LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt 2 Saamu’el 1:1-24:25
  • 2 Saamuʼel

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 2 Saamuʼel
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Saamuʼel

SAAMUʼEL LAMMAFFAA

1 Saaʼol erga duʼee booda, Daawit Amaaleqota moʼee* yommuu deebiʼu guyyaa lamaaf Siqlaag+ keessa taaʼe. 2 Guyyaa sadaffaatti namichi tokko uffata isaa tarsaasee, mataa isaa irrattis biyyoo firfirsee buufata Saaʼol keessaa dhufe. Daawit bira yommuu gaʼus lafatti gombifamee sagade.

3 Daawitis, “Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani buufata Israaʼelotaa keessaan baqadhee dhufe” jedhee isaaf deebise. 4 Daawitis, “Mee natti himi, maaltu taʼe?” jedhee isa gaafate. Yeroo kanatti namichi, “Loltoonni Israaʼel dirree waraanaatii baqataniiru; namoonni hedduunis kufaniiru, akkasumas duʼaniiru. Saaʼolii fi ilmi isaa Yonaataan iyyuu duʼaniiru” isaan jedhe.+ 5 Achiis Daawit dargaggeessa oduu kana itti hime sana, “Saaʼolii fi ilmi isaa Yonaataan duʼuu isaanii akkamitti beekte?” jedhee gaafate. 6 Dargaggeessichis akkana jedhee isaaf deebise: “Ani akkuma tasaa Gaara Gilboʼaa+ irran ture; achittis Saaʼol eeboo isaatti hirkatee ture; gaariiwwan fardaa fi abbootiin fardeeniis isa bira gaʼanii turan.+ 7 Inni of irra garagalee na ilaalee yommuu na waamu, ‘Kunoo asan jira!’ jedheen isaaf deebise. 8 Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate. Anis, ‘Ani nama Amaaleqi’+ jedheen isaaf deebise. 9 Achiis inni, ‘Ani amma iyyuu lubbuudhaan kanan jiru taʼus, dhiphina guddaa keessa waanan jiruuf, maaloo ana irra dhaabbadhuutii na ajjeesi’ naan jedhe. 10 Kanaafuu, erga madaaʼee kufee booda duʼa irraa ooluu akka hin dandeenye waanan beekeef, irra dhaabbadheen isa ajjeese.+ Achiis gonfoo mataa isaa irra turee fi bitawoo* harka isaa irra ture fuudheen as gara gooftaa kootti fide.”

11 Yeroo kanatti Daawit uffata isaa ni tarsaase; namoonni isaa wajjin turan hundis akkuma kana godhan. 12 Saaʼol, ilmi isaa Yonaataan, sabni Yihowaa fi manni Israaʼel+ goraadeedhaan waan kufaniif, Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan isaaniif ni wawwaatan, ni booʼan, hamma galgalaattis ni sooman.+

13 Daawitis dargaggeessa oduu kana isatti hime sana, “Ati nama biyya eessaa ti?” jedhee gaafate. Innis, “Ani ilma Amaaleqicha isa nama biyya ormaa taʼe tokkoo ti” isaan jedhe. 14 Achiis Daawit, “Isa Yihowaan dibe ajjeesuuf yommuu harka kee kaastu maaliif hin sodaanne?” isaan jedhe.+ 15 Yeroo kanatti Daawit dargaggoota sana keessaa isa tokko waamee, “Itti siqiitii isa rukuti” isaan jedhe. Innis isa ni rukute; namichis ni duʼe.+ 16 Daawitis namichaan, “‘Ani isa Yihowaan dibe ajjeeseera’ jedhee afaanumti kee si irratti waan ragaa baʼeef, dhiigni kee mataa kee irratti haa taʼu”+ jedhe.

17 Achiis Daawit Saaʼolii fi ilma isaa Yonaataaniif faaruu gaddaa kana faarfate;+ 18 namoonni Yihudaas faaruu gaddaa, “Iddaa” jedhamuu fi kitaaba Yaashaar+ irratti barreeffame akka baratan ni ajaje:

19 “Yaa Israaʼel, warri mimmiidhagoon iddoowwan kee warra ol kaʼoo irratti duʼanii ciciisaniiru.+

Jajjaboonni akkamitti akkanatti kukkufan!

20 Dubartoonni Filisxeemotaa akka hin gammannetti,

Dubartoonni namoota dhaqna hin qabanne sanaas akka hin ililchinetti,

Kana Gaat keessatti hin dubbatinaa;+

Daandiiwwan Ashqaloon irrattis hin labsinaa.

21 Isin gaaronni Gilboʼaa,+

Fixeensi isin irratti hin buʼin yookiin bokkaan isin irratti hin roobin;

Maasiiwwan keessanis buusii qulqulluu hin argamsiisin;+

Sababiin isaas, achi irratti gaachanni namoota jajjaboo xuraaʼeera,

Gaachanni Saaʼolis kana booda zayitii hin dibamu.

