LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt 1 Saamu’el 1:1-31:13
  • 1 Saamuʼel

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1 Saamuʼel
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Saamuʼel

SAAMUʼEL TOKKOFFAA

1 Raamaataayim Zofiim+ ishii naannoo gaarotaa Efreemitti+ argamtu keessatti namichi gosa Efreem Elqaanaa+ jedhamu tokko jira ture; inni ilma Yerohaam, ilma Eliihuu, ilma Toohuu, ilma Zuuf ture. 2 Inni haadhotii manaa lama kan qabu yeroo taʼu, maqaan ishii takkaa Haannaa, maqaan ishii kan biraa immoo Peniinaa jedhama. Peniinaan ijoollee kan qabdu yeroo taʼu, Haannaan garuu ijoollee hin qabdu turte. 3 Namichi sun Shiilootti Yihowaa Gooftaa Raayyaa waaqeffachuu* fi isaaf aarsaa dhiheessuuf waggaa waggaadhaan magaalaa isaatii kaʼee ol baʼa ture.+ Ilmaan Eelii lamaan Hofnii fi Finahaas+ luboota Yihowaa taʼanii kan tajaajilan bakka kanatti ture.+

4 Gaaf tokko Elqaanaan yommuu aarsaa dhiheessu, haadha manaa isaa Peniinaadhaaf, akkasumas ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa ishii hundaaf gaʼee isaanii ni kenne;+ 5 haa taʼu malee, caalaatti Haannaa waan jaallatuuf ishiidhaaf gaʼee adda taʼe kenne; Yihowaan garuu ishiidhaaf ijoollee hin kennine ture.* 6 Kana malees, Yihowaan ijoollee waan ishiidhaaf hin kennineef, masaanuun ishii ishii aarsuudhaaf yeroo hundumaa ishii tuttuqxi turte. 7 Waggaa waggaadhaanis akkana gooti turte; Haannaan yeroo gara mana Yihowaatti ol baatu hundatti,+ hamma ishiin boossuttii fi nyaata lagattutti masaanuun ishii baayʼee itti qoosti turte. 8 Haa taʼu malee, abbaan manaa ishii Elqaanaan, “Haannaa, maaliif boossa? Maaliif hin nyaattu? Maaliif akkas gaddita?* Ani ilmaan kudhan irra siif hin caaluu?” ishiidhaan jedhe.

9 Achiis Haannaan Shiilootti erga nyaatanii dhuganii booda ni kaate. Yeroo kanatti Eeliin lubichi maqaanii balbala mana qulqullummaa*+ Yihowaa bira barcuma irra taaʼee ture. 10 Haannaan baayʼee waan gadditeef, Yihowaa kadhachuu+ fi hirqinfattee booʼuu jalqabde. 11 Akkana jettees ni wareegde:* “Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, dhiphina ana tajaajiltuu teetii ilaaltee yoo na yaadatte, tajaajiltuu tee utuu hin irraanfatinis mucaa dhiiraa yoo ishiidhaaf kennite,+ yaa Yihowaa ani immoo bara jireenyaa isaa guutuu isa siif nan kenna; haadduunis mataa isaa hin tuqu.”+

12 Yommuu ishiin saʼaatii dheeraadhaaf Yihowaa duratti kadhattutti, Eeliin afaan ishii ilaala ture. 13 Haannaan garaa ishii keessatti dubbachaa waan turteef, hidhii ishii qofatu sochoʼa malee sagaleen ishii hin dhagaʼamu ture. Kanaafuu, Eeliin waan machoofte itti fakkaate. 14 Eeliin, “Machiin kee kan si irraa hin galle hamma yoomiitti? Daadhii wayinii kee dhuguu dhiisi” ishiidhaan jedhe. 15 Yeroo kanatti Haannaan akkana jettee deebiste: “Lakki, yaa gooftaa koo! Ani dubartii dhiphina guddaa* keessa jirtu dha; daadhii wayiniis taʼe wanta nama macheessu kam iyyuu hin dhugne; kanaa mannaa, wanta garaa koo keessa jiru Yihowaa duratti dhangalaasaan jira.+ 16 Ani hamma ammaatti dubbachaa kanan jiru dhiphina koo fi yaaddoo koo isa guddaa irraan kan kaʼe waan taʼeef, tajaajiltuu tee akka dubartii gatii hin qabneetti hin ilaalin.” 17 Achiis Eeliin, “Nagaadhaan deemi, Waaqni Israaʼel wanta ati isa kadhatte siif haa kennu”+ jedhee ishiidhaaf deebise. 18 Ishiinis yeroo kanatti, “Tajaajiltuun tee ija kee duratti ulfina haa argattu” isaan jette. Achiis dubartittiin karaa ishii deemte; nyaatas ni nyaatte; sana booda fuula ishii irratti gaddi hin mulʼanne.

19 Achiis ganama barii kaʼanii Yihowaa duratti erga sagadanii booda, gara mana isaanii isa Raamaatti+ argamutti deebiʼan. Elqaanaan haadha manaa isaa Haannaa wajjin saalqunnamtii ni raawwate; Yihowaanis ishii ni yaadate.+ 20 Waggaa tokko keessattis* Haannaan ulfooftee ilma deesse; ishiin, “Yihowaa kadhadheen argadhe” jechuudhaan maqaa isaa Saamuʼel* jettee moggaaste.+

21 Yeroo booda Elqaanaan aarsaa waggaa waggaadhaan Yihowaadhaaf dhihaatu dhiheessuu+ fi kennaa wareegaa isaa* kennuuf maatii isaa hundumaa wajjin ol baʼe. 22 Haannaan garuu ol hin baane;+ kanaa mannaa abbaa manaa ishiitiin, “Akkuma mucichi harma guʼeen isa nan fida; achiis Yihowaa duratti dhihaata; yeroo sanaa kaasees achuma jiraata” jette.+ 23 Yeroo kanatti abbaan manaa ishii Elqaanaan, “Wanta gaarii taʼee sitti mulʼate* godhi. Hamma inni harma guʼuttis manuma turi. Yihowaan wanta jette siif haa raawwatu” ishiidhaan jedhe. Kanaafuu, dubartittiin manuma teesse; hanga mucaan ishii harma guʼuttis isa kunuunsuu ishii itti fufte.

24 Akkuma harma isa guusteenis jibicha waggaa sadii, daakuu eefaa* tokkoo fi daadhii wayinii hubboo* tokkoo wajjin+ mucicha gara Shiilootti geessite; achiis mucicha fiddee gara mana Yihowaa isa Shiilootti+ argamuu dhufte. 25 Jibicha sana erga qalanii boodas, mucicha gara Eeliitti fidan. 26 Yeroo kanatti ishiin akkana jette: “Dhiifama naaf godhi, yaa gooftaa koo! Lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha, ani dubartii Yihowaa kadhachuuf sii wajjin bakka kana dhaabbattee turte sana dha.+ 27 Ilma kana argachuuf kadhadheen ture; Yihowaanis wanta ani isa kadhadhe naaf kenneera.+ 28 Ani immoo amma Yihowaadhaaf isa nan kenna.* Inni umurii isaa guutuu Yihowaadhaaf kan kenname taʼa.”

Innis* achitti Yihowaadhaaf ni sagade.

2 Sana booda Haannaan akkana jettee kadhatte:

“Garaan koo Yihowaatti ni gammada;+

Yihowaan gaanfa* koo ol qabe.

Ani gochawwan fayyinaa keetti waanan gammaduuf,

Afaan koo diinota kootiif deebii kennuuf banameera.

 2 Kan akka Yihowaa qulqulluu taʼe tokko illee hin jiru,

Si malee kan biraan hin jiru,+

Kan akka Waaqa keenyaas qarsaan hin jiru.+

 3 Of tuulummaadhaan hin dubbatinaa;

Dubbiin of jajuus afaan keessan keessaa hin baʼin,

Sababiin isaas Yihowaan Waaqa waan hundumaa beeku dha;+

Wanta namoonni hojjetan sirriitti kan madaalu isa dha.

 4 Iddaawwan namoota jajjaboo caccabaniiru,

Warri gufatan garuu humna argataniiru.+

 5 Warri quufanii turan daabboodhaaf jedhanii mindeeffamanii hojjechuuf dirqamaniiru,

Warri beelaʼan garuu kana booda hin beelaʼan.+

Dubartiin dhabduun* ilmaan torba deesse,+

Ishiin ilmaan hedduu qabdu garuu kophaatti hafte.*

 6 Yihowaan ni ajjeesa, ni jiraachisas;*

Gara Awwaalaatti* gad ni buusa, achi keessaas ol ni baasa.+

 7 Yihowaan ni hiyyoomsa, ni sooromsas;+

Inni ni salphisa, olis ni qaba.+

 8 Inni isa rakkataa awwaara irraa ni kaasa;

Isa hiyyeessas tuullaa daaraa* irraa ol ni kaasa,+

Bulchitootaa wajjin akka taaʼan godha,

Barcuma ulfinaa isaaniif ni kenna.

Utubaawwan lafaa kan Yihowaa ti,+

Innis lafa oomisha kennitu isaan irra kaaʼe.

 9 Inni tarkaanfii warra isaaf amanamoo taʼanii ni eega,+

Hamoonni garuu dukkana keessatti cal jechisiifamu,+

Namni moʼicha kan argatu humna isaatiin miti.+

10 Yihowaan warra isaa wajjin wal lolan ni caccabsa;*+

Inni samii keessaa kakawwee isaanitti ni gadhiisa.+

Yihowaan guutummaa lafaa irratti murtii ni kenna,+

Inni isa mootii godhate sanaaf humna ni kenna,+

Gaanfa* isa inni dibe sanaas ol ni qaba.”+

11 Achiis Elqaanaan gara mana isaa isa Raamaatti argamuu dhaqe; mucichi garuu qajeelfama Eelii lubichaa jalatti tajaajilaa Yihowaa taʼe.+

12 Ilmaan Eelii namoota hamoo turan;+ Yihowaadhaafis kabaja hin qaban turan. 13 Isaan aarsaa sabichi dhiheessu keessaa isa gaʼee lubootaa taʼe fudhachuu mannaa akkana godhu turan:+ Namni kam iyyuu utuu aarsaa dhiheessaa jiruu, tajaajilaan lubichaa utuu foonichi affeelamaa jiruu shukkaa qara sadii qabu qabatee dhufuudhaan, 14 shukkaa sana sataatee, distii gurra lama qabu, xuwwee yookiin distii gurra tokko qabu keessa liccisiisa. Wanta shukkaan sun ol baase kam iyyuu lubichi ofii isaatiif fudhata ture. Isaan Shiilootti Israaʼelota achi dhufan hundumaa irratti akkanuma godhu turan. 15 Kana malees, namichi aarsaa dhiheessu sun cooma sana gubuu isaa dura+ illee, tajaajilaan lubichaa dhufee, “Foon ani lubichaaf waadu naa kenni. Inni foon dheedhii qofa malee foon affeelame si irraa hin fudhatu” isaan jedha. 16 Yommuu namichi, “Dura cooma isaa haa guban;+ sana booda isa barbaadde* fudhachuu dandeessa” isaan jedhu, inni immoo “Lakki, ammuma naa kenni; taʼuu baannaan humnaanan si irraa fudhadha!” isaan jedha ture. 17 Namoonni sun aarsaa Yihowaadhaaf dhihaatu waan tuffataniif, cubbuun tajaajiltoota sanaa Yihowaa duratti baayʼee guddaa taʼe.+

18 Yeroo kanatti Saamuʼel mucaa xinnoo taʼus, efuudii quncee talbaa irraa tolfame uffatee*+ Yihowaa duratti tajaajila ture.+ 19 Haati isaas aarsaa waggaa waggaadhaan dhihaatu dhiheessuuf yommuu abbaa manaa ishii wajjin ol baatu hundatti waggaa waggaadhaan qoloo xinnoo hojjettee isaaf fiddi turte.+ 20 Eeliinis Elqaanaa fi haadha manaa isaa eebbise; Elqaanaadhaan, “Bakka ilma Yihowaadhaaf kenname* kanaa, Yihowaan haadha manaa tana irraa dhala siif haa kennu” jedhe.+ Isaanis gara mana isaaniitti deebiʼan. 21 Yihowaanis Haannaa waan yaadateef, ishiin ni ulfoofte;+ dabalataan ijoollee dhiiraa sadii fi ijoollee durbaa lama ni deesse. Saamuʼel mucichis Yihowaa duratti guddachuu isaa itti fufe.+

22 Yeroo kanatti Eeliin baayʼee dulloomee ture; inni wanta ilmaan isaa Israaʼelota hundumaa irratti raawwachaa jiran hunda,+ akkasumas dubartoota karra dunkaana walgaʼii duratti tajaajilanii wajjin akka ciisan+ dhagaʼee ture. 23 Inni akkana isaaniin jedha ture: “Wanta akkanaa maaliif raawwattu? Wanti ani waaʼee keessan namoota hundumaa irraa dhagaʼaa jiru kun gaarii miti. 24 Dhiisaa yaa ijoollee koo, oduun saba Yihowaa gidduutti odeeffamaa jiruu fi ani dhagaʼu kun gaarii miti. 25 Namni tokko nama isa kan biraa irratti cubbuu yoo hojjete, namni kan biraan Yihowaa isaaf kadhachuu dandaʼa;* namni tokko Yihowaa irratti cubbuu yoo hojjete+ garuu, eenyutu isaaf kadhachuu dandaʼa?” Taʼus, Yihowaan isaan ajjeesuu waan barbaadeef, isaan abbaa isaanii dhagaʼuu didan.+ 26 Saamuʼel mucichi garuu qaamaanis taʼe ulfinaan Yihowaa durattii fi namoota duratti guddachuu isaa itti fufe.+

27 Namni Waaqayyoo tokkos gara Eelii dhufee akkana isaan jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani utuu isaan biyya Gibxiitti mana Faraʼoon keessatti garboota taʼanii jiranii, mana abbaa keetti ifatti of hin mulʼisnee?+ 28 Inni luba taʼee akka na tajaajiluuf, gara iddoo aarsaa kootti ol baʼee+ aarsaawwan akka dhiheessuuf, ixaana akka aarsuu* fi ana duratti efuudii akka uffatuuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filatamee ture;+ anis aarsaawwan Israaʼelonni* ibiddaan dhiheessan hundumaa mana abbaa keetiif kenneen ture.+ 29 Isin aarsaa koo fi kennaa koo isa ani mana koo keessatti+ akka dhihaatu ajaje kan tuffattan* maaliifi? Aarsaa sabni koo Israaʼel dhiheessu hundumaa keessaa isa filatamaa nyaattanii of gabbisuudhaan ana caalaa ilmaan keetiif ulfina kan kennite maaliifi?+

30 “‘Kanaafuu, dubbiin Yihowaa Waaqa Israaʼel akkana jedha: “Ani manni kee fi manni abbaa keetii yeroo hundumaa fuula koo dura akka deemu dubbadheen ture.”+ Amma garuu Yihowaan akkana jedha: “Kana booda garuu kun matumaa hin taʼu; sababiin isaas ani warra ulfina naa kennaniif ulfina nan kenna;+ warri na tuffatan garuu ni tuffatamu.” 31 Kunoo, mana kee keessaa namni dulluma bira gaʼu tokko illee akka hin jiraanne gochuuf, guyyaan ani jabina* kee fi jabina mana abbaa keetii itti kutu ni dhufa.+ 32 Israaʼel wanta gaariitti yommuu gammadutti, ati mana koo keessatti ija kee duratti morkattuu ilaalta;+ mana kee keessattis lammata namni dulloomaan hin argamu. 33 Namni kee inni ani iddoo aarsaa kootti akka tajaajiluuf hambisus ijji kee akka dadhabu ni godha; gaddas sitti ni fida;* namoota mana kee keessaa hedduun isaanii garuu goraadeedhaan ni duʼu.+ 34 Wanti ilmaan kee lamaan Hofnii fi Finahaas irra gaʼu kun siif mallattoo ni taʼa: Lamaan isaanii iyyuu guyyuma tokkotti ni duʼu.+ 35 Achiis luba amanamaa tokko ofii kootiif nan kaasa.+ Inni akka hawwii garaa kootti* ni hojjeta; ani mana yeroo dheeraa jiraatu isaaf nan ijaara; innis yeroo hundumaa isa ani dibe sana dura ni deema. 36 Namni mana keetti hafu kam iyyuu mindaa maallaqaa fi daabboo cabduu argachuuf jedhee gara isaa dhufee isaaf sagaduudhaan, “Maaloo, daabboo cabduu tokko akkan nyaadhuuf hojii lubummaa isuma tokko irratti na ramadi” jedha.’”+

3 Saamuʼel mucichi Eelii duratti Yihowaa tajaajila ture;+ haa taʼu malee, bara sanatti Yihowaa biraa dubbiin kan dhufu yeroo baayʼee hin turre; mulʼata+ arguunis baramaa hin turre.

2 Gaaf tokko Eeliin kutaa isaa keessa ciisee ture; ijji isaa waan dadhabeefis arguu hin dandaʼu ture.+ 3 Ibsaan Waaqayyoo+ amma illee hin dhaamne ture; Saamuʼelis mana qulqullummaa* Yihowaa bakka Taabonni Waaqayyoo itti argamu keessa ciisee ture.+ 4 Yeroo kanatti Yihowaan Saamuʼeliin ni waame. Innis, “Oo!” jedhee deebise. 5 Achiis gara Eeliitti fiigee, “Na waamtee?” isaan jedhe. Eeliin garuu, “Lakki si hin waamne, deebiʼii ciisi” isaan jedhe. Innis dhaqee ciise. 6 Yihowaan ammas deebisee, “Saamuʼel!” jedhee isa waame. Yeroo kanatti Saamuʼel kaʼee gara Eelii dhaqee, “Na waamtee?” isaan jedhe. Eeliin garuu, “Yaa ilma koo, ani si hin waamne, deebiʼii ciisi” isaan jedhe. 7 (Yeroo kanatti Saamuʼel akka gaariitti Yihowaa hin beeku ture; Yihowaanis dubbii isaa isatti mulʼisuu hin jalqabne ture.)+ 8 Kanaafuu, Yihowaan ammas yeroo sadaffaadhaaf, “Saamuʼel!” jedhee isa waame. Innis yeroo kanatti kaʼee gara Eelii deemee, “Na waamtee?” isaan jedhe.

Yeroo kanatti Eeliin mucicha waamaa kan jiru Yihowaa taʼuu isaa hubate. 9 Kanaafuu Eeliin Saamuʼeliin, “Dhaqii ciisi; inni yoo si waame immoo, ‘Yaa Yihowaa, tajaajilaan kee ni dhagaʼa, dubbadhu’ jedhi” isaan jedhe. Saamuʼelis dhaqee kutaa isaa keessa ciise.

10 Yihowaanis dhufee achi dhaabbatee akkuma duraanii, “Saamuʼel, Saamuʼel!” jedhee isa waame. Yeroo kanatti Saamuʼel, “Tajaajilaan kee ni dhagaʼa, dubbadhu” jedhe. 11 Yihowaanis Saamuʼeliin akkana jedhe: “Kunoo, ani Israaʼel keessatti wanta dhaqna namaa surur godhu* tokko nan raawwadha.+ 12 Guyyaa sanatti waaʼee mana isaa wantan dubbadhe hundumaa jalqabaa kaasee hamma dhumaatti Eelii irratti nan raawwadha.+ 13 Dogoggora inni beeku sanaan kan kaʼe mana isaa irratti murtii bara baraa akkan dabarsu itti himi;+ sababiin isaas ilmaan isaa Waaqayyoon arrabsaniiru;+ inni garuu isaanitti hin dheekkamne.+ 14 Dogoggorri mana Eelii aarsaawwaniin yookiin kennaawwaniin matumaa dhiifama akka hin arganne mana isaa irratti kanan kakadhe kanaafi.”+

15 Saamuʼel hamma ganamaatti ni ciise; achiis kaʼee balbaloota mana Yihowaa ni bane. Saamuʼel waaʼee mulʼata sanaa Eeliitti himuu sodaate. 16 Eeliin garuu, “Yaa Saamuʼel ilma koo!” jedhee isa waame. Innis, “Oo!” jedhe. 17 Eeliinis akkana jedhee gaafate: “Inni ergaa maalii sitti hime? Maaloo, na hin dhoksin. Wanta inni sitti hime keessaa jecha tokkittii illee yoo na dhoksite, Waaqayyo adaba guddaa si haa adabu.” 18 Kanaafuu, Saamuʼel wanta hundumaa isatti ni hime; waan tokko illee isa hin dhoksine. Eeliinis, “Inni Yihowaa dha. Wanta ija isaa duratti gaarii taʼe haa godhu” jedhe.

19 Saamuʼel guddachuu isaa itti fufe; Yihowaanis isaa wajjin ture;+ wanta Saamuʼel dubbatu hundumaa keessaa wanti tokko illee utuu hin raawwatamin* akka hafu hin godhu ture. 20 Daanii jalqabee hamma Ber Sheebaatti Israaʼelonni hundi Saamuʼel raajii Yihowaa taʼuu isaa ni hubatan. 21 Yihowaan Shiilootti karaa dubbii Yihowaa Saamuʼelitti waan of mulʼiseef, Yihowaan Shiilootti mulʼachuu isaa itti fufe.+

4 Dubbiin Saamuʼelis Israaʼelota hundumaa bira ni gaʼe.

Sana booda Israaʼelonni Filisxeemota waraanuuf ni baʼan; Israaʼelonni Ebeen Ezer cinaa buufatanii kan turan yeroo taʼu, Filisxeemonni immoo Afeeq keessa buufatan. 2 Filisxeemonni Israaʼelota waraanuuf tarree galanii baʼan; haa taʼu malee, waraanichi cimaa waan tureef, Filisxeemonni Israaʼelota ni moʼan; Filisxeemonni Israaʼelota keessaa adda waraanaa sana irratti dhiirota 4,000 taʼan dirree irratti ajjeesan. 3 Loltoonni sun gara buufata isaaniitti yommuu deebiʼan jaarsoliin Israaʼel akkana jedhan: “Yihowaan nuti harʼa Filisxeemotaan akka moʼamnu maaliif heyyame?*+ Kottaa, nu bira taʼee harka diinota keenyaa jalaa akka nu oolchuuf taabota kakuu Yihowaa Shiiloodhaa haa finnu.”+ 4 Kanaafuu, uummatichi gara Shiilootti namoota ergan; isaanis taabota kakuu Yihowaa Gooftaa Raayyaa isa kiruubelotaa olitti* teessoo irra taaʼu+ sanaa achii ni fidan. Ilmaan Eelii lamaan Hofnii fi Finahaasis+ taabota kakuu Waaqa isa dhugaa wajjin achi turan.

5 Taabonni kakuu Yihowaa gara buufatichaatti akkuma seeneen, Israaʼelonni hundi hanga lafti sochootutti guddisanii iyyan. 6 Filisxeemonnis yommuu iyya kana dhagaʼan, “Iyyi guddaan buufata Ibrootaa keessaa dhagaʼamu kun maali dha?” jedhan. Dhuma irrattis Taabonni Yihowaa gara buufata sanaa akka seene ni hubatan. 7 Filisxeemonni, “Waaqayyo gara buufata sanaatti seeneera!” jedhanii sodaatan.+ Kanaafuu akkana jedhan: “Wanti akkanaa kanaan dura takkaa illee taʼee waan hin beekneef nuuf wayyoo! 8 Nuuf wayyoo! Harka Waaqa humna qabeessa taʼe kana jalaa eenyutu nu oolcha? Waaqni inni warra Gibxii lafa onaa keessatti dhaʼicha adda addaatiin rukute isa kana dha.+ 9 Egaa isin yaa warra Filisxeem, akkuma isaan tajaajiltoota keessan turan, isinis tajaajiltoota Ibrootaa akka hin taaneef+ jabaadhaa; dhiiras taʼaa. Dhiira taʼaa, lolaas!” 10 Kanaafuu, Filisxeemonni isaan ni waraanan; Israaʼelonnis ni moʼaman;+ tokkoon tokkoon isaaniis gara dunkaana isaaniitti baqatan. Namoonni hedduun ni dhuman; gama Israaʼelotaatiin loltoota lafoo 30,000tu ajjeefame. 11 Kana malees, Taabonni Waaqayyoo ni boojiʼame; ilmaan Eelii lamaan Hofnii fi Finahaasis ni duʼan.+

12 Guyyaa sanatti namichi Biiniyaam tokko uffata isaa tarsaasee, mataa isaa irratti biyyoo firfirsee+ dirree waraanaa sana irraa fiigee Shiiloo gaʼe. 13 Namichi yommuu achi gaʼu, Eeliin waaʼee Taabota Waaqa dhugaatiif+ waan yaaddaʼeef daandii qarqara barcuma irra taaʼee eega ture. Namichis oduu sana himuuf magaalattiitti seene; yeroo kanatti guutummaan magaalattii iyyaan jeeqamuu jalqabde. 14 Eeliin yommuu iyya kana dhagaʼu, “Sagaleen jeequmsaa kun maali dha?” jedhee gaafate. Namichi sunis saffisaan ol seenee oduu sana Eeliitti hime. 15 (Yeroo kanatti Eeliin umuriin isaa waggaa 98 ture; ijji isaas arguu dadhabee ture.)+ 16 Namichis Eeliidhaan, “Ani isa dirree waraanaatii dhufe sana dha! Dirree waraanaatii baqadhee kanan dhufe harʼuma dha” jedhe. Yeroo kanatti Eeliin, “Yaa ilma koo, maaltu taʼe ree?” jedhee isa gaafate. 17 Namichi oduu sana fide sunis, “Israaʼelonni warra Filisxeem jalaa baqataniiru; sabichi moʼameera;+ ilmaan kee lamaan Hofnii fi Finahaas duʼaniiru;+ Taabonni Waaqa dhugaas boojiʼameera”+ jedhee itti hime.

18 Eeliinis akkuma namichi waaʼee Taabota Waaqa dhugaa dubbateen, balbala biratti barcuma isaa irraa gara duubaatti kufe; inni kan dulloomee fi qaamni isaa kan ulfaate waan tureefis mormi isaa cabee duʼe. Inni waggaa 40f abbaa murtii taʼee Israaʼeliin tajaajilee ture. 19 Haati manaa ilma isaa, jechuunis haati manaa Finahaas ulfooftee daʼuu jala geessee turte. Ishiinis Taabonni Waaqa dhugaa akka boojiʼame, abbiyyuun* ishii fi abbaan manaa ishiis akka duʼan yommuu dhageessu gad jette; akkuma tasaas ciniinsuun ishii qabe; achiis ni deesse. 20 Yommuu ishiin duʼuuf jettutti, dubartoonni ishii bira dhaabbatan, “Ilma waan deesseef jabaadhu” ishiidhaan jedhan. Ishiin garuu wanta isaan dubbataniif deebiis taʼe xiyyeeffannaa hin kennine.* 21 Haa taʼu malee, Taabonni Waaqa dhugaa boojiʼamuu isaatiin, akkasumas wanta abbiyyuu ishii fi wanta abbaa manaa ishii irra gaʼeen kan kaʼe,+ “Ulfinni Israaʼel irraa boojuudhaan fudhatameera”+ jechuudhaan, maqaa mucichaa Ikaabood*+ jettee moggaaste. 22 Ishiin, “Taabonni Waaqa dhugaa waan boojiʼameef, ulfinni Israaʼel irraa boojuudhaan fudhatameera”+ jette.

5 Filisxeemonni Taabota Waaqa dhugaa erga boojiʼanii+ booda Ebeen Ezer irraa gara Ashdooditti fidan. 2 Filisxeemonni Taabota Waaqa dhugaa gara mana* Daagonitti fidanii, siidaa Daagon+ cinaa kaaʼan. 3 Ashdoodonni guyyaa itti aanutti ganama barii yommuu kaʼan, siidaan Daagon Taabota Yihowaa duratti fuula isaatiin lafatti gombifamee argan.+ Kanaafuu, siidaa Daagon fuudhanii iddoo isaatti deebisan.+ 4 Guyyaa itti aanuttis ganama barii yommuu kaʼan, siidaan Daagon Taabota Yihowaa duratti fuula isaatiin lafatti gombifamee ture. Daagon mataan isaa fi harki isaa lamaan irraa citee gubanii balbalaa irratti kufee ture. Achitti kan hafe kutaa isa qurxummii fakkaatu* qofa ture. 5 Hanga harʼaatti luboonni Daagonii fi warri gara mana Daagonitti seenan hundi, Ashdooditti gubanii balbala Daagon irra hin ejjetan.

6 Harki Yihowaa Ashdoodota irratti waan ulfaateef, inni Ashdoodotaa fi naannoo ishii kormammuudhaan*+ rukutee isaan balleesse. 7 Namoonni Ashdood wanta raawwatame yommuu argan, “Harki isaa nuu fi waaqa keenya Daagoniin waan miidheef, Taabonni Waaqa Israaʼel nu bira akka turu hin godhinaa” jedhan. 8 Kanaafuu, bulchitoota Filisxeemotaa hundumaatti erganii walitti erga isaan qabanii booda, “Taabota Waaqa Israaʼel kana maal utuu goonee wayya?” jedhanii gaafatan. Isaanis, “Taabonni Waaqa Israaʼel gara Gaatitti+ haa geeffamu” jedhanii isaaniif deebisan. Kanaafuu, isaan Taabota Waaqa Israaʼel achi geessan.

9 Isaan Taaboticha erga achi geessanii booda, harki Yihowaa magaalattii irratti sodaa guddaa fiduudhaan isaan adabe. Inni isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti namoota magaalattii ni rukute; kormammuunis isaan irratti ni baʼe.+ 10 Kanaafuu, isaan Taabota Waaqa dhugaa gara Eqroonitti+ ergan; haa taʼu malee, akkuma Taabonni Waaqa dhugaa gara Eqroon dhufeen namoonni Eqroon, “Isaan nutis taane uummanni keenya akka duunu gochuuf Taabota Waaqa Israaʼel nutti fidaniiru!” jedhanii iyyuu jalqaban.+ 11 Yeroo kanatti isaan bulchitoota Filisxeemotaa hundumaatti erganii walitti isaan qabanii, “Taabota Waaqa Israaʼel deebisaa ergaa; nuu fi uummanni keenya akka hin duuneef Taabotichi gara iddoo isaatti haa deebiʼu” isaaniin jedhan. Sodaan duʼaa guutummaa magaalattii keessatti babalʼatee ture; harki Waaqa dhugaas achitti baayʼee ulfaatee ture;+ 12 namoonni utuu hin duʼin hafanis kormammuudhaan rukutamanii turan. Iyyi magaalattiin gargaarsaaf dhageessistus gara samiitti ol baʼe.

6 Taabonni+ Yihowaa jiʼa torbaaf biyya Filisxeem keessa ture. 2 Filisxeemonnis lubootaa fi warra hooda dubbatan+ waamanii, “Taabota Yihowaa kana maal utuu goonee wayya? Akkamitti bakka isaatti akka deebisnu nu beeksisaa” jedhanii gaafatan. 3 Isaanis akkana jedhanii isaaniif deebisan: “Taabota kakuu Yihowaa Waaqa Israaʼel yoo deebistan, harka duwwaa deebistanii hin erginaa. Aarsaa yakkaaf dhihaatuu wajjin isaaf erguu qabdu.+ Kana yoo gootan qofa fayyitu; harki isaa isin irraa kan hin deebine maaliif akka taʼes ni hubattu.” 4 Yeroo kanatti isaan, “Aarsaa yakkaaf dhihaatu akkamii isaaf erguu qabna?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis deebisanii akkana jedhan: “Dhaʼichi isiniinis taʼe bulchitoota keessan rukute kan wal fakkaatu waan taʼeef, akka lakkoofsa bulchitoota Filisxeemotaatti+ kormammuu* warqii shanii fi hantuuta warqii shan ergaa. 5 Fakkeenya kormammuu keessanii fi fakkeenya hantuuta+ keessanii warra biyyattiitti badiisa fidan sanaa hojjechuudhaan, Waaqa Israaʼeliif ulfina kennuu qabdu. Tarii inni harka isaa isa ulfaataa isa isin irra, akkasumas waaqa keessanii fi biyya keessan irra jiru ni salphisa taʼa.+ 6 Akkuma Gibxiinii fi Faraʼoon mata jabeeyyii turanitti, isinis mata jabeeyyii+ kan taatan maaliifi? Isaan yeroo inni akka malee isaan adabetti+ Israaʼelota ni gadhiisan; Israaʼelonnis ni deeman.+ 7 Amma gaarii haaraa tokko, akkasumas saawwan waatilee qabanii fi takkaa illee waanjoon* irra kaaʼamee hin beekne lama qopheessaa. Achiis gaarii sana saawwan sanatti hidhaa; waatilee isaanii garuu isaan biraa gara manaatti deebisaa. 8 Taabota Yihowaa fuudhaatii gaarii sana irra kaaʼaa; fakkeenyota warqii irraa hojjetamanii fi aarsaa yakkaa gootanii isaaf ergitan sanas saanduqa tokko keessa godhaatii taaboticha bira kaaʼaa.+ Sana booda daandii isaa irra buusaa ergaa; 9 achiis hordofaa; Taabotichi daandii gara biyya isaa Beet Sheemeshitti+ geessu irra yoo ol baʼe, Waaqa Israaʼeltu balaa guddaa kana nu irratti fide jechuu dha. Taʼuu baannaan garuu, kun akkuma carraa nu irra gaʼe malee, kan nu rukute harka isaa akka hin taane kanaan ni beekna.”

10 Namoonni sunis akkuma jedhaman godhan. Saawwan waatilee qaban lama fuudhanii gaarii sana isaanitti hidhan; waatilee isaanii garuu mana keessatti itti cufan. 11 Achiis Taabota Yihowaa, akkasumas saanduqa hantuuta warqii fi fakkeenyota kormammuu isaanii qabate sana gaarii sana irra kaaʼan. 12 Saawwan sunis kallattiidhaan daandii gara Beet Sheemeshitti geessu irra buʼanii deeman.+ Isaan daandii guddaa tokko qabatanii marʼachaa deeman; gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin gorre. Yeroo kana hundumaatti bulchitoonni Filisxeemotaa hanga daangaa Beet Sheemeshitti isaan duubaan deemu turan. 13 Namoonni Beet Sheemesh dirree sulula* keessa jiru tokko irraa qamadii haamu turan. Isaan yommuu ol jedhanii Taabota sana ilaalan, wanta arganitti baayʼee gammadan. 14 Gaariin sunis gara maasii Iyyaasuu isa nama Beet Sheemesh taʼe sanaa dhufee, dhagaa guddaa achitti argamu tokko bira dhaabbate. Isaanis muka gaarii sanaa falaxanii, saawwan+ sana aarsaa gubamu godhanii Yihowaadhaaf dhiheessan.

15 Leewwonnis+ Taabota kakuu Yihowaa fi saanduqa isaa wajjin jiru, isa fakkeenyota warqii qabate sana gaarii sana irraa buusanii dhagaa guddaa sana irra kaaʼan. Namoonni Beet Sheemesh+ guyyaa sanatti aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kan biroo Yihowaadhaaf ni dhiheessan.

16 Bulchitoonni Filisxeemotaa shanan yommuu kana argan, guyyuma sana gara Eqroonitti deebiʼan. 17 Kormammuun warqii Filisxeemonni aarsaa yakkaa godhanii Yihowaadhaaf ergan kanneen kana turan:+ Ashdoodiif+ tokko, Gaazaadhaaf tokko, Ashqalooniif tokko, Gaatiif+ tokko, Eqrooniif+ tokko. 18 Lakkoofsi hantuuta warqii sanaa, lakkoofsa magaalota Filisxeemotaa warra bulchitoota shanan jala jiran jechuunis, magaalota dallaa dhagaa qabanii fi gandeen dallaa hin qabnee wajjin qixxee ture.

Dhagaa guddaan maasii Iyyaasuu isa nama Beet Sheemesh taʼe keessa jiruu fi Taabota Yihowaa irra kaaʼan sun hanga harʼaatti ragaa taʼee ni tajaajila. 19 Haa taʼu malee, namoonni Beet Sheemesh Taabota Yihowaa waan ilaalaniif Waaqayyo isaan rukute. Inni isaan gidduudhaa namoota 50,070* rukute; Yihowaan namoota hedduu waan isaan jalaa fixeef namoonni sun booʼuu jalqaban.+ 20 Kanaafuu namoonni Beet Sheemesh, “Yihowaa isa Waaqa qulqulluu+ taʼe kana dura eenyutu dhaabbachuu dandaʼa? Nu dhiisee gara warra kaaniitti utuu deemee maal taʼa?” jedhanii gaafatan.+ 21 Kanaafuu, isaan gara jiraattota Qiriyaat Yeʼariimitti+ ergamtoota erganii, “Filisxeemonni Taabota Yihowaa deebisaniiru. Gad buʼaatii fudhadhaa deebiʼaa” isaaniin jedhan.+

7 Kanaafuu, namoonni Qiriyaat Yeʼariim dhufanii Taabota Yihowaa gara mana Abinaadaab+ isa tabba irratti argamutti geessan; ilma isaa Eleʼazaariinis Taabota Yihowaa akka eeguuf ni qulqulleessan.

2 Guyyaa Taabotichi gara Qiriyaat Yeʼariim itti dhufee jalqabee yeroo dheeraa, jechuunis walumaa galatti waggaa 20 ni taʼe; guutummaan mana Israaʼelis Yihowaa barbaaddachuu* jalqabe.+ 3 Achiis Saamuʼel mana Israaʼel hundaan akkana jedhe: “Garaa keessan guutuudhaan+ gara Yihowaatti yoo deebitan, waaqolii ormaa+ fi siidaawwan Ashtooret+ of gidduudhaa yoo balleessitan, akkasumas garaa keessan guutummaatti Yihowaadhaaf yoo kennitanii fi isa qofa yoo tajaajiltan,+ inni harka Filisxeemotaa jalaa isin oolcha.”+ 4 Yeroo kanatti Israaʼelonni Baʼaalii fi siidaawwan Ashtooret balleessanii Yihowaa qofa tajaajilan.+

5 Achiis Saamuʼel, “Israaʼelota hundumaa Misphaatti+ walitti qabaa; anis Yihowaa isiniif nan kadhadha”+ jedhe. 6 Kanaafuu, isaan Misphaatti walitti qabaman; bishaan waraabanii Yihowaa duratti dhangalaasan, akkasumas guyyaa sana soomaa oolan.+ Achittis, “Nuti Yihowaa irratti cubbuu hojjenneerra” jedhan.+ Saamuʼelis Misphaatti Israaʼelota irratti abbaa murtii taʼee tajaajiluu jalqabe.+

7 Filisxeemonni, Israaʼelonni Misphaatti walitti qabamuu isaanii yommuu dhagaʼan, bulchitoonni Filisxeem+ Israaʼeliin loluuf ol baʼan. Israaʼelonnis yommuu kana dhagaʼan Filisxeemota ni sodaatan. 8 Kanaafuu, Israaʼelonni Saamuʼeliin, “Waaqni keenya Yihowaan akka nu gargaaruu fi harka Filisxeemotaa jalaa akka nu oolchu isa kadhachuu kee hin dhiisin” jedhan.+ 9 Yeroo kanatti Saamuʼel ilmoo hoolaa hootu tokko fuudhee aarsaa guutummaatti gubamu+ godhee Yihowaadhaaf ni dhiheesse; Israaʼelota akka gargaarus Yihowaa isaaniif kadhate; Yihowaanis deebii isaaf ni kenne.+ 10 Saamuʼel aarsaa gubamu sana utuma dhiheessaa jiruu, Filisxeemonni Israaʼelota waraanuuf itti dhihaatan. Yihowaan guyyaa sanatti kakawwee sagalee guddaa qabu Filisxeemota irratti fidee+ akka burjaajaʼan godhe;+ isaanis Israaʼelota duratti ni moʼaman.+ 11 Yeroo kanatti namoonni Israaʼel Misphaadhaa baʼanii Filisxeemota ariʼanii hanga kibba Beet Kaaritti isaan rukutan. 12 Achiis Saamuʼel dhagaa+ tokko fuudhee Misphaa fi Yeshaanaa gidduu kaaʼe; “Hamma ammaatti Yihowaan nu gargaareera”+ jechuudhaan maqaa isaa Ebeen Ezer* jedhee moggaase. 13 Filisxeemonni waan moʼamaniif sana booda deebiʼanii gara naannoo Israaʼel hin dhufne;+ bara Saamuʼel jiraate hundumaatti harki Yihowaa Filisxeemota irra ture.+ 14 Kana malees, magaalonni Filisxeemonni Israaʼelota irraa fudhatanii turan Israaʼelotaaf ni deebifaman; Israaʼelonni Eqroon irraa jalqabee hamma Gaatitti naannoo isaanii harka Filisxeemotaa jalaa ni deebifatan.

Israaʼelotaa fi Amoorota+ gidduus nagaan jira ture.

15 Saamuʼel umurii isaa guutuu Israaʼelotaaf abbaa murtii taʼee tajaajile.+ 16 Inni, waggaa waggaadhaan Beetel,+ Gilgaalii+ fi Misphaa+ keessa naannaʼee iddoowwan kana hundumaatti abbaa murtii taʼee Israaʼelota tajaajileera. 17 Haa taʼu malee, manni isaa Raamaatti+ waan argamuuf achitti ni deebiʼa ture; kana malees, achitti abbaa murtii taʼee Israaʼelota ni tajaajila ture. Achittis Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ni ijaare.+

8 Saamuʼel yeroo dulloometti, abbootii murtii taʼanii Israaʼelota akka tajaajilaniif ilmaan isaa ni muude. 2 Maqaan ilma isaa isa angafaa Yooʼel, kan isa lammaffaa immoo Abiyaa+ ture; isaan Ber Sheebaatti abbootii murtii taʼanii tajaajilu turan. 3 Haa taʼu malee, ilmaan isaa kun fakkeenya isaa hin hordofne; isaan faayidaa sirrii hin taane argachuuf+ mattaʼaa ni fudhatu,+ haqas ni jalʼisu+ turan.

4 Yeroo booda jaarsoliin Israaʼel hundi walitti qabamanii Raamaatti gara Saamuʼel dhufan. 5 Achiis, “Kunoo ati dulloomteetta; ilmaan kee immoo fakkeenya kee hordofaa hin jiran. Kanaafuu, akkuma saboota kaanii mootii abbaa murtii taʼee nu tajaajilu nuuf muudi” isaan jedhan.+ 6 Haa taʼu malee, “Mootii abbaa murtii taʼee nu tajaajilu nuuf muudi” jechuun isaanii Saamuʼeliin hin gammachiisne.* Achiis Saamuʼel gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesse; 7 Yihowaanis Saamuʼeliin akkana jedhe: “Wanta uummatichi siin jedhu hunda dhagaʼi; sababiin isaas, isaan kan tuffatan siin miti; kanaa mannaa mootii isaanii akkan hin taane kan tuffatan anaani.+ 8 Isaan erga ani Gibxiidhaa isaan baasee jalqabee hanga guyyaa kanaatti wantuma hojjechaa turan gochaa jiru; ana dhiisanii+ waaqolii kan biroo tajaajilaa jiru;+ wanti isaan si irratti gochaa jiranis kanuma. 9 Egaa isaan dhagaʼi. Haa taʼu malee, cimsii isaan akeekkachiisi; mootiin isaan bulchu wanta akkamii isaan gaafachuuf mirga akka qabu isaanitti himi.”

10 Kanaafuu, Saamuʼel wanta Yihowaan dubbate hundumaa namoota mootii akka isaaniif muudu isa gaafatanitti ni hime. 11 Akkana isaaniin jedhe: “Mootiin isin bulchu wantoota kana isin gaafachuuf mirga qaba:+ Inni ilmaan keessan fudhatee+ gaarii fardaa isaa keessa kaaʼa;+ abbootii fardeenii isaas isaan godhata;+ isaan keessaa tokko tokko immoo gaarii fardaa isaa dura ni fiigu. 12 Ofii isaatiifis ajajjoota kumaa+ fi ajajjoota shantamaa+ godhee isaan muuda; isaan keessaa tokko tokko maasii isaa isaan qochisiifata;+ midhaan isaa isaan haamsifata;+ meeshaa waraanaa fi miʼa gaarii fardaa isaa isaan hojjechiifata.+ 13 Ijoollee durbaa keessan fudhatee warra dibata* qopheessan, warra nyaata bilcheessanii fi daabboo tolchan isaan godhata.+ 14 Maasii midhaanii keessan, maasii wayinii keessanii fi mukeetii ejersaa*+ keessan keessaa isa hundumaa irra wayyu fudhatee tajaajiltoota isaatiif kenna. 15 Midhaan keessanii fi wayinii keessan keessaa kurnoo* fudhatee abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi tajaajiltoota isaatiif kenna. 16 Dhiirotaa fi dubartoota tajaajiltoota keessan taʼan, horiiwwan keessan warra hundumaa irra wayyanii fi harroota keessan fudhatee hojii isaatiif itti fayyadama.+ 17 Bushaayeewwan* keessan keessaa kurnoo ni fudhata;+ isinis tajaajiltoota isaa ni taatu. 18 Mootii ofii keessaniif filattaniin kan kaʼe guyyaan itti boossan ni dhufa;+ Yihowaan garuu guyyaa sanatti deebii isiniif hin kennu.”

19 Haa taʼu malee, uummatichi wanta Saamuʼel isaaniin jedhe dhagaʼuu didanii akkana jedhan: “Hin taʼu, mootiin akka nuuf muudamu barbaanna. 20 Sana booda akka saboota kaanii ni taana; mootiin keenya abbaa murtii nuuf taʼa; nu geggeessa; diinota keenyas nuuf waraana.” 21 Saamuʼel wanta namoonni sun dubbatan hundumaa erga dhagaʼee booda, utuma Yihowaan dhagaʼuu wanta isaan jedhan irra deebiʼee dubbate. 22 Yihowaanis Saamuʼeliin, “Wanta isaan jedhan dhaggeeffadhu; akka isaan bulchuufis mootii isaaniif muudi”+ jedhe. Achiis Saamuʼel namoota Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan gara magaalaa keessaniitti deebiʼaa” jedhe.

9 Namni gosa Biiniyaam Qiish+ jedhamuu fi baayʼee sooressa taʼe tokko jira ture; inni ilma Abiiʼel, ilma Zeroor, ilma Bekooraat, ilma Afiyaa Biiniyaamichaa+ ture. 2 Qiish ilma dargaggeessaa fi bareedaa Saaʼol+ jedhamu tokko qaba ture; Israaʼelota gidduudhaa namni isa caalaa bareedu hin jiru ture; inni gateettii isaatii olitti namoota hundumaa irra ni dheerata ture.

3 Harroonni* Qiish abbaa Saaʼol yommuu badanitti, Qiish ilma isaa Saaʼoliin, “Maaloo, tajaajiltoota keessaa isa tokko fudhadhuutii dhaqi harroota sana barbaadi” jedhe. 4 Isaanis naannoo gaarotaa Efreemii fi naannoo Shaalishaa keessa ni darban; garuu harroota sana hin arganne. Naannoo Shaʼaaliim keessa darbanii deeman; garuu harroonni sun achi hin turre. Guutummaa biyya Biiniyaam keessas ni darban; garuu harroota sana hin arganne.

5 Gara naannoo Zuuf yommuu dhufanittis Saaʼol tajaajilaa isaa isa isaa wajjin tureen, “Abbaan koo waaʼee harroota sanaa yaaddaʼuu dhiisee, waaʼee keenya yaaddaʼuu akka hin jalqabneef kottu haa deebinu” jedhe.+ 6 Tajaajilaan sun garuu deebisee, “Kunoo, namni Waaqayyoo ulfina guddaa qabu tokko magaalaa kana keessa jira. Wanti inni dubbatu hundis ni raawwatama.+ Amma achi haa dhaqnu. Tarii karaa kam irra deemuu akka qabnu nutti himuu dandaʼa” isaan jedhe. 7 Yeroo kanatti Saaʼol tajaajilaa isaatiin, “Dhaquu illee haa dhaqnu; garuu namichaaf maal fuunee dhaqna? Korojoo keenya keessa daabboon hin jiru; kennaa nama Waaqa dhugaa sanaaf kenninu tokko illee hin qabnu. Maal nuu wayya ree?” jedhe. 8 Tajaajilaan sunis deebisee Saaʼoliin, “Kunoo, meetiin kurmaana sheeqilii* tokkoo na harka jira. Ani meetii kana nama Waaqa dhugaa sanaaf nan kenna; inni immoo karaa kam irra deemuu akka qabnu nutti hima” jedhe. 9 (Bara duriitti Israaʼel keessatti namni tokko yommuu Waaqayyoon gaafachuuf deemu, “Kottaa, nama mulʼata argu+ sana bira dhaqna” jedha ture. Sababiin isaas, namni yeroo harʼaatti raajii jedhamu, bara duriitti nama mulʼata argu jedhama ture.) 10 Achiis Saaʼol tajaajilaa isaatiin, “Wanti ati jette gaarii dha. Kottu haa dhaqnu” jedhe. Kanaafuu, isaan gara magaalaa namni Waaqa dhugaa sun itti argamutti qajeelan.

11 Isaanis utuma gara magaalattiitti dhaquuf ol baʼaa jiranii, shamarran bishaan waraabuuf baʼan argatan. Achiis, “Namni mulʼata argu sun+ bakka kana jiraa?” isaaniin jedhan. 12 Shamarran sunis akkana jedhanii deebisan: “Eeyyee! Kunoo, inni isin dura jira. Dafaa deemaa; namoonni harʼa iddoo ol kaʼaatti+ aarsaa waan dhiheessaniif,+ inni harʼa gara magaalaa kanaa dhufeera. 13 Akkuma magaalattiitti seentaniin, nyaachuuf gara iddoo ol kaʼaa dhaquu isaa dura isa ni argattu. Aarsaa sana kan eebbisu isa waan taʼeef, hanga inni dhufutti namoonni sun nyaachuu hin jalqaban. Sana booda namoonni affeeraman ni nyaatu. Kanaafuu, ammuma ol baʼaa, isa ni argattu.” 14 Kanaan kan kaʼes, isaan gara magaalattiitti ol baʼan. Magaalaa sana gidduu yommuu gaʼanis, Saamuʼel isaan argatee gara iddoo ol kaʼaatti isaanii wajjin deemuuf gara isaaniitti dhufaa ture.

15 Saaʼol dhufuu isaa guyyaa tokko dura, Yihowaan Saamuʼeliin akkana jedhee* ture: 16 “Boru gara saʼaatii kanaatti, ani nama biyya Biiniyaamii+ dhufe tokko gara keetti nan erga. Atis saba koo Israaʼel irratti geggeessaa godhii isa muudi;+ inni saba koo harka Filisxeemotaa jalaa ni oolcha. Ani gadadoo saba kootii argeera; iyyi isaaniis na bira gaʼeera.”+ 17 Saamuʼel yommuu Saaʼoliin argu, Yihowaan, “Namni ani, ‘Inni saba koo bulchu* isa dha’ jedhee sitti hime sun isa kana” isaan jedhe.+

18 Achiis Saaʼol karra magaalattii irratti gara Saamuʼelitti dhihaatee, “Maaloo natti himi, manni namicha mulʼata argu sanaa eessa?” isaan jedhe. 19 Saamuʼelis akkana jedhee Saaʼoliif deebise: “Namni mulʼata argu sun ana. Na dura buʼiitii gara iddoo ol kaʼaatti ol baʼi; harʼa anaa wajjin ni nyaatta.+ Ganamaan sin geggeessa; wanta beekuu barbaaddu* hundumaas sitti nan hima. 20 Harroonni guyyaa sadii dura badan+ sun waan argamaniif waaʼee isaanii hin yaaddaʼin. Wanti gaggaariin Israaʼel keessa jiru hundi kan eenyuu ti? Kan kee fi kan guutummaa mana abbaa keetii mitii?”+ 21 Yeroo kanatti Saaʼol akkana jedhee deebise: “Ani nama gosa Biiniyaam, isa gosoota Israaʼel hundumaa irra xinnaatu sanaa mitii?+ Maatiin koo hoo maatiiwwan gosa Biiniyaam hundumaa irra kan gad aanu mitii? Maarree maaliif wanta akkanaa natti dubbatta?”

22 Achiis Saamuʼel Saaʼolii fi tajaajilaa isaa gara galma nyaataatti geessee, namoota affeeraman sana dura bakka ulfinaa isaaniif kenne; namoonni sun 30 taʼu turan. 23 Saamuʼel namicha nyaata bilcheessu sanaan, “Foon ani, ‘Kophaatti kaaʼi’ jedhee sitti kenne sana fidi” jedhe. 24 Yeroo kanatti namichi nyaata qopheessu sun luka sanaa fi wanta isa irra jiru fuudhee Saaʼol dura kaaʼe. Achiis Saamuʼel, “Wanti siif kaaʼamee ture si duratti dhihaateera. Isaan yeroo kanaaf waan siif kaaʼaniif nyaadhu. ‘Ani keessummoota affeereera’ jedhee isaanitti himeen ture” jedhe. Kanaafuu, Saaʼol guyyaa sanatti Saamuʼelii wajjin ni nyaate. 25 Achiis iddoo ol kaʼaa+ sana irraa gara magaalattiitti gad buʼan; Saamuʼelis gubbaa* manichaa irratti Saaʼolii wajjin dubbachuu isaa itti fufe. 26 Isaanis ganama obboroo ni kaʼan; yommuu lafti bariʼus Saamuʼel Saaʼoliin gara gubbaa manichaatti waamee, “Ani akkan si geggeessuuf qophaaʼi” isaan jedhe. Saaʼolis ni qophaaʼe; achiis innii fi Saamuʼel gad ni baʼan. 27 Utuu gara qarqara magaalattiitti gad buʼaa jiranii Saamuʼel Saaʼoliin, “Nu dursee akka deemuuf tajaajilaa+ keetti himi” jedhe; kanaafuu, inni isaan dursee deeme. Saamuʼelis itti fufuudhaan, “Dubbii Waaqayyoo akkan sitti himuuf ati garuu asuma dhaabbadhu” isaan jedhe.

10 Achiis Saamuʼel qaruuraa zayitii fudhatee zayiticha mataa Saaʼol irratti dhangalaase.+ Isa dhungatees akkana isaan jedhe: “Yihowaan akka ati dhaala isaa+ irratti mootii taatuuf si dibeera mitii?+ 2 Harʼa yommuu ana biraa deemtu, naannoo Biiniyaam keessatti awwaala Raahel+ isa Zelzaatti argamu biratti namoota lama ni argatta; isaanis akkana siin jedhu: ‘Harroonni ati barbaaduu deemte sun argamaniiru; amma garuu abbaan kee waaʼee harroota sanaa irraanfatee,+ waaʼee kee yaaddaʼaa jira. Inni, “Waaʼee ilma koo maal gochuu naa wayya?” jechaa jira.’ 3 Atis bakka sanaa kaʼiitii hanga muka guddaa isa Taabor keessatti argamuutti deemi; achittis namoonni sadii, inni tokko ilmoolee reʼee sadii baatee, inni tokko daabboo sadii baatee, inni tokko immoo daadhii wayinii hubboo guddaa tokko baatee gara Waaqa dhugaa isa Beetelitti+ argamuutti yommuu ol baʼan isaan ni argatta. 4 Isaanis waaʼee nageenya kee erga si gaafatanii booda daabboo lama sii kennu; daabboo sana isaan harkaa fudhadhu. 5 Sana booda, gara tabba Waaqa dhugaa bakka buufanni loltoota Filisxeemotaa jirutti ni baata. Gara magaalattii yommuu dhuftus, garee raajotaa bakka ol kaʼaadhaa gad buʼu tokko ni argatta; yommuu isaan raajii dubbatanittis namoonni meeshaa muuziqaa ribuu qabu, dibbee, ulullee fi baganaa taphatan fuuldura isaanii ni jiraatu. 6 Hafuurri Yihowaa humna siif kenna;+ atis isaanii wajjin raajii dubbatta; jijjiiramtees akka nama kan biraa taata.+ 7 Mallattoowwan kun yommuu raawwataman, Waaqni dhugaan sii wajjin waan jiruuf wanta siif dandaʼame hundumaa godhi. 8 Achiis na dursiitii Gilgaalitti+ gad buʼi; anis achitti aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa dhiheessuuf gara keetti gad nan buʼa. Hanga ani gara kee dhufutti guyyaa torbaaf eeguu qabda. Sana booda ani wanta gochuu qabdu sin beeksisa.”

9 Akkuma Saaʼol Saamuʼel biraa deemuuf of irra garagaleen, Waaqayyo garaa isaa ni jijjiire; mallattoowwan kun hundis guyyuma sanatti ni raawwataman. 10 Kanaafuu, isaan achii kaʼanii gara tabba sanaatti qajeelan; gareen raajotaa tokkos isaanitti dhufe. Yeruma sanattis hafuurri Waaqayyoo humna isaaf ni kenne;+ innis isaanii wajjin raajii dubbachuu jalqabe.+ 11 Namoonni duraan isa beekan hundi utuu inni raajotaa wajjin raajii dubbatuu yommuu isa argan, “Ilmi Qiish maal taʼe? Saaʼolis raajota keessaa tokko dhaa?” waliin jedhan. 12 Namichi achi jiraatu tokkos, “Ofii abbaan isaanii eenyu?” jedhe. Kanaan kan kaʼes, “Saaʼolis raajota keessaa tokko dhaa?” jechuun mammaaksa* ni taʼe.+

13 Innis raajii dubbachuu isaa erga xumuree booda, gara iddoo ol kaʼaa sanaa ni dhaqe. 14 Boodas obboleessi abbaa isaa Saaʼolii fi tajaajilaa isaatiin, “Eessa dhaqxan?” jedhee gaafate. Yeroo kanatti Saaʼol, “Harroota barbaaduu dhaqne;+ garuu waan isaan dhabneef gara Saamuʼel dhaqne” isaan jedhe. 15 Wasiilli* Saaʼolis, “Maaloo natti himi, Saamuʼel maal isiniin jedhe?” jedhee isa gaafate. 16 Saaʼolis wasiila isaatiif, “Harroonni sun argamuu isaanii nutti hime” jedhee deebise. Haa taʼu malee, Saaʼol mootii taʼuu isaa ilaalchisee wanta Saamuʼel dubbate isatti hin himne.

17 Achiis Saamuʼel Misphaatti Yihowaa duratti akka walitti qabaman namoota sana erga waamee booda,+ 18 Israaʼelotaan akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Israaʼeliin Gibxiidhaa kan baase, akkasumas harka Gibxii jalaa+ fi harka mootummoota isin cunqursaa turan hundumaa jalaa kan isin oolche ana dha. 19 Isin garuu harʼa Waaqa keessan isa rakkinaa fi dhiphina keessan hundumaa jalaa isin oolche tuffattanii,+ “Hin taʼu, mootii nuuf muudi!” jettan. Amma akka gosa gosa keessaniittii fi akka qomoo qomoo* keessaniitti Yihowaa dura dhaabbadhaa.’”

20 Kanaafuu, Saamuʼel gosoonni Israaʼel hundi akka dhihaatan godhe;+ gosti Biiniyaamis ni filatame.+ 21 Sana booda gosti Biiniyaam akka maatii maatii isaatti akka dhihaatu godhe; maatiin Maatrotaas ni filatame. Dhuma irrattis, Saaʼol ilmi Qiish ni filatame.+ Haa taʼu malee, barbaadanii isa argachuu hin dandeenye. 22 Kanaafuu, “Dhuguma namichi as dhufeeraa?” jedhanii Yihowaa gaafatan.+ Yihowaanis, “Inni achi miʼa gidduu dhokateera” jedhee isaaniif deebise. 23 Kanaafuu, isaan fiiganii bakka sanaa isa fidan. Inni yeroo namoota sana gidduu dhaabbatu, gateettii isaatii olitti namoota kaan hundumaa irra dheerata ture.+ 24 Yeroo kanatti Saamuʼel namoota sana hundumaatiin, “Nama Yihowaan filate kana ni argituu?+ Namoota kana hunda keessaa kan akka isaa hin jiru” jedhe. Namoonni sun hundis, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhanii iyyuu jalqaban.

25 Saamuʼel wanta moototaaf godhamuu qabu namoota sanatti erga himee booda,+ kitaaba irratti barreessee Yihowaa dura kaaʼe. Sana booda Saamuʼel namoota sana hundumaa gara mana mana isaaniitti isaan erge. 26 Saaʼolis loltoota Yihowaan garaa isaanii kakaasee wajjin gara mana isaa isa Gibeʼaatti argamuu ni deeme. 27 Namoonni gatii hin qabne tokko tokko garuu, “Kun akkamitti nu oolchuu dandaʼa?” jedhan.+ Kanaafuu, isa ni tuffatan; kennaa tokko illees isaaf hin finne.+ Inni garuu waaʼee kanaa homaa hin dubbanne.*

11 Achiis Nahaash mootiin Amoonotaa+ dhufee Yaabeesh+ ishii Giiliyaaditti argamtutti marse. Namoonni Yaabeesh hundis Nahaashiin, “Nuu wajjin kakuu gali;* nutis si tajaajilla” jedhan. 2 Nahaashis, “Ani isinii wajjin kakuu kanan galu, ijji mirgaa hunduma keessanii yoo isin keessaa baafame qofa dha. Kanas kanan godhu Israaʼelota hundumaa salphisuuf jedheeni” isaaniin jedhe. 3 Jaarsoliin Yaabeeshis deebisanii, “Gara naannoo Israaʼel hundumaatti ergamtoota ergachuu akka dandeenyuuf guyyaa torba nuuf kenni. Sana booda namni nu oolchu yoo dhabame, nuti harka keenya sitti ni kennina” isaan jedhan. 4 Ergamtoonni sunis gara magaalaa Gibeʼaa+ bakka Saaʼol itti jiraatu dhufanii utuma namoonni dhagaʼanii ergaa kana ni dubbatan; namoonni sun hundis sagalee isaanii ol kaasanii booʼan.

5 Saaʼol garuu horii isaa oofee dirreedhaa dhufaa ture; innis, “Namoonni kun maal taʼan? Maaliif booʼu?” jedhe. Isaanis wanta namoonni Yaabeesh jedhan isatti himan. 6 Saaʼol yommuu wanta kana dhagaʼu hafuurri Waaqayyoo humna isaaf ni kenne;+ innis aariidhaan ni gubate. 7 Kanaafuu, qotiyyoo cimdii fuudhee kukkutee gara naannoowwan Israaʼel hundumaatti akka geessaniif ergamtootatti kenne; “Namni Saaʼolii fi Saamuʼel duukaa hin buune loon isaa akkuma kana ni kukkutamu!” akka jedhanis ergamtoota sana ajaje. Namoonni sunis Yihowaa waan sodaataniif, tokko taʼanii* gad baʼan. 8 Innis Beezeqitti isaan ni lakkaaʼe; isaanis Israaʼelota 300,000 fi namoota Yihudaa 30,000 turan. 9 Namoonni sunis yeroo kanatti ergamtoota Yaabeeshii dhufan sanaan akkana jedhan: “Isin namoota Yaabeesh warra Giiliyaad keessa jiranitti, ‘Boru yommuu aduun hoʼitu, isin ni oolchina’ jedhaatii itti himaa.” Ergamtoonni sunis dhufanii namoota Yaabeeshitti himan; isaanis baayʼee gammadan. 10 Kanaafuu, namoonni Yaabeesh Amoorotaan, “Boru harka keenya isinitti ni kennina; isinis wanta gaarii isinitti fakkaate hundumaa nu irratti raawwachuu dandeessu” jedhan.+

11 Guyyaa itti aanutti Saaʼol namoota sana garee sadiitti ni hire; isaanis halkan gara barii* buufata sana gidduu seenanii hanga aduun hoʼitutti Amoonota+ rukutan. Warri oolanis namni lama illee waliin taʼuu hamma hin dandeenyetti ni bibittinnaaʼan. 12 Achiis namoonni sun Saamuʼeliin, “Namoonni, ‘Saaʼoltu nu irratti mootii taʼuuf jedhaa?’ jedhan eenyu faʼi?+ Namoota sana dabarsii nutti kenni; nutis isaan ni ajjeesna” jedhan. 13 Saaʼol garuu, “Harʼa guyyaa Yihowaan Israaʼeliin itti oolche waan taʼeef, namni tokko illee guyyaa kanatti ajjeefamuu hin qabu” jedhe.+

14 Sana booda Saamuʼel namoota sanaan, “Kottaa gara Gilgaal+ dhaqnee Saaʼol mootii taʼuu isaa irra deebinee labsina” jedhe.+ 15 Kanaafuu, namoonni sun hundi gara Gilgaal dhaqanii, achitti Yihowaa duratti Saaʼoliin mootii godhan. Achittis Yihowaa duratti aarsaawwan gamtaa ni dhiheessan;+ Saaʼolii fi namoonni Israaʼel hundis baayʼee gammadan.+

12 Dhuma irrattis Saamuʼel Israaʼelota hundumaatiin akkana jedhe: “Kunoo, ani wanta isin na gaafattan hundumaa godheera;* mootii isin bulchus isiniif muudeera.+ 2 Egaa mootiin isin geggeessu* kunoo ti!+ Ani silaa dulloomeera, mataan koo harrii taʼeera; ilmaan koos isinii wajjin jiru;+ ijoollummaa kootii jalqabee hanga guyyaa harʼaatti isin geggeesseera.+ 3 Kunoo, amma ani isin dura dhaabbadheera. Yihowaa fi isa inni dibe+ duratti ana irratti ragaa baʼaa: Ani qotiyyoo yookiin harree eenyuun fudhadhe?+ Eenyuunan gowwoomse? Yookiin eenyuunan miidhe? Murtii jalʼisuuf jedhee eenyu harkaan mattaʼaa fudhadhe?+ Yoon fudhadheera taʼe, isiniif nan deebisa.”+ 4 Isaanis yeroo kanatti, “Ati nu hin gowwoomsine, nu hin miine, nama tokko harkaa illee waan tokko hin fudhanne” isaan jedhan. 5 Kanaafuu inni, “Isin wanta itti na himattan tokko illee akka hin qabne,* harʼa Yihowaan isin irratti ragaa dha, namni inni dibes isin irratti ragaa dha” isaaniin jedhe. Isaanis deebisanii, “Inni ragaa dha” jedhan.

6 Saamuʼelis namoota sanaan akkana jedhe: “Yihowaan inni Musee fi Aaronitti fayyadamee abbootii keessan biyya Gibxiitii baase+ ragaa dha. 7 Ammas bakkuma jirtan dhaabbadhaa; hojiiwwan qajeeloo Yihowaan isinii fi abbootii keessaniif godhe hundumaa ilaalchisee Yihowaa duratti ani isin nan falmadha.

8 “Akkuma Yaaqoob gara Gibxii dhufeen,+ akkasumas abbootiin keessan gargaarsa gaafachuuf gara Yihowaatti iyyachuu jalqabaniin,+ Yihowaan abbootii keessan Gibxii keessaa akka baasanii fi bakka kana akka jiraachisan+ Musee fi Aaroniin ni erge.+ 9 Haa taʼu malee, isaan Waaqa isaanii Yihowaa waan irraanfataniif, inni harka Siseeraa+ isa ajajaa raayyaa waraanaa Hazoor taʼetti, harka Filisxeemotaattii+ fi harka mootii Moʼaabitti+ dabarsee isaan gurgure;+ isaanis isaan ni waraanan. 10 Yeroo kanatti abbootiin keessan gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyatan;+ achiis, ‘Baʼaalii+ fi siidaawwan Ashtooret+ tajaajiluuf jennee Yihowaa dhiisuudhaan cubbuu hojjenneerra;+ ammas akka si tajaajilluuf harka diinota keenyaa jalaa nu oolchi’ jedhan. 11 Yeroo kanatti Yihowaan tasgabbiidhaan akka jiraattan gochuuf, Yerubaʼaal,+ Beedaan, Yiftaa+ fi Saamuʼeliin+ ergee harka diinota naannoo keessan jiran hundumaa jalaa isin oolche.+ 12 Nahaash+ mootiin Amoonotaa isin waraanuuf gara keessan dhufuu isaa yommuu argitan, Waaqni keessan Yihowaan Mootii keessan taʼee utuu jiruu+ irra deddeebitanii, ‘Hin taʼu, mootiin akka nuuf muudamu barbaanna!’ naan jettan.+ 13 Mootiin inni isin barbaaddanii fi gaafattan kunoo ti. Kunoo, Yihowaan isin irratti mootii muudeera.+ 14 Yihowaa yoo sodaattan,+ isa yoo tajaajiltan,+ sagalee isaatiif yoo ajajamtan,+ ajaja Yihowaa yoo mormuu baattan, akkasumas isinis taatan mootiin isin bulchu Waaqa keessan Yihowaa yoo hordoftan, gaarii isiniif ni taʼa. 15 Sagalee Yihowaatiif ajajamuu diddanii ajaja Yihowaa yoo mormitan garuu, harki Yihowaa isinii fi abbootii keessan ni adaba.+ 16 Ammas bakkuma jirtan dhaabbadhaatii, wanta guddaa Yihowaan ija keessan duratti hojjetu kana ilaalaa. 17 Harʼa guyyaa qamadiin itti haamamu mitii? Akka kakawweessaʼuu fi bokkaan akka roobu Yihowaa nan gaafadha; yeroo kanatti ofii keessaniif mootiin akka isiniif muudamu gaafachuudhaan Yihowaa duratti hammeenya guddaa akkamii akka hojjettan beekaa, hubadhaas.”+

18 Saamuʼelis Yihowaa ni kadhate; Yihowaanis guyyaa sanatti akka kakawweessaʼuu fi bokkaan akka roobu godhe; kanaan kan kaʼes, namoonni sun hundi Yihowaa fi Saamuʼeliin baayʼee sodaatan. 19 Namoonni sun hundis Saamuʼeliin, “Mootiin akka nuuf muudamu gaafachuudhaan cubbuu keenya irratti hammina kan biraa daballeerra; nuti akka hin duuneef, nu tajaajiltoota keetiif Waaqa kee Yihowaa kadhadhu”+ jedhan.

20 Kanaan kan kaʼes, Saamuʼel namoota sanaan akkana jedhe: “Hin sodaatinaa. Dhugaa dha, isin gocha hamaa kana hundumaa hojjettaniittu. Ammas Yihowaa duukaa buʼuu irraa hin garagalinaa;+ garaa keessan guutuudhaanis Yihowaa tajaajilaa.+ 21 Wantoota homaa of keessaa hin qabne* hordofuuf hin garagalinaa;+ isaan homaa of keessaa kan hin qabne* waan taʼaniif faayidaa hin qaban;+ isin oolchuus hin dandaʼan. 22 Yihowaan maqaa isaa isa guddaadhaaf+ jecha saba isaa hin dhiisu;+ sababiin isaas, Yihowaan saba isaa isin godhachuu barbaadeera.+ 23 Ani gama kootiin, isiniif kadhachuu dhiisuudhaan Yihowaa irratti cubbuu hojjechuun wanta hin yaadamne dha; ani karaa gaarii fi sirrii taʼe isin barsiisuu koo ittan fufa. 24 Isin garuu Yihowaa sodaadhaa;+ garaa keessan guutuudhaan amanamummaadhaan* isa tajaajilaa; inni wantoota guguddaa akkamii akka isiniif godhes yaadadhaa.+ 25 Mata jabinaan wanta hamaa hojjechuu keessan yoo itti fuftan garuu, isinis taatan mootiin keessan+ haxaaʼamtanii balleeffamtu.”+

13 Saaʼol yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa . . .* ture;+ inni waggaa lamaaf Israaʼeliin ni bulche. 2 Saaʼol Israaʼel keessaa namoota 3,000 ni filate; isaan kana keessaa namoonni 2,000 Mikmaashii fi naannoo gaarotaa Beetel keessa Saaʼolii wajjin turan; namoonni 1,000 immoo Gibeʼaa+ ishii Biiniyaamitti argamtu keessa Yonaataanii+ wajjin turan. Namoonni hafan immoo gara dunkaana isaaniitti akka deebiʼan godhe. 3 Achiis Yonaataan buufata loltoota Filisxeemotaa+ isa Geebaatti+ argamu ni rukute; Filisxeemonnis waaʼee kanaa ni dhagaʼan. Yeroo kanatti Saaʼol, “Warri Ibrootaa haa dhagaʼan!” jechuudhaan guutummaa biyyattiitti xurumbaan* akka afuufamu godhe.+ 4 Israaʼelonni hundis, “Saaʼol buufata loltoota Filisxeemotaa ni rukute; Israaʼelonnis Filisxeemota gidduutti akka waan xiraaʼaatti ni ilaalaman” oduu jedhu dhagaʼan. Kanaafuu, namoonni sun Saaʼol duukaa buʼuuf Gilgaalitti walitti qabaman.+

5 Filisxeemonnis Israaʼelota waraanuuf gaarii fardaa 30,000, abbootii fardeenii 6,000 fi loltoota lakkoofsi isaanii akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu walitti qabatan;+ achiis ol baʼanii Mikmaash ishii Beet Aween+ irraa gara bahaatti argamtu keessa buufatan. 6 Namoonni Israaʼel rakkina keessa akka galan waan hubataniif baayʼee dhiphatan; kanaan kan kaʼes namoonni sun holqa, hallayyaa, kattaa, mana lafa jalaa fi boolla bishaanii keessa ni dhokatan.+ 7 Ibroonni tokko tokko Yordaanosiin ceʼanii gara biyya Gaadii fi Giiliyaad+ dhaqan. Saaʼol garuu achuma Gilgaal keessa ture; namoonni isa duukaa buʼan hundis hollachaa turan. 8 Innis hanga yeroon Saamuʼel murteesse* gaʼutti guyyaa torbaaf eeguu isaa itti fufe; Saamuʼel garuu gara Gilgaal hin dhufne; namoonni sunis isa dhiisanii faffacaʼuu jalqaban. 9 Dhuma irrattis Saaʼol, “Aarsaa gubamuu fi aarsaawwan gamtaa sana as natti fidaa” jedhe. Achiis aarsaa gubamu sana ni dhiheesse.+

10 Taʼus akkuma inni aarsaa gubamu dhiheessee xumureen, Saamuʼel ni dhufe. Kanaafuu, Saaʼol isa simachuu fi nagaa isa gaafachuuf gad ni baʼe. 11 Achiis Saamuʼel, “Wanti ati goote kun maali dha?” isaan jedhe. Saaʼolis deebisee akkana jedhe: “Namoonni kun na dhiisanii akka deeman,+ atis yeroo murteeffametti akka hin dhufnee fi Filisxeemonni immoo Mikmaashitti akka walitti qabaman nan arge.+ 12 Kanaafuu, ‘Amma Filisxeemonni na waraanuuf gara Gilgaalitti gad buʼu; ani immoo eebba isaa argachuuf Yihowaa hin kadhanne’ jedheen yaade. Kanaan kan kaʼes, dirqama aarsaa gubamu dhiheessuu akkan qabu natti dhagaʼame.”

13 Yeroo kanatti Saamuʼel Saaʼoliin akkana jedhe: “Ati hojii gowwummaa hojjetteetta. Ajaja Waaqni kee Yihowaan siif kenneef hin ajajamne.+ Utuu ajajamteetta taʼee, Yihowaan mootummaan kee Israaʼel irratti bara baraaf jabaatee akka dhaabbatu ni godha ture. 14 Amma garuu mootummaan kee itti hin fufu.+ Ati ajaja Yihowaan siif kenneef waan hin ajajamneef,+ Yihowaan nama akka garaa isaa taʼe ni argata;+ akka inni geggeessaa taʼus Yihowaan saba ofii isaa irratti isa ni muuda.”+

15 Achiis Saamuʼel kaʼee Gilgaalii gara Gibeʼaa ishii Biiniyaamitti argamtutti ol baʼe; Saaʼolis namoota sana ni lakkaaʼe; namoonni isaa wajjin jiranis gara 600 turan.+ 16 Saaʼolii fi ilmi isaa Yonaataan, akkasumas namoonni isaanii wajjin turan Geebaa+ ishii Biiniyaamitti argamtu keessa buufatanii turan; Filisxeemonni immoo Mikmaashitti+ buufatanii turan. 17 Tuutawwan weerartootaa garee sadii taʼanii buufata Filisxeemotaa keessaa gad ni baʼan. Gareen inni tokko daandii gara Ofraa, jechuunis gara biyya Shuʼaalitti geessu irra buʼe; 18 gareen inni kaan daandii gara Beet Hooronitti geessu irra buʼe;+ gareen inni sadaffaan immoo daandii gara daangaan sulula Zeboʼiim fuulleetti itti mulʼatu irra, jechuunis daandii gara lafa onaatti geessu irra buʼe.

19 Yeroo kanatti Filisxeemonni, “Ibroonni goraadee yookiin eeboo akka hin hojjetanne” jedhanii waan turaniif, biyya Israaʼel keessatti namni sibiila tumu tokko illee hin argamu ture. 20 Kanaafuu, Israaʼelonni hundi maarashaa, doomaa, qottoo fi haamtuu isaanii qarsiifachuuf gara warra Filisxeemitti gad buʼu turan. 21 Gatiin maarashaa, doomaa, qoorbii sibiilaa* fi qottoo ittiin qarsiisan, akkasumas arfii* qotiyyoo ittiin hiisisan fiimii* tokko ture. 22 Guyyaa waraanni itti godhamutti, namoota Saaʼolii fi Yonaataanii wajjin turan keessaa nama tokko harkatti illee goraadeen yookiin eeboon hin argamu ture;+ meeshaa waraanaa kan qaban Saaʼolii fi ilma isaa Yonaataan qofa turan.

23 Yeroo kanatti gareen loltoota Filisxeemotaa tokko gara daandii sulula dhiphaa Mikmaashitti+ argamuu deemee ture.

14 Gaaf tokko Yonaataan+ ilmi Saaʼol tajaajilaa isaa isa meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Kottu gara buufata loltoota Filisxeem isa gamatti argamutti haa ceenu” jedhe. Taʼus wanta kana abbaa isaatti hin himne. 2 Saaʼol qarqara Gibeʼaa+ muka romaanii isa Migroonitti argamu jala buufatee ture; namoonni gara 600 taʼanis isaa wajjin turan.+ 3 (Ahiyaan ilmi Ahixuub+ efuudii uffatee kan ture yeroo taʼu, Ahixuub obboleessa Ikaabood,+ ilma Finahaas,+ ilma Eelii+ isa Shiilootti+ luba Yihowaa ture sanaa ti.)+ Namoonni sun Yonaataan deemuu isaa hin beekne turan. 4 Daandiiwwan Yonaataan gara buufata loltoota Filisxeemotaatti itti ceʼuuf yaalaa ture sana gidduu, garanaan kattaan ilkaan fakkaatu tokko, garsiinis kattaan ilkaan fakkaatu tokko jira ture; maqaan isa tokkoo Boozez, maqaan isa tokkoo immoo Seenee jedhama ture. 5 Kattaan inni tokko akka utubaatti karaa kaabaatiin gara Mikmaashitti kan garagale yeroo taʼu, inni tokko immoo karaa kibbaatiin gara Geebaatti+ kan garagale ture.

6 Kanaafuu, Yonaataan namicha meeshaa waraanaa isaaf baatu sanaan, “Kottu, gara buufata loltootaa warra dhaqna hin qabanne+ sanaatti haa ceenu. Yihowaan namoota hedduutti yookiin namoota muraasatti fayyadamee oolchuu irraa wanti isa dhowwuu dandaʼu waan hin jirreef, tarii Yihowaan nuuf jedhee tarkaanfii ni fudhata taʼa” jedhe.+ 7 Yeroo kanatti namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun, “Wanta garaan kee akka gootu sitti himu hundumaa godhi. Gara barbaaddetti garagali; anis gara garaan kee yaade kamitti iyyuu si duukaa nan buʼa” isaan jedhe. 8 Achiis Yonaataan akkana isaan jedhe: “Gara namoota sanaatti ceenee isaanitti mulʼanna. 9 Yoo isaan, ‘Hamma nuti gara keessan dhufnutti achuma dhaabbadhaa!’ nuun jedhan, bakkuma jirru dhaabbanna malee gara isaaniitti ol hin baanu. 10 Yoo isaan, ‘Gara keenyatti ol baʼaa!’ jedhan garuu, Yihowaan harka keenyatti dabarsee waan isaan kennuuf gara isaaniitti ol ni baana. Kun mallattoo nuuf taʼa.”+

11 Achiis lamaan isaanii iyyuu buufata loltoota Filisxeemotaatti ni mulʼatan. Filisxeemonnis, “Kunoo, Ibroonni boolla itti dhokatan keessaa baʼaa jiru” jedhan.+ 12 Namoonni bakka buufata loltootaa sana jiranis Yonaataanii fi namicha meeshaa waraanaa isaaf baatu sanaan, “Gara keenyatti ol baʼaa; isinitti argisiisna!” jedhan.+ Yonaataanis yeruma sana namicha meeshaa waraanaa isaaf baatu sanaan, “Yihowaan harka Israaʼelotaatti dabarsee waan isaan kennuuf, ana duukaa buʼi” jedhe.+ 13 Achiis Yonaataan harka isaa fi miila isaatiin daaʼimee ol baʼe; namichi meeshaa waraanaa isaaf baatus isa duuba ture; Yonaataan Filisxeemota rukutuu ni jalqabe; namichi meeshaa waraanaa isaaf baatus isa duuba deemee isaan ni ajjeese. 14 Haleellaa jalqabaa Yonaataanii fi namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun godhaniin, walakkaa qotiisa qotiyyoo cimdiin guyyaatti qotu keessatti gara namoota 20 ni rukutan.

15 Sana booda dirree buufatichaa keessaa fi namoota buufata loltootaa keessa jiran hundumaa gidduutti sodaan ni babalʼate; tuutawwan weerartootaa+ illee ni sodaatan. Lafti kirkiruu jalqabde; sodaanis Waaqayyo biraa isaanitti ni dhufe. 16 Waardiyyoonni Saaʼol warri Gibeʼaa+ ishii Biiniyaam keessa jiran, kallattii hundaatiin jeequmsi babalʼachuu isaa argan.+

17 Saaʼolis namoota sanaan, “Mee namoota lakkaaʼaatii, eenyu nu dhiisee akka deeme hubadhaa” jedhe. Isaanis yommuu lakkaaʼan, Yonaataanii fi namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu achi akka hin jirre hubatan. 18 Yeroo kanatti Saaʼol Ahiyaadhaan,+ “Taabota Waaqa dhugaa as fidi!” jedhe. (Yeroo sanatti* Taabonni Waaqa dhugaa Israaʼelota bira ture.) 19 Saaʼol luba sanaa wajjin utuu dubbachaa jiruu, jeequmsi buufata Filisxeemotaa keessa ture ittuma cimaa deeme. Achiis Saaʼol lubichaan, “Wanta gochaa jirtu dhiisi”* jedhe. 20 Kanaafuu, Saaʼolii fi namoonni hundi walitti qabamanii gara dirree waraanichaa dhaqan; yeroo kanatti Filisxeemonni walitti garagalanii goraadee isaaniitiin utuu wal rukutanii argan; jeequmsi sunis baayʼee guddaa ture. 21 Kana malees, Ibroonni warri sana dura Filisxeemota irra goranii isaanii wajjin gara buufatichaa dhaqanii turan, gara Israaʼelota warra Saaʼolii fi Yonaataaniin geggeeffamanitti makaman. 22 Namoonni Israaʼel warri naannoo gaarotaa Efreem keessa dhokatanii+ turan hundis Filisxeemonni baqachuu isaanii ni dhagaʼan; isaanis waraanicha irratti warra kaanii wajjin taʼuudhaan Filisxeemota ariʼan. 23 Kanaafuu, guyyaa sanatti Yihowaan Israaʼelota ni oolche;+ waraanichis hamma Beet Aweenitti+ itti fufe.

24 Haa taʼu malee Saaʼol, “Namni hamma galgalaatti, hamma ani diinota koo haaloo baʼutti waan tokko* illee nyaatu abaaramaa haa taʼu!” jedhee kakuu jala isaan galchee waan tureef, guyyaa sanatti namoonni Israaʼel baayʼee dhiphatan. Kanaafuu, namoota sana keessaa namni tokko illee homaa hin nyaanne.+

25 Yeroo kanatti namoonni* sun hundi bosona tokko keessa galan; laficha irras dammi jira ture. 26 Namoonni sun yommuu gara bosonichaatti seenan dammi utuu coccophuu argan; haa taʼu malee, kakaa sana waan sodaataniif, namni tokko illee harka isaa gara afaan isaatti hin geessine. 27 Yonaataan garuu abbaan isaa namoota sana kakachiisuu isaa hin dhageenye;+ kanaafuu, hiixatee fiixee ulee harka isaa irra ture sana dhaaba dammaa sana keessa cuuphe. Harka isaa gara afaan isaatti yommuu geessus ijji isaa ni ife. 28 Yeroo kanatti namoota sana keessaa tokko, “Abbaan kee, ‘Namni harʼa nyaata nyaatu abaaramaa haa taʼu!’+ jedhee cimsee namoota kana kakachiiseera. Namoonni kun baayʼee kan dadhaban kanaafi” isaan jedhe. 29 Yonaataan garuu akkana jedhe: “Abbaan koo biyyattii irratti rakkina guddaa fideera. Damma xinnoo kana waanan afaaniin qabeef, ijji koo akkam akka ife ilaalaa. 30 Harʼa namoonni kun boojuu diinota isaanii irraa argatan sodaa tokko malee utuu nyaataniiru taʼee baayʼee gaarii ture!+ Utuu akkana taʼee, silaa kana caalaa Filisxeemonni hedduun ni ajjeefamu turan.”

31 Guyyaa sanatti namoonni sun Mikmaashii jalqabee hamma Ayiloonitti+ Filisxeemota rukutaa waan oolaniif baayʼee dadhaban. 32 Kanaafuu, namoonni sun wanta boojiʼan sana sassataan ni fudhatan; achiis hoolota, loonii fi jabbilee lafa irratti qalanii, foon isaanii dhiiga isaa wajjin nyaatan.+ 33 Kanaan kan kaʼes, “Kunoo, namoonni kun foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Yihowaa irratti cubbuu hojjechaa jiru”+ jedhamee Saaʼolitti himame. Yeroo kanatti inni, “Isin hojii amantii akka hin qabne argisiisu hojjettaniittu. Dafaatii dhagaa guddaa tokko gangalchaa naa fidaa” isaaniin jedhe. 34 Sana booda Saaʼol akkana jedhe: “Namoota sana gidduu faffacaʼaatii, ‘Tokkoon tokkoon keessan qotiyyoo keessanii fi hoolaa keessan fidaatii asitti qalaa nyaadhaa. Foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Yihowaa irratti cubbuu hin hojjetinaa’ jedhaatii isaanitti himaa.”+ Kanaafuu, tokkoon tokkoon isaanii galgala sana qotiyyoo isaanii fidanii achitti qalan. 35 Saaʼolis Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ni ijaare.+ Kun, iddoo aarsaa inni yeroo jalqabaatiif Yihowaadhaaf ijaare dha.

36 Sana booda Saaʼol, “Halkan Filisxeemota hordofuudhaan gad buunee, hanga aduun baatutti isaan haa saamnu. Nama tokko illee hin hambisnu” jedhe. Yeroo kanatti isaan, “Wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate hundumaa godhi” isaan jedhan. Achiis lubichi, “Mee bakka kanatti Waaqa dhugaa haa gaafannu” jedhe.+ 37 Saaʼolis, “Ani Filisxeemota hordofee gad buʼuu?+ Harka Israaʼelotaatti dabarsitee isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Haa taʼu malee, Waaqayyo guyyaa sanatti deebii isaaf hin kennine. 38 Kanaafuu, Saaʼol akkana jedhe: “Isin ajajjoonni saba kanaa hundi as kottaatii, harʼa cubbuun akkamii akka hojjetame qoradhaa. 39 Yihowaa Waaqa jiraataa isa Israaʼeliin oolcheen nan kakadha, cubbuu kana kan hojjete ilma koo Yonaataan yoo taʼe illee ni ajjeefama.” Haa taʼu malee, namoota sana keessaa eenyu illee deebii isaaf hin kennine. 40 Achiis Israaʼelota hundumaatiin, “Isin gar tokkotti goraa; ilmi koo Yonaataanii fi ani immoo gar tokkotti gorra” jedhe. Namoonni sunis Saaʼoliin, “Wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate godhi” jedhan.

41 Saaʼolis Yihowaadhaan, “Yaa Waaqa Israaʼel, karaa Tuumiimii+ deebii kenni!” jedhe. Achiis Yonaataanii fi Saaʼol ni filataman; namoonni sun garuu bilisa taʼan. 42 Saaʼolis, “Anaa fi ilma koo Yonaataan keessaa eenyu akka taʼe beekuuf carraa buusaa”+ jedhe. Yeroo kanatti Yonaataan ni filatame. 43 Achiis Saaʼol Yonaataaniin, “Maal akka goote natti himi!” jedhe. Yonaataanis, “Fiixee ulee harka koo irra tureen, damma xinnoo afaaniin qabeera.+ Kunoo amma ani duʼuuf qophaaʼaa dha!” isaan jedhe.

44 Yeroo kanatti Saaʼol, “Yaa Yonaataan, yoo ati duʼuu baatte, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu” jedhe.+ 45 Namoonni sun garuu Saaʼoliin akkana jedhan: “Yonaataan inni Israaʼeliif injifannoo* guddaa kana argamsiise duʼuu qabaa?+ Kun wanta hin yaadamne dha! Yihowaa isa jiraataa taʼeen ni kakanna, inni guyyaa kanatti kana kan godhe gargaarsa Waaqayyootiin waan taʼeef, rifeensa mataa isaa keessaa tokko illee lafa hin buʼu.”+ Akka kanaan namoonni sun Yonaataaniin waan oolchaniif,* inni utuu hin ajjeefamin hafe.

46 Kanaafuu, Saaʼol Filisxeemota ariʼuu isaa ni dhiise; Filisxeemonnis gara naannoo isaaniitti qajeelan.

47 Saaʼolis Israaʼel irratti mootummaa isaa ni cimsate; diinota isaa kallattii hundumaatiin jiran jechuunis, Moʼaabota,+ Amoonota,+ Edoomota,+ mootota Zoobaa+ fi Filisxeemota+ ni waraane; bakka deeme hundumaattis isaan injifata ture. 48 Gootummaadhaan Amaaleqota+ waraanee isaan injifate; Israaʼelotas harka warra isaan saaman jalaa ni oolche.

49 Ilmaan Saaʼol, Yonaataan, Yishwii fi Malkishuwaa+ turan. Ijoollee durbaa lamas kan qabu yommuu taʼu, maqaan ishii angafaa Meeraab,+ maqaan ishii quxisuu immoo Miikaal+ ture. 50 Maqaan haadha manaa Saaʼol Ahinoʼaam yommuu taʼu, ishiin intala Ahimaaz turte. Maqaan ajajaa raayyaa waraanaa isaa Abneer+ yommuu taʼu, innis ilma Neer isa wasiila Saaʼol turee ti. 51 Qiish+ abbaa Saaʼol ture; Neer+ inni abbaa Abneer taʼe immoo ilma Abiʼeel ture.

52 Guutummaa bara Saaʼolitti Filisxeemotaa wajjin waraanni cimaan godhamaa ture.+ Saaʼol yeroo nama cimaa yookiin onnataa taʼe argu loltoota isaatti akka makamu isa filata ture.+

15 Achiis Saamuʼel Saaʼoliin akkana jedhe: “Yihowaan saba isaa Israaʼel irratti mootii godhee akkan si dibu kan erge anaan ture;+ ammas wanta Yihowaan jedhu dhagaʼi.+ 2 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Yommuu Israaʼelonni Gibxiidhaa baʼan karaa irratti waan isaan mormaniif, wanta isaan isaan irratti raawwataniif ani Amaaleqota nan adaba.+ 3 Ammas dhaqi, Amaaleqota rukuti;+ isaaniinis taʼe wanta isaan qaban hundumaa guutummaatti balleessi.+ Isaan keessaa tokko illee hin hambisin;* dhiiras taʼe dubartii, ijoollees taʼe daaʼima, qotiyyoos taʼe hoolaa, gaalas taʼe harree, hunduma isaanii ajjeesi.’”+ 4 Saaʼolis namoota walitti qabee Xelaayimitti isaan lakkaaʼe; isaanis loltoota lafoo 200,000 fi namoota Yihudaa 10,000 turan.+

5 Saaʼol hanga magaalaa Amaaleqitti deemee sulula* tokko keessatti riphe. 6 Achiis Saaʼol Qeenotaan,+ “Ani isaanii wajjin akkan isin hin balleessinetti,+ Amaaleqota gidduudhaa baʼaa deemaa. Sababiin isaas, isin yommuu isaan Gibxiidhaa baʼanitti saba Israaʼel hundumaatti jaalala amanamaa argisiistaniittu”+ jedhe. Kanaafuu, Qeenonni Amaaleqota gidduudhaa ni baʼan. 7 Sana booda Saaʼol Hawiilaadhaa+ jalqabee hamma Shuur+ ishii Gibxiitti aantee jirtuutti Amaaleqota+ ni rukute. 8 Innis Agaag+ mootii Amaaleqotaa ni boojiʼe; namoota kaan hundumaa garuu goraadeedhaan ni fixe.+ 9 Haa taʼu malee, Saaʼolii fi namoonni sun Agaagiin, akkasumas bushaayee, loon, horii coccoomoo, korbeeyyii hoolaa warra gaggaarii taʼanii fi wanta gaarii taʼe hundumaa utuu hin balleessin dhiisan.*+ Guutummaatti isaan balleessuu hin barbaanne. Meeshaawwan gatii hin qabnee fi hin barbaadamne hundumaa garuu guutummaatti ni balleessan.

10 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Saamuʼel ni dhufe: 11 “Inni ana duukaa buʼuu irraa waan garagalee fi dubbii koo waan hin raawwanneef, Saaʼoliin mootii gochuu kootti gaabbeera.”*+ Yeroo kanatti Saamuʼel baayʼee waan jeeqameef halkan guutuu gara Yihowaatti iyyaa bule.+ 12 Saamuʼel Saaʼoliin argachuuf ganama bariidhaan yommuu kaʼu, “Saaʼol gara Qarmeelos+ dhaqee achitti ofii isaatiif siidaa yaadannoo dhaabbateera.+ Achiis deebiʼee gara Gilgaalitti gad buʼeera” oduu jedhu dhagaʼe. 13 Dhuma irrattis, Saamuʼel yommuu gara isaa dhufu Saaʼol, “Yihowaan si haa eebbisu. Ani dubbii Yihowaa raawwadheera” isaan jedhe. 14 Saamuʼel garuu, “Maarree, sagaleen bushaayee fi sagaleen loonii ani gurra kootiin dhagaʼu kun maali dha?” isaan jedhe.+ 15 Yeroo kanatti Saaʼol, “Isaan kun Amaaleqota irraa kan fudhatamani dha; kunis kan taʼe namoonni kun bushaayee fi loon warra gaggaarii Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa gochuuf waan hambisaniifi;* warra hafan garuu guutummaatti balleessineerra” isaan jedhe. 16 Saamuʼelis Saaʼoliin, “Si gaʼa! Mee wanta Yihowaan eda galgala naan jedhen sitti hima” jedhe.+ Saaʼolis, “Tole, natti himi!” isaan jedhe.

17 Saamuʼelis itti fufuudhaan akkana jedhe: “Ati yeroo dura buʼaa gosoota Israaʼel akka taatu muudamtettii fi yeroo Yihowaan Israaʼel irratti mootii godhee si dibetti,+ nama gad aanaa akka taatetti of ilaalta turte mitii?+ 18 Boodas Yihowaan, ‘Dhaqi, Amaaleqota cubbamoota taʼan guutummaatti balleessi.+ Haxooftee hamma isaan balleessituttis isaan waraani’ jedhee si erge.+ 19 Maarree ati dubbii Yihowaatiif maaliif ajajamuu didde? Kanaa mannaa, boojuudhaaf sassattee+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gooteetta!”

20 Taʼus Saaʼol Saamuʼeliin akkana jedhe: “Garuu ani dubbii Yihowaatiif ajajameera! Bakka Yihowaan itti na erge dhaqeera; Agaag mootii Amaaleq fideera; Amaaleqotas guutummaatti balleesseera.+ 21 Haa taʼu malee, namoonni kun Gilgaalitti Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa godhanii dhiheessuuf, hoolotaa fi loon boojiʼaman, jechuunis wantoota guutummaatti balleeffamuu qaban keessaa warra filataman fudhataniiru.”+

22 Yeroo kanatti Saamuʼel akkana isaan jedhe: “Yihowaan hamma dubbii Yihowaatiif ajajamuutti gammadu, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kan biraatti ni gammadaa?+ Ilaa, ajajamuun aarsaa irra,+ xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuunis cooma+ korbeessa hoolaa irra ni caala; 23 sababiin isaas, ajajamuu diduun+ hooda dubbachuu,+ of tuuluunis mora raawwachuu fi waaqolii tolfamoo* waaqeffachuu wajjin tokko dha. Dubbii Yihowaa waan tuffatteef,+ innis ati mootii akka hin taane si tuffateera.”+

24 Achiis Saaʼol Saamuʼeliin akkana jedhe: “Ani namoota waanan sodaadheef, wanta isaan jedhan dhagaʼee ajaja Yihowaa fi wanta ati dubbatte cabsuudhaan cubbuu hojjedheera. 25 Ammas maaloo, cubbuu koo naaf dhiisi; Yihowaadhaaf akkan sagaduuf anaa wajjin deebiʼi.”+ 26 Saamuʼel garuu Saaʼoliin, “Ati dubbii Yihowaa tuffatteetta; Yihowaanis Israaʼel irratti mootii taatee akka itti hin fufne si tuffateera; kanaafuu, ani sii wajjin hin deebiʼu” jedhe.+ 27 Yommuu Saamuʼel garagalee deemuuf jedhu, Saaʼol fiixee uffata isaa qabate; uffatichis ni tarsaʼe. 28 Yeroo kanatti Saamuʼel akkana isaan jedhe: “Yihowaan harʼa bulchiinsa mootummaa Israaʼel si irraa tarsaaseera; inni nama si irra wayyuuf dabarsee ni kenna.+ 29 Kana malees, Ulfinni Israaʼel+ hin sobu+ yookiin yaada isaa hin jijjiiru;* inni nama waan hin taaneef yaada isaa hin jijjiiru.”*+

30 Yeroo kanatti Saaʼol, “Ani cubbuu hojjedheera. Garuu maaloo, jaarsolii saba koo fi Israaʼelota duratti ulfina naaf kenni. Anaa wajjin deebiʼi; anis Waaqa kee Yihowaadhaaf nan sagada”+ isaan jedhe. 31 Kanaafuu, Saamuʼel Saaʼol duukaa ni deebiʼe; Saaʼolis Yihowaadhaaf ni sagade. 32 Saamuʼelis, “Agaag mootii Amaaleq as natti fidaa” jedhe. Achiis Agaag, ‘Dhugumaan amma sodaan duʼaa ana irra darbeera’ jedhee yaadaa waan tureef, sodaachaa fi mamaa* gara isaa dhaqe. 33 Saamuʼel garuu, “Akkuma goraadee keetiin kan kaʼe dubartoonni ijoollee malee hafan sun gaddan, haati tees ijoollee malee haftee dubartoota hundumaa caalaa ni gadditi” isaan jedhe. Sana booda Saamuʼel Gilgaalitti Yihowaa duratti Agaagiin ni kukkute.+

34 Achiis Saamuʼel gara Raamaatti deeme; Saaʼol immoo gara mana isaa isa Gibeʼaatti argamutti ol baʼe. 35 Saamuʼel Saaʼoliif gaddaa waan tureef, hamma guyyaa duʼa isaatti lammata Saaʼoliin hin argine.+ Yihowaanis Saaʼoliin Israaʼel irratti mootii gochuu isaatti ni gaabbe.+

16 Yeroo booda Yihowaan Saamuʼeliin, “Inni Israaʼel irratti mootii taʼee akka hin bulchine isa tuffadhee utuun jiruu,+ ati hamma yoomiitti Saaʼoliif gaddita?+ Miʼa gaanfaa keetti zayitii guuttadhuutii+ deemi. Ilmaan isaa gidduudhaa nama mootii naaf taʼu waanan filadheef,+ gara Issey+ isa nama Beetaliheem taʼetti sin erga” jedhe. 2 Saamuʼel garuu, “Akkamittan dhaquu dandaʼa? Saaʼol waaʼee kanaa yoo dhagaʼe na ajjeesa”+ jedhe. Yihowaanis deebisee akkana jedhe: “Goromsa tokko fudhadhuu dhaqiitii, ‘Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuufan dhufe’ jedhi. 3 Isseyiinis bakka aarsaa itti dhiheessitutti waami; achiis ani wanta gochuu qabdu sin beeksisa. Nama ani siif filadhu anaaf dibi.”+

4 Saamuʼelis wanta Yihowaan jedhe ni raawwate. Akkuma Beetaliheem+ gaʼeenis, jaarsoliin magaalaa sanaa yommuu isa argan hollachaa, “Naguma dhuftee?” isaan jedhan. 5 Innis deebisee, “Naguman dhufe. Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuufan dhufe. Of qulqulleessaatii gara aarsaa dhihaatutti anaa wajjin kottaa” isaaniin jedhe. Achiis Isseyii fi ilmaan isaa erga qulqulleessee booda, gara bakka aarsaa itti dhiheessutti isaan waame. 6 Yommuu isaan achi gaʼanis, Saamuʼel Eeliyaabiin+ argee, “Dhugumaan, inni Yihowaan filate isa kana dha” jedhe. 7 Yihowaan garuu Saamuʼeliin, “Ani waanan isa tuffadheef, bifa isaa fi dheerina isaa hin ilaalin.+ Waaqayyo kan ilaalu akka namni ilaalutti miti; sababiin isaas, namni wanta alaan mulʼatu ilaala; Yihowaan garuu garaa namaa ilaala”+ jedhe. 8 Achiis Issey Abinaadaabiin+ waamee Saamuʼel dura akka darbu godhe; Saamuʼel garuu, “Yihowaan isa kanas hin filanne” jedhe. 9 Itti aansees Issey Shaamaan+ akka dhihaatu godhe; Saamuʼel garuu, “Yihowaan isa kanas hin filanne” jedhe. 10 Akka kanaan Issey ilmaan isaa torban Saamuʼel dura akka darban godhe; Saamuʼel garuu Isseyiin, “Yihowaan isaan kana keessaa tokko illee hin filanne” jedhe.

11 Dhuma irrattis Saamuʼel Isseyiin, “Ilmaan kee isaanuma kana qofa dhaa?” jedhe. Yeroo kanatti Issey, “Inni quxisuun+ hafeera; hoolota tiksaa jira”+ isaan jedhe. Achiis Saamuʼel Isseyiin, “Hanga inni as dhufutti nuti nyaata nyaachuuf gad hin teenyu; kanaafuu, ergii isa waamsisi” jedhe. 12 Isseyis nama ergee isa fichisiise. Inni diimaa, ijji isaa bareedaa, bifti isaas miidhagaa ture.+ Achiis Yihowaan, “Inni ani filadhe isa kana waan taʼeef, kaʼiitii isa dibi!” isaan jedhe.+ 13 Kanaafuu, Saamuʼel miʼa gaanfaa zayitichaa+ fudhatee obboloota isaa duratti isa dibe. Hafuurri Yihowaas guyyaa sanaa jalqabee Daawitiif humna ni kenne.+ Sana booda Saamuʼel kaʼee gara Raamaatti+ qajeele.

14 Yeroo kanatti hafuurri Yihowaa Saaʼol irraa ni fagaate;+ yaanni hamaan* Yihowaa biraa dhufes isa jeequu jalqabe.+ 15 Tajaajiltoonni isaas Saaʼoliin akkana jedhan: “Kunoo, hafuurri hamaan Waaqayyo biraa dhufe si jeeqaa jira. 16 Maaloo, gooftaan keenya nama akka gaariitti baganaa taphachuu dandaʼu akka barbaadan tajaajiltoota isaa warra isa dura dhaabbatan haa ajaju.+ Yeroo hafuurri hamaan Waaqayyo biraa sitti dhufu hundumaatti, inni baganaa siif ni taphata; sittis ni wayyaaʼa.” 17 Kanaafuu, Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Maaloo, nama akka gaariitti baganaa taphatu barbaadaatii naa fidaa” jedhe.

18 Tajaajiltoota sana keessaa tokko, “Kunoo, ani ilmi Issey isa nama Beetaliheem taʼee akka gaariitti baganaa akka taphatu argeera; kana malees, inni onnataa fi loltuu jabaa dha.+ Inni akka gaariitti dubbachuu dandaʼa; bifti isaa miidhagaa dha;+ Yihowaanis isaa wajjin jira”+ jedhe. 19 Yeroo kanatti Saaʼol, “Ilma kee Daawit isa hoolota tiksu naa ergi” jedhee namoota gara Isseyitti erge.+ 20 Kanaafuu, Issey daabboo fi qalqalloo daadhii wayiniitiin guutame harreetti feʼee, ilmoo reʼee tokkoo wajjin ilma isaa Daawitiin gara Saaʼolitti erge. 21 Akka kanaan, Daawit gara Saaʼol dhufee isa tajaajiluu jalqabe.+ Saaʼolis baayʼee isa jaallachaa dhufe; Daawitis nama meeshaa waraanaa isaaf baatu ni taʼe. 22 Saaʼol, “Daawit fuula koo duratti fudhatama waan argateef, maaloo, inni asuma na bira taʼee na haa tajaajilu” jedhee Isseyitti dhaamsa erge. 23 Hafuurri hamaan Waaqayyo biraa yeroo Saaʼolitti dhufutti, Daawit baganaa isaa fudhatee taphata ture; Saaʼolis boqonnaa ni argata, ittis ni wayyaaʼa ture; hafuurri hamaan sunis isa irraa fagaata ture.+

17 Filisxeemonni+ raayyaawwan waraanaa* isaanii waraanaaf walitti ni qaban. Isaanis Sookoo+ ishii Yihudaatti argamtutti walitti qabamanii, Efees Daamiim+ ishii Sookoo fi Azeeqaa+ gidduutti argamtu keessa buufatan. 2 Saaʼolii fi namoonni Israaʼelis walitti qabamanii Sulula* Eelaa+ keessa erga buufatanii booda, Filisxeemota waraanuuf hiriira galanii baʼan. 3 Filisxeemonni gaara gama tokkoon jiru qabatan; Israaʼelonni immoo gaara gama kaaniin jiru qabatan; isaan gidduu sululli tokko jira ture.

4 Achiis gootni tokko buufata Filisxeemotaa keessaa gad ni baʼe; maqaan isaa Goliyaad+ jedhama; inni nama Gaat+ yeroo taʼu, dheerinni isaa dhundhuma jaʼaa fi taakkuu tokko ture.* 5 Mataa isaa irratti baarmeexaa sibiila diimaa irraa tolfame kaaʼatee ture; kootii sibiilaas* uffatee ture. Kootiin sibiila diimaa+ kunis ulfaatinni isaa sheeqilii 5,000* ture. 6 Miila isaatti gambaallee sibiila diimaa godhatee ture; bodee*+ sibiila diimaa tokkos dugda isaa irratti suuqqatee ture. 7 Mukti eeboo isaa muka namni wayyaa dhaʼu wayyaa itti maru fakkaata ture;+ ulfaatinni sibiila eeboo isaa sheeqilii 600* ture; namni meeshaa waraanaa isaaf baatu tokkos isa dura deema ture. 8 Innis dhaabbatee loltoota Israaʼel warra hiriira galanii dhaabbatan waamee+ akkana isaaniin jedhe: “Isin waraanaaf hiriira galtanii kan baatan maaliifi? Ani Filisxeemicha, isin immoo tajaajiltoota Saaʼol mitii? Ofii keessaniif nama tokko filadhaa; innis gara kootti gad haa buʼu. 9 Inni anaa wajjin wal lolee yoo na ajjeese, nuti tajaajiltoota keessan taana. Ani isa moʼee yoon isa ajjeese garuu, isin tajaajiltoota keenya taatu, nu tajaajiltus.” 10 Achiis Filisxeemichi, “Ani harʼa loltoota Israaʼel warra hiriira galanii dhaabbatan nan qaanessa.*+ Nama tokko naa kennaa, wal haa lollu!” jedhe.

11 Saaʼolii fi Israaʼelonni hundi wanta Filisxeemichi jedhe kana yeroo dhagaʼan ni jeeqaman, baayʼees ni sodaatan.

12 Daawit ilma Issey+ isa nama Efraataa+ taʼee fi Beetaliheem+ ishii Yihudaa keessa jiraatu sanaa ti; Issey ilmaan saddeet+ kan qabu yeroo taʼu, bara Saaʼol bulchaa turetti dulloomee ture. 13 Ilmaan Issey warri guguddaan sadan Saaʼolii wajjin gara waraanichaa dhaqanii turan.+ Ilmaan isaa sadan warri gara waraanichaa dhaqan, inni angafaa Eeliyaab,+ inni lammaffaan Abinaadaab,+ inni sadaffaan immoo Shaamaa+ jedhamu turan. 14 Daawit quxisuu hunduma isaanii yeroo taʼu,+ angafoonni isaa sadan Saaʼol duukaa buʼanii turan.

15 Daawit hoolota abbaa isaa tiksuuf+ Saaʼol biraa Beetaliheemitti deddeebiʼa ture. 16 Yeroo sanatti Filisxeemichi guyyaa 40f yeroo hundumaa ganamaa fi galgala itti dhihaatee isaan dura dhaabbata ture.

17 Isseyis ilma isaa Daawitiin akkana jedhe: “Mee maaloo, akaayii eefaa* tokkoo fi daabboo kurnan kana fuudhiitii dafii obboloota kee warra buufaticha keessa jiraniif geessi. 18 Bixxillee baaduu* kurnan kana ajajaa kumaatiif geessi; akkasumas, obboloonni kee fayyaa taʼuu isaanii hubadhuutii wanta ragaa taʼu isaan biraa fidii kottu.” 19 Yeroo kanatti isaan Saaʼolii fi Israaʼelota kaan hundumaa wajjin Filisxeemota waraanuuf+ Sulula* Eelaa+ keessa turan.

20 Kanaafuu, Daawit ganama bariidhaan kaʼee hoolota sana nama tiksutti kenne; achiis akkuma Issey isa ajajetti miʼa isaa qabatee deeme. Yommuu inni buufata loltootaa bira gaʼus, raayyaan waraanaa sun dhaadachaa dirree waraanaatti gad baʼaa ture. 21 Israaʼelonnii fi Filisxeemonni warri waraanaaf hiriira galan fuullee walii dhaabbatanii turan. 22 Daawit yeruma sana miʼa isaa nama miʼa eegu biratti dhiisee gara dirree waraanaatti fiige. Yommuu achi gaʼus obboloonni isaa fayyaa taʼuu isaanii gaafate.+

23 Utuma inni isaanii wajjin haasaʼaa jiruus, kunoo Filisxeemichi namni biyya Gaat inni goota taʼee fi Goliyaad+ jedhamu ni dhufe. Inni loltoota Filisxeemotaa warra hiriira galanii dhaabbatan gidduudhaa gad baʼee, wantuma sana dura dubbachaa ture yommuu dubbatu+ Daawit isa dhagaʼe. 24 Namoonni Israaʼel hundis yommuu namicha argan sodaatanii+ isa jalaa ni baqatan. 25 Yeroo kanatti namoonni Israaʼel akkana jedhu turan: “Namicha as baʼaa jiru sana ni argituu? Inni Israaʼelotatti qoosuuf* dhufa.+ Nama isa ajjeesuuf mootichi qabeenya guddaa ni kenna; intala isaa itti heerumsiisa;+ manni abbaa isaas Israaʼel keessatti dirqama akkamii irraa iyyuu bilisa akka taʼu godha.”

26 Daawitis namoota isa bira dhaabbataniin, “Nama Filisxeemicha sana ajjeesee, Israaʼel irraa arrabsoo balleessuuf maaltu godhama? Filisxeemichi dhaqna hin qabannee fi loltoota Waaqa isa jiraataatti qoosu* kun eenyu?”+ jedhe. 27 Namoonni sunis, “Nama isa ajjeesuuf kana kanatu godhama” jedhanii wantuma sana dura dubbatan itti himan. 28 Eeliyaab+ obboleessi isaa inni angafni yommuu inni namootatti dubbatu dhagaʼee Daawititti aaree, “Maaliif asitti gad buute? Hoolota muraasa sana lafa onaa keessatti eenyutti dhiiste?+ Ani of tuulummaa kee fi yaada garaa kee isa hamaa sirriittan beeka; ati waraanuma ilaaluu dhufte” isaan jedhe. 29 Yeroo kanatti Daawit, “Amma ani gaaffiin gaafadhe malee maalan godhe?” jedhe. 30 Kanaafuu, inni isa irraa gara nama kan biraatti garagalee gaaffii sana dura gaafate isa gaafate;+ namoonni sunis akkuma duraanii jedhanii isaaf deebisan.+

31 Namoonnis wanta Daawit dubbate dhagaʼanii Saaʼolitti himan. Kanaafuu, Saaʼol nama itti ergee isa waamsise. 32 Daawitis Saaʼoliin, “Sababa isaatiin kan kaʼe eenyu illee garaan isaa hin sodaatin. Ani tajaajilaan kee dhaqee Filisxeemicha kana nan lola” jedhe.+ 33 Saaʼol garuu Daawitiin, “Ati dhaqxee Filisxeemicha kana loluu hin dandeessu; sababiin isaas ati mucaa xinnoo dha;+ inni garuu ijoollummaa isaatii jalqabee loltuu ture” jedhe. 34 Daawitis Saaʼoliin akkana jedhe: “Ani tajaajilaan kee yommuun hoolota abbaa koo tiksaa turetti, leencis+ taʼe amaakenni dhufee tuuta hoolotaa keessaa tokko fudhatee deema ture. 35 Anis isa duukaa buʼee rukutee hoolicha afaan isaatii nan buusan ture. Yommuu inni anatti garagalus, kokkee isaa qabee rukutee isa nan ajjeesan ture. 36 Ani tajaajilaan kee leencaa fi amaaketa ajjeeseera; Filisxeemichi dhaqna hin qabanne kunis loltoota Waaqa isa jiraataatti waan qooseef,* isaan keessaa akkuma isa tokkoo ni taʼa.”+ 37 Daawit itti fufuudhaan, “Yihowaan inni qeensa leencaa fi amaaketaa irraa na oolche, harka Filisxeemicha kanaa jalaas na oolcha” jedhe.+ Yeroo kanatti Saaʼol Daawitiin, “Dhaqi, Yihowaan sii wajjin haa taʼu” jedhe.

38 Achiis Saaʼol uffata isaa Daawititti uwwise. Baarmeexaa sibiila diimaa mataa isaa irra erga kaaʼeefii booda, kootii sibiilaa isatti uwwise. 39 Daawitis goraadee isaa uffata isaa irratti hidhatee deemuuf yaalii godhe; taʼus waan itti hin barreef deemuu hin dandeenye. Kanaafuu, Daawit Saaʼoliin, “Ani waanan itti hin barreef, wantoota kana uffadhee deemuu hin dandeenye” jedhe. Kanaan kan kaʼes, Daawit wantoota kana of irraa ni baase. 40 Achiis ulee isaa harkatti qabatee dhagoota xixinnoo shan laga* keessaa funaannatee korojoo tikaa isaa keessatti naqate; harka isaattis furrisa+ isaa qabatee ture. Achiis Filisxeemichatti dhihaate.

41 Filisxeemichis gara Daawititti dhihaachaa dhufe; namichi gaachana isaaf baatus isa dura deema ture. 42 Filisxeemichi yommuu xiyyeeffatee Daawitiin ilaalu, inni mucaa diimaa miidhagaa+ waan taʼeef tuffiidhaan isatti qoose. 43 Kanaafuu, Filisxeemichi Daawitiin, “Ulee qabattee kan natti dhuftu, ani saree dhaa?”+ jedhe. Achiis Filisxeemichi maqaa waaqolii isaatiin Daawitiin abaare. 44 Filisxeemichi Daawitiin, “Mee as natti kottu, foon kee allaattiiwwan samiitii fi bineensota bosonaatiif nan kenna” jedhe.

45 Daawitis Filisxeemichaan akkana jedhe: “Ati goraadee, eeboo fi bodee+ qabattee natti dhufta; ani garuu maqaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,+ Waaqa loltoota Israaʼel isa ati arrabsite* sanaatiin+ sitti nan dhufa. 46 Harʼa Yihowaan harka kootti dabarsee si kenna;+ anis si ajjeesee mataa kee si irraa nan mura; guyyaa kanattis reeffa raayyaa Filisxeemotaa allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaatiif nan kenna; namoonni lafa irra jiran hundis Israaʼel keessa Waaqni akka jiru ni beeku.+ 47 Namoonni asitti walitti qabaman hundi* Yihowaan kan oolchu goraadeedhaan yookiin eeboodhaan akka hin taane ni beeku;+ lolli kun kan Yihowaa waan taʼeef,+ inni hunduma keessan harka keenyatti dabarsee ni kenna.”+

48 Achiis Filisxeemichi kaʼee Daawitiin rukutuuf suuta jedhee itti dhihaate; Daawitis Filisxeemicha rukutuuf saffisaan gara dirree waraanaatti fiige. 49 Daawit harka isaa korojoo isaa keessa galchee dhagaa tokko fudhatee furrise. Filisxeemichas adda isaa irra ni rukute; dhagichis adda isaa keessa gad lixe; namichis lafa irratti adda isaatiin ni gombifame.+ 50 Kanaafuu, Daawit furrisaa fi dhagaadhaan qofa Filisxeemicha moʼe; akka kanaan Daawit harka isaa irraa goraadee utuu hin qabaatin Filisxeemicha rukutee ajjeese.+ 51 Achiis Daawit fiigee dhaqee isa irra dhaabbate. Sana booda, goraadee Filisxeemichaa+ qabee manʼee isaa keessaa luqqisee ittiin morma isaa muruudhaan duʼuu isaa mirkaneesse. Filisxeemonnis gootni isaanii akka duʼe yommuu argan ni baqatan.+

52 Yeroo kanatti namoonni Israaʼelii fi Yihudaa kaʼanii iyyaa sulula+ sanaa jalqabee hamma karrawwan Eqroonitti+ Filisxeemota ariʼan; reeffi Filisxeemotaas Shaʼaaraayimii+ jalqabee hamma Gaatii fi hamma Eqroonitti daandii qarqara kukkufee ture. 53 Israaʼelonni Filisxeemota ariʼanii erga deebiʼanii booda, buufatawwan isaanii ni saaman.

54 Achiis Daawit mataa Filisxeemichaa fuudhee gara Yerusaalemitti geesse; meeshaa waraanaa Filisxeemichaa garuu dunkaana ofii isaa keessa kaaʼe.+

55 Saaʼol Daawit Filisxeemicha waraanuuf deemuu isaa yommuu argu, Abneer+ isa ajajaa raayyaa waraanaa taʼe, “Abneer, mucaan kun kan eenyuu ti?”+ jedhee gaafate. Abneeris deebisee, “Yaa mootii, lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha, ani hin beeku!” isaan jedhe. 56 Mootichis, “Dargaggeessi kun ilma eenyuu akka taʼe qulqulleeffadhu” jedhe. 57 Kanaafuu, Daawit akkuma Filisxeemicha ajjeesee deebiʼeen, Abneer Daawit mataa Filisxeemichaa+ akkuma harkatti qabateen Saaʼol duratti isa dhiheesse. 58 Yeroo kanatti Saaʼol, “Gurbaa, ati ilma eenyuu ti?” jedhee isa gaafate; Daawitis, “Ani ilma tajaajilaa kee Issey+ isa nama Beetaliheem+ taʼe sanaa ti” jedhee isaaf deebise.

18 Daawit Saaʼolii wajjin dubbatee akkuma xumureen, Yonaataanii+ fi Daawit michummaa cimaadhaan walitti maxxanan;* Yonaataanis akkuma lubbuu isaatti isa ni jaallate.+ 2 Guyyaa sanaa jalqabee Saaʼol Daawitiin of biratti hambifate; gara mana abbaa isaatti akka deebiʼus isaaf hin heyyamne.+ 3 Yonaataan akka lubbuu isaatti waan isa jaallateef,+ innii fi Daawit kakuu waliif ni galan.+ 4 Yonaataan uffata isa irraan uffate of irraa baasee, uffata waraanaa isaa, goraadee isaa, iddaa isaa fi qabattoo isaa wajjin Daawitiif ni kenne. 5 Daawitis gara waraanaa dhaquu jalqabe; bakka Saaʼol isa ergu hundumaattis milkaaʼina ni argata ture.*+ Kanaafuu, Saaʼol ajajaa loltoota isaa isa godhate;+ kunis Israaʼelotaa fi tajaajiltoota Saaʼol hundumaa ni gammachiise.

6 Daawitii fi warri kaan yommuu Filisxeemota rukutanii deebiʼan, dubartoonni dibbee+ fi meeshaa muuziqaa ribuu sadii qabuun gammachuudhaan sirbaa+ fi shubbisaa Saaʼol Mooticha simachuuf magaalota Israaʼel hundumaa keessaa gad baʼan. 7 Dubartoonni sirbaa turan sun,

“Saaʼol kumaatama ajjeese,

Daawit immoo kumaatama kudhan ajjeese” jedhu turan.+

8 Yeroo kanatti Saaʼol, “Daawitiif kumaatama kudhan kennan; anaaf garuu kumaatama kennan. Wanti utuu isaaf hin kennamin hafe mootummaa qofa dha!”+ jedhee waan yaadeef baayʼee aare;+ sirba kanattis hin gammanne. 9 Guyyaa sanaa jalqabee, Saaʼol yeroo hundumaa Daawitiin ija shakkiitiin ilaala ture.

10 Guyyaa itti aanutti hafuurri hamaan Waaqayyo biraa dhufe Saaʼoliin qabate;+ Daawitis akkuma yeroo kaanii baganaadhaan utuu muuziqaa taphachaa jiruu+ Saaʼol mana isaa keessatti amala adda taʼe argisiisuu* jalqabe. Yeroo kanatti Saaʼol harka isaatti eeboo qabatee ture;+ 11 inni, ‘Daawitiin girgiddaattan maxxansa!’ jedhee yaaduudhaan eeboo isaa darbate.+ Daawit garuu siʼa lama isa jalaa ni miliqe. 12 Yihowaan Daawitii wajjin waan tureef, Saaʼol irraa garuu waan fagaateef+ Saaʼol isa ni sodaate.+ 13 Kanaafuu, Saaʼol of biraa isa fageessee ajajaa kumaa godhee isa muude; Daawitis waraana irratti raayyaa waraanaa ni geggeessa ture.*+ 14 Daawit wanta godhu hundumaa irratti milkaaʼina argachuu* isaa itti fufe;+ Yihowaanis isaa wajjin jira ture.+ 15 Saaʼol, Daawit milkaaʼina guddaa argachuu isaa yommuu argu isa ni sodaate. 16 Haa taʼu malee, inni duula isaan godhan irratti isaan geggeessaa waan tureef, Israaʼelonnii fi warri Yihudaa hundi Daawitiin ni jaallatan.

17 Yeroo booda Saaʼol Daawitiin, “Intalli tiyya ishiin angafaa Meeraab+ kunoo ti. Haadha manaa akka siif taatu ishii siifan kenna.+ Haa taʼu malee, ati goota naaf taʼuu kee fi waraana Yihowaa loluu kee itti fufuu qabda”+ jedhe. Saaʼol kana kan jedhe, ‘Harka Filisxeemotaa irratti haa duʼu malee, ani harka koo isa irratti hin kaasu’ jedhee waan yaadeef ture.+ 18 Yeroo kanatti Daawit Saaʼoliin, “Soddaa mootichaa akkan taʼuuf, Israaʼel keessatti ani eenyu? Maatiin abbaa kootii hoo eenyu?” jedhe.+ 19 Haa taʼu malee, yeroon Saaʼol intala isaa Meeraabiin Daawititti heerumsiisu yommuu gaʼutti, ishiin haadha manaa Adriʼel+ Meholaatichaa akka taatu isaaf kennamtee turte.

20 Yeroo kanatti intalli Saaʼol Miikaal+ Daawitiin ni jaallatte; oduun kun Saaʼolitti ni himame; kunis isa ni gammachiise. 21 Kanaafuu Saaʼol, “Harki Filisxeemotaa akka isa rukutuuf, ishiin kiyyoo akka isatti taatu ani ishii isaaf nan kenna” jedhe.+ Achiis Saaʼol yeroo lammaffaadhaaf Daawitiin, “Ati harʼa gaaʼelaan natti firoomta”* jedhe. 22 Kana malees, Saaʼol tajaajiltoota isaa, “‘Kunoo, mootichi sitti gammadeera; tajaajiltoonni isaa hundis si jaallataniiru. Kanaafuu, amma gaaʼelaan mootichatti firoomi’ jedhaatii iccitiidhaan Daawititti dubbadhaa” jedhee isaan ajaje. 23 Tajaajiltoonni Saaʼol yommuu wanta kana Daawititti himan, Daawit, “Ani hiyyeessaa fi nama bakka guddaa hin qabne taʼee utuun jiruu, gaaʼelaan mootichatti firoomuun wanta akka laayyootti ilaalamu isinitti fakkaataa?” isaaniin jedhe.+ 24 Achiis tajaajiltoonni Saaʼol, “Daawit akkana akkana jedheera” jedhanii isatti himan.

25 Yeroo kanatti Saaʼol, “‘Mootichi diinota isaa akka haaloo baʼuuf qolofa*+ Filisxeemotaa 100 malee gabbara+ akkamii iyyuu si irraa hin barbaadu’ jedhaatii Daawititti himaa” isaaniin jedhe. Saaʼol akkana kan jedhe, Daawit harka Filisxeemotaa irratti akka ajjeefamu waan yaadeef ture. 26 Kanaafuu, tajaajiltoonni isaa wanta kana Daawititti ni himan; Daawitis gaaʼelaan mootichatti firoomuun isaa isa ni gammachiise.+ Yeroon murteeffame sun gaʼuu isaa dura, 27 Daawit namoota isaa wajjin deemee Filisxeemota 200 ni ajjeese; gaaʼelaan mootichatti firoomuufis qolofa hunduma isaanii mootichaaf ni fide. Kanaan kan kaʼes, Saaʼol intala isaa Miikaaliin isatti ni heerumsiise.+ 28 Saaʼol Yihowaan Daawitii wajjin akka jiruu+ fi intalli isaa Miikaalis akka isa jaallatte+ ni hubate. 29 Kun immoo Saaʼol Daawitiin caalaatti akka sodaatu godhe; sana booda Saaʼol umurii isaa guutuu diina Daawit taʼe.+

30 Bulchitoonni Filisxeemotaa waraanaaf ni baʼu turan; taʼus yeroo waraanaaf baʼan hundumaatti, Daawit tajaajiltoota Saaʼol hundumaa caalaa milkaaʼina argata* ture;+ maqaan isaas ulfina guddaa argachaa deeme.+

19 Boodas Saaʼol Daawitiin ajjeesuu akka barbaadu ilma isaa Yonaataanittii fi tajaajiltoota isaa hundumaatti ni hime.+ 2 Yonaataan ilmi Saaʼol Daawitiin baayʼee waan jaallatuuf+ akkana jedhee Daawititti hime: “Abbaan koo Saaʼol si ajjeesuu barbaada. Maaloo, boru ganama of eeggadhu; bakka hin mulʼanne tokko dhaqiitii dhokadhuu achuma turi. 3 Anis gad baʼee dirree ati keessa jirtu sana irra abbaa koo bira nan dhaabbadha. Waaʼee kee abbaa kootti nan dubbadha; wanti taʼe tokko akka jiru yoon beeke sittan hima.”+

4 Kanaafuu, Yonaataan abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawit wanta gaarii dubbate.+ Akkana isaan jedhe: “Mootichi tajaajilaa isaa Daawit irratti cubbuu hin hojjetin; sababiin isaas, inni si irratti cubbuu hin hojjenne; wanti inni siif godhes si fayyadeera. 5 Inni Filisxeemicha rukutuuf jedhee lubbuu isaa balaadhaaf saaxileera;*+ Yihowaanis Israaʼelota hundumaatiif injifannoo* argamsiiseera. Atis kana ilaaltee baayʼee gammaddee turte. Maarree, sababii tokko malee Daawitiin ajjeesuudhaan dhiiga nama qulqulluu irratti maaliif cubbuu hojjetta?”+ 6 Saaʼolis wanta Yonaataan jedhe ni dhaggeeffate; achiis, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, inni hin ajjeefamu” jedhee kakate. 7 Sana booda Yonaataan Daawitiin waamee wantoota kana hundumaa isatti hime. Kanaafuu, Yonaataan Daawitiin gara Saaʼolitti fide; innis akkuma duraanii isa tajaajiluu isaa itti fufe.+

8 Yeroo booda ammas waraanni ni kaʼe; Daawitis baʼee Filisxeemota ni waraane; namoota isaanii hedduus ni fixe; isaanis isa duraa ni baqatan.

9 Saaʼol harka isaatti eeboo qabatee mana isaa keessa taaʼee utuu jiruu hafuurri hamaan Yihowaa biraa dhufe isa irra buʼe;+ yeroo kanatti Daawit baganaadhaan muuziqaa taphachaa ture.+ 10 Saaʼolis eeboo isaatiin Daawitiin girgiddaatti maxxansuuf yaalii godhe; haa taʼu malee, Daawit isa jalaa waan miliqeef, eeboon sun girgiddaa keessa lixe. Daawitis halkan sana baqatee isa jalaa miliqe. 11 Boodas Saaʼol gara mana Daawit dhaqanii manichatti marsanii eeguudhaan ganama akka isa ajjeesan namoota erge;+ haati manaa Daawit Miikaal garuu, “Harʼa galgala hin miliqxu* taanaan boru ganama ni duuta” isaan jette. 12 Miikaal Daawit baqatee miliquu akka dandaʼuuf, yeruma sana karaa foddaa gad isa buuste. 13 Miikaal siidaa taraafiim* fuutee siree irra ciibsite; uffata akka saaphanaa rifeensa reʼee irraa tolfames karaa mataa isaa keesse; achiis uffata itti uwwiste.

14 Saaʼolis Daawitiin akka fidaniif namoota erge; ishiin garuu, “Inni dhukkubsateera” isaaniin jette. 15 Kanaafuu, Saaʼol dhaqanii Daawitiin akka ilaalan namoota erge; akkasumas, “Akkan isa ajjeesuuf akkuma inni siree irra ciisee jirutti natti fidaa” isaaniin jedhe.+ 16 Namoonni sunis yommuu ol lixan, siidaan taraafiim* siree irra ciisee, uffanni akka saaphanaa rifeensa reʼee irraa tolfames karaa mataa isaa kaaʼamee jira ture. 17 Saaʼolis Miikaaliin, “Akkanatti kan na gowwoomsitee fi diinni koo+ baqatee akka miliqu kan goote maaliifi?” jedhe. Miikaalis Saaʼoliin, “Inni, ‘Akkan miliqu na gargaari; taʼuu baannaan sin ajjeesa!’ naan jedhe” jette.

18 Daawitis baqatee miliquudhaan gara Saamuʼel isa Raamaatti+ argamuu dhaqe. Achiis wanta Saaʼol isa godhe hundumaa isatti ni hime. Innii fi Saamuʼelis deemanii Naayoot+ keessa jiraachuu jalqaban. 19 Yeroo booda namoonni, “Kunoo, Daawit Naayoot ishii Raamaatti argamtu keessa jira” jedhanii Saaʼolitti himan. 20 Saaʼolis yeruma sana Daawitiin akka qabaniif namoota erge. Isaanis raajonni maanguddoota taʼan utuu raajii dubbatanii fi Saamuʼel dhaabbatee utuu isaan geggeessuu yommuu argan, hafuurri Waaqayyoo namoota Saaʼol erge sana irra buʼe; isaanis akka raajotaa taʼuu jalqaban.

21 Isaan yommuu wanta kana Saaʼolitti himan, inni yeruma sana namoota kan biraa erge; isaanis akka raajotaa taʼuu jalqaban. Kanaafuu, Saaʼol ammas siʼa sadaffaadhaaf namoota erge; isaanis akka raajotaa taʼuu jalqaban. 22 Dhuma irratti innis gara Raamaa dhaqe. Boolla bishaanii guddaa isa Seekuutti argamu bira yommuu gaʼus, “Saamuʼelii fi Daawit eessa jiru?” jedhee gaafate. Isaanis, “Naayoot+ ishii Raamaatti argamtu keessa jiru” jedhanii isaaf deebisan. 23 Saaʼol achii kaʼee gara Naayoot ishii Raamaatti argamtuu utuu deemaa jiruu, hafuurri Waaqayyoo isa irras ni buʼe; hanga Naayoot ishii Raamaatti argamtu gaʼuttis akka raajii isa godhe. 24 Innis uffata isaa of irraa baasee Saamuʼel duratti akka raajii taʼe; guyyaa sanaa fi halkan sana guutuus qullaa isaa* achi ciise. Isaan, “Saaʼolis raajota keessaa tokko dhaa?” kan jedhan+ kanaafi.

20 Achiis Daawit Naayoot ishii Raamaatti argamtu keessaa ni baqate. Haa taʼu malee, gara Yonaataan dhufee, “Maalan godhe?+ Abbaan kee na* ajjeesuu kan barbaadu ani maal balleessinaani? Cubbuu maaliin isa irratti hojjedhe?” jedhe. 2 Yeroo kanatti Yonaataan, “Kun wanta hin yaadamne dha!+ Ati hin duutu. Ilaa, abbaan koo wanta guddaas taʼe wanta xinnoo, utuu ana hin beeksisin homaa hin godhu. Abbaan koo dhimma kana kan na dhoksu maaliifi ree? Kun wanta taʼu miti” isaan jedhe. 3 Daawit garuu irra deebiʼee kakatee, “Abbaan kee ani si biratti fudhatama akkan argadhe+ waan beekuuf, ‘Yonaataan gadduu waan dandaʼuuf dhimma kana beekuu hin qabu’ jedhee taʼuu dandaʼa. Garuu Yihowaa isa jiraataa taʼee fi lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha, anaa fi duʼa gidduu kan jiru tarkaanfii tokko qofa dha!” jedhe.+

4 Achiis Yonaataan Daawitiin, “Wanta ati* jette hundumaa siifan godha” jedhe. 5 Daawitis Yonaataaniin akkana jedhe: “Boru guyyaa baatii haaraan itti baatu dha;+ anis nyaataaf mootichaa wajjin akkan taaʼu na irraa eegama; akkan deemu na geggeessi; anis hanga iftaan galgalaatti magaalattiidhaa alatti nan dhokadha. 6 Abbaan kee barbaadee yoo na dhabe ati, ‘Guutummaan maatii isaa waggaa waggaadhaan achitti aarsaa waan dhiheessuuf, Daawit hatattamaan gara magaalaa Beetaliheem+ akka dhaqu akkan isaaf heyyamu na kadhateera’ isaan jedhi.+ 7 Yoo inni, ‘Gaarii dha’ jedhee siif deebise, wanti ana tajaajilaa kee yaaddessu hin jiru jechuu dha. Yoo aare garuu, na miidhuuf akka murteesse kanaan mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. 8 Ati ana tajaajilaa kee wajjin Yihowaa duratti kakuu waan galteef,+ ana tajaajilaa keetti jaalala amanamaa argisiisi.+ Balleessaa yoon qabaadhe+ garuu atumti na ajjeesi. Maaliif dabarsitee abbaa keetti na kennita?”

9 Yeroo kanatti Yonaataan, “Matumaa wanta akkanaa hin yaadin! Abbaan koo si miidhuuf murteessuu isaa yoon beeke, ani sitti hin himuu?” isaan jedhe.+ 10 Achiis Daawit Yonaataaniin, “Abbaan kee deebii gaarii hin taane yoo siif deebise eenyutu natti hima?” jedhe. 11 Yonaataanis Daawitiin, “Kottu magaalattiidhaa ala haa baanu” jedhe. Kanaafuu, lamaan isaanii iyyuu magaalattiidhaa ala baʼan. 12 Yonaataan Daawitiin akkana jedhe: “Dhimma kana ilaalchisee yaada abbaan koo qabu boru yookiin iftaan yeroo kanatti yoon qulqulleeffachuu baadhe, Yihowaan Waaqni Israaʼel ragaa natti haa taʼu. Inni siif ilaalcha gaarii yoo qabaate, ani dhaamsa sitti ergee dhimma kana si hin beeksisuu? 13 Abbaan koo si miidhuuf kan yaade yoo taʼe garuu, ani dhimma kana si beeksisee nagaadhaan si hin ergu taanaan, Yihowaan adaba guddaa na haa adabu. Yihowaan akkuma abbaa koo wajjin ture,+ sii wajjinis haa taʼu.+ 14 Ani utuun lubbuudhaan jiruus taʼe yommuun duʼu, ati jaalala amanamaa isa kan Yihowaa natti hin argisiistuu?+ 15 Yihowaan yommuu diinota Daawit hundumaa lafa irraa haxaaʼee balleessutti illee, ati jaalala amanamaa maatii kootti argisiisuu irraa duubatti hin jedhin.”+ 16 Kanaafuu Yonaataan, “Yihowaan diinota Daawit haa gaafatu” jedhee mana Daawitii wajjin kakuu gale. 17 Yonaataan akka lubbuu isaatti waan isa jaallateef, irra deebiʼee jaalala isaatiin Daawitiif ni kakate.+

18 Achiis Yonaataan akkana isaan jedhe: “Boru guyyaa baatii haaraan itti baatu dha;+ barcumni kee duwwaa waan taʼuuf, akka ati hin jirre ni hubatama. 19 Iftaan immoo ati akka hin jirre caalaatti ni hubatama; bakka guyyaa sana* itti dhokatte dhaqiitii dhagaa kana bira turi. 20 Anis akka nama wanta tokko waraanuu barbaadeetti, dhagicha irraa gama tokkoon xiyyawwan sadii nan darbadha. 21 Tajaajilaa sanas, ‘Dhaqi, xiyyawwan sana barbaadi’ jedhee nan erga. Tajaajilaa sanaan, ‘Kunoo, xiyyawwan sun si gamana jiru, fidii kottu’ yoon jedhe, Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, wanti hundi nagaa waan taʼeef, akkasumas wanti si miidhu waan hin jirreef deebitee dhufuu dandeessa. 22 Haa taʼu malee, ani mucichaan, ‘Kunoo, xiyyawwan sun si irraa garas jiru’ yoon jedhe, Yihowaan waan si ergeef deemi. 23 Waadaa waliif galle+ ilaalchisee bara baraaf Yihowaan nu gidduutti ragaa haa taʼu.”+

24 Kanaafuu, Daawit magaalattiidhaa alatti dhokate. Baatii haaraan yommuu baatutti, mootichi nyaata nyaachuuf barcuma isaa irra ni taaʼe.+ 25 Mootichi girgiddaatti siqee bakkuma duraan taaʼu taaʼee ture. Yonaataan, Saaʼol fuuldura, Abneer+ immoo Saaʼol cinaa taaʼee ture; bakki Daawit garuu duwwaa ture. 26 Saaʼol, ‘Wanti taʼe tokko waan isa mudateef, Daawit qulqulluu miti. Eeyyee, inni xuraaʼee+ taʼuu qaba’ jedhee waan yaadeef, guyyaa sana homaa hin dubbanne. 27 Guyyaa baatii haaraan baatu booda turetti, jechuunis guyyaa lammaffaatti ammas bakki Daawit duwwaa ture. Achiis Saaʼol ilma isaa Yonaataaniin, “Ilmi Issey+ kaleessas, harʼas nyaataaf kan hin dhihaanne maaliifi?” jedhe. 28 Yonaataanis akkana jedhee Saaʼoliif deebise: “Daawit gara Beetaliheem akka dhaqu akkan isaaf heyyamu na kadhateera.+ 29 Inni, ‘Maatiin keenya magaalattii keessatti aarsaa waan dhiheessuuf, obboleessi koos waan na waameef, maaloo akkan dhaqu naaf heyyami. Ani si duratti fudhatama argadheera yoo taʼe, maaloo hafuura dhokfadhee dhaqeen obboloota koo ilaala’ naan jedhe. Inni gara maaddii mootichaatti kan hin dhufne kanaafi.” 30 Achiis Saaʼol Yonaataanitti baayʼee aaree akkana isaan jedhe: “Ilma dubartii didduu sanaa nana, of irrattis taʼe haadha tee* irratti qaanii fiduuf jettee, ilma Issey cinaa goruuf filachuu kee ani kan hin beekne sitti fakkaataa? 31 Ilmi Issey lubbuudhaan hamma lafa irra jirutti, atis taate mootummaan kee jabaattanii hin dhaabbattan.+ Kanaafuu, inni ajjeefamuu waan qabuuf,* nama tokko ergiitii isa naa fichisiisi.”+

32 Yonaataan garuu abbaa isaa Saaʼoliin, “Inni maaliif ajjeefama?+ Maal godhe?” jedhe. 33 Yeroo kanatti Saaʼol isa ajjeesuuf eeboo itti darbate;+ yeroo kanatti, Yonaataan abbaan isaa Daawitiin ajjeesuuf murteessuu isaa ni beeke.+ 34 Yonaataan, yeruma sana aarii guddaadhaan maaddii irraa ni kaʼe; sababii Daawitiin waan aareef,+ akkasumas abbaan isaa waan isa salphiseef baatii haaraa booda guyyaa lammaffaatti nyaata tokko illee hin nyaanne.

35 Yonaataan ganamaan kaʼee magaalattiidhaa ala gara bakka Daawitii wajjin itti wal beellaman ni dhaqe; tajaajilaan dargaggeessi tokkos isaa wajjin ture.+ 36 Tajaajilaa isaatiinis, “Maaloo, fiigiitii xiyyawwan ani darbadhu fidii kottu” jedhe. Tajaajilaan sunis ni fiige; Yonaataanis xiyya sana isa irraa garasitti darbate. 37 Tajaajilaan sun bakka Yonaataan xiyya isaa itti darbate yommuu gaʼu, Yonaataan isa waamee, “Xiyyichi si irraa garas jira mitii?” isaan jedhe. 38 Yonaataan tajaajilaa sana waamee, “Dafi, ariifadhuu deemi, hin turin” isaan jedhe. Tajaajilaan Yonaataanis xiyyawwan sana fuudhee gara gooftaa isaatti deebiʼe. 39 Tajaajilaan sun waaʼee dhimma kanaa homaa hin beeku ture; kun maal jechuu akka taʼe kan beekan Yonaataanii fi Daawit qofa turan. 40 Achiis Yonaataan meeshaa waraanaa isaa tajaajilaa isaatti kennee, “Dhaqi, gara magaalaatti geessi” isaan jedhe.

41 Tajaajilaan sun yommuu achii deemu, Daawit karaa kibbaatiin bakka achitti dhihoo jiru tokko irraa kaʼee ni dhufe. Achiis adda isaatiin lafatti gombifamee siʼa sadii ni sagade; isaanis wal dhungatanii walitti booʼan; caalaatti kan booʼe garuu Daawit ture. 42 Yonaataanis Daawitiin, “‘Yihowaan bara baraaf anaa fi si gidduu, sanyii kee fi sanyii koo gidduu haa taʼu’+ jennee maqaa Yihowaatiin waan waliif kakanneef,+ nagaadhaan deemi” jedhe.

Achiis Daawit kaʼee ni deeme; Yonaataanis gara magaalattiitti deebiʼe.

21 Boodas Daawit gara Ahimelek lubichaa isa Noobitti+ argamuu dhufe. Ahimelek Daawitiin yommuu argu hollachuu jalqabe; achiis, “Kophaa kee kan taatee fi namni tokko illee si bira kan hin jirre maaliifi?” isaan jedhe.+ 2 Daawitis akkana jedhee Ahimelek lubichaaf deebise: “Mootichi wanta tokko akkan godhu na ajajeera; haa taʼu malee, ‘Waaʼee ergama ani itti si erge kanaa fi waaʼee qajeelfama ani sii kenne kanaa eenyu iyyuu waan tokko illee akka hin beekne’ naan jedheera. Namoota koo wajjinis bakka taʼe tokkotti wal arguuf beellama qabadheera. 3 Kanaafuu, amma daabboon shan harka kee irra yoo jiraate yookiin waanuma argame naaf kenni.” 4 Lubichi garuu, “Daabboon qulqulluu hin taane hin jiru; namoonni kee dubartoota irraa* of qusataniiru+ yoo taʼe garuu, daabboon qulqulluu taʼe jira”+ jedhee isaaf deebise. 5 Daawitis, “Akkuma kanaan dura yommuun duulaaf baʼu gochaa ture sanaatti, nuti guutummaatti dubartoota irraa of qusanneerra.+ Namoonni koo yeroo hojii kaaniif baʼanitti illee qaamni isaanii qulqulluu erga taʼee, harʼa immoo caalaatti qulqulluu hin taʼuu ree?” jedhee lubichaaf deebise. 6 Kanaafuu, achi kan ture daabboo ilaalchaa* isa guyyuma sanatti Yihowaa duraa fuudhamee daabboo hoʼaadhaan bakka buufame malee daabboon kan biraan waan hin jirreef, lubichi daabboo qulqulluu sana isaaf ni kenne.+

7 Guyyaa sanatti tajaajiltoota Saaʼol keessaa tokko Yihowaa duraa akka hin deemne waan dhowwameef achi jira ture. Namichi kun nama biyya Edoom+ yeroo taʼu, maqaan isaa Doʼeeg+ jedhama ture; inni ajajaa tiksitoota Saaʼol ture.

8 Achiis Daawit Ahimelekiin, “Eeboo yookiin goraadee of harkaa qabdaa? Ergamni mootichaa ariifachiisaa waan tureef, ani goraadee koo yookiin meeshaa waraanaa koo hin fudhanne” jedhe. 9 Yeroo kanatti lubichi, “Goraadeen Goliyaad+ Filisxeemichaa ati Sulula* Eelaa+ keessatti ajjeeste sanaa uffataan maramee efuudicha+ duuba jira. As kan jiru isa qofa waan taʼeef, isa fudhachuu yoo barbaadde fudhadhu” isaan jedhe. Daawitis, “Kan akka isaa hin jiru. Isuma naa kenni” isaan jedhe.

10 Guyyaa sana Daawit kaʼee Saaʼol biraa ni baqate;+ dhuma irrattis gara Akiish isa mootii biyya Gaat+ taʼe sanaa dhaqe. 11 Tajaajiltoonni Akiishis, “Kun Daawit isa mootii biyyattii taʼe mitii? Inni isa isaan,

‘Saaʼol kumaatama ajjeese,

Daawit immoo kumaatama kudhan ajjeese’ jedhanii sirbanii isaaf shubbisan sana mitii?”+ isaan jedhan.

12 Daawit wanta jedhame kana irratti yaaduu jalqabe; Akiish isa mootii biyya Gaat taʼe sanas baayʼee sodaate.+ 13 Kanaafuu, inni isaan duratti akka nama qalbii dabarsee taʼe;+ isaan gidduuttis* akka maraataa taʼe. Yeroo kanatti inni balbaloota karra magaalattii irratti ni babarreessa, gorora isaas areeda isaa irratti gad ni yaasa ture. 14 Dhuma irrattis Akiish tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe: “Namichi kun maraataa taʼuu isaa ni argitu mitii? Maaliif gara kootti isa fiddan? 15 Nama na duratti akkanatti maraatu kan natti fiddan, ani maraataa dhabeenii? Namichi kun hoo gara mana kootti seenuu qabaa?”

22 Kanaafuu, Daawit achii deemee+ gara holqa Adulaamitti+ baqate. Obboloonni isaa fi guutummaan mana abbaa isaa yommuu kana dhagaʼan gara bakka inni jiru sanaatti gad ni buʼan. 2 Warri rakkina keessa jiran, warri liqiin irra jiruu fi warri komii qaban* hundi isa biratti walitti qabaman; innis ajajaa isaanii taʼe. Namoonni isaa wajjin jiranis gara dhiirota 400 turan.

3 Boodas Daawit achii baʼee gara Misphee ishii Moʼaabitti argamtuu dhaqee mootii Moʼaabiin,+ “Wanta Waaqayyo naaf godhu hamman beekutti, maaloo, abbaan koo fi haati tiyya si bira naaf haa taaʼan” jedhe. 4 Kanaafuu, inni mootii Moʼaab biratti isaan dhiise; isaanis yeroo Daawit dahoo keessa ture hundumaatti mooticha bira ni jiraatan.+

5 Yeroo booda Gaad+ raajichi Daawitiin, “Dahoo sana keessa hin jiraatin. Bakka sanaa baʼiitii gara biyya Yihudaa dhaqi”+ jedhe. Kanaafuu, Daawit achii baʼee bosona Heeretitti seene.

6 Saaʼolis Daawitii fi namoonni isaa wajjin jiran argamuu isaanii ni dhagaʼe. Yeroo kanatti Saaʼol Gibeʼaa+ keessa iddoo ol kaʼaa irra eeboo isaa qabatee muka taamaariskii jala taaʼee ture; tajaajiltoonni isaa hundis isatti marsanii dhaabbatanii turan. 7 Achiis Saaʼol tajaajiltoota isaa warra isatti marsanii dhaabbataniin akkana jedhe: “Isin Biiniyaamonni, maaloo dhagaʼaa. Ilmi Issey+ akkuma koo hunda keessaniif lafa qotiisaa fi maasii wayinii ni kennaa? Hunduma keessan hoo ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaa godhee ni muudaa?+ 8 Hundi keessan iyyuu na irratti mariʼattaniittu! Yommuu ilmi koo ilma Isseyii wajjin kakuu galetti+ namni tokko illee natti hin himne! Akkuma amma taʼaa jiru, ilmi koo tajaajilaan koo riphee akka na eeggatu yommuu na irratti isa kakaasu, isin keessaa namni tokko illee naaf gaddee natti hin himne.”

9 Yeroo kanatti Doʼeeg+ Edoomtichi, inni ajajaa tajaajiltoota Saaʼol taʼe sun akkana jedhee deebise:+ “Ani yommuu ilmi Issey gara Noob gara Ahimelek ilma Ahixuubitti+ dhufu isa argeera. 10 Inni Yihowaa isaaf gaafateera; galaas isaaf kenneera. Goraadee Goliyaad Filisxeemichaa illee isaaf kenneera.”+ 11 Mootichis yeruma sana Ahimelek ilma Ahixuub lubichaa fi luboota mana abbaa isaa warra Noob keessa jiran hundumaatti ergee waamsise. Kanaafuu, hundi isaanii gara mootichaa ni dhufan.

12 Yeroo kanatti Saaʼol, “Ati yaa ilma Ahixuub, mee na dhagaʼi!” jedhe; innis deebisee, “Yaa gooftaa koo, tole nan dhagaʼa” jedhe. 13 Saaʼolis, “Ati daabboo fi goraadee isaaf kennuudhaan, akkasumas Waaqayyoon isaaf gaafachuudhaan ilma Isseyii wajjin ana irratti kan mariʼattan maaliifi? Akkuma amma taʼaa jiru inni na mormaa fi riphee na eeggachaa jira” isaan jedhe. 14 Yeroo kanatti Ahimelek akkana jedhee mootichaaf deebise: “Tajaajiltoota kee hundumaa keessaa kan akka Daawit amanamaa taʼe eenyu?+ Inni soddaa mootichaa,+ ajajaa eegdota keetii fi mana kee keessatti nama kabajamaa taʼe dha.+ 15 Waaqayyoon isaaf gaafachuu+ kanan jalqabe harʼa dhaa? Wanti ati jechaa jirtu kun anaaf wanta hin yaadamne dha! Tajaajilaan kee dhimma kana ilaalchisee waan tokko illee waan hin beekneef,+ mootichi ana tajaajilaa kees taʼe guutummaa mana abbaa kootii yakkamaa hin godhin.”

16 Mootichi garuu, “Ahimelek, dhuguman siin jedha, atis taate guutummaan mana abbaa keetii+ ni ajjeefamtu”+ isaan jedhe. 17 Yeroo kanatti mootichi eegdota* isatti marsanii dhaabbataniin, “Isaan Daawit irra waan goraniif, itti garagalaatii luboota Yihowaa ajjeesaa! Inni baqachaa akka jiru utuma beekanii anatti hin himne!” jedhe. Tajaajiltoonni mootichaa garuu luboota Yihowaa rukutuuf harka isaanii kaasuu hin barbaanne. 18 Achiis mootichi Doʼeegiin,+ “Ati itti garagaliitii luboota kana rukuti!” jedhe. Doʼeeg Edoomtichis+ yeruma sana deemee ofuma isaatiin luboota sana rukute. Inni guyyaa sanatti namoota efuudii quncee talbaa irraa tolfame uffatan 85 ni ajjeese.+ 19 Kana malees, inni Noob+ magaalaa luboota kanaa goraadeedhaan ni rukute; dhiiraa fi dubartii, ijoollee fi daaʼima, qotiyyoo, harree, hoolaa utuu hin jedhin goraadeedhaan ni ajjeese.

20 Haa taʼu malee, ilmaan Ahimelek ilma Ahixuub keessaa tokko kan taʼe Abiyaataar+ miliqee Daawit duukaa buʼuuf baqatee deeme. 21 Abiyaataar, “Saaʼol luboota Yihowaa ajjeeseera” jedhee Daawititti hime. 22 Yeroo kanatti Daawit Abiyaataariin akkana jedhe: “Doʼeeg Edoomtichi achi waan tureef, inni dhimma kana Saaʼolitti akka himu guyyuma sana beekeen ture.+ Duʼa namoota* mana abbaa keetii hundumaatiif dhuunfaatti kan itti gaafatamu ana dha. 23 Na bira taaʼi. Hin sodaatin; namni lubbuu kee barbaadu kam iyyuu lubbuu koo barbaada; ani eegumsa siifan godha.”+

23 Yeroo booda, “Filisxeemonni Qeyilaa+ irratti waraana bananii midhaan oobdii irra jiru saamaa jiru” jedhamee Daawititti himame. 2 Kanaafuu Daawit, “Ani dhaqee Filisxeemota kana rukutuu?” jedhee Yihowaa gaafate.+ Yihowaanis Daawitiin, “Dhaqi, Filisxeemota rukutiitii Qeyilaa oolchi” jedhe. 3 Namoonni Daawit garuu, “Kunoo, nuti as Yihudaa keessa utuu jirruu illee sodaanneerra;+ yommuu loltoota Filisxeemotaa waraanuuf gara Qeyilaa dhaqnu immoo caalaatti hin sodaannuu ree?”+ isaan jedhan. 4 Kanaafuu, Daawit ammas irra deebiʼee Yihowaa gaafate.+ Yeroo kanatti Yihowaan, “Filisxeemota harka keetti dabarsee waanan kennuuf,+ kaʼiitii gara Qeyilaatti gad buʼi” jedhee isaaf deebise. 5 Kanaafuu, Daawit namoota isaa wajjin gara Qeyilaa dhaqee Filisxeemota waraane; horii isaaniis oofee deeme; namoota baayʼees isaan jalaa ni ajjeese; akka kanaan jiraattota Qeyilaa ni oolche.+

6 Abiyaataar+ ilmi Ahimelek yommuu gara Qeyilaa gara Daawititti baqatetti efuudii qabatee ture. 7 Saaʼolis, “Daawit gara Qeyilaa dhufeera” jedhamee itti himame. Yeroo kanatti Saaʼol, “Inni gara magaalaa karrawwan ishii danqaraadhaan cufamanitti seenuudhaan kiyyoo keessa waan of galcheef, Waaqayyo harka kootti dabarsee isa kenneera”*+ jedhe. 8 Kanaafuu, Saaʼol gara Qeyilaatti gad buʼee Daawitii fi namoota isaatti marsee isaan qabuuf, namoota hundumaa waraanaaf walitti qabe. 9 Daawitis Saaʼol isa miidhuuf mala itti qopheessaa akka jiru yommuu hubatu, Abiyaataar lubichaan, “Efuudicha as fidi” jedhe.+ 10 Achiis Daawit akkana jedhe: “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, Saaʼol sababii kootiin gara Qeyilaa dhufee magaalattii balleessuuf+ akka yaade ani tajaajilaan kee dhugumaan dhagaʼeera. 11 Geggeessitoonni* Qeyilaa harka isaatti dabarsanii na kennuu? Akkuma tajaajilaan kee dhagaʼe Saaʼol asitti gad ni buʼaa? Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, maaloo, waaʼee kanaa tajaajilaa keetti himi.” Yeroo kanatti Yihowaan, “Eeyyee, gad ni buʼa” jedhe. 12 Daawitis, “Geggeessitoonni Qeyilaa anaa fi namoota koo harka Saaʼolitti dabarsanii ni kennuu?” jedhee gaafate. Yihowaanis, “Eeyyee, dabarsanii isin ni kennu” jedhee deebise.

13 Daawitii fi namoonni isaa warri lakkoofsi isaanii gara 600 taʼu,+ yeruma sana kaʼanii Qeyilaa gadhiisanii gara deemuu dandaʼan hundumaatti deeman. Saaʼol, Daawit Qeyilaadhaa baqachuun isaa yommuu itti himamu, isa ariʼuuf baʼuu isaa dhiise. 14 Daawitis iddoowwan lafa onaa warra bira gaʼuuf rakkisaa taʼan keessa, naannoo gaarotaa isa lafa onaa Ziifitti+ argamu keessa ni jiraate. Saaʼol Daawitiin barbaaduu isaa kan itti fufe taʼus,+ Yihowaan harka isaatti dabarsee isa hin kennine. 15 Daawit lafa onaa Ziif isa Hooreshitti argamu keessa yommuu turetti, Saaʼol lubbuu isaa balleessuu barbaadaa akka jiru ni hubate.*

16 Yeroo kanatti Yonaataan ilmi Saaʼol gara Daawit isa Hooreshitti argamuu dhaqee, maqaa Yihowaatiin jajjabina akka argatu isa gargaare.*+ 17 Yonaataan Daawitiin, “Abbaan koo Saaʼol waan si hin arganneef hin sodaatin; ati Israaʼel irratti mootii ni taata;+ ani immoo sitti aanee lammaffaa nan taʼa; abbaan koo Saaʼolis kana ni beeka”+ jedhe. 18 Achiis lamaan isaanii Yihowaa duratti kakuu waliif ni galan;+ sana booda Daawit Hooresh keessatti hafe; Yonaataan immoo gara mana isaatti qajeele.

19 Boodas namoonni Ziif gara Gibeʼaa+ gara Saaʼolitti ol baʼanii akkana jedhan: “Daawit as nutti dhihoo Hooresh+ keessa iddoowwan bira gaʼuuf rakkisaa taʼan, jechuunis tabba Hakiilaa+ isa kibba* Yeshiimonitti*+ argamu irra dhokatee jira mitii?+ 20 Yaa mootii, yeroo barbaadde* kamitti iyyuu kottu; nuti harka mootichaatti dabarsinee isa ni kennina.”+ 21 Yeroo kanatti Saaʼol akkana isaaniin jedhe: “Gara laafina waan natti argisiistaniif, Yihowaan isin haa eebbisu. 22 Inni akka malee haxxee* taʼuun isaa waan natti himameef, mee maaloo, dhaqaatii eessa akka jiruu fi achitti kan isa arge eenyu akka taʼe sirriitti beekuuf yaalii godhaa. 23 Iddoowwan inni itti dhokatu hundumaa of eeggannoodhaan mirkaneeffadhaatii ragaa qabadhaa kottaa. Achiis ani isinii wajjin nan dhaqa; inni yoo biyyattii keessa jiraate, qomoowwan* Yihudaa hundumaa gidduudhaa barbaadeen achi keessaa isa baasa.”

24 Kanaafuu, Daawitii fi namoonni isaa Arabaa+ ishii kibba Yeshiimonitti argamtu keessa lafa onaa Maaʼon+ keessa utuu jiranii, jarri sun achii baʼanii Saaʼoliin dursanii gara Ziif+ ni dhaqan. 25 Achiis Saaʼol isa barbaacha namoota isaa wajjin ni dhufe.+ Daawitis yommuu kun itti himamu, yeruma sana gara kattaa+ sanaatti gad buʼee lafa onaa Maaʼon keessa taaʼe. Saaʼolis yommuu kana dhagaʼu, Daawitiin ariʼaa gara lafa onaa Maaʼon dhaqe. 26 Saaʼol gaaricha irraa gama tokkoon ture; Daawitii fi namoonni isaa immoo gaaricha irraa gama kaaniin turan. Daawit Saaʼol jalaa baʼuuf ariifachaa ture;+ haa taʼu malee, Saaʼolii fi namoonni isaa Daawitii fi namoota isaa qabuuf itti dhihaatanii turan.+ 27 Taʼus ergamaan tokko gara Saaʼol dhufee, “Filisxeemonni biyyattii waan weeraraniif dafii kottu!” isaan jedhe. 28 Yeroo kanatti Saaʼol Daawitiin ariʼuu dhiisee+ Filisxeemota waraanuuf deebiʼe. Maqaan iddoo sanaa, Kattaa Addaan Baʼuu kan jedhame kanaafi.

29 Achiis Daawit bakka sanaa baʼee, Een Gedii+ keessa iddoowwan bira gaʼuuf rakkisoo taʼan keessa taaʼe.

24 Saaʼol Filisxeemota ariʼuu irraa akkuma deebiʼeen, “Kunoo, Daawit lafa onaa Een Gedii+ keessa jira” jedhanii itti himan.

2 Kanaafuu, Saaʼol guutummaa Israaʼel keessaa namoota filatamoo 3,000 fudhatee, Daawitii fi namoota isaa barbaaduuf gara qarsaa holqa hedduu qabuu fi reʼoonni gaaraa keessa jiraatanitti qajeele. 3 Achiis gara gola hoolotaa isa dhagaadhaan ijaaramee fi daandii qarqara jirutti dhufe; bakka kana holqi tokko jira ture; Daawitii fi namoonni isaa holqicha+ keessa fagaatanii taaʼaa utuu jiranii, Saaʼol bobbaa baʼuuf* holqicha keessa seene. 4 Namoonni Daawitis, “Guyyaa Yihowaan, ‘Kunoo, ani diina kee harka keetti dabarsee nan kenna;+ atis wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate hundumaa isa irratti gochuu dandeessa’ itti siin jedhe sun harʼa dha” isaan jedhan. Daawitis kaʼee suuta jedhee uffata Saaʼol irraan uffatu sana fiixee isaa ni kute. 5 Daawit fiixee uffata Saaʼol waan kuteef, sana booda garaan* isaa isa ceephaʼe.*+ 6 Namoota isaatiinis, “Inni isa Yihowaan dibe waan taʼeef, ani gooftaa koo isa Yihowaan dibe irratti harka koo kaasee wanta akkanaa isa irratti raawwachuun Yihowaa duratti wanta hin yaadamne dha”+ jedhe. 7 Kanaafuu, Daawit kana dubbatee namoota isaa ni dhowwe;* akka isa miidhanis isaaniif hin heyyamne. Saaʼol garuu holqa sana keessaa baʼee karaa isaa qajeele.

8 Achiis Daawit kaʼee holqa sana keessaa baʼee, “Yaa gooftaa koo yaa mootii!”+ jedhee Saaʼoliin ni waame. Saaʼolis duubatti garagalee yommuu ilaalu, Daawit fuula isaatiin lafatti gombifamee sagade. 9 Achiis Daawit Saaʼoliin akkana jedhe: “Ati dubbii namoota, ‘Kunoo, Daawit si miidhuu barbaada’ jedhan sanaa maaliif dhageessa?+ 10 Guyyaa harʼaatti holqa keessatti akkamitti Yihowaan harka kootti dabarsee akka si kenne ija keetiin argiteetta. Haa taʼu malee, namni tokko akkan si ajjeesu yommuu natti himetti,+ waanan siif gaddeef, ‘Inni isa Yihowaan dibe+ waan taʼeef, gooftaa koo irratti harka koo hin kaasu’ jedheen isaaf deebise. 11 Ammas kunoo, yaa abbaa koo, fiixeen uffata keetii na harka akka jiru ilaali; fiixee uffata keetii yommuun kutu si ajjeesuu nan dandaʼan ture; ani garuu si hin ajjeesne. Ani si miidhuufis taʼe si irratti fincila kaasuuf akkan hin yaanne, kunoo amma ilaaluu fi hubachuu dandeessa; ati lubbuu koo balleessuuf na adamsaa+ kan jirtu taʼus, ani si irratti cubbuu hin hojjenne.+ 12 Yihowaan anaa fi si gidduutti murtii haa kennu;+ Yihowaan si irratti haaloo naaf haa baʼu+ malee, ani harka koo si irratti hin kaasu.+ 13 Mammaaksi bara durii, ‘Nama hamaa keessaa hamminatu baʼa’ jedhu tokko jira; ani garuu harka koo si irratti hin kaasu. 14 Mootiin Israaʼel anaan ariʼaa? Ofii ani maali dha? Ani akkuma saree duʼee ti. Ani akkuma tafkii ti.+ 15 Yihowaan abbaa murtii taʼee anaa fi si gidduutti murtii haa kennu; dhimma koo ilaalee anaaf haa falmu;+ inni anaaf murtii haa kennu; harka kee jalaas na haa oolchu.”

16 Daawit wantoota kana isatti dubbatee akkuma xumureen Saaʼol, “Yaa ilma koo Daawit, kun sagalee kee tii?” jedhe.+ Achiis Saaʼol sagalee isaa ol kaasee booʼuu jalqabe. 17 Daawitiinis akkana jedhe: “Ati ana caalaa qajeelaa dha; sababiin isaas, ati gaarii kan naaf goote taʼus, ani garuu hamaan siif deebise.+ 18 Eeyyee, Yihowaan harka keetti dabarsee na kennee utuu jiruu, ati na ajjeesuu dhiisuudhaan gaarii naaf gochuu kee harʼa natti himteetta.+ 19 Namni diina isaa argatee utuu hin miidhin isa gadhiisu eenyu? Wanta harʼa naaf gooteef Yihowaan wanta gaarii siif gochuudhaan si haa kiisu.+ 20 Ammas kunoo, ati mootii taatee akka bulchituu+ fi mootummaan Israaʼelis si harkaa akka hin baane nan beeka. 21 Ammas sanyiiwwan koo warra na booda dhufan haxooftee akka hin balleessine, maqaa koos mana abbaa koo keessaa akka hin balleessine+ maqaa Yihowaatiin naaf kakadhu.”+ 22 Kanaafuu, Daawit Saaʼoliif ni kakate; sana booda Saaʼol gara mana isaatti qajeele.+ Daawitii fi namoonni isaa garuu gara dahoo sanaatti ol baʼan.+

25 Yeroo booda Saamuʼel+ ni duʼe; Israaʼelonni hundis isaaf booʼuu fi mana isaa isa Raamaatti+ argamu biratti isa awwaaluuf walitti qabaman. Sana booda Daawit kaʼee gara lafa onaa Phaaraanitti gad buʼe.

2 Yeroo kanatti namichi Maaʼon+ keessa jiraatuu fi bakki hojii isaa immoo Qarmeelos*+ taʼe tokko jira ture. Namichi kun baayʼee sooressa ture; hoolota 3,000 fi reʼoota 1,000 qaba ture; inni yeroo sanatti Qarmeelos keessatti hoolota isaa irraa rifeensa muraa ture. 3 Maqaan namichaa Naabaal,+ maqaan haadha manaa isaa immoo Abigaayil+ jedhama ture. Haati manaa isaa hubattuu fi bareedduu turte; abbaan manaa ishii inni gosa Kaaleb+ taʼe garuu, nama hamaa fi amala badaa qabu ture.+ 4 Daawit lafa onaa keessa utuu jiruu, Naabaal hoolota isaa irraa rifeensa muraa akka jiru dhagaʼe. 5 Kanaafuu, Daawit dargaggoota kudhan gara isaatti ni erge; akkanas isaaniin jedhe: “Gara Qarmeelositti ol baʼaa; yommuu Naabaaliin argattanis maqaa kootiin nagaa isa gaafadhaa. 6 Achiis akkana isaan jedhaa: ‘Umurii dheeraa jiraadhu; nagaan siif haa taʼu; maatii kee fi wanta ati qabdu hundaafis nagaan haa taʼu. 7 Hoolota kee irraa rifeensa muraa akka jirtu ani dhagaʼeera. Tiksitoonni kee yommuu nuu wajjin turanitti, nuti isaan hin miine;+ yeroo Qarmeelos keessa turan hundumaattis wanti tokko illee isaan jalaa hin badne. 8 Dargaggoota kee gaafadhu, isaan iyyuu sitti himu. Nuti kan dhufne yeroo gammachuutti* waan taʼeef, dargaggoonni koo si duratti fudhatama haa argatan. Maaloo, tajaajiltoota keetiif, akkasumas ilma kee Daawitiif waanuma qabdu kenni.’”+

9 Kanaafuu, dargaggoonni Daawit dhaqanii maqaa Daawitiin wanta kana hundumaa Naabaalitti himan. Itti himanii yommuu xumuranis, 10 Naabaal akkana jedhee tajaajiltoota Daawitiif deebise: “Daawit eenyu? Ilmi Issey kun eenyu? Yeroo harʼaatti tajaajiltoonni gooftolii isaanii jalaa baqatanii badan hedduu dha.+ 11 Daabboo koo fi bishaan koo, akkasumas foon warra rifeensa hoolaa naaf muraniif qale fuudhee namoota eessaa akka dhufan hin beekamneef kennuun qabaa?”

12 Yeroo kanatti dargaggoonni Daawit achii deebiʼanii wantoota kana hundumaa isatti himan. 13 Daawitis yeruma sana namoota isaatiin, “Hundi keessan goraadee keessan hidhadhaa!”+ jedhe. Kanaafuu, hundi isaanii goraadee isaanii ni hidhatan; Daawitis goraadee isaa ni hidhate; namoonni gara 400 taʼan Daawitii wajjin ol kan baʼan yeroo taʼu, namoonni 200 garuu miʼa eeguuf achumatti hafan.

14 Yeroo kanatti tajaajiltoota Naabaal keessaa tokko akkana jedhee Abigaayil haadha manaa Naabaalitti hime: “Kunoo, Daawit lafa onaa keessaa gooftaa keenya nagaa gaafachuuf ergamtoota isaa ergee ture; inni garuu itti iyyee isaan arrabse.+ 15 Namoonni sun nuuf baayʼee gaarii turan. Takkaa illee nu miidhanii hin beekan; yeroo isaanii wajjin dirree keessa turre hundumaatti wanti tokko illee nu jalaa badee hin beeku.+ 16 Yeroo nuyi bushaayee keenya tiksaa isaanii wajjin turre hundumaatti halkanii fi guyyaa akka dallaa eegumsaa nuuf taʼanii turan. 17 Badiisni gooftaa keenyaa fi mana isaa hundumaa irratti dhufaa waan jiruuf,+ ati maal gochuu akka qabdu murteessi; inni nama gatii hin qabne+ waan taʼeef, eenyu illee isatti dubbachuu hin dandaʼu.”

18 Kanaafuu, Abigaayil+ yeruma sana daabboo 200, daadhii wayinii hubboo guguddaa lama, hoolaa qalamee qopheeffame shan, akaayii safartuu siihii* shan, bixxillee zabiibii 100 fi bixxillee harbuu 200 fuutee hunduma isaa harroota irratti feete.+ 19 Achiis tajaajiltoota ishiitiin, “Isin na dursaatii dhaqaa; ani immoo isinan hordofa” jette. Abbaa manaa ishii Naabaalitti garuu homaa hin himne.

20 Ishiin harree irra teessee gaara sana dahoo godhattee utuu gad buʼaa jirtuu, Daawitii fi namoonni isaa gara ishiitti gad buʼan; ishiinis isaan argatte. 21 Yeroo kanatti Daawit akkana jechaa ture: “Lafa onaa keessatti wanta namichi kun qabu hundumaa eegaa kanan ture akkanumaani. Wanta inni qabu keessaa tokko illee hin badne;+ inni garuu wanta gaarii ani isaaf godheef hamaa naaf deebise.+ 22 Ani hamma ganamaatti dhiirota* kan isaa taʼan keessaa tokko illee yoon hambise, Waaqayyo diinota Daawit* adaba guddaa haa adabu.”

23 Abigaayil Daawitiin yommuu argitu, daftee harree irraa buutee adda ishiitiin lafatti gombifamtee Daawit duratti sagadde. 24 Achiis miila isaatti kuftee, akkana jette: “Yaa gooftaa koo, balleessaan isaa ana irratti haa taʼu; tajaajiltuun tee sitti haa dubbattu; atis wanta tajaajiltuun tee jettu dhagaʼi. 25 Inni akkuma maqaa isaa waan taʼeef, maaloo, gooftaan koo wanta Naabaal inni gatii hin qabne kun+ dubbatuuf xiyyeeffannaa hin kennin. Maqaan isaa Naabaal* yeroo taʼu, inni nama hubannaa hin qabne dha. Ani tajaajiltuun tee garuu, dargaggoota gooftaa kootii warra ati ergite hin argine. 26 Ammas yaa gooftaa koo, Yihowaa isa jiraataa taʼee fi lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha, dhiiga dhangalaasuudhaan akka itti hin gaafatamnee+ fi harka keetiin haaloo akka hin baane* kan si eege+ Yihowaa dha. Diinonni kee fi warri gooftaa koo miidhuu barbaadan akkuma Naabaal haa taʼan. 27 Ammas kennaan*+ tajaajiltuun tee gooftaa kootiif fidde kun, dargaggoota warra gooftaa koo duukaa buʼaniif haa kennamu.+ 28 Gooftaan koo waraana Yihowaa irratti waan loluuf,+ Yihowaan gooftaa kootiif mana bara baraa ni ijaara;+ kanaafuu maaloo, balleessaa tajaajiltuu teetii dhiisiif; bara jireenyaa kee hundumaattis hamminni tokko illee si irratti hin argamin.+ 29 Yommuu namni tokko si ariʼachuu fi lubbuu kee barbaaduuf kaʼutti, lubbuun gooftaa kootii korojoo jireenyaa keessatti of eeggannoodhaan maramee Waaqa kee Yihowaa bira ni taaʼa; haa taʼu malee, Waaqayyo lubbuu diinota keetii akka dhagaa furrisa keessaa darbatamuutti ni furrisa. 30 Yommuu Yihowaan wanta gaarii raawwachuuf waadaa gale hundumaa si gooftaa kootiif godhuu fi yommuu Israaʼel irratti geggeessaa godhee si muudu,+ 31 gooftaan koo sababii malee dhiiga dhangalaasuudhaan, akkasumas harka isaatiin haaloo baʼuudhaan,* wanta garaa isaatti itti gaddu yookiin itti gaabbu* hin qabaatin.+ Yihowaan si gooftaa kootiif wanta gaarii kennuudhaan yommuu si eebbisu, tajaajiltuu tee yaadadhu.”

32 Yeroo kanatti Daawit Abigaayiliin akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel inni harʼa ati akka na argattu si erge haa jajamu! 33 Hubannaan kees haa eebbifamu! Harʼa dhiiga dhangalaasuudhaan akkan itti hin gaafatamnee+ fi harka kootiin haaloo akkan hin baane* waan na eegdeef atis eebbifami. 34 Yihowaa Waaqa Israaʼel isa jiraataa isa akkan si hin miine na eege+ sanaan nan kakadha, utuu na argachuuf daftee dhufuu baattee,+ silaa hamma boru ganamaatti dhiirri* kan Naabaal taʼe tokko illee hin hafu ture.”+ 35 Yeroo kanatti Daawit wanta ishiin isaaf fidde harkaa fuudhee, “Nagaadhaan gara mana keetti deebiʼi! Kunoo, wanta ati jette dhagaʼeera; wanta ati gaafattes siifan godha” ishiidhaan jedhe.

36 Boodas Abigaayil gara Naabaalitti deebite; yeroo kanatti inni mana isaa keessatti affeerraa affeerraa mootii fakkaatu qopheessee ture; akkasumas Naabaal* gammadee, akka malees machaaʼee ture. Ishiinis hanga bariʼutti wanta tokko illee isatti hin himne. 37 Ganama Naabaal yommuu machiin isaa irraa galu, haati manaa isaa wanta kana isatti ni himte. Yeroo kanatti onneen isaa akka onnee nama duʼee ni taʼe; innis akka dhagaatti gogee hafe. 38 Gara guyyaa kudhanii booda, Yihowaan waan isa rukuteef Naabaal ni duʼe.

39 Daawit Naabaal akka duʼe yommuu dhagaʼu, “Yihowaan inni arrabsoo Naabaal+ irraa na irra gaʼeef naaf falmee+ fi ani tajaajilaan isaa wanta hamaa akkamii iyyuu akkan hin raawwanne na eege+ haa jajamu; Yihowaan hammina Naabaal mataa isaa irratti deebiseera!” jedhe. Achiis Daawit Abigaayil haadha manaa isaa akka taatu gaafachuuf dhaamsa ishiitti ergate. 40 Kanaafuu, tajaajiltoonni Daawit gara Abigaayil ishii Qarmeelositti argamtu sanaa dhufanii, “Daawit haadha manaa isaa akka taatuuf sitti nu ergateera” ishiidhaan jedhan. 41 Ishiinis yeruma sana kaatee adda ishiitiin lafatti gombifamtee sagadde; achiis, “Kunoo ani garbittiin tee, tajaajiltuu taʼee miila tajaajiltoota gooftaa kootii dhiquuf+ qophaaʼeera” jette. 42 Achiis Abigaayil+ yeruma sana kaatee harree ishii irra teessee tajaajiltoota ishii durbaa shan of duukaa buusuudhaan, namoota Daawit ergate sanaa wajjin deemtee haadha manaa isaa taate.

43 Daawit Ahinoʼaam+ ishii nama Yezriʼel+ taates fuudhee ture; dubartoonni lamaan kunis haadhotii manaa isaa taʼan.+

44 Saaʼol garuu intala isaa Miikaal+ ishii haadha manaa Daawit turte, Paaltii+ ilma Laaʼish isa nama Gaaliim taʼeef kennee ture.

26 Yeroo booda namoonni Ziif+ gara Saaʼol isa Gibeʼaatti+ argamutti dhufanii, “Daawit tabba Hakiilaa isa Yeshiimon*+ fuullee jiru irra dhokateera mitii?” isaan jedhan. 2 Kanaafuu, Saaʼol kaʼee namoota Israaʼel filatamoo taʼan 3,000 wajjin lafa onaa Ziif keessa Daawitiin barbaaduuf achitti gad buʼe.+ 3 Saaʼol tabba Hakiilaa isa Yeshiimon fuullee jiru irra karaa qarqara ni buufate. Yeroo sanatti Daawit lafa onaa keessa jiraata ture; innis Saaʼol isa barbaacha gara lafa onaa sanaatti dhufuu isaa dhagaʼe. 4 Kanaafuu, Daawit Saaʼol gara bakka sanaatti dhufuu isaa mirkaneeffachuuf basaastota erge. 5 Achiis Daawit gara bakka Saaʼol itti buufate dhaqee, bakka Saaʼolii fi Abneer+ ilmi Neer inni ajajaa raayyaa waraanaa isaa taʼe itti rafan arge; Saaʼolis loltoota isaatiin marfamee buufata sana gidduu rafaa ture. 6 Achiis Daawit Ahimelek Heetichaan,+ akkasumas Abishaay+ isa ilma Zeruuyaa+ fi obboleessa Yoʼaab taʼe sanaan, “Eenyutu anaa wajjin gara buufata Saaʼolitti gad buʼa?” jedhe. Abishaayis, “Ani sii wajjin gad nan buʼa” jedhee isaaf deebise. 7 Kanaafuu, Daawitii fi Abishaay halkaniin gara loltoota sanaa dhaqanii Saaʼol eeboon isaa mataa isaa biratti lafatti dhaabamee buufata sana gidduu utuu rafuu isa argan; Abneerii fi loltoonni sun hundis isatti marsanii rafaa turan.

8 Yeroo kanatti Abishaay Daawitiin, “Harʼa Waaqayyo diina kee harka keetti dabarsee kenneera.+ Maaloo, ani amma siʼuma tokkon eeboodhaan lafatti isa maxxansa; lammata irra deebiʼuunis na hin barbaachisu” jedhe. 9 Daawit garuu Abishaayiin, “Ati isa hin miidhin; ofii, namni isa Yihowaan dibe+ irratti harka isaa kaasee, yakka irraa walaba taʼuu dandaʼu jiraa?”+ jedhe. 10 Daawitis itti fufuudhaan akkana jedhe: “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, Yihowaan isa ajjeesa+ yookiin guyyaan isaa gaʼee duʼa+ yookiin gara dirree waraanaatti gad buʼee duʼa.+ 11 Isa Yihowaan dibe irratti harka koo kaasuun anaaf Yihowaa duratti wanta hin yaadamne dha!+ Kanaafuu, amma eeboo fi miʼa bishaanii mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu.” 12 Akka kanaan Daawit eeboo fi miʼa bishaanii mataa Saaʼol bira jiru ni fudhate; achiis karaa isaanii qajeelan. Yihowaan hirriba guddaa isaanitti buusuu isaatiin hundi isaanii rafanii waan turaniif, namni isaan arge+ yookiin namni isaan beeke yookiin namni dammaqe tokko illee hin jiru ture. 13 Achiis Daawit gamatti ceʼee hamma taʼe fagaatee fiixee gaara sanaa irra dhaabbate; gidduu isaaniis fageenya guddaatu ture.

14 Daawitis loltoota sanaa fi Abneer+ ilma Neeriin waamee, “Abneer, hin owwaattuu?” isaan jedhe. Abneeris, “Ati inni mootichatti iyyitu eenyu?” jedhee isaaf deebise. 15 Daawitis Abneeriin akkana jedhe: “Ati dhiira mitii? Israaʼel keessa kan akka keetii eenyu? Maarree ati gooftaa kee mooticha kan hin eegne maaliifi? Loltoota keessaa tokko gooftaa kee mooticha ajjeesuuf dhufee ture.+ 16 Wanti ati goote kun gaarii miti. Isin gooftaa keessan isa Yihowaan dibe+ waan hin eegneef, Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha duʼatu isiniif mala. Mee naannoo kee ilaali! Eeboon mootichaa fi miini bishaanii+ warri mataa isaa bira turan eessa jiru?”

17 Achiis Saaʼol sagalee Daawit beekee, “Daawit yaa ilma koo, kun sagalee kee tii?” jedhe.+ Daawitis, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, eeyyee sagalee koo ti” jedhee deebise. 18 Itti fufuudhaanis akkana jedhe: “Gooftaan koo ana tajaajilaa isaa kan ariʼu,+ ani maalan godhe? Yakka maaliin raawwadhe?+ 19 Yaa gooftaa koo yaa mootii, maaloo, wanta ani tajaajilaan kee dubbadhu kana dhagaʼi: Ana irratti kan si kakaase Yihowaa yoo taʼe, inni kennaa midhaanii koo ana harkaa haa fudhatu.* Namootatu si kakaase yoo taʼe+ garuu, isaan harʼa, ‘Dhaqi, waaqolii kan biroo tajaajili!’ jedhanii dhaala+ Yihowaa keessaa qooda akkan hin qabaanne waan na ariʼaniif, Yihowaa duratti kan abaaraman haa taʼan. 20 Ammas dhiigni koo Yihowaa duraa fagaatee lafa irratti akka dhangalaʼu hin godhin; kunoo, mootiin Israaʼel akka nama gaarota irra gogorrii ariʼuutti, tafkii+ tokko barbaaduuf baʼeera.”

21 Saaʼolis deebisee, “Ani cubbuu hojjedheera.+ Daawit yaa ilma koo, kottu deebiʼi; ati guyyaa harʼaatti lubbuu koo akka waan gatii guddaa qabuutti waan ilaalteef,+ ani kana booda si irratti miidhaa hin geessisu. Eeyyee, ani gocha gowwummaa fi dogoggora guddaa raawwadheera” jedhe. 22 Daawitis akkana jedhee deebise: “Eeboon mootichaa kunoo ti. Dargaggoota sana keessaa tokko as dhufee haa fudhatu. 23 Tokkoon tokkoon namaatiif akka qajeelummaa+ isaattii fi akka amanamummaa isaatti kan isaaf deebisu Yihowaa dha; kunoo, harʼa Yihowaan harka kootti dabarsee si kennee ture; ani garuu isa Yihowaan dibe irratti harka koo kaasuu hin barbaanne.+ 24 Ammas, guyyaa harʼaa akkuma lubbuun kee ana duratti gatii guddaa qabaatetti, lubbuun koos Yihowaa duratti gatii guddaa haa qabaatu; inni dhiphina hundumaa irraa ana haa oolchu.”+ 25 Saaʼolis, “Daawit yaa ilma koo, Waaqayyo si haa eebbisu. Ati dhuguma iyyuu wantoota guguddaa ni raawwatta, akkasumas ni moota” jedhee Daawitiif deebise.+ Sana booda Daawit karaa isaa irra buʼee qajeele; Saaʼolis iddoo isaatti deebiʼe.+

27 Haa taʼu malee, Daawit garaa isaatti, “Gaaf tokko ani harka Saaʼol irratti duʼuun koo hin oolu. Kanaafuu, gara biyya Filisxeemotaatti baqachuu naa wayya;+ sana booda Saaʼol naannoo Israaʼel hundumaa keessa na barbaaduu isaa ni dhiisa;+ anis harka isaa jalaa nan oola” jedhee yaade. 2 Kanaafuu, Daawit namoota 600+ warra isaa wajjin jiranii wajjin kaʼee gara Akiish+ ilma Maaʼok isa mootii Gaat taʼetti qajeele. 3 Daawitii fi namoonni isaa tokkoon tokkoon isaanii maatii isaanii wajjin Gaat keessa Akiish bira ni jiraatan. Daawit haadhotii manaa isaa lamaan, jechuunis Ahinoʼaam+ ishii nama biyya Yezriʼel taatee fi Abigaayil+ ishii nama biyya Qarmeelos haadha manaa Naabaal turtee wajjin ture. 4 Saaʼol, Daawit gara Gaatitti baqachuu isaa yommuu dhagaʼu, isa barbaaduu isaa ni dhiise.+

5 Achiis Daawit Akiishiin, “Ani si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, achi akkan jiraadhuuf magaalota baadiyyaa keessatti iddoo tokko naaf kenni. Ani tajaajilaan kee magaalaa mootii keessa sii wajjin maaliifan jiraadha?” jedhe. 6 Kanaafuu, Akiish guyyaa sanatti Siqlaagiin+ isaaf ni kenne. Siqlaag hanga guyyaa harʼaatti kan mootota Yihudaa kan taate kanaafi.

7 Daawit naannoo baadiyyaa Filisxeemotaa keessa kan jiraate waggaa tokkoo fi jiʼa afuriif ture.+ 8 Daawit namoota isaa wajjin Geeshurota,+ Girzootaa fi Amaaleqota+ weeraruuf achitti ol ni baʼa ture; sababiin isaas, saboonni kun naannoowwan Xelaam irraa jalqabee hanga Shuur,+ hanga biyya Gibxiitti argaman keessa jiraachaa turan. 9 Daawit biyyattii yommuu weeraru, dhiiras taʼe dubartii nama tokko illee lubbuudhaan hin hambisu ture;+ haa taʼu malee bushaayeewwan, loon, harroota, gaalotaa fi uffata fudhatee gara Akiishitti deebiʼa ture. 10 Achiis Akiish, “Harʼa eessatti duultan?” jedhee isa gaafata ture. Daawitis, “Kibba* biyya Yihudaatti”+ yookiin “Kibba biyya Yeraamiʼelotaatti”+ yookiin “Kibba biyya Qeenotaatti”+ jedhee isaaf deebisa ture. 11 Daawit, “Namoonni sun, ‘Daawit akkana godhe’ jedhanii waaʼee keenya akka isaanitti hin himne” jedhee yaaduudhaan, dhiiras taʼe dubartii lubbuudhaan hambisee gara Gaatitti hin fidu ture. (Yeroo naannoo baadiyyaa Filisxeemotaa keessa jiraate hundumaatti akkanuma godha ture.) 12 Kanaafuu Akiish, ‘Dhuguma iyyuu inni saba isaa Israaʼel gidduutti akka waan xiraaʼaatti waan ilaalameef, yeroo hundumaa tajaajilaa koo ni taʼa’ jedhee yaaduudhaan Daawitiin ni amane.

28 Bara sanatti Filisxeemonni Israaʼelota waraanuuf raayyaawwan waraanaa isaanii walitti qaban.+ Kanaafuu Akiish Daawitiin, “Atii fi namoonni kee anaa wajjin gara waraanaa akka dhaqxan beekta” jedhe.+ 2 Yeroo kanatti Daawit Akiishiin, “Tajaajilaan kee maal akka godhu ati iyyuu beekta” jedhe. Akiishis Daawitiin, “Yeroo hundumaa eegduu koo* akka taatu kanan si muudu kanaafi” jedhe.+

3 Yeroo kanatti Saamuʼel duʼee ture; Israaʼelonni hundis isaaf booʼanii magaalaa isaa Raamaa keessatti isa awwaalanii turan.+ Saaʼolis eker dubbistootaa fi raagdota biyyattii keessaa balleessee ture.+

4 Filisxeemonni walitti qabamanii dhaqanii Shunaam+ keessa buufatan. Saaʼolis Israaʼelota hundumaa walitti qabe; isaanis Gilboʼaa+ keessa buufatan. 5 Saaʼol yommuu buufata Filisxeemotaa argu ni sodaate; onneen isaas akka malee rukutuu jalqabe.+ 6 Saaʼol Yihowaa kan gaafate taʼus,+ Yihowaan garuu abjuudhaanis taʼe Uuriimiidhaan+ yookiin karaa raajotaa matumaa isaaf hin deebisne. 7 Dhuma irrattis Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Dubartii ekeraa dubbistu+ naaf barbaadaa; anis dhaqeen ishii gaafadha” jedhe. Tajaajiltoonni isaas, “Kunoo, dubartiin ekeraa dubbistu tokko Een Door+ keessa jirti” jedhanii isaaf deebisan.

8 Kanaafuu, Saaʼol eenyummaa isaa dhoksee, akkasumas uffata kan biraa uffatee namoota isaa lamaa wajjin halkaniin gara dubartii sanaa dhaqe. Innis, “Maaloo dandeettii ekeraa dubbisuuf qabdutti fayyadamiitii wanta gara fuulduraa na beeksisi;+ nama ani sitti himus naaf kaasi” ishiidhaan jedhe. 9 Dubartittiin garuu, “Saaʼol maal akka godhe beekta; inni biyyattii keessaa eker dubbistootaa fi raagdota balleesseera.+ Maarree, na ajjeesisuuf yaaddee kiyyoo keessa na* galchuuf kan yaaltu maaliifi?”+ isaan jette. 10 Achiis Saaʼol, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ati waaʼee kanaatiif hin adabamtu!” jedhee maqaa Yihowaatiin ishiidhaaf kakate. 11 Yeroo kanatti dubartittiin, “Eenyuun siif kaasu?” isaan jette. Innis, “Saamuʼeliin naaf kaasi” jedhee ishiidhaaf deebise. 12 Dubartittiinis yommuu “Saamuʼeliin”*+ argitu, sagalee ishii ol kaastee iyyite; achiis Saaʼoliin, “Maaliif na gowwoomsite? Ati Saaʼol mitii?” jette. 13 Mootichis, “Hin sodaatin, maaltu sitti mulʼata?” ishiidhaan jedhe. Dubartittiinis, “Wanti waaqa fakkaatu tokko lafa keessaa yommuu baʼu natti mulʼata” jettee Saaʼoliif deebiste. 14 Innis yeruma sana, “Namichi maal fakkaata?” jedhee ishii gaafate; ishiinis, “Namicha dulloomaa tokkotu ol baʼaa jira; inni qoloo uffateera”+ isaan jette. Yeroo kanatti Saaʼol inni ol baʼe sun, “Saamuʼel” taʼuu isaa ni hubate; achiis fuula isaatiin lafatti gombifamee sagade.

15 Achiis “Saamuʼel” Saaʼoliin, “Akkan kaʼu gochuudhaan maaliif na jeeqxa?” jedhe. Saaʼolis, “Ani rakkina guddaa keessan jira. Filisxeemonni na waraanaa jiru; Waaqayyo na irraa fagaateera; karaa raajotaas taʼe abjuudhaan naaf hin deebisu;+ maal gochuu akkan qabu akka na beeksistuuf kanan si waame kanaafi”+ isaan jedhe.

16 Achiis “Saamuʼel” akkana jedhe: “Yihowaan si irraa fagaatee+ diina kee erga taʼee, kan na gaafattu maaliifi? 17 Yihowaan raajii karaa koo akkana jechuudhaan dubbate ofuma isaatiif ni raawwata: Yihowaan mootummicha harka kee irraa tarsaasee Daawit isa michoota kee keessaa tokko taʼeef ni kenna.+ 18 Ati sagalee Yihowaatiif waan hin ajajamnee fi Amaaleqota warra aarii isaa isa bobaʼu kakaasan waan hin balleessineef,+ Yihowaan guyyaa kanatti wanta kana sitti fida. 19 Yihowaan Israaʼelotas taʼe siin harka Filisxeemotaatti dabarsee ni kenna;+ atii+ fi ilmaan+ kee boru anaa wajjin taatu. Yihowaan raayyaa waraanaa Israaʼelis harka Filisxeemotaatti dabarsee ni kenna.”+

20 Yeroo kanatti Saaʼol bakkuma dhaabbatee jirutti kufee lafa dhaʼe; dubbii “Saamuʼeliin” kan kaʼes baayʼee sodaate. Inni guyyaa guutuu fi halkan guutuu nyaata waan hin nyaanneef, humna tokko illee hin qabu ture. 21 Dubartittiinis gara Saaʼol dhuftee, inni baayʼee jeeqamuu isaa yommuu argitu akkana isaan jette: “Kunoo, ani tajaajiltuun tee wanta ati jetteef ajajameera; lubbuu koo balaadhaaf saaxilee*+ wanta ati naan jette godheera. 22 Ammas maaloo, wanta tajaajiltuun tee dubbattu dhaggeeffadhu. Mee nyaata xinnoo siifan dhiheessa; atis nyaattee humna karaa kee deemuuf si dandeessisu argatta.” 23 Inni garuu, “Hin nyaadhu” jedhee dide. Haa taʼu malee, tajaajiltoonni isaa fi dubartittiin irra deddeebiʼanii isa kadhatan. Dhuma irrattis wanta isaan jedhan dhagaʼuudhaan lafaa kaʼee siree irra taaʼe. 24 Dubartittiin mana keessaa jabbii coome tokko qabdi turte; ishiin daftee jabbii sana ni qalte;* daakuu fudhattee bukeessuudhaanis maxinoo tolchite. 25 Achiis Saaʼolii fi tajaajiltoota isaatiif ni dhiheessite; isaanis ni nyaatan. Sana booda isaan kaʼanii halkaniin deeman.+

29 Filisxeemonni+ raayyaawwan waraanaa isaanii hundumaa Afeeqitti walitti ni qaban; Israaʼelonni immoo burqaa Yezriʼel+ keessatti argamu bira buufatanii turan. 2 Yeroo kanatti bulchitoonni Filisxeemotaa dhibba dhibbaa fi kuma kumaan taʼanii darbaa turan; Daawitii fi namoonni isaa immoo Akiishii+ wajjin duubaan hiriiranii deemaa turan. 3 Haa taʼu malee, bulchitoonni Filisxeemotaa, “Ibroonni kun maaliif as dhufan?” jedhan. Akiishis, “Kun Daawit tajaajilaa Saaʼol isa mootii Israaʼel taʼe sanaa ti; inni waggaa tokko yookiin isaa oliif ana bira jiraateera.+ Guyyaa inni gara kootti baqatee jalqabee hanga harʼaatti ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne” isaaniin jedhe. 4 Bulchitoonni Filisxeemotaa garuu isatti aaranii akkana isaan jedhan: “Namichi kun akka deebiʼu godhi.+ Iddoo isaaf kennitetti haa deebiʼu. Yeroo waraanni kaʼu akka nutti hin garagalleef,+ nuu wajjin gara dirree waraanaatti akka buʼu hin godhin. Gooftaa isaa biratti fudhatama argachuuf, mataa namoota keenyaa muree geessuu caalaa maal gochuu dandaʼa? 5 Kun Daawit isa isaan,

‘Saaʼol kumaatama ajjeese,

Daawit immoo kumaatama kudhan ajjeese’ jedhanii sirbanii isaaf shubbisan sana mitii?”+

6 Kanaafuu, Akiish+ Daawitiin waamee akkana isaan jedhe: “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ati qajeelaa dha; guyyaa gara koo itti dhuftee jalqabee hanga harʼaatti ani si irratti balleessaa tokko illee waan hin arganneef,+ loltoota koo wajjin utuu duultee nan gammadan ture.+ Haa taʼu malee, bulchitoonni kaan si hin amanne.+ 7 Kanaafuu, nagaadhaan deebiʼi; wanta bulchitoota Filisxeemotaa gaddisiisu akkamii iyyuu hin godhin.” 8 Daawit garuu Akiishiin, “Maaliif? Maalan godhe? Guyyaan gara kee itti dhufee jalqabee hanga harʼaatti ana tajaajilaa kee irratti balleessaa akkamii argatte? Ani maaliifan sii wajjin dhaqee diinota gooftaa koo mootichaa hin waraanu?” jedhe. 9 Akiishis akkana jedhee Daawitiif deebise: “Akka ilaalcha kootti, ati akkuma maleekaa Waaqayyoo nama gaarii dha.+ Bulchitoonni Filisxeemotaa garuu, ‘Inni nuu wajjin gara waraanaatti akka ol baʼu hin godhin’ naan jedhan. 10 Ammas tajaajiltoota gooftaa keetii warra sii wajjin dhufanii wajjin ganama bariidhaan kaʼaa; ganama barii akkuma lafti ifeenis kaʼaa deemaa.”

11 Kanaafuu, Daawitii fi namoonni isaa gara biyya Filisxeemotaatti deebiʼuuf ganama bariidhaan kaʼan; Filisxeemonni immoo gara Yezriʼelitti+ ol baʼan.

30 Daawitii fi namoonni isaa guyyaa sadaffaatti yommuu gara Siqlaag+ dhufan, Amaaleqoonni+ naannoo kibbaa* fi Siqlaagiin erga weeraranii booda, Siqlaagiin rukutanii ibiddaan ishii gubanii turan. 2 Isaanis dubartootaa+ fi warra achi keessa turan hundumaa isa guddaadhaa jalqabee hamma isa xinnaatti boojiʼanii fudhatan. Garuu isaan fudhatanii karaa isaanii deeman malee, nama tokko illee hin ajjeesne. 3 Daawitii fi namoonni isaa yommuu gara magaalattiitti dhufan, magaalattiin gubamuu ishii, haadhotiin manaa isaanii, ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa isaaniis boojuudhaan fudhatamuu isaanii argan. 4 Kanaan kan kaʼes, Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan, booʼuuf hamma humna dhabanitti sagalee isaanii ol kaasanii booʼan. 5 Haadhotiin manaa Daawit lamaan, jechuunis Ahinoʼaam ishiin nama biyya Yezriʼel taatee fi Abigaayil ishiin haadha manaa Naabaal Qarmeelosichaa turtes boojiʼamanii turan.+ 6 Namoonni sun hundi* ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa isaanii fudhatamuu isaaniitti baayʼee aaruu isaaniitiin kan kaʼe, dhagaadhaan isa tumuuf mariʼachaa waan turaniif Daawit baayʼee dhiphate. Haa taʼu malee, Daawit gargaarsa Waaqa isaa Yihowaatiin of jajjabeesse.+

7 Achiis Daawit ilma Ahimelek kan taʼe Abiyaataar+ lubichaan, “Maaloo, efuudicha as fidi” jedhe.+ Kanaafuu, Abiyaataar efuudicha gara Daawititti fide. 8 Daawitis, “Tuuta weerartootaa kana duukaa buʼuu? Isaan nan dhaqqabaa?” jedhee Yihowaa gaafate.+ Innis, “Duukaa buʼi; isaan ni dhaqqabda; wanta isaan fudhatanis isaan irraa ni deebifta” isaan jedhe.+

9 Daawitis yeruma sana namoota 600+ warra isaa wajjin turan faana ni baʼe; isaanis hanga Laga Gogaa* Besooritti deeman; achittis namoota isaa keessaa hammi tokko isaan biraa ni hafan. 10 Daawitis namoota 400 wajjin isaan duukaa buʼuu isaa itti fufe; namoonni 200 warri baayʼee dadhabuu isaaniitiin kan kaʼe Laga Gogaa Besooriin ceʼuu hin dandeenye immoo achumatti hafan.+

11 Isaanis dirree irratti nama biyya Gibxii tokko argatanii gara Daawititti isa fidan. Achiis nyaataa fi bishaan isaaf ni kennan; 12 akkasumas, bixxillee harbuu cabduu tokkoo fi bixxillee zabiibii lama isaaf ni kennan. Inni guyyaa sadii fi halkan sadiif homaa waan hin nyaannee fi waan hin dhugneef, nyaata erga nyaatee booda humna argate.* 13 Daawitis, “Ati kan eenyuu ti? Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate; namichis deebisee akkana isaan jedhe: “Ani nama biyya Gibxii garbicha nama Amaaleq tokkoo ti; taʼus ani guyyaa sadii dura dhukkubsadhee waanan tureef gooftaan koo na dhiisee deeme. 14 Nutis kibba* Kereetotaa+ fi naannoo Yihudaa, akkasumas kibba* Kaaleb+ ni weerarre; Siqlaagiinis ibiddaan ni gubne.” 15 Yeroo kanatti Daawit, “Gara tuuta weerartootaa kanatti na geessitaa?” isaan jedhe. Namichis, “Akka na hin ajjeesnee fi harka gooftaa kootti dabarsitee akka na hin kennine maqaa Waaqayyootiin yoo naaf kakatte, gara tuuta weerartootaa kanatti sin geessa” jedhee deebise.

16 Kanaafuu, gara bakka isaan keessa tamsaʼanii boojuu guddaa biyya Filisxeemotaa fi biyya Yihudaa keessaa argataniin kan kaʼe nyaachaa fi dhugaa, akkasumas gammadaa itti turanitti isa geesse. 17 Achiis Daawit dimimmisa bariitii jalqabee hanga galgala guyyaa itti aanuutti isaan ni rukute; namoota 400 warra gaalaan baqataniin alatti namni tokko illee hin miliqne.+ 18 Daawit wanta Amaaleqonni fudhatan hundumaa harkaa ni buuse;+ haadhotii manaa isaa lamaanis ni deebifate. 19 Isa guddaa irraa jalqabee hamma isa xinnaatti wanti kan isaanii taʼe tokko illee hin hirʼanne. Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii, akkasumas wanta jalaa boojiʼame ni deebifatan;+ Daawit wanta isaan fudhatan hundumaa ni deebisiise. 20 Kanaafuu, Daawit bushaayeewwanii fi loon hundumaa ni fudhate; namoonni isaas horii isaanii dura buusanii isaan ni oofan. Isaanis, “Kun boojuu Daawiti” jedhan.

21 Achiis Daawit gara namoota 200 warra Laga Gogaa Besoor biratti hafan+ sanaa ni dhufe; isaan baayʼee dadhabuu isaaniitiin kan kaʼe Daawitii wajjin deemuu hin dandeenye turan; isaanis Daawitii fi namoota isaa wajjin turan simachuuf ni baʼan. Daawitis yommuu isaanitti dhihaatu waaʼee nageenya isaanii isaan gaafate. 22 Haa taʼu malee, warra Daawitii wajjin deeman keessaa namoonni hamoonii fi gatii hin qabne, “Isaan nuu wajjin waan hin deemneef, boojuu deebifanne keessaa waan tokko illee isaaniif hin kenninu; tokkoon tokkoon isaanii haadhotii manaa isaanii fi ijoollee isaanii fudhatanii haa deeman” jedhan. 23 Daawit garuu akkana isaaniin jedhe: “Yaa obboloota koo, wanta Yihowaan nuuf kenne irratti akkana gochuu hin qabdan. Inni eegumsa nuu godheera; tuuta weerartootaa nutti dhufe sanas harka keenyatti dabarsee kenneera.+ 24 Yaada kana irratti eenyutu isinii wajjin walii gala? Qoodni namni gara waraanaatti gad buʼe argatuu fi namni miʼa eege argatu tokko dha.+ Hundi isaanii iyyuu qooda ni qabaatu.”+ 25 Inni guyyaa sanaa jalqabee hanga guyyaa harʼaatti kun Israaʼelotaaf dambii fi seera taʼee akka tajaajilu ni godhe.

26 Daawit yommuu Siqlaagitti deebiʼu, “Kun, kennaa* boojuu diinota Yihowaa irraa argame dha” jedhee, boojuu sana keessaa muraasa jaarsolii Yihudaa warra michoota isaa taʼaniif ni erge. 27 Inni boojuu sana warra Beetel+ keessa jiraniif, warra Raamot ishii Negeeb* keessatti argamtu keessa jiraniif, warra Yaatir+ keessa jiraniif, 28 warra Aroʼer keessa jiraniif, warra Siifmoot keessa jiraniif, warra Eeshtemoʼaa+ keessa jiraniif, 29 warra Raakaal keessa jiraniif, warra magaalota Yeraamiʼelotaa+ keessa jiraniif, warra magaalota Qeenotaa+ keessa jiraniif, 30 warra Hoormaa+ keessa jiraniif, warra Borʼaashaan keessa jiraniif, warra Ataak keessa jiraniif, 31 warra Kebroon+ keessa jiraniif, akkasumas warra iddoowwan Daawitii fi namoonni isaa yeroo baayʼee dhaqaa turan keessa jiran hundumaatiif ni erge.

31 Filisxeemonni Israaʼelotaa wajjin wal waraanaa turan.+ Namoonni Israaʼelis Filisxeemota duraa ni baqatan; baayʼeen isaanii Gaara Gilboʼaa+ irratti ni ajjeefaman. 2 Filisxeemonni Saaʼolii fi ilmaan isaa hordofanii baayʼee itti dhihaatan; achiis Filisxeemonni, ilmaan Saaʼol kan taʼan Yonaataan,+ Abinaadaabii fi Malkishuwaa ni ajjeesan.+ 3 Waraanichi Saaʼolitti cimaa deeme; warri xiyya darbatanis isa argatanii akka malee isa madeessan.+ 4 Achiis Saaʼol namicha meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Namoonni dhaqna hin qabanne+ kun dhufanii akka na hin waraannee fi gara jabinaan akka na hin dhiphisnetti goraadee kee luqqifadhuutii na waraani” jedhe. Haa taʼu malee, namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu baayʼee waan sodaateef isa waraanuu dide. Kanaafuu, Saaʼol goraadee fudhatee irratti kufe.+ 5 Namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu Saaʼol duʼuu isaa yommuu argu,+ innis goraadee isaa irratti kufee isaa wajjin ni duʼe. 6 Akka kanaan, Saaʼol, ilmaan isaa sadan, namichi meeshaa waraanaa isaaf baatuu fi namoonni isaa hundi guyyaa sanatti waluma faana ni duʼan.+ 7 Namoonni Israaʼel warri sululicha* keessa jiranii fi naannoo Yordaanos keessa jiran, loltoonni Israaʼel baqachuu isaanii, akkasumas Saaʼolii fi ilmaan isaa duʼuu isaanii yommuu argan, magaalota sana dhiisanii baqatan;+ Filisxeemonnis dhufanii magaalota sana qabatan.

8 Borumtaa isaa Filisxeemonni miʼa warra duʼan sanaa saamuuf yommuu dhufan, Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan Gaara Gilboʼaa irratti kukkufanii argan.+ 9 Kanaafuu, mataa Saaʼol muranii, meeshaa waraanaa isaas irraa saamanii, oduun isaa manneen* waaqolii tolfamoo+ isaanii keessatti, akkasumas namoota isaanii gidduutti akka odeeffamuuf+ gara guutummaa biyya Filisxeemotaatti dhaamsa ergan. 10 Achiis meeshaa waraanaa isaa mana siidaawwan Ashtooret keessa kaaʼan; reeffa isaa immoo dallaa Beet Shaan+ irratti fannisan. 11 Jiraattonni Yaabeesh Giiliyaad+ wanta Filisxeemonni Saaʼol irratti raawwatan yommuu dhagaʼan, 12 loltoonni hundi kaʼanii halkan guutuu deemaa bulanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa dallaa Beet Shaan irraa ni buusan. Yaabeeshitti deebiʼaniis achitti reeffa isaanii ni guban. 13 Achiis lafee+ isaanii fudhatanii Yaabeesh+ keessa muka taamaariskii jalatti awwaalan; guyyaa torbaafis ni sooman.

Ykn., “sagaduu.”

Kal., “gadameessa ishii cufee ture.”

Ykn., “Maaliif garaan kee gadda?”

Jechuunis, godoo qulqulluu.

Ykn., “waadaa galte.”

Ykn., “hafuurri ishii baayʼee cunqurfame dha.”

Ykn tarii, “Yeroon isaa geenyaan.”

“Maqaa Waaqayyoo” jechuu dha.

Ykn., “kennaa waadaa gale.”

Kal., “Wanta ija kee duratti gaarii taʼe.”

Eefaan tokko gara 22 L ti. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “okkotee.”

Kal., “ergisa.”

Inni kan jedhame Elqaanaa taʼuu hin oolu.

Ykn., “jabina.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “maseenni.”

Kal., “ni goggogde.”

Ykn., “gara jireenyaatti ni deebisa.”

Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn tarii, “bakka kosii itti gatan.”

Ykn tarii, “Warri Yihowaa morman ni naasifamu.”

Ykn., “Jabina.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “isa lubbuun kee kajeele.”

Kal., “hidhatee.”

Kal., “ergifame.”

Ykn tarii, “Waaqayyo abbaa murtii isaaf taʼa.”

Ykn tarii, “aarri aarsaa akka ol baʼu gochuu.”

Kal., “ilmaan Israaʼel.”

Kal., “dhiittan.”

Kal., “irree.”

Ykn., “lubbuun kee akka gad dhumu ni godha.”

Ykn., “wanta garaa koo fi lubbuu koo keessa jiru.”

Jechuunis, godoo qulqulluu.

Kal., “gurra namaa waraanu.”

Kal., “lafa buʼee.”

Kal., “Yihowaan maaliif nu moʼe?”

Ykn tarii, “kiruubelota gidduu.”

Jechuunis, soddaan.

Ykn., “deebii hin kennine; garaa ishiis isa irra hin kaaʼanne.”

“Ulfinni Meerre?” jechuu dha.

Ykn., “mana qulqullummaa.”

Kal., “Daagon.”

Ykn., “kormammuu munneetiin.”

Ykn., “kormammuu munnee.”

Jechuunis, harqoonni, qambarri.

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”

Kal., “namoota 70, namoota 50,000.”

Ykn., “Yihowaatti booʼuu.”

“Dhagaa Gargaarsaa” jechuu dha.

Kal., “ija Saamuʼel duratti badaa ture.”

Ykn., “urgooftuu.”

Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.

Jechuunis, harka kudhan keessaa harka tokko.

Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.

Kal., “Harroonni dhaltuun.”

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “gurra Saamuʼel saaqee.”

Ykn., “toʼatu.”

Kal., “wanta garaa kee keessa jiru.”

Jechuunis, bantii.

Ykn., “fakkeenya.”

Jechuunis, Obboleessi abbaa; Abbeeraan.

Ykn., “garee namoota kumaa.”

Kal., “akka nama arrabni isaa hidhamee taʼe.”

Ykn., “walii galtee godhi.”

Kal., “akka nama tokkootti.”

Jechuunis, halkan keessaa saʼaatii 8 kaasee hanga ganama saʼaatii 12tti.

Kal., “sagalee keessan dhagaʼeera.”

Kal., “isin dura deemu.”

Kal., “waan tokko illee harka koo keessatti akka hin arganne.”

Ykn., “qabatamaa hin taane.”

Ykn., “qabatamaa kan hin taane.”

Ykn., “dhugaadhaan.”

Lakkoofsi isaa barreeffama Afaan Ibrootaa keessatti hin argamu.

Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Ykn., “beellame.”

Ykn., “manshii.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Madaallii bara durii, tilmaamaan sheeqilii harka sadii keessaa harka lama taʼu.

Kal., “Guyyaa sanatti.”

Kal., “Harka kee sassaabbadhu.”

Kal., “daabboo.”

Kal., “biyyi.”

Ykn., “fayyina.”

Kal., “furaniif.”

Ykn., “tokkoof illee garaa hin laafin.”

Ykn., “laga gogaa.”

Ykn., “hundumaaf garaa ni laafan.”

Ykn., “gaddeera.”

Ykn., “garaa laafaniifi dha.”

Kal., “siidaa taraafiim,” jechuunis, waaqolii mana keessaa.

Ykn., “hin gaabbu.”

Ykn., “hin gaabbu.”

Ykn tarii, “garaa guutuudhaan.”

Ykn., “yaanni badaan.” Kal., “hafuurri hamaan.”

Kal., “buufata.”

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”

Dheerinni isaa gara 2.9 m ture. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Uffanni sibiilaa kun, uffata huccuu ykn gogaa irraa tolfamee fi sibiilli (gogaa qurxummii fakkaatu) irratti maxxanfame dha.

Gara 57 kg. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Jechuunis, eeboo xinnoo.

Gara 6.84 kg. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “nan morkadha.”

Gara 22 L. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “aannanii.”

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”

Ykn., “Israaʼelota morkachuuf.”

Ykn., “Waaqa isa jiraataa morkatu.”

Ykn., “morkateef.”

Ykn., “laga gogaa.”

Ykn., “morkatte.”

Kal., “gumiin kun hundi.”

Ykn., “lubbuun Yonaataan lubbuu Daawititti maxxane.”

Ykn., “ogummaadhaan sochoʼa ture.”

Ykn., “akka raajii taʼuu.”

Kal., “innis namoota sana duratti ni baʼa, ni galas ture.”

Ykn., “ogummaadhaan sochoʼuu.”

Ykn., “soddaa koo ni taata.”

Gogaa fiixee qaama hormaataa dhiiraa irra jiru argisiisa.

Ykn., “ogummaadhaan sochoʼa.”

Ykn., “lubbuu isaa harka isaatti qabateera.”

Ykn., “fayyina.”

Ykn., “lubbuun kee akka miliqxu hin gootu.”

Ykn., “waaqolii mana keessaa; waaqolii tolfamoo.”

Ykn., “waaqolii mana keessaa; waaqolii tolfamoo.”

Ykn., “uffata jalaan uffatamu qofaadhaan.”

Ykn., “lubbuu koo.”

Ykn., “lubbuun kee.”

Kal., “guyyaa hojii.”

Kal., “qullaa haadha tee.”

Kal., “inni ilma duʼaa waan taʼeef.”

Ykn., “saalqunnamtii raawwachuu irraa.”

Ykn., “daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu.”

Ykn., “dirree gad buʼaa.”

Kal., “harka isaanii keessatti.”

Ykn., “warri lubbuun itti hadhaaʼe.”

Kal., “fiigdota.”

Ykn., “lubbuuwwan.”

Kal., “gurgureera.”

Ykn tarii, “Abbootiin lafaa.”

Ykn tarii, “barbaadaa waan tureef ni sodaate.”

Kal., “harka isaa isaaf jabeesse.”

Kal., “mirga.”

Ykn tarii, “gammoojjiitti; lafa onaatti.”

Ykn., “lubbuun kee barbaadde.”

Ykn., “gamna.”

Kal., “gareewwan namoota kumaa.”

Kal., “miila isaa haguuguuf.”

Ykn., “qalbiin.”

Ykn., “quuqe; komate.”

Ykn tarii, “bittinneesse.”

Magalaaa Yihudaa keessatti argamtu dha; Gaara Qarmeelosii wajjin tokko miti.

Kal., “guyyaa gaariitti.”

Siihiin tokko 7.33 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “warra dallaa irratti fincaaʼanii fi.” Yaada Afaan Ibrootaatiin dhiirota tuffachuuf itti hojjetamu dha.

Ykn tarii, “Waaqayyo Daawitiin.”

“Hubannaa kan hin Qabne; Gowwaa” jechuu dha.

Ykn., “fayyina akka hin finne.”

Kal., “eebbi.”

Ykn., “fayyina fiduudhaan.”

Kal., “itti gatantaru ykn itti gufatu.”

Ykn., “fayyina akka hin finne.”

Kal., “inni dallaa irratti fincaaʼuu fi.” Yaada Afaan Ibrootaatiin dhiirota tuffachuuf itti hojjetamu dha.

Kal., “garaan Naabaal.”

Ykn tarii, “gammoojjii; lafa onaa.”

Kal., “fuunfatu.”

Ykn., “Negeeb.”

Kal., “eegduu mataa koo.”

Ykn., “lubbuu koo.”

Ykn., “wanta Saamuʼeliin fakkaatu.”

Ykn., “harkatti qabadhee.”

Ykn., “aarsaa goote.”

Ykn., “Negeebii.”

Ykn., “lubbuun namoota sanaa hundi.”

Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “hafuurri isaa itti deebite.”

Ykn., “Negeeb.”

Ykn., “Negeeb.”

Kal., “eebba.”

Ykn., “kibba.”

Ykn., “dirree gad buʼaa sana.”

Ykn., “manneen qulqullummaa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi