IYYAASUU
1 Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe erga duʼee booda, Yihowaan Iyyaasuu*+ ilma Nuun isa tajaajilaa+ Musee tureen akkana jedhe: 2 “Tajaajilaan koo Museen duʼeera.+ Ammas atii fi sabni kun hundi kaʼaatii biyya ani isaaniif, jechuunis saba Israaʼeliif kennutti seenuuf Yordaanosiin ceʼaa.+ 3 Akkuman Museedhaaf waadaa galetti, iddoo miila keessaniin ejjettan hundumaa isiniif nan kenna.+ 4 Daangaan keessanis lafa onaa irraa jalqabee hamma Libaanonittii fi hamma laga isa guddaa Efraaxisitti, jechuunis guutummaa biyya Heetotaa,+ akkasumas hamma Galaana Guddaa* isa kallattii dhihaatiin* argamuutti ni taʼa.+ 5 Lubbuudhaan hamma jirtutti eenyu iyyuu si dura dhaabbachuu hin dandaʼu.+ Akkuman Musee wajjin ture, sii wajjinis nan taʼa.+ Ani si hin dhiisu, si hin gatus.+ 6 Sabni kun biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe+ akka dhaalu kan godhu si waan taʼeef, onnadhu, cimis.+
7 “Onnadhu, baayʼee cimi, guutummaa Seerichaa isa tajaajilaan koo Museen si ajaje hundumaas of eeggannoodhaan eegi. Bakka deemtu hundumaatti ogummaadhaan deddeebiʼuu akka dandeessuuf,+ isa irraa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin gorin.+ 8 Wanta achi keessatti barreeffame hundumaa of eeggannoodhaan akka eegduuf,+ kitaabni Seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin;+ halkanii fi guyyaas sagalee kee gad qabii isa dubbisi;* akkana yoo goote, daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.+ 9 Ani onnadhu, cimis jedhee si hin ajajnee? Bakka dhaqxu hundumaatti Waaqni kee Yihowaan sii wajjin waan jiruuf, hin naʼin yookiin hin sodaatin.”+
10 Achiis Iyyaasuun akkana jedhee geggeessitoota sabichaa ajaje: 11 “Guutummaa buufatichaa keessa darbaatii, ‘Biyya Waaqni keessan Yihowaan akka dhaaltaniif isinii kennutti seentanii dhaalaan fudhachuuf guyyaa sadii keessatti Yordaanosiin waan ceetaniif, galaa qopheeffadhaa’ jedhaatii sabicha ajajaa.”+
12 Iyyaasuun Ruubenotaan, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaaseetiin akkana jedhe: 13 “Wanta Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isin ajaje yaadadhaa:+ ‘Waaqni keessan Yihowaan boqonnaa isiniif kenneera; biyya kanas isiniif kenneera. 14 Haadhotiin manaa keessan, ijoolleen keessanii fi horiiwwan keessan biyya Museen Yordaanos irraa gamanatti*+ isiniif kenne keessa ni jiraatu; loltoonni keessan warri jajjaboon hundi+ garuu waraanaaf tarree galanii obboloota keessan dura gamatti haa ceʼan.+ Isinis isaan gargaaruu qabdu; 15 akkuma inni boqonnaa isiniif kennetti, hamma Yihowaan obboloota keessaniif boqonnaa kennutti isaan gargaaraa; isaanis biyya Waaqni keessan Yihowaan isaaniif kennu dhaalaan ni fudhatu. Achiis gara biyya qabattanii dhaalaan akka fudhattan isiniif kennametti, jechuunis gara biyya Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe Yordaanos irraa kallattii bahaatiin isiniif kennetti deebiʼaa.’”+
16 Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuudhaaf deebisan: “Wanta ati nu ajajje hundumaa ni raawwanna; gara ati itti nu ergitu kam iyyuu ni dhaqna.+ 17 Wanta Museen jedhe hundumaa akkuma dhageenye, wanta ati jettus ni dhageenya. Waaqni kee Yihowaan akkuma Musee wajjin ture,+ sii wajjinis haa taʼu. 18 Namni ajaja kee irratti finciluu fi ajaja ati isaaf kennitu hundumaatiif hin ajajamne kam iyyuu ni ajjeefama.+ Garuu ati onnadhu, cimis.”+
2 Achiis Iyyaasuun ilmi Nuun Shitiim+ keessaa dhoksaatti basaastota godhee namoota lama ni erge. Innis, “Dhaqaatii biyyattii, keessumaa immoo Yerikoo qoradhaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan gara mana dubartii sagaagaltuu Rahaab+ jedhamtu tokkoo dhaqanii achi taaʼan. 2 Mootiin Yerikoos, “Kunoo, harʼa galgala namoonni Israaʼel biyyattii basaasuuf seenaniiru” jedhamee itti himame. 3 Yeroo kanatti mootiin Yerikoo, “Isaan kan dhufan guutummaa biyyattii basaasuuf waan taʼeef, namoota dhufanii mana kee keessa jiran gad baasi” jedhee Rahaabitti dhaamsa erge.
4 Dubartittiin garuu namoota lamaan sana fuutee dhoksite. Achiis akkana jette: “Dhugaa dha, namoonni sun gara koo dhufanii turan; eessaa akka dhufan garuu hin beeku. 5 Galgala yommuu karri magaalattii cufamuuf jedhutti baʼanii deemaniiru. Eessa akka dhaqan garuu hin beeku; daftanii yoo isaan hordoftan isaan ni dhaqqabdu.” 6 (Ishiin garuu gara baaxiitti ol isaan geessitee agadaa talbaa baaxii irratti afame keessa isaan dhoksitee turte.) 7 Kanaafuu, namoonni sun karaa malkaawwan sanaatiin kallattii Yordaanos qabatanii isaan duukaa buʼan;+ akkuma gad baʼaniinis karri magaalattii ni cufame.
8 Ishiinis namoonni sun ciisuu isaanii dura, baaxiitti ol baatee gara isaanii ni dhufte. 9 Achiis akkana isaaniin jette: “Yihowaan biyyattii akka isiniif kennuu+ fi sabichi akka isin sodaate+ ani beeka. Jiraattonni biyyattii hundis isiniin kan kaʼe abdii kutataniiru;+ 10 sababiin isaas, yeroo isin biyya Gibxii keessaa baatanitti Yihowaan akkamitti bishaan Galaana Diimaa isin duratti akka gogse,+ akkasumas wanta isin mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii+ fi Oog+ warra Yordaanos gamatti* guutummaatti balleessitan sana irratti gootan dhageenyeerra. 11 Nuti waaʼee kanaa yeroo dhageenyetti baayʼee sodaanne;* isiniin kan kaʼe namni hin sodaanne tokko illee hin jiru; sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan ol samii irratti, gad lafa irrattis Waaqa dha.+ 12 Akkuman jaalala amanamaa isinitti argisiise, isinis maatii abbaa kootiitti jaalala amanamaa akka argisiistan maaloo, maqaa Yihowaatiin naaf kakadhaa; mallattoo amansiisaas naaf kennaa. 13 Lubbuu abbaa koo fi lubbuu haadha tiyyaa, lubbuu obboloota koo fi obboleettota kootii, akkasumas wanta kan isaanii taʼe hundumaa naaf oolchaa; duʼa irraa nu* oolchaa.”+
14 Yeroo kanatti namoonni sun, “Nuti lubbuu keessan oolchuuf lubbuu keenya ni kennina! Ati waaʼee hojii keenyaa hin dubbattu taanaan, yeroo Yihowaan biyyattii nuuf kennutti jaalala amanamaa fi amanamummaa sitti argisiisna” ishiidhaan jedhan. 15 Manni ishii dallaa magaalattii cinaa waan tureef, ishiin karaa foddaa wadaroodhaan gad isaan buuste. Manni ishii dallicha irra jira ture.+ 16 Achiis, “Warri isin duukaa buʼan akka isin hin arganneef, gara naannoo gaarotaa dhaqaatii guyyaa sadiif achi dhokadhaa. Warri isin duukaa buʼan erga deebiʼanii booda, karaa keessan itti fufuu dandeessu” isaaniin jette.
17 Namoonni sunis akkana ishiidhaan jedhan: “Nuti kakaa nu kakachiiste+ kana eeguuf kan dirqamnu, 18 gara biyyattiitti yommuu dhufnu wadaroo diimaa kana foddaa ittiin gad nu buuste irratti yoo hiite qofa dha. Abbaa kee, haadha tee, obboloota kee fi maatii abbaa keetii hundumaa mana kana keessatti walitti qabi.+ 19 Yeroo kanatti namni kam iyyuu mana kee keessaa gara alaatti yoo gad baʼe dhiigni isaa mataa isaa irra taʼa; nutis yakka irraa walaba taana. Haa taʼu malee, namoota sii wajjin mana keessa jiran keessaa isa kam irra iyyuu balaan yoo gaʼe,* dhiigni isaa mataa keenya irra taʼa. 20 Waaʼee hojii keenyaa yoo dubbatte+ garuu, yakka kakaa ati nu kakachiisteen dhufu irraa walaba taana.” 21 Ishiinis, “Akkuma isin jettan haa taʼu” jettee isaaniif deebiste.
Achiis isaan geggeessite; isaanis karaa isaanii qajeelan. Sana booda wadaroo diimaa sana foddaa irratti hiite. 22 Kanaafuu, isaan achii baʼanii gara naannoo gaarotaa dhaqanii hamma namoonni isaan duukaa buʼan sun deebiʼanitti guyyaa sadiif achi turan. Warri isaan duukaa buʼan sun daandii hundumaa irra isaan barbaadaa kan turan taʼus isaan hin arganne. 23 Namoonni lamaan sunis naannoo gaarotaa irraa gad buʼanii lagicha ceʼuudhaan gara Iyyaasuu ilma Nuun dhaqan. Wanta isaan mudate hundumaas isatti ni himan. 24 Achiis Iyyaasuudhaan, “Yihowaan guutummaa biyyattii harka keenyatti dabarsee kenneera.+ Jiraattonni biyyattii hundis sababii keenyaan abdii kutataniiru”+ jedhan.
3 Achiis Iyyaasuun Israaʼelota* hundumaa wajjin ganamaan kaʼee Shitiim+ keessaa baʼee gara Yordaanos dhufe. Isaanis ceʼuu isaanii dura achuma bulan.
2 Geggeessitoonnis+ guyyaa sadii booda guutummaa buufatichaa keessa darbanii 3 akkana jedhanii sabicha ajajan: “Leewwonni luboota taʼan taabota kakuu Waaqa keessan Yihowaa baatanii akkuma argitaniin,+ iddoo keessanii kaʼaatii isa duukaa buʼaa. 4 Haa taʼu malee, gara dhundhuma 2,000* isa irraa fagaadhaa; isin kanaan dura karaa kana irra deemtanii waan hin beekneef, karaan irra deemuu qabdan isa kam akka taʼe beekuu akka dandeessaniif, kana caalaa itti hin dhihaatinaa.”
5 Achiis Iyyaasuun sabichaan, “Boru Yihowaan isin gidduutti wantoota dinqisiisoo waan raawwatuuf+ of qulqulleessaa”+ jedhe.
6 Sana booda Iyyaasuun lubootaan, “Taabota+ kakuu fuudhaatii sabicha dura darbaa” jedhe. Kanaafuu, isaan taabota kakuu sana fuudhanii sabicha dura ni deeman.
7 Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe: “Akkuman Musee wajjin ture+ sii wajjinis akkan taʼu+ akka beekaniif, guyyaa kanatti guutummaa Israaʼel duratti ol sin qaba.+ 8 Luboota taabota kakuu baatanis, ‘Yommuu qarqara laga Yordaanos geessan, achuma Yordaanos keessa dhaabbadhaa’+ jedhii ajaji.”
9 Iyyaasuunis Israaʼelotaan, “As kottaatii dubbii Waaqa keessan Yihowaa dhagaʼaa” jedhe. 10 Itti fufuudhaanis akkana jedhe: “Isin Waaqni jiraataan isin gidduu akka jiru,+ akkasumas mamii tokko malee Kanaʼaanota, Heetota, Hiiwota, Pheriizota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yebuusota isin duraa akka ariʼu kanaan ni beektu.+ 11 Kunoo, taabonni kakuu Gooftaa guutummaa lafaa gara Yordaanositti seenuuf isin dura darbee deemaa jira. 12 Amma gosoota Israaʼel keessaa, tokkoon tokkoon gosaatiif nama tokko godhaatii namoota 12 fudhadhaa;+ 13 faanni miila luboota Taabota Yihowaa isa Gooftaa guutummaa lafaa taʼee baatan sanaa bishaan Yordaanos akkuma tuqeen,* bishaan Yordaanos inni gubbaadhaa yaaʼaa ture yaaʼuu isaa ni dhiisa; bishaanichis akkuma hidha lagaatti* ni dhaabbata.”+
14 Kanaafuu, sabichi Yordaanosiin ceʼuu isaa dura yommuu dunkaana isaa keessaa baʼee deemuu jalqabetti, luboonni warri taabota+ kakuu baatan sabicha dura buʼanii deeman. 15 Luboonni warri Taaboticha baatan Yordaanos bira gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanichaatti akkuma lixeen (Yordaanos guutummaa yeroo makaraatti guutee ni dhangalaʼa ture),+ 16 bishaan gubbaadhaa yaaʼaa ture sun bakkuma jirutti ni dhaabbate. Bishaanichi baayʼee fagaatee magaalaa Addaam ishii Zaaretaan biratti argamtutti akka hidha lagaatti* kaʼee ni dhaabbate; bishaan Galaana Arabaatti, jechuunis Galaana Soogiddaatti* gad yaaʼu immoo ni goge. Bishaanichi ni dhaabbate; sabichis bakka fuullee Yerikoo jirutti ni ceʼe. 17 Yeroo luboonni warri taabota kakuu Yihowaa baatan hamma guutummaan sabichaa Yordaanosiin ceʼutti laga Yordaanos walakkaa lafa gogaa irra dhaabbatanii+ turanitti, Israaʼelonni hundi lafa gogaa+ irra ni ceʼan.
4 Guutummaan sabichaa Yordaanosiin akkuma ceʼeen Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe: 2 “Tokkoon tokkoon gosaa keessaa nama tokko tokko godhiitii sabicha keessaa namoota 12 fudhadhu;+ 3 achiis, ‘Yordaanos walakkaa keessaa, jechuunis bakka miilli lubootaa dhaabbatee ture+ irraa dhagoota 12 fuudhaa geessaatii bakka bultan sana isaan dhaabaa’+ jedhii isaan ajaji.”
4 Kanaafuu, Iyyaasuun namoota 12n warra tokkoon tokkoon gosaa keessaa nama tokko godhee Israaʼelota keessaa muudee ture sana ni waame; 5 achiis akkana isaaniin jedhe: “Taabota Waaqa keessan Yihowaa dura buʼaatii gara Yordaanos walakkaatti seenaa; tokkoon tokkoon keessanis akka lakkoofsa gosoota Israaʼelotaatti dhagaa tokko tokko fuudhaatii gateettii keessan irratti baadhaa; 6 innis isin gidduutti mallattoo taʼee ni tajaajila. Yeroo booda ijoolleen* keessan, ‘Dhagoota kana as kan keessan maaliifi?’+ jedhanii yoo isin gaafatan, 7 akkana jedhaa isaanitti himaa: ‘Akkana kan goone, bishaan Yordaanos taabota+ kakuu Yihowaa duratti waan dhaabbateefi. Taabotichi Yordaanosiin yommuu ceʼetti, bishaan Yordaanos ni dhaabbate. Dhagoonni kunis saba Israaʼeliif yaadannoo* dhaabbataa taʼanii tajaajilu.’”+
8 Israaʼelonnis akkuma Iyyaasuun ajaje ni godhan. Isaan akkuma Yihowaan Iyyaasuu ajajee turetti lakkoofsa gosoota Israaʼelotaa wajjin haala wal gituun walakkaa Yordaanos keessaa dhagoota 12 ni fudhatan. Dhagoota sanas bakka bulan sanatti geessanii achi isaan dhaaban.
9 Iyyaasuunis Yordaanos walakkaa bakka miilli luboota taabota kakuu baatan sanaa dhaabbatee ture+ dhagoota 12 ni dhaabe; dhagoonni kunis hamma harʼaatti achi jiru.
10 Wanta Museen Iyyaasuu ajaje hundumaa wajjin haala wal simuun, wanti Yihowaan sabichi akka godhu akka isaanitti himu Iyyaasuu ajaje hundi hamma raawwatamutti, luboonni Taaboticha baatan Yordaanos walakkaa dhaabbatanii turan. Yeroo kana hundumaatti sabichi hatattamaan ni ceʼe. 11 Guutummaan sabichaa ceʼee akkuma xumureen, Taabonni Yihowaa fi luboonni utuma sabichi isaan ilaaluu ni ceʼan.+ 12 Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee akkuma Museen isaan ajajetti+ waraanaaf tarree galanii+ Israaʼelota kaan dura ceʼan. 13 Loltoonni waraanaaf hidhatanii fi gara 40,000 taʼan Yihowaa duratti gara gammoojjii Yerikootti ceʼan.
14 Guyyaa sanatti Yihowaan guutummaa Israaʼel duratti Iyyaasuu ol ni qabe;+ isaanis akkuma Museedhaaf ulfina guddaa kennaa turanitti+ umurii isaa guutuu ulfina guddaa isaaf ni kennan.*
15 Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe: 16 “Luboonni taabota+ Dhugaa Baatuu baatan sun Yordaanos keessaa akka baʼan isaan ajaji.” 17 Kanaafuu Iyyaasuun, “Yordaanos keessaa as baʼaa” jedhee luboota ajaje. 18 Luboonni taabota+ kakuu Yihowaa baatan walakkaa Yordaanosii yommuu baʼanii fi faanni miila isaanii lafa gogaa irra yommuu ejjetutti, bishaan Yordaanos akkuma duraanii deebiʼee yaaʼuu fi guutee dhangalaʼuu jalqabe.+
19 Sabichis jiʼa isa jalqabaa keessaa guyyaa kurnaffaatti Yordaanosii baʼee Gilgaal+ ishii kallattii bahaatiin daangaa Yerikootti argamtu keessa buufate.
20 Iyyaasuunis dhagoota 12n warra isaan Yordaanos keessaa baasan sana Gilgaal keessa ni dhaabe.+ 21 Achiis Israaʼelotaan akkana jedhe: “Gara fuulduraatti ijoolleen keessan, ‘Dhagoonni kun maali dha?’ jedhanii yommuu isin gaafatan,+ 22 akkana jedhaatii ijoollee keessaniif ibsaa: ‘Israaʼel lafa gogaa+ irra Yordaanosiin ni ceʼe; 23 Waaqni keessan Yihowaan hamma nuti ceenutti bishaan Yordaanos nu duratti ni gogse; Waaqni keessan Yihowaan hamma isaan ceʼanitti galaanicha gogsuudhaan akkuma Galaana Diimaa irratti godhe+ sana nuufis ni godhe. 24 Inni kana kan godhe, saboonni lafa irraa hundi harki Yihowaa hammam jabaa akka taʼe akka beekaniif,+ akkasumas isin yeroo hunda Waaqa keessan Yihowaa akka sodaattaniifi.’”
5 Mootonni Amoorotaa+ warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin* argaman hundii fi mootonni Kanaʼaanotaa+ warri galaanicha biratti argaman hundi Yihowaan Israaʼelonni hundi hamma ceʼanitti bishaan Yordaanos isaan duratti gogsuu isaa akkuma dhagaʼaniin baayʼee ni sodaatan;*+ Israaʼelotaan kan kaʼes onnachuu hin dandeenye.*+
2 Yeroo kanatti Yihowaan Iyyaasuudhaan, “Halbee dhagaa tolfadhuutii ammas yeroo lammataatiif dhiirota Israaʼel dhaqna qabi”+ jedhe. 3 Kanaafuu, Iyyaasuun halbee dhagaa tolfatee Gibeʼaat Haraalotitti* dhiirota Israaʼel dhaqna ni qabe.+ 4 Iyyaasuun dhaqna kan isaan qabe sababa armaan gadiitiini: Dhiironni Israaʼel warri biyya Gibxii keessaa baʼan hundi, jechuunis dhiironni loltoota taʼan* hundi biyya Gibxii keessaa erga baʼanii booda lafa onaa keessatti karaa irratti duʼanii turan.+ 5 Dhiironni biyya Gibxii keessaa baʼan hundi dhaqna qabamanii kan turan taʼus, dhiironni erga isaan biyya Gibxii keessaa baʼanii booda lafa onaa keessatti karaa irratti dhalatan hundi garuu dhaqna hin qabamne turan. 6 Guutummaan sabichaa, jechuunis loltoonni biyya Gibxii keessaa baʼanii fi sagalee Yihowaatiif ajajamuu didan+ hamma duʼanii dhumanitti Israaʼelonni waggaa 40f+ lafa onaa keessa jooranii turan. Yihowaan biyya aannanii fi damma maddisiistu+ ishii Yihowaan nuuf kennuuf abbootii isaaniitiif kakatee ture sana+ matumaa akka argan akka isaaniif hin heyyamne kakatee ture.+ 7 Kanaafuu, inni bakka isaanii ilmaan isaanii ni kaase.+ Iyyaasuun kanneen kana dhaqna ni qabe; isaan imala isaanii irratti waan dhaqna isaan hin qabneef, dhaqna hin qabamne turan.
8 Isaan guutummaa sabichaa dhaqna qabanii yommuu xumuranitti, hamma isaan fayyanitti buufaticha keessa bakkuma jiran ni turan.
9 Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan, “Harʼa ani arrabsoo Gibxii isin irraa gangalcheera” jedhe. Kanaan kan kaʼes, maqaan iddoo sanaa hamma harʼaatti Gilgaal*+ jedhamee waamama.
10 Israaʼelonnis Gilgaal keessa buufatanii achuma turan; jiʼicha keessaa guyyaa 14ffaatti galgala gammoojjii Yerikoo keessatti Ayyaana Faasikaa ni kabajan.+ 11 Guyyaa Ayyaana Faasikaa booda jiruttis oomisha lafichaa ni nyaatan; guyyuma sanatti maxinoo+ fi asheeta waadames ni nyaatan. 12 Guyyaa oomisha lafattii irraa muraasa itti nyaatanitti aansee jiruttis mannaan buʼuu isaa ni dhiise; sana booda Israaʼelonni mannaa hin arganne;+ kanaa mannaa, waggaa sanatti oomisha biyya Kanaʼaan nyaachuu jalqaban.+
13 Iyyaasuun Yerikoo bira utuu jiruu ol jedhee yommuu ilaalu namichi tokko+ goraadee luqqifame harka isaatti qabatee fuuldura isaa utuu dhaabbatuu arge.+ Iyyaasuunis isatti siqee, “Ati nu deggerta moo, diinota keenya deggerta?” jedhee isa gaafate. 14 Namichis, “Lakki, ani bulchaa* raayyaa Yihowaa taʼeen dhufe”+ isaan jedhe. Yeroo kanatti Iyyaasuun adda isaatiin lafatti gombifamee sagadee, “Wanti gooftaan koo ana tajaajilaa isaatti himu maali dha?” isaan jedhe. 15 Bulchaan raayyaa Yihowaas Iyyaasuudhaan, “Bakki ati dhaabbatte kun qulqulluu waan taʼeef, kophee kee miila kee irraa baasi” jedhe. Iyyaasuunis yeruma sana akkuma jedhame ni godhe.+
6 Yerikoon Israaʼelotaan kan kaʼe akka gaariitti cufamtee waan turteef eenyu illee ishii keessaa baʼuus taʼe ishiitti seenuu hin dandaʼu ture.+
2 Yihowaanis Iyyaasuudhaan akkana jedhe: “Kunoo, ani Yerikoo, mootii ishii fi loltoota ishii warra jajjaboo harka keetti dabarsee kenneera.+ 3 Dhiironni loltoota taatan hundi siʼa tokko magaalattiitti marsaa naannaʼaa. Guyyaa jaʼaaf akkana godhaa. 4 Luboonni torbas xurumbaa* torba qabatanii Taaboticha dura akka buʼan godhaa. Guyyaa torbaffaatti garuu, siʼa torba magaalattiitti marsaatii naannaʼaa; luboonnis xurumbaa sana haa afuufan.+ 5 Xurumbaan sun yeroo afuufamutti, sagalee* xurumbaa sanaa akkuma dhageessaniin, guutummaan sabichaa guddisee iyya waraanaa haa dhageessisu. Achiis dallaan magaalattii ni jiga;+ namoonni sunis ol baʼanii, tokkoon tokkoon isaanii kallattiidhaan gara fuulduraatti ni qajeelu.”
6 Kanaafuu, Iyyaasuun ilmi Nuun luboota walitti qabee, “Taabota kakuu sana fuudhaa; luboonni torbas xurumbaa torba qabatanii Taabota Yihowaa dura haa buʼan”+ isaaniin jedhe. 7 Achiis sabichaan, “Deemaatii magaalattiitti marsaa naannaʼaa; loltoonni hidhatanis+ Taabota Yihowaa dura buʼanii haa deeman” jedhe. 8 Akkuma Iyyaasuun sabichatti dubbatettis luboonni torba warri Yihowaa duratti xurumbaa torba qabatanii turan gara fuulduraatti deemanii xurumbaa sana ni afuufan; taabonni kakuu Yihowaas isaan duubaan ni deema ture. 9 Loltoonni hidhatan luboota warra xurumbaa afuufaa turan dura buʼanii ni deeman; loltoonni duubaan turanis yeroo xurumbaan sun walitti aansee afuufamaa turetti Taaboticha duukaa ni buʼan.
10 Achiis Iyyaasuun, “Hin iyyinaa, sagalee keessanis hin dhageessisinaa. Hamman, ‘Iyyaa’ isiniin jedhutti sagaleen tokko illee afaan keessan keessaa hin baʼin. Sana booda iyyaa” jedhee sabicha ajaje. 11 Innis Taabonni Yihowaa siʼa tokko magaalattiitti marsee akka naannaʼu ni godhe; sana booda isaan gara buufatichaatti deebiʼanii achi bulan.
12 Guyyaa itti aanutti Iyyaasuun ganamaan ni kaʼe; luboonnis Taabota+ Yihowaa ni baatan; 13 luboonni torba warri xurumbaa torba qabatan sunis utuu wal irraa hin kutin xurumbaa sana afuufaa Taabota Yihowaa dura deeman. Loltoonni hidhatan isaan dura deemaa kan turan yeroo taʼu, loltoonni duubaan turan immoo yeroo xurumbaan sun walitti aansee afuufamaa turetti Taabota Yihowaa duukaa ni buʼu turan. 14 Guyyaa lammaffaattis siʼa tokko magaalattiitti marsanii erga naannaʼanii booda gara buufatichaatti deebiʼan. Guyyaa jaʼaaf akkanuma godhan.+
15 Guyyaa torbaffaatti akkuma lafti bariʼeen ganama bariidhaan kaʼanii, siʼa torba haaluma kanaan duraatiin magaalattiitti marsanii naannaʼan. Siʼa torba magaalattiitti marsanii kan naannaʼan guyyaa kanatti qofa ture.+ 16 Siʼa torbaffaattis luboonni xurumbaa ni afuufan; Iyyaasuunis sabichaan akkana jedhe: “Yihowaan magaalattii waan isinii kenneef iyyaa!+ 17 Magaalattiinis taate wanti ishii keessa jiru hundi guutummaatti haa balleeffaman;+ guutummaan magaalattii kan Yihowaa ti. Rahaab+ ishiin sagaagaltuun namoota nuti ergine waan dhoksiteef,+ ishii fi warra ishii wajjin manicha keessa jiran hundumaa qofatu lubbuudhaan oola. 18 Haa taʼu malee, isin wanta guutummaatti balleeffamuu qabu keessaa waan tokko hawwitanii akka hin fudhanneef,+ akkasumas Israaʼel irratti badiisa* fiduudhaan+ wanta guutummaatti balleeffamuu qabu akka isa hin gooneef, wanta guutummaatti balleeffamuu qabu irraa fagaadhaa.+ 19 Meetiin, warqiin, miʼawwan sibiila diimaa fi miʼawwan sibiilaa hundi garuu Yihowaadhaaf kan qulqulleeffamani dha.+ Gara mana qabeenyaa+ Yihowaatti galfamuu qabu.”
20 Achiis yeroo xurumbaan afuufametti sabichi ni iyye.+ Sabichi sagalee xurumbaa akkuma dhagaʼeen, akkasumas akkuma iyya waraanaa dhageessiseen dallichi ni jige.+ Sana booda namoonni sun ol baʼanii, tokkoon tokkoon isaanii kallattiidhaan gara fuulduraatti qajeelanii magaalattii qabatan. 21 Achiis wanta magaalattii keessa jiru, jechuunis dhiiraa fi dubartii, ijoollee fi maanguddoota, qotiyyoo, hoolaa fi harree hundumaa guutummaatti goraadeedhaan ni balleessan.+
22 Iyyaasuunis namoota lamaan warra biyyattii basaasanii turan sanaan, “Gara mana dubartii sagaagaltuu sanaa dhaqaatii, akkuma ishiidhaaf kakattanitti+ ishii fi wanta kan ishii taʼe hundumaa gad baasaa” jedhe. 23 Kanaafuu, dargaggoonni basaastota taʼan sun ol seenanii Rahaabiin, abbaa ishii, haadha ishii, obboloota ishii fi wanta kan ishii taʼe hundumaa, jechuunis guutummaa maatii ishii gad ni baasan;+ achiis gara iddoo buufata Israaʼel irraa ala taʼe tokkootti nagaadhaan isaan geessan.
24 Sana booda magaalattii fi wanta ishii keessa jiru hundumaa ibiddaan ni guban. Meetii, warqii, miʼawwan sibiila diimaa fi miʼawwan sibiilaa sana garuu mana qabeenyaa mana Yihowaatiif ni kennan.+ 25 Iyyaasuun utuu hin balleessin kan dhiise, Rahaab ishii sagaagaltuu, maatii abbaa ishii fi wanta kan ishii taʼe hunda qofa ture;+ ishiin ergamtoota Iyyaasuun Yerikoo akka basaasan ergee ture sana waan dhoksiteef,+ hamma harʼaatti Israaʼel keessa jiraachaa jirti.+
26 Yeroo sanatti Iyyaasuun kakaa kana ni labse:* “Namni magaalaa Yerikoo kana deebisee ijaaru Yihowaa duratti abaaramaa haa taʼu. Yeroo inni buʼuura magaalattii kaaʼutti ilmi isaa inni angafaa ni duʼa; yeroo inni balbaloota ishii dhaabutti immoo ilmi isaa inni quxisuun ni duʼa.”+
27 Yihowaan Iyyaasuu wajjin ture;+ innis guutummaa lafaa irratti beekamaa taʼe.+
7 Haa taʼu malee, Akaan+ ilmi Kaarmii, ilmi Zaabdii, ilmi Zeeraa inni gosa Yihudaa keessaa taʼe wanta guutummaatti balleeffamuu qabu irraa waan fudhateef,+ Israaʼelonni wanta guutummaatti balleeffamuu qabuu wajjin haala wal qabateen amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru. Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa Israaʼelota irratti ni bobaʼe.+
2 Achiis Iyyaasuun, “Ol baʼaatii biyyattii basaasaa” jedhee Yerikoo irraa gara Aay+ ishii Beet Aween biratti, Beetel+ irraa immoo kallattii bahaatiin argamtutti namoota erge. Kanaafuu, namoonni sun ol baʼanii Aayiin ni basaasan. 3 Achiis gara Iyyaasuutti deebiʼanii, “Namoonni hundi ol baʼuun isaan hin barbaachisu. Aayiin moʼuuf namoonni gara kuma lamaa yookiin kuma sadii taʼan ni gaʼu. Namoonni achi jiraatan baayʼee muraasa waan taʼaniif, namoonni kun hundi achi akka dhaqan gochuudhaan isaan hin dhamaasin” isaan jedhan.
4 Kanaafuu, namoonni gara 3,000 taʼan achitti ol ni baʼan; taʼus, isaan namoota Aay jalaa ni baqatan.+ 5 Namoonni Aayis namoota 36 ni ajjeesan; bakka karra magaalattiidhaa alatti argamuu jalqabee hamma Shebaarimitti* isaan ariʼanii irraan gadee sana irratti isaan haleelan. Kanaafuu, onneen sabichaa baqee akkuma bishaanii dhangalaʼe.
6 Yeroo kanatti Iyyaasuun uffata isaa tarsaasee hamma galgalaatti adda isaatiin Taabota Yihowaa duratti ni gombifame; innii fi jaarsoliin Israaʼel akkanuma ni godhan; mataa isaanii irrattis awwaara ni firfirsan. 7 Iyyaasuunis akkana jedhe: “Wayyoo, yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, nuti akka balleeffamnuuf harka warra Amoorotaatti dabarsitee nu kennuuf saba kana Yordaanosiin ceesistee kan fidde maaliifi? Achuma Yordaanos gamatti* utuu hafneerra taʼee nuu wayya ture! 8 Yaa Yihowaa, dhiifama naa godhiitii, Israaʼel diinota isaa duraa erga baqatee* amma maal jechuun dandaʼa ree? 9 Kanaʼaanonnii fi jiraattonni biyyattii hundi kana yommuu dhagaʼan nutti marsanii maqaa keenya lafa irraa haxaaʼanii ni balleessu; ati hoo maqaa kee isa guddaa eeguuf maal goota ree?”+
10 Yihowaanis Iyyaasuudhaan akkana jedhe: “Kaʼi, adda keetiin kan gombifamte maaliifi? 11 Israa’el cubbuu hojjeteera. Isaan kakuu koo isa akka eeganiif ani isaan ajaje cabsaniiru.+ Wanta guutummaatti balleeffamuu qabu hatanii+ fudhachuudhaan+ qabeenya isaanii gidduu dhokfataniiru.+ 12 Kanaan kan kaʼes, Israaʼelonni diinota isaanii dura dhaabbachuu hin dandaʼan. Isaan wanta guutummaatti balleeffamuu qabu waan taʼaniif, duubatti garagalanii diinota isaanii jalaa ni baqatu. Ammas isin wanta guutummaatti balleeffamuu qabu+ of gidduudhaa yoo balleessitan malee ani deebiʼee isinii wajjin hin taʼu. 13 Kaʼiitii sabicha qulqulleessi!+ Akkana isaaniin jedhi: ‘Boruuf of qulqulleessaa; Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yaa Israaʼel, wanti guutummaatti balleeffamuu qabu si gidduu jira. Wanta guutummaatti balleeffamuu qabu of gidduudhaa yoo balleessitan malee diinota keessan dura dhaabbachuu hin dandeessan. 14 Isin ganama gosa gosaan ni dhihaattu, gosti inni Yihowaan filatus+ gara fuulduraatti ni dhihaata; achiis maatii maatiidhaan ni dhihaattu, maatiin Yihowaan filatus gara fuulduraatti ni dhihaata; achiis akka mana manaatti ni dhihaattu, manni Yihowaan filatus gara fuulduraatti ni dhihaata; achiis dhuunfaa dhuunfaatti ni dhihaattu. 15 Namni wanti guutummaatti balleeffamuu qabu isa biratti argame kakuu Yihowaa waan cabseef,+ akkasumas Israaʼel keessatti gocha salphinaa waan raawwateef, innis taʼe wanti kan isaa taʼe hundi ibiddaan ni gubama.”’”+
16 Kanaafuu, Iyyaasuun guyyaa itti aanutti bariidhaan kaʼee Israaʼel gosa gosaan akka dhihaatu ni godhe; achiis gosti Yihudaa ni filatame. 17 Innis maatiiwwan Yihudaa akka dhihaatan ni godhe; achiis maatiin Zeeraatotaa+ ni filatame, sana booda maatiin Zeeraatotaa dhuunfaa dhuunfaatti akka dhihaatan ni godhe, achiis Zaabdiin ni filatame. 18 Dhuma irrattis maatiin Zaabdii dhuunfaa dhuunfaatti akka dhihaatan ni godhe; achiis Akaan ilmi Kaarmii, ilmi Zaabdii, ilmi Zeeraa inni gosa Yihudaa keessaa tokko taʼe ni filatame.+ 19 Achiis Iyyaasuun Akaaniin, “Yaa ilma koo, maaloo, Yihowaa Waaqa Israaʼeliif ulfina kenni; cubbuu kees isatti himadhu. Maaloo, wanta goote natti himi. Na hin dhoksin” jedhe.
20 Akaanis akkana jedhee Iyyaasuudhaaf deebise: “Dhugaa dubbachuuf Yihowaa Waaqa Israaʼel irratti cubbuu kan hojjete ana; wanti ani godhes kana dha. 21 Wantoota boojiʼaman sana keessatti uffata gaarii fi bareedaa Shinaar+ irraa dhufe, meetii sheeqilii* 200 fi warqii battee sheeqilii 50 madaalu nan arge; waanan hawweefis nan fudhadhe. Ammas wantoonni sun dunkaana koo keessa lafa keessa awwaalamanii jiru; maallaqichis isaan jala jira.”
22 Iyyaasuunis yeruma sana ergamtoota erge; isaanis gara dunkaanichaatti fiigan; uffatichis achi dunkaana isaa keessatti awwaalamee ture; maallaqichis isa jala jira ture. 23 Kanaafuu, isaan wantoota kana dunkaana keessaa fuudhanii gara Iyyaasuuttii fi gara Israaʼelota hundumaatti fidanii Yihowaa dura isaan kaaʼan. 24 Iyyaasuunii fi guutummaan Israa’el warri isaa wajjin turanis Akaan+ ilma Zeeraa, meeticha, uffata gaarii sanaa fi warqii battee sana,+ ijoollee dhiiraa isaa, ijoollee durbaa isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, bushaayee* isaa, dunkaana isaa fi wanta kan isaa taʼe hundumaa wajjin fuudhanii gara Sulula* Akooritti+ isaan geessan. 25 Iyyaasuunis, “Maaliif badiisa* nu irratti fidde?+ Yihowaanis harʼa badiisa si irratti fida” isaan jedhe. Yeroo kanatti guutummaan Israaʼel dhagaadhaan isa tuman;+ sana booda ibiddaan isaan guban.+ Akka kanaan hunduma isaanii dhagaadhaan ni tuman. 26 Achiis tuullaa dhagaa guddaa isa irra ni tuulan; tuullaan kunis hamma harʼaatti jira. Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu ni qabbanaaʼe.+ Maqaan iddoo sanaas hamma harʼaatti Sulula Akoor* jedhamee kan waamamu kanaafi.
8 Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe: “Hin sodaatin yookiin hin jeeqamin.+ Loltoota hundumaa fudhadhuutii dhaqii Aayiin waraani. Kunoo, ani mootii Aay, saba isaa, magaalaa isaa fi biyya isaa harka keetti dabarsee kenneera.+ 2 Akkuma Yerikoo fi mootii ishii irratti goote Aayii fi mootii ishii irrattis godhi;+ boojuu ishii keessaa argamuu fi horiiwwan ishii garuu saamaatii ofii keessaniif fudhadhaa. Magaalattii duubaanis riphaa eeggadhaa.”
3 Kanaafuu, Iyyaasuunii fi loltoonni hundi Aayiin waraanuuf ni deeman. Iyyaasuunis loltoota jajjaboo 30,000 filatee halkaniin isaan erge. 4 Akkana jedhees isaan ajaje: “Magaalattii duubaan riphaa eeggadhaa. Magaalattii irraa fagaattanii hin deeminaa; hundi keessanis qophaaʼoo taʼaa. 5 Anii fi namoonni anaa wajjin jiran hundi gara magaalattiitti ni dhihaanna; akkuma kanaan duraa yeroo isaan nutti dhufan,+ nuti immoo isaan jalaa ni baqanna. 6 Yommuu baʼanii nu duukaa buʼanittis nuti magaalattii irraa isaan ni fageessina; isaanis, ‘Isaan akkuma kanaan duraa nu jalaa baqachaa jiru’+ jedhu. Nutis isaan jalaa ni baqanna. 7 Yeroo kanatti isin iddoo riphxan sana keessaa baatanii magaalattii ni qabattu; Waaqni keessan Yihowaanis magaalattii harka keessanitti dabarsee ni kenna. 8 Magaalattii akkuma qabattaniinis ibidda ishiitti qabsiisaa.+ Akkuma Yihowaan dubbate godhaa. Kunoo, ani isin ajajeera.”
9 Achiis Iyyaasuun isaan ni erge; isaanis gara bakka itti riphan sanaa ni dhaqan; Beetelii fi Aay gidduu bakka Aay irraa kallattii dhihaatti argamutti iddoo isaanii ni qabatan; Iyyaasuun halkan sana sabichaa wajjin bule.
10 Iyyaasuun ganama bariidhaan kaʼee loltoota sana erga walitti qabee booda, innii fi jaarsoliin Israaʼel loltoota sana gara Aayitti geessan. 11 Loltoonni+ isaa wajjin turan hundis ol baʼanii gara fuuldura magaalattiitti dhihaatan. Isaanis Aay irraa kallattii kaabaatiin buufatan; isaanii fi Aay gidduu sululatu jira ture. 12 Yeroo kanatti inni gara dhiirota 5,000 fudhatee kallattii dhiha magaalattiitiin, Beetelii+ fi Aay gidduu akka riphan godhee ture.+ 13 Kanaafuu, sabichi buufata isa guddaa kallattii kaaba magaalattiitiin+ ni dhaabe; loltoonni warri duubaa immoo dhiha magaalattiitiin+ jiru turan; Iyyaasuunis halkan sana gara walakkaa sululichaa* ni deeme.
14 Mootiin Aayis kana akkuma argeen, bakka fuullee gammoojjii sanaa jiru tokkotti Israaʼeliin waraanuuf namoota magaalattii fudhatee ganama bariidhaan baʼee qajeele. Haa taʼu malee, magaalattii duubaan namoonni riphanii isa eeggatan akka turan hin beekne ture. 15 Namoonni Aay yommuu isaan haleeluu jalqabanitti, Iyyaasuunii fi guutummaan Israaʼel daandicha qabatanii kallattii lafa onaatiin ni baqatan.+ 16 Achiis namoonni magaalattii keessa jiran hundi akka isaan ariʼaniif ni waamaman; isaanis utuma Iyyaasuu ariʼanii magaalattii irraa ni fagaatan. 17 Dhiirri Israaʼelota ariʼuuf Aayii fi Beetel keessaa hin baane tokko illee hin turre. Magaalattiis banaa dhiisanii Israaʼeliin ni ariʼan.
18 Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan, “Ani magaalattii harka keetti dabarsee waanan kennuuf,+ eeboo harka kee irra jiru gara Aayitti qabi”+ jedhe. Kanaafuu, Iyyaasuun eeboo harka isaa irra jiru gara magaalattiitti ni qabe. 19 Innis yeroo harka isaa diriirsetti, warri riphanii turan hatattamaan iddoo isaaniitii baʼanii gara magaalattiitti fiiganii ishii qabatan. Yeruma sanas magaalattiitti ibidda qabsiisan.+
20 Namoonni Aayis garagalanii yommuu ilaalan aarri magaalattii gara samiitti yommuu ol baʼu ni argan; kallattii kamiin iyyuu baqachuufis humna ni dhaban. Achiis namoonni gara lafa onaatti baqachaa turan namoota isaan ariʼaa turanitti garagalan. 21 Iyyaasuunii fi guutummaan Israaʼel loltoonni riphanii turan sun magaalattii qabachuu isaanii fi aarri magaalattii ol baʼuu isaa yommuu argan, duubatti garagalanii namoota Aayiin ni haleelan. 22 Warri kaanis isaan waraanuuf magaalattii keessaa baʼanii ni dhufan; kanaafuu, Israaʼelonni muraasni garanaan, muraasni immoo garasiin waan isaanitti dhufaniif, namoonni Aay gidduutti kiyyoo keessa galan; waan isaan haleelaniifis, isaan keessaa namni ooluu yookiin miliquu dandaʼe tokko illee hin turre.+ 23 Mootii Aay+ garuu akkuma lubbuudhaan jirutti qabanii Iyyaasuu duratti dhiheessan.
24 Israaʼelonni jiraattota Aay hundumaa dirree keessatti, jechuunis lafa onaa bakka jiraattonni Aay isaan ariʼaa turan keessatti ajjeesanii erga isaan fixanii booda, namoonni hafan hundis goraadeedhaan erga rukutamanii booda, Israaʼelonni hundi gara Aayitti deebiʼanii goraadeedhaan ishii rukutan. 25 Dhiira dubartii utuu hin jedhin namoonni Aay hundi warri guyyaa sanatti ajjeefaman walumaa galatti namoota 12,000 turan. 26 Iyyaasuun jiraattota Aay hundumaa guutummaatti hamma balleessutti+ harka isaa isa ittiin eeboo qabate hin dachaasne.+ 27 Haa taʼu malee, akkuma Yihowaan Iyyaasuu ajajee turetti, Israaʼelonni horii fi boojuu magaalattii keessaa argame ofiif ni fudhatan.+
28 Achiis Iyyaasuun Aayiin gubee tuullaa diiggaa taatee akka haftu godhe;+ hamma harʼaattis akkanuma taatee jirti. 29 Achiis Iyyaasuun mootii Aayiin hamma galgalaatti muka irratti ni fannise; yeroo aduun lixuuf jettuttis reeffa isaa muka irraa akka buusan ni ajaje.+ Isaanis reeffa isaa karra magaalattii biratti gatanii tuullaa dhagaa guddaa isa irra ni tuulan; tuullaan sunis hamma harʼaatti achuma jira.
30 Yeroo kanatti Iyyaasuun Gaara Eebaal+ irratti Yihowaa Waaqa Israaʼeliif iddoo aarsaa tokko ni ijaare; 31 kunis, akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe Israaʼelota ajajetti, akkasumas akkuma kitaaba Seera+ Musee keessatti, “Dhagaa hin bocamnee fi meeshaan sibiilaa hin tuqne irraa iddoo aarsaa tolchi”+ jedhamee barreeffametti dha. Isa irrattis Yihowaadhaaf aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa ni dhiheessan.+
32 Achittis inni dhagoota sana irratti garagalchii Seera+ Museen Israaʼelota duratti barreesse+ sanaa ni barreesse. 33 Guutummaan Israa’el, jaarsoliin isaanii, geggeessitoonnii fi abbootiin murtii isaanii Leewwota luboota taʼan warra taabota kakuu Yihowaa baachaa turan dura Taaboticha irraa garanaa fi garasiin dhaabbachaa turan. Namoonni biyya ormaas taʼan lammiiwwan biyyattii+ achi jiru turan. Isaan saba Israaʼel eebbisuuf (Akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe ajajee turetti),+ walakkaan isaanii Gaara Geriizim fuullee, walakkaan isaanii immoo Gaara Eebaal+ fuullee ni dhaabbatan. 34 Kana booda akkuma kitaaba Seerichaa+ keessatti barreeffametti, dubbii guutummaa Seerichaa, jechuunis eebbawwanii+ fi abaarsawwan+ sana sagalee isaa ol kaasee dubbise. 35 Iyyaasuun wantoota Museen ajaje hundumaa keessaa wanti inni dubartoota, ijoollee fi namoota biyya ormaa warra isaan gidduu jiraatan*+ dabalatee,+ guutummaa gumii Israaʼel duratti sagalee isaa ol kaasee utuu hin dubbisin dhiise tokko illee hin turre.+
9 Mootonni warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin argaman+ hundi, warri naannoo gaarotaa keessa, Shefelaa keessa, akkasumas guutummaa qarqara Galaana Guddaa*+ fi Libaanon fuullee jiraatan, jechuunis Heetonni, Amooronni, Kanaʼaanonni, Pheriizonni, Hiiwwonnii fi Yebuusonni+ wanta taʼe yommuu dhagaʼan, 2 Iyyaasuu fi Israaʼeliin waraanuuf tokkummaa uuman.+
3 Jiraattonni Gibeʼonis+ wanta Iyyaasuun Yerikoo+ fi Aay+ irratti raawwate ni dhagaʼan. 4 Kanaafuu, abshaalummaadhaan kakaʼanii galaa isaanii korojoo moofaa keessa erga kaaʼanii booda, qalqalloo moofaa tarsaʼee fi erbamee wajjin harree isaaniitti feʼan; 5 kana malees, kophee moofaa suphame ni kaaʼatan; uffata moofaʼe ni uffatan. Daabboon galaadhaaf qabatan hundis goggogee fi caccabee ture. 6 Isaanis gara Iyyaasuu isa buufata Gilgaalitti+ argamu keessa jiruu dhufanii, isaa fi namoota Israaʼeliin, “Nuti biyya fagoodhaa dhufne. Nuu wajjin kakuu galaa” jedhan. 7 Namoonni Israaʼel garuu Hiiwota+ sanaan, “Tarii isin nutti dhihoo jiraattu taʼa. Maarree, akkamitti isinii wajjin kakuu galuu dandeenya?”+ jedhan. 8 Isaanis, “Nuti tajaajiltoota* kee ti” jedhanii Iyyaasuudhaaf deebisan.
Iyyaasuunis, “Isin eenyu? Eessaa dhuftan?” isaaniin jedhe. 9 Yeroo kanatti akkana isaan jedhan: “Nuti tajaajiltoonni kee kabaja maqaa Waaqa kee Yihowaatiif qabnuun kan kaʼe biyya fagoodhaa dhufne;+ sababiin isaas, nuti waaʼee beekamummaa isaa fi wanta inni biyya Gibxii keessatti raawwate hundumaa dhageenyeerra;+ 10 akkasumas, wanta inni mootota Amoorotaa lamaan warra Yordaanos gamatti* argaman, jechuunis Sihoon+ mootii Heshboonii fi Oog+ mootii Baashaan isa Ashtaarot keessa ture irratti raawwate hundumaa dhageenyeerra. 11 Kanaafuu, jaarsoliin keenyaa fi jiraattonni biyya keenyaa hundi, ‘Karaadhaaf galaa qabadhaa isaan bira dhaqaatii, “Nuti tajaajiltoota keessan ni taana;+ nuu wajjin kakuu galaa”+ isaaniin jedhaa’ nuun jedhan. 12 Daabboon galaa keenya akka taʼuuf qabanne kun guyyaa nuti as gara keessan dhufuuf manaa baanetti hoʼaa ture. Amma garuu kunoo akka goggogee fi akka caccabe ilaaluu dandeessu.+ 13 Qalqalloon wayinii kunis yeroo itti guuttannetti haaraa ture; amma garuu tarsaʼeera.+ Karichi baayʼee fagoo waan taʼeef, uffanni keenyaa fi kopheen keenya dhumeera.”
14 Yeroo kanatti namoonni Israaʼel galaa isaanii irraa muraasa ni fudhatan;* haa taʼu malee, isaan Yihowaa hin gaafanne.+ 15 Kanaafuu, Iyyaasuun isaanii wajjin nagaa uume;+ lubbuudhaan akka isaan dhiisus isaanii wajjin kakuu gale; geggeessitoonni yaaʼichaas isaaniif kakatan.+
16 Isaanii wajjin kakuu galanii guyyaa sadii booda, namoonni kun naannoo isaanitti dhihoo jiru keessa akka jiraatan dhagaʼan. 17 Achiis Israaʼelonni baʼanii guyyaa sadaffaatti gara magaalota isaanii ni dhufan; magaalonni isaaniis, Gibeʼon,+ Kefiiraa, Beʼeerotii fi Qiriyaat Yeʼariim+ turan. 18 Haa taʼu malee, geggeessitoonni yaaʼichaa maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliin isaaniif kakatanii+ waan turaniif, Israaʼelonni isaan hin rukunne. Kanaan kan kaʼes, guutummaan yaaʼichaa geggeessitoota sana irratti gungumuu jalqabe. 19 Yeroo kanatti geggeessitoonni hundi guutummaa yaaʼichaatiin akkana jedhan: “Maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliin waan isaaniif kakanneef, akka isaan miinu nuuf hin heyyamamu. 20 Akkana goona: Kakaa isaaniif kakanneen kan kaʼe dheekkamsi akka nu irratti hin dhufneef isaan hin ajjeesnu.”+ 21 Geggeessitoonni sun itti dabaluudhaan, “Lubbuudhaan haa jiraatan; garuu guutummaa yaaʼichaatiif warra qoraan funaananii fi bishaan waraaban haa taʼan” jedhan. Waadaan geggeessitoonni sun isaaniif galan kana ture.
22 Yeroo kanatti Iyyaasuun isaan waamee akkana isaaniin jedhe: “Isin as nu gidduu utuma jiraattanii, ‘Bakka isin irraa fagoo taʼe tokko irraa dhufne’ jettanii maaliif nu gowwoomsitan?+ 23 Ammaa jalqabee isin abaaramoo dha;+ yeroo hundumaas garboota taatanii mana Waaqa kootiif qoraan ni funaantu, bishaanis ni waraabdu.” 24 Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuudhaaf deebisan: “Akkana kan goone, nuti tajaajiltoonni kee Waaqni kee Yihowaan tajaajilaa isaa kan taʼe Museen guutummaa biyyattii akka isiniif kennu, akkasumas jiraattota ishii hundumaa isin duraa haxaaʼee akka balleessu+ isa ajajuun isaa waan nutti himameefi. Kanaafuu, isiniin kan kaʼe lubbuu keenyaaf ni sodaanne;+ akkana kan goones kanaafi.+ 25 Ammas harka kee keessa jirra. Wanta gaarii fi sirrii taʼee sitti mulʼate akkamii iyyuu nu irratti raawwadhu.” 26 Innis akkanuma isaan irratti godhe; harka Israaʼelotaa irraa isaan ni oolche; Israaʼelonnis isaan hin ajjeesne. 27 Haa taʼu malee, Iyyaasuun guyyaa sanatti guutummaa yaaʼichaatiif, akkasumas iddoo aarsaa Yihowaa isa bakka inni filatutti+ argamuuf warra qoraan funaananii fi bishaan waraaban akka taʼan ni godhe;+ isaanis hamma harʼaatti hojii kana hojjechaa jiru.+
10 Adonii Zedeq mootiin Yerusaalem Iyyaasuun akkuma Yerikoo fi mootii ishii+ irratti godhetti Aayii fi mootii ishii+ irratti gochuudhaan Aayiin qabachuu isaa fi guutummaatti ishii balleessuu isaa, akkasumas jiraattonni Gibeʼon akkamitti Israaʼelii wajjin nagaa uumanii+ isaan gidduu akka jiran akkuma dhagaʼeen 2 baayʼee ni sodaate;+ sababiin isaas, Gibeʼon magaalota mootiidhaan bulan keessaa akka ishii tokkootti magaalaa guddoo turte. Ishiin Aay caalaa guddoo turte;+ dhiironni ishii hundis loltoota turan. 3 Kanaan kan kaʼes, Adonii Zedeq mootiin Yerusaalem Hohaam mootii Kebroonitti,+ Piraam mootii Yaarmutitti, Yaafiʼaa mootii Laakiishittii fi Deebir mootii Egloonitti+ akkana jedhee dhaamsa erge: 4 “Gibeʼon Iyyaasuu fi Israaʼelotaa wajjin nagaa waan uumteef, kottaa na gargaaraa, ishii haa rukunnu.”+ 5 Yeroo kanatti mootonni Amoorotaa+ shanan, jechuunis mootiin Yerusaalem, mootiin Kebroon, mootiin Yaarmut, mootiin Laakiishii fi mootiin Egloon raayyaawwan waraanaa isaanii wajjin walitti qabamanii irratti duuluudhaan ishii waraanuuf Gibeʼonitti marsan.
6 Achiis namoonni Gibeʼon, “Tajaajiltoota kee hin dhiisin.*+ Dafii kottu! Nu oolchi, nu gargaaris! Mootonni Amoorotaa warri naannoo gaarotaa irraa dhufan hundi nu waraanuuf walitti qabamaniiru” jedhanii gara Iyyaasuu isa buufata Gilgaalitti+ argamu keessa jiruutti dhaamsa ergan. 7 Kanaafuu, Iyyaasuun loltoota jajjaboo fi loltoota kaan hundumaa wajjin Gilgaal irraa kaʼee ol ni baʼe.+
8 Yihowaanis Iyyaasuudhaan, “Ani harka keetti dabarsee waanan isaan kenneef,+ isaan hin sodaatin.+ Tokkoon isaanii illee si dura dhaabbachuu hin dandaʼan”+ jedhe. 9 Achiis Iyyaasuun Gilgaal irraa kaʼee halkan guutuu deemaa bulee akkuma tasaa isaanitti dhufe. 10 Yihowaanis Israaʼelota duratti akka burjaajaʼan godhe;+ isaanis Gibeʼonitti isaan ni fixan; daandii gara Beet Hooronitti ol baasuun isaan duukaa buʼanii, hamma Azeeqaa fi hamma Maaqedaatti isaan haleelan. 11 Yeroo isaan Israaʼel jalaa baqachaa fi Beet Hooron irraa gad buʼaa turanitti Yihowaan hamma Azeeqaatti samii irraa cabbii guguddaa isaan irratti roobse; isaanis ni dhuman. Warra goraadee Israaʼelotaatiin duʼan irra warra cabbii sanaan duʼantu caala ture.
12 Yeroo Yihowaan Israaʼelota duratti Amoorota injifatetti Iyyaasuun Israaʼelota duratti Yihowaadhaan akkana jedhe:
“Yaa aduu, Gibeʼon+ irratti dhaabbadhu!+
Yaa addeessaa, Sulula* Ayiloon irratti dhaabbadhu!”
13 Kanaafuu, sabichi diinota isaa irratti hamma haaloo baʼutti aduun bakkuma jirtu ni dhaabbatte; addeessis iddoo ishiitii hin sochoone. Kun kitaaba Yaashaar+ irratti barreeffameera mitii? Aduun samii walakkaa bakkuma jirtu ni dhaabbatte; gara guyyaa tokkootiifis lixuudhaaf hin ariifanne. 14 Sana duras taʼe sana booda, akka guyyaa sanaatti guyyaan Yihowaan sagalee namaa itti dhagaʼe+ hin jiru; sababiin isaas, Yihowaan Israaʼeliif lolaa ture.+
15 Sana booda Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin gara buufata isa Gilgaalitti+ argamutti deebiʼe.
16 Yeroo kanatti mootonni shanan baqatanii holqa Maaqedaatti+ argamu keessa dhokatan. 17 Achiis, “Mootonni shanan holqa Maaqedaatti+ argamu keessa dhokatanii jiru” jedhamee Iyyaasuutti himame. 18 Kanaafuu Iyyaasuun akkana jedhe: “Dhagoota guguddaa gara afaan holqa sanaatti gangalchaa; akka isaan eeganiifis namoota ramadaa. 19 Warri kaan garuu hin dhaabbatinaa. Diinota keessan duukaa buʼaatii duubaan isaan rukutaa.+ Waaqni keessan Yihowaan harka keessanitti dabarsee waan isaan kenneef, gara magaalota isaaniitti akka seenan isaaniif hin heyyaminaa.”
