IYYOOB
1 Biyya Uuz keessa namichi Iyyoob*+ jedhamu tokko jira ture. Inni nama qajeelaa fi amanamaa* ture;+ akkasumas nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu ture.+ 2 Inni ijoollee dhiiraa torbaa fi ijoollee durbaa sadii qaba ture. 3 Horiiwwan isaa hoolota 7,000, gaalota 3,000, loon 1,000* fi harroota* 500 kan taʼan yeroo taʼu, tajaajiltoota baayʼee hedduu taʼanis qaba ture; kanaafuu, inni namoota Bahaa hundumaa caalaa guddaa ni taʼe.
4 Ilmaan isaa tokkoon tokkoon isaanii guyyaa dabaree isaaniitti mana isaanii keessatti affeerrii ni qopheessu turan. Isaanii wajjin akka nyaatanii fi akka dhuganiifis obboleettota isaanii sadan ni affeeru turan. 5 Guyyoonni dabareedhaan itti wal affeeran erga xumuramanii booda, Iyyoob isaan qulqulleessuuf ergee isaan waamsisa ture. Achiis ganama bariidhaan kaʼee tokkoon tokkoon isaaniitiif aarsaawwan gubaman dhiheessa ture.+ Iyyoob akkana kan godhu, “Tarii ilmaan koo cubbuu hojjetanii, garaa isaaniittis Waaqayyoon arrabsanii taʼuu dandaʼa” jedhee waan yaaduufi. Iyyoob yeroo hundumaa akkana godha ture.+
6 Guyyaan ilmaan Waaqa dhugaa*+ Yihowaa dura dhaabbachuuf itti seenan ni gaʼe;+ Seexannis+ isaan gidduu ni seene.+
7 Achiis Yihowaan, “Eessaa dhufte?” jedhee Seexana gaafate. Seexannis, “Lafa irra naannaʼee, ishii irras asii fi achi deemeen dhufe”+ jedhee Yihowaadhaaf deebise. 8 Yihowaanis Seexanaan, “Tajaajilaa koo Iyyoob hubattee ilaalteettaa?* Lafa irra namni akka isaa tokko iyyuu hin jiru. Inni nama qajeelaa fi amanamaa*+ dha; akkasumas nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu dha” jedhe. 9 Yeroo kanatti Seexanni akkana jedhee Yihowaadhaaf deebise: “Iyyoob waa malee Waaqa sodaatee ree?+ 10 Ati isatti, mana isaattii fi wanta inni qabu hundumaatti naannessitee dallaa eegumsaa hin ijaarree ree?+ Hojii harka isaa eebbisteetta;+ horiiwwan isaas lafa irra guutaniiru. 11 Garuu, mee harka kee diriirsiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti; dhugumaan inni ijuma* kee duratti si arrabsa.” 12 Achiis Yihowaan Seexanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundi harka kee* keessa jira. Isa garuu hin tuqin!” jedhe. Kanaafuu, Seexanni Yihowaa* duraa baʼee deeme.+
13 Guyyaa ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa isaa mana obboleessa isaanii isa angafaa keessatti nyaachaa, wayiniis dhugaa turanitti+ 14 ergamaan tokko gara Iyyoob dhufee akkana jedhe: “Utuu loon qotaa jiranii fi harroonni isaan biratti dheedaa jiranii, 15 namoonni Saabaa miidhaa geessisanii isaan fudhatan; tajaajiltoota sanas goraadeedhaan ajjeesan. Kan miliqe ana qofa dha; kunoo, amma sitti himuuf dhufeera.”
16 Utuma inni dubbachaa jiruu inni kan biraan dhufee akkana jedhe: “Ibiddi samii irraa Waaqayyo biraa buʼee* hoolotaa fi tajaajiltoota sana gidduutti bobaʼee nyaatee isaan fixe. Kan miliqe ana qofa dha; kunoo, amma sitti himuuf dhufeera.”
17 Utuma inni dubbachaa jiruu inni kan biraan dhufee akkana jedhe: “Kaladoonni+ garee sadiin dhufanii gaalota weeraranii fudhatan; tajaajiltoota sanas goraadeedhaan ajjeesan. Kan miliqe ana qofa dha; kunoo, amma sitti himuuf dhufeera.”
18 Utuma inni dubbachaa jiruu inni kan biraan dhufee akkana jedhe: “Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa kee mana obboleessa isaanii isa angafaa keessatti nyaachaa, wayiniis dhugaa turan. 19 Akkuma tasaas bubbeen cimaan tokko lafa onaatii dhufee golee manichaa arfan rukute; manichis ijoollee kee irratti jigee isaan ajjeese. Kan miliqe ana qofa dha; kunoo, amma sitti himuuf dhufeera.”
20 Yeroo kanatti Iyyoob kaʼee uffata isaa tarsaase; mataa isaas ni haaddate; achiis lafatti gombifamee sagadee 21 akkana jedhe:
“Gadameessa haadha tiyyaa keessaa qullaa koon baʼe,
Qullaa koos nan deebiʼa.+
Yihowaatu kenne,+ Yihowaatu fudhate.
Maqaan Yihowaa yeroo hundumaa haa jajamu.”
22 Kun hundi kan isa irra gaʼe taʼus, Iyyoob cubbuu hin hojjenne yookiin dogoggora raawwateera jedhee Waaqayyoon hin yakkine.*
2 Sana booda guyyaan ilmaan Waaqa dhugaa*+ Yihowaa dura dhaabbachuuf itti seenan ni gaʼe;+ Seexannis Yihowaa dura dhaabbachuuf isaan gidduu ni seene.+
2 Achiis Yihowaan, “Eessaa dhufte?” jedhee Seexana gaafate. Seexannis, “Lafa irra naannaʼee, ishii irras asii fi achi deemeen dhufe”+ jedhee Yihowaadhaaf deebise. 3 Yihowaanis Seexanaan, “Tajaajilaa koo Iyyoob hubattee ilaalteettaa?* Lafa irra namni akka isaa tokko iyyuu hin jiru. Inni nama qajeelaa fi amanamaa*+ dha; akkasumas nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu dha. Ati sababa tokko malee akkan isa balleessu* na kakaasuuf kan yaalte taʼus,+ inni amma iyyuu amanamummaa isaa cimsee akkuma qabatetti jira”+ jedhe. 4 Haa taʼu malee, Seexanni akkana jedhee Yihowaadhaaf deebise: “Gogaan qooda gogaa ti. Namni lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna. 5 Garuu, mee harka kee diriirsiitii lafee fi foon isaa rukuti; dhugumaan inni ijuma kee duratti si arrabsa.”+
6 Achiis Yihowaan Seexanaan, “Kunoo, inni harka kee keessa* jira! Lubbuu isaa garuu akka hin balleessine!” jedhe. 7 Kanaafuu, Seexanni Yihowaa* duraa baʼee deemee faana miila isaatii jalqabee hanga gubbee mataa isaatti dhullaa nama dhukkubsuun* Iyyoobiin ni rukute.+ 8 Iyyoobis of hooquuf qiraacii tokko ni fudhate; daaraa keessas ni taaʼe.+
9 Dhuma irrattis haati manaa isaa, “Ati amma iyyuu akkuma amanamummaa kee cimsitee qabattetti jirtaa? Waaqa arrabsiitii duʼi!” isaan jette. 10 Inni garuu, “Ati akkuma dubartii hubannaa hin qabnetti dubbatta. Nuti Waaqa dhugaa irraa wanta gaarii taʼe qofa fudhannaa? Wanta hamaa taʼe hoo fudhachuu hin qabnuu?”+ ishiidhaan jedhe. Kun hundi kan isa irra gaʼe taʼus, Iyyoob afaan isaatiin cubbuu hin dubbanne.+
11 Michoonni Iyyoob* sadan rakkina Iyyoob irra gaʼe hundumaa dhagaʼanii tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaaniitii ni dhufan; isaanis Eliifaaz+ Temaanicha, Bildaad+ Shuʼaatichaa+ fi Zofaar+ Naʼaamaaticha turan. Isaan Iyyoobiin jajjabeessuu fi isaaf gadduu isaanii argisiisuuf waliin taʼanii gara isaa dhaquuf walii galan. 12 Isaan yommuu fagoodhaa isa argan isa beekuu hin dandeenye. Achiis sagalee isaanii ol kaasanii booʼuu fi uffata isaanii tarsaasuu jalqaban; qilleensa keessattii fi mataa isaanii irrattis awwaara bittinneessan.+ 13 Achiis guyyaa torbaa fi halkan torbaaf isaa wajjin lafa taaʼan. Dhukkubni isaa baayʼee cimaa akka taʼe waan arganiif, isaan keessaa eenyu iyyuu jecha tokko illee isatti hin dubbanne.+
3 Iyyoob dubbachuu fi guyyaa itti dhalate* abaaruu kan jalqabe kana booda ture.+ 2 Akkana jedhe:
3 “Guyyaan itti dhaladhe,
Halkan namni tokko, ‘Ilmi garaatti hafeera!’ itti jedhe sun haa badu.+
4 Guyyaan sun dukkana haa taʼu.
Waaqni inni gubbaa jiru isaaf hin yaadin;
Ifni isa irratti hin ifin.
5 Dukkanni cimaan* isa haa dhaalu.
Duumessi gurraachi isa irra haa buufatu.
Wanti guyyaa dukkaneessu akkamii iyyuu isa haa naasisu.
6 Halkan sana dukkanni cimaan haa qabatu;+
Innis guyyoota waggaa gidduutti gammachuu hin argatin,
Jiʼoota gidduuttis hin lakkaaʼamin.
7 Eeyyee! Halkan sun maseena haa taʼu;
Ililchis isa keessatti hin dhagaʼamin.
9 Urjiileen dimimmisa halkan sanaa keessatti baʼan haa dukkanaaʼan;
Inni ifa guyyaa kan eeggatu taʼus hin argatin,
Carallaa bariis hin argin.
10 Sababiin isaas, inni balbala gadameessa haadha tiyyaa hin cufne;+
Ija koo duraas rakkina hin dhoksine.
11 Yeroon dhaladhetti maaliifan hin duune?
Yeroon gadameessa keessaa baʼetti maaliifan hin badne?+
12 Gudeedni na baatu,
Harmi ani hodhus maaliif jiraate?
13 Silaa amma utuun hin jeeqamin nan ciisan ture;+
Nan rafa, akkasumas nan boqodhan ture;+
14 Mootota lafa irraa fi gorsitoota isaanii,
Warra iddoowwan amma diigaman* ofii isaaniitiif ijaarratanii wajjin,
15 Yookiin bulchitoota warqii qaban
Warra manneen isaanii meetiidhaan guutamanii wajjin nan boqodhan ture.
16 Yookiin akkuma daaʼima duʼee garaadhaa baʼee,
Akkuma ijoollee matumaa ifa hin arginees maaliifan hin taane?
17 Achitti warri hamoon illee wanta isaan jeequ hin qaban;
Warri dadhabanis achitti boqonnaa irra jiru.+
18 Achitti hidhamtoonni nagaadhaan waliin jiraatu;
Sagalee nama dirqamaan isaan hojjechiisu sanaa hin dhagaʼan.
19 Achitti inni xinnaanii fi inni guddaan tokko dha,+
Garbichis gooftaa isaa jalaa bilisa baʼeera.
20 Waaqayyo isa rakkina keessa jiruuf ifa,
Warra dhiphina cimaa keessa jiraniifis* jireenya kan kennu maaliifi?+
21 Warri duʼa hawwan kan hin duune maaliifi?+
Isaan isa argachuuf qabeenya dhokfame argachuuf isa qotan caalaa ni qotu;
22 Isaan yommuu awwaala argatan ni ililchu,
Akkasumas ni gammadu.
23 Waaqayyo nama karaan isaa jalaa badeef,
Isa inni dallaa itti ijaareef+ ifa kan kennu maaliifi?
25 Sababiin isaas, wantin sodaachaa ture natti dhufeera,
Wantin baayʼee sodaachaa tures na mudateera.
26 Ani nagaa hin qabu, tasgabbii hin qabu, boqonnaas hin qabu,
Kanaa mannaa, rakkinni natti dhufuu isaa ittuma fufe.”
4 Achiis Eliifaaz+ Temaanichi akkana jedhee deebise:
2 “Namni tokko sii wajjin dubbachuuf yoo yaale obsa ni dhabdaa?
Taʼus eenyutu dubbachuu irraa duubatti jechuu dandaʼa?
3 Dhugaa dha, ati namoota hedduu sirreessiteetta,
Harka laafes ni jabeessita turte.
4 Dubbiin kee nama gufate kam iyyuu ni kaasa ture,
Atis warra jilbi isaanii hollatu ni jabeessita turte.
5 Amma garuu rakkinni si irra gaʼeera, atis moʼamteetta;*
Inni si tuqe, atis abdii kutatte.
6 Kabajni guddaan Waaqayyoof qabdu amanannaa siif hin argamsiisuu?
Amanamummaadhaan deddeebiʼuun kee+ abdii siif hin argamsiisuu?
7 Mee maaloo yaadadhu, namni qulqulluun badee beekaa?
Namni qajeelaan yoom balleeffamee beeka?
8 Ani warri wanta miidhaa geessisu qotan,*
Warri rakkina facaasanis wantuma sana akka haammatan argeera.
9 Hafuura Waaqayyo baafatuun ni dhumu,
Aarii isaa isa bobaʼuunis ni badu.
10 Leenci ni barooda, leenci saafellis ni gururiʼa,
Garuu ilkaan leenca cimaa taʼee* illee ni caba.
11 Leenci wanta adamsu dhabuu isaatiin kan kaʼe ni duʼa,
Ilmooleen leencaas ni bittinnaaʼu.
12 Dubbiin tokko dhoksaadhaan gara koo ni dhufe,
Hasaasni isaas gurra koo bira ni gaʼe.
13 Halkan keessa yommuu hirribni cimaan namoota irra buʼee turetti,
Mulʼata yaada koo dhiphise tokkon arge;
14 Sodaan cimaan natti dhufe,
Lafeewwan koo hundumaas naasuudhaan ni guute.
15 Hafuurri tokko fuula koo dura darbe;
Rifeensi qaama kootiis ni dhaabbate.
16 Innis bakkuma jiru dhaabbate,
Ani garuu wanta inni fakkaatu hin hubanne.
Wanti tokko ija koo dura ture;
Sagaleen hin dhagaʼamu ture, achiis sagalee tokko nan dhagaʼe:
17 ‘Namni duʼu Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa?
Namni tokko qaama isa tolche caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?’
18 Kunoo, inni tajaajiltoota isaa irratti amantii hin qabu,
Maleekota* isaa irraa illee dogoggora ni argata.
19 Haalli warra manneen suphee keessa jiraatanii,
Warra buʼuurri isaanii awwaara keessa taʼee,+
Warra akkuma bilii salphaatti buruqanii hammam caalaatti hammaata ree!
20 Isaan ganama lubbuudhaan jiru, galgala garuu guutummaatti caccabaniiru;
Bara baraaf ni badu, kanaaf xiyyeeffannaa kan kennus hin jiru.
21 Isaan akkuma dunkaana funyoon isaa keessaa luqqifamee mitii?
Isaan ogummaa malee ni duʼu.
5 “Mee waammadhu! Deebii kan siif kennu jiraa?
Qulqulloota keessaa gara isa kamiitti garagalta?
2 Aariin nama gowwaa taʼe ni ajjeesa,
Hinaaffaanis nama hubannaa hin qabne ni ajjeesa.
3 Namni gowwaan hidda godhatee nan arge,
Garuu iddoon jireenyaa isaa akkuma tasaa ni abaarame.
4 Ilmaan isaa nageenya hin qaban,
Isaan karra magaalaa irratti caccabaniiru,+ kan isaan oolchus hin jiru.
5 Namni beelaʼe wanta inni sassaabe ni nyaata,
Isa qoree gidduutti argamu illee ni fudhata,
Qabeenyi isaaniis kiyyoodhaan qabameera.
6 Sababiin isaas, wantoonni miidhaa geessisan biyyoo keessaa hin margan,
Rakkinnis lafa keessaa hin burqu.
7 Akkuma qaanqeen ol xaaxaʼu,
Namnis rakkinaaf dhalata.
8 Ani garuu utuun si taʼee Waaqayyotti nan iyyadha,
Dhimma koos Waaqayyo duratti nan dhiheeffadhan ture;
9 Inni wanta guddaa fi qoramuu hin dandeenye,
Wantoota dinqisiisoo lakkaaʼamuu hin dandeenye ni raawwata.
10 Inni lafaaf bokkaa ni roobsa,
Dirreewwan irrattis bishaan ni erga.
11 Isa rakkataa ol ni kaasa,
Isa gaddus gara fayyinaatti ol ni kaasa.
12 Hojiin harka isaanii akka hin milkoofneef,
Karoora warra haxxee taʼanii ni gufachiisa.
13 Karoorri warra abshaala taʼanii akka fashalaaʼuuf,
Inni warra ogeeyyii taʼan haxxummaa isaaniitiin isaan qabata.+
14 Guyyaan isaanitti ni dukkanaaʼa,
Guyyaa saafaattis akkuma waan halkan keessa jiraniitti qaqqabatu.
15 Inni goraadee afaan isaanii keessaa baʼu irraa namoota ni oolcha,
Isa hiyyeessa harka isa jabaa jalaa ni oolcha;
16 Kanaan kan kaʼes, rakkataan abdii ni qabaata,
Afaan jalʼootaa garuu ni cufama.
17 Kunoo, namni Waaqni adabu gammadaa dha;
Kanaafuu, adaba Isa Hundumaa Dandaʼu sanaa hin tuffatin!
18 Inni dhukkubbii ni fida, garuu immoo madaa ni hidha;
Inni ni cabsa, garuu immoo harkuma isaatiin ni fayyisa.
19 Inni dhaʼichawwan jaʼa irraa si oolcha,
Dhaʼichi torbaffaanis si hin miidhu.
20 Inni yeroo beelaatti duʼa irraa,
Yeroo waraanaattis humna goraadee jalaa si fura.
21 Alangaa arrabaa irraa eegumsa ni argatta,+
Yommuu badiisni dhufus hin sodaattu.
22 Badiisaa fi beelatti ni kolfita,
Bineensota bosonaas hin sodaattu.
23 Dhagoonni maasii keessaa si hin miidhan,*
Bineensonni bosonaas sii wajjin nagaa ni qabaatu.
24 Dunkaanni kee amansiisaa* akka taʼu ni beekta,
Yommuu kaloo kee qorattus homtuu hin hirʼatu.
25 Ijoollee baayʼee ni qabaatta,
Sanyiin kees akkuma biqiltuu lafa irraa hedduu ni taʼa.
26 Akkuma bissiiwwan* midhaanii waqtii isaaniitti walitti qabamanitti,
Atis akkuma jabaa taatetti gara awwaalaatti ni adeemta.
27 Kunoo, nuti kana qoranneerra, dhugaan isaas kana dha.
Kana dhagaʼi, fudhadhus.”
6 Achiis Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Maal taʼa dhiphinni+ koo utuu guutummaatti madaalamee,
Rakkina koo wajjinis utuu madaallii irra kaaʼamee!
3 Silaa amma cirracha galaanaa caalaa ulfaata ture.
Utuu itti hin yaadin* kanan dubbadhu kanaafi.+
4 Xiyyawwan Isa Hundumaa Dandaʼuu na waraananiiru,
Hafuurri koos summii isaanii dhugaa jira;+
Naasuun Waaqayyo biraa dhufe na irratti wal gaʼeera.
5 Harreen bosonaa+ utuu marga qabuu ni halaakaa?
Qotiyyoon hoo utuu gafara* qabuu ni bookkisaa?
6 Nyaanni miʼaa hin qabne soogidda malee ni nyaatamaa?
Bishaan hanqaaquu hoo dhandhama qabaa?
7 Ani wantoota akkanaa tuquu nan jibbe.*
Isaan akka faalama nyaata koo keessatti argamuu ti.
8 Maal taʼa utuu gaaffiin koo deebii argatee,
Waaqayyos utuu fedhii koo naaf guutee!
9 Maal taʼa Waaqayyo utuu tole jedhee na caccabsee,
Harka isaa diriirsee utuu guutummaatti na balleessee!+
10 Silaa kun illee jajjabina naaf argamsiisa ture;
Ani dubbii Isa Qulqulluu+ taʼe sanaa waanan hin tuffanneef,
Dhukkubbii gabii hin qabne yoon qabaadhes gammachuudhaan nan utaalan ture.
11 Jabina eeggachuu koo itti fufuuf na dandeessisu qabaa ree?+
Lubbuudhaan jiraachuu koo akkan itti fufuuf,* wanti gaariin na eeggatu jiraa ree?
12 Jabinni koo akka jabina qarsaa tii?
Foon koo hoo sibiila diimaa irraa tolfamee?
13 Wanti deggersa naaf kennu hundi na irraa fudhatamee utuu jiruu,
Karaan itti of gargaaruu dandaʼu jiraa ree?
14 Namni michuu isaatti jaalala amanamaa hin argisiisne kam iyyuu+
Isa Hundumaa Dandaʼu sodaachuu ni dhiisa.+
15 Obboloonni koo akka laga gannaatti,
Akka bishaan laga gannaa isa gogutti na gananiiru.+
16 Isaan cabbiidhaan kan kaʼe booraʼaniiru,
Cabbiin baqus isaan keessa dhokatee jira.
17 Yommuu hoʼi bonaa dhufu garuu bishaan kan hin qabne ni taʼu, akkasumas ni dhabamu;
Isaan yommuu hoʼi dhufu ni goggogu.
18 Karaan irra yaaʼan ni jijjiirama;
Isaan gara lafa onaatti yaaʼanii ni badu.
20 Bishaan akka argatan mirkanaaʼoo waan turaniif ni qaanaʼan;
Achi yeroo gaʼanittis ni gaddan.
21 Isin akkasuma natti taataniittu;+
Rakkinni koo hammam akka nama naasisu ilaaltanii sodaattaniittu.+
22 Ani, ‘Waa naa kennaa’ jedheeraa?
Yookiin qabeenya keessan irraa kennaa akka naaf kennitan isin gaafadheeraa?
23 Harka diinaa jalaa akka na baastan,
Yookiin warra cunqursan jalaa akka na oolchitan* isin gaafadheeraa?
24 Mee na barsiisaa, anis nan callisa;+
Balleessaa koo akkan hubadhu na gargaaraa.
25 Dubbii dhugaan nama hin dhukkubsu!+
Garuu sirreeffama naaf kennitan irraa faayidaa akkamiin argadha?+
26 Isin dubbii ani dubbadhu,
Dubbii nama abdii kutatee,+ isa bubbeen fudhatee deemu sirreessuuf karoorfattuu?
27 Kana malees isin mucaa warri jalaa duʼan irratti carraa ni buufattu,+
28 Ani fuula keessan duratti waanan hin sobneef,
Mee amma garagalaatii na ilaalaa.
29 Mee maaloo irra deebiʼaa yaadaa, dogoggoraan na hin hubatinaa,
Eeyyee, ani amma iyyuu qajeelaa waanan taʼeef, irra deebiʼaa yaadaa.
30 Arrabni koo jalʼina dubbachaa jiraa?
Laagaan koo hoo rakkinni taʼe tokko akka jiru hubachuu hin dandaʼuu?
7 “Namni lafa irraa, inni duʼu jireenyi isaa akkuma hojii dirqamaa mitii?
Guyyoonni isaas akkuma guyyoota nama mindeeffamee hojjetuu mitii?+
2 Inni akkuma garbicha tokkoo gaaddisa hawwa,
Akkuma nama mindeeffamee hojjetuus mindaa isaa eeggata.+
3 Jiʼoonni gatii hin qabne naaf ramadamaniiru,
Halkanoonni dhiphinaan guutamanis naaf kennamaniiru.+
4 Yommuun ciisu, ‘Yooman kaʼa?’ jedheen gaafadha;+
Halkanichi yommuu dheeratu garuu, hamma guyyichi bariʼutti* boqonnaa malee asii fi achi nan gaggaragala.
5 Foon koo raammoo fi bungulloo* biyyootiin uwwifameera;+
Gogaan koos qonyonyaa fi malaadhaan guutameera.+
8 Ijji amma na argu deebiʼee na hin argu;
Ijji kee na barbaada, garuu ani hin jiru.+
11 Kanaafuu, ani afaan koo hin qabadhu.
Dhiphina hafuura kootii irraa kan kaʼe nan dubbadha;
Yaaddoo koo isa hadhaaʼaa taʼe* irraa kan kaʼes komii nan dhiheessa!+
12 Ati ana irratti eegduu kan dhaabdu,
Ani galaana moo uumama galaanaa guddaa taʼe dha?
13 Yommuun, ‘Sireen koo na jajjabeessa;
Iddoon ciisichaa koos dhiphina koo naaf salphisa’ jedhu,
14 Ati immoo abjuudhaan na naasista,
Mulʼataanis na sodaachista;
15 Kanaafuu, hafuurri koo waan addaan citeef duʼa nan filadha.
Eeyyee, qaamni koo akkana taʼuu isaa* mannaa duʼuu naa wayya.+
16 Ani jireenya koo baayʼeen jibbe;+ jiraachuu koo itti fufuu hin barbaadu.
Guyyoonni koo akkuma hafuura afaanii baʼuu waan taʼaniif, na dhiisi.+
18 Ati yeroo hundumaa ganama ganama hubattee kan isa ilaaltu,
Yeroo yeroottis kan isa qortu maaliifi?+
19 Ati ija kee narraa hin buqqifattuu?
Hamman hancufa koo liqimsutti illee na hin dhiistuu?+
20 Yaa isa ilmaan namootaa toʼattuu,+ ani yoon cubbuu raawwadhe akkamittan si miidha?
Ati akeeka kee kan na godhatte maaliifi?
Ani baʼaa sitti taʼeeraa?
21 Balleessaa koo kan irra naaf hin darbine,
Dogoggora koos kan anaaf hin dhiisne maaliifi?
Ani dhiheenyatti biyyoo keessa nan ciisa,+
Ati na barbaadda, ani garuu hin jiru.”
8 Achiis Bildaad+ Shuʼaatichi+ akkana jedhee deebise:
2 “Ati hamma yoomiitti akkanatti dubbatta?+
Dubbiin afaan kee keessaa baʼu bubbee cimaa dha!
3 Waaqayyo haqa ni jalʼisaa?
Yookiin Inni Hundumaa Dandaʼu qajeelummaa ni jalʼisaa?
4 Ilmaan kee isa irratti cubbuu raawwataniiru yoo taʼe,
Inni waan isaan fincilaniif akka adabaman godheera;*
5 Haa taʼu malee, ati gara Waaqayyootti utuu garagaltee,+
Akka garaa sii laafuufis Isa Hundumaa Dandaʼu utuu cimsitee kadhattee,
6 Akkasumas dhugumaan qulqulluu fi qajeelaa turte utuu taʼee,+
Silaa inni xiyyeeffannaa siif ni kenna,*
Iddoo kee isa sirriittis si deebisa ture.
7 Jalqabni kee xinnaa taʼu illee,
Egereen kee guddaa ni taʼa.+
8 Mee dhaloota durii gaafadhu,
Wantoota abbootiin isaanii qoratanii bira gaʼaniifis xiyyeeffannaa kenni.+
9 Nuti kan dhalanne kaleessa waan taʼeef, homaa hin beeknu,
Guyyoonni lafa irratti dabarsinus akkuma gaaddisaa ti.
10 Isaan si hin barsiisanii?
Wanta beekan hoo sitti hin himanii?*
11 Dhallaadduun lafa caffeen hin jirretti ni guddataa?
Shomboqqoon hoo bishaan malee ni guddataa?
12 Isaan utuma hudhaa godhatanii jiranii kutamuu isaanii dura,
Biqiltuu kan biraa kam iyyuu dura ni goggogu.
13 Wanti namoota Waaqayyoon irraanfatan hundumaa irra gaʼu* kana dha;
Sababiin isaas, abdiin nama Waaqa hin qabnee* ni bada;
14 Wanti inni amanatu gatii hin qabu,
Wanti inni itti amanamus akkuma mana sarariitii dadhabaa dha.
15 Inni mana isaatti ni hirkata, taʼus manichi hin dhaabbatu;
Inni cimsee isa qabuuf ni yaala, taʼus manichi ni kufa.
16 Inni biqiltuu jiidhaa ifa aduu keessa jiru dha,
Dameewwan isaas iddoo biqiltuu keessatti ni babalʼatu.+
17 Hiddawwan isaa tuullaa dhagaa keessatti walitti xaxamu;
Inni dhagoota gidduutti mana barbaaddata.*
18 Yommuu iddoo isaatii buqqifamu* garuu,
Iddoon sun, ‘Ani matumaa si argee hin beeku’ jedhee isa gana.+
20 Waaqayyo dhugumaan warra amanamummaa isaanii eegan* hin gatu;
Nama hamaas hin deggeru.*
21 Inni ammas akka kolfitu,
Akka ililchitus ni godha.
22 Warri si jibban salphina uffatu,
Dunkaanni hamootaas ni bada.”
9 Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Dhugaa dha, kun akkasuma akka taʼe beeka.
Garuu namni duʼu Waaqayyoo wajjin wal falmee akkamitti sirrii taʼuu dandaʼa?+
3 Namni tokko isa falmuu* yoo barbaade,+
Namni sun gaaffiiwwan isaa kuma tokko keessaa isa tokkoof illee deebii kennuu hin dandaʼu.
4 Inni garaan isaa ogeessa, humni isaas guddaa dha.+
Isa mormee miidhaa jalaa kan oolu eenyu?+
5 Eenyu iyyuu utuu hin beekin gaarota iddoo isaaniitii ni sochoosa;*
Dheekkamsa isaatiin isaan ni garagalcha.
6 Inni lafa iddoo ishiitii ni sochoosa,
Kanaan kan kaʼes utubaawwan ishii ni hollatu.+
7 Aduun akka hin ibsine ni ajaja,
Ifa urjiilees ni cufa;+
8 Inni kophaa isaa samiiwwan ni diriirsa,+
Danbaliiwwan galaanaa ol kaʼan irras ni ejjeta.+
9 Inni tuutawwan urjiilee Aash,* Kasiilii* fi Kiimaa,*+
Akkasumas tuutawwan urjiilee samii isa kibbaa* tolcheera;
10 Inni wantoota guguddaa fi qoramuu hin dandeenye,+
Wantoota dinqisiisoo lakkaaʼamuu hin dandeenye ni hojjeta.+
11 Inni na bira darba, ani garuu isa arguu hin dandaʼu;
Na bira darbee deema, ani garuu isa hin hubadhu.
12 Yommuu inni waa butu eenyutu isa dhowwachuu dandaʼa?
Eenyutu, ‘Maal gochuu kee ti?’ isaan jechuu dandaʼa?+
14 Maarree yommuun deebii isaaf kennu kana caalaa gochuu hin qabuu?
Isaa wajjin yommuun falmu jechootan fayyadamu of eeggannoodhaan filachuun qaba!
15 Utuun sirrii taʼee illee ani deebii isaaf hin kennu.+
Abbaa murtii koo* araara kadhachuu malee homaa gochuu hin dandaʼu.
16 Yoon isa waammadhe inni deebii naaf ni kennaa?
Inni sagalee koo ni dhaggeeffata jedhee hin amanu.
17 Sababiin isaas, inni obomboleettiidhaan na caccabsa,
Sababii tokko malees madaa koo ni baayʼisa.+
18 Akkan hafuura fudhadhu illee naaf hin heyyamu;
Wantoota hadhaaʼaniin na guutaa jira.
19 Waaʼee humnaatiif yoo taʼe, inni jabaa dha.+
Waaʼee haqaatiif yoo taʼe immoo inni, ‘Eenyutu balleessaa qabda jedhee na gaafachuu* dandaʼa?’ jedha.
20 Yoon sirrii taʼe illee, afaanumti koo iyyuu natti murteessa;
Amanamummaa koo yoon eege illee* inni balleessaa akkan qabu* ni dubbata.
21 Yoon amanamummaa koo eege illee* maaltu akka na irra gaʼu* hin beeku;
Ani jireenya koo kana jibbeera.*
22 Hundumtuu sanuma.
‘Inni akkuma hamoota balleessutti warra qulqulluu taʼanis* ni balleessa’ kanan jedhus kanaafi.
23 Lolaa cimaan duʼa tasaa yoo fide,
Namni qulqulluun yommuu abdii kutatu inni isatti ni qoosa.
Kana kan godhu isa miti taanaan, eenyu ree?
25 Amma guyyoonni koo nama fiigu caalaa saffisu;+
Isaan wanta gaarii utuu hin argin darbu.
26 Akkuma yabala shomboqqoo irraa tolfameetti,
Akkuma risaa isa wanta adamsu irratti gad buʼuutti ni saffisu.
27 Ani, ‘Gadda koo nan irraanfadha,
Fuula koo nan jijjiira, gammadaas nan taʼa’ yoon jedhe illee,
28 Dhiphina koo hundumaa irraa kan kaʼe amma iyyuu nan sodaadha,+
Qulqulluu akkan taʼetti ati akka na hin ilaalle beeka.
29 Balleessaa* akkan qabutti nan lakkaaʼama.
Maarree, maaliifan akkasumaan qabsaaʼa?+
30 Bishaan cabbii baqe irraa argameen yoon dhiqadhe,
Daaraadhaanis* harka koo yoon qulqulleesse illee,+
31 Ati boolla dhoqqee qabu keessa na cuuphxa,
Kanaafuu, uffanni koo illee na jibba.
32 Akkan deebii isaaf hin kennineef,
Mana murtiittis akka waliin hin dhihaanneef inni akka koo nama miti.+
34 Na rukutuu isaa yoo dhiise,*
Doorsisni isaas akka na sodaachisu yoo gochuu baate,+
35 Anis sodaa malee isatti nan dubbadhan ture,
Sababiin isaas, sodaadhaan dubbachuun uumama koo miti.
10 “Ani jireenya koo baayʼeen jibba.*+
Gadda koo nan dhangalaasa.
Dhiphina koo isa hadhaaʼaa irraa kan kaʼes* nan dubbadha!
2 Ani Waaqayyoon akkana nan jedha: ‘Balleessaa qabda naan hin jedhin.
Kan na mormitu maaliif akka taʼe natti himi.
4 Ati ija foonii qabdaa?
Moo akka namni duʼu ilaalutti ilaalta?
5 Guyyoonni kee akka guyyoota nama duʼuu tii?
Waggoonni kee hoo akka waggoota namaa tii?+
6 Dogoggora koo kan sakattaatu,
Cubbuu koos kan barbaaddu maaliifi?+
8 Kan na bocee fi kan na tolche harkuma kee ti,+
Garuu amma guutummaatti na balleessuuf jetta.
10 Ati akkuma aannanii na hin dhangalaasnee?
Akkuma itittuus na hin itichinee?
11 Gogaa fi foon natti uwwiste,
Lafee fi ribuudhaanis walitti na hodhite.+
12 Jireenya naaf kennite, jaalala amanamaas natti argisiiste;
13 Haa taʼu malee, ati wantoota kana dhoksaatti raawwachuu barbaadde,*
Ani wantoonni kun si biraa akka dhufan beeka:
14 Yoon cubbuu raawwadhe ati na ilaalta,+
Balleessaa koo irraas bilisa na hin gootu.
15 Yoon balleessaa qabaadhe, anaaf wayyoo!
Salphinaa fi dhiphinaan waanan guutameef,+
Yoon qulqulluu taʼe illee, mataa ol qabachuu hin dandaʼu.+
16 Yoon mataa ol qabadhe, ati akkuma leencaa na adamsita,+
Ammas humna kee ana irratti ni argisiista.
17 Ragoota haaraa ana irratti ni fidda,
Dheekkamsa kees na irratti ni baayʼista,
Rakkina irratti rakkinni natti dabalama.
18 Maarree, gadameessa keessaa kan na baaste maaliifi?+
Ijji kam iyyuu na arguu isaa dura utuun duʼee naa wayya ture.
19 Silaa akkuma nama jiraatee hin beeknee nan taʼan ture;
Gadameessa keessaas kallattiidhaan gara awwaalaatti nan geeffaman ture.’
20 Guyyoonni koo muraasa mitii?+ Inni na haa dhiisu;
Xinnoo boqonnaa akkan argadhuuf,* ija isaa na irraa haa deebisu;+
21 Ani yeroo dhihootti gara lafa isa dukkana cimaa* qabu,+
Iddoon irraa hin deebine sanaa,+
22 Gara lafa guutummaatti dukkanaaʼaa taʼe,
Isa dukkana cimaa qabuu fi hin qindoofne,
Iddoo ifni illee akka dukkanaa itti taʼu sanaa nan deema.”
11 Zofaar+ Naʼaamaatichi akkana jedhee deebise:
2 “Jechoonni kun hundi deebii argachuu hin qabanii?
Yookiin namni tokko dubbii baayʼisuun isaa sirrii isa godhaa?*
3 Dubbiin kee inni gatii hin qabne namoonni akka callisan ni godhaa?
Qoosaa ati dubbattuuf namni si ifatu hin jiruu?+
5 Garuu utuu Waaqayyo dubbatee,
Utuu afaan isaas si irratti saaqqatee gaarii ture!+
6 Silaa iccitiiwwan ogummaa siif ni ibsa ture,
Sababiin isaas, ogummaan akaakuu hedduu qaba.
Yeroo sanatti Waaqayyo balleessaa kee keessaa muraasa akka siif irraanfate ni hubatta turte.
7 Wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo bira gaʼuu,
Yookiin waaʼee Isa Hundumaa Dandaʼuu guutummaatti bira gaʼuu* ni dandeessaa?
8 Inni samii caalaa ol fagoo dha. Ati maal raawwachuu dandeessa ree?
Inni Awwaala* caalaa gad fagoo dha. Ati maal beekuu dandeessa ree?
9 Inni lafa caalaa dheeraa,
Galaana caalaas balʼaa dha.
10 Inni utuu darbuu nama tokko qabee murtiitti yoo dhiheesse,
Eenyutu isa dhowwuu dandaʼa?
11 Sababiin isaas, inni namoonni yommuu gowwoomsan beeka.
Yommuu wanta hamaa taʼe argu xiyyeeffannaa hin kennuu?
12 Namni sammuun isaa duwwaa taʼe garuu kan hubatu,
Yoo harreen bosonaa nama dhaluu dandeesse* qofa dha.
13 Maal taʼa garaa kee utuu qopheeffattee,
Harka kees utuu gara isaatti diriirsitee!
14 Harki kee wanta dogoggora taʼe raawwachaa jira taanaan dogoggora sana raawwachuu kee dhiisi,
Dunkaanota kee keessas jalʼinni akka jiraatu hin heyyamin.
15 Sana booda mataa kee qaanii malee ol qabachuu ni dandeessa;
Sodaa malee jabaattee dhaabbachuus ni dandeessa.
16 Sana booda rakkina kee ni irraanfatta;
Akkuma bishaan si bira darbee deemeettis deebitee isa hin yaadattu.
17 Jireenyi kee guyyaa saafaa caalaa ifaa ni taʼa;
Dukkanni isaa illee akkuma ganamaa ni taʼa.
18 Abdiin waan jiruuf amanannaa ni qabaatta,
Naannoo kee ilaallattees yaaddoo malee ni ciista.
19 Homtuu utuu si hin sodaachisin ni ciista,
Namoonni hedduunis gaarummaa kee ni barbaadu.
20 Ijji hamootaa garuu ni bada;
Isaan iddoo itti baqatan hin argatan,
12 Achiis Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Dhuguma iyyuu, isin namoota beekumsa qabdani dha,*
Ogummaanis isinii wajjin ni duʼa!
3 Garuu anis hubannaa* qaba.
Ani isinii gad miti.
Wantoota kana kan hin beekne eenyu?
4 Ani Waaqayyoon waammadhee akka naaf deebisu waanan isa eeggadhuuf,+
Michoota koo biratti nama itti kolfamu taʼeera.+
Namni qajeelaanii fi balleessaa hin qabne nama itti kolfamu taʼeera.
5 Namni tasgabbiidhaan jiraatu, rakkinni warra miilli isaanii cimee hin dhaabbanne* irra qofa akka gaʼu waan yaaduuf,
Rakkina ni tuffata.
6 Dunkaanni saamtotaa nagaa qaba,+
Warri Waaqayyoon dheekkamsiisan,
Warri waaqa isaanii harka isaanii keessaa qabanis nageenya qabu.+
7 Garuu mee horiiwwan gaafadhu, isaan si barsiisu;
Simbirroota samiis gaafadhu, isaan sitti himu.
8 Yookiin lafaaf xiyyeeffannaa kenni,* ishiin si barsiisti;
Qurxummiiwwan galaanaas dhugaa isaa sitti himu.
9 Harki Yihowaa kana akka hojjete,
Wantoota kana hundumaa gidduudhaa kan hin beekne eenyu?
12 Ogummaan warra dullooman gidduutti hin argamuu?+
Hubannaanis umurii dheeraadhaan hin argamuu?
14 Wanti inni diige deebiʼee ijaaramuu hin dandaʼu;+
Wanta inni cufes namni banuu dandaʼu hin jiru.
15 Yommuu inni bishaanota dhowwatu wanti hundi ni goga;+
Yommuu inni isaan ergu isaan lafa ni uwwisu.+
16 Humnii fi ogummaan isa bira jiru;+
Kan wallaalchifamus, kan wallaalchisus kan isaa ti;
17 Inni gorsitoonni miila duwwaa akka deeman ni godha,*
Abbootii murtiis gowwoota ni godha.+
18 Inni hidhaa mootonni ittiin hidhan ni hiika,+
Mudhii isaaniittis qabattoo ni hidha.
19 Inni luboonni miila duwwaa akka deeman ni godha,+
Warra aangoodhaan cimanii dhaabbatanis ni garagalcha;+
20 Gorsitoota amanamoo taʼan wanta dubbatan ni dhabsiisa,
Hubannaa maanguddootaas* isaan irraa ni fudhata;
21 Guguddoota irratti tuffii ni dhangalaasa,+
Warra humna qabeeyyii taʼanis dadhaboo ni godha;*
22 Inni dukkana keessaa wantoota gad fagoo taʼan ni ibsa,+
Dukkana cimaas gara ifaatti ni baasa;
23 Inni isaan balleessuuf saboonni akka guddatan ni godha;
Boojiʼamanii akka fudhataman gochuufis saboota ni balʼisa.
24 Inni geggeessitoota sabaa irraa hubannaa* ni fuudha,
Lafa onaa daandii hin qabne keessa akka jooranis ni godha.+
25 Isaan dukkana ifa hin qabne keessa ni qaqqabatu;+
Inni akka namoota machaaʼaniitti asii fi achi akka jooran ni godha.+
13 “Eeyyee, ijji koo wanta kana hundumaa argeera,
Gurri koos dhagaʼee isa hubateera.
2 Wanta isin beektan anis beeka;
Ani isinii gad miti.
3 Gama kootiin utuun Isa Hundumaa Dandaʼuu wajjin kallattiidhaan dubbadhee nan filadha;
Waaʼee dhimma kootii Waaqayyoo wajjin falmuu nan barbaada.+
4 Isin garuu sobaan maqaa koo xureessaa jirtu;
Hundi keessan ogeeyyii fayyaa gatii hin qabne dha.+
5 Isin guutummaatti utuu callistanii,
Silaa kun ogummaa akka qabdan ni argisiisa ture.+
6 Maaloo, falmii koo dhaggeeffadhaa,
Himata afaan kootiis xiyyeeffannaadhaan dhagaʼaa.
7 Waaqayyoof jettanii jalʼinaan ni dubbattuu?
Gowwoomsaadhaan hoo isaaf ni dubbattuu?
8 Isa cinaa ni gortuu?*
Dhimma Waaqa dhugaa himachuuf yaalii ni gootuu?
9 Inni yoo isin qore isiniif gaarii ni taʼaa?+
Akkuma nama duʼu gowwoomsitanitti hoo isa ni gowwoomsituu?
10 Isin dhoksaatti Waaqayyoof looguuf yoo yaaltan,
Inni dhugumaan isin ni ifata.+
11 Ulfinni isaa isin hin sodaachisuu?
Isa sodaachuun hoo isin irra hin buʼuu?
12 Dubbiin ogummaa keessanii* mammaaksa daaraa ti;
Ittisni* keessanis akkuma ittisa suphee kan caccabu dha.
13 Akkan dubbadhuuf, ana duratti calluma jedhaa.
Sana booda wanti na irra gaʼu akkamii iyyuu na irra haa gaʼu!
14 Maaliifan balaa ofitti fida?*
Harka kootiinis lubbuu koo maaliifan balleessa?
15 Inni yoo na ajjeeses, ani amma iyyuu isuman eeggadha;+
Isa durattis dhimma koo dhiheessee nan falmadha.*
16 Achiis inni fayyisaa koo ni taʼa,+
Sababiin isaas, namni Waaqa hin qabne* isa duratti dhihaachuu hin dandaʼu.+
17 Jecha koo sirriitti dhaggeeffadhaa;
Dubbii koos xiyyeeffannaadhaan dhagaʼaa.
18 Kunoo, dhimma seeraa koo qopheeffadheera;
Ani sirrii akkan taʼe beeka.
19 Eenyutu naan morkata?
Yoon callise nan duʼa!*
20 Yaa Waaqayyo, ani si duraa akkan of hin dhoksinetti,
Wantoota lama qofa naaf godhi:*
21 Harka kee isa ulfaataa ana irraa fageessi,
Sodaan kees akka na naasisu hin godhin.+
22 Na waami, ani siifan deebisa,
Yookiin nan dubbadha, ati naaf deebisi.
23 Dogoggorri koo, cubbuun koos maali dha?
Balleessaa koo fi cubbuu koo natti himi.
24 Ati fuula kee maaliif dhoksita?+
Akka diina keettis maaliif na ilaalta?+
25 Baala bubbeen fudhate sodaachisuuf yaaltaa?
Yookiin hoffaa goge ni ariitaa?
26 Himata cimaa ana irratti galmeessitee qabatteetta,
Cubbuun ijoollummaa kootti raawwadheefis deebii akkan kennu na goota.
27 Miila koo jirma gidduu galchiteetta,
Daandii koo hundumaa of eeggannoodhaan ni qorta,
Tokkoon tokkoon faana miila kootii duukaas ni buuta.
28 Kanaafuu, namni* akkuma waan tortore tokkootti,
Akkuma uffata biliidhaan nyaatameettis ni bada.
4 Nama qulqulluu hin taane irraa nama qulqulluu taʼe argamsiisuu kan dandaʼu jiraa?+
Kana gochuu kan dandaʼu hin jiru!
5 Guyyoonni isaa murteeffamaniiru yoo taʼe,
Lakkoofsi jiʼoota isaa si bira jiru;
Inni sana irra akka hin darbineef ati daangaa isaaf keesseetta.+
6 Akkuma nama mindeeffamee hojjetuutti hamma inni guyyoota isaa xumurutti,
Akka inni boqotuuf ija kee isa irraa buqqisi.+
7 Sababiin isaas, mukti illee abdii qaba.
Yoo murame deebiʼee ni lalisa,
Dameewwan isaas guddachuu isaanii itti fufu.
8 Hiddi isaa lafa keessatti yoo dulloome,
Gufuun isaas biyyoo keessatti yoo duʼe,
9 Foolii bishaaniitiin ni lalisa;
Akkuma biqiltuu haaraattis damee ni godhata.
11 Bishaan galaana keessaa ni bada,
Lagni ni qoora, ni gogas.
12 Namnis ni ciisa, hin kaʼus.+
Hamma samiin dhabamutti, isaan hin dammaqan,
Hirriba isaaniitiis hin kaafaman.+
13 Maal taʼa, Awwaala* keessatti utuu na dhoksitee,+
Hamma dheekkamsi kee darbutti utuu na golgitee,
Daangaa yeroos naaf keessee utuu na yaadattee!+
14 Namni yoo duʼe deebiʼee jiraachuu dandaʼaa?+
Hamma yeroon boqonnaa koo dhufutti,
Baran tajaajila dirqamaa itti raawwadhu hundumaa nan eeggadha.+
15 Ati na waamta, anis nan owwaadha.+
Hojii harka keetiis ni yaadda.*
16 Amma garuu ati adeemsa koo hundumaa ni lakkoofta;
Cubbuu koo qofa ilaalta.
17 Balleessaan koo korojoo keessatti saamsameera,
Atis dogoggora koo hapheedhaan ni saamsita.
18 Akkuma gaarri jigee caccabutti,
Qarsaanis iddoo isaatii buqqaʼutti,
19 Akkuma bishaan dhagaa nyaatee fixutti,
Lolaan isaas biyyoo lafaa dhiqutti,
Atis abdii nama duʼuu ni balleessite.
20 Hamma inni badutti humnaan isa irra ni caalte;+
Ati bifa isaa ni jijjiirte, achiis isa ni geggeessite.
21 Ilmaan isaa ulfina argatu, inni garuu kana hin beeku;
Isaan gatii kan hin qabne taʼu, inni garuu kana hin hubatu.+
22 Dhukkubbiin kan isatti dhagaʼamu yeroo fooniin jirutti qofa dha;
Inni* kan gaddu yeroo lubbuudhaan jirutti qofa dha.”
15 Eliifaaz+ Temaanichi akkana jedhee deebise:
2 “Namni ogeessi falmii duwwaa taʼeen* deebii ni kennaa?
Yookiin garaa isaa bubbee bahaatiin ni guutaa?
3 Jecha buʼaa hin qabneen ifachuun gatii hin qabu,
Dubbiin qoftis faayidaa hin qabu.
4 Sababiin isaas, ati Waaqa sodaachuuf iddoo hin kennitu,
Waaʼee Waaqayyoo yaaduus akka laayyootti ilaalta.
5 Akkanatti kan dubbattu, dogoggora keetiin kan kaʼe dha,*
Dubbii haxxummaas ni filatta.
6 Afaanuma keetu sitti murteessa malee, ana miti;
Hidhii keetu si irratti ragaa baʼa.+
7 Namni jalqaba dhalate siʼii?
Yookiin ati tabbawwan dura dhalattee?
8 Iccitii Waaqayyoo ni dhageessaa?
Yookiin ogummaa kan qabu si qofa dhaa?
9 Mee wanti ati beektuu fi nuti hin beekne maali dha?+
Wanti ati hubattuu fi nuti hin hubanne maali dha?
10 Namoonni mataa harrii fi umuriidhaan sokkan,
Namoonni angafa abbaa keetii taʼan nu gidduu jiru.+
11 Jajjabinni Waaqayyo biraa argatte,
Yookiin dubbiin gaarummaadhaan sitti dubbatame si hin gaʼuu?
12 Miirri* kee akka si toʼatu kan heyyamtu maaliifi?
Ijji kee hoo aariidhaan kan bobaʼu maaliifi?
13 Ati Waaqayyotti ni aarta,*
Jechoonni kunis afaanuma kee keessaa akka baʼan heyyamta.
14 Namni duʼu qulqulluu taʼuu,
Yookiin namni dubartii irraa dhalate kam iyyuu qajeelaa taʼuu ni dandaʼaa?+
15 Kunoo, inni qulqulloota isaa irratti amantii hin qabu,
Samiin illee ija isaa duratti qulqulluu miti.+
16 Maarree, namni jibbisiisaa fi mancaʼaa taʼe,
Namni jalʼina akka bishaaniitti dhugu hammam haa xinnaatu!+
17 Sittan hima, na dhagaʼi!
Wantan arge nan dubbadha,
18 Wanta namoonni ogeeyyiin dubbatanii fi hin dhoksine,
Wantoota isaan abbootii isaanii irraa argatan nan dubbadha.+
19 Lafattiin isaaniif qofa kennamtee turte,
Ormi tokko illees isaan gidduu hin darbine.
20 Namni hamaan umurii isaa guutuu,
Waggoota isa nama cunqursu sanaaf ramadaman hundumaatti dhiphinaan jiraata.
21 Sagalee sodaachisaan gurra isaa keessa jira;+
Yeroo nagaatti weerartoonni isa ni haleelu.
22 Inni dukkana jalaa akka miliqu hin amanu;+
Inni goraadeedhaaf kaaʼameera.
23 Inni, ‘Eessa jira?’ jedhee nyaata* barbaaduuf asii fi achi joora.
Guyyaan dukkanaa dhihaachuu isaa akka gaariitti beeka.
24 Dhiphinnii fi jeequmsi isa sodaachisuu isaanii itti fufu;
Isaan akka mootii haleellaa jalqabuuf qophaaʼeetti isa ni moʼu.
25 Sababiin isaas, inni harka isaa Waaqayyo irratti ni kaasa,
Isa Hundumaa Dandaʼu mormuufis* yaalii ni godha;
26 Inni gaachana isaa isa furdaa fi cimaa taʼe* qabatee,
Mata jabinaan gara isaatti ni fiiga;
27 Fuulli isaa coomaan haguugameera,
Luqqeettuun isaas coomaan dhiitaʼeera.
28 Inni magaalota diigamuuf jedhan,
Manneen namni tokko illee keessa hin jiraanne,
Warra tuullaa dhagaa taʼuuf jedhan keessa jiraata.
29 Inni sooressa hin taʼu, qabeenyi isaa walitti hin qabamu,
Badhaadhinni isaas biyyattii keessatti hin babalʼatu.
30 Inni dukkana jalaa hin miliqu;
Laboobni damee isaa ni gogsa,*
31 Inni karaa irraa goruus taʼe wanta gatii hin qabnetti amanamuu hin qabu,
Sababiin isaas, wanti inni kana irraa argatu gatii hin qabaatu;
32 Guyyaan isaa gaʼuu isaa dura kun ni taʼa,
Dameewwan isaas matumaa hin lalisan.+
33 Inni akka muka wayinii firii wayinii isaa isa dheedhii of irraa hurgufuu,
Akka muka ejersaa* daraaraa isaa of irraa harcaasuus ni taʼa.
34 Sababiin isaas, yaaʼiin warra Waaqa hin qabnee* ni maseena,+
Ibiddis dunkaana warra mattaʼaa fudhatanii ni nyaata.
35 Isaan rakkina ni ulfaaʼu, wanta hamaa taʼes ni dhalu,
Gadameessi isaaniis gowwoomsaadhaan kan guutame dha.”
16 Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Ani kanaan dura wantoota akkanaa hedduu dhagaʼeera.
Hundi keessan jajjabeessitoota rakkina uumtani dha!+
3 Dubbiin duwwaan* dhuma qabaa?
Isin akkanatti akka deebistan maaltu isin kakaase?
4 Anis akkuma keessanitti dubbachuu nan dandaʼa.
Isin bakka koo utuu taatanii,*
Anis dubbii nama amansiisuun isinitti dubbachuu,
Mataa koos isinitti raasuu nan dandaʼan ture.+
5 Ani garuu dubbii afaan kootiin isin nan jajjabeessa,
Jajjabinni hidhii kootiis boqonnaa ni argamsiisa ture.+
6 Ani yoon dubbadhe, rakkinni koo naaf hin salphatu,+
Dubbachuu yoon dhiise hoo, rakkinni koo hammam naaf hirʼata?
8 Huqqinni koo kaʼee fuula koo duratti akka ragaa baʼuuf,
Ati na qabatteetta, haalli koo kunis ragaa taʼeera.
9 Dheekkamsi isaa na ciccireera, innis ija diinummaatiin na ilaala.+
Ilkaan isaa na irratti qarata.
Diinni koo ija isaatiin na waraana.+
10 Isaan afaan isaanii balʼisanii ana irratti bananiiru,+
Tuffiidhaan maddii* koo rukutaniiru;
Hedduu taʼaniis ana irratti walitti qabaman.+
11 Waaqayyo harka ijoolleetti dabarsee na kenne,
Harka hamootaa keessattis na gate.+
12 Ani rakkina tokko malee jiraachaan ture, inni garuu na hurreesse;+
Inni karaa duubaatiin morma koo qabee na caccabse;
Achiis xiyya isaa natti darbachuuf akeeka godhee na dhaabe.
13 Warri xiyya isaaf darbatan natti marsu;+
Inni kalee koo ni waraana,+ garaa naaf hin laafu;
Hadhooftuu koos lafa irratti dhangalaasa.
14 Ani akkuma dallaa inni irra deddeebiʼee diiguu ti;
Inni akkuma loltuutti natti fiiga.
15 Ani gogaa koo uwwisuuf uffata gaddaa walitti hodheera,+
17 Harki koo garuu jalʼina hin raawwanne,
Kadhannaan koos qulqulluu dha.
18 Yaa lafaa, dhiiga koo hin haguugin!+
Iyya kootiifis iddoon boqonnaa hin argamin!
19 Ammuma illee, inni dhugaa naaf baʼu samii keessa jira;
Inni anaaf ragaa baʼuu dandaʼu ol gubbaa jira.
21 Akkuma namni tokko namoota lama walitti araarsu,
Namni tokkos namaa fi Waaqayyoon walitti haa araarsu.+
17 “Hafuurri koo cabeera, guyyoonni koos dhumaniiru;
Iddoon awwaalchaa na eeggata.+
2 Qoostonni natti marsan,+
Ijji koo amala isaanii isa hamaa haa ilaalu.
3 Maaloo qabsiisa koo fudhadhuutii of bira kaaʼi.
Harka koo qabee wabii kan naaf taʼu kan biraan eenyu ree?+
4 Sababiin isaas, ati garaa isaanii jalaa hubannaa dhoksiteetta;+
Ati kan ol isaan hin qabne kanaafi.
5 Namoonni kun ijji ijoollee isaanii dadhabee utuu jiruu,
Qabeenya isaanii michoota isaaniitiif hiru.
6 Ani nama isaan fuula isaatti tufan akkan taʼuuf,+
Inni namoota gidduutti kanan tuffatamu* akkan taʼu godheera.+
7 Dhiphina irraa kan kaʼe ijji koo dadhabeera,+
Harkii fi miilli koos akkuma gaaddidduu taʼeera.
8 Namoonni qajeeloon dinqisiifatanii kana ni ilaalan,
Namni qulqulluunis nama Waaqa hin qabneen* kan kaʼe ni jeeqame.
10 Haa taʼu malee, ani isin gidduutti nama ogeessa taʼe tokko illee waan hin arganneef,
Hundi keessan dhuftanii falmii keessan itti fufuu dandeessu.+
12 Isaan, ‘Waan dukkanaaʼeef ifni dhihaateera’ jedhanii,
Halkan gara guyyaatti jijjiiru.
14 Ani boollaan,*+ ‘Ati abbaa koo ti!’
Raammoodhaanis, ‘Ati haadha tiyyaa fi obboleettii tiyya!’ nan jedha.
15 Maarree, abdiin koo eessa jira?+
Abdii naaf arguu kan dandaʼu eenyu?
16 Hundi keenya walii wajjin gara biyyootti yommuu gad buunu,
Inni* gara karrawwan Awwaalaa* warra danqaramaniitti gad ni buʼa.”+
18 Bildaad+ Shuʼaatichi akkana jedhee deebise:
2 “Isin hamma yoomiitti akkanatti dubbachuu keessan itti fuftu?
Mee hubannaa muraasa nutti argisiisaa; sana booda nuti ni dubbanna.
4 Ati aarii keetiin yoo of* ciccirte illee,
Siif jecha lafti ni ontii?
Yookiin qarsaan iddoo isaatii buqqaʼee ni deemaa?
5 Eeyyee, ibsaan nama hamaa ni dhaama,
Laboobni ibiddaa isaas hin ifu.+
6 Ibsaan dunkaana isaa keessa jiru dhugumaan dukkanaaʼaa deema,
Ibsaan isa gubbaa jirus ni dhaama.
7 Tarkaanfiin isaa inni cimaan ni gabaabbata,
Gorsumti isaas akka kufu isa godha.+
8 Sababiin isaas, miilli isaa saaphanatti isa geessa,
Innis wadaroo saaphana sanaatiin ni xaxama.
10 Funyoon lafa keessa isaaf dhokfameera,
Kiyyoonis daandii isaa irra kaaʼameera.
11 Naasuun kallattii hundumaatiin isa ni sodaachisa+
Faana dhaʼees isa ni ariʼa.
13 Gogaan isaa nyaatamee dhuma;
Dhukkubni cimaan* nama ajjeesus harkaa fi miila isaa nyaatee fixa.
14 Inni tasgabbii dunkaana isaa keessatti argatu irraa buqqifamee ni deema,+
Gara mootii sodaattis* ni geeffama.
16 Hiddi isaa isa jalatti ni goga,
Dameen isaas isaa olitti ni coolliga.
17 Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada,
Karaa irrattis maqaan isaa kan hin beekamne ni taʼa.*
18 Inni ifa irraa gara dukkanaatti ni geeffama,
Lafa oomisha kennitu keessaas ni ariʼama.
19 Inni saba isaa gidduutti ijoollee fi sanyii hin qabaatu,
Iddoo inni jiraatu* keessattis namni lubbuudhaan isaaf oolu hin jiraatu.
20 Guyyaan isaa yommuu gaʼu, namoonni Dhihaa ni jeeqamu,
Namoonni Bahaas sodaadhaan ni qabamu.
21 Wanti dunkaanota nama balleessaa raawwatuu irra,
Iddoo nama Waaqayyoon hin beeknee irras gaʼu kana dha.”
19 Iyyoob akkana jedhee deebise:
4 Dhugumaan balleessaa raawwadheera yoon taʼes,
Dogoggorri koo anumaa wajjin jiraata.
5 Komiin ana irratti dhihaate sirrii akka taʼe dubbachuudhaan,
Ana irratti ol of qabuu keessan yoo itti fuftan,
6 Kan na dogoggorse Waaqayyo taʼuu isaa beekaa,
Inni saaphana isaa isa ittiin adamsuun na qabeera.
7 Kunoo yeroo hunda, ‘Hamminni na irratti raawwatame!’ jedhee nan iyya, garuu deebii hin argadhu;+
Gargaarsa argachuuf nan iyya, garuu haqni hin jiru.+
8 Inni daandii koo dallaa dhagaatiin cufeera, anis darbuu hin dandaʼu;
Karaa koo dukkanaan haguugeera.+
9 Inni ulfina koo na irraa fuudheera,
Gonfoos mataa koo irraa kaaseera.
10 Hamman badutti kallattii hundumaatiin na caccabse;
Inni akkuma mukaatti abdii koo buqqiseera.
11 Aariin isaa ana irratti bobaʼe,
Akka diina isaattis na ilaale.+
12 Loltoonni isaa walitti qabamanii natti marsan,
Dunkaana kootti marsaniis ni buufatan.
13 Inni obboloota koo na irraa fageesseera,
Warri na beekanis na irraa garagalaniiru.+
15 Keessummoonni mana koo keessa jiranii+ fi garbittiiwwan koo akka ormaatti na ilaalan;
Ani ija isaanii duratti nama biyya ormaa ti.
16 Tajaajilaa koo nan waame, inni garuu naaf hin deebisne;
Gara laafina akka natti argisiisuuf afaanuma kootiin isa nan kadhadhe.
17 Hafuurri koo illee haadha manaa tiyya ni jibbisiise,+
Obboloota kootiifis* akka waan xiraaʼaa nan taʼe.
18 Ijoolleen illee na tuffatan;
Yommuun ol kaʼu natti qoosu.
21 Harki Waaqayyoo waan na tuqeef,+
Gara laafina natti argisiisaa, yaa michoota koo, gara laafina natti argisiisaa.
22 Isin boqonnaa malee na haleeluudhaan,*+
Akkuma Waaqayyootti ariʼatama kan na irra geessistan maaliifi?+
23 Maal taʼa dubbiin koo utuu barreeffamee,
Kitaaba irrattis utuu galmeeffamee!
24 Sibiila ittiin bocanii fi sibiila irsaasiitiin
Bara baraaf qarsaa irratti utuu bocamee!
25 Sababiin isaas, inni na furu*+ jiraataa akka taʼe akka gaariittan beeka;
Inni booda ni dhufa, lafa* irras ni dhaabbata.
26 Gogaan koo akka kanaan erga mancaʼee booda,
Utuman fooniin jiruu, Waaqayyoon nan arga,
27 Inni isa anumti argu sana,
Isa ijji nama kan biraa utuu hin taʼin, ijumti koo argu sana dha.+
Keessa kootti garuu akkan butute natti dhagaʼama!*
28 Hundeen rakkinichaa na bira waan jiruuf,
Isin, ‘Ariʼatama kan isa irra geessisne karaa kamiini?’ jettu.+
29 Goraadeen warra balleessaa raawwatan irratti adaba waan fiduuf,
Ofii keessaniif goraadee sodaadhaa;+
Abbaan murtii akka jirus beekaa.”+
20 Zofaar+ Naʼaamaatichi akkana jedhee deebise:
2 “Miira jeequmsaa natti dhagaʼamuun kan kaʼe,
Yaanni koo inni na rakkisu deebii akkan kennu na kakaasa.
3 Ani komii na arrabsu dhagaʼeera;
Hubannaan koos* deebii akkan kennu na dirqisiisa.
4 Kun yeroo namni* lafa irratti uumamee jalqabee kan jiru waan taʼeef,
Ati dhugumaan yeroo hunda kana beekuu qabda turte;+
5 Ililchi nama hamaa yeroo gabaabaadhaaf,
Gammachuun nama Waaqa hin qabnees* yeroo xinnoodhaaf qofa akka turu beekuu qabda turte.+
6 Guddinni isaa gara samiitti yoo ol baʼe,
Mataan isaas duumessa bira yoo gaʼe iyyuu,
7 Inni akkuma bobbaa isaatti bara baraaf ni bada;
Warri isa ilaalaa turanis, ‘Inni eessa jira?’ jedhu.
8 Inni akka abjuutti barrisee bada, isaanis isa hin argatan;
Akka mulʼata halkaniittis ni ariʼama.
9 Ijji kanaan dura isa arge deebiʼee isa hin argu,
Iddoon isaas sana booda isa hin argu.+
10 Ijoolleen isaa hiyyeessa deggersa gaafatu,
Harkumti isaas qabeenya isaa deebisee ni kenna.+
11 Lafeen isaa humna dargaggummaatiin kan guutame ture,
Taʼus inni* isaa wajjin biyyoo keessa ni ciisa.
12 Wanti hamaan afaan isaatti kan miʼaawu yoo taʼe,
Isas arraba isaa jala yoo dhokfate,
13 Innis yoo isa alanfatee fi yoo tufuu baate,
Afaanuma isaa keessas yoo turse,
14 Nyaanni isaa isa keessatti dhangaggaaʼaa ni taʼa;
Keessa isaattis akka summii* marʼataa ni taʼa.
15 Inni badhaadhina ni liqimsa, taʼus deebisee ni hooqqisa;
Waaqayyo garaa isaa keessaa haxaaʼee isa ni baasa.
16 Summii marʼataa ni xuuxa;
Ilkeen* buutii isa ni ajjeesa.
17 Inni matumaa bishaan yaaʼu,
Lolaa dammaa fi dhadhaas hin argu.
18 Inni qabeenya isaa utuu hin nyaatin* deebisee ni kenna;
Badhaadhina daldala isaa irraa argatettis hin gammadu.+
19 Sababiin isaas, inni hiyyeessa caccabseera, gateeras;
Mana hin ijaarrannes fudhateera.
20 Haa taʼu malee, keessa isaatti nagaan itti hin dhagaʼamu;
Badhaadhinni isaas akka miliqu isa hin gargaaru.
21 Wanti inni liqimsu tokko illee isaaf hin hafne;
Badhaadhinni isaa kan isaaf hin turres kanaafi.
22 Badhaadhinni isaa yommuu irraa hafu yaaddoon isa qabata;
Carraa hamaanis humna guutuudhaan isa irratti ni dhufa.
23 Inni yommuu garaa isaa guuttatu,
Waaqayyo* aarii isaa isa bobaʼaa isa irratti ni erga,
Marʼimaan isaa keessattis isa ni roobsa.
24 Inni meeshaa waraanaa sibiilaa jalaa yommuu baqatu,
Xiyyi iddaa sibiila diimaa isa ni waraana.
25 Inni iddaa dugda isaa keessaa,
Xiyya calaqqisus hadhooftuu isaa keessaa ni luqqisa,
Naasuunis isa ni qabata.+
26 Qabeenya isaa dukkana cimaatu eeggata;
Ibiddi eenyu iyyuu hin afarsine isa ni nyaata;
Dunkaana isaa keessatti kan hafu kam iyyuu balaatu eeggata.
27 Samiin balleessaa isaa ni saaxila;
Laftis isa irratti ni kaati.
28 Lolaan mana isaa haxaaʼee fudhata;
Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti* lolaa cimaan ni dhufa.
29 Qoodni namni hamaan Waaqayyo biraa argatu,
Dhaalli Waaqayyo isaaf labses kana dha.”
21 Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Wantan dubbadhu sirriitti dhaggeeffadhaa;
Jajjabinni isin naaf kennitan kana haa taʼu.
3 Yeroon dubbadhu naaf obsaa;
Ergan dubbadhee booda natti qoosuu dandeessu.+
4 Komiin koo nama irratti kan dhihaate dhaa?
Utuu akkana taʼee, obsa koo hin fixadhun turee?*
5 Na ilaalaa, ajaaʼibsiifannaadhaan fajajaa na ilaalaa;
Afaan keessan qabadhaa.
6 Waaʼee kanaa yommuun yaadu nan jeeqama,
Guutummaan qaama kootiis ni hollata.
8 Ijoolleen isaanii yeroo hunda isaanii wajjin jiru,
Sanyii isaaniis ni argu.
9 Manni isaanii amansiisaa dha, isaan sodaa irraa bilisa dha,+
Waaqayyos ulee isaatiin isaan hin adabu.
10 Qotiyyoowwan isaanii yeroo hunda ni rimeessu;
Saawwan isaanii ni dhalu, hin gatatanis.
11 Ilmaan isaanii akkuma bushaayeetti* dirree keessa ni fiigu,
Ijoolleen isaaniis asii fi achi ni burraaqu.
14 Haa taʼu malee, Waaqa dhugaatiin akkana jedhu: ‘Nu dhiisi!
Daandiiwwan kee beekuuf fedhii hin qabnu.+
15 Akka isa tajaajilluuf Inni Hundumaa Dandaʼu eenyu?+
Isaa wajjin wal baruudhaan maal arganna?’+
16 Taʼus isaan badhaadhina isaanii akka hin toʼanne ani beeka.+
Yaanni* hamootaa ana irraa fagoo jira.+
17 Ibsaan hamootaa siʼa meeqa dhaame?+
Rakkinni siʼa meeqa isaan irra gaʼe?
Waaqayyo aarii isaatiin siʼa meeqa isaan balleesse?
18 Isaan bubbee duratti akka galabaa,
Akka habaqii obomboleettiidhaan fudhatamuus taʼanii beekuu?
19 Waaqayyo adaba namaa ilmaan isaatiif ni kaaʼa.
Haa taʼu malee, innis akka beekuuf Waaqayyo akka hojii isaatti isaaf haa deebisu.+
20 Ijumti isaa badiisa isaa haa argu,
Dheekkamsa Isa Hundumaa Dandaʼu sanaa irraa kan dhugus isuma haa taʼu.+
21 Sababiin isaas, lakkoofsi jiʼoota isaa yoo gabaabbate,*+
Inni wanta isa booda mana isaa irratti raawwatamuuf dantaa hin qabaatu.
22 Inni isa warra hunda caalan irratti murtii kennu waan taʼeef,+
23 Namni tokko humni isaa guutuu akkuma taʼetti ni duʼa,+
Utuma tasgabbii guddaa qabuu fi utuma itti tolee jiraatuu,+
24 Utuma tafni isaa coomaan guutamee jiruu,
Utuma lafeen isaa cimaa taʼee jiruus* ni duʼa.
25 Namni kan biraan immoo, matumaa wanta gaarii dhandhamatee utuu hin beekin,
Akkuma baayʼee dhiphatetti* duʼa.
28 Sababiin isaas isin, ‘Manni nama beekamaa taʼe sanaa,
Dunkaanni namni hamaan keessa jiraachaa ture sun meerre?’ jettu.+
29 Isin imaltoota hin gaafannee?
Yaada* isaan kennan hoo of eeggannoodhaan hin qorannee?
30 Namni hamaan guyyaa rakkinaatti akka oolfamu,
Guyyaa dheekkamsaattis akka baraaramu hin qorannee?
31 Daandii isaa ilaalchisee kan isa mormu,
Wanta raawwateefis akka hojii isaatti kan isaaf deebisu eenyu?
32 Inni gara iddoo awwaalchaatti yommuu geeffamu,
Awwaalli isaa ni eegama.
33 Bungulloon lafaa sulula* keessa jiru isatti ni miʼaawa,+
Akkuma namoota hedduu isa dura jiraniitti,
34 Maarree, isin jajjabina hiika hin qabne maaliif naa kennitu?+
Deebiin keessan gowwoomsaa malee homaa of keessaa hin qabu!”
22 Eliifaaz+ Temaanichi akkana jedhee deebise:
2 “Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa?
Namni hubannaa qabu isaaf buʼaa buusuu dandaʼaa?+
3 Inni Hundumaa Danda’u ati qajeelaa taʼuun kee isa yaaddessaa?*
Yookiin daandii amanamummaa hordofuu keetiin wanta argatu qabaa?+
4 Isa kabajuu keetiin kan kaʼe si adabaa?
Mana murtiitti hoo si dhiheessaa?
5 Kun kan taʼe hamminni kee baayʼee guddaa,
Balleessaan kees dhuma kan hin qabne waan taʼeef mitii?+
6 Ati sababii malee obboloota kee irraa qabsiisa fudhatta,
Namoota irraas uffata isaanii baastee qullaatti isaan hambista.*+
7 Isa dadhabeef bishaan dhugu hin kennitu,
Isa beelaʼes nyaata dhowwatta.+
8 Biyyattiin kan nama humna qabeessa taʼee ti,+
Inni ulfina qabeessa taʼes ishii keessa jiraata.
9 Ati garuu dubartoota abbaan manaa irraa duʼe harka duwwaa ariite,
Irree ijoollee abbaa hin qabnees* ni caccabsite.
10 Kiyyoowwan* kan sitti marsan,+
Naasuun tasaas kan si sodaachisu kanaafi;
11 Arguu akka hin dandeenyeef dukkana guddaa kan sitti taʼe,
Lolaan bishaanii kan si uwwises kanaafi.
12 Waaqayyo ol gubbaa samii irra jira mitii?
Urjiileen hundi hammam ol fagaatanii akka jiranis ilaali.
13 Ati garuu akkana jette: ‘Waaqayyo dhugumaan maal beeka?
Duumessa gurraacha keessaan murtii kennuu ni dandaʼaa?
14 Yommuu inni geengoo samii irra deemu,
Akka inni hin argineef duumessi isa golga.’
15 Daandii bara durii,
Isa namoonni hamoon irra deeman ni hordoftaa?
16 Isaan umuriin isaanii utuu hin gaʼin butamanii fudhatamaniiru,*
17 Isaan Waaqa dhugaatiin, ‘Nu dhiisi!
Inni Hundumaa Dandaʼu maal nu gochuu dandaʼa?’ jedhu turan.
18 Haa taʼu malee, manneen isaanii wantoota gaggaariidhaan kan guute isa dha.
(Yaanni hamaan akkanaa ana irraa fagoo dha.)
19 Qajeelonni kana arganii gammadu,
Warri qulqulluunis akkana jedhanii isaanitti qoosu:
20 ‘Warri nuun morkatan balleeffamaniiru,
Ibiddis wanta isaan irraa hafe ni nyaata.’
21 Isa beeki, nagaa ni qabaatta;
Achiis wantoota gaggaarii ni argatta.
22 Seera afaan isaa keessaa dhufu fudhadhu,
Dubbii isaas garaa keetti qabadhu.+
23 Gara Isa Hundumaa Dandaʼuutti yoo deebite ni haaromta;+
Dunkaana kee keessaa jalʼina yoo balleessite,
24 Warqii kee* biyyoo keessatti,
Warqii Ofiiris+ sululawwan dhiphoo* qarsaa qaban keessatti yoo gatte,
25 Inni Hundumaa Dandaʼu warqii kee,*
Meetii kee isa hundumaa caalaa filatamaas ni taʼa.
26 Yeroo sanatti Isa Hundumaa Dandaʼutti ni gammadda,
Sodaa malees gara Waaqayyoo ni ilaalta.*
27 Isa ni kadhatta, innis si dhagaʼa;
Atis wareega kee ni raawwatta.
28 Wanti gochuuf murteessite kam iyyuu ni milkaaʼa,
Iftis daandii kee irratti ni ifa.
29 Sababiin isaas, ati of tuulummaadhaan yeroo dubbattu ni salphifamta,
Garuu inni isa gad of qabu* ni oolcha.
30 Inni warra qulqulluu taʼan ni oolcha;
Kanaafuu, harki kee qulqulluu yoo taʼe, dhugumaan ni oolfamta.”
23 Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Ani harʼa iyyuu mata jabinaan komii nan dhiheessa;+
Aaduu koo irraa kan kaʼe humni koo dhumeera.
3 Maal taʼa Waaqayyo eessatti akka argamu utuun beekee!+
Silaa gara bakka jireenyaa isaa nan dhaqan ture.+
4 Dhimma koo isa duratti nan dhiheeffadha,
Afaan koos falmiidhaan nan guutan ture;
5 Akkamitti deebii akka naaf kennu nan bara,
Wanta inni naan jedhus nan hubadhan ture.
6 Inni humna isaa isa guddaatti fayyadamee anaan ni morkataa?
Matumaa, inni dhugumaan dhimma koo ni dhaggeeffata ture.+
7 Yeroo sanatti dhimmi nama qajeelaa Waaqayyo duratti furmaata argachuu dandaʼa,
Abbaa murtii koo birattis siʼa tokkicha yeroo hundumaatiif himata irraa walaba nan taʼan ture.
8 Taʼus gara bahaa yoon deeme, inni achi hin jiru;
Ergan deebiʼee boodas isa argachuu hin dandaʼu.
9 Yommuu inni gara bitaatiin hojjetutti, ani isa arguu hin dandaʼu;
Achiis gara mirgaatti ni garagala, ani garuu amma iyyuu isa arguu hin dandaʼu.
10 Haa taʼu malee, inni daandii ani qabadhe beeka.+
Erga inni na qoree booda, ani akka warqii qulqulluu taʼee nan baʼa.+
11 Miilli koo akka gaariitti faana isaa duukaa buʼeera;
Karaa irraa utuu hin gorin daandii isaa irra buʼuu koo itti fufeera.+
12 Ani ajajawwan inni kenne irraa hin gorre.
Hamma na irraa barbaadamu* caalaa illee dubbii isaatiif bakka guddaa kenneera.+
13 Inni yeroo kutatee kaʼu, eenyutu isa mormuu dandaʼa?+
Inni* wanta gochuu barbaadu ni raawwata.+
14 Sababiin isaas, inni wanta naaf murteeffame* guutummaatti ni raawwata,
Wantoota akkanaa hedduus naaf qopheesseera.
15 Sababa isaatiin kanan dhiphadhu kanaafi;
Yommuun waaʼee isaa yaadu sodaan koo ni dabala.
16 Waaqayyo akkan naʼu godheera,
Inni Hundumaa Dandaʼus akkan sodaadhu godheera.
17 Haa taʼu malee, dukkannis taʼe
Duumessi gurraachi fuula koo uwwise akkan callisu na hin goone.
24 “Inni Hundumaa Dandaʼu yeroo kan hin ramadne maaliifi?+
Warri isa beekan guyyaa isaa* kan hin argine maaliifi?
2 Namoonni mallattoo daangaa iddoo isaatii ni siqsu;+
Bushaayeewwan oofaniis gara iddoo dheedichaa isaaniitti ni geeffatu.
3 Ijoollee abbaa hin qabne jalaa harree oofanii fudhatu,
Liqiidhaaf qabsiisa godhaniis dubartii abbaan manaa irraa duʼe jalaa qotiyyoo fudhatu.+
4 Warra hiyyeeyyii humnaan daandii gadhisiisu;
Namoonni lafa irraa warri gargaarsa hin qabne isaan jalaa ni dhokatu.+
5 Hiyyeeyyiin akka harree bosonaa lafa onaa+ keessa jiruutti nyaata barbaaddatu;
Isaan lafa onaa keessatti ijoollee isaaniitiif nyaata barbaadu.
6 Maasii nama kan biraa keessaa midhaan sassaabu,*
Maasii wayinii hamootaa keessaas qaarmii funaannatu.
7 Uffata malee qullaa isaanii bulu;+
Qorraafis wanta of irra buusan hin qaban.
8 Isaan bokkaa gaaraatiin tortoraniiru;
Bakka itti dheessan waan dhabaniif qarsaa hammatu.
9 Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butamee fudhatameera;+
Uffanni hiyyeeyyiis liqiidhaaf qabsiisa godhamee fudhatameera;+
10 Uffata malee qullaa isaanii akka deeman isaan dirqisiisu,
Bissii midhaanii utuma baatanii jiraniis ni beelaʼu.
12 Warri duʼuu jala gaʼan magaalaa keessatti aadu;
Warri akka malee madaaʼanis* gargaarsaaf ni iyyu,+
Waaqayyo garuu waaʼeen kanaa isa hin yaaddessu.*
13 Warri ifa irratti fincilan jiru;+
Isaan karaawwan isaa hin hubatan,
Daandiiwwan isaa duukaas hin buʼan.
14 Namni nama ajjeesu ganama barii kaʼa;
Isa gargaarsa hin qabnee fi isa hiyyeessa ni ajjeesa,+
Galgala galgala immoo hanna irratti hirmaata.
16 Dukkana keessa mana cabsanii* seenu;
Guyyaa immoo cufatanii mana keessa taaʼu.
Ifni isaaniif keessummaa dha.+
17 Sababiin isaas, ganamni isaaniif akkuma dukkana cimaa ti;
Sodaan dukkana cimaa isaaniif haaraa miti.
18 Taʼus isaan saffisaan bishaaniin ni fudhatamu.*
Lafti qooda isaanii taʼe abaaramaa taʼa.+
Isaan maasiiwwan wayinii isaaniitti hin deebiʼan.
19 Akkuma ongeenii fi hoʼi cabbii baqe fudhatee deemutti,
20 Haati isaa* isa irraanfatti; raammoon hamma quuftutti isa nyaatti.
Inni kana booda hin yaadatamu.+
Jalʼinnis akkuma mukaatti ni cabsama.
21 Inni dubartii dhabduu* riphee eeggata,
Dubartii abbaan manaa irraa duʼes ni miidha.
22 Waaqayyo* warra jajjaboo balleessuuf jabina isaatti fayyadama;
Isaan yoo ol jedhan iyyuu jireenya amansiisaa hin qaban.
24 Yeroo muraasaaf ol ni kaafamu, booda garuu ni badu.+
Gad ni buufamu,+ akkuma namoota kaaniis walitti ni qabamu;
Akkuma mataa midhaanii ni kutamu.
25 Egaa, sobduu akkan taʼe mirkaneessuu,
Yookiin dubbiin koo dogoggora taʼuu isaa mulʼisuu kan dandaʼu eenyu?”
25 Bildaad+ Shuʼaatichi akkana jedhee deebise:
2 “Bulchiinsii fi jabinni sodaachisaan kan isaa ti;
Inni samii* keessatti nagaa ni hundeessa.
3 Loltoonni isaa lakkaaʼamuu ni dandaʼuu?
Ifni isaa kan hin ifne eenyu irratti?
4 Maarree, namni duʼu akkamitti Waaqayyo duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?+
Yookiin namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?+
5 Ija isaa duratti addeessi illee hin iftu,
Urjiileenis qulqulluu miti;
6 Egaa namni duʼu inni gatii hin qabne,
Ilmi namaa inni raammoo taʼes hammam haa xinnaatu ree!”
26 Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Ati isa humna hin qabne akkam gargaarte!
Irree jabina hin qabne akkam oolchite!+
3 Nama ogummaan itti hirʼateef gorsa guddaa akkamii kennite!+
Ogummaa* kee akkam baayʼistee mulʼiste!
4 Ati eenyutti dubbachuuf yaalaa jirta?
Wantoota akkanaa akka dubbattu kan si kakaase hoo eenyu?*
5 Warri duʼaan moʼaman ni hollatu;
Isaan bishaanotaa fi wantoota isaan keessa jiraatan irraa illee gad dha.
7 Inni samii isa kaabaa* iddoo duwwaa irra ni diriirse,+
Lafas homtuu utuu jala hin jiraatin ni rarraase;
8 Duumessoonni ulfaatina isaaniitiin kan kaʼe akka hin tarsaanetti,
Inni bishaanota duumessoota isaa keessatti ni mara;+
9 Duumessa isaa isa irratti diriirsuudhaan,
Teessoon isaa akka hin mulʼanne godha.+
11 Utubaawwan samii ni raafamu;
Isaan dheekkamsa isaatiin ni naʼu.
12 Inni humna isaatiin galaana ni warraaqsa,+
13 Hafuura* isaatiin samiin qulqulluu akka taʼu godha;
Harki isaas bofa qabamuu hin dandeenye* ni waraana.
14 Kunoo, wantoonni kun fiixee daandiiwwan isaa qofa dha;+
Waaʼeen isaa kan dhagaʼame hasaasa xinnoo qofa dha!
Egaa, kakawwee isaa isa jabaa eenyutu hubachuu dandaʼa?”+
27 Iyyoob akkana jedhee haasaa* isaa itti fufe:
2 “Ani Waaqa isa jiraataa, isa haqa na dhowwateen,+
Isa Hundumaa Dandaʼu, isa jireenya* natti hadheesseen+ nan kakadha,
3 Hafuurri koo na keessa hamma jirutti,
Hafuurri Waaqayyo biraa dhufes funyaan koo keessa hamma jirutti,+
4 Hidhiin koo jalʼina hin dubbatu;
Arrabni koos gowwoomsaadhaan hin gungumu!
5 Isin qajeelota akka taatan dubbachuun anaaf wanta hin yaadamne dha!
Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu!*+
7 Diinni koo akka nama hamaa haa taʼu,
Warri na miidhanis akka jalʼootaa haa taʼan.
9 Yeroo dhiphinni isatti dhufu,
Waaqayyo iyya isaa ni dhagaʼaa?+
10 Yookiin inni Isa Hundumaa Dandaʼutti ni gammadaa?
Yeroo hundumaa Waaqayyoon ni waammataa?
11 Ani waaʼee humna Waaqayyoo* isinan barsiisa;
Waaʼee Isa Hundumaa Dandaʼuu homaa hin dhoksu.
12 Hundi keessan iyyuu mulʼata argitaniittu taanaan,
Dubbiin keessan guutummaatti duwwaa kan taʼe maaliifi?
13 Qoodni namni hamaan Waaqayyo biraa argatu,+
Dhaalli cunqursitoonni Isa Hundumaa Dandaʼu biraa argatan kana dha.
14 Ilmaan isaa yoo baayʼatan iyyuu goraadeedhaan ni dhumu,+
Sanyiiwwan isaas nyaata gaʼaa hin argatan.
15 Warri lubbuudhaan isaaf oolan dhaʼichaan awwaalamu,
Haadhotiin manaa isaaniis isaaniif hin booʼan.
16 Inni meetii akka biyyootti yoo walitti qabate,
Uffata gaggaariis akka biyyoo supheetti yoo walitti kuufate illee,
17 Kan walitti qabate isa taʼus,
Namni qajeelaan isa ni uffata,+
Namoonni qulqulluunis meetii isaa ni hiratu.
18 Manni inni ijaaru akkuma manʼee raammoo dadhabaa dha,
Akkuma daasii+ waardiyyaan ijaaruu ti.
19 Sooressa taʼee ni ciisa, garuu homaa walitti hin qabatu;
Yommuu ija isaa banatu, homtuu achi hin jiru.
20 Sodaan akka lolaatti tasa isa irra baʼa;
Obomboleettiin halkaniin butee isa fudhata.+
21 Bubbeen bahaa isa fudhatee sokka, innis sana booda hin jiru;
Iddoo isaatiis haxaaʼee isa balleessa.+
22 Humna bubbee sanaa jalaa baqachuuf yeroo wixxifatu,+
Gara laafina tokko malee isa irratti lafa dhaʼa.+
28 “Bakki meetii itti baasan,
Bakki warqiin itti qulqulleeffamus jira;+
2 Sibiilli lafa keessaa baafama,
3 Namni dukkana ni injifata;
Albuuda* argachuufis
Dukkanaa fi dukkana cimaa keessa hamma dhumaatti barbaada.
4 Bakka namoonni jiraatan irraa fagaatee,
Iddoowwan irraanfatamanii fi namoonni keessa hin deddeemnetti funyoo gad buusa;
Namoonni muraasnis gad buʼanii irratti rarraʼanii sosochoʼu.
5 Lafa irratti midhaan ni biqila;
Jalli ishii garuu akkuma waan ibiddaan taʼeetti ni unkurama.*
6 Achitti dhagoota keessa safiroos* jira,
Biyyoonis warqii of keessaa qaba.
7 Allaattiin adamsee nyaatu karaa achitti geessu hin beeku;
Ijji culullee gurraattiis isa hin argine.
8 Bineensonni bosonaa sodaachisoo taʼan isa irra hin ejjenne;
Leenci saafellis achitti hin riphne.
9 Namni qarsaa jabaa harka isaatiin ni rukuta;
Gaarotas hundee isaaniitii ni garagalcha.
10 Qarsaa keessatti boʼoowwan bishaanii ni baasa;+
Ijji isaas wanta gatii guddaa qabu hundumaa irra ni buʼa.
11 Maddawwan lageenii irratti hidha ni tolcha,
Wanta dhokatee jirus ifatti baasa.
12 Ogummaan garuu eessaa argamuu dandaʼa?+
Maddi hubannaa hoo eessa dha?+
13 Namni gatii isaa hubatu hin jiru,+
Biyya namoota jiraatoo keessattis argamuu hin dandaʼu.
14 Bishaan gad fagoon, ‘Inni na keessa hin jiru!’ jedha.
Galaannis, ‘Na bira hin jiru!’ jedha.+
15 Warqii qulqulluudhaan bitamuu hin dandaʼu;
Ittiin jijjiiruufis meetiin isaaf madaalamuu hin dandaʼu.+
16 Warqii Ofiiriin+ bitamuu hin dandaʼu,
Oniiksii* fi safiroos warra gatii guddaa qabaniinis bitamuu hin dandaʼu.
17 Warqii fi burcuqqoon isaan wal gituu hin dandaʼan;
18 Elellaa fi kiristaaliin isaa wajjin wal bira hin qabaman,+
Sababiin isaas, ogummaan callee* qalqalloo tokko guutuu irra ni caala.
20 Ogummaan garuu eessaa argama?
Maddi hubannaa hoo eessa dha?+
21 Ija uumama jiraataa hundumaa jalaa dhokateera,+
Simbirroota samii jalaas dhokfameera.
22 Badiisnii fi duuti akkana jedhu:
‘Nuti kan dhageenye oduu isaa qofa dha.’
23 Waaqayyo karaa inni itti argamu ni hubata;
Iddoo inni jiru kan beeku isa qofa dha;+
24 Sababiin isaas, inni andaara lafaa ni ilaala,
Wanta samii jala jiru hundumaas ni arga.+
25 Yommuu inni bubbeedhaaf humna* kennetti,+
Yommuu bishaanota safaretti,+
26 Yommuu bokkaadhaaf dambii,+
Obomboleettiidhaafis duumessaa fi kakawwee isaa wajjin daandii qopheessetti,+
27 Yeroo sanatti inni hojii isaa keessatti ogummaa ni arge, ni ibses;
Cimsee isa ni dhaabe, ni qores.
28 Namaanis akkana jedhe:
29 Iyyoob akkana jedhee haasaa* isaa itti fufe:
2 “Maal taʼa jiʼoota darban keessa,
Guyyoota Waaqayyo eegumsa itti naaf gochaa ture keessan jira utuu taʼee!
3 Inni ibsaan isaa mataa koo irratti akka ifu godhee ture,
Anis ifa isaatiin dukkana keessa deemaan ture,+
4 Jireenya gaarii jiraachaan ture,
Michummaan ani Waaqayyoo wajjin qabu dunkaana koo eebbisee ture,+
5 Inni Hundumaa Danda’u anaa wajjin ture,
Ijoolleen* koo natti marsanii turan,
6 Daandiin koo dhadhaadhaan jiidhee ture,
Qarsaawwanis zayitii naaf dhangalaasu turan.+
7 Yommuun karra magaalattiitti baʼee+
Addabaabayii keessa taaʼaa turetti,+
8 Ijoolleen yommuu na argan karaa naaf gadhiisu,*
Maanguddoonni illee kaʼanii dhaabbatu turan.+
9 Bulchitoonni dubbachuu irraa of qusatu turan;
Harka isaanii afaan isaanii irra kaaʼu turan.
10 Namoonni beekamoon calluma jedhan;
Arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxane.
11 Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jajata,
Warri na arganis ragaa naaf ni baʼu.
12 Sababiin isaas, ani hiyyeessa gargaarsaaf iyyu,+
Mucaa abbaa hin qabnee fi nama gargaaraa hin qabne kam iyyuu oolcheera.+
13 Namni duʼuu jala gaʼe na eebbisa ture,+
Dubartii abbaan manaa irraa duʼes garaa ishii nan gammachiisan ture.+
14 Qajeelummaa akka uffataatti nan uffadhe;
Haqni koo akkuma uffataa* fi akkuma marata mataa ture.
15 Qaroo dhabeessaaf ija,
Nama naafa taʼeefis miila taʼeen ture.
17 Mangaagaa nama balleessaa hojjetuu nan cabsan ture;+
Wanta adamses ilkaan isaa gidduudhaa nan baasan ture.
19 Hiddawwan koo gara bishaaniitti ni yaaʼu,
Fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra ni buufata.
20 Ulfinni koo yeroo hunda ni haareffama,
Iddaan harka koo keessa jirus utuu wal irraa hin kutin ni futtaasa.’
21 Namoonni fedhiidhaan na dhaggeeffatu,
Gorsa koos callisanii eeggatu turan.+
22 Ergan dubbadhee booda wanta jedhan hin qabaatan turan;
Dubbiin koos gurra isaaniitti ni copha ture.
23 Akkuma rooba eeggatanitti na eeggatan;
Akkuma rooba arfaasaa+ eeggatanittis afaan isaanii ni banatan.
25 Ani akka geggeessaa isaaniitti qajeelfama isaaniif nan kenne,
Akkasumas akka mootii loltoota isaa gidduu jiruutti,+
Akka isa warra gaddan jajjabeessuutti nan jiraadhe.+
30 “Namoonni quxisuu koo taʼan,
Warri ani abbootiin isaanii saroota koo
Warra bushaayee koo eeganii wajjin akka
taʼan gochuu dide sun natti kolfan.+
2 Humni harka isaanii maal na fayyada?
Jabinni isaanii badeera.
3 Rakkinaa fi beelaan kan kaʼe bututaniiru;
Isaan wanta lafa goge,
Isa mancaʼee fi one irraa argatan ni alanfatu.
4 Baala soogidda soogidda jedhu tusii* irraa funaannatu;
Nyaanni isaaniis hidda dhandhansaa ti.
5 Isaan hawaasicha keessaa ariʼamaniiru;+
Namoonnis akkuma hattuutti iyyanitti isaanitti iyyu.
6 Ededa sululawwanii* irra,
Boollawwan lafaa fi qarsaawwan keessa jiraatu.
7 Tusii gidduudhaa ni iyyu,
Doobbii gidduuttis walitti ni tuutaʼu.
8 Isaan akkuma ilmaan hubannaa fi maqaa hin qabneetti,
Biyyattii keessaa ariʼamaniiru.*
11 Waaqayyo meeshaa waraanaa waan na hiiksiseef,* waan gad na qabeefis,
Isaan na duratti akkuma barbaadan taʼu.*
12 Karaa mirgaa kootiin akka tuuta badiitti ni kaʼu;
Akkan baqadhu ni godhu,
Na balleessuufis daandii koo ni cufu.
14 Isaan akka waan qaawwa balʼaa dallaa keessa darbaniitti ni dhufan;
Bakka diigamettis fiiganii seenan.
15 Naasuun na liqimseera;
Ulfinni koo akka bubbeetti na irraa fudhatameera,
Fayyinni koos akka duumessaatti badeera.
18 Uffanni koo humna guddaadhaan micciirameera;*
Inni akkuma kollettaa uffata kootiitti na hudha.
19 Waaqayyo dhoqqee keessatti na gateera;
Anis biyyoo fi daaraa taʼeera.
20 Gargaarsaaf gara keetti nan iyya, ati garuu naaf hin deebistu;+
Nan kaʼa, ati garuu callistee na ilaalta.
21 Gara jabinaan na irratti kaate;+
Guutummaa jabina harka keetiitiinis na haleelte.
22 Ol na kaastee bubbeen akka na fudhatu goote;
Achiis obomboleettii keessatti asii fi achi na daddarbatte.*
23 Sababiin isaas, akka ati gara duʼaatti,
Gara mana namni jiraataa taʼe hundi itti wal gaʼutti akka gad na buustu beeka.
24 Haa taʼu malee, yeroo rakkina isaatti yommuu inni gargaarsaaf iyyu,
25 Ani warra rakkina keessatti kufaniif hin boonyee?
Hiyyeessaaf hoo hin gaddinee?+
26 Wanta gaarii kanan abdadhe taʼus, wanta hamaatu dhufe;
Ifa kanan eeggadhe taʼus, dukkanatu dhufe.
27 Jeequmsi keessa koo jiru hin dhaabbatu;
Guyyoonni rakkinaa natti dhufaniiru.
28 Dukkana keessa asii fi achi nan deema;+ ifni aduus hin jiru.
Yaaʼii keessatti kaʼee gargaarsaaf nan iyya.
29 Ani obboleessa sardiidotaa nan taʼe,
Michuu guchiilees nan taʼe.+
31 Baganaan koo gaddaaf,
Ululleen* koos sagalee booʼichaatiif qofa fayyada.
31 “Ani ija koo wajjin kakuu galeera.+
Akkamittan durbaaf xiyyeeffannaa sirrii hin taane kenna ree?+
2 Gubbaa Waaqayyo biraa qooda maaliin qaba?
Isa Hundumaa Danda’uu fi ol gubbaa jiru irraa dhaala akkamiin argadha?
3 Isa balleessaa hojjetu badiisa,
Warra wanta nama miidhu hojjetanis balaatu eeggata mitii ree?+
4 Inni daandiiwwan koo hin arguu?+
Tarkaanfii koo hundumaas hin lakkaaʼuu?
7 Tarkaanfiin koo daandii irraa jalʼateera yoo taʼe,+
Yookiin garaan koo ija koo duukaa buʼeera yoo taʼe,+
Yookiin harki koo xuraaʼeera yoo taʼe,
8 Sanyii ani facaase namni kan biraan haa nyaatu,+
Wanti ani dhaabes haa buqqifamu.*
9 Garaan koo dubartiidhaan gowwoomfameera yoo taʼe,+
Anis balbala ollaa koo irratti riphee eeggadheera yoon taʼe,+
10 Haati manaa too nama kan biraadhaaf midhaan haa daaktu,
11 Sababiin isaas, kun gocha qaanessaa,
Balleessaa abbootii murtiitiin nama adabsiisu dha.+
13 Yeroo isaan na irratti komii* dhiheessanitti,
Tajaajiltoota koo warra dhiiraa yookiin warra durbaa haqa dhowwadheera yoon taʼe,
14 Yeroon Waaqayyo duratti dhihaadhutti* maal gochuun dandaʼa?
Yeroo inni na gaafatutti maalan isaaf deebisa?+
15 Isa gadameessa keessatti na tolchetu isaaniinis tolche mitii?+
Dhalachuu keenya dura* kan nu tolche isuma mitii?+
16 Hiyyeessota wanta isaan fedhan dhowwadheera yoon taʼe+
Yookiin ijji dubartii abbaan manaa irraa duʼee akka gaddu* godheera yoon taʼe,+
17 Ijoollee warri jalaa duʼaniif utuu hin hirin
Nyaata gaʼee koo taʼe kophaa koo nyaadheera yoon taʼe,+
18 (Sababiin isaas, dargaggummaa kootii jalqabee akka abbaa taʼee daaʼima warri jalaa duʼan* guddiseera,
Ijoollummaa kootii* jalqabee dubartii abbaan manaa irraa duʼe* gargaaraan ture.)
19 Ani nama uffata dhabee rakkachaa jiru
Yookiin hiyyeessa wanta of irra buufatu dhabe argee,+
20 Inni rifeensa hoolaa kootiin of hoʼisee
21 Yeroo inni karra magaalaa+ irratti gargaarsa koo barbaadetti*
Harka koo daaʼima warri jalaa duʼan irratti aboottadheera yoon taʼe,+
22 Harki* koo gateettii koo irraa haa buqqaʼu,
Ciqilee koo irrattis* haa cabu.
23 Sababiin isaas, ani balaa Waaqayyo biraa dhufu sodaadheera,
Ulfina isaa duras dhaabbachuu hin dandeenye.
24 Ani amanannaa koo warqii irra kaaʼadheera yoon taʼe
Yookiin warqii baʼeessa taʼeen, ‘Ati wabii koo ti!’ jedheera yoon taʼe,+
25 Qabeenya hedduu qabaachuu kootiin kan kaʼe+
Badhaadhina koo isa guddaatti gammadeera yoon taʼe,+
Yookiin addeessi simboo ishii irratti yeroo sochootu argee,+
27 Garaan koo dhoksaatti gowwoomfamee,
Isaan waaqeffachuufis afaan koo harka koo dhungateera yoo taʼe,+
28 Ani Waaqa dhugaa isa ol gubbaa jiru waanan ganeef,
Kun balleessaa abbootii murtiitiin nama adabsiisu taʼa ture.
31 Namoonni dunkaana koo keessa jiran,
‘Nama nyaata* isaatiin hin quufne eenyutu argee beeka?’ hin jennee?+
33 Balleessaa koo kiisii koo keessa dhoksuudhaan,
Akkuma namoota kaanii yakka koo dhoksuuf yaalii godhee beekaa?+
34 Gocha namoota hedduu sodaadhee,
Yookiin tuffii maatiiwwan kaaniitiin rifadhee
Callisee, gad baʼuus sodaadhee beekaa?
35 Maal taʼa namni tokko utuu na dhagaʼee!+
Dhugaa dubbachuu koo argisiisuuf maqaa koo nan mallatteessan ture.*
Inni Hundumaa Dandaʼu deebii naaf haa kennu!+
Maal taʼa inni na himatu himata isaa galmee irratti utuu barreessee!
36 Silaa himata sana gateettii kootti nan baadha,
Akkuma gonfoottis mataa koo irratti nan maradhan ture.
37 Tarkaanfii koo hundumaatiif ragaa isaaf nan dhiheessa,
Akkuma bulchaa tokkoottis ija jabinaan gara isaatti nan dhihaadhan ture.
38 Lafti koo illee ana irratti yoo iyye,
Boʼoowwan isaaniis waliin yoo booʼan,
39 Kaffaltii malee firii isaa nyaadheera yoon taʼe,+
Yookiin abbootiin lafa sanaa akka gaddan* godheera yoon taʼe,+
40 Bakka qamadii qoreen,
Bakka garbuus aramaan ajaaʼu naaf haa biqilu.”
Dubbiin Iyyoob kana irratti xumurama.
32 Inni qajeelaa akka taʼe mirkanaaʼaa* waan tureef,+ namoonni sadan kun Iyyoobiif deebii kennuuf yaalii gochuu isaanii ni dhiisan. 2 Haa taʼu malee, Eliihuun ilmi Baaraakel Buuzichaa+ inni maatii Raam keessaa taʼe akka malee aaree ture. Iyyoob Waaqayyo caalaa sirrii taʼuu isaa argisiisuuf yaalii gochuu isaatti+ aariin isaa isa irratti ni bobaʼe. 3 Kana malees, inni michoonni Iyyoob sadan deebii kennuu waan hin dandeenyeef, Waaqayyo hamaa akka taʼes waan dubbataniif+ akka malee isaanitti ni aare. 4 Isaan angafoota isaa waan turaniif, Eliihuun Iyyoobiif deebii kennuuf eeggachaa ture.+ 5 Inni namoonni sadan sun wanta jedhan akka dhaban yommuu argu aariin isaa ni bobaʼe. 6 Kanaafuu, Eliihuun ilmi Baaraakel Buuzichaa akkana jedhee dubbachuu jalqabe:
Kanaafuu, isin kabajeen dubbachuu irraa of qusadhe,+
Wantan beekus isinitti himuu nan sodaadhe.
7 Ani, ‘Umuriin haa dubbatu,*
Waggoonni hedduunis ogummaa haa labsan’ jedheen yaade.
8 Haa taʼu malee, hafuura isa namoota keessa jiru,
Hafuura Isa Hundumaa Dandaʼu sanaatu isaaniif hubannaa kenna.+
9 Umuriin qofti nama tokko ogeessa hin godhu,*
Wanta sirrii taʼe kan hubatanis maanguddoota qofa miti.+
10 Kanaafuu ani, ‘Na dhagaʼi,
Anis wantan beeku sittan hima’ nan jedhe.
11 Kunoo, ani dubbii keessan obsaan eegeera;
Wanta dubbattan yommuu barbaaddattanittis+
Ragaa isin dhiheessitan obsaan dhaggeeffadheera.+
12 Ani xiyyeeffannaadhaan isin hordofeera,
Garuu tokkoon keessan iyyuu Iyyoob dogoggoruu isaa mirkaneessuu*
Yookiin falmii isaatiif deebii kennuu hin dandeenye.
13 Kanaafuu, ‘Nuti ogummaa arganneerra,
Inni sobuu isaa kan saaxile Waaqayyo dha malee nama miti’ hin jedhinaa.
14 Inni na mormee hin dubbanne,
Kanaafuu, ani akka falmii keessaniitti isaaf deebii hin kennu.
15 Isaan jeeqamaniiru, kana caalaa wanta deebisan hin qaban;
Wanta dubbatan dhabaniiru.
16 Ani eegeen ture, isaan garuu dubbachuu isaanii itti hin fufne;
Deebii kennan dhabanii achuma dhaabbataniiru.
17 Kanaafuu, anis deebii nan kenna;
Anis wantan beeku nan dubbadha,
18 Sababiin isaas, wantan dubbadhu baayʼeen qaba;
Hafuurri na keessa jiru na dirqisiisa.
19 Keessi koo akkuma daadhii wayinii ukkaamamee taʼeera,
Akkuma qalqalloo wayinii haaraa dhoʼuuf jedhuus taʼeera.+
20 Boqonnaa akkan argadhuuf mee kaʼeen dubbadha!
Afaan koo banadhees deebii nan kenna.
21 Eenyuuf iyyuu hin loogu;+
Nama akkamii illees sobaan hin jaju,*
22 Sababiin isaas, ani akkamitti sobaan akka jajan hin beeku;
Utuun akkana godhee, silaa Uumaan koo dafee na balleessa ture.
33 “Yaa Iyyoob, amma maaloo dubbii koo dhagaʼi,
Wantan jedhu hundumaas dhaggeeffadhu.
2 Maaloo na dhaggeeffadhu, afaan koo nan banadha,
Arrabni koo* haa dubbatu.
3 Dubbiin koo qajeelummaa garaa kootii ni labsa,+
Afaan koos wantan beeku qulqullummaadhaan ni hima.
5 Yoo dandeesse deebii naaf kenni;
Falmii kee na duratti dhiheeffadhu, iddoo kee qabadhu.
6 Kunoo, Waaqa dhugaa duratti anis akkuma kee ti;
Anis suphee irraan tolfame.+
7 Kanaafuu, na sodaattee hin jeeqamin,
Dhiibbaan ani si irratti godhus abdii si hin kutachiisin.
8 Ati garuu utuma ani si dhagaʼuu dubbatteetta,
Eeyyee, ani dubbii kana yeroo baayʼee dhagaʼeera:
9 ‘Ani qulqulluu dha, balleessaa hin qabu;+
Ani qulqulluu dha, dogoggora hin qabu.+
10 Waaqayyo garuu na mormuuf sababa barbaada;
Akka diina isaatti na ilaala.+
11 Miila koo jirma gidduu galcha;
Daandii koo hundumaas of eeggannoodhaan qora.’+
12 Garuu kana jechuun kee sirrii miti; kanaafuu, ani akkana jedheen siif deebisa:
Waaqayyo nama duʼu irra guddaa ni caala.+
13 Isa irratti kan gungumtu maaliifi?+
Inni dubbii kee hundumaatiif deebii waan hin kennineefii?+
14 Waaqayyo irra deddeebiʼee ni dubbata,
Garuu namni xiyyeeffannaa kennu hin jiru,
15 Abjuudhaan, mulʼata halkaniitiinis,+
Yeroo namoonni hirriba cimaa keessa jiranitti,
Utuma isaan siree isaanii irra ciisaa jiranii ni dubbata.
16 Gurra isaanii ni bana,+
Qajeelfama isaas isaan hubachiisa,*
17 Kanas kan godhu, dogoggora irraa nama deebisuuf,+
Boonuu irraas nama eeguufi.+
19 Kana malees namni dhukkubbii siree isaa irratti isatti dhagaʼamuun,
Dhiphina utuu wal irraa hin citin lafee isaa irra gaʼuunis ni adabama,
20 Kanaan kan kaʼes, eenyummaan isaa* soorata ni balfa,
21 Foon isaa ija namaa duraa badeera,
Lafeen isaa inni dhokatee tures amma alatti baʼeera.*
23 Wanta qajeelaa taʼe namatti akka himuuf,
Ergamaan* tokko,
Kumaatama keessaas abukaatoon tokko utuu jiraatee,
24 Silaa Waaqayyo isa deggeree akkana jedha ture:
Ani furii isaaf argadheera!+
25 Foon isaa isa yeroo dargaggummaa isaa caalaa haa haaromu;*+
Jabina bara dargaggummaa isaatti qabuttis haa deebiʼu.’+
26 Inni Waaqa ni kadhata,+ innis ofitti isa simata,
Ililchuudhaanis fuula isaa ni arga,
Waaqayyos qajeelummaa isaa nama duʼuuf deebisee ni kenna.
27 Namichis akkana jedhee namootaaf labsa:*
‘Ani cubbuu hojjedheera,+ wanta sirrii taʼes jalʼiseera,
Garuu wanta naaf malu hin arganne.*
29 Dhuguma iyyuu Waaqayyo, siʼa lama, siʼa sadiis
Wantoota kana hundumaa namaaf godheera,
30 Kanas kan godhe inni ifa jireenyaatiin akka gammaduuf
31 Yaa Iyyoob, xiyyeeffannaadhaan na dhaggeeffadhu!
Calluma jedhi, anis dubbachuu koo ittan fufa.
32 Wanta dubbattu yoo qabaatte naaf deebisi.
Sirrii taʼuu kee mirkaneessuu waanan barbaaduuf dubbadhu.
33 Wanta dubbattu hin qabdu taanaan na dhaggeeffadhu;
Calluma jedhi, anis ogummaa sin barsiisa.”
34 Eliihuun akkana jedhee deebii kennuu isaa itti fufe:
2 “Isin ogeessonni dubbii koo dhagaʼaa,
Warri wanta baayʼee beektanis na dhagaʼaa.
3 Sababiin isaas, akkuma arrabni* nyaata dhandhamu,
Gurris jechoota adda ni baafata.
4 Wanta sirrii taʼe ofuma keenyaan haa gamaaggamnu;
Wanta gaarii taʼes ofuma keenyaan haa murteeffannu.
6 Wanta na irratti murteeffamuu qabu ilaalchisee nan sobaa?
Ani balleessaa kan hin qabne taʼus, madaan koo kan hin fayyine dha.’+
7 Namni akka Iyyoobitti
Qoosaa akkuma bishaaniitti dhugu kan biraan eenyu?
8 Inni michuu warra dogoggora raawwatanii ti,
Namoota hamoo wajjinis walitti dhufeenya qaba.+
9 Sababiin isaas inni, ‘Namni Waaqayyoon gammachiisuuf yaaluudhaan
Faayidaa hin argatu’ jedheera.+
10 Kanaafuu, isin namoonni hubannaa* qabdan na dhaggeeffadhaa:
‘Waaqni dhugaan jalʼina raawwata,
Inni Hundumaa Dandaʼus dogoggora raawwata’ jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanne dha!+
11 Sababiin isaas, inni namaaf akka hojii isaatti ni deebisa,+
Miidhaa daandii isaatiin kan kaʼe dhufus isuma irratti ni deebisa.
13 Lafa irratti aangoo kan isaaf kenne eenyu?
Guutummaa addunyaa* irratti hoo kan isa muude eenyu?
14 Inni xiyyeeffannaa* isaa isaan irratti utuu godhee,
Hafuura isaanii gara ofii isaatti utuu walitti qabee,+
15 Namoonni* hundi waliin ni badu,
Ilmaan namootaas gara biyyootti ni deebiʼu turan.+
16 Kanaafuu, ati hubannaa yoo qabaatte wanta kanaaf xiyyeeffannaa kenni,
Wantan dubbadhus of eeggannoodhaan dhaggeeffadhu.
17 Qaamni haqa jibbu ni bulchaa?
Yookiin ati qaama qajeelaa humna qabeessa taʼe ni ceephaataa?
18 Mootiidhaan, ‘Ati nama gatii hin qabne dha,’
Yookiin guguddootaan, ‘Isin hamoota dha’ ni jettaa?+
19 Hundi isaanii iyyuu hojii harka isaa waan taʼaniif,+
Inni bulchitootaaf hin loogu,
20 Isaan halkan walakkaa+ akkuma tasaa ni duʼu,+
Akka malee dhidhiittatanii ni darbu,
Harka namaatiin taʼuu baatus, warri humna qabeeyyiin illee balleeffamaniiru.+
21 Sababiin isaas, ijji Waaqayyoo daandii namaa irra jira,+
Tarkaanfii isaa hundumaas ni arga.
23 Sababiin isaas, Waaqayyo murtiidhaaf isa duratti akka dhihaatuuf,
Inni nama kamiif iyyuu yeroo hin ramadne.
24 Qorannaa gochuun utuu isa hin barbaachisin warra aangoo qaban ni cabsa,
Warra kaanis bakka isaanii ni dhaaba.+
25 Sababiin isaas, inni wanta isaan gochaa jiran beeka;+
Halkaniin isaan ni garagalcha, isaanis ni caccabu.+
26 Inni hammina isaaniitiin kan kaʼe,
Bakka namoonni hundi arguu dandaʼanitti isaan ni rukuta,+
27 Sababiin isaas, isaan isa duukaa buʼuu irraa garagalaniiru,+
Daandii isaa isa kamiif iyyuu kabaja hin qaban;+
28 Isaan inni hiyyeessi gara isaatti akka iyyu ni godhu,
Kanaafuu, inni iyya isa gargaarsa hin qabne sanaa ni dhagaʼa.+
29 Waaqayyo yommuu callisu, eenyutu isa komachuu dandaʼa?
Yommuu inni fuula isaa dhoksu, eenyutu isa arguu dandaʼa?
Sabootaafis taʼe nama tokkoof buʼaan isaa tokkuma,
30 Kunis kan taʼu namni Waaqa hin qabne* akka hin bulchineef+
Yookiin namoota dura kiyyoo akka hin keenyeefi.
31 Sababiin isaas, namni Waaqayyoon,
‘Ani yakka kan hin raawwanne taʼus adabameera;+
32 Wantan arguu dadhabe na barsiisi,
Balleessaa yoon qabaadhe lammata itti hin deebiʼu’ jedhu jiraa?
33 Yeroo murtii isaa fudhachuu diddutti inni wanta dubbatteef si badhaasuu qabaa?
Ana utuu hin taʼin, sumatu murteessa.
Kanaafuu, wanta akka gaariitti beektu natti himi.
34 Namoonni hubatoo taʼan,*
Namni ogeessi na dhagaʼu kam iyyuu akkana naan jedha:
35 ‘Iyyoob beekumsa malee dubbata,+
Dubbiin isaas hubannaan kan itti hirʼate dha.’
36 Deebiin isaa akkuma kan namoota hamoo waan taʼeef,
Iyyoob hamma dhumaatti haa qoramu!*
37 Inni cubbuu isaa irratti fincila dabala,+
Nu duratti tuffiidhaan harka isaa walitti rukuta,
Waaqa dhugaa irrattis dubbii isaa ni baayʼisa!”+
35 Eliihuun akkana jedhee deebii kennuu isaa itti fufe:
3 Sababiin isaas ati, ‘Kun maal si* fayyada?
Utuun cubbuu hojjedheera taʼee naaf wayya turee?’ jetteetta.+
4 Ani siifis taʼe
Michoota+ kee warra sii wajjin jiraniif deebii nan kenna.
5 Ol jedhiitii gara samii ilaali,
Duumessa sii olitti argamu hubadhu.+
6 Cubbuu yoo hojjette, akkamitti isa miita?+
Yakka kee yoo baayʼiste, maal isa goota?+
7 Qajeelaa yoo taate, isaaf maal kennita?
Inni hoo si irraa maal fudhata?+
8 Hamminni kee namoota akkuma kee taʼan qofa miidha,
Qajeelummaan kees ilma namaa qofa fayyada.
9 Namoonni yeroo cunqursaa cimaan isaan irra gaʼu ni iyyu,
Hacuuccaa* isa aangoo qabu sanaa jalaa boqonnaa argachuufis ni iyyu.+
10 Taʼus namni, ‘Waaqni inni Uumaa koo Isa Guddaa taʼe,+
Inni halkaniin faarfannaan akka faarfatamu godhu+ sun eessa jira?’ jedhu hin jiru.
12 Namoonni ni iyyu, inni garuu deebii hin kennu,+
Kunis kan taʼe of tuulummaa hamootaatiin kan kaʼe dha.+
13 Dhugumaan Waaqayyo iyya duwwaa taʼe* hin dhagaʼu,+
Inni Hundumaa Dandaʼu wanta kanaaf xiyyeeffannaa hin kennu.
14 Egaa yeroo ati, ‘Isa hin argu’ jettee isa komattutti immoo hammam kanaa gad haa taʼu ree!+
Dhimmi kee isa dura waan jiruuf, hawwiidhaan isa eeggadhu.+
15 Sababiin isaas, inni aariidhaan si hin gaafanne,
Akka malee jarjaruu keetiifis xiyyeeffannaa hin kennine.+
16 Iyyoob afaan isaa balʼisee kan banu akkanumaani;
Inni beekumsa utuu hin qabaatin dubbii baayʼisa.”+
36 Eliihuun itti fufuudhaan akkana jedhe:
2 “Amma iyyuu Waaqayyoon bakka buʼee wantan dubbadhu waanan qabuuf,
Yommuun ibsa kennutti xinnuma naaf obsi.
3 Wantan beeku ilaalchisee balʼinaan nan dubbadha,
Qajeelummaa isa na tolche sanaas nan ibsa.+
4 Dhugumaan dubbiin koo soba miti;
Kunoo, inni beekumsa mudaa hin qabne+ qabu si dura jira.
5 Dhuguma iyyuu Waaqayyo jabaa dha,+ inni nama tokko illee hin tuffatu;
Humni hubannaa* isaa guddaa dha.
7 Qajeelota irraa ija isaa hin buqqifatu;+
Moototaa wajjin teessoo irra isaan ni kaaʼa,*+ isaanis bara baraaf ol ni qabamu.
8 Isaan funcaadhaan yoo hidhaman,
Wadaroo cunqursaatiinis yoo qabaman,
9 Inni wanta isaan godhan,
Yakka of tuulummaa isaaniitiin raawwatanis isaanitti beeksisa.
10 Sirreeffamaaf gurra isaanii ni bana,
Dogoggora irraa akka deebiʼanis isaanitti ni hima.+
11 Isaan yoo ajajamanii fi yoo isa tajaajilan,
Guyyoota isaanii badhaadhinaan jiraatu,
Barri isaaniis gammachiisaa ni taʼa.+
13 Warri garaa isaaniitti Waaqa hin qabne* haaloo ni qabatu.
Yommuu inni isaan hidhutti illee gargaarsaaf hin iyyan.
14 Isaan jireenya isaanii dhiirota mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan gidduutti dabarsaa*+
Dargaggummaa isaaniitti ni duʼu.+
15 Waaqayyo* garuu warra cunqurfaman yeroo isaan cunqurfamanitti ni oolcha;
Yeroo isaan hacuucamanitti gurra isaanii ni bana.
16 Inni qarqara dhiphinaa irraa
Gara iddoo balʼaa ittisa irraa walaba taʼetti+ si siqsa,+
Jajjabina akka argattuufis nyaata gaggaarii maaddii kee irra ni kaaʼa.+
17 Achiis yommuu murtiin kennamuu fi haqni raawwatamutti
Murtii hamoota irratti dabarfameen ni gammadda.+
18 Garuu aariin gara hamminaatti* akka si hin geessine of eeggadhu,+
Mattaʼaa guddaanis karaa irraa akka si jalʼisu hin godhin.
19 Ati gargaarsaaf iyyuun kee
Yookiin carraaqqiin guddaan ati gootu kam iyyuu dhiphina irraa si oolchaa?+
20 Halkan isa namoonni iddoo isaaniitii itti badan sana
Arguuf hin hawwin.
21 Dhiphachuu mannaa kana filattee,+
Gara dogoggora raawwachuutti akka hin garagalle of eeggadhu.
22 Kunoo, Waaqayyo humna isaatiin ol kaʼeera;
Barsiisaan akka isaa eenyu?
25 Ilmaan namootaa hundi isa arganiiru,
Namni duʼus fagoodhaa isa ni ilaala.
27 Inni coccopha bishaanii ol ni harkisa;+
Hurriin isaas gara bokkaatti ni jijjiirama;
28 Achiis duumessi gad isa roobsa;+
Innis ilmaan namaa irratti gad ni dhangalaʼa.
29 Namni akkaataa duumessi wal irra itti kaaʼames taʼe
Kakawwee dunkaana* isaa keessaa baʼu+ hubachuu dandaʼu jiraa?
30 Inni bakakkaa* isaa akkamitti isa irratti akka diriirsu,+
Gad fageenya* galaanaas akkamitti akka uwwisu ilaali.
32 Inni harka isaatiin bakakkaa ni haguuga,
Gara iddoo barbaadamettis isa ni qajeelcha.+
33 Kakawween isaa waaʼee isaa ni beeksisa,
Horiin illee kan dhufaa jiru eenyu* akka taʼe ni dubbatu.
37 “Yeroo kanatti onneen koo ni rukute,
Iddoo isaatiis ni utaale.
2 Gungummii sagalee isaa,
Kakawwee afaan isaa keessaa baʼus xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa.
3 Inni guutummaa samii jalatti isa ni gadhiisa,
Bakakkaa isaas hamma andaara lafaatti ni erga.+
4 Sana booda sagaleen baroodu ni dhagaʼama;
Sagaleen isaa inni ulfina qabeessi ni kakawweessaʼa,+
Yeroo sagaleen isaa dhagaʼamu inni duubatti isa hin deebisu.
5 Waaqayyo karaa dinqisiisaa taʼeen sagalee isaatiin ni kakawweessaʼa;+
Inni wantoota guguddaa hubannaa keenyaa ol taʼan ni raawwata.+
6 Sababiin isaas inni cabbiidhaan, ‘Lafa irra buʼi,’+
Bokkaadhaanis, ‘Humna guddaadhaan roobi’ jedha.+
7 Namni duʼu hundi hojii isaa akka beekuuf,
Waaqayyo sochii nama hundumaa ni dhaabsisa.*
8 Bineensonni bosonaa boolla isaanii keessa ni seenu,
Holqa isaanii keessas ni taaʼu.
11 Eeyyee, inni duumessi jiidhinaan akka ulfaatu godha,
Bakakkaa isaas duumessa keessa bittinneessa.+
12 Bakka inni isaan qajeelchutti saffisaan ni marsu;
Lafa ishii namoonni irra jiraatan* gubbaatti wanta inni ajaju kam iyyuu ni raawwatu.+
13 Inni adaba*+ fiduuf yookiin lafa obaasuuf
Yookiin jaalala amanamaa argisiisuuf jedhee wanti kun akka raawwatamu godha.+
14 Yaa Iyyoob, kana dhagaʼi,
Dhaabbadhuutii hojiiwwan Waaqayyoo warra dinqisiisoo taʼan of eeggannoodhaan ilaali.+
15 Waaqayyo akkamitti duumessa akka toʼatu,*
Duumessa isaa keessaas akkamitti bakakkaa akka baasu beektaa?
16 Duumessi akkamitti akka bololiʼu beektaa?+
Wantoonni kun hojiiwwan dinqisiisoo qaama beekumsi isaa mudaa hin qabne sanaa ti.+
17 Yeroo lafti bubbee kibbaatiin tasgabbooftee jirtutti
Uffanni kee kan hoʼu maaliifi?+
19 Wanta isatti dubbannu nutti himi,
Nuti dukkana keessa waan jirruuf deebii isaaf kennuu hin dandeenyu.
20 Dubbachuu akkan barbaadu isatti himamuu qabaa?
Yookiin namni wanta isatti himamuu qabu tokko dubbate jiraa?+
22 Ifni warqii fakkaatu kaaba irraa ni dhufa;
Ulfinni Waaqayyoo+ baayʼee dinqisiisaa dha.
23 Isa Hundumaa Dandaʼu hubachuun humna keenyaa oli;+
Inni humni isaa guddaa dha,+
Haqa isaa fi qajeelummaa isaa isa hedduu+ taʼes matumaa hin jalʼisu.+
24 Kanaafuu, namoonni isa sodaachuu qabu.+
Sababiin isaas, inni namoota ogeeyyii akka taʼan itti dhagaʼamu* kamiif iyyuu hin loogu.”+
38 Achiis Yihowaan obomboleettii keessaa akkana jedhee Iyyoobiif deebii kenne:+
2 “Inni gorsa koo dukkaneessu,
Inni beekumsa malee dubbatu kun eenyu?+
3 Maaloo, akka dhiiraatti mudhii kee hidhadhu;
Ani sin gaafadha, atis naaf deebista.
4 Yommuun lafa hundeessetti ati eessa turte?+
Hubannaa akka qabdu yoo sitti dhagaʼame natti himi.
5 Tarii beekta yoo taʼe, safartuu isaa kan irra kaaʼe,
Yookiin wadaroo safaraa isaa kan irra diriirse eenyu?
6 Miiloowwan isaa maal keessa dhaabaman?
Yookiin dhagaa golee isaa eenyutu kaaʼe?+
7 Urjiileen ganamaa+ yommuu waliin ililchan,
Ilmaan Waaqayyoo*+ hundis gammachuudhaan yommuu iyyan ati eessa turte?
8 Yommuu inni gadameessa keessaa futtaafatee baʼetti,
Galaanatti balbala kan cufe eenyu?+
9 Duumessaan yommuun isa uwwisetti,
Dukkana cimaadhaanis yommuun isa maretti,
10 Yommuun daangaa koo isaaf hundeessetti,
Yommuun danqaraawwan isaa fi balbaloota isaa iddoo isaanii kaaʼetti,+
11 Achiis, ‘Hamma asiitti dhufuu dandeessa, kana irra garuu darbuu hin dandeessu;
Dambaliin kee inni warraaqu as irratti dhaabbata’ yommuun jedhetti ati eessa turte?+
13 Inni andaara lafaa akka qabatu,
Hamootas of keessaa akka harcaasu kan godhe siʼii?+
14 Inni akka suphee galaana jala jiruutti jijjiirameera,
Bifti isaas bifa uffataa fakkaatee mulʼata.
15 Ifni hamootaa garuu isaan jalaa dhokfameera,
Irreen isaanii inni ol kaafames cabeera.
16 Gara madda galaanaatti gad buuteettaa?
Yookiin bishaanota gad fagoo qoratteettaa?+
17 Karrawwan duʼaa+ sitti mulʼifamaniiruu?
Yookiin karrawwan dukkana cimaa* argiteettaa?+
18 Lafti hammam akka balʼattu hubatteettaa?+
Kana hundumaa beekta yoo taʼe natti himi.
19 Ifni kallattii kamiin jiraata?+
Iddoon dukkanaa hoo eessa?
20 Ati gara daangaa isaatti isa geessuu ni dandeessaa?
Daandii gara mana isaatti geessu hoo ni hubattaa?
21 Yeroo sanatti dhalatteetta waan taʼeef,
Lakkoofsi waggoota* keetiis guddaa waan taʼeef kana beekta mitii?
22 Gara mana kuusaa cabbiitti seentee beektaa?+
Yookiin mana kuusaa cabbii guguddaa argitee beektaa?+
23 Ani yeroo dhiphinaatiif,
Guyyaa lolaa fi waraanaatiif isa kaaʼadheera.+
24 Ifni* kallattii kam irraa faffacaʼa?
Bubbeen bahaa hoo eessaa lafa irratti bubbisa?+
25 Bishaaniif boʼoo kan baase,
Obomboleettiidhaafis duumessaa fi kakawwee isaa wajjin daandii kan qopheesse eenyu?+
26 Bakka namni hin jirretti,
Lafa onaa namoonni keessa hin jirretti bokkaa kan roobse eenyu?+
27 Lafa onaa diigamaa taʼe kan quubse,
Margis akka margu kan godhe eenyu?+
28 Bokkaan abbaa qabaa?+
Fixeensa kan dhalche hoo eenyu?+
29 Cabbiin gadameessa eenyuu keessaa baʼe?
Hurrii samii kan dhale eenyu?+
30 Bishaanota akka waan dhagaadhaan uwwifamaniitti kan uwwise,
Bishaanota gad fagoos gubbaa isaanii itichee cabbii kan godhe eenyu?+
31 Wadaroo tuuta urjiilee Kiimaa* hidhuu ni dandeessaa?
Yookiin wadaroo tuuta urjiilee Kasiil* hiikuu ni dandeessaa?+
32 Tuuta urjiilee* tokko yeroo isaatti gad baasuu
Yookiin tuuta urjiilee Aash* ilmaan isaa wajjin geggeessuu ni dandeessaa?
33 Seerawwan samiin ittiin bulu beektaa?+
Yookiin aangoo isaanii* lafa irratti raawwachiisuu ni dandeessaa?
34 Lolaan bishaanii akka si uwwisu gochuuf
Sagalee kee gara duumessaatti ol kaasuu ni dandeessaa?+
35 Ifa bakakkaa erguu ni dandeessaa?
Isaan hoo dhufanii, ‘Kunoo as jirra!’ siin jedhuu?
37 Duumessa lakkaaʼuuf ogummaa kan qabu eenyu?
Yookiin hubboo* bishaanii samii gad gombisuu kan dandaʼu eenyu?+
38 Awwaarri dhoqqee akka taʼu,
Bungulloon lafaas akka wal qabatu kan godhu eenyu?
39 Leencaaf adamsitee kennuu
Yookiin fedhii nyaataa leenconni saafelli qaban guutuu ni dandeessaa?+
40 Holqa isaanii keessa yommuu ciisan
Yookiin boolla isaanii keessatti riphanii yommuu eeggatan isaan sooruu ni dandeessaa?
41 Cuuciin ishii gargaarsaaf gara Waaqayyootti yommuu iyyitutti,
Wanti nyaatamu dhabamuu isaatiin kan kaʼe asii fi achi yommuu joortutti
Arraagessaaf nyaata kan qopheessu eenyu?+
39 “Yeroo reʼoonni gaaraa itti dhalan beektaa?+
Gadamsi yommuu ilmoolee ishii dhaltu argitee beektaa?+
2 Jiʼoota isaan rimaa taʼanii dabarsan ni lakkooftaa?
Yeroo isaan itti dhalan hoo beektaa?
3 Isaan yommuu ilmoolee isaanii dhalanitti ni quphanu,
Achiis ciniinsuun isaanii ni xumurama.
4 Ilmooleen isaanii ni cimu, dirree keessattis ni guddatu;
Isaan biraa ni deemu; gara isaaniittis hin deebiʼan.
5 Harree bosonaa* bilisa kan baase eenyu?+
Wadaroo kan isa irraa hiike hoo eenyu?
6 Ani gammoojjii duwwaa mana isaa,
Lafa soogiddaas iddoo jireenyaa isaa nan godhe.
7 Waca magaalaa ni tuffata,
Iyya warra horii oofaniis hin dhagaʼu.
8 Bakka dheedichaa barbaacha,
Biqiltuu magariisa akaakuu hundumaas barbaaddachaa tabba irra joora.
9 Gafarsi si tajaajiluuf fedhii qabaa?+
Gola fardeenii* kee keessa hoo ni bulaa?
10 Gafarsi sararaan akka siif qotutti wadaroodhaan isa ni hiitaa?
Yookiin si hordofee sulula keessa ni qotaa?*
11 Jabina isaa isa guddaatti amanamtee
Hojii kee isa ulfaataa akka siif hojjetu ni gootaa?
12 Oomisha* kee akka siif fidu isa ni abdattaa?
Gara oobdii keetti hoo oomisha kee ni sassaabaa?
13 Qoochoon* guchii gammachuudhaan walitti ni rukutama,
Garuu qoochoo fi baalleen ishii kan allaattii awwaannisaa+ wajjin wal gituu dandaʼaa?
14 Ishiin hanqaaquu ishii lafa irratti buusti,
Akka itti hoʼuufis biyyoo keessa keessi.
15 Miilli tokko isaan buruqsuu akka dandaʼu
Yookiin bineensi bosonaa irra ejjechuu akka dandaʼu ni dagatti.
16 Akka waan isaan kan ishii hin taanetti cuucota ishiitti garaa jabaatti;+
Dhamaatiin koo lafatti baduu dandaʼa jettee hin yaaddoftu.
17 Sababiin isaas, Waaqayyo ogummaa ishii dhowwateera,*
Hubannaa irraas qooda akka qabaattu hin goone.
18 Taʼus, yommuu kaatee qoochoo ishii walitti rukuttu,
Fardaa fi abbaa fardaatti kolfiti.
19 Fardaaf jabina kan kenne siʼii?+
Gama* hurgufamuun morma isaa ni uwwistaa?
20 Akka awwaannisaatti akka utaalu hoo gochuu ni dandeessaa?
Simboon himimsa isaa baayʼee nama sodaachisa.+
21 Inni sulula keessatti laficha ni dhidhiita, humna guddaadhaanis ni utaala;+
22 Sodaatti ni kolfa, wanta tokko illees hin sodaatu.+
Goraadee sodaatee duubatti hin deebiʼu.
23 Korojoon xiyyaa isatti kililcha,
Eeboo fi bodeenis* isatti calaqqisa.
24 Gammachuudhaan hurgufamaa gara fuulduraatti fiiga,*
Sagalee xurumbaa* yommuu dhagaʼu iddoo tokko dhaabbachuu hin dandaʼu.*
25 Yommuu xurumbaan afuufamu, ‘Ishoo!’ jedha.
Fagoodhaa foolii waraanaa fuunfata,
Iyya injifannoo ajajjoota raayyaa waraanaa fi iyya waraanaa ni dhagaʼa.+
26 Coroffeen qoochoo ishii gara kibbaatti diriirsitee
Kan barristu hubannaa keetiinii?
27 Yookiin risaan gara oliitti kan barristu,+
Manʼee ishiis ol gubbaatti kan ijaarrattu,+
28 Hallayyaa irra kan bultu,
Dahoo ishii isa kattaa jabaa* irratti argamu keessa kan jiraattu ajaja keetiinii?
30 Cuuciin ishii dhiiga xuuxxi,
Bakka raqni jiru hundatti ishiin achitti argamti.”+
40 Yihowaan akkana jedhee Iyyoobiif deebii kennuu isaa itti fufe:
2 “Inni dogoggora funaanu Isa Hundumaa Dandaʼu morkachuu qabaa?+
Inni Waaqa komachuu barbaadu deebii haa kennu.”+
3 Iyyoobis akkana jedhee Yihowaadhaaf deebii kenne:
4 “Kunoo, ani nama gatii hin qabne dha.+
Maalan siif deebisuu dandaʼa ree?
Afaan koo nan qabadha.+
5 Ani takkaa dubbadheera, garuu lammata deebii hin kennu;
Siʼa lamas dubbadheera, garuu kana booda homaa hin jedhu.”
6 Achiis Yihowaan obomboleettii keessaa akkana jedhee Iyyoobiif deebii kenne:+
7 “Maaloo, akka dhiiraatti mudhii kee hidhadhu,
Ani sin gaafadha, atis naaf deebista.+
8 Haqa koo ni shakkitaa?*
Ati sirrii taʼuu akka dandeessuuf ana ni ceephaataa?+
9 Irree cimaa kan akka Waaqa dhugaa qabdaa?+
Yookiin sagaleen kee akka kan isaatiitti kakawweessaʼuu dandaʼaa?+
10 Maaloo, ulfinaa fi guddinaan of miidhagsi,
Kabajaa fi simboos uffadhu.
11 Aarii kee isa cimaa taʼe gadhiisi,
Isa of tuulu hundumaa ilaali, gadis isa buusi.
12 Isa of tuulu hundumaa ilaali, gadis isa qabi,
Hamoota bakkuma dhaabbatanitti dhidhiiti.
13 Hunda isaanii biyyoo keessa dhoksi,
Iddoo dhokataa keessattis isaan* hidhi,
14 Achiis harki kee mirgaa si oolchuu akka dandaʼu illee
Ani sin beeksisa.*
15 Behemoot* isa ani akkuman si tolchetti tolche sana ilaali.
Inni akkuma qotiyyootti marga dheeda.
16 Jabina mudhii isaa keessa jiru,
Humna maashaalee garaa isaa keessa jirus ilaali!
17 Inni eegee isaa akkuma gaattiraatti ni cimsa,
Ribuun luka isaa walitti foʼamaa dha.
18 Lafeen isaa ujummoo sibiila diimaa ti,
Harkii fi miilli isaas akkuma ulee sibiila tumamuu ti.
19 Hojiiwwan Waaqayyoo gidduudhaa inni sadarkaa jalqabaa irra jira,*
Goraadee isaatiin itti dhihaachuu kan dandaʼu Uumaa isaa qofa dha.
20 Gaaronni bineensonni bosonaa hundi irra taphatan
Nyaata isaaf ni biqilchu.
21 Inni biqiltuu bishaan keessatti guddatu jala,
Gaaddisa shomboqqoo caffee keessa jiru keessas ni ciisa.
22 Biqiltuun bishaan keessatti guddatu gaaddisa isaa isa irra ni buusa,
Alaltuun sululaas* isatti ni marsa.
23 Lagni yoo jeeqame inni hin naʼu.
Lagni Yordaanos+ afaan isaatti yoo rukutame iyyuu inni homaa hin sodaatu.
24 Namni utuma inni ilaaluu isa qabuu,
Yookiin funyaan isaa hookkoodhaan* uruu dandaʼu jiraa?
41 “Hookkoo qurxummiitiin Lewaataaniin*+ qabuu
Yookiin wadaroodhaan arraba isaa gad qabuu ni dandeessaa?
3 Inni irra deddeebiʼee si kadhataa?
Yookiin gaarummaadhaan sitti dubbataa?
4 Umurii kee guutuu garbicha akka isa godhattuuf,
Inni sii wajjin kakuu ni galaa?
5 Akkuma simbirroo wajjin taphattutti isaa wajjin ni taphattaa?
Yookiin intala tee ishii xinnoo ittiin taphachiisuuf funcaadhaan isa ni hiitaa?
6 Daldaltoonni ittiin ni jijjiirratuu?
Qanxabdoonni hoo isa ni hihiratuu?
7 Gogaa isaa eeboo furguggifamuun*+
Yookiin mataa isaa eeboo qurxummii ittiin waraananiin ni waraantaa?
8 Mee harka kee isa irra kaaʼi,
Yoom iyyuu lola kana hin irraanfattu, lammatas itti hin deebitu!
9 Toʼannaa jala isa galchuuf abdachuun wanta gatii hin qabne dha.
Isuma ilaaluun illee baayʼee si sodaachisa.*
10 Eenyu iyyuu isa tuttuquuf hin onnatu.
Maarree na dura dhaabbachuu kan dandaʼu eenyu?+
11 Akkan isaaf deebisuuf jalqaba waa kan naaf kenne eenyu?+
Wanti samii jalatti argamu kam iyyuu kan koo ti.+
12 Ani waaʼee harkaa fi miila isaa,
Waaʼee guddina isaa fi ijaarsa qaama isaas nan dubbadha malee calluma hin jedhu.
13 Uffata isaa isa irraan uffate kan irraa baase eenyu?
Mangaagaa isaa isa banamaa keessa kan seenu eenyu?
14 Balbala afaan* isaa humnaan banuu kan dandaʼu eenyu?
Ilkaan isaa inni afaan isaatti marsee jiru sodaachisaa dha.
15 Dugdi isaa qola tarree galee kaaʼamee*
Akka gaariitti walitti maxxane qaba.
16 Inni tokko isa kan biraa wajjin baayʼee kan walitti siqe waan taʼeef,
Gidduu isaanii qilleensi illee seenuu hin dandaʼu.
17 Isaan walitti maxxananiiru,
Waan walitti fayyaniifis gargar baʼuu hin dandaʼan.
18 Haxxiffuun isaa ifa maddisiisa,
Ijji isaas akkuma carallaa barraaqa baʼuu ti.
19 Ifni bakakkaa afaan isaa keessaa ni baʼa;
Qaanqeen ibiddaas achi keessaa utaalee ni baʼa.
20 Akkuma iddoo ibiddaa citaan keessaa bobaʼuutti,
Funyaan isaa keessaa aarri ni yaaʼa.
21 Hafuurri isaa cilee bobeessa,
Laboobnis afaan isaa keessaa utaalee baʼa.
22 Morma isaa keessa jabina guddaatu jira,
Warri isa argan hundis ni romʼu.
23 Dachaʼaan foon isaa cimee kan wal qabate dha;
Akkuma waan irratti baqfameettis kan hin sochoonee fi cimaa dha.
24 Onneen isaa akkuma dhagaa jabaa dha,
Eeyyee, akkuma dhagaa daakuu jabaa dha.
25 Inni yommuu ol kaʼu warri jajjaboon illee ni sodaatu;
Bishaanicha yommuu rukutu nama naasisa.
26 Goraadeen, eeboon, eeboon akka xiyyaa yookiin qarri xiyyaa
Isa tuqu kam iyyuu isa hin moʼu.+
27 Inni sibiila akka citaatti,
Sibiila diimaas akka muka tortoreetti ilaala.
28 Xiyyi akka baqatu isa hin godhu,
Dhagaan furrisaas isaaf akkuma hoffaa ti.
29 Inni ulee furdaa akkuma hoffaatti ilaala,
Mirmirsa bodeettis ni kolfa.
30 Jalli isaa akkuma qara qiraacii ti;
Akkuma konkolaataa ittiin midhaan siribsiisaniittis*+ yeroo dhoqqee irra deemu mallattoo kaaʼee darba.
31 Bishaan gad fagoo akkuma distiitti danfisa,
Galaanas akkuma miʼa dibataatti borca.
32 Daandii isaa irratti mallattoo calaqqisu kaaʼee darba.
Namnis bishaan gad fagoon sun harrii akka qabu godhee yaada.
33 Uumamni sodaa akka hin qabaannetti uumame,
Lafa irra kan akka isaa tokko illee hin jiru.
34 Wanta of tuulu hundumaa irratti ija babaasa.
Inni bineensota sodaachisoo taʼan hundumaa irratti mootii dha.”
42 Achiis Iyyoob akkana jedhee Yihowaadhaaf deebii kenne:
2 “Ati wanta hundumaa gochuu akka dandeessu,
Wanti gochuuf yaadde kam iyyuu siif rakkisaa akka hin taane ani amma beekeera.+
3 Ati, ‘Inni beekumsa malee gorsa koo dukkaneessu kun eenyu?’ jetteetta.+
Dhuguma iyyuu, waaʼee wantoota baayʼee na dinqisiisanii fi ani hin beeknee
Hubannaa malee dubbadheera.+
4 Ati, ‘Maaloo na dhaggeeffadhu, anis nan dubbadha.
Ani sin gaafadha, atis naaf deebista’ jetteetta.+
5 Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture,
Amma garuu ijuma kootiin si argeera.
7 Yihowaan wantoota kana Iyyoobitti erga dubbatee booda, Yihowaan Eliifaaz Temaanichaan akkana jedhe:
“Akka tajaajilaa koo Iyyoobitti waaʼee koo dhugaa waan hin dubbanneef,+ dheekkamsi koo sii fi michoota kee lamaan+ irratti ni bobaʼa. 8 Amma qotiyyoo torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fudhadhaa gara tajaajilaa koo Iyyoob dhaqaatii ofii keessaniif aarsaa gubamu dhiheessaa. Tajaajilaan koo Iyyoobis isiniif ni kadhata.+ Isin akka tajaajilaa koo Iyyoob waaʼee koo dhugaa waan hin dubbanneef, ani akka gowwummaa keessaniitti akkan isin hin adabneef dhugumaan kadhannaa isaa nan dhagaʼa.”*
9 Kanaafuu, Eliifaaz Temaanichi, Bildaad Shuʼaatichii fi Zofaar Naʼaamaatichi deemanii wanta Yihowaan isaaniin jedhe ni godhan. Yihowaanis kadhannaa Iyyoob ni dhagaʼe.
10 Iyyoob michoota isaatiif erga kadhatee+ booda, Yihowaan rakkina Iyyoob ni balleesse,+ badhaadhina isaas isaaf ni deebise.* Yihowaan wanta inni kanaan dura qabu dachaa godhee isaaf ni kenne.+ 11 Obboloonni isaa, obboleettonni isaa fi michoonni isaa duraanii hundi+ gara isaa dhufanii mana isaa keessatti isaa wajjin nyaata nyaatan. Isaanis rakkina Yihowaan akka irra gaʼu heyyame hundumaatiif isaaf ni gaddan, isas ni jajjabeessan. Tokkoon tokkoon isaaniis maallaqaa fi qubeellaa warqii isaaf ni kennan.
12 Akka kanaan Yihowaan jireenya Iyyoob isa duraa caalaa jireenya isaa isa boodaa ni eebbise;+ Iyyoob hoolota 14,000, gaalota 6,000, horii cimdii 1,000 fi harroota dhaltuu 1,000 ni horate.+ 13 Kana malees, inni ijoollee dhiiraa dabalataa torbaa fi ijoollee durbaa dabalataa sadii ni argate.+ 14 Maqaa intala isaa ishii jalqabaa Yemiimaa, ishii lammaffaa Qeeziyaa, ishii sadaffaa immoo Qeren Haphuuk jedhee moggaase. 15 Guutummaa biyyattii keessatti dubartiin akka ijoollee durbaa Iyyoob bareedduu taate tokko illee hin turre; abbaan isaaniis obboloota isaanii wajjin isaaniif dhaala ni kenne.
16 Kana booda Iyyoob waggaa 140 ni jiraate; ijoollee isaa, akkasumas ijoollee ijoollee isaa hamma dhaloota afuuriitti ni arge. 17 Dhuma irrattis Iyyoob bara dheeraa fi jireenya gammachuu qabu jiraatee duʼe.
Tarii, “Kan Jibbame” jechuu dha.
Ykn., “nama balleessaa hin qabnee fi qajeelaa.”
Kal., “loon cimdii 500.”
Kal., “harroota dhaltuu.”
Jechama Afaan Ibrootaa maleekota warra ilmaan Waaqayyoo taʼan argisiisu.
Kal., “garaa kee irra keesseettaa?”
Ykn., “nama balleessaa hin qabnee fi qajeelaa.”
Kal., “fuula.”
Ykn., “toʼannaa kee jala.”
Kal., “fuula Yihowaa.”
Ykn tarii, “Bakakkaan samii irraa buʼee.”
Ykn., “Waaqayyo wanta sirrii hin taane akkamii iyyuu akka raawwatetti hin dubbanne.”
Jechama Afaan Ibrootaa maleekota ilmaan Waaqayyoo taʼan argisiisuuf itti hojjetamu dha.
Kal., “garaa kee irra keesseettaa?”
Ykn., “nama balleessaa hin qabnee fi qajeelaa.”
Kal., “liqimsu.”
Ykn., “toʼannaa kee jala.”
Kal., “fuula Yihowaa.”
Ykn., “madaa baayʼee cimaa taʼeen.”
Ykn., “Namoonni Iyyoobiin beekan.”
Kal., “guyyaa isaa.”
Ykn., “dukkannii fi gaaddisni duʼaa.”
Naacha ykn bineensa guddaa fi humna qabeessa bishaan keessa jiraatu kan argisiisu akka taʼetti hubatama.
Ykn tarii, “iddoowwan ona taʼan.”
Ykn., “warra jireenyi itti hadhaaʼeefis.”
Kal., “dadhabdeetta.”
Ykn., “qopheessan.”
Ykn., “leenca saafelaa.”
Ykn., “Ergamtoota.”
Ykn., “sii wajjin kakuu (walii galtee) ni qabaatu.”
Kal., “nagaa.”
Jechuunis, nadoowwan ykn ladoowwan.
Ykn., “Dubbii jarjarsuu.”
Jechuunis, nyaata horii.
Ykn., “Lubbuun koo wantoota akkanaa tuquu ni jibbite.”
Ykn., “Jireenya (lubbuu) koo dheeressuuf.”
Ykn., “Gareen imaltoota warra Saabaas.”
Kal., “akka na furtan.”
Ykn., “meeshaadhaan jijjiirtu.”
Ykn., “hamma dimimmisa ganamaatti.”
Biyyoo walitti qabatee goge.
Kal., “wanta gaarii.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Hadhaaʼina lubbuu kootii.”
Kal., “lafee koo.”
Kal., “garaa kee akka irra keessuufis.”
Kal., “Inni harka fincila isaaniitti isaan ergeera.”
Ykn., “ofii isaa siif ni kaasa.”
Kal., “Jechoota garaa isaanii keessa jiran hin baasanii?”
Kal., “Daandiiwwan warra Waaqayyoon irraanfatanii.”
Ykn., “gantuu.”
Ykn., “Inni mana dhagaa ni ilaala.”
Ykn., “liqimfamu.”
Ykn., “karaan isaa kan mancaʼu akka kanaani.”
Ykn., “warra balleessaa hin qabne.”
Kal., “harka isaa hin qabu.”
Ykn., “mana murtiitti isa dhiheessuu.”
Ykn., “ni balleessa.”
Tuuta urjiilee Amaaketa Guddaa (Ursa Major) jedhamu kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Tuuta urjiilee Oriyoon kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Urjiilee Piliyaadis warra tuuta urjiilee Taawuras keessa jira kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Kal., “kutaawwan kibbaa warra keessaa.”
Uumama galaanaa guddaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn tarii, “Isa seera duratti na falmatu.”
Kal., “na waamuu.”
Ykn., “Qulqulluu yoon taʼe illee.”
Kal., “jalʼaa akkan taʼe.”
Ykn., “Yoon qulqulluu taʼe illee.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “tuffadheera; dideera.”
Ykn., “warra amanamummaa isaanii eeganis.”
Kal., “fuula.”
Kal., “Hammina.”
Ykn., “Pootaashiidhaanis.”
Ykn., “Qaamni nu araarsu.”
Kal., “Lamaan keenya irra harka isaa kaaʼuu.”
Kal., “Ulee isaa ana irraa yoo kaase.”
Ykn., “Lubbuun koo jireenya koo ni jibbiti.”
Ykn., “Hadhaaʼina lubbuu kootiin.”
Ykn., “Jireenya.”
Kal., “Ati wantoota kana garaa kee keessa dhoksite.”
Ykn., “Xinnoo akkan gammaduuf.”
Ykn., “dukkanaa fi gaaddisa duʼaa.”
Ykn., “namni of jaju sirrii ni taʼaa?”
Ykn., “daangaa Isa Hundumaa Dandaʼuu beekuu.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Yoo hardiidni nama dhalte.”
Ykn., “duʼa lubbuu.”
Kal., “isin namoota dha.”
Kal., “garaa.”
Ykn., “mucucaatu.”
Ykn tarii, “lafatti dubbadhu.”
Ykn., “Lubbuun.”
Kal., “foon namaa hundumaas.”
Kal., “laagaan.”
Ykn., “wanti hundi akka irraa saamamu ni godha.”
Ykn., “jaarsoliis.”
Kal., “Qabattoo warra humna qabeeyyii taʼanii ni laaffisa.”
Kal., “garaa.”
Ykn., “Isaaf ni loogduu?”
Ykn., “Dubbiin keessan inni yaadatamu.”
Kal., “Goobni gaachana.”
Kal., “Maaliifan foon koo ilkaan kootiin baadha?”
Ykn., “daandiiwwan kootiif nan falmadha.”
Ykn., “gantuun.”
Ykn tarii, “Namni kana dandaʼu yoo jiraate, ani callisee nan duʼa.”
Kal., “Wantoota lama qofa na irratti hin godhin.”
Kal., “inni,” Iyyoobiin kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn., “jeequmsaan.”
Ykn tarii, “ni murama.”
Kal., “ana.”
Kal., “inni eessa jira?”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “ni hawwita.”
Ykn., “Lubbuun isaa.”
Ykn., “beekumsa akka qilleensaa taʼeen.”
Ykn., “Dogoggorri kee afaan kee leenjisa.”
Kal., “Garaan.”
Kal., “hafuura kee ni garagalchita.”
Kal., “daabboo.”
Ykn., “moʼuufis.”
Kal., “gooba duuba gaachana isaa isa furdaa taʼe.”
Jechuunis, abdii inni bayyanachuuf qabu kam iyyuu.
Kal., “isaa.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “gantootaa.”
Ykn., “qilleensi.”
Ykn., “Lubbuun keessan bakka lubbuu koo utuu taatee.”
Ykn., “Warra anaa wajjin wal gaʼanis.”
Ykn., “boqoo.”
Ykn., “Jabina.” Kal., “Gaanfa.”
Ykn., “gaaddisni duʼaa.”
Ykn tarii, “hirriba dhabee Waaqayyoon ilaalu.”
Kal., “mammaaksa.”
Ykn., “gantuudhaan.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “awwaalaan.”
Jechuunis, abdiin koo.
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “xuraaʼaatti.”
Ykn., “lubbuu kee.”
Kun gosa kiyyoo ti.
Ykn., “okkolchiisa.”
Kal., “Angafni duʼaa.”
Ykn., “Gara duʼa isa hamaattis.”
Kal., “Wanti kan isaa hin taane dunkaana isaa keessa jiraata.”
Kal., “maqaa hin qabaatu.”
Ykn., “Iddoo yeroodhaaf keessa jiraatu.”
Ykn., “ana.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “arrabsitaniittu.”
Ykn., “Firoottan koo.”
Kal., “Ilmaan gadameessa kootiifis,” jechuunis, ilmaan gadameessa na daʼe sanaa (gadameessa haadha kootii).
Kal., “gogaa ilkaan kootiinan miliqe.”
Kal., “Isin foon koo kan hin quufne maaliifi?”
Ykn., “deebisee na bitu.”
Kal., “awwaara.”
Ykn., “Kaleen koo na keessatti hojii isaa dhaabeera.”
Kal., “Hafuurri hubannaa koo irraa dhufus.”
Ykn., “ilmi namaa; Addaam.”
Ykn., “gantuus.”
Jechuunis, humni isaa.
Ykn., “hadhooftuu.”
Kal., “Arrabni.”
Kal., “hin liqimsu.”
Kal., “Inni.”
Kal., “isaatti.”
Kal., “hafuurri koo obsa hin fixatu turee?”
Ykn., “kan ciman.”
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.
Ykn., “faaggaatiinis.”
Ykn., “Takkaatti,” jechuunis, duʼa hatattamaa dhiphina hin qabne.
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Gorsi; Haxxummaan.”
Ykn., “bakka lamatti yoo cite.”
Ykn., “Waan akkamii iyyuu Waaqayyoon barsiisuu.”
Kal., “Utuma dhukni lafee isaa keessa jiru jiidhaa taʼee jiruu.”
Ykn., “jireenyi itti hadhaaʼetti.”
Ykn tarii, “humnaan tarkaanfii na irratti fudhachuuf.”
Kal., “Mallattoo.”
Ykn., “laga gogaa.”
Kal., “Inni ilmaan namootaa hunda of duubaan ni harkisa.”
Ykn., “isa ni gammachiisaa?”
Kal., “uffata nama qullaa taʼee irraa baasta.”
Ykn., “warri jalaa duʼaniis.”
Kal., “Kiyyoowwan simbiraa.”
Ykn., “umuriin isaanii gabaabbateera.”
Kal., “lagaan.”
Ykn., “Warqii kee isa hin qulqulleeffamne.”
Ykn., “lageen gogaa.”
Ykn., “warqii kee isa hin qulqulleeffamne.”
Kal., “Fuula kees gara Waaqayyootti ol ni kaasta.”
Ykn., “isa ijji isaa gad ilaalu.”
Ykn., “naaf ajajamu.”
Ykn., “Lubbuun isaa.”
Ykn., “ajajame.”
Jechuunis, guyyaa murtii isaa.
Ykn tarii, “maasii keessaa gafara sassaabu.”
Ykn tarii, “Isaan daagaawwan gidduutti zayitii cuunfu.”
Ykn., “Lubbuuwwan warra madaaʼaniis.”
Ykn tarii, “Waaqayyo eenyuun iyyuu balleessaadhaan hin gaafatu.”
Kal., “qotanii.”
Kal., “Inni bishaan gubbaa ni fiiga.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Gadameessi.”
Ykn., “maseena.”
Kal., “Inni.”
Kal., “Inni.”
Kal., “karaawwan isaanii irra.”
Kal., “ol kaʼiinsa isaa.”
Ykn., “Dandeettii yaaduu.”
Kal., “Hafuura eenyuutu si keessaa baʼaa jira?”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “isa.”
Ykn., “Abaadoonis.”
Kal., “kaaba.”
Kal., “geengoo.”
Kal., “Rahaabiin.”
Ykn., “Bubbee.”
Ykn., “loʼu.”
Kal., “mammaaksa.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “of irraa hin fuudhu; nan eega.”
Ykn., “Guyyoota koo keessaa isa kamiif iyyuu.”
Ykn., “hin arrabsu.”
Ykn., “Gantuun.”
Ykn., “lubbuu isaa.”
Ykn tarii, “harka Waaqayyootiin.”
Ykn tarii, “Isaan harka isaanii isa irratti walitti ni rukutu, iddoo isaaniitiis isatti ni siiqsu.”
Kal., “dhangalaafama.”
Kal., “Dhagaa.”
Hojii albuuda baasuu kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “qulqulleeffamettis.”
Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “ulfaatina.”
Kal., “mammaaksa.”
Ykn., “Tajaajiltoonni.”
Kal., “ni dhokatu.”
Ykn., “qoloo.”
Kal., “Manʼee.”
Ykn tarii, “Isaan ibsaa fuula kootii hin dukkaneessine.”
Jechuunis, muka gaggabaabaa gobbatee biqilu.
Ykn., “lageen gogaa.”
Kal., “garafamanii ariʼamaniiru.”
Kal., “mammaaksa.”
Kal., “wadaroo iddaa kootii waan laaffiseef.”
Ykn., “luugama hiikkatu.”
Ykn tarii, “Kan isaan gargaarus.”
Ykn., “Lubbuun koo duʼuuf jetti.”
Kal., “Lafeewwan koo halkan urataniiru.”
Ykn tarii, “Rakkinni koo cimaa taʼuu isaatiin kan kaʼe bifa koo balleesseera.”
Ykn tarii, “caccabsitee na bulleessite.”
Kal., “tuullaa diiggaa.”
Ykn tarii, “dhaqna gubaadhaan.”
Ykn., “Faaggaan.”
Ykn tarii, “namoota sobanii wajjin.”
Ykn., “sanyiiwwan koo haa buqqifaman.”
Kal., “Namoonni kaan ishii irratti haa jilbeenfatan.”
Ykn., “Oomisha koo hundumaa illee buqqisuu ti.”
Ykn., “himata.”
Kal., “Yeroo Waaqayyo kaʼutti.”
Kal., “Gadameessa keessatti.”
Kal., “akka dadhabu.”
Kal., “isa.”
Kal., “Gadameessa haadha kootii.”
Kal., “ishii.”
Kal., “Mudhiin isaa na hin eebbisne yoo taʼe.”
Ykn tarii, “Karra magaalaa irratti kan na gargaaru akkan qabu argee.”
Ykn., “Ceekuun.”
Ykn., “Buusaa isaa irraa; Lafee isaa isa olii irraa.”
Kal., “Ifni yeroo ifu.”
Kal., “foon.”
Ykn., “Namni biyya ormaa.”
Ykn., “Mallattoon koo kunoo ti.”
Ykn., “lubbuun abbootii lafa sanaa akka gaddu.”
Ykn., “Inni ija ofii isaa duratti qajeelaa waan taʼeef.”
Kal., “guyyoonni koo xinnoo dha.”
Kal., “Guyyoonni haa dubbatan.”
Ykn., “Guyyoonni hedduun qofti nama tokko ogeessa hin godhan.”
Ykn., “Iyyoobiin sirreessuu.”
Ykn., “Nama akkamiitiif illees maqaa ulfinaa hin kennu.”
Kal., “Arrabni koo laagaa koo wajjin.”
Kal., “irratti chaappaa godha.”
Ykn., “jireenya.”
Ykn., “awwaala.”
Ykn., “meeshaa waraanaatiin (meeshaa waraanaa furguggifamuun).”
Kal., “jireenyi isaa.”
Ykn., “Lubbuun isaa.”
Ykn., “saaxilameera.”
Ykn., “Jireenyi.”
Ykn., “awwaalatti.”
Ykn., “Maleekaan.”
Ykn., “awwaalaatti.”
Ykn., “fayya buleessa haa taʼu.”
Kal., “faarfata.”
Ykn tarii, “Kun na hin fayyadne.”
Ykn., “awwaalaatti.”
Ykn., “jireenya.”
Ykn., “Awwaala.”
Ykn., “lubbuu isaa.”
Kal., “laagaan.”
Kal., “garaa.”
Ykn., “Lafa namni irra jiraatu.”
Kal., “garaa isaa.”
Kal., “Foon.”
Ykn., “Guguddoota warra gad aanoo.”
Ykn., “gantuun.”
Kal., “Namoonni garaa qaban.”
Ykn tarii, “Yaa abbaa koo, Iyyoob haa qoramu.”
Waaqayyoon kan argisiisu fakkaata.
Kal., “Irree.”
Ykn., “soba.”
Kal., “garaa.”
Ykn tarii, “Inni mootota teessoo irra ni kaaʼa.”
Ykn., “meeshaa waraanaatiin (meeshaa waraanaa furguggifamuun).”
Ykn., “gantoota taʼan.”
Ykn tarii, “fixaa.”
Kal., “Inni.”
Ykn., “hamminaan harka walitti rukutuutti.”
Ykn tarii, “kan ceephaʼe; itti gaafatamaa kan godhe.”
Ykn., “kan hin qoratamne dha.”
Kal., “daasii.”
Kal., “ifa.”
Kal., “Hidda.”
Ykn tarii, “namootaaf ni falma.”
Ykn tarii, “maal.”
Kal., “harka nama hundumaa irratti chaappaa ni godha.”
Ykn., “Lafa oomisha kennitu.”
Kal., “ulee.”
Ykn., “akka ajaju.”
Ykn., “batteessuu.”
Jechuunis, ifa aduu.
Kal., “garaa isaaniitti ogeessota taʼan.”
Jechama Afaan Ibrootaa maleekota ilmaan Waaqayyoo taʼan argisiisuuf itti hojjetamu dha.
Kal., “Guyyoota kee keessatti.”
Ykn., “gaaddisa duʼaa.”
Kal., “guyyoota.”
Ykn tarii, “Bakakkaan.”
Urjiilee Piliyaadis warra tuuta urjiilee Taawuras keessa jira kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Tuuta urjiilee Oriyoon kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Kal., “Maazaarot.” 2Mo 23:5 irratti ibsi kanaa wajjin wal fakkaatu bifa danuutiin tuutawwan urjiilee zoodiyaak jedhamee ibsameera.
Tuuta urjiilee Amaaketa Guddaa (Ursa Major) jedhamu kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Ykn tarii, “isaa.”
Ykn tarii, “Nama.”
Ykn tarii, “sammuu.”
Ykn., “okkotee.”
Harree bosonaa Ingiliffaan onaagar jedhamu kan argisiisu dha.
Ykn., “Bidiruu.”
Ykn., “bungulloo siif ni garagalchaa?”
Kal., “Sanyii.”
Jechuunis, goflaan.
Kal., “irraanfachiiseera.”
Rifeensa gateettii kotte duudaa irratti argamu argisiisa.
Kal., “Gara meeshaa waraanaatti gad ni baʼa.”
Jechuunis, eeboo xinnoo.
Kal., “lafa liqimsa.”
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Ykn tarii, “hin amanu.”
Kal., “ilkaan kattaa.”
Ykn., “gatii ni dhabsiistaa?”
Kal., “fuula isaanii.”
Ykn., “sin ajaja.”
Tarii roobii taʼuu dandaʼa.
Kal., “inni kan jalqabaa ti.”
Ykn., “laga gogaa.”
Kal., “kiyyoodhaan.”
Tarii naacha taʼuu dandaʼa.
Kal., “Citaa.”
Kal., “qoreedhaan.”
Kun meeshaa eeboo fakkaatuu fi qurxummii guguddaa qabuuf oolu dha.
Ykn., “gad si darbata.”
Kal., “fuula.”
Ykn tarii, “Qola isaa isa tarree galeen ni boona.”
Saanqaa midhaan ittiin dhaʼuuf looniin harkifamu argisiisa.
Kal., “fuula isaa ol nan qaba.”
Kal., “Yihowaan boojuu Iyyoob ni deebise.”