MULʼATA YOHAANNIS
1 Wanta dhiheenyatti taʼuu qabu garboota isaatti+ argisiisuuf mulʼata Waaqayyo Yesuus Kiristoositti kennee+ fi karaa isaa mulʼise. Yesuus immoo maleekaa isaa ergee karaa isaa mallattoowwaniin garbicha isaa Yohaannisitti+ mulʼise; 2 Yohaannisis dubbii Waaqayyo kennee fi wanta Yesuus Kiristoos ragaa baʼeef, eeyyee, wantoota arge hundumaaf ragaa baʼe. 3 Yeroon murteeffame sun waan dhihaateef, namni dubbii raajii kanaa sagalee isaa ol kaasee dubbisu, namoonni dubbii raajii kanaa dhagaʼanii fi wantoota achi keessatti barreeffaman eegan gammadoo dha.+
4 Yohaannis irraa, gumiiwwan koonyaa Eeshiyaa keessa jiran torbaniif:+
“Isa jiru, isa turee fi isa dhufu,”+ akkasumas hafuurota torban+ teessoo isaa dura jiran irraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu; 5 Akkasumas, Yesuus Kiristoos isa “Dhugaa Baatuu Amanamaa,”+ “warra duʼan keessaa angafa”+ taʼee fi “Bulchaa mootota lafaa”+ taʼe irraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.
Isa nu jaallatee+ fi dhiiga ofii isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase+ sanaaf, 6 eeyyee, isa Waaqa isaa fi Abbaa isaatiif moototaa*+ fi luboota+ akka taanu godhe sanaaf ulfinnii fi jabinni bara baraaf haa taʼu. Ameen.
7 Kunoo, inni duumessaa wajjin ni dhufa,+ ijji hundinuu isa ni arga, warri isa waraananis isa ni argu; gosoonni lafa irraa hundinuu sababii isaatiin gaddaan qoma isaanii ni rurrukutu.+ Eeyyee, Ameen.
8 “Ani Alfaa fi Omeegaa,*+ isa jiru, isa turee fi isa dhufu, isa Hundumaa Dandaʼu dha”+ jedha Yihowaan.*
9 Ani obboleessi keessan Yohaannis, duuka buutuu Yesuus taʼuudhaan+ isinii wajjin rakkina keessattii+ fi mootummicha+ keessatti kanan hirmaadhu, akkasumas jabaadhee kanan dhaabbadhu,+ waaʼee Waaqayyoo dubbachuu fi waaʼee Yesuus dhugaa baʼuu kootiin kan kaʼe odola Phaaximos jedhamtu keessan ture. 10 Hafuuraan guutamee gara guyyaa Gooftaatti kanan geeffame yeroo taʼu, duuba kootiin sagalee cimaa akka sagalee malakataa taʼe nan dhagaʼe; 11 innis, “Wanta argitu maraa kitaabaa irratti barreessiitii gumiiwwan torban, Efesoon,+ Simirnaa,+ Phergaamoon,+ Tiyaaxiraa,+ Sardees,+ Filaadelfiyaa+ fi Lodooqiyaa+ keessatti argamaniif ergi” jedhe.
12 Anis isa anaa wajjin dubbachaa jiru sana ilaaluuf nan garagale; yommuun garagalus baattuuwwan ibsaa warqii irraa tolfaman torba nan arge;+ 13 baattuuwwan ibsaa sana gidduu, namni ilma namaa fakkaatu+ tokko uffata hamma miila isaatti dheeratu uffatee, akkasumas sabbata warqii qoma isaatti hidhatee jira ture. 14 Mataan isaa fi rifeensi isaa akka suufii adii fi akka cabbii addaata ture; ijji isaa labooba ibiddaa fakkaata ture;+ 15 miilli isaa sibiila diimaa baʼeessa+ iddoo ibiddaa keessatti diimeffame fakkaata ture; sagaleen isaa immoo akka sagalee bishaanota hedduu ture. 16 Harka isaa mirgaa keessaa urjiilee torba qaba;+ afaan isaa keessaa goraadee qaramaan+ dheeraa taʼee fi karaa lamaan qara qabu ni baʼe, fuulli isaa akka aduu humna guutuudhaan ifuu ture.+ 17 Anis yommuun isa argu, akka nama duʼee taʼeen miila isaa jalatti kufe.
Innis harka isaa mirgaa ana irra kaaʼee akkana naan jedhe: “Hin sodaatin. Ani Isa Jalqabaa+ fi Isa Dhumaa+ ti, 18 isa jiraatu+ dhas, duʼeen ture;+ garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti nan jiraadha,+ furtuuwwan duʼaa fi Awwaalaa* qaba.+ 19 Kanaafuu wantoota argite, wantoota taʼaa jiranii fi wantoota kana booda taʼan barreessi. 20 Iccitii qulqulluun urjiilee torban harka koo mirgaa keessatti argitee fi kan baattuuwwan ibsaa warqii irraa tolfaman torbanii kana dha: Urjiileen torban maleekota gumiiwwan torbanii argisiisu; baattuuwwan ibsaa torban immoo gumiiwwan torban argisiisu.+
2 “Maleekaa+ gumii Efesooniif+ akkana jedhii barreessi: Inni urjiilee torba harka isaa mirgaatti qabatee fi baattuuwwan ibsaa+ warqii irraa tolfaman torba gidduu deddeebiʼu sun akkana jedha: 2 ‘Ani hojii kee, dadhabbii kee fi jabaattee dhaabbachuu kee beeka; akkasumas namoota gadhee callistee ilaaluu akka hin dandeenyee fi warra ergamoota utuu hin taʼin ergamoota ofiin jedhan+ qortee sobduu taʼuu isaanii akka hubatte beeka. 3 Kana malees, jabaattee dhaabbachaa jirta; maqaa kootiif jettee rakkina hedduu dandeesseetta,+ abdiis hin kutanne.+ 4 Taʼus, waanan itti si komadhu qaba, jaalala isa jalqaba irratti qabdu sana dhiisteetta.
5 “‘Kanaafuu, eessa irraa akka kufte yaadadhu, yaada kee geddaradhu,+ hojiiwwan jalqaba hojjechaa turtes hojjedhu. Taʼuu baannaan garuu, ani sitti nan dhufa; yoo yaada geddarachuu baatte, baattuu ibsaa+ kee iddoo isaatii nan fuudha.+ 6 Taʼus, wanta si galateeffachiisu kana qabda: Hojii garee amantii Niqolaawotaa+ isa ani jibbu atis ni jibbita. 7 Gurra kan qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu:+ Isa injifatuuf+ muka jireenyaa isa jannata Waaqayyoo keessa jiru irraa akka nyaatu isaaf nan heyyama.’+
8 “Maleekaa gumii Simirnaatiif akkana jedhii barreessi: ‘Inni Jalqabaa fi inni Dhumaa,’+ inni duʼee turee fi deebiʼee jiraataa taʼe+ akkana jedha: 9 ‘Ani rakkina kee fi hiyyummaa kee beeka, garuu ati sooressa dha;+ akkasumas dubbii arrabsoo warri utuu Yihudoota hin taʼin Yihudoota ofiin jedhanii fi mana sagadaa Seexanaa+ taʼan dubbatan beeka. 10 Rakkina si irra gaʼuuf jiru hin sodaatin.+ Kunoo, Diyaabilos guutummaatti akka qoramtaniif isin keessaa tokko tokko mana hidhaatti galchuu isaa itti fufa; guyyaa kudhaniif ni dhiphattu. Hanga duʼaatti amanamaa taʼuu kee argisiisi; anis gonfoo jireenyaa siif nan kenna.+ 11 Gurra kan qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu:+ Isa injifatu+ irra matumaa duuti lammaffaan+ hin gaʼu.’
12 “Maleekaa gumii Phergaamooniif akkana jedhii barreessi: Inni goraadee qaramaa, dheeraa taʼee fi karaa lamaan qara qabu qabate+ sun akkana jedha: 13 ‘Ani bakka ati jiraattu beeka, innis iddoo teessoon Seexanaa jiru dha; taʼus maqaa koo jabeessitee qabatteetta,+ bara Antiphaas dhugaa baatuun koo inni amanamaan+ isin biratti, iddoo Seexanni jiraatutti ajjeefametti+ illee amantii ana irratti qabdu hin ganne.+
14 “‘Haa taʼu malee, waanan itti si komadhu muraasa qaba; namoota barumsa Balaʼaam,+ isa ijoolleen Israaʼel wantoota waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa taʼan akka nyaatanii fi halalummaa*+ akka raawwataniif gufuu isaan dura akka kaaʼu Baalaaqiin+ barsiise sanaa jabeessanii eegan of biraa qabda. 15 Haaluma wal fakkaatuun, namoota barumsa garee amantii Niqolaawotaa+ jabeessanii hordofan of biraa qabda. 16 Kanaafuu, yaada geddaradhu. Taʼuu baannaan garuu, dafee sitti nan dhufa; goraadee dheeraa afaan koo keessaa baʼuunis+ isaan nan lola.
17 “‘Gurra kan qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu:+ Isa injifatuuf+ mannaa+ dhokfame irraa muraasa nan kenna; dhagaa adiis isaaf nan kenna, dhagicha irratti maqaa haaraan namicha fudhatu sana malee eenyu iyyuu hin beekne barreeffameera.’
18 “Maleekaa gumii Tiyaaxiraatiif+ akkana jedhii barreessi: Ilmi Waaqayyoo inni ija labooba ibiddaa+ fakkaatu qabuu fi miila sibiila diimaa baʼeessa+ taʼe fakkaatu qabu akkana jedha: 19 ‘Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, tajaajila kee fi jabaattee dhaabbachuu kee, akkasumas hojiin kee inni boodaa isa dura hojjette irra akka caalu beeka.
20 “‘Taʼus, waanan itti si komadhu qaba, dubartii Iizaabel+ jedhamtu, ishii raajii ofiin jettuu fi garboonni koo halalummaa*+ akka raawwatan, akkasumas wantoota waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa taʼan akka nyaatan barsiistuu fi dogoggorsitu sana callistee ilaalta. 21 Ani yaada akka geddarattu yeroo ishiidhaaf kenneen ture; ishiin garuu halalummaa* ishii irraa yaada geddarachuuf fedhii hin qabdu. 22 Kunoo, ani ishiin dhukkubsattee siree irraa akka hin kaane gochuufan jedha; warri ishii wajjin ejja raawwatanis yoo hojii ishii irraa yaada geddarachuu didan rakkina guddaa isaanitti nan fida. 23 Ani yaada keessa namaa jiruu* fi garaa isa qoru taʼuu koo gumiiwwan hundi akka beekaniif, ijoollee ishii dhaʼicha cimaadhaan nan ajjeesa; isiniifis dhuunfaatti akka hojii keessaniitti nan kenna.+
24 “‘Haa taʼu malee, isin warra Tiyaaxiraa keessa jirtan kaaniin, jechuunis warra barumsa kana hin hordofnee fi “wantoota Seexanaa gad fagoo”+ taʼan hin baranneen akkana nan jedha: Ani baʼaa kan biraa akkamii iyyuu isin irratti hin feʼu. 25 Isin hamma ani dhufutti wanta qabdan jabeessaa qabadhaa.+ 26 Ani isa injifatuu fi hojii koo hamma dhumaatti hojjetuuf, saboota irratti aangoo nan kennaaf;+ 27 inni saboonni akka qodaa supheetti akka caccabaniif ulee sibiilaatiin isaan ni tiksa;+ kunis akkuma ani Abbaa koo irraa aangoo fudhadhetti dha. 28 Ani bakkalcha+ isaaf nan kenna. 29 Gurra kan qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu.’
3 “Maleekaa gumii Sardeesiif akkana jedhii barreessi: Inni hafuurota Waaqayyoo torbaa+ fi urjiilee torba qabu+ sun akkana jedha: ‘Ani hojii kee beeka, maqumaaf jiraataa jedhamta malee, ati duʼaa dha.+ 2 Dammaqaa taʼi;+ wantoota hafanii fi duʼuuf jedhan jajjabeessi; ani hojiin kee Waaqa koo duratti guutummaatti raawwatamee hin argine. 3 Kanaafuu, wanta fudhattee fi dhageesse yeroo hunda yaadadhu; akkasumas eeguu kee itti fufi, yaada kees geddaradhu.+ Yoo dammaquu baatte garuu, ani akka hattuutti sitti nan dhufa,+ saʼaatii akkamiitti akkan sitti dhufus matumaa hin beektu.+
4 “‘Taʼus, Sardees keessaa namoota* uffata isaanii hin xureessine+ muraasa qabda; isaan kan isaaniif malu waan taʼeef, uffata adii+ uffatanii anaa wajjin deddeebiʼu. 5 Inni injifatu+ uffata adii ni uffata,+ anis matumaa maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa hin haqu;+ kanaa mannaa, Abbaa koo fi maleekota isaa duratti maqaa isaatiif beekamtii nan kenna.+ 6 Gurra kan qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu.’
7 “Maleekaa gumii Filaadelfiyaatiif akkana jedhii barreessi: Inni qulqulluun,+ inni dhugaan,+ inni furtuu Daawit+ qabu, inni isa inni banu namni tokko illee cufuu hin dandeenyee fi isa inni cufu namni tokko illee banuu hin dandeenye sun akkana jedha: 8 ‘Ani hojii kee beeka; kunoo, ani balbala namni kam iyyuu cufuu hin dandeenye tokko si duratti baneera.+ Ati humna xinnoo akka qabdu beeka, dubbii koo eegdeetta, maqaa kootiifis amanamaa taateetta. 9 Kunoo, ani warri mana sagadaa Seexanaa keessa jiranii fi Yihudoota utuu hin taʼin sobaan Yihudoota ofiin jedhan+ gara kee dhufanii miila kee jalatti akka sagadanii fi si jaallachuu koo akka beekan nan godha. 10 Jabaadhee dhaabbachuu+ koo ilaalchisee wanta dhageesse waan eegdeef,* anis saʼaatii qorumsaa isa warra lafa irra jiraatan qoruuf namoota guutummaa lafaa irra jiraatan irratti dhufu sana irraa sin eega.+ 11 Ani dafeen dhufa.+ Eenyu iyyuu gonfoo+ kee akka hin fudhanneef wanta qabdu jabeessii qabadhu.
12 “‘Ani isa injifatu sana mana qulqullummaa Waaqa koo keessatti utubaa nan godha, inni sana booda matumaa achi keessaa hin baʼu; ani maqaa Waaqa koo+ fi maqaa magaalaa Waaqa koo, jechuunis Yerusaalem Haaraa,+ ishii samii keessaa Waaqa koo biraa gad buutuu fi maqaa koo isa haaraa isa irratti nan barreessa.+ 13 Gurra kan qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu.’
14 “Maleekaa gumii Lodooqiyaatiif+ akkana jedhii barreessi: Inni Ameen+ jedhamu, dhugaa baatuu+ amanamaa fi dhugaa+ taʼe, inni uumama Waaqayyoo keessaa isa jalqabaa taʼe+ akkana jedha: 15 ‘Ani hojii kee beeka, ati qorraa yookiin hoʼaa miti. Utuu qorraa yookiin hoʼaa taatee natti tola ture. 16 Ati laphii waan taateef, hoʼaa+ yookiin qorraa+ waan hin taaneef, afaan koo keessaa si tufuufan jedha. 17 Ati, “Ani sooressa dha,+ qabeenya hedduus qaba, wanti tokko illee matumaa na hin barbaachisu” kan jettu taʼus, deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee waan hin beekneef, 18 sooressa akka taatuuf warqii ibiddaan qulqulleeffame, qullaa taatee qaaniin kee akka hin mulʼanneef+ uffata adii uffattu, akkasumas ilaaluu akka dandeessuuf+ kuulii ija kee kuullattu+ akka na irraa bitattu sin gorsa.
19 “‘Ani warran jaalladhu hunda nan ifadha, nan adabas.+ Kanaafuu, hinaaffaa qabaadhu, yaada kees geddaradhu.+ 20 Kunoo, ani balbala dura dhaabbadheen rurrukutaa jira. Namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala yoo naaf bane, ani mana isaatti ol seenee isaa wajjin irbaata nan nyaadha, innis anaa wajjin ni nyaata. 21 Akkuma ani injifadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe,+ inni injifatu+ anaa wajjin teessoo koo irra akka taaʼu isaaf nan heyyama.+ 22 Gurra kan qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu.’”
4 Kana booda nan arge, kunoo, balballi baname tokko samii keessa jira ture; sagaleen jalqaba utuu inni anaa wajjin dubbatuu dhagaʼe akka sagalee malakataa ture; innis, “Kottu as baʼi, ani wantoota taʼuu qaban sitti nan argisiisa” jedhe. 2 Kana booda yeruma sana hafuuraan humna nan argadhe; kunoo, teessoon tokko samii keessa jira ture, teessoo sana irra kan taaʼe tokkos jira ture.+ 3 Inni achi irra taaʼe sun bifti isaa akka dhagaa yaasphisii*+ fi akka dhagaa saardiyon* ture; guutummaa naannoo teessichaa sabbanni waaqaa imeraaldii fakkaatu jira ture.+
4 Teessoowwan 24 teessichatti marsanii jiru turan, teessoowwan sana irra jaarsoliin 24+ uffata adii uffatanii fi mataa isaaniitti gonfoo warqii kaaʼatanii utuu taaʼanii nan arge. 5 Teessicha keessaa bakakkaan,+ sagaleenii fi kakawween ni baʼa ture;+ teessicha duratti ibsaawwan ibiddaa torba ni bobaʼu turan; isaan hafuurota Waaqayyoo torba+ argisiisu. 6 Teessicha dura wanti akka kiristaalii taʼee fi galaana+ burcuqqoo fakkaatu tokko jira ture.
Gidduu teessichaa* fi naannoo teessichaa uumamawwan jiraatoon+ fuulduraa fi duubaan ijaan guutaman afur jiru turan. 7 Uumamni jiraataan inni tokkoffaan leenca+ fakkaata, uumamni jiraataan inni lammaffaan qotiyyoo+ fakkaata, uumamni jiraataan inni sadaffaan+ fuula fuula namaa fakkaatu qaba, uumamni jiraataan inni arfaffaan+ immoo risaa+ barrisu fakkaata ture. 8 Uumamawwan jiraatoon arfan sun tokkoon tokkoon isaanii qoochoowwan jaʼa jaʼa qabu turan; qochoowwan sun naannoon isaanii fi keessi isaanii ijaan kan guutame ture.+ Isaan utuu wal irraa hin kutin halkanii fi guyyaa, “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan,*+ Inni Hundumaa Dandaʼu, inni ture, inni jiruu fi inni dhufu”+ jedhu turan.
9 Uumamawwan jiraatoon sun isa teessoo irra taaʼe isa baraa hamma bara baraatti jiraatu+ sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu dhiheessan hundatti, 10 jaarsoliin 24n+ sun isa teessoo irra taaʼe sana duratti gombifamanii isa baraa hamma bara baraatti jiraatu sana waaqeffatan; gonfoo isaanii teessoo sana duratti gatanii akkana jedhan: 11 “Yaa Waaqa keenya Yihowaa,* ati wantoota hundumaa waan uumteef,+ isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina,+ kabajaa fi humna+ fudhachuun siif ni mala.”+
5 Harka mirgaa isa teessoo irra taaʼe+ sanaa keessatti maraa kitaabaa karaa lamaan* irratti barreeffamee fi chaappaawwan torbaan akka gaariitti cufame tokko nan arge. 2 Maleekaan jabaan tokkos sagalee guddaadhaan, “Maraa kitaabaa kana hiikuu fi chaappaawwan kana banuun kan isaaf malu eenyu?” jedhee yommuu labsu nan arge. 3 Taʼus, samii keessa yookiin lafa irra yookiin lafa jala maraa kitaabaa kana hiikuu yookiin keessa isaa ilaaluu kan dandaʼe tokko illee hin turre. 4 Maraa kitaabaa kana hiikuun yookiin keessa isaa ilaaluun kan isaaf malu tokko illee waan hin argamneef hirqinfadheen booʼe. 5 Haa taʼu malee, jaarsolii sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin. Kunoo, Leenci gosa Yihudaa,+ hiddi+ Daawit,+ maraa kitaabaa kana hiikuu fi chaappaawwan isaa torban banuuf injifateera”+ naan jedhe.
6 Teessoo sana gidduu, uumamawwan jiraatoo arfan sana gidduu fi jaarsolii sana gidduu+ hoolaan+ kan qalame+ fakkaatu tokko dhaabbatee nan arge; inni gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; ijawwan kun hafuurota Waaqayyoo warra gara guutummaa lafaatti ergaman torba+ argisiisu. 7 Innis yeruma sana fuulduratti baʼee harka mirgaa isa teessoo irra taaʼe+ sanaa irraa maraa kitaabaa sana fudhate. 8 Yommuu inni maraa kitaabaa sana fudhatu, uumamawwan jiraatoon arfanii fi jaarsoliin 24+ Hoolicha duratti gombifaman; tokkoon tokkoon isaanii baganaa fi saanii warqii ixaanni itti guutame qabatanii turan. (Ixaanichi kadhannaa qulqullootaa argisiisa.)+ 9 Isaan akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan:+ “Maraa kitaabaa sana fudhachuu fi chaappaawwan isaa banuun siif ni mala; sababiin isaas, ati qalamteetta, dhiiga keetiinis gosa hundumaa keessaa, qooqa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, akkasumas saba hundumaa keessaa namoota Waaqayyoof bittee+ 10 Waaqa keenyaaf moototaa*+ fi luboota akka taʼan isaan gootetta;+ isaan mootota taʼanii lafa irratti ni bulchu.”+
11 Anis nan arge, naannoo teessichaa, naannoo uumamawwan jiraatoo sanaa fi naannoo jaarsolii sanaatti sagalee maleekota hedduu nan dhagaʼe; lakkoofsi isaanii kumaatama siʼa kumaatamaa fi kuma hedduu siʼa kuma hedduu ture;+ 12 isaanis sagalee guddaadhaan, “Hoolichi inni qalame+ humna, badhaadhina, ogummaa, jabina, kabaja, ulfinaa fi eebba fudhachuun isaaf ni mala”+ jedhu turan.
13 Anis uumamni samii keessa, lafa irra, lafa jalaa+ fi galaana keessa jiru, akkasumas wantoonni isaan keessa jiran hundi, “Isa teessoo irra taaʼe+ sanaa fi Hoolichaaf+ eebbi, kabajni,+ ulfinnii fi humni baraa hamma bara baraatti haa taʼu”+ yommuu jedhan nan dhagaʼe. 14 Uumamawwan jiraatoon arfan, “Ameen!” jedhan, jaarsoliin sunis gombifamanii waaqeffatan.
6 Hoolichi+ chaappaawwan torban keessaa isa tokko yommuu banu nan arge;+ uumamawwan jiraatoo arfan+ keessaa inni tokko sagalee akka kakawweetiin, “Kottu!” yommuu jedhu nan dhagaʼe. 2 Ani nan arge, kunoo, fardi adiin+ tokko jira ture; inni isa irra taaʼes iddaa qaba ture; gonfoon isaaf ni kenname,+ innis injifachaa fi injifannoo isaa xumuruuf baʼe.+
3 Yommuu inni chaappaa isa lammaffaa banu, uumamni jiraataan inni lammaffaan,+ “Kottu!” yommuu jedhu nan dhagaʼe. 4 Fardi kan biraan diimaan tokko ni baʼe; inni isa irra taaʼes namoonni akka wal gorraʼaniif nagaa lafa irraa akka fuudhu aangoon isaaf kenname, goraadee guddaan tokkos isaaf kenname.+
5 Yommuu inni chaappaa isa sadaffaa banu,+ uumamni jiraataan inni sadaffaan,+ “Kottu!” yommuu jedhu nan dhagaʼe. Ani nan arge, kunoo, fardi gurraachi tokko jira ture; inni isa irra taaʼe harka isaatti madaallii qabatee ture. 6 Sagaleen uumamawwan jiraatoo arfan sana gidduudhaa kan dhufe fakkaatu tokkos, “Qamadii kiiloo* tokko dinaaree* tokkoon,+ garbuu kiiloo sadiis dinaaree tokkoon; zayitii ejersaa fi daadhii wayinii hin miidhin” yommuu jedhu nan dhagaʼe.+
7 Yommuu inni chaappaa isa arfaffaa banu, uumamni jiraataan inni arfaffaan,+ “Kottu!” yommuu jedhu nan dhagaʼe. 8 Ani nan arge, kunoo, fardi daalachi tokko jira ture; inni isa irra taaʼe maqaan isaa Duʼa jedhama. Awwaallis* itti dhihaatee isa duukaa buʼa ture. Isaan goraadee dheeraadhaan, hanqina nyaataatiin,+ dhaʼicha cimaadhaan, akkasumas bineensota bosonaatiin akka namoota ajjeesan kutaa lafaa harka afur keessaa harka tokko irratti aangoon isaaniif kenname.+
9 Yommuu inni chaappaa isa shanaffaa banu, lubbuu*+ namoota sababii dubbii Waaqayyoo fi sababii dhugaa baʼuu isaaniitiif gorraʼamanii+ iddoo aarsaa jalatti+ nan arge. 10 Isaanis, “Qulqulluu fi dhugaa+ kan taate yaa Gooftaa Ol Aanaa, warra lafa irra jiran irratti murteessuu fi dhiiga keenyaaf isaan irratti haaloo baʼuu irraa kan of qusattu hamma yoomiitti?”+ jedhanii sagalee guddaadhaan iyyan. 11 Tokkoon tokkoon isaaniitiif uffanni adiin ni kenname;+ isaanis hanga lakkoofsi warra akkuma isaanii garboota taʼanii fi obboloota isaanii warra akkuma isaanii ajjeefamuuf jiranii+ guututti yeroo muraasaaf akka boqotan isaanitti himame.
12 Yommuu inni chaappaa isa jaʼaffaa banu nan arge, kirkirri lafaa guddaan ni taʼe; aduun akka uffata gaddaa rifeensa* irraa tolfameetti ni gurraachofte, guutummaan addeessaas akka dhiigaa taate;+ 13 urjiileen samii akkuma mukti harbuu yommuu bubbee cimaadhaan raafamu firiiwwan isaa warri hin bilchaanne harcaʼanitti lafatti harcaʼan. 14 Samiin akka maraa kitaabaa maramaa jiruutti iddoo isaatii ni kaʼe;+ gaaronni hundii fi odolawwan hundis iddoo isaaniitii ni buqqifaman.+ 15 Achiis mootonni lafaa, abbootiin taayitaa warri ol aanoon, ajajjoonni waraanaa, sooreyyiin, warri jajjaboon, garboonni fi namoonni bilisa taʼan hundi holqawwan keessaa fi kattaawwan gaarotaa gidduutti dhokatan.+ 16 Isaan gaarotaa fi kattaawwan sanaan akkana jedhan: “Nu irratti jigaa,+ fuula isa teessoo irra taaʼe+ sanaa fi dheekkamsa Hoolichaa+ jalaa nu dhoksaa; 17 sababiin isaas, guyyaan dheekkamsaa isaanii inni guddaan dhufeera;+ eenyutu dhaabbachuu dandaʼa ree?”+
7 Kana booda, maleekonni afur golee lafaa arfan irra dhaabbatanii nan arge; isaan bubbeen lafa irratti yookiin galaana irratti yookiin muka kam irratti iyyuu akka hin bubbisne bubbeewwan lafaa arfan jabeessanii qabanii turan. 2 Maleekaa kan biraan chaappaa Waaqa jiraataa qabus karaa baha biiftuu utuu ol baʼuu nan arge; inni sagalee guddaadhaan maleekota arfan lafaa fi galaana akka miidhan aangoon isaaniif kenname waamee, 3 “Hamma nuti adda garboota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti+ lafa yookiin galaana yookiin mukeetii hin miidhinaa” jedhe.+
4 Lakkoofsa warra chaappaan itti godhame sanaa nan dhagaʼe; lakkoofsi isaanii 144,000+ yeroo taʼu, chaappaan kan itti godhames tokkoon tokkoon gosoota ilmaan Israaʼel+ keessaa ture:
5 Gosa Yihudaa keessaa chaappaan kan itti godhame 12,000 turan;
gosa Ruuben keessaa 12,000;
gosa Gaad keessaa 12,000;
6 gosa Asheer keessaa 12,000;
gosa Niftaalem keessaa 12,000;
gosa Minaasee+ keessaa 12,000;
7 gosa Simiʼoon keessaa 12,000;
gosa Leewwii keessaa 12,000;
gosa Yisaakor keessaa 12,000;
8 gosa Zaabiloon keessaa 12,000;
gosa Yoseef keessaa 12,000;
gosa Biiniyaam keessaa 12,000 irratti chaappaan ni godhame.
9 Kana booda nan arge, kunoo, tuutni uummataa guddaan eenyu iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenyee fi saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan,+ uffata aʼadii uffatanii+ teessichaa fi Hoolicha dura dhaabbatanii turan; isaan damee muka meexxii harka isaaniitti qabatanii turan.+ 10 Akkasumas sagalee guddaadhaan, “Fayyina kan arganne, Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼee+ fi Hoolicha irraa ti”+ jedhanii iyyu turan.
11 Maleekonni hundi teessoo sanatti, jaarsolii+ sanaa fi uumamawwan jiraatoo arfanitti marsanii dhaabbatanii turan; isaan teessoo sana duratti adda isaaniitiin gombifamanii Waaqayyoon waaqeffatan; 12 akkana jedhan: “Ameen! Jajamuun, ulfinni, ogummaan, galanni, kabajni, humnii fi jabinni baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaaf haa taʼu.+ Ameen.”
13 Jaarsolii sana keessaa inni tokko deebisee, “Warri uffata aʼadii uffatan+ kun eenyu faʼi? Kan dhufan hoo eessaa ti?” naan jedhe. 14 Kanaafuu yeruma sana, “Yaa gooftaa koo, situ beeka” jedheen deebise. Innis akkana naan jedhe: “Warri kun warra rakkina guddaa+ keessaa dhufani dha; isaan uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.+ 15 Teessoo Waaqayyoo dura kan jiran kanaafi; isaan halkanii fi guyyaa mana qulqullummaa isaa keessatti tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessaa jiru; inni teessicha irra taaʼe+ sunis dunkaana isaa isaan irra ni diriirsa.+ 16 Isaan kana booda hin beelaʼan, hin dheebotanis; aduun isaan hin rukutu, hoʼi cimaanis isaan hin gubu;+ 17 sababiin isaas, Hoolichi+ inni teessicha gidduu jiru isaan ni tiksa;+ gara burqaa bishaan jireenyaattis+ isaan ni geessa. Waaqayyos imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa.”+
8 Yommuu inni+ chaappaa isa torbaffaa banu,+ samii keessatti gara saʼaatii walakkaatiif callisni ni taʼe. 2 Maleekota torban+ Waaqayyo dura dhaabbatan nan arge, malakanni torba isaaniif ni kenname.
3 Maleekaa kan biraan qodaa ixaanaa warqii irraa tolfame qabate tokko dhufee iddoo aarsaa+ bira dhaabbate; inni kadhannaa qulqulloota hundumaa wajjin iddoo aarsaa warqii irraa tolfame+ isa teessicha dura jiru irratti akka dhiheessuuf ixaanni hedduun+ isaaf kenname. 4 Aarri ixaanichaa kadhannaa+ qulqullootaa wajjin harka maleekichaa irraa Waaqayyo duratti ol baʼe. 5 Taʼus yeruma sana maleekichi qodaa ixaanaa sana fudhatee ibidda iddoo aarsaa irraa itti guutee gara lafaatti darbate. Achiis kakawween, sagaleen, balaqqeessi bakakkaa+ fi kirkirri lafaa ni taʼe. 6 Maleekonni torban malakata torba qabatanis+ afuufuuf qophaaʼan.
7 Maleekaan inni jalqabaa malakata isaa afuufe. Cabbii fi ibiddi dhiigaan makames ni taʼe; achiis gara lafaatti gad darbatame;+ laftis harka sadii keessaa harki tokko ni gubatte; mukeetiin harka sadii keessaa harki tokko ni gubatan; biqiltoonni lalisoon hundis ni gubatan.+
8 Maleekaan inni lammaffaan malakata isaa afuufe. Wanti gaara guddaa ibiddaan gubachaa jiru fakkaatu tokkos galaana keessatti gad darbatame.+ Galaanichi harka sadii keessaa harki tokko dhiiga taʼe;+ 9 uumamawwan jiraatoo galaana keessa jiran harka sadii keessaa harki tokko ni duʼan;+ dooniiwwanis harka sadii keessaa harki tokko ni caccaban.
10 Maleekaan inni sadaffaan malakata isaa afuufe. Urjii guddaan akka ibsaa bobaʼu tokkos samii keessaa ni kufe; inni lageen harka sadii keessaa harka tokko irratti, akkasumas burqaawwan bishaanii irratti kufe.+ 11 Maqaan urjichaa Hadheessa jedhama. Bishaanonni harka sadii keessaa harki tokko ni hadhaaʼan; bishaanonni kun waan hadhaaʼaniif,+ namoonni hedduun bishaanota sanaan kan kaʼe ni duʼan.
12 Maleekaan inni arfaffaan malakata isaa afuufe. Aduun+ harka sadii keessaa harki tokko, addeessi harka sadii keessaa harki tokko, urjiileen harka sadii keessaa harki tokko ni rukutaman; kunis kan taʼe isaan harka sadii keessaa harki tokko akka dukkanaaʼaniif,+ akkasumas guyyaan harka sadii keessaa harki tokko, halkanis harka sadii keessaa harki tokko ifa akka hin arganneefi.
13 Ani nan arge, risaan samii walakkaa barrisu tokko sagalee guddaadhaan, “Sagalee malakataa guddaa maleekonni sadan hafan yommuu malakata+ isaanii afuufan dhagaʼamuun kan kaʼe, warra lafa irra jiraataniif wayyoo, wayyoo, wayyoo!”+ yommuu jedhu nan dhagaʼe.
9 Maleekaan inni shanaffaan malakata isaa afuufe.+ Anis urjii samii irraa gara lafaatti kufee ture tokko nan arge, furtuun afaan qilee+ isaaf ni kenname. 2 Innis afaan qilee sanaa ni bane, aarri akka aara iddoo ibiddaa guddaa keessaa baʼuutti afaan qilee sanaa keessaa ol baʼe; aara achi keessaa baʼeenis aduun ni dukkanoofte,+ qilleensis ni gurraachaʼe. 3 Awwaannisoonni aara sana keessaa gara lafaatti baʼan;+ aangoonis isaaniif ni kenname; aangoon kunis akka aangoo torbaanqabaan* lafa irratti qabuu ture. 4 Isaan namoota chaappaa Waaqayyoo adda isaanii irraa hin qabne qofa malee, biqiltoota lafaa yookiin biqiltuu lalisaa yookiin muka kam iyyuu akka hin miine isaanitti himame.+
5 Awwaannisoonni sun akka isaan ajjeesan utuu hin taʼin, jiʼa shaniif akka isaan dhiphisan isaaniif heyyamame; isaan kan dhiphisan akka yeroo torbaanqabaan+ nama hiddu dhiphisutti ture. 6 Guyyoota sanatti namoonni duʼa barbaadu, garuu matumaa hin argatan; duʼuu ni hawwu, garuu duuti isaan irraa baqata.
7 Bifti awwaannisoota sanaa fardeen duulaaf qophaaʼan fakkaata;+ wanta gonfoo warqii fakkaatus mataa isaanii irraa qabu, fuulli isaanii fuula dhiiraa fakkaata, 8 rifeensi isaanii garuu rifeensa dubartii fakkaata ture. Ilkaan isaaniis akka ilkaan leencaa ture;+ 9 uffata qomaa* akka uffata qomaa sibiilaa taʼes qabu turan. Sagaleen qoochoo isaanii akka sagalee gaariiwwan fardaa duulatti didichanii ture.+ 10 Kana malees, eegee kan qaban yeroo taʼu, eegeen isaanii akkuma torbaanqabaa ilkee of irraa qaba; aangoon isaan namoota jiʼa shaniif ittiin miidhanis eegee isaanii irra jira ture.+ 11 Isaan mootii isaan bulchu qabu, innis maleekaa qilee ti.+ Maqaan isaa Afaan Ibrootaatiin Abaadoon* jedhama; Afaan Giriikiitiin immoo maqaa Apholiyon* jedhamu qaba.
12 Wayyoon inni tokko darbeera. Kunoo, wantoota kana booda wayyoon dabalataa lama+ ni dhufa.
13 Maleekaan inni jaʼaffaan+ malakata isaa afuufe.+ Anis gaanfota iddoo aarsaa warqii+ irraa tolfamee fi Waaqayyo dura jiru sanaa keessaa sagalee tokko nan dhagaʼe; 14 innis maleekaa jaʼaffaa isa malakata qabuun, “Maleekota arfan laga Efraaxis+ isa guddichatti hidhaman sana hiiki” jedhe. 15 Maleekonni arfan saʼaatii, guyyaa, jiʼaa fi waggaa sanaaf qopheeffamanii turanis namoota harka sadii keessaa harka tokko akka ajjeesan ni hiikaman.
16 Lakkoofsi raayyaa abbootii fardeenii kumaatama lama siʼa kumaatama* ture; ani lakkoofsa isaanii nan dhagaʼe. 17 Fardeenii fi warra isaan irra taaʼan mulʼataan kanan arge haala kanaan ture: Isaan uffata qomaa kan qaban yeroo taʼu, bifti isaa diimaa ibidda fakkaatu, cuquliisaa fi keelloo ture; mataan fardeen sanaas akka mataa leencotaa+ ture, afaan isaanii keessaa ibiddi, aarrii fi dinyiin ni baʼa ture. 18 Namoonni harka sadii keessaa harki tokko dhaʼichawwan sadan kanaan, jechuunis ibidda, aaraa fi dinyii afaan isaanii keessaa baʼuun ni ajjeefaman. 19 Aangoon fardeen sanaa afaan isaanii fi eegee isaanii irra jira; sababiin isaas, eegeen isaanii bofa kan fakkaatu yeroo taʼu, mataa qaba ture, eegee isaaniitiinis namoota miidhu.
20 Namoonni dhaʼichawwan kanaan hin ajjeefamne kaan garuu hojii harka isaanii irraa yaada hin geddaranne; isaan jinniiwwan, waaqolii tolfamoo warra warqii, meetii, sibiila diimaa, dhagaa fi muka irraa tolfaman, kanneen ilaaluu yookiin dhagaʼuu yookiin deemuu hin dandeenye+ waaqeffachuu hin dhiisne. 21 Akkasumas, ajjeechaa yookiin gochawwan hafuurota hamoo yookiin halalummaa* yookiin hanna dhiisuudhaan yaada isaanii hin geddaranne.
10 Maleekaa jabaan kan biraan tokko duumessa uffatee* utuu samii irraa gad buʼuu nan arge; mataa isaa irra sabbanni waaqaa jira ture, fuulli isaa aduu fakkaata,+ miilli isaas utubaa ibiddaa fakkaata ture; 2 inni maraa kitaabaa hiikamee jiruu fi xinnoo taʼe harka isaatti qabatee ture. Akkasumas miila isaa mirgaatiin galaana irra, miila isaa bitaatiin immoo lafa gogaa irra ejjete; 3 akka leenca barooduuttis sagalee guddaadhaan ni iyye.+ Yeroo inni iyyus sagaleewwan kakawwee+ torban sanaa ni dubbatan.
4 Anis yommuu kakawween torban sun dubbatan barreessuufan kaʼe; haa taʼu malee, samii keessaa+ sagaleen tokko, “Wantoota kakawween torban sun dubbatan chaappaadhaan cufi malee hin barreessin” yommuu jedhu nan dhagaʼe. 5 Maleekaan ani galaanaa fi lafa irra dhaabbatee arge sun harka isaa mirgaa gara samiitti ol kaase; 6 achiis isa baraa hamma bara baraatti jiraatu,+ isa samii fi wantoota achi keessa jiran, lafaa fi wantoota achi keessa jiran, akkasumas galaanaa fi wantoota achi keessa jiran uume+ sanaan kakatee akkana jedhe: “Kana booda lafa irra harkisuun hin jiru. 7 Kanaa mannaa, guyyoota maleekaan torbaffaan+ malakata isaa afuufuuf jedhutti,+ iccitii qulqulluun+ Waaqayyo garboota isaa warra raajota+ taʼaniif akka misiraachootti labse ni raawwatama.”
8 Ammas samii keessaa+ sagalee, “Dhaqi, maleekaa isa galaanaa fi lafa gogaa irra dhaabbate sana harkaa maraa kitaabaa hiikame sana fuudhi” jedhee natti dubbatu nan dhagaʼe.+ 9 Anis gara maleekaa sanaa dhaqeen maraa kitaabaa xinnoo sana akka anaaf kennu gaafadhe. Innis, “Fudhadhuu nyaadhu;+ inni garaa kee ni hadheessa, afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa” naan jedhe. 10 Anis maraa kitaabaa xinnoo sana maleekaa sana harkaa fuudhee nan nyaadhe;+ inni afaan koo keessatti akka dammaa miʼaawaa taʼe,+ ergan nyaadhee booda garuu garaan koo hadhaaʼaa taʼe. 11 Sagalee, “Namoota, saboota, qooqawwanii fi mootota hedduu ilaalchisee ammas raajii dubbachuu qabda” jedhus nan dhagaʼe.
11 Shomboqqoon ulee* fakkaatu+ tokko naaf kenname, sagaleen tokkos akkana naan jedhe: “Kaʼi, iddoo qulqulluu mana qulqullummaa Waaqayyoo, iddoo aarsaa fi warra isa keessatti waaqeffatan safari. 2 Mooraa mana qulqullummaa isa iddoo qulqulluudhaa ala jiru garuu dhiisi, hin safarin; sababiin isaas, inni sabootaaf kennameera, isaan magaalaa qulqulluu+ sana jiʼa 42f+ miila isaanii jalatti ni dhidhiitu. 3 Anis dhugaa baatonni koo lamaan uffata gaddaa uffatanii guyyaa 1,260 raajii akka dubbatan nan godha.” 4 Isaan kun mukeetii ejersaa lamaanii+ fi baattuuwwan ibsaa lamaanitti+ kan fakkeeffaman yeroo taʼu, Gooftaa lafaa dura dhaabbataniiru.+
5 Namni kam iyyuu isaan miidhuu yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa baʼee diinota isaanii guba. Namni kam iyyuu isaan miidhuu yoo barbaade akka kanaan ajjeefamuu qaba. 6 Isaan guyyoota raajii dubbatanitti bokkaan akka hin roobne+ samii cufuuf+ aangoo qabu; akkasumas, bishaanota gara dhiigaatti jijjiiruu+ fi akkuma barbaadanitti yeroo baayʼee dhaʼicha akaakuu hundumaatiin lafa rukutuuf aangoo qabu.
7 Isaan dhugaa baʼanii yeroo xumuran, bineensi qilee keessaa baʼu sun waraana isaan irratti bana, isaan ni injifata, akkasumas isaan ajjeesa.+ 8 Reeffi isaanii daandii guddaa magaalaa guddoo akka fakkeenyaatti Sodoomii fi Gibxii jedhamtuu irra ni ciciisa; Gooftaan isaaniis bakkuma kanatti muka irratti fannifame. 9 Namoonni uummata, gosa, qooqaa fi saba garaa garaa keessaa dhufanis guyyaa sadii fi walakkaadhaaf+ reeffa isaanii ni ilaalu, reeffi isaanii akka awwaalamus hin heyyaman. 10 Raajonni lamaan kun warra lafa irra jiraatan waan dhiphisaniif, warri lafa irra jiraatan duʼuu isaaniitti ni gammadu, ni ayyaaneffatu, kennaas waliif ni kennu.
11 Guyyaa sadii fi walakkaa booda, hafuurri jireenyaa Waaqayyo biraa dhufe isaanitti ni seene;+ isaanis miila isaaniitiin ni dhaabbatan, warra isaan ilaalan irras sodaa guddaan ni buʼe. 12 Samii keessaa sagalee guddaan tokko, “Ol kottaa!” yommuu isaaniin jedhu ni dhagaʼan. Isaanis duumessa keessa gara samiitti ol baʼan; diinonni isaaniis isaan ilaalan.* 13 Saʼaatii sanatti kirkirri lafaa guddaan ni taʼe; magaalattii keessaa harka kudhan keessaa harki tokko ni kufe; namoonni 7,000 taʼanis kirkira lafaa sanaan ni duʼan, warri hafan immoo baayʼee sodaatanii Waaqa samiitiif ulfina kennan.
14 Wayyoon inni lammaffaan+ darbeera. Kunoo, wayyoon inni sadaffaan saffisaan dhufaa jira.
15 Maleekaan inni torbaffaan malakata isaa afuufe.+ Samii keessaa sagaleewwan guguddaan, “Mootummaan addunyaa, Mootummaa Gooftaa keenyaa+ fi Mootummaa Kiristoos+ ni taʼe; inni baraa hamma bara baraatti mootii taʼee ni bulcha”+ jedhan ni dhagaʼaman.
16 Jaarsoliin 24+ warri Waaqayyo dura teessoo isaanii irra taaʼanis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqayyoon waaqeffatan; 17 akkana jedhan: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa,* Hundumaa kan Dandeessu, inni jirtuu+ fi inni turte, ati aangoo kee isa guddaa waan fudhattee fi mootii taatee bulchuu waan jalqabdeef+ si galateeffanna. 18 Taʼus, saboonni ni dheekkaman, dheekkamsi kees ni dhufe, yeroon murteeffame sun, jechuunis yeroon warri duʼan murtii itti argatan, yeroon garboota kee raajotaaf,+ qulqullootaaf, warra maqaa kee sodaataniif, warra xixinnaa fi warra guguddaadhaaf badhaasa isaanii itti kennitu,+ akkasumas yeroon warra lafa mancaasan*+ itti balleessitu ni dhufe.”
19 Iddoo qulqulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo inni samii keessa jirus ni baname, taabonni kakuu isaa iddoo qulqulluu mana qulqullummaa+ keessatti ni mulʼate. Balaqqeessi bakakkaa, sagaleen, kakawween, kirkirri lafaa fi cabbii guddaanis ni taʼe.
12 Kana booda mallattoo guddaan tokko samii keessatti mulʼate: Dubartiin+ aduu uffatte, addeessi miila ishii jala jiruu fi gonfoo urjiilee 12 irraa tolfame mataa ishii irra kaaʼatte takka jirti turte; 2 ishiin ulfa turte. Daʼuuf jettee ciniinsuudhaan qabamtee dhiphinaan iyyiti turte.
3 Mallattoo kan biraanis samii keessatti ni mulʼate. Kunoo, jawwee+ guddaa diimaan mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, akkasumas mataawwan isaa irraa gonfoo torba qabu tokko jira ture; 4 eegeen isaa urjiilee+ samii harka sadii keessaa harka tokko harkisee gara lafaatti gad darbate.+ Jawween sun yommuu dubartittiin deessu mucaa ishii liqimsuuf, dubartii daʼuuf jettu sana dura dhaabbatee eega ture.+
5 Ishiin mucaa dhiiraa, eeyyee, ilma+ saboota hunda ulee sibiilaatiin tiksuuf jedhu tokko deesse.+ Mucaan ishiis gara Waaqayyoo fi gara teessoo isaatti ol butame. 6 Dubartittiinis gara lafa onaatti, jechuunis bakka Waaqayyo iddoo ishiidhaaf itti qopheessee fi guyyaa 1,260+ itti ishii sooranitti baqatte.
7 Samii keessatti waraanni ni kaʼe: Mikaaʼelii*+ fi maleekonni isaa jawwee sana irratti waraana banan; jawween sunii fi maleekonni isaas isaan irratti waraana banan; 8 haa taʼu malee, isaan ni moʼaman,* sana booda samii keessatti iddoon isaaniif hin argamne. 9 Kanaafuu, jawwee+ guddaan sun, jechuunis bofti+ inni jalqabaa, inni Diyaabilosii+ fi Seexana+ jedhamu, inni guutummaa lafaa dogoggorsu+ sun gad darbatame; inni gara lafaatti gad darbatame;+ maleekonni isaas isaa wajjin gad darbataman. 10 Anis samii keessaa sagalee guddaa akkana jedhu tokko nan dhagaʼe:
“Amma fayyinni,+ humnii fi Mootummichi kan Waaqa keenyaa,+ aangoonis kan Kiristoos taʼeera; sababiin isaas, inni obboloota keenya himatu, inni halkanii fi guyyaa Waaqa keenya duratti isaan himatu+ sun gad darbatameera! 11 Isaanis dhiiga Hoolichaa+ fi dubbii dhugaa baʼiinsa isaaniitiin+ kan kaʼe isa injifataniiru;+ hamma duʼaatti illee lubbuu* isaanii hin mararsiifanne.+ 12 Kanaan kan kaʼes, isin samiiwwanii fi warri isaan keessa jiraattan gammadaa! Lafaa fi galaanaaf garuu wayyoo!+ Sababiin isaas, Diyaabilos yeroo gabaabduu akka qabu waan beekeef, aarii guddaadhaan gara keessanitti gad buʼeera.”+
13 Jawween sun gara lafaatti akka gad darbatame+ yommuu hubatu, dubartii+ ishii ilma deesse sana irra ariʼatama geessise. 14 Haa taʼu malee, dubartittiin fuula bofichaa+ duraa fagaattee iddoo lafa onaa keessatti ishiidhaaf qophaaʼee fi bakka baraaf, barootaa fi walakkaa baraatiif*+ itti sooramtu sanatti akka barristuuf qoochoon risaa+ guddaa lama ishiidhaaf kenname.
15 Bofichis bishaan akka laga guddaa duuba ishiitiin itti gadhiise; kanas kan godhe dubartittiin lagichaan akka nyaatamtuuf ture. 16 Haa taʼu malee, lafti dubartittii gargaarte; afaan ishii bantee laga jawween sun afaan isaa keessaa yaase liqimsite. 17 Kanaafuu, jawween sun dubartittiitti aaree, warra sanyii ishii+ keessaa hafan, warra ajaja Waaqayyoo eeganii fi waaʼee Yesuus dhugaa akka baʼan hojiin isaaniif kenname irratti waraana banuuf deeme.+
13 Inni* cirracha galaanaa irra dhaabbatee ture.
Anis bineensi+ gaanfa kudhanii fi mataa torba qabu tokko utuu galaanicha+ keessaa ol baʼuu nan arge, inni gaanfota isaa irratti gonfoo kudhan, mataawwan isaa irratti immoo maqaawwan Waaqa arrabsan qaba ture. 2 Bineensi ani arge qeerransa fakkaata ture; miilli isaa garuu miila amaaketaa fakkaata, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata ture. Jawween+ sunis humna isaa fi teessoo isaa, akkasumas aangoo guddaa bineensichaaf ni kenne.+
3 Mataawwan isaa keessaa inni tokko akka malee kan madaaʼe fakkaatee nan arge; haa taʼu malee, madaan isaa inni duʼaaf isa saaxilu sun ni fayye,+ guutummaan lafaas dinqisiifannaadhaan bineensicha duukaa buʼe. 4 Namoonnis jawween sun bineensichaaf aangoo waan kenneef jawwicha waaqeffatan; akkasumas, “Bineensicha kan fakkaatu eenyu? Isa loluu kan dandaʼu hoo eenyu?” jedhanii bineensicha waaqeffatan. 5 Afaan of tuulummaadhaan dubbatuu fi Waaqa ittiin arrabsus bineensichaaf ni kenname; wanta barbaade akka hojjetuufis jiʼa 42f+ aangoon isaaf kenname. 6 Innis Waaqa arrabsuuf,+ jechuunis maqaa isaa, bakka jireenyaa isaa fi warra samii keessa jiraatan+ arrabsuuf afaan isaa bane. 7 Qulqulloota irratti waraana akka banuu fi akka isaan injifatuuf isaaf ni heyyamame;+ gosa, uummata, qooqaa fi saba hundumaa irrattis aangoon isaaf ni kenname. 8 Warri lafa irra jiraatan hundis isa ni waaqeffatu. Erga addunyaan hundeeffamee jalqabee, maqaa isaanii keessaa tokko illee maraa kitaaba jireenyaa+ isa kan Hoolicha qalame+ sanaa irratti hin barreeffamne.
9 Namni gurra qabu yoo jiraate haa dhagaʼu.+ 10 Namni boojiʼamuu qabu kam iyyuu ni boojiʼama. Namni goraadeedhaan ajjeesu* kam iyyuu, goraadeedhaan ajjeefamuu qaba.+ Egaa qulqulloonni+ jabaatanii dhaabbachuunii+ fi amantiin+ kan isaan barbaachisu kana irratti.
11 Achiis bineensi kan biraan lafa keessaa utuu ol baʼuu nan arge; inni akka hoolaa gaanfa lama qaba ture; haa taʼu malee, akka jawweetti+ dubbachuu jalqabe. 12 Inni bineensa+ isa jalqabaa duratti, aangoo bineensa isa jalqabaa guutummaatti itti fayyadama. Laftii fi jiraattonni ishii bineensa isa jalqabaa, isa madaan isaa inni duʼaaf isa saaxilu fayyeef+ sana akka waaqeffatan godha. 13 Hamma ibidda samii irraa gara lafaatti gad buusutti illee ilmaan namootaa duratti mallattoowwan guguddaa ni raawwata.
14 Inni namoonni lafa irra jiraatan bineensicha isa goraadeedhaan madaaʼee turee fi deebiʼee fayye+ sanaaf bifa fakkeenyaa+ akka hojjetan ajajuudhaan, mallattoowwan bineensicha duratti akka raawwatu isaaf heyyamameen warra lafa irra jiraatan ni dogoggorsa. 15 Bifa fakkeenyaa bineensichaatiif hafuura akka kennus isaaf ni heyyamame; kunis bifti fakkeenyaa bineensichaa akka dubbatuu fi namoota bifa fakkeenyaa bineensichaa waaqeffachuu didan hunda akka ajjeesisuufi.
16 Inni harka isaanii mirgaa yookiin adda isaanii irratti mallattoo akka godhatan namoota hunda, jechuunis xinnaa fi guddaa, sooressaa fi hiyyeessa, isa bilisa taʼee fi isa garba taʼe ni dirqisiisa;+ 17 kunis nama mallattoo sana, jechuunis maqaa+ bineensichaa yookiin lakkoofsa maqaa bineensichaa+ qabu malee, eenyu iyyuu bituu yookiin gurguruu akka hin dandeenyeefi. 18 Egaa ogummaan kan barbaachisu kana irratti: Namni hubannaa qabu lakkoofsa bineensichaa haa shallagu, lakkoofsichi lakkoofsa namaa ti, lakkoofsi isaa 666 dha.+
14 Achiis nan arge, kunoo, Hoolichi+ Gaara Xiyoon+ irra dhaabbatee ture; warri 144,000+ kanneen maqaan isaa fi maqaan Abbaa+ isaa adda isaanii irratti barreeffame isaa wajjin turan. 2 Sagaleen akka bishaanota hedduu fi akka kakawwee guddaa taʼe tokko yommuu samii keessaa dhufu nan dhagaʼe; sagaleen ani dhagaʼe sunis akka sagalee faarfattoonni baganaa isaanii taphachaa faarfatanii ture. 3 Isaan teessoo sana duratti, uumamawwan jiraatoo arfan+ sana durattii fi jaarsolii+ sana duratti faarfannaa haaraa fakkaatu tokko faarfatan;+ faarfannaa kanas warra 144,000+ lafa irraa bitaman sana malee namni kam iyyuu beekuu hin dandeenye. 4 Isaan kun warra dubartootaan of hin xureessine dha; siruma iyyuu isaan qeerroo* dha.+ Isaan warra bakka Hoolichi dhaqu hundatti isa duukaa buʼani dha.+ Isaan warra Waaqayyoo fi Hoolichaaf firiiwwan jalqabaa akka taʼaniif,+ ilmaan namootaa keessaa bitamani dha;+ 5 dubbiin gowwoomsaa tokko illee afaan isaanii keessatti hin argamne; mudaa tokko illees hin qaban.+
6 Maleekaa kan biraanis utuu samii walakkaa* balaliʼuu nan arge; inni misiraachoo bara baraa warra lafa irra jiraataniif, jechuunis saba, gosa, qooqaa fi nama hundumaaf labsu qabatee ture.+ 7 Inni sagalee guddaadhaan, “Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas isaaf kennaa; saʼaatiin inni murtii itti kennu waan gaʼeef,+ isa samii, lafa, galaanaa+ fi burqaawwan bishaanii uume sana waaqeffadhaa” jedha ture.
8 Maleekaa lammaffaan itti aansuudhaan, “Ishiin kufteetti! Baabilon Guddittiin+ ishiin saboonni hundi daadhii wayinii kajeellaa* halalummaa*+ ishii akka dhugan goote sun kufteetti!”+ jedhe.
9 Maleekaa sadaffaanis isaan duukaa buʼee sagalee guddaadhaan akkana jedhe: “Namni kam iyyuu bineensichaa+ fi bifa fakkeenyaa isaa yoo waaqeffate, akkasumas adda isaa yookiin harka isaa irratti mallattoo isaa yoo fudhate,+ 10 inni daadhii wayinii dheekkamsa Waaqayyoo isa makaa hin qabne, isa xoofoo dheekkamsaa+ isaa keessaa dhangalaʼus ni dhuga; akkasumas maleekota qulqulluu fi Hoolicha duratti ibiddaa fi dinyiidhaan+ ni dhiphifama. 11 Aarri dhiphina* isaanii baraa hamma bara baraatti+ ol ni baʼa; warri bineensichaa fi bifa fakkeenyaa isaa waaqeffatan, akkasumas warri mallattoo maqaa isaa fudhatan hundi halkanii fi guyyaa boqonnaa tokko illee hin qabaatan.+ 12 Qulqulloonni+ warri ajajawwan Waaqayyoo eeganii fi amantii+ Yesuus jabeessanii qabatan, jabaatanii dhaabbachuun kan isaan barbaachisu kana irratti dha.”
13 Sagalee akkana jedhu tokkos samii keessaa nan dhagaʼe: “Kana barreessi: Ammaa jalqabee namoonni tokkummaa Gooftaa wajjin+ qaban eeganii duʼan gammadoo dha. Hafuurri akkana jedha: ‘Eeyyee, wantoonni isaan hojjetan yeruma sana isaan duukaa waan buʼaniif, isaan dadhabbii isaanii irraa haa boqotan.’”
14 Achiis nan arge, kunoo, duumessi adiin tokko jira ture; duumessicha irras ilma namaa+ kan fakkaatu tokko taaʼeera; inni gonfoo warqii mataa isaa irra kaaʼatee, haamtuu qaramaas harka isaatti qabatee ture.
15 Maleekaa kan biraan tokko iddoo qulqulluu mana qulqullummaa keessaa baʼee, sagalee guddaadhaan iyyee isa duumessa irra taaʼe sanaan, “Saʼaatiin haamaa waan gaʼeef, makarri lafaas guutummaatti waan bilchaateef, haamtuu kee itti hiixadhuutii haami”+ jedhe. 16 Inni duumessa irra taaʼe sunis haamtuu isaa lafatti hiixate, laftis ni haamamte.
17 Maleekaa kan biraanis iddoo qulqulluu mana qulqullummaa samii keessaa ni baʼe; innis haamtuu qaramaa qaba ture.
18 Ammas maleekaa kan biraan iddoo aarsaa keessaa ni baʼe; inni ibidda irratti aangoo qaba ture. Inni sagalee guddaadhaan iyyee isa haamtuu qaramaa qabu sanaan, “Firiin wayinii waan bilchaateef, haamtuu kee isa qaramaa itti hiixadhuutii firii wayinii lafaa isa walitti tuutaʼe walitti qabi”+ jedhe. 19 Maleekaan sunis haamtuu isaa lafatti hiixatee wayinii lafaa erga walitti qabee booda, iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa Waaqayyoo isa guddaa keessatti darbate.+ 20 Iddoon cuunfaa wayinii sunis magaalattiidhaa alatti ni dhidhiitame; iddoo cuunfaa wayinii sana keessaa dhiigni hanga luugama fardaatti ol kaʼee fi gara fageenya kiilomeetira 296* taʼu ni baʼe.
15 Ani mallattoo kan biraa guddaa fi dinqisiisaa taʼe samii keessatti nan arge, maleekonni torba+ dhaʼichawwan torba qabatanii turan. Dheekkamsi Waaqayyoo isaaniin waan xumuramuuf, dhaʼichawwan kun warra dhumaa ti.+
2 Wanta galaana burcuqqoo+ ibiddaan makame fakkaatu tokkos nan arge; warri bineensicha, bifa fakkeenyaa+ isaa fi lakkoofsa maqaa isaa+ injifatan+ baganaawwan Waaqayyoo qabatanii galaana burcuqqoo sana bira dhaabbatanii turan. 3 Isaan akkana jedhanii faarfannaa Musee+ garbicha Waaqayyoo fi faarfannaa Hoolichaa+ faarfatu turan:
“Yaa Waaqa keenya Yihowaa* isa Hundumaa Dandeessuu,+ hojiiwwan kee guguddaa fi dinqisiisoo dha.+ Yaa Mootii bara baraa,+ daandiiwwan kee qajeeloo fi dhugaa dha.+ 4 Yaa Yihowaa,* ati qofti amanamaa waan taateef,+ dhuguma kan si hin sodaannee fi maqaa keetiif ulfina hin kennine eenyu? Labsiiwwan kee warri qajeeloon waan mulʼifamaniif, saboonni hundi dhufanii si duratti waaqeffatu.”+
5 Kana booda nan arge, iddoo qulqulluun dunkaana ragaa baatuu+ samii keessatti banamee ture;+ 6 maleekonni torban dhaʼichawwan torba+ qabatan sunis uffata quncee talbaa qulqulluu taʼee fi calaqqisu uffatanii, qoma isaaniitti immoo sabbata warqii hidhatanii iddoo qulqulluu sana keessaa baʼan. 7 Uumamawwan jiraatoo arfan sana keessaa inni tokko saaniiwwan warqii dheekkamsa Waaqa+ isa baraa hamma bara baraatti jiraatuun guutaman torba maleekota torban sanatti kenne. 8 Ulfina Waaqayyoo+ fi humna isaatiin kan kaʼe iddoon qulqulluun sun aaraan guutame; hamma dhaʼichawwan torban+ maleekota torban sanaa xumuramanitti eenyu iyyuu iddoo qulqulluu sanatti seenuu hin dandeenye.
16 Sagalee guddaan tokko iddoo qulqulluu+ keessaa maleekota torban sanaan, “Dhaqaa, dheekkamsa Waaqayyoo saaniiwwan torban sana keessa jiru lafa irratti dhangalaasaa”+ yommuu jedhu nan dhagaʼe.
2 Maleekaan inni jalqabaa dhaqee wanta saanii isaa keessa jiru lafa irratti dhangalaase.+ Namoota mallattoo bineensichaa qabanii+ fi bifa fakkeenyaa isaa waaqeffatan+ irras madaa cimaan+ miidhaa geessisu ni gaʼe.
3 Maleekaan inni lammaffaan wanta saanii isaa keessa jiru galaana irratti dhangalaase.+ Galaanichis dhiiga akka dhiiga nama duʼee taʼe;+ uumamawwan jiraatoon* hundi, eeyyee, wantoonni galaanicha+ keessa jiran ni duʼan.
4 Maleekaan inni sadaffaan wanta saanii isaa keessa jiru lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaase.+ Isaanis dhiiga taʼan.+ 5 Maleekaan inni bishaan irratti aangoo qabus akkana yommuu jedhu nan dhagaʼe: “Ati inni jirtuu fi inni turte,+ inni amanamaa taate,+ murtiiwwan kana waan dabarsiteef ati qajeelaa dha;+ 6 isaan dhiiga qulqullootaa fi raajotaa+ waan dhangalaasaniif, atis akka dhuganiif dhiiga isaaniif kennite;+ kunis kan isaaniif malu dha.”+ 7 Iddoon aarsaa sun yommuu akkana jedhus nan dhagaʼe: “Eeyyee, yaa Waaqa keenya Yihowaa* isa Hundumaa Dandeessuu,+ murtiiwwan* kee dhugaa fi qajeeloo dha.”+
8 Maleekaan inni arfaffaan wanta saanii isaa keessa jiru aduu irratti dhangalaase;+ aduunis ibiddaan akka namoota waxaltu ishiidhaaf ni heyyamame. 9 Namoonnis hoʼa cimaadhaan waxalaman; taʼus maqaa Waaqa isa dhaʼichawwan kana irratti aangoo qabu sanaa arrabsan malee, yaada isaanii hin geddaranne, ulfinas isaaf hin kennine.
10 Maleekaan inni shanaffaan wanta saanii isaa keessa jiru teessoo bineensichaa irratti dhangalaase. Mootummaan bineensichaas ni dukkanaaʼe;+ isaanis dhiphina isaanii irraa kan kaʼe arraba isaanii alanfachuu jalqaban; 11 taʼus, isaan dhiphinaa fi madaa isaaniitiin kan kaʼe, Waaqa samii arrabsan malee, hojii isaanii irraa yaada hin geddaranne.
12 Maleekaan inni jaʼaffaan wanta saanii isaa keessa jiru laga guddaa Efraaxis+ irratti dhangalaase; bishaanichis mootota baha biiftuutii dhufaniif karaa banuuf ni goge.+
13 Jechoonni xuraaʼoon geggeessaa hafuuraatiin dubbataman* sadii, warri raacha fakkaatan, afaan jawwee+ sanaa, afaan bineensichaa fi afaan raajii sobduu sanaa keessaa yommuu baʼan nan arge. 14 Isaan jechoota geggeessaa hafuura jinniiwwaniitiin dubbataman siʼa taʼan, mallattoowwan ni raawwatu;+ isaan gara waraana+ isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuutti+ godhamutti walitti isaan qabuuf, gara mootota guutummaa lafaatti baʼu.
15 “Ilaa, ani akka hattuuttan dhufa.+ Qullaa isaa akka hin deemnee fi namoonni qaanii isaa akka hin argineef,+ namni dammaqinaan jiraatuu+ fi uffata isaa eeggatu gammadaa dha.”
16 Isaanis gara bakka Afaan Ibrootaatiin Armaagedoon*+ jedhamutti walitti isaan qaban.
17 Maleekaan inni torbaffaan wanta saanii isaa keessa jiru qilleensa irratti dhangalaase. Yeroo kanatti sagalee guddaan tokko iddoo qulqulluu+ keessaa, teessoo sana irraa, “Raawwatameera!” jedhe. 18 Balaqqeessi bakakkaa, sagaleenii fi kakawween ni taʼe; kirkirri lafaa guddaan erga namoonni lafa irra jiraachuu jalqabanii kaasee matumaa taʼee hin beeknes ni gaʼe;+ kirkirri kun iddoo baayʼee kan waliin gaʼee fi akka malee guddaa ture. 19 Magaalaa guddittiin+ iddoo sadiitti gargar qoqqoodamte; magaalonni sabootaas ni kufan; Waaqayyo xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa isaa+ isa guddaa ishiidhaaf kennuuf Baabilon Guddittii+ ni yaadate. 20 Akkasumas, odolawwan hundi ni baqatan, gaaronnis hin argamne.+ 21 Achiis cabbii guguddaan tokkoon tokkoon isaa gara taalaantii tokkoo* ulfaatu samii irraa namoota irratti gad buʼe;+ dhaʼichi cabbii sun akka malee guddaa waan tureef, namoonni dhaʼicha cabbii+ sanaan kan kaʼe Waaqayyoon arrabsan.
17 Maleekota torban saaniiwwan torba qaban sana keessaa inni tokko+ dhufee akkana naan jedhe: “Kottu, murtii sagaagaltuu guddittii bishaanota hedduu irra teessu sana irratti dabarfame sitti nan argisiisa;+ 2 mootonni lafaa ishii wajjin halalummaa*+ raawwataniiru; jiraattonni lafa irraas daadhii wayinii halalummaa* ishiitiin machaaʼaniiru.”+
3 Inni humna hafuuraatiin gara lafa onaatti na geesse. Anis dubartiin takka bineensa diimaa, maqaawwan Waaqa arrabsaniin guutame, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu irra teessee nan arge. 4 Dubartittiin uffata bifa dhiilgee+ fi diimaa uffattee, warqii, dhagaa gatii guddaa qabuu fi calleedhaan*+ miidhagfamtee, akkasumas xoofoo warqii wantoota balfamoo fi wantoota xuraaʼoo halalummaa* ishiitiin guutame harkatti qabattee turte. 5 Adda ishii irrattis maqaan iccitii, “Baabilon Guddittii, haadha sagaagaltootaa+ fi wantoota balfamoo lafa irraa”+ jedhu barreeffamee ture. 6 Anis dubartittiin dhiiga qulqullootaa fi dhiiga dhugaa baatota Yesuusiin machooftee nan arge.+
Yommuun ishii argus baayʼeen ajaaʼibsiifadhe. 7 Kanaafuu, maleekichi akkana naan jedhe: “Ati maaliif ajaaʼibsiifatte? Iccitii dubartittii+ fi iccitii bineensa ishii baate, isa mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu+ sanaa sitti nan hima: 8 Bineensi ati argite sun jira ture, amma hin jiru, booda garuu qilee+ keessaa ni baʼa, gara badiisaattis ni deema. Namoonni lafa irra jiraatanii fi erga addunyaan hundeeffamee jalqabee maqaan isaanii maraa kitaaba jireenyaa keessatti hin barreeffamne,+ bineensicha isa duraan ture, amma hin jirree fi booda garuu dhufuuf jiru sana yommuu argan ni ajaaʼibsiifatu.
9 “Egaa sammuun ogummaa qabu kan barbaachisu kana irratti: Mataawwan torban+ gaarota torban dubartittiin irra teessu argisiisu. 10 Isaan mootota torba argisiisu: Shanan isaanii kufaniiru, tokko jira, inni kan biraan garuu amma iyyuu hin dhufne; yommuu dhufus yeroo gabaabaadhaaf turuu qaba. 11 Bineensi inni duraan turee fi amma garuu hin jirre sun,+ mootii saddeettaffaa dha; taʼus, inni warra torban keessaa baʼa, gara badiisaattis ni deema.
12 “Gaanfonni kurnan ati argite mootota kurnan warra amma iyyuu mootummaa hin fudhanne argisiisu; haa taʼu malee, isaan bineensichaa wajjin aangoo fudhatanii saʼaatii tokkoof mootota taʼu. 13 Warri kun yaada tokko waan qabaniif, humnaa fi aangoo isaanii bineensichaaf ni kennu. 14 Isaan Hoolichaa+ wajjin wal lolu; taʼus Hoolichi Gooftaa gooftotaa fi Mootii moototaa+ waan taʼeef isaan injifata.+ Warri isaa wajjin jiran, jechuunis warri waamaman, filatamanii fi amanamoo taʼanis ni injifatu.”+
15 Innis akkana naan jedhe: “Bishaanonni sagaagaltuun sun irra teessee fi ati argite, namoota, uummata hedduu, sabootaa fi qooqawwan argisiisu.+ 16 Gaanfonni kurnan+ ati argitee fi bineensichi+ sagaagaltuu+ sana ni jibbu, ishii ni saamu, qullaatti ishii hambisu, foon ishii ni nyaatu, akkasumas guutummaatti ibiddaan ishii gubu.+ 17 Sababiin isaas, Waaqayyo hamma dubbiin isaa raawwatamutti yaada isaa akka raawwataniif,+ eeyyee, mootummaa isaanii bineensichaaf+ kennuudhaan yaada tokkicha qaban sana akka raawwataniif, kana garaa isaanii keessa kaaʼeera. 18 Dubartiin+ ati argite magaalaa guddittii ishii mootota lafaa irratti mootummaa qabdu argisiisti.”
18 Kana booda maleekaa kan biraan aangoo guddaa qabu tokko samii irraa yommuu gad buʼu nan arge; laftis ulfina isaatiin ibsite. 2 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhee iyye: “Kufteetti! Baabilon Guddittiin kufteetti;+ ishiin bakka jinniiwwan jiraatan, bakka hafuuronni xuraaʼoon hundi, simbirroonni xuraaʼoonii fi jibbisiisoon hundi keessa jiraatan taateetti!+ 3 Wayinii kajeellaa* halalummaa* ishiitiin kan kaʼe saboonni hundi kufaniiru,+ mootonni lafaas ishii wajjin halalummaa raawwataniiru;+ daldaltoonni* lafaas jireenya qananii ishiin qaanii malee jiraattuun kan kaʼe sooreyyii taʼaniiru.”
4 Sagalee kan biraanis samii keessaa yommuu akkana jedhu nan dhagaʼe: “Yaa saba koo, cubbuu ishii irratti akka hin hirmaannee fi dhaʼichi ishiitti dhufu akka isin irra hin geenyeef+ ishii keessaa baʼaa.+ 5 Sababiin isaas, cubbuun ishii hanga samii bira gaʼutti tuulameera;+ Waaqayyos gochawwan jalʼinaa ishiin hojjette* yaadateera.+ 6 Wantuma ishiin warra kaan irratti raawwatte ishii irratti raawwadhaa;+ wanta ishiin raawwatteefis dachaa lama ishiidhaaf deebisaa;+ xoofoo+ ishiin itti maktetti dachaa lama godhaatii ishiidhaaf makaa.+ 7 Hamma ishiin ulfina ofiif kennitee fi qaanii malee jireenya qananii jiraatte, hammasuma dhiphinaa fi gadda ishiitti fidaa. Ishiin garaa ishiitti, ‘Ani mootuu taʼee nan taaʼa; ani dubartii abbaan manaa irraa duʼe miti; gaddis matumaa na irra hin gaʼu’ jetti.+ 8 Dhaʼichawwan ishii, jechuunis duuti, gaddii fi beelli guyyaa tokkotti kan ishiitti dhufan kanaafi; ishiin guutummaatti ibiddaan ni gubamti,+ sababiin isaas Waaqni keenya Yihowaan* inni ishiitti murteessu jabaa dha.+
9 “Mootonni lafaa warri ishii wajjin halalummaa* raawwatanii fi qaanii malee jireenya qananii ishii wajjin jiraatan, aara yommuu ishiin gubattu ol baʼu arganii ishiidhaaf ni booʼu, gaddaanis qoma isaanii ni rurrukutu. 10 Isaan dhiphina ishii irra gaʼu waan sodaataniif halaala dhaabbatanii, ‘Baayʼee nama gaddisiisa, baayʼee nama gaddisiisa, yaa magaalaa guddittii,+ yaa Baabilon magaalaa cimtuu nana, murtiin kee saʼaatii tokko keessatti raawwatameera!’ jedhu.
11 “Kana booda feʼumsa isaanii hunda kan bitu tokko illee waan hin jirreef, daldaltoonni lafaas ishiidhaaf ni booʼu, akkasumas ni gadduuf; 12 feʼumsi isaanii inni hedduun, warqii, meetii, dhagaa gatii guddaa qabu, callee, uffata quncee talbaa baʼeessa, uffata bifa dhiilgee, haarrii, uffata diimaa, wantoota muka urgaaʼu irraa tolfaman, miʼawwan garaa garaa ilka arbaa, muka gatii guddaa qabu, sibiila diimaa, sibiilaa fi dhagaa adii irraa tolfaman, 13 akkasumas qarafaa, miʼeessituu Hindii, ixaana, zayitii urgaaʼu, ixaana adii, daadhii wayinii, zayitii ejersaa, daakuu bullaaʼaa, qamadii, loon, hoolota, fardeen, gaariiwwan, garbootaa fi lubbuu namootaa ture. 14 Eeyyee, firii gaariin ati* hawwite si irraa fagaateera; nyaanni gaggaariin hundii fi wantoonni mimmiidhagoon hundi si biraa badaniiru; matumaa lammata deebiʼanii hin argaman.
15 “Daldaltoonni wantoota kana gurguranii fi warri sababii ishiitiin sooreyyii taʼan, dhiphina ishii waan sodaataniif halaala dhaabbatanii booʼaa fi gaddaa 16 akkana jedhu: ‘Magaalaa guddittii kana irra kun gaʼuun isaa baayʼee nama gaddisiisa, baayʼee nama gaddisiisa! Ishiin uffata quncee talbaa baʼeessa, uffata bifa dhiilgee fi uffata diimaa uffattee, akkasumas faaya warqii, dhagaa gatii guddaa qabuu fi calleedhaan baayʼee miidhagfamtee turte;+ 17 qabeenyi guddaan akkasii saʼaatii tokko keessatti barbadaaʼeera!’
“Ajajjoonni doonii hundi, imaltoonni galaanaa hundi, namoonni doonii irraa hojjetanii fi warri wanta galaana irraa argamuun jiraatan hundi halaala dhaabbatanii 18 aara yommuu ishiin gubattu ol baʼu ilaalanii, ‘Magaalaan, magaalaa guddittii kana fakkaattu jirtii?’ jedhanii iyyan. 19 Awwaara mataa isaanii irratti firfirsanii, iyyaa, booʼaa fi gaddaa, ‘Baayʼee nama gaddisiisa, baayʼee nama gaddisiisa, magaalaa guddittiin ishiin warri galaana irraa doonii qaban hundi qabeenya ishiitiin sooreyyii taʼan, saʼaatii tokko keessatti barbadoofteetti!’+ jedhan.
20 “Yaa samii, wanta ishii irra gaʼetti gammadi!+ Isin qulqulloonni,+ ergamoonnii fi raajonnis gammadaa! Sababiin isaas, Waaqayyo isiniif jedhee murtii isaa ishii irratti dabarseera.”+
21 Maleekaa jabaan tokko dhagaa akka dhagaa daakuu guddaa tokko ol fuudhee galaana keessatti gad darbatee akkana jedhe: “Baabilon magaalaa guddittiin, akkuma kana furguggifamtee gad ni darbatamti, matumaas deebitee hin argamtu.+ 22 Sagaleen warra baganaadhaan faarfatanii, sagaleen warra meeshaa muuziqaa taphatanii, sagaleen warra ulullee afuufanii fi sagaleen warra malakata afuufanii matumaa lammata si keessatti hin dhagaʼamu. Ogeessi harkaa hojii akkamii iyyuu hojjetu matumaa lammata si keessatti hin argamu; sagaleen dhagaa daakuus matumaa lammata si keessatti hin dhagaʼamu. 23 Ifni ibsaa matumaa lammata si keessatti hin ifu; sagaleen misirrichaa fi sagaleen misirrittii matumaa lammata si keessatti hin dhagaʼamu; sababiin isaas, daldaltoonni kee namoota lafa irratti iddoo guddaa qaban turan, gocha hafuurota hamoo ati raawwatteenis+ saboonni hundi dogoggoraniiru. 24 Eeyyee, dhiigni raajotaa fi qulqullootaa,+ akkasumas dhiigni warra lafa irratti gorraʼaman hundumaa ishii keessatti argameera.”+
19 Kana booda samii keessaa sagalee guddaa, sagalee namoota hedduu fakkaatu tokko nan dhagaʼe. Isaan akkana jedhan: “Yaahiin jajadhaa!*+ Fayyinni, ulfinnii fi humni kan Waaqa keenyaa ti; 2 sababiin isaas, murtiiwwan isaa dhugaa fi qajeeloo dha.+ Inni sagaagaltuu guddittii ishii halalummaa* ishiitiin lafa mancaaste sanatti murteesseera; dhiiga garboota isaa isa harka ishii irra jiruufis haaloo baʼeera.”+ 3 Yeruma sana yeroo lammataatiif, “Yaahiin jajadhaa!*+ Aarri ishii baraa hamma bara baraatti ol baʼa”+ jedhan.
4 Jaarsoliin 24n+ sunii fi uumamawwan jiraatoon arfan+ sun gombifamanii Waaqa isa teessoo irra taaʼe sana waaqeffatan; akkasumas, “Ameen! Yaahiin jajadhaa!”*+ jedhan.
5 Sagaleen tokkos teessicha irraa dhufee, “Isin garboonni isaa, warri isa sodaattan, warri xixinnaanii fi guguddaan hundi,+ Waaqa keenya jajadhaa”+ jedhe.
6 Anis sagalee sagalee namoota hedduu, sagalee bishaanota hedduu fi sagalee kakawwee guddaa fakkaatu nan dhagaʼe. Isaan akkana jedhan: “Waaqni keenya Yihowaan* Inni Hundumaa Dandaʼu+ mootii taʼee bulchuu waan jalqabeef+ Yaahiin jajadhaa!*+ 7 Guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu waan gaʼee fi misirroon isaas waan of qopheessiteef haa gammannu, haa ililchinu, ulfinas isaaf haa kenninu. 8 Eeyyee, misirrittiin uffata quncee talbaa baʼeessa calaqqisuu fi qulqulluu taʼe akka uffattu ishiidhaaf heyyamameera; uffanni quncee talbaa baʼeessi sun hojiiwwan qulqullootaa qajeeloo taʼan argisiisa.”+
9 Innis, “Kana barreessi: Warri irbaata gaaʼela Hoolichaa+ irratti affeeraman gammadoo dha” naan jedhe. Akkasumas, “Jechoonni kun dubbiiwwan Waaqayyoo warra dhugaa dha” jedhee natti hime. 10 Anis yeroo kanatti isa waaqeffachuuf miila isaa jalatti nan gombifame. Inni garuu akkana naan jedhe: “Of eeggadhu! Akkana hin godhin!+ Ani akkuma kee fi akkuma obboloota kee warra hojii waaʼee Yesuus dhugaa baʼuu+ hojjetan sanaa garbicha dha. Waaqayyoon waaqeffadhu!+ Sababiin isaas, raajiin kan dubbatamu waaʼee Yesuus dhugaa baʼuufi.”+
11 Anis samiin banamee nan arge, kunoo, fardi adiin+ tokko jira ture. Inni farda irra taaʼes Amanamaa+ fi Dhugaa+ jedhama; inni murtii kan kennus taʼe waraana kan geggeessu qajeelummaadhaani.+ 12 Ijji isaa akka labooba ibiddaa ti;+ mataa isaa irras gonfoowwan hedduun jiru. Inni maqaa isa irratti barreeffamee fi isa malee eenyu iyyuu hin beekne tokko qaba; 13 uffata dhiigni itti facaafame uffateera; maqaan isaa Dubbii+ Waaqayyoo jedhama. 14 Raayyaawwan samiis fardeen aʼadii irra taaʼanii isa duukaa buʼu turan; isaan uffata quncee talbaa baʼeessa adii fi qulqulluu taʼe uffatanii turan. 15 Goraadee qaramaanii fi dheeraan saboota ittiin rukutu afaan isaa keessaa ni baʼa;+ inni ulee sibiilaatiin+ isaan ni tiksa. Kana malees, iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuu ni dhidhiita.+ 16 Uffata isaa irratti, eeyyee, gudeeda isaa irratti maqaan, “Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa”+ jedhu barreeffameera.
17 Maleekaan tokkos aduu gidduu dhaabbatee nan arge, innis sagalee guddaadhaan allaattiiwwan samii walakkaa* barrisan hundumaan akkana jedhe: “Kottaa, irbaata Waaqayyoo isa guddaadhaaf walitti qabamaa;+ 18 foon moototaa, foon ajajjoota waraanaa, foon namoota jajjaboo,+ foon fardeenii fi warra isaan irra taaʼanii,+ foon hundumaa, jechuunis foon namoota bilisa taʼanii fi foon garbootaa, akkasumas foon warra xixinnaa fi foon warra guguddaa nyaadhaa.”
19 Anis bineensichi, mootonni lafaa fi raayyaan isaanii, isa farda irra taaʼee fi raayyaa isaa irratti waraana banuuf walitti qabamanii nan arge.+ 20 Bineensichi ni qabame, raajii sobduun+ inni isa duratti dinqii hojjechuudhaan warra mallattoo bineensichaa+ fudhatanii fi warra bifa fakkeenyaa isaa waaqeffatan+ dogoggorses isaa wajjin ni qabame. Lamaan isaanii iyyuu utuma lubbuudhaan jiranii haroo ibiddaa dinyiidhaan bobaʼu keessatti darbataman.+ 21 Warri hafan garuu goraadee dheeraa afaan isa farda irra taaʼe sanaa keessaa baʼuun ajjeefaman.+ Allaattiiwwan hundis foon isaanii nyaatanii quufan.+
20 Anis maleekaan furtuu qilee+ qabuu fi funcaa guddaa harkatti qabate tokko yommuu samii keessaa gad buʼu nan arge. 2 Inni jawwicha,+ jechuunis bofa isa jalqabaa+ isa Diyaabilosii+ fi Seexana+ taʼe qabee waggaa 1,000f hidhe. 3 Hamma waggaan 1,000 sun xumuramutti sana booda saboota akka hin dogoggorsineef, qilee+ keessatti isa darbatee itti cufe; chaappaas irratti godhe. Sana booda yeroo gabaabaadhaaf gadhiifamuu qaba.+
4 Achiis teessoowwan nan arge, warri isaan irra taaʼanis akka murteessaniif aangoon isaaniif ni kenname. Eeyyee, lubbuu* warra Yesuusiif waan dhugaa baʼaniif, akkasumas waaʼee Waaqayyoo waan dubbataniif ajjeefamanii,* lubbuu warra bineensicha yookiin bifa fakkeenyaa isaa hin waaqeffannee, akkasumas mallattoo bineensichaa adda isaanii fi harka isaanii irratti hin fudhannee nan arge.+ Isaan gara jireenyaatti deebiʼanii mootota taʼanii Kiristoosii wajjin waggaa 1,000f bulchan.+ 5 (Warra duʼan+ keessaa kanneen hafan garuu hanga waggaan 1,000 sun xumuramutti gara jireenyaatti hin deebine.) Kun duʼaa kaʼuu isa jalqabaa ti.+ 6 Warri duʼaa kaʼuu isa jalqabaa keessaa qooda qaban hundi gammadoo fi qulqulloota dha;+ duuti inni lammaffaan+ isaan irratti aangoo hin qabu;+ kanaa mannaa, isaan luboota+ Waaqayyoo fi luboota Kiristoos taʼu; mootota taʼaniis waggaa 1,000f isaa wajjin ni bulchu.+
7 Akkuma waggaan 1,000 sun xumurameenis Seexanni iddoo itti hidhame sanaa ni gadhiifama; 8 achiis inni saboota golee lafaa arfanitti argaman, Googii fi Maagoogiin dogoggorsuuf, waraanaafis walitti isaan qabuuf ni baʼa. Lakkoofsi isaaniis akka cirracha galaanaa ti. 9 Isaan guutummaa lafaa irra tamsaʼanii buufata warra qulqullootaa fi magaalaa jaallatamtuu sanatti ni marsan. Taʼus, ibiddi samii irraa buʼee isaan fixe.+ 10 Diyaabilos inni isaan dogoggorsaa tures haroo ibiddaa fi dinyii keessatti, bakka bineensichii+ fi raajii sobduun sun jiranitti darbatame;+ isaan baraa hamma bara baraatti halkanii fi guyyaa dhiphatu.*
11 Anis teessoo adii guddaa fi isa teessicha irra taaʼe sana nan arge.+ Laftii fi samiin isa duraa baqatan,+ iddoonis isaaniif hin argamne. 12 Warri duʼan, warri xixinnaanii fi warri guguddaan teessoo sana dura dhaabbatanii nan arge; maraawwan kitaabaas ni banaman. Taʼus, maraan kitaabaa kan biraan ni baname, innis kitaaba jireenyaa ti.+ Warri duʼanis akkuma maraa kitaabaa sana keessatti barreeffametti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+ 13 Galaanni, warra duʼanii isa keessa jiran ni kenne; duutii fi Awwaallis* warra duʼanii isaan keessa jiran ni kennan; isaanis dhuunfaatti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+ 14 Duutii fi Awwaalli* haroo ibiddaa keessatti darbataman.+ Haroon ibiddaa+ kun duʼa isa lammaffaa+ argisiisa. 15 Kana malees, kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamee kan hin argamne+ hundi haroo ibiddaa sana keessatti darbatame.+
21 Samii haaraa fi lafa haaraa+ nan arge; samiin inni duraa fi lafti inni duraa darbaniiru;+ galaannis+ kana booda hin jiraatu. 2 Magaalaa qulqulluun, Yerusaalem Haaraan akka misirroo abbaa manaa ishiitiif miidhagfamteetti+ qophooftee samii keessaa, Waaqayyo biraa+ yommuu gad buutus nan arge. 3 Yeroo kanatti sagalee guddaan tokko teessoo sana irraa akkana yommuu jedhu nan dhagaʼe: “Kunoo, dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira; inni isaanii wajjin ni jiraata; isaanis saba isaa ni taʼu. Waaqayyos ofuma isaatii isaanii wajjin ni taʼa.+ 4 Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa;+ duutis kana booda hin jiraatu;+ gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.+ Wantoonni duraa sun darbaniiru.”
5 Inni teessoo irra taaʼe+ sunis, “Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira”+ jedhe. Akkasumas, “Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif barreessi” jedhe. 6 Achiis akkana naan jedhe: “Raawwatamaniiru! Ani Alfaa fi Omeegaa,* isa jalqabaa fi isa dhumaa ti.+ Nama dheebote kamiif iyyuu burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna.+ 7 Inni injifatu kam iyyuu wantoota kana ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa. 8 Haa taʼu malee, warri sodaatan, warri amantii hin qabne,+ warri xurii isaaniitiin balfamoo taʼan, warri nama ajjeesan,+ warri halaleen,*+ warri gocha hafuurota hamoo raawwatan, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatanii fi warri sobduun+ hundi qoodni isaanii haroo ibiddaa dinyiidhaan bobaʼu keessatti gatamuu dha.+ Kun duʼa isa lammaffaa argisiisa.”+
9 Maleekota saaniiwwan torban dhaʼichawwan dhumaa+ torbaniin guutaman qaban keessaa inni tokko dhufee, “Kottu, misirroo ishii haadha manaa Hoolichaa taate sitti nan argisiisa”+ naan jedhe. 10 Kanaafuu, inni humna hafuuraatiin gara gaara guddaa fi dheeraa taʼe tokkootti na geesse; achiis Yerusaalem magaalaa qulqulluun sun samii keessaa, Waaqayyo biraa yommuu gad buutu+ natti argisiise; 11 ishiin ulfina Waaqayyoo qabdi.+ Ifni ishii akka dhagaa isa hundumaa caalaa gatii guddaa qabuutti, jechuunis akka dhagaa yaasphisitti akka gaariitti calaqqisa ture.+ 12 Magaalattiin dallaa guddaa fi dheeraa, akkasumas karrawwan 12 qabdi turte; karrawwan kana biras maleekonni 12 jiru turan; karrawwan kana irratti maqaawwan gosoota ilmaan Israaʼel 12 barreeffamee ture. 13 Karaa bahaa karra sadii, karaa kaabaa karra sadii, karaa kibbaa karra sadii, karaa dhihaas karra sadiitu jira ture.+ 14 Kana malees dallaan magaalattii dhagaawwan buʼuuraa 12 qaba ture; isaan irrattis maqaawwan 12n ergamoota+ Hoolichaa 12anii barreeffamanii turan.
15 Inni anaa wajjin dubbachaa ture sunis, magaalattii, karrawwan ishii fi dallaa ishii ittiin safaruuf ulee* safaraa warqii irraa tolfame qabatee ture.+ 16 Magaalattiin roga afur kan qabdu yeroo taʼu, dheerinni ishii hammuma dalga ishii guddata ture. Inni magaalattii ulichaan yommuu safarus gara kiilomeetira 2,220* taate; magaalattiin dheerinni ishii, dalgi ishii fi ol dheerinni ishii wal qixa ture. 17 Dallaa magaalattiis ni safare; innis akka safartuu namaa fi akka safartuu maleekaatti dhundhuma 144* taʼe. 18 Dallichi yaasphis+ irraa kan hojjetame ture; magaalattiin warqii qulqulluu yeroo taatu, akka burcuqqoo qulqulluu turte. 19 Buʼuurri dallaa magaalattii dhagaa akaakuu hundumaa gatii guddaa qabuun kan miidhagfame ture: Buʼuurri inni jalqabaa yaasphis, inni lammaffaan safiroos, inni sadaffaan kaalqidoon, inni arfaffaan imeraaldi, 20 inni shanaffaan sardoniiksi, inni jaʼaffaan saardiyon, inni torbaffaan kirisoliixos, inni saddeettaffaan beerilos, inni saglaffaan tophaaziyon, inni kurnaffaan kirisophiraasos, inni kudha tokkoffaan hiiyaakinxos, inni kudha lammaffaan ametiisxos ture. 21 Karrawwan 12n sunis calleewwan* 12 turan; tokkoon tokkoon karra sanaa callee tokko irraa kan hojjetame ture. Daandii guddaan magaalattii warqii qulqulluu, akka burcuqqoo keessaan mulʼisuu ture.
22 Waaqni keenya Yihowaan* Inni Hundumaa Dandaʼuu+ fi Hoolichi mana qulqullummaa ishii waan taʼaniif, ani ishii keessatti mana qulqullummaa hin argine. 23 Ulfinni Waaqayyoo waan ishiidhaaf ibsuuf,+ Hoolichis ibsaa ishii waan taʼeef,+ aduunis taate addeessi ishiidhaaf ibsuun isaan hin barbaachisu. 24 Saboonni ifa ishiitiin deddeebiʼu;+ mootonni lafaas ulfina isaanii gara ishiitti fidu. 25 Achi keessa halkan waan hin jirreef, karrawwan ishii matumaa guyyaadhaan hin cufaman.+ 26 Isaan ulfinaa fi kabaja sabootaa gara ishiitti ni fidu.+ 27 Haa taʼu malee, wanti xuraaʼaa taʼe kam iyyuu, akkasumas namni wanta jibbisiisaa fi gowwoomsaa taʼe raawwatu kam iyyuu matumaa ishiitti hin seenu;+ warra maraa kitaaba jireenyaa Hoolichaa keessatti barreeffaman qofatu itti seena.+
22 Inni laga bishaan jireenyaa+ teessoo Waaqayyoo fi teessoo Hoolichaa+ keessaa baʼee yaaʼu, isa akka kiristaalii qulqulluu taʼe natti argisiise; 2 bishaanichi daandii guddaa magaalattii walakkaa gad yaaʼa ture. Lagicha irraa garanaa fi garasiin, mukeetiin jireenyaa jiʼa jiʼaan firii godhachuudhaan waggaatti siʼa 12 firii kennan jiru turan. Baalli mukeetii kanaa saboota fayyisuuf gargaara ture.+
3 Magaalattii keessa kana booda abaarsi akkamii iyyuu hin jiraatu. Kanaa mannaa, teessoon Waaqayyoo fi teessoon Hoolichaa+ magaalattii keessa taʼa, garboonni isaas tajaajila qulqulluu isaaf ni dhiheessu; 4 isaan fuula isaa ni argu;+ maqaan isaas adda isaanii irratti ni barreeffama.+ 5 Kana booda halkan hin jiraatu;+ Waaqni keenya Yihowaan* ifa waan isaan irratti ibsuuf,+ ifni ibsaa yookiin ifni aduu isaan hin barbaachisu; isaan baraa hamma bara baraatti mootota taʼanii ni bulchu.+
6 Inni akkana naan jedhe: “Dubbiin kun amanamaa fi dhugaa dha;+ eeyyee, Yihowaan,* Waaqni inni raajonni hafuuraan geggeeffamanii akka dubbatan godhe,+ wantoota dhiheenyatti raawwatamuu qaban garboota isaatti argisiisuuf maleekaa isaa ergeera. 7 Kunoo, ani dafeen dhufa.+ Namni dubbii raajii maraa kitaabaa kana keessa jiru eegu kam iyyuu gammadaa dha.”+
8 Wantoota kana kan dhagaʼee fi kan arge ana Yohaannisi. Yeroon wantoota kana dhagaʼee fi argettis isa waaqeffachuuf miila maleekaa wantoota kana natti argisiisaa turee jalatti nan gombifame. 9 Inni garuu, “Of eeggadhu! Akkana hin godhin! Ani akkuma kee fi akkuma obboloota kee warra raajota taʼanii fi warra dubbii maraa kitaabaa kana keessa jiru eeganii garbicha dha. Waaqayyoon waaqeffadhu!”+ naan jedhe.
10 Dabalataanis akkana naan jedhe: “Yeroon murteeffame sun waan dhihaateef, dubbii raajii maraa kitaabaa kana keessa jiru irratti chaappaa hin godhin. 11 Namni jalʼaan jalʼina isaa itti haa fufu, namni xuraaʼaanis xuraaʼummaa isaa itti haa fufu; haa taʼu malee, namni qajeelaan qajeelummaa isaa itti haa fufu, namni qulqulluunis qulqullummaa isaa itti haa fufu.
12 “‘Kunoo, ani dafeen dhufa, tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii hojii isaatti isaaf kaffaluuf, badhaasni ani kennu ana bira jira.+ 13 Ani Alfaa fi Omeegaa,*+ isa duraa fi isa boodaa, isa jalqabaa fi isa xumuraa ti. 14 Mukeetii jireenyaa+ irraa nyaachuuf mirga akka qabaatanii fi karaa karrawwan ishii gara magaalattiitti seenuu akka dandaʼaniif,+ warri uffata isaanii miiccatan gammadoo dha.+ 15 Saroonni,* warri gocha hafuurota hamoo raawwatan, warri halaleen,* warri nama ajjeesan, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan, akkasumas warri soba jaallatanii fi warri sobduun hundi ala jiru.’+
16 “‘Ani Yesuus faayidaa gumiiwwaniitiif jedhee waaʼee wantoota kanaa isiniif dhugaa baʼuuf maleekaa koo ergeera. Ani hiddaa fi sanyii Daawiti;+ akkasumas bakkalcha+ ifa guddaa qabu dha.’”
17 Hafuurichii fi misirrittiin,+ “Kottu!” jechaa jiru; kan dhagaʼu hundis, “Kottu!” haa jedhu; kan dheebote hundi haa dhufu;+ kan barbaadu hundi bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.+
18 “Ani nama dubbii raajii maraa kitaabaa kana keessa jiru dhagaʼu hundumaatiif dhugaa nan baʼa: Namni kam iyyuu wantoota kana irratti yoo dabale,+ Waaqayyo dhaʼichawwan maraa kitaabaa kana keessatti barreeffaman+ isatti ni dabala; 19 namni kam iyyuu dubbii raajii maraa kitaabaa kana keessa jiru irraa wanta tokko illee yoo hirʼise, Waaqayyo mukeetii jireenyaa+ fi magaalaa qulqulluu+ maraa kitaabaa kana keessatti barreeffaman keessaa qooda isaa ni hirʼisa.
20 “Inni waaʼee wantoota kanaa dhugaa baʼu, ‘Eeyyee, ani dafeen dhufa’+ jedha.”
“Ameen! Gooftaa Yesuus, kottu.”
21 Gaarummaa guddaan Gooftaa Yesuus qulqullootaa wajjin haa taʼu.
Kal., “mootummaa.”
Ykn., “A fi Z.” Alfaa fi Omeegaan qubeewwan Afaan Giriikii jalqabaa fi dhumaa ti.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “Haadis,” jechuunis bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “miira gad fagoo.” Kal., “kalee.”
Kal., “maqaawwan.”
Ykn tarii, “Fakkeenya ani jabaadhee dhaabbachuudhaan argisiise waan hordofteef.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “dhagaa diimaa gatii guddaa qabu.”
Ykn., “Gidduutti teessichaa wajjinii.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “keessaa fi duubaan.”
Kal., “mootummaa.”
Ykn., “kuwaartii.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Saantima meetii warra Roomaa mindaa guyyaa tokkoo taʼe. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Haadisis,” jechuunis bakka awwaalchaa ilmaan namootaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Dhiiga isaanii isa jireenya isaanii bakka buʼuu fi iddoo aarsaatti dhangalaʼe kan argisiisu fakkaata. Ibsa Jechootaa ilaali.
Tarii rifeensa reʼee taʼuu dandaʼa.
Ykn., “qaanjibbuun.”
Kun wanta akka gaachanaa qoma loltuu tokkoo miidhaa irraa eeguuf gargaaru dha.
“Badiisa” jechuu dha.
“Kan Balleessu” jechuu dha.
Ykn., “20,000 siʼa 10,000,” jechuunis, 200,000,000.
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “maratee.”
Ykn., “Uleen safaraa.”
Ykn., “ilaalaa turan.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “balleessan.”
“Kan Akka Waaqayyoo Eenyu?” jechuu dha.
Ykn tarii, “inni [jechuunis, jawwichi] ni moʼame.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechuunis, bara sadii fi walakkaa.
Jechuunis, jawwichi.
Ykn tarii, “ajjeefamu.”
Jechi Afaan Giriikii nama saalqunnamtii raawwatee hin beekne argisiisa.
Ykn., “qilleensa keessa; gubbaa irraan.”
Ykn., “dheekkamsa.”
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “hidhaa.”
Kal., “istaadiyoomii 1,600.” Istaadiyoomiin tokko 185 m dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “lubbuun.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “heerawwan.”
Kal., “Hafuuronni xuraaʼoon.”
Afaan Giriikiitiin Har Maagedoon, jecha Afaan Ibrootaa, “Gaara Magidoo” jedhu irraa kan dhufe dha.
Taalaantiin Giriikii tokko 20.4 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “dheekkamsa.”
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “daldaltoonni imaltuun.”
Ykn., “yakkawwan ishii.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuun kee.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “qilleensa keessa; gubbaa irra.”
Ibsa Jechootaa fi milj. Mul 6:9 ilaali.
Kal., “qottoodhaan ajjeefamanii.”
Ykn., “ittifamu; hidhamu.” Milj. Mul 14:11 ilaali.
Ykn., “Haadisis,” jechuunis bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Haadis,” jechuunis bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “A fi Z.” Alfaa fi Omeegaan qubeewwan Afaan Giriikii jalqabaa fi dhumaa ti.
Ibsa Jechootaa ilaali, “Halalummaa.”
Kal., “shomboqqoo.”
Kal., “Istaadiyoomii 12,000.” Istaadiyoomiin tokko 185 m dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Gara 64 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Milj. Maatewos 7:6 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “A fi Z.” Alfaa fi Omeegaan qubeewwan Afaan Giriikii jalqabaa fi dhumaa ti.
Jechuunis, warri gochi isaanii Waaqayyo duratti jibbisiisaa taʼe.
Ibsa Jechootaa ilaali, “Halalummaa.”