LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Nahimiyaa 1:1-13:31
  • Nahimiyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Nahimiyaa
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Nahimiyaa

NAHIMIYAA

1 Dubbii Nahimiyaa*+ ilma Hakaaliyaa: Ani waggaa 20ffaatti, jiʼa Kiisluutti* dahoo* Shushaan*+ keessan ture. 2 Yeroo sanatti obboloota koo keessaa tokko kan taʼe Hanaaniin,+ namoota kaanii wajjin Yihudaadhaa dhufe; anis waaʼee Yihudoota hafanii warra boojuu irraa oolanii+ fi waaʼee Yerusaalem isaan nan gaafadhe. 3 Isaanis, “Warri boojuu irraa oolanii koonyaa sana keessa jiraatan haala gaddisiisaa taʼee fi salphina keessa jiru.+ Dallaawwan Yerusaalem diigamaniiru;+ karrawwan ishiis ibiddaan gubamaniiru”+ jedhanii naaf deebisan.

4 Anis dubbii kana akkuman dhagaʼeen taaʼee booʼuun jalqabe; guyyoota hedduudhaafis Waaqa samiiwwanii duratti gaddaa, soomaa+ fi kadhachaan ture. 5 Akkana nan jedhe: “Warra si jaallatanii fi ajajawwan kee eeganiif kakuu kee kan eegduu fi jaalala amanamaa kan argisiistu, Waaqa guddaa fi sodaachisaa, Waaqa samiiwwanii kan taate yaa Yihowaa,+ 6 maaloo, kadhannaa ani harʼa sitti dhiheessaa jiru dhagaʼuudhaaf gurri kee kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessu xiyyeeffannaadhaan haa dhagaʼu; ijji kees kadhannaa kanaaf kan baname haa taʼu; ani Israaʼelota warra tajaajiltoota kee taʼan ilaalchisee halkanii fi guyyaa+ kadhannaa dhiheessaa, cubbuu sabni Israaʼel si irratti raawwatanis himachaan jira. Anis taʼe manni abbaa kootii cubbuu hojjenneerra.+ 7 Nuti ajajawwan, dambiiwwanii fi heerawwan ati tajaajilaa kee Museedhaaf kennite+ utuu hin eegin hafuudhaan, si irratti wanta hamaa akka raawwanne+ beekamaa dha.

8 “Maaloo, wanta tajaajilaa kee Musee akkana jechuudhaan ajajje* yaadadhu: ‘Amanamoo utuu hin taʼin yoo haftan, ani saboota gidduutti isin nan bittinneessa.+ 9 Gara kootti yoo deebitan, ajajawwan koo yoo eegdanii fi isaaniif yoo ajajamtan garuu, sabni keessan warri bittinnaaʼan hamma andaara samiiwwaniitti yoo fagaatan illee, ani achii walitti isaan qabee+ gara bakka maqaan koo achi akka jiraatuuf filadhetti+ isaan nan fida.’ 10 Isaan tajaajiltoota kee fi saba kee warra ati humna kee isa guddaa fi irree kee isa jabaadhaan furte dha.+ 11 Yaa Yihowaa, maaloo, gurri kee kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessuu fi kadhannaa tajaajiltoonni kee warri maqaa kee sodaachuutti gammadan dhiheessan xiyyeeffannaadhaan haa dhagaʼu; maaloo, harʼa tajaajilaa keetiif milkaaʼina kenni; namichi kunis gara laafina natti haa argisiisu.”+

Yeroo kanatti ani nama mootichaaf dhugaatii dhiheessun ture.+

2 Waggaa 20ffaa+ Arxeksis Mootichaatti,+ jiʼa Niisaanitti* daadhiin wayinii isa dura kaaʼamee ture; anis akkuman duraan gochaa ture daadhii wayinii sana fuudheen mootichaaf kenne.+ Haa taʼu malee, isa duratti matumaa gaddee hin beekun ture. 2 Kanaafuu mootichi, “Ati utuu hin dhukkubsatin akkanatti baayʼee kan gaddite maaliifi? Kun gadda garaa ti malee wanta kan biraa taʼuu hin dandaʼu” naan jedhe. Anis yeroo kanatti baayʼee nan sodaadhe.

3 Achiis mootichaan, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu! Magaalaan abbootiin koo itti awwaalaman diigamtee, karrawwan ishiis ibiddaan gubamanii utuu jiranii+ maaliifan hin gaddu?” nan jedhe. 4 Mootichis, “Maal akkan siif godhu barbaadda?” naan jedhe. Anis yeruma sana Waaqa samii nan kadhadhe.+ 5 Achiis mootichaan, “Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, ani tajaajilaan kees si biratti fudhatama yoon argadhe, deebisee akkan ishii ijaaruuf,+ gara Yihudaatti, jechuunis gara magaalaa abbootiin koo itti awwaalamanitti na ergi” nan jedhe. 6 Achiis mootichi utuma mootittiin isa bira teessee jirtuu, “Adeemsi kee yeroo hammamii fudhata? Yoom deebita?” naan jedhe. Mootichis ana erguutti ni gammade;+ anis yeroo murteessee+ isatti nan hime.

7 Achiis mootichaan akkanan jedhe: “Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, hamman Yihudaa gaʼutti nagaadhaan akka na dabarsaniif xalayaawwan ani bulchitoota naannoo Lagicha* Gamaatiif+ kennu naaf haa kennaman; 8 kana malees, saanqaa karrawwan Dallaa Dhagaa+ Manichaatiif,* dallaawwan magaalattiitiif,+ akkasumas mana ani gara isaa dhaquuf taʼu akka naaf kennu xalayaan ani Asaaf isa eegduu Paarkii* Mootichaa taʼetti kennus naaf haa kennamu.” Harki Waaqa koo inni gaariin anaa wajjin waan tureef,+ mootichi wantoota kana anaaf ni kenne.+

9 Dhuma irrattis gara bulchitoota naannoo Lagicha Gamaa dhufeen xalayaawwan mootichaa isaanitti kenne. Dabalataanis, mootichi ajajjoota raayyaa waraanaa fi abbootii fardeenii anaa wajjin ni erge. 10 Saanbaalaax+ Hooronichii fi Xoobiyaan+ Amoonichi+ inni abbaa taayitaa* taʼe waaʼee kanaa yommuu dhagaʼan, namni saba Israaʼeliif wanta gaarii godhu dhufuu isaatti baayʼee aaran.

11 Dhuma irrattis gara Yerusaalem nan dhufe; guyyaa sadiifis achi nan ture. 12 Anis halkaniin nan kaʼe; namoonni muraasnis anaa wajjin jiru turan; wanta Waaqni koo Yerusaalemiif akkan godhu garaa koo keessa kaaʼe eenyutti iyyuu hin himne; horiin irra taaʼe sana malees horiin kan biraan anaa wajjin hin jiru ture. 13 Anis halkaniin baʼee Karra Sululaa+ keessaan Burqaa Bofa Guddaa fuuldura darbee gara Karra Tuullaa Daaraa+ nan dhaqe; achiis dallaawwan Yerusaalem warra diigamanii fi karrawwan ishii warra ibiddaan gubaman+ sirriitti nan ilaale. 14 Achiin darbees gara Karra Burqaa+ fi gara Bishaan Kuufamaa Mootichaa nan dhaqe; bakka sanas iddoon horiin irra taaʼe sana dabarsuuf gaʼu hin jiru ture. 15 Taʼus halkaniin sululichatti*+ ol baʼee dallicha sirriitti ilaaluu koo ittan fufe; achiis deebiʼee karaa Karra Sululichaatiin ergan seenee booda deebiʼee nan dhufe.

16 Ani Yihudoota, luboota, guguddoota, bulchitoota gad aanoo fi hojjettoota warra kaanitti homaa waan hin dubbanneef, bulchitoonni gad aanoon+ eessa akkan dhaqee fi maal gochaa akkan ture hin beekan turan. 17 Dhuma irrattis, “Haala gaddisiisaa nuti keessa jirru, Yerusaalem diigamtee akka jirtu, karrawwan ishiis ibiddaan akka gubaman ni argitu. Salphinni kun akka itti hin fufneef, kottaa, dallaawwan Yerusaalem deebisnee haa ijaarru” isaaniin nan jedhe. 18 Achiis harki Waaqa koo inni gaariin akka anaa wajjin jiru,+ wanta mootichi natti dubbates+ isaanitti nan hime. Yeroo kanatti isaan, “Kaanee haa ijaarru” naan jedhan. Kanaafuu, isaan hojii gaarii sanaaf of* ni jabeessan.+

19 Saanbaalaax Hooronichi, Xoobiyaan+ Amoonichi+ inni abbaa taayitaa* taʼee fi Geeshem Arabichi+ yommuu kana dhagaʼan nutti qoosuu+ fi nu tuffachuu jalqaban; akkasumas, “Maal gochaa jirtu? Mooticha irratti fincilaa jirtuu?”+ nuun jedhan. 20 Ani garuu, “Milkaaʼina kan nuuf kennu Waaqa samiiwwanii ti;+ nuti tajaajiltoonni isaas kaanee ni ijaarra; isin garuu Yerusaalem keessatti qooda yookiin mirga yookiin yaadannoo* hin qabdan”+ jedheen isaaniif deebise.

3 Eliyaashiib+ inni luba ol aanaa taʼee fi obboloonni isaa warri luboota taʼan Karra Hoolaa+ ijaaruuf kaʼan. Isaanis isa ni qulqulleessan;*+ balbaloota isaas itti hojjetan; hamma Masaraa Meʼaatti,+ hamma Masaraa Hanaanʼelittis+ isa ni qulqulleessan. 2 Isaanitti aansee namoonni Yerikoo+ ijaaraa turan; isaanitti aansee immoo Zaakur ilmi Imrii ijaaraa ture.

3 Ilmaan Hasnaaʼaa Karra Qurxummii+ ni ijaaran; isaan maqaanii isaa ni dhaaban;+ balbaloota isaa, loloosoowwan isaa fi danqaraawwan isaas itti hojjetan. 4 Isaanitti aansee Meremoot+ ilmi Uuriyaa ilmi Haqooz ni haaresse; itti aansee Meshulaam+ ilmi Berekiyaa ilmi Meshezaabel ni haaresse; itti aansee immoo Saadoq ilmi Baʼaanaa ni haaresse. 5 Isaanitti aansees namoonni Teqoohaa+ ni haaressan; namoonni isaanii warri beekamoo taʼan garuu tajaajila gooftolii isaanii irratti hirmaachuuf gad of hin qabne.*

6 Yoyaadaan ilmi Paaseʼaa fi Meshulaam ilmi Beesodiyaa Karra Magaalaa Durii+ ni haaressan; isaan maqaanii isaa ni dhaaban; balbaloota isaa, loloosoowwan isaa fi danqaraawwan isaas itti hojjetan. 7 Isaanitti aansee Melaaxiyaan Gibeʼonichii+ fi Yaadoon Meronotichi warri namoota Gibeʼonii fi Misphaa+ taʼan, akkasumas aangoo bulchaa naannoo Lagicha* Gamaa+ jala* turan ni haaressan. 8 Isaanitti aansee Uuziʼel ilmi Harhaayaa inni warra warqii hojjetan keessaa tokko taʼe ni haaresse; isatti aansee Hanaaniyaan inni warra dibata* qopheessan keessaa tokko taʼe ni haaresse; isaan hamma Dallaa Balʼaatti+ Yerusaalem keessatti dhagaa ni afan. 9 Isaanitti aansee Refaayaan ilmi Huur inni bulchaa walakkaa koonyaa Yerusaalem taʼe ni haaresse. 10 Isaanitti aansee Yedaayaan ilmi Harumaaf isa mana isaa fuuldura jiru ni haaresse; isatti aansee immoo Haxuush ilmi Hashaabneyaa ni haaresse.

11 Maalkiyaan ilmi Hariimii+ fi Hashuub ilmi Paahaat Moʼaab+ kutaa isa kan biraa,* akkasumas Masaraa Iddoo Ibiddaa+ ni haaressan. 12 Isaanitti aansee Shaalum ilmi Haloheesh inni bulchaa walakkaa koonyaa Yerusaalem taʼe ijoollee durbaa isaa wajjin ni haaresse.

