LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt 1 Seenaa Baraa 1:1-29:30
  • 1 Seenaa Baraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1 Seenaa Baraa
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Seenaa Baraa

SEENAA BARAA TOKKOFFAA

1 Addaam,

Seet,+

Eenosh,

2 Qaayinaan,

Mahaalaalel,+

Yaared,+

3 Heenok,+

Maatusaalaa,

Laameek,+

4 Noh,+

Seem,+ Kaamii fi Yaafeet.+

5 Ilmaan Yaafeet, Gomeer, Maagoog, Maadaay, Yaawaan, Tuubaal,+ Meesheekii+ fi Tiraas+ turan.

6 Ilmaan Gomeer, Ashkenaaz, Riifaatii fi Togaarmaa+ turan.

7 Ilmaan Yaawaan, Elishaa, Tarshiish, Kiitimii fi Rodaaniim turan.

8 Ilmaan Kaam, Kuush,+ Mizraayiim, Puutii fi Kanaʼaan turan.+

9 Ilmaan Kuush, Seebaa,+ Hawiilaa, Saabtaa, Raaʼaamaa+ fi Saabtekaa turan.

Ilmaan Raaʼaamaa, Sheebaa fi Deedaan turan.+

10 Kuush Naamrudiin dhalche.+ Naamrud lafa irratti nama jabaa isa jalqabaa ture.

11 Mizraayiim Luudimiin,+ Anaamiimiin, Lehaabiimiin, Naaftuhiimiin,+ 12 Phaatrusiimiin,+ Kaasluhiimiin (isa Filisxeemonni+ irraa argaman), akkasumas Kaaftoriimiin+ dhalche.

13 Kanaʼaan ilma isaa isa angafaa Siidoonii+ fi Heetiin,+ 14 akkasumas Yebuusicha,+ Amooricha,+ Girgaashicha,+ 15 Hiiwicha,+ Arqicha, Siinicha, 16 Arwaadicha,+ Zemaaricha fi Hamaaticha dhalche.

17 Ilmaan Seem, Eelaam,+ Ashuur,+ Arfaaksaad, Luudii fi Aaraam,

akkasumas* Uuz, Huul, Geeterii fi Maash turan.+

18 Arfaaksaad Sheelaa+ dhalche; Sheelaan immoo Ebeeriin dhalche.

19 Ebeer ilmaan lama dhalche. Maqaan isa tokkoo Feeleg*+ ture; sababiin isaas, bara jireenyaa isaatti lafti* qoqqoodamtee turte. Maqaan obboleessa isaa immoo Yoqxaan ture.

20 Yoqxaan, Almodaadiin, Sheleefiin, Hazaarmaawetiin, Yeeraa,+ 21 Hadoraamiin, Uuzaaliin, Diqlaa, 22 Obaaliin, Abimaaʼeliin, Sheebaa, 23 Ofiiriin,+ Hawiilaa+ fi Yobaabiin dhalche; kanneen kun hundi ilmaan Yoqxaan turan.

24 Seem,

Arfaaksaad,

Sheelaa,

25 Ebeer,

Feeleg,+

Reʼuu,+

26 Seruug,+

Naahor,+

Taaraa,+

27 Abraam, jechuunis Abrahaam.+

28 Ilmaan Abrahaam, Yisihaaqii+ fi Ishmaaʼel+ turan.

29 Hiddi dhalootaa maatii isaanii kana ture: Ilmi angafaa Ishmaaʼel Nebaayot,+ achiis Qeedaar,+ Adbaʼeel, Mibsaam,+ 30 Mishmaa, Duumaa, Maasaa, Hadaad, Teemaa, 31 Yetuur, Naafishii fi Qedemaa. Kanneen kun ilmaan Ishmaaʼel turan.

32 Ilmaan Keexuraan+ saajjatoon* Abrahaam deesse, Zimraan, Yoqshaan, Meedaan, Miidiyaan,+ Ishbaakii fi Shuʼaa+ turan.

Ilmaan Yoqshaan, Sheebaa fi Deedaan+ turan.

33 Ilmaan Miidiyaan, Eefaa,+ Eefeer, Hanook, Abiidaa fi Eldaaʼaa turan.

Kanneen kun hundi ilmaan Keexuraa turan.

34 Abrahaam Yisihaaqiin+ dhalche. Ilmaan Yisihaaq, Esaawuu+ fi Israaʼel+ turan.

35 Ilmaan Esaawu, Eliifaaz, Rewuʼel, Yeʼuush, Yaalaamii fi Qoraa+ turan.

36 Ilmaan Eliifaaz, Temaan,+ Omaar, Zeefoo, Gaataam, Qeenaaz, Timnaa fi Amaaleq+ turan.

37 Ilmaan Rewuʼel, Naahaat, Zeeraa, Shaamaa fi Miizaa+ turan.

38 Ilmaan Seʼiir,+ Looxaan, Shobaal, Zibeʼoon, Anaa, Diishon, Ezeerii fi Diishaan+ turan.

39 Ilmaan Looxaan, Hoorii fi Homaam turan. Obboleettiin Looxaan Timnaa+ turte.

40 Ilmaan Shobaal, Alwaan, Maanaahaat, Eebaal, Shefoo fi Onaam turan.

Ilmaan Zibeʼoon, Aayaa fi Anaa+ turan.

41 Ilmi* Anaa, Diishon ture.

Ilmaan Diishon, Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan+ turan.

42 Ilmaan Ezeer,+ Bilhaan, Zaaʼaawaanii fi Aqaan turan.

Ilmaan Diishaan, Uuzii fi Araan+ turan.

43 Kanneen kun mootiin akkamii iyyuu Israaʼelota* irratti bulchuu isaa dura mootota biyya Edoom+ keessatti bulchaa turani dha:+ Beelaa ilma Beʼor; maqaan magaalaa isaa Dinhaabaa ture. 44 Beelaan yommuu duʼetti, Yobaab ilmi Zaaraa inni Boozraadhaa+ dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 45 Yobaab yommuu duʼetti, Hushaam inni biyya Temaanotaatii dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 46 Hushaam yommuu duʼetti, Hadaad ilmi Beedaad inni biyya* Moʼaab keessatti Miidiyaaniin injifate bakka isaa bulchuu jalqabe. Maqaan magaalaa isaa Awiit ture. 47 Hadaad yommuu duʼetti, Saamlaan inni Maasreqaadhaa dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 48 Saamlaan yommuu duʼetti, Shaawul inni Rehoboot ishii Lagicha bira jirtu irraa dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 49 Shaawul yommuu duʼetti, Baʼaal Hanaan ilmi Akboor bakka isaa bulchuu jalqabe. 50 Baʼaal Hanaan yommuu duʼetti, Hadaad bakka isaa bulchuu jalqabe. Maqaan magaalaa isaa Phaawu ture; maqaan haadha manaa isaa Meheetaabel yeroo taʼu, ishiin intala Maatreed, intala Mezaahaab turte. 51 Sana booda Hadaad ni duʼe.

Dura buutonni* Edoom, Dura Buʼaa Timnaa, Dura Buʼaa Alwaa, Dura Buʼaa Yeteet,+ 52 Dura Buʼaa Oholibaamaa, Dura Buʼaa Eelaa, Dura Buʼaa Piinon, 53 Dura Buʼaa Qeenaaz, Dura Buʼaa Temaan, Dura Buʼaa Mibzaar, 54 Dura Buʼaa Maagdiʼelii fi Dura Buʼaa Iraam turan. Kanneen kun dura buutota Edoom turan.

2 Ilmaan Israaʼel+ kanneen kana turan: Ruuben,+ Simiʼoon,+ Leewwii,+ Yihudaa,+ Yisaakor,+ Zaabiloon,+ 2 Daan,+ Yoseef,+ Biiniyaam,+ Niftaalem,+ Gaadii+ fi Asheer.+

3 Ilmaan Yihudaa, Eer, Onaanii fi Sheelaa turan. Yihudaan ilmaan kana sadan kan dhalche intala Shuʼaa Kanaʼaanittii irraa ture.+ Haa taʼu malee, Eer ilmi Yihudaa inni angafaa Yihowaa waan gaddisiiseef, inni isa ni ajjeese.+ 4 Taamaar+ ishiin haadha manaa ilma Yihudaa taate, Faaresii+ fi Zaaraa isaaf ni deesse. Yihudaan walumaa galatti ilmaan shan qaba ture.

5 Ilmaan Faares, Hesroonii fi Hamuul+ turan.

6 Ilmaan Zaaraa, Zimrii, Eetaan, Hemaan, Kaalkolii fi Daaraa turan. Isaan walumaa galatti shan turan.

7 Ilmi* Kaarmii Akaar* yeroo taʼu, inni isa Israaʼel irratti badiisa* fidee+ fi wantoota guutummaatti balleeffamuu qabanii wajjin haala wal qabateen amanamaa utuu hin taʼin hafe sana dha.+

8 Ilmi* Eetaan Azaariyaa ture.

9 Ilmaan Hesroon warri inni dhalche, Yeraamiʼel,+ Raamii+ fi Keluubaay* turan.

10 Raam Aminaadaabiin+ dhalche. Aminaadaab Naʼaasoon+ isa ajajaa sanyiiwwan Yihudaa taʼe dhalche. 11 Naʼaasoon Saalmaa+ dhalche. Saalmaan Boʼaaziin+ dhalche. 12 Boʼaaz Yoobeediin dhalche. Yoobeed Isseyiin+ dhalche. 13 Issey ilma isaa isa angafaa Eeliyaabiin, ilma isaa isa lammaffaa Abinaadaabiin,+ ilma isaa isa sadaffaa Shimeʼaa,+ 14 ilma isaa isa arfaffaa Naataaniʼeliin, ilma isaa isa shanaffaa Raadaayiin, 15 ilma isaa isa jaʼaffaa Ozeemiin, akkasumas ilma isaa isa torbaffaa Daawitiin+ dhalche. 16 Obboleettonni isaanii Zeruuyaa fi Abigaayil+ turan. Ilmaan Zeruuyaa sadan, Abishaay,+ Yoʼaabii+ fi Asaahel+ turan. 17 Abigaayil Amaasaa+ deesse; abbaan Amaasaa Yeteer Ishmaaʼelicha ture.

18 Kaaleb* ilmi Hesroon haadha manaa isaa Azuubaa fi Yeriʼot irraa ilmaan dhalche; ilmaan ishiis Yesheer, Shoobaabii fi Ardoon turan. 19 Azuubaan yommuu duutetti, Kaaleb Efraataa+ fuudhe; ishiinis Huuriin+ isaaf ni deesse. 20 Huur Uurii dhalche. Uuriin immoo Bezaaliʼeliin+ dhalche.

21 Hesroon intala Maakiir+ isa abbaa Giiliyaad+ taʼe sanaa ni fuudhe. Inni yommuu ishii fuudhetti umuriin isaa waggaa 60 ture; ishiinis Seguubiin isaaf ni deesse. 22 Seguub, Yaaʼiriin ni dhalche; Yaaʼir+ biyya Giiliyaad+ keessatti magaalota 23 qaba ture. 23 Boodas, Geeshurii+ fi Sooriyaan,+ Qeenaatii+ fi magaalota ishii jalatti* argaman dabalatee, Hawoot Yaaʼiriin,+ walumaa galatti magaalota 60 isaan irraa ni fudhatan. Kanneen kun hundi sanyiiwwan Maakiir isa abbaa Giiliyaad taʼe sanaa turan.

24 Hesroon,+ Kaaleb Efraataa keessatti erga duʼee booda, Abiyaan haati manaa Hesroon Ashihuur+ isa abbaa Teqoohaa+ taʼe isaaf ni deesse.

25 Ilmaan Yeraamiʼel isa ilma angafaa Hesroon taʼe sanaa, ilma isaa isa angafaa Raam, Buunaa, Oreen, Ozeemii fi Ahiyaa turan. 26 Yeraamiʼel haadha manaa kan biraa Ataaraa jedhamtus qaba ture. Ishiin haadha Onaam turte. 27 Ilmaan Raam isa ilma angafaa Yeraamiʼel taʼe sanaa, Maaʼaaz, Yaamiinii fi Eeqer turan. 28 Ilmaan Onaam Shaamaayii fi Yaadaa turan. Ilmaan Shaamaay Naadaabii fi Abiishur turan. 29 Maqaan haadha manaa Abiishur Abihaayil yeroo taʼu, ishiin Ahibaanii fi Mooliidiin isaaf ni deesse. 30 Ilmaan Naadaab, Seleedii fi Aphaayim turan. Haa taʼu malee, Seleed ilmaan utuu hin dhalchin duʼe. 31 Ilmi* Aphaayim Yishii ture. Ilmi* Yishii Sheshaan, ilmi* Sheshaan Ahilaay ture. 32 Ilmaan Yaadaa obboleessa Shaamaay, Yeteerii fi Yonaataan turan. Haa taʼu malee, Yeteer ilmaan utuu hin dhalchin duʼe. 33 Ilmaan Yonaataan, Peeletii fi Zaazaa turan. Kanneen kun sanyiiwwan Yeraamiʼel turan.

34 Sheshaan ijoollee durbaa malee ijoollee dhiiraa hin qabu ture. Sheshaan tajaajilaa nama biyya Gibxii taʼee fi Yaarhaa jedhamu tokko qaba ture. 35 Sheshaan intala isaa tajaajilaa isaa Yaarhaatti heerumsiise; ishiinis Ataayiin isaaf ni deesse. 36 Ataay Naataaniin dhalche. Naataan Zaabaadiin dhalche. 37 Zaabaad Eflaaliin dhalche. Eflaal Yoobeediin dhalche. 38 Yoobeed Yehuu dhalche. Yehuun Azaariyaa dhalche. 39 Azaariyaan Heleeziin dhalche. Heleez Elʼaasaa dhalche. 40 Elʼaasaan Sismaayiin dhalche. Sismaay Shaalumiin dhalche. 41 Shaalum Yeqaamiyaa dhalche. Yeqaamiyaan Elishaamaa dhalche.

42 Ilmaan Kaaleb*+ isa obboleessa Yeraamiʼel taʼe sanaa, ilma isaa isa angafaa Meeshaa isa abbaa Ziif taʼe sana, akkasumas ilmaan Maareshaa isa abbaa Kebroon taʼe sanaa turan. 43 Ilmaan Kebroon, Qoraa, Taaphuʼaa, Reeqemii fi Sheemaa turan. 44 Sheemaan, Raahaam isa abbaa Yorqeʼaam taʼe dhalche. Reeqem Shaamaayiin dhalche. 45 Ilmi Shaamaay Maaʼon ture. Maaʼon abbaa Beet Zuur+ ture. 46 Saajjatoo Kaaleb kan taate Eefaan, Kaaraaniin, Moozaa fi Gaazeeziin ni deesse. Kaaraan Gaazeeziin dhalche. 47 Ilmaan Yaahidaay, Regeem, Yootaam, Geeshaan, Paalet, Eefaa fi Shaaʼaaf turan. 48 Saajjatoo Kaaleb kan taate Maʼaakaan, Sheeberii fi Tirhaanaa deesse. 49 Yeroo booda ishiin Shaaʼaaf isa abbaa Maadmaanaa+ taʼe, akkasumas Sheewaa isa abbaa Maakbeenaa fi Gibeʼaa+ taʼe deesse. Intalli Kaaleb+ Aksaa+ turte. 50 Kanneen kun sanyiiwwan Kaaleb turan.

Ilmaan Huur+ isa ilma angafaa Efraataa+ taʼe sanaa, Shobaal isa abbaa Qiriyaat Yeʼariim+ taʼe, 51 Saalmaa isa abbaa Beetaliheem+ taʼee fi Hareef isa abbaa Beet Gaader taʼe turan. 52 Shobaal inni abbaa Qiriyaat Yeʼariim taʼe ilmaan qaba ture; isaanis Haroʼee fi walakkaa namoota Menuhoot turan. 53 Maatiin Qiriyaat Yeʼariim, Yitroota,+ Puutota, Shumaatotaa fi Mishroota turan. Zoraatonnii+ fi Eshtaaʼoloonni+ kan argaman kanneen kana irraa ture. 54 Ilmaan Saalmaa, namoota Beetaliheem,+ Netoofaa fi Atroot Beet Yoʼaab keessa jiraatan, akkasumas walakkaa namoota Maanaahaatotaa fi Zoraatota turan. 55 Maatiin barreessitootaa warri Yaabeez keessa jiraatan, Tiraatota, Shimeʼaatotaa fi Sukaatota turan. Kanneen kun Qeenota+ warra Hamaat isa abbaa maatii Reekaab+ taʼe irraa dhufan turan.

3 Ilmaan Daawit warri inni Kebroon keessatti dhalche kanneen kana turan:+ ilmi isaa inni angafaa Amnoon+ yeroo taʼu, haati isaa Ahinoʼaam+ ishii nama biyya Yezriʼel taate turte; ilmi isaa inni lammaffaan Daaniʼel yeroo taʼu, haati isaa Abigaayil+ ishii nama biyya Qarmeelos taate turte; 2 ilmi isaa inni sadaffaan Abishaalom+ ilma Maʼaakaa ture; ishiin intala Taalmaay isa mootii Geeshur taʼe sanaa ti; ilmi isaa inni arfaffaan Adoniyaa+ ilma Haagiit ture; 3 ilmi isaa inni shanaffaan Shefaatiyaa yeroo taʼu, haati isaa Abixaal turte; ilmi isaa inni jaʼaffaan Yitreʼaam yeroo taʼu, haati isaa Eglaa ishii haadha manaa Daawit taate turte. 4 Kanneen kun jaʼan warra inni Kebroon keessatti dhalche turan; inni waggaa 7 fi jiʼa 6f achitti ni bulche; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 33f ni bulche.+

5 Warri inni Yerusaalem keessatti dhalche kanneen kana turan:+ Shimeʼaa, Shoobaab, Naataanii+ fi Solomoon;+ haati ilmaan arfan kanaa Baat Sheebaa+ ishii intala Amiʼel taate turte. 6 Ilmaan isaa kan biroon salgan immoo, Yibhaar, Elishaamaa, Elifeelet, 7 Nogaa, Nefeeg, Yaafiʼaa, 8 Elishaamaa, Eliyaadaa fi Elifeelet turan. 9 Ilmaan saajjatoota isaa utuu hin dabalatin, kanneen kun hundi ilmaan Daawit turan; obboleettiin isaaniis Taamaar+ turte.

10 Ilmi Solomoon Rooboʼaam,+ ilmi Rooboʼaam Abiyaa,+ ilmi Abiyaa Aasaa,+ ilmi Aasaa Yoshaafaax,+ 11 ilmi Yoshaafaax Yooraam,+ ilmi Yooraam Akaaziyaa,+ ilmi Akaaziyaa Yoʼaas,+ 12 Ilmi Yoʼaas Amaaziyaa,+ ilmi Amaaziyaa Azaariyaa,+ ilmi Azaariyaa Yootaam,+ 13 ilmi Yootaam Akaaz,+ ilmi Akaaz Hisqiyaas,+ ilmi Hisqiyaas Minaasee,+ 14 ilmi Minaasee Amoon,+ ilmi Amoon Yosiyaas+ ture. 15 Ilmaan Yosiyaas inni angafaa Yohaanaan, inni lammaffaan Yehoyaaqiim,+ inni sadaffaan Zedeeqiyaa,+ inni arfaffaan Shaalum turan. 16 Ilmaan Yehoyaaqiim, ilma isaa Yikooniyaa+ fi ilma isaa Zedeeqiyaa turan. 17 Ilmaan Yikooniyaa isa hidhame sanaa, Saalaatiʼel, 18 Maalkiraam, Pedaayaa, Shenaazaar, Yeqaamiyaa, Hoshaamaa fi Nedaabiyaa turan. 19 Ilmaan Pedaayaa, Zarubaabelii+ fi Shimeʼii turan; ilmaan Zarubaabel, Meshulaamii fi Hanaaniyaa turan (Shelomiit obboleettii isaanii turte); 20 ilmaan isaa kan biroon shananis, Hashuubaa, Oheel, Berekiyaa, Hasaadiyaa fi Yuushaab Heseed turan. 21 Ilmaan Hanaaniyaa Pelaatiyaa fi Yeshaayaa turan; ilmi* Yeshaayaa Refaayaa ture; ilmi* Refaayaa Arnaan ture; ilmi* Arnaan Obaadiyaa ture; ilmi* Obaadiyaa Shekaaniyaa ture; 22 ilmaan Shekaaniyaa, Shemaayaa fi ilmaan Shemaayaa Haxuush, Yigʼaal, Baariyaa, Neʼaariyaa fi Shaafaat walumaa galatti jaʼa turan. 23 Ilmaan Neʼaariyaa sadan, Eliyoʼenaay, Hizqiyaa fi Azriqaam turan. 24 Ilmaan Eliyoʼenaay torban, Hodaawiyaa, Eliyaashiib, Pelaayaa, Aquub, Yohaanaan, Delaayaa fi Anaanii turan.

4 Ilmaan Yihudaa, Faares,+ Hesroon,+ Kaarmii, Huurii+ fi Shobaal+ turan. 2 Reʼaayaan ilmi Shobaal Yaahaatiin dhalche; Yaahaat Ahumaayii fi Laahaadiin dhalche. Kanneen kun maatii Zoraatotaa+ turan. 3 Kanneen kun ilmaan abbaa Etaam+ turan: Yezriʼel, Yishmaa fi Idbaash (maqaan obboleettii isaanii Hazelelpoonii ture), 4 Phenuʼel abbaa Geedor ture; Ezeer abbaa Hushaa ture. Kanneen kun ilmaan Huur+ isa ilma angafaa Efraataa taʼee fi abbaa Beetaliheem+ taʼe sanaa turan. 5 Ashihuur+ abbaan Teqoohaa,+ haadhotii manaa Heelaa fi Naʼaaraa jedhaman lama qaba ture. 6 Naʼaaraan Ahuzaamiin, Hefeeriin, Temenii fi Ahaashtaariin isaaf ni deesse. Kanneen kun ilmaan Naʼaaraa turan. 7 Ilmaan Heelaa immoo, Zereet, Yizhaarii fi Etnaan turan. 8 Qooz, Anuubiin, Zobebaa fi maatiiwwan Ahaarhel ilma Haruumiin dhalche.

9 Yaabeez obboloota isaa caalaa nama kabajamaa ture; haati isaas, “Ani dhiphinaan isa daʼeera” jechuudhaan Yaabeez* jettee maqaa isaaf moggaaste. 10 Yaabeezis, “Maaloo na eebbisi; daangaa koos naaf balʼisi; harki kee anaa wajjin haa taʼu; wanti hamaan akka na irra hin geenyeefis balaa irraa na oolchi!” jedhee Waaqa Israaʼeliin ni waammate. Waaqayyos wanta inni kadhate isaaf ni raawwate.

11 Keluub obboleessi Shuhaa, Mehiir isa abbaa Eshtoon taʼe ni dhalche. 12 Eshtoon Beet Raafaa, Paaseʼaa fi Tehiinaa isa abbaa Iir Nahaash taʼe ni dhalche. Kanneen kun namoota Reekaa turan. 13 Ilmaan Qeenaaz Otniʼelii+ fi Seraayaa turan; ilmi* Otniʼel Hataat ture. 14 Meʼonotaay Ofraa dhalche. Seraayaan Yoʼaab isa abbaa Gee Haraashim* taʼe dhalche; isaan maqaa kanaan kan waamaman ogeeyyii harkaa waan taʼaniif ture.

15 Ilmaan Kaaleb+ isa ilma Yofunee taʼe sanaa, Iruu, Eelaa fi Naaʼaam turan; ilmi* Eelaa Qeenaaz ture. 16 Ilmaan Yehaleliʼel, Ziif, Ziifaa, Tiriiyaa fi Asaarʼel turan. 17 Ilmaan Izraah, Yeteer, Mereed, Eefeerii fi Yaaloon turan; ishiin* ulfooftee Miiryaamiin, Shaamaayii fi Ishbaa isa abbaa Eeshtemoʼaa taʼe deesse. 18 (Haati manaa isaa ishiin Yihudii taate, Yereed isa abbaa Geedor taʼe, Hebeer isa abbaa Sookoo taʼee fi Yequtiʼel isa abbaa Zaanoʼaa taʼe ni deesse.) Kanneen kun ilmaan Biitiyaa ishii intala Faraʼoon taatee fi Mereed fuudhe sanaa turan.

19 Ilmaan haadha manaa Hodiyaa ishii obboleettii Naahaam taate sanaa, abbootii Qeyilaa Gaarmichaa fi Eeshtemoʼaa Maʼaakaatichaa turan. 20 Ilmaan Shimoon immoo Amnoon, Riinaa, Benhaanaanii fi Tiloon turan. Ilmaan Yishii, Zoheetii fi Benzoheet turan.

21 Ilmaan Sheelaa+ ilma Yihudaa, Eer isa abbaa Lekaa taʼe, Laʼaadaa isa abbaa Maareshaa taʼee fi maatiiwwan mana Ashbeʼaa warra uffata gaarii hojjetan, 22 akkasumas Yoqiim, namoota Kozebaa, Yoʼaasii fi Saaraaf warra abbootii manaa dubartoota Moʼaab taʼanii fi Yaashubii Laahem turan. Galmeewwan kun kan durii ti.* 23 Isaan suphe dhooftota Netaayimii fi Gederaa keessa jiraatan turan. Isaan achi jiraachaa mootichaaf hojjetu turan.

24 Ilmaan Simiʼoon,+ Nemuʼel, Yaamiin, Yaariib, Zaaraa fi Shaawul+ turan. 25 Ilmi Shaawul Shaalum, ilmi Shaalum Mibsaam, ilmi Misbaam Mishmaa ture. 26 Ilmi Mishmaa Hamuʼel, ilmi Hamuʼel Zaakur, ilmi Zaakur Shimeʼii ture. 27 Shimeʼiin ilmaan 16 fi ijoollee durbaa 6 qaba ture; obboloonni isaa garuu ilmaan hedduu hin qaban turan; maatiiwwan isaanii keessaa eenyu iyyuu akka namoota Yihudaatti hedduu hin turre.+ 28 Isaan kan jiraatan Ber Sheebaa,+ Molaadaa,+ Hazaar Shuʼaal,+ 29 Biilhaa, Eezem,+ Tolaad, 30 Beetuʼel,+ Hoormaa,+ Siqlaag,+ 31 Beet Maarkaaboot, Hazaar Suusiim,+ Beet Biirii fi Shaʼaaraayim keessa ture. Hamma Daawit bulchuu jalqabetti magaalonni kun kan isaanii turan.

32 Gandeen isaanii, Etaam, Aayin, Rimoon, Tookenii fi Ashaan+ walumaa galatti magaalota shan turan; 33 kana malees gandeen isaanii warri magaalota kanatti marsanii jiran hamma Baʼaalitti fagaatanii argamu turan. Galmeewwan hidda dhalootaa isaanii fi iddoowwan isaan itti jiraatan kanneen kana turan. 34 Akkasumas Meshobaab, Yaamleek, Yoshaa ilma Amaaziyaa, 35 Yooʼel, Yehuu ilma Yoshiibiyaa, ilma Seraayaa, ilma Asiʼeel, 36 Eliyoʼenaay, Yaaʼaaqobaa, Yeshohaayaa, Asaayaa, Adiʼel, Yesimiʼel, Benaayaa, 37 Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aloon, ilma Yedaayaa, ilma Shimrii, ilma Shemaayaa; 38 warri maqaadhaan ibsaman kun maatii isaanii keessatti ajajjoota turan; maatiin abbootii isaaniis lakkoofsaan dabalaa deeme. 39 Isaanis horii isaaniitiif iddoo dheedichaa barbaaduuf hamma karra Geedor, hamma bakka sululicha irraa kallattii bahaatiin argamuutti ni deeman. 40 Dhuma irrattis iddoo dheedichaa lalisaa fi gaarii taʼe argatan; lafichis balʼaa, akkasumas nagaa fi tasgabbii kan qabu ture. Sana dura achi kan jiraatan Kaamota+ turan. 41 Warri maqaan isaanii tarreeffame kun, bara Hisqiyaas+ mootii Yihudaatti dhufanii dunkaanota Kaamotaa fi namoota Meʼuniim warra achi jiraachaa turan ni rukutan. Hamma harʼaatti arguun akka dandaʼamutti guutummaatti isaan balleessan; bakki dheedichaa horii isaanii achi waan tureef, isaan bakka isaanii irra ni buufatan.

42 Simiʼoonota keessaa tokko tokko, jechuunis namoonni 500 Pelaatiyaa, Neʼaariyaa, Refaayaa fi Uuziʼel warra ilmaan Yishii taʼanii fi isaan geggeessanii wajjin gara Gaara Seʼiir+ dhaqan. 43 Achiis Amaaleqota+ warra miliqanii hafan kaan ni rukutan; isaanis hamma harʼaatti achi jiraatu.

5 Ilmaan Ruuben+ isa ilma angafaa Israaʼel taʼe sanaa kanneen kana dha. Inni ilma angafaa taʼus, siree abbaa isaa waan xureesseef*+ mirgi angafummaa isaa ilmaan Yoseef+ isa ilma Israaʼel taʼeef ni kenname; kanaafuu, inni warra dhalootaan mirga angafummaa qaban keessatti hin galmeeffamne. 2 Yihudaan+ obboloota isaa kan caaluu fi inni geggeessaa taʼu karaa isaa kan dhufe+ taʼus, mirgi angafummaa kan kenname Yoseefiif ture. 3 Ilmaan Ruuben isa ilma angafaa Israaʼel taʼe sanaa, Hanook, Paaluu, Hesroonii fi Kaarmii+ turan. 4 Ilmaan Yooʼel, ilma isaa Shemaayaa, ilma Shemaayaa Goog, ilma Goog Shimeʼii, 5 ilma Shimeʼii Miikiyaas, ilma Miikiyaas Reʼaayaa, ilma Reʼaayaa Baʼaal, 6 akkasumas ilma Baʼaal Beʼeraa isa Tilgaat Pilneseer+ mootiin Asoor boojiʼee fudhate sana turan; inni ajajaa Ruubenotaa ture. 7 Obboloonni isaa akka maatii isaaniittii fi akka hidda dhalootaa isaaniitti kan galmeeffaman yeroo taʼu, isaanis kanneen kana turan: dura buʼaa kan taʼe Yeyiʼel, Zakkaariyaas, 8 akkasumas Beelaa ilma Azaaz, ilma Sheemaa, ilma Yooʼel, isa Aroʼer+ irraa jalqabee hamma Neboo achiis hamma Baʼaal Meʼoonitti+ jiraate sana. 9 Horiin isaanii biyya Giiliyaad+ keessatti waan baayʼataniif, inni karaa bahaatiin hamma jalqaba gammoojjii isa Laga Efraaxis+ biratti argamuutti fagaatee buufate. 10 Bara Saaʼolitti isaan Haggaarota irratti waraana bananii isaan injifatan; kanaafuu, isaan naannoo baha Giiliyaaditti argamu hundumaa keessatti dunkaanota isaanii keessa jiraatan.

11 Sanyiiwwan Gaad biyya Baashaanii jalqabee hamma Saalekaatti+ isaanitti aansanii jiraatu turan. 12 Yooʼel dura buʼaa ture; Shaafaam lammaffaa ture; Yaanaayii fi Shaafaatis Baashaan keessatti dura buutota turan. 13 Obboloonni isaanii warri manneen abbootii isaanii irraa taʼan, Mikaaʼel, Meshulaam, Sheebaa, Yoraay, Yaakaan, Ziʼaa fi Ebeer, walumaa galatti torba turan. 14 Kanneen kun ilmaan Abihaayil isa ilma Hurii, ilma Yaaroʼaa, ilma Giiliyaad, ilma Mikaaʼel, ilma Yeshishaay, ilma Yaadoo, ilma Buuz taʼe sanaa turan. 15 Ahiin inni ilma Abdiʼel, ilma Guunii taʼe dura buʼaa mana abbootii isaanii ture. 16 Isaan Giiliyaad+ keessa, Baashaan+ keessaa fi magaalota isaan jalatti* argaman keessa, akkasumas iddoowwan dheedichaa Shaaron hunda keessa hamma daangaawwan isaaniitti ni jiraatan. 17 Hundi isaaniis bara Yootaam+ mootii Yihudaa fi bara Yeroboʼaam*+ mootii Israaʼelitti akka hidda dhalootaa isaaniitti ni galmeeffaman.

18 Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee raayyaa waraanaa isaanii keessatti loltoota jajjaboo 44,760 warra gaachanaa fi goraadee qabatan, akkasumas warra iddaa hidhatan* qabu turan; isaan waraanaaf kan leenjifaman turan. 19 Isaanis Haggaarota,+ gosa Yetuur, gosa Naafishii+ fi gosa Nodaab irratti waraana banan. 20 Isaan waraana irratti akka isaan gargaaruuf Waaqayyoon waan waammataniif, innis isatti amanamuu+ isaaniitiin kan kaʼe kadhannaa isaanii waan dhagaʼeef, yommuu isaan waraananitti gargaarsa ni argatan; kanaafuu, Haggaaronnii fi warri isaanii wajjin turan hundi harka isaanii irratti kufan. 21 Isaanis horii isaanii, jechuunis gaalota 50,000, hoolota 250,000 fi harroota 2,000, akkasumas namoota* 100,000 ni boojiʼan. 22 Waraanicha kan geggeesse Waaqa dhugaa waan tureef,+ namoonni baayʼeen ni ajjeefaman. Isaanis hamma yeroo boojiʼamanii+ fudhatamanitti iddoo isaanii keessa ni jiraatan.

23 Sanyiiwwan walakkaa gosa Minaasee,+ Baashaanii hamma Baʼaal Hermoon, hamma Seenirii fi hamma Gaara Hermoonitti+ biyyattii keessa ni jiraatan. Lakkoofsi isaaniis hedduu ture. 24 Dura buutonni manneen abbootii isaanii kanneen kana turan: Eefeer, Yishii, Eliʼeel, Azriʼel, Ermiyaas, Hodaawiyaa fi Yaadiʼeel; isaan loltoota jajjaboo, namoota beekamoo fi dura buutota manneen abbootii isaanii turan. 25 Haa taʼu malee, isaan Waaqa abbootii isaaniitiif amanamoo hin taane; akkasumas, waaqolii saboota biyyattii warra Waaqayyo isaan duraa balleesse sanaa wajjin sagaagalummaa raawwatan.+ 26 Kanaan kan kaʼes, Waaqni Israaʼel hafuura Puul mootii Asoor (jechuunis, Tilgaat Pilneseer+ mootii Asoor) ni kakaase;+ kanaafuu inni Ruubenota, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasee boojuudhaan fudhatee gara Haalaa, Haaboor, Haaraa fi laga Goozaanitti+ geesse; isaanis hamma harʼaatti achi jiru.

6 Ilmaan Leewwii,+ Geershon, Qehaatii+ fi Meraarii+ turan. 2 Ilmaan Qehaat, Amraam, Yizhaar,+ Kebroonii fi Uuziʼel+ turan. 3 Ijoolleen* Amraam,+ Aaron,+ Musee+ fi Miiriyaam+ turan. Ilmaan Aaron immoo, Naadaab, Abihuu,+ Eleʼazaarii+ fi Itaamaar+ turan. 4 Eleʼazaar Finahaasiin+ dhalche; Finahaas Abishuwaa dhalche. 5 Abishuwaan Buqqii dhalche; Buqqiin Uuzii dhalche. 6 Uuziin Zeraahiyaa dhalche; Zeraahiyaan Meraayootiin dhalche. 7 Meraayoot Amaariyaa dhalche; Amaariyaan Ahixuubiin+ dhalche. 8 Ahixuub Saadoqiin+ dhalche; Saadoq Ahimaʼaaziin+ dhalche. 9 Ahimaʼaaz Azaariyaa dhalche; Azaariyaan Yohaanaaniin dhalche. 10 Yohaanaan Azaariyaa dhalche. Innis mana Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessatti luba taʼee tajaajila ture.

11 Azaariyaan Amaariyaa dhalche; Amaariyaan Ahixuubiin dhalche. 12 Ahixuub Saadoqiin+ dhalche; Saadoq Shaalumiin dhalche. 13 Shaalum Hilqiyaa+ dhalche; Hilqiyaan Azaariyaa dhalche. 14 Azaariyaan Seraayaa+ dhalche; Seraayaan Yehozaadaaqiin+ dhalche. 15 Yihowaan yeroo Yihudaanii fi Yerusaalem harka Nebukadnezaariin akka boojiʼaman godhetti, Yehozaadaaqis boojuudhaan ni fudhatame.

16 Ilmaan Leewwii, Geershom,* Qehaatii fi Meraarii turan. 17 Maqaan ilmaan Geershom, Libnii fi Shimeʼii+ ture. 18 Ilmaan Qehaat, Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uuziʼel+ turan. 19 Ilmaan Meraarii, Maahlii fi Muushii turan.

Maatiiwwan Leewwii maqaa abbootii isaaniitiin kanneen kana turan:+ 20 Geershon,+ ilmi Geershon Libnii, ilmi Libnii Yaahaat, ilmi Yaahaat Ziimaa, 21 ilmi Ziimaa Yoʼaa, ilmi Yoʼaa Idoo, ilmi Idoo Zeeraa, ilmi Zeeraa Yeʼatraay. 22 Ilmaan* Qehaat, ilma isaa Aminaadaab, ilma Aminaadaab Qoraa,+ ilma Qoraa Asiir, 23 ilma Asiir Elqaanaa, ilma Elqaanaa Ebiyaasaaf,+ ilma Ebiyaasaaf Asiir, 24 ilma Asiir Taahaat, ilma Taahaat Uuriʼel, ilma Uuriʼel Ooziyaa, ilma Ooziyaa Shaawul turan. 25 Ilmaan Elqaanaa, Amaasaayii fi Ahimoot turan. 26 Ilmaan Elqaanaa, ilma isaa Zofaay, ilma Zofaay Naahaat, 27 ilma Naahaat Eeliyaab, ilma Eeliyaab Yerohaam, ilma Yerohaam Elqaanaa+ turan. 28 Ilmaan Saamuʼel,+ ilma isaa isa angafaa Yooʼelii fi ilma isaa isa lammaffaa Abiyaa+ turan. 29 Ilmaan Meraarii, ilma isaa Maahlii,+ ilma Maahlii Libnii, ilma Libnii Shimeʼii, ilma Shimeʼii Uuzaa, 30 ilma Uuzaa Shimeʼaa, ilma Shimeʼaa Haagiyaa, ilma Haagiyaa Asaayaa turan.

31 Kanneen kun Taabotichi achi akka taaʼuuf erga dhufee booda warra Daawit faarfannaa mana Yihowaa keessatti faarfatamu akka geggeessaniif muude turan.+ 32 Isaan hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana Yihowaa ijaaretti,+ faarfannaa godoo qulqulluu dunkaana walgaʼii keessatti faarfatamuuf itti gaafatamummaa qabu turan; tajaajila isaaniis akkuma ajaja isaaniif kennametti raawwatu turan.+ 33 Warri ilmaan isaanii wajjin tajaajilan kanneen kana dha: Ilmaan Qehaatotaa keessaa Hemaan+ faarfaticha, ilma Yooʼel,+ ilma Saamuʼel, 34 ilma Elqaanaa,+ ilma Yerohaam, ilma Eliʼeel, ilma Toʼaa, 35 ilma Zuuf, ilma Elqaanaa, ilma Maahaat, ilma Amaasaay, 36 ilma Elqaanaa, ilma Yooʼel, ilma Azaariyaa, ilma Sefaaniyaa, 37 ilma Taahaat, ilma Asiir, ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraa, 38 ilma Yizhaar, ilma Qehaat, ilma Leewwii, ilma Israaʼel.

39 Obboleessi isaa Asaaf+ karaa mirga isaatiin dhaabbata ture; Asaaf ilma Berekiyaa, ilma Shimeʼaa, 40 ilma Mikaaʼel, ilma Baʼaaseyaa, ilma Maalkiyaa, 41 ilma Etnii, ilma Zeeraa, ilma Adaayaa, 42 ilma Eetaan, ilma Ziimaa, ilma Shimeʼii, 43 ilma Yaahaat, ilma Geershom, ilma Leewwii.

44 Sanyiiwwan Meraarii+ warri obboloota isaanii taʼan karaa bitaa dhaabbatu turan; Eetaan+ achi ture; inni ilma Qiishii, ilma Abdii, ilma Maaluuk, 45 ilma Hashaabiyaa, ilma Amaaziyaa, ilma Hilqiyaa, 46 ilma Amzii, ilma Baanii, ilma Sheemer, 47 ilma Maahlii, ilma Muushii, ilma Meraarii, ilma Leewwii ture.

48 Obboloota isaanii kan taʼan Leewwonni tajaajila godoo qulqulluu, jechuunis tajaajila mana Waaqa dhugaa hundumaatiif muudamanii* turan.+ 49 Aaronii fi ilmaan isaa+ akka Museen inni tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe ajaje hundumaatti hojiiwwan wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼanii wajjin walitti dhufeenya qaban raawwachuudhaan, Israaʼeliif dhiifama argamsiisuuf+ iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatuu+ fi iddoo aarsaa ixaanaa+ irratti aarsaawwan aarfaman ni dhiheessan. 50 Sanyiiwwan Aaron kanneen kana turan:+ ilma isaa Eleʼazaar,+ ilma Eleʼazaar Finahaas, ilma Finahaas Abishuwaa, 51 ilma Abishuwaa Buqqii, ilma Buqqii Uuzii, ilma Uuzii Zeraahiyaa, 52 ilma Zeraahiyaa Meraayoot, ilma Meraayoot Amaariyaa, ilma Amaariyaa Ahixuub,+ 53 ilma Ahixuub, Saadoq,+ ilma Saadoq Ahimaʼaaz.

54 Naannoo isaanii keessatti gandeen buufatawwan* isaanii taʼan kanneen kana turan: sanyiiwwan Aaron warra maatii Qehaatotaa taʼaniif carraan inni jalqabaa ni baʼe; 55 isaanis biyya Yihudaa keessaa Kebrooniin+ iddoowwan dheedichaa naannoo ishiitti argamanii wajjin isaaniif ni kennan. 56 Lafa magaalattii fi gandeen ishii garuu Kaaleb+ ilma Yofuneetiif ni kennan. 57 Sanyiiwwan Aaroniif, magaalota itti baqatan,+ Kebroon,+ akkasumas Libnaa+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Yaatir,+ akkasumas Eeshtemoʼaa iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+ 58 Hiilen iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Deebir+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 59 Ashaan+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Beet Sheemesh+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 60 gosa Biiniyaam irraa immoo Geebaa+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Alameet iddoowwan dheedichaa ishii wajjinii fi Anaatot+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni kennan. Magaalonni isaanii warri maatiiwwan isaaniitiif kennaman walumaa galatti 13 turan.+

61 Maatii gosichaa irraa, walakkaa gosichaa fi walakkaa gosa Minaasee irraa, Qehaatota warra hafaniif magaalonni kudhan carraadhaan ni kennaman.+

62 Gosa Yisaakor, gosa Asheer, gosa Niftaalemii fi gosa Minaasee isa Baashaanitti argamu irraa, Geershomotaaf akka maatii maatii isaaniitti magaalota 13 ni ramadan.+

63 Gosa Ruuben, gosa Gaadii fi gosa Zaabiloon irraa, Meraarotaaf akka maatii maatii isaaniitti magaalota 12 carraa buusanii ni ramadan.+

64 Akka kanaan Israaʼelonni magaalota kana iddoowwan dheedichaa isaanii wajjin Leewwotaaf ni kennan.+ 65 Kana malees, magaalota maqaa isaaniitiin ibsaman kana gosa Yihudaa, gosa Simiʼoonii fi gosa Biiniyaam irraa carraa buusanii isaaniif ni ramadan.

66 Maatiiwwan Qehaatotaa keessaa tokko tokko magaalota gosa Efreem irraa argatanii fi naannoo isaanii taʼan qabu turan.+ 67 Isaanis magaalota* itti baqatan, Sheekem+ ishii naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Geezer+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 68 Yoqmeʼaam iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Beet Hooron+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 69 Ayiloon+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Gaat Rimoon+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni kennan; 70 walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo, Aneer iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Bilʼaam iddoowwan dheedichaa ishii wajjin maatiiwwan Qehaatotaa warra hafaniif ni kennan.

71 Geershomotaaf, maatii walakkaa gosa Minaasee irraa Goolaan+ ishii Baashaan keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Ashtaarot iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+ 72 gosa Yisaakor keessaa immoo, Qeedesh iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Daaberaat+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+ 73 Raamot iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Aneem iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 74 gosa Asheer irraa Maashaal iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Abdoon iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+ 75 Huqooq iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Rehoob+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 76 gosa Niftaalem irraa immoo, Qeedesh+ ishii Galiilaa+ keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Hamoon iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Qiriyaataayim iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni ramadan.

77 Meraarota warra hafaniif gosa Zaabiloon+ irraa, Rimoonoo iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Taabor iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni ramadan; 78 Yordaanos irraa gara bahaatti naannoo Yordaanos isa Yerikootti argamutti, gosa Ruuben irraa Beezer ishii lafa onaa keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Yaahaaz+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 79 Qedemoot+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Mefaat iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 80 gosa Gaad keessaa immoo, Raamot ishii Giiliyaad keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Mahaanaayim+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 81 Heshboon+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Yaazeer+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni kennaman.

7 Ilmaan Yisaakor arfan, Tolaa, Puwaa, Yaashuubii fi Shimroon+ turan. 2 Ilmaan Tolaa, Uuzii, Refaayaa, Yeriʼel, Yaahmaay, Yibsaamii fi Shemuʼel turan; isaan dura buutota manneen abbootii isaanii turan. Sanyiin Tolaa loltoota jajjaboo turan; bara Daawititti lakkoofsi isaanii 22,600 ture. 3 Sanyiiwwan* Uuzii, Hizraahiyaa fi ilmaan Hizraahiyaa kan taʼan Mikaaʼel, Obaadiyaa, Yooʼelii fi Yishiyaa turan; shanan isaanii iyyuu ajajjoota* turan. 4 Isaan haadhotii manaa fi ilmaan hedduu waan qabaniif, akka sanyiiwwan isaaniitti, manneen abbootii isaanii keessaa raayyaa waraanaa loltoota lolaaf qophaaʼan 36,000 of keessatti qabate qabu turan. 5 Akkasumas, maatii Yisaakor hundumaa keessaa obboloonni isaanii warri akka hidda dhalootaa isaaniitti galmeeffaman loltoota jajjaboo 87,000 turan.+

6 Ilmaan Biiniyaam+ sadan, Beelaa,+ Bekeerii+ fi Yediyaayel+ turan. 7 Ilmaan Beelaa shanan, Ezboon, Uuzii, Uuziʼel, Yerimootii fi Iirii turan; isaan dura buutota manneen abbootii isaanii fi loltoota jajjaboo turan; akka hidda dhalootaa isaaniitti yommuu galmeeffamanis 22,034 turan.+ 8 Ilmaan Bekeer, Zemiiraa, Yoʼaas, Eliiʼezar, Eliyoʼenaay, Omrii, Yeremoot, Abiyaa, Anaatotii fi Alameet turan; kanneen kun hundi ilmaan Bekeer turan. 9 Sanyiiwwan isaanii akka hidda dhalootaa isaaniitti yommuu galmeeffaman dura buutonni manneen abbootii isaanii loltoota jajjaboo 20,200 turan. 10 Ilmaan Yediyaayel+ Bilhaanii fi ilmaan Bilhaan kan taʼan, Yeʼuush, Biiniyaam, Eehud, Kenaʼaanaa, Zetaan, Tarshiishii fi Ahishaahaar turan. 11 Kanneen kun hundi ilmaan Yediyaayel turan; isaan dura buutota manneen abbootii isaanii fi loltoota jajjaboo 17,200 warra raayyaa waraanaa wajjin lolaaf qophaaʼan turan.

12 Shufiimoonnii fi Hufiimoonni ilmaan Iir+ turan; Hushiimoonni ilmaan Aheer turan.

13 Ilmaan Niftaalem,+ Yaahziʼel, Guunii, Yezeerii fi Shaalum turan; isaan sanyiiwwan* Biilhaa+ turan.

14 Ilmaan Minaasee+ kanneen kana turan: Asriʼeel isa saajjatoon isaa ishiin nama biyya Sooriyaa taate isaaf deesse. (Ishiin Maakiir+ isa abbaa Giiliyaad taʼe ni deesse. 15 Maakiir, Hufiimii fi Shufiimiin ni fuusise; maqaan obboleettii isaas Maʼaakaa ture.) Maqaan isa lammaffaa Zelofehaad+ ture; taʼus Zelofehaad ijoollee durbaa qofa qaba ture.+ 16 Maʼaakaan haati manaa Maakiir, ilma tokko ni deesse; maqaa isaas Peeresh jettee moggaaste; maqaan obboleessa isaa Shereesh ture: ilmaan isaa immoo Ulaamii fi Reeqem turan. 17 Ilmi* Ulaam Beedaan ture. Kanneen kun ilmaan Giiliyaad isa ilma Maakiir, ilma Minaasee taʼe sanaa turan. 18 Obboleettiin isaa Molekeet turte. Ishiin Ishihoodiin, Abiʼezerii fi Maahlaa deesse. 19 Ilmaan Shemidaa, Ahiyaan, Sheekem, Liqihii fi Aniyaam turan.

20 Ilmaan Efreem,+ Shutelaa,+ ilma Shutelaa Beered, ilma Beered Taahaat, ilma Taahaat Elʼaadaa, ilma Elʼaadaa Taahaat, 21 ilma Taahaat Zaabaad, ilma Zaabaad Shutelaa, ilma Shutelaa Ezeer, ilma Ezeer Elʼaad turan. Isaan horii isaanii jalaa fudhachuuf waan gad buʼaniif, namoonni Gaat+ warri biyyattii keessatti dhalatan isaan ni ajjeesan. 22 Abbaan isaanii Efreem guyyoota hedduudhaaf ni gadde; obboloonni isaa isa jajjabeessuuf ni dhufu turan. 23 Boodas inni haadha manaa isaa wajjin saalqunnamtii raawwate; ishiinis ulfooftee ilma deesse. Ishiin yeroo maatii isaa irra rakkinni gaʼetti waan deesseef, maqaa isaa Beriʼaa* jedhee moggaase. 24 Intalli isaa Sheʼeraa turte; ishiin Beet Hooron Ishii Gadii+ fi Ishii Olii,+ akkasumas Uzeen Sheʼeraa ni ijaarte. 25 Refaanii fi Resheef ilmaan isaa turan; ilmi Resheef Teelaa, ilmi Teelaa Taahaan, 26 ilmi Taahaan Laadaan, ilmi Laadaan Amihuud, ilmi Amihuud Elishaamaa, 27 ilmi Elishaamaa Nuun, ilmi Nuun immoo Iyyaasuu*+ ture.

28 Dhaalli isaanii fi gandeen isaanii kanneen kana turan: Beetelii+ fi magaalota ishii jalatti argaman, gara bahaatiin Naʼaaraan, gara dhihaatiin Geezerii fi magaalota ishii jalatti argaman, akkasumas Sheekemii fi magaalota ishii jalatti argaman, hamma Aayaa* fi magaalota ishii jalatti argamanitti; 29 sanyiiwwan Minaaseetti aansee immoo, Beet Shiʼaanii+ fi magaalota ishii jalatti argaman, Taʼaanaakii+ fi magaalota ishii jalatti argaman, Megidoo+ fi magaalota ishii jalatti argaman, akkasumas Doorii+ fi magaalota ishii jalatti argaman. Sanyiin Yoseef ilma Israaʼel iddoowwan kana keessa jiraatu turan.

30 Ilmaan Asheer, Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriʼaa turan;+ obboleettiin isaanii immoo Seeraa turte.+ 31 Ilmaan Beriʼaa, Hebeerii fi abbaa Birzaayit kan taʼe Maalkiʼel turan. 32 Hebeer Yaaflet, Shomeer, Hotaamii fi obboleettii isaanii Shuʼaa dhalche. 33 Ilmaan Yaaflet, Paasaak, Bimhaalii fi Ashwaat turan. Kanneen kun ilmaan Yaaflet turan. 34 Ilmaan Sheemer,* Ahii, Rohgaa, Yehubaa fi Aaraam turan. 35 Ilmaan obboleessa isaa Heleem,* Zofaa, Yimnaa, Sheleeshii fi Amaal turan. 36 Ilmaan Zofaa, Suʼaa, Harneefar, Shuʼaal, Beerii, Yimraa, 37 Beezar, Hood, Shaamaa, Shiilshaa, Yitraanii fi Beʼeraa turan. 38 Ilmaan Yeteer, Yofunee, Pispaa fi Aaraa turan. 39 Ilmaan Uulaa, Araa, Haniʼeelii fi Riziyaa turan. 40 Kanneen kun hundi ilmaan Asheer turan; isaan dura buutota manneen abbootii isaanii, warra filatamoo, loltoota jajjaboo fi dura buutota ajajjoota raayyaa waraanaa turan; akka galmee hidda dhalootaa isaaniitti,+ raayyaa waraanaa keessatti namoota lolaaf qophaaʼan 26,000 qabu turan.+

8 Biiniyaam+ ilma isaa isa jalqabaa Beelaa,+ ilma isaa isa lammaffaa Ashbeel,+ ilma isaa isa sadaffaa Ahaaraa, 2 ilma isaa isa arfaffaa Nohaa fi ilma isaa isa shanaffaa Raafaa dhalche. 3 Ilmaan Beelaa, Adaar, Geeraa,+ Abihud, 4 Abishuwaa, Naʼamaan, Ahoʼaa, 5 Geeraa, Shefufaanii fi Huraam turan. 6 Kanneen kun ilmaan Eehud warra jiraattota Geebaa+ boojiʼamanii gara Maanaahaatitti geeffaman irratti dura buutota manneen abbootii turani dha: 7 Naʼamaan, Ahiyaa fi Geeraa; Geeraan isa boojuudhaan isaan fudhatee ture sana dha; inni Uuzaa fi Ahihudiin dhalche. 8 Shaahaaraayim namoota sana erga biyyaa baasee booda biyya* Moʼaab keessatti ijoollee dhalche. Hushiimii fi Baaʼaaraan haadhotii manaa isaa turan.* 9 Haadha manaa isaa Hoodeesh irraa, Yobaabiin, Zibiyaa, Meeshaa, Maalkaamiin, 10 Yeʼuuziin, Saakiyaa fi Miirmaa dhalche. Kanneen kun ilmaan isaa warra dura buutota manneen abbootii isaanii turani dha.

11 Hushiim irraa Abitubii fi Elphaaʼaaliin dhalche. 12 Ilmaan Elphaaʼaal, Ebeer, Miishaam, Shemeed (isa Onoo,+ akkasumas Loodii+ fi magaalota ishii jalatti* argaman ijaare), 13 Beriʼaa fi Sheemaa turan. Kanneen kun jiraattota Ayiloon+ irratti dura buutota manneen abbootii turan. Isaan kun jiraattota Gaat ariʼanii baasan. 14 Akkasumas, Ahiyoo, Shaashaaq, Yeremoot, 15 Zebaadiyaa, Aaraad, Edeer, 16 Mikaaʼel, Yishphaa fi Yohaa warra ilmaan Beriʼaa turan; 17 Zebaadiyaa, Meshulaam, Hizqii, Hebeer, 18 Hishmeriyaa, Yizliʼaa fi Yobaab warra ilmaan Elphaaʼaal turan; 19 Yaaqiim, Zikrii, Zaabdii, 20 Elinaay, Ziletaay, Eliʼeel, 21 Adaayaa, Beraayaa fi Shimraat warra ilmaan Shimeʼii turan; 22 Yishphaan, Ebeer, Eliʼeel, 23 Abdoon, Zikrii, Haanaan, 24 Hanaaniyaa, Eelaam, Antootiyaa, 25 Yifdeyaa fi Phenuʼel warra ilmaan Shaashaaq turan; 26 Shaamsheraay, Shehaariyaa, Ataaliyaa, 27 Yaaʼaareshiyaa, Eeliyaasii fi Zikrii warra ilmaan Yerohaam turan. 28 Kanneen kun akka hidda dhalootaa isaaniitiin galmeeffamanitti dura buutota manneen abbootii isaanii turan. Dura buutonni kun Yerusaalem keessa jiraatu turan.

29 Abbaa Gibeʼon+ kan taʼe Yeyiʼel Gibeʼon keessa jiraata ture. Maqaan haadha manaa isaa Maʼaakaa ture.+ 30 Ilmi isaa inni angafaa Abdoon, warri kaan immoo Zuur, Qiish, Baʼaal, Naadaab, 31 Geedor, Ahiyoo fi Zaaker turan. 32 Miiqlot Shimeʼaa dhalche. Hundi isaaniis obboloota isaanii kaanii wajjin, obboloota isaaniitti dhihaatanii Yerusaalem keessa jiraatu turan.

33 Neer+ Qiishiin dhalche; Qiish Saaʼoliin+ dhalche; Saaʼol Yonaataaniin,+ Malkishuwaa,+ Abinaadaabii+ fi Eshbaʼaaliin*+ dhalche. 34 Ilmi Yonaataan Meriib Baʼaal*+ ture. Meriib Baʼaal Miikiyaasiin dhalche.+ 35 Ilmaan Miikiyaas, Pitoon, Meeleek, Taareʼaa fi Akaaz turan. 36 Akaaz Yehoʼaadaa dhalche; Yehoʼaadaan Alameetiin, Azmaawetii fi Zimrii dhalche. Zimriin Moozaa dhalche. 37 Moozaan Bineʼaa dhalche; Bineʼaan Raafaa dhalche; Raafaan Elʼaasaa dhalche; Elʼaasaan Azeeliin dhalche. 38 Azeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis Azriqaam, Bokeruu, Ishmaaʼel, Sheʼaariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan ture. Kanneen kun hundi ilmaan Azeel turan. 39 Ilmaan obboleessa isaa Esheeqis, ilma isaa isa angafaa Ulaam, ilma isaa isa lammaffaa Yeʼuushii fi ilma isaa isa sadaffaa Elifeelet turan. 40 Ilmaan Ulaam loltoota jajjaboo warra iddaatti fayyadamuu* dandaʼan turan; isaan ilmaanii fi ijoollee ijoollee hedduu qabu turan; lakkoofsi isaanii 150 ture. Kanneen kun hundi sanyiiwwan Biiniyaam turan.

9 Israaʼelonni hundi akka hidda dhalootaa isaaniitti ni galmeeffaman; akkasumas Kitaaba Mootota Israaʼel keessatti ni barreeffaman. Yihudaan amanamaa waan hin taaneef, boojuudhaan gara Baabilonitti ni fudhatame.+ 2 Jiraattonni jalqabaa warri gara dhaala isaanii isa magaalota isaanii keessatti argamuutti deebiʼan Israaʼelota tokko tokko, luboota, Leewwotaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa* turan.+ 3 Sanyiiwwan Yihudaa,+ sanyiiwwan Biiniyaam,+ sanyiiwwan Efreemii fi sanyiiwwan Minaasee tokko tokko Yerusaalem keessa jiraatan: 4 Sanyiiwwan Faares+ isa ilma Yihudaa taʼe keessaa, Uutaay ilma Amihuud, ilma Omrii, ilma Imrii, ilma Baanii turan. 5 Shiiloonota keessaa, ilma angafaa kan taʼe Asaayaa fi ilmaan isaa turan. 6 Ilmaan Zeeraa+ keessaa, Yewuʼelii fi obboloota isaanii 690 turan.

7 Sanyiiwwan Biiniyaam keessaa, Saaluu ilma Meshulaam, ilma Hodaawiyaa, ilma Hasnuʼaa, 8 Yibneyaa ilma Yerohaam, Eelaa ilma Uuzii, ilma Mikrii, akkasumas Meshulaam ilma Shefaatiyaa, ilma Rewuʼel, ilma Yibniyaa turan. 9 Obboloonni isaaniis akka hidda dhalootaa isaaniitti 956 turan. Namoonni kun hundi dura buutota manneen abbootii isaanii* turan.

10 Luboota keessaa, Yedaayaa, Yehoyaariib, Yaakiin,+ 11 Azaariyaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Saadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahixuub isa geggeessaa mana* Waaqa dhugaa taʼe, 12 Adaayaa ilma Yerohaam, ilma Paashuur, ilma Maalkiyaa, Maaʼaasaay ilma Adiʼel, ilma Yaahzeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshilemiit, ilma Iimer, 13 akkasumas obboloota isaanii warra dura buutota manneen abbootii isaanii turan; isaanis warra mana Waaqa dhugaa keessatti tajaajiluuf of dhiheessan, namoota jajjaboo fi gaʼumsa qaban 1,760 turan.

14 Leewwota keessaa, sanyiiwwan Meraarii keessaa kanneen kana turan: Shemaayaa+ ilma Hashuub, ilma Azriqaam, ilma Hashaabiyaa, 15 akkasumas Baaqbaaqaar, Hereesh, Gaalaal, Maataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zikrii, ilma Asaaf, 16 Obaadiyaa ilma Shemaayaa, ilma Gaalaal, ilma Yedutuun, akkasumas Berekiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa isa gandeen Netoofotaa+ keessa jiraachaa ture sanaa.

17 Karra eegdonni+ Shaalum, Aquub, Taalmoon, Ahimaan, akkasumas obboleessa isaanii Shaalum isa dura buʼaa taʼe turan; 18 inni hamma yeroo sanaatti karra mootichaa isa gara bahaa jiru bira ture.+ Kanneen kun karra eegdota buufatawwan Leewwotaa turan. 19 Shaalum ilmi Qoree, ilmi Ebiyaasaaf, ilmi Qoraa fi obboloonni isaa warri garee mana abbootii isaa taʼan, jechuunis Qoraatonni karra eegdota dunkaanichaa taʼuudhaan hojiiwwan tajaajilaa achitti raawwataman ol aantummaadhaan toʼatu turan; abbootiin isaanii immoo eegdota balbalichaa taʼuudhaan buufata Yihowaa ol aantummaadhaan toʼatu turan. 20 Sana dura geggeessaan isaanii Finahaas+ ilma Eleʼazaar+ ture; Yihowaanis isaa wajjin ture. 21 Zakkaariyaas+ ilmi Mesheleemiyaa karra eegduu balbala dunkaana walgaʼii ture.

22 Karra eegdota balbaloota sanaa akka taʼaniif kan filataman walumaa galatti lakkoofsi isaanii 212 ture. Isaan akka hidda dhalootaa isaaniitiin galmeeffamanitti+ gandeen isaanii keessa jiraatu turan. Daawitii fi Saamuʼel inni mulʼata argu,+ namoota kana iddoo amanamummaa gaafatu irratti ni muudan. 23 Isaanii fi ilmaan isaanii tajaajila eegumsa karrawwan mana Yihowaa, jechuunis mana dunkaanichaa ol aantummaadhaan toʼatu turan.+ 24 Karra eegdonni karaa afuriin, jechuunis karaa bahaa, karaa dhihaa, karaa kaabaa fi karaa kibbaa jiru turan.+ 25 Obboloonni isaaniis guyyaa torbaaf isaanii wajjin tajaajiluuf yeroo yeroodhaan gandeen isaanii keessaa baʼanii dhufu turan. 26 Iddoo amanamummaa gaafatu irratti ajajjoonni* karra eegdota taʼan afur jiru turan. Isaan Leewwota turan; kutaawwan* sanaa fi manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa keessattis itti gaafatamummaa qabu turan.+ 27 Isaan halkan guutuu iddoo isaanii qabatanii mana Waaqa dhugaatti marsanii bulu turan; isaan hojii eegumsaa ni hojjetu, furtuu ni qabatu, akkasumas ganama ganama manicha ni banu turan.

28 Isaan keessaa tokko tokko miʼawwan tajaajilaaf oolan irratti itti gaafatamummaa qabu turan;+ miʼawwan sana yommuu galchanis taʼe yommuu baasan ni lakkaaʼu turan. 29 Isaan keessaa tokko tokko miʼawwan kaan, miʼawwan qulqulluu taʼan hunda,+ daakuu bullaaʼaa,+ daadhii wayinii,+ zayiticha,+ ixaana adii+ fi zayitii baalsaamii*+ akka toʼatan muudamanii turan. 30 Ilmaan lubootaa tokko tokko immoo zayitii baalsaamii dibataaf oolu walitti maku turan. 31 Leewwota keessaa Maataatiyaan inni ilma angafaa Shaalum Qoraatichaa taʼe, wantoota eeleedhaan tolfamanii+ wajjin haala wal qabateen iddoo amanamummaa gaafatu irratti muudamee ture. 32 Obboloota isaanii kan taʼan Qehaatota keessaa tokko tokko, yeroo hunda sanbata sanbata+ daabboo wal irra tuulamu*+ akka qopheessaniif itti gaafatamummaan isaaniif kennamee ture.

33 Faarfattoonni, dura buutonni manneen abbootii Leewwotaa warri kutaawwan* sana keessa taaʼanii fi hojiiwwan kaan irraa walaba taʼan kanneen kana turan; isaan halkanii fi guyyaa hojii isaanii irratti argamuuf itti gaafatamummaa qabu turan. 34 Kanneen kun dura buutota manneen abbootii Leewwotaa hidda dhalootaa isaaniitiin galmeeffaman turan. Isaan Yerusaalem keessa jiraatu turan.

35 Abbaa Gibeʼon kan taʼe Yeyiʼel Gibeʼon+ keessa jiraata ture. Maqaan haadha manaa isaa Maʼaakaa ture. 36 Ilmi isaa inni angafaa Abdoon, warri kaan immoo Zuur, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab, 37 Geedor, Ahiyoo, Zakkaariyaasii fi Miiqlot turan. 38 Miiqlot Shimeʼaam dhalche. Hundi isaaniis obboloota isaanii kaanii wajjin, obboloota isaaniitti dhihaatanii Yerusaalem keessa jiraatu turan. 39 Neer+ Qiishiin dhalche; Qiish Saaʼoliin+ dhalche; Saaʼol Yonaataaniin,+ Malkishuwaa,+ Abinaadaabii+ fi Eshbaʼaaliin dhalche. 40 Ilmi Yonaataan Meriib Baʼaal+ ture. Meriib Baʼaal Miikiyaasiin dhalche.+ 41 Ilmaan Miikiyaas, Pitoon, Meeleek, Taaheriʼaa fi Akaaz turan. 42 Akaaz Yaaraa dhalche; Yaaraan Alameetiin, Azmaawetii fi Zimrii dhalche. Zimriin Moozaa dhalche. 43 Moozaan Bineʼaa dhalche; Bineʼaan Refaayaa dhalche; Refaayaan Elʼaasaa dhalche; Elʼaasaan Azeeliin dhalche. 44 Azeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis Azriqaam, Bokeruu, Ishmaaʼel, Sheʼaariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan ture. Kanneen kun ilmaan Azeel turan.

10 Filisxeemonni Israaʼelotaa wajjin wal waraanaa turan. Namoonni Israaʼelis Filisxeemota duraa ni baqatan; baayʼeen isaanii Gaara Gilboʼaa irratti ni ajjeefaman.+ 2 Filisxeemonni Saaʼolii fi ilmaan isaa hordofanii baayʼee itti dhihaatan; achiis Filisxeemonni ilmaan Saaʼol kan taʼan Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkishuwaa+ ni ajjeesan. 3 Waraanichis Saaʼol irratti cimaa deeme; warri xiyya darbatanis isa argatanii isa madeessan.+ 4 Achiis Saaʼol namicha meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Namoonni dhaqna hin qabanne kun dhufanii akka na hin waraannee fi gara jabinaan akka na hin dhiphisnetti+ goraadee kee luqqifadhuutii na waraani” jedhe. Haa taʼu malee, namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun baayʼee waan sodaateef isa waraanuu dide. Kanaafuu, Saaʼol goraadee fudhatee irratti kufe.+ 5 Namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu Saaʼol duʼuu isaa yommuu argu, innis goraadee isaa irratti kufee duʼe. 6 Akka kanaan, Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan ni duʼan; namoonni mana isaa hundis waluma faana ni duʼan.+ 7 Namoonni Israaʼel warri sululicha* keessa jiran hundi, namni hundi baqachuu isaa, akkasumas Saaʼolii fi ilmaan isaa duʼuu isaanii yommuu argan, magaalota isaanii dhiisanii baqatan; Filisxeemonnis dhufanii magaalota sana qabatan.

8 Borumtaa isaa Filisxeemonni miʼa warra duʼan sanaa saamuuf yommuu dhufan, Saaʼolii fi ilmaan isaa Gaara Gilboʼaa irratti kukkufanii argan.+ 9 Kanaafuu, Saaʼoliin ni saaman; mataa isaa ni muran; meeshaa waraanaa isaas irraa ni fudhatan; oduun isaas manneen waaqolii tolfamoo+ isaanii keessatti, akkasumas namoota isaanii gidduutti akka odeeffamuuf gara guutummaa biyya Filisxeemotaatti dhaamsa ergan. 10 Achiis meeshaa waraanaa isaa mana* waaqolii isaanii keessa kaaʼan; buqqee mataa isaa immoo mana Daagon+ keessatti fannisan.

11 Namoonni Yaabeesh+ ishii Giiliyaaditti argamtu keessa jiraatan hundi wanta Filisxeemonni Saaʼol irratti raawwatan hundumaa yommuu dhagaʼan,+ 12 loltoonni hundi kaʼanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa fudhatanii deeman. Gara Yaabeeshitti isaan fidanii lafee isaanii muka guddaa Yaabeesh+ keessatti argamu jalatti awwaalan; guyyaa torbaafis ni sooman.

13 Akka kanaan Saaʼol Yihowaadhaaf amanamaa waan hin taaneef ni duʼe; sababiin isaas, inni dubbii Yihowaatiif hin ajajmne,+ akkasumas eker dubbistuu ni gaafate;+ 14 Yihowaa garuu hin gaafanne. Kanaafuu, inni isa ni ajjeese; mootummaa isaas gara Daawit ilma Isseyitti dabarse.+

11 Yeroo booda Israaʼelonni hundi Daawit isa Kebroonitti+ argamu biratti walitti qabamanii akkana isaan jedhan: “Kunoo, nuti lafee kee fi foon kee ti.*+ 2 Kanaan dura yommuu Saaʼol mootii turetti, situ Israaʼeliin duula irratti geggeessa ture.*+ Waaqni kee Yihowaan, ‘Ati saba koo Israaʼeliin ni tiksita; saba koo Israaʼel irrattis geggeessaa ni taata’ siin jedheera.”+ 3 Akka kanaan, jaarsoliin Israaʼel hundi gara mooticha isa Kebroonitti argamuu dhufan; Daawitis Kebroonitti Yihowaa duratti isaanii wajjin kakuu gale. Achiis isaan akkuma Yihowaan karaa Saamuʼel dubbatetti,+ Daawitiin Israaʼel irratti mootii godhanii diban.+

4 Boodas Daawitii fi Israaʼelonni hundi gara Yerusaalemitti, jechuunis gara Yebuus+ bakka Yebuusonni+ biyyattii keessa itti jiraachaa turanitti qajeelan. 5 Jiraattonni Yebuusis, “Ati matumaa as hin seentu!” jedhanii Daawititti qoosan.+ Haa taʼu malee, Daawit dahoo Xiyoon+ ishii yeroo ammaatti Magaalaa Daawit+ jedhamtu qabate. 6 Kanaafuu, Daawit, “Namni jalqaba Yebuusota rukutu kam iyyuu ajajaa fi geggeessaa ni taʼa” jedhe. Achiis Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaa jalqaba ol ni baʼe; innis ajajaa taʼe. 7 Achiis Daawit dahoo sana keessa jiraachuu jalqabe. Isaan Magaalaa Daawit jedhanii kan ishii waaman kanaafi. 8 Innis Koobicha* irraa jalqabee hamma naannoowwan ishii biratti argamanitti guutummaa magaalattii ijaaruu jalqabe; Yoʼaabis kutaa magaalattii isa hafe deebisee ni ijaare. 9 Akka kanaan Daawit caalaatti jabaachaa deeme;+ Yihowaan Gooftaan Raayyaas isaa wajjin ture.

10 Dura buutonni loltoota Daawit warra jajjaboo taʼanii kanneen kana turan; isaanis Israaʼelota hundumaa wajjin taʼuudhaan Yihowaan Israaʼeliin ilaalchisee akka dubbatetti mootii isa gochuudhaaf+ deggersa cimaa isaaf ni godhan. 11 Maqaan loltoota jajjaboo Daawit kanneen kana dha: Yaashobiʼaam+ ilma Hakmoonichaa isa dura buʼaa warra sadanii taʼe.+ Inni eeboo isaa mirmirsee takkaatti namoota 300 ni ajjeese.+ 12 Isatti aansuudhaan Eleʼazaar+ ilma Doodoo Ahohichaa.+ Inni loltoota jajjaboo sadan keessaa isa tokko ture. 13 Inni Paas Daamiim+ bakka Filisxeemonni waraanaaf walitti qabamanitti Daawitii wajjin ture. Bakka sanas maasiin garbuun irra guute tokko jira ture; namoonni sunis Filisxeemotaan kan kaʼe ni baqatan. 14 Inni garuu maasicha gidduutti iddoo isaatii utuu hin sochoʼin maasicha irraa isaan ittise; Filisxeemotas ni rukute; akka kanaan Yihowaan injifannoo* guddaa argamsiise.+

15 Raayyaan waraanaa Filisxeem tokko Sulula* Refaayim+ keessa buufatee utuu jiruu, dura buutota 30n keessaa sadan isaanii gara qarsaa sanaatti, gara Daawit isa holqa Adulaam keessa turetti gad buʼan.+ 16 Yeroo sanatti Daawit dahoo keessa ture; buufanni loltoota Filisxeemotaa tokko immoo Beetaliheem keessa ture. 17 Achiis Daawit, “Boolla bishaanii karra Beetaliheem+ bira jiru keessaa bishaanan dhugu utuun argadhee natti tola ture!” jedhee fedhii isaa ibse. 18 Yeroo kanatti namoonni sadan gara buufata Filisxeemotaatti cabsanii seenuudhaan, boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan; inni garuu bishaanicha dhuguu didee Yihowaadhaaf gad dhangalaase. 19 Innis, “Kana gochuun Waaqa koo duratti anaaf wanta hin yaadamne dha! Dhiiga namoota lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilan kanaa dhuguun qabaa?+ Sababiin isaas, isaan bishaan kana kan fidan lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii ti” jedhe. Kanaan kan kaʼes, bishaanicha dhuguu dide. Kun, wantoota loltoonni jajjaboon isaa sadan raawwatani dha.

20 Abishaay+ obboleessi Yoʼaab+ dura buʼaa namoota kan biroo sadii ture; inni eeboo isaa mirmirsee namoota 300 ni ajjeese; akkuma namoota sadaniis beekamaa ture.+ 21 Inni namoota sadan kan biroo keessaa tokko ture; lamaan isaanii caalaa beekamaa fi ajajaa isaanii yoo taʼe iyyuu, sadarkaa namoonni jalqabaa sadan sun qaban hin arganne.

22 Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa nama onnataa* Qaabzeʼel+ keessatti gochawwan gootummaa hedduu raawwate dha. Inni ilmaan Ariʼeel isa nama biyya Moʼaab taʼe sanaa lamaan ni ajjeese; akkasumas, guyyaa cabbiin buʼe tokkotti boolla bishaanii tokko keessa seenee leenca ajjeese.+ 23 Kana malees, inni namicha Gibxii akka malee guddaa taʼee fi dhundhuma shan dheeratu*+ tokko ajjeeseera. Namichi Gibxii sun harka isaatti eeboo mukti isaa muka namni wayyaa dhaʼu wayyaa itti maru fakkaatu+ kan qabate taʼus, inni garuu ulee qabatee isa loluu deeme; achiis eeboo namicha Gibxii sanaa harka isaa irraa butee, eeboo sanaan isa ajjeese.+ 24 Benaayaan ilmi Yehoyaadaa wantoota kana ni raawwate; inni akkuma loltoota jajjaboo sadan sanaa beekamaa ture. 25 Inni namoota soddomman caalaa beekamaa yoo taʼe iyyuu, sadarkaa namoonni sadan sun qaban hin arganne.+ Haa taʼu malee, Daawit ajajaa eegdota ofii isaa godhee isa muude.

26 Loltoonni jajjaboon humnoota waraanaa kanneen kana turan: Asaahel+ obboleessa Yoʼaab, Elhaanaan ilma Doodoo Beetaliheemichaa,+ 27 Shaamoot Harooricha, Heleez Phelonicha, 28 Iiraa+ ilma Iqeesh Teqoohaatichaa, Abiʼezer+ Anaatoticha, 29 Sibekaay+ Hushaaticha, Iilaay Ahohicha, 30 Maahaaraay+ Netooficha, Heleed+ ilma Baʼaanaa Netoofichaa, 31 Iitaay ilma Ribaay Biiniyaamichaa+ isa nama biyya Gibeʼaa taʼe, Benaayaa Phiraatonicha, 32 Huraay isa nama sululawwan* Gaʼaash+ taʼe, Abiʼeel Arbaaticha, 33 Azmaawet Baahuriimicha, Eliyaabaa Shaʼaalbonicha, 34 ilmaan Hasheem Gizoonichaa, Yonaataan ilma Shaagee Haraarichaa, 35 Ahiʼaam ilma Saakaar Haraarichaa, Eliifaal ilma Uur, 36 Hefeer Mekeraaticha, Ahiyaa Phelonicha, 37 Hezroo Qarmeelosicha, Naʼaaraay ilma Ezbaay, 38 Yooʼel obboleessa Naataan, Mibhaar ilma Hagrii, 39 Zeleeq Amoonicha, Naahaaraay Beʼeeroticha isa Yoʼaab ilma Zeruuyaatiif meeshaa waraanaa baatu; 40 Iiraa Yitricha, Gaareb Yitricha, 41 Uuriyaa+ Heeticha, Zaabaad ilma Ahilaay, 42 Adiinaa ilma Shiizaa Ruubenichaa isa dura buʼaa Ruubenotaa taʼee fi namoota 30 isaa wajjin turan; 43 Haanaan ilma Maʼaakaa, Yoshaafaax Mitnicha, 44 Uuziyaa Ashtaaroticha, Shaamaa fi Yeyiʼel ilmaan Hotaam Aroʼerichaa; 45 Yediyaayel ilma Shimrii fi obboleessa isaa Yohaa Tizaayicha; 46 Eliʼeel Mahaawicha, Yeribaayii fi Yoshaabiyaa ilmaan Elnaaʼaam, akkasumas Yitmaa Moʼaabicha; 47 Eliʼeel, Yoobeed, akkasumas Yaaʼaasiʼel Mezoobicha.

12 Namoonni yeroo inni Saaʼol ilma Qiishiin kan kaʼe akka garaa isaatti asii fi achi deemuu hin dandeenyetti+ gara Daawit isa Siqlaag+ keessa turee dhufan kanneen kana turan; isaanis loltoota jajjaboo warra waraana irratti isa gargaaran keessaa tokko turan.+ 2 Isaan iddaa kan qabatan turan; kana malees dhagaa furrisuuf+ yookiin iddaadhaan xiyya darbachuuf harka isaanii mirgaa fi harka isaanii bitaatti+ fayyadamuu dandaʼu turan. Isaan obboloota Saaʼol warra sanyii Biiniyaam+ taʼan turan. 3 Dura buʼaan Ahiʼezer yeroo taʼu, isaa wajjin Yoʼaas, ilmaan Shemaaʼaa Gibeʼaatichaa+ lamaan; Yeziʼelii fi Paalet warra ilmaan Azmaawet+ taʼan, Beraakaa, Yehuu Anaatoticha, 4 Yishmaayaa Gibeʼonicha+ isa namoota soddomman+ keessaa loltuu jabaa taʼee fi ajajaa namoota soddommanii taʼe; akkasumas Ermiyaas, Yohaanaan, Yozaabaad Gederaaticha, 5 Eluzaay, Yerimoot, Beʼaaliyaa, Shemaariyaa, Shefaatiyaa Hariificha, 6 Elqaanaa, Yishiyaa, Azaarel, Yooʼezerii fi Yaashobiʼaam warra Qoroota+ taʼan; 7 akkasumas Yooʼelaa fi Zebaadiyaa warra ilmaan Yerohaam isa nama Geedor taʼe sanaa taʼan.

8 Gaadota keessaa tokko tokko gara Daawit isa dahoo lafa onaa+ keessatti argamu keessa jiruu deemanii isa cinaa dhaabbatan; isaan loltoota jajjaboo, loltoota waraanaaf leenjiʼan, gaachana guddaa fi eeboo qabatanii qophaaʼanii kan eegan, fuulli isaanii akka fuula leencotaa kan taʼee fi akka borofa gaarotaa saffisa kan qaban turan. 9 Ezeer dura buʼaa ture; Obaadiyaan lammaffaa, Eeliyaab sadaffaa, 10 Mishmaanaan arfaffaa, Ermiyaas shanaffaa, 11 Ataay jaʼaffaa, Eliʼeel torbaffaa, 12 Yohaanaan saddeettaffaa, Elzaabaad saglaffaa, 13 Ermiyaas kurnaffaa, Maakbaanaay kudha tokkoffaa turan. 14 Kanneen kun Gaadota+ warra dura buutota raayyaa waraanaa turani dha. Isaan keessaa inni hunda irra xinnaatu namoota 100, inni hunda irra caalu immoo namoota 1,000 moʼuu dandaʼa ture.+ 15 Namoonni kun warra jiʼa isa tokkoffaatti yeroo lagichi guutee dhangalaʼaa turetti Yordaanosiin ceʼani dha; isaan warra gammoojjii keessa jiraatan hunda gara bahaa fi gara dhihaatti ni ariʼan.

16 Namoonni Biiniyaamii fi namoonni Yihudaa tokko tokkos gara Daawit isa dahoo isaa keessa turetti ni dhufan.+ 17 Achiis Daawit gara isaaniitti baʼee, “Isin na gargaaruuf nagaadhaan dhuftan yoo taʼe, garaan koo isinii wajjin tokko ni taʼa. Harki koo utuu dogoggora hin raawwatin diinota kootti dabarsitanii na kennuuf dhuftan yoo taʼe garuu, Waaqni abbootii keenyaa kana ilaalee murtii haa kennu”+ isaaniin jedhe. 18 Achiis Amaasaay isa dura buʼaa namoota soddommanii taʼe sana irra hafuurri ni buʼe;*+ innis akkana jedhe:

“Yaa Daawit, nuti kan kee ti; yaa ilma Issey, nuti sii wajjin jirra.+

Nagaan, eeyyee, nagaan siif haa taʼu; nagaan isa si gargaaru sanaaf haa taʼu;

Sababiin isaas, Waaqni kee si gargaaraa jira.”+

Kanaafuu, Daawit isaan simatee dura buutota loltootaa godhee isaan muude.

19 Gosa Minaasee keessaa tokko tokko yeroo inni Saaʼolii wajjin wal loluuf Filisxeemotaa wajjin dhufetti, Saaʼoliin gananii gara Daawit dhufan; inni garuu Filisxeemota hin gargaarre; sababiin isaas, gooftoliin Filisxeemotaa+ erga mariʼatanii booda, “Inni nu ganee gara gooftaa isaa Saaʼolitti qajeela; kun immoo lubbuu keenya balaadhaaf saaxila”+ jedhanii yaaduudhaan deebisanii isa erganii turan. 20 Yommuu inni gara Siqlaag+ deemetti warri gosa Minaasee keessaa gananii gara isaa dhufan kanneen kana turan: Adnaa, Yozaabaad, Yediyaayel, Mikaaʼel, Yozaabaad, Eliihuu fi Ziletaay yeroo taʼan, isaanis dura buutota kumaa gosa Minaasee turan.+ 21 Hundi isaanii namoota jajjaboo fi onnatoo+ waan turaniif, yommuu Daawit tuuta weerartootaa wajjin wal waraanetti isa ni gargaaran; achiis raayyaa waraanaa keessatti ajajjoota taʼan. 22 Guyyaa guyyaadhaanis namoonni Daawitiin gargaaruuf ni dhufu turan;+ raayyaan waraanaa sunis akka raayyaa waraanaa Waaqayyoo guddaa taʼe.+

23 Lakkoofsi namoota dura buutota warra waraanaaf hidhatanii akka Yihowaan ajajetti mootummaa Saaʼol gara isaatti dabarsuuf gara Daawit isa Kebroonitti+ argamutti dhufan sanaa kana dha.+ 24 Namoonni Yihudaa gaachana guguddaa fi eeboo baatan 6,800 turan; isaan waraanaaf kan hidhatan turan. 25 Simiʼoonota keessaa raayyaa waraanaatti kan makaman namoota jajjaboo fi onnatoo 7,100 turan.

26 Leewwota keessaa 4,600 turan. 27 Yehoyaadaan+ geggeessaa ilmaan Aaron+ kan ture yeroo taʼu, isaa wajjin namoota 3,700 turan; 28 Akkasumas Saadoq+ inni dargaggeessa jabaa fi onnataa taʼe ajajjoota mana abbootii isaa 22 wajjin ni dhufe.

29 Biiniyaamota warra obboloota Saaʼol taʼan+ keessaa namoota 3,000 turan; isaan keessaa hedduun isaanii sana dura faayidaa mana Saaʼol eegsisaa turan. 30 Efreemota keessaa namoota jajjaboo fi onnatoo 20,800 turan; isaan manneen abbootii isaanii keessatti namoota beekamoo taʼan turan.

31 Walakkaa gosa Minaasee keessaa namoota 18,000 turan; isaan warra maqaa dhaʼamanii filatamanii Daawitiin mootii gochuuf dhufan turan. 32 Gosa Yisaakor keessaa warri yericha hubatanii fi wanta Israaʼel gochuu qabu beekan dura buutota 200 turan; obboloonni isaanii hundis ajaja isaanii jala jiru turan. 33 Gosa Zaabiloon keessaa warri raayyaa waraanaa keessatti tajaajiluu dandaʼan 50,000 turan; isaanis meeshaawwan waraanaa adda addaa kan qabatanii fi waraanaaf qophaaʼoo kan taʼan turan; hundi isaaniis amanamummaa cimaadhaan Daawit duukaa buʼan.* 34 Gosa Niftaalem keessaa ajajjoota 1,000 turan; isaanii wajjinis namoonni gaachana guguddaa fi eeboo qabatan 37,000 jiru turan. 35 Daanota keessaa namoonni waraanaaf qophaaʼoo taʼan 28,600 turan. 36 Gosa Asheer keessaa immoo namoonni raayyaa waraanaa keessatti tajaajiluu dandaʼanii fi waraanaaf qophaaʼoo taʼan 40,000 turan.

37 Ruubenota, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasee warra Yordaanos+ gama jiraatan keessaa, loltoonni meeshaawwan waraanaa adda addaa qabatan 120,000 turan. 38 Kanneen kun hundi namoota waraana beekanii fi tokkummaadhaan waraanaaf qophaaʼan turan; isaanis guutummaa Israaʼel irratti Daawitiin mootii gochuuf garaa guutuudhaan gara Kebroon ni dhufan; guutummaan Israaʼel warri hafanis Daawitiin mootii gochuuf tokkummaa ni uuman.*+ 39 Obboloonni isaanii isaaniif qopheessanii waan turaniif, isaan nyaachaa, dhugaas guyyaa sadiif Daawitii wajjin achuma ni turan. 40 Kana malees Israaʼel keessa gammachuu guddaan waan tureef, warri isaanitti dhihoo jiran, akkasumas warri hamma Yisaakor, Zaabiloonii fi Niftaalemitti fagaatanii jiran illee harreetti, gaalatti, gaangee fi loonitti feʼanii nyaata ni fidan; wantoonni isaan fidanis daakuu, bixxillee harbuu fi bixxillee zabiibii, daadhii wayinii, zayitii, akkasumas loonii fi hoolota hedduu turan.

13 Daawit ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa fi geggeessitoota hundumaa wajjin ni mariʼate.+ 2 Achiis Daawit guutummaa gumii Israaʼeliin akkana jedhe: “Gaarii taʼee yoo isinitti mulʼatee fi Waaqa keenya Yihowaa duratti fudhatama yoo argate, obboloonni keenya warri guutummaa naannoowwan Israaʼelitti hafan, akkasumas luboonnii fi Leewwonni magaalota+ isaanii warra iddoowwan dheedichaa qaban keessa jiran gara keenya dhufanii nutti akka makaman dhaamsa isaanitti haa erginu. 3 Taabota Waaqa keenyaas deebisnee haa fidnu.”+ Sababiin isaas, isaan bara Saaʼolitti kunuunsa isaaf hin goone.+ 4 Namoonni hundi kun sirrii fakkaatee waan isaanitti mulʼateef, guutummaan gumichaa kana gochuuf walii gale. 5 Kanaafuu, Daawit Taabota Waaqa dhugaa Qiriyaat Yeʼariimii fiduuf laga* Gibxiitii hamma Lebo Hamaatitti*+ Israaʼelota hunda walitti ni qabe.+

6 Daawitii fi guutummaan Israaʼel Taabota Yihowaa Waaqa dhugaa isa kiruubelotaa olitti* teessoo irra taaʼu sanaa,+ jechuunis Taabota isa namoonni maqaa isaa itti waammatan sana achii fiduuf, gara Baʼaalaa,+ gara Qiriyaat Yeʼariim ishii Yihudaa keessatti argamtuutti ol baʼan. 7 Haa taʼu malee, isaan Taabota Waaqa dhugaa sana gaarii haaraa irra kaaʼanii+ mana Abinaadaabii ni fidan; Uuzaanii fi Ahiyoonis gaarii sana oofaa turan.+ 8 Daawitii fi guutummaan Israaʼelis faarfannaadhaan, akkasumas baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban akaakuu kan biroo, dibbee,+ siimbaalii*+ fi malakatatti+ fayyadamanii humna isaanii guutuudhaan Waaqa dhugaa duratti ni sirbu turan. 9 Haa taʼu malee, isaan yommuu oobdii Kidoon bira gaʼanitti, loon sun Taaboticha kuffisuuf waan turaniif Uuzaan harka isaa hiixatee Taaboticha qabe. 10 Yeroo kanatti aariin Yihowaa Uuzaa irratti ni bobaʼe; inni harka isaa gara Taabotichaatti waan diriirseef Waaqayyo isa ni rukute,+ innis achuma Waaqayyo duratti ni duʼe.+ 11 Haa taʼu malee, aariin Yihowaa Uuzaa irratti waan bobaʼeef Daawit ni aare;* iddoon sunis hanga harʼaatti Pereez Uuzaa* jedhama.

12 Kanaafuu, Daawit guyyaa sanatti Waaqa dhugaa waan sodaateef, “Taabota Waaqa dhugaa akkamittan gara kootti fudhachuu dandaʼa?” jedhe.+ 13 Daawit Taaboticha gara Magaalaa Daawit isa inni keessa jiraatutti hin fidne; kanaa mannaa, gara mana Obeed Edoom isa nama Gaat taʼeetti akka geeffamu godhe. 14 Taabonni Waaqa dhugaa sunis maatii Obeed Edoomii wajjin jiʼa sadiif mana isaa keessa taaʼe; Yihowaanis maatii Obeed Edoomii fi wanta inni qabu hunda ni eebbise.+

14 Hiiraam+ mootiin Xiiros Daawitiif mana* akka ijaaraniif ergamtoota, akkasumas saanqaa gaattiraa, namoota dhagaa bocanii* fi anaaxota gara isaatti ni erge.+ 2 Daawitis inni saba isaa Israaʼeliif jedhee mootii guddaa waan isa godheef,+ Yihowaan Israaʼel irratti mootii godhee cimsee akka isa dhaabe ni beeke.+

3 Daawit Yerusaalem keessatti haadhotii manaa dabalataa ni fuudhe;+ ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa dabalataas ni dhalche.+ 4 Ijoolleen inni Yerusaalem keessatti dhalche kanneen kana turan:+ Shaamuʼaa, Shoobaab, Naataanii+ fi Solomoon;+ 5 Yibhaar, Elishuʼaa, Elpaalet, 6 Nogaa, Nefeeg, Yaafiʼaa, 7 Elishaamaa, Beʼelyaadaa fi Elifeelet.

8 Filisxeemonni Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee dibamuu+ isaa yommuu dhagaʼan, hundi isaanii isa barbaaduu dhufan.+ Daawitis kana yommuu dhagaʼu isaaniin waraanuuf baʼe. 9 Achiis Filisxeemonni dhufanii Sulula* Refaayim ni weeraran.+ 10 Daawitis, “Ol baʼee Filisxeemota waraanuu? Harka kootti dabarsitee isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Yeroo kanatti Yihowaan, “Ol baʼi, anis harka keetti dabarsee isaan nan kenna” isaan jedhe.+ 11 Kanaafuu, Daawit gara Baʼaal Peraaziimitti+ ol baʼee achitti isaan ni rukute. Yeroo kanatti Daawit, “Akkuma bishaan ittisa isaa cabsee baʼutti, Waaqni dhugaan diinota koo harka kootiin ni caccabse” jedhe. Isaan maqaa iddoo sanaa Baʼaal Peraaziim* jedhanii kan moggaasan kanaafi. 12 Filisxeemonnis waaqolii isaanii achumatti dhiisan; yommuu Daawit ajaja kennettis ibiddaan isaan ni guban.+

13 Boodas Filisxeemonni deebiʼanii sululicha* weeraran.+ 14 Daawit ammas Waaqayyoon ni gaafate; Waaqni dhugaan garuu akkana isaan jedhe: “Kallattiidhaan isaan duukaa buutee ol hin baʼin. Kanaa mannaa, duuba isaaniitiin naannaʼiitii tusii* baakaa* fuulduratti isaan waraani.+ 15 Fiixee tusii baakaa irraa sagalee adeemsa duulaa yommuu dhageessu, Waaqni dhugaan raayyaa waraanaa Filisxeemotaa rukutuuf si dura waan baʼeef isaan haleeli.”+ 16 Kanaafuu, Daawit akkuma Waaqni dhugaan isa ajaje ni godhe;+ isaanis Gibeʼonii hamma Geezeritti+ raayyaa waraanaa Filisxeemotaa ni rukutan. 17 Daawit guutummaa biyyattii keessatti beekamummaa ni argate; Yihowaanis saboonni hundi akka isa sodaatan godhe.+

15 Innis Magaalaa Daawit keessatti ofii isaatiif manneen ijaaruu isaa itti fufe; iddoo Taabonni Waaqa dhugaa kaaʼamu tokkos ni qopheesse; isaafis dunkaana tokko ni dhaabe.+ 2 Daawit, “Yihowaan Taabota Yihowaa akka baatanii fi yeroo hunda akka isa tajaajilan waan isaan filateef, Leewwotaan alatti eenyu iyyuu Taabota Waaqa dhugaa hin baatu”+ kan jedhe yeroo kanatti ture. 3 Achiis Daawit Taabota Yihowaa gara iddoo inni isaaf qopheessetti fiduuf guutummaa Israaʼeliin Yerusaalemitti walitti qabe.+

4 Daawit sanyiiwwan Aaronii+ fi Leewwota+ walitti ni qabe: 5 Qehaatota keessaa Uuriʼel isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 120; 6 Meraarota keessaa Asaayaa+ isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 220; 7 Geershomota keessaa Yooʼel+ isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 130; 8 sanyiiwwan Elizaafaan+ keessaa Shemaayaa isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 200; 9 sanyiiwwan Kebroon keessaa Eliʼeel isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 80; 10 sanyiiwwan Uuziʼel+ keessaa Aminaadaab isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 112. 11 Dabalataanis Daawit luboota kan taʼan Saadoqii+ fi Abiyaataariin,+ akkasumas Leewwota kan taʼan Uuriʼeliin, Asaayaa, Yooʼeliin, Shemaayaa, Eliʼeelii fi Aminaadaabiin ni waame; 12 achiis akkana isaaniin jedhe: “Isin dura buutota manneen abbootii Leewwotaa ti. Isinii fi obboloonni keessan of qulqulleessaa; achiis Taabota Yihowaa Waaqa Israaʼel gara iddoo ani isaaf qopheessetti fidaa. 13 Isin jalqaba irratti taaboticha waan hin baanneef+ dheekkamsi Waaqa keenya Yihowaa nu irratti bobaʼee ture;+ kunis kan taʼe nuti qajeelfama isaa waan hin hordofneefi.”+ 14 Kanaafuu, luboonnii fi Leewwonni Taabota Yihowaa Waaqa Israaʼel fiduuf of ni qulqulleessan.

15 Achiis akkuma Museen dubbii Yihowaatiin ajaja kennetti, Leewwonni Taabota Waaqa dhugaa sana danqaraadhaan gateettii isaanii irratti baatan.+ 16 Achiis Daawit ajajjoonni Leewwotaa obboloota isaanii warra faarfattoota taʼan, meeshaawwan muuziqaatti, jechuunis meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanitti, baganaattii+ fi siimbaaliitti+ fayyadamanii gammachuudhaan akka faarfatan akka muudan isaanitti hime.

17 Kanaafuu, Leewwonni Hemaan+ ilma Yooʼeliin, obboloota isaa keessaa Asaaf+ ilma Berekiyaa, akkasumas obboloota isaanii Meraarota keessaa immoo Eetaan+ ilma Qushaayaa ni muudan. 18 Isaanii wajjin obboloonni isaanii warri garee lammaffaa taʼan jiru turan;+ isaanis kanneen kana turan: Zakkaariyaas, Been, Yaaʼaaziʼel, Shemiraamot, Yehiʼel, Uunii, Eeliyaab, Benaayaa, Maaʼaaseyaa, Maataatiyaa, Elifelehuu, Miqneeyaa, akkasumas Obeed Edoomii fi Yeyiʼel warra karra eegdota taʼan. 19 Faarfattoota kan taʼan Hemaan,+ Asaafii+ fi Eetaan siimbaalii+ sibiila diimaa taphatu turan; 20 akkasumas Zakkaariyaas, Aziʼel, Shemiraamot, Yehiʼel, Uuniin, Eeliyaab, Maaʼaaseyaanii fi Benaayaan rukuttaa Alaamotiin*+ meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban taphatu turan; 21 Maataatiyaan,+ Elifelehuun, Miqneeyaan, Obeed Edoom, Yeyiʼelii fi Azaaziyaan rukuttaa Shaminiitiin*+ baganaa taphatu turan; isaanis geggeessitoota muuziqaa turan. 22 Kenaaniyaan+ inni ajajaa Leewwotaa taʼe hojicha akka gaariitti waan beekuuf hojii taabota baachuu sana ol aantummaadhaan toʼata ture; 23 Berekiyaa fi Elqaanaan immoo Taaboticha eegu turan. 24 Luboota kan taʼan Shebaaniyaan, Yoshaafaax, Naataaniʼel, Amaasaay, Zakkaariyaas, Benaayaanii fi Eliiʼezar Taabota Waaqa dhugaa duratti guddisanii malakata afuufu turan;+ Obeed Edoomii fi Yehiyaanis Taaboticha eeguudhaan tajaajilu turan.

25 Achiis Daawitii fi jaarsoliin Israaʼel, akkasumas ajajjoonni kumaa taabota kakuu Yihowaa mana Obeed Edoomii+ fiduuf gammachuudhaan ni deeman.+ 26 Waaqni dhugaan Leewwota warra taabota kakuu Yihowaa baachaa turan waan gargaareef, isaan jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa ni godhan.+ 27 Daawit akkuma Leewwota Taaboticha baachaa turanii fi akkuma faarfattoota hundumaa sanaatti, akkasumas akka Kenaaniyaa isa hojii Taabota baachuu irrattii fi faarfattoota irratti ajajaa taʼe sanaa qoloo baʼeessa uffatee ture; kana malees, Daawit efuudii quncee talbaa irraa tolfame uffatee ture.+ 28 Israaʼelonni hundi ililchuudhaan,+ sagalee xurumbaatiin,* sagalee malakataatiin,+ sagalee siimbaaliitiin, akkasumas meeshaa muuziqaa ribuu qabuu fi baganaa+ sagalee isaa guddisanii taphachuudhaan taabota kakuu Yihowaa fidaa turan.

29 Haa taʼu malee, yommuu taabonni kakuu Yihowaa gara Magaalaa Daawit dhufu,+ Miikaal intalli Saaʼol+ karaa foddaa gad ilaaltee yommuu Daawit Mootichi utaaluu fi shubbisu argite; garaa ishiittis isa ni tuffatte.+

16 Kanaafuu, isaan Taabota Waaqa dhugaa fidanii dunkaana Daawit isaaf dhaabe keessa kaaʼan;+ achiis Waaqa dhugaa duratti aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa dhiheessan.+ 2 Daawit aarsaawwan gubamanii+ fi aarsaawwan gamtaa+ sana dhiheessee yommuu xumuru, maqaa Yihowaatiin sabicha ni eebbise. 3 Kana malees, Israaʼelota hundumaatiif, tokkoon tokkoon dhiirotaa fi dubartootaatiif daabboo tokko tokko, bixxillee teemirii tokko tokkoo fi bixxillee zabiibii tokko tokko ni hire. 4 Achiis Taabota Yihowaa duratti akka tajaajilaniif, akkasumas Yihowaa Waaqa Israaʼeliif ulfina akka kennaniif,* akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Leewwota tokko tokko ni muude.+ 5 Asaaf+ dura buʼaa yeroo taʼu, isatti aansee immoo Zakkaariyaastu muudame; Yeyiʼel, Shemiraamot, Yehiʼel, Maataatiyaan, Eeliyaab, Benaayaan, Obeed Edoomii fi Yeyiʼel+ meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaa taphatu turan;+ Asaaf immoo siimbaalii taphata ture;+ 6 Benaayaa fi Yaahaaziʼel warri luboota taʼan taabota kakuu Waaqa dhugaa duratti yeroo hunda malakata afuufu turan.

7 Daawit yeroo jalqabaatiif Yihowaadhaaf faarfannaa galataa tokko qindeessee Asaafii+ fi obboloonni isaa akkana jedhanii akka faarfatan kan godhe guyyaa sanatti ture:

8 “Yihowaadhaaf galata galchaa;+ maqaa isaa waammadhaa;

Gochawwan isaas saboota gidduutti beeksisaa!+

9 Isa faarfadhaa, faarfannaa galataa isaaf dhiheessaa;*+

Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo taʼan hundumaa irratti yaadaa.*+

10 Maqaa isaa isa qulqulluudhaan boonaa.+

Garaan warra Yihowaa barbaaddatanii haa gammadu.+

11 Yihowaa fi jabina isaa barbaaddadhaa.+

Yeroo hunda fuula isaa barbaaddadhaa.+

12 Hojiiwwan dinqisiisoo inni raawwate,+

Dinqiiwwan isaa fi murtiiwwan inni dabarse yaadadhaa;

13 Isin warri sanyii tajaajilaa isaa Israaʼel taatan;+

Isin ilmaan Yaaqoob, warri isaaf filatamtan+ kana yaadadhaa.

14 Inni Waaqa keenya Yihowaa dha.+

Murtiiwwan isaa guutummaa lafaa irratti ni mulʼatu.+

15 Kakuu isaa bara baraaf,

Waadaa inni gales* hamma dhaloota kumaatti yaadadhaa;+

16 Kakuu inni Abrahaamii wajjin gale,+

Kakaa inni Yisihaaqiif kakates+ yaadadhaa;

17 Isa inni Yaaqoobiif labsii godhee,+

Israaʼeliifis kakuu dhaabbataa godhee hundeesse yaadadhaa;

18 Inni, ‘Ani biyya Kanaʼaan

Dhaala siif ramadame godhee siif nan kenna’+ jedheera.

19 Kanas kan dubbate yeroo lakkoofsi keessan xinnoo turetti,

Eeyyee, yeroo baayʼee xinnoo turettii fi yeroo isin biyyattii keessatti namoota biyya ormaa turtanitti dha.+

20 Isaan saba tokko irraa gara saba kaaniitti,

Mootummaa tokko irraas gara uummata kaaniitti jooran.+

21 Inni namni kam iyyuu akka isaan cunqursu hin heyyamne;+

Kanaa mannaa, isaaniif jedhee mootota ni akeekkachiise;+

22 ‘Warra ani dibe hin tuqinaa;

Raajota koo irrattis wanta hamaa tokko illee hin raawwatinaa’ jedhe.+

23 Guutummaan lafaa, Yihowaa faarfadhu!

Guyyaa guyyaadhaan fayyisuu isaa labsaa!+

24 Ulfina isaa saboota gidduutti,

Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoos namoota hundumaa gidduutti labsaa.

25 Yihowaan guddaa fi hunda caalaa jajamuun kan isaaf malu dha.

Inni waaqolii kaan hundumaa caalaa kan sodaatamu dha.+

26 Waaqoliin sabootaa hundi waaqolii gatii hin qabne dha;+

Yihowaan garuu isa samiiwwan tolche dha.+

27 Ulfinnii fi simboon isa dura jiru;+

Jabinnii fi gammachuun iddoo jireenyaa isaa keessa jiru.+

28 Isin maatiiwwan sabootaa wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa;

Ulfinaa fi jabina isaatiif wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa.+

29 Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa;+

Kennaa fidaatii isa duratti dhihaadhaa.+

Uffata qulqullummaa uffadhaatii* Yihowaadhaaf sagadaa.*+

30 Guutummaan lafaa isa duratti romʼi!

Lafti* jabaattee hundeeffamteetti; iddoo ishiitii sochoʼuu* hin dandeessu.+

31 Samiin haa gammadu; laftis haa ililchitu;+

‘Yihowaan Mootii taʼeera!’ jedhaatii saboota gidduutti labsaa.+

32 Galaannii fi wantoonni achi keessa guutan hundi haa kakawweessaʼan;

Dirreewwanii fi wantoonni isaan irratti argaman hundis haa gammadan.

33 Inni lafatti murteessuuf dhufaa waan jiruuf,*

Mukeetiin bosonaas Yihowaa duratti haa ililchan.

34 Inni gaarii waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;+

Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+

35 Isinis akkana jedhaa: ‘Yaa Waaqa fayyinaa keenya, nu oolchi;+

Maqaa kee isa qulqulluudhaaf galata akka galchinuuf,+

Akkasumas si jajachuudhaan akka gammannuuf,+

Saboota keessaa walitti nu qabi; isaan jalaas nu oolchi.

36 Yihowaan Waaqni Israaʼel,

Baraa hamma bara baraatti haa jajamu.’”

Namoonni hundis, “Ameen!”* jedhan; Yihowaas ni jajatan.

37 Achiis Daawit akka barsiifata guyyaa guyyaadhaan turetti+ yeroo hunda Taaboticha duratti akka tajaajilaniif,+ Asaafii+ fi obboloota isaa achuma taabota kakuu Yihowaa duratti dhiise. 38 Obeed Edoomii fi obboloonni isaa warri lakkoofsi isaanii 68 taʼe, akkasumas Obeed Edoom ilmi Yedutuunii fi Hosaan karra eegdota turan; 39 Saadoq+ lubichii fi luboonni isaa wajjin tajaajilan kaan godoo qulqulluu Yihowaa isa iddoo ol kaʼaa Gibeʼonitti+ argamu fuuldura turan; 40 achi kan turanis, iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu irratti yeroo hunda ganamaa fi galgala Yihowaadhaaf aarsaawwan gubaman akka dhiheessanii fi akka Yihowaan Israaʼeliin ajajetti wanta Seericha keessatti barreeffame hunda akka godhaniif ture.+ 41 Hemaanii fi Yedutuun,+ akkasumas namoonni filatamoon warri maqaa dhaʼamanii filataman kaan Yihowaa galateeffachuuf isaanii wajjin turan;+ sababiin isaas, “jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata”;+ 42 Hemaanii+ fi Yedutuun malakata, siimbaalii fi meeshaawwan muuziqaa Waaqa dhugaa jajachuuf* gargaaran kaan taphachuuf isaanii wajjin jiru turan; ilmaan Yedutuun+ immoo karricha bira turan. 43 Achiis namoonni sun hundi gara mana mana isaaniitti qajeelan; Daawitis maatii isaa eebbisuuf deeme.

17 Daawit mana* isaa keessa jiraachuu akkuma jalqabeen Naataan+ raajichaan, “Taabonni kakuu Yihowaa dunkaana keessa taaʼee utuu jiruu,+ kunoo ani mana muka gaattiraatiin+ ijaarame keessa jiraachaan jira” jedhe. 2 Naataanis, “Waaqni dhugaan sii wajjin waan jiruuf, wanta garaa kee keessa jiru hundumaa raawwadhu” jedhee Daawitiif deebise.

3 Halkanuma sana dubbiin Waaqayyoo akkana jedhu gara Naataan ni dhufe: 4 “Dhaqi, tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Mana ani keessa jiraadhu kan naaf ijaaru si miti.+ 5 Ani guyyaan Israaʼeliin biyya Gibxiitii baasee jalqabee hanga guyyaa harʼaatti, dunkaana isa tokkoo gara isa kan biraatti, akkasumas godoo qulqulluu isa tokkoo gara isa kan biraatti* deemaan ture malee mana keessa hin jiraanne.+ 6 Yeroon Israaʼelota hundumaa wajjin deemaa ture hundatti, abbootii murtii Israaʼel warra ani saba koo akka tiksaniif muude keessaa isa tokkoon illee, ‘Muka gaattiraatiin maaliif mana naaf hin ijaarre?’ jedhee beekaa?”’

7 “Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf, ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan si fudhadhe.+ 8 Bakka ati dhaqxu hundumaatti sii wajjin nan taʼa;+ diinota kee hundumaa fuula kee duraa nan balleessa;+ maqaa guddaa maqaa namoonni guguddaan lafa irra jiran qabanii wajjin wal fakkaatu akka qabaattu nan godha.+ 9 Ani saba koo Israaʼeliif iddoo nan kenna; tasgabbaaʼanii akka taaʼanis nan godha; isaan achi ni jiraatu; kana booda wanti isaan jeequ hin jiraatu; namoonni hamoonis akka kanaan dura gochaa turanitti isaan hin cunqursan;+ 10 guyyaa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii itti muudee+ jalqabee akka gochaa turanitti isaan hin cunqursan.* Diinonni kee hundi akka siif bitaman nan godha.+ Kana malees ani, ‘Yihowaan mana siif ni ijaara’* siin nan jedha.

11 “‘“Barri jireenyaa kee dhumee abbootii kee wajjin taʼuuf yommuu deemtu, sanyii kee isa si booda dhufu, jechuunis ilmaan kee keessaa isa tokko nan kaasa;+ mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba.+ 12 Mana kan naaf ijaaru isa dha;+ anis teessoo isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba.+ 13 Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa.+ Ani akkuman jaalala koo isa amanamaa isa si dura ture sana irraa fuudhetti,+ jaalala koo isa amanamaa isa irraa hin fuudhu.+ 14 Inni mana koo fi mootummaa koo keessatti bara baraaf akka jiraatu nan godha;+ teessoon isaas bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”’”+

15 Naataan jechoota kana hundaa fi guutummaa mulʼata kanaa Daawititti ni hime.

16 Yeroo kanatti Daawit Mootichi ol seenee Yihowaa dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Yihowaa, ani eenyu? Wanta kana hundumaa kan naaf goote, manni koo maali dha?+ 17 Yaa Waaqayyo, akka waan wanti kun natti hanqatetti, ati waaʼee mana tajaajilaa keetii isa wanta gara fuulduraatti taʼus dubbatteetta;+ yaa Yihowaa, akka nama ulfina dabalataa argachuu qabuutti* na ilaalteetta. 18 Ati tajaajilaa kee akka gaariitti beekta; waaʼee ulfina ati naaf kennite kanaa ani tajaajilaan kee Daawit kana caalaa maal siin jechuun dandaʼa?+ 19 Yaa Yihowaa, ati tajaajilaa keetiif jettee, haala garaa* keetii wajjin wal simuun, guddaa taʼuu kee mulʼisuudhaan wantoota guguddaa kana hunda hojjetteetta.+ 20 Yaa Yihowaa, kan akka keetii tokko illee hin jiru;+ si malee Waaqni hin jiru;+ wanti gurra keenyaan dhageenye hundi kana mirkaneessa. 21 Lafa irratti sabni kan akka saba kee Israaʼel taʼe kan biraan isa kami?+ Waaqni dhugaan dhaqee saba isaa akka taʼaniif isaan fureera.+ Ati saboota kaan saba kee warra Gibxii jalaa furte duraa ariʼuudhaan,+ gochawwan guguddaa fi sodaachisaa taʼan raawwachuudhaan maqaa beekamaa taʼe qabaatteetta.+ 22 Ati saba kee Israaʼeliin bara baraaf saba ofii keetii godhatte;+ yaa Yihowaa, Waaqa isaaniis ni taate.+ 23 Ammas, yaa Yihowaa, waadaan tajaajilaa kee fi mana isaa ilaalchisee galte bara baraaf haa raawwatamu; akkuma waadaa galtettis raawwadhu.+ 24 Namoonni, ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa, Waaqni Israaʼel, Israaʼel irratti Waaqa dha’ akka jedhaniif, maqaan kee bara baraaf jabaatee haa dhaabbatu; olis haa qabamu;+ manni tajaajilaa kee Daawitis si duratti jabaatee haa dhaabbatu.+ 25 Yaa Waaqa koo, mana isaaf ijaaruuf* kaayyoo akka qabdu tajaajilaa keetiif ibsiteetta. Tajaajilaan kee kadhannaa kana sitti dhiheessuuf kan onnates kanaafi. 26 Ammas yaa Yihowaa, ati Waaqa dhugaa dha; wantoota gaggaarii kana tajaajilaa keetiif gochuudhaaf waadaa galteetta. 27 Kanaafuu, mana tajaajilaa keetii eebbisi; bara baraafis si dura haa jiraatu; yaa Yihowaa, ati mana tajaajilaa keetii waan eebbisteef, manni isaa bara baraaf kan eebbifame dha.”

18 Yeroo muraasa booda, Daawit Filisxeemota injifatee toʼannaa isaa jala isaan galche; Gaatii+ fi magaalota ishii jala jiranis Filisxeemota harkaa ni fudhate.+ 2 Achiis Moʼaabota ni moʼe;+ Moʼaabonnis tajaajiltoota Daawit ni taʼan; gibiras isaaf fiduu jalqaban.+

3 Hadaadʼezeer+ mootiin Zoobaa+ aangoo Laga Efraaxis+ irratti qabu jabeeffachuuf utuu dhaqaa jiruu Hamaat+ biratti Daawit isa injifate. 4 Daawit gaariiwwan fardaa 1,000, abbootii fardeenii 7,000 fi loltoota lafoo 20,000 isa irraa ni boojiʼe.+ Achiis Daawit fardeen gaarii harkisan 100 qofa hambisee, hunda isaanii morgaa isaanii kukkute.+ 5 Namoonni Sooriyaa warri Damaasqoo keessa jiran Hadaadʼezeer mootii Zoobaa gargaaruuf yommuu dhufan, Daawit namoota Sooriyaa keessaa 22,000 ajjeese.+ 6 Achiis Daawit Damaasqoo ishii Sooriyaa keessatti buufatawwan loltootaa ni hundeesse; warri Sooriyaas tajaajiltoota Daawit taʼan; gibiras isaaf ni fidan. Yihowaan bakka Daawit dhaqu hundatti injifannoo* isaaf ni kenna ture.+ 7 Kana malees, Daawit tajaajiltoota Hadaadʼezeer irraa gaachanoota warqii fudhatee gara Yerusaalemitti fide. 8 Daawit Xibhaatii fi Kuun warra magaalota Hadaadʼezeer taʼan keessaa sibiila diimaa hedduu fudhate. Solomoonis isatti fayyadamee, Galaana sibiila diimaa,+ utubaawwanii fi miʼawwan sibiila diimaa ni tolche.+

9 Toʼuun inni mootii Hamaat taʼe, Daawit guutummaa raayyaa waraanaa Hadaadʼezeer+ mootii Zoobaa+ injifachuu isaa yommuu dhagaʼu, 10 yeruma sana waaʼee nageenya isaa akka isa gaafatuu fi Hadaadʼezeeriin waraanee waan injifateef gammachuu isatti dhagaʼame akka isaaf ibsu, ilma isaa Hadoraamiin gara Daawit Mootichaatti erge (Hadaadʼezeer yeroo baayʼee Toʼuu wajjin wal waraana ture); innis miʼawwan warqii, miʼawwan meetii fi miʼawwan sibiila diimaa akaakuu adda addaa fidee dhufe. 11 Daawit Mootichi miʼawwan kana meetii fi warqii saboota hundumaa irraa fudhatee turee wajjin Yihowaadhaaf ni qulqulleesse;+ miʼawwan kunis warra inni Edoom, Moʼaab, Amoonota,+ Filisxeemotaa+ fi Amaaleqota+ irraa fudhate turan.

12 Abishaay+ ilmi Zeruuyaa+ Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota 18,000 ni ajjeese.+ 13 Inni Edoom keessatti buufatawwan loltootaa ni hundeesse; Edoomonni hundis tajaajiltoota Daawit taʼan.+ Yihowaan bakka Daawit dhaqu hundumaatti injifannoo* isaaf kenna ture.+ 14 Daawit guutummaa Israaʼel irratti bulchuu isaa itti fufe;+ inni sabni isaa hundi haqaa fi qajeelummaa akka argatan godha ture.+ 15 Yoʼaab ilmi Zeruuyaa itti gaafatamaa raayyaa waraanaa ture;+ Yoshaafaax+ ilmi Ahiluud immoo barreessaa seenaa ture; 16 Saadoq ilmi Ahixuubii fi Ahimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Shaawushaan immoo barreessaa ture. 17 Benaayaan ilmi Yehoyaadaa itti gaafatamaa Kereetotaa+ fi Pheleetotaa+ ture. Ilmaan Daawitis mootichatti aansee aangoo guddaa qabu turan.

19 Boodas mootiin Amoonotaa Nahaash ni duʼe; ilmi isaas bakka isaa mootii taʼe.+ 2 Yeroo kanatti Daawit, “Abbaan isaa jaalala amanamaa waan anatti argisiiseef, anis Hanuun ilma Nahaashitti jaalala amanamaa nan argisiisa”+ jedhe. Kanaafuu, Daawit sababa duʼa abbaa isaatiif akka isa jajjabeessaniif ergamtoota gara isaatti ni erge. Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Daawit Hanuuniin jajjabeessuuf yommuu gara biyya Amoonotaa+ dhufan, 3 bulchitoonni Amoonotaa Hanuuniin, “Daawit namoota si jajjabeessan gara keetti kan erge, abbaa kee kabajee sitti fakkaataa? Tajaajiltoonni isaa gara kee kan dhufan, biyyattii akka gaariitti qoruuf, siin garagalchuu fi biyyattii basaasuuf jedhanii mitii?” jedhan. 4 Kanaafuu, Hanuun tajaajiltoota Daawit irraa areeda isaanii haadee,+ akkasumas uffata isaanii mudhii isaaniitii gaditti irraa muree isaan erge. 5 Namoonni sun akka malee qaanaʼanii waan turaniif, Daawit waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu yeruma sana namoota kan biroo gara isaaniitti erge; achiis mootichi, “Hamma areedni keessan deebiʼee guddatutti Yerikoo+ keessa turaa; sana booda deebiʼaa kottaa” isaaniin jedhe.

6 Yeroo booda Amoononni Daawit biratti akka waan xiraaʼaatti ilaalamuu isaanii ni hubatan; kanaafuu, Hanuunii fi Amoononni Mesophotaamiyaa,* Aaraam Maʼaakaa fi Zoobaadhaa+ gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii mindeessuuf meetii taalaantii* 1,000 ni ergan. 7 Akka kanaan isaan gaariiwwan fardaa 32,000, mootii Maʼaakaa fi namoota isaa mindeeffatan. Achiis isaan dhufanii Medebaa+ fuuldura buufatan. Amoononnis magaalota isaanii keessaa baʼanii walitti qabamuudhaan, waraanaaf gad baʼan.

8 Daawitis waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu, loltoota isaa warra ciccimoo taʼan dabalatee Yoʼaabii+ fi guutummaa raayyaa waraanaa isaa ni erge.+ 9 Amoononni gad baʼanii karra magaalattii duratti waraanaaf hiriiran; yeroo kanatti mootonni dhufan sun kophaa isaanii dirree keessa turan.

10 Yoʼaab fuulduraa fi duubaan loltoonni isatti dhufaa akka jiran yommuu argu, loltoota ciccimoo Israaʼel keessa jiran keessaa muraasa filatee warra Sooriyaa loluuf waraanaaf isaan hiriirse.+ 11 Namoonni hafan immoo ajaja* obboleessa isaa Abishaay+ jala taʼanii Amoonota waraanuuf akka hiriiran godhe. 12 Achiis akkana isaan jedhe: “Warri Sooriyaa+ yoo natti ciman ati dhuftee na gargaarta; Amoononni yoo sitti ciman immoo ani sin gargaara. 13 Saba keenyaaf, akkasumas magaalota Waaqa keenyaatiif jennee jabaachuu fi onnachuu qabna;+ Yihowaanis wanta isa duratti gaarii taʼe ni godha.”

14 Achiis Yoʼaabii fi namoonni isaa warra Sooriyaa waraanuuf isaanitti dhihaatan; isaanis isa duraa ni baqatan.+ 15 Amoononni warri Sooriyaa baqachuu isaanii yommuu argan, isaanis obboleessa isaa Abishaay duraa baqatanii gara magaalattiitti seenan. Sana booda Yoʼaab gara Yerusaalemitti deebiʼe.

16 Warri Sooriyaa, Israaʼeliin moʼamuu isaanii yommuu argan, warra Sooriyaa naannoo Lagichaatti*+ argaman waamuuf ergamtoota ergan; ajajaa raayyaa waraanaa Hadaadʼezeer kan taʼe Shofaak isaan geggeessaa ture.+

17 Daawitis waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu, yeruma sana Israaʼelota hundumaa walitti qabee Yordaanosiin ceʼee gara isaanii dhaquudhaan akka isaan waraananiif tarree isaan galche. Daawit warra Sooriyaa waraanuuf tarree isaan galche; isaanis isaa wajjin wal waraanan.+ 18 Haa taʼu malee, warri Sooriyaa Israaʼel duraa ni baqatan; Daawitis warra Sooriyaa keessaa namoota gaarii fardaa oofan 7,000 fi loltoota lafoo 40,000 ni ajjeese; Shofaak isa ajajaa raayyaa waraanaa taʼes ni ajjeese. 19 Tajaajiltoonni Hadaadʼezeer Israaʼelotaan moʼamuu+ isaanii yommuu argan, yeruma sana Daawitii wajjin nagaa uumanii isaaf bitamuu jalqaban;+ warri Sooriyaas sana booda Amoonota gargaaruu hin barbaanne.

20 Jalqaba waggichaatti,* yeroo mootonni duula dhaqanitti, Yoʼaab+ raayyaa waraanaa geggeessee biyya Amoonotaa balleesse; achiis dhufee Raabaatti+ marse; yeroo kanatti Daawit Yerusaalem keessatti hafee ture.+ Yoʼaab Raabaa haleelee ishii diige.+ 2 Achiis Daawit gonfoo Maalkaam mataa isaa irraa ni fuudhe; ulfaatinni isaa warqii taalaantii* tokko ture; achi irras dhagoonni gatii guddaa qaban jiru turan; innis mataa Daawit irra ni kaaʼame. Kana malees, inni magaalattii keessaa boojuu hedduu ni fudhate.+ 3 Achiis namoota achi keessa jiran gad baasee, dhagaa akka muran, meeshaawwan sibiilaa qara qabanii fi qottoodhaan akka hojjetan isaan godhe.+ Daawit magaalota Amoonotaa hundumaattis akkanuma godhe. Dhuma irrattis Daawitii fi loltoonni hundi gara Yerusaalemitti deebiʼan.

4 Kana booda Geezeritti Filisxeemotaa wajjin waraanni ni jalqabame. Yeroo sanatti Sibekaay+ Hushaatichi, Siphaay isa sanyii Refaayim+ taʼe ni ajjeese; isaanis ni moʼaman.

5 Ammas Filisxeemotaa wajjin waraanni ni jalqabame; Elhaanaan ilmi Yaaʼir Laahmii obboleessa Goliyaad+ isa nama Gaat taʼe sanaa ni ajjeese; inni eeboo mukti isaa muka namni wayyaa dhaʼu wayyaa itti maru fakkaatu qabatee ture.+

6 Ammas Gaatitti+ waraanni ni jalqabame; namichi akka malee guddaa taʼe,+ harka isaa lamaan irraa quba jaʼa jaʼa qabuu fi miila isaa lamaan irraa quba jaʼa jaʼa qabu, walumaa galatti quba 24 qabu tokko achi jira ture; inni sanyii Refaayim+ ture. 7 Inni Israaʼelotatti ni qoosa+ ture. Kanaafuu, Yonaataan ilmi Shimeʼaa+ obboleessa Daawit isa ni ajjeese.

8 Namoonni kun namoota Gaat+ sanyii Refaayim+ turan; isaan harka Daawitii fi harka tajaajiltoota isaatiin ni kufan.

21 Sana booda Seexanni* Israaʼeliin mormee kaʼuudhaan Israaʼeliin akka lakkaaʼu Daawitiin kakaase.+ 2 Kanaafuu, Daawit Yoʼaabii+ fi ajajjoota sabichaatiin, “Dhaqaatii Ber Sheebaadhaa hanga Daanitti+ Israaʼeliin lakkaaʼaa; achiis lakkoofsa isaanii akkan beekuuf natti himaa” jedhe. 3 Yoʼaab garuu, “Yihowaan uummata isaa siʼa 100 haa baayʼisu! Yaa gooftaa koo yaa mootii, hundi isaanii amma iyyuu tajaajiltoota gooftaa kootii mitii? Gooftaan koo wanta akkanaa gochuu kan barbaade maaliifi? Inni Israaʼel irratti yakka kan fidu maaliifi?” jedhe.

4 Haa taʼu malee, wanti mootichi dubbate wanta Yoʼaab dubbate irra ni caale. Kanaafuu, Yoʼaab baʼee guutummaa Israaʼel keessa erga naannaʼee booda gara Yerusaalemitti deebiʼe.+ 5 Yeroo kanatti Yoʼaab lakkoofsa namoota galmeeffaman sanaa Daawitiif ni kenne. Israaʼelonni hundi warri goraadee hidhatan 1,100,000 turan; namoonni Yihudaa warri goraadee hidhatan immoo 470,000 turan.+ 6 Haa taʼu malee, Yoʼaab wanti mootichi dubbate jibbisiisaa taʼee waan isatti mulʼateef,+ Leewwii fi Biiniyaamiin isaan gidduutti hin galmeessine.+

7 Kunis Waaqa dhugaa baayʼee waan gaddisiiseef, inni Israaʼeliin ni rukute. 8 Achiis Daawit Waaqa dhugaatiin, “Ani kana gochuu kootiin cubbuu guddaa hojjedheera.+ Ammas, ani gowwummaa guddaa waanan raawwadheef,+ maaloo, dogoggora ani tajaajilaan kee raawwadhe naaf dhiisi”+ jedhe. 9 Achiis Yihowaan Gaad+ isa Daawitiif mulʼata argu sanaan akkana jedhe: 10 “Dhaqiitii Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ani filannoo sadii siif nan kenna. Isaan keessaa wantan si irratti fidu tokko filadhu.”’” 11 Kanaafuu, Gaad gara Daawititti seenee akkana isaan jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Kanneen kana keessaa isa tokko filadhu; 12 waggaa sadiif beelli+ haa dhufuu? Yookiin jiʼa sadiif goraadeen diinota keetii utuu si rukutuu diinota kee jalaa baqachuu siif wayya+ moo guyyaa sadiif goraadeen Yihowaa, jechuunis biyyattii irratti golfaan+ dhufee maleekaan Yihowaa guutummaa naannoo Israaʼelitti badiisa+ akka fidu filatta?’ Amma isa na erge sanaaf maal jedhee akkan deebisu itti yaadi.” 13 Kanaafuu Daawit Gaadiin, “Ani baayʼee dhiphadheera. Gara laafinni isaa baayʼee guddaa waan taʼeef,+ maaloo, harka Yihowaa irratti kufuu naaf wayya; garuu harka namaa irratti akkan kufu hin godhin”+ jedhe.

14 Achiis Yihowaan Israaʼel irratti golfaa erge;+ kanaan kan kaʼes Israaʼel keessaa namoonni 70,000 ni duʼan.+ 15 Kana malees, Waaqni dhugaan Yerusaalemiin akka balleessuuf maleekaa tokko ni erge; haa taʼu malee, inni ishii balleessuuf yommuu jedhu, Yihowaan badiisa gaʼaa jiru sana argee ni gaabbe;*+ maleekaa isa badiisa geessisaa jiru sanaanis, “Ni gaʼa!+ Amma harka kee irraa deebisi” jedhe. Maleekaan Yihowaa oobdii Ornaan+ Yebuusichaa+ bira dhaabbatee ture.

16 Daawit ol jedhee yommuu ilaalu, maleekaan Yihowaa goraadee Yerusaalem irratti luqqifame tokko harka isaatti qabatee lafaa fi samii gidduu dhaabbatee arge.+ Daawitii fi jaarsoliin sunis uffata gaddaa uffatanii+ yeruma sana adda isaaniitiin lafatti gombifaman.+ 17 Daawitis Waaqa dhugaatiin, “Sabichi akka lakkaaʼamu kan ajaje ana mitii? Cubbuu kan hojjete ana dha; balleessaa kan raawwates ana dha;+ hoolonni kun garuu maal godhan? Yaa Waaqa koo Yihowaa, maaloo, harki kee ana irrattii fi mana abbaa koo irratti haa dhufu; garuu saba kee irratti dhaʼicha kana hin fidin”+ jedhe.

18 Achiis maleekaan Yihowaa Daawit ol baʼee, oobdii Ornaan Yebuusichaa irratti Yihowaadhaaf iddoo aarsaa akka ijaaru+ akka itti himu Gaaditti+ dubbate. 19 Kanaafuu, Daawit dubbii Gaad dhagaʼee akkuma inni maqaa Yihowaatiin isatti dubbatetti ol baʼe. 20 Kana gidduutti Ornaan garagalee maleekaa sana arge; ilmaan isaa warri isaa wajjin turan arfanis ni dhokatan. Yeroo kanatti Ornaan qamadii dhaʼaa ture. 21 Daawit yommuu gara isaa dhufus, Ornaan ol jedhee ilaalee Daawit gara isaa dhufaa akka jiru arge; innis yeruma sana bakka oobdii sanaa gad baʼee lafatti gombifamee Daawitiif sagade. 22 Daawitis Ornaaniin, “Ani Yihowaadhaaf iddoo aarsaa akkan irratti ijaaruuf, oobdii kee natti gurguri.* Dhaʼichi namoota kana irra gaʼaa jiru akka dhaabbatuuf,+ gatii guutuudhaan natti gurguri” jedhe. 23 Ornaan garuu Daawitiin akkana jedhe: “Akkasumaan fudhadhu; gooftaan koo mootichi wanta gaarii fakkaatee isatti mulʼate* haa godhu. Kunoo, ani aarsaa gubamu akka taʼaniif loon, qoraan akka taʼuuf konkolaataa* ittiin midhaan siribsiisanii+ fi aarsaa midhaanii akka taʼuuf qamadii nan qopheessa. Ani wantoota kana hundumaa nan kenna.”

24 Daawit Mootichi garuu Ornaaniin, “Hin taʼu, gatii guutuu kaffalee si irraa bituun qaba; wanta kan kee taʼe fudhadhee Yihowaadhaaf hin dhiheessu; yookiin wantan gatii itti hin baasne aarsaa gubamu godhee hin dhiheessu” jedhe.+ 25 Kanaafuu, Daawit gatii iddoo sanaa warqii sheeqilii* 600 madaalee Ornaaniif ni kenne. 26 Achiis Daawit bakka sanatti Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ijaaree,+ aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa dhiheesse; Yihowaas ni waammate; innis yeroo kanatti aarsaawwan iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sana irra jiran gubuuf samii irraa ibidda erguudhaan deebii isaaf ni kenne.+ 27 Achiis Yihowaan maleekaan sun goraadee isaa manʼee isaatti akka deebisu isa ajaje.+ 28 Yeroo sanatti, Daawit Yihowaan bakka oobdii Ornaan Yebuusichaatti akka isaaf deebise yommuu argu, achitti aarsaa dhiheessuu isaa itti fufe. 29 Haa taʼu malee, godoo qulqulluun Yihowaa inni Museen lafa onaa keessatti ijaaree fi iddoon aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sun yeroo sanatti iddoo ol kaʼaa isa Gibeʼonitti argamu irra turan.+ 30 Daawit garuu goraadee maleekaa Yihowaatiin kan kaʼe baayʼee sodaatee waan tureef, Waaqayyoon gaafachuuf gara iddoo aarsaa sanaa deemuu hin dandeenye.

22 Achiis Daawit, “Kun mana Yihowaa Waaqa dhugaa ti; kun iddoo aarsaa isa Israaʼel aarsaa gubamu irratti dhiheessu dha” jedhe.+

2 Sana booda Daawit namoonni biyya ormaa+ warri biyya Israaʼel keessa turan akka walitti qabaman ajaje; achiis ijaarsa mana Waaqa dhugaatiif dhagaa akka muranii fi akka bifa itti baasaniif warra dhagaa bocan godhee isaan ramade.+ 3 Kana malees Daawit sibiila hedduu mismaara balbaloota karraatiif barbaachisanii fi maaxafaawwan tolchuuf oolan ni qopheesse; sibiila diimaa baayʼina isaatiin kan kaʼe madaalamuu hin dandeenyes ni qopheesse;+ 4 akkasumas saanqaawwan muka gaattiraa+ lakkaaʼamuu hin dandeenye ni qopheesse; sababiin isaas Siidoononnii+ fi warri Xiiros+ saanqaawwan muka gaattiraa hedduu Daawitiif fidanii turan. 5 Daawitis, “Ilmi koo Solomoon ijoollee fi muuxannoo kan hin qabne dha;*+ manni Yihowaadhaaf ijaaramu immoo akka malee miidhagaa+ taʼuu isaatiin kan kaʼe waaʼeen isaa fi bareedinni+ isaa biyyoota hundumaatti ni beekama.+ Kanaafuu, ani isaaf qophii nan godha” jedhe. Kanaan kan kaʼes Daawit duʼuu isaa dura miʼawwan hedduu ni qopheesse.

6 Kana malees, inni ilma isaa Solomooniin waamee Yihowaa Waaqa Israaʼeliif mana akka ijaaru isa ni ajaje. 7 Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe: “Ani gama kootiin, maqaa Waaqa koo Yihowaatiif mana ijaaruun hawwii garaa kootii ture.+ 8 Haa taʼu malee, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: ‘Ati dhiiga hedduu dhangalaasteetta; waraanawwan guguddaa irrattis hirmaatteetta. Ati na duratti lafa irratti dhiiga hedduu waan dhangalaasteef, maqaa kootiif mana hin ijaartu.+ 9 Kunoo, ati ilma+ tokko ni dhalchita; inni nama nagaa* ni taʼa; anis diinota isaa warra isatti marsanii jiran hunda irraa boqonnaa isaaf nan kenna;+ maqaan isaa Solomoon*+ ni jedhama; anis bara isaatti Israaʼeliif nagaa fi tasgabbii nan kenna.+ 10 Mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru isa dha.+ Inni ilma koo ni taʼa, anis abbaa isaa nan taʼa.+ Ani teessoo mootummaa isaa Israaʼel irratti bara baraaf jabeessee nan dhaaba.’+

11 “Ammas yaa ilma koo, Yihowaan sii wajjin haa taʼu; akkuma inni waaʼee kee dubbatetti mana Waaqa kee Yihowaa ijaaruu irratti milkaaʼina kan argattu taʼi.+ 12 Inni Israaʼel irratti yommuu si muudu, seera Waaqa kee Yihowaa akka eegduuf,+ Yihowaan dandeettii waa madaaluu fi hubannaa siif haa kennu.+ 13 Ati dambiiwwanii+ fi murtiiwwan Yihowaan Israaʼelotaaf akka kennuuf Musee ajaje of eeggannoodhaan yoo eegde milkaaʼina ni argatta.+ Onnadhu, cimis. Hin sodaatin yookiin hin jeeqamin.+ 14 Kunoo, ani mana Yihowaatiif warqii taalaantii* 100,000 fi meetii taalaantii 1,000,000, sibiila diimaa fi sibiila+ hedduu madaalamuu hin dandeenye, akkasumas saanqaawwanii fi dhagoota qopheessuuf baayʼee dhamaʼeera;+ atis kana irratti ni dabalta. 15 Hojjettoonni hedduun, jechuunis, warri dhagaa bocan, warri dhagaadhaan ijaaran,+ anaaxonnii fi hojjettoonni dandeettii hojii gosa hundumaa qaban sii wajjin jiru.+ 16 Warqichi, meetichi, sibiilli diimaanii fi sibiilichi madaalamuu kan hin dandeenye dha.+ Kaʼiitii hojicha jalqabi; Yihowaan sii wajjin haa taʼu.”+

17 Achiis Daawit ilma isaa Solomooniin akka gargaaraniif akkana jechuudhaan bulchitoota Israaʼel hunda ajaje: 18 “Waaqni keessan Yihowaan isinii wajjin jira mitii? Inni kallattii hundumaatiin boqonnaa isiniif hin kenninee? Inni jiraattota biyyattii dabarsee waan natti kenneef, biyyattiin toʼannaa Yihowaa fi saba isaa jala oolteetti. 19 Ammas Waaqa keessan Yihowaa barbaaddachuuf garaa fi lubbuu* keessan guutuudhaan murtii godhaa;+ taabota kakuu Yihowaa fi miʼawwan qulqulluu Waaqa dhugaa+ gara mana maqaa Yihowaatiif ijaaramu+ sanaatti fiduuf mana qulqullummaa Yihowaa waaqa dhugaa ijaaruu jalqabaa.”+

23 Daawit yeroo dulloomee dhumni jireenya isaa dhihaatetti,* ilma isaa Solomooniin Israaʼel irratti mootii godhe.+ 2 Achiis bulchitoota Israaʼel, lubootaa+ fi Leewwota+ hunda walitti ni qabe. 3 Leewwonni warri umuriin isaanii waggaa 30 fi isaa ol taʼe ni lakkaaʼaman;+ isaanis mata mataatti yommuu lakkaaʼaman dhiirota 38,000 turan. 4 Kanneen kana keessaa 24,000 kan taʼan hojii mana Yihowaatti hojjetamu ol aantummaadhaan toʼatu turan; kana malees, geggeessitoonnii fi abbootiin murtii 6,000 jiru turan;+ 5 akkasumas karra eegdonni+ 4,000 kan jiran yeroo taʼu, namoonni 4,000 immoo meeshaawwan muuziqaa Daawit, “Waaqayyoon ittiin jajachuufan isaan tolche” jechuudhaan waaʼee isaanii dubbatetti fayyadamanii Yihowaa jajatu+ turan.

6 Achiis Daawit ilmaan Leewwii, jechuunis garee Geershon, garee Qehaatii fi garee Meraariitiin+ isaan gurmeesse.*+ 7 Geershonota keessaa Laadaanii fi Shimeʼii turan. 8 Ilmaan Laadaan Yehiʼel isa dura buʼaa taʼe, Zetaamii fi Yooʼel+ yeroo taʼan, walumaa galatti sadii turan. 9 Ilmaan Shimeʼii Shelomoot, Haziʼelii fi Kaaraan yeroo taʼan, walumaa galatti sadii turan. Kanneen kun dura buutota manneen abbootii Laadaan turan. 10 Ilmaan Shimeʼii, Yaahaat, Ziinaa, Yeʼuushii fi Beriʼaa turan. Kanneen kun arfan ilmaan Shimeʼii turan. 11 Yaahaat dura buʼaa ture; Ziizaan immoo lammaffaa ture. Haa taʼu malee, Yeʼuushii fi Beriʼaan ilmaan hedduu waan hin qabneef, akka mana abbootii tokkootti lakkaaʼamanii hojiin tokko qofti isaaniif ni kenname.

12 Ilmaan Qehaat Amraam, Yizhaar,+ Kebroonii fi Uuziʼel+ yeroo taʼan, walumaa galatti afur turan. 13 Ilmaan Amraam Aaronii+ fi Musee+ turan. Haa taʼu malee, Aaron, innii fi ilmaan isaa Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe akka qulqulleessaniif, Yihowaa duratti aarsaawwan akka dhiheessaniif, akka isa tajaajilanii fi yeroo hunda maqaa isaatiin uummaticha akka eebbisaniif,+ yeroo hundumaatiif adda baafamanii turan.+ 14 Ilmaan Musee isa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaa garuu gosa Leewwotaa keessatti lakkaaʼaman. 15 Ilmaan Musee Geershomii+ fi Eliiʼezar+ turan. 16 Ilmaan Geershom keessaa Shebuʼel+ dura buʼaa ture. 17 Sanyiiwwan Eliiʼezar keessaa Rehaabiyaan+ dura buʼaa ture; Eliiʼezar ilmaan kan biraa hin qabu ture; ilmaan Rehaabiyaa garuu baayʼee hedduu turan. 18 Ilmaan Yizhaar+ keessaa Shelomiit+ dura buʼaa ture. 19 Ilmaan Kebroon inni dura buʼaa taʼe Yeriyaa yeroo taʼu, ilmi isaa inni lammaffaan Amaariyaa, ilmi isaa inni sadaffaan Yaahaaziʼel, ilmi isaa inni arfaffaan Yeqaamiʼaam+ turan. 20 Ilmaan Uuziʼel+ Miikiyaas dura buʼaa yeroo taʼu, Yishiyaan immoo ilma lammaffaa ture.

21 Ilmaan Meraarii Maahlii fi Muushii turan.+ Ilmaan Maahlii Eleʼazaarii fi Qiish turan. 22 Eleʼazaar ni duʼe; inni ijoollee durbaa qofa malee ijoollee dhiiraa hin qabu ture. Kanaafuu, firoottan* isaanii kan taʼan ilmaan Qiish isaan ni fuudhan. 23 Ilmaan Muushii Maahlii, Edeerii fi Yeremoot yeroo taʼan, walumaa galatti sadii turan.

24 Ilmaan Leewwii warri akka qomoo qomoo isaaniittii fi akka geggeessitoota qomoo qomoo isaaniitti galmeeffaman kanneen kana turan. Leewwonni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe, tajaajila mana Yihowaa keessa jiru akka raawwataniif maqaa isaaniitiin lakkaaʼamanii fi galmeeffamanii turan. 25 Daawitis akkana jedhee ture: “Yihowaan Waaqni Israaʼel saba isaatiif boqonnaa kenneera;+ inni bara baraaf Yerusaalem keessa ni jiraata.+ 26 Kana malees, Leewwonni godoo qulqulluu yookiin miʼawwan tajaajila godoo qulqulluu keessatti raawwatamuuf oolan tokko illee baachuun isaan hin barbaachisu.”+ 27 Akka ajaja isa dhumaa Daawit kennettis, Leewwonni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe ni lakkaaʼaman. 28 Hojiin isaaniis mooraawwan+ sana irratti, kutaawwan nyaataa irratti, wanta qulqulluu taʼe hunda qulqulleessuu irrattii fi hojii tajaajila mana Waaqa dhugaa keessatti barbaachisu kam iyyuu irratti itti gaafatamummaa fudhatanii tajaajila mana Yihowaa keessatti raawwatamu irratti ilmaan Aaron+ gargaaruu ture. 29 Daabboo wal irra tuulamu,*+ daakuu bullaaʼaa aarsaa midhaaniitiif taʼu, maxinnoo haphii,+ bixxillee eelee irratti tolfamuu fi bukoo zayitiin itti makame+ qopheessuu, akkasumas baayʼinaa fi guddina wantoota garaa garaa wajjin wal qabatan safaruu irratti isaan gargaaru turan. 30 Isaan Yihowaa galateeffachuu fi jajachuuf ganama ganamaa+ fi galgala galgala ni dhaabbatu turan.+ 31 Isaan lakkoofsa isaanii ilaalchisee akka seerri ajajutti, guyyoota Sanbataatti,+ guyyoota baatiiwwan haaraattii+ fi waqtiilee ayyaanaatti+ yeroo aarsaan gubamu Yihowaadhaaf dhihaatu hundatti isaaniin ni gargaaru turan; kanas yeroo hunda Yihowaa duratti ni raawwatu turan. 32 Kana malees, isaan dunkaana walgaʼii, iddoo qulqulluu fi ilmaan Aaron warra mana Yihowaa keessatti tajaajilanii fi obboloota isaanii taʼan ilaalchisee itti gaafatamummaa qaban ni raawwatu turan.

24 Gareen sanyiiwwan Aaron kanneen kana turan: Ilmaan Aaron Naadaab, Abihuu,+ Eleʼazaarii fi Itaamaar+ turan. 2 Haa taʼu malee, Naadaabii fi Abihuun abbaa isaanii dura duʼan;+ isaan ilmaan hin qaban turan; Eleʼazaarii+ fi Itaamaar garuu luboota taʼanii tajaajiluu isaanii itti fufan. 3 Daawit, Saadoq+ isa ilmaan Eleʼazaar keessaa tokko taʼee fi Ahimelek isa ilmaan Itaamaar keessaa tokko taʼee wajjin taʼuudhaan akka itti gaafatamummaa tajaajila isaaniif kennameetti isaan hihire. 4 Ilmaan Eleʼazaar, ilmaan Itaamaar caalaa dura buutota waan qabaniif, isaan akka kanaan isaan hihiran: Ilmaan Eleʼazaar dura buutota manneen abbootii isaanii taʼan 16 qabu turan; ilmaan Itaamaar immoo dura buutota manneen abbootii isaanii taʼan 8 qabu turan.

5 Kana malees, ilmaan Eleʼazaarii fi ilmaan Itaamaar keessaa ajajjoonni iddoo qulqulluu fi ajajjoonni Waaqa dhugaa tajaajilan waan turaniif, garee isa tokko garee isa kaanii wajjin carraadhaan+ hihiran. 6 Achiis Shemaayaan ilmi Naataaniʼel inni barreessaa Leewwotaa taʼe mooticha, bulchitoota, Saadoq+ lubicha, Ahimelek+ ilma Abiyaataar,+ akkasumas dura buutota manneen abbootii lubootaa fi Leewwotaa duratti maqaa isaanii ni galmeesse; Eleʼazaariif manni abbootii tokko ni filatame; Itaamaariif immoo manni abbootii tokko ni filatame.

7 Carraan inni tokkoffaan Yehoyaariibiif ni baʼe; inni lammaffaan Yedaayaadhaaf, 8 inni sadaffaan Hariimiif, inni arfaffaan Seʼoriimiif, 9 inni shanaffaan Maalkiyaadhaaf, inni jaʼaffaan Miyaamiiniif, 10 inni torbaffaan Haqooziif, inni saddeettaffaan Abiyaadhaaf,+ 11 inni saglaffaan Yeshuwaadhaaf, inni kurnaffaan Shekaaniyaadhaaf, 12 inni 11ffaan Eliyaashiibiif, inni 12ffaan Yaaqiimiif, 13 inni 13ffaan Huphaadhaaf, inni 14ffaan Yeshebiʼaabiif, 14 inni 15ffaan Bilgaadhaaf, inni 16ffaan Iimeriif, 15 inni 17ffaan Heziiriif, inni 18ffaan Haphizeeziif, 16 inni 19ffaan Petaahiyaadhaaf, inni 20ffaan Yehizqeeliif, 17 inni 21ffaan Yaakiiniif, inni 22ffaan Gaamuliif, 18 inni 23ffaan Delaayaadhaaf, inni 24ffaan immoo Maaʼaaziyaadhaaf ni baʼe.

19 Akkuma Yihowaan Waaqni Israaʼel abbaa isaanii Aaroniin ajajetti, yommuu gara mana Yihowaatti seenan akkaataa itti gaafatamummaa tajaajila+ isaanii itti raawwatan ilaalchisee qajeelfamni inni kenne kana ture.

20 Leewwota warra kaan keessaa kanneen kun ni argamu: ilmaan Amraam+ keessaa Shubaaʼel;+ ilmaan Shubaaʼel keessaa Yehdiyaa; 21 kan Rehaabiyaa+ keessaa: ilmaan Rehaabiyaa keessaa dura buʼaa kan taʼe Yishiyaa; 22 kan Yizhaarotaa keessaa Shelomoot;+ ilmaan Shelomoot keessaa Yaahaat; 23 ilmaan Kebroon keessaa dura buʼaa kan taʼe Yeriyaa,+ ilma lammaffaa kan taʼe Amaariyaa, ilma sadaffaa kan taʼe Yaahaaziʼel, ilma arfaffaa kan taʼe Yeqaamiʼaam; 24 ilmaan Uuziʼel keessaa Miikiyaas; ilmaan Miikiyaas keessaa Shaamiir. 25 Obboleessi Miikiyaas Yishiyaa ture; ilmaan Yishiyaa keessaa Zakkaariyaas.

26 Ilmaan Meraarii+ Maahlii fi Muushii turan; ilmaan Yaaʼaaziyaa keessaa Beenoo. 27 Ilmaan Meraarii: ilmaan Yaaʼaaziyaa keessaa Beenoo, Shohaam, Zaakurii fi Ibrii; 28 ilmaan Maahlii keessaa Eleʼazaar isa ilmaan hin qabne;+ 29 kan Qiish keessaa: ilmaan Qiish keessaa Yeraamiʼel; 30 akkasumas ilmaan Muushii Maahlii, Edeerii fi Yerimoot turan.

Ilmaan Leewwii warri akka manneen abbootii isaaniitti lakkaaʼaman kanneen kana turan. 31 Kana malees akkuma obboloonni isaanii warri ilmaan Aaron taʼan Daawit Mooticha, Saadoq, Ahimelek, akkasumas dura buutota manneen abbootii lubootaa fi Leewwotaa duratti godhan, isaanis carraa ni buufatan.+ Manneen abbootii wajjin haala wal qabateen inni dura buʼaa taʼe obboleessa isaa isa quxisuu irraa garaa garummaa hin qabu ture.

25 Kana malees Daawitii fi ajajjoonni gareewwan tajaajilaa, baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii+ fi siimbaaliitti+ fayyadamanii raajii dubbachuudhaan akka tajaajilaniif ilmaan Asaaf, ilmaan Hemaanii fi ilmaan Yedutuun+ keessaa tokko tokko adda ni baasan. Maqaan namoota tajaajila kanaaf itti gaafatamummaa qabanii kanaa gaditti tarreeffameera: 2 ilmaan Asaaf keessaa: Zaakur, Yoseef, Naataaniyaa fi Asharʼelaa yeroo taʼan, isaan ilmaan Asaaf warra qajeelfama Asaaf jala jiranii fi qajeelfama mootichaa jala taʼanii raajii dubbatan turan. 3 Kan Yedutuun,+ ilmaan Yedutuun kan taʼan, Gedaaliyaa, Zerii, Yeshaayaa, Shimeʼii, Hashaabiyaa fi Maataatiyaa+ yeroo taʼan, isaan jaʼa turan; isaan qajeelfama abbaa isaanii Yedutuun jala taʼanii Yihowaa galateeffachaa fi jajachaa+ baganaatti fayyadamanii raajii dubbatu turan. 4 Kan Hemaan,+ ilmaan Hemaan kan taʼan, Buqqiiyaa, Maataaniyaa, Uuziʼel, Shebuʼel, Yerimoot, Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliyaataa, Gidaaltii, Romaamti Eezer, Yoshbeqaashaa, Maalootii, Hotiirii fi Maahaaziyoot turan. 5 Kanneen kun hundi ilmaan Hemaan isa ulfina isaatiif jecha* dhimmoota Waaqa dhugaa wajjin wal qabatan irratti mootichaaf mulʼata argu sanaa turan; Waaqni dhugaanis Hemaaniif ijoollee dhiiraa 14 fi ijoollee durbaa 3 ni kenne. 6 Kanneen kun hundi qajeelfama abbaa isaanii jala taʼanii tajaajila mana Waaqa dhugaatiif siimbaalii, meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaatti+ fayyadamanii mana Yihowaatti faarfatu turan.

Qajeelfama mootichaa jala kan turan, Asaaf, Yedutuunii fi Hemaan turan.

7 Isaanii fi obboloonni isaanii warri Yihowaa faarfachuuf leenjii argatan, jechuunis warri gama kanaan dandeettii guddaa qaban walumaa galatti lakkoofsi isaanii 288 ture. 8 Kanaafuu, inni xinnaanii fi inni guddaan, akkasumas inni dandeettii guddaa qabuu fi inni barachaa jiru hojiiwwan isaanii hihirachuuf carraa buufatan.+

9 Carraan inni jalqabaa Yoseef+ isa ilma Asaaf taʼeef ni baʼe; inni lammaffaan Gedaaliyaadhaaf+ (inni, obboloonni isaa fi ilmaan isaa 12 turan) ni baʼe; 10 inni sadaffaan Zaakuriif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 11 inni arfaffaan Yizriidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 12 inni shanaffaan Nataaniyaadhaaf,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 13 inni jaʼaffaan Buqqiiyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 14 inni torbaffaan Yeshaariʼelaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 15 inni saddeettaffaan Yeshaayaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 16 inni saglaffaan Maataaniyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 17 inni kurnaffaan Shimeʼiidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 18 inni 11ffaan Azaareliif, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 19 inni 12ffaan Hashaabiyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 20 inni 13ffaan Shubaaʼeliif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 21 inni 14ffaan Maataatiyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 22 inni 15ffaan Yeremootiif, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 23 inni 16ffaan Hanaaniyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 24 inni 17ffaan Yoshbeqaashaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 25 inni 18ffaan Hanaaniidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 26 inni 19ffaan Maalootiidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 27 inni 20ffaan Eliyaataadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 28 inni 21ffaan Hotiiriif, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 29 inni 22ffaan Gidaaltiidhaaf,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 30 inni 23ffaan Maahaaziyootiif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 31 inni 24ffaan Romaamti Eezeriif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan.

26 Gareewwan karra eegdotaa+ kanneen kana turan: Qoroota keessaa, Mesheleemiyaa+ ilma Qoree isa ilmaan Asaaf keessaa tokko taʼe. 2 Mesheleemiyaan ilmaan qaba ture: ilmi isaa inni angafaa Zakkaariyaas, ilmi isaa inni lammaffaan Yediyaayel, ilmi isaa inni sadaffaan Zebaadiyaa, ilmi isaa inni arfaffaan Yaatniʼel, 3 ilmi isaa inni shanaffaan Eelaam, ilmi isaa inni jaʼaffaan Yehohaanaan, ilmi isaa inni torbaffaan Eliyahoʼenaay turan. 4 Obeed Edoom ilmaan qaba ture: ilmi isaa inni angafaa Shemaayaa, ilmi isaa inni lammaffaan Yehozaabaad, ilmi isaa inni sadaffaan Yoʼaa, ilmi isaa inni arfaffaan Saakaar, ilmi isaa inni shanaffaan Naataaniʼel, 5 ilmi isaa inni jaʼaffaan Amiʼel, ilmi isaa inni torbaffaan Yisaakor, ilmi isaa inni saddeettaffaan immoo Pewuletaay turan; kunis kan taʼe Waaqayyo waan isa eebbiseefi.

6 Ilmi isaa Shemaayaanis ilmaan ni dhalche; isaan namoota jajjaboo fi gaʼumsa qaban waan turaniif geggeessitoota mana abbootii isaanii taʼan. 7 Ilmaan Shemaayaa, Otnii, Refaaʼel, Yoobeedii fi Elzaabaad turan; obboloonni Elzaabaad Eliihuu fi Semaakiyaanis namoota gaʼumsa qaban turan. 8 Kanneen kun hundi ilmaan Obeed Edoom turan; isaan, ilmaan isaanii fi obboloonni isaanii namoota tajaajila sanaaf gaʼumsaa fi dandeettii qaban turan; namoonni 62 kan Obeed Edoom turan. 9 Mesheleemiyaan+ ilmaanii fi obboloota gaʼumsa qaban 18 qaba ture. 10 Ilmaan Meraarii keessaa tokko kan taʼe Hosaan ilmaan qaba ture. Shimriin dura buʼaa ture; inni ilma angafaa taʼuu baatus abbaan isaa dura buʼaa godhee isa muude; 11 ilmi isaa inni lammaffaan Hilqiyaa, ilmi isaa inni sadaffaan Tebaaliyaa, ilmi isaa inni arfaffaan Zakkaariyaas ture. Ilmaanii fi obboloonni Hosaa walumaa galatti 13 turan.

12 Gareewwan karra eegdotaa kana keessaa dura buutota kan taʼan, akkuma obboloota isaanii tajaajila mana Yihowaatti raawwatamu irratti hojii hojjetan qabu turan. 13 Kanaafuu, isaan tokkoon tokkoon karrawwan sanaa eenyu akka eegu murteessuuf, guddaa xinnaa utuu hin jedhin akka manneen abbootii isaaniitti carraa buufatan.+ 14 Achiis inni gara bahaa jiru Shelemiyaadhaaf baʼe. Isaanis ilma isaa Zakkaariyaas isa gorsituu hubataa taʼeef carraa ni buusan; inni gara kaabaa jirus isaaf ni baʼe. 15 Inni gara kibbaa jiru Obeed Edoomiif ni baʼe; ilmaan isaa+ immoo manneen kuusaa irratti ramadaman. 16 Shufiimii fi Hosaaniif+ inni gara dhihaa, inni Karra Shaaleket bira, jechuunis inni daandii guddaa isa ol baasu bira jiru ni baʼe; gareen eegdotaa tokko garee eegdotaa isa kan biraa fuullee dhaabbatee eega ture; 17 karaa bahaatiin Leewwonni jaʼa jiru turan; karaa kaabaatiin guyyaa guyyaadhaan eegdonni afur, karaa kibbaatiinis guyyaa guyyaadhaan eegdonni afur jiru turan; manneen kuusaa+ immoo lama lama taʼanii eegu turan; 18 barandaa isa gara dhihaa jiruuf arfan isaanii daandii isa guddaa bira,+ lamaan isaanii immoo barandaa sana bira taʼanii eegu turan. 19 Ilmaan Qorootaa fi Meraarotaa keessaa gareewwan karra eegdotaa kanneen kana turan.

20 Leewwota keessaa, Ahiyaan manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa fi manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii* irratti itti gaafatamaa ture.+ 21 Ilmaan Laadaan: ilmaan Geershonichaa warra kan Laadaan taʼan, jechuunis dura buutota manneen abbootii warra kan Laadaan Geershonichaa taʼan keessaa Yehiʼelii,+ 22 akkasumas ilmaan Yehiʼelii Zetaamii fi obbooleessa isaa Yooʼel turan. Isaan manneen qabeenyaa mana Yihowaa+ irratti itti gaafatamummaa qabu turan. 23 Amraamota, Yizhaarota, Kebroonotaa fi Uuziʼelota+ keessaa, 24 Shebuʼel inni ilma Geershom ilma Musee taʼe manneen kuusaa irratti geggeessaa itti gaafatamummaa qabu ture. 25 Obboloonni isaa warri sanyii Eliiʼezar+ taʼan, Rehaabiyaa,+ Yeshaayaa, Yoraam, Zikrii fi Shelomoot turan. 26 Shelomootii fi obboloonni isaa manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii,+ warra Daawit Mootichi,+ dura buutonni manneen abbootii,+ ajajjoonni kumaa fi ajajjoonni dhibbaa, akkasumas ajajjoonni raayyaa waraanaa qulqulleessan hunda irratti itti gaafatamummaa qabu turan. 27 Wantoota yeroo waraanaatti+ boojuudhaan+ argatan mana Yihowaa haaressuuf ni qulqulleessan; 28 kana malees, isaan wantoota Saamuʼel inni mulʼata argu,+ Saaʼol ilmi Qiish, Abneer+ ilmi Neerii fi Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaa+ qulqulleessan hundumaa irratti itti gaafatamummaa qabu turan. Wanti namni kam iyyuu qulqulleesse harka Shelomiitii fi obboloota isaa jala akka taʼu godhama ture.

29 Yizhaarota+ keessaa, Kenaaniyaa fi obboloonni isaa hojiiwwan bulchiinsaa mana Waaqayyootiin alatti raawwataman irratti Israaʼel irratti geggeessitootaa fi abbootii murtii+ taʼanii muudamanii turan.

30 Kebroonota+ keessaa, Hashaabiyaa fi obboloonni isaa 1,700 taʼanii fi gaʼumsa qaban jiru turan; isaan naannoo Israaʼel isa gara dhiha Yordaanositti argamu keessatti hojii Yihowaa hundumaa irrattii fi tajaajila mootichaa wajjin wal qabate irratti bulchitoota turan. 31 Kebroonota keessaa, akka hidda dhalootaa mana abbootii isaaniitti Yeriyaan+ dura buutuu Kebroonotaa ture. Waggaa 40ffaa mootummaa Daawititti,+ namoonni Daawit tokko tokko Kebroonota gidduudhaa warra jajjaboo taʼanii fi gaʼumsa qaban ni barbaadan; namoonni akkanaas Yaazeer+ ishii Giiliyaad keessatti ni argaman. 32 Obboloonni isaa warri gaʼumsa qabanii fi dura buutota manneen abbootii taʼan 2,700 turan. Kanaafuu, Daawit Mootichi dhimmoota Waaqa dhugaa fi dhimmoota mootichaa wajjin wal qabatan hundumaatiif Ruubenota, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasotaa irratti isaan ni muude.

27 Lakkoofsi Israaʼelotaa, jechuunis kan dura buutota manneen abbootii, kan ajajjoota kumaa fi kan ajajjoota dhibbaa,+ akkasumas kan geggeessitoota isaanii warra gareewwan waggaa guutuu jiʼa jiʼaan galanii fi baʼan hunda geggeessuudhaan mooticha tajaajilan+ sanaa kana dha; tokkoon tokkoon gareewwanii keessatti namoota 24,000 turan.

2 Jiʼa isa tokkoffaatti garee isa jalqabaa irratti Yaashobiʼaam+ ilmi Zaabdiʼel ajajaa ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 3 Yaashobiʼaam sanyii Faares+ ture. Inni dura buʼaa ajajjoota hundumaa warra tuutawwan jiʼa tokkoffaatti akka tajaajilaniif ramadamanii ture. 4 Jiʼa isa lammaffaatti garee isa lammaffaa irratti Doodaay+ Ahohichi+ ajajaa ture; Miiqlot immoo geggeessaa ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 5 Ajajaan tuuta sadaffaa jiʼa isa sadaffaatti akka tajaajiluuf ramadame sanaa Benaayaa+ ilma Yehoyaadaa+ isa dura buʼaa lubootaa taʼe sanaa ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 6 Benaayaan loltoota jajjaboo soddomman keessaa tokko yeroo taʼu, namoota soddomman sana irrattis itti gaafatamaa ture; ilmi isaa Amizaabaadis garee isaa irratti ajajaa ture. 7 Jiʼa isa arfaffaatti ajajaan inni arfaffaan Asaahel+ obboleessa Yoʼaab+ yeroo taʼu, ilmi isaa Zebaadiyaan immoo iddoo isaa ni buʼe; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 8 Jiʼa isa shanaffaatti ajajaan inni shanaffaan Shaamhut Hizraahicha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 9 Jiʼa isa jaʼaffaatti ajajaan inni jaʼaffaan Iiraa+ ilma Iqeesh Teqoohaatichaa+ ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 10 Jiʼa isa torbaffaatti ajajaan inni torbaffaan Efreemota keessaa Heleez+ Phelonicha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 11 Jiʼa isa saddeettaffaatti ajajaan inni saddeettaffaan Zeeraatota+ keessaa Sibekaay+ Hushaaticha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 12 Jiʼa isa saglaffaatti ajajaan inni saglaffaan Biiniyaamota keessaa Abiʼezer+ Anaatoticha+ ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 13 Jiʼa isa kurnaffaatti ajajaan inni kurnaffaan Zeeraatota+ keessaa Maahaaraay+ Netooficha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 14 Jiʼa isa 11ffaatti ajajaan inni 11ffaan ilmaan Efreem keessaa Benaayaa+ Phiraatonicha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 15 Jiʼa isa 12ffaatti ajajaan inni 12ffaan ilmaan Otniʼel keessaa Heldaay Netooficha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan.

16 Kanneen kun geggeessitoota gosoota Israaʼel turan: Ruubenota keessaa ilma Zikrii kan taʼe Eliiʼezar, Simiʼoonota keessaa ilma Maʼaakaa kan taʼe Shefaatiyaa, 17 gosa Leewwii keessaa ilma Qemuʼel kan taʼe Hashaabiyaa, sanyii Aaron keessaa Saadoq, 18 gosa Yihudaa keessaa obboloota Daawit keessaa tokko kan taʼe Eliihuu,+ gosa Yisaakor keessaa ilma Mikaaʼel kan taʼe Omrii, 19 gosa Zaabiloon keessaa ilma Obaadiyaa kan taʼe Yishmaayaa, gosa Niftaalem keessaa ilma Azriʼel kan taʼe Yerimoot, 20 gosa Efreemotaa keessaa ilma Azaaziyaa kan taʼe Hosheʼaa, walakkaa gosa Minaasee keessaa ilma Pedaayaa kan taʼe Yooʼel, 21 walakkaa gosa Minaasee Giiliyaaditti argamu keessaa ilma Zakkaariyaas kan taʼe Idoo, gosa Biiniyaam keessaa ilma Abneer+ kan taʼe Yaaʼaasiʼel, 22 gosa Daan keessaa ilma Yerohaam kan taʼe Azaariʼel. Kanneen kun bulchitoota gosoota Israaʼel turan.

23 Yihowaan Israaʼeliin akka urjiilee samiitti akka baayʼisu waadaa galee waan tureef, Daawit warra umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa gad taʼe hin lakkoofne.+ 24 Yoʼaab ilmi Zeruuyaa lakkaaʼuu jalqabee kan ture taʼus hin xumurre; Yoʼaab lakkaaʼuu isaatiin kan kaʼes dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti ni dhufe;*+ lakkoofsi kunis galmee seenaa waaʼee bara Daawit Mootichaa dubbatu irratti hin galmeeffamne.

25 Manneen qabeenyaa mootichaa+ irratti Azmaawet ilmi Adiʼel ajajaa ture. Yonaataan ilmi Ooziyaa manneen kuusaa warra baadiyyaawwan, magaalota, gandeenii fi masaraawwan keessatti argaman irratti ajajaa ture. 26 Warra laficha misoomsuuf maasii keessa hojjetan irratti Ezriin ilmi Keluub ajajaa ture. 27 Shimeʼiin Raamaatichi maasiiwwan wayinii irratti ajajaa ture; Zaabdiin Siifmootichi oomisha maasiiwwan wayinii isa daadhii wayiniitiif oolu irratti ajajaa ture. 28 Mukeetii ejersaa* fi mukeetii harbuu+ warra Shefelaa+ keessatti argaman irratti Baʼaal Hanaan Geederichi ajajaa ture; iddoo zayitiin kuufamu irratti immoo Yoʼaas ajajaa ture. 29 Loon Shaaron+ keessa dheedan irratti Shitraay Shaaronichi ajajaa ture; Shaafaat ilmi Adlaay immoo loon dirreewwan sululichaa* keessa dheedan irratti ajajaa ture. 30 Gaalota irratti Obiil Ishmaaʼelichi ajajaa ture; harroota* irratti Yehdiyaan Meronotichi ajajaa ture. 31 Hoolotaa fi reʼoota irratti Yaaziiz Haggaarichi ajajaa ture. Kanneen kun hundi qabeenya Daawit Mootichaa irratti ajajjoota turan.

32 Yonaataan+ ilmi obboleessa Daawit gorsituu, akkasumas nama hubannaa qabuu fi barreessaa ture; Yehiʼel ilmi Hakmoonii ilmaan mootichaa kunuunsa ture.+ 33 Ahitoofel+ gorsituu mootichaa yeroo taʼu, Hushaay+ Arkichi immoo michuu mootichaa* ture. 34 Ahitoofelitti aansee Yehoyaadaan ilmi Benaayaa+ fi Abiyaataar+ gorsitoota mootichaa turan; Yoʼaab+ immoo ajajaa raayyaa waraanaa mootichaa ture.

28 Achiis Daawit bulchitoota Israaʼel hundumaa, jechuunis bulchitoota gosootaa, ajajjoota gareewwan+ mooticha tajaajilanii, ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaa,+ warra qabeenyaa fi horiiwwan mootichaa+ fi kan ilmaan+ isaa hundumaa irratti ajajjoota taʼan, akkasumas abbootii taayitaa mana mootummaa dabalatee nama jabaa taʼee fi gaʼumsa qabu+ hundumaa Yerusaalemitti walitti ni qabe. 2 Achiis Daawit Mootichi kaʼee dhaabbatee akkana jedhe:

“Yaa obboloota koo fi yaa saba koo, na dhaggeeffadhaa. Mana taabonni kakuu Yihowaa yeroo hundumaatiif keessa taaʼuu fi bakka ejjeta miila Waaqa keenyaatiif taʼu ijaaruun hawwii garaa kootii ture;+ anis manicha ijaaruuf qophii godheera.+ 3 Waaqni dhugaan garuu, ‘Ati waraanawwan hedduu irratti waan hirmaattee fi dhiigas waan dhangalaasteef,+ maqaa kootiif mana hin ijaartu’ naan jedheera.+ 4 Haa taʼu malee, Yihowaan Waaqni Israaʼel bara baraaf Israaʼel irratti mootii akkan taʼuuf warra mana abbaa kootii hundumaa keessaa na filateera;+ sababiin isaas inni Yihudaan geggeessaa akka taʼu filatee ture;+ mana Yihudaa keessaa immoo mana abbaa kootii filate;+ ilmaan abbaa kootii keessaa guutummaa Israaʼel irratti mootii na gochuuf na filate.+ 5 Ilmaan hedduu Yihowaan naa kenne+ keessaa immoo, teessoo mootummaa Yihowaa irra taaʼee Israaʼeliin akka bulchuuf+ ilma koo Solomooniin filate.+

6 “Inni akkana naan jedheera: ‘Ani ilma koo godhee waanan isa filadhee fi abbaas waanan isaaf taʼuuf, mana koo fi mooraawwan koo kan naaf ijaaru ilma kee Solomooni.+ 7 Akkuma inni amma gochaa jiru, ajajawwan koo fi heerawwan+ koo kutannoodhaan yoo eege, ani bara baraaf mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’+ 8 Kanaafuu, ani guutummaa Israaʼel warra gumii Yihowaa taʼan durattii fi Waaqa keenya duratti akkana nan jedha: Isin biyyattii ishii gaarii akka dhaaltanii+ fi dhaala bara baraa gootanii ilmaan keessan warra isin booda dhufaniif akka dabarsitaniif, ajajawwan Waaqa keessan Yihowaa hundumaa of eeggannoodhaan eegaa, akkasumas barbaadaa.

9 “Atis Solomoon yaa ilma koo, Yihowaan garaa hundumaa waan qoruu+ fi yaadaa fi fedhii hundumaa waan hubatuuf,+ Waaqa abbaa keetii beeki; garaa guutuu*+ fi lubbuu* gammachuu qabuun* isa tajaajili. Ati yoo isa barbaadde innis siif ni argama;+ yoo isa dhiiste garuu innis bara baraaf si dhiisa.+ 10 Ammas Yihowaan mana iddoo qulqulluu isaaf taʼu akka ijaartu si filachuu isaa beeki. Onnataa taʼi; hojichas jalqabi.”

11 Achiis Daawit pilaanii+ ijaarsa barandaa+ sanaa fi kutaawwan manichaa, kutaawwan mana kuusaa, kutaawwan baaxii irraa, kutaawwan warra keessaa fi mana qadaadni araaraa+ keessa kaaʼamuu* ilma isaa Solomooniif ni kenne. 12 Innis pilaanii ijaarsaa isa hafuuraan isaaf kenname hundumaa, jechuunis mooraawwan+ mana Yihowaa, kutaawwan nyaataa manichatti marsanii jiran hundumaa, manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa fi manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii*+ isaaf ni kenne; 13 kana malees, gareewwan lubootaa+ fi Leewwotaa, hojiiwwan tajaajila mana Yihowaatti hojjetaman hundumaa fi miʼawwan tajaajila mana Yihowaatiif oolan hundumaa ilaalchisee qajeelfama isaaf ni kenne; 14 akkasumas, inni ulfaatina warqii miʼawwan warqii hundumaa kanneen tajaajila adda addaatiif oolanii fi ulfaatina meetii miʼawwan hundumaa kanneen tajaajila adda addaatiif oolanii isatti ni hime; 15 kana malees, ulfaatina baattuuwwan ibsaa+ warqii fi ibsaawwan warqii, akkasumas ulfaatina baattuuwwan ibsaa meetii fi ibsaawwan meetii garaa garaa isatti ni hime; 16 akkasumas, ulfaatina warqii tokkoon tokkoon minjaalaa isa daabboo wal irra tuulamuuf*+ barbaachisu, akkasumas meetii minjaalota meetiitiif barbaachisu isatti ni hime; 17 ulfaatina shukkaawwan, saaniiwwan golboo fi okkoteewwan warqii qulqulluu irraa hojjetamaniif, akkasumas ulfaatina tokkoon tokkoon saaniiwwan golboo xixinnoo warqii irraa hojjetamanii+ fi ulfaatina tokkoon tokkoon saaniiwwan golboo xixinnoo meetii irraa hojjetamaniif barbaachisu isatti ni hime. 18 Dabalataanis inni ulfaatina warqii qulqulluu iddoo aarsaa ixaanaa+ fi bifa gaarii fardaa,+ jechuunis kiruubelota+ warqii warra qoochoowwan* isaanii diriirsanii taabota kakuu Yihowaa uwwisaniif barbaachisu isaaf ni kenne. 19 Daawitis, “Harki Yihowaa ana irra ture; inni guutummaa pilaanii ijaarsaa+ sana tokko tokkoon akkan barreessuuf hubannaa naaf kenne” jedhe.+

20 Achiis Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe: “Onnadhu, cimi; hojichas jalqabi. Waaqni koo Yihowaan sii wajjin waan jiruuf, hin sodaatin yookiin hin jeeqamin.+ Hojiin ijaarsa mana Yihowaa guutummaatti hamma xumuramutti inni sii wajjin ni taʼa malee, si hin dhiisu; si hin gatus.+ 21 Gareewwan lubootaa+ fi Leewwotaa+ warri tajaajila mana Waaqa dhugaa keessatti hojjetamu hundumaa hojjetan kunoo ti. Hojjettoota tajaajila raawwatamu hunda hojjechuuf fedhii fi dandeettii qaban qabda;+ kana malees, bulchitoonnii+ fi namoonni hundi qajeelfama kee hundumaa ni raawwatu.”

29 Daawit Mootichi yeroo kanatti guutummaa gumichaatiin akkana jedhe: “Ilmi koo Solomoon inni Waaqayyo filate,+ ijoollee dha, muuxannoos hin qabu;*+ hojichi immoo cimaa dha; sababiin isaas manni qulqullummaa* kun kan ijaaramu namaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaafi.+ 2 Mana Waaqa kootiif wanta warqiidhaan hojjetamuuf warqii, wanta meetiidhaan hojjetamuuf meetii, wanta sibiila diimaadhaan hojjetamuuf sibiila diimaa, wanta sibiilaan hojjetamuuf+ sibiila, wanta saanqaadhaan hojjetamuuf saanqaa,+ dhagoota oniiksii,* dhagoota leeleedhaan* maxxanfaman, dhagoota xixinnoo halluu adda addaa qabanii fi waa miidhagsuuf oolan, dhagoota gatii guddaa qaban garaa garaa fi dhagoota albaasxiroosii baayʼinaan qopheessuuf carraaqqii cimaa godheera. 3 Mana Waaqa kootiif jaalala waanan qabuuf,+ wantan mana qulqulluu kanaaf qopheesse hunda malees, warqii fi meetii isa qabeenya dhuunfaa+ koo taʼe mana Waaqa kootiitiif nan kenna; 4 dabalataanis girgiddaawwan kutaawwan manichaatti akka maxxanfamaniif warqii taalaantii* 3,000 isa Ofiir+ irraa dhufee fi meetii qulqulluu taalaantii 7,000, 5 wanta warqiidhaan hojjetamuuf warqii, wanta meetiidhaan hojjetamuuf meetii, akkasumas hojii ogeessota harkaatiin hojjetamu hundumaatiif wanta barbaachisu nan kenna. Harʼa fedhiidhaan Yihowaadhaaf harka isaatti kennaa qabatee kan dhihaatu eenyu?”+

6 Yeroo kanatti, bulchitoonni manneen abbootii, bulchitoonni gosoota Israaʼel, ajajjoonni kumaa fi ajajjoonni dhibbaa,+ akkasumas warri dhimmoota mootichaa irratti ajajjoota+ taʼan fedhiidhaan ni dhihaatan. 7 Isaanis, warqii taalaantii 5,000, daarikii* 10,000, meetii taalaantii 10,000, sibiila diimaa taalaantii 18,000 fi sibiila taalaantii 100,000 tajaajila mana Waaqa dhugaatiif ni kennan. 8 Namni dhagoota gatii guddaa qaban qabu kam iyyuu mana qabeenyaa mana Yihowaa isa toʼannaa Yehiʼel+ Geershonichaa+ jala turetti ni kenne. 9 Namoonni sun garaa guutuudhaan Yihowaadhaaf kennaawwan kana waan kennaniif, isaan kennaawwan kana fedhiidhaan kennuu isaaniitti baayʼee ni gammadan;+ Daawit mootichis baayʼee ni gammade.

10 Achiis Daawit guutummaa gumichaa duratti Yihowaa ni jajate. Daawit akkana jedhe: “Waaqa Israaʼel abbaa keenyaa kan taate yaa Yihowaa, baraa hamma bara baraatti kan jajamte taʼi. 11 Wanti samii keessas taʼe lafa irra jiru hundi kan kee waan taʼeef,+ yaa Yihowaa, guddinni,+ jabinni,+ miidhaginni, simboonii fi ulfinni+ kan kee ti. Yaa Yihowaa, mootummaan kan kee ti.+ Ati hundumaa irratti mataa of gooteetta. 12 Sooromnii fi ulfinni si biraa argama;+ atis wanta hundumaa irratti ni bulchita;+ aangoonii+ fi guddinni+ harka kee irra jira; harki kee guddaa gochuu+ fi hundumaatiif jabina kennuu ni dandaʼa.+ 13 Ammas yaa Waaqa keenya, si galateeffanna; maqaa kee isa bareedaa taʼes ni jajanna.

14 “Kennaawwan fedhiidhaan kennaman akkanaa kennuudhaaf anis taʼe sabni koo eenyu? Wanti hundi si irraa argame; nutis wantuma harka kee irraa arganne siif kennine. 15 Nuti akkuma abbootii keenya hundumaatti si duratti namoota biyya ormaa fi qubattoota dha.+ Sababiin isaas, barri jireenyaa keenya lafa irratti akka gaaddidduu ti;+ abdiis hin qabu. 16 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, maqaa kee isa qulqulluudhaaf mana siif ijaaruuf qabeenyi qopheessine kun hundi harka kee irraa kan argame dha; hundumti isaas kan kee ti. 17 Yaa Waaqa koo, ati garaa namaa akka qortuu+ fi amanamummaatti* akka gammaddu+ ani akka gaariitti nan beeka. Ani garaa koo isa qajeelaadhaan* kakaʼee wantoota kana hunda fedhiidhaan dhiheesseera; sabni kee inni asitti argame fedhiidhaan siif kennuu isaa arguu koottis baayʼee gammadeera. 18 Waaqa abbootii keenya Abrahaam, Yisihaaqii fi Israaʼel kan taate yaa Yihowaa, fedhiinii fi yaanni garaa saba kee keessa jiru kun bara baraaf akka itti fufu godhi; garaa isaaniis ofitti qajeelchi.+ 19 Inni ajajawwan kee, yaadachiisawwan kee fi dambiiwwan kee akka eeguuf,+ wantoota kana hunda akka raawwatuuf, akkasumas mana qulqullummaa* ani qophii godheef kana akka ijaaruuf,+ ilma koo Solomooniif garaa guutuu taʼe* kenni.”+

20 Achiis Daawit guutummaa gumichaatiin, “Amma Waaqa keessan Yihowaa jajadhaa” jedhe. Guutummaan gumichaas Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe ni jajatan; akkasumas Yihowaa fi mootichaaf lafa gaʼanii sagadan. 21 Guyyaa itti aanuttis Yihowaadhaaf aarsaawwan dhiheessuu isaanii fi Yihowaadhaaf aarsaawwan gubaman+ dhiheessuu isaanii itti fufan; jiboota 1,000, korbeeyyii hoolaa 1,000, hoolota xobbaallaa* kormaa 1,000 fi kennaawwan dhugaatii+ isaanii ni dhiheessan; guutummaa Israaʼeliifis aarsaawwan hedduu ni dhiheessan.+ 22 Isaanis guyyaa sanatti gammachuu guddaadhaan Yihowaa duratti nyaachuu fi dhuguu isaanii itti fufan;+ ilma Daawit kan taʼe Solomooniin yeroo lammaffaadhaaf Yihowaa duratti mootii godhan; geggeessaa godhanis isa diban;+ Saadoqiinis luba godhanii diban.+ 23 Solomoonis bakka abbaa isaa Daawit mootii taʼee teessoo Yihowaa irra taaʼe;+ milkaaʼinas ni argate; Israaʼelonni hundis isaaf ni ajajamu turan. 24 Bulchitoonnii+ fi loltoonni jajjaboon hundi,+ akkasumas ilmaan Daawit+ Mootichaa hundi Solomoon Mootichaaf ni bitaman. 25 Yihowaanis guutummaa Israaʼel duratti Solomooniin baayʼee guddaa godhe; ulfina mootii mootiin Israaʼel sana dura ture kam iyyuu argatee hin beeknes isaaf ni kenne.+

26 Akka kanaan Daawit ilmi Issey guutummaa Israaʼel irratti ni bulche; 27 barri* inni Israaʼel irratti itti bulche waggaa 40 ture. Inni Kebroon keessatti waggaa 7f ni bulche;+ Yerusaalem keessatti immoo waggaa 33f ni bulche.+ 28 Innis gammachuudhaan bara dheeraa jiraatee,+ umurii quufee, qabeenyaa fi ulfina guddaa argatee duʼe; ilmi isaa Solomoonis bakka isaa mootii taʼe.+ 29 Seenaan Daawit Mootichaa jalqabaa kaasee hamma dhumaatti barreeffamoota Saamuʼel isa mulʼata argu sanaa, Naataan+ raajichaa fi Gaad+ isa mulʼata argu* sanaa keessatti barreeffameera; 30 kana malees barreeffamoonni kun, waaʼee bulchiinsa isaa fi waaʼee jabina isaa hundumaa, akkasumas waaʼee wantoota isas taʼe, Israaʼelii fi mootummoota naannoo isaa jiran hundumaa wajjin haala wal qabateen raawwataman ni ibsu.

Warri kanatti aansee ibsaman ilmaan Aaraami. Uma 10:23 ilaali.

“Qoqqoodamuu” jechuu dha.

Ykn., “uummanni lafaa.”

Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.

Kal., “Ilmaan.”

Kal., “ilmaan Israaʼel.”

Kal., “dirree.”

Kal., “Sheekonni.” Namni dura buʼaa gosaa taʼe “sheekii” jedhamee waamama ture.

Kal., “Ilmaan.”

“Badiisa kan Fidu; Fudhatama kan Dhabsiisu” jechuu dha. Iya 7:1 irratti Akaan jedhameera.

Ykn., “rakkina; fudhatama dhabuu.”

Kal., “Ilmaan.”

Lakk. 18, 19, 42 irratti Kaaleb jedhameera.

Lakk. 9 irratti Keluubaay jedhameera.

Ykn., “naannoo ishiitti.”

Kal., “Ilmaan.”

Kal., “Ilmaan.”

Kal., “ilmaan.”

Lakk. 9 irratti Keluubaay jedhameera.

Kal., “ilmaan.”

Kal., “ilmaan.”

Kal., “ilmaan.”

Kal., “ilmaan.”

Maqaan Yaabeez jedhu, jecha Afaan Ibrootaa hiika “dhiphina” jedhu qabuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu hin oolu.

Kal., “ilmaan.”

“Sulula Ogeeyyii Harkaa” jechuu dha.

Kal., “ilmaan.”

Tarii Biitiyaa ishii lakk. 18 irratti caqasamte taʼuu dandeessi.

Ykn., “Kun odeeffannoo dhalootaa dhalootatti darbaa dhufe dha.”

Ykn., “salphiseef.”

Ykn., “naannoo isaaniitti.”

Yeroboʼaam Lammaffaa argisiisa.

Kal., “irra dhaabbatan.”

Ykn., “lubbuu namootaa.”

Kal., “Ilmaan.”

Lakk. 1 irratti Geershon jedhameera.

Ykn., “Sanyiin.”

Kal., “kennamanii.”

Ykn., “buufatawwan dallaa dhagaa.”

Iya 21:21 wajjin haala wal simuun, “magaalaa” jechuus taʼuu dandaʼa.

Kal., “Ilmaan.”

Kal., “mataawwan.”

Kal., “ilmaan.”

Kal., “Ilmaan.”

“Rakkinaa Wajjin” jechuu dha.

Ykn., “Yehoshuwaa,” “Yihowaan Fayyisaa Dha” jechuu dha.

Ykn tarii, “Gaazaa,” taʼus Gaazaa ishii Filisxeem keessatti argamtu miti.

Lakk. 32 irratti Shomeer jedhameera.

Hotaam isa lakk. 32 irratti caqasamee wajjin tokko taʼuu hin oolu.

Kal., “dirree.”

Ykn tarii, “haadhotii manaa isaa Hushiimii fi Baaʼaaraa erga ariʼee booda.”

Ykn., “naannoo ishiitti.”

Ish Bosheet jedhamees ni waamama.

Mefiboshet jedhamees ni waamama.

Kal., “iddaa irra dhaabbachuu.”

Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoota kennaman.”

Kal., “mana abbootii isaaniitiif geggeessitoota abbootii kan taʼan.”

Ykn., “mana qulqullummaa.”

Kal., “namoonni jajjaboon.”

Ykn., “kutaawwan nyaataa.”

Zayitii urgaaʼaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.

Jechuunis, daabboo ilaalchaa.

Ykn., “kutaawwan nyaataa.”

Ykn., “dirree gad buʼaa sana.”

Ykn., “mana qulqullummaa.”

Ykn., “firoota dhiigaa kee ti.”

Kal., “situ Israaʼeliin baasaa fi galchaa ture.”

Ykn., “Miiloo.” Jecha Afaan Ibrootaa hiika “itti guutuu” jedhu qabu.

Ykn., “fayyina.”

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”

Kal., “ilma nama goota taʼee.”

Dheerinni isaa gara 2.23 m ture. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “lageen gogaa.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “ni uwwise.”

Ykn., “hundi isaaniis Daawit duukaa kan buʼan garaa lamaan hin turre.”

Kal., “garaa isaanii tokko godhan.”

Ykn., “Shiihor ishii.”

Ykn., “karra Hamaatitti.”

Ykn tarii, “kiruubelota gidduu.”

Siimbaaliin meeshaa muuziqaa sibiila irraa hojjetamuu fi yeroo walitti rukutamu sagalee guddaa dhageessisu dha.

Ykn., “gadde.”

“Uuzaa Irratti Aariidhaan Bobaʼuu” jechuu dha.

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “dallaa dhagaa ijaaranii.”

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”

“Caccabsuudhaan Dandeettii kan Qabu” jechuu dha.

Ykn., “dirree gad buʼaa sana.”

Jechuunis, muka gaggabaabaa gobbatee biqilu.

Jechi “baakaa” jedhu jecha Afaan Ibrootaa ti. Maalummaan biqiltuu kanaa hin beekamu.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “fiinootiin,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Kal., “Yihowaa Waaqa Israaʼeliin akka yaadataniif.”

Ykn., “muuziqaa isaaf qopheessaa.”

Ykn tarii, “hundumaa dubbadhaa.”

Kal., “Dubbii inni ajajes.”

Ykn tarii, “Ulfina qulqullummaa isaatiin kan kaʼe.”

Ykn., “Yihowaa waaqeffadhaa.”

Ykn., “Lafti oomisha kennitu.”

Ykn., “romʼuu; gatantaruu.”

Ykn., “waan dhufeef.”

Ykn., “Haa taʼu!”

Ykn., “meeshaawwan muuziqaa faarfannaa Waaqa dhugaa jajachuuf.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Tarii, “iddoo dunkaanaa isa tokkoo gara isa kan biraattii fi bakka jireenyaa isa tokkoo gara isa kan biraatti” jechuu dha.

Kal., “hin butuchan.”

Ykn., “mootummaa dhalatti darbu siif ni hundeessa.”

Ykn., “akka nama sadarkaa guddaa qabuutti.”

Ykn., “fedhii.”

Ykn., “mootummaa dhalatti darbu isaaf hundeessuuf.”

Ykn., “fayyina.”

Ykn., “fayyina.”

Kal., “Aaraam Nahaaraayim.”

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “harka.”

Jechuunis, Efraaxis.

Jechuunis, waqtii arfaasaatti.

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn tarii, “mormituun tokko.”

Ykn., “ni gadde.”

Kal., “naa kenni.”

Kal., “wanta ija isaa duratti gaarii taʼe.”

Saanqaa midhaan ittiin dhaʼuuf looniin harkifamu argisiisa.

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “kan hin bilchaanne dha.”

Kal., “boqonnaa.”

Jecha Afaan Ibrootaa hiika, “Nagaa” jedhu qabu irraa kan argame dha.

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “dulloomee umurii quufetti.”

Ykn., “hire.”

Kal., “obboloota.”

Jechuunis, daabboo ilaalchaa.

Kal., “gaanfa isaa ol qabuuf jecha.”

Ykn., “wantoota murteeffamanii.”

Kal., “dheekkamsi Israaʼel irratti ni taʼe.”

Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.

Ykn., “dirreewwan gad buʼoo.”

Kal., “harroota dhaltuu.”

Ykn., “nama mootichi iccitii isaa itti himatu.”

Ykn., “garaa guutummaatti Waaqayyoof bulee.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “fedhii qabuun.”

Ykn., “mana araaraa.”

Ykn., “wantoota murteeffamanii.”

Jechuunis, daabboo ilaalchaatiif.

Jechuunis, goflaawwan.

Ykn., “kan hin bilchaanne dha.”

Ykn., “dahoon; manni mootii.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “reenjiidhaan.”

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Daarikiin saantima warqii warra Faarsi ture. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “garaa qulqulluutti; qajeelummaatti.”

Ykn., “qulqulluudhaan.”

Ykn., “dahoo; mana mootummaa.”

Ykn., “garaa guutummaatti Waaqayyoof bule.”

Jechuunis, ilmoolee hoolaa.

Kal., “guyyoonni.”

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti itti hojjetame nama gargaarsa Waaqayyootiin fedhii Waaqayyoo hubachuu dandaʼe argisiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi