WANGEELA YOHAANNIS
1 Jalqaba Dubbichatu+ ture; Dubbichi Waaqayyo bira ture;+ Dubbichi waaqayyo* ture.+ 2 Inni jalqaba Waaqayyo bira ture. 3 Wanti hundi karaa isaa taʼe;+ wanta taʼe keessaas isa malee wanti taʼe tokko illee hin jiru.
4 Wanti karaa isaa taʼe jireenya ture; jireenyi immoo ifa namootaa ture.+ 5 Ifni dukkana keessatti ifaa jira;+ taʼus dukkanni isa hin moone.
6 Yeroo sanatti namichi bakka buʼaa Waaqayyoo taʼee ergame tokko jira ture; maqaan isaa Yohaannis+ jedhama ture. 7 Namichi kun waaʼee ifa+ sanaa dhugaa baʼuudhaaf dhugaa baatuu taʼee dhufe; kunis kan taʼe akaakuun namootaa hundi karaa isaa akka amananiif ture. 8 Inni waaʼee ifa+ sanaa akka dhugaa baʼuuf ergame malee, ifa sana hin turre.
9 Ifni inni dhugaan akaakuu namootaa hundumaatiif ifa kennu gara addunyaa dhufuuf jedha ture.+ 10 Inni addunyaa keessa ture,+ addunyaanis karaa isaa argame;+ taʼus addunyaan isa hin beekne. 11 Inni gara biyya isaa dhufe; sabni isaa garuu isa hin simanne. 12 Haa taʼu malee, warra isa simatan hundumaatiif, isaan maqaa isaatti waan amananiif, ijoollee Waaqayyoo+ akka taʼaniif aangoo isaaniif kenne.+ 13 Isaan Waaqayyo irraa dhalatan malee, dhiiga irraa yookiin fedhii foonii irraa yookiin fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.+
14 Kanaafuu, Dubbichi foon taʼee+ nu gidduu jiraate; nutis ulfina isaa argine; ulfinni kunis ulfina akka ilmi tokkichi+ Abbaa irraa argatuu ti; inni gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa fi dhugaadhaan guutamee ture. 15 (Yohaannis waaʼee isaa dhugaa baʼeera; eeyyee, sagalee isaa ol kaasee, “Inni kun isa ani waaʼee isaa, ‘Inni ana duubaan dhufu ana dura jiraachaa waan tureef,+ ana irra ni caala’ jedhe sana dha” jedheera.) 16 Sababiin isaas, inni gaarummaa guddaadhaan kan guutame waan taʼeef, hundi keenya gaarummaa guddaa irratti gaarummaa guddaa arganneerra. 17 Seerichi karaa Musee kenname;+ gaarummaa guddaanii+ fi dhugaan kun immoo karaa Yesuus Kiristoos dhufe.+ 18 Yeroo kamitti iyyuu namni Waaqayyoon arge hin jiru;+ ilma tokkicha isa waaqa taʼee+ fi Abbaa cinaa* jiru+ sanatu waaʼee isaa nuu ibse.+
19 Yeroo Yihudoonni, “Ati eenyu?”+ jedhanii akka isa gaafatan lubootaa fi Leewwota Yerusaalemii gara isaatti ergan wanti Yohaannis dhugaa baʼe kana ture. 20 Inni, “Ani Kiristoos miti” jedhee dhugaa isaa dubbate malee kana hin haalle. 21 Isaanis, “Maarree ati eenyu? Eeliyaasii?”+ jedhanii isa gaafatan. Innis, “Ani isa miti” jedhee deebise. Achiis, “Ati Raajichaa+ ree?” isaan jedhan. Innis, “Lakki!” jedhee deebise. 22 Kanaafuu isaan, “Maarree ati eenyu? Namoota nu erganiif deebii akka kenninuuf nutti himi. Waaʼee ofii keetii maal jetta?” isaan jedhan. 23 Innis, “Akkuma Isaayyaas raajichi dubbate, ani sagalee nama isa, ‘Daandii Yihowaa* wal qixxeessaa’+ jedhee lafa onaa keessaa iyyu sana dha”+ jedhe. 24 Namoota kana kan ergan Fariisota turan. 25 Kanaafuu isaan, “Ati Kiristoos yookiin Eeliyaas yookiin Raajicha miti taanaan, maaliif cuuphxa ree?” jedhanii isa gaafatan. 26 Yohaannisis akkana jedhee isaaniif deebise: “Ani bishaaniinan cuupha. Inni isin isa hin beekne tokko garuu isin gidduu dhaabbateera; 27 inni ana booda dhufaa jira; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuuf gaʼumsa hin qabu.”+ 28 Wantoonni kun kan taʼan Yordaanos gama, jechuunis bakka Yohaannis itti cuuphaa ture+ irraa gamatti, Bitaaniyaa keessatti ture.
29 Guyyaa itti aanutti Yohaannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe: “Ilaa, Hoolicha+ Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa+ balleessu!+ 30 Kun isa ani waaʼee isaa, ‘Namni na caalu tokko ana duubaan ni dhufa; inni ana dura jiraachaa ture’ jedhe sana dha.+ 31 Anumti iyyuu isa hin beekun ture; ani bishaaniin cuuphaa kanan dhufe garuu, inni Israaʼelitti akka mulʼatuufi.”+ 32 Yohaannis akkana jedhees dhugaa baʼeera: “Ani, hafuurri akka gugeetti* samii irraa yommuu gad buʼu argeera; innis isa irra ni buufate.+ 33 Anumti iyyuu isa hin beekun ture; inni bishaaniin akkan cuuphu na erge sun garuu, ‘Hafuurri gad buʼee yommuu isa irra buufatu+ inni argitu, isa hafuura qulqulluutiin cuuphu+ sana dha’ naan jedhe. 34 Ani kana argeera; inni Ilma Waaqayyoo taʼuu isaas+ dhugaa baʼeera.”
35 Ammas guyyaa itti aanutti, Yohaannis barattoota isaa lamaanii wajjin yommuu dhaabbatee turetti, 36 Yesuus utuu deemuu argee, “Ilaa, Hoolicha+ Waaqayyoo!” jedhe. 37 Barattoonni isaa lamaanis yommuu kana dhagaʼan Yesuus duukaa buʼan. 38 Achiis Yesuus garagalee isa duukaa buʼaa akka jiran yommuu argu, “Maal barbaaddu?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Rabbii (hiikni isaa, “Barsiisaa” jechuu dha) eessa jiraatta?” isaan jedhan. 39 Innis, “Kottaa ilaalaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan deemanii bakka inni jiraatu ilaalan; guyyaa sanas isaa wajjin oolan; yeroon isaa gara saʼaatii kudhanii ture. 40 Namoota lamaan wanta Yohaannis dubbate dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan keessaa tokko, Indiriyaas+ obboleessa Simoon Pheexiros ture. 41 Inni jalqaba obboleessa isaa Simooniin argatee, “Masiihicha+ arganneerra” isaan jedhe; (“Masiihii” jechuun hiikni isaa, “Kiristoos” jechuu dha) 42 achiis gara Yesuusitti isa geesse. Yesuus yommuu isa argu, “Ati Simoon+ ilma Yohaannisi; ati Keefaas jedhamtee ni waamamta” (“Keefaas” jechuun, “Pheexiros” jechuu dha) isaan jedhe.+
43 Yesuus, guyyaa itti aanutti gara Galiilaa dhaquu barbaade. Achiis Filiphoosiin+ argatee, “Duuka buutuu koo taʼi” isaan jedhe. 44 Filiphoos akkuma Indiriyaasii fi Pheexiros, nama magaalaa Beetasaayidaa ture. 45 Filiphoos Naatnaaʼeliin+ argatee, “Yesuus ilma Yoseef+ isa biyya Naazireet, isa Museen Seericha keessatti waaʼee isaa barreessee fi Raajonni waaʼee isaa barreessan arganneerra” isaan jedhe. 46 Naatnaaʼel garuu, “Wanti gaariin Naazireet keessaa baʼuu dandaʼaa?” jedhe. Filiphoosis, “Kottuu ilaali” isaan jedhe. 47 Yesuus utuu Naatnaaʼel gara isaa dhufuu argee waaʼee isaa, “Ilaa, nama Israaʼel isa dhugaa, isa haxxummaan keessa hin jirre”+ jedhe. 48 Yeroo kanatti Naatnaaʼel, “Akkamitti na beekte?” isaan jedhe. Yesuusis, “Filiphoos si waamuu isaa dura, utuu ati muka harbuu jala jirtuun si arge” jedhee isaaf deebise. 49 Naatnaaʼelis deebisee, “Rabbii, ati Ilma Waaqayyoo ti; ati Mootii Israaʼeli”+ jedhe. 50 Yesuusis, “Muka harbuu jalatti akkan si arge waanan sitti himeef amantee? Wantoota kana caalan ni argita” jedhee isaaf deebise. 51 Achiis, “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, samiin banamee maleekonni Waaqayyoo gara Ilma namaatti yommuu ol baʼanii fi gad buʼan+ ni argitu” isaan jedhe.
2 Guyyaa sadaffaatti Qaanaa ishii Galiilaatti cidhni gaaʼelaa tokko jira ture; haati Yesuusis achi turte. 2 Yesuusii fi barattoonni isaas cidha gaaʼelaa sana irratti affeeramanii turan.
3 Yommuu daadhiin wayinii dhumu haati Yesuus, “Daadhii wayinii hin qaban” isaan jette. 4 Yesuus garuu, “Dubartii nana, dhimmi kun anaa fi siin ni ilaallataa?* Saʼaatiin koo amma iyyuu hin geenye” ishiidhaan jedhe. 5 Haati isaas, warra keessummeessaniin, “Wanta inni isinitti himu hunda godhaa” jette. 6 Yeroo kanatti akka seera qulqulleeffamuu Yihudootaatti+ gaaniiwwan dhagaa, tokkoon tokkoon isaanii safartuu dhangalaʼaa* lama yookiin sadii qabachuu dandaʼan jaʼa achi kaaʼamanii turan. 7 Yesuusis, “Gaaniiwwan kanatti bishaan guutaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan hamma afaan isaaniitti bishaan itti guutan. 8 Achiis Yesuus, “Amma buusaatii geggeessaa cidhichaatti kennaa” isaaniin jedhe. Isaanis buusanii itti geessan. 9 Geggeessaan cidhichaa, bishaan isa gara daadhii wayiniitti jijjiirame yommuu dhandhamu (tajaajiltoonni bishaan waraaban sun kana kan beekan taʼus), daadhiin sun eessaa akka dhufe waan hin beekneef misirricha waamee, 10 “Namni hundi jalqaba daadhii wayinii isa gaarii dhiheessa; yommuu namoonni machaaʼan immoo daadhii isa laafaa dhiheessa. Ati garuu hamma yoonaatti daadhii wayinii isa gaarii tursite” isaan jedhe. 11 Yesuus dinqii isaa isa jalqabaa kana Qaanaa ishii Galiilaatti raawwate; kanaanis ulfina isaa mulʼise;+ barattoonni isaas isatti ni amanan.
12 Kana booda inni, haati isaa, obboloonni isaa+ fi barattoonni isaa gara Qifirnaahomitti+ gad buʼan; haa taʼu malee, guyyoota hedduudhaaf achi hin turre.
13 Yeroo kanatti Ayyaanni Faasikaa+ Yihudootaa dhihaatee waan tureef, Yesuus gara Yerusaalemitti ol baʼe. 14 Mana qulqullummaa keessattis namoota loon, hoolotaa fi gugee+ gurguran, akkasumas namoota taaʼanii maallaqa jijjiiran arge. 15 Kanaafuu, funyoo irraa qaccee dhaʼatee, hoolotaa fi loon isaanii wajjin hunda isaanii mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa jijjiiranii ni bittinneesse, minjaala isaaniis ni gaggaragalche.+ 16 Warra gugee gurguraniinis, “Wantoota kana asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa* gochuu keessan dhiisaa!”+ jedhe. 17 Yeroo kanatti barattoonni isaa, “Hinaaffaan ani mana keetiif qabu na guba”+ jedhamee isa barreeffame sana yaadatan.
18 Kanaafuu Yihudoonni, “Wantoota kana hojjechuuf aangoo akka qabdu mallattoo akkamii nutti argisiisuu dandeessa?”+ isaan jedhan. 19 Yesuusis deebisee, “Mana qulqullummaa kana diigaa, anis guyyaa sadiitti deebisee nan ijaara”+ isaaniin jedhe. 20 Yeroo kanatti Yihudoonni, “Manni qulqullummaa kun waggaa 46 gidduutti ijaarame; ati immoo guyyaa sadiitti deebistee ijaartaa?” isaan jedhan. 21 Inni garuu mana qulqullummaa yeroo jedhu, waaʼee qaama isaa dubbachuu isaa ture.+ 22 Haa taʼu malee, yommuu inni duʼaa kaʼu barattoonni isaa, inni wantoota kana dubbachaa akka ture yaadatan;+ wanta Kitaabonni Qulqulluun jedhanittii fi wanta Yesuus dubbatettis ni amanan.
23 Haa taʼu malee, yeroo Ayyaana Faasikaatti yommuu inni Yerusaalem keessa turetti, namoonni hedduun dinqiiwwan inni raawwate arguudhaan maqaa isaatti amanan. 24 Yesuus garuu hunda isaanii waan beekuuf isaan hin amanu ture; 25 inni wanta nama keessa jiru waan beekuuf,+ eenyu iyyuu waaʼee namaa isaaf dhugaa baʼuun isa hin barbaachisu ture.
3 Fariisota keessaa geggeessaan Yihudootaa Niqoodimos+ jedhamu tokko jira ture. 2 Inni halkan keessa gara Yesuus dhufee,+ “Rabbii,+ ati barsiisaa Waaqayyo biraa dhufe taʼuu kee beekna; sababiin isaas, Waaqayyo yoo isaa wajjin taʼe malee namni dinqiiwwan ati hojjettu kana+ hojjechuu dandaʼu hin jiru”+ isaan jedhe. 3 Yesuusis deebisee, “Dhuguma dhuguman siin jedha, eenyu iyyuu lammata yoo dhalate*+ malee, Mootummaa Waaqayyoo arguu hin dandaʼu”+ isaan jedhe. 4 Niqoodimosis, “Namni tokko erga guddatee booda akkamitti dhalachuu dandaʼa? Gadameessa haadha isaatti deebiʼee lammata dhalachuu dandaʼaa?” isaan jedhe. 5 Yesuusis akkana jedhee isaaf deebise: “Dhuguma dhuguman siin jedha, namni kam iyyuu bishaanii+ fi hafuura+ irraa yoo dhalate malee, Mootummaa Waaqayyootti galuu hin dandaʼu. 6 Wanti foon irraa dhalate fooni; wanti hafuura irraa dhalate immoo hafuura. 7 ‘Isin lammata dhalachuu qabdu’ waanan siin jedheef hin dinqisiifatin. 8 Qilleensi gara barbaadetti qilleensaʼa, atis sagalee isaa ni dhageessa; garuu eessaa akka dhufuu fi eessa akka dhaqu hin beektu. Namni hafuura irraa dhalate+ hundi akkuma kana.”
9 Niqoodimosis deebisee, “Wantoonni kun akkamitti taʼuu dandaʼu?” isaan jedhe. 10 Yesuusis akkana isaan jedhe: “Ati barsiisaa Israaʼel taatee utuu jirtuu wantoota kana hin beektuu? 11 Dhuguma dhuguman siin jedha, nuti wanta beeknu dubbanna, wanta argines dhugaa baana; isin garuu wanta nuti dhugaa baane hin fudhattan. 12 Wantoota lafa irraa yommuun isinitti himu erga hin amantan taʼee, wantoota samii irraa yoon isinitti hime akkamitti amantu? 13 Kana malees, Ilma namaa isa samii irraa gad buʼe+ malee, namni gara samiitti ol baʼe tokko illee hin jiru.+ 14 Akkuma Museen lafa onaa keessatti bofa fannise,+ Ilmi namaas fannifamuu qaba;+ 15 kunis, isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi.+
16 “Isatti kan amanu* hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf+ malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.+ 17 Sababiin isaas, Waaqayyo Ilma isaa gara addunyaatti kan erge, addunyaan karaa isaa akka fayyuuf+ malee akka inni addunyaatti murteessuuf miti. 18 Isatti kan amanu kamitti iyyuu hin murteeffamu.+ Isatti kan hin amanne hundi, maqaa Ilma Waaqayyoo isa tokkichaatti waan hin amanneef, ammuma iyyuu itti murteeffameera.+ 19 Wanti murtiidhaaf buʼuura taʼu kana dha: ifni gara addunyaa dhufeera;+ namoonni garuu hojiin isaanii hamaa waan taʼeef, ifa utuu hin taʼin dukkana jaallatan. 20 Wanta hamaa hojjechuu kan amaleeffate hundi ifa ni jibba; hojiin isaa akka hin saaxilamneef inni gara ifaatti hin dhufu. 21 Wanta dhugaa kan hojjetu hundi garuu hojiin isaa fedhii Waaqayyoo wajjin kan wal simu taʼuun isaa akka mulʼatuuf gara ifaatti+ dhufa.”
22 Kana booda Yesuusii fi barattoonni isaa gara baadiyyaa Yihudaa dhaqan; achittis isaanii wajjin yeroo muraasa dabarse, ni cuuphas ture.+ 23 Haa taʼu malee, Yohaannisis bishaan hedduun achi waan jiruuf,+ Enoon ishii Saalim biratti argamtutti cuupha ture; namoonnis dhufanii ni cuuphamu turan;+ 24 Yohaannis yeroo sanatti mana hidhaa hin galle ture.+
25 Barattoonni Yohaannis sirna qulqulleeffamuu ilaalchisee Yihudii tokkoo wajjin wal falman. 26 Achiis isaan gara Yohaannis dhufanii, “Rabbii, namichi sii wajjin Yordaanos gama ture inni ati waaʼee isaa dhugaa baate+ sun cuuphaa jira; namni hundis gara isaa dhaqaa jira” isaan jedhan. 27 Yohaannisis deebisee akkana jedhe: “Namni tokko samii irraa yoo isaaf kenname malee, waan tokko iyyuu argachuu hin dandaʼu. 28 ‘Ani isa isa dura ergame sana dha+ malee Kiristoos miti’+ jechuu koo isinumti iyyuu dhugaa anaaf baatu. 29 Inni misirroo qabu hundi misirricha+ dha. Michuun misirrichaa garuu yommuu dhaabbatee sagalee isaa dhagaʼu, sagalee misirrichaatiin kan kaʼe guddaa gammada. Kanaafuu, amma gammachuun koo guutuu taʼeera. 30 Inni dabalaa adeemuu qaba; ani immoo hirʼachaa adeemuun qaba.”
31 Inni gubbaadhaa dhufe+ warra kaan hundumaatii oli dha. Inni lafaa immoo kan lafaa ti, wantoota lafaas ni dubbata. Inni samii irraa dhufe warra kaan hundumaatii oli dha.+ 32 Inni wanta argee fi dhagaʼe dhugaa baʼeera;+ garuu namni tokko iyyuu wanta inni dhugaa baʼe hin fudhanne.+ 33 Namni wanta inni dhugaa baʼe fudhate, Waaqayyo dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera.*+ 34 Waaqayyo hafuura isaa qusatee* waan hin kennineef, namni Waaqayyo erge dubbii isaa dubbata.+ 35 Abbaan Ilma ni jaallata,+ wanta hundumaas harka isaatti dabarsee kenneera.+ 36 Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba;+ Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irra jiraata+ malee jireenya hin argu.+
4 Gooftaan inni Yohaannis caalaa namoota hedduu barattoota gochaa fi cuuphaa+ akka jiru Fariisonni dhagaʼuu isaanii yommuu hubatu 2 (garuu, barattoota isaatu cuuphaa ture malee Yesuus ofii isaatii hin cuuphne) 3 Yihudaa keessaa baʼee ammas gara Galiilaa dhaquuf kaʼe. 4 Haa taʼu malee, Samaariyaa keessa darbee deemuu qaba ture. 5 Kanaafuu, magaalaa Samaariyaa Siikaar jedhamtuu fi lafa Yaaqoob ilma isaa Yoseefiif kennetti+ dhihoo jirtu tokko gaʼe. 6 Boolli bishaanii Yaaqoob achi jira ture.+ Yesuusis karaa deemuu isaatiin waan dadhabeef boolla bishaanii* sana bira taaʼe. Yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture.
7 Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuu dhufte. Yesuusis, “Bishaan ani dhugu naa kenni” ishiidhaan jedhe. 8 (Barattoonni isaa nyaata bituuf gara magaalaa dhaqanii turan.) 9 Kanaafuu dubartiin sun, “Ati Yihudii taatee utuu jirtuu, akkamitti ana dubartii Samaariyaa bishaan dhugamu gaafatta?” isaan jette. (Akkana kan jette, Yihudoonni warra Samaariyaa wajjin waan walitti hin dhihaanneef ture.)+ 10 Yesuusis deebisee, “Kennaa Waaqayyo+ tola kennuu fi inni, ‘Bishaan ani dhugu naa kenni’ siin jedhu eenyu akka taʼe utuu beektee, silaa ati iyyuu isa kadhatta turte; innis bishaan jireenyaa+ siif kenna ture” ishiidhaan jedhe. 11 Ishiinis akkana isaan jette: “Gooftaa, ati wanta ittiin bishaan waraabbattu illee hin qabdu; boollichi immoo gad fagoo dha. Maarree bishaan jireenyaa kana eessaa argatta? 12 Ati abbaa keenya Yaaqoob irra ni caaltaa? Inni boolla bishaanii ilmaan isaa fi loon isaa wajjin keessaa dhugaa ture kana nuuf kenneera.” 13 Yesuusis deebisee akkana ishiidhaan jedhe: “Namni bishaan kana irraa dhugu hundi deebiʼee ni dheebota. 14 Namni bishaan ani isaaf kennu irraa dhugu hundi garuu matumaa hin dheebotu;+ kanaa mannaa, bishaan ani isaaf kennu sun isa keessatti burqaa bishaanii jireenya bara baraa kennuuf burqu ni taʼa.”+ 15 Dubartittiinis, “Gooftaa, akkan hin dheebonnee fi bishaan waraabbachuuf bakka kanatti akkan hin deddeebineef, bishaan kana naa kenni” isaan jette.
16 Innis, “Dhaqi, abbaa manaa kee waamii deebiʼii kottu” ishiidhaan jedhe. 17 Dubartittiinis, “Abbaa manaa hin qabu” jettee deebiste. Yesuusis akkana ishiidhaan jedhe: “‘Abbaa manaa hin qabu’ jechuun kee sirrii dha. 18 Sababiin isaas, ati abbaa manaa shan qabda turte; namichi amma sii wajjin jiru immoo abbaa manaa kee miti. Wanti ati dubbatte kun dhugaa dha.” 19 Dubartittiinis akkana isaan jette: “Gooftaa, ati raajii taʼuu kee hubadheera.+ 20 Abbootiin keenya gaara kana irratti waaqeffachaa turan; isin garuu bakki namoonni itti waaqeffachuu qaban Yerusaalemi jettu.”+ 21 Yesuusis akkana ishiidhaan jedhe: “Dubartii nana, na amani, saʼaatiin isin gaara kana irrattis taʼe Yerusaalemitti Abbaa itti hin waaqeffanne ni dhufa. 22 Isin wanta hin beekne waaqeffattu;+ nuti garuu fayyinni karaa Yihudootaa waan dhufuuf,+ wanta beeknu waaqeffanna. 23 Haa taʼu malee, saʼaatiin waaqeffattoonni dhugaan hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa itti waaqeffatan ni dhufa; saʼaatiin sunis amma dha; sababiin isaas, Abbaan namoonni akkanaa akka isa waaqeffatan barbaada.+ 24 Waaqayyo hafuura;+ warri isa waaqeffatanis hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”+ 25 Dubartittiinis, “Masiihiin inni Kiristoos jedhamu akka dhufu beeka. Inni yeroo dhufu wanta hundumaa ifatti nutti hima” isaan jette. 26 Yesuusis “Ani inni sitti dubbachaa jiru kun isa dha”+ ishiidhaan jedhe.
27 Yeroo kanatti barattoonni isaa deebiʼanii yommuu dhufan dubartii wajjin dubbachaa akka jiru arganii dinqisiifatan. Taʼus namni, “Maal barbaadde?” yookiin “Maaliif ishii wajjin dubbatta?” isaan jedhe hin turre. 28 Kanaafuu, dubartittiin okkotee ishii dhiistee gara magaalaa dhaquudhaan akkana jettee namootatti himte: 29 “Kottaa, namicha wantan godhe hunda natti hime ilaalaa. Namichi kun, Kiristoos taʼinnaa laata?” 30 Isaanis magaalattii keessaa baʼanii gara isaa dhufuu jalqaban.
31 Yeroo kanatti barattoonni isaa, “Rabbii,+ nyaadhu” jedhanii isa kadhatu turan. 32 Haa taʼu malee inni, “Ani nyaatan nyaadhu qaba; isin garuu waaʼee isaa hin beektan” isaaniin jedhe. 33 Kanaafuu, barattoonni isaa, “Namni nyaata isaaf fide jiraa laata?” waliin jedhan. 34 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa raawwachuu+ fi hojii isaa xumuruu dha.+ 35 Isin makarri gaʼuuf jiʼa afurtu hafa jettu mitii? Kunoo, ani isiniin nan jedha, ija keessan ol kaasaatii maasicha ilaalaa; inni addaatee haamaadhaaf gaʼeera.+ Ammuma iyyuu 36 inni haamu mindaa isaa argachaa fi jireenya bara baraatiif firii walitti qabaa jira; kanaan kan kaʼes inni facaasuu fi inni haamu waliin ni gammadu.+ 37 Kana ilaalchisee dubbiin, ‘Inni tokko ni facaasa, inni kan biraan immoo ni haama’ jedhu dhugaa dha. 38 Ani wanta itti hin dadhabne akka haammattan isin ergeera. Warri kaan itti dadhabaniiru, isin garuu buʼaa dadhabbii isaanii irraa hirmaattan.”
39 Namoonni Samaariyaa magaalaa sana keessa jiraatan hedduun dubartittiin, “Inni wantan godhe hunda natti himeera”+ jettee waan dhugaa baateef isatti ni amanan. 40 Kanaafuu, namoonni Samaariyaa sun yommuu gara isaa dhufan isaan bira akka turu isa kadhatan; innis guyyaa lamaaf achi ture. 41 Wanta inni dubbateen kan kaʼes, namoonni kan biroo hedduun ni amanan; 42 isaanis dubartii sanaan, “Kana booda kan amannu waan ati dubbatteen qofa miti; nuti ofii keenyaa iyyuu dhageenyeerra; namni kun dhuguma fayyisaa addunyaa+ taʼuu isaas beekneerra” jedhan.
43 Guyyaa lama booda achii kaʼee gara Galiilaa dhaqe. 44 Haa taʼu malee, Yesuus iyyuu raajiin tokko biyya isaatti akka ulfina hin arganne dubbatee ture.+ 45 Kanaafuu, namoonni Galiilaa yommuu inni achi gaʼu isa simatan; sababiin isaas, isaanis ayyaanicha irratti argamanii waan turaniif+ wantoota inni guyyaa ayyaanaatti Yerusaalem keessatti hojjete arganiiru.+
46 Sana booda ammas gara Qaanaa ishii Galiilaa, jechuunis bakka bishaan daadhii wayiniitti itti jijjiire+ sana dhaqe. Yeroo kanatti abbaan taayitaa mana mootummaa ilmi isaa jalaa dhukkubsate tokko Qifirnaahom keessa jira ture. 47 Namichi kun Yesuus Yihudaadhaa gara Galiilaa akka dhufe yommuu dhagaʼu, ilmi isaa duʼuu jala waan gaʼeef gara Yesuus dhaqee, gad buʼee ilma isaa akka isaaf fayyisu isa kadhate. 48 Yesuus garuu namichaan, “Isin mallattoo fi dinqii yoo argitan malee matumaa hin amantan”+ jedhe. 49 Abbaan taayitaa mana mootummaa sunis, “Yaa Gooftaa, mucaan koo duʼuu isaa dura dafii naa kottu” isaan jedhe. 50 Yesuusis, “Dhaqi; ilmi kee fayyeera”+ isaan jedhe. Namichis wanta Yesuus itti hime amanee deeme. 51 Taʼus, utuu inni gad buʼaa jiruu, garboonni isaa itti dhufanii ilmi isaa akka fayye itti himan. 52 Kanaafuu, inni saʼaatii meeqatti akka itti wayyaaʼe isaan gaafate. Isaanis, “Dhaqna gubaan sun kaleessa saʼaatii torbatti isa gadhiise” jedhanii isaaf deebisan. 53 Abbaan mucichaas, kun kan taʼe saʼaatuma Yesuus, “Ilmi kee fayyeera” isaan jedhe sanatti taʼuu isaa hubate.+ Kanaafuu, innii fi maatiin isaa hundi ni amanan. 54 Kun dinqii Yesuus yommuu Yihudaadhaa gara Galiilaa dhufetti raawwate isa lammaffaa+ dha.
5 Kana booda ayyaana+ Yihudootaa waan tureef, Yesuus gara Yerusaalemitti ol baʼe. 2 Yerusaalem keessa Karra Hoolaa+ bira bishaan kuufamaan Afaan Ibrootaatiin Beetazaataa jedhamu tokko jira ture; naannoo bishaan sanaa daandiiwwan baaxii qaban shan jiru turan. 3 Warri dhukkubsatan, warri qaro dhabeeyyii taʼan, warri naafatanii fi warri lamshaaʼan baayʼeen achi jala ni ciciisu turan. 4* —— 5 Namichi waggaa 38f dhukkubsachaa ture tokkos achi jira ture. 6 Yesuus namichi kun achi ciisee yommuu argu, yeroo dheeraadhaaf akka inni dhukkubsachaa ture beekee, “Fayyuu ni barbaaddaa?”+ isaan jedhe. 7 Namichi dhukkubsatu sunis, “Yaa Gooftaa, yommuu bishaanichi raafamu nama na gargaaree bishaanicha keessa na buusu hin qabu; yommuun seenuuf jedhu immoo namni kan biraan na dursee itti seena” jedhee isaaf deebise. 8 Yesuusis, “Kaʼi! Afata* kee baadhuutii deemi!”+ isaan jedhe. 9 Namichis yeruma sana fayye; afata* isaas baatee deemuu jalqabe.
Guyyaan sun Sanbata ture. 10 Kanaafuu, Yihudoonni namicha fayye sanaan, “Harʼa Sanbata dha; afata* kee akka baattu seerri siif hin heyyamu”+ jedhan. 11 Inni garuu, “Namicha na fayyisetu, ‘Afata* kee baadhuutii deemi’ naan jedhe” jedhee isaaniif deebise. 12 Isaanis, “Namichi ‘Afata* kee baadhuutii deemi’ siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan. 13 Haa taʼu malee, Yesuus namoota hedduu achi turan gidduu waan seeneef, namichi sun eenyu akka isa fayyise hin beekne.
14 Sana booda Yesuus namicha sana mana qulqullummaa keessatti argatee, “Kunoo, amma fayyiteetta. Egaa wanti kana irra hammaatu akka sitti hin dhufneef, kana booda cubbuu hin hojjetin” isaan jedhe. 15 Achiis namichi kan isa fayyise Yesuus taʼuu isaa dhaqee Yihudootatti hime. 16 Yesuus guyyaa Sanbataatti wantoota kana waan hojjetuuf, Yihudoonni ariʼatama isa irra geessisuu jalqaban. 17 Inni garuu, “Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechuu koo ittan fufa”+ jedhee isaaniif deebise. 18 Seera Sanbataa cabsuu isaa qofa utuu hin taʼin, Waaqayyo Abbaa isaa+ akka taʼe dubbachuudhaan Waaqayyoo wajjin of qixxeesseera jedhanii waan yaadaniif+ Yihudoonni isa ajjeesuuf ittuma caalchisanii barbaaduu jalqaban.
19 Kanaafuu, Yesuus akkana jedhee isaaniif deebise: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Ilmi waanuma Abbaan isaa yeroo hojjetu arge qofa malee, ofii isaatiin kakaʼee wanta tokko illee hojjechuu hin dandaʼu.+ Sababiin isaas, waanuma Abbaan hojjetu hunda, Ilmis akkuma kanatti wantoota sana hojjeta. 20 Abbaan Ilma ni jaallata,+ wanta ofii isaatii hojjetu hundas isatti argisiisa; akka isin dinqisiifattaniif inni hojiiwwan kana irra caalan iyyuu isatti ni argisiisa.+ 21 Akkuma Abbaan namoota duʼan kaasee jiraachisu,+ Ilmis nama barbaade kam iyyuu ni jiraachisa.+ 22 Sababiin isaas, Abbaan matumaa eenyutti iyyuu hin murteessu; kanaa mannaa, hundumaa irratti akka murteessuuf Ilmaaf aangoo kenneera;+ 23 kanas kan godhe, namni hundi akkuma Abbaadhaaf ulfina kennu, Ilmaafis ulfina akka kennuufi. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine kam iyyuu, Abbaa isa isa ergeefis+ ulfina hin kennu. 24 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni dubbii koo dhagaʼuu fi isa na erge sanatti amanu hundi jireenya bara baraa qaba;+ akkasumas duʼa jalaa gara jireenyaatti darba malee isatti hin murteeffamu.+
25 “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, saʼaatiin warri duʼan sagalee Ilma Waaqayyoo itti dhagaʼan ni dhufa; saʼaatiin sunis amma dha; warri isa dhagaʼanis ni jiraatu. 26 Sababiin isaas, akkuma Abbaan ofii isaatii jireenya* qabu,+ Ilmis ofii isaatii jireenya akka qabaatu isaaf kenneera.+ 27 Ilma namaa+ waan taʼeefis, murtii akka kennu aangoo isaaf kenneera.+ 28 Kana hin dinqisiifatinaa; sababiin isaas, saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa;+ 29 warri wanta gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri wanta hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif awwaala keessaa ni baʼu.+ 30 Ani ofii kootiin kakaʼee wanta tokko illee gochuu hin dandaʼu. Akkuman Abbaa koo irraa dhagaʼettan murteessa; ani fedhii isa na erge sanaa malee fedhii ofii koo raawwachuu waanan hin barbaadneef,+ murtiin koo qajeelaa dha.+
31 “Waaʼee ofii koo ani qofti yoon dhugaa baʼe, wantin dhugaa baʼu dhugaa hin taʼu.+ 32 Waaʼee koo kan dhugaa baʼu kan biraan jira; wanti inni waaʼee koo dhugaa baʼus dhugaa akka taʼe beeka.+ 33 Isin gara Yohaannisitti namoota ergitanii turtan; innis waaʼee dhugaa sanaa dhugaa baʼeera.+ 34 Haa taʼu malee, ani namni akka dhugaa anaaf baʼu hin barbaadu; wantoota kana kanan dubbadhu garuu akka isin fayyitaniifi. 35 Namichi sun ibsaa bobaʼee ifa kennu ture; isinis yeroo xinnoodhaaf ifa isaatti baayʼee gammaduuf fedhii qabdu turtan.+ 36 Ani garuu Yohaannis caalaa dhugaa kan anaaf baʼu qaba; sababiin isaas, hojiiwwan akka ani hojjedhu Abbaan koo natti kenne, jechuunis hojiiwwan ani hojjechaa jiru kun, Abbaan akka na erge dhugaa baʼu.+ 37 Kana malees, Abbaan inni na erge ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera.+ Isin yeroo kamitti iyyuu sagalee isaa hin dhageenye, bifa isaas hin argine;+ 38 isin isa inni erge waan hin amanneef, dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu.
39 “Isin Kitaabota Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif kitaabota sana qorattu;+ kitaabonni kunis waaʼeema koo dhugaa baʼu.+ 40 Taʼus, isin jireenya akka argattaniif gara koo dhufuu hin barbaaddan.+ 41 Ani namoota irraa ulfina argachuu hin barbaadu; 42 taʼus, isin jaalala Waaqayyoo akka of keessaa hin qabne akka gaariittan beeka. 43 Ani maqaa Abbaa kootiinan dhufe; isin garuu na hin simanne. Namni kan biraan maqaa ofii isaatiin yoo dhufe garuu isa ni simattu. 44 Isin walii keessaniif ulfina kan kennitan, ulfina Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu kan hin barbaanne erga taʼee, akkamitti amanuu dandeessu ree?+ 45 Ani Abbaa duratti waanan isin himadhu isinitti hin fakkaatin; kan isin himatu tokko jira; innis Musee+ isa isin abdattan sana dha. 46 Dhugaa dha, Museen waaʼee koo waan barreesseef,+ utuu isatti amantaniittu taʼee, anattis ni amantu turtan. 47 Haa taʼu malee, wanta inni barreesse hin amantan erga taʼee, wanta ani dubbadhu akkamitti amantu ree?”
6 Kana booda Yesuus Galaana Galiilaa isa Xiberiyaas jedhamu gamatti ceʼe.+ 2 Namoonni hedduunis, dinqii inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan+ raawwate waan arganiif isa duukaa buʼan.+ 3 Kanaafuu, Yesuus gaara tokkotti ol baʼee barattoota isaa wajjin achi taaʼe. 4 Yeroo sanatti ayyaanni Yihudootaa Faasikaan+ dhihaatee ture. 5 Yesuus namoonni hedduun gara isaa yommuu dhufan ol jedhee ilaalee Filiphoosiin, “Daabboo namoonni kun nyaatan eessaa binna?”+ jedhe. 6 Taʼus kana kan dubbate, isa qoruuf malee waan gochuuf jedhu beeka ture. 7 Filiphoosis, “Tokkoon tokkoon isaaniitiif xinnoo xinnoo akka argataniif illee, daabboon dinaaree* 200 iyyuu hin gaʼu” jedhee isaaf deebise. 8 Barattoota isaa keessaa tokko kan taʼe Indiriyaas, obboleessi Simoon Pheexiros akkana isaan jedhe: 9 “Mucaa xinnoon daabboo garbuu shanii fi qurxummii xixinnoo lama qabu tokko as jira. Garuu kun nama hammanaatiif akkamitti gaʼa?”+
10 Yesuusis, “Namoota tessisaa” jedhe. Bakka sana margi hedduun waan tureef namoonni sun achi tataaʼan; dhiironni achi taaʼanis gara 5,000 turan.+ 11 Yesuusis daabboo sana fuudhee erga galateeffatee booda warra achi tataaʼaniif hire; qurxummii xinnoo sanas akkasuma godhe; isaanis hamma barbaadan fudhatan. 12 Haa taʼu malee, erga namoonni sun nyaatanii quufanii booda, barattoota isaatiin, “Wanti tokko illee akka lafatti hin badneef, hambaa irraa hafe hunda walitti qabaa” jedhe. 13 Isaanis daabboo garbuu shanan isa namoonni sun nyaatan irraa hambaa irraa hafe hunda sassaabanii guuboo 12tti guutan.
14 Namoonni sun dinqii Yesuus hojjete yommuu argan, “Kun dhuguma iyyuu Raajicha isa gara addunyaa akka dhufu dubbatame sana dha”+ jedhan. 15 Achiis Yesuus, namoonni sun dhufanii qabanii mootii isa gochuuf akka yaadan waan hubateef, ammas kophaa isaa+ gara gaaraatti ol baʼe.+
16 Yommuu dhihus barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan;+ 17 achiis bidiruu yaabbatanii galaana gama gara Qifirnaahomitti ceʼuuf deemuu jalqaban. Yeroo kanatti dukkanaaʼee kan ture taʼus, Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture.+ 18 Kana malees, bubbee jabaan bubbisaa waan tureef galaanichi ni jeeqama ture.+ 19 Haa taʼu malee, akkuma gara kiilomeetira shanii yookiin jaʼaa* deemaniin, Yesuus galaana irra deemaa gara bidiruu sanaatti utuu dhihaatuu arganii baayʼee sodaatan. 20 Inni garuu, “Ana dha, hin sodaatinaa!”+ isaaniin jedhe. 21 Achiis gammachuudhaan bidiruu sanatti ol isa fudhatan; bidiruun sunis yeruma sana bakka dhaqaa turan gaʼe.+
22 Guyyaa itti aanutti namoonni hedduun galaanicha gamatti hafan bidiruun akka achi hin jirre argan. Bidiruu xinnoon tokko achi kan ture taʼus, Yesuus barattoota isaa wajjin bidiruu sana hin yaabbanne; sababiin isaas, barattoonni isaa kan deeman kophaa isaanii ture. 23 Haa taʼu malee, bidiruuwwan Xiberiyaasii dhufan bakka Gooftaan erga galateeffatee booda daabboo itti nyaatan sanatti dhihoo jiru gaʼan. 24 Kanaafuu, namoonni sun Yesuusis taʼe barattoonni isaa achi akka hin jirre yommuu argan, bidiruuwwan isaanii yaabbatanii Yesuusiin barbaacha gara Qifirnaahom dhufan.
25 Galaanicha gamatti yommuu isa argatanis, “Rabbii,+ yoom as dhufte?” isaan jedhan. 26 Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin kan na barbaaddan dinqii waan argitaniif utuu hin taʼin, daabboo nyaattanii waan quuftaniifi.+ 27 Nyaata baduuf utuu hin taʼin, nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf,+ isa Ilmi namaa isiniif kennu sanaaf hojjedhaa; sababiin isaas, Waaqayyo Abbaan, inni isa duratti fudhatama argachuu isaa argisiisuuf chaappaa isa irratti godheera.”+
28 Isaanis, “Hojii Waaqayyoo hojjechuuf maal gochuu qabna ree?” isaan jedhan. 29 Yesuusis, “Hojii Waaqayyoo hojjechuuf, isa inni ergetti amanuu qabdu”+ jedhee isaaniif deebise. 30 Achiis isaan akkana isaan jedhan: “Akka nuti arginee si amannuuf, dinqii akkamii raawwatta?+ Hojii akkamii hojjetta? 31 Akkuma, ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa nyaata isaaniif kenne’+ jedhamee barreeffame, abbootiin keenya lafa onaa keessatti mannaa nyaatan.”+ 32 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Museen samii irraa nyaata isiniif hin kennine; Abbaan koo garuu samii irraa nyaata isa dhugaa isiniif kenna. 33 Sababiin isaas, nyaanni Waaqayyoo, isa samii irraa dhufuu fi addunyaadhaaf jireenya kennu sana dha.” 34 Isaanis, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda nyaata kana nuu kenni” isaan jedhan.
35 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Ani nyaata jireenyaa ti. Namni gara koo dhufu hundi matumaa hin beelaʼu; namni anatti amanu hundis matumaa hin dheebotu.+ 36 Haa taʼu malee, akkuman isinitti hime isin na argitanii illee hin amantan.+ 37 Warri Abbaan anaaf kennu hundi gara koo ni dhufu; anis isa gara koo dhufu matumaa of irraa hin ariʼu;+ 38 sababiin isaas, ani samii irraa kanan dhufe,+ fedhii isa na erge sanaa raawwachuuf malee, fedhii ofii koo raawwachuuf miti.+ 39 Fedhiin isa na erge sanaa immoo, warra inni naaf kenne hunda guyyaa dhumaatti akkan duʼaa kaasuuf+ malee, isaan keessaa tokko illee akka na jalaa baduuf miti. 40 Sababiin isaas, fedhiin Abbaa kootii namni Ilma beekee isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatu+ dha; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”+
41 Yesuus, “Ani nyaata samii irraa buʼe dha”+ waan jedheef Yihudoonni waaʼee isaa gungumuu jalqaban. 42 Achiis, “Kun Yesuus Ilma Yoseef, isa nuti abbaa isaa fi haadha isaa beeknu sana mitii?+ Maarree akkamitti, ‘Ani samii irraan buʼe’ jedha?” jedhan. 43 Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Walii keessanitti gungumuu keessan dhiisaa. 44 Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu;+ anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.+ 45 Kitaaba Raajotaa keessatti, ‘Hundi isaanii Yihowaa* irraa kan baratan ni taʼu’+ kan jedhu barreeffameera. Namni Abbaa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa. 46 Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko illee Abbaa hin argine;+ inni Abbaa argeera.+ 47 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba.+
48 “Ani nyaata jireenyaa ti.+ 49 Abbootiin keessan lafa onaa keessatti mannaa kan nyaatan taʼus duʼaniiru.+ 50 Namni isa nyaatu hundi akka hin duuneef, nyaanni samii irraa buʼe isa kana dha. 51 Nyaanni jiraataan samii irraa buʼe ana dha. Namni nyaata kana irraa sooratu hundi bara baraaf ni jiraata; nyaanni ani kennu immoo foon koo isa ani addunyaan jireenya akka argatuuf kennu dha.”+
52 Yeroo kanatti Yihudoonni, “Namichi kun foon isaa akka nyaannu akkamitti nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii wal falmuu jalqaban. 53 Kanaafuu, Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, foon Ilma namaa yoo nyaattanii fi dhiiga isaa yoo dhugdan malee, of keessaa jireenya hin qabaattan.+ 54 Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa;+ 55 sababiin isaas, foon koo nyaata dhugaa dha; dhiigni koos dhugaatii isa dhugaa ti. 56 Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi anaa wajjin tokkummaa ni qabaata; anis isaa wajjin tokkummaa nan qabaadha.+ 57 Akkuma Abbaan inni jiraataa taʼe na ergee fi anis sababii Abbaatiin jiraadhu, namni foon koo nyaatus sababii kootiin ni jiraata.+ 58 Nyaanni samii irraa buʼe isa kana. Inni isa akka Abbootiin keessan nyaatan sanaa miti. Isaan kan nyaatan taʼus duʼaniiru. Namni nyaata kana nyaatu hundi garuu bara baraaf jiraata.”+ 59 Yesuus wantoota kana kan dubbate, yeroo Qifirnaahomitti mana sagadaa* keessatti barsiisetti dha.
60 Barattoota isaa keessaa hedduun isaanii yommuu kana dhagaʼan, “Dubbiin kun kan nama suukanneessu dha; eenyutu dhagaʼuu dandaʼa?” jedhan. 61 Yesuus garuu barattoonni isaa waaʼee kanaa gungumaa akka jiran hubatee akkana isaaniin jedhe: “Kun isin gufachiisaa? 62 Maarree, Ilmi namaa bakka dura turetti utuu ol baʼuu+ yoo argitan maal jettu? 63 Jireenya kan kennu hafuura;+ foon faayidaa tokko illee hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe hafuura, jireenya dhas.+ 64 Haa taʼu malee, isin keessaa kan hin amanne tokko tokko jiru.” Yesuus kana kan jedhe, warri hin amanne eenyu akka taʼanii fi dabarsee kan isa kennu eenyu akka taʼe jalqabumaa kaasee waan beekuuf ture.+ 65 Innis itti fufee, “Yoo Abbaan isaaf heyyame malee namni tokko illee gara koo dhufuu hin dandaʼu+ kanan isiniin jedhe kanumaafi” isaaniin jedhe.
66 Kanaan kan kaʼes, barattoota isaa keessaa hedduun wantoota dhiisanii turanitti deebiʼan;+ sana boodas isa duukaa hin buune. 67 Kanaafuu, Yesuus warra Kudha Lamaaniin, “Isinis deemuu barbaadduu?” jedhe. 68 Simoon Pheexirosis akkana jedhee isaaf deebise: “Yaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqna?+ Ati dubbii jireenya bara baraa qabda.+ 69 Ati Qulqullicha Isa kan Waaqayyoo akka taate amanneerra, beekneerras.”+ 70 Yesuusis, “Ani kudha lamaan keessan iyyuu filadheera mitii?+ Isin keessaa inni tokko garuu maqaa kan balleessu* dha”+ jedhee deebise. 71 Yeroo kanatti waaʼee Yihudaa ilma Simoon Asqorotichaa dubbachuu isaa ture; sababiin isaas, inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus, gara fuulduraatti dabarsee isa kennuuf jedha ture.+
7 Kana booda Yesuus Galiilaa keessa deddeebiʼuu isaa itti fufe; sababiin isaas, Yihudoonni isa ajjeesuu waan barbaadaniif,+ Yihudaa keessa deddeebiʼuu hin barbaanne. 2 Haa taʼu malee, ayyaanni Yihudootaa inni Ayyaana Godoo Qulqulluu*+ jedhamu dhihaatee ture. 3 Kanaafuu, obboloonni isaa+ akkana isaan jedhan: “Barattoonni kees hojii ati hojjechaa jirtu akka arganiif, asii kaʼiitii gara Yihudaa dhaqi. 4 Sababiin isaas, namni ifatti beekamuu barbaadu kam iyyuu, dhoksaatti homaa hin godhu. Wantoota kana gochaa jirta erga taʼee, addunyaatti of mulʼisi.” 5 Obboloonni isaa illee isatti hin amanne turan.+ 6 Kanaafuu, Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Yeroon koo amma iyyuu hin geenye;+ isin garuu yeroon keessan yoom iyyuu mijaaʼaa dha. 7 Addunyaan sababii itti isin jibbu hin qabu; ani garuu hojiin isaa hamaa akka taʼe ragaa waanan isa irratti baʼuuf na jibba.+ 8 Isin gara ayyaanichaa dhaqaa; ani garuu yeroon koo amma iyyuu guutummaatti waan hin geenyeef,+ gara ayyaanichaa hin dhaqu.” 9 Kanaafuu, wantoota kana erga isaanitti himee booda ofii isaatii Galiilaatti hafe.
10 Taʼus, obboloonni isaa gara ayyaanichaa erga dhaqanii booda, innis ifatti utuu hin taʼin dhoksaatti achi dhaqe. 11 Yihudoonnis, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii ayyaanicha irratti isa barbaaduu jalqaban. 12 Namoota sana gidduuttis waaʼee isaa gungummii hedduutu jira ture. Tokko tokko, “Inni nama gaarii dha” jedhu turan. Kaan immoo, “Inni nama gaarii miti. Namoota dogoggorsa” jedhu turan.+ 13 Taʼus, Yihudoota waan sodaataniif, eenyu iyyuu waaʼee isaa ifatti hin dubbatu ture.+
14 Walakkaa ayyaanichaatti, Yesuus gara mana qulqullummaa dhaqee barsiisuu jalqabe. 15 Yeroo kanatti Yihudoonni ajaaʼibsiifatanii, “Namichi kun mana barumsaa* galee utuu hin baratin, beekumsa Kitaabota Qulqulluu*+ akkanaa akkamitti argate?”+ jedhan. 16 Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti.+ 17 Namni fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu kam iyyuu, barumsi kun Waaqayyo biraa akka dhufe+ yookiin ani ofii kootiin kakaʼee kanan dubbadhe taʼuu fi dhiisuu isaa ni beeka. 18 Namni yaada ofii dubbatu hundi ulfina ofii isaa barbaada; namni ulfina isa isa erge sanaa barbaadu+ hundi garuu, nama dhugaa dha; jalʼinnis isa keessa hin jiru. 19 Museen Seericha isiniif kennee+ hin turree? Haa taʼu malee, tokkoon keessan iyyuu Seerichaaf hin ajajamtan. Na ajjeesuu kan barbaaddan maaliifi?”+ 20 Namoonni sunis, “Jinniitu si irra jira. Eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhanii deebisan. 21 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani hojii tokko hojjennaan, hundi keessan ni dinqisiifattan. 22 Kanaafuu, mee kana yaadaa: Museen seera dhaqna qabaa+ isiniif kennee waan tureef (taʼus, seerri kun abbootii keessan biraa kan dhufe ture+ malee, Musee biraa kan dhufe hin turre), isin guyyaa sanbataatti nama dhaqna ni qabdu. 23 Seerri Musee akka hin cabneef namni tokko guyyaa sanbataatti dhaqna kan qabatu erga taʼee, ani guyyaa sanbataatti+ nama tokko guutummaatti fayyisuu kootti maaliif akka malee natti aartu? 24 Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa, murtii qajeelaa murteessaa.”+
25 Yeroo kanatti jiraattota Yerusaalem keessaa tokko tokko akkana jechuu jalqaban: “Kun, namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sana mitii?+ 26 Garuu kunoo, inni ifatti dubbachaa jira, isaanis homaa isatti hin dubbatan. Tarii bulchitoonni inni dhuguma Kiristoos taʼuu isaa hubataniitii laata? 27 Nuti garuu, namichi kun eessaa akka dhufe beekna;+ haa taʼu malee, Kiristoos yeroo dhufu eessaa akka inni dhufe eenyu iyyuu hin beeku.” 28 Achiis Yesuus mana qulqullummaa keessatti utuu barsiisuu sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: “Isin ana beektu, eessaa akkan dhufes beektu. Ani ofii kootiin kakaʼee hin dhufne;+ haa taʼu malee, inni ana erge sun dhuguma jira; isin garuu isa hin beektan.+ 29 Ani bakka buʼaa isaa taʼee waanan dhufeef isa beeka;+ kan na erge isa dha.” 30 Kanaafuu, isa qabuudhaaf yaalii gochuu jalqaban;+ haa taʼu malee, saʼaatiin isaa amma iyyuu waan hin geenyeef, eenyu illee isa hin qabne.+ 31 Taʼus, namoota sana keessaa hedduun isaanii isatti waan amananiif,+ “Kiristoos yommuu dhufu, dinqiiwwan namichi kun hojjete caalaa hojjetaa?” jedhu turan.
32 Yommuu namoonni waaʼee isaa akkana jedhanii gunguman Fariisonni ni dhagaʼan; kanaafuu, dura buutonni lubootaa fi Fariisonni isa qabsiisuuf eegdota mana qulqullummaa ergan. 33 Achiis Yesuus akkana jedhe: “Gara isa na erge sanaa deemuu koo dura yeroo xinnoodhaaf isinii wajjin nan tura.+ 34 Isin na barbaaddu, garuu na hin argattan; bakka ani jirus dhufuu hin dandeessan.”+ 35 Kanaafuu, Yihudoonni akkana jedhanii walitti dudubbatan: “Akka nuti isa hin arganneef, namichi kun eessa dhaquu barbaade? Yihudoota warra Giriikota gidduu bittinnaaʼanii jiran bira dhaqee Giriikota barsiisuu barbaadee laata? 36 ‘Isin na barbaaddu, garuu na hin argattan; bakka ani jirus dhufuu hin dandeessan’ yeroo jedhu maal jechuu isaa ti?”
37 Guyyaa xumuraatti, jechuunis guyyaa ayyaanichaa isa guddaatti+ Yesuus dhaabbatee sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: “Namni dheebote yoo jiraate, gara koo dhufee haa dhugu.+ 38 Akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan, anatti kan amanu kam iyyuu, ‘Lagni bishaan jireenya kennuu isa keessaa ni yaaʼa.’”+ 39 Haa taʼu malee, inni kana kan dubbate waaʼee hafuura isa warri isatti amanan argachuuf jedhan sanaa ture; sababiin isaas, Yesuus amma iyyuu ulfina+ isaa waan hin gonfanneef, yeroo kanatti hafuurri hin kennamne ture.+ 40 Namoota sana keessaa warri kana dhagaʼan tokko tokko, “Dhuguma iyyuu kun Raajicha dha”+ jedhan. 41 Kaan immoo, “Kun Kiristoosi”+ jedhu turan. Tokko tokko garuu akkana jedhu turan: “Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa?+ 42 Kitaabonni Qulqulluun Kiristoos sanyii Daawit+ keessaa, akkasumas Beetaliheem+ ganda Daawitii+ akka dhufu dubbatu mitii?” 43 Kanaafuu, isa ilaalchisee namoota sana gidduutti wal qoqqooduun ni uumame. 44 Isaan keessaa tokko tokko isa qabuu kan barbaadan taʼus, namni tokko illee isa hin qabne.
45 Eegdonni mana qulqullummaa sunis gara dura buutota lubootaa fi Fariisotaatti deebiʼan; isaanis, “Maaliif isa hin fidne?” isaaniin jedhan. 46 Eegdonni sunis deebisanii, “Eenyu iyyuu akka nama kanaatti matumaa dubbatee hin beeku”+ jedhan. 47 Fariisonnis deebisanii akkana jedhan: “Isinis ni gowwoomfamtanii? 48 Bulchitoota yookiin Fariisota keessaa isatti kan amane jiraa?+ 49 Haa taʼu malee, uummanni Seericha hin beekne kun abaaramaa dha.” 50 Niqoodimos inni sana dura gara isaa dhufee turee fi isaan keessaa tokko taʼes akkana isaaniin jedhe: 51 “Seerri keenya jalqaba nama sana irraa utuu hin dhagaʼinii fi wanta inni gochaa jiru utuu hin beekin nama tokkotti ni murteessaa?”+ 52 Isaanis, “Atis nama Galiilaa tii? Egaa, raajiin tokko illee Galiilaa keessaa akka hin kaane qoradhuu ilaali” jedhanii isaaf deebisan.*
8 12 Sana booda Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti.+ Namni ana duukaa buʼu kam iyyuu ifa+ jireenyaa argata malee, matumaa dukkana keessa hin deddeebiʼu” isaaniin jedhe. 13 Kanaan kan kaʼes Fariisonni, “Ati waaʼee ofii kee ragaa baata; ragaan ati baatu dhugaa miti” isaan jedhan. 14 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu waanan beekuuf,+ waaʼee ofii koo yoon ragaa baʼe illee, ragaan ani baʼu dhugaa dha. Isin garuu eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu hin beektan. 15 Isin akka ilaalcha fooniitti* murteessitu;+ ani garuu matumaa eenyutti iyyuu hin murteessu. 16 Haa taʼu malee, Abbaan inni na erge anaa wajjin waan jiruu fi kophaa koo waanan hin taaneef,+ utuman murteessee illee murtiin koo dhugaa dha. 17 Kana malees Seeruma keessan keessatti illee, ‘Wanti namoonni lama ragaa baʼan dhugaa dha’+ kan jedhu barreeffameera. 18 Ani waaʼee ofii koo ragaa nan baʼa; Abbaan inni na erges waaʼee koo ragaa ni baʼa.”+ 19 Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” isaan jedhan. Yesuusis, “Isin anas taʼe Abbaa koo hin beektan.+ Utuu ana beektaniittu taʼee, Abbaa koos ni beektu turtan”+ jedhee isaaniif deebise. 20 Inni kana kan dubbate, mana qulqullummaa keessa iddoo qodaan buusii kaaʼamutti+ utuu barsiisuu ture. Haa taʼu malee, saʼaatiin isaa amma iyyuu waan hin geenyeef eenyu illee isa hin qabne.+
21 Kanaafuu ammas, “Ani nan deema, isinis na barbaaddu, taʼus cubbuu keessaniin ni duutu.+ Bakka ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan”+ isaaniin jedhe. 22 Achiis Yihudoonni, “‘Bakka ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ kan jedhu, of ajjeesuu barbaadeetii laata?” jechuu jalqaban. 23 Innis akkana isaaniin jedhe: “Isin kan gadii ti; ani garuu kan olii ti.+ Isin addunyaa kana irraa ti; ani garuu addunyaa kana irraa miti. 24 Cubbuu keessaniin ni duutu kanan isiniin jedhe kanumaafi. Ani isa taʼuu koo hin amantan taanaan, isin cubbuu keessaniin ni duutu.” 25 Kanaafuu isaan, “Ati eenyu?” isaan jedhan. Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Silaa iyyuu ani isinitti dubbachuun koo gatii maalii qaba? 26 Ani waaʼee keessan wantan dubbadhuu fi wantan murteessu hedduu qaba. Dhugaa dubbachuuf, inni na erge dhugaa dha; ani wantootuman isa irraa dhagaʼe addunyaatti dubbachaan jira.”+ 27 Isaan garuu inni waaʼee Abbaa isaanitti dubbachaa akka jiru hin hubanne. 28 Achiis Yesuus akkana jedhe: “Ilma namaa erga fannistanii+ booda, ani isa taʼuu koo fi ofiin kakaʼee homaa akkan hin goone, kanaa mannaa wantoota kana kanan dubbadhu akkuma Abbaan na barsiisetti+ taʼuu isaa yeroo sana ni beektu.+ 29 Inni na erge sun anaa wajjin jira; ani yeroo hundumaa wanta isa gammachiisu waanan godhuuf,+ inni kophaatti na hin dhiisu.” 30 Yeroo inni wantoota kana dubbatu, namoonni hedduun isatti amanan.