13 Hanuunii fi jiraattonni Zaanoʼaa+ Karra Sululaa+ ni haaressan; isaan karricha ijaaranii balbaloota isaa, loloosoowwan isaa fi danqaraawwan isaa itti hojjetan; hamma Karra Tuullaa Daaraattis+ dallicha keessaa dhundhuma* 1,000 ni haaressan. 14 Maalkiyaan ilmi Reekaab inni bulchaa koonyaa Beet Haakereem+ taʼe, Karra Tuullaa Daaraa ni haaresse; karricha ijaarees balbaloota isaa, loloosoowwan isaa fi danqaraawwan isaa itti hojjete.

15 Shaalum ilmi Kolhozee inni bulchaa koonyaa Misphaa+ taʼe Karra Burqaa+ ni haaresse; inni karrichaa fi baaxii isaa ijaaree balbaloota isaa, loloosoowwan isaa fi danqaraawwan isaa itti hojjete; kana malees dallaa Boʼoo Bishaan Kuufamaa+ isa Iddoo Biqiltuu Mootichaa+ biratti argamu, achiis hamma Kortoo+ isa Magaalaa Daawit+ irraa gad buʼuutti ni haaresse.

16 Isatti aansee Nahimiyaan ilmi Azbuuk inni bulchaa walakkaa koonyaa Beet Zuur+ taʼe, Iddoowwan Awwaalchaa Daawit+ fuuldura irraa jalqabee hamma bishaan kuufamaa+ isa ijaaramee turetti, achiis hamma Mana Warra Jajjabootti ni haaresse.

17 Isatti aansee Leewwonni ni haaressan: Rehuum ilmi Baanii ni haaresse; isatti aansee immoo Hashaabiyaan inni bulchaa walakkaa koonyaa Qeyilaa+ taʼe koonyaa isaatiif ni haaresse. 18 Isatti aansee obboloonni isaanii ni haaressan: Baawaay ilmi Henaadaad inni bulchaa walakkaa koonyaa Qeyilaa taʼe ni haaresse.

19 Isatti aansee Ezeer ilmi Yeshuwaa+ inni bulchaa Misphaa taʼe, kutaa isa kan biraa isa karaa Mana Kuusaa Meeshaa Waraanaatti ol baasu fuuldura jiru ni haaresse; manni kun Deggertuu Dallaa+ bira jira ture.

20 Isatti aansee Baaruk ilmi Zaabaay,+ kutaa kan biraa isa Deggertuu Dallaa irraa jalqabee hamma karra mana Eliyaashiib+ isa luba ol aanaa taʼeetti argamu hinaaffaadhaan ni haaresse.

21 Isatti aansee Meremoot+ ilmi Uuriyaa ilmi Haqooz, kutaa kan biraa isa karra mana Eliyaashiib irraa jalqabee hamma dhuma mana Eliyaashiibitti argamu ni haaresse.

22 Isatti aansee luboonni namoota koonyaa Yordaanos*+ taʼan ni haaressan. 23 Isaanitti aansee Biiniyaamii fi Hashuub isa mana isaanii fuuldura jiru ni haaressan. Isaanitti aansee Azaariyaan ilmi Maaʼaaseyaa ilmi Anaaniyaa isa mana isaa bira jiru ni haaresse. 24 Isatti aansee Binuuy ilmi Henaadaad kutaa kan biraa isa mana Azaariyaa irraa jalqabee hamma Deggertuu Dallaatti,+ achiis hamma goleetti argamu ni haaresse.

25 Isatti aansee Paalaal ilmi Uuzaay isa Deggertuu Dallaa fuuldura jiruu fi masaraa Mana Mootichaa+ biratti argamu, jechuunis isa Mooraa Eegdotaa+ keessatti karaa oliitiin argamu ni haaresse. Isatti aansee Pedaayaan ilmi Paarosh+ ni haaresse.

26 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa*+ warri Ofeel+ keessa jiraatan, isa hamma fuuldura Karra Bishaanii+ isa gara bahaatti argamu, akkasumas masaraa isa gara alaatti baʼe ni haaressan.

27 Isaanitti aansee namoonni Teqoohaa,+ kutaa kan biraa isa masaraa guddaa gara alaatti baʼe fuuldura jiru irraa jalqabee hamma dallaa Ofeelitti argamu ni haaressan.

28 Luboonnis Karra Fardaatii+ olitti, tokkoon tokkoon isaanii isa mana isaanii fuuldura jiru ni haaressan.

29 Isaanitti aansee Saadoq+ ilmi Iimer isa mana isaa fuuldura jiru ni haaresse.

Isatti aansee Shemaayaan ilmi Shekaaniyaa inni eegduu Karra Bahaa+ taʼe ni haaresse.

30 Isatti aansee ilma Shelemiyaa kan taʼe Hanaaniyaanii fi ilma jaʼaffaa Zaalaaf kan taʼe Hanuun kutaa isa kan biraa ni haaressan.

Isatti aansee Meshulaam+ ilmi Berekiyaa isa galma isaa fuuldura jiru ni haaresse.

31 Isatti aansee Maalkiyaan inni miseensa waldaa warra warqii hojjetanii taʼe, hamma mana tajaajiltoota mana qulqullummaa*+ fi mana daldaltootaa isa Karra Toʼannaa fuuldura jiruutti, achiis hamma kutaa baaxii irraa isa goleetti ni haaresse.

32 Warri warqii hojjetanii fi daldaltoonni, kutaa baaxii irraa isa golee sanaa fi Karra Hoolaa+ gidduutti argamu ni haaressan.

4 Saanbaalaax+ nuti dallicha deebisnee ijaaraa akka jirru akkuma dhagaʼeen ni aare; akka malee ni mufate;* Yihudootattis ni qoose. 2 Obboloota isaa fi raayyaa waraanaa Samaariyaa duratti akkana jedhe: “Yihudoonni dadhaboo taʼan kun maal gochaa jiru? Isaan kophaa isaanii kana ni raawwatuu? Aarsaawwan ni dhiheessuu? Guyyaa tokkotti ijaaranii ni xumuruu? Dhagoota gubatanii tuullaa daaraa taʼan kana lubbuu itti deebisuu ni dandaʼuu?”+

3 Yeroo kanatti Xoobiyaan+ Amoonichi+ inni isa bira dhaabbatee ture, “Jeedalli illee wanta isaan ijaaraa jiran kana irra utuu baatee dallaa dhagaa isaanii kana ni jigsiti” jedhe.

4 Isaan waan nu tuffataniif+ yaa Waaqa keenya, dhagaʼi; arrabsoo isaaniis mataa isaanii irratti deebisi;+ akka saamaman, boojiʼamaniis gara biyya kan biraatti akka geeffaman godhi. 5 Isaan warra ijaartota taʼan waan arrabsaniif, yakka isaanii hin dhoksin; cubbuun isaaniis si duraa akka haqamu hin godhin.+

6 Kanaafuu, nuti dallicha ijaaruu keenya itti fufne; guutummaan dallichaa wal ni qabate; hamma walakkaa dheerina isaattis deebiʼee ni ijaarame; sabichis garaa isaa guutuudhaan hojicha hojjechuu isaa itti fufe.

7 Saanbaalaax, Xoobiyaan,+ Araboonni,+ Amoononnii fi Ashdoodonni+ hojiin dallaawwan Yerusaalem haaressuuf hojjetamu saffisaa akka jiruu fi gidduun isaanii wal qabachaa akka jiru akkuma dhagaʼaniin baayʼee aaran. 8 Dhufanii Yerusaalemiin waraanuu fi ishii keessatti jeequmsa uumuufis ni mariʼatan. 9 Nuti garuu Waaqa keenya ni kadhanne; eegdota halkanii fi guyyaa isaan irraa nu eeganis ni dhaabbachiisne.

10 Namoonni Yihudaa garuu, “Humni hojjettootaa* laafeera; wanti diigames baayʼee dha; nuti matumaa dallicha ijaaruu hin dandeenyu” jedhu turan.

11 Diinonni keenyas, “Utuu isaan hin beekin yookiin utuu nu hin argin gidduu isaanii seennee isaan ajjeesna; hojichas ni dhaabsisna” jedhu turan.

12 Yihudoonni isaanitti dhihoo jiran yeroo gara keenya dhufan hundumaatti irra deddeebiʼanii,* “Kallattiiwwan hundumaatiin nutti dhufu” nuun jedhu turan.

13 Kanaafuu, iddoo gad buʼaa dallicha duuba jiruu fi diinaaf saaxilametti namoota nan dhaabbachiise; isaanis goraadee, eeboo fi iddaa isaanii qabatanii akka maatii maatii isaaniitti akka dhaabbatan nan godhe. 14 Sodaachuu isaanii yommuun argus, yeruma sana kaʼee guguddoota,+ bulchitoota gad aanoo fi namoota kaaniin, “Isaan hin sodaatinaa.+ Yihowaa isa guddaa fi isa sodaachisaa taʼe+ yaadadhaa; obboloota keessaniif, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa keessaniif, haadhotii manaa keessanii fi manneen keessaniif lolaa” nan jedhe.

15 Diinonni keenyas wanta isaan gochaa jiran akka beeknee fi Waaqni dhugaan karoora isaanii akka fashaleesse dhagaʼan; achiis hundi keenya gara ijaarsa dallichaatti deebine. 16 Guyyaa sanaa jalqabee, namoonni koo walakkaan isaanii hojicha ni hojjetu turan;+ walakkaan isaanii immoo eeboo, gaachanaa fi iddaa qabatanii, akkasumas kootii sibiilaa uffatanii dhaabbatu turan. Bulchitoonnis+ guutummaa mana Yihudaa duuba dhaabbatu turan; 17 guutummaan mana Yihudaa immoo dallicha ijaaraa turan. Warri baʼaa baachaa turan harka isaanii isa tokkoon hojicha hojjechaa, harka isaanii isa kaaniin immoo meeshaa waraanaa* qabatanii turan. 18 Ijaartonnis tokkoon tokkoon isaanii goraadee mudhiitti hidhatanii ijaaru turan; namni xurumbaa* afuufus+ ana bira dhaabbata ture.

19 Achiis ani guguddoota, bulchitoota gad aanoo fi namoota kaaniin akkana nan jedhe: “Hojichi guddaa fi balʼaa dha; nutis dallicha irra wal irraa fagaannee faffacaanee jirra. 20 Isin yommuu sagalee xurumbaa dhageessanitti bakka nuti jirrutti walitti qabamaa. Waaqni keenya nuuf lola.”+

21 Akka kanaan, namoonni walakkaan warri kaan ganama bariidhaa jalqabee hamma urjiin baatutti yeroo eeboo qabatanii jiranitti, nuti hojjechuu keenya itti fufna turre. 22 Yeroo kanatti ani sabichaan, “Tokkoon tokkoon namootaa tajaajilaa isaanii wajjin halkan Yerusaalem keessatti haa dabarsan; isaan halkan nu eegu; guyyaa immoo ni hojjetu” nan jedhe. 23 Anis taʼe obboloonni koo, akkasumas tajaajiltoonni koo+ fi eegdonni warri na duukaa buʼan takkaa illee uffata keenya of irraa hin baasne; tokkoon tokkoon keenyas yeroo hunda meeshaa waraanaa keenya harka keenya mirgaatti qabanna turre.

5 Haa taʼu malee, namoonni sunii fi haadhotiin manaa isaanii, Yihudoota warra obboloota isaanii taʼan irratti iyya guddaa ni dhageessisan.+ 2 Isaan keessaa tokko tokko, “Nuti, ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keenya hedduu dha. Nyaannee lubbuudhaan akka jiraannuuf midhaan argachuu qabna” jedhu turan. 3 Warri kaanis, “Yeroo hanqinni nyaataa uumametti midhaan argachuuf jennee maasii keenya, maasii wayinii keenyaa fi mana keenya qabsiisneerra” jedhu turan. 4 Warri kaan immoo akkana jedhu turan: “Gibira mootichaa kaffaluuf jecha maasii keenyaa fi maasii wayinii keenya qabsiisnee maallaqa liqeeffanneerra.+ 5 Nuti obboloota keenyaa wajjin foon tokkoo fi dhiiga tokko dha;* ijoolleen keenyas akkuma ijoollee isaanii ti; nuti garuu ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa keenya garbummaatti dabarsinee kennuuf dirqamneerra; ijoolleen durbaa keenya tokko tokko amma iyyuu garbummaa jala jiru.+ Taʼus nuti wanta kana dhaabsisuuf humna hin qabnu; sababiin isaas, maasiin keenyaa fi maasiin wayinii keenya kan warra kaanii ti.”