22 Iddaan Yonaataanii+ fi goraadeen Saaʼol,

Dhiiga diinotaatiin dhiqameera, cooma loltootaas waraaneera,

Isaan matumaa milkaaʼina dhabanii hin beekan.+

23 Saaʼolii fi Yonaataan+ yeroo lubbuudhaan turanitti jaallatamoo fi bakka guddaa kan qaban* turan,

Isaan yeroo duʼanittis addaan hin baane.+

Isaan risaa caalaa kan saffisan,+

Leenca caalaas jajjaboo turan.+

24 Yaa durboota Israaʼel, Saaʼol

Isa uffata diimaa dhiiga fakkaatuu fi faaya mimmiidhagaa qabu isinitti uwwiseef,

Isa uffata keessan irratti faaya warqii isiniif godheef booʼaa.

25 Yaa Israaʼel, warri jajjaboon akkamitti waraana irratti kukkufan!

Yonaataan iddoowwan kee warra ol kaʼoo irratti duʼee ciiseera!+

26 Yaa Yonaataan obboleessa koo, sababii keetiin ani baayʼee dhiphadheera;

Ati ana biratti baayʼee jaallatamaa turte.+

Jaalalli ati anaaf qabdu, jaalala dubartii irra kan caalu ture.+

27 Jajjaboonni akkamitti akkanatti kukkufan!

Meeshaawwan waraanaas akkamitti akkanatti badan!”

2 Sana booda Daawit, “Magaalota Yihudaa keessaa gara ishii tokkootti ol baʼuu?” jedhee Yihowaa gaafate.+ Yihowaanis, “Ol baʼi” isaan jedhe. Achiis Daawit, “Garam dhaqu?” jedhee gaafate. Innis, “Gara Kebroon+ dhaqi” jedhee isaaf deebise. 2 Kanaafuu, Daawit haadhotii manaa isaa lamaan, jechuunis Ahinoʼaam+ ishii nama biyya Yezriʼel taatee fi Abigaayil+ ishii haadha manaa Naabaal Qarmeelosichaa turtee wajjin achitti ol baʼe. 3 Kana malees, Daawit namoota isaa wajjin turan+ hundumaa maatii isaanii wajjin fudhatee ol baʼe; isaanis magaalota naannoo Kebroonitti argaman keessa jiraachuu jalqaban. 4 Sana booda namoonni Yihudaa dhufanii, achitti Daawitiin mana Yihudaa irratti mootii godhanii diban.+

Isaanis, “Saaʼoliin kan awwaalan namoota Yaabeesh Giiliyaadi” jedhanii Daawititti himan. 5 Kanaafuu, Daawit gara namoota Yaabeesh Giiliyaaditti ergamtoota ergee akkana isaaniin jedhe: “Isin isa awwaaluudhaan gooftaa keessan Saaʼolitti jaalala amanamaa waan argisiistaniif Yihowaan isin haa eebbisu.+ 6 Yihowaan jaalala amanamaa fi amanamummaa isinitti haa argisiisu. Isin kana waan gootaniif anis gaarummaa isinitti nan argisiisa.+ 7 Amma gooftaan keessan Saaʼol duʼeera; manni Yihudaa immoo ani isaan irratti mootii akkan taʼu na dibaniiru; kanaafuu, isin harka keessan jabeeffadhaa; gara kuteeyyiis taʼaa.”

8 Haa taʼu malee, Abneer+ ilmi Neer ajajaan loltoota Saaʼol, Ish Bosheet+ ilma Saaʼol fuudhee gara Mahaanaayimitti+ ceesise; 9 achiis Giiliyaad+ irratti, Ashuurota irratti, Yezriʼel+ irratti, Efreem+ irratti, Biiniyaam irrattii fi guutummaa Israaʼel irratti mootii isa godhe. 10 Ish Bosheet ilmi Saaʼol Israaʼel irratti mootii yommuu taʼu umuriin isaa waggaa 40 ture; inni waggaa lamaaf ni bulche. Manni Yihudaa garuu Daawit cinaa dhaabbate.+ 11 Yeroon* Daawit Kebroon keessatti mana Yihudaa irratti mootii taʼee itti bulche waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa ture.+

12 Yeroo booda Abneer ilmi Neerii fi tajaajiltoonni Ish Bosheet ilma Saaʼol, Mahaanaayim+ keessaa baʼanii gara Gibeʼon+ dhaqan. 13 Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaa+ fi tajaajiltoonni Daawitis baʼanii bishaan kuufamaa Gibeʼon biratti isaanitti dhufan; gareen inni tokko bishaan kuufamaa sana irraa gama tokkoon, gareen inni kan biraan immoo bishaan kuufamaa sana irraa gama kan biraatiin ni taaʼe. 14 Dhuma irratti Abneer Yoʼaabiin, “Dargaggoonni kaʼanii nu duratti wal haa lolan”* jedhe. Yeroo kanatti Yoʼaab, “Tole haa kaʼan” jedhe. 15 Isaanis kaʼanii, garee Ish Bosheet ilma Saaʼol keessaa namoota Biiniyaam 12, tajaajiltoota Daawit keessaa immoo namoota 12 ni filatan. 16 Namoonni kunis mataa wal qabatanii tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii cinaacha morkataa isaaniitti suuqan; hundi isaaniis wal qabatanii kukkufan. Kanaafuu, bakki Gibeʼon keessatti argamu sun Helqaat Hazuriim jedhame.

17 Waraanni guyyaa sanatti kaʼe akka malee hamaa ture; dhuma irrattis Abneerii fi namoonni Israaʼel tajaajiltoota Daawit duratti ni moʼaman. 18 Ilmaan Zeruuyaa sadan,+ Yoʼaab,+ Abishaayii+ fi Asaahel+ achi turan; Asaahel akka borofa dirree keessa jirtuutti saffisaan fiiga ture. 19 Asaahel Abneeriin ariʼuuf duukaa ni buʼe; gara mirgaatti yookiin gara bitaatti utuu hin garagalin isa ni ariʼe. 20 Abneeris of irra garagalee, “Asaahel, siʼii?” jedhee isa gaafate; innis, “Eeyyee ana dha” jedhee isaaf deebise. 21 Achiis Abneer, “Gara mirgaatti yookiin gara bitaatti garagaliitii dargaggoota keessaa tokko qabadhuutii wanta isa irraa argattu akkamii iyyuu ofii keetiif fudhadhu” isaan jedhe. Asaahel garuu isa ariʼuu irraa deebiʼuu hin barbaanne. 22 Kanaafuu, Abneer ammas Asaaheliin, “Na ariʼuu kee dhiisi. Maaliif harka koo irratti duuta? Sana booda akkamittan ija obboleessa kee Yoʼaab ilaaluu dandaʼa?” jedhe. 23 Inni garuu isa biraa deebiʼuu waan dideef, Abneer jinfuu eeboo isaatiin garaa isaa waraane;+ eeboon sunis karaa dugda isaa baʼe; innis achumatti kufee yeruma sana duʼe. Namni bakka Asaahel kufee itti duʼe dhufu hundi takka achi ni dhaabbata ture.

24 Sana booda Yoʼaabii fi Abishaay Abneeriin ariʼuu jalqaban. Yommuu aduun lixuu jalqabdus, gara tabba Aamaa isa daandii lafa onaa Gibeʼonitti geessu irra fuullee Giyaatti argamuu dhufan. 25 Biiniyaamonnis naannoo Abneeritti walitti ni qabaman; isaanis tokko taʼanii fiixee tabba tokkoo irra dhaabbatan. 26 Achiis Abneer Yoʼaabiin waamee, “Goraadeen keenya matumaa dhiiga hin quufuu? Dhumni isaa gaddisiisaa akka taʼu hin beektuu? Maarree ati namoonni kun obboloota isaanii ariʼuu irraa akka deebiʼan kan itti hin himne hamma yoomiitti?” isaan jedhe. 27 Yeroo kanatti Yoʼaab, “Waaqa dhugaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, utuu ati kana dubbachuu baattee, silaa namoonni kun hamma boru ganamaatti obboloota isaanii ariʼuu irraa hin deebiʼan turan” jedhe. 28 Achiis Yoʼaab xurumbaa* afuufe; namoonni isaas Israaʼelota ariʼuu isaanii ni dhiisan; waraanichis ni dhaabbate.

29 Sana booda Abneerii fi namoonni isaa halkan sana guutuu Arabaa+ keessa deemaa bulanii Yordaanosiin ceʼanii guutummaa sululichaa* qaxxaamuran; dhuma irrattis gara Mahaanaayim+ dhufan. 30 Yoʼaab Abneeriin ariʼuu dhiisee erga deebiʼee booda, namoota sana hundumaa walitti ni qabe. Asaaheliin dabalatee tajaajiltoota Daawit keessaa namoonni 19 hirʼatanii turan. 31 Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Daawit Biiniyaamotaa fi namoota Abneer ni injifatan; isaan keessaas namoota 360 ajjeesanii turan. 32 Isaanis Asaaheliin+ fuudhanii awwaala abbaa isaa isa Beetaliheemitti+ argamu keessatti awwaalan. Achiis Yoʼaabii fi namoonni isaa halkan guutuu deemaa bulanii yommuu lafti bariʼu Kebroon+ gaʼan.

3 Waraanni mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduutti godhamu yeroo dheeraadhaaf itti fufe; Daawit jabaachaa yommuu deemu,+ manni Saaʼol garuu dadhabaa deeme.+

2 Kana gidduutti Kebroon keessatti Daawit ilmaan ni dhalche.+ Ilmi isaa inni angafaa Amnoon+ isa Ahinoʼaam+ ishiin nama biyya Yezriʼel deesse dha. 3 Inni lammaffaan Kileʼaab* isa Abigaayil+ ishiin haadha manaa Naabaal Qarmeelosichaa turte sun deesse dha; inni sadaffaan Abishaalom+ ilma Maʼaakaa ti; ishiin intala Taalmaay+ isa mootii Geeshur taʼe sanaa ti. 4 Inni arfaffaan Adoniyaa+ ilma Haagiit ture; inni shanaffaan Shefaatiyaa ilma Abixaal ture. 5 Inni jaʼaffaan immoo Yitreʼaam isa haati manaa Daawit Eglaan deesse dha. Kanneen kun warra Daawit Kebroon keessatti dhalche turan.

6 Waraanni mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduutti godhamu utuma itti fufee jiruu, Abneer+ mana Saaʼol irratti aangoo isaa cimsachaa deeme. 7 Saaʼol saajjatoo* Rizphaa+ jedhamtu qaba ture; ishiin intala Aayaa turte. Boodas Ish Bosheet+ Abneeriin, “Saajjatoo abbaa kootii wajjin saalqunnamtii kan raawwatte maaliifi?” jedhe.+ 8 Abneeris wanta Ish Bosheet dubbate kanatti baayʼee aaree akkana jedhe: “Ani saree* Yihudaa tii? Ani hanga guyyaa harʼaatti mana abbaa kee Saaʼoliif, obboloota isaatiifis taʼe michoota isaatiif jaalala amanamaa argisiiseera; siinis harka Daawititti dabarsee hin kennine; ati garuu kunoo harʼa sababii dubartiitiif dogoggora akkan raawwadhetti na himatta. 9 Akkuma Yihowaan isaaf kakatetti+ yoon Daawitiif gochuu baadhe, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu. 10 Inni mootummicha mana Saaʼol irraa fuudhee, teessoo Daawit Israaʼelii fi Yihudaa irratti Daan irraa jalqabee hanga Ber Sheebaatti+ hundeessuuf isaaf kakateera.” 11 Ish Bosheetis waan isa sodaateef, jecha tokko illee Abneeriif deebisuu hin dandeenye.+

12 Abneeris yeruma sana gara Daawititti ergamtoota ergee, “Biyyattiin kan eenyuu ti? Anaa wajjin kakuu gali; anis Israaʼelonni hundi gara kee akka goran gochuuf wantan dandaʼu hundumaa nan godha”* isaan jedhe.+ 13 Yeroo kanatti innis deebisee, “Tole! Sii wajjin kakuu nan gala. Garuu wanti ani si irraa barbaadu tokko jira; ati yommuu na bira dhuftu, Miikaal+ intala Saaʼol yoo fidde malee fuula koo ilaaluuf yaalii akka hin goone” isaan jedhe. 14 Achiis Daawit, “Miikaal haadha manaa too, ishii ani qolofa* Filisxeemotaa 100n kaadhimadhe naa kenni” jedhee gara Ish Bosheet+ ilma Saaʼolitti ergamtoota erge.+ 15 Kanaafuu, Ish Bosheet abbaa manaa ishii Paaltiʼel+ ilma Laaʼish irraa ishii fudhatanii akka fidaniif namoota erge. 16 Abbaan manaa ishii garuu hanga Baahuriimitti+ booʼaa ishii duukaa buʼe. Achiis Abneer, “Beenu, deebiʼi!” isaan jedhe. Innis ni deebiʼe.

17 Kana gidduutti Abneer akkana jedhee jaarsolii Israaʼelitti dhaamsa erge: “Duruma iyyuu Daawit mootii keessan akka taʼu ni barbaaddu turtan. 18 Yihowaan Daawitiin, ‘Ani harka tajaajilaa koo Daawititti fayyadamee+ saba koo Israaʼeliin harka Filisxeemotaa fi harka diinota isaanii hundumaa jalaa nan oolcha’ waan jedheef, isin amma tarkaanfii fudhadhaa.” 19 Achiis Abneer namoota Biiniyaamii+ wajjin ni mariʼate. Kana malees, Abneer wanta Israaʼelonnii fi guutummaan mana Biiniyaam irratti walii galan kophaatti isatti himuuf gara Daawit isa Kebroonitti argamuu dhaqe.

20 Abneer namoota 20 wajjin Daawit isa Kebroonitti argamu bira yommuu dhaqu, Daawit Abneerii fi namoota isaa wajjin jiraniif affeerraa ni qopheesse. 21 Achiis Abneer Daawitiin, “Isaan sii wajjin kakuu akka galaniif, dhaqeen Israaʼelota hundumaa gara gooftaa koo mootichaatti walitti qaba; atis wanta barbaadde* hundumaa irratti mootii ni taata” jedhe. Kanaafuu, Daawit Abneeriin of biraa ni geggeesse; innis nagaadhaan karaa isaa qajeele.

22 Yeruma sana tajaajiltoonni Daawitii fi Yoʼaab wanta hedduu boojiʼanii bakka duulaatii deebiʼan. Daawit nagaadhaan of biraa waan isa geggeesseef, yeroo kanatti Abneer Kebroon keessa Daawitii wajjin hin turre. 23 Yoʼaabii+ fi guutummaan raayyaa waraanaa isaa wajjin ture yommuu achi gaʼan, “Abneer+ ilmi Neer+ gara mootichaa dhufee ture; innis of biraa isa geggeesse; Abneeris nagaadhaan karaa isaa qajeele” jedhamee Yoʼaabitti himame. 24 Kanaafuu, Yoʼaab gara mootichaatti seenee akkana isaan jedhe: “Wanti ati goote kun maali dha? Abneer gara kee dhufee ture. Inni nagaadhaan akka deemu maaliif isa geggeessite ree? 25 Abneer ilma Neeriin beekta! Inni as kan dhufe si gowwoomsuuf, sochii kee hundumaa beekuu fi wanta ati gootu hundumaa basaasuufi.”

26 Kanaafuu, Yoʼaab Daawit biraa baʼee Abneer duubaan ergamtoota erge; isaanis boolla bishaanii Siiraa biraa deebisanii isa fidan; Daawit garuu waaʼee kanaa homaa hin beeku ture. 27 Abneer yommuu gara Kebroonitti+ deebiʼu, Yoʼaab kophaatti isa haasofsiisuuf gara karra balbalichaatti isa geesse. Haa taʼu malee, Yoʼaab achitti garaa isaa ni waraane; innis ni duʼe;+ kana kan godhes Abneer obboleessa isaa Asaaheliin waan ajjeeseef ture.+ 28 Daawitis booda waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu akkana jedhe: “Anii fi mootummaan koo dhiiga Abneer ilma Neeriif Yihowaa duratti itti gaafatamuu irraa bara baraaf walaba dha.+ 29 Dhiigni isaa mataa Yoʼaabii fi mataa guutummaa mana abbaa isaa irratti haa deebiʼu.+ Mana Yoʼaab keessaa namni dhangalaʼaa qaama isaa keessaa yaaʼuun+ yookiin dhukkuba nadaayiitiin* rakkatu+ yookiin dhiirri caliidhaan foʼu* yookiin namni goraadeedhaan duʼu yookiin namni nyaata dhabee rakkatu hin dhabamin!”+ 30 Akka kanaan, Yoʼaabii fi obboleessi isaa Abishaay,+ Abneer+ waraana Gibeʼonitti godhame irratti obboleessa isaanii Asaaheliin waan ajjeeseef+ isa ni ajjeesan.

31 Achiis Daawit Yoʼaabii fi namoota isaa wajjin jiran hundumaatiin, “Uffata keessan tarsaasaa; uffata gaddaas uffadhaatii Abneeriif booʼaa” jedhe. Daawit Mootichi iyyuu siree reeffichaa duuba deemaa ture. 32 Isaanis Abneeriin Kebroon keessatti ni awwaalan; mootichis awwaala Abneer biratti sagalee isaa ol kaasee booʼe; namoonni hundis ni booʼan. 33 Mootichis akkana jedhee Abneeriif faaruu gaddaa faarfate:

“Abneer akka nama gatii hin qabneetti haa duʼuu?

34 Harki kee hin hidhamne;

Miilli kees hidhaa sibiilaa keessa* hin galle.

Ati akkuma nama yakkamtoota* duratti kufutti kufte.”+

Yeroo kanatti namoonni hundi ammas irra deebiʼanii isaaf booʼan.

35 Boodas namoonni sun hundi gara Daawit dhufanii isa jajjabeessuuf guyyaadhaan nyaata* isaaf ni kennan; inni garuu, “Hamma aduun lixxutti nyaata yookiin wanta tokko illee yoon afaaniin qabe Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu!” jedhee kakate.+ 36 Namoonni sun hundis kana ni qalbeeffatan; kunis isaan gammachiise. Akkuma wantoota mootichi godhe kaan hundumaatti kunis namoota sana hundumaa ni gammachiise. 37 Kanaafuu, namoonni sun hundii fi Israaʼelonni hundi mootichi Abneer ilmi Neer ajjeefamuu isaatti akka itti hin gaafatamne guyyaa sanatti ni hubatan.+ 38 Achiis mootichi tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe: “Guyyaa harʼaatti Israaʼel keessatti bulchaanii fi namni guddaan tokko akka kufe hin beektanii?+ 39 Ani mootii taʼee kanan dibame+ taʼus, harʼa humna dhabeera; ilmaan Zeruuyaa+ kun baayʼee natti hammaataniiru.+ Yihowaan isa hammina hojjetuuf akka hammina isaatti isaaf haa deebisu.”+

4 Ish Bosheet+ ilmi Saaʼol Abneer Kebroonitti duʼuu+ isaa yommuu dhagaʼu, akka malee ni sodaate;* Israaʼelonni hundis ni jeeqaman. 2 Namoonni tuutawwan weerartootaa ilmi Saaʼol geggeessu keessatti itti gaafatamummaa qaban lama jiru turan; maqaan isa tokkoo Baʼaanaa, maqaan isa kan biraa immoo Reekaab jedhama ture. Isaanis ilmaan Rimoon Beʼeerotichaa isa gosa Biiniyaam ture sanaa ti. (Beʼeerotis+ kutaa gosa Biiniyaam akka taʼetti ilaalama ture. 3 Beʼeerotonni gara Gitaayimitti+ ni baqatan; isaanis hamma guyyaa harʼaatti namoota biyya ormaa taʼanii achi jiraachaa jiru.)

4 Yonaataan+ ilmi Saaʼol ilma miilli isaa naafa taʼe tokko qaba ture.+ Inni yommuu oduun Saaʼolii fi Yonaataan duʼuu isaanii ibsu Yezriʼelii+ dhufetti umuriin isaa waggaa shan ture; guddiftuun isaas isa fudhattee ni baqatte; garuu, utuu ishiin naasuudhaan baqachaa jirtuu inni kufee naafate. Maqaan isaa Mefibosheet+ jedhama ture.

5 Ilmaan Rimoon Beʼeerotichaa kan taʼan Reekaabii fi Baʼaanaan, Ish Bosheet guyyaa saafaa utuu boqochaa jiruu gara mana isaatti ni seenan. 6 Isaan qamadii kan fudhatan fakkaatanii manichatti seenanii garaa isaa waraanan; sana booda Reekaabii fi obboleessi isaa Baʼaanaan+ ni miliqan. 7 Yommuu gara manichaa seenanis inni kutaa ciisichaa isaa keessa siree isaa irra ciisee ture; isaanis rukutanii erga isa ajjeesanii booda mataa isaa isa irraa ni muran. Achiis mataa isaa fudhatanii halkan guutuu daandii gara Arabaatti geessu irra deemaa bulan. 8 Mataa Ish Bosheet+ gara Daawit isa Kebroonitti argamuu fidanii mootichaan, “Mataan Ish Bosheet ilma Saaʼol diina+ kee isa lubbuu kee balleessuuf barbaadaa+ ture sanaa kunoo ti. Guyyaa harʼaatti Yihowaan gooftaa keenya mootichaaf jedhee Saaʼolii fi sanyiiwwan isaa irratti haaloo baʼeera” jedhan.

9 Haa taʼu malee Daawit, ilmaan Rimoon Beʼeerotichaa kan taʼan Reekaabii fi obboleessa isaa Baʼaanaadhaaf akkana jedhee deebise: “Yihowaa isa jiraataa isa dhiphina hundumaa irraa na oolcheen*+ nan kakadha, 10 yeroo namichi tokko misiraachoo kan naaf fide itti fakkaatee, ‘Kunoo Saaʼol duʼeera’ jedhee natti himetti,+ qabeen Siqlaagitti isa ajjeese.+ Badhaasni ergamaan sun ana irraa argate kana ture! 11 Maarree namoonni hamoon nama qulqulluu mana isaa keessatti siree isaa irra ciisee jiru ajjeesan wanti kana irra caalu isaan hin eeggatuu? Ani isin dhiiga isaatiif akka itti gaafatamtan gochuu+ fi lafa irraa isin balleessuu hin qabuu?” 12 Achiis Daawit akka isaan ajjeesaniif dargaggoota sana ni ajaje.+ Isaanis harka isaanii fi miila isaanii kutanii bishaan kuufamaa Kebroon biratti isaan fannisan.+ Mataa Ish Bosheet garuu fuudhanii iddoo awwaalchaa Abneer isa Kebroon keessatti argamutti awwaalan.

5 Yeroo booda gosoonni Israaʼel hundi gara Daawit isa Kebroonitti+ argamuu dhufanii akkana isaan jedhan: “Kunoo, nuti lafee kee fi foon kee ti.*+ 2 Kanaan dura yommuu Saaʼol mootii keenya turetti, situ Israaʼeliin duula irratti geggeessa ture.*+ Yihowaan, ‘Ati saba koo Israaʼeliin ni tiksita; Israaʼel irrattis geggeessaa ni taata’ siin jedheera.”+ 3 Akka kanaan, jaarsoliin Israaʼel hundi gara mooticha isa Kebroonitti argamuu dhufan; Daawit Mootichis Kebroonitti Yihowaa duratti isaanii wajjin kakuu gale.+ Achiis isaan Daawitiin Israaʼel irratti mootii godhanii diban.+

4 Daawit yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 30 ture; inni waggaa 40f ni bulche.+ 5 Kebroon keessa taaʼee waggaa 7 fi jiʼa 6f Yihudaa ni bulche; Yerusaalem+ keessa taaʼee immoo waggaa 33f guutummaa Israaʼelii fi Yihudaa ni bulche. 6 Mootichii fi namoonni isaa Yebuusota+ warra biyyattii keessa jiraatan waraanuuf gara Yerusaalemitti baʼan. Isaanis, “Ati matumaa as hin seentu! Jaamonnii fi naafonni illee si ariʼu” jedhanii Daawititti qoosan. Isaan, ‘Daawit matumaa as hin seenu’ jedhanii yaadanii turan.+ 7 Haa taʼu malee, Daawit dahoo Xiyoon ishii yeroo ammaatti Magaalaa Daawit+ jedhamtu qabate. 8 Kanaafuu, Daawit guyyaa sanatti, “Warri Yebuusota rukutan, ‘naafotaa fi jaamota’ warra Daawit jibbu* sana rukutuuf boʼoo bishaanii keessa darbuu qabu!” jedhe. “Jaamonnii fi naafonni matumaa manichatti hin seenan” kan jedhame kanaafi. 9 Achiis Daawit dahoo sana keessa jiraachuu jalqabe; dahoon sunis Magaalaa Daawit jedhame;* Daawit Koobicha*+ irrattii fi magaalattii keessa bakka kan biraatti dallaawwanii fi gamoowwan kan biraa ijaaruu jalqabe.+ 10 Akka kanaan Daawit caalaatti jabaachaa deeme;+ Yihowaan Waaqni Raayyaas isaa wajjin jira ture.+

11 Hiiraam+ mootiin Xiiros ergamtoota gara Daawititti erge; kana malees, ijaarsa dallaatiif saanqaa gaattiraa,+ akkasumas anaaxotaa fi namoota dhagaa bocan ni erge; isaanis Daawitiif mana* ijaaruu jalqaban.+ 12 Daawitis Yihowaan Israaʼel irratti mootii godhee cimsee akka isa dhaabe,+ mootummaa isaas saba isaa Israaʼeliif jedhee+ akka ol qabe+ ni beeke.

13 Daawit Kebroonii erga dhufee booda Yerusaalem keessatti saajjatootaa+ fi haadhotii manaa dabalataa ni fuudhe; ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa dabalataas ni dhalche.+ 14 Ilmaan inni Yerusaalem keessatti dhalche kanneen kana dha: Shaamuʼaa, Shoobaab, Naataan,+ Solomoon,+ 15 Yibhaar, Elishuʼaa, Nefeeg, Yaafiʼaa, 16 Elishaamaa, Eliyaadaa fi Elifeelet.

17 Filisxeemonnis Daawit Israaʼel irratti mootii taʼee dibamuu+ isaa yommuu dhagaʼan, hundi isaanii isa barbaaduu dhufan.+ Daawitis kana yommuu dhagaʼu, gara dahoo sanaatti gad buʼe.+ 18 Achiis Filisxeemonni dhufanii Sulula* Refaayim+ keessa faffacaʼan. 19 Daawitis, “Ol baʼee Filisxeemota waraanuu? Harka kootti dabarsitee isaan ni kennitaa?” jedhee Yihowaa gaafate.+ Yeroo kanatti Yihowaan Daawitiin, “Ani Filisxeemota harka keetti dabarsee waanan kennuuf, ol baʼi” jedhe.+ 20 Kanaafuu, Daawit gara Baʼaal Peraaziim dhufee achitti isaan rukute. Yeroo kanatti Daawit, “Akkuma bishaan ittisa isaa cabsee baʼutti, Yihowaan diinota koo na duratti ni caccabse” jedhe.+ Inni maqaa iddoo sanaa Baʼaal Peraaziim*+ jedhee kan moggaase kanaafi. 21 Filisxeemonnis waaqolii tolfamoo isaanii achumatti dhiisan; Daawitii fi namoonni isaas isaan fudhatan.*

22 Boodas Filisxeemonni deebiʼanii dhufanii Sulula* Refaayim+ keessa faffacaʼan. 23 Daawitis Yihowaa ni gaafate; inni garuu akkana isaan jedhe: “Kallattiidhaan ol hin baʼin. Kanaa mannaa, duuba isaaniitiin naannaʼiitii tusii* baakaa* fuulduratti isaan waraani. 24 Fiixee tusii baakaa irraa sagalee adeemsa duulaa yommuu dhageessu, Yihowaan raayyaa waraanaa Filisxeemotaa rukutuuf si dura waan baʼeef, gara kuteenyaan tarkaanfii fudhadhu.” 25 Kanaafuu, Daawit akkuma Yihowaan isa ajaje ni godhe; Geebaadhaa*+ jalqabee hanga Geezerittis+ Filisxeemota ni rukute.+

6 Daawit ammas Israaʼel keessaa loltoota filatamoo taʼan hundumaa walitti ni qabe; lakkoofsi isaanis 30,000 ture. 2 Achiis Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan hundi, Taabota Waaqa dhugaa+ isa namoonni isa fuulduratti maqaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa+ isa kiruubelotaa olitti teessoo irra taaʼu+ sanaa itti waammatan achii fiduuf gara Baʼaala Yihudaa ni dhaqan. 3 Haa taʼu malee, isaan Taabota Waaqa dhugaa mana Abinaadaab+ isa tabba irra jiru keessaa fiduuf gaarii haaraa tokko irra kaaʼan;+ ilmaan Abinaadaab kan taʼan Uuzaanii fi Ahiyoon immoo gaarii haaraa sana oofaa turan.

4 Kanaafuu, isaan Taabota Waaqa dhugaa sana mana Abinaadaab isa tabba irra jiru keessaa fuudhanii deeman; Ahiyoon gaarii sana dura deemaa ture. 5 Daawitii fi guutummaan mana Israaʼel meeshaawwan muuziqaa muka birbirsaa irraa tolfaman akaakuu hundumaa, baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban akaakuu kan biroo,+ dibbee,+ tsanaatsilii fi siimbaaliitti*+ fayyadamanii Yihowaa duratti sirbu turan. 6 Haa taʼu malee, isaan yommuu oobdii Naakon bira gaʼan, loon gaarii sana harkisan sun Taaboticha kuffisuuf waan turaniif Uuzaan harka isaa hiixatee Taabota Waaqa dhugaa qabe.+ 7 Yeroo kanatti aariin Yihowaa Uuzaa irratti ni bobaʼe; inni seera Waaqayyoo waan hin kabajneefis+ Waaqni dhugaan achumatti isa rukute;+ innis achuma Taabota Waaqa dhugaa biratti ni duʼe. 8 Haa taʼu malee, aariin Yihowaa Uuzaa irratti waan bobaʼeef Daawit ni aare;* iddoon sunis hanga harʼaatti Pereez Uuzaa* jedhama. 9 Kanaafuu, Daawit guyyaa sanatti Yihowaa waan sodaateef,+ “Taabonni Yihowaa akkamitti gara koo dhufuu dandaʼa?” jedhe.+ 10 Daawit Taabota Yihowaa gara Magaalaa Daawit+ isa inni keessa jiraatutti fiduu hin barbaanne. Kanaa mannaa, Daawit Taabotichi gara mana Obeed Edoom+ isa nama Gaat* taʼeetti akka geeffamu godhe.

11 Taabonni Yihowaa jiʼa sadiif mana Obeed Edoom isa nama Gaat taʼe keessa taaʼe; Yihowaanis Obeed Edoomii fi guutummaa maatii isaa ni eebbise.+ 12 Namoonnis, “Taabota Waaqa dhugaatiin kan kaʼe, Yihowaan mana Obeed Edoomii fi wanta inni qabu hundumaa eebbiseera” jedhanii Daawit Mootichatti himan. Kanaafuu, Daawit Taabota Waaqa dhugaa sana mana Obeed Edoomii gara Magaalaa Daawititti gammachuudhaan fiduuf ni dhaqe.+ 13 Innis yommuu namoonni Taabota Yihowaa baatan+ sun tarkaanfii jaʼa deeman, qotiyyoo tokkoo fi horii gabbataa tokko aarsaa ni godhe.

