LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Daani’el 1:1-12:13
  • Daaniʼel

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Daaniʼel
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Daaniʼel

DAANIʼEL

1 Yehoyaaqiim+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhufee ishiitti marse.+ 2 Boodas Yihowaan Yehoyaaqiim mootii Yihudaa fi miʼawwan mana* Waaqa dhugaa tokko tokko harka isaatti dabarsee kenne;+ innis gara biyya Shinaaritti,*+ gara mana* waaqa isaatti isaan geesse. Miʼawwan kanas mana qabeenyaa waaqa isaa keessa kaaʼe.+

3 Achiis mootichi warra sanyii mootii fi sanyii guguddootaa taʼan dabalatee Israaʼelota* tokko tokko akka fidu Ashfenaaz isa ajajaa abbootii taayitaa mana mootummaa isaa taʼe sana ajaje.+ 4 Isaan dargaggoota* mimmiidhagoo mudaa hin qabne, ogummaa, beekumsaa fi hubannaa+ kan qaban, akkasumas mana mootummaa keessatti tajaajiluuf gaʼumsa kan qaban taʼuu qabu turan. Innis barreeffamaa fi qooqa Kaladootaa isaan barsiisuu qaba ture. 5 Kana malees, mootichi nyaata gaggaarii mootichaa fi daadhii wayinii inni dhugu irraa guyyaa guyyaadhaan soorata isaaniif ni ramade. Isaan waggaa sadiif erga leenjifamanii* booda, dhuma irratti mooticha tajaajiluu jalqabu turan.

6 Dargaggoonni gosa* Yihudaa keessaa taʼanii fi Daaniʼel,*+ Hanaaniyaa,* Mishaaʼelii* fi Azaariyaa* jedhaman isaan gidduu jiru turan.+ 7 Ajajaan abbootii taayitaa mana mootummaa sun maqaa* isaaniif moggaase; Daaniʼeliin Belteshaazaar,+ Hanaaniyaadhaan Shaadraak, Mishaaʼeliin Meeshaak, Azaariyaadhaan immoo Abedneegoo jedhee waame.+

8 Daaniʼel garuu nyaata gaggaarii mootichaatiin yookiin daadhii wayinii inni dhuguun akka of hin xureessine garaa isaatti murteessee ture. Kanaafuu, inni karaa kanaan akka of hin xureessine akka isaaf heyyamu ajajaa abbootii taayitaa mana mootummaa sana gaafate. 9 Waaqni dhugaanis ajajaan abbootii taayitaa mana mootummaa sun Daaniʼelitti gaarummaa fi gara laafina akka argisiisu godhe.+ 10 Haa taʼu malee, ajajaan abbootii taayitaa mana mootummaa sun Daaniʼeliin, “Ani gooftaa koo mooticha isa nyaataa fi dhugaatii keessan isiniif ajaje sana nan sodaadha. Isin dargaggoota* umurii keessan irratti argaman kaan irra akka huqqattan yoo arge hoo? Mooticha duratti yakkamaa na* gootu” jedhe. 11 Daaniʼel garuu eegduu isa ajajaan abbootii taayitaa mana mootummaa sun Daaniʼel, Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaa irratti muude sanaan akkana jedhe: 12 “Maaloo, guyyaa kudhaniif nu tajaajiltoota kee qori; kuduraan nyaannuu fi bishaan dhugnu nuuf haa kennamu; 13 achiis bifa keenya bifa dargaggoota* nyaata gaggaarii mootichaa nyaatanii wajjin wal bira qabii ilaali; sana booda wanta argitu irratti hundooftee nu tajaajiltoota kee irratti wanta barbaadde gochuu dandeessa.”

14 Innis yaada isaan dhiheessan irratti walii galee guyyaa kudhaniif isaan qore. 15 Dhuma guyyaa kurnaffaattis bifti isaanii bifa dargaggoota* nyaata gaggaarii mootichaa nyaatan hundumaa irra kan wayyu taʼe; isaanis fayya buleeyyii taʼanii* argaman. 16 Kanaafuu, eegduun sun nyaata gaggaarii fi daadhii wayinii utuu hin taʼin kuduraa isaaniif kennuu isaa itti fufe. 17 Waaqni dhugaanis barreeffamaa fi ogummaa akaakuu hundumaa irratti dargaggoota* arfan kanaaf beekumsaa fi hubannaa ni kenne; Daaniʼeliif immoo mulʼataa fi abjuu akaakuu hundumaa irratti hubannaan ni kenname.+

18 Yeroon mootichi isa duratti akka isaan dhiheessan murteesse sun gaʼuttis,+ ajajaan abbootii taayitaa mana mootummaa sun Nebukadnezaar duratti isaan dhiheesse. 19 Yommuu mootichi isaanii wajjin dubbatus, hunduma isaanii keessaa namni kan akka Daaniʼel, Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaa taʼe tokko illee hin argamne;+ isaanis mooticha duratti tajaajiluu isaanii itti fufan. 20 Mootichi dhimma ogummaa fi hubannaa barbaadu hundumaa yommuu isaan gaafatu, isaan guutummaa bulchiinsa isaa keessatti luboota falfala raawwatanii fi warra hooda dubbatan+ hundumaa irra harka kudhan akka caalan hubate. 21 Daaniʼelis hamma waggaa jalqabaa bulchiinsa Qiiros+ Mootichaatti achuma ni ture.

2 Nebukadnezaar mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti abjuu abjuʼate; inni* akka malee waan jeeqameef+ rafuu hin dandeenye. 2 Kanaafuu, mootichi abjuu isaa akka isatti himaniif luboota falfala raawwatan, warra hooda dubbatan, falfaltootaa fi Kaladoota* akka waaman ajaja dabarse. Isaanis seenanii mooticha dura dhaabbatan.+ 3 Mootichis, “Ani abjuu abjuʼadheen ture; wantin abjuʼadhe sun maal akka taʼe beekuu waanan barbaaduuf jeeqameera”* isaaniin jedhe. 4 Kaladoonnis afaan Aaraamiin akkana jedhanii mootichaaf deebisan:*+ “Yaa mootii, bara baraaf jiraadhu. Abjuu kee nu tajaajiltoota keetti himi; nutis hiika isaa sitti himna.”

5 Mootichis akkana jedhee Kaladootaaf deebise: “Murtoon koo kana dha: Isin abjuu koo hiika isaa wajjin natti hin himtan taanaan, qaamni keessan ni kukkutama; manni keessanis mana boolii uummataa* ni taʼa. 6 Abjuu koo fi hiika isaa yoo natti himtan garuu, kennaa fi badhaasa, akkasumas ulfina guddaa isiniif nan kenna.+ Kanaafuu, abjuu koo fi hiika isaa natti himaa.”

7 Isaanis yeroo lammaffaadhaaf, “Mootichi abjuu isaa nu tajaajiltoota isaatti haa himu; nutis hiika isaa isatti ni himna” jedhanii deebisan.

8 Mootichis deebisee akkana jedhe: “Isin murtoon koo maal akka taʼe waan beektaniif, yeroo argachuuf yaalii gochaa akka jirtan akka gaariittan beeka. 9 Abjuu koo natti hin himtan taanaan hundi keessan iyyuu adaba tokkotu isin eeggata. Haa taʼu malee, hamma haalli isaa jijjiiramutti wanta sobaa fi gowwoomsaa taʼe tokko natti himuuf walii galtaniittu. Amma abjuu koo natti himaa; anis hiika isaa ibsuu akka dandeessan kanaan nan beeka.”

10 Kaladoonnis akkana jedhanii mootichaaf deebisan: “Mootiin yookiin bulchaa guddaan, luba falfala raawwatu yookiin nama hooda dubbatu yookiin nama biyya Kaladootaa wanta akkanaa gaafatee beeku waan hin jirreef, namni wanta mootichi gaafatu kana gochuu dandaʼu lafa* irra hin jiru. 11 Wanti mootichi gaafate kun rakkisaa dha; waaqolii warra nama duʼu gidduu* hin jiraanne sana malee namni wanta kana mootichatti himuu dandaʼu hin jiru.”

12 Yeroo kanatti mootichi akka malee aaree namoonni ogeeyyiin Baabilon keessa jiran hundi akka balleeffaman ajaja dabarse.+ 13 Yommuu ajajni kun dabarfamettii fi namoonni ogeeyyiin ajjeefamuuf jedhanitti, isaan Daaniʼelii fi michoota isaas ajjeesuuf barbaaduu jalqaban.

14 Yeroo kanatti Daaniʼel malaan, akkasumas of eeggannoodhaan Ariyook isa ajajaa eegdota mootichaa taʼee fi namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran ajjeesuuf baʼee ture sana ni haasofsiise. 15 Innis Ariyook isa abbaa taayitaa mootichaa taʼe sana, “Mootichi ajaja ulfaataa akkanaa kan dabarse maaliifi?” jedhee gaafate. Yeroo kanatti Ariyook dhimmicha Daaniʼelitti ni hime.+ 16 Kanaafuu, Daaniʼel ol seenee hiika isaa mootichatti akka himuuf yeroon akka isaaf kennamu mooticha gaafate.

17 Achiis Daaniʼel gara mana isaa deemee waaʼee dhimma kanaa michoota isaa Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaatti hime. 18 Innii fi michoonni isaa namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran kaanii wajjin akka hin balleeffamneef, iccitii kana ilaalchisee Waaqni samii gara laafina akka isaanitti argisiisu akka kadhatan isaan gaafate.

19 Achiis iccitiin sun halkan Daaniʼeliif mulʼataan ni ibsame.+ Kanaafuu, Daaniʼel Waaqa samii ni jajate. 20 Akkana jedhe:

“Ogummaanii fi jabinni kan Waaqayyoo qofa waan taʼeef,+

Maqaan isaa bara baraaf* haa jajamu.

21 Inni yeroo fi waqtii ni jijjiira,+

Mootota iddoo isaaniitii ni kaasa, ni muudas,+

Ogeeyyiidhaaf ogummaa, warra hubannaa qabaniifis beekumsa ni kenna.+

22 Inni wantoota gad fagoo taʼanii fi wantoota dhokfaman ni mulʼisa,+

Wanta dukkana keessa jiru beeka,+

Ifnis isa bira jiraata.+

23 Yaa Waaqa abbootii kootii, ati ogummaa fi humna waan naaf kenniteef,

Galataa fi jajannaa siif nan dhiheessa.

Ammas ati wanta si gaafanne na beeksisteetta;

Wanta mooticha yaaddesses nu beeksisteetta.”+

24 Achiis Daaniʼel gara Ariyook isa mootichi namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran akka ajjeesu ramade sanaa dhaqee,+ “Namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran keessaa eenyuun iyyuu hin ajjeesin. Mooticha duratti na dhiheessi; ani hiika isaa mootichatti nan hima” isaan jedhe.

25 Ariyookis yeruma sana Daaniʼeliin fuudhee mooticha duratti dhiheessee, “Namoota Yihudaadhaa boojiʼaman keessaa nama hiika isaa mootichatti himuu dandaʼu tokko argadheera”+ isaan jedhe. 26 Mootichis Daaniʼel isa Belteshaazaar jedhamu+ sanaan, “Ati dhuguma abjuu ani argee fi hiika isaa natti himuu ni dandeessaa?” jedhe.+ 27 Daaniʼelis akkana jedhee mootichaaf deebise: “Namoota ogeeyyii, warra hooda dubbatan, luboota falfala raawwatan yookiin warra urjii lakkaaʼan keessaa tokko illee iccitii mootichi gaafate kana isatti himuu hin dandaʼu.+ 28 Haa taʼu malee, Waaqni iccitii mulʼisu tokko samii keessa jira;+ inni wanta guyyoota dhumaatti raawwatamu Nebukadnezaar Mootichatti beeksiseera. Yommuu siree kee irra ciistee turtetti abjuun argitee fi mulʼatawwan gara sammuu keetti dhufanii turan kanneen kana dha:

29 “Yaa mootii, ati utuma siree kee irra ciistee jirtuu wanta gara fuulduraatti raawwatamu abjuʼachuu jalqabde; inni iccitiiwwan mulʼisus wanta gara fuulduraatti raawwatamu si beeksiseera. 30 Haa taʼu malee, iccitiin kun kan natti mulʼifame ani nama lubbuudhaan jiru kam iyyuu caalaa ogummaa waanan qabuuf miti; kanaa mannaa, ati mootichi yaada garaa kee keessa jiru akka hubattuuf hiika isaa si beeksisuufi.+

31 “Yaa mootii, ati yommuu ilaaltu siidaa guddaa tokko ni argite. Siidaa guddaan akka malee calaqqisu sun si dura dhaabbatee ture; bifti isaas kan nama sodaachisu ture. 32 Siidaan sun mataan isaa warqii gaarii irraa,+ qomni isaa fi harki isaa meetii irraa,+ garaan isaa fi luqqeettuun isaa sibiila diimaa irraa,+ 33 lukti isaa sibiila irraa,+ akkasumas miilli isaa walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee* irraa kan tolfame ture.+ 34 Atis ilaaluu kee itti fufte; dhagaan tokko harki utuu isa hin tuqin fottoqee yommuu buʼu ni argite; dhagichis siidaa sana miila isaa isa sibiilaa fi suphee irraa tolfame sana rukutee caccabse.+ 35 Yeroo sanatti sibiilli, supheen, sibiilli diimaan, meetiinii fi warqiin sun hundi caccabee akkuma habaqii oobdii bonaa irra jiruu ni taʼe; bubbeen haxaaʼee waan isaan fudhateef, isaan keessaa wanti tokko illee hin hafne. Dhagaan siidaa sana rukute garuu gaara guddaa taʼe; guutummaa lafaas ni uwwise.