6 Anis iyya isaanii fi wanta isaan jedhan kana yommuun dhagaʼu baayʼeen aare. 7 Kanaafuu, wantoota kana garaa kootti itti nan yaade; achiis guguddootaa fi bulchitoota gad aanoo, “Tokkoon tokkoon keessan obbolootuma keessan irraa dhala fudhachaa* jirtu”+ jedheen ifadhe.

Kana malees, sababii isaaniitiin walgaʼii guddaa tokko nan qopheesse. 8 Achiis, “Nuti hamma nuuf dandaʼametti Yihudoota obboloota keenya taʼan warra sabootatti gurguramanii turan deebisnee binnee turre; maarree, isin amma obbolootuma keessan ni gurgurtuu?+ Isaan deebiʼanii nutti gurguramuu qabuu?” jedheen isaanitti dubbadhe. Yeroo kanatti isaan wanta dubbatan dhabanii callisan. 9 Achiis akkana isaaniin nan jedhe: “Wanti isin gochaa jirtan kun gaarii miti. Saboonni warri diinota keenya taʼan akka nu hin arrabsinetti Waaqa keenya sodaattanii+ deddeebiʼuu hin qabdanii? 10 Ani, obboloonni koo fi tajaajiltoonni koos maallaqaa fi midhaan isaaniif ni liqeessina. Maaloo, dhalaan liqeessuu kana haa dhiisnu.+ 11 Maaloo, maasii isaanii,+ maasii wayinii isaanii, muka ejersaa* isaanii fi mana isaanii, akkasumas maallaqa, midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii harka dhibba keessaa harka tokko* isa dhalaan isaan irraa fudhattan harʼuma isaaniif deebisaa.”

12 Yeroo kanatti isaan, “Wantoota kana isaaniif ni deebisna; wanta tokko illee isaan irraa hin barbaannu. Akkuma ati jette goona” jedhan. Kanaafuu, ani luboota waamee namoonni sun waadaa galan kana akka eegan isaan nan kakachiise. 13 Kana malees, ani dachaa uffata* kootii hurgufee, “Waaqni dhugaan nama waadaa kana hin eegne kam iyyuu akkuma kanatti mana isaa fi dhaala isaa irraa haa hurgufu; inni akkuma kanatti hurgufamee duwwaa haa taʼu” nan jedhe. Yeroo kanatti guutummaan gumichaa, “Ameen!”* jedhe. Isaan Yihowaa ni jajatan; sabichis akkuma waadaa galetti ni raawwate.

14 Kana malees, guyyaa mootichi biyya Yihudaa keessatti bulchaa isaanii+ akkan taʼuuf itti na muude, jedhuunis waggaa 20ffaa+ Arxeksis Mootichaatii+ jalqabee hamma waggaa 32ffaa+ isaatti, waggaa 12f anis taʼe obboloonni koo nyaata bulchaadhaaf kennamu hin nyaanne.+ 15 Bulchitoonni na dura turan garuu, sabicha irratti baʼaa feʼanii turan; akkasumas guyyaa guyyaadhaan daabboo fi daadhii wayiniitiif meetii sheeqilii* 40 isaan irraa ni fudhatu turan. Tajaajiltoonni isaaniis sabicha ni cunqursu turan. Ani garuu Waaqayyoon waanan sodaadhuuf+ akkana hin goone.+

16 Dabalataanis, ani hojii dallaa kanaa irratti hirmaadheera; tajaajiltoonni koo hundis hojichaaf achitti walitti qabamanii turan; nuti maasii tokko illee hin qabnu turre.+ 17 Warra saboota keessaa gara keenya dhufan malees, Yihudoonnii fi bulchitoonni gad aanoon 150ni maaddii koo irraa ni nyaatu turan. 18 Guyyaa guyyaadhaan qotiyyoon tokko, hoolonni filataman jaʼaa fi simbirroonni anaaf* ni qophaaʼu turan; guyyaa kudhanitti al tokko immoo daadhii wayinii akaakuu adda addaa baayʼinaan ni arganna turre. Kana hundumaa keessaa, sabichi baʼaan tajaajila isaa itti ulfaatee waan tureef, ani nyaata bulchaadhaaf kennamu hin gaafanne. 19 Yaa Waaqa koo, wantan saba kanaaf godhe hundumaatiif wanta gaariidhaan na yaadadhu.+

6 Saanbaalaax, Xoobiyaan,+ Geeshem Arabichii+ fi diinonni keenya warri kaan dallicha deebisee akkan ijaaree+ fi bakki wal hin qabannes akka hin jirre yommuu dhagaʼan (hamma yeroo sanaatti ani karrawwan irratti balbaloota kan hin dhaabne taʼus),+ 2 Saanbaalaaxii fi Geeshem yeruma sana, “Kottu, gandeen Dirree Sulula Onoo+ keessatti wal arguuf beellama haa qabannu” jedhanii ergaa natti ergan. Garuu isaan na miidhuuf natti malachaa turan. 3 Kanaafuu, “Ani hojii guddaa hojjechaan jira; gad buʼuu hin dandaʼu. Hojicha dhiisee gara keessan dhufuu kootiin hojichi maaliif dhaabbata?” jedheen ergamtoota gara isaaniitti erge. 4 Ergaa kanas siʼa afur natti ergan; anis siʼa arfanuu deebiidhuma kanan isaaniif kenne.

5 Achiis Saanbaalaax tajaajilaa isaa xalayaa baname harka isaatti qabsiisee siʼa shanaffaadhaaf ergaa kana natti erge. 6 Yaanni akkana jedhu irratti barreeffamee ture: “Atii fi Yihudoonni fincila kaasuuf+ mariʼachaa akka jirtan saboota gidduutti dhagaʼamaa jira; Geeshemis+ kana dubbachaa jira. Dallicha ijaaraa kan jirtan kanumaafi; akka odeeffamaa jiru kanattis ati mootii isaanii ni taata. 7 Kana malees raajota, ‘Yihudaa keessa mootiin jira!’ jedhanii guutummaa Yerusaalem keessatti waaʼee kee labsan muuddeetta. Wantoonni kun immoo mootichatti ni himamu. Kanaafuu, kottuutii wantoota kana irratti waliin haa mariʼannu.”

8 Ani garuu, “Wantoota dubbachaa jirtu keessaa tokko illee hin raawwatamne; wantoota kana yaaduma kee* keessaa baastee dubbachaa jirta” jedheen isaaf deebise. 9 Hundi isaanii, “Harki isaanii hojicha irratti ni laafa; hojichis hin xumuramu” jedhanii yaaduudhaan nu doorsisuuf yaalii godhu turan.+ Yeroo kanatti, harka koo naaf jabeessi+ jedheen kadhadhe.

10 Achiis gara mana Shemaayaa isa ilma Delaayaa, ilma Meheetaabel taʼe sanaa nan dhaqe; yeroo kanatti inni mana isaa keessaa hin baʼu ture. Innis, “Isaan si ajjeesuuf dhufaa waan jiraniif, mana Waaqa dhugaatti, jechuunis mana qulqullummaa keessatti wal arguuf beellama haa qabannu; balbaloota mana qulqullummaas haa cufnu. Isaan si ajjeesuuf halkaniin ni dhufu” naan jedhe. 11 Ani garuu, “Namni akka kootii baqachuu qabaa? Namni akka kootii gara mana qulqullummaatti seenee lubbuudhaan jiraachuu ni dandaʼaa?+ Ani achi keessa hin seenu!” isaan nan jedhe. 12 Anis Waaqayyo akka isa hin ergine, kanaa mannaa, raajii kana ana irratti akka dubbatuuf Xoobiyaanii fi Saanbaalaax+ akka isa bitan nan hubadhe. 13 Isaan na arrabsuuf jecha sababa maqaa koo itti balleessan akka argataniif, inni na doorsisee cubbuu na hojjechiisuuf bitamee ture.

14 Yaa Waaqa koo, wantoota Xoobiyaanii+ fi Saanbaalaax godhan kana, akkasumas Noʼaadiyaa raajittii fi raajota kaan warra yeroo hunda na doorsisuuf yaalan yaadadhu.

15 Akka kanaan, dallichi jiʼa Eluul* keessa guyyaa 25ffaatti, guyyaa 52 keessatti ni xumurame.

16 Diinonni keenya hundi waaʼee kanaa yommuu dhagaʼanii fi guutummaan saboota naannoo keenyaas kana yommuu argan akka malee qaanaʼan;*+ hojiin kun kan hojjetame gargaarsa Waaqa keenyaatiin akka taʼes ni hubatan. 17 Bara sanatti guguddoonni+ Yihudaa Xoobiyaadhaaf xalayaawwan hedduu ni ergu turan; Xoobiyaanis isaaniif deebii ni kenna ture. 18 Inni intala Shekaaniyaa ilma Araa+ fuudhee waan tureef, ilmi isaa Yehohaanaan immoo intala Meshulaam+ ilma Berekiyaa fuudhee waan tureef, namoonni Yihudaa hedduun amanamummaadhaan isa deggeruuf isaaf kakatanii turan. 19 Kana malees, isaan yeroo hunda waaʼee isaa wanta gaarii natti himu turan; wanta ani jedhe immoo isatti himu turan. Xoobiyaanis na doorsisuuf+ xalayaawwan natti erga ture.

7 Dallichi akkuma ijaarameen+ balbaloota isaa+ itti nan dhaabe; achiis karra eegdonni,+ faarfattoonnii+ fi Leewwonni+ ni muudaman. 2 Sana booda ani Hanaanii+ isa obboleessa koo taʼee fi Hanaaniyaa isa ajajaa Dallaa Dhagaa+ taʼe Yerusaalem irratti nan muude; sababiin isaas, Hanaaniyaan namoota kaan hundumaa caalaa nama baayʼee amanamaa taʼee fi Waaqa dhugaa sodaatu+ ture. 3 Anis akkana isaaniin nan jedhe: “Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban; eegdonni yommuu dhaabbatanii eeganittis balbaloota sana cufuu fi danqaruu qabu. Jiraattonni Yerusaalem muraasni isaanii bakka isaaniif ramadame akka eegan, warri kaan immoo mana isaanii fuuldura akka eegan ramadaa.” 4 Magaalattiin balʼoo fi guddoo yeroo taatu, ishii keessa kan jiraatanis namoota muraasa dha;+ manneen ishii keessa jiranis deebiʼanii hin ijaaramne turan.

5 Haa taʼu malee, guguddoota, bulchitoota gad aanoo fi sabicha akkan walitti qabuu fi akka hidda dhalootaa isaaniitti+ akka galmeeffaman akkan godhu Waaqni koo yaada kana garaa koo keessa ni kaaʼe. Achiis kitaaba galmee hidda dhalootaa warra jalqaba dhufanii qabate nan argadhe; yaanni akkana jedhus achi irratti barreeffamee nan arge:

6 Kanneen kun jiraattota koonyaa sanaa warra boojuudhaa deebiʼan, warra Nebukadnezaar+ mootiin Baabilon boojiʼee fudhatee turee+ fi booda immoo gara Yerusaalemii fi Yihudaatti, gara magaalaa magaalaa isaaniitti deebiʼan turan;+  7 isaan Zarubaabel,+ Yeshuwaa,+ Nahimiyaa, Azaariyaa, Raaʼaamiyaa, Naahaamaanii, Mordekaay, Bilshaan, Misphereet, Bigwaay, Nehuumii fi Baʼaanaa wajjin dhufan.

