MOOTOTA LAMMAFFAA
1 Ahaab erga duʼee booda, Moʼaab+ Israaʼel irratti fincila kaase.
2 Gaaf tokko Akaaziyaan kutaa isaa isa baaxii irraa isa Samaariyaa keessatti argamu irraa karaa ittisa foddaa kufee miidhame. Kanaafuu inni, “Dhaqaatii, miidhama kana irraa akkan fayyuu fi akkan hin fayyine Baʼaal Zebuub waaqa Eqrooniin+ naa gaafadhaa” jedhee ergamtoota isaa erge.+ 3 Haa taʼu malee, maleekaan Yihowaa Eeliyaas*+ Tishbichaan akkana jedhe: “Kaʼi, gara ergamtoota mootii Samaariyaa dhaqiitii akkana isaaniin jedhi: ‘Baʼaal Zebuub waaqa Eqrooniin gaafachuuf kan dhaqxu Israaʼel keessa Waaqni waan hin jirreefii?+ 4 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: “Ati siree irra ciisaa jirtu irraa hin kaatu; dhugumaan ni duuta.”’” Sana booda Eeliyaas ni deeme.
5 Ergamtoonni sun yommuu gara isaatti deebiʼanis Akaaziyaan yeruma sana, “Deebitanii kan dhuftan maaliifi?” isaaniin jedhe. 6 Isaanis akkana jedhanii isaaf deebisan: “Namichi nu argachuuf dhufe tokko akkana nuun jedhe: ‘Dhaqaa, gara mootii isin erge sanaatti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa: “Yihowaan akkana jedha: ‘Baʼaal Zebuub waaqa Eqrooniin gaafachuuf kan ergitu Israaʼel keessa Waaqni waan hin jirreefii? Kanaafuu, Ati siree irra ciisaa jirtu irraa hin kaatu; dhugumaan ni duuta.’”’”+ 7 Yeroo kanatti inni, “Namichi isin argachuuf dhufee fi wanta kana isinitti dubbate sun maal fakkaata?” jedhee isaan gaafate. 8 Isaanis, “Inni nama uffata rifeensaa uffatee+ fi mudhii isaatti qabattoo gogaa hidhate tokko dha”+ isaan jedhan. Innis yeruma sana, “Inni Eeliyaas Tishbicha dha” jedhe.
9 Achiis mootichi ajajaa 50 tokko namoota isaa 50n wajjin gara isaatti erge. Yommuu inni gara isaatti ol baʼu, Eeliyaas fiixee gaarichaa irra taaʼee ture. Ajajaan sunis, “Yaa nama Waaqa dhugaa,+ mootichi, ‘Gad buʼi’ siin jedheera” isaan jedhe. 10 Eeliyaas garuu, “Ani nama Waaqa dhugaa yoon taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee+ sii fi namoota kee 50n haa fixu” jedhee ajajaa 50 sanaaf deebise. Ibiddis samii irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa 50n ni fixe.
11 Kanaafuu, mootichi ammas ajajaa 50 kan biraa namoota isaa 50n wajjin erge. Innis deemee, “Yaa nama Waaqa dhugaa, mootichi, ‘Dafii gad buʼi’ siin jedheera” isaan jedhe. 12 Eeliyaas garuu, “Ani nama Waaqa dhugaa yoon taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee sii fi namoota kee 50n haa fixu” jedhee isaaniif deebise. Ibiddi Waaqayyoos samii irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa 50n ni fixe.
13 Mootichi ammas yeroo sadaffaadhaaf ajajaa 50 tokko namoota isaa 50n wajjin erge. Haa taʼu malee, ajajaan 50 inni yeroo sadaffaadhaaf ergame sun ol baʼee Eeliyaas duratti jilbeenfatee sagaduudhaan isa duratti fudhatama argachuuf akkana jedhee kadhachuu jalqabe: “Yaa nama Waaqa dhugaa, maaloo, lubbuun koo fi lubbuun tajaajiltoota kee 50n kanaa si duratti akka waan gatii guddaa qabutti haa ilaalamu. 14 Ibiddi samii irraa buʼee ajajjoota 50 lamaanii fi namoota isaanii gareewwan 50n lamaan fixeera; amma garuu lubbuun koo si duratti akka waan gatii guddaa qabuutti naaf haa ilaalamu.”
15 Yeroo kanatti maleekaan Yihowaa Eeliyaasiin, “Isaa wajjin gad buʼi. Isa hin sodaatin” jedhe. Kanaafuu, inni kaʼee isaa wajjin gara mootichaatti gad buʼe. 16 Achiis Eeliyaas mootichaan akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Baʼaal Zebuub waaqa Eqrooniin+ gaafachuuf ergamtoota ergiteetta. Kana kan goote Israaʼel keessa Waaqni waan hin jirreefii?+ Ati dubbii isaa maaliif hin gaafanne? Kanaafuu, ati siree irra ciisaa jirtu irraa hin kaatu; dhugumaan ni duuta.’” 17 Akkuma Yihowaan karaa Eeliyaas dubbatettis inni ni duʼe; inni ilma waan hin qabneef Yooraam*+ bakka isaa mootii taʼe; kunis kan taʼe, Yooraam+ ilmi Yoshaafaax mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti ture.
18 Seenaan Akaaziyaa+ inni hafee fi wanti inni godhe kitaaba waaʼee seenaa bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii?
2 Yommuu Yihowaan Eeliyaasiin+ obomboleettiidhaan gara samiitti ol fudhachuuf jedhutti,+ Eeliyaasii fi Eelsaaʼi+ Gilgaal+ keessaa baʼanii deemuu jalqaban. 2 Eeliyaasis Eelsaaʼiin, “Yihowaan gara Beetel akkan dhaqu waan na ergeef, maaloo, ati asuma turi” jedhe. Eelsaaʼi garuu, “Yihowaa isa jiraataa taʼee fi lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha, ani si irraa gargar hin baʼu” isaan jedhe. Kanaafuu, isaan gara Beetelitti+ gad buʼan. 3 Achiis ilmaan raajotaa* Beetel keessa turan gara Eelsaaʼi dhufanii, “Harʼa Yihowaan gooftaa kee isa mataa kee taʼe si irraa akka fudhatu beekteettaa?”+ isaan jedhan. Innis, “Eeyyee beekeera. Isin calluma jedhaa” isaaniin jedhe.
4 Ammas Eeliyaas, “Yihowaan gara Yerikoo+ akkan dhaqu waan na ergeef, Eelsaa’i, maaloo, ati asuma turi” isaan jedhe. Inni garuu, “Yihowaa isa jiraataa taʼee fi lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha, ani si irraa gargar hin baʼu” isaan jedhe. Kanaafuu, isaan gara Yerikoo dhufan. 5 Achiis ilmaan raajotaa Yerikoo keessa turan gara Eelsaaʼitti dhihaatanii, “Harʼa Yihowaan gooftaa kee isa mataa kee taʼe si irraa akka fudhatu beekteettaa?” isaan jedhan. Innis, “Eeyyee beekeera. Isin calluma jedhaa” isaaniin jedhe.
6 Ammas Eeliyaas, “Yihowaan gara Yordaanos akkan dhaqu waan na ergeef, maaloo, ati asuma turi” isaan jedhe. Inni garuu, “Yihowaa isa jiraataa taʼee fi lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha, ani si irraa gargar hin baʼu” isaan jedhe. Kanaafuu, lamaan isaanii iyyuu karaa isaanii itti fufan. 7 Yommuu lamaan isaanii Yordaanos bira dhaabbatanii turanitti, ilmaan raajotaa keessaa 50ni isaan duukaa buʼanii deemuudhaan halaala dhaabbatanii ilaalu turan. 8 Achiis Eeliyaas uffata*+ isaa baasee maruudhaan bishaanicha rukute; bishaanichis bitaa fi mirgatti hirame; kanaafuu, lamaan isaanii iyyuu lafa gogaa irra ceʼan.+
9 Akkuma gamatti ceʼaniinis Eeliyaas Eelsaaʼiin, “Ani si irraa fudhatamuu koo dura, wanta akkan siif godhu barbaaddu na gaafadhu” jedhe. Kanaafuu Eelsaaʼi, “Maaloo, hafuura+ kee irraa dachaan lama* naaf haa kennamu”+ jedhe. 10 Innis deebisee, “Wanta rakkisaa taʼe gaafatte. Yommuun si biraa fudhatamu yoo na argite, akkuma jette siif taʼa; utuu na hin argin yoo hafte garuu akka jette siif hin taʼu” isaan jedhe.
11 Utuu isaan waliin dubbachaa deemaa jiraniis akkuma tasaa gaariin fardaa ibiddaa tokkoo fi fardeen ibiddaa+ lamaan isaanii addaan baasan; Eeliyaasis obomboleettii keessaan gara samiitti ol baʼe.+ 12 Eelsaaʼi utuu ilaalaa jiruu, “Abbaa koo! Abbaa koo! Gaarii fardaa Israaʼel, abbootii fardeenii isaas”+ jedhee iyye. Yommuu isa arguu dadhabuttis, uffata ofii isaa qabee bakka lamatti tarsaase.+ 13 Sana booda uffata+ Eeliyaas irraa buʼe sana kaasee deebiʼee Yordaanos qarqara dhaabbate. 14 Achiis uffata Eeliyaas irraa buʼe sana fuudhee bishaanicha rukutuudhaan, “Yihowaan Waaqni Eeliyaas eessa jira?” jedhe. Yommuu inni bishaanicha rukutus bishaanichi bitaa fi mirgatti hirame; Eelsaaʼis ni ceʼe.+
15 Ilmaan raajotaa Yerikoo jiran halaalatti yommuu isa arganis, “Hafuurri Eeliyaas, Eelsaaʼi irra buʼeera”+ jedhan. Kanaafuu, isaan isa argachuuf ni deeman; isa duratti kufaniis ni sagadan. 16 Achiis, “Namoonni 50ni gaʼumsa qaban tajaajiltoota kee wajjin as jiru. Maaloo, isaan dhaqanii gooftaa kee haa barbaadan. Tarii hafuurri* Yihowaa ol isa fuudhee gaarota keessaa isa tokko irratti yookiin sululawwan keessaa isa tokko keessatti isa darbatee taʼuu dandaʼa”+ isaan jedhan. Inni garuu, “Isaan hin erginaa” jedhe. 17 Haa taʼu malee, isaan hamma inni qaanaʼutti irra deddeebiʼanii isa gaafatan; kanaafuu inni, “Tole, isaan ergaa” jedhe. Isaanis namoota 50n sana ni ergan; namoonni sunis guyyaa sadiif barbaadanii isa dhaban. 18 Yommuu gara isaatti deebiʼanis, inni Yerikoo+ keessa jira ture. Innis, “Akka hin dhaqne isinitti himee hin turree?” isaaniin jedhe.
19 Yeroo booda namoonni magaalattii Eelsaaʼiin, “Akkuma gooftaan keenya ilaaluu dandaʼutti, magaalattiin bakka gaarii irratti argamti;+ garuu bishaan ishii gaarii miti; lafichis maseena dha”* jedhan. 20 Yeroo kanatti inni, “Saanii golboo haaraa xinnoo tokkotti soogidda naqaatii naa fidaa” jedhe. Isaanis isaaf ni fidan. 21 Achiis gara burqaa bishaanichaa deemee soogiddicha itti naqee,+ “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani bishaan kana fayyiseera. Kana booda duʼa yookiin maseenummaa hin fidu’”* jedhe. 22 Akkuma Eelsaaʼiin dubbatettis bishaanichi hamma harʼaatti akkuma fayyifametti jira.
23 Innis achii kaʼee gara Beetelitti ol baʼe. Utuu inni karaa irra deemaa jiruus ijoolleen xixinnoon muraasni magaalattii keessaa baʼanii, “Namicha mataa moluu nana, ol baʼi! Namicha mataa moluu nana, ol baʼi!” jedhanii isatti qoosuu jalqaban.+ 24 Dhuma irrattis inni garagalee isaan ilaalee maqaa Yihowaatiin isaan abaare. Achiis amaaketoonni dhaltuun+ lama bosona keessaa baʼanii isaan keessaa ijoollee 42 cicciran.+ 25 Innis karaa isaa itti fufee gara Gaara Qarmeelos+ deeme; achiis gara Samaariyaatti deebiʼe.
3 Yoshaafaax mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti Yooraam+ ilmi Ahaab Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 12fis ni bulche. 2 Innis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; garuu siidaa waaqeffannaa Baʼaal isa abbaan isaa hojjete waan balleesseef, hamma abbaa isaa fi hamma haadha isaa wanta hamaa hin hojjenne.+ 3 Haa taʼu malee, inni cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhetti ni ciche.+ Isaan irraas hin gorre.
4 Mootii Moʼaab kan taʼe Meeshaan hoolota horsiisa ture; innis mootii Israaʼeliif hoolota xobbaallaa* 100,000 fi hoolota korbeeyyii rifeensi isaanii hin muramne 100,000 gibira kaffala ture. 5 Ahaab akkuma duʼeen,+ mootiin Moʼaab mootii Israaʼel irratti fincile.+ 6 Kanaafuu, Yooraam Mootichi guyyaa sanatti Samaariyaadhaa baʼee Israaʼelota hunda walitti qabe. 7 Kana malees, “Mootiin Moʼaab ana irratti fincileera. Moʼaabiin waraanuuf anaa wajjin ni deemtaa?” jedhee Yoshaafaax mootii Yihudaatti dhaamsa erge. Yeroo kanatti Yoshaafaax, “Eeyyee nan deema.+ Ana jechuun si jechuu dha. Saba koo jechuun saba kee jechuu dha. Fardeen koo jechuunis fardeen kee jechuu dha” isaan jedhe.+ 8 Achiis, “Maarree karaa isa kamiin ol baanu?” jedhee isa gaafate. Innis deebisee, “Karaa isa gara lafa onaa Edoomitti geessuun” isaan jedhe.
9 Achiis mootiin Israaʼel, mootii Yihudaa fi mootii Edoomii+ wajjin deeme. Isaan guyyaa torbaaf erga naannaʼanii deemanii booda, bishaan loltoota sanaa fi beeladoota isaan duukaa deemaa turaniif taʼu ni dhaban. 10 Mootiin Israaʼelis, “Wayyoo! Yihowaan nu mootota sadan kana kan waame harka Moʼaabitti dabarsee nu kennuufi!” jedhe. 11 Yeroo kanatti Yoshaafaax, “Raajiin Yihowaa karaa isaatiin Yihowaa gaafachuu dandeenyu as hin jiruu?” jedhee gaafate.+ Kanaafuu, tajaajiltoota mootii Israaʼel keessaa inni tokko, “Eelsaaʼiin+ ilmi Shaafaax inni Eeliyaasiif+ bishaan harkaa buusaa* ture jira” jedhee isaaf deebise. 12 Achiis Yoshaafaax, “Dubbiin Yihowaa isa biratti ni argama” jedhe. Kanaafuu, mootiin Israaʼel, Yoshaafaaxii fi mootiin Edoom gara isaatti gad ni buʼan.
13 Eelsaaʼis mootii Israaʼeliin, “Anii fi ati maal wal irraa qabna?+ Gara raajota abbaa keetii fi gara raajota haadha teetii dhaqi”+ jedhe. Mootiin Israaʼel garuu, “Nu mootota sadan kana harka Moʼaabitti dabarsee kennuuf kan nu waame Yihowaa waan taʼeef, ati akkana hin jedhin” isaan jedhe. 14 Eelsaaʼis deebisee akkana jedhe: “Yihowaa Gooftaa Raayyaa isa ani tajaajiluu* fi jiraataa taʼeen nan kakadha, Yoshaafaax+ mootii Yihudaatiif kabaja utuun hin qabu taʼee, silaa ijaan illee si hin ilaalu, xiyyeeffannaas siif hin kennun ture.+ 15 Amma nama baganaa taphatu*+ naa fidaa.” Namichi baganaa taphatu sunis taphachuu akkuma jalqabeen, hafuurri* Yihowaa isa irra buʼe.+ 16 Innis akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Sulula* kana keessatti boʼoo hedduu qotaa; 17 Yihowaan akkana jedha: “Isin bubbees taʼe bokkaa hin argitan; taʼus, sululli* kun bishaaniin ni guutama;+ isin, loon keessanii fi horiin keessan kaan isa keessaa ni dhugdu.”’ 18 Haa taʼu malee, Yihowaan Moʼaabiinis harka keessanitti dabarsee waan kennuuf,+ kun isaaf wanta salphaa dha.+ 19 Magaalaa dallaa dhagaa qabduu fi magaalaa filatamtuu kam iyyuu ni rukuttu;+ muka gaarii taʼe kam iyyuu ni murtu; burqaawwan bishaanii kam iyyuu ni duuchitu; maasii gaarii taʼe kam iyyuus dhagaadhaan ni balleessitu.”+
20 Ganama yeroo aarsaan midhaanii+ inni ganamaa dhihaatutti, akkuma tasaa bishaan kallattii Edoom irraa ni dhufe; biyyattiinis bishaaniin ni guutamte.
21 Moʼaabonni hundis mootonni sun isaan waraanuuf akka dhufan yommuu dhagaʼan, namoota meeshaa waraanaa hidhachuu* dandaʼan hunda walitti qabanii daangaa sana irra dhaabbatan. 22 Isaanis ganamaan yommuu kaʼan aduun bishaanicha irraa calaqqisa ture; Moʼaabota isaan gama turanittis bishaanichi akka dhiigaatti diimaa taʼee mulʼata ture. 23 Isaanis, “Kun dhiiga dha! Mootonni sun goraadeedhaan akka wal gorraʼan* hin shakkisiisu. Kanaafuu, yaa Moʼaab gara boojuu+ kee dhaqi!” jedhan. 24 Yommuu isaan gara buufata Israaʼelotaatti seenanis, Israaʼelonni kaʼanii Moʼaabota rukutuu jalqaban; Moʼaabonnis isaan jalaa ni baqatan.+ Israaʼelonnis Moʼaabota rukutaa gara Moʼaabitti siqan. 25 Magaalota ni diigan; namni hundi maasii gaarii taʼe kam irratti iyyuu dhagaa darbatee maasii sana dhagaadhaan guute; isaan burqaa bishaanii kam iyyuu ni duuchan;+ muka gaarii taʼe kam iyyuu ni muran.+ Dhuma irrattis dallaawwan dhagaa Qiir Hareset+ qofatu dhaabbatee hafe; namoonni furrisa darbatanis magaalattiitti marsanii ishii rukutan.
26 Mootiin Moʼaabis waraanicha irratti moʼamuu isaa yommuu argu, gara mootii Edoomitti+ cabsee seenuuf namoota goraadee hidhatan 700 fudhatee kaʼe; haa taʼu malee, isaan achi seenuu hin dandeenye. 27 Kanaafuu, inni ilma isaa isa angafaa isa bakka isaa buʼee mootii taʼuuf ture fuudhee dallaa sana irratti aarsaa gubamu+ godhee dhiheesse. Israaʼelota irrattis dheekkamsi guddaan ni kaʼe; kanaafuu, loltoonni sun isa dhiisanii gara biyya isaaniitti deebiʼan.
4 Haadhotii manaa ilmaan raajotaa+ keessaa ishiin takka, “Tajaajilaan kee abbaan manaa koo duʼeera; tajaajilaan kee yeroo hunda Yihowaa kan sodaatu akka ture ati iyyuu akka gaariitti beekta.+ Namichi liqii nu irraa qabu tokko ilmaan koo lamaan fudhatee garboota godhachuuf dhufeera” jettee Eelsaaʼitti iyyatte. 2 Yeroo kanatti Eelsaaʼi, “Maal siif godhu? Mee natti himi, mana keessaa maal qabda?” jedhee ishii gaafate. Ishiinis deebistee, “Ani tajaajiltuun tee zayitii hubboo* tokko malee mana keessaa homaa hin qabu”+ isaan jette. 3 Innis akkana ishiidhaan jedhe: “Baʼiitii, miʼa duwwaa akka siif kennan olloota kee hunda kadhadhu. Hamma dandeesse miʼa hedduu kadhadhu. 4 Achiis, ilmaan kee wajjin manatti seeniitii balbala cufadhu. Miʼawwan sana hundatti guuti; achiis warra guutuu taʼan kophaatti kaaʼi.” 5 Kanaafuu, ishiin isa biraa ni deemte.
Ishiinii fi ilmaan ishii manatti seenanii balbala ni cufatan; achiis isaan miʼawwan sana yommuu ishiitti kennan, ishiin immoo itti naquu jalqabde.+ 6 Miʼawwan sun yommuu guutanis, ilma ishii isa tokkoon, “Miʼa kan biraa naa fidi”+ jette. Inni garuu, “Miini kan biraan hin jiru” ishiidhaan jedhe. Yeroo kanatti zayitichi buʼuu isaa ni dhiise.+ 7 Kanaafuu, ishiin ol seentee namicha Waaqa dhugaa sanatti himte; innis, “Dhaqi, zayiticha gurguriitii liqii kee kaffali; achiis atii fi ilmaan kee isa hafeen jiraachuu dandeessu” ishiidhaan jedhe.
8 Gaaf tokko Eelsaaʼi gara Shunaam+ ni dhaqe; dubartiin beekamtuun tokkos achi jirti turte; ishiinis ishii biraa nyaata akka nyaatu isa kadhatte.+ Innis yeroo achiin darbu hundatti, nyaata nyaachuuf achitti gora ture. 9 Ishiinis abbaa manaa ishiitiin akkana jette: “Namichi yeroo hunda asiin darbu kun nama qulqulluu fi nama Waaqayyoo taʼuu isaa ani beeka. 10 Maaloo, baaxii irratti kutaa xinnoo+ tokko isaaf ijaarree, siree, barcumaa fi baattuu ibsaa achi keessa isaaf haa keenyu. Innis yeroo gara keenya dhufu hundatti achi buufachuu dandaʼa.”+
11 Gaaf tokko inni achi ni dhaqe; ciisuufis gara kutaa baaxii irra jiru sanaa deeme. 12 Achiis tajaajilaa isaa Gehaaziin,+ “Dubartii Shunaam+ sana waami” jedhe. Innis ishii ni waame; ishiinis dhuftee isa dura dhaabbatte. 13 Achiis inni Gehaaziin akkana jedhe: “Maaloo akkana jedhii ishiitti himi: ‘Kunoo, ati nuuf jettee hamma kana dhamaateetta.+ Maarree, maaltu akka siif godhamu barbaadda?+ Bakka kee buʼee mootichatti yookiin ajajaa raayyaatti siif dubbadhuu?’”+ Ishiin garuu, “Ani saba koo gidduun jiraachaa jira” jettee deebiste. 14 Kanaafuu inni, “Maaltu ishiidhaaf haa godhamu ree?” jedhe. Yeroo kanatti Gehaaz, “Ishiin ilma hin qabdu;+ abbaan manaa ishiis dulloomeera” jedhe. 15 Innis yeruma sana, “Ishii waami” isaan jedhe. Innis ishii ni waame; ishiinis dhuftee balbala irra dhaabbatte. 16 Eelsaaʼis, “Waggaa dhufu yeroo kanatti ilma ni hammatta” ishiidhaan jedhe.+ Ishiin garuu, “Lakki, yaa gooftaa koo, yaa nama Waaqa dhugaa, ana tajaajiltuu teetti soba hin dubbatin” isaan jette.
17 Taʼus dubartittiin ni ulfoofte; akkuma Eelsaaʼi ishiitti himettis waggaa itti aanu yeroo sanatti ilma ni deesse. 18 Mucichis ni guddate; achiis gaaf tokko abbaan isaa utuu namoota midhaan haamanii wajjin jiruu mucichi gara isaa ni dhaqe. 19 Innis abbaa isaatiin, “Mataa koo, wayyoo mataa koo!” jedhe. Abbaan isaas tajaajilaa isaatiin, “Baadhuutii gara haadha isaatti isa geessi” jedhe. 20 Kanaafuu, inni baatee gara haadha isaatti isa geesse; mucichis hamma waareetti gudeeda ishii irra taaʼe; achiis ni duʼe.+ 21 Ishiinis ol baatee siree nama Waaqa dhugaa+ irra isa ciibsitee balbala itti cuftee deemte. 22 Achiis abbaa manaa ishii waamtee, “Maaloo, tajaajilaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi; anis dafee gara nama Waaqa dhugaa sanaa dhaqeen deebiʼa” isaan jette. 23 Inni garuu, “Harʼa maaliif gara isaa dhaqxa? Harʼa guyyaa baatii haaraa+ yookiin sanbata miti” ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu, “Hin yaaddaʼin, wanti hundi nagaa dha” isaan jette. 24 Kanaafuu, ishiin harree ishii feʼattee tajaajilaa ishiitiin, “Daddafii deemi. Yoon sitti hime malee anaaf jettee suuta hin jedhin” jette.
25 Akka kanaan, ishiin gara nama Waaqa dhugaa isa Gaara Qarmeelositti argamuu ni dhaqxe. Namichi Waaqa dhugaa sunis fagootti akkuma ishii argeen, Gehaaz tajaajilaa isaatiin akkana jedhe: “Ilaa, dubartiin Shunaam sun dhufaa jirti. 26 Maaloo fiigii gara ishii dhaqiitii, ‘Ati fayyaa dhaa? Abbaan manaa kee fayyaa dhaa? Ilmi kee hoo fayyaa dhaa?’ jedhii ishii gaafadhu.” Ishiinis, “Hundumtuu fayyaa dha” isaan jette. 27 Achiis gara nama Waaqa dhugaa isa gaaricha irra jiru sanaa dhuftee, yeruma sana miila isaatti maramte.+ Yeroo kanatti Gehaaz isa irraa ishii fageessuuf itti siqe; namni Waaqa dhugaa sun garuu, “Dhiphina guddaa keessa waan jirtuuf,* ishii dhiisi; Yihowaan waaʼee kanaa na dhokseera; homaas natti hin himne” jedhe. 28 Achiis ishiin, “Ani ilma akka naaf kennu gooftaa koo kadhadheeraa? Ani, ‘Abdii sobaa naaf hin kennin’ siin hin jennee?” isaan jette.+
29 Innis yeruma sana Gehaaziin, “Uffata kee ol sassaabii mudhii keetti suuqqadhuutii,+ ulee koos harkatti qabadhuutii deemi. Namni yoo sitti dhufe nagaa isa hin gaafatin; namni yoo nagaa si gaafates deebii isaaf hin kennin. Dhaqiitii ulee koo fuula mucichaa irra kaaʼi” jedhe. 30 Yeroo kanatti haati mucichaa, “Yihowaa isa jiraataa taʼee fi lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha, ani si dhiisee hin deemu” isaan jette.+ Kanaafuu, inni kaʼee ishii wajjin ni deeme. 31 Gehaazis isaan dura buʼee deemee ulicha fuula mucichaa irra kaaʼe; haa taʼu malee, sagaleenis taʼe deebiin hin turre.+ Innis gara Eelsaaʼitti deebiʼee, “Mucichi hin dammaqne” jedhee isatti hime.
32 Eelsaaʼi yommuu manatti seenu, mucichi duʼee siree isaa irra ciisee ture.+ 33 Innis achi seenee ofii fi mucicha irratti balbalicha cufee Yihowaa kadhachuu jalqabe.+ 34 Achiis siree sana irra baʼee mucicha irra ciise; afaan isaa afaan mucichaatti, ija isaa ija mucichaatti, barruu isaas barruu mucichaatti qadaadee isa irratti gad jedhe; sana booda qaamni mucichaa hoʼuu jalqabe.+ 35 Achiis manicha keessa asii fi achi deemee, siree sana irra baʼee deebiʼee mucicha irratti gad jedhe. Mucichis siʼa torba erga haxxiffatee booda ija isaa banate.+ 36 Achiis Eelsaaʼi Gehaaziin waamee, “Dubartii Shunaam sana waami” isaan jedhe. Innis ishii waame; ishiinis gara Eelsaaʼiitti seente. Innis, “Ilma kee fudhadhu” ishiidhaan jedhe.+ 37 Ishiinis seentee miila isaa jalatti lafa dhooftee isa duratti erga sagaddee booda, ilma ishii fudhattee gad baate.
38 Eelsaaʼis yommuu gara Gilgaalitti deebiʼu biyyattii keessa beelli jira ture.+ Ilmaan raajotaas+ isa dura taaʼu turan; innis tajaajilaa+ isaatiin, “Distii guddaa ibidda irra kaaʼiitii ilmaan raajotaatiif ittoo tolchi” jedhe. 39 Kanaafuu, isaan keessaa namni tokko baala funaanuuf gara dirreetti baʼe; achiis hidda bosonaa tokko argatee isa irraa buqqee hadhooftuu bosonaa funaanee uffata isaatti guuttate. Innis achii deebiʼee maalummaa isaa utuu hin beekin mummuree distii sanatti naqe. 40 Boodas isaan namoonni sun akka nyaataniif isaaniif dhiheessan; taʼus isaan ittoo sana irraa akkuma nyaataniin, “Yaa nama Waaqa dhugaa, distii kana keessa duʼatu jira” jedhanii iyyan. Isa nyaachuus hin dandeenye. 41 Yeroo kanatti inni, “Daakuu xinnoo naa fidaa” jedhe. Daakuu sana disticha keessatti erga naqee booda, “Namootaaf dhiheessaa” jedhe. Sana booda wanti nama miidhu disticha keessatti hin argamne.+
42 Namichi Baʼaal Shaalishaadhaa+ dhufe tokkos, daabboo garbuu+ firii isa jalqabaatiin tolfame 20 fi midhaan haaraa qalqalloo tokko nama Waaqa dhugaa sanaaf ni fide.+ Achiis Eelsaaʼiin, “Akka nyaataniif namoota sanaaf kenni” isaan jedhe. 43 Tajaajilaan isaa garuu, “Akkamittan kana namoota 100 duratti dhiheessa?”+ jedhe. Yeroo kanatti Eelsaaʼiin, “Akka nyaataniif namoota sanaaf kenni; sababiin isaas Yihowaan, ‘Isaan ni nyaatu, muraasnis isaan irraa ni hafa’+ jedheera” isaan jedhe. 44 Innis isaan duratti ni dhiheesse; akkuma Yihowaan dubbatettis isaan ni nyaatan, muraasnis isaan irraa ni hafe.+
5 Yihowaan karaa isaa Sooriyaadhaaf injifannoo* waan kenneef, Naʼamaan inni mootii Sooriyaatiif ajajaa raayyaa waraanaa taʼe, nama beekamaa fi gooftaa isaa biratti kabajamu ture. Inni dhukkuba nadaayiitiin* qabamee kan ture taʼus, loltuu jabaa ture. 2 Warri Sooriyaa weerara geggeessan tokko irratti biyya Israaʼel keessaa intala xinnoo takka boojiʼanii turan; ishiinis tajaajiltuu haadha manaa Naʼamaan taate. 3 Intalli sunis giiftii ishiitiin, “Gooftaan koo raajicha+ isa Samaariyaa keessatti argamu bira utuu dhaqee, silaa dhukkuba nadaayii isaa irraa isa ni fayyisa ture!”+ jette. 4 Kanaafuu, inni* dhaqee wanta intalli biyya Israaʼelii dhufte sun jette gooftaa isaatti hime.
5 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa, “Ammuma kaʼii dhaqi! Ani mootii Israaʼeliif xalayaa nan erga” isaan jedhe. Kanaafuu, inni meetii taalaantii* kudhan, warqii sheeqilii 6,000 fi uffata guutuu kudhan qabatee dhaqe. 6 Xalayaa, “Ani xalayaan sitti erge kanaa wajjin tajaajilaa koo Naʼamaaniin dhukkuba nadaayii isaa irraa akka fayyistuuf isa ergeera” jedhus gara mootii Israaʼelitti ni geesse. 7 Mootiin Israaʼelis xalayicha akkuma dubbiseen uffata isaa tarsaasee, “Inni namicha kana dhukkuba nadaayii isaa irraa akkan fayyisuuf kan natti ergu, ani Waaqa ajjeesuu fi jiraachisuu dandaʼu dhaa?+ Namichi kun dubbii na barbaadaa akka jiru ilaalaa” jedhe.
8 Haa taʼu malee, Eelsaaʼiin inni nama Waaqa dhugaa taʼe, mootiin Israaʼel uffata isaa akka tarsaase yommuu dhagaʼu yeruma sana, “Ati maaliif uffata kee tarsaaste? Israaʼel keessa raajiin jiraachuu isaa akka beekuuf, maaloo, gara kootti isa ergi”+ jedhee mootichatti dhaamsa erge. 9 Kanaafuu, Naʼamaan fardeen isaa fi gaariiwwan fardaa isaa warra waraanaaf tajaajilanii wajjin dhufee karra mana Eelsaaʼii dura dhaabbate. 10 Eelsaaʼi garuu, “Dhaqiitii Yordaanos+ keessatti siʼa torba dhiqadhu;+ foon kee ni fayya; atis ni qulqulloofta” jedhee akka itti himuuf ergamaa tokko isatti erge. 11 Yeroo kanatti Naʼamaan aaree deemuuf kaʼe; achiis akkana jedhe: “Ani, ‘Inni anatti gad baʼee as dhaabbatee, maqaa Waaqa isaa Yihowaa waamee, harka isaa dhukkuba nadaayii kana irra asii fi achi sochoosee na fayyisa’ jedhee yaadeen ture. 12 Abaanaa fi Faarfaar warri lageen Damaasqoo+ taʼan, bishaanota Israaʼel hunda irra hin caalanii? Ani isaanitti dhiqadhee qulqullaaʼuu hin dandaʼuu?” Achiis aaree garagalee deeme.
13 Yeroo kanatti tajaajiltoonni isaa isatti dhihaatanii, “Yaa abbaa koo, raajichi wanta adda taʼe tokko akka gootu utuu sitti himee, wanta sana hin gootuu? Maarree inni, ‘Dhiqadhuutii qulqullaaʼi’ qofa erga siin jedhee, kana gochuun caalaatti salphaa mitii?” isaan jedhan. 14 Yeroo kanatti akkuma namni Waaqa dhugaa sun isatti himetti gad buʼee siʼa torba Yordaanos keessa gad lixe.+ Achiis foon isaa fayyee akka foon mucaa xinnoo taʼe;+ innis qulqulluu ni taʼe.+
15 Sana booda inni namoota* isaa hundumaa wajjin gara nama Waaqa dhugaatti deebiʼee+ isa dura dhaabbachuudhaan, “Ani Israaʼel keessa malee guutummaa lafaa irra eessa iyyuu Waaqni akka hin jirre amma hubadheera.+ Amma maaloo, ana tajaajilaa kee irraa kennaa* tokko fudhadhu” isaan jedhe. 16 Eelsaaʼi garuu, “Yihowaa isa jiraataa isa ani tajaajiluun* nan kakadha, hin fudhadhu”+ isaan jedhe. Naʼamaan akka fudhatu irra deddeebiʼee kan isa kadhate taʼus, inni garuu ni dide. 17 Dhuma irrattis Naʼamaan akkana jedhe: “Ana harkaa hin fudhattu taanaan garuu, ani tajaajilaan kee kana booda Yihowaadhaaf malee waaqolii akkamiitiif illee aarsaa gubamu yookiin aarsaa kan biraa waanan hin dhiheessineef, maaloo, biyyoon biyya kanaa feʼumsi gaangee lama ana tajaajilaa keetiif haa kennamu. 18 Haa taʼu malee, Yihowaan wantuma kanaaf ana tajaajilaa isaatiif dhiifama haa godhu: Gooftaan koo achitti sagaduuf yommuu gara mana* Rimoonitti seenu, inni irree koo irratti hirkata; kanaafuu, ani mana Rimoonitti sagaduun koo hin oolu. Yommuu ani mana Rimoonitti sagadu, maaloo, Yihowaan wanta kana ilaalchisee ana tajaajilaa keetiif dhiifama haa godhu.” 19 Yeroo kanatti Eelsaaʼi, “Nagaadhaan deemi” isaan jedhe. Achiis inni isa irraa addaan baʼee hamma tokko erga deemee booda, 20 Gehaaz+ tajaajilaan Eelsaaʼi isa nama Waaqa dhugaa+ taʼe sanaa, ‘Kunoo, gooftaan koo wanta Naʼamaan+ inni nama Sooriyaa taʼe kun fide utuu isa irraa hin fudhatin isa gadhiiseera. Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, fiigee isa duukaa buʼee wanta tokko isa irraa nan fudhadha’ jedhee yaade. 21 Kanaafuu, Gehaaz Naʼamaan duukaa buʼe. Naʼamaanis namni tokko isa duubaan fiigaa akka jiru yommuu argu isa simachuuf gaarii fardaa isaa irraa buʼee, “Wanti hundi nagaa dhaa?” isaan jedhe. 22 Innis deebisee, “Wanti hundi nagaa dha. Gooftaan koo akkana jedhee na ergeera: ‘Kunoo, dargaggoonni ilmaan raajotaa taʼan lama biyya naannoo gaarotaa Efreem irraa amma gara koo dhufaniiru. Maaloo, meetii taalaantii tokkoo fi uffata guutuu lama isaaniif kenni’”+ isaan jedhe. 23 Naʼamaanis, “Maaloo, taalaantii lama fudhadhu” isaan jedhe. Innis cimsee isa kadhate;+ achiis meetii taalaantii lama korojoo lamatti maree, uffata guutuu lamaa wajjin tajaajiltoota isaa lamatti kenne; isaaniis baatanii isa dura buʼanii deeman.
24 Yommuu Ofeel* gaʼus harka isaanii irraa fuudhee mana keessa kaaʼe; achiis namoota sana deebisee erge. Erga isaan achii deemanii booda, 25 ol seenee gooftaa isaa bira dhaabbate. Yeroo kanatti Eelsaaʼi, “Gehaaz, eessaa dhufta?” isaan jedhe. Inni garuu, “Ani tajaajilaan kee eessa iyyuu hin dhaqne” isaan jedhe.+ 26 Achiis Eelsaaʼiin akkana isaan jedhe: “Yommuu namichi si simachuuf gaarii fardaa isaa irraa buʼetti garaan koo sii wajjin achi hin turree? Yeroon kun, yeroo meetii yookiin uffata yookiin mukeetii ejersaa* yookiin maasii wayinii yookiin hoolota yookiin loon yookiin tajaajiltoota dhiiraa yookiin tajaajiltoota durbaa itti fudhatani dhaa?+ 27 Amma dhukkubni nadaayii+ Naʼamaan bara baraaf sii fi sanyii keetti ni maxxana.” Innis yeruma sana dhukkuba nadaayiitiin qabamee akkuma cabbii addaatee isa biraa gad baʼe.+
6 Ilmaan raajotaa+ Eelsaaʼiin akkana jedhan: “Kunoo, bakki nuti sii wajjin itti jiraannu kun baayʼee nutti dhiphateera. 2 Maaloo, gara Yordaanos haa dhaqnu. Tokkoon tokkoon keenya achii muka murree iddoo itti jiraannu achitti haa ijaarrannu.” Innis, “Dhaqaa” isaaniin jedhe. 3 Isaan keessaas inni tokko, “Maaloo, ati hoo tajaajiltoota kee wajjin ni dhuftaa?” isaan jedhe. Innis, “Eeyyee nan dhufa” isaan jedhe. 4 Kanaafuu, inni isaanii wajjin ni deeme; isaanis gara Yordaanos dhaqanii mukeetii muruu jalqaban. 5 Isaan keessaa inni tokko utuma muka muraa jiruu, sibiilli qottoo bishaan keessa jalaa buʼe; innis, “Wayyoo, yaa gooftaa koo, miʼa ergisaa ti” jedhee iyye. 6 Namichi Waaqa dhugaa sunis, “Eessatti kufe?” isaan jedhe. Kanaafuu, inni iddoo isaa isatti argisiise. Innis muka tokko muree achitti darbatee sibiilli qottoo sun bishaanicha keessaa ol baʼee akka bololiʼu godhe. 7 Achiis, “Kaasii fudhadhu” isaan jedhe. Kanaafuu, inni harka isaa hiixatee fudhate.
8 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa Israaʼeliin waraanuuf deeme.+ Achiis tajaajiltoota isaa wajjin mariʼatee, “Ani isinii wajjin bakka akkanaa nan buufadha” jedhe. 9 Sana booda namni Waaqa dhugaa+ sun, “Warri Sooriyaa asiin gad buʼaa waan jiraniif, asiin akka hin darbine of eeggadhu” jedhee mootii Israaʼelitti dhaamsa erge. 10 Kanaafuu, mootiin Israaʼel bakka namni Waaqa dhugaa sun akka hin dhaqne isa akeekkachiisetti dhaamsa erge. Eelsaaʼis irra deddeebiʼee isa akeekkachiise; innis yeroo baayʼee* gara bakka sanaa utuu hin dhaqin hafe.+
11 Kunis mootii* Sooriyaa waan aarseef, inni tajaajiltoota isaa waamee, “Natti himaa! Nu keessaa namni mootii Israaʼeliin deggeru eenyu?” jedhee isaan gaafate. 12 Achiis tajaajiltoota isaa keessaa tokko, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, nu keessaa eenyu iyyuu miti. Wantoota ati kutaa ciisichaa kee keessatti dubbattu, mootii Israaʼelitti kan himu Eelsaaʼi raajicha isa Israaʼel keessa jiru dha”+ isaan jedhe. 13 Innis, “Ani namoota ergee akkan isa qabsiisuuf, dhaqaatii eessa akka jiru qoradhaa” isaaniin jedhe. Boodas oduun, “Inni Dootaan+ keessa jira” jedhu isatti himame. 14 Innis yeruma sana fardeenii fi gaariiwwan fardaa, akkasumas loltoota hedduu achitti erge; isaanis halkan dhufanii magaalattiitti marsan.
15 Tajaajilaan nama Waaqa dhugaa sanaas ganamaan kaʼee yommuu gad baʼu raayyaan waraanaa fardeenii fi gaariiwwan fardaa qabu tokko magaalattiitti marsee arge. Tajaajilaan sunis yeruma sana, “Wayyoo, gooftaa koo! Maal gochuu nuu wayya?” isaan jedhe. 16 Inni garuu, “Warra isaanii wajjin jiran irra warri nuu wajjin jiran waan caalaniif,+ hin sodaatin!”+ isaan jedhe. 17 Achiis Eelsaaʼi, “Yaa Yihowaa, akka inni arguuf, maaloo ija isaa isaaf bani”+ jedhee kadhate. Yihowaanis yeruma sana ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis ni arge; kunoo, fardeenii fi gaariiwwan fardaa ibiddaa+ Eelsaaʼitti marsanii naannoo gaarotaa sana guutanii turan.+
18 Eelsaaʼis warri Sooriyaa yommuu gara isaatti gad buʼan, “Maaloo, saba kana jaamsi”+ jedhee Yihowaa kadhate. Kanaafuu, akkuma Eelsaaʼi gaafatetti inni isaan ni jaamse. 19 Eelsaaʼis, “Karichi kana miti; magaalattiinis kana miti. Ana duukaa buʼaa; gara namicha isin barbaaddan sanaatti isinan geessa” isaaniin jedhe. Haa taʼu malee, gara Samaariyaatti+ isaan geesse.
20 Yommuu isaan Samaariyaa gaʼanis Eelsaaʼi, “Yaa Yihowaa, isaan akka arganiif ija isaanii bani” jedhe. Yihowaanis ija isaanii ni bane; isaanis Samaariyaa gidduu akka jiran argan. 21 Mootiin Israaʼelis yommuu isaan argu Eelsaaʼiin, “Yaa abbaa koo, isaan ajjeesuu? Isaan ajjeesuu?” jedhe. 22 Inni garuu, “Isaan ajjeesuu hin qabdu. Namoota goraadee fi iddaa keetiin boojitee fudhatte ni ajjeestaa? Nyaatanii dhuganii gara gooftaa isaaniitti akka deebiʼaniif, midhaanii fi bishaan isaaniif kenni”+ isaan jedhe. 23 Kanaafuu, inni affeerraa guddaa isaaniif qopheesse; erga isaan nyaatanii dhuganii boodas gara gooftaa isaaniitti akka deebiʼaniif isaan erge. Sana booda tuutni weerartootaa warra Sooriyaa+ takkaa illee deebiʼee gara biyya Israaʼel hin dhufne.
24 Sana booda Benhadaad mootiin Sooriyaa guutummaa raayyaa waraanaa* isaa walitti qabee ol baʼuudhaan Samaariyaatti marse.+ 25 Kanaafuu, Samaariyaa keessatti beelli cimaan ni kaʼe;+ yeroo magaalattiin marfamtee turtetti, mataan harree+ tokkoo meetii sheeqilii* 80 hamma baasutti gaʼee, kosiin gugee* safartuu qaabii* harka afur keessaa harki tokko immoo meetii sheeqilii 5 hamma baasutti gaʼee ture. 26 Mootiin Israaʼel dallicha irra utuu darbaa jiruu dubartiin takka, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, na gargaari!” jettee gara isaatti iyyite. 27 Innis yeroo kanatti, “Yihowaan yoo si gargaaruu baate, ani eessaan gargaarsa siif argachuu dandaʼa? Bakka oobdiitii moo bakka wayinii yookiin zayitii itti cuunfanii ti?” ishiidhaan jedhe. 28 Achiis mootichi, “Rakkinni kee maali dha?” jedhee ishii gaafate. Ishiinis deebistee akkana isaan jette: “Dubartiin tun, ‘Harʼa akka isa nyaannuuf ilma kee fidi; ilma koo immoo boru nyaanna’ naan jette.+ 29 Kanaafuu, nuti ilma koo affeellee nyaanne.+ Guyyaa itti aanutti immoo ani, ‘Isa akka nyaannuuf ilma kee fidi’ ishiidhaan nan jedhe. Ishiin garuu ilma ishii ni dhoksite.”
30 Mootichis wanta dubartittiin jette akkuma dhagaʼeen uffata isaa ni tarsaase.+ Yommuu inni dallicha irra darbus, namoonni akka inni uffata isaa jalatti uffata gaddaa uffate ni argan. 31 Achiis, “Mataan Eelsaaʼi ilma Shaafaax harʼa isa irra yoo bule, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu!” jedhe.+
32 Eelsaaʼi mana isaa keessa taaʼee kan ture yeroo taʼu, jaarsoliinis isaa wajjin taaʼanii turan. Mootichi nama tokko of dura buusee gara isaatti erge; namichi achi gaʼuu isaa dura garuu Eelsaaʼi jaarsolii sanaan, “Namichi ilma nama nama ajjeesu+ sanaa kun mataa koo ana irraa mursiisuuf nama akka natti erge ni argituu? Namichi ergame sun yommuu dhufu isa eegaatii balbalicha cufaa; achiis itti cufaatii balbalicha qabadhaa. Sagaleen kottee gooftaa isaa isa duubaan ni dhagaʼama mitii?” jedhe. 33 Utuma inni isaanii wajjin dubbachaa jiruus ergamaan sun gara isaa ni dhufe; mootichis, “Badiisni kun Yihowaa biraa dhufe. Ani kana caalaa maaliifan Yihowaa eega?” jedhe.
7 Yeroo kanatti Eelsaaʼi akkana jedhe: “Dubbii Yihowaa dhagaʼaa. Yihowaan akkana jedha: ‘Boru yeroo kanatti karra* Samaariyaa irratti daakuun bullaaʼaan safartuun siihii* tokko sheeqilii* tokkoon, garbuun safartuun siihii lamas sheeqilii tokkoon ni gurgurama.’”+ 2 Achiis ajajaan waraanaa mootichi itti amanamu sun nama Waaqa dhugaa sanaan, “Yihowaan balbaloota bishaanii samii keessa jiran utuu banee illee, kun* taʼuu ni dandaʼaa?”+ jedhe. Yeroo kanatti inni, “Ati ija keetiin kana ni argita;+ garuu isa irraa hin nyaattu”+ isaan jedhe.
3 Namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman afur karra magaalattii dura jiru turan;+ isaanis akkana waliin jedhan: “As teenyee maaliif duʼa keenya eegganna? 4 Beelli magaalattii keessa utuu jiruu,+ ‘Gara magaalattiitti haa seennu’ yoo jenne, achitti duʼuun keenya hin oolu. As yoo teenyes duʼuun keenya hin oolu. Kanaafuu, amma gara buufata warra Sooriyaa haa dhaqnu. Isaan lubbuu keenya yoo nuuf oolchan ni jiraanna; yoo nu ajjeesanis ni duuna.” 5 Achiis isaan galgala yommuu dukkanaaʼu kaʼanii buufata warra Sooriyaatti seenan. Yommuu buufata warra Sooriyaa qarqara gaʼanis namni tokko illee achi hin turre.
6 Yihowaan buufanni warra Sooriyaa sagalee gaarii fardaa waraanaa fi sagalee fardeenii, akkasumas sagalee raayyaa waraanaa guddaa taʼe akka dhagaʼu godhee ture.+ Kanaafuu isaan, “Kunoo, isaan akka nu waraananiif mootiin Israaʼel mootota Heetotaa fi mootota Gibxii nutti biteera!” waliin jedhan. 7 Achiis yeruma sana kaʼanii dunkaanota isaanii, fardeen isaanii, harroota isaanii fi guutummaa buufatichaa akkuma jirutti dhiisanii galgala dukkana keessa lubbuu isaanii oolfachuuf baqatan.
8 Namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman sunis yommuu qarqara buufatichaa gaʼan, dunkaanota sana keessaa isa tokkotti seenanii nyaachuu fi dhuguu jalqaban. Isaanis meetii, warqii fi uffata bakka sanaa fudhatanii deemanii dhoksan. Achiis deebiʼanii dunkaana kan biraatti seenanii achi keessaas miʼawwan fudhatanii deemanii dhoksan.
9 Dhuma irrattis, “Wanti nuti gochaa jirru kun sirrii miti. Guyyaan kun guyyaa oduu gaariin itti himamu dha! Nuti mamnee hamma bariʼutti yoo eegne ni adabamna. Kanaafuu, amma dhaqnee oduu kana mana mootichaatti haa himnu” waliin jedhan. 10 Isaanis dhaqanii warra karra magaalattii eegan waamanii, “Gara buufata warra Sooriyyaatti seennee turre; garuu namni tokko illee achi hin jiru; sagalee nama tokkoo illee hin dhageenye. Fardeenii fi harroota qofatu hidhamee achi jira; dunkaanonnis akkuma jiranitti dhiifamaniiru” jedhanii isaanitti himan. 11 Warri karra eegan sunis yeruma sana sagalee isaanii ol kaasanii oduu kana namoota mana mootichaa keessa jiranitti himan.
12 Mootichis yeruma sana halkaniin kaʼee tajaajiltoota isaatiin, “Mee maaloo, wanta warri Sooriyaa nu irratti raawwatanin isinitti hima. Nuti akka beelofne+ waan beekaniif, ‘Isaan magaalattii keessaa ni baʼu; nutis akkuma lubbuudhaan jiranitti isaan qabanna; gara magaalattiittis ni seenna’ jedhanii yaaduudhaan, dirree keessa dhokachuuf buufaticha gadhiisanii deemaniiru”+ jedhe. 13 Achiis tajaajiltoota isaa keessaa inni tokko, “Maaloo, namoonni muraasni fardeen magaalattii keessatti hafan keessaa shanan isaanii haa fudhatan. Kunoo, wanti namoota kana irra gaʼu, wanta namoota Israaʼel warra asitti hafan irra gaʼu irraa adda hin taʼu. Wantuma namoota Israaʼel warra asitti dhuman hunda irra gaʼetu isaan irra gaʼa. Achitti isaan erginee wanta taʼu haa ilaallu” jedhe. 14 Kanaafuu, isaan gaariiwwan fardaa lama fardeenii wajjin ni fudhatan; mootichis, “Dhaqaatii ilaalaa” jedhee gara buufata warra Sooriyaatti isaan erge. 15 Isaanis hamma Yordaanositti isaan duukaa buʼan; guutummaan karichaas uffataa fi miʼawwan warri Sooriyaa yommuu naasuudhaan baqatanitti gaggataniin guutamee ture. Namoonni ergaman sunis deebiʼanii wanta kana mootichatti himan.
16 Namoonnis baʼanii buufata warra Sooriyaa ni saaman; kanaan kan kaʼes, akkuma Yihowaan dubbatetti daakuun bullaaʼaan safartuun siihii tokko sheeqilii tokkoon, garbuun safartuun siihii lamas sheeqilii tokkoon ni gurgurame.+ 17 Mootichis ajajaa raayyaa waraanaa itti amanamu sana karricha irratti itti gaafatamaa godhee ni muude; haa taʼu malee, akkuma namni Waaqa dhugaa sun yommuu mootichi gara isaatti gad buʼe itti himee turetti namoonni karricha irratti dhidhiitanii isa ajjeesan. 18 Wanti namni Waaqa dhugaa sun, “Boru yeroo kanatti karra Samaariyaa irratti garbuun safartuun siihii lama sheeqilii tokkoon, daakuun bullaaʼaan safartuun siihii tokkos sheeqilii tokkoon ni gurgurama”+ jedhee mootichatti dubbates ni raawwatame. 19 Ajajaan waraanaa sun garuu nama Waaqa dhugaa sanaan, “Yihowaan balbaloota bishaanii samii keessa jiran utuu banee illee, wanti* akkanaa taʼuu ni dandaʼaa?” jedhee ture. Yeroo kanatti Eelsaaʼi, “Ati ija keetiin kana ni argita; garuu isa irraa hin nyaattu” isaan jedhee ture. 20 Namoonni karricha irratti dhidhiitanii waan isa ajjeesaniif, wanti isa irra gaʼes kanuma ture.
8 Eelsaaʼis dubartii ilma ishii duʼaa kaase+ sanaan, “Yihowaan biyyattii keessatti beelli akka buʼu waan dubbateef, kaʼiitii maatii kee wajjin gara bakka nama biyya ormaa taatee itti jiraachuu dandeessu dhaqiitii achi jiraadhu;+ beelichis waggaa torbaaf biyyattii keessa ni tura” jedhe. 2 Kanaafuu, dubartittiin kaatee akkuma namni Waaqa dhugaa sun jedhe ni goote. Maatii ishii wajjin deemtees waggaa torbaaf biyya Filisxeemotaa+ keessa jiraatte.
3 Dhuma waggaa torbaffaattis, ishiin biyya Filisxeemotaatii ni deebite; achiis waaʼee mana ishii fi waaʼee lafa ishiitiif mootichatti iyyannoo dhiheessuuf ni dhaqxe. 4 Yeroo kanatti mootichi Gehaaz isa tajaajilaa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaan, “Mee maaloo, wantoota guguddaa Eelsaaʼi raawwate hunda natti himi” jechaa ture.+ 5 Utuma inni Eelsaaʼi akkamitti mucaa duʼe sana akka kaase+ mootichatti himaa jiruu, dubartiin Eelsaaʼi ilma ishii duʼaa kaase sun waaʼee mana ishii fi waaʼee lafa ishiitiif mootichatti iyyannoo dhiheeffachuuf ni dhufte.+ Gehaazis yeruma sana, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, dubartittiin ishii tana dha; ilmi ishii inni Eelsaaʼi duʼaa kaases isa kana dha” jedhe. 6 Yeroo kanatti mootichi dubartittii gaafate; ishiinis seenaa isaa itti himte. Achiis mootichi, “Qabeenya ishii hundumaa fi oomisha erga ishiin biyyattiidhaa baatee jalqabee hamma ammaatti lafa ishii irraa argame hunda ishiidhaaf deebisi” jedhee itti himuudhaan, abbaa taayitaa mana mootummaa tokko ishiidhaaf ramade.
7 Benhadaad+ mootiin Sooriyaa yeroo dhukkubsatee turetti, Eelsaaʼi gara Damaasqoo+ ni dhufe. Kanaafuu namoonni, “Namni Waaqa dhugaa+ sun as dhufeera” jedhanii isatti himan. 8 Yeroo kanatti mootichi Hazaaʼeliin,+ “Kennaa qabadhuutii nama Waaqa dhugaa sana bira dhaqi.+ Achiis, ‘Ani dhukkuba kana irraa nan fayyaa?’ jedhiitii karaa isaatiin Yihowaa gaafadhu” jedhe. 9 Hazaaʼelis wantoota gaggaarii Damaasqoo keessatti argaman hunda keessaa kennaa feʼiisa gaalota 40 qabatee gara isaa dhaqe. Achiis dhufee isa dura dhaabbatee, “Ilmi kee Benhadaad mootiin Sooriyaa, ‘Ani dhukkuba kana irraa nan fayyaa?’ jedhee gara keetti na ergeera” isaan jedhe. 10 Eelsaaʼis, “Dhaqiitii, ‘Dhugumaan ni fayyita’ jedhii itti himi; garuu duʼuun isaa akka hin oolle Yihowaan natti argisiiseera”+ jedhee isaaf deebise. 11 Sana booda hamma inni qaanaʼutti hubatee isa ilaale. Achiis namni Waaqa dhugaa sun ni booʼe. 12 Hazaaʼelis, “Gooftaan koo kan booʼu maaliifi?” jedhee isa gaafate. Innis deebisee, “Miidhaa ati namoota Israaʼel irratti geessistu waanan beekuufi.+ Iddoowwan isaanii warra dallaa dhagaa qaban ibiddaan ni gubda; namoota isaanii warra filatamoo taʼan goraadeedhaan ni ajjeesta; ijoollee isaanii lafaan dhooftee ni bubburuqsita; dubartoota isaanii warra ulfa taʼan garaa isaanii ni baqaqsita”+ isaan jedhe. 13 Hazaaʼelis, “Ani tajaajilaan kee saree dha; akkamittan wanta akkanaa raawwachuu dandaʼa?” jedhe. Eelsaaʼi garuu, “Ati Sooriyaa irratti mootii akka taatu Yihowaan natti argisiiseera” isaan jedhe.+
14 Achiis inni Eelsaaʼi biraa deemee gara gooftaa isaatti deebiʼe; gooftaan isaas, “Eelsaaʼi maal siin jedhe?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ati dhugumaan akka fayyitu natti himeera” jedhee isaaf deebise.+ 15 Guyyaa itti aanutti garuu Hazaaʼel uffata sireetti uwwisan fudhatee bishaan keessa cuuphee fuula isaatti haguugee isa ukkaamse; mootichis ni duʼe.+ Hazaaʼelis bakka isaa mootii taʼe.+
16 Yooraam+ ilmi Ahaab mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa shanaffaa isaatti, utuma Yoshaafaax mootii Yihudaa taʼee jiruu Yooraam+ ilmi Yoshaafaax mootii Yihudaa ni taʼe. 17 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 32 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa saddeetiif ni bulche. 18 Inni intala Ahaab waan fuudheef,+ akkuma warri mana Ahaab godhanitti+ daandii mootonni Israaʼel irra deeman irra ni deddeebiʼe;+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+ 19 Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo hunda isaa fi ilmaan isaatiif ibsaa akka kennu waadaa galee waan tureef,+ tajaajilaa isaa Daawitiif jedhee Yihudaa balleessuu hin barbaanne.+
20 Bara isaatti Edoom Yihudaa irratti fincila kaastee+ mootii ofii ishii muuddatte.+ 21 Kanaafuu, Yooraam gaariiwwan fardaa isaa hundumaa wajjin Zaaʼiritti ceʼe; halkaniin kaʼees Edoomota warra isattii fi ajajjoota gaarii fardaa sanatti marsanii turan ni injifate; loltoonni sunis gara dunkaanota isaaniitti ni baqatan. 22 Haa taʼu malee, Edoom hamma harʼaatti Yihudaa irratti akkuma fincila kaastetti jirti. Libnaanis+ fincila kan kaaste yeroo sanatti ture.
23 Seenaan Yooraam inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 24 Achiis Yooraam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame.+ Akaaziyaan+ ilmi isaas bakka isaa mootii taʼe.
25 Yooraam ilmi Ahaab mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa 12ffaa isaatti, ilma Yooraam mootii Yihudaa kan taʼe Akaaziyaan mootii ni taʼe.+ 26 Akaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokkoof ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa+ yeroo taʼu, ishiin intala ilma Omrii*+ isa mootii Israaʼel taʼe sanaa turte. 27 Inni gaaʼelaan mana Ahaabitti+ waan firoomeef, daandii mana Ahaab irra ni deeme; akkuma mana Ahaab wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe.+ 28 Kanaafuu, inni Yooraam ilma Ahaabii wajjin Raamot Giiliyaaditti+ Hazaaʼel mootii Sooriyaa waraanuu dhaqe; haa taʼu malee, warri Sooriyaa Yooraamiin ni madeessan.+ 29 Kanaafuu, Yooraam Mootichi yommuu Hazaaʼel mootii Sooriyaa wajjin wal waraanaa turetti madaa warri Sooriyaa Raamaatti isa madeessan irraa bayyanachuuf gara Yezriʼelitti+ deebiʼe.+ Akaaziyaan ilmi Yooraam inni mootii Yihudaa taʼe, Yooraam ilmi Ahaab madaaʼee* waan tureef, isa ilaaluuf gara Yezriʼelitti gad buʼe.
9 Achiis Eelsaaʼi raajichi ilmaan raajotaa keessaa isa tokko waamee akkana isaan jedhe: “Uffata kee ol sassaabii mudhii keetti suuqqadhu; achiis dafiitii qaruuraa zayitii kana fudhadhuutii gara Raamot Giiliyaad+ dhaqi. 2 Yommuu achi geessus Yehuu+ ilma Yoshaafaax, ilma Niimshii barbaadi; achiis ol seenii obboloota isaa gidduudhaa isa kaasiitii kutaa isa gara keessaatti isa geessi. 3 Achiis qaruuraa zayitii sana fudhadhu; zayitichas mataa isaa irratti dhangalaasiitii, ‘Yihowaan, “Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera”+ jedha’ isaan jedhi. Sana booda balbala baniitii dafii baqadhu.”
4 Kanaafuu, tajaajilaan raajichaa karaa isaa qabatee gara Raamot Giiliyaaditti qajeele. 5 Yommuu achi gaʼus, ajajjoonni raayyaa waraanaa achi taaʼanii turan. Innis, “Yaa ajajaa, ergaan sitti himu tokkon qaba” jedhe. Yehuunis, “Nu keessaa eenyutti?” jedhee isa gaafate. Innis, “Yaa ajajaa, sitti dha” isaan jedhe. 6 Kanaafuu, Yehuun kaʼee gara manaatti seene; tajaajilaan sunis zayiticha mataa isaa irratti dhangalaasee akkana isaan jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani saba Yihowaa irratti, jechuunis Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.+ 7 Ati mana Ahaab gooftaa keetii ni rukutta; ani dhiiga tajaajiltoota kootii warra raajota taʼanii fi tajaajiltoota Yihowaa warra harka Iizaabel irratti duʼan hundumaatiif haaloo nan baʼa.+ 8 Guutummaan mana Ahaab ni bada; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo dabalatee dhiira* kan Ahaab taʼe hunda nan balleessa.+ 9 Ani mana Ahaab akka mana Yeroboʼaam+ ilma Nebaatii fi akka mana Baʼaashaa+ ilma Ahiyaa nan godha. 10 Maasii Yezirʼel keessa jiru tokko irratti saroonni Iizaabeliin ni nyaatu;+ namni ishii awwaalus hin jiraatu.’” Sana booda inni balbalicha banee baqate.+
11 Yehuun yommuu gara tajaajiltoota gooftaa isaatti deebiʼu isaan, “Wanti hundi nagaa dhaa? Namichi maraataan kun gara kee kan dhufe maaliifi?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Isin namichas taʼe wanta inni dubbatu beektu” jedhee isaaniif deebise. 12 Isaan garuu, “Lakki, dhugaa isaa nutti himi” isaan jedhan. Achiis inni, “Inni akkana naan jedhe; itti dabaluudhaanis, ‘Yihowaan akkana jedha: “Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera”’+ naan jedhe” isaaniin jedhe. 13 Yeroo kanatti tokkoon tokkoon isaanii yeruma sana uffata isaanii fuudhanii yaabbannoo irratti isaaf afan;+ achiis xurumbaa* afuufanii, “Yehuun mootii taʼeera!” jedhan.+ 14 Achiis Yehuun+ ilmi Yoshaafaax, ilmi Niimshii Yooraam irratti mariʼate.
Hazaaʼel+ mootii Sooriyaatiin kan kaʼe, Yooraam guutummaa Israaʼelii wajjin Raamot Giiliyaaditti+ eegaa ture. 15 Booda Yooraam Mootichi yeroo Hazaaʼel mootii Sooriyaa wajjin wal waraanetti madaa warri Sooriyaa isa madeessan irraa bayyanachuuf gara Yezriʼelitti+ ni deebiʼe.+
Yehuunis, “Yoo kana irratti walii galtan, eenyu iyyuu magaalattii keessaa baʼee dhaqee oduu kana Yezriʼel keessatti akka hin dubbanne eegaa” jedhe. 16 Yooraam madaaʼee achi ciisaa waan tureef, Yehuun gaarii fardaa isaa yaabbatee gara Yezriʼel deeme; Akaaziyaan mootiin Yihudaa immoo Yooraamiin gaafachuuf achitti gad buʼee ture. 17 Waardiyyaan sun, masaraa Yezriʼel keessa jiru irra utuu dhaabbatee jiruu, namoonni Yehuu tuutaʼanii utuu dhufaa jiranii arge. Innis yeruma sana, “Tuutni namootaa tokko natti mulʼata” jedhe. Yooraamis, “Abbaa fardaa tokko waamiitii, ‘Nagumaan dhuftanii?’ jedhee akka isaan gaafatuuf gara isaaniitti ergi” isaan jedhe. 18 Kanaafuu, abbaan fardaa sun gara isaa deemee, “Mootichi, ‘Nagumaan dhuftee?’ siin jedha” isaan jedhe. Yehuun garuu, “Waaʼeen ‘nagaa’ si hin ilaallatu. Kottu, na duukaa buʼi!” isaan jedhe.
Waardiyyaan sunis, “Namichi ergame isaan bira gaʼeera; garuu immoo hin deebine” jedhee itti hime. 19 Kanaafuu, inni siʼa lammaffaadhaaf abbaa fardaa tokko erge; innis yommuu isaan bira gaʼu, “Mootichi, ‘Nagumaan dhuftee?’ siin jedha” isaan jedhe. Yehuun garuu, “Waaʼeen ‘nagaa’ si hin ilaallatu. Kottu, na duukaa buʼi!” isaan jedhe.
20 Waardiyyaan sunis, “Inni isaan bira gaʼeera; garuu immoo hin deebine; akka nama maraateetti waan oofuuf, akkaataan inni gaarii fardaa itti oofu kan Yehuu ilma ilma Niimshii* wajjin wal fakkaata” jedhee dubbate. 21 Yooraamis, “Gaarii fardaa koo naa feʼaa!” jedhe. Gaariin fardaa isaas isaaf ni feʼame; Yooraam mootiin Israaʼelii fi Akaaziyaan+ mootiin Yihudaa gaarii fardaa waraanaa isaanii yaabbatanii Yehuu argachuuf deeman. Isaanis maasii Naabot+ Yezriʼelichaa keessatti isaa wajjin wal argan.
22 Yooraamis, akkuma Yehuu argeen, “Yehuu, nagumaan dhuftee?” isaan jedhe. Inni garuu, “Sagaagalummaan haadha tee Iizaabelii+ fi falfalli* ishii hedduun utuu jiruu nagaa maaliitu jira?”+ isaan jedhe. 23 Yooraamis yeruma sana baqachuuf gaarii fardaa isaa naanneffate; achiis Akaaziyaadhaan, “Akaaziyaa, gowwoomfamneerra!” jedhe. 24 Yehuunis iddaa isaa futtaasee Yooraamiin gateettii isaa lamaan gidduu waraane; xiyyi sunis onnee isaa keessa baʼe; innis gaarii fardaa isaa keessatti kufe. 25 Achiis Bidkaar isa ajajaa raayyaa waraanaa isaa taʼeen akkana jedhe: “Kaasiitii maasii Naabot Yezriʼelichaa keessatti isa gati.+ Yommuu anii fi ati walii wajjin gaarii fardaatiin* abbaa isaa Ahaabiin hordofaa turretti Yihowaan murtii kana akka isa irratti dabarse yaadadhu:+ 26 ‘Yihowaan akkana jedha: “Akkuman kaleessa dhiiga Naabotii fi dhiiga ilmaan isaa ilaale,+ ani maasiidhuma kana irratti dhiiga isaaniitiif si irratti haaloo nan baʼa”+ jedha Yihowaan.’ Kanaafuu, akkuma Yihowaan jedhetti, amma fuudhiitii maasicha keessatti isa gati.”+
27 Akaaziyaan+ mootiin Yihudaa wanta raawwatamaa jiru yommuu argu, karaa mana biqiltuu baʼee baqate. (Boodas Yehuun isa duukaa buʼee, “Isas ajjeesaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan utuu inni karaa gara Guur ishii Yibleʼaam+ biratti argamtutti geessuun ol baʼaa jiruu gaarii fardaa keessatti isa madeessan. Inni garuu gara Megidootti baqatee achitti duʼe. 28 Achiis tajaajiltoonni isaa gaarii fardaatti feʼanii gara Yerusaalemitti isa geessan; abbootii isaa wajjinis Magaalaa Daawit+ keessatti bakka awwaalaa isaatti isa awwaalan. 29 Akaaziyaan+ mootii Yihudaa kan taʼe, Yooraam ilmi Ahaab mootii taʼee waggaa 11ffaa isaatti ture.)
30 Achiis Yehuun gara Yezriʼel+ dhufe; Iizaabelis+ waaʼee kanaa ni dhageesse. Kanaafuu, ishiin ija ishii kuullattee, mataa ishiis tottolfattee karaa foddaa gad ilaalaa turte. 31 Yehuun karrichaan yommuu ol seenus ishiin: “Zimrii isa gooftaa isaa ajjeese sana irra maaltu gaʼe?” jette.+ 32 Innis gara foddichaatti ol ilaalee, “Na cinaa kan dhaabbate eenyu dha? Eenyu?”+ jedhe. Yeruma sanas abbootiin taayitaa mana mootummaa lama yookiin sadii taʼan gara isaa gad ilaalan. 33 Innis, “Gad ishii darbadhaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan gad ishii darbatan; dhiigni ishiis girgiddaa irrattii fi fardeen irratti faffacaʼe; Yehuunis fardeeniin ishii dhidhiite. 34 Sana booda inni ol seenee ni nyaate, ni dhuges. Achiis, “Maaloo, ishiin intala mootii waan taateef,+ dubartii abaaramtuu tana fuudhaatii awwaalaa” jedhe. 35 Haa taʼu malee, yommuu ishii awwaaluuf dhaqan, buqqee mataa ishii, miila ishii fi barruuwwan harka ishii malee homaa hin arganne.+ 36 Isaan deebiʼanii yommuu isatti himan, inni akkana jedhe: “Kun raawwii raajii Yihowaan karaa Eeliyaas Tishbichaa isa tajaajilaa isaa taʼee akkana jechuudhaan dubbatee ti:+ ‘Maasii Yezriʼel keessa jiru tokko irratti saroonni foon Iizaabel ni nyaatu.+ 37 Isaan, “Kun Iizaabeli” akka hin jennetti, reeffi Iizaabel bakka maasii Yezriʼel keessa jiru tokko irratti akka dikee ni taʼa.’”
10 Ahaab+ Samaariyaa keessatti ilmaan 70 qaba ture. Kanaafuu, Yehuun akkana jechuudhaan xalayaawwan barreessee gara bulchitoota Yezriʼelitti, gara jaarsolii+ fi gara guddiftoota ijoollee Ahaab* warra Samaariyaa keessa jiranitti erge: 2 “Isin ilmaan gooftaa keessanii, gaariiwwan fardaa waraanaa, fardeen, magaalaa dallaa dhagaa qabduu fi meeshaawwan waraanaa of biraa qabdu. Amma xalayaan kun yommuu isin bira gaʼu, 3 ilmaan gooftaa keessanii keessaa isa hunda irra wayyuu fi gaʼumsa qabu* filadhaatii teessoo abbaa isaa irra kaaʼaa. Achiis mana gooftaa keessaniitiif lolaa.”
4 Isaan garuu baayʼee sodaatanii, “Kunoo, mootonni lama illee isa dura dhaabbachuu hin dandeenye;+ nuti akkamitti isa dura dhaabbachuu dandeenya ree?” jedhan. 5 Kanaafuu, ilaaltuun ol aanaa mana mootummaa,* bulchaan magaalattii, jaarsoliinii fi guddiftoonni sun, “Nuti tajaajiltoota kee ti; wanta ati nutti himte hundas ni raawwanna. Nuti eenyuun iyyuu mootii hin godhannu. Wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate hunda godhi” jedhanii Yehuutti dhaamsa ergan.
6 Achiis inni, “Isin kan koo yoo taatanii fi anaaf ajajamuuf fedhii yoo qabaattan, boru yeroo kanatti Yezriʼelitti mataa ilmaan gooftaa keessanii naa fidaa” jedhee yeroo lammataatiif xalayaa isaaniif barreesse.
Yeroo kanatti ilmaan mootichaa 70ni namoota beekamoo magaalattii warra isaan guddisanii wajjin turan. 7 Akkuma xalayaan sun isaan gaʼeenis, isaan ilmaan mootichaa 70 fuudhanii gorraʼan;+ mataa isaaniis guuboo keessa kaaʼanii Yezriʼelitti isaaf ni ergan. 8 Namichi ergames ol seenee, “Isaan mataawwan ilmaan mootichaa fidaniiru” jedhee isatti hime. Innis, “Karra magaalattii irratti bakka lamatti isaan tuulaa; hamma ganamaattis achi haa turan” isaan jedhe. 9 Innis ganamaan baʼee namoota hunda dura dhaabbatee akkana jedhe: “Isin namoota qulqulluu* dha. Eeyyee, gooftaa koo irratti mariʼatee kan isa ajjeese ana dha;+ garuu isaan kana hunda kan ajjeese eenyu? 10 Kanaafuu, isin amma dubbii Yihowaa isa Yihowaan mana Ahaab irratti dubbate keessaa tokko illee utuu hin raawwatamin akka hin hafne* beekaa;+ Yihowaan wanta karaa tajaajilaa isaa Eeliyaas dubbate raawwateera.”+ 11 Kana malees, Yehuun warra mana Ahaab keessaa hafan hundumaa fi Yezriʼel keessa jiraatan, akkasumas namoota isaa warra beekamoo taʼan, michoota isaa fi luboota+ isaa hunda tokko illee utuu hin hambisin ni ajjeese.+
12 Achiis inni kaʼee gara Samaariyaatti karaa isaa qajeele. Manni tiksitoonni rifeensa hoolotaa itti muran karicha irra jira ture. 13 Achittis Yehuun obboloota Akaaziyaa+ mootii Yihudaa argatee, “Isin eenyu?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Nuti obboloota Akaaziyaa ti; ilmaan mootichaa fi ilmaan haadha mootichaa hundi nagaa taʼuu isaanii gaafachuuf gad buʼaa jirra” isaan jedhan. 14 Innis yeruma sana, “Akkuma lubbuudhaan jiranitti isaan qabaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan akkuma lubbuudhaan jiranitti isaan qabanii boolla bishaanii mana tiksitoonni rifeensa hoolaa itti muran bira jirutti namoota 42 ni gorraʼan. Inni nama tokko illee hin hambisne.+
15 Bakka sanaa yommuu deemus Yonaadaab+ ilma Reekaab+ argate; innis isaa wajjin wal arguuf dhufaa ture. Yehuunis erga nagaa isa gaafatee* booda, “Akkuma garaan koo garaa kee wajjin taʼe, garaan kee guutummaatti anaa wajjin jiraa?”* isaan jedhe.
Yonaadaabis deebisee, “Eeyyee, sii wajjin jira” jedhe.
Yehuunis, “Taanaan, harka kee naaf kenni” isaan jedhe.
Kanaafuu, inni harka isaa isaaf ni kenne; innis harkisee gara gaarii fardaa sanaatti ol isa baase. 16 Achiis, “Anaa wajjin kottuutii, warra Yihowaa mormaniif akkan hin obsine* ilaali”+ isaan jedhe. Kanaafuu, isaan inni gaarii fardaa waraanaa isaatiin isaa wajjin akka deemu godhan. 17 Achiis inni gara Samaariyaa dhufee, akkuma Yihowaan karaa Eeliyaas dubbatee turetti+ mana Ahaab keessaa warra Samaariyaa keessatti hafan hunda hamma haxaaʼee balleessutti isaan rukute.+
18 Kana malees, Yehuun namoota sana hunda walitti qabee akkana isaaniin jedhe: “Ahaab Baʼaaliin kan waaqeffate xinnuma ture;+ Yehuun garuu isa caalaa Baʼaaliin ni waaqeffata. 19 Kanaafuu, raajota Baʼaal+ hundumaa, waaqeffattoota isaa hundumaa fi luboota+ isaa hundumaa naaf waamaa. Ani Baʼaaliif aarsaa guddaa waanan dhiheessuuf, namni tokko illee akka hin hafne. Namni hafu kam iyyuu lubbuudhaan hin jiraatu.” Haa taʼu malee, Yehuun akkana kan jedhe malaan waaqeffattoota Baʼaal balleessuuf jedhee ti.
20 Yehuunis itti fufuudhaan, “Baʼaaliif walgaʼii qulqulluu labsaa” jedhe. Kanaafuu, isaan walgaʼii qulqulluu ni labsan. 21 Sana booda Yehuun guutummaa Israaʼelitti dhaamsa erge; waaqeffattoonni Baʼaal hundis ni dhufan. Namni utuu hin dhufin hafe tokko illee hin turre. Isaanis gara mana* Baʼaalitti+ seenan; manni Baʼaalis qarqara gar tokkoo hamma qarqara isa kan biraatti guutee ture. 22 Innis namicha mana uffataa irratti itti gaafatamaa taʼeen, “Waaqeffattoota Baʼaal hundumaatiif uffata baasi” jedhe. Kanaafuu, inni uffata isaaniif ni baase. 23 Achiis Yehuunii fi Yonaadaab+ ilmi Reekaab gara mana Baʼaalitti seenan. Innis waaqeffattoota Baʼaaliin, “Waaqeffattoota Baʼaal qofa malee, waaqeffattoota Yihowaa keessaa tokko illee akka as hin jirre of eeggannoodhaan ilaalaa” jedhe. 24 Dhuma irrattis isaan aarsaawwanii fi aarsaawwan gubaman dhiheessuuf ol seenan. Yehuunis namoota isaa 80 warra ala dhaabee ture sanaan, “Namoota ani harka keessanitti dabarsee kenne keessaa tokko illee yoo miliqe, bakka lubbuu isaa lubbuu keessantu iddoo buʼa” jedhe.
25 Yehuun aarsaa gubamu sana dhiheessee akkuma xumureen, eegdotaa* fi ajajjoota raayyaa waraanaa sanaan, “Ol seenaatii isaan ajjeesaa! Namni tokko illee akka hin miliqne!”+ jedhe. Kanaafuu, eegdonnii fi ajajjoonni waraanaa sun goraadeedhaan isaan ajjeesanii alatti isaan darbatan; hamma mana qulqullummaa isa keessaa* isa mana Baʼaalitti argamuttis ol ni seenan. 26 Achiis siidaawwan waaqeffannaa+ mana Baʼaal gad baasanii tokko tokkoon ni guban.+ 27 Isaanis siidaa waaqeffannaa+ Baʼaalii fi mana Baʼaal+ diiganii mana boolii akka taʼu godhan; innis hamma harʼaatti akkuma kanaan jira.
28 Akka kanaan Yehuun Baʼaaliin Israaʼel keessaa ni balleesse. 29 Haa taʼu malee, Yehuun jabbilee warqii warra Beetelii fi warra Daan keessa turanii+ wajjin haala wal qabateen cubbuu Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe irraa hin deebine. 30 Kanaafuu Yihowaan Yehuudhaan, “Ati mana Ahaab irratti wantan garaa kootti yaade+ hunda gochuudhaan wanta gaarii fi wanta na duratti sirrii taʼe waan raawwatteef, ilmaan kee hamma dhaloota afuriitti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu”+ jedhe. 31 Haa taʼu malee, Yehuun garaa isaa guutuudhaan akka Seera Yihowaa Waaqa Israaʼelitti deemuuf of hin eegganne.+ Inni cubbuu Yeroboʼaam Israaʼelonni akka hojjetan godhe irraa hin deebine.+
32 Bara sanatti Yihowaan suutuma suuta Israaʼeliin hirʼisuu jalqabe. Hazaaʼel guutummaa naannoo Israaʼel keessatti isaan ni rukuta ture;+ 33 guutummaa biyya Giiliyaad isa Yordaanos irraa kallattii bahaatti argamu isa Gaadonni, Ruubenonnii fi Minaasonni+ keessa jiraatan, akkasumas Aroʼer isa Sulula* Arnoon bira jiru irraa jalqabee hamma naannoo Giiliyaadii fi hamma Baashaanitti+ isaan ni rukute.
34 Seenaan Yehuu inni hafe hundi, wanti inni godhe hundii fi jabinni isaa hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 35 Achiis Yehuun abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis Samaariyaa keessatti isa awwaalan; ilmi isaa Yehoʼahaazis+ bakka isaa mootii taʼe. 36 Barri* Yehuun Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼee itti bulche waggaa 28 ture.
11 Ataaliyaan+ haati Akaaziyaa ilmi ishii akka duʼe yommuu argitu+ kaatee warra sanyii mootii taʼan hundumaa* balleessite.+ 2 Haa taʼu malee, Yoshebaan intalli Yooraam obboleettiin Akaaziyaa, ilmaan mootichaa warra ajjeefamuuf jedhan gidduudhaa Yoʼaas+ ilma Akaaziyaa hattee fudhattee isaa fi guddiftuu isaa kutaa ciisichaa isa gara keessaa keessatti dhoksite. Isaan Ataaliyaa jalaa waan isa dhoksaniif, inni utuu hin ajjeefamin hafe. 3 Yommuu Ataaliyaan biyyattii bulchaa turtetti, inni mana Yihowaa keessa dhokatee waggaa jaʼaaf achi jiraate.
4 Waggaa torbaffaattis, Yehoyaadaan ajajjoota dhibbaa Kaarota warra eegdota taʼanii fi eegdota mana mootummaa*+ taʼan irratti aangoo qabanitti dhaamsa ergee mana Yihowaatti gara isaa akka dhufan godhe. Isaanii wajjin walii galtee* erga godhee fi mana Yihowaa keessatti erga isaan kakachiisee boodas ilma mootichaa isaanitti argisiise.+ 5 Achiis akkana jedhee isaan ajaje: “Isin akkana godhaa: Harka sadii keessaa harka tokko kan taatan, guyyaa Sanbataatti hojii galtanii mana mootichaa+ dammaqinaan ni eegdu; 6 warri harka sadii keessaa harka tokko taatan kaan Karra Buʼuurichaa bira ni taatu; warri harka sadii keessaa harka tokko taatan kaan immoo karra isa eegdota mana mootummaa duubaan jiru bira ni taatu. Isin dabaree dabareedhaan manicha ni eegdu. 7 Warri harka sadii keessaa harka lama taatanii fi guyyaa Sanbataatti hojii irraa bilisa taatanis, mooticha eeguuf dammaqinaan mana Yihowaa eeguu qabdu. 8 Tokkoon tokkoon keessan meeshaawwan waraanaa keessan harkatti qabadhaatii kallattii hundumaatiin mootichatti marsaa. Namni tarree sana gidduu seenu kam iyyuu ni ajjeefama. Bakka inni dhaqu hundumaatti* mootichaa wajjin taʼaa.”
9 Ajajjoonni dhibbaa+ sunis akkuma Yehoyaadaan lubichi isaan ajaje godhan. Kanaafuu, tokkoon tokkoon isaanii namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatti hojii galanii fi warra guyyaa Sanbataatti hojii irraa bilisa taʼan fudhatanii gara Yehoyaadaa lubichaatti seenan.+ 10 Achiis lubichi eeboowwanii fi gaachanoota mana Yihowaa keessa turanii fi kan Daawit Mootichaa taʼan ajajjoota dhibbaatiif ni kenne. 11 Eegdonni mana mootummaa+ sunis tokkoon tokkoon isaanii meeshaawwan waraanaa isaanii harkatti qabatanii, manicha irraa gara mirgaatii jalqabee hamma manicha irraa gara bitaatti, iddoo aarsaa+ birattii fi manicha biratti mootichatti marsanii dhaabbatanii turan. 12 Achiis Yehoyaadaan ilma mootichaa+ gad baasee gonfoo fi Dhugaa Baatuu*+ sana isa irra kaaʼe; isaanis mootii isa godhan; akkasumas isa diban. Harka isaanii walitti rukutaniis, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhan.+
13 Ataaliyaanis namoonni yeroo fiigan yommuu dhageessu, yeruma sana gara namoota mana Yihowaatti argaman sanaa dhufte.+ 14 Achiis akkuma barsiifata yeroo sanaatti mootichi utubaa sana bira dhaabbatee isa argite.+ Ajajjoonnii fi warri malakata afuufan+ mootichaa wajjin turan; namoonni biyyattii hundis gammadaa fi malakata afuufaa turan. Yeroo kanatti Ataaliyaan uffata ishii tarsaastee, “Kun daba dha! Kun daba dha!” jettee iyyite. 15 Haa taʼu malee, Yehoyaadaan lubichi ajajjoota dhibbaa+ warra raayyaa waraanaa irratti muudamaniin, “Tarree sana gidduudhaa ishii baasaa; eenyu iyyuu yoo ishii duukaa buʼe, goraadeedhaan isa ajjeesaa!” jedhee ajaje. Lubichi, “Mana Yihowaa keessatti ishii hin ajjeesinaa” jedhee ture. 16 Kanaafuu, isaan ishii ni qaban; ishiinis yommuu bakka fardeen mana mootichaatti+ itti galan bira geessu achitti ni ajjeefamte.
17 Achiis Yehoyaadaan, isaan saba Yihowaa taʼanii akka itti fufaniif, Yihowaa, mootichaa fi sabicha gidduutti kakuun akka galamu godhe;+ inni mootichaa fi sabicha gidduuttis kakuun akka galamu godhe.+ 18 Sana booda namoonni biyyattii hundi gara mana* Baʼaal dhufanii iddoowwan aarsaa isaa ni diigan;+ fakkiiwwan isaas guutummaatti ni caccabasan;+ Maataan isa luba Baʼaal tures iddoo aarsaa duratti ni ajjeesan.+
Achiis lubichi mana Yihowaa irratti ilaaltota ol aanaa ni muude.+ 19 Kana malees, inni mooticha duukaa buʼanii mana Yihowaatii akka gad isa fidaniif ajajjoota dhibbaa,+ Kaarota warra eegdota taʼan, eegdota mana mootummaa+ fi namoota biyyattii hunda walitti ni qabe; isaanis karaa karra eegdota mana mootummaa gara mana mootichaa ni dhufan. Achiis inni teessoo moototaa irra ni taaʼe.+ 20 Isaan Ataaliyaa mana mootichaatti goraadeedhaan waan ajjeesaniif, namoonni biyyattii hundi ni gammadan; magaalattiinis tasgabbii argatte.
21 Yoʼaas+ yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa torba ture.+
12 Yehuun+ mootii taʼee waggaa torbaffaa isaatti, Yoʼaas+ mootii ni taʼe; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 40f ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa yeroo taʼu, ishiin nama biyya Ber Sheebaa turte.+ 2 Yoʼaas yeroo Yehoyaadaan lubichi isa barsiisaa ture hundatti, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe gochuu isaa itti fufe. 3 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon+ hin balleeffamne turan; namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.
4 Yoʼaasis lubootaan akkana jedhe: “Maallaqa kennaa qulqulluu+ taʼee gara mana Yihowaatti fidamu hunda, jechuunis maallaqa namni tokko itti murame,+ maallaqa namni tokko akka kaffalu itti tilmaamamee fi maallaqa tokkoon tokkoon namaa garaan isaa akka isa kakaasetti gara mana Yihowaatti fidu hunda harkaa fuudhaa.+ 5 Luboonnis ofuma isaaniitiin maallaqa warra maallaqicha kennan irraa fuudhanii manicha bakka miidhame* hunda haaressuuf itti fayyadamu.”+
6 Yoʼaas Mootichi mootii taʼee waggaa 23ffaa isaatti, luboonni amma iyyuu manicha bakka miidhame hin haaressine turan.+ 7 Kanaafuu Yoʼaas Mootichi, Yehoyaadaa+ lubichaa fi luboota kaan waamee, “Manicha bakka miidhame maaliif hin haaressine? Kanaafuu, manicha haaressuuf hin oolu taanaan, namoota maallaqa kennan irraa kana booda maallaqa hin fudhatinaa” isaaniin jedhe.+ 8 Yeroo kanatti luboonni sun kana booda namoota sana irraa maallaqa akka hin fudhannee fi manicha suphuuf itti gaafatamummaa akka hin fudhanne walii galan.
9 Sana booda Yehoyaadaan lubichi saanduqa+ tokko fuudhee qadaada isaa erga uree booda, iddoo aarsaa bira bakka namni tokko yommuu mana Yihowaatti ol seenu gara mirgaatiin argamu kaaʼe. Luboonni karra eegdota taʼuudhaan tajaajilanis maallaqa gara mana Yihowaatti fidame hunda achi keessa kaaʼu turan.+ 10 Barreessaan mootichaa fi lubni ol aanaan sun maallaqni hedduun saanduqicha keessa jiraachuu isaa yommuu argan hundatti, dhufanii maallaqa gara mana Yihowaatti fidame sana walitti ni qabu,* akkasumas ni lakkaaʼu turan.+ 11 Maallaqa lakkaaʼame sanas warra hojii mana Yihowaatti hojjetamaa jiru irratti muudamanitti kennu turan. Isaan immoo warra mana Yihowaatti anaaxota taʼanii fi hojii ijaarsaa hojjetaniif ni kaffalu turan;+ 12 warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa bocaniifis ni kaffalu turan. Kana malees, isaan maallaqicha mana Yihowaa isa miidhame sana haaressuuf saanqaawwanii fi dhagoota soofaman bituuf, akkasumas baasii manicha haaressuuf barbaachisu kaan hundaaf itti fayyadamu turan.
13 Haa taʼu malee, maallaqa gara mana Yihowaatti fidame keessaa tokko illee, miʼawwan bishaanii meetii irraa tolfaman, dhaamsituuwwan ibsaa, saaniiwwan golboo, malakatoota+ yookiin miʼa warqii yookiin miʼa meetii mana Yihowaatiif taʼu tokko illee hojjechuuf hin oolle.+ 14 Isaan maallaqicha warra hojii sana hojjetan qofaaf kennu turan; maallaqichaanis mana Yihowaa ni haaressan. 15 Isaan kan amanaman waan turaniif, namoota warra hojjettootaaf akka kennaniif maallaqa isaaniif kennan sana hin toʼatan turan.+ 16 Haa taʼu malee, maallaqni kennaawwan yakkaatiif+ kennamuu fi maallaqni kennaawwan cubbuutiif kennamu kan lubootaa+ waan taʼeef, gara mana Yihowaatti hin fidamu ture.
17 Hazaaʼel+ mootiin Sooriyaa Gaatiin+ waraanuuf kan ol baʼe yeroo kanatti ture; innis erga ishii qabatee booda Yerusaalemiin haleeluuf murteesse.*+ 18 Yeroo kanatti Yoʼaas mootiin Yihudaa kennaawwan qulqulluu warra abbootiin isaa Yoshaafaax, Yooraamii fi Akaaziyaan warri mootota Yihudaa turan qulqulleessanii turan hunda, akkasumas kennaawwan qulqulluu ofii isaa, warqii manneen qabeenyaa mana Yihowaa fi mana mootichaa keessatti argame hunda fudhatee Hazaaʼel mootii Sooriyaatiif ni erge.+ Kanaafuu, Hazaaʼel Yerusaalemiin waraanuu dhiisee deebiʼe.
19 Seenaan Yoʼaas inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 20 Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Yoʼaas isa irratti mariʼatanii+ daandii gara Siilaatti gad buusu irratti mana Koobiitti*+ isa ni ajjeesan. 21 Rukutanii kan isa ajjeesan tajaajiltoota isaa kan taʼan Yozaakaar ilma Shimeʼaatii fi Yehozaabaad ilma Shomeer turan.+ Isaanis Magaalaa Daawit keessatti abbootii isaa wajjin isa awwaalan; ilmi isaa Amaaziyaanis bakka isaa mootii taʼe.+
13 Yoʼaas+ ilmi Akaaziyaa+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 23ffaa isaatti, Yehoʼahaaz ilmi Yehuu+ Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 17fis ni bulche. 2 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; cubbuu Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe hojjechuu isaas itti fufe.+ Isa irraas hin garagalle. 3 Kanaafuu, aariin Yihowaa+ Israaʼel irratti ni bobaʼe;+ innis baroota sana hundatti harka Hazaaʼel+ mootii Sooriyaattii fi harka Benhadaad+ ilma Hazaaʼelitti dabarsee isaan kenne.
4 Yeroo boodas Yehoʼahaaz Yihowaa biratti fudhatama argachuuf ni kadhate; Yihowaanis cunqursaa mootiin Sooriyaa Israaʼel irra geessise waan argeef, kadhannaa isaa ni dhagaʼe.+ 5 Kanaafuu, Yihowaan harka Sooriyaa jalaa bilisa isaan baasuuf fayyisaa tokko Israaʼeliif ni kenne;+ Israaʼelonnis akkuma duraanii mana mana isaanii keessa jiraachuu dandaʼan.* 6 (Haa taʼu malee, isaan cubbuu mana Yeroboʼaam isa inni Israaʼelonni akka hojjetan godhe irraa hin deebine.+ Isaan cubbuu kana hojjechuu isaanii itti fufan; utubaan waaqeffannaas*+ Samaariyaa keessatti akkuma dhaabbatetti jira ture.) 7 Mootiin Sooriyaa akkuma awwaara oobdii keessa jiruutti dhidhiitee+ isaan balleessee waan tureef,+ raayyaan waraanaa Yehoʼahaaziif hafe abbootii fardeenii 50, gaarii fardaa 10 fi loltoota lafoo 10,000 qofa ture.
8 Seenaan Yehoʼahaaz inni hafe, wanti inni godhe hundii fi jabinni isaa, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 9 Achiis Yehoʼahaaz abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis Samaariyaatti isa awwaalan;+ ilmi isaa Yoʼaasis bakka isaa mootii taʼe.
10 Yoʼaas mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 37ffaa isaatti, Yoʼaas+ ilmi Yehoʼahaaz Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 16fis ni bulche. 11 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe hunda irraas hin deebine.+ Cubbuuwwan kana hojjechuu isaas ittuma fufe.*
12 Seenaan Yoʼaas inni hafe, wanti inni godhe hundi, jabinni isaa fi akkamitti Amaaziyaa mootii Yihudaa wajjin akka wal waraane+ kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 13 Achiis Yoʼaas abbootii isaa wajjin ni boqote; Yeroboʼaamis*+ teessoo isaa irra ni taaʼe. Yoʼaasis mootota Israaʼelii wajjin Samaariyaatti ni awwaalame.+
14 Eelsaaʼi+ dhukkuba yeroo booda isa ajjeeseen qabamee yeroo turetti, Yoʼaas mootiin Israaʼel gara isaatti gad buʼee, “Abbaa koo! Abbaa koo! Gaarii fardaa Israaʼel, abbootii fardeenii isaas!”*+ jedhee isa duratti booʼe. 15 Eelsaaʼis, “Iddaa fi xiyyawwan fudhadhu” isaan jedhe. Kanaafuu, inni iddaa fi xiyyawwan ni fudhate. 16 Eelsaaʼis mootii Israaʼeliin, “Iddicha harka keetti qabadhu” jedhe. Kanaafuu, inni harka isaatti ni qabate; achiis Eelsaaʼi harka isaa harka mootichaa irra ni kaaʼe. 17 Achiis, “Karaa bahaatiin foddicha bani” isaan jedhe. Innis foddicha ni bane. Eelsaaʼis, “Futtaasi!” isaan jedhe. Innis ni futtaase. Yeroo kanatti Eelsaaʼi, “Xiyya injifannoo* Yihowaa, xiyya injifannoo* Sooriyaa irratti argamuu! Ati guutummaatti hamma ishii balleessitutti Afeeqitti+ Sooriyaa ni rukutta”* isaan jedhe.
18 Itti fufuudhaanis Eelsaaʼi, “Xiyyawwan sana fudhadhu” isaan jedhe; innis xiyyawwan sana ni fudhate. Achiis mootii Israaʼeliin, “Laficha waraani” jedhe. Kanaafuu, inni laficha siʼa sadii waraanee dhiise. 19 Yeroo kanatti namni Waaqa dhugaa sun isatti aaree, “Siʼa shan yookiin siʼa jaʼa laficha waraanuu qabda turte! Utuu akkana gooteetta taʼee, guutummaatti hamma balleessitutti Sooriyaa ni rukutta turte; amma garuu Sooriyaa kan rukuttu siʼa sadii qofa dha”+ isaan jedhe.
20 Sana booda Eelsaaʼi ni duʼe; achiis ni awwaalame. Tuutawwan weerartootaa+ warra Moʼaab, jalqaba waggaatti* gara biyyattiitti dhufan jiru turan. 21 Namoonni muraasni utuu nama tokko awwaalaa jiranii tuutawwan weerartootaa sana argan; kanaafuu, isaan dafanii namicha iddoo awwaalchaa Eelsaaʼi keessatti gatanii baqatan. Namichis yommuu lafeewwan Eelsaaʼii tuqu gara jireenyaatti ni deebiʼe;+ kaʼees miila isaatiin ni dhaabbate.
22 Guutummaa bara Yehoʼahaazitti, Hazaaʼel+ mootiin Sooriyaa Israaʼelota ni cunqursa ture.+ 23 Haa taʼu malee, Yihowaan kakuu Abrahaam,+ Yisihaaqii+ fi Yaaqoobii+ wajjin galeef jedhee gaarummaa fi gara laafina isaanitti ni argisiise;+ akkasumas isaaniif akka yaadu ni argisiise. Inni isaan balleessuu hin barbaanne; hamma harʼaattis of duraa isaan hin gatne. 24 Hazaaʼel mootiin Sooriyaa yommuu duʼetti, ilmi isaa Benhadaad bakka isaa mootii taʼe. 25 Yoʼaas ilmi Yehoʼahaaz, magaalota Hazaaʼel yommuu abbaa isaa Yehoʼahaaziin waraanaa turetti isa irraa fudhate Benhadaad ilma Hazaaʼel irraa ni deebifate. Yoʼaasis siʼa sadii Benhadaadiin ni rukute;*+ magaalota Israaʼelis ni deebifate.
14 Yoʼaas+ Ilmi Yehoʼahaaz mootii Israaʼel mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, Amaaziyaan ilmi Yoʼaas mootii Yihudaa mootii ni taʼe. 2 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yehoʼaadin yeroo taʼu, ishiin nama Yerusaalem turte.+ 3 Amaaziyaan akka abbaa isaa Daawit taʼuu baatus, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate.+ Inni wanta hunda akkuma abbaan isaa Yoʼaas raawwatetti ni raawwate.+ 4 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan;+ namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ 5 Mootummichi isa jalatti akkuma isaaf jabaateen, tajaajiltoota isaa warra abbaa isaa mooticha ajjeesan ni ajjeese.+ 6 Haa taʼu malee, ajaja Yihowaa isa kitaaba Seera Musee keessatti, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif hin ajjeefamin; ijoolleenis sababii abbootii isaaniitiif hin ajjeefamin; kanaa mannaa, tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu” jedhamee barreeffamee wajjin haala wal simuun inni ilmaan warra abbaa isaa ajjeesan sanaa hin ajjeesne.+ 7 Inni Sulula Soogiddaa+ keessatti namoota Edoom+ 10,000 ni ajjeese; waraanaanis Seelaa ni qabate;+ maqaan ishiis hamma harʼaatti Yoqteʼel jedhame.
8 Achiis Amaaziyaan Yoʼaas ilma Yehoʼahaaz ilma Yehuu isa mootii Israaʼel taʼetti namoota ergee, “Kottu, wal haa lollu”* isaan jedhe.+ 9 Yoʼaas mootiin Israaʼel immoo gara Amaaziyaa mootii Yihudaatti akkana jedhee dhaamsa erge: “Qoreen Libaanon keessatti argamu, ‘Intala tee ilma kootti heerumsiisi’ jedhee gara gaattiraa Libaanon keessatti argamuutti dhaamsa erge. Haa taʼu malee, bineensi bosonaa Libaanon tokko utuu achiin darbuu qoree sana irra ejjete. 10 Dhugaa dha, Edoomiin rukutteetta;+ kanaan kan kaʼes of tuulteetta. Ulfina argattetti gammadi; garuu manuma* kee keessa taaʼi. Maaliif badiisaa fi kufaatii ofitti kakaastee, Yihudaan sii wajjin akka kuftu goota?” 11 Amaaziyaan garuu hin dhageenye.+
Kanaafuu, Yoʼaas mootiin Israaʼel ol ni baʼe; innii fi Amaaziyaan mootiin Yihudaas Beet Sheemesh+ ishii kan Yihudaa taate keessatti wal lolan.+ 12 Yihudaanis Israaʼeliin ni moʼame; kanaafuu, tokkoon tokkoon isaanii gara mana mana* isaaniitti baqatan. 13 Yoʼaas mootiin Israaʼelis Beet Sheemeshitti Amaaziyaa mootii Yihudaa ilma Yoʼaas ilma Akaaziyaa ni qabate. Achiis isaan gara Yerusaalem ni dhufan; innis Karra Efreem+ irraa jalqabee hamma Karra Goleetti+ dallaa Yerusaalem dhundhuma 400* ni diige. 14 Warqii, meetii fi miʼawwan mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti argaman hunda, akkasumas namoota boojiʼaman ni fudhate. Achiis gara Samaariyaatti deebiʼe.
15 Seenaan Yoʼaas inni hafe, wanti inni godhee fi jabinni isaa, akkasumas akkamitti Amaaziyaa mootii Yihudaa wajjin akka wal waraane, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 16 Achiis Yoʼaas abbootii isaa wajjin ni boqote; mootota Israaʼelii wajjinis Samaariyaatti ni awwaalame;+ ilmi isaa Yeroboʼaamis*+ bakka isaa mootii taʼe.
17 Yoʼaas+ ilmi Yehoʼahaaz mootiin Israaʼel erga duʼee booda, Amaaziyaan+ ilmi Yoʼaas mootiin Yihudaa waggaa 15f ni jiraate.+ 18 Seenaan Amaaziyaa inni hafe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 19 Boodas Yerusaalem keessatti isa irratti ni mariʼatan;+ innis gara Laakiishitti baqate; haa taʼu malee, isaan isa duubaan gara Laakiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan. 20 Achiis fardeen irratti feʼanii isa deebisan; innis abbootii isaa wajjin Magaalaa Daawit keessatti Yerusaalemitti awwaalame.+ 21 Achiis namoonni Yihudaa hundi Azaariyaa*+ isa umuriin isaa waggaa 16 taʼe+ fuudhanii bakka abbaa isaa Amaaziyaa mootii isa godhan.+ 22 Mootichi* abbootii isaa wajjin erga boqotee booda, inni Eelaatiin+ deebisee ijaaree Yihudaadhaaf ishii deebise.+
23 Ilma Yoʼaas mootii Yihudaa kan taʼe Amaaziyaan mootii taʼee waggaa 15ffaa isaatti, ilma Yoʼaas mootii Israaʼel kan taʼe Yeroboʼaam+ Samaariyaa keessa taaʼee mootii taʼe; inni waggaa 41f ni bulche. 24 Wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. Cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe hunda irraas hin gorre.+ 25 Akkuma Yihowaan Waaqni Israaʼel karaa tajaajilaa isaa Yoonaas+ ilma Amitaay isa raajii nama Gaat Hefeer+ taʼe sanaa dubbatetti, Lebo Hamaatii*+ jalqabee hamma Galaana Arabaatti*+ daangaa Israaʼel ni deebise. 26 Kunis kan taʼe, Yihowaan rakkina cimaa Israaʼel irra gaʼe waan argeef ture.+ Warra gargaarsa hin qabne yookiin warra dadhaboo taʼan dabalatee, Israaʼeliin kan gargaaru tokko illee hin jiru ture. 27 Haa taʼu malee, Yihowaan samii jalaa maqaa Israaʼel haxaaʼee akka hin balleessine waadaa galee ture.+ Kanaafuu, inni harka Yeroboʼaam ilma Yoʼaasitti fayyadamee isaan oolche.+
28 Seenaan Yeroboʼaam inni hafe, wanti inni godhe hundii fi jabinni isaa, inni akkamitti akka lole, akkasumas akkamitti Damaasqoo+ fi Hamaatiin+ Yihudaa ishii Israaʼel keessa jirtuuf akka deebise, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 29 Achiis Yeroboʼaam abbootii isaa warra mootota Israaʼel taʼanii wajjin ni boqote; ilmi isaa Zakkaariyaasis+ bakka isaa mootii taʼe.
15 Yeroboʼaam* mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa 27ffaa isaatti, ilma Amaaziyaa+ mootii Yihudaa kan taʼe Azaariyaan*+ mootii taʼe.+ 2 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 16 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 52f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yikooliyaa yeroo taʼu, ishiin nama Yerusaalem turte. 3 Akkuma abbaan isaa Amaaziyaan godhe, innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+ 4 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan;+ namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ 5 Yihowaan mooticha ni rukute; inni hamma guyyaa duʼa isaatti dhukkuba nadaayiitiin+ qabamee ture; mana adda baafame tokko keessas kophaa isaa jiraate;+ yeroo kanatti ilmi mootichaa Yootaam+ manicha* irratti itti gaafatamaa taʼee namoota biyyattiitiif murtii kenna ture.+ 6 Seenaan Azaariyaa+ inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 7 Achiis Azaariyaan abbootii isaa wajjin ni boqote;+ isaanis abbootii isaa wajjin Magaalaa Daawit keessatti isa awwaalan; ilmi isaa Yootaamis bakka isaa mootii taʼe.
8 Azaariyaan+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 38ffaa isaatti ilma Yeroboʼaam kan taʼe Zakkaariyaas+ Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; jiʼa jaʼaafis ni bulche. 9 Inni akkuma abbootiin isaa godhan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. Cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka raawwatan godhe irraas hin gorre.+ 10 Achiis Shaalum ilmi Yaabeesh isa irratti mariʼatee Yibleʼaamitti+ isa ajjeese.+ Erga isa ajjeesee boodas bakka isaa mootii taʼe. 11 Seenaan Zakkaariyaas inni hafe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera. 12 Kunis wanti Yihowaan, “Ilmaan kee hamma dhaloota afuriitti+ teessoo Israaʼel irra ni taaʼu” jedhee Yehuutti dubbate akka raawwatamu godheera.+ Wanti taʼes kanuma ture.
13 Ooziyaan+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 39ffaa isaatti Shaalum ilmi Yaabeesh mootii taʼe; Samaariyaa keessa taaʼees jiʼa tokko guutuudhaaf ni bulche. 14 Achiis Menaahem ilmi Gaadii Tirzaadhaa+ gara Samaariyaatti ol baʼee Samaariyaa keessatti Shaalum ilma Yaabeesh ni ajjeese.+ Erga isa ajjeesee boodas bakka isaa mootii taʼe. 15 Seenaan Shaalum inni hafee fi dabni inni qopheesse, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera. 16 Tifsaan karra ishii isaaf waan hin banneef, Menaahem Tirzaadhaa dhufee Tifsaa, warra ishii keessa turan hundumaa fi naannoo ishii kan rukute yeroo kanatti ture. Innis ishii ni rukute; dubartoota ulfaa achi keessa turanis garaa isaanii ni baqaqse.
17 Azaariyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 39ffaa isaatti, Menaahem ilmi Gaadii Israaʼel irratti mootii taʼe; Samaariyaa keessa taaʼees waggaa kudhaniif ni bulche. 18 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. Bara isaa guutuus cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka raawwatan godhe hunda irraa hin gorre.+ 19 Puul+ mootiin Asoor gara biyyattiitti ni dhufe; mootummaa isaa cimsachuuf akka isa gargaaruuf Menaahem Puuliif meetii taalaantii* 1,000 ni kenne.+ 20 Menaahem meetii kana kan argate namoonni Israaʼel warri beekamoo fi sooreyyii taʼan akka kennan dirqisiisuudhaan ture.+ Innis tokkoon tokkoon isaanii meetii sheeqilii* 50 akka buusan godhee mootii Asooriif ni kenne. Achiis mootiin Asoor ni deebiʼe; biyyattii keessa turuus ni dhiise. 21 Seenaan Menaahem+ inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 22 Achiis Menaahem abbootii isaa wajjin ni boqote; ilmi isaa Peqaayaanis bakka isaa mootii taʼe.
23 Azaariyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 50ffaa isaatti, Peqaayaan ilmi Menaahem Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa lamaafis ni bulche. 24 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe raawwachuu isaa ittuma fufe. Cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka raawwatan godhe irraas hin gorre.+ 25 Achiis ajajaan waraanaa isaa Peeqaan+ ilmi Remaaliyaa isa irratti mariʼatee, Samaariyaa keessatti masaraa mana mootichaa isa cimaa taʼe keessa utuu jiruu Argoobii fi Ariyee wajjin isa ni ajjeese. Namoonni Giiliyaad 50nis isaa wajjin turan; erga isa ajjeesee boodas bakka isaa mootii taʼe. 26 Seenaan Peqaayaa inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera.
27 Azaariyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 52ffaa isaatti ilma Remaaliyaa kan taʼe Peeqaan+ Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 20fis ni bulche. 28 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka raawwatan godhe irraas hin gorre.+ 29 Bara Peeqaa mootii Israaʼelitti, Tiglaat Pileseer+ mootiin Asoor, Iyooniin, Abeel Beet Maʼaakaa,+ Yaanoʼaa, Qeedeshiin,+ Hazooriin, Giiliyaadii+ fi Galiilaa, jechuunis guutummaa biyya Niftaalem+ weeraree qabate; namoota achi jiraatanis boojiʼee gara Asooritti fudhate.+ 30 Achiis Hosheʼaan+ ilmi Eelaa, Peeqaa ilma Remaaliyaa irratti mariʼatee rukutee isa ajjeese; innis Yootaam+ ilmi Ooziyaa mootii taʼee waggaa 20ffaa isaatti bakka isaa mootii taʼe. 31 Seenaan Peeqaa inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera.
32 Peeqaan ilmi Remaaliyaa mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, Yootaam+ ilmi Ooziyaa+ mootii Yihudaa mootii ni taʼe. 33 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 16f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yerushaa yeroo taʼu, ishiin intala Saadoq turte.+ 34 Akkuma abbaan isaa Ooziyaan godhe, innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+ 35 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan; namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ Karra mana Yihowaa isa olii kan ijaare isa ture.+ 36 Seenaan Yootaam inni hafee fi wanti inni godhe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 37 Bara sanatti Yihowaan, Reezin mootii Sooriyaa fi Peeqaa+ ilma Remaaliyaa Yihudaa irratti ni erge.+ 38 Achiis Yootaam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit abbaa isaa keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame. Ilmi isaa Akaazis bakka isaa mootii taʼe.
16 Peeqaan ilmi Remaaliyaa mootii taʼee waggaa 17ffaa isaatti, Akaaz+ ilmi Yootaam mootii Yihudaa mootii ni taʼe. 2 Akaaz yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+ 3 Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deeme;+ gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilma isaa illee ibiddaan ni gube.*+ 4 Akkasumas, iddoowwan ol kaʼoo irratti,+ tabbawwan irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+ aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessa ture.
5 Reezin mootiin Sooriyaa fi Peeqaan ilmi Remaaliyaa mootiin Israaʼel, Yerusaalemiin waraanuuf kan ol baʼan yeroo kanatti ture.+ Isaan Akaazitti kan marsan taʼus magaalattii qabachuu hin dandeenye. 6 Yeroo sanatti Reezin mootiin Sooriyaa, Eelaatiin+ Edoomiif ni deebisiise; Yihudootas* Eelaat keessaa ni ariʼe. Edoomonnis Eelaatitti ni seenan; isaanis hamma harʼaatti ishii keessa jiraatu. 7 Kanaafuu Akaaz, “Ani tajaajilaa kee fi ilma kee ti. Kottuutii harka mootii Sooriyaa fi harka mootii Israaʼel warra na haleelaa jiran jalaa na oolchi” jedhee gara mootii Asoor Tiglaat Pileseeritti+ namoota erge. 8 Achiis Akaaz meetii fi warqii isa mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessa jiru fuudhee mootii Asooriif mattaʼaa erge.+ 9 Mootiin Asooris gaaffii isaa kana fudhatee gara Damaasqootti ol baʼee ishii qabate; namoota ishiis boojiʼee gara Qiiritti+ geesse; Reeziniinis ni ajjeese.+
10 Achiis Akaaz Mootichi Damaasqootti mootii Asoor Tiglaat Pileseeriin argachuuf deeme. Akaaz Mootichis iddoo aarsaa Damaasqoo keessa jiru yommuu argu, pilaanii iddoon aarsaa sun maal akka fakkaatuu fi akkamitti akka hojjetame argisiisu Uuriyaa lubichaaf ni erge.+ 11 Uuriyaan+ lubichis akkuma qajeelfama Akaaz Mootichi Damaasqoodhaa isaaf ergetti iddoo aarsaa sana ni ijaare.+ Uuriyaan lubichi Akaaz Mootichi Damaasqoodhaa deebiʼuu isaa dura iddoo aarsaa sana ijaaree xumure. 12 Mootichis yommuu Damaasqoodhaa deebiʼu iddoo aarsaa sana ni arge; achiis gara iddoo aarsaa sanaatti dhihaatee achi irratti aarsaawwan dhiheesse.+ 13 Iddoo aarsaa sana irrattis aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan midhaanii isaa akka aarfaman ni godhe; kana malees, inni aarsaawwan dhugaatii isaa ni dhangalaase; dhiiga aarsaawwan gamtaas achi irratti ni facaase. 14 Achiis iddoo aarsaa sibiila diimaa+ isa Yihowaa dura ture, manicha duraa iddoo isaatii, jechuunis iddoo aarsaa ofii isaa fi mana Yihowaa gidduudhaa kaasee, iddoo aarsaa ofii isaa irraa gara kaabaatiin ni kaaʼe. 15 Akaaz Mootichi akkana jedhee Uuriyaa+ lubicha ajaje: “Aarsaa gubamu isa ganamaa, aarsaa midhaanii isa galgalaa,+ aarsaa gubamu isa kan mootichaa, aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi aarsaawwan dhugaatii namoota hundumaa iddoo aarsaa isa guddaa irratti dhiheessi.+ Akkasumas, dhiiga aarsaawwan gubaman hundumaa fi dhiiga aarsaawwan kaanii hundumaa achi irratti facaasi. Iddoo aarsaa sibiila diimaa ilaalchisee immoo wanta godhamuu qabu nan murteessa.” 16 Uuriyaan lubichis wanta Akaaz Mootichi ajaje hunda ni raawwate.+
17 Kana malees, Akaaz Mootichi cinaacha battee gaariiwwan+ sanaa ni kukkute, miʼawwan bishaanii sanas achi irraa ni kaase;+ Galaanichas qotiyyoowwan sibiila diimaa+ warra isa baatan sana irraa buusee dhagaa lafa irratti afame irra kaaʼe.+ 18 Iddoo golgamaa* manicha keessatti ijaarame isa guyyaa Sanbataatti itti fayyadaman, akkasumas karra isa alaa mootichi itti ol galu mana Yihowaatii kaasee bakka kan biraatti jijjiire; inni akkana kan godhe mootii Asooriin kan kaʼe dha.
19 Seenaan Akaaz inni hafee fi wanti inni godhe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ 20 Achiis Akaaz abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame; ilmi isaa Hisqiyaasis*+ bakka isaa mootii taʼe.
17 Akaaz mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 12ffaa isaatti, Hosheʼaan+ ilmi Eelaa Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa sagaliifis ni bulche. 2 Hamma mootota Israaʼel warra isa dura turanii taʼuu baatus, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. 3 Shaalmaanesar mootiin Asoor isatti dhufe;+ Hosheʼaanis tajaajilaa isaa taʼe; gibiras isaaf kaffaluu jalqabe.+ 4 Haa taʼu malee, Hosheʼaan gara Soo mootii Gibxiitti namoota waan ergeef,+ akkasumas akka waggoottan darbaniitti gibira mootii Asooriif kaffalamu waan hin fidneef, mootiin Asoor Hosheʼaan akka isa irratti mariʼate ni hubate. Kanaafuu, mootiin Asoor qabee hidhee mana hidhaatti isa galche.
5 Mootiin Asoor guutummaa biyyattii ni weerare; gara Samaariyaa dhufees waggaa sadiif ishiitti marse. 6 Hosheʼaan mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti, mootiin Asoor Samaariyaa ni qabate.+ Achiis inni namoota Israaʼel boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan+ bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa qubachiise.+
7 Kunis kan taʼe, sabni Israaʼel Waaqa isaanii Yihowaa isa biyya Gibxiitii, bittaa Faraʼoon mootii Gibxii jalaa isaan baase irratti cubbuu waan hojjetaniifi.+ Isaan waaqolii kan biroo waaqeffatan;*+ 8 barsiifata saboota warra Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼee baase sanaas ni hordofan; akkasumas barsiifata mootonni Israaʼel hundeessan sana ni hordofan.
9 Israaʼelonni wantoota Waaqa isaanii Yihowaa duratti sirrii hin taane hordofu turan. Isaan masaraa eegumsaa irraa jalqabee hamma magaalaa dallaa dhagaa qabduutti,* magaalota isaanii hunda keessatti iddoowwan ol kaʼoo ni ijaaran.+ 10 Tabba dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti+ ofii isaaniitiif siidaawwan waaqeffannaa+ fi utubaawwan waaqeffannaa* ni dhaaban; 11 kana malees, isaan akkuma saboonni Yihowaan isaan duraa ariʼee akka boojiʼaman godhe sun godhanitti iddoowwan ol kaʼoo hunda irratti aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ Yihowaa dheekkamsiisuufis wantoota hamaa raawwachuu isaanii itti fufan.
12 Isaan wanta Yihowaan, “Kana hin godhinaa!”+ jedhee isaanitti hime gochuudhaan, waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼan tajaajiluu isaanii itti fufan.+ 13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture. 14 Isaan garuu hin dhageenye; akkuma abbootii isaanii warra Waaqa isaanii Yihowaa irratti amantii hin qabne sanaa mata jabeeyyii taʼanii* itti fufan.+ 15 Dambiiwwan isaa fi kakuu+ isaa isa inni abbootii isaanii wajjin gale, akkasumas yaadachiisawwan isaa warra inni isaan akeekkachiisuuf kenne ni tuffatan;+ saboota naannoo isaanii warra Yihowaan akka isaan hin fakkaanne isaan akeekkachiise hundumaa fakkaachuudhaan,+ waaqolii tolfamoo gatii hin qabne hordofan;+ isaanumti iyyuu warra gatii hin qabne taʼan.+
16 Isaan ajajawwan Waaqa isaanii Yihowaa hunda ni dhiisan; siidaawwan jabbilee lama sibiila irraa* ni tolchan;+ utubaa waaqeffannaa*+ tokkos ni hojjetan; guutummaa raayyaa samiitiif ni sagadan;+ Baʼaaliinis ni tajaajilan.+ 17 Ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan ni guban;*+ falfala ni raawwatan;+ milkii ni ilaallatan; isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hojjechuuf dabarsanii of kennan.
18 Kanaafuu, Yihowaan akka malee Israaʼelitti waan aareef fuula isaa duraa isaan balleesse.+ Gosa Yihudaa qofa malee eenyu iyyuu akka hafu hin heyyamne.
19 Namoonni Yihudaa illee ajajawwan Waaqa isaanii Yihowaa hin eegne;+ isaanis barsiifata Israaʼelonni hordofan irra ni deddeebiʼan.+ 20 Yihowaan fuula isaa duraa hamma isaan balleessutti sanyiiwwan Israaʼel hunda ni dhiise; isaan ni salphise; akkasumas harka warra saamtotaatti dabarsee isaan kenne. 21 Inni Israaʼeliin mana Daawit irraa ni tarsaase; isaanis Yeroboʼaam ilma Nebaatiin mootii godhatan.+ Yeroboʼaam garuu Israaʼelonni Yihowaa hordofuu irraa akka jalʼatanii fi cubbuu guddaa akka hojjetan ni godhe. 22 Namoonni Israaʼelis cubbuuwwan Yeroboʼaam hojjete hundumaa irra ni deddeebiʼan.+ Cubbuuwwan kana irraas hin gorre; 23 akkuma Yihowaan karaa tajaajiltoota isaa warra raajota isaa taʼan hundumaa dubbatettis, Israaʼeliin fuula isaa duraa hamma balleessutti akkana gochuu isaanii itti fufan.+ Kanaafuu, Israaʼelonni boojiʼamanii gara biyya Asooritti geeffaman;+ isaan hamma harʼaatti achumatti argamu.
24 Achiis mootiin Asoor Baabilon, Kuutaa, Aawaa, Hamaatii fi Sefaarwaayim+ keessaa namoota fuudhee, magaalota Samaariyaa keessatti bakka Israaʼelotaa isaan qubachiise; isaanis Samaariyaa fudhatanii magaalota ishii keessa jiraachuu jalqaban. 25 Isaan yommuu jalqaba achi jiraachuu eegalan Yihowaa hin sodaatan* turan. Kanaafuu, Yihowaan isaan gidduutti leencota erge;+ leenconni sunis isaan keessaa namoota muraasa ni ajjeesan. 26 Yeroo kanatti namoonni, “Saboonni ati biyya isaaniitii baastee magaalota Samaariyaa keessa qubachiiste Waaqni biyyattii akkamitti akka waaqeffatamu* hin beekan. Kanaafuu, tokkoon isaanii illee Waaqni biyyattii akkamitti akka waaqeffatamu waan hin beekneef, inni leencota isaan ajjeesan isaan gidduutti ergaa jira” jedhanii mootii Asooritti himan.
27 Yeroo kanatti mootiin Asoor, “Luboota biyya isaaniitii baastanii fudhattan sana keessaa tokko deebiʼee achi akka jiraatuu fi Waaqni biyyattii akkamitti akka waaqeffatamu akka isaan barsiisu godhaa” jedhee ajaje. 28 Kanaafuu, luboota Samaariyaadhaa baasanii fudhatan keessaa inni tokko Beetel+ keessa jiraachuuf deebiʼee dhufe; innis akkamitti Yihowaa sodaachuu* akka qaban isaan barsiisuu jalqabe.+
29 Haa taʼu malee, saboonni garaa garaa sun hundi waaqolii ofii isaanii hojjetanii manneen waaqeffannaa iddoowwan ol kaʼoo irra jiranii fi warri Samaariyaa hojjetan keessa ni kaaʼan; saboonni garaa garaa sun hundis magaalota isaanii warra keessa jiraatan keessatti akkanuma godhan. 30 Kanaafuu, namoonni Baabilon Suukoot Benootiin, namoonni Kuut Nergaaliin, namoonni Hamaatis+ Ashiimaa ni hojjetan; 31 Aawoonnis Nibhaazii fi Taartaaqiin ni hojjetan. Sefaarwaayimonni immoo Adraamelekii fi Anaamelek warra waaqolii Sefaarwiim+ taʼaniif ilmaan isaanii ibiddaan ni gubu turan. 32 Isaan Yihowaa kan sodaatan taʼus, iddoowwan ol kaʼoodhaaf uummatuma isaanii keessaa luboota ni muudan; luboonni kunis manneen waaqeffannaa iddoowwan ol kaʼoo irra jiranitti isaaniif ni hojjetu turan.+ 33 Akka kanaan, isaan Yihowaa kan sodaatan taʼus, akka waaqeffannaa* sabootaa warra keessaa baafaman sanaatti waaqolii ofii isaanii ni waaqeffatu turan.+
34 Isaan hamma harʼaatti waaqeffannaa* isaanii isa duraa hordofu. Isaan keessaa tokko illee Yihowaa hin waaqeffanne;* isaan keessaa tokko illee dambiiwwan isaa, murtiiwwan isaa, Seerichaa fi ajaja Yihowaan ilmaan Yaaqoob isa maqaa isaa Israaʼel jedhee jijjiire+ sanaaf kenne hin hordofne. 35 Yihowaan yommuu isaanii wajjin kakuu galetti+ akkana jedhee isaan ajajee ture: “Waaqolii kan biroo hin sodaatinaa; isaaniif hin sagadinaa yookiin isaan hin tajaajilinaa yookiin aarsaa isaaniif hin dhiheessinaa.+ 36 Kanaa mannaa, Yihowaa isa humna guddaa fi irree diriirfameen biyya Gibxii keessaa isin baase+ sana sodaadhaa;+ isaaf sagadaa; isaaf aarsaa dhiheessaa. 37 Dambiiwwan, murtiiwwan, Seerichaa fi ajaja inni isiniif barreesse sana yeroo hunda of eeggannoodhaan hordofaa;+ waaqolii kan biroo hin sodaatinaa. 38 Kakuu ani isinii wajjin gale hin irraanfatinaa;+ waaqolii kan biroo hin sodaatinaa. 39 Kanaa mannaa, harka diinota keessan hundumaa jalaa kan isin baasu isa waan taʼeef, Waaqa keessan Yihowaa sodaadhaa.”
40 Isaan garuu hin ajajamne; kanaa mannaa, waaqeffannaa* isaanii isa durii hordofan.+ 41 Kanaafuu, saboonni kun Yihowaa kan sodaatan+ taʼus, fakkiiwwan isaanii warra bocamanis ni tajaajilu turan. Ijoolleen isaanii fi ijoolleen ijoollee isaaniis hamma harʼaatti akkuma abbootiin isaanii gochaa turan godhu.
18 Hosheʼaan+ ilmi Eelaa mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti, Hisqiyaas+ ilmi Akaaz+ mootii Yihudaa mootii ni taʼe. 2 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Abii* yeroo taʼu, ishiin intala Zakkaariyaas turte.+ 3 Akkuma abbaan isaa Daawit godhetti,+ innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+ 4 Iddoowwan ol kaʼoo kan balleesse,+ siidaawwan waaqeffannaa kan caccabsee fi utubaa waaqeffannaa* kan mummure isa ture.+ Inni bofa sibiila diimaa isa Museen hojjete sanas ni caccabse;+ sababiin isaas, namoonni Israaʼel hamma yeroo sanaatti bofichaaf aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan; innis waaqa tolfamaa bofa sibiila diimaa* jedhama ture. 5 Inni Yihowaa Waaqa Israaʼelitti ni amaname;+ mootota Yihudaa warra isa boodas taʼe isa dura turan keessaa kan akka isaa hin turre. 6 Inni Yihowaatti ni maxxane.+ Isa duukaa buʼuu irraas hin gorre; ajajawwan Yihowaan Museedhaaf kenne ni eege. 7 Yihowaanis isaa wajjin ture. Wanta hojjetu hunda ogummaadhaan raawwata ture. Inni mootii Asoor irratti fincila ni kaase; isa tajaajiluus ni dide.+ 8 Akkasumas, hamma Gaazaa fi hamma naannoowwan ishiitti deemuudhaan, masaraa eegumsaa irraa jalqabee hamma magaalaa dallaa dhagaa qabduutti* Filisxeemota+ ni moʼe.
9 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jechuunis Hosheʼaan+ ilmi Eelaa mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa torbaffaa isaatti, Shaalmaanesar mootiin Asoor gara Samaariyaa dhufee ishiitti marsuu jalqabe.+ 10 Isaanis dhuma waggaa sadaffaatti ishii ni qabatan;+ Hisqiyaas mootii taʼee waggaa jaʼaffaa isaatti, jechuunis Hosheʼaan mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti Samaariyaan ni qabamte. 11 Achiis mootiin Asoor Israaʼelota boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan, Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa isaan qubachiise.+ 12 Kunis kan taʼe, isaan sagalee Waaqa isaanii Yihowaa waan hin dhageenyeef, akkasumas kakuu isaa isa Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isaan ajaje hunda waan cabsaniif ture.+ Isaan hin dhageenye; hin ajajamnes.
13 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 14ffaa isaatti, Senaaheriib mootiin Asoor+ gara magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa dhufee isaan qabate.+ 14 Kanaafuu, Hisqiyaas mootiin Yihudaa, “Ani balleesseera. Ana irraa deebiʼi; wanta ati na gaafatte hunda siifan kenna” jedhee gara mootii Asoor isa Laakiishitti argamutti dhaamsa erge. Mootiin Asooris adaba meetii taalaantii* 300 fi warqii taalaantii 30 akka kaffalu Hisqiyaas mootii Yihudaatti murteesse. 15 Kanaafuu, Hisqiyaas meetii mana Yihowaa keessatti argamuu fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti argamu hunda isaaf ni kenne.+ 16 Yeroo kanatti Hisqiyaas balbaloota mana qulqullummaa+ Yihowaa fi maqaaniiwwan Hisqiyaas mootiin Yihudaa ofuma isaatii uwwise*+ buqqisee* mootii Asooriif ni kenne.
17 Achiis mootiin Asoor Taartaanicha,* Raabsaarisichaa* fi Raabshaaqicha* raayyaa waraanaa guddaa tokkoo wajjin Laakiish+ irraa gara Hisqiyaas Mooticha isa Yerusaalem keessa jiruutti ni erge.+ Isaanis gara Yerusaalemitti ol baʼanii boʼoo bishaan kuufamaa isa olii bira, jechuunis daandii guddaa isa gara maasii namicha uffata miiccuutti geessu bira dhaabbatan.+ 18 Akka gad baʼuuf yommuu mooticha waamanis, Eliyaaqiim+ ilmi Hilqiyaa inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan+ inni barreessaa taʼee fi Yoʼaan ilmi Asaaf inni barreessaa seenaa taʼe isaanitti gad ni baʼan.
19 Kanaafuu, Raabshaaqichi akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, Hisqiyaasiin akkana jedhaa: ‘Mootii isa guddaa kan taʼe mootiin Asoor akkana jedha: “Amanannaa akkanaa akka qabaattu kan si godhe maali dha?+ 20 Ati, ‘Ani tooftaa fi humna waraanaaf na barbaachisu qaba’ jetta; kun garuu dubbii gatii hin qabne dha. Ana irratti fincila kaasuuf kan onnatte, eenyutti amanattee ti?+ 21 Kunoo, ati deggersa Gibxii ishii shomboqqoo caccabaa taatee fi namni tokko yoo itti hirkate barruu isaa waraantu sanaatti amanatteetta.+ Faraʼoon mootiin Gibxii warra isatti amanatan hundumaatiif akkanuma dha. 22 Isin, ‘Nuti Waaqa keenya Yihowaatti amananna’+ yoo naan jettan garuu, Hisqiyaas Yihudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin sagaduu kan qabdan iddoo aarsaa Yerusaalem keessa jiru kana duratti dha’+ jedhee, iddoowwan ol kaʼoo fi iddoowwan aarsaa isaa diigeera mitii?”’+ 23 Kanaafuu, maaloo, amma gooftaa koo mootii Asoorii wajjin wal morkadhu: Ati namoota isaan gulufan argachuu yoo dandeesse, ani fardeen 2,000 siifan kenna.+ 24 Ati gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii argachuuf Gibxiitti amanattee utuu jirtuu, tajaajiltoota gooftaa kootii keessaa bulchaa isa hunda irra gad aanu tokko illee akkamitti of irraa deebisuu dandeessa? 25 Ishii balleessuuf gara naannoo kanaatti kanan ol baʼe heyyama Yihowaa malee sitti fakkaataa? Yihowaan iyyuu, ‘Gara biyya kanaatti ol baʼiitii ishii balleessi’ naan jedheera.”
26 Yeroo kanatti Eliyaaqiim ilmi Hilqiyaa, Shebnaanii+ fi Yoʼaan Raabshaaqichaan,+ “Nuti afaanicha waan dandeenyuuf, maaloo, Afaan Aaraamiin*+ nu tajaajiltoota keetti dubbadhu malee, afaan Yihudootaa isa namoonni dallicha irra jiran dhagaʼaniin nutti hin dubbatin” jedhan.+ 27 Raabshaaqichi garuu, “Gooftaan koo kan na erge, wanta kana gooftaa keettii fi sitti qofa akkan himuufii? Namoota dallicha irra taaʼan, warra isinii wajjin bobbaa isaanii nyaachuu fi fincaan isaanii dhuguuf jiran sanattis akkan dubbadhuuf mitii?” isaaniin jedhe.
28 Achiis Raabshaaqichi dhaabbatee sagalee isaa ol kaasee afaan Yihudootaatiin akkana jedhe: “Dubbii mootii Asoor, mooticha isa guddaa dhagaʼaa.+ 29 Mootichi akkana jedha: ‘Hisqiyaas harka koo jalaa isin oolchuu waan hin dandeenyeef, inni isin hin gowwoomsin.+ 30 Akkasumas Hisqiyaas, “Yihowaan dhugumaan nu oolcha; magaalaan kunis harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee Yihowaatti akka amanattan isin hin godhin. 31 Hisqiyaasiin hin dhagaʼinaa; mootiin Asoor akkana jedha: “Anaa wajjin nagaa uumaa; harka keessanis kennadhaa;* tokkoon tokkoon keessan muka wayinii ofii keessanii fi muka harbuu ofii keessanii irraa ni nyaattu; boolla bishaanii ofii keessanii keessaas ni dhugdu; 32 kunis, hamma ani dhufee biyya ishii akka biyya keessanii taatetti, biyya midhaanii fi biyya daadhii wayinii haaraatti, biyya daabboo fi biyya maasii wayiniitti, biyya mukeetii ejersaa fi biyya dammaatti isin geessutti ni taʼa. Isinis lubbuudhaan ni jiraattu malee hin duutan. Hisqiyaas, ‘Yihowaan nu oolcha’ jedhee waan isin dogoggorsuuf, isa hin dhagaʼinaa. 33 Waaqolii sabootaa keessaa biyya isaa harka mootii Asoor jalaa kan oolche jiraa? 34 Waaqoliin Hamaatii fi Arpaad meerre? Waaqoliin Sefaarwaayim, Heenaa fi Iiwaa meerre? Isaan Samaariyaa harka koo jalaa oolchaniiruu? 35 Waaqolii biyyoota kanaa hunda keessaa biyya isaa harka koo jalaa oolchuu kan dandaʼe eenyu? Maarree, Yihowaan akkamitti Yerusaalemiin harka koo jalaa oolchuu dandaʼa?”’”
36 Mootichi, “Deebii isaaf hin kenninaa” jedhee ajajee waan tureef, namoonni sun calluma jedhan; waan tokko illee isaaf hin deebisne. 37 Haa taʼu malee, Eliyaaqiim ilmi Hilqiyaa inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan inni barreessaa taʼee fi Yoʼaan ilmi Asaaf inni barreessaa seenaa taʼe uffata isaanii tarsaasanii gara Hisqiyaas dhufanii wanta Raabshaaqichi jedhe isatti himan.
19 Hisqiyaas Mootichi akkuma kana dhagaʼeen uffata isaa tarsaasee, uffata gaddaas uffatee gara mana Yihowaa dhaqe.+ 2 Achiis inni, Eliyaaqiim inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan inni barreessaa taʼee fi jaarsoliin lubootaa uffata gaddaa uffatanii gara Isaayyaas+ ilma Amooz akka dhaqan isaan erge. 3 Isaanis akkana isaan jedhan: “Hisqiyaas akkana jedha: ‘Guyyaan kun guyyaa dhiphinaa, guyyaa ifannaa* fi guyyaa salphinaa ti; nuti akkuma dubartii daʼuu jala geessee* ciniinsifachuuf humna dhabdee taaneerra.+ 4 Tarii Waaqni kee Yihowaan dubbii Raabshaaqichi inni mootiin Asoor gooftaan isaa Waaqa jiraataa akka arrabsuuf erge sun dubbate hunda ni dhagaʼa taʼa;+ akkasumas dubbii Waaqni kee Yihowaan dhagaʼe sanaaf isa ni gaafata taʼa. Kanaafuu, namoota asitti hafaniif kadhannaa dhiheessi.’”+
5 Tajaajiltoonni Hisqiyaas Mootichaas gara Isaayyaasitti ni seenan;+ 6 Isaayyaasis akkana isaaniin jedhe: “Gooftaa keessaniin akkana jedhaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Dubbii dhageesseen, dubbii isa tajaajiltoonni mootii Asoor ittiin na arrabsan+ sanaan kan kaʼe hin sodaatin.+ 7 Kunoo, ani sammuu isaa keessa yaada tokko* nan kaaʼa; innis oduu tokko dhagaʼee gara biyya isaatti ni deebiʼa; anis akka inni biyyuma isaatti goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.”’”+
8 Raabshaaqichis mootiin Asoor Laakiishiin+ dhiisee deemuu isaa yommuu dhagaʼu gara isaatti ni deebiʼe; utuu Libnaa waraanaa jiruus isa argate.+ 9 Mootichis yeroo kanatti waaʼee Tirhaaqaa mootii Itoophiyaa, “Kunoo, inni sii wajjin wal waraanuuf baʼeera” jedhamuu isaa dhagaʼe. Kanaafuu, inni ammas akkana jedhee gara Hisqiyaasitti namoota erge:+ 10 “Hisqiyaas isa mootii Yihudaa taʼeen akkana jedhaa: ‘Waaqni kee inni amanattu, “Yerusaalem harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee si hin gowwoomsin.+ 11 Kunoo, ati mootonni Asoor biyyoota sana hunda balleessuudhaan wanta isaan irratti raawwatan dhageesseetta.+ Ati qofti kan ooltu sitti fakkaataa? 12 Saboonni warri abbootiin koo balleessan sun waaqoliin isaanii isaan oolchaniiruu? Goozaan, Kaaraan,+ Rezeefii fi namoonni Eedan warri Tel Asaar keessa turan meerre? 13 Mootiin Hamaat, mootiin Arpaad, mootiin magaalota Sefaarwaayim, mootiin Heenaa fi mootiin Iiwaa+ meerre?’”
14 Hisqiyaasis xalayaawwan sana harka namoota ergaman sanaa irraa fuudhee dubbise. Achiis gara mana Yihowaatti ol baʼee xalayaawwan sana Yihowaa duratti diriirse.+ 15 Sana booda Hisqiyaas akkana jedhee Yihowaa duratti kadhachuu jalqabe:+ “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, isa kiruubelotaa+ olitti* teessoo irra teessu, mootummoota lafaa hundaaf Waaqni dhugaan si qofa dha.+ Ati samii fi lafa uumteetta. 16 Yaa Yihowaa, gurra kee as qabii dhagaʼi!+ Yaa Yihowaa, ija kee banii ilaali!+ Dubbii Senaaheriib Waaqa jiraataatti qoosuuf erge dhagaʼi. 17 Yaa Yihowaa, mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii akka balleessan beekamaa dha.+ 18 Waaqolii isaaniis ibidda keessatti gataniiru; sababiin isaas, isaan mukaa fi dhagaa warra hojii harka namaa+ taʼan malee waaqolii hin turre.+ Isaan balleessuu kan dandaʼanis kanaafi. 19 Amma garuu yaa Waaqa keenya Yihowaa, mootummoonni lafa irraa hundi ati qofti Waaqa taʼuu kee akka beekaniif, maaloo yaa Yihowaa, harka isaa jalaa nu oolchi.”+
20 Achiis Isaayyaas ilmi Amooz akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Senaaheriib mootii Asooriin ilaalchisee+ kadhannaa ati gara kootti dhiheessite dhagaʼeera.+ 21 Dubbiin Yihowaan isa irratti dubbate kana dha:
“Intalli Xiyoon ishiin durba taate si tuffatti, sitti qoosti.
Intalli Yerusaalem mataa sitti raasti.
22 Ati kan itti qoostee fi kan arrabsite eenyuuni?+
Sagalee kee kan ol kaaste eenyu irratti?+
Of jajuudhaanis kan ilaalte eenyuuni?
Isa Qulqulluu kan Israaʼeli!+
23 Ati karaa ergamtoota+ keetii Yihowaatti qoostee+ akkana jette:
‘Gaariiwwan fardaa waraanaa koo hedduu taʼaniin
Gara ol dheerina gaarotaatti,
Gara iddoowwan fagoo Libaanonittis ol nan baʼa.
Gaattiraawwan ishii dhedheeroo taʼanii fi mukeetii birbirsaa ishii filatamoo taʼan nan mura.
Dahoowwan ishii warra fagoo taʼanii fi bosonawwan ishii warra gobbatan keessa nan seena.
24 Ani boollawwan bishaanii qotee bishaanota ormaa nan dhuga;
Burqaawwan* Gibxii hunda faana miila kootiin nan gogsa.’
25 Ati hin dhageenyee? Kun yeroo dheeraa dura murteeffameera.*+
Bara duriitii jalqabee ani kana qopheesseera.+
Amma kun akka raawwatamu nan godha.+
Atis magaalota dallaa dhagaa qaban tuullaa diiggaa ni goota.+
26 Jiraattonni isaanii gargaarsa kan hin qabne taʼu;
Isaan ni sodaatu, ni qaanaʼus.
Isaan akka biqiltuu dirree irraa fi akka marga lalisaa,+
Akka marga baaxii irratti biqilee bubbee bahaatiin waxalamees ni taʼu.
27 Ani garuu ati yoom akka teessu, yoom akka gad baatuu fi yoom akka ol seentu,+
Akkasumas yoom akka anatti dheekkamte akka gaariitti nan beeka;+
28 Sababiin isaas, natti dheekkamuun+ kee fi iyyi kee gurra koo gaʼeera.+
Kanaafuu, funyaan keetti hookkoo koo, afaan keettis luugama+ koo nan galcha;
Karaa irra dhufteenis akka deebitu nan godha.”+
29 “‘Kunis mallattoo siif* ni taʼa: Waggaa kanatti isa ofii isaatiin biqile* ni nyaattu; waggaa lammaffaatti midhaan isa irraa late ni nyaattu;+ waggaa sadaffaatti garuu, sanyii ni facaafattu; ni haammattus; mukeetii wayiniis dhaabdanii firii isaanii ni nyaattu.+ 30 Mana Yihudaa keessaa warri miliqanii fi warri hafan+ gara gadiitti hidda ni dheereffatu; gara oliittis firii ni godhatu. 31 Warri hafan Yerusaalem keessaa, warri oolanis Gaara Xiyoon keessaa ni baʼu. Hinaaffaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa kana ni godha.+
32 “‘Kanaafuu, Yihowaan mootii Asooriin ilaalchisee akkana jedha:+
“Inni magaalaa kanatti hin seenu+
Yookiin ishiitti xiyya hin futtaasu
Yookiin gaachana qabatee ishiitti hin dhufu
Yookiin ishiitti marsuuf naannoo ishiitti biyyoo hin tuulu.+
33 Inni karuma dhufe irra ni deebiʼa;
Magaalaa kanattis hin seenu” jedha Yihowaan.
34 “Ani ofii kootii+ fi tajaajilaa koo Daawitiif jedhee+
Magaalaa+ kana nan eega; ishiis nan oolcha.”’”
35 Halkanuma sanattis maleekaan Yihowaa tokko gad baʼee buufata Asoorotaa keessatti namoota 185,000 ni ajjeese.+ Namoonnis ganama barii yommuu kaʼan, reeffawwan sana hundumaa ni argan.+ 36 Kanaafuu, Senaaheriib mootiin Asoor bakka sana gadhiisee deeme; gara Nanawweetti+ deebiʼees achi taaʼe.+ 37 Utuma inni mana* waaqa isaa Nisrookitti sagadaa jiruus ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer goraadeedhaan isa ajjeesanii+ gara biyya Araaraatitti+ baqatan. Ilmi isaa Eesaar Hadoonis+ bakka isaa mootii taʼe.
20 Bara sanatti Hisqiyaas dhukkubsatee duʼa jala gaʼee ture.+ Isaayyaas raajichi ilmi Amooz dhufee, “Yihowaan akkana jedha: ‘Ati ni duuta malee hin fayyitu; kanaafuu, maatii keetiif qajeelfama kenni’”+ isaan jedhe. 2 Yeroo kanatti Hisqiyaas fuula isaa gara girgiddaatti garagalchee akkana jedhee Yihowaa kadhachuu jalqabe: 3 “Maaloo yaa Yihowaa, amanamummaa fi garaa guutuudhaan akkamitti si duratti akkan deddeebiʼe, si duratti wanta gaarii taʼe akkan raawwadhes akka yaadattu sin kadhadha.”+ Achiis Hisqiyaas hirqinfatee booʼuu jalqabe.
4 Isaayyaas mooraa isa gidduu bira gaʼuu isaa dura dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara isaa ni dhufe:+ 5 “Gara Hisqiyaas isa geggeessaa saba kootii taʼetti deebiʼiitii akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan inni Waaqa Daawit abbaa keetii taʼe akkana jedha: “Kadhannaa kee dhagaʼeera. Imimmaan kees argeera.+ Kunoo, sin fayyisa.+ Guyyaa sadaffaatti gara mana Yihowaatti ol ni baata.+ 6 Umurii* kee irratti waggaa 15 siifan dabala; siinis taʼe magaalaa kana harka mootii Asoor jalaa nan oolcha;+ ofii kootii fi tajaajilaa koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega.”’”+
7 Achiis Isaayyaas, “Bixxillee harbuu gogaa tokko fidaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan fidanii dhiitoo sana irra ni kaaʼan; innis suutuma suutaan ni fayye.+
8 Hisqiyaas, “Yihowaan akka na fayyisuu fi guyyaa sadaffaatti gara mana Yihowaatti akkan ol baʼu mallattoon argisiisu maali dha?”+ jedhee Isaayyaasiin gaafatee ture. 9 Isaayyaasis deebisee, “Mallattoon Yihowaa biraa dhufee fi Yihowaan wanta dubbate akka raawwatu argisiisu kana dha: Gaaddidduun kortoo* irra jiru tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti akka deemu moo tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiʼu barbaadda?” isaan jedhe.+ 10 Hisqiyaasis, “Gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gara fuulduraatti deemuun isaa salphaa dha; tarkaanfii kudhan gara duubaatti deebiʼuun isaa garuu salphaa miti” jedhe. 11 Kanaafuu, Isaayyaas gara Yihowaatti ni iyye; innis gaaddidduun kortoo Akaaz irra jiruu fi gad buʼee ture sun, tarkaanfii kudhan gara duubaatti akka deebiʼu godhe.+
12 Yeroo sanatti mootiin Baabilon, Beroodaakbaalaadaan ilmi Baalaadaan Hisqiyaas dhukkubsatee akka ture waan dhagaʼeef xalayaa fi kennaa isaaf ni erge.+ 13 Hisqiyaasis namoota ergaman sana simatee* guutummaa mana qabeenyaa isaa, jechuunis meeticha, warqicha, zayitii baalsaamii* fi zayitii gatii guddaa qabu kan biraa, mana kuusaa meeshaa waraanaa isaa, akkasumas wanta manneen qabeenyaa isaa keessa jiru hundumaa isaanitti argisiise.+ Hisqiyaas wanta mana isaa* keessa jiruu fi wanta bulchiinsa isaa keessa jiru hundumaa keessaa wanti inni isaanitti hin argisiisne tokko illee hin turre.
14 Sana booda Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas Mootichaatti seenee, “Namoonni kun maal jedhan? Eessaa dhufan?” jedhee isa gaafate. Hisqiyaasis, “Biyya fagoodhaa, jechuunis Baabilonii dhufan” isaan jedhe.+ 15 Itti aansuudhaanis, “Isaan mana* kee keessatti maal argan?” jedhee isa gaafate. Hisqiyaasis, “Wanta mana* koo keessa jiru hunda arganiiru. Manneen qabeenyaa koo keessaa wanti ani isaanitti hin argisiisne tokko illee hin jiru” jedhee isaaf deebise.
16 Yeroo kanatti Isaayyaas Hisqiyaasiin akkana jedhe: “Dubbii Yihowaa dhagaʼi;+ 17 ‘Kunoo, guyyaan wantoonni mana kee keessa jiran hundii fi wantoonni abbootiin kee hamma harʼaatti kuufatan hundi gara Baabilonitti itti geeffaman ni dhufa.+ Wanti tokko illees hin hafu’ jedha Yihowaan. 18 ‘Ilmaan kee warra ati dhalchitu keessaa tokko tokkos ni fudhatamu;+ mana mootummaa mootii Baabilon keessattis abbootii taayitaa ni taʼu.’”+
19 Yeroo kanatti Hisqiyaas Isaayyaasiin, “Dubbiin Yihowaa inni ati dubbatte gaarii dha”+ jedhe. Itti dabaluudhaanis, “Bara jireenyaa* kootti nagaanii fi tasgabbiin* yoo jiraatee gaarii dha” jedhe.+
20 Seenaan Hisqiyaas inni hafe, jabinni isaa hundii fi akkamitti bishaan kuufamaa*+ fi boʼoo bishaanii hojjetee gara magaalattiitti bishaan akka fide,+ kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 21 Achiis Hisqiyaas abbootii isaa wajjin ni boqote;+ ilmi isaa Minaaseenis+ bakka isaa mootii taʼe.+
21 Minaaseen+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 12 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 55f ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture. 2 Inni gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan saba Israaʼel duraa ariʼe sun raawwachaa turan hordofuudhaan,+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 3 Iddoowwan ol kaʼoo abbaan isaa Hisqiyaas balleesse deebisee ni ijaare;+ akkasumas akkuma Ahaab mootiin Israaʼel godhe,+ Baʼaaliif iddoowwan aarsaa ni dhaabe; utubaa waaqeffannaas* ni hojjete.+ Guutummaa raayyaa samiitiif ni sagade; isaaniinis ni tajaajile.+ 4 Kana malees inni bakka Yihowaan waaʼee ishii, “Ani maqaa koo Yerusaalem keessa nan kaaʼa”+ jedhee dubbatetti, jechuunis mana Yihowaa keessatti iddoowwan aarsaa ni ijaare.+ 5 Akkasumas, mooraawwan mana Yihowaa lamaan+ keessatti guutummaa raayyaa samiitiif iddoowwan aarsaa ni ijaare.+ 6 Ilma ofii isaas ibiddaan ni gube;* falfala ni raawwate; milkii ni ilaallate;+ akkasumas eker dubbistootaa fi raagdota ni muude.+ Isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hedduu ni raawwate.
7 Fakkii utubaa waaqeffannaa bocee hojjete sana mana Yihowaan Daawitii fi ilma isaa Solomooniin akkana jedhee waaʼee isaa dubbate keessa kaaʼe:+ “Mana kanaa fi Yerusaalem keessatti, jechuunis bakka ani gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filadhe kanatti bara baraaf maqaa koo nan kaaʼa.+ 8 Isaan wantan isaan ajaje hundumaa, jechuunis guutummaa Seerichaa isa tajaajilaan koo Museen akka hordofaniif isaan ajaje of eeggannoodhaan yoo eegan,+ lammata miilli Israaʼelotaa biyya ani abbootii isaaniitiif kenne keessaa baʼee akka jooru hin godhu.”+ 9 Isaan garuu hin ajajamne; Minaaseenis wanta hamaa saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa balleesse hojjetan irra caalu akka raawwatan gochuudhaan karaa irraa isaan jalʼise.+
10 Yihowaan karaa tajaajiltoota isaa warra raajota taʼanii irra deddeebiʼee+ akkana jedhee dubbata ture: 11 “Minaaseen mootiin Yihudaa wantoota jibbisiisoo kana hunda ni raawwate; inni Amoorota+ warra isa dura turan hunda caalaa wanta hamaa ni raawwate;+ waaqolii tolfamoo isaa warra balfamoo* taʼaniinis Yihudaan cubbuu akka hojjetu ni godhe. 12 Kanaafuu, Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Kunoo, ani Yerusaalemii+ fi Yihudaa irratti badiisa dhaqna namaa surur godhu* nan fida.+ 13 Ani safartuu wadaroo Samaariyaa ittiin safareen+ Yerusaalemiin nan safara;+ tumbii* isan mana Ahaab+ ittiin ilaaletti nan fayyadama; akkuma namni tokko saanii golboo haxaaʼee qulqulleessee gad gombisutti Yerusaalemiin haxaaʼee nan qulqulleessa.+ 14 Warra dhaala koo irraa hafan nan dhiisa;+ harka diinota isaaniittis dabarsee isaan nan kenna; diinonni isaanii hundis isaan saamu, isaan boojiʼus;+ 15 sababiin isaas, isaan guyyaa abbootiin isaanii biyya Gibxiitii itti baʼanii jalqabee hamma harʼaatti wanta na duratti hamaa taʼe raawwataniiru; na dheekkamsiisuu isaaniis itti fufaniiru.’”+
16 Minaaseen, Yihudaan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe raawwatee cubbuu akka hojjetu gochuudhaan cubbuu hojjeteen alattis, Yerusaalem fiixee gar tokkoo jalqabee hamma fiixee gara isa kaaniitti dhiigaan hamma guutamtutti, dhiiga namoota qulqulluu hedduu dhangalaaseera.+ 17 Seenaan Minaasee inni hafe, wanti inni godhe hundii fi cubbuun inni raawwate, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 18 Achiis Minaaseen abbootii isaa wajjin ni boqote; iddoo biqiltuu mana isaa, jechuunis iddoo biqiltuu Uuzaatti ni awwaalame;+ ilmi isaa Amoonis bakka isaa mootii taʼe.
19 Amoon+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lamaaf ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Meshulemeet yeroo taʼu, ishiin intala Haruuz isa nama Yotbaa taʼee turte. 20 Inni akkuma abbaan isaa Minaaseen godhe, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 21 Daandii abbaan isaa irra deeme hunda irras ni deeme; waaqolii tolfamoo balfamoo taʼanii fi abbaan isaa tajaajilaa ture ni tajaajile; isaaniifis ni sagade.+ 22 Kanaafuu, inni Yihowaa isa Waaqa abbootii isaa taʼe ni dhiise; daandii Yihowaa irras hin deemne.+ 23 Yeroo boodas tajaajiltoonni Amoon isa irratti mariʼatanii manuma isaa keessatti mooticha ajjeesan. 24 Namoonni biyyattii garuu namoota Amoon Mooticha irratti mariʼatan hunda ni ajjeesan; ilma isaa Yosiyaasiinis bakka isaa mootii godhan.+ 25 Seenaan Amoon inni hafee fi wanti inni godhe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 26 Kanaafuu, isaan iddoo awwaalchaa isaa isa iddoo biqiltuu Uuzaa keessa jiru keessatti isa awwaalan;+ ilmi isaa Yosiyaasis+ bakka isaa mootii taʼe.
22 Yosiyaas+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa saddeet ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 31f ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Yidiidaa yeroo taʼu, ishiin intala Adaayaa isa nama biyya Bozqaat+ taʼee turte. 2 Inni wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate; daandii abbaan isaa Daawit irra deeme hunda irras ni deeme;+ gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin jalʼanne.
3 Yosiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti, Shaafaan ilma Azaaliyaa, ilma Meshulaam isa barreessaa taʼeen akkana jedhee gara mana Yihowaatti erge:+ 4 “Gara Hilqiyaa+ isa luba ol aanaa taʼe sanaatti ol baʼiitii, maallaqa isa gara mana Yihowaatti fidame isa karra eegdonni sabicha irraa walitti qaban+ hunda akka walitti qabu godhi.+ 5 Isaan maallaqicha namoota hojii mana Yihowaa keessatti hojjetamu irratti muudamaniif haa kennan; isaan immoo hojjettoota mana Yihowaa keessatti hojjetan warra manicha bakka miidhame* haaressaniif,+ 6 jechuunis warra ogummaa harkaa qabaniif, ijaartotaa fi warra dhagaadhaan ijaaraniif ni kennu; isaanis manicha haaressuuf saanqaawwanii fi dhagoota bocaman bituuf itti haa fayyadaman.+ 7 Isaan kan amanaman waan taʼaniif, akkaataa maallaqa sanatti itti fayyadaman ilaalchisee gabaasa dhiheessuun isaan hin barbaachisu.”+
8 Boodas Hilqiyaan inni luba ol aanaa taʼe Shaafaan isa barreessaa taʼeen,+ “Mana Yihowaa keessaa kitaaba Seerichaa+ argadheera” jedhe. Kanaafuu, Hilqiyaan kitaabicha Shaafaanitti kenne; innis kitaabicha dubbisuu jalqabe.+ 9 Sana booda Shaafaan inni barreessaa taʼe gara mootichaa dhaqee, “Tajaajiltoonni kee maallaqa isa manicha keessaa argame baasanii warra hojii mana Yihowaatti hojjetamu irratti muudamanitti kennaniiru” jedhee itti hime.+ 10 Kana malees Shaafaan inni barreessaa taʼe, “Kitaabni+ Hilqiyaan lubichi natti kenne tokko jira” jedhee mootichatti hime. Achiis Shaafaan mooticha duratti kitaabicha dubbisuu jalqabe.
11 Mootichis dubbii kitaaba Seerichaa akkuma dhagaʼeen uffata isaa ni tarsaase.+ 12 Achiis mootichi Hilqiyaa lubichaaf, Ahiqaam+ ilma Shaafaaniif, Akboor ilma Mikaayaatiif, Shaafaan isa barreessaa taʼee fi Asaayaa isa tajaajilaa mootichaa taʼeef ajaja akkana jedhu kenne: 13 “Abbootiin keenya dubbii kitaaba kana keessatti waaʼee keenya barreeffame hundumaa eeguudhaan waan hin ajajamneef, dheekkamsi Yihowaa inni nu irratti bobaʼe guddaa dha;+ kanaafuu, dhaqaa, dubbii kitaaba argame kana keessa jiru ilaalchisee anaan, sabichaa fi guutummaa Yihudaa bakka buʼaatii Yihowaa gaafadhaa.”
14 Kanaafuu, Hilqiyaan lubichi, Ahiqaam, Akboor, Shaafaanii fi Asaayaan gara Huldaa raajittii+ dhaqan. Ishiin haadha manaa Shaalum ilma Tiquwaa, ilma Harhaas isa eegduu mana uffataa taʼe sanaa yeroo taatu, Kutaa Lammaffaa Magaalaa Yerusaalem keessa jiraatti turte; isaanis achitti ishii haasofsiisan.+ 15 Ishiinis akkana isaaniin jette: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Namicha gara kootti isin erge sanaan akkana jedhaa: 16 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti badiisa isa kitaaba mootiin Yihudaa dubbise+ keessatti barreeffame hundumaa nan fida. 17 Isaan waan na dhiisaniif, akkasumas hojii harka isaanii hundumaatiin+ na dheekkamsiisuuf waaqolii kan birootiif aarsaawwan aarfaman waan dhiheessaniif,+ dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni bobaʼa; hin dhaamus.’”+ 18 Mootii Yihudaa isa Yihowaa akka gaafattan isin erge sanaan garuu akkana jedhaa: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Wanta dhageesse sana ilaalchisee, 19 isaan akka naasifamanii fi akka abaaraman, wanta ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti dubbadhe dhageessee garaan kee waan tuqameef,* Yihowaa duratti waan gad of qabdeef,+ uffata kee waan tarsaasteef,+ na durattis waan boosseef, anis si dhagaʼeera jedha Yihowaan. 20 Gara abbootii keetti kanan walitti si qabus kanaafi;* ati nagaadhaan awwaala kee keessa ni ciista; ijji kees badiisa ani iddoo kana irratti fidu hundumaa hin argu.’”’” Isaanis deebiʼanii wanta jedhame kana mootichatti himan.
23 Kanaafuu, mootichi dhaamsa ni erge; isaanis jaarsolii Yihudaa fi jaarsolii Yerusaalem hunda ni waaman.+ 2 Sana booda mootichi namoota Yihudaa hundumaa, jiraattota Yerusaalem hundumaa, lubootaa fi raajota dabalatee isa xinnaa irraa hamma isa guddaatti namoota hundumaa wajjin gara mana Yihowaatti ol baʼe. Dubbii kitaaba+ kakuu+ isa mana Yihowaa keessatti argame+ sana irra jiru hundumaa utuma isaan dhagaʼanii ni dubbise. 3 Mootichi dubbii kakuu kana keessatti argamu isa kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa raawwachuudhaan, Yihowaa duukaa buʼuuf, akkasumas ajajawwan isaa, yaadachiisawwan isaa fi dambiiwwan isaa garaa isaa guutuu fi lubbuu* isaa guutuudhaan eeguuf, utubaa sana bira dhaabbatee Yihowaa duratti kakuu gale.*+ Namoonni sun hundis kakuu kana irratti walii galan.+
4 Achiis mootichi miʼawwan Baʼaaliif, miʼawwan utubaa waaqeffannaa*+ fi miʼawwan guutummaa raayyaa samiitiif hojjetaman hunda mana qulqullummaa Yihowaa keessaa akka baasaniif Hilqiyaa+ isa luba ol aanaa taʼe, luboota warra sadarkaa lammaffaa qabanii fi karra eegdota ni ajaje. Achiis Yerusaalemii alatti irraan gadee Qedroon irratti isaan ni gube; daaraa isaaniis gara Beetelitti+ geesse. 5 Akka kanaan, luboota waaqa ormaa warra mootonni Yihudaa iddoowwan ol kaʼoo magaalota Yihudaa fi naannoowwan Yerusaalem keessa jiran irratti aarsaa aarfamu akka dhiheessaniif muudan, akkasumas warra Baʼaaliif, aduudhaaf, addeessaaf, tuutawwan urjiilee zoodiyaakii fi guutummaa raayyaa samiitiif+ aarsaa aarfamu dhiheessan hojii isaanii irraa ni ariʼe. 6 Utubaa waaqeffannaa sanas mana Yihowaa keessaa baasee+ gara qarqara Yerusaalemitti, gara Sulula Qedroonitti geessee achi keessatti ni gube;+ isas daakee daaraa godhe; daaraa isaas awwaala namootaa irratti ni bittinneesse.+ 7 Kana malees, manneen dhiirota mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatanii+ ni diige; manneen kun mana Yihowaa keessa kan turan yeroo taʼu, dubartoonnis manneen sagadaa utubaa waaqeffannaatiif* achitti dunkaana hodhu turan.
8 Achiis luboota hunda magaalota Yihudaa keessaa ni baase; Geebaadhaa+ hamma Ber Sheebaatti+ iddoowwan ol kaʼoo luboonni aarsaa aarfamu itti dhiheessan ni salphise. Kana malees, inni iddoowwan ol kaʼoo karrawwanii warra balbala karra Iyyaasuu isa ajajaa magaalattii taʼe bira jiranii fi yommuu namni tokko karra magaalattiitti seenu gara bitaatiin argaman ni diige. 9 Luboonni iddoowwan ol kaʼoo, obboloota isaanii wajjin maxinoo kan nyaatan taʼus, iddoo aarsaa Yihowaa isa Yerusaalem keessa jirutti hin tajaajilan turan.+ 10 Kana malees, inni eenyu iyyuu ilma isaa yookiin intala isaa Moleekiif+ ibiddaan akka hin gubneef,* Tofeet+ isa Sulula Ilmaan Hinoom*+ keessa jiru ni salphise. 11 Fardeen mootonni Yihudaa aduudhaaf kennan, karaa kutaa* Naataan Meleek isa abbaa taayitaa mana mootummaa taʼee, jechuunis karaa kutaa barandaa keessa jiru sanaa gara mana Yihowaatti akka hin seenne ni dhowwe; gaariiwwan fardaa kan aduu+ taʼan sanas ibiddaan ni gube. 12 Akkasumas, mootichi iddoowwan aarsaa mootonni Yihudaa baaxii kutaa baaxii+ irraa isa kan Akaaz taʼe irratti dhaaban sanaa fi iddoowwan aarsaa Minaaseen mooraawwan mana Yihowaa lamaan keessatti dhaabe ni diige.+ Inni isaan ni bulleesse; isa bullaaʼe sanas Sulula Qedroon keessatti bittinneesse. 13 Kana malees, mootichi iddoowwan ol kaʼoo Yerusaalem fuuldura jiran warra Gaara Badiisaa* irraa gara kibbaatti* argamanii fi Solomoon mootiin Israaʼel waaqayyittii balfamtuu Siidoonotaa kan taate Ashtooretiif, waaqa balfamaa Moʼaab kan taʼe Kemooshii fi waaqa jibbisiisaa Amoonotaa+ kan taʼe Milkoomiif+ ijaare ni salphise. 14 Siidaawwan waaqeffannaa ni caccabse; utubaawwan waaqeffannaas* ni mummure;+ iddoowwan isaaniis lafee namaatiin ni guute. 15 Iddoo aarsaa isa Beetel keessa jiru, jechuunis iddoo ol kaʼaa isa Yeroboʼaam ilmi Nebaat hojjetee fi Israaʼelonni cubbuu akka hojjetan ittiin godhe sanas ni diige.+ Iddoo aarsaa fi iddoo ol kaʼaa sana erga diigee booda ni gube; caccabsee daaraa ni godhe; utubaa waaqeffannaa* sanas ni gube.+
16 Yosiyaas awwaalota gaaricha irra jiran garagalee yommuu ilaalu, lafeewwan sun awwaalicha keessaa baafamanii iddoo aarsaa irratti akka gubaman gochuudhaan, akkuma dubbii Yihowaa isa namni Waaqa dhugaa wantoonni kun akka raawwataman dursee dubbate sanaatti iddoo aarsaa sana ni salphise.+ 17 Achiis, “Siidaan awwaalaa ani gamatti argu kun maali dha?” jedhe. Yeroo kanatti namoonni magaalattii, “Awwaala nama Waaqa dhugaa isa Yihudaadhaa dhufee+ fi wantoota ati iddoo aarsaa Beetel irratti raawwatte kana dursee dubbate sanaa ti” isaan jedhan. 18 Kanaafuu inni, “Dhiisaa haa boqotu. Eenyu iyyuu lafee isaa akka hin tuqne” jedhe. Kanaafuu, isaan lafee isaa fi lafee raajicha Samaariyaadhaa dhufe sanaa utuu hin tuqin dhiisan.+
19 Kana malees, Yosiyaas manneen waaqeffannaa iddoowwan ol kaʼoo magaalota Samaariyaa keessatti argamanii fi mootonni Israaʼel Waaqayyoon dheekkamsiisuuf ijaaran hunda ni balleesse;+ inni wantuma Beetelitti godhe sana isaan irrattis ni godhe.+ 20 Kanaafuu, inni luboota iddoowwan ol kaʼoo warra achi turan hundumaa iddoowwan aarsaa sana irratti aarsaa godhe; lafee namootaas isaan irratti ni gube.+ Sana booda gara Yerusaalemitti deebiʼe.
21 Yeroo kanatti mootichi, “Akkuma kitaaba kakuu kana irratti barreeffametti Waaqa keessan Yihowaadhaaf Faasikaa kabajaa”+ jedhee guutummaa sabichaa ajaje.+ 22 Bara abbootiin murtii Israaʼeliin itti bulchaa turanii jalqabee, bara mootota Israaʼelii fi mootota Yihudaa hundumaatti Faasikaan akkanaa kabajamee hin beeku.+ 23 Yosiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti garuu, Faasikaan kun Yerusaalem keessatti Yihowaadhaaf ni kabajame.
24 Kana malees, Yosiyaas dubbii Seerichaa+ isa kitaaba Hilqiyaan lubichi mana Yihowaa keessaa argate keessa jiru raawwachuuf jecha,+ eker dubbistoota, raagdota,+ siidaawwan taraafiim,*+ waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼanii fi wantoota jibbisiisoo biyya Yihudaa fi Yerusaalem keessatti argaman hundumaa ni balleesse. 25 Isa dura mootiin akka Seera Musee keessatti ibsametti garaa isaa guutuudhaan, lubbuu* isaa guutuudhaan,+ akkasumas humna isaa guutuudhaan gara Yihowaatti deebiʼe kan biraan hin turre; isa boodas mootiin akka isaa hin kaane.
26 Haa taʼu malee, wantoota hamoo Minaaseen isa dheekkamsiisuuf raawwate hundumaatiin kan kaʼe, Yihowaan aarii isaa isa Yihudaa irratti bobaʼe irraa hin deebine ture.+ 27 Yihowaan, “Akkuman Israaʼeliin ija koo duraa balleesse,+ Yihudaas ija koo duraa nan balleessa;+ magaalaa Yerusaalem ishiin filadhe kanaa fi mana isan, ‘Maqaan koo achi keessa ni jiraata’+ jedhee waaʼee isaa dubbadhe kana nan dhiisa” jedhe.
28 Seenaan Yosiyaas inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 29 Bara isaatti Faraʼoon Nekoon mootiin Gibxii Laga Efraaxis biratti mootii Asooriin argachuuf ni dhufe; Yosiyaas Mootichis isa loluudhaaf ni baʼe; haa taʼu malee, Nekoon yommuu isa argu Megidootti isa ajjeese.+ 30 Kanaafuu, tajaajiltoonni isaa reeffa isaa gaarii fardaa tokkoon Megidoodhaa feʼanii gara Yerusaalemitti fiduudhaan awwaala isaa keessatti isa awwaalan. Namoonni biyyattii ilma Yosiyaas Yehoʼahaaziin fuudhanii dibuudhaan bakka abbaa isaa mootii isa godhan.+
31 Yehoʼahaaz+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 23 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadiif ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal+ yeroo taʼu, ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte. 32 Innis akkuma abbootiin isaa godhan hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 33 Faraʼoon Nekoonis+ inni Yerusaalem keessatti mootii akka hin taane gochuuf Riblaa+ ishii biyya Hamaat keessatti argamtutti isa hidhe; biyyattii irrattis adaba meetii taalaantii* 100 fi warqii taalaantii tokkoo ni mure.+ 34 Kana malees Faraʼoon Nekoon, Eliyaaqiim ilma Yosiyaasiin bakka Yosiyaas abbaa isaa mootii godhe; maqaa isaas Yehoyaaqiim jedhee jijjiire; Yehoʼahaaziin garuu gara Gibxiitti geesse;+ innis yeroo booda achitti ni duʼe.+ 35 Yehoyaaqiim meetii fi warqii sana Faraʼooniif ni kenne; meetii Faraʼoon isa gaafate sana kennuuf garuu sabicha irraa qaraxa sassaabuu qaba ture. Innis meetii fi warqii sana Faraʼoon Nekoodhaaf kennuuf tokkoon tokkoon namoota biyyattii hamma isaanitti tilmaamame akka kaffalan godhe.
36 Yehoyaaqiim+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Zabiidaa yeroo taʼu, ishiin intala Pedaayaa isa nama biyya Rumaa taʼee turte. 37 Inni akkuma abbootiin isaa godhan+ hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+
24 Bara Yehoyaaqiimitti Nebukadnezaar+ mootiin Baabilon biyyattii ni weerare; Yehoyaaqiimis waggaa sadiif tajaajilaa isaa ni taʼe. Sana booda garuu inni isatti garagalee fincila kaase. 2 Achiis Yihowaan tuuta weerartootaa warra Kaladootaa,+ warra Sooriyaa, warra Moʼaabii fi warra Amoon isatti erguu jalqabe. Akkuma dubbii Yihowaan karaa raajota isaa warra tajaajiltoota isaa taʼanii dubbatetti+ inni Yihudaa akka balleessaniif gara ishiitti isaan erguu isaa itti fufe. 3 Wanti kun akka Yihowaan ajajetti Yihudaa irra ni gaʼe; kunis kan taʼe, cubbuuwwan Minaaseen hojjete hundumaatiin kan kaʼe+ inni Yihudaa of duraa balleessuu waan barbaadeef,+ 4 akkasumas dhiiga qulqulluu inni dhangalaaseen kan kaʼe dha;+ inni dhiiga qulqulluudhaan Yerusaalemiin guutee ture; Yihowaanis dhiifama isaaf gochuuf fedhii hin qabu ture.+
5 Seenaan Yehoyaaqiim inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ 6 Achiis Yehoyaaqiim abbootii isaa wajjin ni boqote;+ ilmi isaa Yehoyaakiinis bakka isaa mootii taʼe.
7 Mootiin Baabilon Laga Gogaa* Gibxii+ irraa jalqabee hamma Laga Efraaxisitti+ wanta kan mootii Gibxii+ taʼe hundumaa waan fudhateef, sana booda mootiin Gibxii biyya isaa keessaa hin baane.
8 Yehoyaakiin+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 18 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadiif ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Nehushtaa yeroo taʼu, ishiin intala Elnaataan isa nama Yerusaalem taʼee turte. 9 Inni akkuma abbaan isaa godhe hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. 10 Bara sanatti tajaajiltoonni Nebukadnezaar mootii Baabilon Yerusaalem irratti ni duulan; magaalattiinis ni marfamte.+ 11 Tajaajiltoonni isaa magaalattiitti marsanii utuu jiranii, Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara magaalattiitti dhufe.
12 Yehoyaakiin mootiin Yihudaa haadha isaa, tajaajiltoota isaa, bulchitoota isaa fi abbootii taayitaa mana mootummaa+ isaa wajjin gara mootii Baabilonitti+ baʼe; mootiin Baabilonis Yehoyaakiin mootii taʼee waggaa saddeettaffaa isaatti boojiʼee isa fudhate.+ 13 Qabeenya mana Yihowaa fi qabeenya mana mootichaa hundumaas achi keessaa baasee fudhate.+ Miʼawwan warqii mana qulqullummaa Yihowaa keessa jiranii fi Solomoon mootiin Israaʼel hojjete hundumaa ni caccabse.+ Kunis akkuma Yihowaan dursee dubbatetti ni raawwatame. 14 Inni namoota Yerusaalem hundumaa, bulchitoota hundumaa,+ loltoota jajjaboo taʼan hundumaa, akkasumas nama ogummaa harkaa fi ogummaa sibiilaa qabu* hundumaa,+ walumaa galatti namoota 10,000 boojiʼee fudhate. Namoota biyyattii warra hiyyeeyyii taʼaniin alatti eenyu illee achitti hin hafne.+ 15 Akka kanaan inni Yehoyaakiiniin+ boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ kana malees haadha mootichaa, haadhotii manaa mootichaa, abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi namoota guguddaa biyyattii Yerusaalem keessaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse. 16 Kana malees, mootiin Baabilon loltoota 7,000 fi namoota ogeeyyii harkaa taʼanii fi hojii sibiilaa hojjetan* 1,000 boojiʼee gara Baabilonitti geesse; hundi isaanii namoota jajjaboo fi waraanaaf leenjiʼan turan. 17 Mootiin Baabilon Maataaniyaa isa wasiila Yehoyaakiin+ taʼe bakka isaa mootii godhe; maqaa isaas Zedeeqiyaatti+ jijjiire.
18 Zedeeqiyaan yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal yeroo taʼu,+ ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte. 19 Inni akkuma Yehoyaaqiim godhe hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 20 Wantoonni kun Yerusaalemii fi Yihudaa irra kan gaʼan dheekkamsa Yihowaatiin kan kaʼe ture; hamma inni of duraa isaan gatuttis wantoonni kun isaan irra ni gaʼan.+ Zedeeqiyaanis mootii Baabilon irratti fincila kaase.+
25 Zedeeqiyaan mootii taʼee waggaa saglaffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti Nebukadnezaar+ mootiin Baabilon guutummaa raayyaa waraanaa isaa wajjin Yerusaalemiin waraanuuf dhufe.+ Achiis guutummaa magaalattiitti ni marse; naannoo ishiitti marsees dallaa ijaare;+ 2 magaalattiinis hamma waggaa 11ffaa Zedeeqiyaa Mootichaatti marfamtee turte. 3 Jiʼa arfaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa saglaffaatti magaalattii keessatti beelli ni hammaate;+ namoonni biyyattiis wanta nyaatan hin qaban turan.+ 4 Dallaan magaalattii ni diigame;+ Kaladoonni magaalattiitti marsanii utuu jiranii loltoonni hundi halkaniin karra dallaa lamaan gidduu isa iddoo biqiltuu mootichaatti dhihoo jiru keessa baʼanii baqatan; mootichis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼee deeme.+ 5 Raayyaan waraanaa Kaladootaa garuu mooticha duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti isa bira gaʼan; loltoonni isaa hundis isa dhiisanii faffacaʼan. 6 Achiis mooticha qabanii+ gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti fidan; isa irrattis ni murteessan. 7 Isaanis ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼan; achiis Nebukadnezaar ija Zedeeqiyaa ni jaamse; hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide.+
8 Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa torbaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+ 9 Innis mana Yihowaa,+ mana mootichaa+ fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana namoota beekamoo taʼanii hunda ni gube.+ 10 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turan dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+ 11 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota magaalattii keessatti hafan kaan, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi uummata isa hafe kaan boojiʼee fudhate.+ 12 Haa taʼu malee, ajajaan waardiyyootaa sun namoonni biyyattii baayʼee hiyyeeyyii taʼan tokko tokko maasii wayinii keessatti akka tajaajilanii fi hojii dirqamaa akka hojjetaniif achumatti isaan dhiise.+ 13 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sanas gara Baabilonitti ni geessan.+ 14 Kana malees, miʼawwan daaraa, akaafaawwan, dhaamsituuwwan ibsaa, xoofoowwanii fi miʼawwan sibiila diimaa tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hundumaa ni fudhatan. 15 Ajajaan waardiyyootaa sunis qodaawwan ibiddaa fi saaniiwwan golboo warra warqii+ fi meetii qulqulluu irraa tolfaman ni fudhate.+ 16 Sibiilli diimaan utubaawwan lamaan, Galaanichii fi gaariiwwan Solomoon mana Yihowaatiif hojjechiise ittiin hojjetame hundi baayʼee waan taʼeef madaalamuu hin dandaʼu ture.+ 17 Utubaan kun tokkoon tokkoon isaa ol dheerinni isaa dhundhuma* 18 yeroo taʼu,+ gubbeen isa irra jirus sibiila diimaa irraa kan tolfame ture; ol dheerinni gubbee isaa dhundhuma sadii yeroo taʼu, saaphanichii fi romaanonni naannoo gubbee sanaa irratti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan.+ Utubaan inni lammaffaanii fi saaphanni isaas akkuma kanaa ture.
18 Kana malees ajajaan waardiyyootaa sun, Seraayaa+ isa dura buʼaa lubootaa taʼe, Sefaaniyaa+ isa luba lammaffaa taʼe, akkasumas karra eegdota sadan ni fudhate.+ 19 Kana malees, inni magaalattii keessaa abbaa taayitaa mana mootummaa itti gaafatamaa loltootaa taʼe tokko, michoota mootichaa warra magaalattii keessatti argaman shan, barreessaa ajajaa raayyaa waraanaa isa namoota biyyattii duulaaf walitti qabu, akkasumas namoota biyyattii warra magaalattii keessatti argaman kaan 60 ni fudhate. 20 Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa taʼe isaan fuudhee gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti isaan fide.+ 21 Mootiin Baabilonis Riblaa isa biyya Hamaat+ keessatti argamutti rukutee isaan ajjeese. Akka kanaan, Yihudaan boojiʼamee biyya isaa keessaa ni fudhatame.+
22 Nebukadnezaar mootiin Baabilonis Gedaaliyaa+ isa ilma Ahiqaam+ ilma Shaafaan+ taʼe, namoota biyya Yihudaa keessatti dhiise sana irratti ni muude.+ 23 Ajajjoonni raayyaa waraanaa fi namoonni isaanii hundi mootiin Baabilon Gedaaliyaa akka muude yommuu dhagaʼan, yeruma sana Misphaatti gara Gedaaliyaa ni dhufan. Isaanis Ishmaaʼel ilma Nataaniyaa, Yohaanaan ilma Qaareʼaa, Seraayaa ilma Taanhumeet Netoofichaa, Yaaʼaazaaniyaa ilma Maʼaakaatichaa yeroo taʼan, isaanis namoota isaanii wajjin turan.+ 24 Gedaaliyaanis, “Tajaajiltoota Kaladootaa taʼuuf hin sodaatinaa. Biyyattii keessa jiraadhaatii mootii Baabilon tajaajilaa; gaariis isiniif ni taʼa”+ jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate.
25 Jiʼa torbaffaattis Ishmaaʼel+ ilmi Nataaniyaa ilmi Elishaamaa inni sanyii mootii* taʼe namoota kan biroo kudhanii wajjin dhufe; isaanis Gedaaliyaa ni rukutan; innis Yihudootaa fi Kaladoota warra isaa wajjin Misphaa keessa turanii wajjin ni duʼe.+ 26 Sana booda ajajjoota raayyaa waraanaa dabalatee, isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti namoonni hundi Kaladoota waan sodaataniif+ kaʼanii gara Gibxii dhaqan.+
27 Yehoyaakiin+ mootiin Yihudaa boojiʼamee waggaa 37ffaatti, jiʼa 12ffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 27ffaatti, Eewil Merodaak mootiin Baabilon waggaa mootii itti taʼetti Yehoyaakiin isa mootii Yihudaa taʼe mana hidhaatii ni gadhiise.*+ 28 Innis gaarummaadhaan isatti dubbate; teessoo isaas teessoowwan mootota warra isaa wajjin Baabilon keessa turan kaan irra ol ni godhe. 29 Kanaafuu, Yohoyaakiin uffata mana hidhaa of irraa ni baase; guutummaa bara jireenyaa isaattis yeroo hundumaa maaddii mootichaa irraa ni nyaata ture. 30 Bara jireenyaa isaa hundumaatti guyyaa guyyaadhaan mooticha biraa yeroo hundumaa sooranni isaaf ni kennama ture.
“Waaqni Koo Yihowaa Dha” jechuu dha.
Jechuunis, obboleessa Akaaziyaa.
Yaanni, “Ilmaan raajotaa” jedhu mana barumsaa raajonni itti baratan ykn waldaa raajotaa kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “uffata raajii.”
Ykn., “harki lama.”
Ykn., “qilleensi.”
Ykn tarii, “ulfi akka baʼu godha.”
Ykn tarii, “ulfa hin baasisu.”
Jechuunis, ilmoolee hoolaa.
Ykn., “tajaajilaa Eeliyaas.”
Kal., “isa ani dura dhaabbadhuu.”
Ykn., “muuziqaa.”
Kal., “harki.”
Ykn., “Laga gogaa.”
Ykn., “lagni gogaan.”
Ykn., “qabattoo hidhachuu.”
Jechuunis, wal qalan.
Ykn., “hubboo funyaan qabu; okkotee.”
Ykn., “Lubbuun ishii ishii keessatti waan hadhoofteef.”
Ykn., “fayyina.”
Ykn., “dhukkuba gogaatiin.”
Tarii Naʼamaaniin kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “buufata.”
Kal., “eebba.”
Kal., “isa ani dura dhaabbadhuun.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Bakka Samaariyaatti argamu tokko yeroo taʼu, tarii tabba ykn dallaa dhagaa tokko taʼuu dandaʼa.
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “yeroo tokko ykn yeroo lamaa oliif.”
Kal., “garaa mootii.”
Kal., “buufata.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “makoodii; andarii.”
Qaabiin tokko 1.22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “gabaa.”
Siihiin tokko 7.33 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “dubbiin kun.”
Kal., “dubbiin.”
Kal., “intala Omrii.”
Ykn., “dhukkubsatee.”
Kal., “isa dallaa irratti fincaaʼu hunda.” Yaada Afaan Ibrootaatiin dhiirota tuffachuuf itti hojjetamu dha.
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Kal., “ilma Niimshii.”
Jechuunis, morri.
Ykn., “fardeeniin.”
Kal., “guddiftoota Ahaab.”
Ykn., “qajeelaa taʼe.”
Kal., “manichaa.”
Ykn., “qajeeloo.”
Kal., “lafa irratti akka hin kufne.”
Ykn., “isa eebbisee.”
Kal., “qajeelaa dhaa?”
Ykn., “hinaaffaa ani Yihowaadhaaf qabu.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Kal., “fiigdota.”
Kal., “magaalaa,” ijaarsa bifa dahoo fakkaatu qabu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “Laga Gogaa.”
Kal., “Guyyoonni.”
Kal., “sanyii mootummaa hunda.”
Kal., “fiigdota.”
Ykn., “kakuu.”
Kal., “yommuu gad baʼuu fi yommuu ol seenu.”
Tarii maraa kitaabaa Seera Waaqayyoo qabate taʼuu dandaʼa.
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Ykn., “baqaqe.”
Ykn., “korojoo keessa kaaʼu.” Kal., “ni hidhu.”
Kal., “Yerusaalem irratti kaʼuuf fuula isaa qajeelche.”
Ykn., “Beet Miilootti.”
Nagaa fi tasgabbiidhaan jiraachuu isaanii argisiisa.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “cubbuuwwan kanaan ni deddeebiʼe.”
Yeroboʼaam Lammaffaa argisiisa.
Yaanni kun tarii Waaqayyo irraa ykn bakka buʼoota isaa irraa gargaarsa gaafachuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “fayyinaa.”
Ykn., “fayyinaa.”
Ykn., “ni moota.”
Kal., “waggichi yommuu seenutti,” arfaasaatti taʼuu hin oolu.
Ykn., “ni moʼe.”
Ykn., “fuulleetti walitti haa dhufnu.”
Ykn., “manuma mootummaa.”
Kal., “dunkaana, dunkaana.”
Gara 178 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Yeroboʼaam Lammaffaa argisiisa.
“Yihowaan ni Gargaare” jechuu dha. Inni 2Mo 15:13; 2Se 26:1-23; Isa 6:1; fi Zak 14:5 irratti Ooziyaa jedhameera.
Jechuunis, abbaa isaa Amaaziyaa.
Ykn., “karra Hamaatii.”
Jechuunis, Galaana Soogiddaa ykn Galaana Duʼaa.
Yeroboʼaam Lammaffaa argisiisa.
“Yihowaan ni Gargaara” jechuu dha. Inni 2Mo 15:13; 2Se 26:1-23; Isa 6:1; fi Zak 14:5 irratti Ooziyaa jedhameera.
Ykn., “mana mootummaa.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “ibidda keessa dabarse.”
Ykn., “namoota Yihudaas.”
Ykn., “Gaaddisa.”
“Yihowaan ni Jabeessa” jechuu dha.
Kal., “sodaatan.”
Jechuunis, bakka namoonni wal irraa faffacaʼanii itti jiraatanittis taʼe heddumminaan keessa jiraatan hundatti.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Kal., “akkuma boquu abbootii isaanii boquu isaanii jabeessanii.”
Ykn., “siidaawwan jibootaa baqfamanii tolfaman lama.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “ibidda keessa dabarsan.”
Ykn., “hin waaqeffatan.”
Ykn., “barsiifata waaqeffannaa Waaqa biyyattii.”
Ykn., “waaqeffachuu.”
Ykn., “barsiifata waaqeffannaa.”
Ykn., “barsiifata waaqeffannaa.”
Kal., “hin sodaanne.”
Ykn., “barsiifata waaqeffannaa.”
Maqaan Abiyaa gabaabaatti yommuu barreeffamu dha.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Nehushtaan.”
Jechuunis, bakka namoonni wal irraa faffacaʼanii itti jiraatanittis taʼe heddumminaan keessa jiraatan hundatti.
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Jechuunis, warqiidhaan uwwise.
Kal., “kutee.”
Ykn., “ajajaa sana.”
Ykn., “abbaa taayitaa mana mootummaa isa ol aanaa.”
Ykn., “ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “Sooriyaatiin.”
Kal., “Anaa wajjin eebbisaa, gara koottis baʼaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “arrabsoo.”
Kal., “akkuma dubartii daaʼimni afaan gadameessaa bira gaʼee.”
Kal., “hafuura tokko isa keessa.”
Ykn tarii, “kiruubelota gidduu.”
Ykn., “Boʼoowwan Abbayyaa.”
Kal., “raawwatameera.”
Jechuunis, Hisqiyaasiif.
Ykn., “firii midhaanii harcaʼee biqile.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Kal., “guyyoota.”
Tarii kortoowwan kun gaaddisa aduutiin saʼaatii lakkaaʼuuf tajaajilaa kan turan taʼuu dandaʼu.
Ykn., “dhaggeeffatee.”
Zayitii urgaaʼaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Kal., “Guyyoota.”
Ykn., “dhugaan.”
Jechuunis, haroo xinnoo.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “ibidda keessa dabarse.”
Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Kal., “gurra namaa waraanu.”
Ykn., “wuhaa likkii.”
Ykn., “baqaqe.”
Kal., “waan laafeef.”
Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “kakuu sana ni haaresse.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “ibidda keessa akka hin dabarsineef.”
Ibsa Jechootaa, “Gahaannam” jedhu ilaali.
Ykn., “kutaa nyaataa.”
Jechuunis, Gaara Ejersaa, keessumaa isa kibba gaarichaatiin argamuu fi Gaara Dheekkamsaa jedhamees beekamu argisiisa.
Kal., “mirga.” Jechuunis, namni tokko yommuu gara bahaatti garagalu gara kibbaatiin argamu.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “waaqolii mana keessaa; waaqolii tolfamoo.”
Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “nama dallaa dhagaa ijaaru.”
Ykn tarii, “warra dallaawwan ittisaa ijaaran.”
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “sanyii mootummichaa.”
Kal., “mataa isaa ol ni qabe.”