36 “Abjuun sun kana dha; amma hiika isaa mootichatti ni himna. 37 Yaa mootii, ati mootii moototaa ti, Waaqni samii mootummaa, humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera;+ 38 namoota bakka hundumaatti argaman, akkasumas bineensota bosonaa fi simbirroota samii harka keetti dabarsee kenneera; inni hunduma isaanii irratti bulchaa si godheera;+ mataan warqii sun suma dha.+

39 “Haa taʼu malee, si booda mootummaa kan biraan si irra xinnaatu ni kaʼa;+ achiis mootummaa kan biraan, jechuunis mootummaa sadaffaan inni sibiila diimaa taʼe ni kaʼa, guutummaa lafaa irrattis ni bulcha.+

40 “Mootummaa arfaffaan immoo akkuma sibiilaa cimaa ni taʼa.+ Sababiin isaas, akkuma sibiilli wanta hundumaa caccabsuu fi daakutti, eeyyee, akkuma sibiilli hurreessutti inni isaan kana hundumaa ni caccabsa, ni hurreessas.+

41 “Akkuma miilaa fi quba miilaa walakkaan isaa suphee irraa, walakkaan isaa immoo sibiila irraa tolfamee argite sanaatti, mootummichis ni qoqqoodama; haa taʼu malee, akkuma sibiila suphee laafaatti makamee argite sanaatti, inni hamma tokko jabina sibiilaa ni qabaata. 42 Akkuma qubni miilaa sun walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee irraa tolfametti, mootummichis walakkaan isaa jabaa, walakkaan isaa immoo dadhabaa ni taʼa. 43 Akkuma sibiilli suphee laafaatti makamee argitetti, isaanis namootatti* ni makamu; haa taʼu malee, akkuma sibiilli supheetti hin maxxanne, isaanis walitti hin maxxanan.

44 “Bara mootota sanaatti Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne+ tokko ni hundeessa.+ Mootummaan kunis saba kan biraa kamitti iyyuu dabarfamee hin kennamu.+ Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa;+ kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata;+ 45 kunis akkuma dhagaan tokko utuu harki isa hin tuqin gaara sana irraa fottoqee baʼee sibiila, sibiila diimaa, suphee, meetii fi warqii sana yommuu caccabsu argite sanaa ni taʼa.+ Waaqni inni Guddaan wanta gara fuulduraatti raawwatamu mootichatti beeksiseera.+ Abjuun kun dhugaa dha; hiikni isaas amansiisaa dha.”

46 Achiis Nebukadnezaar Mootichi Daaniʼel duratti adda isaatiin lafatti gombifamee ulfina guddaa isaaf kenne. Kennaanii fi ixaanni akka isaaf dhihaatus ajaja ni dabarse. 47 Achiis mootichi Daaniʼeliin, “Ati iccitii kana mulʼisuu waan dandeesseef, dhugumaan Waaqni kee Waaqa waaqolii, Gooftaa moototaa fi isa iccitii mulʼisu dha”+ jedhe. 48 Sana booda Daaniʼeliif ulfina guddaa kenne; kennaa gaggaarii hedduu isaaf ni kenne; guutummaa koonyaa Baabilon irratti bulchaa isa godhe;+ namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran hundumaa irrattis ajajaa hoggantootaa isa godhe. 49 Mootichi gaaffii Daaniʼel dhiheesseen Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo+ bulchiinsa koonyaa Baabilon irratti ni muude; Daaniʼel garuu mana mootummaa keessatti tajaajila ture.

3 Nebukadnezaar Mootichi siidaa warqii ol dheerinni isaa dhundhuma 60,* dalgi isaa immoo dhundhuma 6* taʼe tokko tolche. Achiis koonyaa Baabilon keessatti dirree Duuraa irra isa dhaabe. 2 Sana booda Nebukadnezaar Mootichi eebba siidaa inni dhaabe sanaa irratti akka argamaniif bulchitoota koonyaa, hoggantoota, bulchitoota, gorsitoota, itti gaafatamtoota maallaqaa, abbootii murtii, warra seera kabachiisanii fi bulchitoota koonyaawwanii hunda akka walitti qaban ajaja kenne.

3 Kanaafuu, bulchitoonni koonyaa, hoggantoonni, bulchitoonni, gorsitoonni, itti gaafatamtoonni maallaqaa, abbootiin murtii, warri seera kabachiisanii fi bulchitoonni koonyaawwanii hundi eebba siidaa Nebukadnezaar Mootichi dhaabe sanaatiif walitti qabaman. Achiis siidaa Nebukadnezaar dhaabe sana fuuldura dhaabbatan. 4 Namni labsii labsus sagalee isaa ol kaasee akkana jedhee labse: “Uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbattan akkana akka gootan ajajamtaniittu; 5 yommuu sagalee xurumbaa,* faaggaa, baganaa, baganaa xinnoo, meeshaa muuziqaa ribuu qabuu, ulullee qalqalloo fi sagalee meeshaalee muuziqaa kaan hundumaa dhageessanitti lafatti gombifamaatii siidaa warqii Nebukadnezaar Mootichi dhaabe sana waaqeffadhaa. 6 Namni lafatti gombifamee hin waaqeffanne kam iyyuu yeruma sana ibidda bobaʼaa jiru keessatti darbatama.”+ 7 Kanaafuu, uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi sagalee xurumbaa, faaggaa, baganaa, baganaa xinnoo, meeshaa muuziqaa ribuu qabuu, ulullee qalqalloo fi sagalee meeshaalee muuziqaa kaan hundumaa yommuu dhagaʼan, siidaa warqii Nebukadnezaar Mootichi dhaabe sana gombifamanii waaqeffatan.

8 Yeroo kanatti Kaladoonni tokko tokko fuulduratti baʼanii Yihudoota himatan.* 9 Nebukadnezaar Mootichaan akkana jedhan: “Yaa mootii, bara baraaf jiraadhu. 10 Yaa mootii, ati namni sagalee xurumbaa, faaggaa, baganaa, baganaa xinnoo, meeshaa muuziqaa ribuu qabuu, ulullee qalqalloo fi sagalee meeshaalee muuziqaa kaan hundumaa dhagaʼe kam iyyuu gombifamee siidaa warqii sana akka waaqeffatu ajajjee turte; 11 namni gombifamee hin waaqeffanne kam iyyuu ibidda bobaʼaa jiru keessatti akka darbatamu dubbatteetta.+ 12 Haa taʼu malee, Yihudoonni ati koonyaa Baabilon akka bulchan muuddee fi Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo jedhaman jiru.+ Yaa mootii, namoonni kun kabaja tokko illee siif hin qaban. Isaan waaqolii kee hin tajaajilan; siidaa warqii ati dhaabde sanas waaqeffachuu didaniiru.”

13 Yeroo kanatti Nebukadnezaar baayʼee aaree Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo gara isaatti akka fidan ajaje. Kanaafuu, namoonni kun gara mootichaatti ni fidaman. 14 Nebukadnezaaris akkana isaaniin jedhe: “Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo, isin dhuguma waaqolii koo hin tajaajiltanii?+ Siidaa warqii ani dhaabe sana waaqeffachuu hoo diddaniittuu? 15 Egaa amma sagalee xurumbaa, faaggaa, baganaa, baganaa xinnoo, meeshaa muuziqaa ribuu qabuu, ulullee qalqalloo fi sagalee meeshaalee muuziqaa kaan hundumaa yommuu dhageessan, gombifamtanii siidaa ani tolche sana ni waaqeffattu taanaan gaarii dha. Waaqeffachuu yoo diddan garuu, yeruma sana ibidda bobaʼaa jiru keessatti darbatamtu. Waaqni harka koo jalaa isin oolchuu dandaʼu eenyu?”+

16 Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon akkana jedhanii mootichaaf deebisan: “Yaa Nebukadnezaar, dhimma kana irratti deebii siif kennuun nu hin barbaachisu. 17 Yaa mootii, ibiddichatti yoo darbatamne illee Waaqni keenya inni nuti tajaajillu ibidda bobaʼaa jiru sana irraas taʼe harka kee jalaa nu oolchuu ni dandaʼa.+ 18 Yaa mootii, utuma inni nu oolchuu dhiisee illee, nuti waaqolii kee akka hin tajaajille yookiin siidaa warqii ati dhaabde akka hin waaqeffanne beeki.”+

19 Yeroo kanatti Nebukadnezaar Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegootti baayʼee waan aareef, fuulli isaa isaanitti jijjiirame;* ibiddichas isa duraa caalaa dachaa torba akka bobeessan ajaje. 20 Raayyaa waraanaa isaa keessaa namoonni ciccimoon muraasni Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo hidhanii ibidda bobaʼaa jiru keessatti akka darbatan ajaje.

21 Kanaafuu, uffata isaanii isa jalaa fi irraan uffatan, koofiyyaa isaanii, akkasumas wayyaa isaanii kaan hundumaa akkuma uffatanitti hidhamanii ibidda bobaʼaa jiru sana keessatti darbataman. 22 Ajajni mootichaa baayʼee cimaa waan tureef, ibiddi bobaʼaa ture sunis baayʼee kan gubu waan tureef, namoonni Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo achitti geessan labooba ibiddichaatiin ni duʼan. 23 Namoonni sadan sun, jechuunis Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon garuu akkuma hidhamanitti ibidda bobaʼaa jiru sana keessatti kufan.

24 Achiis Nebukadnezaar Mootichi baayʼee sodaatee ariitiidhaan kaʼee dhaabbatee abbootii taayitaa isaa warra ol aanoo taʼaniin, “Nuti hiinee ibiddichatti kan darbanne namoota sadii hin turree?” jedhe. Isaanis, “Eeyyee, yaa mootii” jedhanii isaaf deebisan. 25 Innis, “Kunoo, ani namoonni hin hidhamne afur ibiddicha gidduu asii fi achi yeroo deeman argaan jira; miidhaan isaan irra hin geenye; inni arfaffaan immoo ilma waaqolii fakkaata” jedhe.

26 Nebukadnezaaris balbala iddoo ibiddaa sanatti dhihaatee, “Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo, isin tajaajiltoonni Waaqa Isa Hundaa Olii,+ baʼaatii as kottaa!” jedhe; Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoonis ibiddicha gidduudhaa ni baʼan. 27 Bulchitoonni koonyaa, hoggantoonni, bulchitoonni, akkasumas abbootiin taayitaa mootichaa warri ol aanoon achitti walitti qabamanii turan+ ibiddichi qaama namoota kanaa irratti miidhaa tokko illee akka hin geessisne* argan;+ rifeensi mataa isaanii tokko illee hin gubanne, bifti uffata isaanii hin jijjiiramne, fooliin ibiddaa illee isaan irra hin turre.