Lakkoofsi dhiirota Israaʼel kanneen kana kan dabalatu ture:+ 8 ilmaan Paarosh 2,172; 9 ilmaan Shefaatiyaa 372; 10 ilmaan Araa+ 652; 11 ilmaan Yeshuwaa fi ilmaan Yoʼaab+ keessaa, ilmaan Paahaat Moʼaab+ 2,818; 12 ilmaan Eelaam+ 1,254; 13 ilmaan Zaatuu 845; 14 ilmaan Zaakaay 760; 15 ilmaan Binuuy 648; 16 ilmaan Bebaay 628; 17 ilmaan Azgaad 2,322; 18 ilmaan Adoniqaam 667; 19 ilmaan Bigwaay 2,067; 20 ilmaan Adiin 655; 21 mana Hisqiyaas keessaa ilmaan Ateer 98; 22 ilmaan Hashuum 328; 23 ilmaan Bezaay 324; 24 ilmaan Hariif 112; 25 ilmaan Gibeʼon+ 95; 26 namoonni Beetaliheemii fi Netoofaa 188; 27 namoonni Anaatot+ 128; 28 namoonni Beet Azmaawet 42; 29 namoonni Qiriyaat Yeʼariim,+ Kefiiraa fi Beʼeerot+ 743; 30 namoonni Raamaa fi Geebaa+ 621; 31 namoonni Mikmaas+ 122; 32 namoonni Beetelii+ fi Aay+ 123; 33 namoonni Neboo isa kan biraa 52; 34 ilmaan Eelaam isa kan biraa 1,254; 35 ilmaan Hariim 320; 36 ilmaan Yerikoo 345; 37 ilmaan Lood, ilmaan Hadiidii fi ilmaan Onoo+ 721; 38 ilmaan Senaaʼaa 3,930.

39 Luboota:+ mana Yeshuwaa keessaa ilmaan Yedaayaa 973; 40 ilmaan Iimer 1,052; 41 ilmaan Paashuur+ 1,247; 42 ilmaan Hariim+ 1,017.

43 Leewwota:+ mana Qaadmiʼel+ keessaa, ilmaan Hodewaa keessaa ilmaan Yeshuwaa 74. 44 Faarfattoota:+ ilmaan Asaaf+ 148. 45 Karra eegdota:+ ilmaan Shaalum, ilmaan Ateer, ilmaan Taalmoon, ilmaan Aquub,+ ilmaan Haxiixaa fi ilmaan Shobaay 138.

46 Tajaajiltoota mana qulqullummaa:*+ ilmaan Zihaa, ilmaan Hasuufaa, ilmaan Taabaaʼot, 47 ilmaan Qeeros, ilmaan Siʼaa, ilmaan Paadoon, 48 ilmaan Lebaanaa, ilmaan Hagaabaa, ilmaan Saalmaay, 49 ilmaan Haanaan, ilmaan Gideel, ilmaan Gaahaar, 50 ilmaan Reʼaayaa, ilmaan Reezin, ilmaan Neqodaa, 51 ilmaan Gaazaam, ilmaan Uuzaa, ilmaan Paaseʼaa, 52 ilmaan Beesaay, ilmaan Meʼuniim, ilmaan Nefushesiim, 53 ilmaan Baaqbuq, ilmaan Haqufaa, ilmaan Harhuur, 54 ilmaan Baasliit, ilmaan Mehiidaa, ilmaan Harshaa, 55 ilmaan Baarqos, ilmaan Siseeraa, ilmaan Temaa, 56 ilmaan Neeziyaa fi ilmaan Haxiifaa.

57 Ilmaan tajaajiltoota Solomoon:+ ilmaan Sootaay, ilmaan Sofereet, ilmaan Periidaa, 58 ilmaan Yaaʼaalaa, ilmaan Daarqon, ilmaan Gideel, 59 ilmaan Shefaatiyaa, ilmaan Haxiil, ilmaan Pokehereet Hazebaayimii fi ilmaan Amoon. 60 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa*+ fi ilmaan tajaajiloota Solomoon hundi 392 turan.

61 Warri kanaa gaditti ibsaman Teel Melaa, Teel Harshaa, Keruub, Adoonii fi Iimer irraa kan dhufan taʼus, isaan Israaʼelota taʼuu fi dhiisuu isaanii+ ilaalchisee manneen abbootii isaanii fi sanyii isaanii sirriitti beekuu hin dandeenye: 62 ilmaan Delaayaa, ilmaan Xoobiyaa fi ilmaan Neqodaa 642. 63 Luboota keessaa: ilmaan Habaayaa, ilmaan Haqoozii+ fi ilmaan Baarzilaay isa ijoollee durbaa Baarzilaay+ Giiliyaadichaa keessaa ishii takka fuudhee fi maqaa soddaa isaatiin waamame sanaa. 64 Kanneen kun, hidda dhalootaa isaanii mirkaneeffachuuf galmee keessaa kan barbaadan taʼus, isaan argamuu waan hin dandeenyeef hojii lubummaa irraa ni ittifaman.*+ 65 Bulchaan*+ sunis lubni Uuriimii fi Tuumiimiidhaan+ gorsa gaafatu hamma argamutti wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼan+ irraa nyaachuu akka hin qabne isaanitti hime.

66 Lakkoofsi guutummaa gumichaa walumaa galatti 42,360 ture;+ 67 kunis, dhiirotaa fi dubartoota garboota+ taʼan 7,337 hin dabalatu ture; kana malees, isaan dhiirotaa fi dubartoota faarfattoota+ taʼan 245 qabu turan. 68 Fardeen isaanii 736, gaangoliin isaanii 245, 69 gaalonni isaanii 435, harroonni isaanii immoo 6,720 turan.

70 Dura buutonni manneen abbootii tokko tokko hojichaaf buusii ni godhan.+ Bulchaan* sun warqii diraakmaa* 1,000, saaniiwwan golboo 50 fi uffata lubootaa+ 530 mana qabeenyaatiif ni kenne. 71 Dura buutota manneen abbootii keessaa tokko tokkos, warqii diraakmaa 20,000 fi meetii miinaa* 2,200 mana qabeenyaa hojichaatiif ni kennan. 72 Namoonni hafan kaan immoo warqii diraakmaa 20,000, meetii miinaa 2,000 fi uffata lubootaa 67 ni kennan.

73 Luboonni, Leewwonni, karra eegdonni, faarfattoonni,+ sabicha keessaa namoonni muraasni, tajaajiltoonni mana qulqullummaa* fi Israaʼelonni kaan hundi* magaalota isaanii+ keessa jiraatan. Jiini torbaffaan yeroo gaʼettis+ Israaʼelonni magaalota isaanii keessa jiraachaa turan.+

8 Yeroo kanatti namoonni hundi tokko taʼanii addabaabayii Karra Bishaanii+ fuuldura jirutti walitti qabaman; achiis Izraan+ inni garagalchituu* taʼe kitaaba Seera Musee+ isa ajaja Yihowaan Israaʼeliif kenne+ qabate akka isaaniif fidu isa gaafatan. 2 Kanaafuu, Izraan lubichi jiʼa torbaffaa keessaa guyyaa isa tokkoffaatti+ Seericha gumii dhiirota, dubartootaa fi warra dhagaʼanii hubachuu dandaʼan of keessatti qabate duratti dhiheesse.+ 3 Innis addabaabayii isa Karra Bishaanii fuuldura jiru duratti ganama bariidhaa jalqabee hamma guyyaa walakkaatti dhiirotaaf, dubartootaa fi warra hubachuu dandaʼan hundumaatiif sagalee isaa ol kaasee achi irraa ni dubbise;+ uummatichis kitaaba Seerichaa xiyyeeffannaadhaan ni dhaggeeffate.+ 4 Izraan inni garagalchituu* taʼe, waltajjii mukaa isa yeroo kanaaf hojjetame irra dhaabbatee ture; Maataatiyaan, Sheemaan, Anaayaan, Uuriyaan, Hilqiyaanii fi Maaʼaaseyaan karaa mirga isaa isa bira dhaabbatanii kan turan yeroo taʼu, Pedaayaan, Mishaaʼel, Maalkiyaan,+ Hashuum, Hash Baadaanaan, Zakkaariyaasii fi Meshulaam immoo karaa bitaa isaa isa bira dhaabbatanii turan.

5 Izraan guutummaa sabichaatii olitti dhaabbaatee waan tureef, namoota sana hundumaa duratti kitaabicha ni bane. Yeroo inni kitaabicha banuttis, namoonni sun hundi kaʼanii dhaabbatan. 6 Achiis Izraan Yihowaa Waaqa dhugaa isa guddaa taʼe ni jajate; yeroo kanatti namoonni hundi, “Ameen!* Ameen!”+ jedhanii deebisan; achiis harka isaanii ol kaasan. Sana booda gad jedhanii adda isaaniitiin gombifamanii Yihowaadhaaf ni sagadan. 7 Namoonni sun utuma dhaabbatanii jiranii, Yeshuwaan, Baaniin, Sherebiyaan,+ Yaamiin, Aquub, Shaabetaay, Hodiyaan, Maaʼaaseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad,+ Haanaanii fi Pelaayaan warri Leewwota taʼan namoota sanaaf Seericha ni ibsu turan.+ 8 Isaanis kitaabicha irraa, jechuunis Seera Waaqa dhugaa irraa sagalee isaanii ol kaasanii dubbisuudhaan, karaa ifa taʼeen isaaniif ni ibsu, akkasumas hiika wanta dubbifame sanaa ifa isaaniif godhu turan; akka kanaan, isaan wanta dubbifame akka hubatan namoota sana ni gargaaran.+

9 Nahimiyaan inni yeroo sanatti bulchaa* ture, Izraan+ lubichi inni garagalchituu* taʼee fi Leewwonni warri sabicha barsiisan guutummaa sabichaatiin, “Guyyaan kun Waaqa keessan Yihowaadhaaf qulqulluu dha.+ Hin gaddinaa yookiin hin booʼinaa” jedhan. Akkana kan jedhan namoonni sun hundi dubbii Seerichaa yeroo dhagaʼanitti booʼaa waan turaniifi. 10 Innis, “Guyyaan kun Gooftaa keenyaaf qulqulluu waan taʼeef, dhaqaa, wantoota filatamoo* nyaadhaa; wanta miʼaawaa dhugaa; warra wanta qophaaʼe hin qabneefis nyaata ergaa;+ gammachuun Yihowaa dahoo* keessan waan taʼeef hin gaddinaa” isaaniin jedhe. 11 Leewwonnis, “Guyyaan kun qulqulluu waan taʼeef, calluma jedhaa, hin gaddinaa” jedhanii guutummaa sabichaa ni tasgabbeessu turan. 12 Guutummaan sabichaas wanta isatti himame waan hubateef,+ nyaachuuf, dhuguuf, warra kaaniif nyaata erguu fi baayʼee gammaduuf+ ni deeme.

13 Guyyaa lammaffaattis dura buutonni manneen abbootii guutummaa sabichaa, luboonnii fi Leewwonni dubbii Seerichaa ilaalchisee hubannaa dabalataa argachuuf, Izraa isa garagalchituu* taʼe biratti walitti qabaman. 14 Isaanis Seera Yihowaan karaa Musee ajaje keessatti, yaanni Israaʼelonni tibba ayyaana isa jiʼa torbaffaatti kabajamuutti daasii* keessa taaʼuu akka qaban ibsu barreeffamee argatan;+ 15 kana malees yaanni, “Akka Seerichi ajajutti, daasiiwwan hojjechuuf gara naannoo gaarotaa dhaqaatii mukeetii ejersaa, mukeetii gaattiraa, mukeetii hadaasii* fi mukeetii meexxii irraa, akkasumas mukeetii kan biroo irraa dameewwan baala qaban fidaa” jedhanii guutummaa magaalota isaaniitti, akkasumas guutummaa Yerusaalemitti labsii akka labsanii+ fi beeksisa akka himan ibsu barreeffamee argatan.

16 Kanaafuu, namoonni sun dhaqanii tokkoon tokkoon isaanii baaxii isaanii irratti, mooraawwan isaanii keessatti, mooraawwan mana Waaqa dhugaa+ keessatti, addabaabayii Karra Bishaanii+ keessattii fi addabaabayii Karra Efreem+ keessatti ofii isaaniitiif daasiiwwan hojjechuuf wantoota kana ni fidan. 17 Akka kanaan guutummaan gumii warra boojuudhaa deebiʼan qabate daasiiwwan hojjetee daasiiwwan sana keessa ni taaʼe; Israaʼelonni bara Iyyaasuu+ ilma Nuunii jalqabee hamma guyyaa sanaatti ayyaanicha akkanatti kabajanii waan hin beekneef gammachuu guddaatu taʼe.+ 18 Guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa dhumaattis, guyyaa guyyaadhaan kitaaba Seera Waaqa dhugaa+ irraa ni dubbifama ture. Isaanis guyyaa torbaaf ayyaanicha ni kabajan; akkuma Seerichi ajajuttis guyyaa saddeettaffaatti walgaʼii qulqulluun ni godhame.+

9 Jiʼa kana keessaa guyyaa 24ffaatti, Israaʼelonni walitti ni qabaman; isaan uffata gaddaa uffatanii, awwaaras of irratti firfirsanii soomaa turan.+ 2 Yeroo kanatti warri sanyii Israaʼel taʼan namoota biyya ormaa hundumaa irraa adda of baasan;+ achiis dhaabbatanii cubbuu ofii isaanii fi balleessaa abbootii isaanii himatan.+ 3 Sana booda bakkuma jiran dhaabbatanii kutaa arfan guyyichaa keessaa isa tokkotti* kitaaba Seera+ Waaqa isaanii Yihowaa irraa sagalee isaanii ol kaasanii dubbisu turan; kutaa arfan guyyichaa keessaa kutaa isa kan biraatti immoo Waaqa isaanii Yihowaadhaaf cubbuu isaanii ni himatu, akkasumas isaaf ni sagadu turan.

