WARRA ROOMAATIIF
1 Phaawulos garbicha Kiristoos Yesuus, isa ergamaa taʼuuf waamamee fi misiraachoo Waaqayyoo labsuuf adda baafame irraa;+ 2 misiraachoon kun isa Waaqayyo dursee Kitaabota Qulqulluu keessatti karaa raajota isaa waadaa gale yeroo taʼu, 3 waaʼee Ilma isaa isa karaa foonii sanyii Daawit+ keessaa dhufe sanaa kan ibsu dha. 4 Waaqayyo humna hafuura qulqulluutiin duʼaa waan isa kaaseef+ inni Ilma Waaqayyoo+ akka taʼe ifa dha; eeyyee, Yesuus Kiristoos Gooftaa keenya. 5 Nuti karaa isaa gaarummaa guddaa arganneerra; ulfina maqaa isaatiif saboota hundumaa keessaa namoonni amantiidhaan kakaʼanii akka ajajaman+ gargaaruuf ergamoota taaneerra.+ 6 Isinis saboota kana keessaa kan Yesuus Kiristoos akka taatan waamamtaniittu. 7 Warra Roomaa keessa jirtan, Waaqayyo biratti jaallatamtanii fi qulqulloota taʼuuf waamamtan hundumaaf:
Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.
8 Duraan dursee, waaʼeen amantii keessanii addunyaa maratti waan odeeffameef, karaa Yesuus Kiristoos waaʼee hunda keessaniitiif Waaqayyoof galata nan galcha. 9 Ani utuu gargar hin kutin yeroo hunda kadhannaa koo keessatti waaʼee keessan akkan kaasu,+ Waaqayyo inni ani waaʼee misiraachoo Ilma isaa lallabuudhaan garaa guutuu tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessu sun ragaa anaaf ni baʼa; 10 amma fedhii Waaqayyoo taʼee dhuma irratti yoo anaaf milkaaʼe gara keessan dhufuu akkan dandaʼu kadhachaan jira. 11 Sababiin isaas, kennaa hafuuraa akka jabaattan isin gargaaru isinii kennuuf jecha isin arguuf nan hawwa; 12 kana jechuun koo, ani amantii keessaniin, isin immoo amantii kootiin akka wal jajjabeessinuufi.+
13 Haa taʼu malee, yaa obbolootaa, akkuma ani saboota warra kaan keessatti argadhe isin gidduuttis firii tokko tokko akkan argadhuuf, yeroo baayʼee gara keessan dhufuuf karoorfadhee kanan ture taʼus, hamma ammaatti akkan dhowwame akka beektan nan barbaada. 14 Giriikotaafis taʼe warra Giriikota hin taaneef,* ogeeyyiidhaafis taʼe warra hin baranneef idaan ana irra jira; 15 kanaafuu, isin warra Roomaa keessa jirtaniifis misiraachicha lallabuuf nan hawwa.+ 16 Ani misiraachichatti hin qaanaʼu;+ misiraachichi jalqaba Yihudootaaf,+ achiis Giriikotaaf,+ humna Waaqayyoo isa namoota amantii qaban hundumaatiif fayyina argamsiisu dha.+ 17 “Inni qajeelaan garuu amantiidhaan jiraata” jedhamee akkuma barreeffame,+ Waaqayyo karaa misiraachichaa qajeelummaa isaa namoota amantii qabanitti ni mulʼisa; kunis amantii isaanii isaaniif cimsa.+
18 Waaqayyo namoota isaaf ajajamuu didanii fi qajeelota hin taane irratti samii irraa dheekkamsa isaa+ ni mulʼisa, isaan dhugaa ukkaamsuuf+ gocha jalʼinaa raawwatu; 19 Waaqayyoon ilaalchisee wanti beekamuu dandaʼu isaan biratti ifatti mulʼata; sababiin isaas, Waaqayyo kana isaaniif ibseera.+ 20 Amalawwan isaa warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas, humna isaa isa bara baraa+ fi Waaqummaa isaa+ wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama;+ kanaafuu, isaan sababa itti qabatan hin qaban. 21 Isaan Waaqayyoon kan beekan taʼanis, akka Waaqummaa isaatti ulfina isaaf hin kennine yookiin isa hin galateeffanne; kanaa mannaa, yaadni isaanii gatii dhabe; garaan isaanii inni hubannaa hin qabnes ni dukkanaaʼe.+ 22 Ogeeyyii kan ofiin jedhan taʼus gowwoota taʼan; 23 ulfina Waaqa isa hin badne sanaa, bifa nama isa baduu dandaʼuutti, bifa simbirrootaatti, bifa uumamawwan miila afur qabaniittii fi bifa warra lafa irra loʼaniitti* jijjiiran.+
24 Kanaafuu, Waaqayyo qaama isaanii akka salphisaniif akka hawwii garaa isaaniitti, xuraaʼummaatti dabarsee isaan kenne. 25 Isaan dhugaa Waaqayyoo sobatti jijjiiran; Uumaa dhiisanii uumamaaf ulfina kennan,* akkasumas uumamaaf tajaajila qulqulluu dhiheessan; taʼus Uumaan bara baraaf ni jajama. Ameen. 26 Waaqayyo fedhii saalqunnamtii qaanessaa taʼetti dabarsee kan isaan kenne kanaafi;+ dubartoonni isaanii saalqunnamtii uumamaan isaaniif kenname isa uumamaan ala taʼetti jijjiiran;+ 27 dhiironnis isa uumamaan isaaniif kenname dubartootaa wajjin saalqunnamtii raawwachuu dhiisanii, dhiironni dhiirotaa wajjin kajeellaa saalqunnamtiitiin gubatan;+ wanta qaanessaa hojjechuudhaanis, ofuma isaaniitiin adaba* cubbuu isaaniitiif malu guutummaatti fudhatan.+
28 Isaan Waaqayyoof beekamtii kennuu* waan hin barbaanneef, inni wantoota sirrii hin taane akka hojjetan yaada mancaʼaadhaaf dabarsee isaan kenne.+ 29 Isaan jalʼina,+ hammina, sassata,+ gadhummaa, hinaaffaa,+ ajjeechaa,+ lola, gowwoomsaa+ fi daba hundumaatiin+ guutamaniiru; akkasumas hamattoota, 30 maqaa kan balleessan,+ Waaqayyoon kan jibban, kan nama arrabsan, kan of tuulan, kan of jajan, wanta hamaa kan karoorfatan, warra isaaniitiif kan hin ajajamne,+ 31 hubannaa kan hin qabne,+ waadaa kan cabsan, nama kan hin jaallannee fi gara laafina kan hin qabne dha. 32 Isaan seera Waaqayyoo isa qajeelaa namoonni wanta akkasii hojjetan duʼuu akka qaban+ dubbatu guutummaatti beeku; taʼus, wantoota kana hojjechuu isaanii itti fufuu qofa utuu hin taʼin, warra wanta akkanaa hojjetanis ni jajjabeessu.
2 Kanaafuu, ati inni nama kaanitti murteessitu, eenyu illee yoo taate,+ sababa itti qabattu hin qabdu; sababiin isaas, ati wanta ittiin nama kan biraatti murteessitu sana ofuma keetii waan raawwattuuf, nama kan biraatti yeroo murteessitu ofittis ni murteessita.+ 2 Nuti murtiin Waaqayyo namoota wantoota akkasii hojjechuu amaleeffatan irratti dabarsu dhugaa irratti akka hundaaʼe beekna.
3 Taʼus, yaa nama nana, ati namoota wantoota akkasii hojjechuu amaleeffatanitti murteessitee, ofuma keetii wantoota akkasii hojjechaa, murtii Waaqayyoo jalaa waan miliqxu sitti fakkaataa? 4 Yookiin Waaqayyo gaarummaa isaatiin gara yaada geddarachuutti si geessuuf yaalaa akka jiru utuu hin beekin,+ baayʼina gaarummaa,+ gara balʼinaa+ fi obsa isaa+ ni tuffattaa? 5 Haa taʼu malee, mata jabina kee fi yaada geddarachuu diduu keetiin kan kaʼe, guyyaa dheekkamsaa fi guyyaa murtiin Waaqayyoo inni qajeelaan itti mulʼatuuf dheekkamsa ofii keetiif kuufachaa jirta.+ 6 Inni nama hundumaatiif akka hojii isaatti deebisee ni kaffala:+ 7 warra hojii gaarii hojjechuutti jabaachuudhaan ulfina, kabajaa fi jireenya hin badne+ barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna; 8 haa taʼu malee, warra morkii jaallatanii fi warra dhugaadhaaf ajajamuu didanii jalʼinaaf ajajaman irratti dheekkamsii fi aariin isaa ni dhufa.+ 9 Nama wanta hamaa hojjetu hunda irra,* jalqaba nama Yihudii irra, akkasumas nama Giriikii irra rakkinnii fi dhiphinni ni gaʼa; 10 namni wanta gaarii hojjetu hundi garuu, jalqaba namni Yihudii,+ akkasumas namni Giriikii+ ulfina, kabajaa fi nagaa ni argata. 11 Sababiin isaas, Waaqayyo bira looguun hin jiru.+
12 Warri utuu seera hin qabaatin cubbuu hojjetan hundi seera malee dhumu;+ warri utuu seera qabanii cubbuu hojjetan garuu seerichaan isaanitti murteeffama.+ 13 Sababiin isaas, Waaqayyo duratti qajeelota kan jedhaman warra seera dhagaʼan utuu hin taʼin, warra seera hojii irra oolchani dha.+ 14 Saboonni kaan warri seera hin qabne,+ uumama isaaniitiin wantoota seericha keessa jiran ni raawwatu; isaan seera kan hin qabne yoo taʼan iyyuu, keessa isaanii seerri akka jiru argisiisu. 15 Isaan wanti seericha keessa jiru garaa isaanii keessatti akka barreeffame argisiisu; sababiin isaas, qalbiin isaanii yommuu ragaa isaaniif baʼu, yaadni isaanii isaan balaaleffata yookiin isaaniif falma. 16 Kun, akka misiraachoo ani lallabuutti guyyaa Waaqayyo karaa Kiristoos Yesuus wantoota namoonni dhoksaatti hojjetan irratti murteessu+ sanatti ni raawwatama.
17 Ati nama Yihudii kan taate,+ Seerichatti kan amanamtuu fi saba Waaqayyoo keessaa tokko taʼuu keetiin kan boontu, 18 wantoota Seericha keessa jiran waan baratteef,* fedhii Waaqayyoo kan beektuu fi wantoota gatii guddaa qaban kan hubattu,+ 19 warra ijji isaanii jaame akka geggeessituu fi warra dukkana keessa jiraniif ibsaa akka taate, 20 warra hubannaa hin qabne akka sirreessitu, barsiisaa daaʼimmanii akka taate, akkasumas beekumsa buʼuuraa fi dhugaa isa Seericha keessatti argamu akka hubattu kan yaaddu, 21 maarree, ati inni nama kan biraa barsiistu, of hin barsiistuu?+ Ati inni, “Hin hatin”+ jettee lallabdu, ni hattaa? 22 Ati inni, “Hin ejjin” jettu, ni ejjitaa?+ Ati inni waaqolii tolfamoo garmalee jibbitu, mana qulqullummaa ni saamtaa? 23 Ati inni seeratti boontu, Seericha cabsuudhaan Waaqayyoon ni salphistaa? 24 Sababiin isaas, “Isiniin kan kaʼe maqaan Waaqayyoo saboota gidduutti ni arrabsama” jedhamee barreeffameera.+
25 Dhaqna qabaan+ faayidaa kan siif argamsiisu seera yoo eegde qofa dha;+ seera kan cabsitu yoo taʼe garuu, dhaqna qabachuun kee akka dhaqna hin qabannetti ilaalama. 26 Kanaafuu, namni dhaqna hin qabanne tokko,+ ulaagaa qajeelaa Seericha keessa jiru yoo eege, dhaqna qabachuu dhiisuun isaa akka dhaqna qabachuutti hin lakkaaʼamuu?+ 27 Egaa namni dhaqna hin qabanne tokko Seericha raawwachuudhaan, si isa seera barreeffame utuu qabduu, akkasumas utuu dhaqna qabattee jirtuu seera cabsitutti murteessa. 28 Sababiin isaas, Yihudii dhugaa taʼuun, alaan kan mulʼatu miti;+ dhaqna qabaan isaas dhaqna qabaa qaamaa isa alaan mulʼatu miti.+ 29 Haa taʼu malee, inni keessa isaatti Yihudii taʼe+ Yihudii dha; dhaqna qabaan isaas seera barreeffameen utuu hin taʼin,+ dhaqna qabaa garaa+ isa hafuura Waaqayyootiin raawwatame dha. Namni kun namoota biraa utuu hin taʼin, Waaqayyo biraa ulfina argata.+
3 Egaa, Yihudii taʼuun caalmaa maalii qaba? Yookiin faayidaan dhaqna qabaa maali dha? 2 Karaa hundumaan caalmaa guddaa qaba. Duraan dursee dubbiin Waaqayyoo inni qulqulluun imaanaadhaan isaanitti kennameera.+ 3 Taʼus, isaan keessaa tokko tokko amantii yoo dhaban hoo? Amantii dhabuun isaanii amanamummaa Waaqayyoo gatii dhabsiisaa? 4 Matumaa hin dhabsiisu! “Ati dubbii keetiin qajeelaa taatee akka argamtuuf, murtii durattis akka injifattuuf”+ jedhamee akkuma barreeffame, namni hundi sobduu yoo taʼe illee+ Waaqayyo dhuga qabeessa haa taʼu.+ 5 Haa taʼu malee, jalʼinni keenya qajeelummaa Waaqayyoo ifatti yoo mulʼise, maal jechuu dandeenya ree? Waaqayyo yommuu dheekkamsa isaa ibsu jalʼaa taʼuu isaa tii? (Akka namoonni tokko tokko yaadanittan dubbachaa jira.) 6 Matumaa! Waaqayyo jalʼaa yoo taʼe akkamitti addunyaatti murteessa ree?+
7 Haa taʼu malee, sobuun koo dhugaan Waaqayyoo ulfina isaatiif caalaatti akka mulʼatu erga godhee, cubbamaa akkan taʼetti maaliif natti murteeffama ree? 8 Taanaan akkuma namoonni tokko tokko, “Wanti gaariin akka argamuuf wanta hamaa haa hojjennu” akka nuti jennu godhanii sobaan dubbatan maaliifan hin jedhu? Murtiin namoota kana irratti darbu haqa irratti kan hundaaʼe dha.+
9 Maarree, nuti warra kaan irra ni caalla jechuu dhaa? Matumaa! Sababiin isaas, Yihudoonnis taʼan Giriikonni hundinuu cubbuu jala akka jiran olitti ibsineerra;+ 10 kunis akkuma akkana jedhamee barreeffame dha: “Namni qajeelaan hin jiru, tokko illee hin jiru;+ 11 namni hubannaa qabu tokko illee hin jiru; namni Waaqayyoon barbaaddatu tokko illee hin jiru. 12 Namoonni hundi karaa irraa goraniiru; hundi isaanii gatii kan hin qabne taʼaniiru; namni gaarummaa argisiisu tokko illee hin jiru, tokko illee hin jiru.”+ 13 “Qoonqoon isaanii awwaala baname dha; arraba isaaniitiin gowwoomsaniiru.”+ “Summiin buutii afaan isaanii keessa jira.”+ 14 “Afaan isaanii abaarsaa fi dubbii hadhaaʼaadhaan kan guutame dha.”+ 15 “Miilli isaanii dhiiga dhangalaasuuf ariifata.”+ 16 “Badiisnii fi gadadoon daandii isaanii irra jira; 17 isaan daandii nagaa hin beekan.”+ 18 “Waaqayyoon sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.”+
19 Afaan hundi akka cufamuu fi guutummaan addunyaa Waaqayyo duratti akka itti gaafatamuuf, wanti Seerichi jedhu hundi warra Seericha jala jiraniif akka taʼe beekna.+ 20 Kanaafuu, namni* seera eeguudhaan isa duratti qajeelaa jedhamuu dandaʼu tokko illee hin jiru;+ sababiin isaas, cubbuun maal akka taʼe sirriitti kan beeksise seera dha.+
21 Haa taʼu malee, akkuma Seerichii fi Raajonni ragaa baʼan,+ amma seera eeguun utuu hin barbaachisin qajeelummaan Waaqayyoo mulʼateera;+ 22 eeyyee, namoonni amantii qaban hundi, amantii Yesuus Kiristoos irratti qabaniin qajeelummaa Waaqayyoo ni argatu. Sababiin isaas, namoota gidduu garaa garummaan hin jiru.+ 23 Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoo calaqqisiisuus hin dandaʼan;+ 24 isaan gaarummaa guddaa+ Waaqayyo furii Kiristoos Yesuus kaffaletti fayyadamee+ argisiiseen bilisa baʼanii qajeelota jedhamanii waamamuun isaanii kennaa tola+ argame dha. 25 Waaqayyo namoota dhiiga isaatti amananiif+ aarsaa araaraa godhee isa dhiheesseera.+ Kana kan godhe, Waaqayyo cubbuuwwan baroota darbanitti hojjetamaniif obsa isaatiin dhiifama gochuudhaan qajeelummaa isaa argisiisuuf jedhee ti. 26 Kana malees, yeroo ammaatti qajeelummaa isaa mulʼisuufi;+ kunis nama Yesuusitti amanu qajeelaa jedhee yommuu waamu, ofii isaatiis qajeelaa taʼuu isaa argisiisuufi.+
27 Kanaafuu, boonuuf sababii qabnaa ree? Sababii hin qabnu. Seera isa kamtu nu dhowwa? Seera hojii tii?+ Lakki! Kanaa mannaa, seera amantii ti. 28 Sababiin isaas, namni tokko hojii seerichaatiin utuu hin taʼin, amantiidhaan qajeelaa jedhamee akka waamamu hubanneerra.+ 29 Yookiin inni Waaqa Yihudootaa qofa dhaa?+ Saboota kaaniif hoo Waaqa mitii?+ Eeyyee, inni saboota kaaniifis Waaqa dha.+ 30 Waaqayyo tokko waan taʼeef,+ inni namoota dhaqna qabatan sababii amantiitiin qajeelota jedhee waama;+ namoota dhaqna hin qabannes sababii amantii isaaniitiin qajeelota jedhee waama.+ 31 Maarree, amantii keenyaan seera diigna jechuu dhaa? Matumaa! Kanaa mannaa, seera ni jabeessina.+
4 Erga akkas taʼee, Abrahaam inni karaa foonii abbaa keenya taʼe maal argate jechuu dandeenya? 2 Fakkeenyaaf, Abrahaam utuu hojiidhaan qajeelaa jedhameera taʼee, boonuuf sababii qaba ture; Waaqayyo duratti garuu boonuu hin dandaʼu. 3 Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Abrahaam Yihowaatti* amane, kunis qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame.”+ 4 Nama hojjetuuf wanti kaffalamu akka kennaa tolaatti utuu hin taʼin, akka gatii dadhabbii isaatti ilaalama. 5 Karaa biraa immoo, nama hojii isaatti utuu hin taʼin, isa nama cubbamaa qajeelaa akka taʼetti ilaalu sanatti amanuuf, amantiin isaa akka qajeelummaatti lakkaaʼama.+ 6 Daawitis gammachuu namni hojii isaa malee Waaqayyo akka qajeelaatti isa lakkaaʼu argatu ilaalchisee akkana jedhee dubbateera: 7 “Namoonni balleessaan isaanii isaaniif dhiifame, cubbuun isaaniis isaaniif haguugame* gammadoo dha; 8 namni Yihowaan* cubbuu isaa isatti hin lakkoofne gammadaa dha.”+
9 Maarree, gammachuu akkasii warra dhaqna qabatan qofatu argata moo, warri dhaqna hin qabannes ni argatu?+ Sababiin isaas, “Amantiin Abrahaam qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame” jenneerra.+ 10 Taʼus, akka qajeelummaatti kan isaaf lakkaaʼame yoom ture? Erga dhaqna qabatee booda moo, utuu dhaqna hin qabatin ture? Erga dhaqna qabatee booda utuu hin taʼin, utuu dhaqna hin qabatin ture. 11 Amantii utuu dhaqna hin qabatin argisiiseen, dhaqna qabaa isa mallattoo qajeelinaa+ taʼe akka chaappaatti* fudhate; akka kanaan, namoota utuu dhaqna hin qabatin amantii isaaniitiin qajeeloo akka taʼanitti lakkaaʼaman hundumaaf abbaa taʼe;+ 12 inni sanyii isaa warra dhaqna qabataniifis abbaa dha; taʼus, warra dhaqna qabaa cimsanii hordofan qofaaf utuu hin taʼin, warra amantii abbaan keenya Abrahaam+ utuu dhaqna hin qabatin argisiise sana akka gaariitti hordofan hundumaatiif abbaa dha.
13 Sababiin isaas, Abrahaam yookiin sanyiin isaa addunyaa akka dhaalu waadaan kan isaaf galame karaa seeraa utuu hin taʼin,+ karaa qajeelummaa isa amantiidhaan argamu sanaa ture.+ 14 Warri seera cimsanii hordofan dhaaltota yoo taʼan, amantiin gatii hin qabaatu, waadaan sunis faayidaa kan hin qabne taʼa. 15 Dhugaa dubbachuuf Seerichi dheekkamsa fida;+ taʼus, bakka seerri hin jirretti seera cabsuun hin jiru.+
16 Kanaafuu, waadaan sun amantii irraa argame; kunis kan taʼe, waadaan sun gaarummaa guddaa irratti kan hundaaʼe akka taʼuu+ fi sanyii isaa hundumaaf,+ jechuunis warra Seericha cimsanii hordofaniif qofa utuu hin taʼin, warra amantii Abrahaam isa abbaa hunda keenyaa taʼe cimsanii hordofaniifis kan mirkanaaʼe akka taʼuufi.+ 17 (Kunis kan taʼe akkuma, “Ani saboota hedduudhaaf abbaa si godheera” jedhamee barreeffametti.)+ Kun kan taʼe Waaqayyo isa Abrahaam amanate, isa warra duʼan jiraataa godhuu fi wantoota hin jirre akka jiranitti waamu duratti dha. 18 Wanti abdachuuf sababa taʼu jiraachuu baatus, Abrahaam abdii isaaf kenname irratti hundaaʼee, “Sanyiin kees akkanuma ni taʼa”+ jedhamee akkuma itti himame abbaa saboota hedduu akka taʼu amaneera. 19 Amantiin isaa kan hin laafne taʼus, yeroo kanatti (gara waggaa 100 waan taʼeef) qaama isaa isa akka duʼetti ilaalamuu+ fi gadameessa Saaraa isa duʼaa* taʼe yaade.+ 20 Taʼus, Waaqayyoof ulfina kennee amantii isaatti jabaate malee, waadaa Waaqayyo isaaf gale irratti amantii dhabee hin raafamne; 21 Waaqayyo wanta waadaa gale raawwachuu akka dandaʼu guutummaatti mirkanaaʼaa taʼe.+ 22 Kanaafuu, “kun qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame.”+
23 Taʼus yaanni, “isaaf lakkaaʼame” jedhu isa qofaaf kan barreeffame miti;+ 24 kanaa mannaa, Waaqa isa Yesuus Gooftaa keenya duʼaa kaase sanatti waan amannuuf, nu warra akka qajeelotaatti lakkaaʼamneefis kan barreeffame dha.+ 25 Inni cubbuu keenyaaf dabarfamee kenname;+ Waaqayyo qajeelota jedhee akka nu waamuufis duʼaa kaafame.+
5 Kanaafuu, amma amantiidhaan qajeelota jedhamnee waan waamamneef,+ karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoo wajjin nagaadhaan haa jiraannu;*+ 2 kana malees, amantiin nuti Yesuus irratti qabnu Waaqayyotti akka dhihaannuu fi gaarummaa guddaa akka argannu godheera;+ Waaqayyo irraa ulfina akka argannu abdii waan qabnuufis haa gammannu.* 3 Kana qofa utuu hin taʼin, utuma rakkinni nu irra gaʼaa jiruus haa gammannu;*+ sababiin isaas, rakkinni jabaatanii dhaabbachuu akka argamsiisu beekna;+ 4 jabaatanii dhaabbachuun immoo ejjennoo fudhatama qabu argamsiisa;+ ejjennoon fudhatama qabu immoo abdii argamsiisa;+ 5 abdichis nama hin qaanessu;+ sababiin isaas, jaalalli Waaqayyoo karaa hafuura qulqulluu isa nuu kenname sanaa garaa keenya keessatti dhangalaʼeera.+
6 Utuma dadhaboo taanee jirruu,+ Kiristoos yeroo dursee murteeffametti cubbamootaaf duʼeera. 7 Nama qajeelaadhaaf kan duʼu tokko illee hin jiru; nama gaariidhaaf kan duʼu garuu, tarii jiraachuu dandaʼa. 8 Haa taʼu malee, Waaqayyo utuma nuti cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf jedhee akka duʼu gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera.+ 9 Amma dhiiga isaatiin qajeelota jedhamnee waan waamamneef,+ karaa isaa dheekkamsa Waaqayyoo jalaa akka oollu beekamaa dha.+ 10 Sababiin isaas, utuu diinota taanee jirruu karaa duʼa Ilma isaa Waaqayyotti erga araaramnee,+ amma erga araaramnee booda, jireenya isaatiin akka fayyinu beekamaa dha. 11 Kana qofa utuu hin taʼin, karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa amma karaa isaa araara arganne sanaa Waaqayyotti gammadaa jirra.+
12 Kanaan kan kaʼes, cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe;+ kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.+ 13 Seerichi utuu hin kennamin cubbuun addunyaa keessa ture; taʼus yeroo seerri hin jirretti namni tokko illee cubbuu hojjetteetta jedhamee hin himatamu ture.+ 14 Haa taʼu malee, namoota cubbuu Addaam ajajamuu diduudhaan hojjetee wajjin wal fakkaatu hin hojjenne irratti illee, duuti Addaamii kaasee hanga Museetti mootii taʼeera; Addaam isa booda dhufu sanaaf fakkeenya ture.+
15 Taʼus kennaan sun akka cubbuu sanaa miti. Sababiin isaas, cubbuu nama tokkootiin namoonni hedduun duʼaniiru; gaarummaan Waaqayyoo inni guddaanii fi kennaan tolaa karaa nama tokkoo,+ jechuunis karaa Yesuus Kiristoos argame garuu, namoota hedduudhaaf faayidaa guddaa argamsiiseera.+ 16 Kana malees, wanti kennaan tolaa sun argamsiise, wanta cubbuun nama tokkoo sun fidee wajjin tokko miti.+ Murtiin cubbuu tokkoo wajjin dhufe yakka fideera;+ kennaan namoonni hedduun cubbuu erga raawwatanii booda dhufe garuu, qajeelota jedhamanii akka waamaman godheera.+ 17 Cubbuu nama tokkootiin kan kaʼe duuti karaa nama sanaa erga mootii taʼee,+ namoonni gaarummaa guddaa fi kennaa tolaa qajeelummaa baayʼinaan argatan+ karaa nama tokkoo, jechuunis karaa Yesuus Kiristoos jireenya argatanii+ mootota taʼanii akka bulchan+ caalaatti mirkanaaʼaa dha.
18 Kanaafuu, akkuma cubbuun tokko akaakuu namootaa hundatti yakka mursiise,+ akkasuma gochi qajeelaan tokko akaakuun namootaa hundi+ qajeelota jedhamanii jireenya akka argatan godha.+ 19 Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin namoonni hedduun cubbamoota taʼan,+ ajajamuu nama tokkootiin namoonni hedduun qajeelota taʼu.+ 20 Seerichi namoonni hammam cubbamoota akka taʼan argisiisuuf kenname.+ Taʼus, bakka cubbuun baayʼatetti, gaarummaa guddaanis caalaatti baayʼate. 21 Kun kan taʼe maaliifi? Akkuma cubbuun duʼaa wajjin mootii taʼe,+ gaarummaa guddaan inni karaa Yesuus Kiristoos Gooftaa keenyaa jireenya bara baraatti geessus karaa qajeelummaa mootii akka taʼuufi+
6 Egaa, maal jechuu dandeenya ree? Gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan akka baayʼatuuf cubbuu hojjechuu keenya itti fufuu qabnaa? 2 Matumaa! Cubbuudhaaf waan duuneef,+ kana booda akkamitti cubbuu keessa jiraachuu keenya itti fufna?+ 3 Yookiin warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi,+ gara duʼa isaatti akka cuuphamne hin beektanii?+ 4 Kanaafuu, gara duʼa isaatti cuuphamuudhaan isaa wajjin awwaalamneerra;+ akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin duʼaa kaafame, nutis jireenya haaraa jiraanna.+ 5 Duʼa akka isaa duʼuudhaan isaa wajjin tokkummaa yoo qabaanne,+ duʼaa kaʼuu akka isaa argachuudhaanis isaa wajjin tokkummaa akka qabaannu beekamaa dha.+ 6 Qaamni keenya inni cubbamaan nu irratti humna akka hin qabaannee+ fi nuti kana booda garboota cubbuu akka hin taaneef,+ namummaan keenya inni moofaan isaa wajjin muka irratti akka fannifame beekna.+ 7 Sababiin isaas, namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera.*
8 Kana malees, Kiristoosii wajjin yoo duune isaa wajjin akka jiraannu ni amanna. 9 Kiristoos amma duʼaa akka kaafame,+ kana boodas akka hin duune beekna;+ duuti kana booda isa irratti gooftummaa hin qabu. 10 Inni yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha cubbuudhaaf* duʼeera;+ jireenya amma jiraatu garuu Waaqayyoof jiraachaa jira. 11 Haaluma wal fakkaatuun, isinis cubbuudhaaf akka duutan, garuu immoo karaa Kiristoos Yesuus Waaqayyoof jiraachaa akka jirtan godhaa of ilaalaa.+
12 Kanaafuu, isin kajeellaa fooniitiif akka hin ajajamneef, cubbuun qaama keessan isa duʼu+ irratti mootii taʼuu isaa akka itti fufu hin heyyaminaa. 13 Akkasumas qaama* keessan cubbuudhaaf meeshaa jalʼinaa gootanii hin dhiheessinaa; kanaa mannaa, akka warra duʼaa kaafamaniitti Waaqayyoof of dhiheessaa; qaama* keessanis meeshaa qajeelinaa godhaatii Waaqayyoof dhiheessaa.+ 14 Isin seera jala utuu hin taʼin,+ gaarummaa guddaa jala waan jirtaniif,+ cubbuun isin irratti gooftaa taʼuu hin qabu.
15 Egaa maal jechuu dandeenya ree? Seera jala utuu hin taʼin, gaarummaa guddaa jala waan jirruuf cubbuu hojjechuu qabnaa?+ Matumaa! 16 Nama kamiif iyyuu akka garbichaatti ajajamuuf yoo of dhiheessitan, nama ajajamtan sanaaf garbicha akka taatan hin beektanii?+ Kanaafuu, isin cubbuu+ isa gara duʼaatti+ geessuuf yookiin ajajamuu isa gara qajeelummaatti geessuuf garboota dha. 17 Haa taʼu malee, cubbuudhaaf garboota kan turtan yoo taʼe iyyuu, amma barumsa isinitti kenname sanaaf garaadhaa waan ajajamtaniif Waaqayyoof galanni haa taʼu. 18 Eeyyee, cubbuu irraa bilisa waan baataniif,+ qajeelummaadhaaf garboota taataniittu.+ 19 Foon keessan dadhabaa waan taʼeef, jechoota namoonni hubataniinan dubbadha; akkuma kutaawwan qaama keessanii xuraaʼummaa fi jalʼina isa jalʼina hojjechuutti geessuuf garboota gootanii dhiheessitan, amma immoo kutaawwan qaama keessanii qajeelummaa isa gara qulqullummaatti geessuuf garboota godhaa dhiheessaa.+ 20 Sababiin isaas, yeroo garboota cubbuu turtanitti, qajeelummaa jala hin turre.
21 Yeroo sanatti firii akkamii godhattu turtan? Firii amma itti qaanoftan godhattu turtan. Sababiin isaas, dhumni wantoota sanaa duʼa dha.+ 22 Haa taʼu malee, amma cubbuu irraa bilisa baatanii Waaqayyoof garboota waan taataniif, daandii qulqullummaa irratti firii godhachaa jirtu;+ kunis dhumni isaa jireenya bara baraa ti.+ 23 Mindaan cubbuun kaffalu duʼa dha;+ kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus+ jireenya bara baraa ti.+
7 Yaa obbolootaa, (ani namoota seericha beekanitti dubbachaan jira) Seerichi nama tokko irratti aangoo kan qabaatu hanga namichi lubbuudhaan jirutti akka taʼe hin beektanii? 2 Fakkeenyaaf, dubartiin heerumte hanga abbaan manaa ishii lubbuudhaan jirutti seeraan isatti hidhamteetti; abbaan manaa ishii yoo duʼe garuu, seera abbaa manaa ishii irraa ni hiikamti.+ 3 Kanaafuu, abbaan manaa ishii utuu lubbuudhaan jiruu kan nama biraa yoo taate ejjituu jedhamti.+ Abbaan manaa ishii yoo duʼe garuu seera isaa jalaa bilisa waan baatuuf, kan nama biraa yoo taate ejjituu hin jedhamtu.+
4 Kanaafuu, yaa obboloota koo, isinis kan nama biraa,+ jechuunis kan isa duʼaa kaafame sanaa akka taataniif,+ karaa qaama Kiristoos Seerichaaf duutaniittu; kunis kan taʼe Waaqayyoof firii akka godhannuufi.+ 5 Sababiin isaas, yeroo akka fedhii fooniitti jiraachaa turre, hawwiiwwan cubbuu warri Seerichaan kakaafaman duʼaaf firii akka godhannuuf qaama* keenya keessatti hojjechaa turan.+ 6 Amma garuu, isa nu dhowwu sanaaf waan duuneef, Seericha jalaa bilisa baaneerra;+ kunis akka seera moofaa isa barreeffame sanaatti utuu hin taʼin,+ akka haaraatti hafuurichaan garboota akka taanuufi.+
7 Egaa maal jechuu dandeenya ree? Seerichi hirʼina qaba* jechuu dhaa? Matumaa! Dhugaa dubbachuuf utuu Seerichi hin jiru taʼee, cubbuun maal akka taʼe hin beekun ture.+ Fakkeenyaaf, utuu Seerichi, “Hin gomjaʼin” hin jenne taʼee gomjaʼuun maal akka taʼe hin beekun ture.+ 8 Haa taʼu malee, cubbuun carraa ajajni kun isaaf kennetti fayyadamee gomjaʼuun hundi akka na keessa jiraatu godhe; sababiin isaas, bakka seerri hin jirretti cubbuun duʼaa dha.+ 9 Yeroo seerri hin jirretti ani jiraachaan ture. Haa taʼu malee, yeroo ajajichi dhufu, cubbuun deebiʼee jiraate, ani garuu nan duʼe.+ 10 Ajajni gara jireenyaatti akka geessu yaadames,+ duʼatti kan geessu taʼuu isaa nan hubadhe. 11 Cubbuun carraa ajajichi isaaf kennetti fayyadamee na gowwoomse, akkasumas karaa ajaja sanaa na ajjeese. 12 Kanaafuu, Seerichi qulqulluu dha, ajajichis qulqulluu, qajeelaa fi gaarii dha.+
13 Egaa wanta gaarii taʼe kanatu duʼa natti fidee? Matumaa! Kanaa mannaa, kan na ajjeese cubbuu dha; Seerichi inni gaarii taʼe cubbuun duʼa akka fidu ifa godheera;+ akka kanaan ajajichi cubbuun hammam akka hammaatu ifa godheera.+ 14 Seerichi kan Waaqayyoo akka taʼe beekna; ani garuu nama foonii cubbuutti gurgurame dha.+ 15 Ani wantan gochaa jiru hin hubadhu. Sababiin isaas, wantan hojjechuu barbaadu hin hojjedhu; kanaa mannaa wantan jibbun hojjedha. 16 Haa taʼu malee, wantan hin barbaanne kanan hojjedhu yoo taʼe, Seerichi gaarii akka taʼe irrattan walii gala. 17 Amma garuu cubbuu na keessa jiraatutu kana hojjeta malee ana miti.+ 18 Na keessa, jechuunis foon koo keessa wanti gaariin tokko illee akka hin jirre ani beeka; wanta gaarii hojjechuu nan hawwa; haa taʼu malee, wantan hawwu hojjechuu hin dandaʼu.+ 19 Ani wanta gaarii isan barbaadu hin hojjedhu; kanaa mannaa, wanta gadhee isan hin barbaanne sanan irra deddeebiʼee hojjedha. 20 Wantan hin barbaanne kanan hojjedhu erga taʼee, kana kan hojjetu ana utuu hin taʼin, cubbuu isa na keessa jiraatu sana dha.
21 Kanaafuu, seerri kun na irratti yommuu hojjetu nan arga: Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka na keessa jiru nan hubadha.+ 22 Keessa namummaa kootti seera Waaqayyootti nan gammada;+ 23 qaama* koo keessa garuu seerri kan biraan, seera sammuu koo wajjin wal loluu+ fi seera cubbuu isa qaama* koo keessa jiruuf akkan boojiʼamu godhu+ akka jiru nan hubadha. 24 Ani nama gadadamaa dha! Qaama gara duʼa kanaatti na geessu kana irraa eenyutu na oolcha? 25 Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoof galanni haa taʼu! Kanaafuu, ani sammuu kootiin seera Waaqayyootiif garbicha dha; foon kootiin garuu seera cubbuutiif garbicha dha.+
8 Kanaafuu, warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabanitti hin murteeffamu. 2 Sababiin isaas, seerri hafuuraa inni warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaniif jireenya kennu,+ seera cubbuu fi seera duʼaa jalaa bilisa si baaseera. 3 Seerichi cubbuu namootaatiin kan kaʼe dadhabaa waan taʼeef,+ cubbuu balleessuu hin dandeenye;+ kanaafuu, Waaqayyo cubbuu balleessuuf Ilma isaa+ fakkeenya namoota cubbuu dhaalaniitiin+ ergeera; kana gochuudhaanis cubbuu foon keessa jirutti murteessa; 4 kana kan godhes, ulaagaawwan qajeeloon Seericha keessa jiran nu warra akka fooniitti utuu hin taʼin, akka hafuuraatti deddeebinu+ keessatti akka raawwatamaniifi.+ 5 Sababiin isaas, warri akka fooniitti jiraatan, sammuun isaanii wantoota foonii irratti xiyyeeffata;+ warri akka hafuuraatti jiraatan garuu, sammuun isaanii wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffata.+ 6 Sammuun foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun duʼa fida;+ sammuun hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun garuu jireenyaa fi nagaa fida;+ 7 sababiin isaas, foon seera Waaqayyootiif waan hin bitamnee fi bitamuus waan hin dandeenyeef, sammuun foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun diina Waaqayyoo taʼuu jechuu dha.+ 8 Kanaafuu, warri fedhii foonii wajjin wal simanii jiraatan, Waaqayyoon gammachiisuu hin dandaʼan.
9 Dhuguma hafuurri Waaqayyoo yoo isin keessa jiraate garuu, fedhii foonii wajjin utuu hin taʼin, fedhii hafuuraa+ wajjin wal simtanii jiraattu. Taʼus, namni kam iyyuu hafuura Kiristoos hin qabu taanaan kan Kiristoos miti. 10 Haa taʼu malee, Kiristoos isinii wajjin tokkummaa yoo qabaate,+ qaamni keessan sababii cubbuutiin duʼaa dha; hafuurri qulqulluun garuu sababii qajeelummaatiin jireenya isiniif argamsiisa. 11 Ammas hafuurri isa Yesuusiin duʼaa kaase sanaa isin keessa yoo jiraate, inni Kiristoos Yesuusiin duʼaa kaase sun,+ karaa hafuura isaa isa isin keessa jiraatu sanaan qaama keessan isa duʼuuf jireenya ni kenna.+
12 Kanaafuu yaa obbolootaa, akka fooniitti jiraachuu fi fedhii isaa raawwachuuf dirqamni nu irra hin jiru;+ 13 akka fooniitti yoo jiraattan, akka duutan beekamaa dha; hojii qaama keessanii hafuuraan yoo ajjeestan garuu+ jireenya argattu.+ 14 Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundi dhuguma ilmaan Waaqayyoo ti.+ 15 Sababiin isaas, isin hafuura garbummaa isa deebitanii akka sodaattan isin godhu hin fudhanne; kanaa mannaa, hafuura akka ilmaan isaatti guddifamuu isa nuti, “Aabbaa!”* jennee ittiin waammannu sana fudhattan.+ 16 Nuti ijoollee Waaqayyoo taʼuu keenya+ hafuurichi hafuura keenyaa wajjin taʼee dhugaa baʼa.+ 17 Kanaafuu, nuti ijoollee yoo taane dhaaltota, jechuunis dhaaltota Waaqayyoo ti; haa taʼu malee, kan dhaallu Kiristoosii wajjini,+ isaa wajjin yoo dhiphanne+ isaa wajjin ulfina ni arganna.+
18 Sababiin isaas, rakkinni yeroo ammaatti nu irra gaʼu, ulfina isa nu irratti mulʼachuuf jiruu wajjin yommuu wal bira qabamu homaatti iyyuu hin lakkaaʼamu.+ 19 Uumamni mulʼachuu ilmaan Waaqayyoo hawwii guddaadhaan eeggachaa jira.+ 20 Uumamni wanta gatii hin qabneef bitameera;+ taʼus kan bitame fedhii isaatiin utuu hin taʼin, karaa isa abdiidhaan akka bitamu godhe sanaatiini; 21 kunis, uumamni mataan isaas garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼee,+ bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa akka argatuufi. 22 Uumamni hundi hanga ammaatti walii wajjin aadaa fi dhiphachaa akka jiru beekna. 23 Kana qofa utuu hin taʼin, nuti warri firii jalqabaa taane, jechuunis warri hafuuricha argannes, ofii keenyaan keessa keenyatti aadaa+ yeroo furichaan foon keenya irraa hiikamnuu fi Waaqayyo akka ilmaan isaatti itti nu guddisu hawwii guddaadhaan eegganna.+ 24 Sababiin isaas, nuti abdii kanaan fayyineerra; haa taʼu malee, abdiin ijaan argamu abdii miti; namni tokko wanta argu ni abdataa? 25 Haa taʼu malee, wanta hin argine+ abdanna yoo taʼe,+ jabaannee dhaabbachuudhaan wanta sana hawwii guddaadhaan eegganna.+
26 Haaluma wal fakkaatuun, hafuurichi dadhabbii keenya irratti nu gargaara;+ sababiin isaas, kadhachuu akka qabnu kan beeknu taʼus maal jennee akka kadhannu hin beeknu; taʼus, yommuu jechaan ibsuu dadhabnee aadnu hafuurichi iyyuu nuuf kadhata. 27 Haa taʼu malee, hafuurichi fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qulqullootaaf waan kadhatuuf, inni garaa namaa qoru,+ hiikni hafuurichaa maal akka taʼe beeka.
28 Waaqayyo warra isa jaallataniif, warra akka kaayyoo isaatti waamamaniif gaarii akka taʼutti hojii isaa hunda akka walitti qindeessu beekna;+ 29 sababiin isaas, Ilmi isaa obboloota hedduu gidduudhaa+ angafa akka taʼuuf,+ Waaqayyo warra jalqaba beekamtii isaaniif kenne dursee murteessuudhaan fakkaattii Ilma isaa akka qabaatan godheera.+ 30 Kana malees, warra dursee murteesse+ ni waame;+ warra waame kanas qajeelota jedhe.+ Dhuma irratti warra qajeelota jedhee waame kanaaf ulfinas ni kenne.+
31 Kanaafuu, waaʼee wantoota kanaa maal jechuu dandeenya ree? Waaqayyo nuu wajjin yoo taʼe, eenyutu nu mormuu dandaʼa?+ 32 Inni Ilma isaatiif illee utuu hin hilin* hunda keenyaaf dabarsee erga isa kennee,+ wantoota kan biraa hundas akkasuma gaarummaadhaan isaa wajjin nuuf hin kennuu ree? 33 Warra Waaqayyo filate irratti eenyutu himata dhiheessuu dandaʼa?+ Qajeelota jedhee kan isaan waame Waaqayyo dha.+ 34 Eenyutu isaanitti murteessa? Sababiin isaas, inni duʼe, inni duʼaa kaʼe, inni mirga Waaqayyoo jiruu+ fi inni nuuf kadhatu+ Kiristoos Yesuusi dha.
35 Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa?+ Rakkina moo, dhiphina moo, ariʼatama moo, beela moo, daaruu* moo, balaa moo goraadee dha?+ 36 Kunis akkuma, “Nuti sababii keetiin guyyaa hundumaa ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jedhaniittis ilaalamneerra” jedhamee barreeffametti dha.+ 37 Haa taʼu malee, karaa isa nu jaallate sanaa wantoota kana hunda keessatti guutummaatti injifannoo arganna.+ 38 Sababiin isaas, duuti yookiin jireenyi yookiin maleekonni yookiin mootummoonni yookiin wantoonni amma jiran yookiin wantoonni dhufuuf jiran yookiin humnoonni+ 39 yookiin ol kaʼiinsi yookiin gad fageenyi yookiin uumamni kan biraan akkamii iyyuu jaalala Waaqayyoo isa karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus ibsame irraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye hubadheera.
9 Ani duuka buutuu Kiristoos waanan taʼeef dhugaan dubbadha; qalbiin koo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee anaa wajjin ragaa waan baʼuuf ani hin sobu; 2 gaddi guddaanii fi dhiphinni wal irraa hin cinne garaa koo keessa jira. 3 Ani obboloota koo warra fira foonii koo taʼaniif jedhee, akka nama abaarameetti Kiristoos irraa utuun addaan baafamee illee nan gammadan ture; 4 isaan Israaʼelota dha. Waaqayyo akka ilmaan isaatti kan guddise,+ ulfina kan argatan, kakuun kan galame,+ Seerichi kan kenname,+ tajaajila qulqulluu dhiheessuuf mirga kan argatanii+ fi waadaan kan galame+ isaaniif ture. 5 Isaan sanyii abbootii keenyaa ti,+ Kiristoosis karaa foonii isaan irraa argame.+ Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru bara baraaf haa jajamu. Ameen.
6 Kana jechuun garuu dubbiin Waaqayyoo utuu hin raawwatamin hafeera jechuu miti. Sababiin isaas, Israaʼel irraa kan dhalate hundi dhuguma “Israaʼel” miti.+ 7 Kana malees, sanyii Abrahaam waan taʼaniif hundi isaanii ijoollee isaa ti jechuu miti;+ kanaa mannaa, “Inni sanyii kee jedhamee waamamu karaa Yisihaaq dhufa” jedhamee barreeffameera.+ 8 Kanaafuu, warri akka fooniitti ijoollee taʼan dhuguma ijoollee Waaqayyoo miti;+ kanaa mannaa, akka sanyii isaatti kan lakkaaʼaman warra akka waadaa sanaatti+ ijoollee isaa taʼani dha. 9 Waadaan sun, “Yeroo kanatti nan dhufa, Saaraanis ilma ni deessi” kan jedhu ture.+ 10 Taʼus yeroo sanatti qofa utuu hin taʼin, yeroo Ribqaan abbaa keenya Yisihaaqiif ijoollee lakkuu ulfooftettis waadaan kun galamee ture;+ 11 Waaqayyo kan filatu hojii irratti hundaaʼee utuu hin taʼin kaayyoo isaa irratti hundaaʼee waan taʼeef, utuu isaan dhalatanii wanta gaarii yookiin wanta hamaa tokko illee hin hojjetin dura waaʼee ijoollee sanaa, 12 “Inni angafaa isa quxisuudhaaf garbicha taʼa” jedhamee ishiitti himame.+ 13 Kunis akkuma, “Ani Yaaqoobiin nan jaalladhe, Esaawuun immoo nan jibbe” jedhamee barreeffametti dha.+
14 Egaa maal jechuu dandeenya ree? Waaqayyo haqa ni jalʼisa jechuu dhaa? Matumaa!+ 15 Sababiin isaas, inni Museedhaan, “Ani naman gaarummaa itti argisiisutti gaarummaa nan argisiisa; naman gara laafina itti argisiisuttis gara laafina nan argisiisa” jedheera.+ 16 Kanaafuu, kun fedhii namichaa yookiin carraaqqii inni godhu* irratti utuu hin taʼin, Waaqayyo isa gara laafessa taʼe irratti kan hundaaʼe dha.+ 17 Kitaabni Qulqulluun waaʼee Faraʼoon, “Ani kanan si turse, humna koo karaa kee argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi” jedha.+ 18 Kanaafuu, inni nama gara laafina itti argisiisuu barbaadutti gara laafina ni argisiisa; nama mata jabeessa akka taʼu barbaaduuf immoo ni heyyamaaf.+
19 Kanaan kan kaʼes ati, “Erga akkas taʼee maaliif dogoggora nama irratti barbaada ree? Fedhii isaa eenyutu mormuu dandaʼa?” naan jetta taʼa. 20 Garuu yaa namaa, Waaqayyoof deebii kan deebistu ati eenyu?+ Wanti bocame tokko isa isa boceen, “Maaliif akkanatti na tolchite?” ni jedhaa?+ 21 Namni suphee dhaʼu tokko, dhoqqee suphee tokko irraa qodaa tokko hojii ulfinaatiif, qodaa isa tokko immoo hojii ulfina hin qabneef tolchuuf suphee sana irratti aangoo hin qabuu?+ 22 Waaqayyo dheekkamsa isaa mulʼisuu fi humna isaa beeksisuu kan barbaadu taʼus, qodaawwan dheekkamsaa badiisni isaaniif malutti obsa guddaa kan argisiise yoo taʼe hoo? 23 Akkasumas, kana kan godhe qodaawwan gara laafinaa+ warra dursee ulfina isaatiif qopheesse irratti, 24 jechuunis, nu warra Yihudoota gidduudhaa qofa utuu hin taʼin, saboota kaan gidduudhaa waame irrattis ulfina isaa isa guddaa mulʼisuuf+ yoo taʼe hoo? 25 Kun immoo akkuma inni kitaaba Hoseʼaa keessattis akkana jedhee dubbatetti dha: “Ani warra saba koo hin taane+ ‘saba koo’ jedhee nan waama; ishii hin jaallatamnes, ‘jaallatamtuu’+ jedhee nan waama; 26 akkasumas bakkuma, ‘Isin saba koo miti’ itti jedhamanitti, ‘Ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii waamamu.”+
27 Kana malees, Isaayyaas sagalee guddaadhaan waaʼee Israaʼel akkana jedheera: “Lakkoofsi ilmaan Israaʼel akka cirracha galaanaa yoo taʼe iyyuu, warra isaan irraa hafan qofatu oola.+ 28 Sababiin isaas, Yihowaan* lafa irratti ni murteessa, kanas yeroo gabaabaa keessatti* ni raawwata.”+ 29 Kana malees, akkuma Isaayyaas dursee dubbate, “Yihowaan* Gooftaan Raayyaa utuu sanyii nuuf hin hambisne taʼee, silaa akkuma Sodoom taana, Gomoraas ni fakkaanna turre.”+
30 Egaa, maal jechuu dandeenya ree? Saboonni kaan, qajeelummaa kan hin hordofne taʼanis, qajeelummaa isa karaa amantii argamu argataniiru;+ 31 Israaʼel garuu seera qajeelummaa kan hordofe taʼus, seera sana hin raawwanne. 32 Maaliif? Sababiin isaas, isaan kana gochuuf kan yaalan amantiidhaan utuu hin taʼin hojiidhaan ture. Kanaafuu, “dhagaa gufachiisuun” ni gufatan;+ 33 kunis akkuma, “Kunoo, ani dhagaa gufachiisuu fi kattaa kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa;+ haa taʼu malee, namni isatti amanu hin qaanaʼu” jedhamee barreeffametti dha.+
10 Yaa obbolootaa, hawwiin garaa koo fi wanti ani isaaniif Waaqayyotti wawwaannaa dhiheessu akka fayyaniifi.+ 2 Beekumsa sirrii irratti kan hundaaʼe taʼuu baatus, isaan Waaqayyoof akka hinaafan isaaniif ragaa nan baʼa.+ 3 Isaan qajeelummaa Waaqayyoo utuu hin beekin,+ qajeelummaa ofii isaanii hundeessuu waan barbaadaniif,+ qajeelummaa Waaqayyootiif hin bitamne.+ 4 Namni amanu hundi qajeelaa taʼuu akka dandaʼuuf,+ Seerichi Kiristoosiin xumurameera.+
5 Museen qajeelummaa karaa Seerichaa argamu ilaalchisee, “Namni wantoota kana hojii irra oolchu isaaniin ni jiraata” jedhee barreesseera.+ 6 Qajeelummaa isa amantiidhaan argamu ilaalchisee garuu akkana jedhameera: “Ati garaa keetti akkana hin jedhin:+ ‘Eenyutu gara samiitti ol baʼa?’+ jechuunis, Kiristoosiin gad buusuuf eenyutu gara samiitti ol baʼa 7 yookiin ‘Eenyutu gara qileetti gad buʼa?’+ jechuunis, Kiristoosiin warra duʼan keessaa ol baasuuf eenyutu gara qileetti gad buʼa?” 8 Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Dubbichi sitti dhihoo, jechuunis afaan kee keessaa fi garaa kee keessa jira”;+ kunis, “dubbii” amantii isa nuti lallabnu dha. 9 Yesuus Gooftaa akka taʼe afaan keetiin ifatti yoo lallabde,+ akkasumas Waaqayyo duʼaa akka isa kaase garaa keetti yoo amante ni fayyita. 10 Sababiin isaas, namni garaa isaatti amanee qajeelaa taʼa, afaan isaatiinis ifatti lallabee fayya.+
11 Kitaabni Qulqulluun, “Namni isatti amanu hin qaanaʼu” jedha.+ 12 Nama Yihudii fi nama Giriikii gidduu garaa garummaan hin jiru.+ Gooftaan hunda isaanii tokko dha; inni warra isa waammatan hundumaaf arjaa dha. 13 “Namni maqaa Yihowaa* waammatu hundi ni fayya.”+ 14 Haa taʼu malee, utuu isatti hin amanin akkamitti isa waammatu? Utuu waaʼee isaa hin dhagaʼin hoo akkamitti isatti amanu? Namni tokko utuu isaaniif hin lallabin hoo akkamitti dhagaʼu? 15 Utuu hin ergamin hoo akkamitti lallabu?+ Kunis akkuma, “Miilli namoota wantoonni gaggaariin akka dhufan misiraachoo labsanii akkam bareeda!” jedhamee barreeffametti dha.+
16 Taʼus, misiraachichaaf kan ajajaman hunda isaanii hin turre. Sababiin isaas, Isaayyaas, “Yaa Yihowaa,* wanta nu irraa dhagaʼetti* kan amane eenyu?”+ jedheera. 17 Kanaafuu, amantiin dubbicha dhagaʼuu irraa argama.+ Dubbichi immoo kan dhagaʼamu yeroo namni tokko waaʼee Kiristoos lallabutti dha. 18 Haa taʼu malee ani, ‘Isaan utuu hin dhagaʼin waan hafaniifii laata?’ jedheen gaafadha. “Sagaleen isaanii guutummaa lafaa irratti, ergaan isaaniis hamma andaara lafaatti dhagaʼameera”+ waan jedhameef, akka dhagaʼan beekamaa dha. 19 Haa taʼu malee, ‘Israaʼelonni utuu hin beekin hafaniitii laata?’ jedheen gaafadha.+ Jalqaba Museen, “Ani warra saba hin taaneen hinaaffaadhaaf isaan nan kakaasa; saba gowwaa taʼeenis baayʼee akka aartan nan godha” jedheera.+ 20 Haa taʼu malee, Isaayyaas ija jabina guddaadhaan, “Ani warra na hin barbaanneef nan argame;+ warra waaʼee koo hin gaafannettis nan beekame”+ jedheera. 21 Waaʼee Israaʼel garuu, “Ani guyyaa guutuu gara namoota hin ajajamnee fi mata jabeeyyii taʼaniitti harka koo nan diriirse”+ jedheera.
11 Kanaafuu, ‘Waaqayyo saba isaa dhiiseeraa?’+ jedheen gaafadha. Matumaa! Ani iyyuu nama Israaʼel, sanyii Abrahaam, gosa Biiniyaam keessaa dhalate dha. 2 Waaqayyo saba isaa warra dursee beeke hin dhiisne.+ Eeliyaas Waaqayyo duratti Israaʼelota himachuu isaa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu hin beektanii? 3 “Yaa Yihowaa,* isaan raajota kee ajjeesaniiru, iddoowwan aarsaa kee diiganiiru, anuma qofatu hafe; amma immoo lubbuu koo balleessuuf yaalaa jiru.”+ 4 Haa taʼu malee, deebiin Waaqayyo isaaf kenne maal ture? “Ani namoota Baʼaaliif hin jilbeenfanne 7,000 qaba.”+ 5 Haaluma wal fakkaatuun, yeroo ammaattis namoonni gaarummaa guddaadhaan filatamanii hafan jiru.+ 6 Filannaan kun gaarummaa guddaadhaan erga taʼee,+ hojiidhaan taʼuun isaa hafeera jechuu dha;+ utuu hojiidhaan taʼee gaarummaa guddaan gaarummaa guddaa taʼuun isaa ni hafa ture.
7 Egaa maal jechuu dandeenya ree? Israaʼelonni wanta cimsanii barbaadan sana hin arganne; warri filataman garuu argataniiru.+ Warri kaan garuu miirri isaanii ni hadoode;+ 8 kunis akkuma, “Ijji isaanii akka hin arginee fi gurri isaanii akka hin dhageenyeef, Waaqayyo hamma guyyaa harʼaatti+ hafuura hirriba cimaa isaanitti buuse”+ jedhamee barreeffametti dha. 9 Daawitis akkana jedheera: “Maaddiin isaanii qamaaxira,* kiyyoo, gufuu fi adaba isaanitti haa taʼu. 10 Arguu akka hin dandeenyeef, ijji isaanii haa dukkanaaʼu; dugdi isaaniis yeroo hundumaa haa goophatu.”+
11 Kanaafuu ani, ‘Isaan kan gufatan, guutummaatti kufanii akka hafaniifii?’ jedheen gaafadha. Matumaa! Isaan seera waan cabsaniif saboota kaaniif fayyinni ni dhufe; kunis kan taʼe Israaʼelota hinaaffaadhaaf kakaasuufi.+ 12 Egaa seera cabsuun isaanii addunyaadhaaf eebba erga fidee fi hirʼachuun isaanii saboota kaaniif eebba erga argamsiisee,+ lakkoofsi isaanii guutuun isaa immoo hangam eebba guddaa fida ree?
13 Amma immoo isin warra saboota kaan keessaa dhuftanittan dubbadha. Ani saboota kaaniif ergamaa waanan taʼeef,+ tajaajila koo nan kabaja;+ 14 kana kanan godhus, saba* koo hinaaffaadhaaf kakaasee isaan keessaa tokko tokko akka fayyan gochuufi. 15 Gatamuun isaanii+ addunyaadhaaf araara erga argamsiisee, fudhatama argachuun isaanii caalaatti duʼa irraa gara jireenyaatti hin fiduu ree? 16 Kana malees, gar tokkoon bukoo akka firii jalqabaatti dhihaate qulqulluu yoo taʼe, guutummaan bukichaas qulqulluu dha; akkasumas, hiddi isaa qulqulluu taanaan dameewwan isaas qulqulluu dha.
17 Haa taʼu malee, dameewwan tokko tokko yoo caccabanii fi ati immoo utuma ejersa bosonaa taatee jirtuu isaan gidduutti maxxanfamtee eebba hidda ejersichaa irraa argamu irraa yoo hirmaatte, 18 dameewwan sana irratti of hin jajin. Yoo isaan irratti of jajje garuu,+ hidda sanatu si baata malee ati hidda sana akka hin baanne yaadadhu. 19 Ati, “Dameewwan kan caccaban ani iddoo isaaniitti akkan maxxanfamuufi”+ jetta taʼa. 20 Kun dhugaa dha! Isaan amantii dhabuu isaaniitiin caccabaniiru,+ ati garuu amantiidhaan dhaabbatteetta.+ Egaa, sodaadhu malee of hin tuulin. 21 Waaqayyo dameewwan uumamaatiif erga hin hillee siifis hin hilu. 22 Kanaafuu, gaarummaa+ fi gara jabina Waaqayyoo yaadi. Waaqayyo warra kufan irratti ni jabaata;+ ati garuu gaarummaa isaa keessa yoo jiraatte, gaarummaa isaa sitti argisiisa; taʼuu baannaan atis muramtee gatamta. 23 Isaanis akkuma amantii dhabanitti yoo itti fufuu baatan, Waaqayyo deebisee iddoo isaaniitti isaan maxxansuu waan dandaʼuuf, deebiʼanii ni maxxanfamu.+ 24 Ati muka ejersaa isa uumamaan muka bosonaa taʼe irraa muramtee, karaa uumamaan ala taʼeen muka ejersaa qeʼeetti erga maxxanfamtee, warri dameewwan uumamaa taʼan kun hoo deebiʼanii muka ejersaa isaaniitti hin maxxanfamanii ree?
25 Yaa obbolootaa, ogeeyyii akka taatanitti akka of hin ilaalleef, waaʼee iccitii qulqulluu kanaa utuu hin beekin akka haftan hin barbaadu:+ Hanga lakkoofsi namoota saboota kaan keessaa dhufanii guututti miirri Israaʼelota tokko tokkoo ni hadoode; 26 akka kanaan Israaʼel hundi+ ni fayya. Kunis akkuma akkana jedhamee barreeffametti dha: “Fayyisaan Xiyoon keessaa ni baʼa,+ ilmaan Yaaqoobis gocha hamminaa isaanii akka dhiisan ni godha. 27 Cubbuu isaanii ergan isaaniif dhiisee boodas,+ isaanii wajjin kakuu kana nan gala.”+ 28 Dhugaa dha, isaan misiraachichaa wajjin haala wal qabateen, faayidaa keessaniif diinota taʼaniiru; filannaa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen garuu, sababii abbootii isaaniitiin Waaqayyo biratti jaallatamoo taʼaniiru.+ 29 Sababiin isaas, Waaqayyo kennaa fi waamicha isaatti hin gaabbu. 30 Akkuma isin warra Waaqayyoof hin ajajamne kan turtan taʼus,+ amma sababii ajajamuu diduu isaaniitiin+ gara laafina argattan,+ 31 Yihudoonni utuu hin ajajamin hafuu isaaniitiin Waaqayyo gara laafina isinitti argisiiseera; kanaafuu, amma isaanittis gara laafina argisiisuu dandaʼa. 32 Sababiin isaas, Waaqayyo hunda isaaniitti gara laafina argisiisuuf,+ hunda isaanii ajajamuu diduu keessatti hidhe.+
33 Badhaadhinni, ogummaanii fi beekumsi Waaqayyoo akkam gad fagoo dha! Murtiin isaa matumaa qoramuu hin dandaʼu, karaan isaas bira gaʼamuu hin dandaʼu! 34 Sababiin isaas, “Eenyutu yaada Yihowaa* beeke? Yookiin eenyutu gorsituu isaa taʼe?”+ 35 Yookiin, “akka inni isaaf deebisuuf, jalqaba eenyutu waa isaaf kenne?”+ 36 Sababiin isaas, wanti hundi isa biraa fi isaan argame, akkasumas isaaf jiraata. Isaaf bara baraaf ulfinni haa taʼu. Ameen.
12 Kanaafuu yaa obbolootaa, qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu+ fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu gootanii akka dhiheessitan+ gara laafina Waaqayyootiin isinan kadhadha; kunis tajaajila qulqulluu dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtanii dhiheessitani dha.+ 2 Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu+ akka dandeessaniif,+ sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni* kun dhiibbaa akka isin irratti godhu* hin heyyaminaa.
3 Namni isin gidduu jiru kam iyyuu, akka amantii Waaqayyo isaaf kennetti,* sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee,+ hamma yaaduu qabu caalaa waaʼee ofii isaa akka hin yaanne gaarummaa guddaa naaf kennameen isinan gorsa.+ 4 Akkuma qaamni keenya tokko taʼee utuu jiruu,+ kutaawwan qaamaa hedduu qabuu fi kutaawwan qaamaa hundis hojii wal fakkaatu hin qabne, 5 nutis hedduu taanee utuu jirruu, tokkummaa Kiristoosii wajjin qabnuun qaama tokko dha; haa taʼu malee, hundi keenya dhuunfaatti kutaa qaama walii ti.+ 6 Kanaafuu, akka gaarummaa guddaa nuuf kennameetti kennaa adda addaa waan qabnuuf,+ kennaan keenya raajii dubbachuu yoo taʼe, akka amantii nuuf kennameetti haa dubbannu; 7 yookiin kennaan keenya tajaajiluu yoo taʼe, tajaajiluu keenya itti haa fufnu; inni barsiisus barsiisuu isaa itti haa fufu;+ 8 inni jajjabeessu,* haa jajjabeessu;*+ inni kennu* arjummaadhaan haa kennu;+ inni dura buʼu dhimmee* kana haa godhu;+ inni namaaf garaa laafus kana gammachuudhaan haa godhu.+
9 Jaalalli keessan fakkeessaa kan hin qabne haa taʼu.+ Wanta hamaa jibbaa;+ wanta gaariitti maxxanaa. 10 Jaalala obbolummaatiin hoʼisaa wal jaalladhaa. Kabaja walii kennuuf dursa fudhadhaa.+ 11 Jabaadhaa* hojjedhaa malee, dhibaaʼoo* hin taʼinaa.+ Hafuuraan kan gubattan taʼaa.+ Akka garbaatti Yihowaa* tajaajilaa.+ 12 Abdichatti gammadaa.+ Rakkina keessatti jabaadhaa dhaabbadhaa. Kadhannaatti jabaadhaa.+ 13 Qulqullootaaf akka rakkina isaaniitti isaaniif kennaa.+ Keessummoota simachuu amaleeffadhaa.+ 14 Warra isin ariʼatan eebbisuu keessan itti fufaa;+ isaan eebbisaa malee hin abaarinaa.+ 15 Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra booʼanii wajjin booʼaa. 16 Ilaalcha ofiif qabdan warra kaaniifis qabaadhaa; ilaalcha gad of qabuu qabaadhaa malee, of hin tuulinaa.+ Ogeeyyii akka taatanitti of hin ilaalinaa.+
17 Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa.+ Wanta namoota hundumaa duratti gaarii taʼe hojjedhaa. 18 Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa.+ 19 Yaa obboloota jaallatamo, “‘Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala’ jedha Yihowaan”*+ jedhamee waan barreeffameef, dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee+ ofii keessanii haaloo hin baʼinaa. 20 Kanaa mannaa, “diinni kee yoo beelaʼe nyaachisi; yoo dheebote wanta dhugu isaaf kenni; kana gochuudhaan barbadaa* mataa isaa irra tuulta.”*+ 21 Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi malee, hamaadhaan hin moʼamin.+
13 Waaqayyo biraa yoo taʼe malee aangoon waan hin argamneef,+ namni* hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu;+ abbootiin taayitaa amma jiran aangoo isaanii isa daangaa qabu kan argatan Waaqayyo biraa ti.+ 2 Kanaafuu, namni aangoo mormu kam iyyuu qophii Waaqayyoo morma; warri qophii kana morman murtii of irratti fidu. 3 Bulchitoonni kan sodaachisan namoota wanta gaarii hojjetan utuu hin taʼin, namoota wanta gadhee hojjetani dha.+ Nama aangoo qabu akka hin sodaanne ni barbaaddaa? Wanta gaarii hojjechuu kee itti fufi;+ isa biraas galata ni argatta; 4 sababiin isaas, inni tajaajilaa Waaqayyoo faayidaa keetiif muudame dha. Haa taʼu malee, inni goraadee kan hidhate kaayyoo malee waan hin taaneef, wanta gadhee yoo hojjette sodaadhu. Inni tajaajilaa Waaqayyoo nama wanta gadhee hojjetutti dheekkamee* haaloo baʼu dha.
5 Kanaafuu, dheekkamsa isaa sodaachuudhaan qofa utuu hin taʼin, qalbii keessaniin kan kaʼes isaaf bitamuuf sababii gaʼaa qabdu.+ 6 Qaraxa kan kaffaltanis kanumaafi; sababiin isaas, isaan tajaajiltoota Waaqayyoo uummata tajaajilani dha, kanas yeroo hunda raawwatu. 7 Hundumaaf wanta isaaf malu, jechuunis isa qaraxa gaafatuuf qaraxa,+ isa gibira gaafatuuf gibira kennaa, isa sodaatamuu barbaadu sodaadhaa,+ isa ulfina barbaaduuf ulfina kennaa.+
8 Wal jaallachuu malee idaan eenyuu iyyuu isin irra hin jiraatin;+ sababiin isaas, namni nama jaallatu hundi seericha raawwateera.+ 9 Seerri, “Hin ejjin,+ hin ajjeesin,+ hin hatin,+ hin gomjaʼin”+ jedhus taʼe, ajajni kan biraan kam iyyuu ajaja, “Nama* akka ofii keetti jaalladhu”+ jedhu keessatti walitti qabamaniiru. 10 Jaalalli wanta hamaa nama irratti hin hojjetu;+ kanaafuu, namni nama jaallatu seericha akka gaariitti raawwata.+
11 Isin yeroo isaa waan beektaniif kana raawwadhaa; yeroo amantoota itti taane caalaa amma fayyinni keenya waan dhihaateef, saʼaatiin itti hirribaa dammaqxan amma.+ 12 Halkanichi darbuu jala gaʼeera; guyyichis dhihaateera. Kanaafuu, hojii dukkanaa of irraa gannee+ meeshaa waraanaa ifaa haa uffannu.+ 13 Gadhiisiidhaan,* machiidhaan, saalqunnamtii naamusaan ala taʼeen, addaggummaadhaan,*+ lolaan, akkasumas hinaaffaadhaan utuu hin taʼin,+ akka ifa guyyaatiin deddeebinutti naamusaan haa deddeebinu.+ 14 Gooftaa Yesuus Kiristoosiin uffadhaa;+ fedhii foonii keessan raawwachuuf dursitanii karoora hin baafatinaa.+
14 Nama amantii isaatti laafaa taʼe simadhaa;+ taʼus ilaalcha addaa qabaachuu isaatiin* isatti hin murteessinaa. 2 Namni tokko waan hundumaa nyaachuu akka qabu amana; namni amantiin isaa laafaa taʼe garuu kuduraa qofa nyaata. 3 Inni nyaatu isa hin nyaanne hin tuffatin, inni hin nyaannes isa nyaatutti hin murteessin;+ sababiin isaas, Waaqayyo isa simateera. 4 Ati inni tajaajilaa isa kan biraatti murteessitu eenyu?+ Inni yoo dhaabbate yookiin yoo kufe gooftaa isaatiifi.+ Yihowaan* akka inni dhaabbatu gochuu waan dandaʼuuf, inni dhaabbachuu ni dandaʼa.
5 Namni tokko guyyaan tokko isa kan biraa irra akka caalu yaada;+ inni tokko immoo guyyaan tokko guyyoota kaanii wajjin qixxee akka taʼetti yaada;+ namni hundi wanti inni amanu sirrii taʼuu isaa guutummaatti haa mirkaneeffatu. 6 Namni guyyaa tokko kabaju Yihowaadhaaf* jedhee kabaja. Namni nyaatus Waaqayyoon waan galateeffatuuf, Yihowaadhaaf* jedhee nyaata;+ namni hin nyaannes Yihowaadhaaf* jedhee hin nyaatu, taʼus Waaqayyoon ni galateeffata.+ 7 Nu keessaa namni ofiif qofa jiraatu hin jiru;+ akkasumas namni ofiif qofa duʼu hin jiru. 8 Sababiin isaas, yoo jiraanne Yihowaadhaaf* jiraanna,+ yoo duunes Yihowaadhaaf* duuna. Kanaafuu, yoo jiraannes yoo duunes nuti kan Yihowaa* ti.+ 9 Kiristoos sababii kanaaf, jechuunis warra duʼan irrattis taʼe warra jiran irratti Gooftaa taʼuu akka dandaʼuuf duʼeera, deebiʼees jiraateera.+
10 Egaa ati maaliif obboleessa keetti murteessita?+ Yookiin maaliif obboleessa kee tuffatta? Nuti hundi keenya barcuma murtii Waaqayyoo dura ni dhaabbanna.+ 11 Sababiin isaas, “‘Jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha,+ jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata, arrabni hundis ani Waaqayyo taʼuu koo ifatti ni beeksisa’ jedha Yihowaan”*+ jedhamee barreeffameera. 12 Kanaafuu, tokkoon tokkoon keenya waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii ni kennina.+
13 Egaa, kana booda walitti murteessuu haa dhiisnu;+ kanaa mannaa, wanta nama gufachiisu yookiin wanta nama danqu obboleessa keenya dura kaaʼuu dhiisuuf haa murteessinu.+ 14 Ani wanti ofii isaatiin xuraaʼaa taʼe tokko illee akka hin jirre karaa Gooftaa Yesuus beeka, akkasumas mirkanaaʼaa taʼeera;+ namni tokko wanta tokko xuraaʼaa akka taʼetti yoo ilaale garuu, wanti sun isaaf xuraaʼaa dha. 15 Obboleessi kee sababii nyaataatiin akka mufatu yoo goote, ati jaalalaan deddeebiʼaa hin jirtu.+ Nyaata keetiin namni Kiristoos duʼeef akka badu hin godhin.+ 16 Kanaafuu, wanti gaariin isin hojjettan maqaa gadhee akka qabaatu hin godhinaa. 17 Mootummaa Waaqayyoo jechuun nyaataa fi dhugaatii jechuu miti;+ kanaa mannaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu hafuura qulqulluudhaan argamu dha. 18 Sababiin isaas, namni akka kanaan Kiristoosiin akka garbaatti tajaajilu kam iyyuu Waaqayyo durattis taʼe namoota duratti fudhatama ni qabaata.
19 Kanaafuu, wantoota nagaa argamsiisanii+ fi wal ijaaruuf gargaaran+ haa hordofnu. 20 Nyaataaf jettee hojii Waaqayyoo diiguu kee dhiisi.+ Wanti hundi qulqulluu akka taʼe beekamaa dha; namni tokko nyaachuun isaa warra kaan kan gufachiisu yoo taʼe garuu miidhaa qaba.*+ 21 Obboleessa kee kan gufachiisu yoo taʼe, foon nyaachuu yookiin daadhii wayinii dhuguu yookiin wanta akkamii iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.+ 22 Amantiin ati qabdu dhimma sii fi Waaqayyo gidduu jiru haa taʼu. Namni wanta tokko itti amanee erga raawwatee booda ofitti hin murteessine gammadaa dha. 23 Utuu shakkuu yoo nyaate garuu amantiidhaan waan hin nyaanneef dursee itti murteeffameera. Eeyyee, wanti amantii irratti hin hundoofne hundi cubbuu dha.
15 Nuti warri jaboo taane dadhabina warra jaboo hin taanee baachuu qabna malee,+ of gammachiisuu hin qabnu.+ 2 Tokkoon tokkoon keenya wanta gaarii isaaniif goonee isaan ijaaruudhaan warra kaan haa gammachiisnu.+ 3 Kiristoos illee of hin gammachiisne;+ kanaa mannaa akkuma, “Arrabsoon warra si arrabsanii ana irras ni gaʼe”+ jedhamee barreeffame taʼe. 4 Jabaannee dhaabbachuu keenyaan,+ akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf,+ wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.+ 5 Ammas Waaqayyo inni jabaatanii dhaabbachuu fi jajjabina namaaf kennu, akka Kiristoos Yesuus yaadetti akka yaaddan isin haa gargaaru; 6 kunis tokkummaadhaan+ Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos sagalee* tokkoon akka galateeffattaniifi.
7 Kanaafuu, akkuma Kiristoos ulfina Waaqayyootiif isin simate,+ isinis wal simadhaa.+ 8 Waaqayyo dhuga qabeessa taʼuu isaa argisiisuuf Kiristoos warra dhaqna qabataniif tajaajilaa taʼuu isaa+ akka beektan nan barbaada; tajaajilaa kan taʼes waadaa inni abbootii isaaniitiif gale mirkaneessuuf,+ 9 akkasumas saboonni gara laafina isaatiif Waaqayyoon akka galateeffataniifi.+ Kunis akkuma, “Saboota gidduutti ifatti kanan si beeksisuu kanaafi, maqaa keetiifis faarfannaa galataa nan faarfadha”+ jedhamee barreeffametti dha. 10 Akkasumas inni, “Yaa sabootaa, saba isaa wajjin gammadaa”+ jedheera. 11 Ammas, “Isin saboonni hundi, Yihowaa* jajadhaa; namoonni hundis isa haa jajatan”+ jedheera. 12 Isaayyaasis, “Hiddi Issey+ inni saboota bulchuuf kaʼu ni mulʼata;+ saboonnis abdii isaanii isa irra ni kaaʼatu”+ jedheera. 13 Humna hafuura qulqulluutiin abdiin akka isiniif baayʼatutti,* isatti amanamuu keessaniin Waaqayyo inni abdii kennu gammachuu fi nagaa guddaadhaan isin haa guutu.+
14 Ammas yaa obboloota koo, isin mataan keessanis wanta gaariidhaan guutuu akka taatan, beekumsa hundumaan akka guutamtanii fi wal gorsuu* akka dandeessan anumti iyyuu waaʼee keessan mirkanaaʼaa taʼeera. 15 Haa taʼu malee, gaarummaa guddaa Waaqayyo biraa anaaf kennameen kan kaʼe, yaadachiisa kan biraa isinii kennuuf, qabxiiwwan tokko tokko ifatti isiniif barreesseera; 16 gaarummaan kun kan naaf kenname tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼee sabootaaf akkan lallabuufi.+ Ani saboonni kun aarsaa fudhatama qabuu fi hafuura qulqulluudhaan qulqullaaʼe akka taʼaniif, hojii qulqulluu misiraachoo Waaqayyoo lallabuu irratti hirmaachaan jira.+
17 Kanaafuu, ani hojii Waaqayyo naaf kenneen kan kaʼe Kiristoos Yesuusitti gammaduuf sababii qaba. 18 Saboonni wantan dubbadhee fi wantan hojjedheen akka ajajamaniif, wanta Kiristoos karaa koo hojjeteen alatti wanta kan biraa tokko illee dubbachuuf hin onnadhu; 19 ani humna mallattoo fi dinqiitiin,+ akkasumas humna hafuura Waaqayyootiin, Yerusaalemii kaasee hanga Iliriiqumitti misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu guutummaatti lallabeera.+ 20 Kanaafuu, buʼuura namni kan biraan kaaʼe irratti ijaaruu waanan hin barbaanneef, misiraachicha bakka maqaan Kiristoos beeksifametti akkan hin labsine murtoo godheen ture; 21 kunis akkuma, “Warri waaʼeen isaa itti himamee hin beekne ni argu, warri hin dhageenyes ni hubatu”+ jedhamee barreeffametti dha.
22 Yeroo baayʼee gara keessan dhufuu kanan dadhabes kanaafi. 23 Amma garuu naannoo kana keessaa bakkan itti hin tajaajille hin qabu; gara keessan dhufuufis waggoota hedduudhaaf* hawwaan ture. 24 Kanaafuu, yommuun gara Ispeen dhaqu, dura isin argee yeroo muraasa ergan isinii wajjin dabarsee booda, hamma tokko akka na geggeessitan nan abdadha. 25 Amma garuu qulqulloota tajaajiluuf gara Yerusaalem dhaquufan jedha.+ 26 Obboloonni Maqedooniyaa fi Akaayaa keessa jiran, hiyyeeyyii qulqulloota Yerusaalem gidduu jiraniif gammachuudhaan wanta qaban buusii godhaniiru.+ 27 Eeyyee, kana isaaniif gochuuf idaan waan isaan irra jiruuf, gammachuudhaan kana godhaniiru; sababiin isaas, saboonni kaan wanta hafuuraa erga isaanii wajjin hirmaatanii, qabeenya isaaniitiin isaan tajaajiluuf dirqamni isaan irra jira.+ 28 Kanaafuu, ergan kana raawwadhee fi buusii* kana isaaniif kennee booda, karaa keessan goreen gara Ispeen dhaqa. 29 Kana malees, yommuun gara keessan dhufu, Kiristoos biraa eebba hedduu isiniif fidee akkan dhufu beeka.
30 Yaa obboloota koo, anaa wajjin Waaqayyoon cimsitanii akka naaf kadhattan karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi karaa jaalala isa hafuura qulqulluudhaan argamuun isinan jajjabeessa;+ 31 kunis namoota hin amannee fi Yihudaa keessa jiran irraa akkan oolu,+ akkasumas gargaarsi ani qulqulloota Yerusaalem keessa jiraniif geessu isaan biratti fudhatama akka argatuuf,+ 32 akkasumas fedhii Waaqayyootiin gammachuudhaan gara keessan dhufee akka wal jajjabeessinuufi. 33 Waaqni inni nagaa kennu hunduma keessanii wajjin haa taʼu.+ Ameen.
16 Obboleettii teenya Feeban ishii gumii Kinkiriʼaa keessatti tajaajiltuu wajjin wal isin barsiisuun barbaada;+ 2 ishiin ana dabalatee namoota hedduudhaaf dahoo waan taatee fi Gooftaatti waan amantuuf,+ akka qulqullootaaf taʼutti ishii simadhaa; gargaarsa barbaachisu hundas ishiidhaaf godhaa.
3 Phirisqaa fi Aqiilaa+ warra naa wajjin hojii Kiristoos Yesuus hojjetanitti nagaa koo naaf himaa; 4 isaan naaf* jedhanii lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii turan;+ ana qofa utuu hin taʼin gumiiwwan saboota kaanii hundis isaan galateeffatu. 5 Gumii mana isaanii keessa jiruttis nagaa naaf himaa.+ Ephinexos isan jaalladhuu fi Eeshiyaa keessatti Kiristoosiif firii jalqabaa taʼetti nagaa naaf himaa. 6 Maariyaam ishii jabaattee isiniif hojjettetti nagaa naaf himaa. 7 Firoottan koo+ Andironikosii fi Yuniyaas warra anaa wajjin hidhamanii turanii fi ergamoota biratti akka gaariitti beekaman, akkasumas ana dura duuka buutota Kiristoos taʼanitti nagaa naaf himaa.
8 Amphiliiyaaxos isan karaa Gooftaa jaalladhutti nagaa naaf himaa. 9 Orbaanos isa nuu wajjin Kiristoosiin tajaajiluu fi Isxaakis isan jaalladhutti nagaa naaf himaa. 10 Apheles isa Kiristoos biratti fudhatama argatetti nagaa naaf himaa. Warra maatii Arisxobulos keessaa taʼanitti nagaa naaf himaa. 11 Fira koo Heroodiyonitti nagaa naaf himaa. Maatii Naarkisos keessaa warra duuka buutota Gooftaa taʼanitti nagaa naaf himaa. 12 Dubartoota Xiraayifoonaa fi Xiraayifoosaa jedhaman warra jabaatanii hojii Gooftaa hojjechaa jiranitti nagaa naaf himaa. Pharsiis ishii jaallatamtuu, hojii Gooftaa jabaattee hojjettutti nagaa naaf himaa. 13 Ruufos isa tajaajilaa Gooftaa filatamaa taʼee fi haadha isaa ishii anaafis haadha taatetti nagaa naaf himaa. 14 Asinkiriixos, Filegoon, Hermees, Phaaxrobaas, Hermaasii fi obboloota isaan waliin jiranitti nagaa naaf himaa. 15 Filologosii fi Yuuliyaa, Neeriyusii fi obboleettii isaa, akkasumas Olimphaasii fi qulqulloota isaanii wajjin jiran hundatti nagaa naaf himaa. 16 Dhungannaa qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. Gumiiwwan Kiristoos hundi nagaa isiniif dhaamaniiru.
17 Ammas yaa obbolootaa, warra barumsa isin barattan mormuudhaan isin gidduutti wal qoqqooduu uumanii fi warra kaan gufachiisan irraa akka of eeggattan isinan gorsa; isaan irraa fagaadhaa.+ 18 Namoonni akkasii garboota kan taʼan garaa isaaniitiif malee Gooftaa keenya Kiristoosiif miti; isaan arraba laafaa fi dubbii sobaatiin garaa namoota hin shakkinee sossobanii gowwoomsu. 19 Ajajamuun keessan hundumaa biratti waan beekameef, ani isinitti nan gammada. Haa taʼu malee, isin wanta gaariidhaaf ogeeyyii, wanta hamaadhaaf immoo wallaalota akka taatan+ nan barbaada. 20 Waaqayyo inni nagaa kennu ofii isaatii dhiheenyatti Seexana+ miila keessan jalatti ni buruqsa. Gaarummaa guddaan Gooftaa keenya Yesuus isinii wajjin haa taʼu.
21 Ximotewos inni naa wajjin hojjetu, akkasumas Luukiyos, Yaasonii fi Sosiphaaxiros warri firoota koo+ taʼan nagaa isiniif dhaamaniiru.
22 Ani Xarxiyoos inni barreessaa xalayaa kanaa taʼee fi akkuma keessan Gooftaatti amanu nagaa isiniif nan dhaama.
23 Gaayos+ inni anaanis taʼe guutummaa gumichaa keessummeessu nagaa isiniif dhaameera. Eraasxos inni itti gaafatamaa maallaqaa magaalattii taʼee fi obboleessi isaa Quʼaarxos nagaa isiniif dhaamaniiru. 24* ——
25 Waaqayyo mulʼifamuu iccitii qulqulluu+ bara dheeraadhaaf dhokfamee turee wajjin haala wal simuun, misiraachoo ani lallabuu fi ergaa waaʼee Yesuus Kiristoos ibsu sanaan isin jabeessuu dandaʼa; 26 iccitiin kun amma mulʼifameera; akkasumas akka Waaqayyo inni bara baraaf jiraatu ajajetti, namoonni Waaqayyotti amanuudhaan akka ajajaman jajjabeessuuf karaa raajii Kitaabota Qulqulluu saboota hunda biratti beekameera; 27 Waaqayyo isa kophaa isaa ogeessa taʼeef,+ karaa Yesuus Kiristoos bara baraaf ulfinni haa taʼu. Ameen.
Kal., “barbaarotaaf.”
Ykn., “wantoota munyuuqaniitti.”
Ykn., “uumama waaqeffatan.”
Ykn., “gatii.”
Ykn., “waaʼee Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuu.”
Ykn., “Lubbuu nama wanta hamaa hojjetuu hunda irra.”
Ykn., “afaaniin waan baratteef.”
Kal., “foon.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “dhiifame.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “wabiitti.”
Ykn., “maseena.”
Ykn tarii, “nagaa qabna.”
Ykn tarii, “ni gammanna.”
Ykn tarii, “ni gammanna.”
Ykn., “hiikameera; dhiifama argateera.”
Jechuunis, cubbuu balleessuuf.
Ykn., “kutaawwan qaamaa.”
Ykn., “kutaawwan qaamaa.”
Ykn., “kutaawwan qaamaa.”
Kal., “cubbuu dha.”
Kal., “kutaawwan qaamaa.”
Kal., “kutaawwan qaamaa.”
Jecha Afaan Ibrootaa ykn Afaan Aaraam hiika, “Yaa Abbaa” jedhu qabu dha.
Ykn., “Ilma isaa illee utuu hin mararsiifatin.”
Ykn., “qullaa taʼuu.”
Kal., “isa hawwu yookiin isa fiigu.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “ariitiidhaan.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “gabaasa keenyatti.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kun gosa kiyyoo ti.
Kal., “foon.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “barri.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “akka isin bocu.”
Ykn., “hiretti.”
Ykn., “gorsu.”
Ykn., “gorsu.”
Ykn., “buusii godhus.”
Ykn., “garaadhaa.”
Ykn., “Dhimmaa; Hinaaffaadhaan.”
Ykn., “daagii.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “mukukkula.”
Kun namichi laafee amalli isaa inni jabaan akka baqu gochuu argisiisa.
Ykn., “lubbuun.”
Ykn., “adabee.”
Kal., “Ollaa kee.”
Akka malee nyaachuu, dhuguu fi iyyuu argisiisa.
Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “gaaffii keessa isaatti uumamuun.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “dogoggora dha.”
Kal., “afaan.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “guutee dhangalaʼuuf.”
Ykn., “barsiisuu.”
Ykn tarii, “muraasaaf.”
Kal., “firii.”
Ykn., “lubbuu kootiif.”
Kutaa Dabalataa A3 ilaali.