28 Achiis Nebukadnezaar akkana jedhe: “Waaqni Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo inni maleekaa isaa ergee tajaajiltoota isaa oolche haa jajamu.+ Isaan isatti amanamuudhaan ajaja mootichaa didaniiru; Waaqa isaaniitiin alatti waaqa kam iyyuu tajaajiluu yookiin waaqeffachuu mannaa duʼa filataniiru.*+ 29 Kanaafuu, ani uummanni, sabni yookiin namoonni qooqa garaa garaa dubbatan kam iyyuu Waaqa Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo irratti wanta sirrii hin taane yoo dubbatan qaamni isaanii akka kukkutamu, manni isaaniis mana boolii uummataa* akka taʼu ajajeera; sababiin isaas, waaqni akkasitti oolchuu dandaʼu kan biraan hin jiru.”+

30 Achiis mootichi Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoon koonyaa Baabilon keessatti guddina akka argatan* godhe.+

4 Nebukadnezaar Mooticha irraa uummata, sabootaa fi namoota qooqa garaa garaa dubbatan warra guutummaa lafaa irra jiraatan hundumaatiif: Nagaan isiniif haa baayʼatu! 2 Mallattoo fi dinqii Waaqni Hundaa Olii anaaf raawwate yommuun isinitti himu gammachuutu natti dhagaʼama. 3 Mallattoon isaa guddaa, dinqiin isaas jabaa dha! Mootummaan isaa mootummaa bara baraa ti, bulchiinsi isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.+

4 “Ani Nebukadnezaar, mana koo keessa yaaddoo malee jiraachaan ture; mana mootummaa koo keessattis wanti hundi naaf milkaaʼee ture. 5 Ani abjuu na sodaachise tokko nan arge. Utuun siree koo irra ciisee jiruu fakkiiwwanii fi mulʼatawwan gara sammuu kootti dhufanii turan na sodaachisan.+ 6 Kanaafuu, dhufanii hiika abjuu sanaa akka natti himaniif namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran hundumaa na duratti akka dhiheessan ajaja nan kenne.+

7 “Yeroo kanatti luboonni falfala raawwatan, namoonni hooda dubbatan, Kaladoonnii* fi namoonni urjii lakkaaʼan+ ni dhufan. Yommuun abjuu koo isaanitti himu isaan hiika isaa natti himuu hin dandeenye.+ 8 Dhuma irrattis Daaniʼel inni maqaa waaqa+ koo Belteshaazaariin waamamuu+ fi hafuurri waaqolii qulqulluu isa keessa jiru ni dhufe;+ anis abjuu koo isatti nan hime:

9 “‘Ajajaa luboota falfala raawwatanii kan taate yaa Belteshaazaar,+ ani hafuurri waaqolii qulqulluu si keessa akka jiruu+ fi iccitiin sitti ulfaatu akka hin jirre akka gaariitti nan beeka.+ Kanaafuu, mulʼatawwan ani abjuu kootiin argee fi hiika isaanii natti himi.

10 “‘Utuun siree koo irra jiruu mulʼatawwan gara sammuu kootti dhufanii turaniin walakkaa lafaatti muka tokko nan arge;+ innis baayʼee dheeraa ture.+ 11 Mukichi guddatee cimaa taʼe, fiixeen isaa samii bira gaʼe; andaara lafaa hundumaattis ni mulʼata ture. 12 Baalli isaa kan bareeduu fi firiin isaa hedduu ture; nyaanni isa irraa argamus hundumaaf kan taʼu ture. Bineensonni bosonaa gaaddisa isaa jala ni boqotu, simbirroonni samii dameewwan isaa irra ni jiraatu, uumamawwan* hundis isa irraa ni sooratu turan.

13 “‘Siree koo irra ciisee mulʼatawwan gara sammuu kootti dhufan utuman ilaalaa jiruu eegduu qulqulluun tokko samii irraa yommuu gad buʼu nan arge.+ 14 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe: “Mukicha muraa,+ dameewwan isaa kukkutaa, baala isaa irraa harcaasaa, firiiwwan isaas bittinneessaa! Bineensonni jala isaatii, simbirroonnis dameewwan isaa irraa haa baqatan. 15 Gufuu isaa garuu akkuma hiddi isaa lafa keessa jirutti sibiilaa fi sibiila diimaadhaan hidhaatii marga dirree irra jiru gidduutti dhiisaa. Inni fixeensa samiitiin haa jiidhu; gaʼeen isaas bineensota bosonaa wajjin biqiltoota lafaa gidduu jiraachuu haa taʼu.+ 16 Sammuun* isaa kan namootaa irraa jijjiiramee sammuun* bineensaa isaaf haa kennamu; barri torbas+ isa irratti haa darbu.+ 17 Kana eegdotatu labse,+ murtii* isaas qulqullootatu beeksise; kunis Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa akka taʼee+ fi isas nama barbaade kamiif iyyuu akka kennu, akkasumas nama namoota hundumaatii gad taʼe isa irratti akka muudu namoonni lubbuudhaan jiran hundi akka beekaniifi.”

18 “‘Abjuun ani Nebukadnezaar Mootichi arge isa kana; egaa, yaa Belteshaazaar, namoonni ogeeyyiin bulchiinsa koo keessa jiran hundi hiika isaa natti himuu waan hin dandeenyeef, ati hiika isaa natti himi.+ Ati garuu hafuurri waaqolii qulqulluu si keessa waan jiruuf hiikuu ni dandeessa.’

19 “Yeroo sanatti Daani’el inni Belteshaazaar+ jedhamu yeroo muraasaaf ni naʼe, yaadni isaas isa sodaachisuu jalqabe.

“Mootichis, ‘Yaa Belteshaazaar, abjuun koo fi hiikni isaa si hin sodaachisin’ jedhe.

“Belteshaazaar akkana jedhee deebise: ‘Yaa gooftaa koo, abjuun kun namoota si jibban irratti, hiikni isaas diinota kee irratti haa raawwatamu.

20 “‘Mukti ati argite, inni baayʼee guddatee cimaa taʼe, fiixeen isaa samii bira gaʼee fi guutummaa lafaa irratti mulʼatu,+ 21 inni baala bareedaa, firii hedduu fi nyaata hundumaaf taʼu qabu, bineensonni bosonaa isa jala jiraatanii fi simbirroonni samii dameewwan isaa irra buufatan sun+ 22 siʼi yaa mootii; sababiin isaas, ati baayʼee guddattee cimaa taateetta, guddinni kee dabalee samii bira gaʼeera,+ bulchiinsi kees hamma andaara lafaatti babalʼateera.+

23 “‘Mootichis eegduu qulqulluun+ tokko samii irraa yommuu gad buʼu ni arge; innis akkana jedhe: “Mukicha muraatii balleessaa; gufuu isaa garuu akkuma hiddi isaa lafa keessa jirutti sibiilaa fi sibiila diimaadhaan hidhaatii marga dirree irra jiru gidduutti dhiisaa. Fixeensi samii isa haa jiisu; hamma barri torba isa irratti darbuttis gaʼeen isaa bineensota bosonaa wajjin jiraachuu haa taʼu.”+ 24 Yaa mootii, hiikni isaa kana dha; kun labsii Inni Hundaa Olii si gooftaa koo mooticha irra akka gaʼu dabarse dha. 25 Ati namoota gidduudhaa ni ariʼamta; bineensota bosonaa wajjinis ni jiraatta; akkuma qotiyyootti akka nyaattuuf margi siif ni kennama; fixeensi samii si jiisa;+ Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa taʼuu isaa fi nama barbaade kamiif iyyuu akka isa kennu hamma beektutti+ barri torba+ si irratti ni darba.+

26 “‘Haa taʼu malee, gufuun mukichaa hidda isaa wajjin akka dhiifamu+ waan dubbatameef, atis bulchaa dhugaan samii keessa akka jiru* erga beektee booda mootummaan kee siif deebiʼa. 27 Kanaafuu, yaa mootii, gorsi koo si biratti fudhatama haa argatu. Wanta sirrii taʼe raawwachuudhaan cubbuu kee irraa deebiʼi; hiyyeessotatti gara laafina argisiisuudhaanis jalʼina kee irraa deebiʼi. Tarii yeroon tasgabbiidhaan itti jiraattu siif dheerata taʼa.’”+

28 Wanti kun hundi Nebukadnezaar Mooticha irra ni gaʼe.

29 Jiʼoota 12 booda inni baaxii mana mootummaa Baabilon irra asii fi achi deemaa ture. 30 Mootichi, “Kun Baabilon Guddittii ishii mana mootummaa akka taatuuf, akkasumas guddina ulfina kootiif jedhee, anumti humna koo fi jabina kootiin ijaare sana mitii?” jedhe.

31 Mootichi utuma kana dubbachaa jiruu sagaleen akkana jedhu tokko samii irraa ni dhufe: “Yaa Nebukadnezaar Mootii, ergaan kun siif ergame: ‘Mootummaan kee si irraa fudhatameera;+ 32 ati ilmaan namootaa gidduudhaa ni ariʼamta. Bineensota bosonaa wajjin ni jiraatta; akkuma qotiyyootti akka nyaattuuf margi siif ni kennama; Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa taʼuu isaa fi nama barbaade kamiif iyyuu akka isa kennu hamma beektutti barri torba si irratti ni darba.’”+

33 Yeruma sana wanti dubbatame sun Nebukadnezaar irratti raawwii isaa argate. Inni ilmaan namootaa gidduudhaa ariʼamee akkuma qotiyyoo marga dheeduu jalqabe; rifeensi isaa akka baallee risaa hamma dheeratutti, qeensi isaas akka qeensa allaattii hamma taʼutti qaamni isaa fixeensa samiitiin ni jiidhe.+

34 “Yommuu barri sun xumuramutti+ ani Nebukadnezaar gara samiitti ol nan ilaale; hubannaan koos naaf deebiʼe; Isa Hundaa Olii sana nan jajadhe, isa bara baraaf jiraatu sanaaf jajannaa fi ulfina nan kenne; sababiin isaas, bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, mootummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.+ 35 Jiraattonni lafaa hundi homaatti iyyuu hin lakkaaʼaman; inni raayyaa samii fi jiraattota lafaa gidduutti akkuma fedhii isaatti ni hojjeta. Isa* dhowwuus taʼe, ‘Maal gochuu kee ti?’+ isaan jechuu kan dandaʼu hin jiru.+

36 “Yeroo sanatti hubannaan koo, ulfinni mootummaa kootii, guddinni koo fi simboon koo naaf deebiʼe.+ Abbootiin taayitaa ol aanoonii fi guguddoonni cimsanii na barbaadan; anis mootummaa kootti nan deebiʼe; guddina isa duraa caalus nan argadhe.

37 “Amma ani Nebukadnezaar, Mootii samii nan jajadha,+ ol nan qaba, ulfinas isaaf nan kenna; sababiin isaas, hojiiwwan isaa hundi dhugaa dha, daandiiwwan isaas qajeeloo dha;+ inni warra of tuulummaadhaan deddeebiʼan ni salphisa.”+

5 Belshaazaar Mootichi+ guguddoota isaa kuma tokkoof affeerraa guddaa ni qopheesse; innis isaan duratti daadhii wayinii dhugaa ture.+ 2 Belshaazaar daadhii wayinii dhugee yeroo itti hoʼu, mootichi, guguddoonni isaa, saajjatoonni* isaa fi haadhotiin manaa isaa warri kaan akka ittiin dhuganiif, miʼawwan warqii fi meetii warra abbaan isaa Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu keessaa fudhate akka fidan ajaje.+ 3 Isaanis miʼawwan warqii mana qulqullummaa Waaqayyoo Yerusaalemitti argamu keessaa fudhataman sana ni fidan; mootichi, guguddoonni isaa, saajjatoonni isaa fi haadhotiin manaa isaa warri kaan daadhii wayinii ittiin dhugan. 4 Isaan daadhii wayinii dhuganii waaqolii warqii, meetii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi dhagaa irraa tolfaman ni jajatan.

5 Yeruma sana qubni harka namaa mulʼatee girgiddaa mana mootummaa mootichaa isa fuullee baattuu ibsaa jiru irratti barreessuu jalqabe; yommuu inni barreessus mootichi duuba harka sanaa ni arga ture. 6 Yeroo kanatti mootichi fuulli isaa ni daalachaaʼe,* yaanni isaa isa jeeqe, tafni isaa ni hollate,+ jilbi isaas walitti rukutamuu jalqabe.

7 Mootichi warra hooda dubbatan, Kaladootaa* fi warra urjii lakkaaʼan akka waaman sagalee guddaadhaan ajaja kenne.+ Mootichi namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiraniin, “Namni barreeffama kana dubbisee hiika isaa natti himu kam iyyuu uffanni bifa dhiilgee isatti ni uwwifama, amartiin mormaa warqii irraa tolfame morma isaatti ni kaaʼama,+ mootummaa koo keessattis bulchaa sadaffaa ni taʼa”+ jedhe.

8 Yeroo kanatti namoonni ogeeyyiin mootichaa hundi ol ni seenan; haa taʼu malee, barreeffama sana dubbisuus taʼe hiika isaa mootichatti himuu hin dandeenye.+ 9 Kanaafuu, Belshaazaar Mootichi baayʼee sodaate, fuulli isaas ni daalachaaʼe; guguddoonni isaas waan godhan wallaalan.+

10 Dubbii mootichaa fi dubbii guguddoota isaatiin kan kaʼe mootittiin gara galma affeerraa sanaatti seente. Achiis akkana jette: “Yaa mootii, bara baraaf jiraadhu. Yaadni kee si hin jeeqin, fuulli kees hin daalachaaʼin. 11 Mootummaa kee keessa namichi hafuura waaqolii qulqulluu qabu tokko jira. Bara abbaa keetti, beekumsi guddaan, hubannaanii fi ogummaan kan akka ogummaa waaqolii taʼe isa keessatti argamee ture.+ Abbaan kee Nebukadnezaar Mootichi luboota falfala raawwatan, warra hooda dubbatan, Kaladootaa fi warra urjii lakkaaʼan irratti ajajaa godhee isa muudee ture;+ yaa mootii, abbaan kee akkana godhee ture. 12 Sababiin isaas, Daaniʼel inni mootichi Belteshaazaar+ jedhee moggaase sun abjuu hiikuu, dubbii dhokataa ibsuu fi rakkoowwan wal xaxoo taʼan furuu* irratti dandeettii addaa, beekumsaa fi hubannaa qaba ture.+ Egaa amma Daaniʼel haa waamamu; inni hiika isaa sitti hima.”