4 Yeshuwaan, Baaniin, Qaadmiʼel, Shebaaniyaan, Buniin, Sherebiyaan,+ Baanii fi Kenaaniin waltajjii Leewwotaa isa ol kaʼaa irra dhaabbatanii+ sagalee isaanii ol kaasanii gara Waaqa isaanii Yihowaatti ni iyyan. 5 Achiis Yeshuwaan, Qaadmiʼel, Baaniin, Hashaabneyaan, Sherebiyaan, Hodiyaan, Shebaaniyaanii fi Petaahiyaan warri Leewwota taʼan akkana jedhan: “Kaʼaatii Waaqa keessan Yihowaa baraa hamma bara baraatti jajadhaa.+ Isaan maqaa kee isa ulfina qabeessa, isa eebbaa fi galata hundumaa irraa ol taʼe haa jajatan.

6 “Ati kophaa kee Yihowaa dha;+ ati samiiwwan, eeyyee, samii samiiwwanii fi raayyaa isaanii hundumaa, lafaa fi wanta ishii irra jiru hundumaa, akkasumas galaanotaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa uumteetta. Hundi isaanii akka jiraatan gooteetta; raayyaan samiis siif ni sagadu. 7 Ati Waaqa dhugaa kan taate Yihowaa dha; ati Abraamiin+ filattee Uur+ ishii biyya Kaladootaa keessaa isa baastee maqaa Abrahaam+ jedhu isaaf kenniteetta. 8 Garaan isaa si duratti amanamaa taʼuu isaa argitee,+ biyya Kanaʼaanotaa, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Yebuusotaa fi biyya Girgaashotaa isaaf, jechuunis sanyii isaatiif kennuuf isaa wajjin kakuu galteetta;+ ati qajeelaa waan taateefis waadaa galte eegdeetta.

9 “Kanaafuu, ati gadadoo Gibxii keessatti abbootii keenya irra gaʼe argiteetta;+ iyya isaan Galaana Diimaatti dhageessisanis dhageesseetta. 10 Atis gocha of tuulummaa+ isaan irratti raawwachuu isaanii beektee, Faraʼoon irratti, tajaajiltoota isaa hundumaa irrattii fi namoota biyya isaa hundumaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan raawwatteetta.+ Ofii keetiifis maqaa hamma harʼaatti beekamaa taʼe qabaatteetta.+ 11 Ati isaan galaanicha keessa lafa gogaa irra akka ceʼaniif,+ galaanicha isaan duratti gargar hirteetta; warra isaan ariʼaa turanis akkuma dhagaa galaana jeeqamaa keessatti gatameetti gara iddoo gad fagootti darbatteetta.+ 12 Ati guyyaa utubaa duumessaatiin isaan geggeessiteetta; halkan immoo karaa isaan irra deeman isaaniif ibsuuf jettee, utubaa ibiddaatiin isaan geggeessiteetta.+ 13 Gaara Siinaa irratti gad buutee+ samii irraa isaanitti ni dubbatte;+ akkasumas murtiiwwan qajeeloo, seerawwan dhugaa,* dambiiwwanii fi ajajawwan gaggaarii isaaniif ni kennite.+ 14 Sanbata+ kee isa qulqulluu isaanitti ni beeksiste; karaa tajaajilaa kee Musees ajajawwan, dambiiwwanii fi seera isaaniif ni kennite. 15 Yeroo isaan beelaʼanitti samii irraa nyaata isaaniif ni kennite;+ yeroo dheebotanittis kattaa keessaa bishaan isaaniif ni baaste;+ biyya isaaniif kennuuf isaaniif kakatte* sanatti galanii akka dhaalanis isaanitti ni himte.

16 “Isaan, jechuunis abbootiin keenya garuu gocha of tuulummaa ni raawwatan;+ mata jabeeyyii ni taʼan;*+ ajajawwan kees hin dhaggeeffanne. 17 Isaan dhaggeeffachuu ni didan;+ gochawwan kee warra dinqisiisoo isaan gidduutti raawwattes hin yaadanne; kanaa mannaa mata jabeeyyii taʼan;* gara garbummaa isaanii isa Gibxii keessaatti deebiʼuufis geggeessaa ni muudan.+ Ati garuu Waaqa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe,* gara laafessa,* araara qabeessa, aariidhaaf hin ariifannee fi jaalala amanamaa hedduu qabu+ waan taateef, isaan hin dhiisne.+ 18 Yommuu isaan siidaa jabbii sibiilaa* ofii isaaniitiif hojjetanii, ‘Kun Waaqa kee isa Gibxii keessaa si baase dha’+ jechuudhaan gocha tuffii guddaa argisiisu raawwatanitti illee, 19 ati yeroo sanatti illee, gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼe lafa onaa keessatti isaan hin dhiisne.+ Utubaan duumessaa karaa isaanii irratti isaan geggeessu guyyaa isaan irraa hin deemne; utubaan ibiddaa karaa isaan irra deeman isaaniif ibsus halkan isaan irraa hin deemne.+ 20 Hubannaa akka argataniif hafuura kee isa gaarii isaaniif ni kennite;+ ati mannaa isaan hin dhowwanne;+ yeroo isaan dheebotanittis bishaan isaaniif kennite.+ 21 Lafa onaa keessatti waggaa 40f nyaata isaaniif kennite.+ Wanta dhabanis hin qaban. Uffanni isaanii hin dhumne;+ miilli isaaniis hin dhiitofne.

22 “Ati mootummootaa fi saboota hihirtee isaaniif kennite;+ isaanis biyya mootii Heshboon+ kan taʼe biyya Sihoon,+ akkasumas biyya mootii Baashaan kan taʼe biyya Oog+ ni dhaalan. 23 Ilmaan isaaniis akka urjiilee samiitti hedduu akka taʼan ni goote.+ Achiis gara biyya abbootiin isaanii galanii akka dhaalan waadaa galtetti isaan fidde.+ 24 Kanaafuu, ilmaan isaanii galanii biyyattii dhaalan;+ atis Kanaʼaanonni warri jiraattota biyyattii taʼan isaan duratti akka moʼaman ni goote;+ akkasumas wanta barbaadan akka isaan irratti raawwataniif mootota isaanii fi saboota biyyattii harka isaaniitti dabarsitee ni kennite. 25 Isaan magaalota dallaa dhagaa qabanii+ fi lafa gabbataa+ ni qabatan; manneen wantoota gaggaarii akaakuu adda addaatiin guutaman, boollawwan bishaanii qotaman, maasiiwwan wayinii, mukeetii ejersaa,+ akkasumas mukeetii firii godhatan baayʼinaan ni dhaalan. Kanaafuu, isaan nyaatanii quufanii ni gabbatan; gaarummaa kee isa guddaattis baayʼee gammadan.

26 “Haa taʼu malee, isaan siif ajajamuu didan; si irratti fincila kaasan;+ Seera kee irrattis dugda isaanii ni garagalchan.* Raajota kee warra gara keetti akka deebiʼan isaan akeekkachiisaa turan ni ajjeesan; gochawwan tuffii guddaa argisiisanis ni raawwatan.+ 27 Kanaan kan kaʼes, ati harka diinota isaanii warra isaan dhiphisanitti dabarsitee isaan kennite.+ Isaan yeroo dhiphatanitti garuu gara keetti ni iyyatan;+ atis samii keessaa isaan ni dhageesse; gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼes, warra harka diinota isaanii jalaa isaan oolchan isaaniif ni kennite.+

28 “Isaan garuu akkuma boqonnaa argataniin, ammas wanta si duratti hamaa taʼe ni raawwatan;+ atis harka diinota isaanii warra isaan cunqursanitti* dabarsitee isaan kennite.+ Achiis isaan deebiʼanii gargaarsaaf si waammatan;+ atis samii keessa taatee isaan ni dhageesse; gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼes yeroo baayʼee isaan ni oolchite.+ 29 Ati gara Seera keetti isaan deebisuuf irra deddeebitee kan isaan akeekkachiiste taʼus, isaan garuu of tuultota taʼan; ajajawwan kees dhagaʼuu ni didan;+ dambiiwwan kee warra namni tokko yoo isaan eege lubbuudhaan ittiin jiraatu+ sana irrattis cubbuu ni raawwatan. Isaan mata jabinaan dugda isaanii sitti ni garagalchan; boqu jabeeyyii taʼan; dhaggeeffachuus ni didan. 30 Atis waggoota hedduudhaaf obsa isaanitti argisiiste;+ karaa raajota kees hafuura keetiin yeroo baayʼee isaan ni akeekkachiiste; isaan garuu dhaggeeffachuu ni didan. Dhuma irrattis ati harka saboota biyyoota sanaatti dabarsitee isaan kennite.+ 31 Ati Waaqa gara laafessaa* fi araara qabeessa+ waan taateef, gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼe haxooftee isaan hin balleessine+ yookiin isaan hin dhiisne.

32 “Ammas Waaqa guddaa, humna qabeessaa fi sodaachisaa kan taate yaa Waaqa keenya, ati kakuu kee kan eegduu fi jaalala amanamaa kan argisiistu dha;+ rakkina bara mootota Asoorii+ jalqabee hamma harʼaatti nu irra, mootota keenya irra, bulchitoota keenya+ irra, luboota keenya+ irra, raajota keenya+ irra, abbootii keenyaa fi guutummaa saba keetii irra gaʼaa jiru hundumaa akka laayyootti hin ilaalin. 33 Wanta nutti dhufe hundumaatiin ati qajeelaa dha; sababiin isaas ati amanamaa dha; gocha hamaa kan raawwate nu dha.+ 34 Mootonni keenya, bulchitoonni keenya, luboonni keenyaa fi abbootiin keenya Seera kee hin eegne; ajajawwan kee yookiin yaadachiisawwan* kee warra ati ittiin isaan akeekkachiisteefis xiyyeeffannaa hin kennine. 35 Yommuu isaan mootummaa isaanii keessa turanitti, yommuu gaarummaa hedduu ati isaaniif kenniteen gammadanitti, akkasumas yommuu biyya balʼaa fi gabbataa ati isaaniif kennite keessa jiraatanitti illee si hin tajaajille;+ gocha isaanii isa hamaa irraas hin deebine. 36 Kanaafuu, kunoo nuti harʼa garboota taaneerra;+ eeyyee, biyya abbootiin keenya firii ishii fi wantoota gaggaarii ishii keessa jiran akka nyaataniif isaaniif kennite keessatti garboota taaneerra. 37 Oomishni hedduun ishiin kennitu mootota warra sababii cubbuu keenyaatiin ati nu irratti muuddeef taʼaa jira.+ Isaan akka barbaadanitti qaama keenyaa fi horiiwwan keenya irratti ajajaa jiru; nutis dhiphina guddaa keessa jirra.

38 “Kana hundumaatiin kan kaʼe, waliigaltee cimaa barreeffamaan kaaʼame ni goona;+ walii galteen kunis chaappaa bulchitoota keenyaa, Leewwota keenyaa fi luboota keenyaatiin kan raggaasifame ni taʼa.”+

10 Warri waliigaltee sana irratti chaappaa isaanii kaaʼuudhaan+ raggaasisan kanneen kana turan:

Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa isa bulchaa* taʼe,

Akkasumas Zedeeqiyaa, 2 Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas, 3 Paashuur, Amaariyaa, Maalkiyaa, 4 Haxuush, Shebaaniyaa, Maaluuk, 5 Hariim,+ Meremoot, Obaadiyaa, 6 Daani’el,+ Ginetoon, Baaruk, 7 Meshulaam, Abiyaa, Miyaamiin, 8 Maaʼaaziyaa, Bilgaayii fi Shemaayaa; kanneen kun luboota dha.

9 Leewwota: Yeshuwaa ilma Azaaniyaa, Ilmaan Henaadaad keessaa tokko kan taʼe Binuuy, Qaadmiʼel,+ 10 akkasumas obboloota isaanii Shebaaniyaa, Hodiyaa, Qeliixaa, Pelaayaa, Haanaan, 11 Miikaa, Rehoob, Hashaabiyaa, 12 Zaakur, Sherebiyaa,+ Shebaaniyaa, 13 Hodiyaa, Baanii fi Beeninuu.

14 Dura buutota sabichaa: Paarosh, Paahaat Moʼaab,+ Eelaam, Zaatuu, Baanii, 15 Bunii, Azgaad, Bebaay, 16 Adoniyaa, Bigwaay, Adiin, 17 Ateer, Hisqiyaas, Azuur, 18 Hodiyaa, Hashuum, Bezaay, 19 Hariif, Anaatot, Nebaay, 20 Maagpiyaash, Meshulaam, Heziir, 21 Meshezaabel, Saadoq, Yaaduwaa, 22 Pelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa, 23 Hosheʼaa, Hanaaniyaa, Hashuub, 24 Haloheesh, Pilhaa, Shobeeq, 25 Rehuum, Hashaabnaa, Maaʼaaseyaa, 26 Ahiyaa, Haanaan, Anaan, 27 Maaluuk, Hariimii fi Baʼaanaa.

28 Namoonni kaan, jechuunis luboonni, Leewwonni, karra eegdonni, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaa* fi warri Seera Waaqa dhugaa+ hordofuuf saboota biyyattii irraa adda of baasan, haadhotii manaa isaanii, ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii dabalate warri beekumsaa fi hubannaa qaban hundi,* 29 obboloota isaanii, jechuunis namoota isaanii warra beekamoo wajjin taʼuudhaan, akka Seera Waaqa dhugaa isa karaa Musee isa tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe kenname sanaatti deddeebiʼuuf, ajajawwan Gooftaa keenya Yihowaa, murtiiwwan isaa fi dambiiwwan isaa hundumaa of eeggannoodhaan eeguuf abaarsaa fi kakaadhaan dirqama keessa of galchan. 30 Isaanis akkana jedhanii kakatan: “Nuti ijoollee durbaa keenya saboota biyyattiitiif hin kenninu; ijoollee durbaa isaaniis ijoollee dhiiraa keenyaaf hin fudhannu.+

31 “Saboonni biyyattii shaqaxa isaanii fi midhaan akkamii iyyuu guyyaa Sanbataatti gurguruuf yoo fidan, nuti guyyaa Sanbataatti yookiin guyyaa qulqulluu+ taʼetti homaa isaan irraa hin binnu.+ Oomisha waggaa torbaffaa+ hin sassaabbannu; liqii nama irraa qabnu hundumaas ni dhiisna.+

32 “Kana malees, tajaajila mana* Waaqa keenyaatiif waggaa waggaadhaan tokkoon tokkoon keenya sheeqilii* harka sadii keessaa harka tokko kennuuf dirqama keessa of ni galchina;+ 33 kunis daabboo wal irra tuulamuuf,*+ aarsaa midhaanii isa yeroo hundumaa dhihaatuuf,+ aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa guyyoota Sanbataattii+ fi baatiiwwan haaraatti+ dhihaatuuf, tibba affeerraatiif,+ wantoota qulqulluudhaaf, aarsaawwan cubbuu+ warra Israaʼeliif araara argamsiisuuf dhihaatanii fi hojii mana Waaqa keenyaa hundumaatiif ni taʼa.

34 “Kana malees akka Seericha keessatti barreeffametti qoraan luboonni, Leewwonnii fi sabichi akka manneen abbootii keenyaatti yeroo murteeffametti, jechuunis waggaa waggaatti iddoo aarsaa Waaqa keenya Yihowaa irratti bobeessuuf gara mana Waaqa keenyaatti fiduu qaban ilaalchisee carraa ni buufanna.+ 35 Firii lafa keenyaa isa jalqaba bilchaatee fi firiiwwan mukeetii firii godhatan hundumaa keessaa isa jalqaba bilchaate waggaa waggaadhaan gara mana Yihowaatti ni fidna;+ 36 akkasumas akka Seericha irratti barreeffametti, ilmaan keenya, horii keenya,+ loon keenyaa fi bushaayee* keenya keessaa warra angafaa ni fidna. Nuti gara mana Waaqa keenyaatti, gara luboota warra mana Waaqa keenyaatti tajaajilaniitti isaan ni fidna.+ 37 Kana malees, firii jalqabaa midhaan+ daakamaa keenyaa, buusiiwwan keenya, firii mukaa+ akaakuu hundumaa, daadhii wayinii haaraa fi zayitii+ gara lubootaatti, gara kutaawwan mana kuusaa* mana Waaqa keenyaatti+ ni fidna; akkasumas Leewwonni warra magaalota qonnaa keenya hundumaa irraa kudhan keessaa tokko* fudhatan waan taʼaniif, oomisha lafa keenyaa irraa Leewwotaaf kudhan keessaa tokko ni kennina.+

38 “Yommuu Leewwonni kudhan keessaa tokko fudhatan, lubichi ilmi Aaron Leewwotaa wajjin taʼuu qaba; Leewwonni immoo kudhan keessaa tokko isa argatan keessaa, kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaatti,+ gara kutaawwan mana kuusaatti* geessuu qabu. 39 Israaʼelonnii fi ilmaan Leewwotaa buusiiwwan+ midhaanii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii gara kutaawwan mana kuusaa* kanaatti fiduu qabu;+ miʼawwan iddoo qulqulluu achi ni kaaʼamu; luboonni warri tajaajilan, karra eegdonnii fi faarfattoonnis achitti ni argamu. Nutis mana Waaqa keenyaa hin dagannu.”+

11 Yeroo kanatti bulchitoonni sabichaa Yerusaalem keessa jiraatu turan;+ namoonni kaan garuu namoota kudhan keessaa namni tokko achi keessa akka jiraatuuf gara Yerusaalem ishii magaalaa qulqulluu taatetti fiduuf, akkasumas warri hafan salgan kaan immoo magaalota kaan keessa akka jiraataniif carraa ni buufatan.+ 2 Sabichis namoota Yerusaalem keessa jiraachuuf fedhii qaban hundumaa ni eebbise.

3 Dura buutonni koonyaa warri Yerusaalem keessa jiraatan kanneen kana turan. (Israaʼelonni kaan, luboonni, Leewwonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaa*+ fi ilmaan tajaajiltoota Solomoon+ magaalota Yihudaa keessa, jechuunis tokkoon tokkoon isaanii magaalota isaanii keessa dhaala isaanii irra ni jiraatan.+

4 Namoonni Yihudaa fi Biiniyaam tokko tokkos Yerusaalem keessa ni jiraatu turan.) Namoota Yihudaa keessaa, Ataayaa ilma Ooziyaa, ilma Zakkaariyaas, ilma Amaariyaa, ilma Shefaatiyaa, ilma Mahaalaalel isa ilmaan Faares+ keessaa tokko taʼe, 5 akkasumas Maaʼaaseyaa ilma Baaruk, ilma Kolhozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yoyaariib, ilma Zakkaariyaas, sanyii Sheelaa. 6 Ilmaan Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan walumaa galatti namoota gaʼumsa qaban 468 turan.

7 Kanneen kun namoota Biiniyaam turan: Saaluu+ ilma Meshulaam, ilma Yooʼed, ilma Pedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Maaʼaaseyaa, ilma Itiʼeel, ilma Yeshaayaa, 8 isa booda immoo Gaabaayii fi Saalaay, walumaa galatti namoota 928; 9 Yooʼel ilmi Zikrii ilaaltuu ol aanaa isaanii ture; Yihudaan ilmi Hasnuʼaa immoo ajajaa lammaffaa magaalattii ture.

10 Luboota keessaa: Yedaayaa ilma Yoyaariib, Yaakiin,+ 11 Seraayaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Saadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahixuub+ isa geggeessaa mana* Waaqa dhugaa taʼe, 12 akkasumas obboloota isaanii warra hojii manichaa hojjetanii turan, walumaa galatti namoota 822; kana malees, Adaayaa ilma Yerohaam, ilma Pelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakkaariyaas, ilma Paashuur,+ ilma Maalkiyaa, 13 akkasumas obboloota isaa warra dura buutota manneen abbootii taʼan, walumaa galatti namoota 242; kana malees, Amaashisaay ilma Azaarel, ilma Ahzaay, ilma Meshilemoot, ilma Iimer, 14 akkasumas obboloota isaanii warra namoota jajjaboo fi onnatoo taʼan, walumaa galatti namoota 128; Zaabdiʼel inni miseensa maatii beekamaa taʼe immoo ilaaltuu ol aanaa isaanii ture.

15 Leewwota keessaa: Shemaayaa+ ilma Hashuub, ilma Azriqaam, ilma Hashaabiyaa, ilma Bunii, 16 akkasumas Shaabetaayii+ fi Yozaabaad+ warra dura buutota Leewwotaa keessaa taʼanii fi mana Waaqa dhugaa wajjin haala wal qabateen hojii isa alaa irratti itti gaafatamummaa qaban; 17 kana malees, Maataaniyaa+ ilma Miikiyaas, ilma Zaabdii, ilma Asaaf+ isa geggeessaa faarfannichaa taʼee fi galata yeroo kadhannaatti dhihaatu geggeessu,+ Baaqbuqiyaa isa obboloota isaa keessaa lammaffaa taʼe, akkasumas Abdaa ilma Shaamuʼaa, ilma Gaalaal, ilma Yedutuun.+ 18 Leewwonni magaalaa qulqulluu keessa turan, walumaa galatti namoota 284 turan.

19 Karra eegdota kan turan Aquubii fi Taalmoon,+ akkasumas obboloota isaanii warra karrawwan irratti eegaa turan, walumaa galatti namoota 172 turan.

20 Israaʼelonni kaan, luboonnii fi Leewwonni magaalota Yihudaa hundumaa kaan keessa, jechuunis tokkoon tokkoon isaanii lafa dhaalan* irra jiraatu turan. 21 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa*+ Ofeel+ keessa jiraachaa turan; Zihaa fi Gishpaan immoo ajajjoota tajaajiltoota mana qulqullummaa* turan.

22 Uuziin ilmi Baanii, ilmi Hashaabiyaa, ilmi Maataaniyaa,+ ilmi Miikaa inni ilmaan Asaaf warra faarfattoota taʼan keessaa tokko taʼe, Leewwota Yerusaalem keessa jiran irratti ilaaltuu ol aanaa ture; hojii mana Waaqa dhugaatti hojjetamu irrattis ajajaa ture. 23 Mootichi isaaniin ilaalchisee ajaja kennee ture;+ wanta guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu akka argataniifis qophiin dhaabbataa taʼe faarfattootaaf godhamee ture. 24 Dhimma sabicha ilaallatu hundumaa ilaalchisee ilmaan Zeeraa isa ilma Yihudaa taʼe keessaa Petaahiyaan ilmi Meshezaabel gorsituu mootichaa* ture.

25 Gandeen sun maasiiwwan isaanii wajjin kanneen kana turan: Namoonni Yihudaa muraasni Qiriyaat Arbaa+ fi magaalota ishii jalatti* argaman keessa, Diboonii fi magaalota ishii jalatti argaman keessa, Yaaqaabzeʼelii+ fi gandeen ishii keessa, 26 Yeshuwaa keessa, Molaadaa+ keessa, Beet Paalet+ keessa, 27 Hazaar Shuʼaal+ keessa, Ber Sheebaa fi magaalota ishii jalatti* argaman keessa, 28 Siqlaag+ keessa, Mekoonaa fi magaalota ishii jalatti* argaman keessa, 29 Een Rimoon+ keessa, Zoraa+ keessa, akkasumas Yaarmut keessa, 30 Zaanoʼaa+ keessa, Adulaamii fi gandeen isaanii keessa, Laakiishii+ fi maasiiwwan ishii keessa, akkasumas Azeeqaa+ fi magaalota ishii jalatti* argaman keessa jiraatan. Isaan Ber Sheebaadhaa hamma Sulula Hinoomitti+ ni buufatan.

31 Namoonni Biiniyaam Geebaa,+ Mikmaash, Aayi, Beetelii+ fi magaalota ishii jalatti* argaman keessa, 32 Anaatot,+ Noob,+ Anaaniyaa, 33 Hazoor, Raamaa,+ Gitaayim, 34 Hadiid, Zeboʼiim, Nebaalaax, 35 Loodii fi Onoo,+ akkasumas sulula namoota ogeeyyii harkaa taʼan keessa jiraatu turan. 36 Gareewwan Leewwotaa warri naannoo Yihudaatii dhufan tokko tokko naannoo Biiniyaamitti ramadaman.

12 Luboonnii fi Leewwonni Zarubaabel+ ilma Saalaatiʼelii+ fi Yeshuwaa+ wajjin ol baʼan kanneen kana turan: Seraayaa, Ermiyaas, Izraa, 2 Amaariyaa, Maaluuk, Haxuush, 3 Shekaaniyaa, Rehuum, Meremoot, 4 Idoo, Ginetooy, Abiyaa, 5 Miyaamiin, Maaʼaadiyaa, Bilgaa, 6 Shemaayaa, Yoyaariib, Yedaayaa, 7 Saaluu, Amooq, Hilqiyaa fi Yedaayaa. Kanneen kun bara Yeshuwaatti dura buutota lubootaa fi kan obboloota isaanii turan.

8 Yeshuwaan, Binuuy, Qaadmiʼel,+ Sherebiyaan, Yihudaanii fi Maataaniyaan+ inni obboloota isaa wajjin faarfannaa galataa geggeessaa ture Leewwota turan. 9 Baaqbuqiyaa fi Uuniin warri obboloota isaanii taʼan immoo hojii eegumsaatiif* fuullee isaanii dhaabbatu turan. 10 Yeshuwaan Yoyaaqiimiin dhalche, Yoyaaqiim Eliyaashiibiin+ dhalche, Eliyaashiib Yoyaadaa+ dhalche. 11 Yoyaadaan Yonaataaniin dhalche, Yonaataan Yaaduwaa dhalche.

12 Bara Yoyaaqiimitti kanneen kun luboota dura buutota manneen abbootii turan: Seraayaadhaaf+ Meraayaa, Ermiyaasiif Hanaaniyaa, 13 Izraadhaaf+ Meshulaam, Amaariyaadhaaf Yehohaanaan, 14 Maaluukiidhaaf Yonaataan, Shebaaniyaadhaaf Yoseef, 15 Hariimiif+ Adnaa, Meraayootiif Helqaay, 16 Idoodhaaf Zakkaariyaas, Ginetooniif Meshulaam, 17 Abiyaadhaaf+ Zikrii, Miniyaaminiif, . . . ,* Moʼaadiyaadhaaf Piltaay, 18 Bilgaadhaaf+ Shaamuʼaa, Shemaayaadhaaf Yehonaataan, 19 Yoyaariibiif Maatenaay, Yedaayaadhaaf+ Uuzii, 20 Saalaayiif Qaalaay, Amooqiif Ebeer, 21 Hilqiyaadhaaf Hashaabiyaa, Yedaayaadhaaf Naataaniʼel.

22 Dura buutonni manneen abbootii Leewwotaa warri bara Eliyaashiib, Yoyaadaa, Yohaanaanii fi Yaaduwaatti+ turan, hamma mootummaa Daariyos isa mootii Faarsi taʼeetti, akkuma lubootaatti ni galmeeffaman.

23 Leewwonni warri dura buutota manneen abbootii turan hamma bara Yohaanaan ilma Eliyaashiibitti kitaaba seenaa bara sanaa keessatti galmeeffamanii turan. 24 Dura buutonni Leewwotaa Hashaabiyaa, Sherebiyaa fi Yeshuwaa+ ilma Qaadmiʼel+ turan; obboloonni isaaniis akka qajeelfama Daawit inni nama Waaqa dhugaa taʼe kennetti Waaqa jajachuu fi galata isaaf galchuuf gareen eegdotaa tokko garee eegdotaa isa kan biraa cinaa taʼee fuullee isaanii dhaabbatu turan.+ 25 Maataaniyaan,+ Baaqbuqiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Taalmoonii fi Aquub+ karra eegdota+ taʼanii eegumsaaf dhaabbachuudhaan kutaawwan mana kuusaa karrawwan bira jiran eegu turan. 26 Kanneen kun bara Yoyaaqiim ilma Yeshuwaa+ ilma Yozaadaaqittii fi bara Nahimiyaa isa bulchaa biyyaa taʼeetti, akkasumas bara Izraa+ isa lubaa fi garagalchituu* taʼeetti tajaajilaniiru.

27 Yeroo dallaawwan Yerusaalem eebbifamanitti, isaan siimbaalii,* meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaatti fayyadamanii faarfannaa galataa dhiheessaa,+ eebba sana gammachuudhaan akka kabajaniif bakka jiraatan hundumaa irraa barbaadanii Leewwota gara Yerusaalemitti ni fidan. 28 Ilmaan faarfattootaas* koonyaa sana* keessaa, jechuunis naannoo Yerusaalem hundumaa keessaa, gandeen Netoofotaa+ keessaa walitti ni qabaman; 29 akkasumas, Beet Gilgaal+ keessaa, dirreewwan Geebaa+ fi Azmaawet+ keessaa walitti ni qabaman; kunis kan taʼe, faarfattoonni sun naannoo Yerusaalem hundumaatti ofii isaaniitiif gandeen waan ijaarrataniif ture. 30 Luboonnii fi Leewwonnis of ni qulqulleessan;+ akkasumas sabicha, karrawwanii+ fi dallicha+ ni qulqulleessan.

31 Achiis bulchitoota Yihudaa fidee dallicha irra akka dhaabbatan nan godhe. Kana malees, garee faarfattootaa galata galchan guguddaa lamaa fi gareewwan isaan hordofan nan muude; gareen inni tokko karaa mirgaatiin dallicha irra gara Karra Tuullaa Daaraa+ deeme. 32 Hoshaayaanii fi bulchitoota Yihudaa keessaa walakkaan isaanii isaan duuba deeman; 33 Azaariyaan, Izraan, Meshulaam, 34 Yihudaan, Biiniyaam, Shemaayaanii fi Ermiyaas isaanii wajjin jiru turan. 35 Ilmaan lubootaa malakata qabatan+ tokko tokkos isaanii wajjin jiru turan; isaaniis, Zakkaariyaas ilma Yonaataan, ilma Shemaayaa, ilma Maataaniyaa, ilma Mikaayaa, ilma Zaakur, ilma Asaaf,+ 36 akkasumas obboloota isaa kan taʼan Shemaayaa, Azaarel, Milaalaay, Gilaalaay, Maaʼaay, Naataaniʼel, Yihudaa fi Hanaanii turan; isaan meeshaawwan muuziqaa Daawit+ isa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaa qabatanii turan; Izraan+ inni garagalchituu* taʼe immoo isaan fuuldura deema ture. 37 Isaan Karra Burqaa+ bira yommuu gaʼan, dallaa Mana Daawit+ irraa olitti argamuu fi ol baasu qabatanii kallattiidhaan gara fuulduraatti deemuudhaan Kortoo+ Magaalaa Daawititti ol baʼanii gara Karra Bishaanii+ isa kallattii bahaatiin argamuutti qajeelan.

38 Gareen faarfattootaa galata dhiheessu inni kan biraan immoo kallattii kan biraatiin* deeme; anis walakkaa sabichaa wajjin garee sana duukaa buʼee dallicha irra deemuudhaan Masaraa Iddoo Ibiddaa+ bira darbee gara Dallaa Balʼaatti+ nan deeme; 39 achiis, Karra Efreem+ bira darbee gara Karra Magaalaa Duriitti,+ achiis gara Karra Qurxummiitti,+ gara Masaraa Hanaanʼel,+ gara Masaraa Meʼaa fi gara Karra Hoolotaatti+ nan deeme; isaanis Karra isa kan Eegduu bira yommuu gaʼan ni dhaabbatan.

40 Dhuma irrattis gareen faarfattootaa galata dhiheessan lamaan mana Waaqa dhugaa fuuldura ni dhaabbatan; anii fi walakkaan bulchitoota gad aanoo, 41 akkasumas luboota kan taʼan Eliyaaqiim, Maaʼaaseyaan, Miniyaamin, Mikaayaan, Eliyoʼenaay, Zakkaariyaasii fi Hanaaniyaan warri malakata qabatan, 42 akkasumas Maaʼaaseyaan, Shemaayaan, Eleʼazaar, Uuziin, Yehohaanaan, Maalkiyaan, Eelaamii fi Ezeer akkanuma goone. Faarfattoonnis geggeessaa Hizraahiyaa jalatti sagalee isaanii ol kaasanii faarfatan.

43 Waaqni dhugaan baayʼee akka gammadan waan godheef, guyyaa sanatti aarsaawwan hedduu ni dhiheessan,+ akkasumas ni gammadan. Dubartoonnii fi ijoolleenis waan gammadaniif,+ gammachuun Yerusaalem fagoodhaa ni dhagaʼama ture.+

44 Guyyaa sanatti namoonni manneen kuusaa+ buusiiwwan,+ firiiwwan jalqabaa+ fi kurnoon+ itti walitti qabamu irratti ni muudaman. Isaanis akka Seerichi ajajutti+ gaʼee lubootaa fi Leewwotaaf+ ramadame maasiiwwan magaalota sanaa keessaa walitti qabanii achi keessa kaaʼuu qabu turan; sababiin isaas, lubootaa fi Leewwota warra tajaajilaniin kan kaʼe Yihudaa keessatti gammachuu guddaatu ture. 45 Isaanis akka qajeelfama Daawitii fi ilmi isaa Solomoon kennanitti, akkuma faarfattoonnii fi karra eegdonni godhan, hojiiwwan Waaqa isaanii raawwachuu fi dirqama wanta hundumaa qulqulluu akka godhan isaaniif kenname raawwachuu jalqaban. 46 Dur bara Daawitii fi Asaafitti geggeessitoonni* faarfattootaa, warri faarfannaawwan Waaqayyoon jajachuu fi galateeffachuuf+ dhihaatan geggeessan jiru turan. 47 Bara Zarubaabelii+ fi bara Nahimiyaatti, guutummaan Israaʼel hamma guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu faarfattootaa+ fi karra eegdotaaf+ gaʼee isaanii ni kennu turan. Kana malees, isaan gaʼee Leewwotaaf+ taʼu adda ni baasan; Leewwonni immoo gaʼee sanyiiwwan Aaroniif taʼu adda ni baasan.

13 Guyyaa sanatti kitaabni Musee utuma sabichi dhagaʼuu ni dubbifame;+ yaanni namni Amoon yookiin namni Moʼaab+ yoom iyyuu gara gumii Waaqa dhugaatti galuu akka hin qabne ibsus barreeffamee argame;+ 2 sababiin isaas, isaan Israaʼelotaaf buddeenaa fi bishaan hin kennine; kanaa mannaa, akka isaan abaaruuf Balaʼaamiin itti bitanii turan.+ Waaqni keenya garuu abaarsicha gara eebbaatti jijjiire.+ 3 Isaanis Seericha akkuma dhagaʼaniin, namoota sanyii biyya ormaa* taʼan hundumaa Israaʼel irraa adda baasuu jalqaban.+

4 Kun taʼuu isaa dura, manneen kuusaa* mana* Waaqa dhugaa+ irratti itti gaafatamummaa kan qabu Eliyaashiib+ lubicha isa fira Xoobiyaa+ taʼe ture. 5 Innis kutaa mana kuusaa* guddaa taʼe tokko bakka kanaan dura isaan kennaa midhaanii, ixaana adii, miʼawwan, kurnoo midhaanii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii+ warra Leewwotaaf,+ faarfattootaa fi karra eegdotaaf akka kennamu ajajamee fi buusii lubootaaf godhame keessa kaaʼuuf itti fayyadaman sana isaaf ni qopheesse.+

6 Waggaa 32ffaa+ bara Arxeksis+ mootii Baabilonitti gara mootichaa dhaqee waanan tureef, ani yeroo kana hundumaatti Yerusaalem keessa hin turre; yeroo muraasa boodas mootichi heyyama akka naaf kennu nan gaafadhe. 7 Achiis yommuun gara Yerusaalem dhufu, mooraa mana Waaqa dhugaa keessatti Xoobiyaadhaaf+ kutaa mana kuusaa qopheessuudhaan wanta hamaa Eliyaashiib+ raawwate nan hubadhe. 8 Kun baayʼee waan na gaddisiiseef, miʼawwan manaa Xoobiyaa hundumaa kutaa mana kuusaa* sana keessaa baasee nan daddarbadhe. 9 Sana booda ajaja nan dabarse; isaanis kutaawwan mana kuusaa* sana ni qulqulleessan; anis miʼawwan mana Waaqa dhugaa+ kennaa midhaanii fi ixaana adii sanaa wajjin deebisee achi nan kaaʼe.+

10 Kana malees Leewwonni+ gaʼeen isaanii waan isaaniif hin kennamneef,+ Leewwonnii fi faarfattoonni warri hojicha hojjetan tokkoon tokkoon isaanii gara maasii maasii isaaniitti deemuu isaanii nan hubadhe.+ 11 Kanaafuu, “Manni Waaqa dhugaa kan dagatame maaliifi?”+ jedheen bulchitoota gad aanootti+ dheekkame. Achiis walitti isaan qabeen deebisee hojii isaanii irratti isaan ramade. 12 Guutummaan Yihudaas midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii keessaa kurnoo+ gara kutaawwan mana kuusaatti+ ni fide. 13 Achiis ani Shelemiyaa lubicha, Saadoq isa garagalchituu* taʼee fi Pedaayaa isa Leewwota keessaa tokko taʼe itti gaafatamtoota kutaawwan mana kuusaa akka taʼan nan godhe; Haanaan ilmi Zaakur, ilmi Maataaniyaa immoo isaan gargaara ture; sababiin isaas, namoonni kun amanamoo turan. Gaʼee obboloota isaanii isaaniif hiruun itti gaafatamummaa isaanii ture.

14 Yaa Waaqa koo, waaʼee kanaatiif na yaadadhu;+ wantoota ani jaalala amanamaadhaan kakaʼee mana Waaqa kootii fi tajaajila* achitti raawwatamuuf godhe haxooftee hin balleessin.+

15 Guyyoota sanatti ani namoota Yihudaa keessatti guyyaa Sanbataatti+ wayinii cuunfan, midhaan fidanii harree irratti feʼan, akkasumas daadhii wayinii, firii wayinii, harbuu fi feʼumsa akaakuu adda addaa guyyaa Sanbataatti gara Yerusaalemitti fidan nan arge.+ Kanaafuu, guyyaa sanatti miʼawwan akka hin gurgurre* isaan nan akeekkachiise. 16 Namoonni Xiiros warri magaalattii keessa jiraatan qurxummii fi shaqaxa gosa hundumaa fidanii, guyyaa Sanbataatti+ namoota Yihudaa warra Yerusaalem keessa jiraatanitti gurguru turan. 17 Kanaafuu, akkana jedheen guguddoota Yihudaatti dheekkame: “Guyyaa Sanbataa xureessuudhaan wanti hamaan isin gochaa jirtan kun maali dha? 18 Waaqni keenya nu irrattis taʼe magaalaa kana irratti badiisa kana hundumaa kan fide, abbootiin keessan akkana waan godhaniif hin turree? Ammas isin Sanbata xureessuudhaan aariin Israaʼel irratti bobaʼu akka dabalu gochaa jirtu.”+

19 Kanaafuu, guyyaa Sanbataa dura karrawwan Yerusaalem irratti gaaddisni buʼuu akkuma jalqabeen balbaloonni sun akka cufaman nan ajaje. Kana malees, Sanbanni hamma darbutti karrawwan sana banuu akka hin qabne isaanitti nan hime; akkasumas guyyaa Sanbataatti feʼumsi akka hin galleef tajaajiltoota koo keessaa tokko tokko karrawwan sana bira nan dhaabbachiise. 20 Kanaafuu, warri shaqaxa akaakuu adda addaa daldalanii fi gurguran yeroo tokko yookiin yeroo lama Yerusaalemii ala bulaniiru. 21 Achiis, “Dallicha fuuldura kan bultan maaliifi? Lammata yoo akkana gootan, humnaanan isin ariʼa” jedheen isaan akeekkachiise. Isaanis yeroo sanaa jalqabee guyyaa Sanbataatti dhufanii hin beekan.

22 Leewwonnis guyyaan Sanbataa qulqulluu taʼee akka eegamuuf,+ yeroo hundumaa akka of qulqulleessanii fi dhufanii karrawwan sana akka eegan isaanitti nan hime. Yaa Waaqa koo, kanas naaf yaadadhu; akka jaalala kee isa amanamaa isa hedduu taʼettis naaf gaddi.+

23 Kana malees yeroo sanatti Yihudoonni dubartoota Ashdoodota,+ Amoonotaa fi Moʼaabota+ taʼan fuudhan* akka jiran nan hubadhe.+ 24 Ilmaan isaanii keessaa walakkaan isaanii afaan Ashdoodotaa, walakkaan isaanii immoo afaan saboota adda addaa kan dubbatan taʼus, tokkoon isaanii iyyuu afaan Yihudootaa dubbachuu hin dandaʼan turan. 25 Kanaafuu, isaanitti nan dheekkame; isaan nan abaare; isaan keessaa tokko tokko nan rukute;+ rifeensa isaaniis nan cire; achiis akkana jedheen maqaa Waaqayyootiin isaan kakachiise: “Ijoollee durbaa keessan ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kenninaa; ijoollee durbaa isaanii keessaa tokko illees ijoollee dhiiraa keessaniif yookiin ofii keessaniif hin fudhatinaa.+ 26 Solomoon mootiin Israaʼel cubbuu kan hojjete sababii dubartoota kanaatiin hin turree? Saboota hedduu keessaa mootiin akka isaa hin turre;+ inni Waaqa isaa duratti jaallatamaa waan tureef,+ Waaqayyo guutummaa Israaʼel irratti mootii isa godhe. Haa taʼu malee, haadhotiin manaa isaa warri biyya ormaa inni illee cubbuu akka hojjetu godhaniiru.+ 27 Isin dubartoota biyya ormaa fuutanii Waaqa keenyaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuudhaan hammina guddaa akkanaa raawwachuun keessan wanta dhagaʼamee hin beekne dha.”+

28 Ilmaan Yoyaadaa+ isa ilma Eliyaashiib+ isa luba ol aanaa taʼe keessaa tokko soddaa Saanbaalaax+ Hooronichaa ture. Kanaafuu, of biraa isa nan ariʼe.

29 Yaa Waaqa koo, isaan lubummaa, kakuu lubummaa+ fi Leewwota+ waan xureessaniif isaan hin irraanfatin.

30 Anis xuraaʼummaa biyya ormaa hundumaa irraa isaan nan qulqulleesse; lubootaa fi Leewwotaaf tokkoon tokkoon isaanii akka tajaajila isaaniitti hojii isaaniif nan kenne;+ 31 achiis qoraan yeroo murtaaʼetti dhihaatuu+ fi firiiwwan jalqabaa warra bilchaatan ilaalchisee qophii nan godhe.

Yaa Waaqa koo, wanta gaariidhaan na yaadadhu.+

“Yaah ni Jajjabeessa” jechuu dha.

Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Susaa.”

Ykn., “akeekkachiiste.”

Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Ykn., “Efraaxis.”

Ykn., “Mana Qulqullummaatiif.”

Ykn., “bosona.”

Kal., “tajaajilaa.”

Ykn., “laga gogaa.”

Kal., “harka isaanii.”

Kal., “tajaajilaa.”

Ykn., “abbaa qabeenyummaa.”

Ykn., “ni murteessan.”

Kal., “jalatti morma isaanii hin galchine.”

Ykn., “Efraaxis.”

Kal., “kan teessoo naannoo Lagicha Gamaa.”

Ykn., “urgooftuu.”

Ykn., “kutaa safarame.”

Gara 445 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn tarii, “koonyaa ishii dhihoo.”

Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoonni kennaman.”

Ykn., “Naataaniimii.” Kal., “namoota kennamanii.”

Ykn., “dheekkame.”

Ykn., “warra baʼaa baatanii.”

Kal., “al kudhan.”

Ykn., “meeshaa waraanaa furguggifamu.”

Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Kal., “foon keenya akkuma foon obboloota keenyaa ti.”

Ykn., “haraaxaadhaan liqeessaa.”

Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.

Ykn., “dhibbeentaa 1,” jechuunis, jiʼa jiʼaan.

Kal., “bobaa.”

Ykn., “Haa taʼu!”

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “baasii kootiin.”

Kal., “garaa kee.”

Kutaa Dabalataa B15 ilaali.

Kal., “ija isaanii duratti akka malee ni kufan.”

Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoota kennaman.”

Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoonni kennamanii.”

Ykn., “akka xuraaʼootti ilaalamanii hojii lubummaa irraa ni ittifaman.”

Ykn., “Tirshaataan,” maqaa ulfinaa bulchaa koonyaa Faarsiif kennamu dha.

Ykn., “Tirshaataan,” maqaa ulfinaa bulchaa koonyaa Faarsiif kennamu dha.

Walumaa galatti daarikii warqii warra Faarsi 8.4 g taʼuu dha. Kun diraakmaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti ibsamee wajjin tokko miti. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti miinaan tokko 570 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “Naataaniim.” Kal., “Namoonni kennamanii.”

Kal., “guutummaan Israaʼel.”

Ykn., “barreessaa.”

Ykn., “barreessaa.”

Ykn., “Haa taʼu!”

Ykn., “Tirshaataan,” maqaa ulfinaa bulchaa koonyaa Faarsiif kennamu dha.

Ykn., “barreessaa.”

Kal., “coccoomoo.”

Ykn., “jabina.”

Ykn., “barreessaa.”

Ykn., “bakka yeroo muraasaaf keessa turan.”

Biqiltuu baalli isaa cululuquu fi abaaboo adii urgaaʼu qabu.

Ykn., “saʼaatii sadiif.”

Ykn., “seerawwan amansiisoo.”

Kal., “harka kee kaaste.”

Kal., “boquu isaanii ni jabeessan.”

Kal., “boquu isaanii ni jabeessan.”

Ykn., “Waaqa dhiifama godhu.”

Ykn., “surra qabeessa.”

Ykn., “baqfamee.”

Kal., “Seera kee dugda isaanii duubatti gatan.”

Ykn., “caccabsanitti.”

Ykn., “surra qabeessaa.”

Ykn., “akeekkachiisawwan.”

Ykn., “Tirshaataa,” maqaa ulfinaa bulchaa koonyaa Faarsiif kennamu dha.

Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoonni kennamanii.”

Ykn tarii, “warri hubachuuf umuriin isaanii gaʼe hundi.”

Ykn., “mana qulqullummaa.”

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Jechuunis, daabboo ilaalchaatiif.

Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.

Ykn., “galmawwan nyaataa.”

Ykn., “kurnoo.”

Ykn., “galmawwan nyaataatti.”

Ykn., “galmawwan nyaataa.”

Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoonni kennamanii.”

Ykn., “mana qulqullummaa.”

Ykn., “dhaala isaanii.”

Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoonni kennaman.”

Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoota kennamanii.”

Kal., “harka mootichaa irra.”

Ykn., “naannoo ishiitti.”

Ykn., “naannoo ishiitti.”

Ykn., “naannoo ishiitti.”

Ykn., “naannoo ishiitti.”

Ykn., “naannoo ishiitti.”

Ykn tarii, “yeroo tajaajilaatti.”

Barreeffamni Afaan Ibrootaa maqaa as irra jiru kan dhiise fakkaata.

Ykn., “barreessaa.”

Siimbaaliin meeshaa muuziqaa sibiila irraa hojjetamuu fi yeroo walitti rukutamu sagalee guddaa dhageessisu dha.

Ykn., “Faarfattoonni leenjiʼanis.”

Jechuunis, koonyaa naannoo Yordaanositti argamu.

Ykn., “barreessaa.”

Ykn., “fuulduraan.”

Kal., “mataawwan.”

Ykn., “sanyii wal makaa.”

Ykn., “galmawwan nyaataa.”

Ykn., “mana qulqullummaa.”

Ykn., “galma nyaataa.”

Ykn., “galma nyaataa.”

Ykn., “galmawwan nyaataa.”

Ykn., “barreessaa.”

Ykn., “eegumsa.”

Ykn tarii, “miʼawwan akka hin gurgurre guyyaa sanatti.”

Ykn., “mana isaaniitti fudhatan.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi