WANGEELA MAARQOS
1 Misiraachoon waaʼee Yesuus Kiristoos Ilma Waaqayyoo ibsu kana irraa jalqaba: 2 Isaayyaas raajichi akkana jedhee barreesseera: “(Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si* dura nan erga.)+ 3 Sagaleen tokko lafa onaa keessaa, ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa’ jedhee iyya.”+ 4 Yohaannis Cuuphaan, cuuphaa isa mallattoo yaada geddarannaa taʼee fi dhiifama cubbuu argachuuf karaa banu lafa onaa keessatti lallaba ture.+ 5 Guutummaan naannoo Yihudaa fi jiraattonni Yerusaalem hundi gara isaa dhaqanii cubbuu isaanii ifatti himachaa Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamu* turan.+ 6 Yohaannis uffata rifeensa gaalaa irraa tolfame uffata, mudhii isaas qabattoo gogaa irraa tolfameen hidhata ture;+ akkasumas awwaannisaa fi damma bosonaa nyaata ture.+ 7 Inni akkana jedhee lallaba ture: “Namni ana caalaa jabaa taʼe tokko na booda dhufaa jira; ani gad jedhee hidhaa kophee isaa illee hiikuuf gaʼumsa hin qabu.+ 8 Ani bishaaniinan isin cuuphe; inni garuu hafuura qulqulluudhaan+ isin cuupha.”
9 Bara sanatti Yesuus Naazireet ishii Galiilaatti argamtu irraa dhufee Laga Yordaanositti Yohaannisiin cuuphame.+ 10 Akkuma bishaan keessaa ol baʼeenis samiiwwan utuu banamanii fi hafuurri qulqulluun akka gugeetti* utuu isa irra buʼuu+ arge. 11 Achiis sagaleen, “Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada”+ jedhu tokko samii irraa ni dhufe.
12 Yeruma sanas hafuurri gara lafa onaa akka dhaqu isa kakaase. 13 Kanaafuu, Seexanaan qoramaa guyyaa 40f lafa onaa keessa ture.+ Inni bineensota bosonaa wajjin ture; taʼus maleekonni isa tajaajilu turan.+
14 Yohaannis erga hidhamee booda, Yesuus misiraachoo Waaqayyoo lallabaa+ gara Galiilaa dhaqe;+ 15 Inni, “Yeroon murteeffame gaʼeera; Mootummaan Waaqayyoos dhihaateera. Kanaafuu, yaada geddaradhaa;+ misiraachichattis amanaa” jedha ture.
16 Qarqara Galaana Galiilaa utuu deemaa jiruu, Simoonii fi obboleessi Simoon Indiriyaas+ utuu saaphana isaanii galaanatti darbatanii+ arge; isaan qurxummii kan qaban turan.+ 17 Kanaafuu Yesuus, “Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan godha”+ isaaniin jedhe. 18 Isaanis yeruma sana saaphana isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.+ 19 Erga xinnoo adeemee booda, Yaaqoob ilmi Zabdewosii fi obboleessi isaa Yohaannis bidiruu isaanii keessatti utuu saaphana isaanii suphanii isaan argee,+ 20 yeruma sana isaan waame. Kanaafuu, isaan abbaa isaanii Zabdewosiin namoota mindeeffamanii wajjin bidiricha keessatti dhiisanii isa duukaa buʼan. 21 Achiis gara Qifirnaahom deeman.
Akkuma guyyaan Sanbataa gaʼeenis mana sagadaa seenee barsiisuu jalqabe.+ 22 Namoonnis akkaataa inni itti barsiisu baayʼee dinqisiifatan; sababiin isaas, inni akka barsiisota seeraatti* utuu hin taʼin, akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisa ture.+ 23 Yeroo kanatti namni hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa isaanii keessa jira ture; inni akkana jedhee iyye: 24 “Yaa Yesuus nama Naazireet, nuyii fi ati maal wal irraa qabna?+ Nu balleessuu dhuftee? Ati Qulqullicha Isa Kan Waaqayyoo taʼuu kee sirriittan beeka!”+ 25 Yesuus garuu, “Cal jedhi, isa keessaas baʼi!” jedhee isa ifate. 26 Hafuurri xuraaʼaan sunis namicha erga dhidhiittachiisee booda, caraanee isa keessaa baʼe. 27 Yeroo kanatti namoonni sun hundi baayʼee dinqisiifatanii, “Kun maali? Barumsa haaraa dha! Inni hafuurota xuraaʼoo illee aangoodhaan ajaja; isaanis isaaf ajajamu” jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban. 28 Kanaan kan kaʼes, oduun waaʼee isaa dubbatamu kallattii hundumaatiin guutummaa naannoo Galiilaa keessatti saffisaan babalʼate.
29 Achiis mana sagadaa keessaa baʼanii, Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin gara mana Simoonii fi Indiriyaas dhaqan.+ 30 Yeroo kanatti amaatiin Simoon+ dhukkuba dhaqna gubaatiin qabamtee ciistee turte; isaanis yeruma sana waaʼee ishii isatti himan. 31 Innis gara ishii dhaqee harka ishii qabee ol ishii kaase. Dhaqna gubaan sunis ishii ni gadhiise; ishiinis isaan tajaajiluu jalqabde.
32 Galgala erga aduun lixxee booda, namoonni warra dhukkubsatanii fi jinniidhaan qabaman hunda gara isaatti fiduu jalqaban;+ 33 namoonni magaalattii hundis balbalicha duratti walitti qabaman. 34 Kanaafuu, inni namoota dhukkuba adda addaatiin qabaman hedduu ni fayyise;+ jinniiwwan hedduus ni baase; taʼus, jinniiwwan kun inni Kiristoos taʼuu isaa* waan beekaniif akka dubbatan isaaniif hin heyyamne.
35 Ganama barii utuma lafti hin ifin kaʼee gad baʼuudhaan bakka namni hin jirre dhaqee achitti kadhachuu jalqabe.+ 36 Simoonii fi namoonni isaa wajjin turan garuu cimsanii isa barbaadan; 37 yommuu isa argatanis, “Namni hundi si barbaadaa jira” isaan jedhan. 38 Inni garuu, “Achittis akkan lallabuuf kottaa gara magaalota dhihoo jiranii haa dhaqnu; sababiin isaas, ani kanaafan dhufe”+ isaaniin jedhe. 39 Achiis manneen sagadaa isaanii keessatti lallabaa fi jinniiwwan baasaa guutummaa Galiilaa keessa naannaʼe.+
40 Achittis namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, na fayyisuu* dandeessa”+ jedhee isa kadhate. 41 Yesuusis baayʼee isaaf gaddee, harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”*+ isaan jedhe. 42 Yeruma sana dhukkubni nadaayii sun isa irraa bade, namichis ni fayye.* 43 Achiis Yesuus cimsee isa akeekkachiisuudhaan yeruma sana isa geggeesse: 44 “Eenyutti iyyuu homaa akka hin dubbanne of eeggadhu; garuu dhaqiitii lubichatti of argisiisi; isaaniif ragaa akka taʼuttis akkuma Museen ajajetti+ qulqullaaʼuu keetiif kennaa dhiheessi”+ isaan jedhe. 45 Namichi garuu erga achii deemee booda wanta kana balʼinaan labsuu fi odeessuu jalqabe; kanaan kan kaʼes, sana booda Yesuus ifatti gara magaalaatti seenuu hin dandeenye; kanaa mannaa, magaalaadhaa ala bakka namni hin jirre jiraachuu jalqabe. Taʼus, namoonni kallattii hundumaa irraa gara isaa dhufu turan.+
2 Haa taʼu malee, Yesuus guyyoota muraasa booda ammas gara Qifirnaahom dhufe; akka inni mana keessa+ jirus balʼinaan odeeffame. 2 Namoonni hedduun achitti waan walitti qabamaniif manichi ni guute; balbala dura illee iddoon hin jiru ture; innis dubbicha isaaniif lallabuu jalqabe.+ 3 Jarri tokkos namicha lamshaaʼaa namoota afuriin baatame gara isaatti fidan.+ 4 Taʼus, isaan baayʼina namootaatiin kan kaʼe gara Yesuusitti isa dhiheessuu hin dandeenye; kanaafuu, Yesuus gubbaadhaan baaxii manichaa diiganii siree namichi lamshaaʼe sun irra ciise gad buusan. 5 Yesuus amantii isaanii yommuu argu,+ namicha lamshaaʼe sanaan, “Ilma koo, cubbuun kee siif dhiifameera”+ jedhe. 6 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa achi turan tokko tokko taaʼanii garaa isaaniitti akkana jedhanii yaadu turan:+ 7 “Namni kun maaliif akkana jedha? Inni Waaqayyoon arrabsaa jira. Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuudhaaf dhiifama gochuu dandaʼa?”+ 8 Yesuus garuu yeruma sana isaan garaa isaaniitti kana yaadaa akka jiran hafuura isaatiin waan hubateef akkana isaaniin jedhe: “Garaa keessanitti maaliif wantoota akkanaa yaaddu?+ 9 Namicha lamshaaʼe kanaan, ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii siree kee baadhuu deemi’ jechuutu salphata? 10 Haa taʼu malee, Ilmi namaa+ lafa irratti dhiifama cubbuu gochuuf aangoo qabaachuu isaa+ akka hubattaniif” erga jedhee booda, namicha lamshaaʼe sanaan akkana jedhe: 11 “Ani siin nan jedha, kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee deemi!” 12 Namichis yeruma sana kaʼee siree isaa baatee hundi isaanii utuu isa ilaalanii baʼee deeme. Kanaafuu, namoonni sun hundi baayʼee dinqisiifatanii, “Nuti matumaa wanta akkanaa arginee hin beeknu”+ jedhanii Waaqayyoof ulfina kennan.
13 Yesuus ammas gara qarqara galaanaa deeme; namoonni sun hundis gara isaa ni dhufu turan; innis isaan barsiisuu jalqabe. 14 Utuu darbaa jiruus, Leewwii ilmi Alfewoos bakka qaraxni itti sassaabamu taaʼee isa argee, “Duuka buutuu koo taʼi” isaan jedhe. Yeroo kanatti inni kaʼee isa duukaa buʼe.+ 15 Boodas utuu inni mana Leewwiitti maaddiitti dhihaatee jiruu, namoonni qaraxa sassaabanii fi cubbamoonni hedduun Yesuusii fi barattoota isaa wajjin maaddiitti dhihaatan; sababiin isaas, isaan keessaa hedduun isaanii isa duukaa buʼaa turan.+ 16 Haa taʼu malee, barsiisonni seeraa Fariisota taʼan yeroo inni cubbamootaa fi warra qaraxa sassaabanii wajjin nyaatu arganii barattoota isaatiin, “Inni akkamitti warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaata?” jechuu jalqaban. 17 Yesuus kana yommuu dhagaʼu, “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu. Ani namoota qajeeloo utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe”+ isaaniin jedhe.
18 Barattoonni Yohaannisii fi Fariisonni ni soomu turan. Kanaafuu, isaan gara isaa dhufanii, “Barattoonni Yohaannisii fi barattoonni Fariisotaa kan sooman, barattoonni kee garuu kan hin soomne maaliifi?”+ jedhanii isa gaafatan. 19 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Michoonni misirrichaa utuu misirrichi+ isaanii wajjin jiruu sababii itti soomaniif qabuu? Hamma misirrichi isaan bira jirutti soomuu hin dandaʼan. 20 Garuu guyyaan misirrichi isaan irraa itti fudhatamu ni dhufa;+ isaan guyyaa sanatti ni soomu. 21 Eenyu iyyuu uffata moofaa irratti erbee haaraa hin erbu. Akkana yoo godhe erbeen haaraan sun shushuntuuree uffata sana caalaatti tarsaasa.+ 22 Kana malees, eenyu iyyuu daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqu. Akkana yoo godhe garuu, daadhiin wayinii sun qalqalloo sana dhoosa; sana booda daadhiin wayinii sun ni dhangalaʼa; qalqalloon sunis faayidaadhaa ala taʼa. Haa taʼu malee, daadhiin wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqama.”
23 Yesuus guyyaa Sanbataatti maasii midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas utuu deemanii asheeta cirachuu jalqaban.+ 24 Kanaafuu Fariisonni, “Ilaali, wanta guyyaa Sanbataatti seeraan dhorkame maaliif godhu?” isaan jedhan. 25 Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo wanta nyaatan dhabanii beelaʼan maal akka godhe matumaa hin dubbisnee?+ 26 Seenaa waaʼee Abiyaataar+ dura buʼaa lubootaa ibsu keessatti, Daawit mana Waaqayyoo keessa seenee daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu* isa luboota malee eenyu illee akka nyaatu hin heyyamamne+ akka nyaatee fi namoota isaa wajjin turaniifis akka kenne hin dubbisnee?” 27 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Sanbatatu namaaf uumame+ malee, namni Sanbataaf hin uumamne. 28 Kanaafuu, Ilmi namaa Sanbataaf illee Gooftaa dha.”+
3 Yesuus ammas mana sagadaatti kan seene yeroo taʼu, namichi harki isaa lamshaaʼe tokko achi ture.+ 2 Kanaafuu, isaan Yesuus irratti himata dhiheessuuf jedhanii guyyaa Sanbataatti namicha kan fayyisu taʼuu fi dhiisuu isaa xiyyeeffannaadhaan hordofu turan. 3 Innis namicha harki isaa lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii gara gidduutti kottu” jedhe. 4 Achiis, “Guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuu moo wanta hamaa gochuu, lubbuu fayyisuu moo ajjeesuutu heyyamama?”+ isaaniin jedhe. Isaan garuu ni callisan. 5 Mata jabina isaaniitti+ baayʼee gaddee aariidhaan warra naannoo isaa jiran erga ilaalee booda, namichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. Namichis harka isaa diriirse; harki isaas deebiʼee fayye. 6 Fariisonni yeruma sana gad baʼanii, isa ajjeesuuf hordoftoota Heroodisii+ wajjin isa irratti mariʼachuu jalqaban.
7 Yesuus garuu barattoota isaa wajjin gara galaanichaa dhaqe; namoonni Galiilaa fi Yihudaadhaa dhufan hedduunis isa duukaa buʼan.+ 8 Wantoota hedduu inni hojjete yommuu dhagaʼan, Yerusaalemii fi Edoomiyaa irraa, akkasumas Yordaanos gama, naannoo Xiirosii fi Siidoon irraa illee namoonni hedduun gara isaa ni dhufan. 9 Yeroo kanatti namoonni hedduun sun akka isa hin dhiibneef, barattoonni isaa bidiruu xinnoo akka isaaf qopheessan itti hime. 10 Inni namoota hedduu waan fayyiseef, namoonni dhukkuba ciccimaa qaban hundi isa tuquuf+ isatti marsanii wal dhiibu turan. 11 Hafuuronni xuraaʼoon+ illee, yommuu isa argan hundatti isa duratti kufanii, “Ati Ilma Waaqayyoo ti” jedhanii iyyu turan.+ 12 Haa taʼu malee, inni eenyummaa isaa akka hin beeksisne yeroo baayʼee cimsee isaan ajaja ture.+
13 Gaara tokkotti ol baʼees namoota barbaade+ ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan.+ 14 Achiis namoota 12 filatee* ergamoota jedhee moggaase; kanas kan godhe isaa wajjin akka taʼanii fi lallabaaf isaan erguuf, 15 akkasumas jinniiwwan baasuuf aangoo akka qabaataniif+ ture.
16 Namoonni 12n+ inni filates* warra kana: Simoon isa inni Pheexiros+ jedhee moggaase, 17 Yaaqoob ilma Zabdewosii fi Yohaannis obboleessa Yaaqoob (inni obbolaa kana “Boʼanerges” jechuunis, “Ilmaan Kakawwee”+ jedhee moggaase), 18 Indiriyaas, Filiphoos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewoos, Simoon isa hinaafticha, 19 akkasumas Yihudaa Asqoroticha isa yeroo booda dabarsee isa kenne.
Achiis gara mana tokkoo ni seene; 20 ammas namoonni hedduun achitti waan walitti qabamaniif, isaan nyaata nyaachuuf illee carraa hin arganne. 21 Firoottan isaa garuu yommuu kana dhagaʼan, “Maraateera” jedhanii isa qabuu dhaqan.+ 22 Barsiisonni seeraa Yerusaalemii dhufanis, “Biʼeelzebultu* isa keessa jira; inni jinniiwwan kan baasu bulchaa jinniiwwaniitiini”+ jedhu turan. 23 Kanaafuu, erga ofitti isaan waamee booda akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: “Seexanni akkamitti Seexana baasuu dandaʼa? 24 Mootummaan tokko yoo wal qoqqoode, mootummaan sun jabaatee dhaabbachuu hin dandaʼu;+ 25 manni tokkos yoo wal qoqqoode, manni sun jabaatee dhaabbachuu hin dandaʼu. 26 Seexannis of irratti kaʼee yoo of qoqqoode, ni bada malee jabaatee dhaabbachuu hin dandaʼu. 27 Eenyu iyyuu nama humna guddaa qabu tokko jalqaba utuu hin hidhin mana isaa seenee qabeenya isaa saamuu hin dandaʼu. Mana isaa saamuu kan dandaʼu akkana yoo godhe qofa dha. 28 Dhuguman isiniin jedha, cubbuun ilmaan namootaa hojjetanii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi isaaniif ni dhiifama. 29 Haa taʼu malee, namni hafuura qulqulluu arrabsu kam iyyuu bara baraaf cubbamaa+ taʼa malee dhiifama hin argatu.”+ 30 Inni akkana kan jedhe, isaan, “Hafuura xuraaʼaatu isa keessa jira”+ waan jedhaniif ture.
31 Yeroo kanatti haati isaa fi obboloonni isaa+ dhufanii ala dhaabbatanii ol seenee Yesuusiin akka isaaniif waamu nama tokko ergan.+ 32 Namoonni hedduun isatti marsanii taaʼanii utuu jiraniis, “Kunoo, haati tee fi obboloonni kee ala dhaabbatanii si barbaadaa jiru”+ isaan jedhan. 33 Yesuus garuu deebisee, “Haati tiyyaa fi obboloonni koo eenyu faʼi?” isaaniin jedhe. 34 Achiis warra isatti marsanii jiran sana ilaalee akkana jedhe: “Kunoo, haati tiyyaa fi obboloonni koo warra kana!+ 35 Namni fedhii Waaqayyoo raawwatu hundi, obboleessa, obboleettii fi haadha koo ti.”+
4 Yesuus ammas qarqara galaanichaatti barsiisuu jalqabe; namoonni hedduunis isa biratti walitti qabaman. Kanaafuu, bidiruu yaabbatee keessa taaʼee, qarqara galaanichaa irraa achi siqe; namoonni sun hundi garuu qarqara galaanichaa turan.+ 2 Innis fakkeenyaan+ wanta hedduu isaan barsiisuu jalqabe; akkana isaaniin jedhe:+ 3 “Dhaggeeffadhaa. Kunoo, namni sanyii facaasu tokko sanyii facaasuu dhaqe.+ 4 Utuma inni facaasaa jiruus sanyiiwwan tokko tokko karaa qarqara buʼan; simbirroonnis dhufanii isaan funaannatan. 5 Kaan immoo lafa dhagaa taʼee fi biyyoo hedduu hin qabne irra buʼan; biyyoon sun gad fageenya waan hin qabneef dafanii biqilan.+ 6 Haa taʼu malee, hidda waan hin qabneef, yeroo aduun baatu waxalamanii gogan. 7 Warri kaan immoo qoree gidduu buʼan; qoreen sunis guddatee waan isaan hudheef firii utuu hin godhatin hafan.+ 8 Kaan garuu biyyoo gaarii irra buʼan; biqilanii guddataniis firii godhachuu jalqaban; akka kanaan dachaa 30, dachaa 60 fi dachaa 100 godhatan.”+ 9 Achiis itti dabaluudhaan, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu”+ jedhe.
10 Yeroo inni kophaa taʼutti warri naannoo isaa jiran barattoota isaa Kudha Lamaanii wajjin waaʼee fakkeenyota sanaa isa gaafachuu jalqaban.+ 11 Innis akkana isaaniin jedhe: “Iccitii qulqulluun+ Mootummaa Waaqayyoo isiniif kennameera; warra ala jiranitti garuu wanti hundi fakkeenyaan himama;+ 12 kunis, isaan kan ilaalan taʼus akka hin argineef, kan dhagaʼan taʼus ergaa isaa akka hin hubanneefi; isaan matumaa gara Waaqayyootti waan hin deebineef dhiifama hin argatan.”+ 13 Itti dabaluudhaanis akkana isaaniin jedhe: “Isin fakkeenya kana hin hubanne erga taʼee, fakkeenyota kaan hunda akkamitti hubachuu dandeessu ree?
14 “Namichi facaasu sun dubbicha+ facaasa. 15 Sanyiiwwan karaa qarqara buʼan namoota dubbichi isaan keessatti facaafamee wajjin wal fakkaatu; taʼus akkuma dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee+ dubbii isaan keessatti facaafame sana fudhata.+ 16 Sanyiiwwan lafa dhagaa irratti facaafaman immoo warra akkuma dubbicha dhagaʼaniin gammachuudhaan fudhatani dha.+ 17 Haa taʼu malee, dubbichi isaan keessatti hidda waan hin godhanneef, isaan yeroo muraasaaf qofa turu; sana booda sababii dubbichaatiin rakkinni yookiin ariʼatamni yommuu isaan irra gaʼu yeruma sana ni gufatu. 18 Warri kaan immoo qoree gidduutti facaafaman. Isaanis namoota dubbicha dhagaʼan argisiisu;+ 19 haa taʼu malee, yaaddoon+ sirna* kanaa fi humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu,+ akkasumas hawwiin+ wantoota kaanii garaa isaanii seenee dubbicha ni hudha; innis firii kan hin godhanne taʼa. 20 Dhuma irrattis, warri biyyoo gaarii irratti facaafaman warra dubbicha dhagaʼanii gammachuudhaan fudhatanii firii godhatani dha; isaan dachaa 30, dachaa 60 fi dachaa 100 godhatu.”+
21 Ammas akkana isaaniin jedhe: “Ibsaan guuboo* jala yookiin siree jala kaaʼamuuf fidamaa? Baattuu ibsaa irra akka kaaʼamuuf fidama mitii?+ 22 Sababiin isaas, wanti dhokatee utuu hin mulʼifamin, wanti of eeggannoodhaan dhokfamee utuu hin saaxilamin hafu hin jiru.+ 23 Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”+
24 Itti fufees akkana isaaniin jedhe: “Wanta dhagaʼaa jirtaniif xiyyeeffannaa kennaa.+ Safartuu ittiin safartanitti isiniif safarama; caalaattis isiniif ni dabalama. 25 Isa qabu kamiif iyyuu dabalataan ni kennama;+ isa hin qabne irraa garuu wanti inni qabu iyyuu ni fudhatama.”+
26 Itti fufees akkana jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo nama lafa irratti sanyii facaasu fakkaata. 27 Namichi halkan ni rafa, guyyaas ni kaʼa; sanyichis utuu namichi hin beekin biqilee guddata. 28 Lafichis suutuma suuta ofuma isaatiin firii godhata; jalqaba ni guddata, achiis ni daraara, dhuma irrattis mataa isaa irratti midhaan guutuu godhata. 29 Akkuma midhaanichi gaʼeen garuu, yeroon makaraa waan gaʼeef haamtuu isaatti fayyadamee haama.”
30 Itti fufees akkana jedhe: “Mootummaa Waaqayyoo maalii wajjin wal fakkeessuu dandeenya? Yookiin fakkeenya maaliitiin ibsuu dandeenya? 31 Firii sanaaficaa yeroo lafa irratti facaafamu sanyii lafa irratti argamu hunda keessaa xinnoo taʼee wajjin wal fakkaata.+ 32 Erga facaafamee booda garuu, guddatee kuduraawwan hunda caalee dameewwan guguddaa waan godhatuuf, simbirroonni samii dhufanii gaaddisa isaa jala buufatu.”
33 Yesuus fakkeenyota+ akkanaa hedduutti fayyadamee hamma isaan hubachuu dandaʼan dubbicha isaanitti hime. 34 Eeyyee, inni fakkeenyaan malee isaanitti hin dubbatu ture; barattoota isaatiif garuu yeroo kophaa isaanii taʼanitti wanta hundumaa isaaniif ibsa ture.+
35 Gaafas yommuu dhihu, “Kottaa, galaana gamatti haa ceenu”+ isaaniin jedhe. 36 Kanaafuu, uummata sana erga geggeessanii booda, utuma inni achi keessa jiruu bidirichaan isa fudhatanii deeman; bidiruuwwan kan biroonis isaa wajjin turan.+ 37 Yeroo kanatti obomboleettii hamaan tokko kaʼee dambaliin bishaanii bidiruu sanatti rukutamuu waan jalqabeef, bidirichi liqimfamuu jala gaʼe.+ 38 Yesuus garuu, kutaa duubaa bidiruu sanaa keessa boraatii boraafatee rafee ture. Kanaafuu isa dammaqsanii, “Barsiisaa, dhumuun keenya si hin yaaddessuu?” isaan jedhan. 39 Yeroo kanatti inni kaʼee bubbee sana ifate; galaanichaanis, “Cal jedhi! Gab jedhi!”+ jedhe. Bubbeen sunis ni dhaabbate; tasgabbii guddaanis ni taʼe. 40 Achiis, “Maaliif akkana sodaattan? Amma iyyuu amantii hin qabdanii?” isaaniin jedhe. 41 Isaan garuu akka malee sodaatanii, “Kun dhuguma eenyu? Bubbee fi galaanni illee isaaf ni ajajamu”+ waliin jedhan.
5 Achiis galaanicha gamatti ceʼanii gara naannoo Gergesenoon+ dhufan. 2 Akkuma Yesuus bidiricha irraa buʼeenis, namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko awwaala* gidduudhaa baʼee isatti dhufe. 3 Namichi kun awwaala gidduu jiraata ture; hanga yeroo sanaatti namni funcaadhaan isa hidhuu dandaʼe tokko illee hin turre. 4 Yeroo baayʼee hidhaa sibiilaa fi funcaadhaan hidhama ture; inni garuu funcaa sana ni kukkuta, hidhaa sibiilaa sanas ni caccabsa ture; namni toʼannaa jala isa oolchuuf humna qabu tokko illee hin jiru ture. 5 Yeroo hunda halkanii fi guyyaa bakka awwaalaa gidduuttii fi gaarota irratti ni iyya; dhagaadhaanis of mummura ture. 6 Yeroo Yesuusiin fagootti argu garuu, fiigee dhufee isaaf sagade.+ 7 Achiis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Isa Hundaa Olii, anii fi ati maal wal irraa qabna? Akka na hin dhiphisne maqaa Waaqayyootiin sin kakachiisa”+ jedhe. 8 Akkana kan jedhes Yesuus, “Hafuura+ xuraaʼaa nana, nama kana keessaa baʼi” waan jedheef ture. 9 Haa taʼu malee Yesuus, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Nuti baayʼee waan taaneef, maqaan koo Leegewooni” jedhee deebise. 10 Innis Yesuus hafuurota sana biyyattii keessaa akka hin ariine cimsee isa kadhate.+
11 Yeroo kanatti hoomaan booyyee+ tokko gaara irra ni dheeda ture.+ 12 Kanaafuu hafuuronni sun, “Booyyota sanatti akka galluuf gara isaanitti nu ergi” jedhanii isa kadhatan. 13 Innis isaaniif heyyame. Hafuuronni xuraaʼoon kunis baʼanii booyyota sanatti seenan; booyyonni gara 2,000 taʼanis qarqara hallayyaa irraa didichanii galaanicha keessa lixanii liqimfaman. 14 Tiksitoonni isaanii garuu baqatanii deemanii magaalaa fi baadiyyaatti waaʼee kanaa waan odeessaniif, namoonni wanta taʼe kana ilaaluu dhufan.+ 15 Gara Yesuus yommuu dhufanis, namichi duraan jinniidhaan, jechuunis leegewooniin qabamee ture sun uffata uffatee, sammuun isaa fayyee taaʼuu isaa waan arganiif baayʼee sodaatan. 16 Namoonni kana arganis, wanta namicha jinniidhaan qabamee fi wanta booyyota sanaa wajjin haala wal qabateen raawwatame isaanitti himan. 17 Kanaafuu, isaan Yesuus naannoo isaanii gadhiisee akka deemu isa kadhachuu jalqaban.+
18 Utuu inni bidiruu yaabbachaa jiruus, namni jinniidhaan qabamee ture sun isaa wajjin deemuuf isa kadhate.+ 19 Yesuus garuu isaaf heyyamuu mannaa, “Gara qeʼee kee fi firoottan kee dhaqiitii wanta Yihowaan* siif godhe hundumaa fi gara laafina inni sitti argisiise isaanitti himi” isaan jedhe. 20 Namichis dhaqee wanta Yesuus isaaf godhe hundumaa Dikaapoolisitti* lallabuu jalqabe; namoonni hundis ni dinqisiifatan.
21 Yesuus ammas bidiruudhaan galaanicha gamatti erga ceʼee booda, namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; inni galaanicha bira ture.+ 22 Achiis geggeessitoota mana sagadaa keessaa tokko kan taʼe Yaayiros dhufee yommuu isa argu miila isaatti kufe.+ 23 Innis, “Intalli too akka malee dhukkubsatteetti.* Maaloo, ishiin fayyitee jiraachuu ishii akka itti fuftuuf kottuutii harka kee ishii irra kaaʼi”+ jedhee irra deddeebiʼee isa kadhate. 24 Kanaafuu, Yesuus isaa wajjin ni deeme; namoonni hedduunis gara isaatti wal dhiibaa isa duukaa buʼan.
25 Yeroo kanatti dubartiin waggaa 12f dhiigni ishii dhangalaʼaa+ ture tokko jirti turte.+ 26 Ogeeyyii fayyaa hedduu bira dhaquudhaan baayʼee kan dhiphattee fi wanta qabdu hundumaa kan fixxe taʼus, ittuma hammaate malee itti hin wayyoofne. 27 Ishiin waaʼee Yesuus yommuu dhageessu, namoota hedduu gidduudhaan duuba isaatiin dhuftee uffata isaa tuqxe;+ 28 sababiin isaas ishiin, “Uffata isaa qofa illee yoon tuqe nan fayya”+ jettee yaaddi turte. 29 Dhiigni ishii dhangalaʼaa tures yeruma sana ni dhaabbate; dhukkuba ishii isa ishii dhiphisu irraa akka fayyites qaama ishii keessatti itti beekame.
30 Yesuusis yeruma sana humni+ akka isa keessaa baʼe itti dhagaʼame; uummaticha gidduudhaa duubatti garagalee, “Eenyutu uffata koo tuqe?”+ jedhee gaafate. 31 Barattoonni isaa garuu, “Namoonni hedduun akka si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?” isaan jedhan. 32 Inni garuu eenyu akka isa tuqe beekuuf naannoo isaa ilaale. 33 Dubartiin fayyuu ishii hubatte sun sodaadhaan hollachaa dhuftee isa duratti kuftee wanta tokko utuu hin hambisin dhugaa isaa isatti himte. 34 Innis, “Intala too, amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan dhaqi;+ dhukkuba kee isa si dhiphisu irraas fayyi”+ ishiidhaan jedhe.
35 Utuu inni dubbachaa jiruus, mana geggeessaa mana sagadaa sanaatii namoonni muraasni dhufanii, “Intalli tee duuteetti! Kana booda maaliif Barsiisaa dhamaasta?”+ jedhan. 36 Yesuus garuu wanta isaan dubbatan dhagaʼee, geggeessaa mana sagadaa sanaan, “Amani+ qofa malee hin sodaatin”* jedhe. 37 Yeroo kanatti Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis obboleessa Yaaqoob+ malee eenyu illee akka isa duukaa buʼu hin heyyamne.
38 Yeroo mana geggeessaa mana sagadaa sanaa gaʼanis, Yesuus namoota wacan, booʼanii fi gadoodan arge.+ 39 Erga ol seenee booda, “Maaliif waccanii boossu? Intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” isaaniin jedhe. 40 Isaanis yeroo kanatti qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. Inni garuu hunda isaanii erga gad baasee booda, abbaa fi haadha intalattii, akkasumas warra isaa wajjin jiran fudhatee bakka intalattiin jirtutti ol seene. 41 Achiis harka intalattii qabee, “Xaaliitaa quumii” ishiidhaan jedhe; hiikni isaas, “Intaloo siinan jedha, kaʼi!”+ jechuu dha. 42 Intalattiinis yeruma sana kaatee deemuu jalqabde. (Umuriin ishii waggaa 12 ture.) Yeroo kanatti warri ishii baayʼee gammadanii of wallaalan. 43 Inni garuu waaʼee kanaa eenyutti iyyuu akka hin dubbanne irra deddeebiʼee* isaan ajaje;+ wanta nyaatamu akka ishiidhaaf kennanis isaanitti hime.
6 Yesuus achii kaʼee gara naannoo dhalootaa+ isaa dhufe; barattoonni isaas isa duukaa buʼan. 2 Inni guyyaa Sanbataatti mana sagadaa keessatti barsiisuu jalqabe; namoonni isa dhagaʼan hedduunis dinqisiifatanii akkana jedhan: “Namni kun wantoota kana eessaa argate?+ Ogummaan kun akkamitti isaaf kenname? Dinqiiwwan akkanaa hojjechuu kan dandaʼe hoo akkamitti?+ 3 Kun anaaxicha+ ilma Maariyaam+ mitii? Obbolaan isaa Yaaqoob,+ Yoseef, Yihudaa fi Simoon+ mitii? Obboleettonni isaas nuu wajjin as jiru mitii?” Kanaafuu, isatti ni gufatan. 4 Yesuus garuu, “Raajiin tokko biyya isaa, firoota isaa fi mana isaatiin alatti bakka biraatti ulfina ni argata”+ isaaniin jedhe. 5 Kanaan kan kaʼes, harka isaa namoota dhukkubsatan muraasa irra kaaʼee fayyisuudhaan alatti, achitti dinqii tokko illee hojjechuu hin dandeenye. 6 Namoonni kun amantii dhabuu isaaniittis baayʼee dinqisiifate. Sana booda gandeen naannoo sana jiran keessa naannaʼee barsiise.+
7 Warra Kudha Lamaan sana waamee lama lama godhee isaan erge;+ hafuurota xuraaʼoo irrattis aangoo isaaniif kenne.+ 8 Kana malees, karaadhaaf ulee qofa malee, daabboo fi korojoo nyaataa akka hin qabanne, sabbata isaaniittis maallaqa* akka hin guduunfanne,+ 9 garuu kophee akka kaaʼatan, taʼus uffata lama* akka hin uffanne isaan ajaje. 10 Itti dabalees akkana isaaniin jedhe: “Mana kamitti iyyuu yommuu seentan, hamma bakka sanaa deemtanitti achuma turaa.+ 11 Haa taʼu malee, bakka nama isin simatu yookiin isin dhaggeeffatu dhabdan kam iyyuu keessaa yommuu baatan, ragaa akka isaanitti taʼuuf awwaara miila keessanii hurgufadhaa.”+ 12 Isaanis baʼanii namoonni yaada geddarachuu akka qaban ni lallaban;+ 13 jinniiwwan hedduu ni baasan,+ namoota dhukkubsatan hedduus zayitii dibanii fayyisan.
14 Yeroo kanatti maqaan Yesuus balʼinaan beekamee waan tureef, Heroodis Mootichi waaʼee kanaa ni dhagaʼe; namoonnis, “Yohaannis Cuuphaan duʼaa kaʼeera; dinqiiwwan kana hojjechaa kan jiru kanaafi”+ jedhu turan. 15 Warri kaan garuu, “Inni Eeliyaasi” jedhu turan. Kaan immoo, “Inni akkuma raajota bara durii ti”+ jedhu turan. 16 Heroodis garuu yommuu kana dhagaʼu, “Yohaannis isan mataa irraa kute sanatu duʼaa kaʼe” jedhe. 17 Heroodis sababii Heroodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiphoosiif jedhee, namoota ergee Yohaannisiin qabsiisee isa hidhuudhaan mana hidhaatti galchee ture; sababiin isaas, inni ishii fuudhee ture.+ 18 Yohaannis Heroodisiin, “Haadha manaa obboleessa keetii akka fuutu seerri siif hin heyyamu”+ jedha ture. 19 Kanaafuu, Heroodiyaas haaloo isatti qabattee isa ajjeesuu kan barbaaddu taʼus, kana gochuu hin dandeenye. 20 Sababiin isaas, Heroodis, Yohaannis nama qajeelaa fi qulqulluu taʼuu isaa waan beekuuf+ isa sodaata, akkasumas eegumsa isaaf godha ture. Inni wanta Yohaannis jedhu erga dhagaʼee booda, maal akka godhu kan hin beekne taʼus, gammachuudhaan isa dhaggeeffata ture.
21 Haa taʼu malee, yeroo Heroodis guyyaa dhalootaa+ isaatti abbootii taayitaa ol aanoo, ajajjoota loltootaa fi namoota beekamoo biyya Galiilaa irbaata affeeretti haalli mijataan ni uumame.+ 22 Yeroo kanatti intalli Heroodiyaas ol seentee shubbisuudhaan Heroodisii fi keessummoota isaa warra isaa wajjin maaddiitti dhihaatan sana gammachiiste. Mootichis intalattiidhaan, “Wanta barbaadde na gaafadhu, anis siif nan kenna” jedhe. 23 Akkasumas, “Hamma walakkaa mootummaa kootiitti illee, wanta na gaafatte kam iyyuu siifan kenna” jedhee ishiidhaaf kakate. 24 Kanaafuu, ishiin dhaqxee haadha ishiitiin, “Maal isa gaafadhu?” jette. Ishiinis, “Mataa Yohaannis Cuuphaa” ishiidhaan jette. 25 Intalattiinis yeruma sana gara mootichaa dhaqxee, “Mataa Yohaannis Cuuphaa ammuma saaniitti akka anaaf kennitun barbaada”+ isaan jette. 26 Mootichi garuu kanatti baayʼee kan gadde taʼus, kakaa isaa fi keessummoota isaatiin* kan kaʼe wanta ishiin gaafatte diduu hin barbaanne. 27 Kanaafuu, mootichi eegduu isaa tokko yeruma sana ergee mataa Yohaannis akka fidu isa ajaje. Innis dhaqee mana hidhaatti mataa Yohaannis irraa kutee 28 saanii irra kaaʼee fide. Achiis intalattiidhaaf kenne; ishiinis haadha ishiitti kennite. 29 Barattoonni isaa yommuu kana dhagaʼan, dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaala* keessa kaaʼan.
30 Ergamoonnis Yesuus biratti walitti qabamanii wanta raawwatanii fi barsiisan hunda isatti himan.+ 31 Innis, “Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokkoo haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa”+ isaaniin jedhe. Namoonni hedduun dhufaa fi deemaa waan turaniif, isaan nyaata nyaachuuf illee yeroo hin arganne. 32 Kanaafuu, kophaa isaanii taʼuuf bidiruu yaabbatanii gara bakka namni hin jirre tokkoo dhaqan.+ 33 Namoonni garuu yommuu isaan deeman ni argan; hedduun isaaniis deemuu isaanii waan beekaniif, magaalota hunda keessaa baʼanii fiiguudhaan miilaan isaan dursanii achi gaʼan. 34 Yeroo bidiruu irraa buʼus, namoota hedduu argee baayʼee isaaniif gadde;+ sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turan.+ Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe.+
35 Yeroo kanatti saʼaatiin sokkee waan tureef, barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana isaan jedhan: “Iddoon kun bakka namni hin jirre dha, saʼaatiin isaas sokkeera.+ 36 Kanaafuu, namoonni kun gara baadiyyaa fi gandeen naannoo kanaa dhaqanii wanta nyaatan akka bitatan isaan geggeessi.”+ 37 Innis deebisee, “Isinumti wanta nyaatan kennaafii” jedhe. Isaanis, “Maarree dhaqnee dinaaree* 200n daabboo binnee namoonni kun akka nyaatan isaaniif kenninuu?”+ isaan jedhan. 38 Innis, “Daabboo meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!” isaaniin jedhe. Dhaqanii erga ilaalanii booda, “Daabboo shanii fi qurxummii lama”+ isaan jedhan. 39 Achiis namoonni hundi tuuta tuutaan marga lalisaa irra akka tataaʼan ajaje.+ 40 Kanaafuu, isaan dhibba dhibbaa fi shantama shantama taʼanii tuutaan taaʼan. 41 Daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalee eebbise.+ Daabboo sana erga caccabsee boodas namoota sanaaf akka dhiheessaniif barattoota isaatti kenne; qurxummii lamaan sanas namoota sana hundumaatiif hire. 42 Akka kanaan hundi isaanii nyaatanii quufan; 43 isaanis qurxummii sanaan alatti, hambaa irraa hafe guuboo 12 guutuu walitti qaban.+ 44 Namoonni daabboo sana nyaatanis dhiirota 5,000 turan.
45 Sana booda utuu baayʼee hin turin barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii dursanii gara qarqara galaanaa Beetasaayidaa bira jirutti akka ceʼan erge; inni garuu namoota sana geggeessuuf achuma ture.+ 46 Erga isaan geggeessee booda garuu, kadhachuudhaaf gaara tokkotti ol baʼe.+ 47 Yommuu dhihus bidiruun sun galaanicha walakkaa turte; inni garuu kophaa isaa lafa gogaa irra ture.+ 48 Achiis barattoota isaa arge; isaan bubbeen gara isaaniitti waan bubbisuuf galaanicha mooquuf rakkachaa turan; innis halkan keessaa naannoo kutaa isa arfaffaatti* galaanicha irra deemaa gara isaanii dhufe; taʼus isaan bira waan darbu fakkaata ture. 49 Isaanis yommuu inni galaanicha irra deemu arganii, “Ekeraa dha!” jedhanii waan yaadaniif ni iyyan. 50 Sababiin isaas, hundi isaanii isa arganii akka malee naʼanii turan. Inni garuu yeruma sana, “Hin naʼinaa! Ana dha; hin sodaatinaa”+ isaaniin jedhe. 51 Achiis bidiricha yaabbate; bubbeen sunis ni dhaabbate. Isaanis baayʼee dinqisiifatan; 52 sababiin isaas, isaan hiika daabboo sanaa hin hubanne turan; kanaa mannaa garaan isaanii amma iyyuu hubachuu dadhabee ture.
53 Yommuu gamatti ceʼanis gara Genesaarex dhufanii bidiruu isaanii qarqara galaanaa sanatti hidhan.+ 54 Akkuma bidiricha irraa buʼaniin garuu, namoonni isa ni beekan. 55 Guutummaa naannichaa keessa asii fi achi fiiganii warra dhukkubsatan sireedhaan baatanii bakka Yesuus jiraachuu isaa dhagaʼanitti fiduu jalqaban. 56 Gandeen yookiin magaalota yookiin baadiyyaa inni dhaqu hundatti namoonni warra dhukkubsatan fidanii bakka gabaa kaaʼu turan; isaan fiixee uffata isaa illee akka tuqan isa kadhatu turan.+ Warri fiixee uffata isaa tuqan hundis ni fayyan.
7 Fariisonnii fi barsiisonni seeraa Yerusaalemii dhufan tokko tokko Yesuus biratti walitti qabaman.+ 2 Isaan barattoonni isaa tokko tokko harka xuraaʼaadhaan,* jechuunis utuu hin dhiqatin yommuu nyaatan isaan argan. 3 (Fariisonnii fi Yihudoonni hundi aadaa abbootii cimsanii waan hordofaniif, harka isaanii hamma ciqileetti yoo dhiqatan malee hin nyaatan turan; 4 yommuu gabaadhaa deebiʼanis utuu hin dhiqatin hin nyaatan turan. Aadaa dhaalanii fi cimsanii hordofan kan biraa hedduu kan akka xoofoo, okkotee fi miʼawwan sibiila diimaa irraa tolfaman bishaan keessa cuuphuus qabu turan.)+ 5 Kanaafuu, Fariisonnii fi barsiisonni seeraa kun, “Barattoonni kee aadaa abbootii keenyaa eeguu dhiisanii harka xuraaʼaadhaan kan nyaatan maaliifi?”+ jedhanii isa gaafatan. 6 Innis akkana isaaniin jedhe: “Fakkeessitoota nana, Isaayyaas waaʼee keessan sirriitti raajii dubbateera; akkana jedhamee barreeffameera: ‘Sabni kun hidhii isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baayʼee ana irraa fagoo dha.+ 7 Akka waan dubbii koo taʼetti ajaja namootaa waan barsiisaniif, isaan akkanumaan na waaqeffatu.’+ 8 Isin ajaja Waaqayyoo dhiistanii aadaa namootaa cimsitanii hordoftu.”+
9 Itti dabaluudhaanis akkana isaaniin jedhe: “Aadaa keessan eeguuf jettanii ajaja Waaqayyoo malaan dhiistu.+ 10 Fakkeenyaaf Museen, ‘Abbaa kee fi haadha tee kabaji’+ akkasumas, ‘Namni abbaa isaa yookiin haadha isaatti wanta hamaa dubbatu* haa ajjeefamu’+ jedheera. 11 Isin garuu akkana jettu: ‘Namni tokko abbaa isaatiin yookiin haadha isaatiin, “Wanti ani qabuu fi ittiin si gargaaruu dandaʼu hundi qurbaana dha (kennaa Waaqayyoof adda baafame dha)” yoo jedhe,’ 12 sana booda, abbaa isaatiif yookiin haadha isaatiif wanta tokko illee akka godhu isaaf hin heyyamtan.+ 13 Akka kanaan aadaa keessan isa dhalootaa dhalootatti dabarsitaniin dubbii Waaqayyoo gatii dhabsiistu.+ Wantoota kana fakkaatan hedduus ni raawwattu.”+ 14 Kanaafuu, ammas namoota sana ofitti waamee akkana isaaniin jedhe: “Hundi keessan na dhaggeeffadhaa, hiika isaas hubadhaa.+ 15 Wanti alaa nama keessa seenee nama xureessuu dandaʼu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, wantoota nama keessaa baʼantu nama xureessa.”+ 16* ——
17 Yeroo inni namoota sana biraa deemee gara mana tokkoo seenu, barattoonni isaa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafachuu jalqaban.+ 18 Kanaafuu, akkana isaaniin jedhe: “Isinis akkuma isaanii hin hubannee? Wanti alaa nama keessa seenee nama xureessuu dandaʼu tokko illee akka hin jirre hin beektanii? 19 Sababiin isaas, wanti nama keessa seenu, gara yaada namaatti utuu hin taʼin, gara marʼimaanitti gala; achiis darbee gara boollaatti seena.” Kana jechuudhaan nyaanni hundi qulqulluu akka taʼe ibse. 20 Itti fufees akkana jedhe: “Nama kan xureessu wanta isa keessaa baʼu dha.+ 21 Keessa namaatii, jechuunis garaa namaa+ keessaa yaanni hamaan ni baʼa; isaanis halalummaa,* hanna, ajjeechaa, 22 ejja, sassata, hammina, gowwoomsaa, addaggummaa,* hinaaffaa, arrabsoo, of tuulummaa fi gowwummaa dha. 23 Wantoonni hamoon kun hundi keessa namaatii baʼu; nama tokko kan xureessanis wantoota kana dha.”
24 Achii kaʼees gara naannoo Xiirosii fi Siidoon dhaqe.+ Eenyu illee inni dhufuu isaa akka beeku waan hin barbaanneef, gara mana tokkoo seene; taʼus, namoota jalaa dhokachuu hin dandeenye. 25 Yeruma sana dubartiin intalli ishii hafuura xuraaʼaadhaan qabamte tokko waaʼee isaa dhageessee dhuftee miila isaatti kufte.+ 26 Dubartittiin nama Giriikii yommuu taatu, Fiinqee ishii Sooriyaatti argamtu keessa jiraatti turte; ishiinis intala ishii keessaa jinnii akka baasu irra deddeebitee isa kadhatte. 27 Inni garuu, “Jalqaba ijoolleen haa quufan; sababiin isaas, daabboo ijoollee fuudhanii buchulloota jala buusuun sirrii miti”+ ishiidhaan jedhe. 28 Ishiin garuu deebistee, “Eeyyee, yaa Gooftaa, garuu buchulloonni iyyuu, isa maaddii ijoollee jalatti harcaʼe ni nyaatu” isaan jette. 29 Innis yeroo kanatti, “Ati kana waan dubbatteef, dhaqi, jinniin sun intala tee keessaa baʼeera”+ ishiidhaan jedhe. 30 Kanaafuu, ishiin gara mana ishii dhaqxee intalli ishii utuu siree irra ciistuu argite; jinniin sunis ishii keessaa baʼee ture.+
31 Yesuus naannoo Xiirosii yommuu deebiʼu, Siidoon keessa darbee, naannoo Dikaapoolis* keessa baʼee gara Galaana Galiilaa dhaqe.+ 32 Iddoo kanatti nama gurri isaa hin dhageenyee fi arrabni isaa hidhame tokko gara isaatti fidanii+ akka inni harka isaa isa irra kaaʼu isa kadhatan. 33 Innis namoota sana gidduudhaa kophaatti isa baase. Achiis quba isaa gurra namichaa keessa galche; erga tufee boodas arraba namichaa tuqe.+ 34 Gara samii ilaalaa guddisee erga hafuura baafatee booda, “Efataa” isaan jedhe; hiikni isaas, “Banami” jechuu dha. 35 Yeroo kanatti gurri isaa ni baname,+ arrabni isaa inni hidhames ni hiikame; sirriitti dubbachuus ni jalqabe. 36 Achiis wanta kana eenyutti iyyuu akka hin himne isaan ajaje;+ inni cimsee isaan ajajus, isaan garuu ittuma caalchisanii dubbachuu isaanii itti fufan.+ 37 Isaan baayʼee dinqisiifatanii,+ “Inni wanta hunda baʼeessa godhee hojjete. Namoonni gurri isaanii duude akka dhagaʼan, namoonni arrabni isaanii hidhames akka dubbatan illee godheera”+ jedhan.
8 Yeroo sanatti ammas namoonni hedduun walitti ni qabaman; isaan wanta nyaatan hin qaban turan. Kanaafuu, inni barattoota isaa waamee akkana isaaniin jedhe: 2 “Namoonni kun guyyaa sadiif anaa wajjin turaniiru; wanta nyaatan waan hin qabneef ani isaaniif nan gadda.+ 3 Hagabuu isaanii gara mana isaaniitti yoon isaan geggeesse, dadhabanii karaa irratti kukkufu; isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa dhufan.” 4 Barattoonni isaa garuu, “Iddoo namni hin jirre kanaa, nyaanni nama kana hunda quubsu eessaa argamuu dandaʼa?” isaan jedhan. 5 Innis, “Daabboo meeqa qabdu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Torba”+ jedhan. 6 Achiis namoonni sun lafa irra akka tataaʼan ajaje. Sana booda daabboo torban sana fuudhee galateeffatee, caccabsee barattoonni isaa namootaaf akka hiraniif isaanitti kenne; isaanis namoota sanaaf ni hiran.+ 7 Qurxummiiwwan xixinnoo muraasas qabu turan; isaaniinis erga eebbisee booda barattoonni isaa akka hiran itti hime. 8 Isaanis nyaatanii quufan; achiis hambaa irraa hafe guuboo guguddaa torba guutuu walitti qaban.+ 9 Dhiironni achi turanis gara 4,000 turan. Sana boodas isaan geggeesse.
10 Yeruma sana barattoota isaa wajjin bidiruu yaabbatee gara naannoo Daalmaanutaa dhaqe.+ 11 Iddoo kanatti Fariisonni isa qoruuf dhufanii samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu gaafachuudhaan isa falmuu jalqaban.+ 12 Kanaafuu, baayʼee gaddee hafuura baafatee, “Dhaloonni kun maaliif mallattoo barbaada?+ Dhuguman isiniin jedha, dhaloota kanaaf mallattoon tokko iyyuu hin kennamu”+ jedhe. 13 Sana booda isaan dhiisee ammas bidiruu yaabbatee galaanicha gamatti ceʼe.
14 Haa taʼu malee, barattoonni daabboo qabachuu waan irraanfataniif, daabboo tokkittii malee bidiruu sana keessaa homaa hin qaban turan.+ 15 Yesuusis, “Of eeggadhaa; raacitii Fariisotaa fi raacitii Heroodis irraa of eegaa”+ jedhee ifatti isaan akeekkachiise. 16 Kanaafuu, isaan daabboo utuu hin qabatin hafuu isaanii ilaalchisee wal falmuu jalqaban. 17 Innis kana hubatee akkana isaaniin jedhe: “Daabboo utuu hin qabatin hafuu keessan ilaalchisee maaliif wal falmitu? Wantin isinitti himaa jiru isiniif hin gallee? Isin ammas hin hubannee? Garaan keessan amma iyyuu hubachuu hin dandeenyee? 18 ‘Utuu ija qabdanii hin argitanii? Utuu gurra qabdanii hin dhageessanii?’ Hin yaadattanii ree? 19 Yommuu ani daabboo shan+ dhiirota 5,000f caccabsetti hambaa irraa hafe guuboo meeqa guutuu sassaabdan?” Isaanis, “Kudha lama”+ isaan jedhan. 20 “Yommuun daabboo torba dhiirota 4,000f caccabsetti hoo hambaa irraa hafe guuboo guguddaa guutuu meeqa sassaabdan?” Isaanis, “Torba”+ isaan jedhan. 21 Achiis inni, “Maarree isin amma iyyuu hin hubannee?” isaaniin jedhe.
22 Boodas gara Beetasaayidaa dhufan. Iddoo kanatti namoonni nama qaro dhabeessa taʼe tokko gara isaa fidanii akka inni isa qaqqabu isa kadhatan.+ 23 Innis namicha qaro dhabeessa sana harka isaa qabee ganda sana keessaa baase. Ija isaa irratti erga tufee+ boodas, harka isaa isa irra kaaʼee, “Wanti sitti mulʼatu jiraa?” jedhee isa gaafate. 24 Namichis ol jedhee ilaalee, “Namoonni natti mulʼatu; garuu muka deemaa jiru fakkaatu” jedhe. 25 Ammas harka isaa ija namichaa irra kaaʼe; namichis akka gaariitti ilaaluu jalqabe. Qaroon isaa waan isaaf deebiʼeef, wanta hunda adda baasee ilaaluu dandaʼe. 26 Sana booda, “Gara ganda sanaatti hin seenin” jedhee gara mana isaatti isa erge.
27 Yesuusii fi barattoonni isaa gara gandeen Qisaariyaa Filiphisiyus deemuu jalqaban; utuu deemaa jiraniis karaa irratti, “Namoonni eenyu anaan jedhu?”+ jedhee isaan gaafate. 28 Isaanis, “Yohaannis Cuuphaa,+ kaan garuu Eeliyaas,+ warri kaan immoo raajota keessaa tokko dha jedhu” isaan jedhan. 29 Innis, “Isin hoo eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate. Pheexirosis, “Ati Kiristoosi”+ jedhee isaaf deebise. 30 Achiis waaʼee isaa eenyutti iyyuu akka hin himne cimsee isaan ajaje.+ 31 Akkasumas, Ilmi namaa rakkinni hedduun akka isa irra gaʼu, maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa akka isa tuffatan, akka ajjeefamuu+ fi guyyaa sadii booda duʼaa akka kaʼu isaan barsiisuu jalqabe.+ 32 Inni wanta kana ifatti dubbate. Pheexiros garuu kophaatti isa baasee isatti dheekkamuu jalqabe.+ 33 Yeroo kanatti garagalee gara barattoota isaa ilaalee Pheexirosiin, “Seexana nana, duuba koo deemi! Ati yaada namaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu”+ jedhee ifate.
34 Yeroo kanatti namoota sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana isaaniin jedhe: “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; muka dhiphinaa isaa* baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.+ 35 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni anaa fi misiraachichaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu garuu lubbuu isaa ni oolfata.+ 36 Namni tokko guutummaa addunyaa kan isaa godhatee lubbuu isaa yoo dhabe maal isa fayyada?+ 37 Namni tokko bakka lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?+ 38 Dhaloota ejjaa* fi cubbamaa taʼe kana keessatti nama anaa fi dubbii kootti qaanaʼu hundatti, Ilmi namaa ulfina Abbaa isaatiin maleekota qulqulluu wajjin yommuu dhufu+ innis isatti ni qaanaʼa.”+
9 Itti fufees, “Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabbatan keessaa jalqaba hanga Mootummaan Waaqayyoo humnaan dhufee arganitti matumaa kan hin duune tokko tokko jiru”+ isaaniin jedhe. 2 Yesuus guyyaa jaʼa booda Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin kophaa isaanii fudhatee gaara dheeraa tokkotti ol baʼe. Achiis inni isaan duratti ni jijjiirame;+ 3 uffanni isaas uffata namni lafa irra jiru tokko miiccee addeessuu dandaʼu caalaa baayʼee adii taʼee calaqqise. 4 Eeliyaasii fi Museenis isaanitti mulʼatan; isaan Yesuusii wajjin dubbachaa turan. 5 Achiis Pheexiros Yesuusiin, “Rabbii, iddoo kana taʼuun keenya nuuf gaarii dha. Kanaafuu dunkaana sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokko immoo Eeliyaasiif haa dhaabnu” jedhe. 6 Isaan baayʼee sodaatanii waan turaniif, inni wanta dubbatu hin beeku ture. 7 Achiis duumessi tokko dhufee isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen+ tokko, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa dha.+ Isa dhagaʼaa”+ jedhe. 8 Yommuu akka tasaa naannoo isaanii ilaalanis, Yesuus malee eenyu iyyuu isaanii wajjin hin turre.
9 Gaaricha irraa utuu buʼaa jiraniis, hanga Ilmi namaa duʼaa kaafamutti wanta argan eenyutti iyyuu akka hin dubbanne cimsee isaan ajaje.+ 10 Isaan wanta inni jedhe yaadatti kan qabatan* taʼus, duʼaa kaʼuun kun maal jechuu akka taʼe waliin mariʼatan. 11 Sana booda isaan, “Barsiisonni seeraa, Eeliyaas+ dursee dhufuu qaba kan jedhan maaliifi?”+ jedhanii isa gaafatan. 12 Innis akkana isaaniin jedhe: “Eeliyaas dursee dhufee waan hundumaa iddootti deebisa;+ garuu Ilmi namaa rakkinni hedduun irra gaʼuu+ fi tuffatamuu+ akka qabu kan barreeffame maaliifi? 13 Ani garuu isinitti nan hima, Eeliyaas+ dhufeera; isaan akkuma waaʼeen isaa barreeffametti wanta barbaadan isa irratti raawwataniiru.”+
14 Isaan gara barattoota kaaniitti yommuu dhufan namoonni hedduun isaanitti marsanii argan; barsiisonni seeraas isaanii wajjin falmaa turan.+ 15 Haa taʼu malee, namoonni sun hundi akkuma isa arganiin baayʼee dinqisiifatanii nagaa isa gaafachuuf gara isaatti fiigan. 16 Innis, “Maal irratti isaanii wajjin wal falmaa jirtu?” jedhee isaan gaafate. 17 Namoota sana keessaa tokko akkana jedhee isaaf deebise: “Barsiisaa, ilmi koo hafuura arraba hidhuun waan qabameef gara keettan isa fide.+ 18 Yeroo isa qabatu hundumaatti lafatti isa kuffisa, afaan isaa hoomacha baasa, inni ilkaan isaa ni qara, humnas ni dhaba. Barattoonni kee akka keessaa baasan gaafadheen ture; isaan garuu kana gochuu hin dandeenye.” 19 Innis deebisee, “Dhaloota amantii hin qabne+ nana, hanga yoomiittan isinii wajjin tura? Hanga yoomiittanis isiniif obsa? Mucicha as natti fidaa”+ isaaniin jedhe. 20 Kanaafuu, mucicha isatti fidan; hafuurichi garuu akkuma isa argeen mucicha kuffisee dhidhiittachiise. Mucichis lafa irratti erga kufee booda, hoomacha afaanii baasaa gangalate. 21 Achiis Yesuus, “Erga akkas taʼuu jalqabee hammam taʼeera?” jedhee abbaa mucichaa gaafate. Innis akkana jedhe: “Ijoollummaa isaatii jalqabee ti; 22 isa ajjeesuuf yeroo baayʼee ibidda keessatti, akkasumas bishaan keessatti isa kuffisa. Wanti gochuu dandeessu yoo jiraate garuu garaa nuu laafiitii nu gargaari.” 23 Yesuusis, “‘Wanti gochuu dandeessu yoo jiraate’ jettee? Nama amantii qabuuf wanti hundi ni dandaʼama”+ isaan jedhe. 24 Abbaan mucichaas yeruma sana, “Nan amana! Amantii koo akkan cimsadhu na gargaari!”+ jedhee iyye.
25 Yesuus namoonni hedduun fiigaa gara isaanii dhufaa akka jiran yommuu argu hafuura xuraaʼaa sana, “Hafuura arraba namaa hiituu fi gurra namaa duuchitu nana, ani sin ajaja, isa keessaa baʼi, deebitees akka isatti hin galle!”+ jedhee ifate. 26 Hafuurichi erga iyyee fi baayʼee erga isa dhidhiittachiisee booda isa keessaa baʼe; mucichis waan duʼe fakkaate; kanaafuu, namoota sana keessaa hedduun isaanii “Inni duʼeera!” jedhan. 27 Yesuus garuu harka isaa qabee ol isa kaase; mucichis kaʼee dhaabbate. 28 Kanaafuu, erga mana tokkotti seenee booda barattoonni isaa, “Nuti isa baasuu kan dadhabne maaliifi?”+ jedhanii kophaatti isa gaafatan. 29 Innis, “Inni akkasii baʼuu kan dandaʼu kadhannaadhaan qofa dha” isaaniin jedhe.
30 Bakka sanaa baʼanii Galiilaa keessa darban; inni garuu waaʼee kanaa eenyu iyyuu akka beeku hin barbaanne. 31 Sababiin isaas, inni barattoota isaa barsiisuu barbaadee ture; inni, “Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama; isaanis isa ni ajjeesu;+ garuu kan ajjeefamu taʼus guyyaa sadii booda duʼaa ni kaʼa”+ jedhee isaanitti himaa ture. 32 Isaan garuu wanta inni dubbate hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan.
33 Sana booda gara Qifirnaahom dhufan. Erga mana seenee boodas, “Karaa irratti waaʼee maalii wal falmaa turtan?”+ jedhee isaan gaafate. 34 Isaanis, isaan keessaa eenyu akka caalu karaa irratti wal falmaa waan turaniif ni callisan. 35 Kanaafuu, taaʼee warra Kudha Lamaan ofitti waamee, “Namni dura taʼuu barbaadu kam iyyuu, hundumaa boodaa fi tajaajilaa hundumaa haa taʼu”+ isaaniin jedhe. 36 Achiis mucaa xinnoo tokko fuudhee gidduu isaanii dhaabe; isa hammatees akkana isaaniin jedhe: 37 “Namni ijoollee xixinnoo+ akkanaa keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu anaanis ni simata; namni anaan simatu kam iyyuu immoo ana qofa utuu hin taʼin isa na erge sanas ni simata.”+
38 Yohaannisis, “Barsiisaa, namni tokko maqaa keetiin utuu jinniiwwan baasuu isa argine; inni nama nu duukaa buʼu waan hin taaneef isa dhowwuuf yaalle”+ isaan jedhe. 39 Yesuus garuu akkana jedhe: “Namni maqaa kootiin dinqii hojjetee yeruma sana waaʼee koo wanta hamaa dubbachuu dandaʼu tokko illee waan hin jirreef, isa dhowwuuf hin yaalinaa. 40 Sababiin isaas, namni nu hin mormine kam iyyuu nu cinaa jira.+ 41 Dhuguman isiniin jedha, isin kan Kiristoos taʼuu keessaniin kan kaʼe namni bishaan kubbaayyaa tokko isiniif kennu+ kam iyyuu matumaa gatii isaa hin dhabu.+ 42 Haa taʼu malee, namni warra xixinnoo amantii qaban kana keessaa tokko gufachiisu kam iyyuu, dhagaan daakuu* morma isaatti hidhamee galaana keessatti yoo darbatame isaaf wayya.+
43 “Harki kee yoo si gufachiise of irraa kuti. Harka lama qabaattee Gahaannam* isa ibiddi isaa dhaamuu hin dandeenyetti gatamuu mannaa, qaamni kee hirʼatee jireenya argachuu sii wayya.+ 44* —— 45 Miilli kee yoo si gufachiise of irraa kuti. Miila lama qabaattee Gahaannamitti*+ gatamuu mannaa, naafa taatee jireenya argachuu sii wayya. 46* —— 47 Akkasumas, ijji kee yoo si gufachiise baasii gati.+ Ija lama qabaattee Gahaannamitti* gatamuu mannaa, ija tokko qabaattee Mootummaa Waaqayyootti galuu sii wayya;+ 48 Gahaannam* keessatti raammoon isaa hin duʼu, ibiddi isaas hin dhaamu.+
49 “Sababiin isaas, akkuma soogiddi firfirsamutti nama hundumaa irratti ibiddi firfirsamuu qaba.+ 50 Soogiddi gaarii dha; soogiddummaa isaa yoo dhabe garuu maaliin isa miʼeessitu?+ Keessa keessanitti soogidda qabaadhaa;+ walii wajjin nagaa qabaadhaa.”+
10 Yesuus achii kaʼee gara daangaawwan Yihudaa warra Yordaanos gama jiranii dhufe; ammas namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman. Inni akkuma amala isaa ammas isaan barsiisuu jalqabe.+ 2 Fariisonni isa qoruuf yaaduudhaan gara isaa dhufanii, namni tokko haadha manaa isaa akka hiiku seerri kan isaaf heyyamu taʼuu fi dhiisuu isaa isa gaafatan.+ 3 Innis deebisee, “Museen maal isin ajaje?” isaaniin jedhe. 4 Isaanis, “Museen waraqaa ragaa ittiin ishii hiiku ishiidhaaf kennee akka ishii hiiku heyyameera”+ jedhan. 5 Yesuus garuu akkana isaaniin jedhe: “Museen sababii mata jabina keessaniitiif+ ajaja kana isiniif barreesse.+ 6 Haa taʼu malee, jalqaba uumamaatii kaasee, ‘Waaqayyo dhiiraa fi dubartii godhee isaan uume.+ 7 Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa;+ 8 lamaan isaanii foon tokko taʼu’;+ kanaafuu, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. 9 Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”+ 10 Yeroo manatti deebiʼanis, barattoonni isaa waaʼee kanaa isa gaafachuu jalqaban. 11 Innis akkana isaaniin jedhe: “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu kam iyyuu ishii irratti ejja raawwata;+ 12 dubartiin takkas abbaa manaa ishii hiiktee nama kan biraatti yoo heerumte ejja raawwatti.”+
13 Namoonni akka inni isaan qaqqabuuf ijoollee xixinnoo gara isaatti fiduu jalqaban; barattoonni garuu isaanitti dheekkaman.+ 14 Yesuus yeroo kana argu aaree akkana isaaniin jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo warra akkanaatiif waan taʼeef, ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan, isaan dhowwuuf hin yaalinaa.+ 15 Dhuguman isiniin jedha, namni Mootummaa Waaqayyoo akka mucaa xinnoo tokkootti hin simanne kam iyyuu matumaa itti hin galu.”+ 16 Inni ijoollee sana ni hammate; harka isaa isaan irra kaaʼees+ isaan eebbise.
17 Utuu inni deemaa jiruus namni tokko fiigee dhufee, isa duratti jilbeenfatee, “Yaa Barsiisaa gaarii, jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?”+ jedhee isa gaafate. 18 Yesuusis akkana isaan jedhe: “Maaliif gaarii jettee na waamta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.+ 19 Ajajawwan, ‘Hin ajjeesin,+ hin ejjin,+ hin hatin,+ sobaan ragaa hin baʼin,+ hin gowwoomsin,+ abbaa kee fi haadha tee kabaji’+ jedhan beekta.” 20 Namichis, “Yaa barsiisaa, wantoota kana hunda ijoollummaa kootii jalqabee eegeera” isaan jedhe. 21 Yesuusis isa ilaalee isa jaallate; achiis, “Wanta tokkotu sitti hirʼata: Dhaqi, wanta qabdu gurguriitii hiyyeeyyiidhaaf kenni; samii irratti qabeenya ni argatta; sana booda kottuutii duuka buutuu koo taʼi”+ isaan jedhe. 22 Inni garuu yommuu kana dhagaʼu ni gadde; qabeenya hedduu waan qabuufis gaddaa achii deeme.+
23 Yesuus naannoo isaa erga ilaalee booda barattoota isaatiin, “Namoota maallaqa qabaniif Mootummaa Waaqayyootti galuun akkam rakkisaa dha!”+ jedhe. 24 Barattoonni isaa garuu dubbiin isaa kun isaan dinqisiise. Achiis Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe: “Yaa ijoolle, Mootummaa Waaqayyootti galuun akkam rakkisaa dha! 25 Namni sooressi Mootummaa Waaqayyootti galuu mannaa, gaalli qaawwa lilmoo keessa hulluuquutu salphata.”+ 26 Isaanis caalaatti dinqisiifatanii, “Egaa eenyutu fayyuu dandaʼa ree?”+ isaan jedhan.* 27 Yesuusis gara isaanii ilaalaa, “Kun namootaaf hin dandaʼamu, Waaqayyoof garuu akkana miti; Waaqayyoof wanti hundi ni dandaʼama”+ jedhe. 28 Pheexirosis, “Kunoo, nuti wanta hundumaa dhiisnee si duukaa buuneerra”+ isaan jedhe. 29 Yesuusis akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, namni anaa fi misiraachichaaf jedhee, mana yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin maasii dhiise,+ 30 yeroo ammaatti ariʼatamaa wajjin+ manneen, obboloota, obboleettota, haadholii, ijoollee fi maasii dachaa 100, sirna* dhufu keessatti immoo jireenya bara baraa kan hin arganne hin jiru. 31 Haa taʼu malee, warri duraa hedduun warra boodaa taʼu, warri boodaa hedduun immoo warra duraa taʼu.”+
32 Isaan karaa gara Yerusaalemitti geessu irra yeroo ol baʼaa turanitti Yesuus isaan dura deemaa ture; isaan baayʼee dinqisiifatanii kan turan yeroo taʼu, warri isa duukaa buʼan garuu ni sodaatan. Inni ammas warra Kudha Lamaan kophaatti baasee akkana jedhee wantoota isa irra gaʼuuf jiran isaanitti himuu jalqabe:+ 33 “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi namaas dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraatti dabarfamee ni kennama. Isaan duʼa isatti murteessu, saboota kaanittis dabarsanii isa kennu. 34 Isatti qoosu, isatti tufu, isa garafu, akkasumas isa ajjeesu; guyyaa sadii booda garuu duʼaa ni kaʼa.”+
35 Ilmaan Zabdewos kan taʼan Yaaqoobii fi Yohaannis+ gara isaa dhufanii, “Barsiisaa, wanta si kadhannu hunda akka nuuf gootu barbaanna”+ isaan jedhan. 36 Innis, “Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?” isaaniin jedhe. 37 Isaanis, “Bakka ulfinaa+ keetti tokkoon keenya karaa mirga kee, tokkoon keenya immoo karaa bitaa kee akka teenyu nuuf heyyami” jedhanii deebisan. 38 Yesuus garuu, “Isin wanta kadhattan hin beektan. Xoofoo ani dhugu dhuguu yookiin cuuphaa ani cuuphamaa jiru cuuphamuu ni dandeessuu?”+ isaaniin jedhe. 39 Isaanis, “Eeyyee, ni dandeenya” isaan jedhan. Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Xoofoo ani dhugu ni dhugdu, cuuphaa ani cuuphamaa jirus ni cuuphamtu.+ 40 Karaa mirga koo yookiin karaa bitaa koo taaʼuun garuu, warra isaaniif qophaaʼeef kan kennamu dha malee wanta ani kennu miti.”
41 Barattoonni kurnan yommuu waaʼee kanaa dhagaʼan Yaaqoobii fi Yohaannisitti ni aaran.+ 42 Yesuus garuu ofitti isaan waamee akkana isaaniin jedhe: “Namoonni bulchitoota sabootaa jedhaman gooftolii akka isaan irratti taʼan, guguddoonni isaaniis aangoo isaanii akka isaan irratti argisiifatan beektu.+ 43 Isin gidduutti garuu akkana taʼuu hin qabu; kanaa mannaa, isin gidduutti guddaa taʼuu kan barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan haa taʼu;+ 44 namni isin gidduutti dura taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha hunda keessanii haa taʼu. 45 Sababiin isaas, Ilmi namaa iyyuu kan dhufe warra kaan tajaajiluu+ fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii* godhee kennuufi+ malee, akka isa tajaajilaniif miti.”
46 Achiis gara Yerikoo dhufan. Haa taʼu malee, inni, barattoonni isaa fi namoonni hedduun yommuu Yerikoodhaa baʼaa turanitti, Barxiimewos (ilmi Xiimewos) inni qaro dhabeessaa fi kadhattuu taʼe karaa qarqara taaʼee ture.+ 47 Innis Yesuus namni Naazireet sun achiin darbaa akka jiru yommuu dhagaʼu, “Yaa Yesuus Ilma Daawit,+ garaa naa laafi!”+ jedhee iyye. 48 Achiis namoonni hedduun akka inni callisu itti himuudhaan isa ifachuu jalqaban; inni garuu, “Yaa Ilma Daawit, garaa naa laafi!” jedhee ittuma caalchisee iyye. 49 Kanaafuu, Yesuus dhaabbatee, “Isa waamaa!” jedhe. Isaanis namicha qaro dhabeessa sanaan, “Jabaadhu! Kaʼi; si waamaa jira” jedhan. 50 Innis uffata isaa of irraa darbatee, utaalee kaʼuudhaan gara Yesuus dhaqe. 51 Achiis Yesuus, “Maal akkan siif godhu barbaadda?” isaan jedhe. Namichi qaro dhabeessi sunis, “Rabboonii,* agartuun koo akka anaaf deebiʼu godhi” isaan jedhe. 52 Yesuusis, “Dhaqi. Amantiin kee si fayyiseera”+ isaan jedhe. Namichis agartuun isaa yeruma sana isaaf deebiʼe;+ achiis namoota sanaa wajjin isa duukaa buʼuu jalqabe.
11 Yesuusii fi barattoonni isaa yeroo gara Yerusaalem, gara Beetafaagee fi Bitaaniyaa+ warra Gaara Ejersaa irra jiranitti dhihaatan, inni barattoota isaa keessaa lama erge;+ 2 akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; akkuma achi seentaniin, ilmoon harree hamma ammaatti namni irra taaʼee hin beekne tokko hidhamtee argitu. Hiikaatii as fidaa. 3 Eenyu iyyuu, ‘Maal gochaa jirtu?’ yoo isiniin jedhe, ‘Gooftaatu barbaada, inni dafee idduma kanatti deebisa’ jedhaa.” 4 Kanaafuu, isaan dhaqanii, ilmoon harree sun balbala dura, karaa qarqaratti hidhamtee argatanii hiikan.+ 5 Namoota achi dhaabbatan keessaa tokko tokko garuu, “Maal gochuuf ilmoo harree kana hiiktu?” isaaniin jedhan. 6 Isaan wanta Yesuus jedhe yommuu itti himan, namoonni sun ni heyyamaniif.
7 Achiis ilmoo harree+ sana gara Yesuusitti fidanii uffata isaanii irra buusan; innis irra taaʼe.+ 8 Kana malees, namoonni hedduun uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo qarqara karichaatii damee baala qabu kutanii afan.+ 9 Namoonni isa duraa fi isa booda deemanis akkana jedhanii iyyu turan: “Akka isa oolchitu si kadhanna!+ Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!+ 10 Mootummaan abbaa keenya Daawit+ inni dhufu eebbifamaa dha! Yaa isa samii irra jirtuu, akka isa oolchitu si kadhanna!” 11 Gara Yerusaalemitti yommuu seenus mana qulqullummaa seenee wanta naannoo isaa jiru hundumaa ilaale; haa taʼu malee, saʼaatiin sokkee waan tureef, warra Kudha Lamaanii wajjin gara Bitaaniyaa dhaqe.+
12 Guyyaa itti aanutti yeroo Bitaaniyaadhaa baʼan ni beelaʼe.+ 13 Muka harbuu baala lalisaa qabdu tokko fagootti argee, firii akka irraa argatu ilaaluuf gara ishii dhaqe. Yommuu bira gaʼu garuu waqtiin isaa yeroo harbuun itti firii godhatu waan hin turreef, baala malee homaa irraa hin arganne. 14 Kanaafuu, “Eenyu iyyuu kana booda firii si irraa hin nyaatin”+ jedhe. Barattoonni isaas isa dhaggeeffachaa turan.
15 Achiis gara Yerusaalem dhufan. Achittis Yesuus mana qulqullummaa seenee, warra mana qulqullummaa keessatti gurguranii fi bitan achi keessaa ariʼe; minjaala warra maallaqa jijjiiranii fi barcuma warra gugee gurguraniis ni gaggaragalche;+ 16 namni tokko iyyuu miʼa baatee mana qulqullummaa keessa akka hin darbines ni dhowwe. 17 Namootas ni barsiisa ture; akkasumas, “‘Manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama’+ jedhamee barreeffameera mitii? Isin garuu holqa saamtotaa gootan”+ isaaniin jedhe. 18 Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa kana dhagaʼanii, karaa itti isa ajjeesan barbaaduu jalqaban;+ sababiin isaas, namoonni hundi barumsa isaa waan dinqisiifataniif isaan isa sodaatu turan.+
19 Yommuu galgalaaʼus magaalattii keessaa baʼanii deeman. 20 Ganama barii yommuu achiin darbanis mukti harbuu sun hidda ishiitii jalqabee akka gogde argan.+ 21 Yeroo kanatti Pheexiros yaadatee, “Rabbii, ilaa mukti harbuu ati abaarte sun gogdeetti”+ isaan jedhe. 22 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Waaqayyo irratti amantii qabaadhaa. 23 Dhuguman isiniin jedha, namni kam iyyuu gaara kanaan, ‘Asii buqqaʼii galaana keessatti darbatami’ yoo jedhee fi garaa isaatti utuu hin shakkin wanti inni dubbate akka raawwatamu yoo amane, ni raawwatamaaf.+ 24 Kanaafuu, ani isiniin nan jedha, wanta kadhattanii fi gaafattan hunda akkuma argattanitti amanaa, dhugumaan ni argattu.+ 25 Yeroo kadhannaadhaaf dhaabbattan, Abbaan keessan inni samii cubbuu keessan akka isiniif dhiisuuf, balleessaa warri kaan isin irratti raawwatan hundumaa isaaniif dhiisaa.”+ 26* ——
27 Ammas isaan gara Yerusaalem dhufan. Utuu inni mana qulqullummaa keessa deemaa jiruus, dura buutonni lubootaa, barsiisonni seeraa fi maanguddoonni dhufanii, 28 “Aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta? Yookiin wantoota kana akka hojjettu aangoo kan siif kenne eenyu?”+ isaan jedhan. 29 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Mee anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isinis naa deebisaa, anis aangoo maaliitiin wantoota kana akkan hojjedhu isinitti nan hima. 30 Cuuphaan Yohaannis+ samii irraa moo nama biraa dhufe?* Naa deebisaa.”+ 31 Kanaafuu, isaan akkana jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban: “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’ nuun jedha. 32 Garuu ijuma jabaannee, ‘Nama biraa ti’ jennuu laata?” Taʼus, namoonni sun hundi Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif namoota sana sodaatan.+ 33 Kanaafuu isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuusis, “Anis wantoota kana aangoo maaliitiin akkan hojjedhu isinitti hin himu” isaaniin jedhe.
12 Achiis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe: “Namni tokko wayinii dhaabee+ naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare;+ sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe.+ 2 Waqtiin isaa yommuu gaʼus, firii wayinichaa keessaa muraasa akka isaan biraa fidu garbicha tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge. 3 Isaan garuu qabanii isa reeban,* harka duwwaas isa ariʼan. 4 Ammas garbicha kan biraa isaanitti erge, isaan garuu mataa isaa buruqsan, akkasumas isa salphisan.+ 5 Ammas garbicha kan biraa erge, isaan garuu isa ajjeesan; kan biraa hedduus isaanitti erge, isaan garuu isaan keessaa tokko tokko ni reeban, tokko tokko immoo ni ajjeesan. 6 Amma kan isa hafe ilma isaa isa jaallatamaa+ dha. Dhuma irrattis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee gara isaaniitti isa erge. 7 Qonnaan bultoonni sun garuu, ‘Dhaaltichi+ isa kana. Kottaa, isa ajjeesna, dhaalli isaas kan keenya taʼa’ waliin jedhan. 8 Kanaafuu, qabanii isa ajjeesan; achiis maasii wayinichaatii alatti isa gatan.+ 9 Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha? Dhufee qonnaan bultoota sana ajjeesa; maasii wayinii isaas namoota kan birootti kennata.+ 10 Isin Kitaaba Qulqulluu keessaa isa akkana jedhu matumaa hin dubbisnee? ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe.+ 11 Kun Yihowaa* biraa dhufe, ija keenyaafis dinqii dha.’”+
12 Yeroo kanatti fakkeenyicha kan dubbate isaaniin yaadatti qabatee akka taʼe waan hubataniif, isa qabuu barbaadanii kan turan taʼus namoota sana sodaatan. Kanaafuu, isa dhiisanii deeman.+
13 Sana booda wanta inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf, Fariisota tokko tokkoo fi hordoftoota Heroodisiin gara isaatti ergan.+ 14 Isaanis yommuu achi gaʼan akkana isaan jedhan: “Barsiisaa, ati nama dhugaa akka taatee fi fudhatama argachuuf jettee homaa akka hin goone beekna; sababiin isaas, ati bifa namaa ilaaltee hin murteessitu; kanaa mannaa, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan barsiista. Qeesaariif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti? 15 Kaffallu moo dhiisnu?” Inni garuu fakkeessaa akka jiran beekee, “Maaliif na qortu? Mee dinaaree* tokko fidaa natti argisiisaa” isaaniin jedhe. 16 Isaanis dinaaree tokko isatti fidan; innis, “Fakkiin kunii fi barreeffamni kun kan eenyuu ti?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Kan Qeesaar” isaan jedhan. 17 Achiis Yesuus, “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif,+ wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa”+ isaaniin jedhe. Isaanis isa ajaaʼibsiifatan.
18 Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhanis+ gara isaa dhufanii akkana jedhanii isa gaafatan:+ 19 “Barsiisaa, Museen obboleessi nama tokkoo utuu dhala hin godhatin haadha manaa isaa dhiisee yoo duʼe, obboleessi isaa ishii fuudhee inni sanyii akka qabaatu akka godhu nuu barreesseera.+ 20 Obbolaan torba jiru turan. Inni jalqabaa haadha manaa fuudhee utuu dhala hin godhatin duʼe. 21 Inni lammaffaanis ishii fuudhee utuu dhala hin godhatin duʼe; inni sadaffaanis akkasuma. 22 Torban isaanii iyyuu utuu dhala hin godhatin duʼan. Hunduma isaanii boodas dubartittiin ni duute. 23 Egaa torban isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti haadha manaa isa kamii taati?” 24 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Isin kan dogoggortan Kitaabota Qulqulluus taʼe humna Waaqayyoo waan hin beekneef mitii?+ 25 Sababiin isaas, yeroo duʼaa kaʼan dhiironni hin fuudhan, dubartoonnis hin heeruman; kanaa mannaa, akka maleekota samii taʼu.+ 26 Duʼaa kaʼuu warra duʼanii ilaalchisee garuu kitaaba Musee keessaa, seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu irratti Waaqayyo, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi’+ akka isaan jedhe hin dubbisnee? 27 Inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti. Isin baayʼee dogoggortaniittu.”+
28 Barsiisaan seeraa yommuu isaan wal falman dhagaʼaa ture tokko akka gaariitti akka inni isaaniif deebise hubatee, “Ajaja hundumaa keessaa inni duraa* isa kami?”+ jedhee isa gaafate. 29 Yesuusis akkana jedhee deebise: “Inni duraa isa kana: ‘Yaa Israaʼel, dhagaʼi, Waaqni keenya Yihowaan,* Yihowaa* tokkicha dha; 30 atis Waaqa kee Yihowaa* garaa kee guutuudhaan, lubbuu* kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.’+ 31 Ajajni inni lammataas, ‘Nama* akka ofii keetti jaalladhu’+ kan jedhu dha. Ajajni ajajawwan kana irra caalu kan biraan hin jiru.” 32 Barsiisaan seeraa sunis akkana isaan jedhe: “Barsiisaa, wanti ati dubbatte dhugaa dha, ‘Inni Tokkicha, isa malees kan biraan hin jiru’;+ 33 garaa guutuudhaan, hubannaa guutuudhaan, humna guutuudhaan isa jaallachuun, akkasumas nama akka ofiitti jaallachuun aarsaawwan guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan kaan hundumaa caalaa gatii guddaa qaba.”+ 34 Yeroo kanatti Yesuus namichi hubannaadhaan akka deebise beekee, “Ati Mootummaa Waaqayyoo irraa kan fagaatte miti” isaan jedhe. Sana booda garuu namni gaaffii isa gaafachuuf onnate hin turre.+
35 Haa taʼu malee, Yesuus mana qulqullummaa keessatti utuu barsiisaa jiruu akkana jedhe: “Barsiisonni seeraa akkamitti Kiristoosiin ilma Daawit jedhu?+ 36 Daawit hafuura qulqulluudhaan+ geggeeffamee akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee miila kee jala hamman siif godhutti mirga koo taaʼi” jedheera.’+ 37 Daawit Gooftaa jedhee erga isa waamee, inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”+
Yeroo kanatti namoonni hedduun gammachuudhaan isa dhaggeeffachaa turan. 38 Inni akkana jedhee barsiisuu isaa itti fufe: “Barsiisota seeraa* irraa of eegaa; isaan uffata dheeraa uffatanii naannaʼuu jaallatu; iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu barbaadu;+ 39 mana sagadaa keessatti fuuldura,* affeerraa irbaataa irrattis bakka filatamaa taaʼuu jaallatu.+ 40 Mana* dubartoota abbaan manaa irraa duʼee ni onsu; argisiifachuuf* jedhaniis kadhannaa isaanii dheeressu. Isaan warra kaan caalaa adabamu.”
41 Yesuus fuullee saanduqawwan buusii+ taaʼee, yommuu namoonni saanduqawwan buusii sana keessa maallaqa buusan ilaaluu jalqabe; namoonni sooreyyii taʼan hedduun saantima baayʼee keessa buusu turan.+ 42 Yeroo kanatti dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko dhuftee saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban lama* achi keessa buuste.+ 43 Yesuusis barattoota isaa waamee akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tun warra saanduqa buusii keessa maallaqa buusan kaan hundumaa caalaa buusteetti.+ 44 Sababiin isaas, hundi isaanii wanta isaan irraa hafe buusan; ishiin garuu hiyyeettii taatus wanta qabdu hundumaa, jechuunis wanta ittiin jiraattu hundumaa buuste.”+
13 Yesuus mana qulqullummaa keessaa baʼee utuu deemaa jiruu barattoota isaa keessaa tokko, “Barsiisaa, dhagootaa fi gamoowwan ajaaʼibsiisoo kana ilaali!”+ isaan jedhe. 2 Yesuus garuu, “Gamoowwan guguddaa kana ilaaltaa? Dhagaan kun utuu hin jigin matumaa akka wal irra kaaʼametti hin hafu”+ isaan jedhe.
3 Yesuus fuullee mana qulqullummaatiin utuu Gaara Ejersaa irra taaʼee jiruu, Pheexiros, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiriyaas kophaatti gara isaa dhufanii akkana jedhanii isa gaafatan: 4 “Nutti himi, wantoonni kun yoom raawwatamu? Wantoonni kun hundi yoom akka raawwataman mallattoon argisiisu hoo maali dha?”+ 5 Kanaafuu, Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Eenyu iyyuu akka isin hin dogoggorsine of eeggadhaa.+ 6 Namoonni hedduun, ‘Ani isa dha’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufu; namoota hedduus ni dogoggorsu. 7 Kana malees, waraanaa fi oduu waraanaa yommuu dhageessan hin sodaatinaa; wantoonni kun taʼuu qabu, dhumni sirnichaa garuu hin geenye.+
8 “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa;+ bakka garaa garaatti kirkirri lafaa ni taʼa; akkasumas hanqinni nyaataa ni jiraata.+ Haa taʼu malee, wantoonni kun jalqaba ciniinsuu ti.+
9 “Isin garuu of eeggadhaa. Namoonni mana murtiitti dabarsanii isin kennu;+ manneen sagadaa isaanii keessatti ni reebamtu;+ anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota dura ni dhaabamtu; kunis isaaniif dhugaa baʼuuf isin gargaara.+ 10 Kana malees, jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.+ 11 Yeroo dabarsanii isin kennan maal dubbanna jettanii dursitanii hin yaaddaʼinaa; garuu wanta saʼaatii sanatti isiniif kennamu dubbadhaa; sababiin isaas, hafuura qulqulluutu karaa keessan dubbata malee isintu dubbata miti.+ 12 Kana malees, obboleessi obboleessa isaa, abbaan mucaa isaa duʼaaf dabarsee kenna; ijoolleenis warra isaanii irratti kaʼanii isaan ajjeesisu.+ 13 Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu.+ Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu+ garuu ni fayya.+
14 “Haa taʼu malee, wanti balfamaan badiisa geessisu+ bakka dhaabbachuu hin qabne dhaabbatee yommuu argitan (inni dubbisu haa hubatu), yeroo sanatti warri Yihudaa keessa jiran gara gaarotaatti haa baqatan.+ 15 Namni baaxii manaa irra jiru gad hin buʼin; waanuma tokko illee mana isaa keessaa fudhachuufis ol hin seenin; 16 namni maasii keessa jirus uffata isaa fudhachuuf wantoota duubatti hafanitti hin deebiʼin. 17 Guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi dubartoota hoosisaniif wayyoo!+ 18 Kun waqtii gannaatti akka hin taane kadhachuu keessan itti fufaa; 19 sababiin isaas guyyoonni sun, guyyoota rakkinaa+ jalqaba uumama Waaqayyo uumee kaasee hanga yeroo sanaatti taʼee hin beeknee fi lammatas hin taane ni taʼu.+ 20 Yihowaan* guyyoota sana utuu hin gabaabsine taʼee, eenyu iyyuu* ooluu hin dandaʼu ture. Haa taʼu malee, warra filatamoo inni filateef jedhee guyyoota sana ni gabaabsa.+
21 “Yeroo sanatti, eenyu iyyuu, ‘Ilaa, Kiristoos as jira!’ yookiin ‘Achi jira!’ yoo isiniin jedhe hin amaninaa.+ 22 Sababiin isaas, Kiristoosonni sobaa fi raajonni sobaa kaʼanii+ yoo isaaniif dandaʼame warra filataman karaa irraa jalʼisuuf mallattoowwanii fi dinqiiwwan ni hojjetu. 23 Egaa isin of eeggadhaa.+ Ani waan hundumaa dursee isinitti himeera.
24 “Haa taʼu malee guyyoota sanatti, rakkina sana booda aduun ni dukkanoofti, addeessis ifa ishii hin kennitu,+ 25 urjiileen samii irraa ni kukkufu, humnoonni samii keessa jiranis ni raafamu. 26 Yeroo sanatti Ilmi namaa+ humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa samiitiin yommuu dhufu ni argu.+ 27 Innis yeroo sanatti maleekota ergee, warra isaaf filataman bubbeewwan arfan irraa, andaara lafaatii hanga andaara samiitti walitti ni qaba.+
28 “Muka harbuu irraa fakkeenya kana baradhaa: Yeroo dameen isaa latee baala baafatu bonni akka dhihaate ni beektu.+ 29 Haaluma wal fakkaatuun isinis wantoonni kun raawwatamuu isaanii yommuu argitan, inni balbalatti akka dhihaate beekaa.+ 30 Dhuguman isiniin jedha, wantoonni kun hundi hamma raawwatamanitti, dhaloonni kun matumaa hin darbu.+ 31 Samii fi lafti ni darbu;+ dubbiin koo garuu matumaa hin darbu.+
32 “Waaʼee guyyaa sanaa yookiin saʼaatii sanaa, Abbaa malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan.+ 33 Kanaafuu, guyyaan murteeffame sun yoom akka taʼe waan hin beekneef, yeroo hunda xiyyeeffannaadhaan hordofaa, dammaqinaanis eegaa.+ 34 Kun nama garboota isaatiif aangoo kennuudhaan, tokkoon tokkoon isaaniitiif hojii hojjetan kennee,+ inni balbala eegu dammaqee akka eegu+ erga ajajee booda, mana isaa dhiisee biyya fagoo dhaqee wajjin wal fakkaata. 35 Kanaafuu, gooftaan manichaa, galgala yookiin halkan walakkaa yookiin iyya indaaqqoo dura yookiin ganama barii, yoom akka dhufu waan hin beekneef,+ yeroo hundumaa dammaqaa eegaa;+ 36 kunis inni yommuu tasa dhufu utuu raftanii akka isin hin arganneefi.+ 37 Haa taʼu malee, wantan isinitti himu, nama hundumaatti nan hima: Yeroo hundumaa dammaqaa eegaa.”+
14 Ayyaanni Faasikaa+ fi Ayyaanni Maxinoo+ guyyaa lama booda kabajama ture.+ Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa* karaa haxxummaadhaan isa qabanii itti ajjeesan barbaadaa turan;+ 2 sababiin isaas isaan, “Uummaticha gidduutti jeequmsi uumamuu waan dandaʼuuf, yeroo ayyaanichaatti taʼuu hin qabu” jedhu turan.
3 Yesuus Bitaaniyaa keessa mana Simoon isa dhukkuba nadaayiitiin qabamee ture sanaatti utuu maaddiitti dhihaatee jiruu, dubartiin takka zayitii urgaaʼaa gatiin isaa baayʼee guddaa taʼee fi naardosii qulqulluu irraa qophaaʼe qaruuraa albaasxiroositti fiddee dhufte. Achiis qaruuraa sana cabsitee banuudhaan mataa isaa irratti dhangalaasuu jalqabde.+ 4 Yeroo kanatti isaan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan: “Zayitiin urgaaʼu kun maaliif lafatti bada? 5 Zayitiin kun dinaaree* 300 olitti gurguramee maallaqni isaa hiyyeeyyiidhaaf kennamuu dandaʼa ture!” Baayʼees ishiitti ni aaran.* 6 Yesuus garuu akkana jedhe: “Ishii dhiisaa. Maaliif ishii rakkistu? Ishiin wanta gaarii anaaf gooteetti.+ 7 Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin waan jiraniif,+ yeroo barbaaddan hundatti waan gaarii isaaniif gochuu dandeessu; anaan garuu yeroo hunda hin argattan.+ 8 Ishiin wanta dandeessu gooteetti; zayitii urgaaʼu kana dursitee qaama koo irratti dhangalaastee awwaalaaf na qopheessiteetti.+ 9 Dhuguman isiniin jedha, guutummaa addunyaa irratti bakka misiraachoon kun lallabamu hundatti,+ wanti dubartiin tun gootes yaadannoo ishiitiif ni dubbatama.”+
10 Warra Kudha Lamaan keessaa tokko kan taʼe Yihudaa Asqorotichi, Yesuusiin dabarsee isaanitti kennuuf gara dura buutota lubootaa dhaqe.+ 11 Isaanis yeroo kana dhagaʼan, gammadanii maallaqa meetii isaaf kennuuf waadaa galan.+ Kanaafuu, inni dabarsee isa kennuuf carraa barbaaduu jalqabe.
12 Guyyaa jalqabaa Ayyaana Maxinootti+ akkuma barame yeroo aarsaa Faasikaa dhiheessanitti,+ barattoonni isaa, “Faasikaa+ akka nyaattu dhaqnee eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?” isaan jedhan. 13 Innis akkana isaaniin jedhee barattoota isaa lama erge: “Gara magaalaa dhaqaa, namichi okkotee bishaanii baate tokko isinitti dhufa. Isa duukaa buʼaa;+ 14 mana namichi itti seenu dhaqaatii abbaa manichaatiin, ‘Barsiisaan, “Kutaan keessummaa ani barattoota koo wajjin Faasikaa itti nyaadhu eessa?” jedheera’ jedhaa. 15 Innis kutaa balʼaa fooqii irraa wanta barbaachisuun guutame isinitti argisiisa. Achitti nuuf qopheessaa.” 16 Kanaafuu, barattoonni ni deeman; magaalattiitti seenaniis akkuma inni isaaniin jedhe taʼee argan; Faasikaas ni qopheessan.
17 Erga dhihee boodas, Yesuus barattoota isaa Kudha Lamaanii+ wajjin dhufe. 18 Utuu maaddiitti dhihaatanii nyaachaa jiraniis, “Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa inni anaa wajjin nyaatu tokko dabarsee na kenna”+ jedhe. 19 Isaanis baayʼee gaddanii, tokko tokkoon, “Ana taʼinnaa laata?” isaan jechuu jalqaban. 20 Innis akkana isaaniin jedhe: “Inni isa warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼee fi anaa wajjin saanii keessaa cuuphatu dha.+ 21 Ilmi namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffametti ni deema; isa karaa isaa Ilmi namaa dabarfamee kennamu sanaaf garuu wayyoo!+ Namni sun utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”+
22 Utuu nyaachaa jiranii, Yesuus maxinoo fuudhee eebbise; caccabsees isaaniif kennee, “Fudhadhaa, kun foon koo argisiisa”+ jedhe. 23 Xoofoos fuudhee erga galateeffatee booda isaaniif kenne; hundi isaaniis isa keessaa dhugan.+ 24 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Kun dhiiga+ koo isa ‘dhiiga kakuu’+ taʼee fi namoota hedduudhaaf dhangalaʼu argisiisa.+ 25 Dhuguman isiniin jedha, hamma guyyaa ani Mootummaa Waaqayyoo keessatti wayinii isa haaraa dhugu sanaatti, kana booda matumaa wayinii kana irraa hin dhugu.” 26 Dhuma irrattis faarfannaa galataa erga faarfatanii booda baʼanii gara Gaara Ejersaa deeman.+
27 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “‘Ani tiksee sana nan rukuta,+ hoolonnis ni bittinnaaʼu’+ jedhamee waan barreeffameef, hundi keessan iyyuu ni gufattu. 28 Haa taʼu malee, ergan duʼaa kaafamee booda, isin dursee gara Galiilaa nan dhaqa.”+ 29 Pheexiros garuu, “Warri kaan hundi yoo gufatan illee, ani matumaa hin gufadhu”+ isaan jedhe. 30 Yeroo kanatti Yesuus, “Dhuguman siin jedha, harʼa, eeyyee, halkanuma kana kormaan indaaqqoo siʼa lama iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta”+ isaan jedhe. 31 Inni garuu ittuma fufee, “Sii wajjin duʼuun yoo ana irra jiraate illee, ani matumaa si hin ganu” jedhe. Warri kaan hundis akkanuma jechuu jalqaban.+
32 Achiis gara bakka Getesemaanee jedhamu dhufan; innis barattoota isaatiin, “Ani yommuun kadhadhu isin asuma taaʼaa”+ jedhe. 33 Achiis Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin fudhatee deeme;+ akka malee dhiphachuu fi jeeqamuus ni jalqabe. 34 Akkasumas, “Ani* hamma duʼaatti baayʼee gaddeera.+ Asuma turaatii dammaqaa eegaa”+ isaaniin jedhe. 35 Isaan irraa xinnoo gara fuulduraatti siqee lafatti gombifamee yoo dandaʼame saʼaatichi akka isa irraa darbu kadhachuu jalqabe. 36 “Aabbaa,*+ wanti hundi siif ni dandaʼama; xoofoo kana na irraa fageessi. Taʼus wanta ani barbaadu utuu hin taʼin, wanti ati barbaaddu haa taʼu”+ jedhe. 37 Gara isaaniitti yommuu deebiʼus rafanii isaan argee Pheexirosiin akkana jedhe: “Simoon, rafaa jirtaa? Saʼaatii tokkoof illee dammaqxee eeguu hin dandeenyee?+ 38 Qorumsatti akka hin galleef+ dammaqaa eegaa, kadhachuu keessanis itti fufaa. Dhugaa dha, hafuurri qophaaʼaa dha;* foon garuu dadhabaa dha.”+ 39 Ammas achi deemee waanuma dura kadhate sana irra deebiʼee kadhate.+ 40 Ammas deebiʼee yeroo dhufu hirribni isaan qabee* waan tureef rafanii isaan arge; kanaafuu, isaan waan isaaf deebisan wallaalan. 41 Yeroo sadaffaadhaaf deebiʼee dhufees akkana isaaniin jedhe: “Yeroon kun yeroo itti raftanii fi yeroo itti boqottan miti! Ni gaʼa! Saʼaatichi gaʼeera!+ Kunoo, Ilmi namaa harka cubbamootaatti dabarfamee kennamuuf jedha. 42 Kaʼaa, haa deemnu. Kunoo, inni dabarsee na kennu dhihaateera.”+
43 Yeruma sana utuma inni dubbachaa jiruu, Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe ni dhufe; namoonni dura buutota lubootaa, barsiisota seeraa fi maanguddoota biraa ergaman hedduunis goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin turan.+ 44 Inni dabarsee isa kennus, “Inni ani dhungadhu isa dha; qabaatii eegumsa cimaadhaan isa fuudhaa deemaa” jedhee mallattoo isaaniif kennee ture. 45 Kallattiidhaan gara isaa dhufee itti dhihaatee, “Rabbii!” jedhee isa dhungate. 46 Isaanis qabanii toʼannaa jala isa galchan. 47 Haa taʼu malee, warra achi dhaabbatan keessaa tokko goraadee isaa luqqifatee gurra garbicha luba ol aanaa rukutee isa irraa kute.+ 48 Yesuus garuu deebisee akkana isaaniin jedhe: “Akka nama saamtuu qabuutti goraadee fi ulee qabattanii ana qabuu dhuftanii?+ 49 Guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessatti barsiisaa isinii wajjinan ture;+ isin garuu na hin qabne. Haa taʼu malee, kun kan taʼe wanti Kitaabonni Qulqulluun jedhan akka raawwatamuufi.”+
50 Yeroo kanatti hundi isaanii isa dhiisanii baqatan.+ 51 Haa taʼu malee, dargaggeessi qullaa isaa dhokfachuuf uffata quncee talbaa irraa hojjetame qofa uffate tokko itti dhihaatee isa duukaa buʼa ture; isaanis isa qabuuf yaalan; 52 inni garuu uffata isaa dhiisee qullaa isaa* baqate.
53 Isaan Yesuusiin gara luba ol aanaatti geessan;+ dura buutonni lubootaa, maanguddoonnii fi barsiisonni seeraa hundis walitti qabaman.+ 54 Pheexiros garuu hamma mooraa luba ol aanaa sanaatti irraa fagaatee isa duukaa buʼa ture; achiis tajaajiltoota manicha keessa jiranii wajjin taaʼee ibidda qaqqaammachaa ture.+ 55 Yeroo kanatti dura buutonni lubootaa fi guutummaan yaaʼii Saanhedriin, Yesuusiin ajjeesuuf ragaa isa irratti barbaadu turan; garuu ragaa tokko illee hin arganne.+ 56 Dhugaa dha, namoonni hedduun sobaan isa irratti ragaa baʼu turan;+ taʼus, wanti isaan dubbatan tokko hin turre. 57 Namoonni tokko tokkos kaʼanii akkana jedhanii sobaan isa irratti ragaa baʼuu jalqaban: 58 “Nuti yommuu inni, ‘Ani mana qulqullummaa harkaan ijaarame kana diigee, guyyaa sadiitti isa harkaan hin ijaaramne kan biraa nan ijaara’+ jedhu dhageenyeerra.” 59 Haa taʼu malee, kanuma irratti illee ragaan isaan baʼan tokko hin turre.
60 Achiis lubni ol aanaan gidduu isaanii dhaabbatee, “Deebii tokko illee hin kennituu? Wanta namoonni kun si irratti ragaa baʼan ilaalchisee maal jetta?” jedhee Yesuusiin gaafate.+ 61 Inni garuu calluma jedhe malee, deebii tokko illee hin kennine.+ Ammas lubni ol aanaan sun, “Ati Kiristoos Ilma Isa Eebbifamaa sanaa tii?” jedhee isa gaafachuu jalqabe. 62 Yesuusis, “Eeyyee; Ilmi namaa+ mirga isa humna qabeessa sanaa taaʼee,+ duumessa samii wajjin yommuu dhufu ni argitu”+ jedhe. 63 Yeroo kanatti lubni ol aanaan sun uffata isaa tarsaasee akkana jedhe: “Kana caalaa ragaa baatota dabalataa maaliitu nu barbaachisa?+ 64 Waaqayyoon arrabsuu isaa dhageessaniittu. Maarree murtoon keessan maali dha?”* Hundi isaaniis duʼuu akka qabu itti murteessan.+ 65 Isaan keessaa tokko tokko itti tufuu jalqaban;+ fuula isaa haguuganii abootteedhaan isa rukutaa, “Raajii dubbadhu!” isaan jedhan. Waardiyyoonni mana murtichaas kakkabalaa isa fuudhanii deeman.+
66 Pheexiros mooraa keessa karaa gadii utuu jiruu, shamarran tajaajiltoota luba ol aanaa taʼan keessaa tokko gara isaa dhufte.+ 67 Ishiin Pheexiros utuu ibidda qaqqaammatuu isa argitee, hubattee isa ilaalaa, “Atis Yesuus nama Naazireet kanaa wajjin turte!” jette. 68 Inni garuu, “Ani isa hin beeku; wanti ati dubbachaa jirtus naaf hin galle” jedhee gane; achiis gara karrichaa* dhaqe. 69 Achittis tajaajiltuun sun isa argitee ammas warra achi dhaabbataniin, “Inni kunis isaan keessaa tokko dha” jette. 70 Inni ammas ni gane. Yeroo muraasa boodas, warri achi dhaabbatan ammas Pheexirosiin, “Ati nama Galiilaa waan taateef, dhuguma iyyuu isaan keessaa tokko dha” jedhan. 71 Inni garuu, “Ani namicha isin jettan kana hin beeku!” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. 72 Yeruma sanas kormaan indaaqqoo siʼa lammaffaa iyye;+ Pheexirosis Yesuus, “Kormaan indaaqqoo siʼa lama iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta”+ isaan jedhee akka ture yaadate. Achiis of toʼachuu dadhabee hirqinfatee booʼuu jalqabe.
15 Akkuma bariʼeenis, dura buutonni lubootaa, maanguddoonnii fi barsiisonni seeraa, jechuunis guutummaan yaaʼii Saanhedriin erga waliin mariʼatanii booda, Yesuusiin hidhanii geessanii Philaaxositti dabarsanii isa kennan.+ 2 Philaaxosis, “Ati Mootii Yihudootaa tii?”+ jedhee isa gaafate. Innis, “Atumti iyyuu jette kaa”+ jedhee deebise. 3 Dura buutonni lubootaa garuu himata hedduu isa irratti dhiheessu turan. 4 Yeroo kanatti Philaaxos irra deebiʼee isa gaafachuu jalqabe; “Deebii tokko illee hin kennituu?+ Himata meeqa si irratti dhiheessaa akka jiran ilaali”+ isaan jedhe. 5 Haa taʼu malee, Yesuus sana booda deebii tokko illee waan isaaf hin kennineef, Philaaxos ni dinqisiifate.+
6 Inni yeroo hunda guyyaa ayyaanaatti nama uummanni sun akka isaaniif hiikamu gaafatan tokko ni hiika ture.+ 7 Yeroo sanatti namoota mootummaa irratti fincila kakaasuudhaan nama ajjeesanii hidhaman keessaa namni Barbaan jedhamu tokko jira ture. 8 Kanaafuu, namoonni sun dhufanii wanta Philaaxos isaaniif gochuu amaleeffatee ture akka isaaniif godhu gaafachuu jalqaban. 9 Innis deebisee, “Mootii Yihudootaa akkan isiniif hiiku ni barbaadduu?”+ isaaniin jedhe. 10 Philaaxos kana kan jedhe, dura buutonni lubootaa dabarsanii kan isa kennan hinaaffaadhaan akka taʼe+ waan beekuuf ture. 11 Haa taʼu malee, dura buutonni lubootaa sun, Yesuusiin utuu hin taʼin, Barbaaniin akka isaaniif hiiku akka gaafatan uummaticha kakaasan.+ 12 Philaaxos ammas deebisee, “Isa isin Mootii Yihudootaa jettanii waamtan kana hoo maal godhu ree?”+ isaaniin jedhe. 13 Isaan ammas, “Isa fannisi!”* jedhanii iyyan.+ 14 Philaaxos garuu, “Maaliif? Balleessaa maalii hojjete?” isaaniin jedhe. Isaan garuu, “Isa fannisi!”* jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.+ 15 Yeroo kanatti Philaaxos, uummaticha gammachiisuu barbaadee Barbaaniin isaaniif hiike; Yesuusiin immoo erga garafsiisee+ booda muka irratti akka fannifamu dabarsee isa kenne.+
16 Loltoonni sun gara mooraa sanaatti, jechuunis gara mana bulchaa sanaatti erga isa geessanii booda loltoota hunda walitti qaban.+ 17 Achiis uffata bifa dhiilgee itti uwwisan; qoree irraas gonfoo dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan; 18 achiis sagalee guddaadhaan, “Yaa Mootii Yihudootaa, nagaan siif haa taʼu!”+ isaan jechuu jalqaban. 19 Akkasumas ulee shomboqqootiin mataa isaa rukutan, itti tufan, jilbeenfataniis isaaf sagadan. 20 Dhuma irrattis erga itti qoosanii booda, uffata bifa dhiilgee sana irraa baasanii uffata isaa deebisanii itti uwwisan. Achiis muka irratti isa fannisuuf fuudhanii deeman.+ 21 Namni biyya Qareenaa Simoon jedhamu tokko baadiyyaadhaa utuu dhufuu arganii muka* Yesuus itti fannifamu akka baatu isa dirqisiisan; namichi kun abbaa Iskindirii fi Ruufos ture.+
22 Achiis bakka Golgootaa jedhamutti isa geessan; hiikni isaas, “Bakka Buqqee Mataa”+ jechuu dha. 23 Bakka kanattis daadhii wayinii qumbiidhaan makame isaaf kennuuf yaalan;+ inni garuu fudhachuu dide. 24 Muka irratti erga isa fannisanii boodas, eenyu isa kam akka fudhatu murteessuuf carraa buufatanii uffatawwan isaa warra inni irratti uffatu hiratan.+ 25 Yommuu muka irratti isa fannisanis yeroon isaa saʼaatii sadii ture. 26 Barreeffamni himata isa irratti dhihaate ibsuu fi “Mootii Yihudootaa” jedhus barreeffamee ture.+ 27 Kana malees, saamtota lama, isa tokko karaa mirga isaa, isa tokko immoo karaa bitaa isaa, isa biratti muka irratti fannisan.+ 28 *—— 29 Namoonni achiin darbanis isa arrabsu turan; mataa isaanii raasaniis+ akkana jedhu turan: “Muu, yaa isa mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu nana,+ 30 mee muka* irratti fannifamte irraa buʼiitii of oolchi.” 31 Haaluma wal fakkaatuun, dura buutonni lubootaas barsiisota seeraa wajjin akkana jedhanii isatti qoosan: “Warra kaan oolcheera; of oolchuu garuu hin dandeenye!+ 32 Nuti arginee akka isatti amannuuf, mee Kiristoos Mootiin Israaʼel amma muka* irratti fannifame irraa haa buʼu.”+ Warri isaa wajjin muka irratti fannifaman illee isa arrabsu turan.+
33 Saʼaatii jaʼaa jalqabee hanga saʼaatii sagaliitti guutummaan lafaa ni dukkanaaʼe.+ 34 Saʼaatii sagalitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eelii, Eelii, laamaa saabaaqtaanii?” jedhee iyye; hiikni isaas, “Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?”+ jechuu dha. 35 Warra naannoo sana dhaabbatan keessaa tokko tokko yommuu kana dhagaʼan, “Ilaa, Eeliyaasiin waammachaa jira” jedhan. 36 Yeroo kanatti namichi tokko fiigee ispoonjii tokko daadhii wayinii dhangaggaaʼaa keessa erga cuuphee booda ulee shomboqqootti diree akka inni dhugu isaaf kennee,+ “Dhiisaa! Mee Eeliyaas dhufee akka gad isa buusu ilaalla” jedhe. 37 Yesuus garuu sagalee guddaadhaan erga iyyee booda ni duʼe.*+ 38 Golgaan mana qulqullummaas+ gararraadhaa hamma gajjallaatti bakka lamatti tarsaʼe.+ 39 Ajajaan dhibbaa fuuldura isaa dhaabbatee ture sun inni haala akkanaatiin duʼuu isaa yommuu argu, “Dhuguma iyyuu namni kun Ilma Waaqayyoo ture”+ jedhe.
40 Dubartoonni fagoo dhaabbatanii ilaalanis jiru turan; isaan keessaa Maariyaam ishii Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa xinnichaa* fi Yosees, akkasumas Salomee turan.+ 41 Dubartoonni kun warra yommuu inni Galiilaa turetti isaa wajjin turanii fi isa tajaajilaa turani dha;+ dubartoonni isaa wajjin gara Yerusaalem dhufan kan biroon hedduunis jiru turan.
42 Guyyaa Qophii, jechuunis jala bultii Sanbataa waan taʼeef, guyyicha keessaa gara galgalaatti 43 namni biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi miseensa beekamaa Mana Marii Yihudootaa taʼe ni dhufe; namichi kun Mootummaa Waaqayyoo eeggata ture. Inni ija jabinaan Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate.+ 44 Philaaxos garuu inni duʼuu isaa mirkaneeffachuu waan barbaadeef, ajajaa dhibbaa sana ofitti waamee Yesuus kan duʼe taʼuu isaa isa gaafate. 45 Ajajaa dhibbaa sana irraa erga mirkaneeffatee boodas, reeffa isaa akka fudhatu Yoseefiif heyyame. 46 Innis uffata quncee talbaa baʼeessa bitee, reeffa isaa erga mukicha irraa buusee booda, uffatichaan kafanee awwaala* kattaa keessatti qophaaʼe tokko keessa kaaʼe;+ achiis dhagaa tokko gara afaan awwaalichaatti gangalche.+ 47 Maariyaam ishiin Magdalaa fi Maariyaam haati Yosees garuu reeffa isaa eessa akka kaaʼan ilaalaa turan.+
16 Sanbanni+ erga darbee boodas, Maariyaam ishiin Magdalaa, Maariyaam+ haati Yaaqoobii fi Salomeen dhaqanii reeffa isaa dibuuf urgooftuu bitan.+ 2 Guyyaa jalqabaa torban sanaatti ganama barii akkuma aduun baateen gara awwaalichaa* dhufan.+ 3 Isaan, “Eenyutu afaan awwaalichaa irraa dhagicha nuuf gangalcha?” waliin jechaa turan. 4 Yommuu ol jedhanii ilaalan garuu, dhagichi akka malee guddaa taʼus, afaan awwaalichaa irraa akka gangalfame argan.+ 5 Yommuu gara awwaalichaatti seenanis dargaggeessa uffata adii uffatee karaa mirgaa taaʼe tokko arganii baayʼee naʼan. 6 Innis akkana isaaniin jedhe: “Hin naʼinaa.+ Isin Yesuus nama Naazireet isa muka irratti fannifamee ture sana barbaadaa jirtu. Inni duʼaa kaafameera.+ Amma as hin jiru. Kunoo, bakka isaan reeffa isaa kaaʼanii turan ilaalaa.+ 7 Haa taʼu malee dhaqaatii, ‘Inni isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa.+ Akkuma isinitti himee tures achitti isa ni argitu’ jedhaatii barattoota isaa fi Pheexirositti himaa.”+ 8 Kanaafuu, isaan achii baʼanii hollachaa fi ajaaʼibsiifachaa awwaalicha biraa baqatan. Isaan sodaadhaan kan kaʼe nama tokkotti iyyuu homaa hin dubbanne.*+
Kal., “fuula kee.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “gad liccisiifamu.”
Ykn., “makoodiitti; andariitti.”
Kal., “barreessitootaatti.”
Ykn tarii, “eenyu akka inni taʼe.”
Kal., “qulqulleessuu.”
Kal., “qulqullaaʼi.”
Kal., “ni qulqullaaʼe.”
Ykn., “daabboo ilaalchaa.”
Ykn., “muudee.”
Ykn., “muudes.”
Maqaa Seexanaaf kenname.
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “guuboo safaraa.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “Naannoo Magaalota Kurnanii.”
Ykn., “duʼuu jala geesseetti.”
Ykn., “sodaachuu kee dhiisi.”
Ykn., “cimsee.”
Kal., “sibiila diimaa.”
Ykn., “dabalataa.”
Ykn., “warra maaddiitti dhihaataniin.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Yeroo halkan keessaa gara saʼaatii 9 kaasee hanga ganama gara saʼaatii 12tti yeroo aduun baatutti jiru dha.
Jechuunis, akka sirna yeroo sana turetti utuu hin dhiqatin.
Ykn., “tuffiidhaan dubbatu.”
Kutaa Dabalataa A3 ilaali.
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Naannoo Magaalota Kurnanii.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “amanamaa hin taanee.”
Ykn tarii, “eenyutti iyyuu kan hin himne.”
Ykn., “dhagaan daakuu harreedhaan naanneffamu.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kutaa Dabalataa A3 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kutaa Dabalataa A3 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “waliin jedhan.”
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “beenyaa; kiisii.”
“Barsiisaa” jechuu dha.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A3 ilaali.
Ykn., “madde?”
Jechuunis, ni dhaanan.
Kal., “mataa golee.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “baayʼee barbaachisaa taʼe.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Ollaa kee.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “Barreessitoota.”
Ykn., “iddoo baʼeessa.”
Ykn., “Qabeenya.”
Ykn., “fakkeessuuf.”
Kal., “leptaa lama, jechuunis kuwaadraansii tokko.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kal., “foon kan uffate.”
Kal., “barreessitoonni.”
Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “aariidhaan ishiitti dubbatan.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Jecha Afaan Ibrootaa ykn Afaan Aaraam hiika, “Yaa Abbaa” jedhu qabu dha.
Ykn., “fedhii qaba.”
Kal., “ijji isaanii itti ulfaatee.”
Ykn., “uffata jalaatiin.”
Ykn., “Maarree maal isinitti fakkaata?”
Ykn., “gardaafoo.”
Ykn., “Muka irratti isa fannisi.”
Ykn., “Muka irratti isa fannisi.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kutaa Dabalataa A3 ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “hafuura isaa isa dhumaa baafate.”
Ykn., “gabaabaa.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Akka barreeffamoonni bara durii dhugaa taʼan ibsanitti, Wangeelli Maarqos jechoota lakk. 8 irratti argamaniin xumurama. Kutaa Dabalataa A3 ilaali.