13 Kanaafuu, Daaniʼel mooticha duratti ni dhiheeffame. Mootichis akkana jedhee Daaniʼeliin gaafate: “Ati Daaniʼel isa namoota Yihudaa+ warra abbaan koo mootichi boojiʼee fide keessaa taate sana dhaa?+ 14 Ani hafuurri waaqolii si keessa akka jiru,+ akkasumas beekumsi guddaan, hubannaanii fi ogummaan adda taʼe si keessatti akka argame dhagaʼeera.+ 15 Namoonni ogeeyyiinii fi warri hooda dubbatan barreeffama kana akka dubbisanii fi hiika isaa akka natti himaniif na duratti dhiheeffamanii turan; taʼus isaan hiika ergaa kanaa dubbachuu hin dandeenye.+ 16 Ati garuu abjuuwwan hiikuu fi rakkoowwan wal xaxoo taʼan furuu* akka dandeessu dhagaʼeera.+ Egaa barreeffama kana dubbisuu fi hiika isaa natti himuu yoo dandeesse, uffanni bifa dhiilgee sitti uwwifama, amartiin mormaa warqii irraa tolfame morma keetti ni kaaʼama, mootummicha keessattis bulchaa sadaffaa ni taata.”+

17 Daaniʼelis akkana jedhee mootichaaf deebise: “Kennaa kee of biratti hambifadhu, wanta naaf dhiheessitus namoota kan birootiif kenni. Haa taʼu malee, barreeffamicha si mootichaaf dubbisee hiika isaa sitti nan hima. 18 Yaa mootii, Waaqni Inni Hundaa Olii Nebukadnezaar abbaa keetiif mootummaa, guddina, kabajaa fi ulfina kennee ture.+ 19 Guddina inni isaaf kenneen kan kaʼe uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi sodaadhaan isa duratti ni romʼu turan.+ Inni nama barbaade ni ajjeesa yookiin lubbuudhaan ni dhiisa, nama barbaadeef ulfina ni kenna yookiin ni salphisa ture.+ 20 Yommuu garaan isaa of tuulettii fi yommuu inni mata jabeessa taʼetti garuu, gocha of tuulummaa waan raawwateef,+ teessoo mootummaa isaa irraa ni buufame, ulfinni isaas isa irraa ni fudhatame. 21 Inni namoota gidduudhaa ni ariʼame, sammuun* isaa akkuma kan bineensaa ni taʼe, bakki jireenyaa isaas harroota bosonaa wajjin ni taʼe. Waaqni Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa akka taʼee fi isa irrattis nama barbaade akka muudu hamma beekutti akkuma qotiyyoo akka nyaatuuf margi isaaf ni kenname, qaamni isaas fixeensa samiitiin ni jiidhe.+

22 “Haa taʼu malee, ati ilmi isaa Belshaazaar kana hundumaa kan beektu taʼus, gad of hin qabne. 23 Kanaa mannaa, Gooftaa samii irratti ol of qabde;+ miʼawwan mana isaa akka siif fidanis ni goote.+ Achiis ati, guguddoonni kee, saajjatoonni kee fi haadhotiin manaa kee warri kaan daadhii wayinii ittiin dhugdanii waaqolii meetii, warqii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi dhagaa irraa tolfaman warra homaa hin argine, hin dhageenyee fi hin beekne jajattan.+ Waaqa isa hafuurri kee fi daandiiwwan kee hundi harka isaa keessa jiruuf garuu ulfina hin kennine.+ 24 Kanaafuu, inni harka sana ni erge; barreeffamni kunis ni barreeffame.+ 25 Barreeffamni sunis, MIINII, MIINII, TIQEEL, akkasumas FAARSIIN kan jedhu dha.

26 “Hiikni jechoota kanaas kana dha: MIINII jechuun, Waaqayyo guyyoota mootummaa keetii ni lakkaaʼe; akka xumuramanis ni godhe jechuu dha.+

27 “TIQEEL jechuun, ati madaalliidhaan ni madaalamte; hirʼuu taatees ni argamte jechuu dha.

28 “FEERES jechuun, mootummaan kee ni hirame; Meedonii fi Faarsiif ni kenname jechuu dha.”+

29 Sana booda Belshaazaar ajaja kenne; isaanis Daaniʼelitti uffata bifa dhiilgee uwwisan, morma isaatti amartii mormaa warqii irraa tolfame ni kaaʼan; mootummicha keessatti bulchaa sadaffaa akka taʼes ni labsan.+

30 Halkanuma sana Belshaazaar inni mootii Kaladootaa taʼe ni ajjeefame.+ 31 Achiis Daariyos+ inni nama biyya Meedon taʼe mootummaa isaa ni fudhate; umuriin isaa gara waggaa 62 ture.

6 Daariyos guutummaa mootummaa isaa keessatti bulchitoota koonyaa 120 muuduuf murteesse.+ 2 Isaan irratti abbootiin taayitaa ol aanoon sadii kan muudaman yeroo taʼu, isaan keessaa tokko Daaniʼel ture;+ faayidaa mootichaa eegsisuuf bulchitoonni koonyaa+ kun gabaasa isaaniif dhiheessu turan. 3 Daaniʼel hafuurri adda taʼe isa keessa waan jiruuf, abbootii taayitaa ol aanoo fi bulchitoota koonyaa kaan caalaa dandeettii kan qabu taʼee argame;+ mootichis guutummaa mootummaa isaa keessatti iddoo guddaa isaaf kennuu barbaadee ture.

4 Yeroo sanatti abbootiin taayitaa ol aanoonii fi bulchitoonni koonyaa dhimmoota mootummaa wajjin haala wal qabateen Daaniʼel irratti himata dhiheessuuf sababa barbaadaa turan; haa taʼu malee, inni amanamaa, kan hin dhiboofnee fi balleessaa tokko illee kan hin qabne waan tureef, sababa itti isa himatanis taʼe balleessaa tokko illee isa irratti argachuu hin dandeenye. 5 Achiis namoonni kun, “Wanta seera Waaqa isaa wajjin wal qabatuun yoo taʼe malee, sababa Daaniʼel kana himachuu itti dandeenyu tokko illee hin argannu” jedhan.+

6 Kanaafuu, abbootiin taayitaa ol aanoonii fi bulchitoonni koonyaa sun gareedhaan taʼanii gara mootichaatti ol seenanii akkana isaan jedhan: “Yaa Daariyos Mootii, bara baraaf jiraadhu. 7 Yaa mootii, abbootiin taayitaa mana mootummaa, hoggantoonni, bulchitoonni koonyaa, gorsitoonni mootichaa fi bulchitoonni hundi labsii mootummaa tokko baasuu fi dhorkaa tokko kaaʼuuf waliin mariʼataniiru; innis guyyaa 30f namni si malee waaqa yookiin nama kan biraatti kadhannaa dhiheessu kam iyyuu boolla leencotaa keessatti akka darbatamu+ kan ibsu dha. 8 Egaa, yaa mootii, akkuma seera Meedonii fi Faarsi isa haqamuu hin dandeenye+ sanaatti kan hin jijjiiramne akka taʼuuf, labsii kana raggaasisiitii irratti mallatteessi.”+

9 Kanaafuu, Daariyos Mootichi labsii sanaa fi dhorkaa sana irratti ni mallatteesse.

10 Daaniʼel garuu labsiin sun akka irratti mallatteeffame akkuma hubateen, gara kutaa mana isaa isa baaxii manaa irra jiruu fi foddaan isaa kallattii Yerusaalemitti banamee jiru sanaa ni deeme.+ Achiis akkuma sana dura yeroo hundumaa gochaa ture, guyyaatti siʼa sadii jilbeenfatee Waaqa isaa ni kadhate, ni jajates. 11 Yeroo kanatti namoonni sun tasa yommuu seenan Daaniʼel Waaqa isaa duratti fudhatama argachuuf iyyataa fi kadhannaa utuu dhiheessuu argan.

12 Kanaafuu, isaan mooticha duratti dhihaatanii, “Yaa mootii, ati dhorkaa guyyaa 30f namni si malee waaqa yookiin nama kan biraa kamitti iyyuu kadhannaa dhiheessu hundi boolla leencotaa keessatti akka darbatamu ibsu irratti mallatteessitee hin turree?” jedhanii dhorkaa mootichi baase sana isa yaadachiisan. Mootichis, “Dhimmi kun akka seera Meedonii fi Faarsi isa haqamuu hin dandeenye sanaatti akka gaariitti raggaasifameera” jedhee isaaniif deebise.+ 13 Isaanis yeruma sana mootichaan, “Yaa mootii, Daaniʼel inni namoota Yihudaa keessaa boojiʼaman keessaa tokko taʼe+ siifis taʼe dhorkaa ati irratti mallatteessite sanaaf kabaja hin qabu; kanaa mannaa, guyyaatti siʼa sadii kadhannaa dhiheessaa jira”+ jedhan. 14 Mootichis akkuma kana dhagaʼeen baayʼee dhiphate; karaa itti Daaniʼeliin oolchuu dandaʼus yaaduu jalqabe; hamma biiftuun lixxuttis isa oolchuuf wanta dandaʼu hundumaa ni godhe. 15 Xumura irrattis namoonni sun gareedhaan gara mootichaatti ol seenanii, “Yaa mootii, akka seera Meedonii fi Faarsitti dhorkaan yookiin labsiin mootichi raggaasise kam iyyuu jijjiiramuu akka hin dandeenye hubadhu”+ isaan jedhan.

16 Kanaafuu, mootichi ajaja ni kenne; isaanis Daaniʼeliin fidanii boolla leencotaa keessatti darbatan.+ Mootichis Daaniʼeliin, “Waaqni kee inni ati utuu wal irraa hin kutin tajaajiltu si oolcha” jedhe. 17 Achiis dhagaa tokko fidanii afaan boolla sanaa irra kaaʼan; Daaniʼeliin ilaalchisee murtoo godhamee wajjin haala wal qabateen wanti tokko illee akka hin jijjiiramneefis mootichi qubeellaa chaappaa isaatiin, akkasumas qubeellaa chaappaa guguddoota isaatiin chaappaa irratti ni godhe.

18 Achiis mootichi gara mana mootummaa isaa deeme. Halkan sana hagabuu isaa bule, bashannanna akkamii irratti iyyuu hirmaachuu ni dide,* rafuus hin dandeenye.* 19 Mootichi ganama bariidhaan kaʼee dafee gara boolla leencotaa dhaqe. 20 Gara boolla sanaatti yeroo dhihaatus sagalee gaddaatiin Daaniʼeliin ni waame. Mootichi, “Tajaajilaa Waaqa jiraataa kan taate yaa Daaniʼel, Waaqni kee inni ati utuu wal irraa hin kutin tajaajiltu leencota irraa si oolchuu dandaʼeera?” jedhee isa gaafate. 21 Daaniʼelis yeruma sana mootichaan akkana jedhe: “Yaa mootii, bara baraaf jiraadhu. 22 Yaa mootii, Waaqni koo maleekaa isaa ergee afaan leencotaa waan cufeef,+ isaan miidhaa tokko illee na irraan hin geenye;+ sababiin isaas, ani isa duratti qulqulluu taʼee argameera; si irrattis balleessaan raawwadhe hin qabu.”

23 Mootichis baayʼee gammade; Daaniʼeliin boollicha keessaa akka baasanis ni ajaje. Daaniʼelis boollicha keessaa ni baafame; inni Waaqa isaa amanatee waan tureef, miidhaan tokko illee isa irra hin geenye.+

24 Achiis mootichi ajaja ni kenne; namoonni Daaniʼeliin himatan* sun fidamanii ilmaanii fi haadhotii manaa isaanii wajjin boolla leencotaa keessatti darbataman. Leenconni sunis boollicha keessatti utuu isaan lafa hin gaʼin isaan qolatanii lafee isaanii hundumaa caccabsan.+

25 Achiis Daariyos Mootichi uummata, sabootaa fi namoota qooqa garaa garaa dubbatanii fi guutummaa lafaa irratti argaman hundumaatiif akkana jedhee barreesse:+ “Nagaan isiniif haa baayʼatu! 26 Namoonni bulchiinsa mootummaa koo jala jiran hundi Waaqa Daaniʼel duratti sodaadhaan akka romʼan ajaja kenneera.+ Sababiin isaas, inni Waaqa jiraataa bara baraaf jiraatu dha. Mootummaan isaa matumaa hin balleeffamu; bulchiinsi* isaas kan bara baraa ti.+ 27 Inni ni oolcha,+ ni fayyisas; samii keessattis taʼe lafa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan ni raawwata;+ inni harka leencotaa irraa Daaniʼeliin oolcheera.”

28 Akka kanaan Daaniʼel mootummaa Daariyosii+ fi mootummaa Qiiros isa nama Faarsi+ taʼe sanaa keessatti milkaaʼina ni argate.

7 Belshaazaar+ mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa tokkoffaatti, Daaniʼel utuu siree isaa irra ciisee jiruu abjuu fi mulʼatawwan gara sammuu isaatti dhufan ni arge.+ Achiis abjuu sana ni barreesse;+ dhimmichas guutummaatti ni galmeesse. 2 Daaniʼel akkana jedhee ibse:

“Ani halkaniin mulʼata ilaalaan ture; kunoo, bubbeewwan samii arfan galaana guddaa jeeqaa turan.+ 3 Galaanicha keessaas bineensonni guguddaan afur+ ni baʼan; tokkoon tokkoon isaaniis isa kan biraa irraa adda turan.

4 “Inni jalqabaa leenca kan fakkaatu yeroo taʼu,+ qoochoowwan risaa qaba ture.+ Utuman ilaalaa jiruus qoochoowwan isaa irraa ni bubuqqaʼan; innis lafa irraa ol kaafamee akka namaatti miila lamaan dhaabbachiifame; garaan namaas isaaf ni kenname.

5 “Kunoo, bineensi inni lammaffaan amaaketa fakkaata ture.+ Miilli isaa kan ol kaafame yeroo taʼu, lafeewwan cinaachaa sadii afaan isaa keessa ilkaan isaa gidduu jiru turan; inni, ‘Kaʼiitii foon baayʼee nyaadhu’ jedhamee itti himame.+

6 “Kana boodas ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, bineensa kan biraa qeerransa fakkaatu tokko nan arge;+ taʼus dugda isaa irraa qoochoowwan kan allaattii fakkaatan afur qaba ture. Bineensichi mataa afur qaba ture;+ akka bulchuufis aangoon isaaf ni kenname.

7 “Sana boodas mulʼata halkaniin natti dhufe sana irratti bineensa arfaffaa nan arge; inni baayʼee kan nama sodaachisu, kan nama naasisuu fi cimina addaa kan qabu ture; ilkaan sibiilaa guguddaas qaba ture. Inni wanta hundumaa ni nyaata, ni caccabsa, isa irraa hafe immoo miila isaatiin ni dhidhiita ture.+ Bineensota isa dura turan hundumaa irraa adda ture; akkasumas gaanfota kudhan qaba ture. 8 Utuman gaanfota sana ilaalaa jiruu, kunoo, gaanfi kan biraan xinnoon+ tokko isaan gidduutti ni biqile; gaanfota warra jalqabaa keessaa sadii immoo fuuldura isaatii ni bubuqqaʼan. Kunoo, gaanfa kana irra ijawwan ija namaa fakkaatan jiru turan; afaan of tuulummaadhaan dubbatu tokkos qaba ture.+

9 “Anis hamma teessoowwan kaaʼamanitti ilaaluu koo ittan fufe; Inni Bara Dheeraa Jiraate+ ni taaʼe.+ Uffanni isaa akkuma cabbii adii ture;+ rifeensi mataa isaas suufii adii fakkaata ture. Teessoon isaa labooba ibiddaa ture; geengoowwan teessoo isaas ibidda bobaʼaa jiru turan.+ 10 Ibiddi lolaʼus isa duraa baʼee ni yaaʼa ture.+ Kumni kumaatamni isa tajaajilaa turan; kumni kudhan siʼa kuma kudhanis isa dura ni dhaabbatu turan.+ Dhaddachi+ ni jalqabe; kitaabonnis ni banaman.

11 “Anis dubbii of tuulummaa gaanfi sun dhageessisuun kan kaʼe ilaaluu koo ittan fufe;+ hamma bineensi sun ajjeefamee qaamni isaa balleeffamuttii fi ibiddaan akka gubamuuf dabarfamee hamma kennamutti ilaaluu koo ittan fufe. 12 Bineensonni warri hafan+ garuu bulchiinsi isaanii isaan irraa ni fudhatame; umuriin isaanii garuu yeroo fi waqtii muraasaaf ni dheereffame.

13 “Anis mulʼata halkan natti dhufe sana ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, ilma namaa+ kan fakkaatu tokko duumessa samii wajjin ni dhufe; innis gara Isa Bara Dheeraa Jiraate+ sanaatti akka seenu isaaf ni heyyamame; isaanis isa duratti isa dhiheessan. 14 Achiis uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi akka isa tajaajilaniif, bulchiinsi,+ ulfinnii+ fi mootummaan isaaf ni kenname.+ Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, hin darbus; mootummaan isaas hin balleeffamu.+

15 “Ani Daaniʼel garuu mulʼatawwan gara sammuu kootti dhufan baayʼee waan na sodaachisaniif hafuurri koo na keessatti ni dhiphate.+ 16 Kanaafuu, hiika dhugaa wanta kanaa isa gaafachuuf warra achi dhaabbatan keessaa isa tokkotti nan dhihaadhe. Innis deebii naaf kenne; hiika wantoota kanaas natti hime.

17 “‘Bineensonni guguddaan arfan+ kun, mootota lafa irratti kaʼan afur argisiisu.+ 18 Haa taʼu malee, qulqulloonni kan Isa Hundumaa Gararraa+ taʼan mootummicha ni fudhatu;+ mootummichas bara baraaf, eeyyee, baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’+

19 “Achiis waaʼee bineensa arfaffaa isa warra kaan hundumaa irraa adda taʼe sanaa caalaatti beekuun barbaade; inni akka malee kan nama sodaachisu, ilkaan sibiilaa fi qeensa sibiila diimaa kan qabu yeroo taʼu, wanta hundumaa nyaachaa fi caccabsaa, isa irraa hafe immoo miila isaatiin dhidhiitaa ture;+ 20 akkasumas waaʼee gaanfota kurnan+ mataa isaa irra jiranii fi waaʼee gaanfa isa biqile isa gaanfonni sadii isa duratti bubuqqaʼan,+ ijawwanii fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qabu isa warra kaan caalaa guddaa taʼe sanaa beekuu nan barbaade.

21 “Gaanfi sun yommuu qulqulloota irratti waraana banu ilaaluu koo ittan fufe; inni humnaan isaan irra ni caale;+ 22 kunis kan taʼe hamma Inni Bara Dheeraa+ Jiraate dhufuttii fi qulqulloota kan Isa Hundumaa Gararraa taʼaniif+ murteeffamutti, akkasumas hamma yeroon qulqulloonni mootummicha akka dhaalan isaaniif murtaaʼe gaʼutti dha.+

23 “Inni akkana jedhe: ‘Bineensi arfaffaan mootummaa arfaffaa lafa irratti kaʼu dha. Inni mootummoota kaan hundumaa irraa adda ni taʼa; guutummaa lafaa ni nyaata, ni dhidhiita, ni caccabsas.+ 24 Gaanfonni kurnan mootummaa sana keessaa mootonni kudhan akka kaʼan argisiisu; isaan booda immoo mootiin kan biraan ni kaʼa; inni warra jalqabaa irraa adda yeroo taʼu, mootota sadii ni salphisa.+ 25 Inni Isa Hundaa Olii ni arrabsa;+ qulqulloota kan Isa Hundumaa Gararraa taʼan rakkisuu isaas itti fufa. Inni barootaa fi seera jijjiiruu ni yaada; isaanis bara tokko, barootaa fi walakkaa baraatiif* harka isaatti dabarfamanii ni kennamu.+ 26 Haa taʼu malee, Dhaddachi ni jalqabe; isaanis isa dhabamsiisuu fi guutummaatti isa balleessuuf bulchiinsa isaa isa irraa ni fuudhan.+

27 “‘Mootummaan, bulchiinsii fi guddinni mootummoota guutummaa samii jala jiranii namoota Isa Hundumaa Gararraa sanaaf qulqulloota taʼaniif ni kenname.+ Mootummaan isaanii mootummaa bara baraa ti;+ mootummoonni hundis isaan ni tajaajilu, akkasumas isaaniif ni ajajamu.’

28 “Wantoonni kun as irratti xumuramu. Ani Daaniʼel, yaanni koo baayʼee na jeeqe; kanaan kan kaʼes fuulli koo ni daalachaaʼe;* taʼus wanta kana garaa kootti nan qabadhe.”

8 Belshaazaar Mootichi+ mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti mulʼata isa duraan natti mulʼate sana booda mulʼanni kan biraan ana Daaniʼelitti ni mulʼate.+ 2 Yommuun mulʼaticha ilaaletti dahoo* Shushaan*+ ishii koonyaa Eelaam+ keessatti argamtu keessan ture; mulʼatichaan jalʼisii Uulaay bira akkan jiru nan arge. 3 Yommuun ilaalus, kunoo, korbeessi hoolaa+ tokko jalʼisii sana bira dhaabbatee ture; innis gaanfota lama qaba ture.+ Gaanfonni lamaan sun dhedheeroo turan; inni tokko garuu isa kan biraa irra kan dheeratu ture; inni dheeraan sun booda irra biqile.+ 4 Korbeessi hoolaa sun gara dhihaa, gara kaabaa fi gara kibbaatti utuu waraanuu nan arge; bineensi bosonaa kam iyyuu isa dura dhaabbachuu hin dandeenye; harka isaa jalaa oolchuu kan dandaʼes hin jiru.+ Inni wantuma isatti tole raawwate; akkasumas of guguddise.

5 Anis ilaaluu koo yommuun itti fufu, kunoo, korbeessi reʼee+ tokko utuu lafa hin tuqin guutummaa lafaa qaxxaamuree kallattii dhihaa* irraa ni dhufe. Reʼeen kun ija isaa lamaan gidduudhaa gaanfa guddaa tokko qaba ture.+ 6 Innis gara korbeessa hoolaa isa gaanfa lama qabuu fi utuu inni jalʼisii sana bira dhaabbatuu ani arge sanaatti dhufaa ture; aarii guddaadhaanis isatti ni fiige.

7 Anis yommuu inni hoolichatti dhihaatu nan arge; inni aarii guddaadhaan guutamee ture. Achiis hoolaa sana rukutee gaanfota isaa lamaan ni cabse; hoolichi isa dura dhaabbachuu hin dandeenye. Inni hoolicha lafatti kuffisee isa ni dhidhiite; harka isaa jalaa isa oolchuu kan dandaʼes hin turre.

8 Sana booda korbeessi reʼee sun akka malee of guguddise; haa taʼu malee, akkuma jabaa taʼeen gaanfi isaa inni guddaan ni cabe; achiis bakka isaa gaanfonni akka gaariitti mulʼatan afur gara kallattii bubbeewwan samii arfaniitti ni biqilan.+

9 Isaan keessaa isa tokko irratti gaanfi xinnoon kan biraan ni biqile; inni gara kibbaatti, gara bahaattii* fi gara biyya bareedduu taatetti+ baayʼee guddate. 10 Baayʼee guddachuu isaatiin kan kaʼes raayyaa samii bira gaʼe; raayyaa sanaa fi urjiilee keessaa tokko tokkos lafatti kuffise; achiis isaan dhidhiite. 11 Inni Ajajaa raayyaa irratti illee of guguddise; aarsaan yeroo hundumaa dhihaatu isa jalaa fudhatame; iddoon qulqulluun isaa inni cimee dhaabamee tures gad darbatame.+ 12 Balleessaa raawwatameen kan kaʼes aarsaa yeroo hundumaa dhihaatuu wajjin raayyaan tokko dabarfamee ni kenname; inni dhugaa lafatti darbachuu isaa itti fufe; tarkaanfii ni fudhate, milkaaʼinas ni argate.

13 Qulqulloota keessaa inni tokko yommuu dubbatu nan dhagaʼe; qulqulloota keessaa inni kan biraan immoo isa dubbachaa jiru sanaan, “Mulʼanni waaʼee aarsaa yeroo hundumaa dhihaatuu fi balleessaa badiisa geessisu+ sanaa ibsu, akkasumas iddoon qulqulluun sunii fi raayyaan sun akka dhidhiitaman ibsu hamma yoomitti itti fufa?” jedhe. 14 Innis, “Hamma galgalootaa fi ganamoota 2,300tti itti fufa; iddoon qulqulluun sunis haala isaa isa sirriitti dhugumaan ni deebiʼa” naan jedhe.

15 Ani Daaniʼel utuun mulʼata sana ilaalaa fi hubachuuf yaalaa jiruu, akkuma tasaa nama kan fakkaatu tokko na dura dhaabbatee nan arge. 16 Achiis Uulaay+ gidduutti sagaleen namaa tokko, “Gabriʼeel,+ namichi sun wanta arge sana akka hubatu godhi” yommuu jedhu nan dhagaʼe.+ 17 Kanaafuu, inni iddoon dhaabbadhee jirutti na bira dhufe; ani garuu yeroo inni dhufu baayʼee waanan sodaadheef adda kootiin lafatti nan gombifame. Innis, “Yaa ilma namaa, mulʼanni kun bara dhumaatti akka raawwatamu hubadhu” naan jedhe.+ 18 Haa taʼu malee, utuma inni naa wajjin dubbachaa jiruu, adda kootiin lafatti gombifamee hirribni cimaan na fudhate. Kanaafuu, inni na qabee iddoon duraan dhaabbachaa ture na dhaabbachiise.+ 19 Achiis akkana naan jedhe: “Kunoo, ani wanta xumura yeroo dheekkamsichaatti raawwatamu si beeksisaan jira; sababiin isaas, inni bara dhumaatti yeroo murteeffametti raawwatama.+

20 “Korbeessi hoolaa gaanfota lama qabuu fi ati argite sun mootota Meedonii fi Faarsi argisiisa.+ 21 Korbeessi reʼee dabbasaa qabu sun mootii Giriikii argisiisa;+ gaanfi guddaan ija isaa lamaan gidduu jiru mootii isa jalqabaa argisiisa.+ 22 Gaanfi sun cabee bakka isaa gaanfonni afur biqiluun isaanii+ immoo, saba isaa keessaa mootummoonni afur akka kaʼan argisiisa; garuu humni isaanii akka kan isaa miti.

23 “Bulchiinsa isaanii gara xumuraatti warri balleessaa raawwatan balleessaa isaanii guutummaatti yommuu raawwatan, mootiin bifti isaa nama sodaachisuu fi dubbii rakkisaa hubachuu dandaʼu* ni kaʼa. 24 Humni isaa guddaa ni taʼa; garuu, humna ofii isaatiin miti. Inni badiisa adda taʼe* ni geessisa; milkaaʼina ni argata, buʼa qabeessas ni taʼa. Warra jajjaboo taʼanii fi namoota qulqulloota taʼan ni balleessa.+ 25 Haxxummaa isaatiin milkaaʼina argachuuf gowwoomsaatti ni fayyadama; garaa isaatti of ni guguddisa; yeroo nagaan jiruttis* namoota hedduu irratti badiisa ni geessisa. Ajajaa ajajjootaa irratti illee ni kaʼa; haa taʼu malee, harki namaa utuu isa hin tuqin ni caba.

26 “Wanti galgalootaa fi ganamoota sana ilaalchisee mulʼaticha keessatti dubbatame dhugaa dha; taʼus waaʼee yeroo guyyoota hedduu booda dhufuu* kan argisiisu waan taʼeef, mulʼata kana iccitiidhaan qabi.”+

27 Ani Daaniʼel baayʼee nan dadhabe; guyyoota muraasaafis nan dhukkubsadhe.+ Achiis kaʼeen hojii mootichaa hojjechuu jalqabe;+ taʼus wantan arge sanaan kan kaʼe hadoodeen ture; eenyu iyyuu mulʼaticha hubachuu hin dandeenye.+

9 Waggaa jalqabaa Daariyos+ ilma Ahaashweros isa nama Meedon taʼee fi mootummaa Kaladootaa irratti mootii godhame sanaatti,+ 2 inni bulchuu jalqabee waggaa tokkoffaa isaatti ani Daaniʼel, akkuma Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa dubbatetti waggoota Yerusaalem ona taatee itti turtu+ kitaabota* irraa nan hubadhe; innis waggaa 70 ture.+ 3 Kanaafuu, ani gara Yihowaa Waaqa dhugaatti fuula koo nan naannesse; soomee, uffata gaddaa uffadhee, akkasumas daaraa of irratti firfirsee isa nan kadhadhe.+ 4 Ani Waaqa koo Yihowaatti kadhannaa nan dhiheesse; cubbuu keenyas isatti nan hime, akkana nan jedhe:

“Warra si jaallatanii fi ajajawwan kee eeganiif+ kakuu kee kan eegduu fi jaalala amanamaa kan argisiistu,+ Waaqa dhugaa, Waaqa guddaa fi sodaachisaa kan taate yaa Yihowaa, 5 nuti cubbuu hojjenneerra, balleessaa fi hammina raawwanneerra, fincilleerras;+ ajajawwan kee fi murtiiwwan kee irraa gorreera. 6 Nuti raajota tajaajiltoota kee taʼan warra maqaa keetiin mootota keenyatti, bulchitoota keenyatti, abbootii keenyattii fi namoota biyyattii hundumaatti dubbatan hin dhageenye.+ 7 Yaa Yihowaa, qajeelummaan kan kee ti; nuti, jechuunis namoonni Yihudaa, jiraattonni Yerusaalemii fi Israaʼelonni hundi warri dhihoos taʼe fagoo jirru biyya ati itti nu bittinneessite hundumaatti akkuma harʼa taʼaa jirutti qaanii* ofitti fidneerra; sababiin isaas, isaan siif amanamoo hin taane.+

8 “Yaa Yihowaa, si irratti cubbuu waan hojjenneef, nuti, mootonni keenya, bulchitoonni keenyaa fi abbootiin keenya qaanii* ofitti fidneerra. 9 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati gara laafessa dha; dhiifamas namaaf ni goota;+ nuti garuu si irratti fincilleerra.+ 10 Nuti seerawwan ati karaa raajota warra tajaajiltoota kee taʼanii nuu kennite hordofuudhaan sagalee Waaqa keenya Yihowaatiif hin ajajamne.+ 11 Israaʼelonni hundi sagalee keetiif ajajamuu diduudhaan Seera kee waan cabsaniif, akkasumas waan irraa garagalaniif, ati abaarsaa fi kakaa isa Seera Musee isa tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe sanaa keessatti barreeffame nu irratti fiddeetta;+ sababiin isaas, nuti cubbuu si irratti hojjenneerra. 12 Ati badiisa guddaa nu irratti fiduudhaan wanta akka nu irrattii fi bulchitoota keenya warra nu bulchaa turan* irratti akka fiddu dubbatte sana raawwatteetta;+ wanti Yerusaalem keessatti raawwatame guutummaa samii jalatti raawwatamee hin beeku.+ 13 Akkuma Seera Musee keessatti barreeffametti badiisni kun hundi nu irra gaʼeera;+ taʼus nuti dogoggora keenya irraa deebiʼuu fi dhugaa* keetiif xiyyeeffannaa kennuudhaan si Waaqa keenya Yihowaa duratti fudhatama argachuuf si hin kadhanne.+

14 “Kanaafuu, ati Yihowaan dammaqinaan hordofaa erga turtee booda badiisa nu irratti ni fidde; sababiin isaas, ati Waaqni keenya Yihowaan hojii hojjette hundumaatiin qajeelaa dha; nuti garuu sagalee keetiif hin ajajamne.+

15 “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati irree kee isa jabaadhaan biyya Gibxii keessaa saba kee baasuudhaan+ ofii keetiif maqaa hamma harʼaatti beekamaa taʼe qabaatteetta;+ nuti si irratti cubbuu hojjenneerra, hamminas raawwanneerra. 16 Yaa Yihowaa, maaloo akka gochawwan qajeelummaa+ kee hundumaatti aariin kee fi dheekkamsi kee magaalaa kee Yerusaalem ishii gaara qulqulluu taate sana irraa haa deebiʼu; sababiin isaas, Yerusaalemii fi sabni kee cubbuu keenyaa fi dogoggora abbootii keenyaatiin kan kaʼe namoota naannoo keenyatti argaman hundumaa gidduutti kan arrabsaman taʼaniiru.+ 17 Egaa yaa Waaqa keenya, kadhannaa fi iyyata ana tajaajilaa keetii dhagaʼi; yaa Yihowaa, ofii keetiif jedhiitii iddoo qulqulluu kee isa ona taʼe+ sana irratti fuulli kee akka ifu godhi.+ 18 Yaa Waaqa koo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi! Ija kees baniitii badiisa magaalaa keenya ishii maqaa keetiin waamamte irra gaʼe ilaali; sababiin isaas, nuti si kadhachaa kan jirru gocha qajeelummaa keenyaan utuu hin taʼin, gara laafina kee isa guddaadhaan kan kaʼe dha.+ 19 Yaa Yihowaa, dhagaʼi. Yaa Yihowaa, dhiifama nuuf godhi.+ Yaa Yihowaa, xiyyeeffannaa nuuf kenni, tarkaanfiis fudhadhu! Yaa Waaqa koo, ofii keetiif jedhiitii hin turin; sababiin isaas, magaalaan kee fi sabni kee maqaa keetiin waamamaniiru.”+

20 Utuman dubbachaa, kadhachaa, cubbuu koo fi cubbuu saba koo Israaʼel himachaa, akkasumas gaara qulqulluu Waaqa+ koo ilaalchisee gara Waaqa koo Yihowaatti kadhannaa dhiheessaa jiruu, 21 eeyyee, utuman kadhannaa dhiheessaa jiruu, Gabriʼeel+ inni ani mulʼataan argee ture+ sun gara koo ni dhufe; ani yeroo aarsaan galgalaa itti dhihaatu kanatti baayʼee dadhabeen ture. 22 Innis akkana jechuudhaan na hubachiise:

“Yaa Daaniʼel, ani amma kanan dhufe dubbii raajii of keessatti qabate sana akka qalbeeffattuu fi akka hubattu si gargaaruufi. 23 Yommuu ati kadhannaa kee dhiheessuu jalqabdu, ergaan tokko natti himame; anis sitti himuufan dhufe; sababiin isaas, ati nama baayʼee jaallatamaa taʼe* dha.+ Kanaafuu, dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kenni, mulʼatichas hubadhu.

24 “Balleessaa hambisuuf, cubbuu balleessuuf,+ dogoggoraaf araara argamsiisuuf,+ qajeelummaa bara baraa fiduuf,+ mulʼatichaa fi raajicha irratti chaappaa gochuuf,+ akkasumas Kutaa Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe* dibuuf, saba kee fi magaalaa kee ishii qulqulluudhaaf+ torbeen* 70ni murteeffamaniiru. 25 Yeroo Yerusaalemiin iddoo ishiitti deebisuu fi deebisanii ijaaruuf+ ajajni itti kenname irraa jalqabee hamma Masiihiin*+ inni Geggeessaa+ taʼe dhufutti torbeen 7 fi torbeen 62 akka taʼu beeki, hubadhus.+ Ishiin iddoo ishiitti ni deebiti, deebitees ni ijaaramti; addabaabayiinii fi boʼoon ishii deebiʼee ni ijaarama; kun kan taʼu garuu yeroo rakkisaa keessatti dha.

26 “Torban 62 booda Masiihiichi ni ajjeefama;+ wanti isaaf hafus hin jiraatu.+

“Namoonni geggeessaa isa dhufu sanaas magaalattii fi iddoo qulqulluu sana ni balleessu.+ Dhumni isaas lolaadhaan ni taʼa. Hamma dhumaatti waraanni ni jiraata; wanti irratti murteeffames badiisa dha.+

27 “Inni torbee tokkoof namoota hedduudhaaf kakuu isaa ni tursa; walakkaa torbee sanaatti immoo aarsaanii fi kennaan dhihaatu akka hafu godha.+

“Qoochoo wantoota jibbisiisoo sanaa irra inni badiisa geessisu ni jiraata;+ hamma badiisni dhufutti wanti murteeffame isa ona taʼe sana irrattis ni dhangalaʼa.”

10 Qiiros+ mootiin Faarsi mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti, mulʼanni tokko gara Daaniʼel isa Belteshaazaar+ jedhamee waamamuutti ni dhufe; ergaan sun dhugaa dha; waaʼee waraana guddaa tokkoo kan ibsu ture. Inni ergaa sana hubatee ture; wanta arge sana ilaalchisee hubannaan isaaf ni kenname.

2 Guyyoota sanatti ani Daaniʼel torban sadii guutuu gaddaan ture.+ 3 Torban sadii guutuu nyaata gaarii hin nyaanne, foon yookiin wayinii afaaniin hin qabne, akkasumas zayitii akkamii iyyuu hin dibanne. 4 Jiʼa jalqabaa keessaa guyyaa 24ffaatti laga guddaa Xegros*+ qarqara utuun jiruu 5 yommuun ol jedhee ilaalu, namicha uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee+ fi mudhii isaatti qabattoo warqii Uufaaz irraa tolfame hidhate tokko nan arge. 6 Qaamni isaa akka kirisoliixos+ ture, fuulli isaa bakakkaa fakkaata ture, ijji isaa guca bobaʼu, harki isaa fi miilli isaa immoo sibiila diimaa cululuqfame+ fakkaata ture; sagaleen yommuu inni dubbatu dhagaʼamus akka sagalee namoota hedduu ture. 7 Mulʼaticha kan arge ana Daaniʼel qofa ture; namoonni naa wajjin jiran mulʼaticha hin argine.+ Haa taʼu malee, isaan baayʼee sodaatanii baqatanii dhokatan.