31 Achiis Yesuus Yihudoota isatti amananiin akkana jedhe: “Isin dubbii kootiin yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti; 32 dhugaa+ ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa.”+ 33 Isaanis deebisanii, “Nuti sanyii Abrahaami, eenyuuf iyyuu matumaa garboota taanee hin beeknu. Ati akkamitti, ‘Bilisa baatu’ nuun jetta?” isaan jedhan. 34 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.+ 35 Kana malees, garbichi bara baraaf mana gooftaa isaa keessa hin jiraatu; ilmi garuu bara baraaf ni jiraata. 36 Kanaafuu, Ilmi bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni taatu. 37 Ani isin sanyii Abrahaam akka taatan beeka. Haa taʼu malee, dubbiin koo isin keessatti hundee waan hin godhanneef na ajjeesuu barbaaddu. 38 Ani wantoota yommuun Abbaa koo wajjin turetti argen dubbadha;+ isin garuu wantoota abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.” 39 Isaanis deebisanii, “Abbaan keenya Abrahaami” isaan jedhan. Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Isin ijoollee Abrahaam+ utuu taatanii, hojii Abrahaam hojjettu turtan. 40 Amma garuu ana nama dhugaa Waaqayyo irraa dhagaʼe isinitti hime+ ajjeesuu barbaaddu. Abrahaam akkana hin goone. 41 Isin hojii abbaa keessanii hojjechaa jirtu.” Isaanis, “Nuti kan dhalanne halalummaadhaan* miti; nuti Abbaa tokko qabna, innis Waaqayyo dha” isaan jedhan.
42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “As kanan dhufe isa biraa waan taʼeef, Waaqayyo utuu Abbaa keessan taʼee na jaallattu turtan.+ Isatu na erge+ malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dhufne. 43 Wantan dubbachaa jiru maaliif hin hubattan? Dubbii koo fudhachuu waan hin dandeenyeefi. 44 Isin kan abbaa keessan kan Diyaabilosi, fedhii abbaa keessanii+ raawwachuu barbaaddu. Inni jalqabumaa kaasee kan nama ajjeesu ture;+ dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhugaa keessa jabaatee hin dhaabbanne. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef, soba yommuu dubbatu of keessaa maddisiisee dubbata.+ 45 Ani garuu dhugaa waanan isinitti himuuf na hin amantan. 46 Isin keessaa namni cubbuu hojjetteetta jedhee na himatu eenyu? Ani dhugaan dubbadha yoo taʼe, isin maaliif na hin amantan ree? 47 Inni Waaqayyo biraa taʼe, dubbii Waaqayyoo ni dhagaʼa.+ Isin garuu Waaqayyo biraa waan hin taaneef hin dhageessan.”+
48 Yihudoonnis deebisanii, “‘Ati nama Samaariyaa+ ti, jinniin si keessa jira’+ jechuun keenya sirrii mitii?” isaan jedhan. 49 Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Ani Abbaa kootiifan ulfina kenna malee, jinniin na keessa hin jiru; isin immoo na salphistu. 50 Haa taʼu malee, ani ofii kootiif ulfina hin barbaadu;+ inni ulfina barbaaduu fi murtii kennu tokko jira. 51 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni kam iyyuu dubbii koo yoo eege matumaa hin duʼu.”+ 52 Yihudoonnis akkana isaan jedhan: “Jinniin akka si keessa jiru amma beekneerra. Abrahaam duʼeera, raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Namni kam iyyuu dubbii koo yoo eege matumaa hin duʼu’ jetta. 53 Ati abbaa keenya Abrahaam isa duʼe irra ni caaltaa? Raajonnis duʼaniiru. Ati eenyu ofiin jetta?” 54 Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Ani yoon ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu, Abbaa koo isa isin Waaqa keenya jettan sana dha.+ 55 Taʼus isin isa hin beekne,+ ani garuu isa beeka.+ Ani isa hin beeku yoon jedhe, akkuma keessan sobduun taʼa. Haa taʼu malee, ani isa beeka, dubbii isaas nan eega. 56 Abrahaam abbaan keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture, guyyicha argees gammadeera.”+ 57 Achiis Yihudoonni, “Ati waggaa 50 illee hin guunne, akkamitti Abrahaamiin argeera jetta?” isaan jedhan. 58 Yesuusis, “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Abrahaam dhalachuu isaa dura ani jiran ture”+ isaaniin jedhe. 59 Kanaafuu, isatti darbachuuf dhagaa fudhatan; Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaa keessaa baʼee deeme.
9 Yesuus utuu karaa irra darbaa jiruu namicha qaro dhabeessa taʼee dhalate tokko arge. 2 Barattoonni isaas, “Rabbii,+ namichi kun, isa moo warra isaatu cubbuu hojjennaan qaro dhabeessa taʼee dhalate?” jedhanii isa gaafatan. 3 Yesuusis akkana jedhee deebise: “Hojiin Waaqayyoo isa irratti akka mulʼatuuf kun taʼe malee, namichi kunis taʼe warri isaa cubbuu hin hojjenne.+ 4 Guyyaa taʼee utuu jiruu hojii isa na erge sanaa hojjechuu qabna;+ halkan eenyu iyyuu hojjechuu itti hin dandeenye ni dhufa. 5 Addunyaa keessa hamman jirutti ani ifa addunyaa ti.”+ 6 Wantoota kana erga dubbatee booda, lafatti tufee hancufa isaatiin biyyoo bukeesse; dhoqqee sanas ija namichaatti dibee,+ 7 “Dhaqiitii bishaan kuufamaa Siiloʼaamitti dhiqadhu” isaan jedhe (Siiloʼaam jechuun, “Kan Ergame” jechuu dha). Namichis dhaqee dhiqate; achiis ilaalaa deebiʼee dhufe.+
8 Olloonni isaa fi namoonni duraan utuu inni kadhatuu isa arganis, “Namichi kun isa taaʼee kadhatu sana mitii?” jechuu jalqaban. 9 Tokko tokko, “Eeyyee isa dha” jedhu turan. Kaan garuu, “Lakki, isa fakkaata malee isa miti” jedhu turan. Namichi immoo, “Ani isuma” jedha ture. 10 Kanaafuu isaan, “Maarree ijji kee akkamitti baname?” jedhanii isa gaafatan. 11 Innis, “Namichi Yesuus jedhamu biyyoo bukeessee ija kootti erga dibee booda, ‘Gara Siiloʼaam dhaqiitii dhiqadhu’+ naan jedhe. Anis dhaqeen dhiqadhe, agartuun koos anaaf deebiʼe” jedhee deebise. 12 Isaanis, “Namichi sun eessa jira?” isaan jedhan. Innis, “Ani hin beeku” jedhe.
13 Achiis isaan namicha qaro dhabeessa ture sana gara Fariisotaatti geessan. 14 Akkuma carraa taʼee immoo, guyyaan itti Yesuus biyyoo bukeessee ija namichaa bane+ sun Sanbata ture.+ 15 Fariisonnis yeroo kanatti namichi akkamitti agartuun isaa akka isaaf deebiʼe isa gaafachuu jalqaban. Namichis, “Inni, dhoqqee ija kootti dibe, anis nan dhiqadhe, achiis arguun dandaʼe” isaaniin jedhe. 16 Yeroo kanatti Fariisota keessaa tokko tokko, “Namichi kun Sanbata waan hin kabajneef, Waaqayyo biraa kan dhufe miti”+ jedhan. Warri kaan garuu, “Namni cubbamaan akkamitti dinqiiwwan akkanaa hojjechuu dandaʼa?”+ jedhan. Kanaan kan kaʼes, isaan gidduutti wal qoqqooduun ni uumame.+ 17 Isaan ammas namicha qaro dhabeessa ture sanaan, “Inni ija kee waan siif baneef, ati waaʼee isaa maal jetta?” jedhan. Namichis, “Inni raajii dha” jedhe.
18 Haa taʼu malee, Yihudoonni haadhaa fi abbaa namicha ijji isaa baname sanaa hamma waamanitti, namichi qaro dhabeessa akka turee fi amma qaroon isaa akka isaaf deebiʼe hin amanne. 19 Kanaafuu, “Ilmi keessan inni isin qaro dhabeessa taʼee dhalate jettan isa kanaa? Maarree amma akkamitti arguu dandaʼe?” jedhanii warra isaa gaafatan. 20 Warri isaas akkana jedhanii deebisan: “Kun ilma keenya akka taʼee fi qaro dhabeessa taʼee akka dhalate beekna. 21 Garuu, amma akkamitti arguu akka dandaʼe yookiin eenyu ija isaa akka isaaf bane hin beeknu. Isuma gaafadhaa. Inni nama guddaa dha. Waaʼee ofii isaa dubbachuu dandaʼa.” 22 Yihudoonni inni Kiristoos akka taʼe namni amanu kam iyyuu mana sagadaa keessaa akka ariʼamu walii galanii waan turaniif,+ warri isaa akkana kan jedhan isaaniin waan sodaataniif ture.+ 23 Warri isaa, “Inni nama guddaa dha. Isuma gaafadhaa” kan jedhan kanaaf ture.
24 Kanaafuu, isaan yeroo lammataatiif namicha qaro dhabeessa ture sana waamanii, “Waaqayyoof ulfina kenni; nuti namichi kun cubbamaa taʼuu isaa beekna” isaan jedhan. 25 Innis, “Cubbamaa taʼuu fi dhiisuu isaa ani hin beeku. Wantin beeku, qaro dhabeessa akkan turee fi amma garuu arguu akkan dandaʼe qofa dha” jedhee deebise. 26 Isaanis, “Inni maal siif godhe? Akkamitti ija kee siif bane?” isaan jedhan. 27 Innis, “Isinitti himeen tureem, isin garuu hin dhageessan. Lammata dhagaʼuu kan barbaaddan maaliifi? Isinis barattoota isaa taʼuu barbaaddu moo?” jedhe. 28 Yeroo kanatti tuffiidhaan akkana isaan jedhan: “Barataan namicha sanaa si’i; nuti garuu barattoota Musee ti. 29 Nuti Waaqayyo Museetti akka dubbate beekna; namichi kun eessaa akka dhufe garuu hin beeknu.” 30 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Inni eessaa akka dhufe wallaaluun keessan dhuguma iyyuu nama ajaaʼibsiisa; garuu inni ija koo anaaf baneera. 31 Waaqayyo cubbamoota akka hin dhageenye beekna;+ garuu namni tokko Waaqayyoon kan sodaatuu fi fedhii isaa kan raawwatu yoo taʼe Waaqayyo isa ni dhagaʼa.+ 32 Bara duriitii kaasee namni ija nama qaro dhabeessa taʼee dhalate tokkoo bane akka jiru matumaa dhagaʼamee hin beeku. 33 Namichi kun utuu Waaqayyo biraa hin dhufne taʼee, waan tokko illee gochuu hin dandaʼu ture.”+ 34 Isaanis deebisanii, “Ati cubbuudhaan faalamtee kan dhalatte taatee utuu jirtuu, nu barsiisuu barbaaddaa?” isaan jedhan. Achiis isa ariʼan!+
35 Yesuusis akka isa ariʼan dhagaʼe; yommuu isa argus, “Ati Ilma namaatti ni amantaa?” isaan jedhe. 36 Namichis deebisee, “Yaa gooftaa, akkan isatti amanuuf inni eenyu?” isaan jedhe. 37 Yesuusis, “Ati isa argiteetta; inni sitti dubbachaa jirus isuma” isaan jedhe. 38 Innis, “Yaa Gooftaa, eeyyee, isatti nan amana” jedhe. Achiis isaaf sagade. 39 Yeroo kanatti Yesuus, “Ani gara addunyaa kanan dhufe murtii kanaafi; innis warri hin argine akka arganiif,+ warri argan immoo akka jaamaniifi”+ jedhe. 40 Fariisota isaa wajjin turan keessaa tokko tokko yommuu kana dhagaʼan, “Maarree nuti jaamotaa?” isaan jedhan. 41 Yesuusis, “Jaamota utuu taatanii silaa cubbuu isinitti hin taʼu ture. Amma garuu, ‘Ni argina’ jettu. Kanaafuu, cubbuun keessan isiniif hin dhiifamu”+ isaaniin jedhe.
10 Yesuus akkana jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, karaa balbalaa utuu hin taʼin, karaa gara biraa utaalee gola hoolotaatti inni seenu, hattuu fi saamtuu dha.+ 2 Inni karaa balbalaa seenu garuu, tiksee hoolotaa ti.+ 3 Inni balbala eegu isaaf ni bana;+ hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu.+ Inni hoolota isaa maqaa isaaniitiin waamee gad isaan ni yaasa. 4 Hoolota isaa hunda erga gad yaasee booda, isaan dura buʼee deema; isaanis sagalee isaa waan beekaniif isa duukaa ni buʼu. 5 Hoolonni sagalee keessummootaa waan hin beekneef, isa irraa ni baqatu malee matumaa keessummaa duukaa hin buʼan.” 6 Yesuus fakkeenya kana isaanitti dubbatus, isaan garuu wanta inni isaanitti dubbachaa ture hin hubanne.
7 Kanaafuu, Yesuus ammas akkana jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, ani balbala hoolotaa ti.+ 8 Warri na fakkaatanii dhufan hundi hattootaa fi saamtota dha; hoolonni garuu isaan hin dhageenye. 9 Ani balbalicha; namni karaa koo seenu hundi ni fayya; inni ol ni seena, gad ni baʼa, bakka dheedichaas ni argata.+ 10 Hattuun, hatuuf, qaluu fi balleessuuf malee wanta kan biraadhaaf hin dhufu.+ Ani isaan jireenya akka argatanii fi innis akka isaaniif baayʼatuuf dhufeera. 11 Ani tiksee gaarii dha;+ tiksee gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee ni kenna.+ 12 Namni mindeeffamee hojjetu, inni tiksee hin taanee fi hoolonni kan isaa hin taane garuu, yeeyyiin yommuu dhufu argee hoolota sana dhiisee baqata; yeeyyiin sunis isaan butata, isaan bittinneessas; 13 kana kan godhus inni nama mindeeffamee hojjetu waan taʼee fi hoolotaaf dantaa waan hin qabneefi. 14 Ani tiksee gaarii dha. Ani hoolota koo beeka, hoolonni koos na beeku;+ 15 kunis akkuma Abbaan ana beekuu fi anis Abbaa beeku jechuu dha;+ ani hoolota kootiif jedhee lubbuu koo dabarsee nan kenna.+
16 “Ani, hoolota kan biroo gola kana keessaa hin taane qaba;+ isaaniinis fiduun qaba, isaan sagalee koo ni dhagaʼu, tuuta tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko ni taʼa.+ 17 Ani deebisee akkan argadhuuf, lubbuu koo dabarsee nan kenna;+ Abbaan kan na jaallatu kanaafi.+ 18 Anumatu ofii kootiin kakaʼee lubbuu koo dabarsee kenna malee, eenyu iyyuu ana irraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf aangoo qaba, deebisee fudhachuufis aangoo qaba.+ Ajaja kana Abbaa koo irraan fudhadhe.”
19 Yesuus wantoota kana waan dubbateef ammas Yihudoota gidduutti wal qoqqooduun ni uumame.+ 20 Hedduun isaanii, “Jinniitu isa keessa jira; inni maraateera. Maaliif isa dhaggeeffattu?” jedhu turan. 21 Kaan immoo, “Namni jinniin keessa jiru wantoota akkanaa hin dubbatu. Jinniin ija namoota qaro dhabeeyyii banuu ni dandaʼaa?” jedhan.
22 Yeroo sana Ayyaanni Haareffamuu* Yerusaalem keessatti kabajamaa ture. Yeroon isaas ganna ture; 23 Yesuusis mana qulqullummaa keessa daandii Solomoon isa baaxii qabu irra deemaa ture.+ 24 Yeroo kanatti Yihudoonni isatti marsanii, “Hanga yoomiitti qalbii* nu rarraasta? Ati Kiristoos yoo taate ifatti nutti himi” isaan jechuu jalqaban. 25 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani isinitti himeera, isin garuu hin amantan. Hojiiwwan ani maqaa Abbaa kootiin hojjechaa jiru kun, waaʼee koo ragaa ni baʼu.+ 26 Isin garuu hoolota koo waan hin taaneef hin amantan.+ 27 Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu, ani isaan beeka, isaanis ana duukaa ni buʼu.+ 28 Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna;+ isaan matumaa hin balleeffaman; eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.+ 29 Wanti Abbaan koo naa kenne wantoota kan biroo hunda irra ni caala; harka Abbaa keessaa isaan butuu kan dandaʼu tokko illee hin jiru.+ 30 Anii fi Abbaan tokko.”*+
31 Yihudoonni ammas isa rukutuuf dhagaa fudhatan. 32 Yesuusis deebisee, “Ani Abbaa biraa hojiiwwan gaggaarii hedduu isinitti argisiiseera. Maarree hojiiwwan kana keessaa isa kamiif dhagaadhaan na rukuttu?” isaaniin jedhe. 33 Yihudoonnis, “Dhagaadhaan kan si rukunnu, hojii gaarii hojjetteef utuu hin taʼin, ati nama taatee utuu jirtuu waaqa of gochuudhaan Waaqayyoon waan arrabsiteefi”+ jedhanii isaaf deebisan. 34 Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Seera keessan keessatti, ‘Ani akkana nan jedhe: “Isin waaqolii dha”’*+ jedhamee hin barreeffamnee? 35 Inni warra dubbiin Waaqayyoo balaaleffate ‘waaqolii’ jedhee kan waamee+ fi Kitaabonni Qulqulluun immoo kan hin diigamne erga taʼee, 36 ‘Ani Ilma Waaqayyoo ti’ waanan jedheef, akkamitti ana isa Abbaan qulqulleessee fi gara addunyaatti ergeen, ‘Waaqayyoon arrabsiteetta’ jettu?+ 37 Ani hojii Abbaa koo hin hojjedhu taanaan na hin amaninaa. 38 Hojii Abbaa koo nan hojjedha yoon taʼe garuu, yoo na amanuu baattan illee, Abbaan anaa wajjin tokkummaa akka qabuu fi anis Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabu+ akka beektanii fi beekuu keessan akka itti fuftaniif hojiiwwan sana amanaa.”+ 39 Kanaafuu, isaan ammas isa qabuuf yaalan; inni garuu isaan jalaa miliqe.
40 Sana booda ammas Yordaanos gama bakka Yohaannis jalqaba itti cuuphaa ture dhaqee+ achuma ture. 41 Achiis namoonni hedduun gara isaa dhufanii, “Yohaannis dinqii tokko illee hin hojjenne; wanti Yohaannis waaʼee namicha kanaa dubbate hundi garuu dhugaa dha”+ jechuu jalqaban. 42 Achittis namoonni hedduun isatti amanan.
11 Namni Alaazaar jedhamu tokko dhukkubsatee ture; inni Bitaaniyaa ganda Maariyaamii fi obboleettii ishii Maartaa+ keessa jiraata ture. 2 Maariyaam kun, ishii zayitii urgaaʼu Gooftaa irratti dhangalaastee fi rifeensa ishiitiin miila isaa haxooftee qoorsite sana dha;+ Alaazaar inni dhukkubsates obboleessa ishii ture. 3 Kanaafuu, obboleettonni isaa, “Yaa Gooftaa, kunoo inni ati jaallattu sun dhukkubsateera” jedhanii Yesuusitti dhaaman. 4 Yesuus garuu yommuu kana dhagaʼu, “Dhukkubni kun ulfina Waaqayyoo kan mulʼisu dha malee duʼaan kan xumuramu miti;+ kunis Ilmi Waaqayyoo ittiin ulfina akka argatuufi” jedhe.
5 Yesuus, Maartaa fi obboleettii ishii, akkasumas Alaazaariin ni jaallata ture. 6 Haa taʼu malee, Alaazaar dhukkubsachuu isaa yommuu dhagaʼu, guyyaa lamaaf bakkuma jiru sana ture. 7 Sana booda barattoota isaatiin, “Kottaa, deebinee gara Yihudaa haa dhaqnu” jedhe. 8 Barattoonni isaas, “Rabbii,+ warri Yihudaa dhiheenya kana dhagaadhaan si rukutuu barbaadanii turan,+ ati immoo ammas achi dhaquuf jettaa?” isaan jedhan. 9 Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Guyyaan tokko saʼaatii 12f ifa qaba mitii?+ Namni ifa guyyaatiin deemu kam iyyuu, ifa addunyaa kanaa waan arguuf, waan tokkotti illee hin gufatu. 10 Namni halkaniin deemu kam iyyuu garuu, isa keessa ifni waan hin jirreef ni gufata.”
11 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda itti dabalee, “Michuun keenya Alaazaar rafeera;+ anis isa dammaqsuuf achi nan dhaqa” jedhe. 12 Barattoonni isaa immoo, “Yaa Gooftaa, rafeera taanaan ni fayya” isaan jedhan. 13 Haa taʼu malee, Yesuus waaʼee duʼuu isaa dubbachaa ture. Isaan garuu, boqochuuf jedhee hirriba rafuu isaa kan dubbatu isaanitti fakkaatee ture. 14 Achiis Yesuus ifatti akkana isaaniin jedhe: “Alaazaar duʼeera;+ 15 isin akka amantaniif, ani waanan achi hin turreef waaʼee keessaniif nan gammada. Amma garuu gara isaa haa dhaqnu.” 16 Yeroo kanatti Toomaas inni Didimoos jedhamu barattoota kaaniin, “Nutis isaa wajjin akka duunuuf, kottaa haa dhaqnu” jedhe.+
17 Yesuus yommuu achi gaʼu, Alaazaar guyyaa afuriif awwaala* keessa akka ture hubate. 18 Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiilomeetira 3* qofa fagaatti turte. 19 Yihudoonni hedduun Maartaa fi Maariyaam warra obboleessi isaanii jalaa duʼe jajjabeessuuf dhufanii turan. 20 Maartaan Yesuus akka dhufaa jiru yommuu dhageessu isa simachuuf baate; Maariyaam+ garuu manuma keessa teessee turte. 21 Achiis Maartaan Yesuusiin akkana jette: “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture. 22 Haa taʼu malee, amma iyyuu Waaqayyo wanta ati gaafattu kam iyyuu akka siif kennu nan beeka.” 23 Yesuusis, “Obboleessi kee ni kaʼa” ishiidhaan jedhe. 24 Maartaanis, “Guyyaa dhumaatti, yeroo duʼaa kaʼuutti akka inni kaʼu beeka”+ isaan jette. 25 Yesuusis akkana ishiidhaan jedhe: “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana.+ Namni anatti amanu yoo duʼe illee deebiʼee ni jiraata; 26 lubbuudhaan kan jiruu fi anatti kan amanu hundi matumaa hin duʼu.+ Kana ni amantaa?” 27 Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, ati Kiristoos Ilma Waaqayyoo, isa gara addunyaa dhufu sana akka taate nan amana” isaan jette. 28 Erga kana dubbattee booda dhaqxee obboleettii ishii Maariyaamiin waamtee, “Barsiisaan+ dhufeera, si waamaa jira” jettee kophaatti itti himte. 29 Ishiinis yommuu kana dhageessu ariitiidhaan kaatee gara isaa dhaqxe.
30 Yesuus amma iyyuu bakka Maartaa wajjin itti wal argan sana jira malee gara gandichaatti hin seenne ture. 31 Yihudoonni Maariyaamiin jajjabeessuuf ishii wajjin mana keessa turan, ariitiidhaan kaatee gad baʼuu ishii yommuu argan, achitti booʼuuf gara awwaalichaa*+ kan dhaqxu waan isaanitti fakkaateef ishii duukaa buʼan. 32 Maariyaam bakka Yesuus ture geessee yommuu isa argitu, miila isaatti kuftee, “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” isaan jette. 33 Yesuus ishiinii fi Yihudoonni ishii wajjin dhufan booʼuu isaanii yommuu argu, keessa isaatii* baayʼee gadde, ni jeeqames. 34 Achiis, “Eessa isa keessan?” jedhe. Isaanis, “Yaa Gooftaa, kottuutii ilaali” isaan jedhan. 35 Achiis Yesuus imimmaan isaa dhangalaase.+ 36 Yeroo kanatti Yihudoonni, “Akkam akka inni isa jaallatu ilaalaa!” jechuu jalqaban. 37 Haa taʼu malee isaan keessaa tokko tokko, “Namichi ija nama qaro dhabeessa sanaa bane kun,+ namni kun akka hin duune gochuu hin dandaʼu turee?” jedhan.
38 Yesuus ammas keessa isaatii erga baayʼee gaddee booda gara awwaalichaa* dhaqe. Awwaalichi holqa yeroo taʼu, dhagaadhaan cufamee ture. 39 Yesuusis, “Dhagicha irraa kaasaa” jedhe. Maartaan obboleettiin namicha duʼe sanaa Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, amma guyyaa afur waan taʼeef yoona foolii godhateera” jette. 40 Yesuusis, “Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu+ sitti himee hin turree?” ishiidhaan jedhe. 41 Kanaafuu, isaan dhagicha irraa kaasan. Achiis Yesuus gara samii ilaalaa+ akkana jedhe: “Yaa Abbaa, waan na dhageesseef sin galateeffadha. 42 Dhugaa dha, ati yeroo hunda akka na dhageessu beeka; haa taʼu malee, kana kanan dubbadhe namoonni as dhaabbatan akka ati na ergite akka amananiifi.”+ 43 Wantoota kana erga dubbatee booda sagalee guddaadhaan, “Alaazaar, as baʼi!”+ jedhee iyye. 44 Namichi duʼe sunis miilli isaa fi harki isaa akka kafanametti gad baʼe; fuulli isaas huccuudhaan maramee ture. Yesuusis, “Irraa hiikaa, haa deemu” isaaniin jedhe.
45 Kanaafuu, Yihudoota gara Maariyaam dhufanii fi wanta inni hojjete argan keessaa hedduun isatti amanan;+ 46 isaan keessaa tokko tokko garuu, gara Fariisotaa dhaqanii wanta Yesuus hojjete isaanitti himan. 47 Kanaafuu, dura buutonni lubootaa fi Fariisonni miseensota yaaʼii Saanhedriin walitti qabanii akkana jedhan: “Namichi kun dinqii hedduu hojjechaa waan jiruuf maal gochuu nuu wayya?+ 48 Yoo akkanumatti isa dhiisne, hundi isaanii isatti amanu; warri Roomaas dhufanii iddoo* keenyaa fi saba keenya fudhatu.” 49 Haa taʼu malee, Qayyaafaan+ inni isaan keessaa tokko taʼee fi waggaa sanatti luba ol aanaa ture, akkana isaaniin jedhe: “Isin homaa hin beektan; 50 guutummaan sabichaa baduu isaa mannaa, namni tokko uummatichaaf yoo duʼe isiniif gaarii akka taʼu hin hubannee?” 51 Inni kana kan dubbate ofii isaatiin kakaʼee hin turre; kanaa mannaa, waggaa sanatti luba ol aanaa waan tureef Yesuus sabichaaf akka duʼu raajii dubbachuu isaa ture; 52 kan duʼus ijoollee Waaqayyoo warra bittinnaaʼanii jiran walitti qabee tokko gochuuf malee sabichaaf qofa miti. 53 Kanaafuu, guyyaa sanaa jalqabee isa ajjeesuuf isa irratti mariʼatan.
54 Kanaan kan kaʼes, Yesuus sana booda ifatti Yihudoota gidduu hin deddeebine; kanaa mannaa bakka sanaa deemee gara naannoo lafa onaa bira jiru, jechuunis magaalaa Efreem+ jedhamtu tokko dhaqee barattoota isaa wajjin achi ture. 55 Yeroo kanatti Faasikaan+ Yihudootaa dhihaatee waan tureef, namoonni hedduun Faasikaan gaʼuu isaa dura akka sirna amantiitti of qulqulleessuuf baadiyyaadhaa gara Yerusaalem dhaqan. 56 Isaan Yesuusiin barbaadaa turan; mana qulqullummaa keessa dhaabbataniis, “Maal isinitti fakkaata? Inni gara ayyaana kanaa hin dhufuu?” waliin jedhu turan. 57 Dura buutonni lubootaa fi Fariisonni garuu, isa qabuu akka dandaʼaniif namni bakka Yesuus jiru beeku kam iyyuu isaanitti himuu akka qabu ajaja kennanii turan.
12 Ayyaanni Faasikaa gaʼuu isaa guyyaa jaʼa dura, Yesuus Bitaaniyaa bakka Alaazaar+ jiraatu gaʼe; Alaazaar kun isa Yesuus duʼaa kaase sana dha. 2 Kanaafuu, isaan achitti irbaata kan isaaf qopheessan yeroo taʼu, Maartaan isaan tajaajilaa turte;+ Alaazaar garuu warra isaa wajjin maaddiitti dhihaatan keessaa tokko ture. 3 Yeroo kanatti Maariyaam zayitii urgaaʼaa gara liitirii walakkaa* taʼu, gatiin isaa baayʼee guddaa taʼee fi naardosii qulqulluu irraa qophaaʼe fiddee miila Yesuus irratti erga dhangalaastee booda rifeensa ishiitiin haxooftee qoorsite. Manichis urgaa zayitii sanaatiin guutame.+ 4 Haa taʼu malee, Yihudaa Asqorotichi+ inni barattoota isaa keessaa tokko taʼee fi dabarsee isa kennuuf jedhu akkana jedhe: 5 “Zayitiin urgaaʼaan kun dinaaree* 300tti gurguramee hiyyeeyyiidhaaf kan hin kennamne maaliifi?” 6 Taʼus kana kan dubbate hiyyeeyyiidhaaf waan yaadeef utuu hin taʼin, hattuu waan taʼee fi maallaqa saanduqa isa harka jiru keessa buufamu irraa hatuu waan amaleeffateef ture. 7 Yeroo kanatti Yesuus akkana jedhe: “Ishii dhiisaa, ishiin kana kan goote barsiifata kana raawwachuudhaan guyyaan itti awwaalamuuf na qopheessuufi.+ 8 Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin jiru;+ anaan garuu yeroo hunda hin argattan.”+
9 Yeroo kanatti, Yihudoonni hedduun akka inni achi jiru beekanii dhufan; isaan kan dhufan Yesuusiin qofa utuu hin taʼin, Alaazaar isa inni duʼaa kaase sanas ilaaluuf ture.+ 10 Kanaafuu, dura buutonni lubootaa Alaazaariinis ajjeesuuf mariʼatan; 11 kanas kan godhan, Yihudoonni hedduun sababii isaatiin achi dhaqanii Yesuusitti waan amananiif ture.+
12 Guyyaa itti aanutti namoonni gara ayyaanichaa dhufan hedduun, Yesuus gara Yerusaalem dhufaa akka jiru dhagaʼan. 13 Kanaafuu, damee muka meexxii qabatanii isa simachuuf baʼan; sagalee isaanii ol kaasaniis, “Akka isa oolchitu si kadhanna! Mootiin Israaʼel inni+ maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!”+ jechuu jalqaban. 14 Yesuus ilmoo harree argatee irra taaʼe;+ kunis akkuma akkana jedhamee barreeffametti dha: 15 “Yaa intala Xiyoon, hin sodaatin. Kunoo, mootiin kee ilmoo harree irra taaʼee dhufa.”+ 16 Barattoonni isaa jalqaba irratti wantoota kana hin hubanne turan; yommuu Yesuus ulfina argatu garuu,+ wantoonni kun waaʼee isaa akka barreeffamanii fi isaanis wantootuma kana akka isaaf godhan yaadatan.+
17 Namoonni yommuu inni Alaazaariin awwaala* keessaa waamee+ duʼaa kaasu isaa wajjin turan hedduun, wanta argan ragaa baʼuu isaanii itti fufan.+ 18 Namoonni hedduun sunis isa simachuu kan dhaqan, dinqii kana hojjechuu isaa waan dhagaʼaniif ture. 19 Kanaafuu Fariisonni, “Nuti waan tokko illee gochuu akka hin dandeenye ni argituu? Kunoo, guutummaan addunyaa isa duukaa buʼeera” waliin jedhan.+
20 Namoota bakka ayyaanichaatti waaqeffachuu dhufan keessaa Giriikonni tokko tokko jiru turan. 21 Isaan Filiphoos+ isa Beetasaayidaa ishii Galiilaatii dhufetti dhihaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusiin arguu barbaanna” jedhanii isa gaafatan. 22 Filiphoosis dhufee Indiriyaasitti hime. Indiriyaasii fi Filiphoos immoo dhufanii Yesuusitti himan.
23 Yesuus garuu akkana jedhee isaaniif deebise: “Saʼaatiin Ilmi namaa ulfina itti argatu gaʼeera.+ 24 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, firiin qamadii tokko lafa buutee yoo duʼuu baatte, firii tokkittii taatee hafti; erga duutee booda garuu,+ firii hedduu godhatti. 25 Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu ni balleessa, namni addunyaa kana keessatti lubbuu isaa jibbu kam iyyuu+ garuu jireenya bara baraatiif ishii eeggata.+ 26 Namni na tajaajiluu barbaadu hundi ana duukaa haa buʼu, bakka ani jiru tajaajilaan koos achi ni taʼa.+ Nama na tajaajiluu barbaadu hundaaf, Abbaan ulfina ni kenna. 27 Amma ani dhiphadheera,*+ maal jechuun dandaʼa? Yaa Abbaa, saʼaatii kana irraa na oolchi.+ Haa taʼu malee, ani saʼaatii kanaafan dhufe. 28 Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni.” Achiis sagaleen,+ “Ani maqaa kootiif ulfina kenneera; ammas ulfina nan kennaaf”+ jedhu tokko samii irraa ni dhufe.
29 Namoonni achi dhaabbatanis sagalee kana yommuu dhagaʼan, “Kakawwee dha” jedhan. Kaan immoo, “Maleekaatu isatti dubbate” jedhan. 30 Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Sagaleen kun kan dhagaʼame isiniif malee anaaf miti. 31 Yeroon addunyaa kanatti murteeffamu amma; yeroon bulchaan addunyaa kanaa+ alatti itti gatamu amma.+ 32 Ani garuu lafa irraa yoon ol kaafame,+ akaakuu namootaa hunda ofitti nan harkisa.” 33 Kana kan dubbate, duʼa akkamii duʼuuf akka jedhu argisiisuuf ture.+ 34 Achiis namoonni sun deebisanii, “Nuti Kiristoos bara baraaf akka jiraatu Seericha irraa dhageenyeerra.+ Maarree ati akkamitti Ilmi namaa ol kaafamuu qaba jetta?+ Ilmi namaa kun eenyu?” isaan jedhan. 35 Kanaafuu, Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Ifni sun yeroo gabaabaadhaaf isin bira ni tura. Kanaafuu, dukkanni sun akka isin hin liqimsineef, yeroo ificha qabdanitti deemaa; namni dukkana keessa deemu hundi, eessa akka dhaqu hin beeku.+ 36 Isin ilmaan ifaa akka taataniif, yeroo ificha qabdan kanatti ifichatti amanaa.”+
Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda achii deemee isaan jalaa dhokate. 37 Inni dinqii hedduu isaan duratti kan hojjete taʼus, isaan isatti hin amanne; 38 kunis kan taʼe, wanti Isaayyaas raajichi, “Yaa Yihowaa,* wanta nu irraa dhagaʼetti* kan amane eenyu?+ Irreen Yihowaa* hoo eenyutti mulʼifame?”+ jedhee dubbate akka raawwatamuuf ture. 39 Sababii isaan amanuu itti hin dandeenye ilaalchisee Isaayyaas ammas akkana jedheera: 40 “Isaan ija isaaniitiin arganii, garaa isaaniitiin hubatanii, akka hin deebinee fi akkan isaan hin fayyisnetti, inni ija isaanii jaamseera; garaan isaaniis didaa akka taʼu godheera.”+ 41 Isaayyaas akkana kan jedhe, ulfina isaa waan argeef ture; waaʼee isaas dubbateera.+ 42 Taʼus, bulchitoota keessaa illee hedduun isaanii isatti amananii turan;+ haa taʼu malee, Fariisonni mana sagadaa keessaa akka isaan hin ariineef+ waaʼee isaa ifatti hin dubbatan turan; 43 sababiin isaas, isaan ulfina Waaqayyo biraa argamu caalaa, ulfina namoota biraa argamu jaallataniiru.+
44 Yesuus garuu sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: “Namni anatti amanu hundi, anatti qofa utuu hin taʼin isa na erge sanattis ni amana;+ 45 namni na argu hundi, isa na erge sanas ni arga.+ 46 Namni anatti amanu hundi dukkana keessa akka hin jiraanneef,+ ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.+ 47 Haa taʼu malee, namni tokko dubbii koo dhagaʼee yoo eeguu baate ani isatti hin murteessu; sababiin isaas, ani addunyaatti murteessuuf utuu hin taʼin, addunyaa fayyisuufan dhufe.+ 48 Nama ana tuffatuu fi dubbii koo hin fudhannetti kan murteessu tokko jira. Dubbiin ani dubbadhe guyyaa dhumaatti isatti ni murteessa. 49 Sababiin isaas, wantan jedhuu fi wantan dubbadhu Abbaa isa na erge sanatu na ajaje malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne.+ 50 Ajajni isaa jireenya bara baraatti akka geessu ani beeka.+ Kanaafuu, ani wantan dubbadhu hunda akkuma Abbaan anatti himettan dubbadha.”+
13 Ayyaana Faasikaa dura, Yesuus saʼaatiin inni addunyaa kana dhiisee gara Abbaa itti dhaqu+ gaʼuu isaa waan beekeef,+ warra addunyaa keessa jiran, warra kan isaa taʼanii fi jaallachaa ture sana hamma dhumaatti ni jaallate.+ 2 Yeroo kanatti irbaata nyaachaa turan; Diyaabilosis, Yihudaa Asqorotichi+ ilmi Simoon Yesuusiin dabarsee kennuu akka yaadu godhee ture.+ 3 Kanaafuu, Yesuus Abbaan wanta hunda harka isaatti dabarsee akka kenne, inni Waaqayyo biraa akka dhufee fi gara Waaqayyoo akka dhaqu waan beekeef,+ 4 irbaata irraa kaʼee uffata isa irraan uffatu lafa kaaʼe. Fooxaa fudhatees mudhii isaatti hidhate.+ 5 Sana booda qodaa dhiqataatti bishaan naqatee, miila barattoota isaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaan qoorsuu jalqabe. 6 Achiis gara Simoon Pheexiros dhufe. Innis, “Yaa Gooftaa, miila koo dhiquuf jettaa?” isaan jedhe. 7 Yesuusis deebisee, “Wanta ani gochaa jiru amma hin hubattu; booda garuu ni hubatta” isaan jedhe. 8 Pheexirosis, “Ati matumaa miila koo hin dhiqxu” isaan jedhe. Yesuus garuu deebisee, “Yoon si dhiqe malee,+ ati na biraa qooda hin qabaattu” isaan jedhe. 9 Simoon Pheexirosis, “Yaa Gooftaa, miila koo qofa utuu hin taʼin, harka koo fi mataa koos naaf dhiqi” isaan jedhe. 10 Yesuusis, “Namni qaama isaa dhiqate hundi guutummaatti qulqulluu waan taʼeef, miila isaa dhiqachuu qofatu isa barbaachisa. Isin qulqulluu dha, garuu hunda keessan miti” isaan jedhe. 11 Sababiin isaas, inni nama dabarsee isa kennu beeka ture.+ “Qulqulluu kan taʼe hunda keessan miti” kan jedhe kanaaf ture.
12 Miila isaanii dhiqee uffata isaa isa irraan uffatu erga uffatee booda, deebiʼee maaddiitti dhihaatee akkana isaaniin jedhe: “Wantan isiniif godhe hubattaniittuu? 13 Isin, ‘Barsiisaa’ fi ‘Gooftaa’ jettanii na waamtu; anis akkasuma waanan taʼeef kana jechuun keessan sirrii dha.+ 14 Kanaafuu, ani Gooftaa fi Barsiisaa taʼee utuun jiruu miila keessan ergan dhiqee,+ isinis miila keessan waliif dhiquu qabdu.*+ 15 Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani fakkeenya isiniif taʼeera.+ 16 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, garbichi gooftaa isaa irra hin caalu, inni ergames isa isa erge irra hin caalu. 17 Isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha.+ 18 Ani waaʼee hunda keessanii dubbachaa hin jiru; ani warran filadhe beeka. Kun kan taʼe garuu, wanti Kitaabonni Qulqulluun, ‘Inni nyaata koo nyaachaa ture koomee isaa ana irratti kaaseera’*+ jedhanii dubbatan akka raawwatamuufi.+ 19 Yommuu wanti kun raawwatamu ani isa taʼuu koo akka amantaniif, ammaa jalqabee, raawwatamuu isaa dura ani isinitti himeera.+ 20 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni isa ani ergu simatu hundi anas ni simata;+ namni anaan simatu hundi immoo isa ana erge sanas ni simata.”+
21 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, garmalee dhiphatee, “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhee ifatti dubbate.+ 22 Barattoonni isaas inni waaʼee eenyuu dubbachaa akka jiru wallaalanii wal ilaaluu jalqaban.+ 23 Barattoota keessaa tokko, inni Yesuus jaallatu sun,+ Yesuusitti siqee* taaʼee ture. 24 Kanaafuu, Simoon Pheexiros barataa sanatti mataa isaatiin mallattoo argisiisee, “Inni waaʼee eenyuu dubbachaa akka jiru nutti himi” isaan jedhe. 25 Kanaafuu, barataan sun qoma Yesuusitti siqee, “Yaa Gooftaa, eenyu dha?”+ isaan jedhe. 26 Yesuusis, “Isa ani daabboo cabduu kana cuuphee kennuuf sana dha” jedhee deebise.+ Kanaafuu, daabboo sana erga cuuphee booda, fuudhee Yihudaa ilma Simoon Asqorotichaatiif kenne. 27 Yihudaan daabboo cabduu sana erga fudhatee booda Seexanni isatti gale.+ Kanaafuu Yesuus, “Wanta gochaa jirtu, dafii godhi” isaan jedhe. 28 Taʼus, warra maaddiitti dhihaatan keessaa tokko illee inni maaliif akkana akka isaan jedhe hin hubanne. 29 Isaan keessaa tokko tokko, Yihudaan saanduqa maallaqaa waan qabatuuf+ Yesuus, “Wanta ayyaanichaaf nu barbaachisu biti” kan jedheen yookiin hiyyeeyyiidhaaf waa akka kennu isatti himaa kan jiru isaanitti fakkaatee ture. 30 Kanaafuu, Yihudaan daabboo cabduu sana erga fudhatee booda, yeruma sana gad baʼe. Yeroon isaas halkan ture.+
31 Yommuu inni gad baʼus Yesuus akkana jedhe: “Amma Ilmi namaa ulfina argateera;+ Waaqayyos karaa isaa ulfina argateera. 32 Waaqayyo ofuma isaatii ulfina isaaf ni kenna;+ inni yeruma sana ulfina isaaf ni kenna. 33 Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaadhaaf isinii wajjin jira. Isin na barbaaddu; akkuman Yihudootaan, ‘Isin bakka ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’+ jedhe, amma immoo isiniinis nan jedha. 34 Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe,+ isinis wal jaalladhaa.+ 35 Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”+
36 Simoon Pheexiros, “Yaa Gooftaa, eessa dhaqxa?” isaan jedhe. Yesuusis deebisee, “Bakka ani dhaqutti ati amma na duukaa buʼuu hin dandeessu, booda garuu na duukaa buuta” jedhe.+ 37 Pheexirosis, “Yaa Gooftaa, amma maaliifan si duukaa buʼuu hin dandaʼu? Ani siif jedhee lubbuu koo dabarsee nan kenna” isaan jedhe.+ 38 Yesuusis deebisee, “Ati anaaf jettee lubbuu kee dabarsitee ni kennitaa? Dhuguma dhuguman siin jedha, kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura ati siʼa sadii na ganta” jedhe.+
14 Yesuus itti dabalee akkana jedhe: “Garaan keessan hin raafamin.+ Waaqayyotti amanaa,+ anattis amanaa. 2 Mana Abbaa koo keessa iddoon jireenyaa hedduun jira. Kun utuu taʼuu baatee isinitti nan himan ture; sababiin isaas, ani iddoo isiniif qopheessuun deema.+ 3 Dhaqee ergan iddoo isiniif qopheessee booda, isinis iddoo ani jiru akka jiraattaniif deebiʼee dhufeen iddoo ani jirutti isin fudhadha.+ 4 Karaa iddoo ani dhaqutti geessu beektu.”
5 Toomaasis,+ “Yaa Gooftaa, ati eessa akka dhaqxu hin beeknu. Karaa isaa akkamitti beekuu dandeenya ree?” isaan jedhe.
6 Yesuusis akkana isaan jedhe: “Karaan,+ dhugaanii+ fi jireenyi+ ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu.+ 7 Utuu na beektaniittu taʼee, Abbaa koos ni beektu turtan; ammaa jalqabee isa beektu; akkasumas isa argitaniittu.”+
8 Filiphoosis, “Yaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kunumti nu gaʼa” isaan jedhe.
9 Yesuusis akkana isaan jedhe: “Yaa Filiphoos, yeroo dheeraa hammanaatiif ergan isinii wajjin jiraadhee booda illee, isin na hin beeknee? Namni ana arge hundi Abbaas argeera.+ Maarree ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jetta? 10 Ani Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabuu fi Abbaanis anaa wajjin tokkummaa akka qabu hin amantuu?+ Ani wantootan isinitti dubbadhe ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne;+ kanaa mannaa, Abbaa isa naa wajjin tokkummaa qabutu hojii isaa hojjechaa jira. 11 Ani Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabuu fi Abbaanis anaa wajjin tokkummaa akka qabu na amanaa; taʼuu baannaan, hojiiwwan ani hojjedheen kan kaʼe amanaa.+ 12 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu hundi hojii ani hojjedhus ni hojjeta; ani gara Abbaa waanan dhaquuf,+ inni hojii kana irra caalu ni hojjeta.+ 13 Kana malees, Abbaan karaa Ilmaa ulfina akka argatuuf, wanta isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu ani isiniif nan raawwadha.+ 14 Wanta akkamii iyyuu maqaa kootiin yoo kadhattan ani nan raawwadha.
15 “Isin yoo na jaallattan ajajawwan koo ni eegdu.+ 16 Ani Abbaa nan kadhadha, innis bara baraaf akka isinii wajjin jiraatuuf gargaaraa* kan biraa isiniif ni kenna;+ 17 inni hafuura dhugaa ti;+ addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef fudhachuu hin dandaʼu.+ Taʼus inni isinii wajjin waan jiraatuu fi isin keessa waan jiruuf isin isa ni beektu. 18 Ani kophaatti* isin dhiisee hin deemu. Gara keessan nan dhufa.+ 19 Yeroo gabaabaa booda addunyaan na hin argu; isin garuu ani waanan jiraadhuu fi isinis waan jiraattaniif na argitu.+ 20 Guyyaa sanatti ani Abbaa koo wajjin tokkummaa akkan qabu, isin anaa wajjin tokkummaa akka qabdanii fi anis isinii wajjin tokkummaa akkan qabu ni beektu.+ 21 Namni ana jaallatu, isa ajajawwan koo fudhatuu fi eegu dha. Nama na jaallatu hunda Abbaan koo ni jaallata, anis isa nan jaalladha; isattis ifatti of nan mulʼisa.”
22 Yihudaa+ Asqoroticha utuu hin taʼin Yihudaa inni kan biraan, “Yaa Gooftaa, ati addunyaatti utuu hin taʼin nutti ifatti of mulʼisuu kan yaadde maaliifi?” isaan jedhe.
23 Yesuusis akkana jedhee deebise: “Namni na jaallatu hundi dubbii koo ni eega;+ Abbaan koos isa jaallata, nutis gara isaa dhufnee bakka jireenyaa keenya isaa wajjin godhanna.+ 24 Namni na hin jaallanne hundi, dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhagaʼaa jirtan kan Abbaa isa na erge sanaa ti malee kan koo miti.+
25 “Ani amma utuman isinii wajjin jiruu, wantoota kana isinitti himeera. 26 Gargaaraan, jechuunis hafuurri qulqulluun inni Abbaan maqaa kootiin ergu sun garuu wanta hunda isin barsiisa; wantoota ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.+ 27 Ani nagaa isin biratti nan dhiisa; nagaa koo isiniif nan kenna.+ Nagaa koo kanan isiniif kennu akka addunyaan kennutti miti. Garaan keessan akka raafamus taʼe sodaadhaan akka guutamu hin godhinaa. 28 ‘Ani nan deema, deebiʼees gara keessan nan dhufa’ akkan isiniin jedhe dhageessaniittu. Utuu na jaallattu taʼee, gara Abbaa dhaquu kootti ni gammaddu turtan; sababiin isaas, Abbaan na caala.+ 29 Kanaafuu, wanti kun yommuu raawwatamu akka amantaniif, ani amma wanti kun raawwatamuu isaa dura isinitti himeera.+ 30 Bulchaan addunyaa kanaa+ dhufaa waan jiruuf, ani kana caalaa isinii wajjin hin dubbadhu; inni dhiibbaa ana irratti gochuu hin dandaʼu.+ 31 Haa taʼu malee, ani Abbaa akkan jaalladhu addunyaan akka beekuuf, akkuma Abbaan na ajajettan hojjechaa jira.+ Kaʼaa, asii haa deemnu.
15 “Ani muka wayinii isa dhugaa ti, kan dhaabe immoo Abbaa koo ti. 2 Inni, damee utuu ana irra jiruu firii hin godhanne hunda ni mura; damee firii godhatu hunda immoo firii hedduu akka godhatuuf ni qulqulleessa.+ 3 Dubbii ani isinitti himeen kan kaʼe, isin ammuma iyyuu qulqulluu dha.+ 4 Anaa wajjin tokkummaadhaan jiraadhaa, anis isinii wajjin tokkummaadhaan nan jiraadha. Akkuma dameen tokko muka wayiniitti maxxanee yoo jiraate malee ofuma isaatiin firii godhachuu hin dandeenye, isinis anaa wajjin tokkummaadhaan yoo jiraattan malee firii godhachuu hin dandeessan.+ 5 Ani muka wayinii ti; isin immoo dameewwan isaa ti. Namni anaa wajjin tokkummaadhaan jiraatuu fi anis isaa wajjin tokkummaa qabu kam iyyuu firii hedduu ni godhata;+ sababiin isaas, isin ana irraa gargar baatanii matumaa homaa gochuu hin dandeessan. 6 Namni kam iyyuu anaa wajjin tokkummaadhaan hin jiraatu taanaan akkuma damee tokkoo gad gatama, achiis ni goga. Namoonnis dameewwan sana walitti qabanii ibiddatti naqu; dameewwan sunis ni gubatu. 7 Anaa wajjin tokkummaadhaan yoo jiraattanii fi dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, wanta barbaaddan kadhadhaa, innis isiniif ni raawwatama.+ 8 Firii hedduu godhachuu keessan yoo itti fuftanii fi barattoota koo taʼuu keessan yoo argisiistan, Abbaan koo kanaan ulfina ni argata.+ 9 Akkuma Abbaan na jaallate,+ anis isin jaalladheera; jaalala koo keessa jiraadhaa. 10 Akkuman ajajawwan Abbaa eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis ajajawwan koo yoo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.
11 “Gammachuu koo akka argattanii fi gammachuun keessan guutuu akka taʼuuf, ani wantoota kana isinitti himeera.+ 12 Ajajni koo kana dha: Akkuman isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa.+ 13 Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.+ 14 Wanta ani isin ajaju yoo raawwattan, isin michoota koo ti.+ 15 Garbichi tokko wanta gooftaan isaa godhu waan hin beekneef, ani kana booda garboota jedhee isin hin waamu. Kanaa mannaa, ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef, michoota jedhee isin waameera. 16 Anatu isin filate malee, isin na hin filanne; isin deemtanii firii godhachuu keessan akka itti fuftanii fi firiin keessan akka jiraatuuf ani isin muudeera; kanas kanan godhe, wanta maqaa kootiin Abbaa kadhattan hunda inni akka isiniif kennuufi.+
17 “Akka wal jaallattaniif ani wantoota kana isin ajajeera.+ 18 Addunyaan yoo isin jibbe, isin jibbuu isaa dura akka na jibbe beektu.+ 19 Isin kutaa addunyaa utuu taatanii, addunyaan wanta kan ofii isaa taʼe ni jaallata ture. Amma garuu anatu addunyaa keessaa isin filate malee, isin kutaa addunyaa waan hin taaneef,+ addunyaan isin jibba.+ 20 Wantan isinitti hime kana yaadadhaa: Garbichi tokko gooftaa isaa hin caalu. Isaan na ariʼataniiru yoo taʼe, isiniinis ni ariʼatu;+ dubbii koo eeganiiru yoo taʼe, dubbii keessanis ni eegu. 21 Haa taʼu malee, isaan isa na erge sana waan hin beekneef, sababii maqaa kootiin wantoota kana hunda isin irratti ni raawwatu.+ 22 Ani dhufee utuu isaanitti hin himne taʼee, silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture.+ Amma garuu cubbuu isaaniitiif sababii dhiheessan hin qaban.+ 23 Namni na jibbu kam iyyuu Abbaa koos ni jibba.+ 24 Ani hojiiwwan namni kan biraan hojjetee hin beekne isaan gidduutti utuun hin hojjenne taʼee, silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture;+ amma garuu anaan arganii na jibbaniiru, Abbaa koos jibbaniiru. 25 Haa taʼu malee, kun kan taʼe, Seera isaanii keessatti, ‘Isaan sababii malee na jibban’+ jedhamee inni barreeffame akka raawwatamuufi. 26 Gargaaraan, jechuunis hafuurri dhugaa+ inni Abbaa keessaa baʼuu fi ani Abbaa biraa isiniif ergu yommuu dhufu, waaʼee koo dhugaa ni baʼa;+ 27 isinis jalqabumaa kaasee anaa wajjin waan turtaniif dhugaa ni baatu.+
16 “Akka isin hin gufanneef, ani wantoota kana isinitti himeera. 2 Namoonni mana sagadaa keessaa isin ariʼu.+ Dhuguma iyyuu, saʼaatiin namni isin ajjeesu hundi+ Waaqayyoof tajaajila qulqulluu akka dhiheesse isatti dhagaʼamu ni dhufa. 3 Haa taʼu malee, isaan wantoota kana kan godhan Abbaas taʼe anaan waan hin beekneefi.+ 4 Taʼus, saʼaatiin wantoonni kun itti raawwataman yeroo gaʼu, ani isinitti himuu koo akka yaadattaniif wantoota kana isinitti himeera.+
“Ani isinii wajjin waanan tureef, jalqaba irratti wantoota kana isinitti hin himne. 5 Amma garuu gara isa na erge sanaa nan dhaqa;+ haa taʼu malee isin keessaa namni, ‘Eessa dhaqxa?’ jedhee na gaafatu hin jiru. 6 Garuu ani wantoota kana waanan isinitti himeef, garaan keessan gaddaan guutameera.+ 7 Taʼus, dhuguman isiniin jedha, ani kanan deemu faayidaa keessaniif jedheeni. Sababiin isaas, ani yoon deeme malee gargaaraan sun+ gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu, isa gara keessanitti nan erga. 8 Inni yeroo dhufu, waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaa fi waaʼee murtii ragaa amansiisaa addunyaadhaaf dhiheessa. 9 Jalqaba waaʼee cubbuu dhiheessa,+ sababiin isaas, isaan anatti hin amanne;+ 10 achiis waaʼee qajeelummaa, sababiin isaas, ani gara Abbaa nan dhaqa, isinis sana booda na hin argitan. 11 Itti fufees waaʼee murtii, sababiin isaas, bulchaan addunyaa kanaa itti murteeffameera.+
12 “Ani amma iyyuu wantootan isinitti himu hedduu qaba, garuu amma baachuu hin dandeessan. 13 Inni,* jechuunis hafuurri dhugaa yommuu dhufu+ garuu, gara dhugaa hundumaatti isin qajeelcha; sababiin isaas, inni wanta dhagaʼe dubbata, akkasumas wantoota dhufan isin beeksisa malee ofii isaatiin kakaʼee hin dubbatu.+ 14 Inni wanta kan koo taʼe irraa fudhatee waan isinitti beeksisuuf,+ anaaf ulfina ni kenna.+ 15 Wanti Abbaan qabu hundi kan koo ti.+ Inni wanta kan koo taʼe irraa fudhatee isinitti beeksisa kanan jedhe kanaafi. 16 Yeroo gabaabaa booda na hin argitan,+ ammas yeroo gabaabaa booda na argitu.”
17 Yeroo kanatti barattoonni isaa tokko tokko, “‘Yeroo gabaabaa booda na hin argitan, ammas yeroo gabaabaa booda na argitu’ akkasumas, ‘ani gara abbaa waanan dhaquuf’ yeroo nuun jedhu maal jechuu isaa ti?” waliin jedhan. 18 Kanaafuu, “‘Yeroo gabaabaa’ yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Waaʼee maalii dubbachaa akka jiru hin beeknu” jedhu turan. 19 Yesuus gaaffii isa gaafachuu akka barbaadan beekee akkana isaaniin jedhe: “Isin, ‘Yeroo gabaabaa booda na hin argitan, ammas yeroo gabaabaa booda na argitu’ waanan jedheef wanta kana wal gaafachaa jirtuu? 20 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin ni boossu, wayyoo wayyoos ni jettu, addunyaan garuu ni gammada; isin ni gadditu, taʼus gaddi keessan gara gammachuutti ni jijjiirama.+ 21 Dubartiin takka yommuu daʼuuf jettu saʼaatiin ishii waan gaʼeef ni gadditi; erga deessee booda garuu mucaan tokko gara addunyaa waan dhufeef, gammachuu ishii irraa kan kaʼe sana booda dhiphina ishii hin yaadattu. 22 Isinis amma gadditaniittu; haa taʼu malee, ani deebiʼee waanan isin arguuf garaan keessan ni gammada;+ gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin jalaa hin fudhatu. 23 Guyyaa sanatti isin gaaffii tokko illee na hin gaafattan. Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin wanta akkamii iyyuu Abbaa yoo kadhattan,+ inni maqaa kootiin isiniif ni kenna.+ 24 Isin hanga ammaatti waan tokko illee maqaa kootiin hin kadhanne. Gammachuun keessan guutuu akka taʼuuf, kadhadhaa ni argattu.
25 “Ani wantoota kana fakkeenyaan isinitti himeera. Saʼaatiin ani fakkeenyaan isinitti hin dubbanne ni dhufa; kanaa mannaa, ani waaʼee Abbaa ifatti isinitti nan hima. 26 Guyyaa sanatti isin maqaa kootiin Abbaa ni kadhattu; kana jechuun koo garuu ani isiniif nan kadhadha jechuu koo miti. 27 Sababiin isaas, isin waan na jaallattanii+ fi bakka buʼaa Waaqayyoo taʼee akkan dhufe waan amantaniif,+ Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin jaallata. 28 Ani bakka buʼaa Abbaa taʼee gara addunyaa dhufeera. Amma addunyaa dhiisee gara Abbaa nan dhaqa.”+
29 Yeroo kanatti barattoonni isaa akkana jedhan: “Kunoo, amma fakkeenyaan utuu hin taʼin ifatti dubbachaa jirta. 30 Ati wanta hunda akka beektuu fi gaaffii hamma gaafatamtutti eeguun akka si hin barbaachisne amma beekneerra. Kanaanis ati Waaqayyo biraa akka dhufte amanneerra.” 31 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Amma amantanii? 32 Saʼaatiin tokkoon tokkoon keessan kophaatti na dhiistanii gara mana mana keessaniitti itti faffacaatan ni dhufa; kunoo, ammuma iyyuu dhufeera.+ Taʼus, Abbaan anaa wajjin waan jiruuf, ani kophaa koo miti.+ 33 Isin karaa koo nagaa akka argattaniif, ani wantoota kana isinitti himeera.+ Addunyaa keessatti rakkinni isin irra gaʼa, garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera.”+
17 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, gara samii ilaalaa akkana jedhe: “Yaa Abbaa, saʼaatichi gaʼeera. Ilmi kee ulfina akka sii kennuuf, ilma keetiif ulfina kenni;+ 2 kunis akkuma ati namoota* hunda irratti aangoo isaaf kennite,+ innis warra ati isaaf kennite hundaaf+ jireenya bara baraa akka kennuufi.+ 3 Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif,+ si Waaqa dhugaa isa tokkichaa+ fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu* qabu.+ 4 Ani hojii akkan hojjedhu anaaf kennite xumuree+ lafa irratti ulfina siif kenneera.+ 5 Kanaafuu, yaa Abbaa, ulfina ani addunyaan uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, of biratti ulfina anaaf kenni.+
6 “Ani namoota ati addunyaa keessaa anaaf kennitetti maqaa kee mulʼiseera.*+ Isaan kan kee turan; ati anaaf isaan kenniteetta; isaanis dubbii kee eeganiiru.* 7 Isaan wanti ati anaaf kennite hundi si biraa akka dhufe amma beekaniiru; 8 sababiin isaas, ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneera;+ isaanis kana fudhataniiru; ani bakka buʼaa kee taʼee akkan dhufe sirriitti beekaniiru;+ akka ati na ergites amananiiru.+ 9 Ani waaʼee isaanii sin kadhadha; kanan si kadhadhu waaʼee addunyaa utuu hin taʼin, waaʼee warra ati anaaf kennite sanaa ti; sababiin isaas, isaan kan kee ti; 10 wanti kan koo taʼe hundi kan kee ti; wanti kan kee taʼe hundis kan koo ti;+ anis isaan gidduutti ulfina argadheera.
11 “Ani gara kee waanan dhufuuf, kana booda addunyaa keessa hin jiraadhu; isaan garuu addunyaa keessa jiraatu.+ Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nuti tokko taane* isaanis tokko akka taʼaniif* maqaa kee isa anaaf kennite sanaaf jedhiitii isaan eegi.+ 12 Yeroon isaanii wajjin turetti, maqaa kee isa ati anaaf kennite sanaaf jedhee isaan eegaan ture;+ ani isaan eegeera; wanti Kitaabonni Qulqulluun jedhan akka raawwatamuuf,+ ilma badiisaa sana malee+ isaan keessaa tokko illee hin badne.+ 13 Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koo isaan keessatti guutuu akka taʼuuf, wantoota kana addunyaa keessatti nan dubbadha.+ 14 Ani dubbii kee isaaniif kenneera; taʼus akkuma ani kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa waan hin taaneef addunyaan isaan jibbe.+
15 “Ani isa hamaa sana irraa akka isaan eegduuf malee, addunyaa keessaa akka isaan baastu si hin kadhadhu.+ 16 Akkuma ani kutaa addunyaa hin taane,+ isaanis kutaa addunyaa miti.+ 17 Dhugichaan isaan qulqulleessi;*+ dubbiin kee dhugaa dha.+ 18 Akkuma ati gara addunyaatti na ergite, anis gara addunyaatti isaan ergeera.+ 19 Isaanis dhugaadhaan akka qulqullaaʼaniif, ani isaaniif jedhee of nan qulqulleessa.
20 “Ani warra kanaaf qofa utuu hin taʼin, warra dubbii isaanii dhagaʼanii anatti amananiifis nan kadhadha; 21 kanan kadhadhus, hundi isaanii tokko akka taʼaniif,+ yaa Abbaa, akkuma ati anaa wajjin tokkummaa qabduu fi anis sii wajjin tokkummaa qabu,+ isaanis nuu wajjin tokkummaa akka qabaataniifi; kunis addunyaan akka ati na ergite akka amanuufi. 22 Akkuma nuti tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif,+ ulfina ati anaaf kennite isaaniif kenneera. 23 Ani isaanii wajjin tokkummaa qaba; atis anaa wajjin tokkummaa qabda; kun immoo isaanis tokkummaa cimaa akka qabaataniifi;* kanaan kan kaʼes, addunyaan akka ati na ergitee fi akkuma na jaallatte isaaniinis jaallachuu kee ni beeka. 24 Yaa Abbaa, warri ati anaaf kennite bakka ani jiru anaa wajjin akka taʼan nan barbaada;+ kunis, ulfina koo isa ati addunyaan hundeeffamuu isaa dura waan na jaallatteef naaf kennite akka arganiifi.+ 25 Yaa Abbaa isa qajeelaa, addunyaan si hin beekne,+ ani garuu si beeka;+ warri kunis akka ati na ergite beekaniiru. 26 Jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka taʼuu fi anis isaanii wajjin tokkummaa akkan qabaadhuuf,+ maqaa kee isaanitti beeksiseera; gara fuulduraattis nan beeksisa.”+
18 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, barattoota isaa wajjin gara iddoo biqiltuu Sulula Qedroon*+ gama jiru dhaqe; innii fi barattoonni isaa achi keessa seenan.+ 2 Yesuus barattoota isaa wajjin yeroo baayʼee achitti waan wal arguuf, Yihudaan inni dabarsee isa kennus iddoo kana beeka ture. 3 Kanaafuu, Yihudaan garee loltootaa fi eegdota mana qulqullummaa dura buutota lubootaa fi Fariisota biraa ergaman fidee dhufe; isaan guca, ibsaa fi meeshaa waraanaa qabatanii turan.+ 4 Achiis Yesuus, wanta isa irra gaʼuuf jedhu hunda waan beekeef gara fuulduraatti baʼee, “Eenyuun barbaaddu?” isaaniin jedhe. 5 Isaanis, “Yesuus nama Naazireet” jedhanii isaaf deebisan.+ Innis, “Inni ana dha” isaaniin jedhe. Yihudaan inni dabarsee isa kennus isaanii wajjin dhaabbatee ture.+
6 Haa taʼu malee yommuu Yesuus, “Inni ana dha” isaaniin jedhu, isaan gara duubaatti siqanii lafa irratti kukkufan.+ 7 Kanaafuu inni ammas, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus nama Naazireet” jedhan. 8 Yesuusis, “‘Ana dha’ isiniin jedheeraam. Kanaafuu, isin ana barbaaddu yoo taʼe, namoonni kun haa deeman dhiisaa” jedhee deebise. 9 Kunis kan taʼe, “Warra ati naaf kennite keessaa ani tokko illee hin gatne” jedhee wanta dubbate sana raawwachuufi.+
10 Achiis Simoon Pheexiros inni goraadee qabatee ture goraadee isaa luqqifatee gurra mirgaa garbicha luba ol aanaa rukutee isa irraa kute.+ Maqaan garbicha sanaa Maalkos jedhama ture. 11 Yesuus garuu Pheexirosiin, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi.+ Ani xoofoo Abbaan anaaf kenne dhuguu hin qabuu?” jedhe.+
12 Achiis loltoonni, ajajaan loltootaa fi eegdonni Yihudoota biraa ergaman Yesuusiin qabanii hidhan. 13 Haannaas abbiyyuu* Qayyaafaa+ isa bara sanatti luba ol aanaa ture+ sanaa waan taʼeef, isaan jalqaba gara isaatti isa geessan. 14 Qayyaafaan isa namni tokko uummatichaaf duʼuun isaa akka isaan fayyadu Yihudoota gorse sana dha.+
15 Yeroo kanatti Simoon Pheexirosii fi barataa kan biraan tokko Yesuus duukaa buʼaa turan.+ Barataan sun luba ol aanaa sana biratti kan beekamu waan tureef, Yesuusii wajjin mooraa luba ol aanaa sanaatti seene; 16 Pheexiros garuu aluma balbala* dura dhaabbatee ture. Kanaafuu, barataan inni kan biraan luba ol aanaa biratti beekamu sun gad baʼee eegduu balbalaa sanatti himee Pheexirosiin ol galche. 17 Yeroo kanatti tajaajiltuun eegduu balbalaa taate sun Pheexirosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette. Innis, “Miti”+ jedhe. 18 Yeroon isaa qorra waan tureef, garboonnii fi eegdonni, ibidda cilee qabsiisanitti marsanii dhaabbatanii qaqqaammatu turan. Pheexirosis isaanii wajjin dhaabbatee qaqqaammata ture.
19 Dura buʼaan lubootaa sunis, waaʼee barattoota isaa fi waaʼee barumsa isaa Yesuusiin gaafate. 20 Yesuusis akkana jedhee isaaf deebise: “Ani addunyaatti ifatti dubbadheera. Yeroo hunda mana sagadaa fi mana qulqullummaa+ bakka Yihudoonni hundi itti wal gaʼan keessatti barsiisaan ture; ani waan tokko illee iccitiidhaan hin dubbanne. 21 Maaliif ana gaafatta? Namoota wanta ani itti hime dhagaʼan gaafadhu. Kunoo, isaan kun wanta ani dubbadhe beeku.” 22 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, eegdota achi dhaabbatan keessaa tokko Yesuusiin kabalee,+ “Dura buʼaa lubootaatiif akkasitti deebistaa?” jedhe. 23 Yesuusis, “Wanta dogoggora taʼe dubbadheera yoon taʼe, dogoggora ani dubbadhe natti himi;* wantin dubbadhe sirrii yoo taʼe garuu maaliif na rukutta?” jedhee isaaf deebise. 24 Achiis Haannaas akkuma inni hidhametti gara Qayyaafaa luba ol aanaatti isa erge.+
25 Yeroo kanatti Simoon Pheexiros achi dhaabbatee ibidda qaqqaammata ture. Isaanis, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” isaan jedhan. Innis “Miti”+ jedhee gane. 26 Garboota luba ol aanaa sana keessaa tokko, inni fira namicha Pheexiros gurra isaa irraa kute+ sanaa taʼe, “Ani iddoo biqiltuu sana keessatti isaa wajjin si hin arginee?” jedhe. 27 Pheexiros garuu ammas ni gane; yeruma sanas kormaan indaaqqoo ni iyye.+
28 Achiis Yesuusiin Qayyaafaa biraa gara mana jireenyaa bulchaa sanaatti geessan.+ Yeroon isaas ganama barii ture. Isaan garuu utuu hin xuraaʼin Faasikaa nyaachuu akka dandaʼaniif, ofii isaaniitii mana bulchaa sanaa hin seenne.+ 29 Kanaafuu, Philaaxos isaanitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiheessitan maali dha?” jedhe. 30 Isaanis, “Namichi kun utuu balleessaa* hin hojjenne taʼee, dabarsinee sitti hin kenninu turre” jedhanii isaaf deebisan. 31 Kanaafuu Philaaxos, “Isin ofii keessanii isa fudhadhaatii akka seera keessaniitti itti murteessaa” isaaniin jedhe.+ Yihudoonnis, “Nuti eenyuun iyyuu akka ajjeesnu seerri nuuf hin heyyamu” isaan jedhan.+ 32 Kunis kan taʼe, wanti Yesuus duʼa akkamii duʼuuf akka jedhu dubbatee ture akka raawwatamuufi.+
33 Kanaafuu, Philaaxos ammas gara mana bulchaa sanaatti erga seenee booda Yesuusiin waamee, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” isaan jedhe.+ 34 Yesuusis, “Ati ofuma keetiin kakaatee kana na gaafatte moo, warra kaantu waaʼee koo sitti hime?” jedhe. 35 Philaaxosis deebisee, “Ani Yihudii dhaa ree? Sabuma kee fi dura buutota lubootaatu dabarsee natti si kenne. Ofii, wanti ati goote maali dha?” jedhe. 36 Yesuusis deebisee,+ “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti.+ Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa utuu taʼee, Yihudootatti dabarfamee akkan hin kennamneef tajaajiltoonni koo anaaf lolu turan.+ Amma garuu Mootummaan koo addunyaa kana irraa miti” jedhe. 37 Kanaafuu Philaaxos, “Maarree ati mootii dhaa?” isaan jedhe. Yesuusis, “Ani mootii akkan taʼe atumti iyyuu dubbachaa jirta.+ Ani dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf dhaladheera; gara addunyaa kanan dhufes kanaafi.+ Namni dhugaa cinaa dhaabbatu hundi sagalee koo ni dhagaʼa” jedhee deebise. 38 Philaaxosis, “Dhugaan maali dha?” isaan jedhe.
Philaaxos erga kana jedhee booda ammas gara Yihudootaatti gad baʼee akkana isaaniin jedhe: “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne.+ 39 Kana malees, akka barsiifata keessaniitti guyyaa Faasikaatti nama tokko isiniif nan hiika.+ Maarree, Mootii Yihudootaa akkan isiniif hiiku ni barbaadduu?” 40 Isaan ammas, “Barbaaniin malee, namicha kana miti!” jedhanii iyyan. Barbaan saamtuu ture.+
19 Achiis Philaaxos Yesuusiin fuudhee isa garafe.+ 2 Loltoonnis qoree irraa gonfoo dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan; uffata bifa dhiilgee qabus itti uwwisan;+ 3 gara isaatti dhihaataniis, “Yaa Mootii Yihudootaa, nagaan siif haa taʼu!” jedhu turan. Akkasumas isa kabalu turan.+ 4 Philaaxos ammas gad baʼee, “Kunoo, ani balleessaa tokko illee akkan isa irratti hin arganne akka beektaniif isa gad isiniif nan baasa” isaaniin jedhe.+ 5 Kanaafuu, Yesuus gonfoo qoree kaaʼatee, akkasumas uffata bifa dhiilgee qabu uffatee gad baʼe. Philaaxosis, “Namichi kunoo ti!” isaaniin jedhe. 6 Haa taʼu malee, dura buutonni lubootaa fi eegdonni mana qulqullummaa yommuu isa argan, “Isa fannisi! Isa fannisi!”* jedhanii iyyan.+ Philaaxos immoo, “Ani balleessaa tokko illee isa irratti waanan hin arganneef, isinumti fuudhaatii isa ajjeesaa”* isaaniin jedhe.+ 7 Yihudoonnis deebisanii, “Nuti seera qabna; inni ilma Waaqayyoo waan of godheef,+ akka seera keenyaatti duʼuu qaba”+ isaan jedhan.
8 Philaaxos wanta isaan jedhan kana yommuu dhagaʼu caalaatti sodaate; 9 kanaafuu, ammas gara mana jireenyaa bulchaa sanaatti seenee Yesuusiin, “Ati eessaa dhufte?” jedhe. Yesuus garuu deebii tokko illee isaaf hin kennine.+ 10 Kanaafuu Philaaxos, “Deebii anaaf hin kennituu? Ani si hiikuufis taʼe si ajjeesuuf* aangoo akkan qabu hin beektuu?” isaan jedhe. 11 Yesuusis, “Waaqayyo biraa utuu siif hin kennamne taʼee, ana irratti aangoo tokko illee hin qabaattu turte. Namichi dabarsee sitti na kenne, caalaatti cubbamaa kan taʼu kanaafi” jedhee isaaf deebise.
12 Kanaan kan kaʼes, Philaaxos karaa itti isa hiiku argachuuf yaalii gochaa ture; Yihudoonni garuu, “Ati namicha kana yoo gadhiiste michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu hundi Qeesaariin ni morma” jedhanii iyyan.+ 13 Achiis Philaaxos kana erga dhagaʼee booda Yesuusiin gad baasee, bakka Dhagaa Afamaa jedhamu isa Afaan Ibrootaatiin Gabataa jedhamu keessatti barcuma murtii irra taaʼe. 14 Guyyaan isaa guyyaa Qophii+ Faasikaa ture; yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture. Innis Yihudootaan, “Ilaa, mootii keessan!” jedhe. 15 Isaan garuu, “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!”* jedhanii iyyan. Philaaxosis, “Mootii keessan ajjeesuu?” isaaniin jedhe. Dura buutonni lubootaas, “Nuti Qeesaar malee mootii kan biraa hin qabnu” jedhanii deebisan. 16 Philaaxosis, muka irratti akka fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne.+
Kanaafuu, isaan Yesuusiin fuudhanii deeman. 17 Yesuus muka dhiphinaa* sana ofuma isaatii baatee gara Bakka Buqqee Mataa jedhamuu+ fi Afaan Ibrootaatiin Golgootaa jedhamutti ol baʼe.+ 18 Achittis isa tokko garanaan isa tokko immoo garasiin godhanii Yesuusiin namoota lama gidduutti+ muka irratti fannisan.+ 19 Akkasumas, Philaaxos barreeffama tokko barreessee muka dhiphinaa* sana irratti maxxanse. Wanti inni barreesses, “Yesuus nama Naazireet, Mootii Yihudootaa” kan jedhu ture.+ 20 Bakki Yesuus itti fannifame magaalattiitti dhihoo waan tureef, Yihudoonni hedduun wanta barreeffame kana dubbisaniiru; innis Afaan Ibrootaatiin, Afaan Laatinii fi Afaan Giriikiitiin kan barreeffame ture. 21 Dura buutonni lubootaa Yihudootaa garuu Philaaxosiin, “Akka inni, ‘Ani Mootii Yihudootaa ti’ jedhe barreessi malee, ‘Mootii Yihudootaa’ jettee hin barreessin” jedhan. 22 Philaaxosis, “Egaa, wantan barreesse barreesseera” jedhee deebise.
23 Loltoonni sun Yesuusiin muka irratti erga fannisanii booda uffatawwan isaa warra inni irraan uffatu fudhatanii tokko tokko akka isaan gaʼuuf bakka afuritti hiran; uffata inni jalatti uffatus ni fudhatan. Uffanni inni jalatti uffatu garuu gubbaadhaa hamma gadiitti walitti kan dhaʼame ture malee hodhaa hin qabu ture. 24 Kanaafuu isaan, “Kottaa, uffata kana hin tarsaasnu, eenyuuf akka kennamu murteessuuf carraa haa buufannu”+ waliin jedhan. Kunis kan taʼe, wanti Kitaabonni Qulqulluun, “Uffata koo ni hihiratan, huccuu koo irrattis carraa ni buufatan”+ jedhan akka raawwatamuufi. Wanti loltoonni godhanis kanuma ture.
25 Haa taʼu malee, haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam haati manaa Qalophaa fi Maariyaam ishiin Magdalaa+ muka dhiphinaa* Yesuus bira dhaabbatanii turan.+ 26 Kanaafuu, Yesuus haati isaa fi barataan inni jaallatu+ naannoo sana dhaabbatanii yommuu argu, haadha isaatiin “Dubartii nana, ilaa ilma kee!” jedhe. 27 Achiis barataa sanaan, “Ilaa, haadha tee!” jedhe. Barataan sunis saʼaatii sanaa kaasee gara mana isaatti ishii fudhate.
28 Kana booda Yesuus wanti hundi fiixaan baʼuu isaa yommuu hubatu, wanti Kitaabonni Qulqulluun jedhan akka raawwatamuuf, “Nan dheebodhe”+ jedhe. 29 Bakka sana okkoteen daadhii wayinii dhangaggaaʼuun guutame tokko kaaʼamee ture. Kanaafuu, isaan ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼu sanaan jiidhe hagadaa hiisoophiitti* diranii afaan isaatti qaban.+ 30 Yesuus wayinii dhangaggaaʼaa sana erga dhandhamee booda, “Ni raawwatame!”+ jedhe; achiis mataa isaa gad qabee hafuura isaa kenne.*+
31 Guyyaan sun Guyyaa Qophii+ waan taʼeef, reeffi isaanii guyyaa Sanbataatti muka irra akka hin turreef+ (sababiin isaas, Sanbanni sun Sanbata guddaa ture),+ miilli isaanii cabsamee reeffi isaanii akka buufamu Yihudoonni Philaaxosiin gaafatan. 32 Kanaafuu, loltoonni sun dhufanii miila namicha isa jalqabaa fi miila namicha kan biraa isa Yesuus biratti fannifame sanaa cabsan. 33 Yommuu gara Yesuus dhufan garuu, inni dursee duʼuu isaa waan arganiif miila isaa hin cabsine. 34 Haa taʼu malee, loltoota sana keessaa tokko cinaacha isaa eeboodhaan yommuu waraanu,+ yeruma sana dhiignii fi bishaan keessaa yaaʼe. 35 Inni kana arge ragaa baʼeera; raga baʼiinsi isaas dhugaa dha; isinis akka amantaniif, wanti inni dubbate dhugaa taʼuu isaa inni beeka.+ 36 Wantoonni kun kan taʼan, wanti Kitaabonni Qulqulluun, “Lafeen isaa tokko illee hin cabu” jedhanii dubbatan akka raawwatamuufi.+ 37 Akkasumas yaadni Kitaabota Qulqulluu kan biraan, “Isaan gara isa waraanan sanaa ni ilaalu” jedha.+
38 Sana booda namichi biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi Yihudoota waan sodaateef+ dhoksaatti barataa Yesuus ture tokko, Philaaxos reeffa Yesuus akka isaaf kennu gaafate; Philaaxosis isaaf heyyame. Innis dhufee reeffa sana fudhate.+ 39 Niqoodimos+ inni kana dura halkaniin gara Yesuus dhufee ture sunis, makaa* qumbii fi argisaa* gara kiilogiraama 30* taʼu fidee dhufe.+ 40 Kanaafuu, isaan reeffa Yesuus fudhatanii akka aadaa awwaalchaa Yihudootaatti urgooftuu kanaa wajjin uffata quncee talbaa irraa tolfameen kafanan.+ 41 Akkuma carraa taʼee, iddoo inni itti ajjeefame* sana iddoon biqiltuu tokko jira ture; iddoo biqiltuu sana keessas awwaalli* haaraan+ namni itti awwaalamee hin beekne tokko jira ture. 42 Guyyaan sun Guyyaa Qophii+ Yihudootaa waan tureef, akkasumas awwaalichi achitti dhihoo waan tureef Yesuusiin achi keessa kaaʼan.
20 Maariyaam ishiin Magdalaa guyyaa jalqabaa torban sanaatti ganama barii utuu lafti hin ifin, gara awwaalichaa* dhuftee+ dhagichi awwaalicha* irraa kaafamuu isaa argite.+ 2 Kanaafuu, gara Simoon Pheexirosii fi barataa kan biraa isa Yesuus jaallatu+ sanaatti fiigdee dhuftee, “Gooftaa awwaalicha keessaa fudhataniiru;+ eessa akka isa kaaʼanis hin beeknu” isaaniin jette.
3 Kanaafuu, Pheexirosii fi barataa inni kan biraan gara awwaalichaa dhaquuf kaʼan. 4 Lamaan isaanii waliin fiiguu jalqaban; taʼus, barataan inni kan biraan saffisaan fiigee Pheexirosiin dursee jalqaba awwaalicha bira gaʼe. 5 Gad jedhee yommuu ilaalus huccuun quncee talbaa irraa tolfame sun achi taaʼee arge;+ gara keessaatti garuu hin seenne. 6 Achiis Simoon Pheexiros isa duukaa buʼee dhufee awwaalicha keessa seene. Huccuu quncee talbaa irraa tolfame sanas achumatti arge. 7 Huccuun mataa isaa irra ture garuu kophaatti maramee iddoo tokko taaʼee ture malee, huccuu inni itti kafaname kaanii wajjin hin turre. 8 Barataan inni kan biraan jalqaba bakka awwaalichaa gaʼes gara keessaatti ni seene; argees ni amane. 9 Sababiin isaas, isaan wanta Kitaabonni Qulqulluun inni duʼaa kaʼuu akka qabu dubbatan amma iyyuu hin hubanne turan.+ 10 Kanaafuu, barattoonni kun gara mana mana isaaniitti deebiʼan.
11 Maariyaam garuu awwaalicha bira dhaabbattee boossi turte. Utuma booʼaa jirtuus, awwaalicha keessa ilaaluuf gad jette; 12 achiis maleekonni uffata adii uffatan lama bakka reeffi Yesuus kaaʼamee ture, tokko karaa mataa isaa, tokko immoo karaa miila isaa taaʼanii argite.+ 13 Isaanis, “Dubartii nana, maaliif boossa?” ishiidhaan jedhan. Ishiinis, “Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeku” isaaniin jette. 14 Erga kana dubbattee booda, duubatti garagaltee Yesuus achi dhaabbachuu isaa argite; haa taʼu malee ishiin inni Yesuus taʼuu isaa hin hubanne.+ 15 Yesuusis, “Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyuun barbaadda?” ishiidhaan jedhe. Ishiinis nama biqiltuu kunuunsu waan ishiitti fakkaateef, “Yaa gooftaa, situ fudhate yoo taʼe, akkan isa fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi” isaan jette. 16 Yeroo kanatti Yesuus, “Maariyaam!” ishiidhaan jedhe. Ishiinis isatti garagaltee, Afaan Ibrootaatiin, “Rabboonii!” (hiikni isaa “Barsiisaa!” jechuu dha) isaan jette. 17 Yesuusis, “Ani amma iyyuu gara Abbaatti waanan ol hin baaneef, jabeessitee na hin qabin. Kanaa mannaa dhaqiitii obboloota kootiin,+ ‘Ani gara Abbaa koo+ fi gara Abbaa keessanitti, gara Waaqa koo+ fi gara Waaqa keessanitti ol nan baʼa’ jedhii isaanitti himi” ishiidhaan jedhe. 18 Maariyaam ishiin Magdalaa dhuftee, “Ani Gooftaa argeera!” jettee oduu kana barattootatti himte. Wanta inni ishiidhaan jedhes isaanitti himte.+
19 Guyyaa jalqabaa torban sanaa galgala, barattoonni Yihudoota waan sodaataniif balbala cufatanii utuu taaʼaa jiranii, Yesuus dhufee gidduu isaanii dhaabbatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” isaaniin jedhe.+ 20 Erga kana jedhee booda, harka isaa fi cinaacha isaa isaanitti argisiise.+ Barattoonnis Gooftaa arguu isaaniitti baayʼee gammadan.+ 21 Yesuus ammas, “Nagaan isiniif haa taʼu.+ Akkuma Abbaan ana erge,+ anis isin nan erga”+ isaaniin jedhe. 22 Erga kana jedhee boodas hafuura isaanitti baafatee akkana isaaniin jedhe: “Hafuura qulqulluu fudhadhaa.+ 23 Isin cubbuu nama kamii iyyuu yoo isaaf dhiistan ni dhiifamaaf; cubbuu isaa yoo dhiisuufii baattan garuu, cubbuun isaa isumaa wajjin jiraata.”
24 Toomaas+ inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼee fi Didimoos jedhamu garuu, yommuu Yesuus dhufetti isaanii wajjin hin turre. 25 Kanaafuu barattoonni kaan, “Nuti Gooftaa argineerra!” jedhanii itti himan. Inni garuu, “Harka isaa bakka* mismaarri itti rukutame yoon arge, quba koos bakka mismaarri itti rukutame sana keessa yoon galche, harka koos cinaacha isaa keessa yoon galche malee+ ani matumaa hin amanu” isaaniin jedhe.
26 Guyyaa saddeet booda ammas barattoonni isaa mana keessa turan; yeroo kanatti Toomaasis isaanii wajjin ture. Balballi hundi cufamaa taʼus, Yesuus dhufee isaan gidduu dhaabbatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedhe.+ 27 Achiis Toomaasiin, “Quba kee as keessa galchi, harka koo ilaali; harka kee fidiitii cinaacha koo keessa galchi; shakkuu kee* dhiisiitii amani” jedhe. 28 Toomaasis deebisee, “Gooftaa koo, Waaqa koo!” isaan jedhe. 29 Yesuusis, “Ati waan na argiteef amantee? Warri utuu hin argin amanan gammadoo dha” isaan jedhe.
30 Yesuus dinqiiwwan maraa kitaabaa kana keessatti hin barreeffamne kan biroo hedduus barattoota isaa duratti raawwateera.+ 31 Haa taʼu malee wantoonni kun kan barreeffaman, Yesuus dhuguma Kiristoos Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa akka amantaniif, amantaniis karaa maqaa isaa jireenya akka argattaniifi.+
21 Kana booda Yesuus Galaana Xiberiyaas biratti ammas barattoota isaatti of mulʼise. Kan of mulʼises karaa kanaan ture; 2 Simoon Pheexiros, Toomaas (inni Didimoos jedhamu),+ Naatnaaʼel+ inni Qaanaa Galiilaadhaa dhufe, ilmaan Zabdewosii+ fi barattoonni isaa kan biroon lama walii wajjin turan. 3 Simoon Pheexirosis, “Qurxummii qabuun dhaqa” isaaniin jedhe. Isaanis, “Nutis sii wajjin dhaqna” isaan jedhan. Achiis baʼanii bidiruu yaabbatan; taʼus, halkan sana qurxummii tokko illee hin qabne.+
4 Haa taʼu malee, yommuu bariʼu Yesuus qarqara galaanichaa dhaabbatee ture; barattoonni garuu inni Yesuus taʼuu isaa hin hubanne.+ 5 Achiis Yesuus, “Ijoolle, wanta nyaatamu* qabduu?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Hin qabnu!” jedhanii deebisan. 6 Innis, “Saaphana keessan karaa mirgaa bidirichaatiin darbadhaa, qurxummii ni argattu” isaaniin jedhe. Isaanis saaphana isaanii darbatan; yeroo kanatti qurxummii hedduu waan qabaniif, saaphana sana harkisuu dadhaban.+ 7 Yeroo kanatti barataan inni Yesuus jaallatu+ sun Pheexirosiin, “Gooftaadhaam!” jedhe. Simoon Pheexirosis inni Gooftaa taʼuu isaa yommuu dhagaʼu, qullaa isaa* waan tureef uffata isaa uffatee* utaalee galaanicha keessa seene. 8 Barattoonni kaan garuu bidiruu xinnoo irra taaʼanii saaphana qurxummiidhaan guutame sana harkisaa dhufan; sababiin isaas, isaan lafa irraa kan fagaatan gara meetira 90* qofa ture malee baayʼee fagoo hin turre.
9 Yommuu qarqara galaanichaa gaʼanis, barbadaa* cilee qurxummiin irra kaaʼamee fi daabboo argan. 10 Yesuusis, “Qurxummii amma qabdan keessaa muraasa fidaa” isaaniin jedhe. 11 Kanaafuu, Simoon Pheexiros bidiruu yaabbatee saaphana qurxummii guguddaa 153n guutame sana gara qarqara galaanichaatti harkise. Qurxummiin sun baayʼee taʼus, saaphanichi hin tarsaane. 12 Yesuusis, “Kottaa, ciree keessan nyaadhaa” isaaniin jedhe. Isaan inni Gooftaa taʼuu isaa beekanii waan turaniif, barattoota keessaa tokko illee, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafachuuf hin onnanne. 13 Yesuus dhufee daabboo sana fuudhee isaaniif kenne, qurxummii sanas akkasuma godhe. 14 Yesuus erga duʼaa kaafamee booda barattootatti yeroo mulʼatu kun siʼa sadaffaa dha.+
15 Ciree erga nyaatanii boodas, Yesuus Simoon Pheexirosiin, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, isaan kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Innis “Eeyyee, yaa Gooftaa, baayʼee akkan si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedhee isaaf deebise. Yesuusis, “Hoolota* koo soori” isaan jedhe.+ 16 Ammas siʼa lammaffaa, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, na jaallattaa?” isaan jedhe. Innis deebisee, “Eeyyee, yaa Gooftaa, baayʼee akkan si jaalladhu ati iyyuu beekta” isaan jedhe. Yesuusis, “Ilmoolee hoolaa koo tiksi” isaan jedhe.+ 17 Ammas siʼa sadaffaadhaaf, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, baayʼee na jaallattaa?” isaan jedhe. Pheexiros, Yesuus siʼa sadaffaadhaaf, “Baayʼee na jaallattaa?” jedhee waan isa gaafateef ni gadde. Kanaafuu, “Yaa Gooftaa, ati waan hundumaa beekta; akkan baayʼee si jaalladhus beekta” isaan jedhe. Yesuusis akkana isaan jedhe: “Ilmoolee hoolaa koo soori.+ 18 Dhuguma dhuguman siin jedha, ati yommuu dargaggeessa turtetti ofuma keetii uffattee bakka barbaadde dhaqxa turte. Yommuu dulloomtu garuu, harka kee ni diriirsita, namni kan biraan sitti uwwisee bakka ati hin barbaanne si geessa.” 19 Inni kana kan dubbate, duʼa akkamiitiin Waaqayyoof ulfina akka fidu argisiisuuf ture. Erga kana dubbatee booda, “Ana duukaa buʼuu kee itti fufi” isaan jedhe.+
20 Pheexiros duubatti garagalee barataan inni Yesuus jaallatu+ utuu isaan duukaa buʼuu arge; barataan kun isa irbaata irratti qoma Yesuusitti siqee, “Yaa Gooftaa, inni dabarsee si kennu eenyu?” jedhee ture sana dha. 21 Kanaafuu, Pheexiros yommuu isa argu Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, namichi kun immoo maal taʼa?” jedhe. 22 Yesuusis, “Hamman dhufutti akka inni turu yoon fedhe maaltu si dhibe? Ati na duukaa buʼuu kee itti fufi” isaan jedhe. 23 Kanaafuu, oduun barataan kun hin duʼu jedhu obboloota gidduutti odeeffame. Yesuus garuu, “Hamman dhufutti akka inni turu yoon fedhe maaltu si dhibe?” jedhe malee, inni hin duʼu hin jenne.
24 Barataan kun+ isa waaʼee wantoota kanaa ragaa baʼee fi wantoota kana barreesse dha; nutis raga baʼiinsi isaa dhugaa taʼuu isaa beekna.
25 Wantoonni Yesuus raawwate kan biroo hedduunis jiru; hundi isaanii tokko tokkoon utuu barreeffamaniiru taʼee, addunyaan iyyuu bakka maraawwan kitaabotaa kun kaaʼaman kan qabaatu natti hin fakkaatu.+
Ykn., “akka Waaqayyoo.”
Ykn., “bobaa Abbaa jala.” Kun iddoo addaa qabaachuu argisiisa.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “makoodiitti; andariitti.”
Kun jechama mormii argisiisu dha. Jechi “dubartii nana” jedhu tuffii kan argisiisu miti.
Tarii safartuun dhangalaʼaa kun baatii isa 22 L taʼe taʼuu dandaʼa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “bakka gabaa.”
Ykn tarii, “olii yoo dhalate.”
Ykn., “Isatti akka amanu hojiidhaan kan argisiisu.”
Kal., “chaappaa isaa kaaʼeera.”
Ykn., “safaree.”
Ykn., “burqaa.”
Kutaa Dabalataa A3 ilaali.
Ykn., “Siree.”
Ykn., “siree.”
Ykn., “siree.”
Ykn., “Siree.”
Ykn., “Siree.”
Ykn., “kennaa jireenyaa.”
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “gara istaadiyoomii 25 ykn 30.” Istaadiyoomiin tokko 185 m dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn tarii, “yaaʼii uummataa.”
Ykn., “diyaabilosi.”
Ykn., “Daasii.”
Jechuunis, mana barumsaa warri rabbii ykn barsiisonni itti baratan.
Kal., “barreeffamoota.”
Barreeffamoonni durii fudhatama argatanii fi harkaan garagalfaman hedduun lakk. 53 hanga boqonnaa 8 lakk. 11tti jiru keessaa baasaniiru.
Ykn., “ulaagaa namootaatti.”
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “tokkummaa qabna.”
Ykn., “akka Waaqayyoo ti.”
Ykn., “awwaaala yaadannoo.”
Kal., “gara istaadiyoomii 15.” Istaadiyoomiin tokko 185 m dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Kal., “hafuuraan.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Jechuunis, mana qulqullummaa.
Kal., “paawundii tokkoo.” Jechuunis, paawundii Roomaa gara 327 g taʼu. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn., “lubbuun koo dhiphatteetti.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “gabaasa keenyatti.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “dhiquuf dirqamni isin irra jira.”
Ykn., “natti garagale.”
Kal., “bobaa isaa jala.”
Ykn., “kan isin jajjabeessu.”
Ykn., “akka ijoollee warri irraa duʼaniitti.”
Lakk. 13 fi 14 irratti “inni” kan jedhame “gargaaraa” isa lakk. 7 irratti ibsame argisiisa. Yesuus “gargaaraa” (Afaan Giriikiitiin koorniyaa dhiiraatiin ibsame) jecha jedhutti kan fayyadame hafuura qulqulluu isa humna qaama hin qabne taʼe argisiisuufi; hafuurri qulqulluun Afaan Giriikiitiin koorniyaa kamiin iyyuu hin ibsamne.
Kal., “foon.”
Ykn., “ilaalchisee beekumsa argachuu isaanii itti fufuu.”
Ykn., “beeksiseera.”
Ykn., “dubbii keetiif ajajamaniiru.”
Ykn., “tokkummaa qabnu.”
Ykn., “tokkummaa akka qabaataniif.”
Ykn., “adda isaan baasi.”
Ykn., “guutummaatti tokkummaa akka qabaataniifi.”
Ykn., “Qedroon isa ganna lolaan keessa yaaʼu.”
Jechuunis, soddaa.
Ykn., “karra.”
Ykn., “ragaa baʼi.”
Ykn., “yakka.”
Ykn., “Muka irratti isa fannisi! Muka irratti isa fannisi!”
Ykn., “muka irratti isa fannisaa.”
Ykn., “muka irratti si fannisuuf.”
Ykn., “Muka irratti isa fannisi!”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “ni duʼe.”
Ykn tarii, “maraa.”
Akaakuu mukaa foolii urgaaʼu qabuu fi bara duriitti akka urgooftuutti tajaajilu dha.
Kal., “paawundii dhibba.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “muka irratti fannifame.”
Ykn., “awwaalli yaadannoo.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn., “mallattoo.”
Kal., “kan hin amanne taʼuu kee.”
Ykn., “qurxummii.”
Ykn., “waa of irra buusee.”
Ykn., “marxifatee.”
Kal., “gara dhundhuma 200.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “mukukkula.”
Kal., “Hoolota xobbaallaa.”