20 Iyyaasuunii fi Israaʼelonni isaan keessaa namoota hedduu fixan; namoota baqatanii gara magaalota dallaa dhagaa qabanitti seenan muraasa irraan kan hafe hunduma isaanii haxaaʼanii balleessan. 21 Sana booda guutummaan sabichaa gara Iyyaasuu isa buufata Maaqedaatti argamu keessa jiruutti nagaadhaan ni deebiʼe. Eenyu iyyuu Israaʼelotatti waan tokko illee dubbachuuf* hin onnanne. 22 Achiis Iyyaasuun, “Afaan holqa sanaa banaatii mootota shanan holqicha keessaa baasaa natti fidaa” jedhe. 23 Isaanis mootota shanan kana, jechuunis mootii Yerusaalem, mootii Kebroon, mootii Yaarmut, mootii Laakiishii fi mootii Egloon+ holqa sana keessaa baasanii gara isaatti fidan. 24 Mootota kana gara isaatti yommuu fidanis, Iyyaasuun dhiirota Israaʼel hundumaa waamee ajajjoota loltootaa warra isaa wajjin deemanii turaniin, “Gara fuulduraatti kottaa. Karaa duubaatiin morma mootota kanaa irra ejjedhaa” jedhe. Isaanis gara fuulduraatti dhufanii karaa duubaatiin morma mootota sanaa irra ni ejjetan.+ 25 Achiis Iyyaasuun, “Hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+ Yihowaan diinota keessan warra isin loltan hundumaa irratti akkana waan godhuuf, onnadhaa; cimaas”+ isaaniin jedhe.
26 Achiis Iyyaasuun rukutee erga isaan ajjeesee booda muka shan irratti isaan fannise; isaanis hamma galgalaatti muka irratti akkuma fannifamanitti turan. 27 Yeroo aduun lixxuttis Iyyaasuun muka irraa buufamanii+ holqa isa keessa dhokatanii turan sana keessatti akka gataman ajaje. Achiis afaan holqichaa irra dhagoonni guguddaan ni kaaʼaman; isaan kunis hamma harʼaatti achuma jiru.
28 Guyyaa sanatti Iyyaasuun Maaqedaa+ qabatee goraadeedhaan ishii ni rukute. Mootii ishii fi namoota* ishii keessa turan hundumaa guutummaatti ni balleesse; nama tokko illees hin hambisne.+ Akkuma mootii Yerikoo irratti godhetti, mootii Maaqedaa+ irrattis ni godhe.
29 Achiis Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin Maaqedaadhaa gara Libnaa dhaqee Libnaa+ waraane. 30 Yihowaanis Libnaa fi mootii ishii+ harka Israaʼelitti dabarsee ni kenne; isaanis ishii fi namoota* ishii keessa jiran hundumaa goraadeedhaan ni rukutan; nama tokko illees ishii keessatti hin hambisne. Isaan akkuma mootii Yerikoo+ irratti godhan, mootii ishii irrattis ni godhan.
31 Sana booda Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin Libnaadhaa gara Laakiish+ deemee achi erga buufatee booda ishii ni waraane. 32 Yihowaanis Laakiishiin harka Israaʼelitti dabarsee kenne; guyyaa lammaffaattis ishii qabatan. Akkuma Libnaa irratti godhanittis, ishii fi namoota* ishii keessatti argaman hundumaa goraadeedhaan ni rukutan.+
33 Achiis Horaam mootiin Geezer+ Laakiishiin gargaaruuf ol baʼe; Iyyaasuun garuu nama tokko illee utuu hin hambisin isas taʼe namoota isaa ni rukute.
34 Sana booda Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin Laakiishii gara Egloon+ deemee achi erga buufatee booda ishii waraane. 35 Isaanis guyyuma sanatti ishii qabatanii goraadeedhaan ishii rukutan. Akkuma Laakiish irratti godhanittis, guyyuma sanatti namoota* ishii keessa jiran hundumaa guutummaatti ni balleessan.+
36 Sana booda Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin Egloonii gara Kebroonitti+ ol baʼee ishii waraane. 37 Isaanis ishii qabatan; achiis nama tokko illee utuu hin hambisin ishii, mootii ishii, magaalota ishii fi namoota* ishii keessa jiran hundumaa goraadeedhaan ni rukutan. Akkuma Egloon irratti godhettis, ishii fi namoota* ishii keessa jiran hundumaa guutummaatti ni balleesse.
38 Dhuma irrattis Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin gara Deebiritti+ garagalee ishii waraane. 39 Innis ishii, mootii ishii fi magaalota ishii hundumaa ni qabate; isaanis nama tokko illee utuu hin hambisin+ namoota* ishii keessa jiran hundumaa goraadeedhaan rukutanii guutummaatti balleessan.+ Akkuma Kebroon, Libnaa fi mootii ishii irratti godhetti, Deebirii fi mootii ishii irratti ni godhe.
40 Iyyaasuun guutummaa biyyattii, jechuunis naannoo gaarotaa, Negeeb, Shefelaa+ fi irraan gadeewwan, akkasumas mootota isaanii hundumaa ni moʼe; nama tokko illees lubbuudhaan hin hambisne; akkuma Yihowaan Waaqni Israaʼel ajajee turettis+ wanta hafuura baafatu hundumaa guutummaatti ni balleesse.+ 41 Iyyaasuunis Qaadesh Barneʼaa+ irraa hamma Gaazaatti,+ akkasumas guutummaa biyya Gooshen,+ achiis hamma Gibeʼonitti+ isaan ni moʼe. 42 Israaʼeliif lolaa kan ture Yihowaa Waaqa Israaʼel waan taʼeef, Iyyaasuun mootota kana hundumaa fi guutummaa biyya isaanii yeruma tokkotti ni qabate.+ 43 Sana booda, Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin gara buufata isa Gilgaal+ keessatti argamuutti ni deebiʼe.
11 Yaabiin mootiin Hazoor akkuma kana dhagaʼeen, gara Yobaab mootii Maadon,+ gara mootii Shimroon, gara mootii Akshaaf,+ 2 gara mootota naannoo gaarotaa isa kaabaa keessa jiraniitti, gara warra dirreewwan* kibba Kinereet keessa jiraniitti, gara warra Shefelaa keessa jiraniittii fi gara warra kallattii dhihaatiin tulluuwwan Door+ irratti argamaniitti, 3 gara Kanaʼaanota+ kallattii bahaa fi dhihaatti argamaniitti, gara Amoorotaatti,+ gara Heetotaatti, gara Pheriizotaatti, gara Yebuusota warra naannoo gaarotaatti argamaniitti, akkasumas gara Hiiwota+ biyya Misphaa keessa Hermoon+ jalatti argamaniitti dhaamsa ni erge. 4 Kanaafuu, isaan raayyaawwan waraanaa isaanii warra akka cirracha qarqara galaanaatti baayʼatan hundumaa, akkasumas fardeenii fi gaariiwwan fardaa lakkoofsi isaanii baayʼee hedduu taʼee wajjin ni dhufan. 5 Mootonni kun hundis wal arguuf walii galan; sana booda dhufanii Israaʼeliin waraanuuf bishaan Meerom biratti waliin ni buufatan.
6 Yeroo kanatti Yihowaan Iyyaasuudhaan, “Boru gara saʼaatii kanaatti hunduma isaanii akka ajjeestaniif isaaniin dabarsee waanan isinitti kennuuf, isaan hin sodaatin.+ Morgaa fardeen isaanii kukkuti;+ gaariiwwan fardaa isaaniis ibiddaan gubi” jedhe. 7 Yeroo kanatti Iyyaasuun loltoota hundumaa wajjin taʼuudhaan qarqara bishaan Meeromitti akkuma tasaa isaan ni haleele. 8 Yihowaanis harka Israaʼelitti dabarsee isaan kenne;+ Israaʼelonnis isaan ni moʼan; achiis hamma Siidoon+ Guddittiitti, hamma Misrefoot Maayimittii+ fi kallattii bahaatiin hamma Sulula Mispheetti isaan duukaa buʼanii isaan rukutan; isaan keessaa namni lubbuudhaan oole tokko illee hin turre.+ 9 Iyyaasuunis akkuma Yihowaan isaan jedhe ni godhe; morgaa fardeen isaanii ni kukkute; gaariiwwan fardaa isaaniis ibiddaan ni gube.+
10 Hazoor kanaan dura mataa mootummoota kana hundumaa waan turteef, Iyyaasuun deebiʼee Hazooriin qabatee mootii ishii goraadeedhaan ni rukute.+ 11 Isaan namoota* ishii keessa jiran hundumaa goraadeedhaan rukutanii guutummaatti ni balleessan.+ Wanti hafuura baafatu tokko illee hin hafne.+ Achiis Hazooriin ibiddaan ni gube. 12 Iyyaasuun magaalota mootota kanaa hundumaa ni qabate; mootota isaanii hundumaas goraadeedhaan ni moʼe.+ Akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe ajajettis guutummaatti isaan ni balleesse.+ 13 Haa taʼu malee, Israaʼel Hazooriin alatti magaalota tabba irra jiran keessaa tokko illee hin gubne; Iyyaasuun kan gube ishii qofa ture. 14 Israaʼelonni boojuu hundumaa fi horiiwwan magaalota kana keessaa argaman saamanii ni fudhatan.+ Haa taʼu malee, hunduma isaanii haxaaʼanii hamma balleessanitti, nama hundumaa goraadeedhaan ni rukutan.+ Nama hafuura baafatu tokko illee hin hambisne.+ 15 Akkuma Yihowaan tajaajilaa isaa Musee ajajetti, Museenis Iyyaasuu ni ajaje;+ Iyyaasuunis akkanuma ni godhe. Wanta Yihowaan Musee ajaje hundumaa keessaa waan tokko illee utuu hin raawwatin hin dhiisne.+
16 Iyyaasuun guutummaa biyya kanaa, jechuunis naannoo gaarotaa, guutummaa Negeeb,+ guutummaa biyya Gooshen, Shefelaa,+ Arabaa,+ naannoo gaarotaa Israaʼelii fi gammoojjii* ishii ni qabate; 17 Gaara Halaaq isa Seʼiiritti ol baʼu irraa jalqabee, hamma Baʼaal Gaad+ isa Sulula Libaanon keessatti Gaara Hermoon+ jalatti argamuutti ni qabate; mootota isaanii hundumaas ni boojiʼe, ni injifate, ni ajjeeses. 18 Iyyaasuun mootota kana hundumaa yeroo dheeraadhaaf ni lole. 19 Hiiwota warra Gibeʼon keessa jiraataniin alatti magaalaan Israaʼelotaa wajjin nagaa uume tokko illee hin turre.+ Magaalota kaan hundumaa waraanaan qabatan.+ 20 Homaa utuu isaaniif hin gaddin guutummaatti isaan balleessuuf jecha,+ isaan Israaʼel irratti waraana akka bananiif garaan isaanii didaa akka taʼu+ kan heyyame Yihowaa ture. Akkuma Yihowaan Musee ajajetti, isaan guutummaatti balleeffamuu qabu turan.+
21 Yeroo sanatti Iyyaasuun, naannoo gaarotaa irraa, jechuunis Kebroon irraa, Deebir irraa, Anaab irraa, guutummaa naannoo gaarotaa Yihudaa irraa, akkasumas guutummaa naannoo gaarotaa Israaʼel irraa Anaaqiimiin+ haxaaʼee ni balleesse. Iyyaasuun isaaniinis taʼe magaalota isaanii guutummaatti ni balleesse.+ 22 Biyya Israaʼel keessatti Anaaqiim tokko illee hin hafne; isaan kan hafan+ Gaazaa,+ Gaatii+ fi Ashdood+ keessatti qofa ture. 23 Kanaafuu, akkuma Yihowaan Museedhaaf waadaa galetti+ Iyyaasuun guutummaa biyyattii toʼannaa isaa jala galfate; achiis biyyattiin gosoota sana gidduutti akka hihiramtuuf akka qooda qooda isaaniitti gosoota Israaʼeliif dhaalaan ni kenne.+ Biyyattiinis waraana irraa boqonnaa argatte.+
12 Mootonni biyyattii warri Israaʼelonni moʼan, warri Israaʼelonni biyya isaanii isa Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argamu, Sulula* Arnoon+ irraa jalqabee hamma Gaara Hermoonitti,+ akkasumas guutummaa Arabaa isa gara bahaatiin argamu+ dhaalaan jalaa fudhatan sun kanneen kana dha: 2 Mootii Amoorotaa kan taʼe Sihoon+ isa Heshboon keessa jiraachaa turee fi Aroʼer+ ishii qarqara Sulula* Arnoonitti+ argamtu, walakkaa sululichaa fi walakkaa Giiliyaad irraa hamma Sulula* Yaaboq isa daangaa Amoonotaa taʼetti bulchaa ture. 3 Akkasumas, inni Arabaa kallattii bahaatiin hamma Galaana Kinereetitti,*+ akkasumas hamma Galaana Arabaa, jechuunis Galaana Soogiddaa* isa Beet Yeshiimoot irraa kallattii bahaatiin argamuutti, kallattii kibbaatiin immoo hamma naannoo irraan gadee Phisgaa+ jalatti argamuutti bulchaa ture.
4 Kana malees, naannoo Oog+ mootii Baashaan isa namoota Refaayim+ warra dhumaa keessaa tokko turee fi Ashtaarotii fi Edraay keessa jiraachaa ture 5 isa Gaara Hermoon, Saalekaa fi guutummaa Baashaan+ keessatti hamma daangaa Geeshurotaa fi Maʼaakaatotaatti,+ akkasumas walakkaa Giiliyaad hamma naannoo Sihoon mootii Heshboonitti+ bulchaa ture sanaa.
6 Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼee fi Israaʼelonni isaan ni injifatan;+ sana booda Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe biyya isaanii Ruubenotaaf, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaalaan ni kenne.+
7 Mootonni biyyattii warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatti argaman, warri Baʼaal Gaad+ isa Sulula Libaanon+ keessatti argamu irraa hamma Gaara Halaaq+ isa gara Seʼiiritti+ ol baʼu keessa jiraatan, warri Iyyaasuunii fi Israaʼelonni moʼan kanneen kana dha; sana booda Iyyaasuun biyya isaanii akka qooda qooda isaaniitti gosoota Israaʼeliif dhaalaan ni kenne;+ 8 kana malees, mootota naannoo gaarotaa keessa, Shefelaa keessa, Arabaa keessa, irraan gadeewwan irra, lafa onaa keessaa fi Negeeb+ keessa, jechuunis biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa,+ biyya Kanaʼaanotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Hiiwotaa fi biyya Yebuusotaa+ keessa jiran ni moʼan; mootonni sunis kanneen kana dha:
9 Mootii Yerikoo,+ tokko; mootii Aay+ ishii Beetel bira turtee, tokko;
10 mootii Yerusaalem, tokko; mootii Kebroon,+ tokko;
11 mootii Yaarmut, tokko; mootii Laakiish, tokko;
12 mootii Egloon, tokko; mootii Geezer,+ tokko;
13 mootii Deebir,+ tokko; mootii Geeder, tokko;
14 mootii Hoormaa, tokko; mootii Aaraad, tokko;
15 mootii Libnaa,+ tokko; mootii Adulaam, tokko;
16 mootii Maaqedaa,+ tokko; mootii Beetel,+ tokko;
17 mootii Taaphuʼaa, tokko; mootii Hefeer, tokko;
18 mootii Afeeq, tokko; mootii Laashaaron, tokko;
19 mootii Maadon, tokko; mootii Hazoor,+ tokko;
20 mootii Shimroon Meroon, tokko; mootii Akshaaf, tokko;
21 mootii Taʼaanaak, tokko; mootii Megidoo, tokko;
22 mootii Qeedesh, tokko; mootii Yoqneʼaam+ ishii Qarmeelos keessatti argamtuu, tokko;
23 mootii Door ishii tulluuwwan Door+ irratti argamtuu, tokko; mootii Gooyim ishii Gilgaal keessatti argamtuu, tokko;
24 mootii Tirzaa, tokko; walumaa galatti mootota 31 turan.
13 Yeroo kanatti Iyyaasuun dulloomee, umuriin isaas sokkee ture.+ Kanaafuu, Yihowaan akkana isaan jedhe: “Ati dulloomteetta, umuriin kees sokkeera; taʼus biyyi dhaalaan fudhatamuu* qabu hedduun jira. 2 Biyyi hafe kana dha:+ naannoowwan guutummaa Filisxeemotaa fi guutummaa Geeshurotaa+ 3 (damee Abbayyaa* isa Gibxii irraa kallattii bahaatti* argamu irraa hamma kallattii kaabaatiin daangaa Eqroon isa naannoo Kanaʼaanotaa+ akka taʼetti ilaalamaa turetti), akkasumas gooftolii Filisxeemotaa+ shanan, jechuunis Gaazota, Ashdoodota,+ Ashqaloonota,+ Gaatotaa+ fi Eqroonota;+ naannoo Awiim+ 4 kallattii kibbaatiin; guutummaa biyya Kanaʼaanotaa; Meʼaaraa ishii kan warra Siidoonotaa+ taate hamma Afeeqitti, jechuunis hamma daangaa Amoorotaatti; 5 biyya Geebaalotaa+ fi kallattii bahaatiin guutummaa Libaanon, akkasumas Baʼaal Gaad ishii Gaara Hermoon jalatti argamtu irraa hamma Lebo Hamaatitti;*+ 6 jiraattota naannoo gaarotaa warra Libaanon+ irraa jalqabee hamma Misrefoot Maayimitti+ argaman hundumaa; akkasumas Siidoonota+ hundumaa. Ani Israaʼelota duraa isaan nan ariʼa.+ Akkuman si ajajettis biyya kana Israaʼeliif akka dhaalaatti hiri.+ 7 Biyya kana gosoota salganii fi walakkaa gosa Minaaseetiif akka dhaalaatti hiri.”+
8 Akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isaaniif kennetti, Ruubenonnii fi Gaadonni gosa walakkaa isa hafee wajjin dhaala isaanii isa Museen Yordaanos irraa kallattii bahaatiin isaaniif kenne fudhataniiru:+ 9 Aroʼer+ ishii qarqara Sulula* Arnoonitti+ argamtu, magaalaa ishii walakkaa sululichaa keessatti argamtuu fi guutummaa lafa diriiraa* Medebaa hamma Diboonitti; 10 magaalota Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa taaʼee bulchaa ture sanaa hundumaa hamma daangaa Amoonotaatti;+ 11 dabalataanis Giiliyaad, naannoo Geeshurotaa fi Maʼaakaatotaa,+ akkasumas guutummaa Gaara Hermoonii fi guutummaa Baashaan+ hamma Saalekaatti;+ 12 guutummaa bulchiinsa mootii Oog isa Baashaan keessatti argamuu fi Ashtaarotii fi Edraay keessatti bulchaa ture sanaa. (Inni namoota Refaayim+ warra dhumaa keessaa isa tokko ture.) Museen moʼee isaan ariʼee ture.+ 13 Haa taʼu malee, Israaʼelonni Geeshurotaa fi Maʼaakaatota hin ariine;+ Geeshurii fi Maʼaakaat hamma harʼaatti Israaʼel gidduu jiraachaa jiru.
14 Inni dhaala kan hin kennine gosa Leewwotaatiif qofa ture.+ Akkuma inni waadaa isaaniif galetti,+ aarsaawwan Yihowaa Waaqa Israaʼeliif ibiddaan dhihaatan dhaala isaanii ti.+
15 Achiis Museen akka maatii maatii isaaniitti gosa Ruubenotaatiif dhaala ni kenne; 16 naannoon isaaniis Aroʼer ishii qarqara Sulula* Arnoonitti argamtu irraa jalqabee kan jiru, magaalaa ishii walakkaa sululichaa keessatti argamtuu fi guutummaa lafa diriiraa Medebaa, 17 Heshboonii fi magaalota ishii warra lafa diriiraa irratti argaman hundumaa,+ akkasumas Diboon, Baamot Baʼaal, Beet Baʼaal Meʼoon,+ 18 Yaahaaz,+ Qedemoot,+ Mefaat,+ 19 Qiriyaataayim, Sibmaa+ fi Sereet Shahaar ishii gaara sululichaa* irratti argamtu, 20 Beet Peʼoor, irraan gadeewwan Phisgaa,+ Beet Yeshiimoot,+ 21 magaalota lafa diriiraa hundumaa, akkasumas bulchiinsa Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon+ keessatti bulchaa ture sanaa hundumaa ture. Museenis isaa+ fi geggeessitoota Miidiyaanotaa kan taʼan Eewii, Reeqem, Zuur, Huurii fi Reebaa+ warra tajaajiltoota* Sihoon taʼanii fi biyyattii keessa jiraachaa turan sana ni moʼe. 22 Balaʼaam+ ilmi Be’or inni hooda dubbatu,+ namoota Israaʼelonni goraadeedhaan ajjeesanii wajjin ajjeefamee ture. 23 Yordaanos daangaa Ruubenotaa ture; naannoon kun magaalota sanaa fi gandeen isaanii wajjin akka maatii maatii isaaniitti dhaala Ruubenotaa ture.
24 Kana malees, Museen Gaadota warra gosa Gaad taʼaniif akka maatii maatii isaaniitti dhaala ni kenne; 25 naannoon isaaniis Yaazeer,+ magaalota Giiliyaad hundumaa fi walakkaa biyya Amoonotaa+ hamma Aroʼer ishii fuullee Raabaatti+ argamtuu kan dabalatu dha; 26 Heshboon+ irraa hamma Raamaat Misphee fi Beetoniimitti, akkasumas Mahaanaayim+ irraa hamma daangaa Deebiritti; 27 sululicha* keessatti immoo Beet Kaaraam, Beet Nimraa,+ Suukootii+ fi Zaafon yeroo taʼu, daangaan isaa Yordaanos taʼee fiixee gadii Galaana Kinereet*+ isa Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argamu irraa jalqabee bulchiinsa Sihoon mootii Heshboon+ isa hafe kan dabalatu dha. 28 Kun magaalotaa fi gandeen isaanii wajjin akka maatii maatii isaaniitti dhaala Gaadotaa ture.
29 Kana malees, Museen walakkaa gosa Minaaseetiif, jechuunis gosa Minaasee isa walakkaadhaaf akka maatii maatii isaaniitti dhaala ni kenne.+ 30 Naannoon isaanii Mahaanaayim+ irraa jalqabee hamma guutummaa Baashaanitti, jechuunis guutummaa bulchiinsa Oog mootii Baashaan, akkasumas gandeen dunkaanotaa Yaaʼir+ warra Baashaan keessa jiran hundumaa, magaalota 60 ni dabalata. 31 Walakkaan Giiliyaad, Ashtaarotii fi Edraay+ warri magaalota bulchiinsa Oog mootii Baashaan taʼan ilmaan Maakiir+ ilma Minaaseetiif, akka maatii maatii isaaniitti walakkaa ilmaan Maakiiriif ni kenname.
32 Dhaalli Museen gammoojjii Moʼaab isa Yordaanos gamattii fi Yerikoo irraa kallattii bahaatiin argamu keessatti isaaniif kenne kana ture.+
33 Haa taʼu malee, Museen gosa Leewwotaatiif dhaala hin kennine.+ Akkuma waadaa isaaniif galetti, Yihowaan Waaqni Israaʼel dhaala isaanii ti.+
14 Lafti Israaʼelonni biyya Kanaʼaan keessatti dhaalaan fudhatan inni Eleʼazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunii fi dura buutonni manneen abbootii gosoota Israaʼel akka dhaalaniif isaaniif kennan kana dha.+ 2 Akkuma Yihowaan karaa Musee ajajee turetti dhaalli isaanii gosoota sagalii fi walakkaadhaaf+ carraadhaan ni hirame.+ 3 Museen gosoota lamaa fi walakkaa warra hafaniif Yordaanos gamatti* dhaala kennee ture;+ Leewwotaaf garuu isaan gidduutti dhaala hin kennine.+ 4 Sanyiiwwan Yoseef akka gosa lamaatti ilaalamu turan;+ isaanis Minaasee fi Efreemi;+ isaan biyyattii keessatti Leewwotaaf qooda hin kennine; kanaa mannaa kan isaaniif kennan, magaalota+ keessa jiraatanii fi iddoowwan dheedichaa horiiwwan isaanii fi qabeenya isaaniitiif taʼu qofa ture.+ 5 Kanaafuu, Israaʼelonni akkuma Yihowaan Musee ajajee turetti biyyattii ni hihiran.
6 Achiis namoonni Yihudaa Gilgaal+ keessatti gara Iyyaasuu ni dhufan; Kaaleb+ ilmi Yofunee Qeenizichaas akkana isaan jedhe: “Yihowaan Qaadesh Barneʼaatti+ sii fi anaan ilaalchisee wanta Musee isa nama Waaqa dhugaa taʼe+ sanaan jedhe+ akka gaariitti ni beekta. 7 Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe biyyattii+ akkan basaasuuf yommuu Qaadesh Barneʼaadhaa na ergetti umuriin koo waggaa 40 ture; anis gabaasa sirrii taʼe* fidee dhufeera.+ 8 Obboloonni koo warri anaa wajjin ol baʼanii turan sabicha kan sossodaachisan* taʼus, ani garaa koo guutuudhaan* Waaqa koo Yihowaa duukaa buʼeera.+ 9 Museenis guyyaa sanatti, ‘Ati garaa guutuudhaan Waaqa koo Yihowaa duukaa waan buuteef, biyyi faanni kee irra deeme, sii fi ilmaan keetiif dhaala dhaabbataa ni taʼa’+ jedhee naaf kakate. 10 Ammas akkuma waadaa galetti,+ Yihowaan waggoota 45f lubbuudhaan na turseera;+ kunis yeroo Yihowaan Museedhaaf waadaa kana gale irraa, jechuunis yeroo Israaʼel lafa onaa keessa deemaa ture irraa jalqabee ti;+ kunoo ani harʼa nama umurii waggaa 85 ti. 11 Ani harʼas akkuma guyyaa Museen na erge sanaatti cimaa dha. Waraana irrattis taʼe sochiiwwan kan biroo irratti hirmaachuuf humni koo akkuma yeroo sanaa cimaa dha. 12 Kanaafuu, naannoo gaarotaa isa Yihowaan guyyaa sanatti waadaa naaf gale sana naaf kenni. Ati Anaaqiim+ magaalota guguddaa dallaa dhagaa qaban+ keessa akka jiran guyyaa sanatti kan dhageesse taʼus, Yihowaan dhugumaan naa wajjin jira;*+ akkuma Yihowaan waadaa galetti anis isaan nan ariʼa.”+
13 Kanaafuu, Iyyaasuun Kaaleb ilma Yofunee erga eebbisee booda Kebrooniin dhaalaan isaaf ni kenne.+ 14 Kebroon hamma harʼaatti dhaala Kaaleb ilma Yofunee Qeenizichaa kan taate kanaafi; sababiin isaas, inni garaa guutuudhaan Yihowaa Waaqa Israaʼel duukaa buʼeera.+ 15 Maqaan Kebroon sana dura Qiriyaat Arbaa+ jedhama ture (Arbaan Anaaqiim gidduutti nama guddaa ture). Biyyattiinis waraana irraa boqonnaa argatte.+
15 Biyyi gosa Yihudaatiif akka maatii maatii isaaniitti carraadhaan hihirame+ hamma daangaa Edoom,+ jechuunis lafa onaa Ziin, akkasumas hamma qarqara Negeeb karaa kibbaatiin argamuutti kan fagaatu dha. 2 Daangaan isaanii inni kibbaa qarqara Galaana Soogiddaa*+ irraa, jechuunis galoo galaanaa isa kallattii kibbaatti garagalee jiru irraa jalqaba. 3 Achiis kallattii kibbaatiin tabba Aqraabiim+ qabatee Ziin bira ni darba; itti fufuudhaanis kallattii kibbaa irraa gara Qaadesh Barneʼaatti+ ol baʼee Hesroonitti ceʼee gara Adaar erga deemee booda gara Qaarqaatti naannaʼa. 4 Achiis gara Azmoonitti+ darbee hamma Laga Gogaa* Gibxiitti+ itti fufa; daangaan isaas Galaanicha* biratti dhaabbata. Karaa kibbaatiin daangaan isaanii kana dha.
5 Daangaan inni karaa bahaa Galaana Soogiddaa* irraa hamma dhuma Yordaanos gaʼa ture; qarqara kaabaatiin daangaan sun galoo galaanichaa, jechuunis dhuma Yordaanos taʼa.+ 6 Daangaan sun hamma Beet Hoglaatti+ ol baʼee kaaba Beet Arabaa+ bira darba; achiis gara dhagaa Boohaan+ ilma Ruubenitti ol ni baʼa. 7 Achiis gara Deebir ishii Sulula* Akooritti+ argamtutti ol baʼee gara kaabaatti garagalee gara Gilgaal+ ishii daandii Adumiimitti ol baasu isa kibba laga gogaatti argamu fuuldura jirtutti qajeela; achiis bishaan Een Shemeesh+ bira darbee Een Rogeel+ biratti dhaabbata. 8 Achiis gara Sulula* Ilma Hinoomitti,+ karaa kibbaatiin gara irraan gadee Yebuusichaatti,+ jechuunis gara Yerusaalemitti+ ol ni baʼa; achiis gara fiixee gaarichaa isa karaa dhihaatiin Sulula Hinoom fuulleetti, karaa kibbaatiin immoo andaara Sulula Refaayimitti argamutti ol ni baʼa. 9 Daangaan sun fiixee gaarichaa irraa jalqabee hamma burqaa bishaanii Neftoʼaatti,+ akkasumas hamma magaalota Gaara Efroonitti mallattoon itti godhamee ture; achiis hamma Baʼaalaatti, jechuunis hamma Qiriyaat Yeʼariimitti+ mallattoon itti godhamee ture. 10 Achiis Baʼaalaa irraa gara dhihaatti naannaʼee gara Gaara Seʼiiritti qajeelee, karaa kaabaatiin irraan gadee Gaara Yeʼariim, jechuunis Kesaalon bira ni darba; achiis gara Beet Sheemeshitti+ gad buʼee Timnaa+ bira ni darba. 11 Daangaan sun karaa kaabaatiin irraan gadee Eqroon+ bira ni gaʼa; achiis Shikeroonitti mallattoon itti godhamee, Gaara Baʼaalaa bira erga darbee booda Yaabneʼel bira ni gaʼa; achiis galaanicha biratti dhaabbata.
12 Daangaan karaa dhihaa Galaana Guddaa*+ fi qarqara isaa ti. Daangaan sanyii Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti kallattii hundumaatiin kana ture.
13 Innis Kaaleb+ ilma Yofuneetiif akkuma Yihowaan Iyyaasuu ajajetti sanyii Yihudaa gidduutti qooda ni kenne; kunis Qiriyaat Arbaa (Arbaan Abbaa Anaaq ture), jechuunis Kebrooni.+ 14 Kanaafuu, Kaaleb ilmaan Anaaq+ sadan, jechuunis Sheshaay, Ahimaanii fi Taalmaay+ warra sanyii Anaaq taʼan achii ni ariʼe. 15 Sana booda achii kaʼee jiraattota Deebir waraanuu deeme.+ (Maqaan Deebir duraan Qiriyaat Seefer jedhama ture.) 16 Achiis Kaaleb, “Nama Qiriyaat Seefer rukutee ishii qabatuuf intala tiyya Aksaa isatti nan heerumsiisa” jedhe. 17 Otniʼel+ ilmi Qeenaazis+ biyyattii ni qabate; Qeenaaz obboleessa Kaalebi. Kanaafuu, Kaaleb intala isaa Aksaa+ isatti heerumsiise. 18 Ishiinis utuu gara manaa deemaa jirtuu, abbaan ishii maasii akka isaaf kennu akka gaafatu abbaa manaa ishiitti himte. Achiis harree ishii irraa ni buute.* Kaalebis, “Maal barbaadda?”+ jedhee ishii gaafate. 19 Ishiinis, “Kan naa laatte lafa xinnoo gara kibbaatti* argamtu waan taʼeef, maaloo na eebbisi; Guuloot Maayimiinis* naaf kenni” isaan jette. Kanaafuu, inni Guuloot Isa Olii fi Guuloot Isa Gadii ishiidhaaf ni kenne.
20 Gosti Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti dhaalli isaanii kana ture.
21 Magaalonni andaara gosa Yihudaa warri kallattii kibbaatiin gara daangaa Edoomitti+ argaman kanneen kana dha: Qaabzeʼel, Edeer, Yaagur, 22 Qinaa, Dimoonaa, Adaadaa, 23 Qeedesh, Hazoor, Yitnaan, 24 Ziif, Teleem, Baʼaalot, 25 Hazoor Hadaataa fi Qeriyoot Hezroon, jechuunis Hazoor, 26 Amaam, Sheemaa, Molaadaa,+ 27 Hazaar Gaadaa, Heshmoon, Beet Paalet,+ 28 Hazaar Shuʼaal, Ber Sheebaa,+ Biziyootiyaa, 29 Baʼaalaa, Iiyim, Eezem, 30 Eeltoolaad, Kesiil, Hoormaa,+ 31 Siqlaag,+ Maadmaanaa, Saansaanaa, 32 Lebaaʼot, Shilhiim, Aayinii fi Rimoon;+ walumaa galatti magaalota 29 fi gandeen isaanii.
33 Shefelaa+ keessa kan turan immoo kanneen kana dha: Eeshtaaʼol, Zoraa,+ Ashnaa, 34 Zaanoʼaa, Een Gaaniim, Taaphuʼaa, Eenaam, 35 Yaarmut, Adulaam,+ Sookoo, Azeeqaa,+ 36 Shaʼaaraayim,+ Aditaayim, Gederaa fi Gederotaayim;* magaalota 14 fi gandeen isaanii.
37 Zenaan, Hadaashaa, Migdaal Gaad, 38 Dilʼaan, Misphee, Yoqteʼel, 39 Laakiish,+ Bozqaat, Egloon, 40 Kaaboon, Laahmaam, Kitliish, 41 Gederoot, Beet Daagon, Naʼaamaa fi Maaqedaa;+ magaalota 16 fi gandeen isaanii.
42 Libnaa,+ Eetar, Ashaan,+ 43 Iftaa, Ashnaa, Neziib, 44 Qeyilaa, Akziibii fi Maareshaa; magaalota sagalii fi gandeen isaanii.
45 Eqroonii fi magaalota ishii jalatti* argaman, akkasumas gandeen ishii; 46 Eqroon irraa gara dhihaatti, warra Ashdood biratti argaman hundumaa fi gandeen isaanii.
47 Ashdood,+ magaalota ishii jalatti* argamanii fi gandeen ishii; Gaazaa,+ magaalota ishii jalatti argamanii fi gandeen ishii hamma Laga Gogaa Gibxiitti, hamma Galaana Guddaattii* fi hamma naannoo qarqara galaanichaatti argamutti.+
48 Naannoo gaarotaa keessatti kan argamanis kanneen kana dha: Shaamiir, Yaatir,+ Sookoo, 49 Daanaa, Qiriyaat Saanaa, jechuunis Deebir, 50 Anaab, Eeshtemoo,+ Aniim, 51 Gooshen,+ Hoolonii fi Giloo;+ magaalota 11 fi gandeen isaanii.
52 Arab, Duumaa, Eeshʼan, 53 Yaanum, Beet Taaphuʼaa, Afeeqaa, 54 Humtaa, Qiriyaat Arbaa, jechuunis Kebroonii+ fi Ziʼoor; magaalota sagalii fi gandeen isaanii.
55 Maaʼon,+ Qarmeelos, Ziif,+ Yuutaa, 56 Yezriʼel, Yoqdeʼaam, Zaanoʼaa, 57 Qeeyin, Gibeʼaa fi Timnaa;+ magaalota kudhanii fi gandeen isaanii.
58 Halhuul, Beet Zuur, Geedor, 59 Maʼaaraat, Beet Aanootii fi Eelteeqoon; magaalota jaʼaa fi gandeen isaanii.
60 Qiriyaat Baʼaal, jechuunis Qiriyaat Yeʼariimii+ fi Raabaa; magaalota lamaa fi gandeen isaanii.
61 Lafa onaa keessa kan turan kanneen kana dha: Beet Arabaa,+ Miidin, Sekaakaa, 62 Nebshaan, Magaalaa Soogiddaa fi Een Gedii;+ magaalota jaʼaa fi gandeen isaanii.
63 Namoonni Yihudaa Yebuusota+ warra Yerusaalem+ keessa jiraachaa turan ariʼuu hin dandeenye;+ kanaafuu, Yebuusonni hamma harʼaatti namoota Yihudaa wajjin Yerusaalem keessa jiraachuu isaanii itti fufaniiru.
16 Biyyi carraadhaan+ sanyii Yoseefiif+ kenname Yordaanos isa Yerikoo biratti argamu irraa hamma burqaa isa baha Yerikootti argamuu yeroo taʼu, lafa onaa isa Yerikoodhaa ol baʼu keessa darbee gara naannoo gaarotaa Beetelitti qajeela.+ 2 Achiis Beetel ishii kan Luuz taate irraa kaʼee hamma daangaa Arkootaa isa Ataarot biratti argamuutti itti fufa; 3 achiis karaa dhihaatiin gara daangaa Yaafleetotaatti, hamma daangaa Beet Hooron+ Ishii Gadiittii fi hamma Geezeritti+ gad buʼee galaanicha bira dhaabbata.
4 Kanaafuu, sanyii Yoseef+ kan taʼan Minaasee fi Efreem biyya isaanii dhaalaan ni fudhatan.+ 5 Daangaan sanyii Efreem akka maatii maatii isaaniitti kan armaan gadii ti: Karaa bahaatiin daangaan dhaala isaanii Ataarot Adaarii+ hamma Beet Hooron Ishii Oliitti+ yeroo taʼu, 6 daangaan sunis galaanicha bira gaʼa. Karaa kibbaatiin daangaan sun Mikmetaat+ yeroo taʼu, karaa bahaatiin naannaʼee gara Taʼaanaat Shiilootti qajeela; achi irra darbees karaa bahaatiin gara Yaanoʼaatti qajeela. 7 Achiis Yaanoʼaadhaa gara Ataarotii fi Naʼaaraatti gad buʼee Yerikoo+ bira gaʼuudhaan hamma Yordaanositti qajeela. 8 Achiis Taaphuʼaa+ irraa kaʼee karaa dhihaatiin gara Laga Gogaa Qaanaatti itti fufee galaanicha biratti dhaabbata.+ Dhaalli gosa Efreemiif akka maatii maatii isaaniitti kenname kana dha; 9 sanyiiwwan Efreem dhaala Minaasee+ gidduutti magaalota kan biroos qabu turan; magaalonni sun hundii fi gandeen isaanii kan isaanii turan.
10 Haa taʼu malee, isaan Kanaʼaanota warra Geezer+ keessa jiraachaa turan hin ariine; Kanaʼaanonnis hamma harʼaatti Efreem gidduu jiraachuu isaanii itti fufaniiru;+ hojii dirqamaas hojjechaa jiru.+
17 Minaaseen+ ilma angafaa+ Yoseef waan taʼeef, carraan+ sun gosa isaatiif ni baʼe. Maakiir+ inni ilma angafaa Minaasee taʼee fi abbaa Giiliyaad taʼe goota waan tureef, Giiliyaadii fi Baashaaniin+ ni fudhate. 2 Achiis carraan sun sanyii Minaasee warra hafaniif, jechuunis ilmaan Abiʼezeriif,+ ilmaan Heleeqiif, ilmaan Asriʼeeliif, ilmaan Sheekemiif, ilmaan Hefeerii fi ilmaan Shemidaatiif akka maatii maatii isaaniitti ni baʼe. Dhiironni sanyii Minaasee warri ilmaan Yoseef taʼan akka maatii maatii isaaniitti kanneen kana turan.+ 3 Haa taʼu malee, Zelofehaad+ ilmi Hefeer, ilmi Giiliyaad, ilmi Maakiir, ilmi Minaasee ijoollee durbaa malee ijoollee dhiiraa hin qabu ture; maqaan ijoollee durbaa isaas, Maahlaa, Noh, Hoglaa, Miilkaa fi Tirzaa ture. 4 Kanaafuu, isaan Eleʼazaar+ lubicha, Iyyaasuu ilma Nuunii fi geggeessitoota sana duratti dhihaatanii, “Obboloota keenya gidduutti dhaala akka nuuf kennu Musee kan ajaje Yihowaa dha”+ isaaniin jedhan. Kanaafuu, inni ajaja Yihowaatiin obboloota abbaa isaanii gidduutti isaaniif dhaala ni kenne.+
5 Biyya Giiliyaadii fi biyya Baashaan warra Yordaanos gamatti* argaman malees, carraawwan kudhan Minaaseedhaaf baʼanii turan;+ 6 sababiin isaas, ijoolleen durbaa Minaasee ijoollee dhiiraa isaa wajjin dhaala fudhatanii turan; biyyi Giiliyaadis qabeenya sanyii Minaasee warra hafanii taʼee ture.
7 Daangaan Minaasee Asheerii hamma Mikmetaat+ ishii fuullee Sheekemitti+ argamtuutti ni gaʼa; achiis kallattii kibbaatiin* hamma biyya jiraattota Een Taaphuʼaatti itti fufa. 8 Biyyi Taaphuʼaa+ kan Minaasee ni taate; Taaphuʼaan ishiin daangaa Minaasee irratti argamtu garuu kan sanyii Efreem turte. 9 Daangaan sun gara Laga Gogaa Qaanaatti, jechuunis kallattii kibbaa laga gogaa sanaatti gad ni buʼa. Magaalota Minaasee+ gidduu magaalonni Efreem jiru turan; daangaan Minaasee kallattii kaabaa laga gogaa sanaatiin kan argamu yeroo taʼu, galaanicha biratti dhaabbata.+ 10 Biyyattiin kallattii kibbaatiin kan Efreem, kallattii kaabaatiin immoo kan Minaasee ti; daangaan isaas galaanicha ture;+ daangaan Minaasee* kallattii kaabaatiin Asheer bira, kallattii bahaatiin immoo Yisaakor bira gaʼa ture.
11 Naannoowwan Yisaakorii fi Asheer keessatti, Beet Shiʼaanii fi magaalonni ishii jalatti* argaman, Yibleʼaamii+ fi magaalonni ishii jalatti argaman, jiraattonni Doorii+ fi magaalonni ishii jalatti argaman, jiraattonni Een Doorii+ fi magaalonni ishii jalatti argaman, jiraattonni Taʼaanaakii+ fi magaalonni ishii jalatti argaman, akkasumas jiraattonni Megidoo fi magaalonni ishii jalatti argaman, warri ol kaʼoon sadan Minaaseedhaaf ni kennaman.
12 Haa taʼu malee, sanyiiwwan Minaasee magaalota kana dhaalaan fudhachuu hin dandeenye; Kanaʼaanonni biyyattii gadhiisanii deemuu didanii turan.+ 13 Israaʼelonni jabaachaa yeroo dhufanitti Kanaʼaanota hojii dirqamaa ni hojjechiisan;+ haa taʼu malee guutummaatti isaan hin ariine.+
14 Sanyiiwwan Yoseefis Iyyaasuudhaan, “Ati gaʼee tokko qofa carraadhaan+ akka dhaalaatti kan nuuf* kennite maaliifi? Yihowaan hamma ammaatti waan nu eebbiseef, nuti saba hedduu taaneerra”+ jedhan. 15 Iyyaasuunis, “Naannoon gaarotaa Efreem+ baayʼee waan isinitti dhiphateef, isin saba hedduu yoo taatan gara bosonichaatti ol baʼaatii biyya Pheriizotaa+ fi biyya Refaayim+ keessatti bosonicha ciraatii iddoo qopheeffadhaa” jedhee isaaniif deebise. 16 Achiis sanyiiwwan Yoseef, “Naannoon gaarotaa nuuf gaʼaa miti; Kanaʼaanonni warri biyya sululichaa* keessa, jechuunis warri Beet Shiʼaanii+ fi magaalota ishii jalatti* argaman keessas taʼe Sulula* Yezriʼel+ keessa jiraatan hundi gaariiwwan fardaa waraanaa+ haamtuu sibiilaa qaban* qabu” jedhan. 17 Kanaafuu, Iyyaasuun mana Yoseefiin, jechuunis Efreemii fi Minaaseedhaan akkana jedhe: “Isin saba hedduu fi humna guddaa qabu dha. Isin kan argattan carraa tokko qofa miti;+ 18 kanaa mannaa, naannoon gaarotaas kan keessan ni taʼa.+ Iddoon isaa bosona taʼus, bosonicha ni cirtu; innis fiixee naannoo keessanii ni taʼa. Kanaʼaanonni ciccimoo fi gaariiwwan fardaa waraanaa haamtuu sibiilaa qaban* kan qaban taʼanis isin isaan ni ariitu.”+
18 Achiis guutummaan yaaʼii Israaʼel Shiilootti+ walitti qabamanii dunkaana walgaʼichaa achi dhaaban;+ yeroo kanatti biyyattiin isaaniif bitamtee turte.+ 2 Haa taʼu malee, Israaʼelota keessaa amma iyyuu gosoonni carraadhaan dhaala isaanii hin arganne torba jiru turan. 3 Kanaafuu, Iyyaasuun Israaʼelotaan akkana jedhe: “Biyya Yihowaan inni Waaqa abbootii keessanii taʼe isiniif kennetti seentanii dhaalaan fudhachuu irraa duubatti kan jettan hamma yoomiitti?+ 4 Akkan isaan erguuf tokkoon tokkoon gosaa keessaa nama sadii naa kennaa; isaanis baʼanii guutummaa biyyattii keessa naannaʼanii biyyattii akka dhaala dhaala isaaniitti hihiranii haa galmeessan. Achiis gara kootti haa deebiʼan. 5 Isaan bakka torbatti ishii haa hiratan.+ Yihudaan naannoo isaa isa kallattii kibbaatiin argamu irra ni tura;+ manni Yoseef immoo naannoo isaanii isa kallattii kaabaatiin argamu irra ni turu.+ 6 Isin garuu biyyattii bakka torbatti hihiraatii galmeessaa; isa galmeessitan sana as gara kootti fidaa; anis Waaqa keenya Yihowaa duratti asitti carraa isiniif nan buusa.+ 7 Leewwonni garuu lubummaan Yihowaa dhaala isaanii waan taʼeef,+ isin gidduutti qoodni isaaniif hin kennamu;+ Gaad, Ruubenii fi walakkaan gosa Minaasee+ immoo dhaala isaanii isa Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argamuu fi Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isaaniif kenne fudhataniiru.”
8 Namoonni sunis deemuuf ni qophaaʼan; Iyyaasuunis warra biyyattii hihiranii galmeessuuf jedhan sana, “Dhaqaa biyyattii keessa naannaʼaa; achiis biyyattii hihiraa galmeessaatii gara kootti deebiʼaa; anis Shiiloo keessatti Yihowaa duratti asitti carraa isiniif nan buusa”+ jedhee ajaje. 9 Namoonni sunis deemanii biyyattii keessa naannaʼanii magaalota magaalotaan biyyattii bakka torbatti hihiranii galmeessan; achiis kitaaba irratti galmeessan. Sana booda gara Iyyaasuu isa buufata Shiilootti argamu keessa jiruutti ni deebiʼan. 10 Achiis Iyyaasuun Shiiloo keessatti Yihowaa duratti carraa isaaniif ni buuse.+ Achittis akka qooda qooda isaaniitti Israaʼelotaaf biyyattii ni hihire.+
11 Gosa Biiniyaamiif akka maatii maatii isaaniitti carraan ni baʼe; naannoon carraadhaan isaaniif baʼes saba Yihudaa+ fi saba Yoseef+ gidduu ture. 12 Kallattii kaabaatiin daangaan isaanii Yordaanos biraa jalqaba; achiis karaa kaabaatiin ol baʼee gara irraan gadee Yerikootti+ qajeeluudhaan, kallattii dhihaatiin gaarichatti erga ol baʼee booda lafa onaa Beet Aween+ bira gaʼa. 13 Achi irraa kaʼees gara Luuz ishii Beetel+ jedhamtutti, jechuunis gara irraan gadee Luuz isa karaa kibbaatiin argamutti qajeela; achiis gara Ataarot Adaar+ ishii gaara kibba Beet Hooron+ Ishii Gadiitti argamu irra jirtutti gad buʼa. 14 Daangaan sun kallattii dhihaatiin mallattoon itti godhamee, gaara isa karaa kibbaatiin fuullee Beet Hooronitti argamu irraa gara kallattii kibbaatti naannaʼee Qiriyaat Baʼaal, jechuunis Qiriyaat Yeʼariim+ ishii magaalaa Yihudaa taate biratti dhaabbata. Kun daangaa kallattii dhihaatiin argamu dha.
15 Kallattii kibbaatiin immoo daangaan sun andaara Qiriyaat Yeʼariim irraa kaʼee gara kallattii dhihaatti itti fufa; achiis gara burqaa bishaanii Neftoʼaatti+ qajeela. 16 Daangaan sun gara andaara gaara isa fuullee Sulula Ilma Hinoom+ isa karaa kaabaatiin Sulula* Refaayim+ keessatti argamutti gad buʼa; achiis gara Sulula Hinoomitti, karaa kibbaatiin gara irraan gadee Yebuusichaatti,+ achiis gara Een Rogeelitti+ gad buʼa. 17 Kallattii kaabaatiin mallattoon itti godhamee, gara Een Shemeeshitti, achiis gara Geliloot ishii fuullee daandii Adumiimitti+ ol baasutti argamtutti erga qajeelee booda, gara dhagaa+ Boohaan+ ilma Ruubenitti gad buʼa. 18 Achiis kallattii kaabaatiin gara irraan gadee fuullee Arabaatti argamutti qajeelee gara Arabaatti gad buʼa. 19 Itti fufuudhaanis gara kaaba irraan gadee Beet Hoglaatti+ qajeelee, kaaba galoo Galaana Soogiddaa*+ biratti, akkasumas kibba qarqara Yordaanos biratti dhaabbata. Kun daangaa kallattii kibbaatiin argamu dha. 20 Kallattii bahaatiin Yordaanos daangaa isaa taʼee tajaajila. Dhaalli sanyii Biiniyaam akka maatii maatii isaaniitti argatan kallattii hundumaatiin daangaan isaa kana ture.
21 Magaalonni gosti Biiniyaam akka maatii maatii isaaniitti argatan kanneen kana turan: Yerikoo, Beet Hoglaa, Eemeeq Qeziiz, 22 Beet Arabaa,+ Zemaaraayim, Beetel,+ 23 Awiim, Phaaraa, Ofraa, 24 Kefaar Amoonii, Ofnii fi Geebaa;+ magaalota 12 fi gandeen isaanii.
25 Gibeʼon,+ Raamaa, Beʼeerot, 26 Misphee, Kefiiraa, Moozaa, 27 Reeqem, Yiirpeʼel, Taaraalaa, 28 Zelaa,+ Haa Eleef, Yebuus, jechuunis Yerusaalem,+ Gibeʼaa+ fi Qiriyaat; magaalota 14 fi gandeen isaanii.
Dhaalli sanyiin Biiniyaam akka maatii maatii isaaniitti argatan kana ture.
19 Achiis carraan inni lammaffaan+ Simiʼooniif, jechuunis gosa Simiʼooniif+ akka maatii maatii isaaniitti ni baʼe. Dhaalli isaaniis dhaala Yihudaa gidduutti argama ture.+ 2 Dhaalli isaanii kana ture: Ber Sheebaa+ fi Sheebaa, Molaadaa,+ 3 Hazaar Shuʼaal,+ Baalaa, Eezem,+ 4 Eeltoolaad,+ Beetul, Hoormaa, 5 Siqlaag,+ Beet Maarkaaboot, Hazaar Suusaa, 6 Beet Lebaaʼotii+ fi Shaaruheen; magaalota 13 fi gandeen isaanii; 7 Aayin, Rimoon, Eetarii fi Ashaan;+ magaalota afurii fi gandeen isaanii; 8 akkasumas gandeen naannoo magaalota kanaatti argaman hundumaa hamma Baʼaalaat Beʼeeritti, jechuunis hamma Raamaa ishii kibbaatti. Dhaalli gosti Simiʼoon akka maatii maatii isaaniitti argatan kana ture. 9 Qoodni Yihudaa waan isaanitti baayʼateef, dhaalli sanyii Simiʼoon kan fudhatame isa Yihudaadhaaf carraadhaan kenname irraa ture. Kanaafuu, dhaala isaanii gidduutti sanyii Simiʼooniif dhaalli ni kenname.+
10 Achiis carraan inni sadaffaan+ sanyii Zaabilooniif+ akka maatii maatii isaaniitti ni baʼe; daangaan dhaala isaaniis hamma Saariiditti ni fagaata. 11 Daangaan isaanii kallattii dhihaatiin gara Maareʼaalitti ol baʼee, Daabesheet bira, achiis sulula* fuullee Yoqneʼaamitti argamu bira gaʼa. 12 Achiis Saariid irraa kaʼee kallattii bahaatiin gara baha biiftuutti, gara daangaa Kisloot Taaboritti qajeelee, gara Daaberaatitti+ erga achi baʼee booda gara Yaafiʼaatti ol baʼa. 13 Achii kaʼees kallattii bahaatiin gara baha biiftuutti, gara Gaat Hefeer,+ gara Iit Kaaziinitti erga qajeelee booda, gara Rimoonitti achi baʼee hamma Niʼaatti fagaata. 14 Achiis daangaan sun kallattii kaabaatiin isatti naannaʼee gara Hanaatonitti qajeeluudhaan Sulula Iftaa Eel biratti dhaabbata; 15 akkasumas Qaataat, Nahaalaal, Shimroon,+ Yidaalaa fi Beetaliheem;+ magaalota 12 fi gandeen isaanii. 16 Dhaalli sanyiin Zaabiloon akka maatii maatii isaaniitti+ argatan kana ture. Magaalonnii fi gandeen isaaniis kanneen kana turan.
17 Carraan inni arfaffaan+ Yisaakoriif,+ jechuunis sanyii Yisaakoriif akka maatii maatii isaaniitti ni baʼe. 18 Daangaan isaanii hamma Yezriʼel,+ Kesuulot, Shunaam,+ 19 Hafaaraayim, Shiʼoon, Anaahaaraat, 20 Raabit, Qiishiyon, Ebeez, 21 Remeet, Een Gaaniim,+ Een Haadaa fi Beet Paazez ture. 22 Daangaan sun hamma Taabor,+ Shahaazumaa fi Beet Sheemeshitti kan fagaatu yeroo taʼu, dhumni daangaa isaanii Yordaanos ture; magaalota 16 fi gandeen isaanii. 23 Magaalonnii fi gandeen isaanii warri akka maatii maatii isaaniitti dhaala gosa Yisaakor+ taʼan kanneen kana turan.
24 Achiis carraan inni shanaffaan+ sanyii Asheeriif+ akka maatii maatii isaaniitti ni baʼe. 25 Daangaan isaanii Helqaat,+ Halii, Beteen, Akshaaf, 26 Alaamelek, Amaadii fi Mishaal ture. Daangaan sun kallattii dhihaatiin hamma Qarmeelosii+ fi hamma Shihoor Libnaatitti kan fagaatu yeroo taʼu, 27 achiis kallattii bahaatiin duubatti deebiʼee gara Beet Daagonitti qajeelee, hamma Zaabiloonii fi kallattii kaabaatiin hamma Sulula Iftaa Eel, hamma Beet Emeeqii fi hamma Nayʼelitti deema; achiis karaa bitaatiin hamma Kaabuul, 28 akkasumas hamma Ebroon, Rehoob, Hamoonii fi Qaanaatti, achiis hamma Siidoon Guddittiitti+ fagaata. 29 Achiis daangaan sun gara Raamaatti deebiʼee hamma magaalaa Xiiros+ ishii dallaa dhagaa qabduutti fagaata. Achiis gara Hosaatti deebiʼee galaana isa naannoo Akziib, 30 Uumaa, Afeeqii+ fi Rehoob+ keessatti argamu biratti dhaabbata; magaalota 22 fi gandeen isaanii. 31 Dhaalli gosti Asheer akka maatii maatii isaaniitti argatan kana ture.+ Magaalonnii fi gandeen isaanii kanneen kana turan.
32 Carraan inni jaʼaffaan+ Niftaalemiif, jechuunis sanyii Niftaalemiif akka maatii maatii isaaniitti ni baʼe. 33 Daangaan isaanii Heleef irraa, muka guddaa Zaʼaanaaniim+ keessa jiru irraa, akkasumas Adaamii Neqeebii fi Yaabneʼel irraa hamma Laaqum gaʼee Yordaanos biratti dhaabbata. 34 Daangaan sun gara dhihaatti duubatti deebiʼee gara Aznoot Taaboritti qajeela; achii kaʼees gara Huqooqitti deemee kallattii kibbaatiin Zaabiloon, kallattii dhihaatiin Asheer, kallattii bahaatiin immoo Yihudaa ishii Yordaanos biratti argamtu bira gaʼa. 35 Magaalonni dallaa dhagaa qaban kanneen kana turan: Zidiim, Zeer, Hamaat,+ Raaqaat, Kinereet, 36 Adaamaa, Raamaa, Hazoor,+ 37 Qeedesh,+ Edraay, Een Hazoor, 38 Yiroon, Migdaal Eel, Hoorem, Beet Aanaatii fi Beet Sheemesh;+ magaalota 19 fi gandeen isaanii. 39 Magaalonnii fi gandeen isaanii warri akka maatii maatii isaaniitti dhaala gosa Niftaalem+ taʼan kanneen kana turan.
40 Carraan torbaffaan+ akka maatii maatii isaaniitti gosa Daaniif+ ni baʼe. 41 Daangaan dhaala isaanii Zoraa,+ Eeshtaaʼol, Iir Shemeesh, 42 Shaʼaalaabiin,+ Ayiloon,+ Yitlaa, 43 Eloon, Timnaa,+ Eqroon,+ 44 Eelteeqee, Gibetoon,+ Baʼaalaat, 45 Yehuud, Bene Beraaq, Gaat Rimoon,+ 46 Mee Yaarqoonii fi Raaqoon ture; daangaan isaas Yoophee+ fuuldura ture. 47 Haa taʼu malee, naannoon Daan baayʼee waan isaanitti dhiphateef,+ isaan ol baʼanii Lesheemiin+ waraananii qabatan; achiis goraadeedhaan ishii rukutan. Sana booda dhaalaan fudhachuudhaan ishii keessa buufatan; maqaa Lesheemis Daan jedhanii maqaa abbaa isaaniitiin moggaasan.+ 48 Dhaalli gosti Daan akka maatii maatii isaaniitti argatan kana ture. Magaalonnii fi gandeen isaaniis kanneen kana turan.
49 Akka kanaan, biyyattii akka naannoowwan ishiitti akka dhaalaatti hiruu isaanii ni xumuran. Achiis Israaʼelonni gidduu isaaniitti Iyyaasuu ilma Nuuniif dhaala ni kennan. 50 Isaan akka ajaja Yihowaatti naannoo gaarotaa Efreem keessatti magaalaa inni gaafate, jechuunis Timnaat Seeraa+ isaaf ni kennan; innis magaalattii ijaaree ishii keessa jiraate.
51 Dhaalawwan Eleʼazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunii fi dura buutonni manneen abbootii gosoota Israaʼel karra dunkaana walgaʼii+ biratti Shiiloo+ keessatti Yihowaa duratti carraadhaan hihiran+ kanneen kana turan. Akka kanaan isaan biyyattii hihiruu isaanii ni xumuran.
20 Achiis Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Magaalota itti baqatan+ warran waaʼee isaanii karaa Musee dubbadhe ofii keessaniif filadhaa; 3 namni utuu itti hin yaadin yookiin akka tasaa* nama ajjeese* achitti ni baqata. Isaanis bakka nama haaloo baʼu+ jalaa itti baqattan isiniif ni taʼu. 4 Namni kun magaalota kana keessaa gara ishii tokkootti baqatee,+ karra magaalattii+ dura dhaabbatee dhimma isaa jaarsolii magaalattiitti haa himatu. Isaanis magaalattiitti isa galchanii iddoo jireenyaa isaaf haa kennan; innis isaanii wajjin ni jiraata. 5 Namni haaloo baʼu isa hordofee yoo dhufe, isaan nama haaloo baʼu sanatti dabarsanii isa kennuu hin qaban; sababiin isaas, inni namicha kan ajjeese akkuma tasaa ti,* akkasumas sana dura nama sanaaf jibba hin qabu ture.+ 6 Innis hamma yaaʼicha+ duratti murtiidhaaf dhihaatutti magaalattii keessa haa taaʼu; lubni ol aanaan inni yeroo sanatti tajaajilaa jiru hamma duʼuttis+ achuma haa turu. Achiis namni nama ajjeese sun magaalaa keessaa baqatetti deebiʼee, gara magaalaa isaattii fi gara mana isaatti seenuu dandaʼa.’”+
7 Kanaafuu, isaan Galiilaa ishii naannoo gaarotaa Niftaalemitti argamtu keessatti Qeedeshiin,+ naannoo gaarotaa Efreem keessatti Sheekemiin,+ akkasumas naannoo gaarotaa Yihudaa keessatti Qiriyaat Arbaa,+ jechuunis Kebrooniin kaayyoo kanaaf ni murteessan.* 8 Naannoo Yordaanos keessatti baha Yerikootiin, gosa Ruuben keessaa lafa onaa isa lafa diriiraa* irratti argamu keessatti Beezeriin,+ gosa Gaad keessaa Giiliyaad keessatti Raamotiin,+ akkasumas gosa Minaasee+ keessaa Baashaan keessatti Goolaaniin+ ni filatan.
9 Namni utuu itti hin yaadin nama* ajjeese kam iyyuu akka itti baqatuuf,+ akkasumas yaaʼicha duratti murtiidhaaf dhihaachuu isaa dura+ nama haaloo baʼu sanaan akka hin ajjeefamnetti, magaalonni Israaʼelota hundumaa fi nama biyya ormaa isaan gidduu jiraatuuf ramadaman kanneen kana turan.
21 Yeroo kanatti dura buutonni manneen abbootii Leewwotaa gara Eleʼazaar+ lubichaa, gara Iyyaasuu ilma Nuunii fi gara dura buutota manneen abbootii gosoota Israaʼel dhufanii, 2 Shiilootti+ biyya Kanaʼaan keessatti, “Yihowaan magaalonni keessa jiraannu, iddoowwan dheedichaa isaanii warra horii keenyaaf taʼanii wajjin akka nuuf kennaman karaa Musee ajajeera”+ isaaniin jedhan. 3 Kanaafuu, Israaʼelonni ajaja Yihowaatiin dhaala ofii isaanii irraa magaalota kanaa+ fi iddoowwan dheedichaa isaanii Leewwotaaf ni kennan.+
4 Maatiiwwan Qehaatotaatiif+ carraan kan baʼe yeroo taʼu, sanyii Yihudaa,+ sanyii Simiʼoonii+ fi sanyii Biiniyaam+ keessaa, Leewwota warra sanyii Aaron lubichaa taʼaniif magaalonni 13 carraadhaan ni kennaman.
5 Maatiiwwan gosa Efreem,+ gosa Daanii fi walakkaa gosa Minaasee+ keessaa, Qehaatota warra hafaniif magaalonni kudhan carraadhaan ni kennaman.
6 Maatiiwwan gosa Yisaakor, gosa Asheer, gosa Niftaalemii fi walakkaa gosa Minaasee isa Baashaanitti+ argamu keessaa, Geershonotaaf+ magaalonni 13 carraadhaan ni kennaman.
7 Gosa Ruuben, gosa Gaadii fi gosa Zaabiloon+ keessaa, Meraarotaaf+ akka maatii maatii isaaniitti magaalonni 12 ni kennaman.
8 Akka kanaan Israaʼelonni akkuma Yihowaan karaa Musee ajajee turetti,+ magaalota kanaa fi iddoowwan dheedichaa isaanii carraadhaan Leewwotaaf ni kennan.
9 Gosa Yihudaa fi gosa Simiʼoon keessaa magaalota maqaadhaan ibsaman kana isaaniif ni kennan;+ 10 isaan carraa isa jalqabaa waan argataniif, magaalonni kun Leewwota warra maatiiwwan Qehaat taʼan keessaa ilmaan Aaroniif ni kennaman. 11 Isaanis naannoo gaarotaa Yihudaa keessatti, Qiriyaat Arbaa+ (Arbaan abbaa Anaaq ture), jechuunis Kebroonii+ fi iddoowwan dheedichaa naannoo ishiitti argaman isaaniif ni kennan. 12 Lafa magaalattii fi gandeen ishii garuu Kaaleb ilma Yofuneetiif dhaalaan ni kennan.+
13 Ilmaan Aaron lubichaatiif magaalaa Kebroon+ ishii namni nama ajjeese itti baqatu+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Libnaa+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 14 Yaatir+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Eeshtemoʼaa+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 15 Hoolon+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Deebir+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 16 Aayin+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Yuutaa+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Beet Sheemesh iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni kennan; gosoota lamaan kana keessaa magaalota sagal isaaniif ni kennan.
17 Gosa Biiniyaam keessaa, Gibeʼon+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Geebaa iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+ 18 Anaatot+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Almoon iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota afur isaaniif ni kennan.
19 Magaalonni sanyii Aaroniif, jechuunis lubootaaf kennaman walumaa galatti magaalota 13 fi iddoowwan dheedichaa isaanii turan.+
20 Leewwota gidduudhaa maatiiwwan Qehaat warra hafaniif gosa Efreem keessaa magaalonni carraadhaan isaaniif ni kennaman. 21 Isaanis naannoo gaarotaa Efreem keessatti magaalaa Sheekem+ ishii namni nama ajjeese itti baqatu+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Geezer+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 22 Qibzaayim iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Beet Hooron+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota afur isaaniif ni kennan.
23 Gosa Daan keessaa, Eelteeqee iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Gibetoon iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 24 Ayiloon+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Gaat Rimoon iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota afur isaaniif ni kennan.
25 Walakkaa gosa Minaasee keessaa, Taʼaanaak+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Gaat Rimoon iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota lama isaaniif ni kennan.
26 Magaalonnii fi iddoowwan dheedichaa isaanii warri maatiiwwan Qehaatotaa warri hafan fudhatan walumaa galatti kudhan turan.
27 Geershononni+ warri maatiiwwan Leewwotaa keessaa taʼan walakkaa gosa Minaasee irraa magaalaa Goolaan+ ishii Baashaanitti argamtuu fi namni nama ajjeese itti baqatu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Beʼeeshteraa iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota lama ni fudhatan.
28 Gosa Yisaakor+ keessaa, Qiishiyon iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Daaberaat+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 29 Yaarmut iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Een Gaaniim iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota afur isaaniif ni kennan.
30 Gosa Asheer+ keessaa, Mishaal iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Abdoon iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 31 Helqaat+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Rehoob+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota afur isaaniif ni kennan.
32 Gosa Niftaalem keessaa, magaalaa Qeedesh+ ishii Galiilaa keessatti argamtuu fi namni nama ajjeese itti baqatu+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Hamoot Door iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Qaartaan iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota sadii isaaniif ni kennan.
33 Magaalonni Geershonotaaf akka maatii maatii isaaniitti kennaman walumaa galatti magaalota 13 fi iddoowwan dheedichaa isaanii turan.
34 Leewwonni warri hafan, jechuunis maatiiwwan Meraarotaa+ gosa Zaabiloon+ keessaa kanneen kana ni fudhatan: Yoqneʼaam+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Qaartaa iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 35 Dimnaa iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Nahaalaal+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota afur.
36 Gosa Ruuben keessaa, Beezer+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Yaahaaz iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+ 37 Qedemoot iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Mefaat iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota afur isaaniif ni kennan.
38 Gosa Gaad+ keessaa, magaalaa Raamot ishii Giiliyaaditti+ argamtuu fi namni nama ajjeese itti baqatu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Mahaanaayim+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 39 Heshboon+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Yaazeer+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis walumaa galatti magaalota afur isaaniif ni kennan.
40 Magaalonni maatiiwwan Leewwotaa warra hafaniif, jechuunis Meraarotaaf akka maatii maatii isaaniitti carraadhaan kennaman walumaa galatti magaalota 12 turan.
41 Magaalonni dhaala Israaʼelotaa gidduutti Leewwotaaf kennaman walumaa galatti magaalota 48 fi iddoowwan dheedichaa isaanii turan.+ 42 Magaalonni kun hundi naannoo isaanii hundumaatti iddoowwan dheedichaa qabu turan; gama kanaan hundi isaanii iyyuu wal fakkaatu turan.
43 Akka kanaan, Yihowaan biyya abbootii isaaniitiif akka kennu kakatee ture hundumaa Israaʼelotaaf ni kenne;+ isaanis biyyattii dhaalaan fudhatanii keessa jiraatan.+ 44 Kana malees, Yihowaan akkuma abbootii isaaniitiif kakatee+ turetti kallattii hundumaatiin boqonnaa isaaniif ni kenne; diinota isaanii hundumaa keessaa tokko illee isaan dura dhaabbachuu hin dandeenye.+ Yihowaan diinota isaanii hundumaa harka isaaniitti dabarsee ni kenne.+ 45 Waadaawwan gaggaarii Yihowaan mana Israaʼeliif gale hundumaa keessaa waadaan* tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne; hundi isaanii iyyuu raawwatamaniiru.+
22 Achiis Iyyaasuun Ruubenota, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasee waamee 2 akkana isaaniin jedhe: “Isin wanta Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isin ajaje hundumaa raawwattaniittu;+ wanta ani isin ajaje hundumaas ajajamtaniittu.+ 3 Yeroo kana hundumaatti, hamma harʼaatti obboloota keessan hin dhiisne;+ ajaja Waaqa keessan Yihowaa wajjin haala wal qabateen dirqama isin irra jirus eegdaniittu.+ 4 Amma Waaqni keessan Yihowaan akkuma waadaa isaaniif galetti obboloota keessaniif boqonnaa kenneera.+ Kanaafuu, amma gara dunkaanota keessan warra biyya Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe akka dhaaltaniif Yordaanos gamatti* isiniif kenne keessa jiranitti deebiʼuu dandeessu.+ 5 Haa taʼu malee, Waaqa keessan Yihowaa jaallachuudhaan,+ daandiiwwan isaa hundumaa irra deddeebiʼuudhaan,+ ajajawwan isaa eeguudhaan,+ isatti maxxanuudhaan,+ akkasumas garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan+ isa tajaajiluudhaan,+ ajajaa fi Seera Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isiniif kenne+ of eeggannoodhaan hojii irra oolchuu hin dagatinaa.”
6 Achiis Iyyaasuun erga isaan eebbisee booda isaan geggeesse; isaanis gara dunkaanota isaaniitti deebiʼan. 7 Museen walakkaa gosa Minaaseetiif Baashaan+ keessatti dhaala kennee kan ture yeroo taʼu, Iyyaasuun immoo Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin+ obboloota isaanii wajjin walakkaa gosa Minaasee isa hafeef lafa ni kenne. Kana malees, Iyyaasuun yeroo gara dunkaana isaaniitti isaan geggeessetti isaan eebbisee, 8 “Qabeenya hedduu, horiiwwan hedduu, meetii fi warqii, sibiila diimaa fi sibiila, akkasumas uffata baayʼee hedduu taʼe fudhadhaatii gara dunkaanota keessaniitti deebiʼaa.+ Wanta diinota keessan irraa boojitan fudhadhaatii obboloota keessanii wajjin hiradhaa”+ isaaniin jedhe.
9 Sana booda Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee Israaʼelota kaan biraa, jechuunis Shiiloo ishii biyya Kanaʼaan keessatti argamtu irraa kaʼanii gara biyya Giiliyaad+ ishii dhaala isaanii taatee fi ajaja Yihowaan Museedhaaf kenneen keessa buufatanii turanitti deebiʼan.+ 10 Gara naannoo Yordaanos isa biyya Kanaʼaan keessatti argamuu yommuu dhufanis, Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee Yordaanos biratti iddoo aarsaa guddaa fi dinqisiisaa taʼe tokko ni ijaaran. 11 Boodas Israaʼelonni kaan, “Kunoo, Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee daangaa biyya Kanaʼaan irratti naannoo Yordaanos keessa daangaa kan Israaʼelotaa taʼe irratti iddoo aarsaa ijaaraniiru” yommuu jedhamu ni dhagaʼan.+ 12 Israaʼelonnis yommuu kana dhagaʼan, guutummaan yaaʼii Israaʼelotaa dhaqanii isaan waraanuuf Shiilootti+ walitti qabaman.
13 Achiis Israaʼelonni Finahaas+ ilma Eleʼazaar lubichaa gara Ruubenotaatti, gara Gaadotaattii fi gara walakkaa gosa Minaasee warra Giiliyaad keessa jiraniitti ergan; 14 geggeessitoonni kudhanis isaa wajjin jiru turan; manneen abbootii gosoota Israaʼel hundumaa keessaa geggeessaan tokko tokko jira ture; tokkoon tokkoon isaaniis Israaʼelota kumaan lakkaaʼaman* keessatti dura buutota mana abbootii isaanii turan.+ 15 Isaan gara Ruubenotaa, gara Gaadotaa fi gara walakkaa gosa Minaasee warra biyya Giiliyaad keessatti argaman sanaatti dhufanii akkana isaaniin jedhan:
16 “Guutummaan yaaʼii Yihowaa akkana jedha: ‘Gochi amanamummaa dhabuu+ isin Waaqa Israaʼel irratti raawwattan kun maali dha? Isin ofii keessaniif iddoo aarsaa ijaaruu fi Yihowaa irratti fincila kaasuudhaan harʼa Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagaltaniittu.+ 17 Cubbuun Pheʼoritti raawwatame nutti hanqatee? Yaaʼii Yihowaa irratti dhaʼichi kan dhufe taʼus, nuti hamma harʼaatti isa irraa of hin qulqulleessine.+ 18 Harʼas isin Yihowaa duukaa buʼuu irraa deebitaniittu! Isin harʼa Yihowaa irratti yoo finciltan, inni immoo boru guutummaa yaaʼii Israaʼelitti ni dheekkama.+ 19 Kana kan gootan biyyi isin dhaaltan xurooftuu waan taateef yoo taʼe, gara biyya dhaala Yihowaa+ isa godoo qulqulluun Yihowaa keessa jiruutti+ ceʼaatii nu gidduu jiraadhaa; garuu Yihowaa irratti hin fincilinaa; isin iddoo aarsaa Waaqa keenya Yihowaa malees iddoo aarsaa ofii keessanii ijaaruudhaan finciltoota nu hin godhinaa.+ 20 Akaan+ ilmi Zeeraa wanta guutummaatti balleeffamuu qabuu wajjin haala wal qabateen amanamaa utuu hin taʼin yeroo hafetti, guutummaa yaaʼii Israaʼel irratti dheekkamsi hin dhufnee?+ Balleessaa inni raawwateen kan duʼe isa qofa hin turre.’”+
21 Yeroo kanatti Ruubenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee dura buutota kumaa* Israaʼeliif akkana jedhanii deebisan:+ 22 “Yihowaan Waaqa waaqolii ti! Yihowaan Waaqa waaqolii ti!+ Inni beeka, Israaʼelis ni beeka. Nuti fincilleerra yoo taʼee fi Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin hafneerra yoo taʼe harʼa nu hin dhiisinaa. 23 Nuti iddoo aarsaa kan ijaarranne Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagaluuf, akkasumas aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi aarsaawwan gamtaa achi irratti dhiheessuuf yoo taʼe Yihowaan nu adaba.+ 24 Nuti akkana kan goone wanti nu yaaddesse kan biraan waan jiruufi; akkana jennee yaanne: ‘Gara fuulduraatti ilmaan keessan, ilmaan keenyaan akkana jedhu: “Isin Yihowaa Waaqa Israaʼelii wajjin walitti dhufeenya maalii qabdu? 25 Yihowaan nuu fi isin warra Ruubenotaa fi Gaadota taatan gidduu Yordaanosiin akka daangaatti kaaʼeera. Isin Yihowaa biraa qooda hin qabdan.” Ilmaan keessanis ilmaan keenya Yihowaa akka hin waaqeffanne* ni dhowwu.’
26 “Kanaafuu, akkana jennee yaanne: ‘Kottaa iddoo aarsaa tokko ijaaruudhaan tarkaanfii haa fudhannu; iddoo aarsaa kana kan ijaarru garuu aarsaawwan gubaman yookiin aarsaawwan kan biroo irratti dhiheessuuf miti. 27 Kanaa mannaa, aarsaawwan gubaman, aarsaawwan kan biroo fi aarsaawwan gamtaa+ keenyaan Yihowaadhaaf tajaajila dhiheessuuf mirga akka qabnu isinii fi nu gidduutti,+ akkasumas sanyiiwwan* keenya warra nu booda dhufan gidduutti ragaa akka taʼuufi; kunis, gara fuulduraatti ilmaan keessan ilmaan keenyaan, “Isin Yihowaa biraa qooda hin qabdan” akka hin jenneefi.’ 28 Kanaafuu, akkana jennee yaanne: ‘Isaan gara fuulduraatti nuunis taʼe sanyiiwwan* keenyaan akkana yoo jedhan, nuti immoo, “Mallattoo iddoo aarsaa Yihowaa isa abbootiin keenya aarsaawwan gubamaniif yookiin aarsaawwan kan birootiif utuu hin taʼin, isinii fi nu gidduutti ragaa akka taʼuuf ijaaran kana ilaalaa” isaaniin jenna.’ 29 Iddoo aarsaa Waaqa keenya Yihowaa isa godoo qulqulluu fuuldura jiru irratti malee,+ aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi aarsaawwan kan biroo irratti dhiheessuuf iddoo aarsaa kan biraa ijaaruudhaan, Yihowaa irratti finciluunis taʼe harʼa Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagaluun+ nuuf wanta hin yaadamne dha!”
30 Finahaas lubichi, geggeessitoonni yaaʼichaa fi dura buutonni kumaa* Israaʼel warri isaa wajjin turan, wanta sanyiiwwan Ruuben, Gaadii fi Minaaseen dubbatan yommuu dhagaʼan ni gammadan.+ 31 Kanaafuu, Finahaas ilmi Eleʼazaar lubichaa sanyiiwwan Ruuben, Gaadii fi Minaaseetiin, “Isin Yihowaa irratti gocha amanamummaa dhabuu kana waan hin raawwanneef, harʼa Yihowaan nu gidduu akka jiru beekneerra. Amma isin Israaʼelota harka Yihowaa irraa oolchitaniittu” jedhe.
32 Achiis Finahaas ilmi Eleʼazaar lubichaa fi geggeessitoonni sun Ruubenotaa fi Gaadota warra biyya Giiliyaad keessatti argaman irraa gara biyya Kanaʼaanitti deebiʼanii wanta taʼe sana Israaʼelota kaanitti ni himan. 33 Israaʼelonnis wanta dhagaʼanitti ni gammadan. Achiis Israaʼelonni Waaqayyoon ni jajatan; sana booda dhaqanii Ruubenotaa fi Gaadota waraanuudhaan biyya isaan keessa jiraatan balleessuu ilaalchisee waan tokko illee hin dubbanne.
34 Kanaafuu, Ruubenonnii fi Gaadonni, “Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaatiif kun nu gidduutti ragaa dha” jechuudhaan iddoo aarsichaatiif maqaa ni moggaasan.*
23 Yihowaan Israaʼelotaaf diinota naannoo isaaniitti argaman hundumaa irraa boqonnaa erga kennee+ guyyoota hedduu booda, Iyyaasuunis dulloomee yeroo umuriin isaa sokketti,+ 2 Iyyaasuun Israaʼelota hundumaa, jaarsolii isaanii, dura buutota isaanii, abbootii murtii isaanii fi geggeessitoota isaanii+ waamee+ akkana isaaniin jedhe: “Ani dulloomeera, umuriin koos sokkeera. 3 Isiniif lolaa kan ture Waaqa keessan Yihowaa waan taʼeef,+ wanta Waaqni keessan Yihowaan isiniif jecha saboota kana hundumaa irratti raawwate hunda ijuma keessaniin argitaniittu. 4 Kunoo, ani biyya sabootaa isa hafe, akkasumas biyya saboota ani balleesse hundumaa,+ Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin* hamma Galaana Guddaatti* carraadhaan+ gosoota keessaniif akka dhaalaatti hihireera.+ 5 Isin duraa kan isaan ariʼe Waaqa keessan Yihowaa dha;+ Waaqni keessan Yihowaan akkuma waadaa isiniif galettis,+ isin duraa isaan ariʼeera; isinis biyya isaanii dhaalaan fudhattaniittu.
6 “Ammas wanta kitaaba Seera+ Musee irratti barreeffame hundumaa eeguu fi raawwachuuf baayʼee onnatoo taʼaa; kanas kan gootan wanta barreeffame irraa matumaa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti jalʼachuu dhiisuudhaan,+ 7 akkasumas matumaa saboota warra isin biratti hafan kanatti makamuu dhiisuudhaani.+ Isin maqaa waaqolii isaanii illee hin dhaʼinaa,+ isaaniin hin kakatinaa, matumaa isaan hin tajaajilinaa yookiin isaaniif hin sagadinaa.+ 8 Kanaa mannaa, akkuma hamma harʼaatti gootan Waaqa keessan Yihowaatti maxxanaa.+ 9 Yihowaan saboota guguddoo fi jajjaboo taʼan isin duraa ni ariʼa;+ hamma harʼaattis namni tokko illee isin dura dhaabbachuu hin dandeenye.+ 10 Akkuma waadaa isiniif galetti+ kan isiniif lolu Waaqa keessan Yihowaa waan taʼeef,+ isin keessaa namni tokko nama kuma ni ariʼa.+ 11 Kanaafuu, Waaqa keessan Yihowaa jaalladhaa;+ akka kanaan yeroo hundumaa of eeggadhaa.+
12 “Haa taʼu malee, isin guutummaatti duubatti deebitanii warra saboota sana irraa isin biratti hafan kanatti+ maxxantanii gaaʼelaan yoo walitti firoomtan,+ michoota isaanii yoo taatanii fi isaanis michoota keessan yoo taʼan, 13 kana booda Waaqni keessan Yihowaan saboota kana isin duraa akka hin ariine beekkadhaa.+ Hamma isin biyya gaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa balleeffamtanitti isaan kiyyoo fi hudhaa isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee,+ ija keessanitti immoo qoree ni taʼu.
14 “Kunoo, ani duʼuufan jedha;* waadaawwan gaggaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif gale hundumaa keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin akka hin hafne isin garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan akka gaariitti beektu. Hundi isaanii iyyuu isiniif raawwatamaniiru. Isaan keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne.+ 15 Taʼus, waadaawwan gaggaariin Waaqni keessan Yihowaan isiniif gale hundi akkuma isiniif raawwatamanitti,+ Yihowaan dhaʼichawwan akka fidu dubbate hundumaa* isin irratti fidee biyya Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa haxaaʼee isin ni balleessa.+ 16 Kakuu Waaqa keessan Yihowaa isa inni akka eegdaniif isin ajaje yoo cabsitan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi isaaniif yoo sagaddan, dheekkamsi Yihowaa isin irratti ni bobaʼa;+ isinis yeruma sana biyya gaarii inni isiniif kenne irraa ni balleeffamtu.”+
24 Achiis Iyyaasuun gosoota Israaʼel hundumaa Sheekemitti walitti qabe; jaarsolii Israaʼel, dura buutota isaanii, abbootii murtii isaanii fi geggeessitoota isaaniis+ ni waame; isaanis Waaqa dhugaa dura dhaabbatan. 2 Iyyaasuunis guutummaa sabichaatiin akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Abbaa Abrahaamii fi abbaa Naahor kan taʼe Taaraa dabalatee, abbootiin keessan+ warri bara dheeraa dura turan+ Lagicha* gama jiraatu turan; isaanis waaqolii kan biroo tajaajilaa turan.+
3 “‘Anis yeroo booda abbaa keessan Abrahaamiin+ Lagicha* gamaa fuudhee guutummaa biyya Kanaʼaan keessa akka deemu nan godhe; sanyii isaas nan baayʼise.+ Yisihaaqiin isaaf nan kenne;+ 4 Yisihaaqiif immoo Yaaqoobii fi Esaawuun nan kenne.+ Boodas, Esaawuuf Gaara Seʼiir dhaalaan nan kenne;+ Yaaqoobii fi ilmaan isaa immoo gara Gibxiitti gad ni buʼan.+ 5 Boodas Musee fi Aaroniin ergee+ warra Gibxii wantan isaan gidduutti raawwadheen nan rukute;+ isiniin immoo achi keessaa nan baase. 6 Yommuun biyya Gibxii keessaa abbootii keessan baasettii+ fi yommuu isin gara galaanichaa dhuftanitti, warri Gibxii gaariiwwan fardaa waraanaa fi abbootii fardeeniitiin hamma Galaana Diimaatti abbootii keessan ariʼaa turan.+ 7 Abbootiin keessanis gara Yihowaatti iyyachuu jalqaban;+ kanaafuu, inni isinii fi warra Gibxii gidduu dukkana ni kaaʼe; achiis galaanicha isaan irratti deebisee isaan uwwise;+ isinis wanta ani Gibxii keessatti raawwadhe ijuma keessaniin argitaniittu.+ Sana booda, waggoota* hedduudhaaf lafa onaa keessa jiraattan.+
8 “‘Anis gara biyya Amoorotaa warra Yordaanos gama* jiraachaa turanitti isin nan fide; isaanis isin irratti waraana banan.+ Isin biyya isaanii dhaalaan fudhachuu akka dandeessaniif, ani harka keessanitti dabarsee isaan nan kenne; isin duraas haxaaʼee isaan nan balleesse.+ 9 Achiis Baalaaq ilmi Ziphoor inni mootii Moʼaab taʼe kaʼee Israaʼel irratti waraana bane. Kanaafuu, inni akka isin abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼoriin ni waame.+ 10 Taʼus ani Balaʼaamiin hin dhageenye.+ Kanaafuu, inni irra deddeebiʼee isin ni eebbise;+ anis harka isaa irraa isin nan oolche.+
11 “‘Sana booda isin Yordaanosiin ceetanii+ gara Yerikoo dhuftan.+ Geggeessitoonni* Yerikoo, jechuunis Amooronni, Pheriizonni, Kanaʼaanonni, Heetonni, Girgaashonni, Hiiwonnii fi Yebuusonni isin irratti waraana banan; ani garuu harka keessanitti dabarsee isaan nan kenne.+ 12 Kanaafuu, ani naasuu* isaanitti nan erge; naasuun kunis mootota Amoorotaa lamaan isin duraa ni ariʼe.+ Kun kan taʼe goraadee keessanii fi iddaa keessaniin miti.+ 13 Akka kanaan ani lafa isin itti hin dadhabnee fi magaalota isin hin ijaarre isiniif nan kenne;+ isinis isaan keessa ni jiraattan. Ammas mukeetii wayinii fi mukeetii ejersaa* hin dhaabne irraa nyaachaa jirtu.’+
14 “Kanaafuu, Yihowaa sodaadhaa; garaa qulqulluu* fi amanamummaadhaan* isa tajaajilaa;+ waaqolii ormaa warra abbootiin keessan Lagicha* gamattii fi biyya Gibxii keessatti+ tajaajilan of biraa balleessaatii Yihowaa tajaajilaa. 15 Ammas Yihowaa tajaajiluun hamaa taʼee yoo isinitti mulʼate, waaqolii abbootiin keessan Lagicha* gamatti+ tajaajilan yookiin waaqolii Amoorotaa warra isin biyya isaanii keessa jiraachaa jirtan+ kanaa keessaa isa kam akka tajaajiltan harʼa filadhaa.+ Anii fi maatiin koo garuu Yihowaa tajaajilla.”
16 Yeroo kanatti sabichi akkana jedhee deebise: “Yihowaa dhiisuunii fi waaqolii kan biroo tajaajiluun nuuf wanta hin yaadamne dha. 17 Inni nuu fi abbootii keenya biyya Gibxii keessaa mana garbummaa+ jalaa baase,+ inni ija keenya duratti mallattoowwan guguddaa kana raawwate,+ akkasumas inni daandii irra deemne hundumaa irrattii fi saboota keessa darbine hundumaa gidduutti+ nu eegaa ture Waaqa keenya Yihowaa dha. 18 Yihowaan Amoorota dabalatee saboota warra nu dura biyyattii keessa jiraachaa turan hundumaa ariʼeera. Kanaafuu, nutis Yihowaa tajaajilla; sababiin isaas inni Waaqa keenya dha.”
19 Achiis Iyyaasuun sabichaan akkana jedhe: “Isin Yihowaa tajaajiluu hin dandeessan; sababiin isaas inni Waaqa qulqulluu dha;+ akkasumas Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+ Inni balleessaa* keessanii fi cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.+ 20 Isin Yihowaa dhiistanii waaqolii ormaa yoo tajaajiltan, inni sana dura wanta gaarii kan isiniif godhe taʼus, isinitti garagalee haxaaʼee isin balleessa.”+
21 Sabichi garuu Iyyaasuudhaan, “Lakki, nuti Yihowaa tajaajilla!”+ jedhe. 22 Kanaafuu, Iyyaasuun sabichaan, “Isin fedhii keessaniin of irratti ragoota taataniittu; ofuma keessaniinis Yihowaa tajaajiluu filattaniittu”+ jedhe. Isaanis deebisanii, “Nuti ragoota dha” jedhan.
23 Iyyaasuunis, “Kanaafuu, waaqolii ormaa warra isin gidduu jiran of biraa balleessaa; garaa keessan guutuudhaanis gara Yihowaa Waaqa Israaʼelitti deebiʼaa” isaaniin jedhe. 24 Isaanis Iyyaasuudhaan, “Nuti Waaqa keenya Yihowaa ni tajaajilla; sagalee isaatiifis ni ajajamna!” jedhan.
25 Iyyaasuunis guyyaa sanatti sabichaa wajjin kakuu gale; isaaniifis Sheekem keessatti dambii fi seera hundeesse. 26 Achiis Iyyaasuun dubbii kana kitaaba Seera Waaqayyoo+ irratti ni barreesse; dhagaa guddaa tokkos fuudhee+ muka guddaa iddoo qulqulluu Yihowaa biratti argamu jala ni dhaabe.
27 Iyyaasuunis itti fufuudhaan guutummaa sabichaatiin, “Kunoo, dhagaan kun wanta Yihowaan nuun jedhe hundumaa waan dhagaʼeef, nu irratti ragaa taʼee ni tajaajila;+ Waaqa keessan akka hin gannetti isin irrattis ragaa taʼee ni tajaajila” jedhe. 28 Sana booda Iyyaasuun namoota sana tokkoon tokkoon isaanii gara dhaala dhaala isaaniitti+ ni geggeesse.
29 Wantoota kana booda, Iyyaasuun ilmi Nuun inni tajaajilaa Yihowaa ture umurii isaa waggaa 110tti ni duʼe.+ 30 Kanaafuu, isaan naannoo dhaala isaa keessatti, jechuunis Timnaat Seeraa+ ishii kaaba Gaara Gaʼaashitti naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamtu keessatti isa awwaalan. 31 Israaʼelis guutummaa bara Iyyaasuutti, guutummaa bara jaarsolii warra Iyyaasuu boodas lubbuudhaan turanittii fi wanta Yihowaan Israaʼeliif godhe hundumaa beekanitti Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufe.+
32 Lafeen Yoseef+ inni Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa fuudhanii baʼan lafa xinnoo Yaaqoob ilmaan Hamoor+ irraa meetii 100n bite keessatti awwaalamee ture;+ Sheekem ilmaan Hamoor keessaa tokko ture; iddoon sunis dhaala ilmaan Yoseef ni taʼe.+
33 Eleʼazaar ilmi Aaronis ni duʼe.+ Kanaafuu, isaan Tabba ilma isaa Finahaas+ isa naannoo gaarotaa Efreem keessatti isaaf kenname keessatti isa ni awwaalan.
Ykn., “Yehoshuwaa,” “Yihowaan Fayyisaa Dha” jechuu dha.
Jechuunis, Meditiraaniyaa.
Ykn., “lixa biiftuutiin.”
Ykn., “halkanii fi guyyaas irratti xiinxali.”
Jechuunis, kallattii bahaatiin.
Jechuunis, kallattii bahaatti.
Kal., “garaan keenya ni baqe.”
Ykn., “lubbuu keenya.”
Ykn., “harki tokko yoo irra kaaʼame.”
Kal., “ilmaan Israaʼel.”
Gara 890 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “keessa akkuma boqoteen.”
Ykn., “girgiddaatti.”
Ykn., “girgiddaatti.”
Jechuunis, Galaana Duʼaatti.
Kal., “ilmaan.”
Ykn., “yaadachiisa.”
Kal., “isa ni sodaatan.”
Kal., “kallattii galaanichaatiin.”
Kal., “garaan isaanii ni baqe.”
Kal., “sana booda hafuurri tokko illee isaan keessatti hin hafne.”
“Tabba Qolofaa” jechuu dha.
Ykn., “dhiirota umuriin isaanii loltuu taʼuuf gaʼe.”
“Gangalchuu; Achi Gangalchuu” jechuu dha.
Ykn., “ajajaa.”
Ykn., “fiinoo.” Kal., “gaanfa korbeessa hoolaa.”
Ykn., “sagalee dheeraa.”
Ykn., “rakkina; jibba.”
Ykn tarii, “kakaa kana sabicha ni kaksiise.”
“Kaabaa Dhagaa” jechuu dha.
Jechuunis, kallattii bahaatti.
Ykn., “dugda garagalfatee.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Ykn., “rakkina; jibba.”
“Badiisa; Jibba” jechuu dha.
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Kal., “deeman.”
Jechuunis, Meditiraaniyaa.
Ykn., “garboota.”
Jechuunis, kallattii bahaatti.
Ykn., “ni qoratan.”
Kal., “Tajaajiltoota kee irraa harka kee hin buusin.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Kal., “arraba isaa qarachuuf.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “Arabaa.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Kal., “Shefelaa.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Jechuunis, haroo Genesaarex ykn Galaana Galiilaa.
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Ykn., “moʼamuu.”
Ykn., “Shihoor.”
Kal., “fuullee Gibxiitti.”
Ykn., “karra Hamaatitti.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “pilaatoo.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Jechuunis, mootota Sihooniif bitamaa turan.
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Jechuunis, haroo Genesaarex ykn Galaana Galiilaa.
Jechuunis, kallattii bahaatti.
Kal., “dubbii akkuma garaa koo taʼe.”
Kal., “garaan sabichaa akka baqu kan godhan.”
Kal., “guutummaatti.”
Ykn., “kan jiru fakkaata.”
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechuunis, Galaana Guddaa, Meditiraaniyaa.
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Jechuunis, Meditiraaniyaa.
Ykn tarii, “harree irra teessee harka ishii walitti rukutte.”
Ykn., “Negeebitti.”
“Miʼawwan (Saaniiwwan) Bishaanii” jechuu dha.
Ykn tarii, “Gederaa fi golawwan hoolaa ishii.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Jechuunis, Meditiraaniyaa.
Jechuunis, kallattii bahaatti.
Kal., “gara mirgaatiin.”
Kal., “isaan.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Kal., “naaf.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”
Kal., “gaariiwwan fardaa sibiilaa.”
Kal., “gaariiwwan fardaa sibiilaa.”
Ykn., “Lafa Gad Buʼaa.”
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Ykn., “laga gogaa.”
Ykn., “utuu hin beekin.”
Ykn., “lubbuu rukute.”
Ykn., “utuu hin beekini.”
Ykn., “ni qulqulleessan.”
Ykn., “pilaatoo.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “jechi.”
Jechuunis, kallattii bahaatti.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “qomoowwan Israaʼel.”
Ykn., “qomoowwan.”
Kal., “hin sodaanne.”
Kal., “dhalootawwan.”
Kal., “dhalootawwan.”
Ykn., “qomoowwan.”
Ibsa kenname irraa hubachuun akka dandaʼamutti, iddoon aarsaa kun Ragaa jedhamee kan moggaafame fakkaata.
Ykn., “lixa biiftuutiin.”
Jechuunis, Meditiraaniyaatti.
Kal., “Ani harʼa daandii lafaa hunda deemuufan jedha.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “abaarsa sana hundumaa.”
Jechuunis, Efraaxis.
Jechuunis, Efraaxis.
Kal., “guyyoota.”
Jechuunis, kallattii bahaatiin.
Ykn tarii, “Abbootiin lafaa.”
Ykn tarii, “jeequmsa; sodaa.”
Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
Ykn., “karaa mudaa hin qabnee.”
Ykn., “dhugaadhaan.”
Jechuunis, Efraaxis.
Jechuunis, Efraaxis.
Ykn., “fincila.”