8 Sana booda kophaa koon hafe; yommuun mulʼata ajaaʼibsiisaa kana ilaalus humni koo na keessaa dhume, bifti koo inni ulfina qabeessi ni jijjiirame, cimina koos guutummaatti nan dhabe.+ 9 Achiis yommuu inni dubbatu sagalee isaa nan dhagaʼe; yommuun sagalee isaa dhagaʼu garuu adda kootiin lafatti gombifamee hirribni cimaan na fudhate.+ 10 Achiis harki tokko na tuqe;+ innis jilbeenfadhee harka kootiin lafa qabadhee akkan kaʼu godhe. 11 Achiis akkana naan jedhe:

“Baayʼee jaallatamaa*+ kan taate yaa Daaniʼel, dubbii ani amma sitti himuuf jedhu kanaaf xiyyeeffannaa kenni. Ani gara keetti waanan ergameef, ol kaʼiitii dhaabbadhu.”

Yommuu inni akkana naan jedhu, hollachaa ol kaʼee nan dhaabbadhe.

12 Achiis inni akkana naan jedhe: “Yaa Daaniʼel, hin sodaatin.+ Guyyaa jalqabaa ati hubannaa argachuu fi Waaqa kee duratti gad of qabuuf murteessite irraa kaasee dubbiin kee dhagaʼameera; anis kanan dhufe dubbii kee sanaan kan kaʼe dha.+ 13 Haa taʼu malee, bulchaan+ mootummaa Faarsi guyyaa 21f na dura dhaabbatee na morme. Sana booda garuu Mikaaʼel*+ inni bulchitoota aangoo guddaa qaban keessaa tokko taʼe na gargaaruuf dhufe; ani yeroo sana achuma mootota Faarsi biran ture. 14 Kanan dhufes wanta bara dhumaatti uummata kee irra gaʼu akka hubattu si gargaaruufi;+ sababiin isaas, mulʼanni kun waaʼee wanta gara fuulduraatti raawwatamuu kan ibsu dha.”+

15 Yommuu inni dubbii kana natti dubbatu, gad jedheen lafa ilaale; dubbachuus hin dandeenye. 16 Yeroo kanatti nama kan fakkaatu tokko hidhii koo ni tuqe;+ anis afaan koo banadhee isa na dura dhaabbate sanaan akkana nan jedhe: “Yaa gooftaa koo, ani mulʼatichaan kan kaʼe hollachaan jira, ciminas dhabeera.+ 17 Maarree ani tajaajilaan kee akkamittan si gooftaa koo wajjin dubbachuu dandaʼa?+ Ani cimina hin qabu, hafuurri koos na keessaa dhumeera.”+

18 Inni nama fakkaatu sun ammas na tuqee na jabeesse.+ 19 Achiis, “Yaa nama baayʼee jaallatamaa taate*+ nana, hin sodaatin.+ Nagaan siif haa taʼu.+ Jabaadhu, eeyyee, jabaadhu” naan jedhe. Yommuu inni naa wajjin dubbatu jajjabaadhee, “Yaa gooftaa koo, ati waan na jabeessiteef dubbadhu” nan jedhe.

20 Achiis akkana naan jedhe: “Maaliif akkan gara kee dhufe beektaa? Amma bulchaa Faarsi sana loluuf deebiʼeen deema.+ Yommuun deemu immoo bulchaan Giriikii ni dhufa. 21 Haa taʼu malee, wantoota kitaaba dhugaa keessatti galmaaʼan sitti nan hima. Mikaaʼel+ isa bulchaa+ keessan taʼe sanaan alatti wantoota kana irratti akka gaariitti kan na gargaaru tokko illee hin jiru.

11 “Daariyos+ inni nama biyya Meedon taʼe bulchuu jalqabee waggaa tokkoffaa isaatti, ani Mikaaʼeliin* jajjabeessuu fi cimsuuf* dhaabbadheen ture. 2 Wantin amma sitti himu kun dhugaa dha:

“Kunoo, Faarsi keessaa mootonni dabalataa sadii ni kaʼu; inni arfaffaan immoo warra kaan hundumaa caalaa qabeenya hedduu walitti qabata. Qabeenya isaatiin kan kaʼe yommuu jabaatutti mootummaa Giriikii+ irratti wanta hundumaa ni kaasa.

3 “Mootiin jabaan tokko kaʼee humna guddaadhaan* ni bulcha,+ wanta barbaades ni raawwata. 4 Haa taʼu malee, inni yommuu kaʼu mootummaan isaa caccabee gara bubbeewwan samii arfaniitti ni hihirama;+ taʼus sanyii* isaatti hin darbu, mootummichi akka yeroo inni bulchaa ture sanaatti jabaa hin taʼu; mootummaan isaa buqqifamee warra kaanitti ni darba.

5 “Mootiin kibbaa inni bulchitoota isaa keessaa tokko taʼe cimaa ni taʼa; inni tokko garuu humnaan isa ni caala; aangoo bulchiinsaa kan isa sanaa caaluunis humna guddaadhaan ni bulcha.

6 “Isaan waggoota muraasa booda tokkummaa ni uumu; intalli mootii isa kibbaas walii galtee uumuuf gara mootii isa kaabaa ni dhufti. Haa taʼu malee, humna irree ishii qabaattee itti fufuu hin dandeessu; mootichis taʼe irreen isaa jabaatanii hin dhaabbatan; ishiinis taate warri ishii fidan, inni ishii dhalchee fi inni yeroo sanatti ishii jabeesse dabarfamanii ni kennamu. 7 Hiddawwan ishii keessaa latiin tokko iddoo isaa ni qabata; inni gara raayyaa sanaa ni dhufa; dahoo mootii isa kaabaa irratti kaʼee tarkaanfii isaan irratti fudhachuudhaan isaan ni moʼa. 8 Akkasumas waaqolii isaanii, fakkiiwwan sibiilaa isaanii,* miʼawwan meetii fi warqii isaanii gatii guddaa qabanii fi boojiʼamtoota fudhatee gara Gibxii ni dhufa. Inni waggoota muraasaaf mootii kaabaa irraa ni fagaata; 9 mootiin kaabaa mootummaa mootii kibbaa loluuf ni dhufa; garuu gara biyya isaatti ni deebiʼa.

10 “Ilmaan isaa waraanaaf ni qophaaʼu; raayyaa waraanaa guddaas walitti ni qabatu. Inni dhugumaan fuulduratti ni deema; akka lolaatti yaaʼees biyyattii keessa ni darba. Haa taʼu malee, inni duubatti ni deebiʼa; hamma dahoo isaa bira gaʼuttis waraana ni geggeessa.

11 “Mootiin kibbaa baayʼee aaree mootii kaabaa loluudhaaf ni baʼa; innis namoota hedduu walitti ni qabata; namoonni hedduun sun garuu harka isa sanaatti dabarfamanii ni kennamu. 12 Namoonni hedduun sun ni fudhatamu. Kanaafuu, garaan isaa of guguddisa; inni namoonni kuma kudhaniin lakkaaʼaman akka dhuman ni godha; aangoo isaa isa cimaatti garuu hin fayyadamu.

13 “Mootummaan kaabaas deebiʼee warra jalqabaa caalaa namoota hedduu walitti ni qabata; inni yeroon sun yommuu xumuramu, waggoota muraasa booda raayyaa waraanaa guddaa akka gaariitti hidhatee wajjin ni dhufa. 14 Yeroo sanatti namoonni hedduun mootii isa kibbaa irratti ni kaʼu.

“Namoonni seera hin eegnee* fi saba kee gidduu jiran mulʼata sana dhugoomsuuf akka yaalaniif dhiibbaan isaan irratti ni godhama; taʼus, milkaaʼina hin argatan.

15 “Mootiin kaabaa dhufee magaalaa dallaa dhagaa qabdu tokkotti marsee biyyoo tuulee ishii ni qabata. Raayyaawwan* mootii kibbaas taʼan namoonni isaa warri filatamoon dura dhaabbachuu hin dandaʼan; humna dura dhaabbachuuf isaan dandeessisus hin qabaatan. 16 Inni isatti dhufu wanta barbaade ni raawwata; kan isa dura dhaabbatu tokko illee hin jiru. Inni biyya bareedduu+ taate keessa ni dhaabbata; haxaaʼee balleessuufis dandeettii ni qabaata. 17 Inni humna mootummaa isaa guutuudhaan dhufuuf jedhee fuula isaa ni naannessa;* isaa wajjin walii galteen ni godhama; inni milkaaʼinaan tarkaanfii ni fudhata. Intala dubartii sana akka balleessu isaaf ni heyyamama. Ishiin jabaattee hin dhaabbattu, kan isaa taatees itti hin fuftu. 18 Inni fuula isaa gara qarqara galaanaatti deebisee naannoowwan hedduu ni qabata. Arrabsoon isaa sana booda akka hin jiraanneef, ajajaan tokko arrabsoon inni sun isa irra geessise akka dhaabbatu ni godha. Inni arrabsoon sun isuma irratti akka deebiʼu ni godha. 19 Achiis gara dahoowwan biyya isaa keessa jiranitti fuula isaa ni deebisa; gufatee ni kufa, sana booda hin argamu.

20 “Inni bulchiinsa isaa isa dinqisiisaa keessa nama qaraxa sassaabu* ergu sun iddoo isaa ni fudhata; taʼus guyyoota muraasa gidduutti ni caba; kan cabu garuu aariidhaan yookiin waraanaan miti.

21 “Iddoo isaa inni tuffatamaan tokko ni kaʼa; isaan ulfina mootiidhaaf malu isaaf hin kennan; inni yeroo tasgabbiin jirutti* dhufee gowwoomsaadhaan* mootummicha ni qabata. 22 Isaan kan kaʼe raayyaawwan* akka lolaa taʼan sun haxaaʼamanii ni balleeffamu, ni caccabus; Geggeessaan+ kakuu+ sunis ni caccaba. 23 Isaan isaa wajjin tokkummaa waan uumaniif, inni gowwoomsaa isaa itti fufa; ni kaʼa, saba xinnoodhaanis jabaa ni taʼa. 24 Yeroo tasgabbiin jirutti* koonyaa sana keessaa gara kutaa isa gabbataa* sanaa dhufee wanta abbootiin isaa fi abbootiin abbootii isaa hin raawwanne ni raawwata. Inni wanta saamame, boojuu fi miʼawwan adda addaa isaaniif ni hira; iddoowwan dallaa dhagaa qaban irrattis daba ni qopheessa; kana kan godhu garuu yeroodhaaf qofa dha.

25 “Inni raayyaa waraanaa guddaa wajjin mootii kibbaa irratti humna guddaadhaan akka kaʼu garaan isaa isa ni kakaasa; mootiin kibbaas raayyaa waraanaa baayʼee guddaa fi jabaa taʼee wajjin waraanichaaf of ni qopheessa. Isaan daba waan isa irratti qopheessaniif, inni dhaabbachuu hin dandaʼu. 26 Warri nyaata isaa isa gaarii nyaachaa turanis kufaatii isatti fidu.

“Raayyaan isaa haxaaʼamee ni balleeffama;* namoonni hedduunis ni ajjeefamu.

27 “Mootonni kun lamaan, garaan isaanii wanta hamaa hojjechuu irratti xiyyeeffata; isaan maaddii tokko irra taaʼanii soba walitti dubbatu. Garuu homtuu isaaniif hin milkaaʼu; sababiin isaas, dhumni sun yeroo murteeffametti ni dhufa.+

28 “Inni miʼawwan hedduu fudhatee gara biyya isaatti deebiʼa; garaan isaas kakuu isa qulqulluu irratti ni kaʼa. Tarkaanfii ni fudhata; gara biyya isaattis ni deebiʼa.

29 “Inni yeroo murteeffametti deebiʼee kibba irratti ni kaʼa. Yeroo kanatti garuu akka duraanii hin taʼu; 30 sababiin isaas, dooniiwwan Kiitim+ isa irratti ni dhufu; innis ni salphata.

“Inni duubatti deebiʼee kakuu isa qulqulluu+ irratti dheekkamsa isaa ni gadhiisa; tarkaanfiis ni fudhata; duubatti deebiʼees warra kakuu qulqulluu dhiisan irratti ni xiyyeeffata. 31 Raayyaawwan* isaa ni dhaabbatu; iddoo qulqulluu fi dahoo sana ni xureessu;+ aarsaa yeroo hundumaa dhihaatus ni hambisu.+

“Kana malees isaan wanta balfamaa badiisa geessisu sana ni dhaabu.+

32 “Warra kakuu sana irratti gocha hamminaa raawwatan dubbii gowwoomsaatti fayyadamee* gantuu akka taʼan ni godha. Namoonni Waaqa isaanii beekan garuu ni jabaatu, tarkaanfiis ni fudhatu. 33 Sabicha gidduudhaa warri hubannaa gad fagoo qaban+ namoota hedduudhaaf hubannaa ni kennu. Isaan guyyoota muraasaaf goraadee, ibidda, boojuu fi saamichaan ni kuffifamu. 34 Yommuu kuffifamanitti garuu gargaarsa muraasa ni argatu; namoonni hedduunis dubbii gowwoomsaadhaan* isaan ni deggeru. 35 Hamma barri dhumaa gaʼutti isaaniin kan kaʼe namoonni akka qoramaniif, akkasumas hojii qulqulleessuu hojjechuuf,+ warra hubannaa gad fagoo qaban keessaa muraasni akka gufatan godhamu; sababiin isaas, dhumni yeroo murteeffametti ni dhufa.

36 “Mootichi wanta barbaade ni raawwata, waaqolii hundumaatii olitti ol of ni qaba, of guguddisas; Waaqa waaqolii+ irratti dubbii suukanneessaa ni dubbata. Hamma dheekkamsichi xumuramuttis milkaaʼina ni argata; sababiin isaas, wanti murteeffame raawwatamuu qaba. 37 Inni Waaqa abbootii isaatiif kabaja hin qabu; fedhii dubartootaafis taʼe waaqa kamiif iyyuu iddoo hin kennu; ofii isaa garuu hundumaa irratti ol ni qaba. 38 Kanaa mannaa,* inni waaqa dahoowwaniitiif ulfina ni kenna; warqii, meetii, dhagoota gatii guddaa qabanii fi wantoota gaggaarii taʼaniin waaqa abbootiin isaa hin beekneef ulfina ni kenna. 39 Gargaarsa waaqa ormaa kanaan dahoowwan hundumaa caalaa cimoo taʼan irratti tarkaanfii ni fudhata. Warra beekamtii isaaf kennaniif* ulfina guddaa ni kenna; namoota hedduu gidduutti akka bulchan ni godha; lafas gatiidhaan ni hihira.*

40 “Bara dhumaatti mootiin inni kibbaa isaa wajjin wal ni dhiiba;* mootiin kaabaa gaariiwwan fardaa, abbootii fardeenii fi dooniiwwan hedduudhaan akka obomboleettiitti isa irratti ni dhufa; inni biyyootatti ni seena; akka lolaattis isaan keessa ni dhangalaʼa. 41 Inni biyya bareedduu+ taatetti ni seena; biyyoonni hedduunis akka gufatan ni godhamu. Haa taʼu malee, Edoomii fi Moʼaab, akkasumas Amoonota keessaa kutaan inni guddaan harka isaa jalaa ni oolu. 42 Inni biyyoota irratti harka isaa diriirsuu isaa itti fufa; biyyi Gibxiis harka isaa jalaa hin ooltu. 43 Inni qabeenyawwan dhokfaman, warqii fi meetii, akkasumas miʼawwan Gibxii warra gatii guddaa qaban hundumaa irratti aangoo ni qabaata. Warri Liibiyaa fi warri Itoophiyaas faana isaa duukaa ni buʼu.*

44 “Haa taʼu malee, oduun bahaa* fi kaaba irraa dhufu tokko isa jeeqa; innis haxaaʼee balleessuu fi namoota hedduu fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa. 45 Inni dunkaanota mootii* isaa galaana guddichaa fi gaara qulqulluu isa biyya bareedduu+ keessa jiru gidduu ni dhaaba; inni dhumni isaa ni dhufa; kan isa gargaarus hin jiru.

12 “Yeroo sanatti bulchaa guddicha+ kan taʼe Mikaaʼel*+ inni saba keetiif* dhaabbatu ni kaʼa. Yeroon dhiphinaa erga sabni hundeeffamee kaasee hamma yeroo sanaatti taʼee hin beekne ni taʼa. Yeroo sanatti sabni kee, jechuunis namni kitaabicha keessatti galmeeffame+ hundi ni oola.+ 2 Namoota biyyoo lafaa keessa rafanii jiran keessaa hedduun isaanii ni kaʼu; isaan keessaa tokko tokko jireenya bara baraatiif, kaan immoo arrabsoo fi salphina bara baraatiif ni kaʼu.

3 “Warri hubannaa gad fagoo qaban akka samii guyyaatti, warri namoota hedduu gara qajeelummaatti fidanis akka urjiileetti baraa hamma bara baraatti ni ifu.

4 “Yaa Daaniʼel, ati garuu hamma bara dhumaatti dubbii kana iccitiidhaan qabi, kitaabichas chaappaadhaan cufi.+ Namoonni hedduun kitaabicha gad fageenyaan ni qoratu;* beekumsi dhugaanis ni baayʼata.”+

5 Achiis ani Daaniʼel yommuun ilaalu qaamonni kan biroon lama achi utuu dhaabbatanii nan arge; inni tokko qarqara lagichaa isa garanaa irra, inni kan biraan immoo qarqara lagichaa isa garasii+ irra dhaabbatanii turan. 6 Achiis inni tokko isa uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee+ fi bishaan laga sanaa gubbaa jiruun, “Wantoonni dinqisiisoon kun hamma raawwatamanii xumuramanitti yeroo hammamiitu darba?” jedhe. 7 Achiis namichi uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee fi bishaan laga sanaa gubbaa jiru harka isaa mirgaa fi harka isaa bitaa gara samiitti ol kaasee Waaqa isa bara baraaf jiraatuun+ kakatee akkana jedhee yommuu deebisu nan dhagaʼe: “Bara murteeffame, baroota murteeffamanii fi walakkaa baraatu* darba. Akkuma isaan humna saba qulqulluu caccabsanii xumuraniin+ wantoonni kun hundi ni raawwatamu.”

8 Ani garuu kanan dhagaʼe taʼus hubachuu hin dandeenye;+ kanaafuu, “Yaa gooftaa koo, dhumni wantoota kanaa maali dha?” jedheen gaafadhe.

9 Innis akkana naan jedhe: “Yaa Daaniʼel, deemi; sababiin isaas, dubbiin kun hamma bara dhumaatti iccitiidhaan qabamuu fi chaappaan irratti godhamuu qaba.+ 10 Namoonni hedduun of ni qulqulleessu, of ni addeessu, ni calalamus.+ Jalʼoonni jalʼina ni raawwatu; jalʼoota keessaa tokko illee dubbii kana hin hubatu; warri hubannaa gad fagoo qaban garuu kana ni hubatu.+

11 “Aarsaan yeroo hundumaa dhihaatu erga hafee+ fi wanti balfamaan badiisa geessisu sun erga dhaabamee+ kaasee guyyoota 1,290 ni taʼa.

12 “Namni guyyoonni 1,335 hamma xumuramanitti obsaan* eeggatu gammadaa dha!

13 “Ati garuu hamma dhumaatti jabaadhuu dhaabbadhu. Ni boqotta; taʼus, dhuma barichaatti gaʼee kee argachuuf* ni kaata.”+

Ykn., “mana qulqullummaa.”

Jechuunis, Baabiloniyaa.

Ykn., “mana qulqullummaa.”

Kal., “ilmaan Israaʼel.”

Kal., “ijoollee.”

Ykn tarii, “sooramanii.”

Kal., “ilmaan.”

“Abbaan Murtii Koo Waaqa Dha” jechuu dha.

“Yihowaan Gaarummaa Argisiise” jechuu dha.

Tarii, “Kan Akka Waaqaa Eenyu?” jechuu dha.

“Yihowaan ni Gargaare” jechuu dha.

Jechuunis, maqaa warra Baabilon.

Kal., “ijoollee.”

Kal., “mataa koo yakkamaa.”

Kal., “ijoollee.”

Kal., “ijoollee.”

Kal., “foon isaanii furdatee.”

Kal., “ijoollee.”

Kal., “hafuurri isaa.”

Jechuunis, namoota hooda dubbachuu fi urjii lakkaaʼuu irratti dandeettii qaban.

Kal., “hafuurri koo jeeqameera.”

Dan 2:4b irraa hamma 7:28tti jalqaba irratti kan barreeffame Afaan Aaraamiin ture.

Ykn tarii, “tuullaa kosii; tuullaa faltii.”

Ykn., “lafa gogaa.”

Kal., “foonii wajjin.”

Ykn., “baraa hamma bara baraatti.”

Ykn., “suphee gubame (bocame).”

Ykn., “sanyii ilmaan namootaatti.”

Gara 27 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Gara 2.7 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Ykn., “maqaa Yihudootaa balleessan.”

Ykn., “ilaalchi isaa guutummaatti ni jijjiirame.”

Ykn., “humna akka hin qabaanne.”

Ykn., “qaama isaanii kennaniiru.”

Ykn tarii, “tuullaa kosii; tuullaa faltii.”

Kal., “akka badhaadhan.”

Jechuunis, namoota hooda dubbachuu fi urjii lakkaaʼuu irratti dandeettii qaban.

Kal., “foon.”

Kal., “Garaan.”

Kal., “garaan.”

Ykn., “gaaffii.”

Kal., “samiiwwan bulchaa akka jiran.”

Ykn., “Harka isaa.”

Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.

Ykn., “bifti isaa ni jijjiirame.”

Jechuunis, namoota hooda dubbachuu fi urjii lakkaaʼuu irratti dandeettii qaban.

Kal., “guduunfaa hiikuu.”

Kal., “guduunfaa hiikuu.”

Kal., “garaan.”

Ykn tarii, “sirbitoonni ol hin seenne.”

Kal., “hirriibni isaa irraa ni bade.”

Ykn., “maqaa balleessan.”

Ykn., “ol aantummaan.”

Jechuunis, bara sadii fi walakkaadhaaf.

Ykn., “bifti koo ni jijjiirame.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “lixa biiftuu.”

Ykn., “baha biiftuu.”

Ykn., “daba qopheessuu irratti dandeettii guddaa qabu.”

Ykn., “badiisa hamaa.”

Ykn tarii, “akeekkachiisa malee.”

Ykn., “gara fuulduraa.”

Jechuunis, kitaabota qulqulluu.

Kal., “qaanii fuulaa.”

Kal., “qaanii fuulaa.”

Kal., “abbootii murtii keenya warra murtii nuuf kennaa turan.”

Ykn., “amanamummaa.”

Ykn., “gatii guddaa qabu; baayʼee kabajamaa.”

Kal., “Qulqulluu Qulqullootaa.” Iddoo jireenyaa Waaqayyoo isa samii kan argisiisu fakkaata.

Jechuunis, torban waggootaa.

Kal., “inni dibame.”

Kal., “Hidikeel.”

Ykn., “Nama gatii guddaa qabu; Baayʼee kabajamaa.”

“Kan Akka Waaqaa Eenyu?” jechuu dha.

Ykn., “gatii guddaa qabdu; baayʼee kabajamaa.”

Kal., “isa.”

Ykn., “akka dahoo isaaf taʼuuf.”

Ykn., “bulchiinsa balʼaa irratti.”

Ykn., “ijoollee.”

Ykn., “siidaawwan isaanii warra baqfamanii tolfaman.”

Ykn., “Ilmaan saamtotaa.”

Kal., “Irreewwan.”

Ykn., “ni murteessa.”

Ykn., “toʼataa hojii.”

Ykn tarii, “akeekkachiisa malee.”

Ykn., “haxxummaadhaan.”

Kal., “irreewwan.”

Ykn tarii, “akeekkachiisa malee.”

Kal., “coomaa.”

Ykn., “lolaadhaan ni fudhatama.”

Kal., “Irreewwan.”

Ykn., “sobaan jajuudhaan; haxxummaadhaan.”

Ykn., “sobaan jajuudhaan; haxxummaadhaan.”

Ykn., “Bakka isaa.”

Ykn tarii, “warra beeku hundumaatiif.”

Ykn., “ni raabsa.”

Ykn., “gaanfa isaa gaanfa isaa keessa ni galcha.”

Ykn., “isa ni hordofu.”

Ykn., “baha biiftuu.”

Ykn., “mana mootummaa.”

“Kan Akka Waaqaa Eenyu?” jechuu dha.

Kal., “ilmaan saba keetiitiif.”

Kal., “Namoonni hedduun asii fi achi ni jedhu.”

Jechuunis, bara sadii fi walakkaa.

Ykn., “hawwiidhaan.”

Ykn., “iddoo siif ramadame keessatti.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi