa taʼu malee, Saamson, “Amma Filisxeemonni miidhaa ani isaan irraan geessisuuf na komachuu hin dandaʼan” isaaniin jedhe.
4 Kanaafuu, Saamson deemee jeedaloota 300 qabe. Achiis gucawwan fudhatee eegee jeedala isa tokkoo eegee jeedala isa kan biraatti erga hidhee booda, tokkoon tokkoon eegee walitti hidhame sana gidduu guca tokko tokko ni kaaʼe. 5 Achiis gucawwan sanatti ibidda qabsiisee jeedalawwan sana maasiiwwan Filisxeemotaa warra midhaan hin haamamne qaban keessatti gadhiise. Maasiiwwan wayinii fi mukeetii ejersaa dabalatee, bissii* irraa jalqabee hamma midhaan hin haamamneetti wanta hundumaatti ibidda qabsiise.
6 Filisxeemonnis, “Eenyutu kana godhe?” jedhanii gaafatan. Achiis, “Saamson isa soddaa Timnaatichaa taʼe sana dha; kana kan godhes, haadha manaa isaa jalaa fuudhee miinjee isaatiif waan kenneefi”+ jedhamee isaanitti himame. Yeroo kanatti Filisxeemonni ol baʼanii ishii fi abbaa ishii ibiddaan guban.+ 7 Achiis Saamson, “Erga isin akkana gootanii, ani utuun haaloo isin irratti hin baʼin hin dhiisu”+ isaaniin jedhe. 8 Achiis tokko tokkoon isaan rukutuudhaan* namoota hedduu ni fixe; sana booda gad buʼee holqa kattaa Etaamitti argamu tokko keessa taaʼe.
9 Boodas Filisxeemonni ol baʼanii Yihudaa keessa buufatanii Lehii+ keessa tamsaʼan. 10 Achiis namoonni Yihudaa, “Nuun loluuf kan ol baatan maaliifi?” isaaniin jedhan; isaanis deebisanii, “Akkuma inni nu irratti godhe isa irratti gochuuf, Saamsoniin qabuu* dhufne” isaaniin jedhan. 11 Kanaafuu, namoonni Yihudaa 3,000 gara holqa kattaa Etaam keessatti argamu sanaatti gad buʼanii Saamsoniin: “Filisxeemonni nu bulchaa akka jiran hin beektuu?+ Maarree, wanta akkanaa nu irratti kan raawwatte maaliifi?” isaan jedhan. Innis, “Wantuma isaan na irratti raawwatanin isaan irratti raawwadhe” isaaniin jedhe. 12 Isaan garuu, “Nuti kan dhufne si qabnee* dabarsinee Filisxeemotatti si kennuufi” isaan jedhan. Achiis Saamson, “Isin ofii keessaniin akka na hin miine naaf kakadhaa” isaaniin jedhe. 13 Isaanis, “Lakki, nuti si hiinee dabarsinee isaanitti si kennina malee, si hin ajjeesnu” isaan jedhan.
Kanaafuu, wadaroo haaraa lamaan isa hidhanii katticha keessaa ol isa baasan. 14 Yommuu inni gara Lehii dhufus Filisxeemonni isa argachuu isaaniitiin miira injifannootiin ni iyyan. Achiis hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ wadaroon harka isaa irra jirus akkuma foʼaa quncee talbaa ibiddaan gubatee taʼe; hidhaan sunis harka isaa irraa baqee ni harcaʼe.+ 15 Yeroo kanatti inni lafee mangaagaa wadala harree hoʼaa taʼe tokko argate; harka isaa hiixatee isa fuudhee namoota 1,000 ittiin ajjeese.+ 16 Achiis Saamson akkana jedhe:
“Lafee mangaagaa harreetiin tuullaa irratti tuullaa nan dabale!
Lafee mangaagaa harreetiin namoota 1,000 nan ajjeese.”+
17 Dubbii isaa yommuu xumuretti lafee mangaagaa sana ni darbate; iddoo sanas Raamaat Lehii*+ jedhee moggaase. 18 Achiis baayʼee dheebotee, “Harka tajaajilaa keetiin fayyina guddaa kana kan argamsiise si dha. Maarree, amma ani dheebuudhaan duʼee harka warra dhaqna hin qabamnee keessatti kufuun qabaa?” jedhee gara Yihowaatti iyyate. 19 Kanaafuu, Waaqayyo dhooqa Lehii keessa jiru tokko ni bane; bishaanis isa keessaa ni yaaʼe.+ Yommuu dhugus, hafuurri* isaa isatti ni deebiʼe, ni jajjabaates. Inni iddoo kana Een Haqoor* jedhee kan moggaase kanaafi; iddoon kunis hamma harʼaatti Lehii keessatti argama.
20 Inni bara Filisxeemotaatti waggaa 20f Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile.+
16 Yeroo tokko Saamson gara Gaazaa dhaqee achitti dubartii sagaagaltuu tokko argee mana ishiitti gore. 2 Warri Gaazaas, “Saamson as dhufeera” jedhamee itti himame. Kanaafuu, isaan isatti marsanii halkan guutuu karra magaalattii biratti riphanii isa eegaa bulan. Isaan, “Yommuu lafti bariʼu isa ajjeesna” jedhanii yaaduudhaan, halkan guutuu hafuura dhokfatanii eegan.
3 Haa taʼu malee, Saamson hamma halkan walakkaatti achuma ciise. Achiis halkan walakkaa kaʼee balbaloota magaalattii fi utubaawwan karrichaa lamaan harka isaatiin qabee danqaraa isaa wajjin buqqise. Gateettii isaa irratti isaan baatee fiixee gaara isa fuullee Kebroonitti argamuutti ol isaan baase.
4 Sana booda dubartii Sulula* Soreeq keessatti argamtuu fi Deliilaa jedhamtu irraa jaalalli isa qabe.+ 5 Kanaafuu, gooftoliin Filisxeemotaa gara ishii dhufanii, “Isa gowwoomsiitii*+ jabina guddaa kana kan isaaf kenne maal akka taʼee fi isa moʼuu, hidhuu fi of jala galfachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe beekuuf yaali. Akkana yoo goote tokkoon tokkoon keenya meetii sheeqilii* 1,100 siif kennina” ishiidhaan jedhan.
6 Boodas Deliilaan Saamsoniin, “Maaloo, humna guddaa kana eessaa akka argattee fi wanti ittiin si hidhuu fi of jala si galfachuun itti dandaʼamu maal akka taʼe natti himi” jette. 7 Saamsonis, “Ribuuwwan haaraa hin goggogne torbaan yoo na hidhan, akkuma nama kan biraa dadhabaan taʼa” ishiidhaan jedhe. 8 Kanaafuu, gooftoliin Filisxeemotaa ribuuwwan haaraa hin goggogne torba ishiidhaaf ni fidan; ishiinis ittiin isa hiite. 9 Yeroo kanatti isaan kutaa isa keessaa keessatti riphanii isa eeggachaa turan; ishiinis, “Saamson, Filisxeemonni sitti dhufan!” jettee iyyite. Achiis inni akkuma foʼaan quncee talbaa yommuu ibiddi isa tuqu dafee ciccitutti ribuuwwan sana ni kukkute.+ Iccitiin humna isaa garuu hin beekamne.
10 Achiis Deliilaan Saamsoniin, “Kunoo, na gowwoomsiteetta,* wanti natti himtes soba dha. Amma maaloo, wanti ittiin hidhamuu dandeessu maal akka taʼe natti himi” jette. 11 Innis, “Wadaroo haaraa hojii irra hin oolleen yoo na hidhan, akkuma nama kan biraa dadhabaan taʼa” ishiidhaan jedhe. 12 Kanaafuu Deliilaan wadaroo haaraa fudhattee erga ittiin isa hiitee booda, “Saamson, Filisxeemonni sitti dhufan!” jettee iyyite. (Yeroo kana hundumaatti isaan kutaa isa keessaa keessatti riphanii eeggachaa turan.) Achiis inni wadaroo sana akkuma foʼaatti harka isaa irraa ni kukkute.+
13 Sana booda Deliilaan Saamsoniin, “Hamma ammaatti na gowwoomsiteetta, kan natti himtes soba dha.+ Wanti ittiin hidhamuu dandeessu maal akka taʼe natti himi” jette. Achiis inni, “Foʼaa rifeensa mataa koo torban boffee wajjin walitti dhaʼi” ishiidhaan jedhe. 14 Kanaafuu, ishiin foʼaa mataa isaa qofoodhaan cimsitee qabsiistee, “Saamson, Filisxeemonni sitti dhufan!” jettee iyyite. Innis hirriiba keessaa dammaqee rifeensa isaa qofoo fi boffee sana keessaa harkisee baase.
15 Yeroo kanatti ishiin, “Utuu garaan kee ana bira hin jiraatin, ‘Sin jaalladha’ akkamitti naan jetta?+ Yeroo kana sadanuu na gowwoomsiteetta, madda humna kee isa guddaas natti hin himne”+ isaan jette. 16 Guyyaa guyyaadhaan isa rakkisuu ishii waan itti fuftee fi dhiibbaa cimaa waan irratti gooteef, hamma duʼa isaa hawwutti* ni nuffe.+ 17 Kanaan kan kaʼes dhuma irratti, “Yeroon itti dhaladhee jalqabee* Naazricha Waaqayyoo waanan taʼeef,+ matumaa haadduun mataa koo tuqee hin beeku. Yoon rifeensa mataa koo haaddadhe, humni koo na irraa bada, dadhabaa nan taʼa, akkuma namoota kaaniis nan taʼa” jedhee wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa ishiitti hime.
18 Deliilaan wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa akka ishiitti hime yommuu beektetti yeruma sana, “Wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa waan natti himeef, amma kottaa” jettee gooftolii Filisxeem+ waamte. Kanaafuu, gooftoliin Filisxeem maallaqicha qabatanii gara ishii dhufan. 19 Ishiinis gudeeda ishii irra isa raffiste; achiis namicha tokko waamtee foʼaa rifeensa mataa isaa torban akka haadu goote. Humni isaa isa irraa waan badeef, sana booda ishiin toʼannaa jala isa galfatte. 20 Ishiinis, “Saamson, Filisxeemonni sitti dhufan!” jettee iyyite. Innis hirriba keessaa dammaqee, “Akkuma yeroo kaanii baʼeen+ bilisa of baasa” jedhe. Haa taʼu malee, Yihowaan akka isa dhiise hin beekne. 21 Kanaafuu, Filisxeemonni isa qabanii ija isaa keessaa baasan. Achiis gara Gaazaatti gad isa buusanii hidhaa sibiila diimaa lamaan isa hidhan; mana hidhaa keessattis midhaan daakuu jalqabe. 22 Haa taʼu malee, erga haadamee booda rifeensi mataa isaa ammas deebiʼee guddachuu jalqabe.+
23 Boodas gooftoliin Filisxeem, “Waaqni keenya diina keenya Saamsoniin harka keenyatti dabarsee kenneera!” jechuudhaan, waaqa isaanii Daagoniif+ aarsaa guddaa tokko dhiheessuu fi gammaduuf walitti qabaman. 24 Namoonni sunis yommuu isa argan, “Waaqni keenya diina keenya isa biyya keenya balleessee+ fi namoota baayʼee nu jalaa ajjeese+ harka keenyatti dabarsee kenneera” jedhanii waaqa isaanii jajatan.
25 Garaan isaanii baayʼee waan gammadeef, “Mee xiqqoo akka nu bashannansiisuuf Saamsoniin waamaa” jedhan. Kanaafuu, akka isaan bashannansiisuuf mana hidhaa keessaa Saamsoniin ni waaman; utubaawwan gidduus akka dhaabbatu ni godhan. 26 Achiis Saamson mucaa harka isaa qabee tureen, “Itti hirkachuu akkan dandaʼuuf, mee utubaawwan manicha baatanii jiran na qabsiisi” jedhe. 27 (Akka carraa taʼee, manichi dhiirotaa fi dubartootaan guutamee ture. Gooftoliin Filisxeem hundi achi turan; baaxii manichaa irras dhiironnii fi dubartoonni gara 3,000 taʼanii fi yommuu Saamson isaan bashannansiisu ilaalan jiru turan.)
28 Yeroo kanatti Saamson,+ “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, maaloo, na yaadadhu; yaa Waaqayyo, ija koo lamaan+ keessaa isa tokkoof Filisxeemota haaloo akkan baʼuuf, maaloo, ammumaaf qofa na jabeessi”+ jedhee gara Yihowaatti iyyate.
29 Achiis Saamson utubaawwan gidduu warra manicha baatanii jiran lamaan hammatee, harka isaa isa mirgaatiin isa tokkotti, harka isaa isa bitaatiin immoo isa kan biraatti hirkate. 30 Saamsonis, “Filisxeemotaa wajjinan duʼa!” jedhee iyye. Achiis hamma humni isaa isaaf heyyame utubaawwan sana ni dhiibe; manichis gooftolii sana irrattii fi namoota manicha keessa jiran hundumaa irratti jige.+ Akka kanaan, inni warra yeroo lubbuudhaan turetti ajjeese caalaa yeroo duʼetti namoota hedduu ni ajjeese.+
31 Boodas obboloonni isaa fi guutummaan maatii abbaa isaa reeffa isaa fudhachuuf gad buʼan. Ol baasaniis iddoo awwaalchaa abbaa isaa Maanoʼaa+ isa Zoraa+ fi Eeshtaaʼol gidduutti argamu keessatti isa awwaalan. Inni waggaa 20f Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajileera.+
17 Namichi naannoo gaarotaa Efreem+ keessa jiraatuu fi Miikiyaas jedhamu tokko jira ture. 2 Innis haadha isaatiin, “Ati nama meetii sheeqilii* 1,100 si jalaa fudhate yommuu abaartu ani dhagaʼeera; kunoo, meetichi na bira jira. Anatu fudhate” jedhe. Yeroo kanatti haati isaa, “Yihowaan ilma koo haa eebbisu” jette. 3 Kanaafuu, inni meetii sheeqilii 1,100 sana haadha isaatiif ni deebise; haati isaa garuu, “Ilmi koo fakkii bocamaa fi siidaa sibiilaa* akka ittiin tolchuuf,+ ani dhugumaan harka koo irraa meeticha Yihowaadhaaf nan qulqulleessa. Amma deebiseen siif kenna” jette.
4 Erga inni meeticha haadha isaatiif deebisee booda, haati isaa meetii sheeqilii 200 fuutee nama meetii baqsutti kennite. Innis fakkii bocamaa tokkoo fi siidaa sibiilaa* tokko ni tolche; isaanis mana Miikiyaas keessa ni kaaʼaman. 5 Namichi Miikiyaas jedhamu kun mana waaqolii tokko qaba ture; inni efuudii+ fi siidaawwan taraafiim*+ tolfatee luba akka isaaf taʼuufis ilmaan isaa keessaa isa tokko ni muude.*+ 6 Bara sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.+ Tokkoon tokkoon namaa wanta sirrii fakkaatee isatti mulʼate* godha ture.+
7 Yeroo kanatti dargaggeessi Beetaliheem+ ishii Yihudaatti argamtu keessa jiraatuu fi maatii Yihudaa keessaa taʼe tokko jira ture. Inni sanyii Leewwii+ yeroo taʼu, yeroo muraasaaf achi jiraachaa ture. 8 Namichi kun iddoo jiraatu barbaaddachuuf magaalaa Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessaa baʼee deeme. Utuu karaa deemuus gara naannoo gaarotaa Efreem, gara mana Miikiyaas+ ni dhufe. 9 Achiis Miikiyaas, “Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani Leewwicha Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessaa dhufe dha; iddoon jiraadhu barbaaddachaan jira” jedhee isaaf deebise. 10 Kanaafuu Miikiyaas, “Anaa wajjin jiraadhuutii abbaa* fi luba naaf taʼi. Ani waggaatti meetii sheeqilii* kudhan siifan kenna; uffata guutuu fi nyaatas siifan kenna” isaan jedhe. Kanaafuu, Leewwichi ol ni seene. 11 Akka kanaan Leewwichi namichaa wajjin jiraachuuf walii gale; dargaggeessi kunis ilmaan isaa keessaa akka isa tokkoo ni taʼe. 12 Kana malees Miikiyaas, luba taʼee akka isaaf tajaajiluuf Leewwicha ni muude;*+ innis mana Miikiyaas keessa ni jiraate. 13 Yeroo kanatti Miikiyaas, “Leewwichi luba koo waan taʼeef, amma Yihowaan wanta gaarii akka naaf godhu nan beeke” jedhe.
18 Bara sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.+ Kana malees, bara sanatti gosti Daanotaa+ dhaala keessa jiraatan barbaaddachaa turan; sababiin isaas, isaan hamma yeroo sanaatti gosoota Israaʼel gidduutti dhaala hin arganne turan.+
2 Daanonni biyyattii akka basaasanii fi akka qorataniif maatii isaanii gidduudhaa namoota gaʼumsa qaban shan Zoraa fi Eeshtaaʼol+ keessaa ni ergan. Achiis, “Dhaqaatii biyyattii qoradhaa” isaaniin jedhan. Yommuu gara naannoo gaarotaa Efreem, gara mana Miikiyaas+ dhufanis halkan sana achuma ni bulan. 3 Utuma mana Miikiyaas bira jiranii sagalee* dargaggeessa isa nama Leewwii taʼe sanaa waan hubataniif, gara isaatti goranii, “Eenyutu as si fide? Iddoo kanaa maal goota? As kan jiraattu maaliifi?” jedhanii isa gaafatan. 4 Innis, “Miikiyaas akkana akkana naaf godhe; luba taʼee akkan isaaf tajaajilus na mindeeffate”+ jedhee isaaniif deebise. 5 Achiis, “Maaloo, imalli keenya kan nuuf milkaaʼu taʼuu fi dhiisuu isaa Waaqayyoon nuuf gaafadhu” isaan jedhan. 6 Lubichis, “Nagaadhaan dhaqaa. Imala keessan irratti Yihowaan isinii wajjin jira” isaaniin jedhe.
7 Kanaafuu, namoonni shanan sun deemsa isaanii itti fufanii gara Laaʼish+ dhufan. Isaanis namoonni achi keessa jiraatan akkuma Siidoonotaa of dandaʼanii jiraachaa akka jiran argan. Isaan tasgabbiidhaan, akkasumas utuu homaa hin shakkin+ kan jiraatan yeroo taʼu, bulchaan biyyattii weeraree isaan cunqursus hin jiru ture. Isaan Siidoonota irraa fagaatanii jiraatu turan; eenyuu wajjin iyyuu walitti dhufeenya hin qaban turan.
8 Gara obboloota isaanii warra Zoraa fi Eeshtaaʼol+ keessa jiranitti yommuu deebiʼanis obboloonni isaanii, “Akkam ture?” isaaniin jedhan. 9 Isaanis akkana jedhanii isaaniif deebisan: “Biyyattiin baayʼee gaarii akka taate waan argineef, kottaa isaan haa waraannu. Maaliif mamtu? Gara ishiitti seentanii biyyattii dhaalaan fudhachuuf lafa irra hin harkifatinaa. 10 Yommuu achi geessan namoota utuu homaa hin shakkin jiraatan argattu;+ biyyattiinis balʼoo dha. Waaqayyo iddoo wanta lafa irra jiru keessaa homtuu itti hin hirʼanne harka keessanitti dabarsee kenneera.”+
11 Achiis maatii Daanotaa keessaa namoonni waraanaaf hidhatan 600 Zoraa fi Eeshtaaʼol keessaa baʼanii deeman.+ 12 Isaan ol baʼanii Qiriyaat Yeʼariim+ ishii Yihudaatti argamtu bira buufatan. Iddoon dhiha Qiriyaat Yeʼariimitti argamu sun hamma harʼaatti Mahaane Daan*+ jedhamee kan waamamu kanaafi. 13 Isaan achii kaʼanii gara naannoo gaarotaa Efreemitti qajeeluudhaan gara mana Miikiyaas+ dhufan.
14 Achiis namoonni shanan biyya Laaʼish basaasuuf dhaqanii+ turan sun obboloota isaaniitiin, “Manneen kana keessa efuudiin, siidaawwan taraafiim,* fakkiin bocamee fi siidaan sibiilaa*+ akka jiru beektuu? Maal gochuu akka qabdan irratti yaadaa” jedhan. 15 Kanaafuu, achi dhaabbatanii gara mana dargaggeessa isa nama Leewwii taʼee+ fi manni isaa mana Miikiyaas biratti argamu sanaa dhaqanii nagaa isa gaafatan. 16 Yeroo kana hundumaatti namoonni Daan waraanaaf hidhatan 600n+ sun balbala karrichaa bira dhaabbatanii turan. 17 Namoonni shanan biyyattii basaasuuf dhaqanii turan+ sunis fakkii bocamaa, efuudicha,+ siidaawwan taraafiimii*+ fi fakkii sibiila irraa tolfame*+ sana fudhachuuf ol seenan. (Lubichi+ namoota waraanaaf hidhatan 600n sanaa wajjin balbala karrichaa bira dhaabbatee ture.) 18 Isaanis gara mana Miikiyaasitti seenanii fakkii bocamaa, efuudicha, siidaawwan taraafiimii* fi fakkii sibiila irraa tolfame* sana ni fudhatan. Lubichis, “Maal gochaa jirtu?” isaaniin jedhe. 19 Isaan garuu, “Cal jedhi. Afaan kee qabadhu; abbaa* fi luba akka nuuf taatuuf nuu wajjin kottu. Mana nama tokkootiif luba taʼuu+ moo gosaa fi maatii Israaʼel keessatti argamu tokkoof luba taʼuu siif wayya?”+ isaan jedhan. 20 Kanaafuu, lubichi ni gammade; efuudicha, siidaawwan taraafiimii* fi fakkii bocamaa+ sana fudhatee namoota sanaa wajjin deeme.
21 Achiis isaan ijoollee, horiiwwanii fi wantoota gatii guddaa qaban of dura buusanii karaa isaanii qajeelan. 22 Namoonni manneen mana Miikiyaas biratti argaman keessa jiraatan walitti qabamanii yommuu Daanota bira gaʼanitti, isaan mana Miikiyaas irraa hamma tokko fagaatanii turan. 23 Yommuu isaan iyyanii Daanota waamanis isaan itti garagalanii Miikiyaasiin, “Maal taate? Walitti qabamtanii kan dhuftan maaliifi?” jedhan. 24 Kanaafuu inni, “Isin waaqolii koo warran tolfadhe fudhattaniittu; lubichas fuutanii deemtaniittu. Maaltu naaf hafe ree? Maarree akkamitti, ‘Maal taate?’ naan jettu?” isaaniin jedhe. 25 Daanonnis, “Nutti hin iyyin; taʼuu baannaan, namoonni aaran* miidhaa isin irraan gaʼuu dandaʼu; kun immoo lubbuu kee fi lubbuu maatii keetii si dhabsiisa” jedhanii isaaf deebisan. 26 Achiis Daanonni karaa isaanii itti fufan; Miikiyaasis isaan isa caalaa cimoo akka taʼan yommuu argu duubatti deebiʼee gara mana isaa dhaqe.
27 Isaan wanta Miikiyaas tolfatee fi luba isaa erga fudhatanii booda gara Laaʼish,+ gara saba tasgabbiidhaan jiraatuu fi homaa hin shakkine+ sanaa ni dhaqan. Isaanis goraadeedhaan isaan rukutanii magaalattii ibiddaan guban. 28 Magaalattiin Siidoon irraa fagaattee waan argamtuuf, isaanis eenyuu wajjin iyyuu walitti dhufeenya waan hin qabneef, akkasumas Laaʼish kan argamtu dirree sulula keessaa* isa kan Beet Rehoob+ taʼe keessatti waan tureef, magaalattii kan oolchu hin jiru ture. Achiis isaan magaalattii deebisanii ijaaranii keessa jiraatan. 29 Kana malees, magaalattii maqaa abbaa isaanii isa ilma Israaʼel taʼeen Daan+ jedhanii moggaasan.+ Maqaan magaalattii inni duraanii garuu Laaʼish jedhama ture.+ 30 Sana booda Daanonni fakkii bocamaa+ sana ofii isaaniitiif ni dhaaban; hamma guyyaa jiraattonni biyyattii boojuudhaan itti fudhatamanittis Yonaataan+ ilmi Geershom,+ ilmi Musee fi ilmaan isaa gosa Daanotaatiif luboota taʼan. 31 Akkasumas isaan fakkii bocamaa isa Miikiyaas tolche kan dhaabbatan yeroo taʼu, innis guyyoota manni Waaqa dhugaa Shiiloo+ keessa itti ture hundumaatti achuma ture.
19 Bara sanatti, yeroo Israaʼel keessa mootiin hin jirretti,+ namichi Leewwii yeroo sanatti bakka fagoo naannoo gaarotaa Efreem+ keessatti argamu keessa jiraachaa ture tokko Beetaliheem+ ishii Yihudaa keessaa saajjatoo takka fuudhee ture. 2 Saajjatoon isaa garuu isaaf amanamtuu hin turre; ishiin isa dhiistee gara mana abbaa ishii isa Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessa jiruu ni dhaqxe. Jiʼa afuriifis achuma teesse. 3 Achiis abbaan manaa ishii akka deebitu ishii amansiisuuf ishii duukaa buʼe; tajaajilaa isaa fi harroota lama fudhatee achi dhaqe. Ishiinis gara mana abbaa ishiitti ol isa galchite. Abbaan ishiis yommuu isa argu gammachuudhaan isa simate. 4 Kanaafuu, abbiyyuun isaa, jechuunis abbaan intala sanaa guyyaa sadiif akka isaa wajjin turu isa amansiise; isaanis ni nyaatan, ni dhuganis; innis halkan sana achuma bule.
5 Guyyaa arfaffaatti, yommuu isaan deemuuf ganama bariidhaan kaʼanis, abbaan intalattiis abbiyyuu isaatiin, “Jabina akka argattuuf* waa nyaadhu; sana booda deemuu dandeessu” jedhe. 6 Kanaafuu, isaan ni taaʼan; lamaan isaanii iyyuu waliin ni nyaatan, ni dhuganis; sana booda abbaan intalattii namichaan, “Maaloo, asuma buli, garaan kees haa gammadu” jedhe. 7 Namichi deemuuf yommuu kaʼus abbiyyuun isaa isa kadhachuu isaa ittuma fufe; kanaafuu, inni ammas achuma bule.
8 Guyyaa shanaffaatti deemuuf yommuu ganama bariidhaan kaʼus abbaan intalattii, “Maaloo, jabina akka argattuuf* waa nyaadhu” isaan jedhe. Isaan guyyaa sana hamma galgalaaʼutti achuma turan; lamaan isaaniis nyaachuu isaanii itti fufan. 9 Yommuu namichi saajjatoo isaa fi tajaajilaa isaa wajjin deemuuf kaʼus abbiyyuun isaa, jechuunis abbaan intalattii, “Kunoo, amma dhihuuf jedha. Maaloo, asuma bulaa. Kunoo, amma galgalaaʼeera. Harʼa asuma bulaa, garaan keessan haa gammadu. Boru ganamaan kaatanii karaa keessan deemuu fi gara mana* keessaniitti deebiʼuu dandeessu” isaan jedhe. 10 Haa taʼu malee, namichi guyyaa dabalataatiif achi buluu hin barbaanne; kanaafuu, kaʼee hamma Yebuusitti, jechuunis hamma Yerusaalemitti deeme.+ Harroonni feʼaman lama, saajjatoon isaa fi tajaajilaan isaa isaa wajjin turan.
11 Yommuu Yebuusitti dhihaatanis guyyichi dhihee ture. Kanaafuu, tajaajilaan sun gooftaa isaatiin, “Magaalaa Yebuusotaa kanatti gorree as bulluu laata?” jedhe. 12 Gooftaan isaa garuu, “Magaalaa namoota biyya ormaa warra Israaʼelota hin taaneetti hin gorru. Hamma Gibeʼaa+ geenyutti haa deemnu” isaan jedhe. 13 Achiis tajaajilaa isaatiin, “Kottu Gibeʼaa yookiin Raamaa+ gaʼuuf haa yaallu; iddoowwan kana keessaas isa tokko keessa ni bulla” jedhe. 14 Kanaafuu isaan karaa isaanii itti fufan; yommuu Gibeʼaa ishii kan Biiniyaam taate bira gaʼanis aduun lixuu jalqabdee turte.
15 Kanaafuu, isaan Gibeʼaa keessa buluuf achitti goran. Akkuma magaalattiitti seenaniinis addabaabayii magaalattii keessa taaʼan; haa taʼu malee, namni mana isaa akka bulaniif isaan simate hin jiru ture.+ 16 Boodas galgala sana jaarsi maasii isaa keessa hojjechaa oolee deebiʼu tokko ni dhufe. Inni naannoo gaarotaa Efreem+ keessaa kan dhufe yommuu taʼu, yeroo muraasaaf Gibeʼaa keessa jiraata ture; jiraattonni magaalattii garuu Biiniyaamota turan. 17 Jaarsi sun ol jedhee addabaabayii magaalattii keessatti imaltuu sana yommuu argu, “Eessa dhaqaa jirta? Eessaa dhufte?” isaan jedhe. 18 Innis akkana jedhee isaaf deebise: “Nuti Beetaliheem ishii Yihudaa keessatti argamtu irraa kaanee gara bakka fagoo naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamuu fi ani keessaa dhufe tokkoo dhaqaa jirra. Ani gara Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtuu dhaqeen ture;+ amma immoo gara mana Yihowaa deemaan jira;* garuu namni mana isaatti na simate hin jiru. 19 Galabaa fi gafara* gaʼaa harroota keenyaaf taʼu,+ akkasumas daabboo+ fi wayinii anaaf, dubartii tanaa fi tajaajilaa keenyaaf taʼu qabna. Wanti nutti hirʼatus hin jiru.” 20 Haa taʼu malee jaarsichi, “Nagaan siif haa taʼu! Wanta si barbaachisu hundumaa siifan guuta. Garuu, addabaabayii kana keessa hin bulin” isaan jedhe. 21 Kanaafuu, inni gara mana isaatti isa galche; harrootaafis gafara ni kenne. Achiis isaan miila isaanii ni dhiqatan, ni nyaatan, ni dhuganis.
22 Utuma isaan garaa isaanii gammachiisaa jiraniis, namoonni magaalattii gatii hin qabne muraasni dhufanii manichatti marsanii akka malee balbala rurrukutuu jalqaban; irra deddeebiʼaniis jaarsa isa abbaa manichaa taʼe sanaan, “Akka nuti isaa wajjin ciisnuuf namicha mana kee dhufe sana gad nuuf baasi”+ jedhan. 23 Yeroo kanatti abbaan manichaa gad baʼee akkana isaaniin jedhe: “Lakki, obboloota koo, gocha hamaa kana hin raawwatinaa. Maaloo, namichi kun keessummaa mana koo dhufe dha. Gocha qaanessaa kana hin raawwatinaa. 24 Intalli tiyya ishiin durba taatee fi saajjatoon namichaa jiru. Erga taʼee immoo ani isaaniin gad isiniif nan baasa; wanta barbaaddan isaan irratti gochuu* dandeessu.+ Namicha kana irratti garuu gocha qaanessaa kana hin raawwattan.”
25 Namoonni sun garuu isa dhagaʼuu didan; kanaafuu, namichi Leewwii sun saajjatoo+ isaa qabee gara alaatti isaaniif baase. Isaanis halkan guutuu hamma bariʼutti dirqisiisanii ishii gudeedaa fi ishiitti taphachaa bulan. Achiis yommuu bariʼuu jala gaʼu ishii gadhiisan. 26 Ganama bariis dubartittiin dhuftee balbala mana namichaa isa gooftaan ishii keessa ture sanaa irratti kufte; hamma lafti ifuttis achuma ciiste. 27 Yommuu gooftaan ishii ganamaan kaʼee deemsa isaa itti fufuuf balbala manichaa banutti, dubartittiin, jechuunis saajjatoon isaa harka ishii gubanii balbalaa irra diriirsitee balbala manichaa irra ciistee arge. 28 Achiis, “Kaʼi; haa deemnu” ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu homaa isaaf hin deebisne. Sana booda namichi harree irratti ishii feʼee gara mana isaatti qajeele.
29 Mana isaa yommuu gaʼus, halbee ittiin qalan fudhatee reeffa saajjatoo isaa buusaa buusaadhaan bakka 12tti kukkutee tokkoon tokkoon naannoo Israaʼelitti buusaa tokko tokko ni erge. 30 Warri kana argan hundis, “Guyyaa Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa itti baʼan irraa jalqabee hamma harʼaatti matumaa wanti akkanaa raawwatamee yookiin argamee hin beeku. Wanta kana irratti yaadaa,* irratti mariʼadhaa,+ wanta gochuu qabnus nutti himaa” jedhan.
20 Kanaan kan kaʼes, Israaʼelonni Daanii+ hamma Ber Sheebaattii fi biyya Giiliyaaditti+ argaman hundi ni baʼan; guutummaan gumichaas Misphaatti+ Yihowaa duratti tokkummaadhaan* walitti qabame. 2 Akka kanaan, ajajjoonni sabichaa fi gosoota Israaʼel hundumaa gumii saba Waaqayyoo gidduutti iddoo isaanii ni qabatan. Loltoonni lafoon goraadee hidhatanis namoota 400,000 turan.+
3 Biiniyaamonnis namoonni Israaʼel gara Misphaatti akka ol baʼan ni dhagaʼan.
Achiis namoonni Israaʼel, “Wanti nama rifaasisu kun akkamitti akka uumame nutti himaa?”+ jedhan. 4 Yeroo kanatti namichi Leewwii+ inni abbaa manaa dubartii ajjeefamte sanaa taʼe akkana jedhee deebise: “Achi buluuf saajjatoo tiyyaa wajjin gara Gibeʼaa+ ishii kan Biiniyaam taate sanaa dhaqeen ture. 5 Achiis jiraattonni* Gibeʼaa na irratti kaʼanii halkaniin manichatti marsan. Isaan na ajjeesuuf yaadanii turan; taʼus, saajjatoo tiyya dirqisiisanii gudeedan; ishiinis ni duute.+ 6 Kanaafuu, ani reeffa saajjatoo tiyyaa fuudheen kukkute; achiis gara dhaala Israaʼel hundumaatti nan erge;+ kana kanan godhe, isaan Israaʼel keessatti gocha qaanessaa fi gocha salphinaa waan raawwataniifi. 7 Egaa isin namoonni Israaʼel hundi gorsaa fi yaada dhimma kana irratti qabdan kennaa.”+
8 Achiis guutummaan sabichaa tokkummaadhaan* kaʼee akkana jedhe: “Nu keessaa namni tokko illee gara dunkaana isaa hin dhaqu yookiin gara mana isaatti hin deebiʼu. 9 Amma Gibeʼaa irratti akkana goona: Ol baanee ishii waraanuuf carraa ni buufanna.+ 10 Raayyaa waraanaatiif galaa walitti akka qabaniif, gosoota Israaʼel hundumaa keessaa namoota 100 keessaa namoota 10, namoota 1,000 keessaa 100, akkasumas namoota 10,000 keessaa 1,000 ni fudhanna; kanas kan goonu, raayyaan waraanaa kun gocha salphinaa isaan Israaʼel keessatti raawwataniif Gibeʼaa ishii kan Biiniyaam taate irratti tarkaanfii akka fudhataniifi.” 11 Akka kanaan namoonni Israaʼel hundi magaalattii irratti duuluuf tokkommaadhaan* walitti qabaman.
12 Achiis gosoonni Israaʼel gara guutummaa gosa Biiniyaamitti namoota erganii akkana isaaniin jedhan: “Wanti rifaasisaan isin gidduutti raawwatame kun maali dha? 13 Akka isaan ajjeesnuu fi Israaʼel keessaa wanta hamaa taʼe akka balleessinuuf,+ amma Gibeʼaa+ keessaa namoota gatii hin qabne sana dabarsaa nutti kennaa.” Biiniyaamonni garuu Israaʼelota warra obboloota isaanii taʼan dhagaʼuu didan.
14 Achiis Biiniyaamonni namoota Israaʼel waraanuuf magaalota keessaa baʼanii Gibeʼaatti walitti qabaman. 15 Namoota Gibeʼaa filatamoo taʼan 700 utuu hin dabalatin, Biiniyaamonni goraadee hidhatan 26,000 guyyaa sanatti magaalota isaanii keessaa walitti ni qabaman. 16 Raayyaa waraanaa kana keessa namoonni filatamoon bitaacha taʼan 700 jiru turan. Namoonni kun hundi warra dhagaa furrisanii qalʼaa kutani dha.*
17 Biiniyaamiin utuu hin dabalatin namoonni Israaʼel goraadee hidhatan 400,000 walitti ni qabaman;+ tokkoon tokkoon isaaniis waraana irratti muuxannoo kan qaban turan. 18 Isaanis Waaqayyoon gaafachuuf+ kaʼanii gara Beetelitti ol ni baʼan. Achiis namoonni Israaʼel, “Nu keessaa Biiniyaamota waraanuuf eenyutu dursee ol baʼuu qaba?” jedhanii gaafatan. Yihowaanis, “Yihudaan dursee haa baʼu” jedhee deebise.
19 Sana booda Israaʼelonni ganamaan kaʼanii Gibeʼaatti marsan.
20 Namoonni Israaʼel Biiniyaamiin waraanuuf ni baʼan; isaan waraanuufis Gibeʼaatti tarree galan. 21 Kanaafuu, Biiniyaamonni Gibeʼaa keessaa baʼanii guyyaa sanatti Israaʼelota keessaa namoota 22,000 ni ajjeesan. 22 Haa taʼu malee, raayyaan waraanaa namoota Israaʼel ammas onnatanii bakkuma guyyaa jalqabaa sanatti waraanaaf tarree galan. 23 Achiis Israaʼelonni ol baʼanii hamma galgalaatti Yihowaa duratti booʼan; akkasumas, “Namoota Biiniyaam warra obboloota keenya taʼan waraanuuf ammas dhaqnuu?”+ jedhanii Yihowaa gaafatan. Yihowaanis deebisee, “Dhaqaa isaan waraanaa” jedhe.
24 Kanaafuu, Israaʼelonni guyyaa lammaffaatti Biiniyaamotatti ni dhihaatan. 25 Biiniyaamonis guyyaa lammaffaatti isaan waraanuuf Gibeʼaa keessaa baʼanii dabalataan Israaʼelota 18,000 ni ajjeesan;+ hundi isaanii iyyuu goraadee kan hidhatan turan. 26 Yeroo kanatti namoonni Israaʼel hundi gara Beetelitti ol baʼan. Achittis Yihowaa dura taaʼanii ni booʼan;+ guyyaa sanatti hamma galgalaatti ni sooman;+ Yihowaa durattis aarsaawwan gubamanii+ fi aarsaawwan gamtaa+ ni dhiheessan. 27 Bara sanatti taabonni kakuu Waaqa dhugaa achitti waan argamuuf,+ sana booda namoonni Israaʼel Yihowaa ni gaafatan. 28 Bara sanatti Finahaas+ ilmi Eleʼazaar, ilmi Aaron taaboticha duratti ni tajaajila* ture. Isaanis, “Namoota Biiniyaam warra obboloota keenya taʼan waraanuuf ammas deebinee dhaqnu moo dhiisnu?”+ jedhanii gaafatan. Yihowaanis, “Ani boru harka keessanitti dabarsee waanan isaan kennuuf, dhaqaa” jedhee isaaniif deebise. 29 Achiis Israaʼelonni naannoo Gibeʼaa hundumaatti namoota riphanii eegan ni qopheessan.+
30 Israaʼelonni guyyaa sadaffaatti Biiniyaamota waraanuuf ni baʼan; akkuma yeroo kaaniis Gibeʼaa waraanuuf tarree galan.+ 31 Biiniyaamonni raayyaa waraanaa sana waraanuuf yommuu baʼanittis, isaan magaalattii irraa ni fagaatan.+ Achiis akkuma yeroo kaanii daandiiwwan guguddaa gara Beetelitti ol baasuu fi gara Gibeʼaatti geessu irratti isaan rukutuu jalqaban; namoota muraasas ni ajjeesan; akka kanaan dirree keessatti namoota Israaʼel 30 ni ajjeesan.+ 32 Kanaafuu, Biiniyaamonni, “Isaan akkuma kanaan duraa nu duratti moʼamaa jiru”+ jedhan. Israaʼelonni garuu, “Isaan jalaa baqannee magaalattii irraa fageessinee gara daandiiwwan guguddaatti isaan baasna” jedhan. 33 Kanaafuu, namoonni Israaʼel iddoo isaaniitii kaʼanii Baʼaal Taamaaritti waraanaaf tarree galan; yeroo kanatti namoonni Israaʼel warri naannoo Gibeʼaatti riphanii eeggachaa turan iddoo isaaniitii ni baʼan. 34 Akka kanaan, namoonni guutummaa Israaʼel keessaa filataman 10,000 gara fuullee Gibeʼaatti dhufan; waraanichis baayʼee cimaa ture. Biiniyaamonni garuu badiisni isaanitti dhihaachaa akka jiru hin beekne.
35 Yihowaan Israaʼel duratti Biiniyaamiin+ ni moʼe; guyyaa sanatti Israaʼelonni namoota Biiniyaam 25,100 ni ajjeesan; hundi isaanis goraadee kan hidhatan turan.+
36 Haa taʼu malee, Biiniyaamonni namoonni Israaʼel yommuu isaan jalaa baqatan akka isaan moʼaman yaadanii turan;+ isaan kan baqatan garuu namoota naannoo Gibeʼaatti riphanii eeggachaa turanitti waan amanamaniif ture.+ 37 Namoonni riphanii eeggachaa turan sunis dafanii Gibeʼaatti baʼan. Achiis faffacaʼanii guutummaa magaalattii goraadeedhaan ni rukutan.
38 Namoonni Israaʼelis namoonni naannoo magaalattiitti riphanii jiran aarri magaalattii keessaa akka ol baʼu gochuudhaan mallattoo akka isaanitti argisiisan walii galanii turan.
39 Yommuu Israaʼelonni waraanicha irraa baqatan namoonni Biiniyaam isaan haleeluu jalqaban; namoota gara 30 taʼanis ni ajjeesan;+ isaan, “Akkuma waraana isa darbe irratti taʼe, ammas nu duratti moʼamaa akka jiran beekamaa dha”+ jedhan. 40 Haa taʼu malee, aarri akka mallattootti tajaajilu sun akka utubaatti magaalattii keessaa ol baʼuu jalqabe. Namoonni Biiniyaam yommuu garagalanii ilaalan guutummaa magaalattii keessaa laboobni ibiddaa gara samiitti ol baʼaa akka jiru argan. 41 Achiis namoonni Israaʼel isaanitti garagalan; namoonni Biiniyaamis badiisni akka isaanitti dhufe waan arganiif ni naʼan. 42 Kanaafuu, isaan namoota Israaʼel jalaa gara lafa onaatti baqatan; namoonni Israaʼel garuu isaan hordofan; namoonni magaalota keessaa baʼanis isaan rukutuu jalqaban. 43 Biiniyaamotattis marsanii utuu wal irraa hin kutin isaan ariʼan. Kallattii bahaatiin Gibeʼaa fuulduratti isaan ni moʼan. 44 Dhuma irratti namoonni Biiniyaam 18,000 ni duʼan; hundi isaanii iyyuu loltoota jajjaboo turan.+
45 Namoonni Biiniyaam garagalanii lafa onaa keessa gara kattaa Rimoonitti baqatan;+ Israaʼelonnis isaan keessaa namoota 5,000 daandiiwwan guguddaa irratti ni ajjeesan;* hamma Gidoomittis isaan ariʼuu isaanii itti fufan; akka kanaan, dabalataan namoota 2,000 ni ajjeesan. 46 Namoonni Biiniyaam warri guyyaa sanatti duʼan walumaa galatti namoota goraadee hidhatan 25,000 turan;+ hundi isaanii iyyuu loltoota jajjaboo turan. 47 Namoonni 600 garuu lafa onaa keessa gara kattaa Rimoonitti baqatanii, jiʼa afuriif kattaa Rimoon irra jiraatan.
48 Namoonni Israaʼel Biiniyaamotatti garagalanii nama irraa jalqabee hamma horiitti warra hafan hundumaa magaalattii keessaa ni fixan. Kana malees, magaalota karaa isaanii irratti argatan hundumaa ibiddaan guban.
21 Namoonni Israaʼel Misphaa+ keessatti, “Nu keessaa eenyu iyyuu intala isaa nama gosa Biiniyaam taʼetti hin heerumsiisu” jedhanii kakatan.+ 2 Kanaan kan kaʼes, namoonni sun gara Beetel+ dhufanii achitti hamma galgalaatti Waaqa dhugaa dura taaʼanii ni iyyan, hirqinfataniis ni booʼan. 3 Akkasumas, “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, wanti akkanaa Israaʼel keessatti maaliif taʼe? Harʼa gosti tokko Israaʼel keessaa kan badu maaliifi?” jechaa turan. 4 Guyyaa itti aanutti sabichi bariidhaan kaʼee aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa dhiheessuuf achitti iddoo aarsaa ni ijaare.+
5 Achiis namoonni Israaʼel, “Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa Yihowaa duratti walitti qabamuuf kan hin dhufne eenyu dha?” jedhan; sababiin isaas, isaan namni Misphaatti gara Yihowaatti hin dhufne kam iyyuu mamii tokko malee akka ajjeefamu kakaa cimaa kakatanii turan. 6 Kanaafuu, namoonni Israaʼel wanta Biiniyaam isa obboleessa isaanii taʼe irra gaʼeen kan kaʼe ni gaddan. Akkana jedhan: “Harʼa Israaʼel keessaa gosti tokko kutameera. 7 Nuti amma ijoollee durbaa keenya keessaa ishii tam iyyuu akka isaaniif hin kennine maqaa Yihowaatiin waan kakanneef,+ warri hafan haadhotii manaa akka argataniif maal gochuu qabna?”+
8 Isaan, “Gosoota Israaʼel keessaa Misphaatti gara Yihowaatti kan hin baane eenyu?”+ jedhanii gaafatan. Achiis Yaabeesh Giiliyaad irraa namni gara buufata gumichaa dhufe tokko illee akka hin turre hubatan. 9 Sabichi yeroo lakkaaʼametti jiraattota Yaabeesh Giiliyaad keessaa namni tokko iyyuu akka achi hin turre ni hubatan. 10 Kanaafuu, yaaʼichi warra hundumaa caalaa jajjaboo taʼan keessaa namoota 12,000 achitti ni erge. Akkana jedhanii isaan ajajan: “Dhaqaatii jiraattota Yaabeesh Giiliyaad goraadeedhaan rukutaa; dubartootaa fi daaʼimman illee hin dhiisinaa.+ 11 Akkana godhaa: Dhiirota hundumaa fi dubartoota dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwatanii beekan hundumaa haxaaʼaa balleessaa.” 12 Jiraattota Yaabeesh Giiliyaad gidduudhaa durboota matumaa dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwatanii hin beekne 400 argatan. Isaanis biyya Kanaʼaan keessatti gara buufata Shiilootti+ argamu tokkotti isaan ni fidan.
13 Achiis guutummaan yaaʼichaa gara Biiniyaamota kattaa Rimoon+ irra jiraniitti ergamtoota erganii waamicha nagaa isaaniif dhiheessan. 14 Kanaafuu, yeroo sanatti Biiniyaamonni biyya isaaniitti ni deebiʼan. Isaanis dubartoota Yaabeesh Giiliyaad+ kaan gidduudhaa durboota lubbuudhaan oolchan sana isaaniif kennan; taʼus durboota gaʼaa isaaniif hin arganne. 15 Akkasumas, isaan Yihowaan gosoota Israaʼel gidduutti qoqqoodiinsa uumuu isaatiin kan kaʼe wanta Biiniyaamota irra gaʼetti ni gaddan.+ 16 Jaarsoliin Yaaʼichaa, “Biiniyaam keessaa dubartoonni hundi waan balleeffamaniif, dhiironni hafan haadhotii manaa akka argataniif maal gochuu qabna?” jedhan. 17 Itti fufuudhaanis akkana jedhan: “Gosti tokko Israaʼel keessaa haxaaʼamee akka hin badneef, Biiniyaamonni lubbuudhaan oolan dhaala argachuu qabu. 18 Haa taʼu malee namoonni Israaʼel, ‘Namni intala isaa Biiniyaamitti heerumsiise abaaramaa dha’ jedhanii waan kakataniif, ijoollee durbaa keenya akka isaanitti heerumsiisnu nuuf hin heyyamamu.”+
19 Achiis, “Kunoo, Shiiloo+ ishii kaaba Beetelitti, baha daandii guddaa Beetelii gara Sheekemitti ol baasuttii fi kibba Leboonaatti argamtu keessatti waggaa waggaadhaan Yihowaadhaaf ayyaanni kabajamu tokko jira” jedhan. 20 Kanaafuu, akkana jedhanii namoota Biiniyaam ni ajajan: “Dhaqaatii maasiiwwan wayinii keessatti riphaa eeggadhaa. 21 Shamarran* Shiiloo walitti marsanii shubbisuudhaaf baʼan yommuu argitanis, tokkoon tokkoon keessan maasiiwwan wayinii sana keessaa baʼaatii shamarran Shiiloo gidduudhaa haadha manaa butaatii fudhadhaa; achiis gara biyya Biiniyaamitti deebiʼaa. 22 Abbootiin isaanii yookiin obboloonni isaanii yoo nu irratti komii dhiheessan nuti immoo, ‘Isaaniif jedhaatii gaarummaa nutti argisiisaa; sababiin isaas, nuti waraanaan tokkoon tokkoon isaanii haadha manaa akka argatan gochuu hin dandeenye;+ isinis kakuu galtan utuu hin cabsin haadha manaa isaaniif kennuu hin dandeenye’+ isaaniin jenna.”
23 Kanaafuu, namoonni Biiniyaam akkuma kana ni godhan; tokkoon tokkoon isaanii dubartoota shubbisaa turan keessaa haadha manaa ni fudhatan. Sana booda gara dhaala isaaniitti ni deebiʼan; magaalota isaanii deebisanii ijaaraniis+ keessa ni jiraatan.
24 Yeroo sanatti Israaʼelonni bakka sanaa faffacaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara gosa gosa isaaniittii fi gara maatii maatii isaaniitti deebiʼan; achii deemaniis tokkoon tokkoon isaanii gara dhaala dhaala isaaniitti ni deebiʼan.
25 Bara sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.+ Tokkoon tokkoon namaa wanta sirrii fakkaatee isatti mulʼate* godha ture.
Kal., “ilmaan Israaʼel.”
Ykn., “kenneera.”
Kal., “carraa kootti.”
Ykn tarii, “harree irra teessee harka ishii walitti rukutte.”
Ykn., “Negeebitti.”
“Miʼawwan (Saaniiwwan) Bishaanii” jechuu dha.
Jechuunis, soddaa.
“Badiisaaf Adda kan Baafame” jechuu dha.
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Kal., “gaariiwwan fardaa sibiilaa.”
Kal., “jaalala amanamaa.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Ykn., “dirree gad buʼaatti.”
Kal., “Harki.”
Kal., “ulfaatetti.”
“Boossuu” jechuu dha.
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Ykn., “ni waaqeffatan.”
Ykn., “Yihowaan ni gaabba ture.”
Ykn., “karra Hamaatitti.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Aaraam Nahaaraayim.”
Kal., “Aaraam.”
Ykn., “nagaa.”
Tarii dhundhuma gabaabaa gara 38 cm dheeratu. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn tarii, “kaabaawwan dhagaa.”
Ykn., “teessuma.”
Ykn tarii, “karaa qilleensi galuun.”
Kal., “miila isaa haguugaa.”
Ykn tarii, “kaabaawwan dhagaa.”
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Ykn., “nagaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Harosheet Hagoyiim.”
Kal., “Inni.”
Kal., “gaariiwwan fardaa sibiilaa.”
Ykn., “namoota kee bobbaasi.”
Ykn., “laga gogaa.”
Ykn., “laga gogaa.”
Kal., “gaariiwwan fardaa sibiilaa.”
Qaama battee adda irraa karaa mirgaa fi karaa bitaatiin jiru dha.
Ykn., “Loltoota rifeensa gadhiifamaa qabanii fi Israaʼel keessa jiraniin.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn tarii, “ni sochoʼan.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Ykn tarii, “Warri miʼa barreessaa qabatanis.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.
Ykn., “lubbuu isaa tuffatu.”
Ykn., “Lagni.”
Ykn., “lagni.”
Ykn., “lagni.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “gadameessa.”
Kal., “gadameessa.”
Ykn., “nagaa.”
Ykn tarii, “iddoowwan kuusaa lafa jalaa.”
Kal., “sagalee koo hin dhageenye.”
Kal., “kumni.”
Jechuunis, ilmoo.
Gara 22 L. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
“Yihowaan Nagaa Dha” jechuu dha.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
“Baʼaal Seeraan haa Falmatu (Morkatu)” jechuu dha.
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Ykn., “lagicha ceʼanii.”
Kal., “Giidewoniin ni uwwise.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Kal., “harki kee ni jabaata.”
Ykn., “okkotee.”
Ykn., “daamotiin.”
Eegumsi halkan walakkaa, halkan gara saʼaatii 4tti kan jalqabu yeroo taʼu, hamma halkan saʼaatii 8tti itti fufa.
Kal., “dubbii kana.”
Kal., “hafuurri isaanii isa irratti kaʼuu irraa ni qabbanaaʼe.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “mataa isaanii ol hin qabanne.”
Ykn., “nagaa.”
Kal., “ilmaan gudeeda isaa keessaa baʼan 70 qaba ture.”
Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.
Kal., “maatii mana abbaa haadha isaatiin.”
Ykn tarii, “abbootii lafaa.”
Ykn., “fira dhiigaa keessan.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “firii.”
Ykn., “Israaʼel irratti bulchaa of godhe.”
Kal., “hafuura hamaa ni erge.”
Ykn., “haxxummaadhaan.”
Ykn., “wanta harki kee dandaʼu isa irratti godhi.”
Ykn., “dahoo.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Ykn., “Sooriyaa.”
Kal., “isaan gurgure.”
Ykn., “dhiphina Israaʼeliin kan kaʼe lubbuun isaa obsuu hin dandeenye.”
Kal., “isa dhagaʼu.”
Kal., “anaa fi siif maali dha?”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Kal., “baayʼee gad na qabde.”
Kal., “afaan koo saaqeera.”
Ykn., “matumaa waanan gaaʼela hin godhanneef michoota koo wajjin nan booʼa.”
Ykn., “dambii.”
Ykn tarii, “kallattii kaabaatti.”
Ykn., “lubbuu koo harka koo keessatti qabadhee.”
Ykn., “maseenaa.”
Kal., “gadameessa irraa jalqabee.”
Kal., “gadameessa irraa jalqabee.”
Waaqayyoon kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Kal., “dubartii ijoollee durbaa Filisxeemotaa keessaa taate.”
Kal., “Ija koo keessatti sirrii waan taateef.”
Ykn., “leenci saafelli.”
Ykn., “jaalota.”
Ykn tarii, “gara kutaa isa keessaatti seenuu isaa dura.”
Ykn., “kutaa isa keessaa.”
Jechuunis, nadoo ykn ladoo.
Kal., “gudeeda miila isaanii rukutee.”
Ykn., “hidhuu.”
Ykn., “hiinee.”
“Iddoo Ol Kaʼaa Lafee Mangaagaa” jechuu dha.
Ykn., “humni.”
“Burqaa Isa Waamu Sanaa” jechuu dha.
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “amansiisiitii.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “natti taphatteetta.”
Ykn., “hamma lubbuun isaa duʼa hawwitutti.”
Kal., “gadameessa haadha koo irraa jalqabee.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Kal., “harka isaa guute.”
Ykn., “wanta sirrii akka taʼetti yaade.”
Ykn., “gorsaa.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “harka isaa guute.”
Ykn., “loqoda.”
“Buufata Daan” jechuu dha.
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Ykn., “siidaan baqfamee tolfame.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
Ykn., “gorsaa.”
Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
Ykn., “namoonni jireenyi itti hadhaaʼe.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Ykn., “garaa kee deggeruuf.”
Ykn., “garaa kee deggeruuf.”
Kal., “dunkaana.”
Ykn tarii, “mana Yihowaa keessattan tajaajila.”
Jechuunis, nyaata horii.
Ykn., “isaanitti taphachuu fi wanta gaarii fakkaatee isinitti mulʼate raawwachuu.”
Ykn., “xiyyeeffannaa kennaafii.”
Kal., “akka nama tokkootti.”
Ykn tarii, “abbootiin lafaa.”
Kal., “akka nama tokkootti.”
Kal., “akka nama tokkootti.”
Kal., “warra dhagaa furrisanii rifeensa takkittii rukutuu dandaʼani dha.”
Kal., “ni dhaabbata.”
Kal., “akkuma qaarmiitti ni funaanan.”
Kal., “Ijoolleen durbaa.”
Ykn., “wanta sirrii akka taʼetti yaade.”