14 Daawit humna isaa guutuudhaan Yihowaa duratti ni shubbisa ture; yeroo kana hundumaatti Daawit efuudii quncee talbaa irraa tolfame uffatee* ture.+ 15 Daawitii fi guutummaan mana Israaʼel ililchaa+ fi sagalee xurumbaa dhageessisaa+ Taabota+ Yihowaa fidaa turan. 16 Haa taʼu malee, yommuu Taabonni Yihowaa gara Magaalaa Daawititti seenu, Miikaal+ intalli Saaʼol karaa foddaa gad ilaaltee, yommuu Daawit Mootichi Yihowaa duratti utaaluu fi shubbisu argite; garaa ishiittis isa ni tuffatte.+ 17 Isaanis Taabota Yihowaa fidanii dunkaana Daawit isaaf dhaabe keessatti bakka isaaf qophaaʼe keessa kaaʼan.+ Achiis Daawit Yihowaa duratti aarsaawwan gubamanii+ fi aarsaawwan gamtaa+ dhiheesse.+ 18 Daawit aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa sana dhiheessee yommuu xumuru, maqaa Yihowaa Gooftaa Raayyaatiin sabicha eebbise. 19 Kana malees, inni namoota hundumaatiif, jechuunis Israaʼelota walitti qabaman hundumaatiif, tokkoon tokkoon dhiirotaa fi dubartootaatiif daabboo bifa amartiitiin tolfame tokko tokko, bixxillee teemirii tokko tokkoo fi bixxillee zabiibii tokko tokko ni hire; achiis namoonni sun hundi gara mana mana isaanii deeman.

20 Daawit maatii isaa eebbisuuf yommuu deebiʼu, Miikaal+ intalli Saaʼol isa simachuuf gad baate. Ishiinis, “Akkuma namni gowwaa taʼe tokko qullaa taʼutti, harʼa Mootiin Israaʼel garbittiiwwan tajaajiltoota isaa duratti qullaa taʼuudhaan akkam ulfina argate!” isaan jette.+ 21 Yeroo kanatti Daawit Miikaaliin akkana jedhe: “Ani Yihowaa isa abbaa kee fi guutummaa maatii isaa utuu hin taʼin, ana filatee Israaʼel isa saba Yihowaa taʼe irratti geggeessaa godhee na muude durattan sirbe.+ Kanaafuu, ani ammas Yihowaa duratti nan sirba; 22 ani kana caalaa gad of nan qaba; ija koo durattis of nan tuffadha. Garbittiiwwan ati jette sana biratti garuu ulfina nan argadha.” 23 Kanaafuu, Miikaal+ intalli Saaʼol hanga guyyaa itti duutetti dhala hin godhanne.

7 Mootichi mana* isaa keessa jiraachuu yommuu jalqabee+ fi Yihowaanis diinota isaa warra naannoo isaa jiran hundumaa irraa yommuu boqonnaa isaaf kennetti, 2 Naataan+ raajichaan, “Taabonni Waaqa dhugaa dunkaana keessa taaʼee utuu jiruu,+ kunoo ani mana muka gaattiraatiin ijaarame keessa jiraachaan jira”+ jedhe. 3 Naataanis, “Yihowaan sii wajjin waan jiruuf dhaqi, wanta garaa kee keessa jiru hundumaa raawwadhu” jedhee mootichaaf deebise.+

4 Halkanuma sana dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Naataan ni dhufe: 5 “Dhaqi, tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ati mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaruu qabdaa?+ 6 Ani guyyaan saba Israaʼeliin biyya Gibxiitii baasee jalqabee hanga guyyaa harʼaatti, dunkaanaa fi godoo qulqulluu keessa taʼee+ iddoo tokko irraa gara iddoo kaanii deemaan ture malee mana keessa hin jiraanne.+ 7 Yeroon Israaʼelota* hundumaa wajjin deemaa ture hundatti, geggeessitoota gosa Israaʼel warra ani saba koo Israaʼeliin akka tiksaniif muude keessaa isa tokkoon illee, ‘Muka gaattiraatiin maaliif mana naaf hin ijaarre?’ jedhee beekaa?”’ 8 Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf,+ ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan+ si fudhadhe. 9 Bakka ati dhaqxu hundumaatti sii wajjin nan taʼa;+ diinota kee hundumaa fuula kee duraa nan balleessa;*+ akkuma namoota guguddaa lafa irra jiranii maqaa guddaa akka qabaattu nan godha.+ 10 Ani saba koo Israaʼeliif iddoo nan kenna; tasgabbaaʼanii akka taaʼanis nan godha; isaan achi ni jiraatu; kana booda wanti isaan jeequ hin jiraatu; namoonni hamoonis akka kanaan dura gochaa turanitti isaan hin cunqursan;+ 11 guyyaa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii itti muudee+ jalqabee akka gochaa turanitti isaan hin cunqursan. Diinota kee hundumaa irraas boqonnaa siif nan kenna.+

“‘“Kana malees, akka Yihowaan sitti himetti Yihowaan mana siif ni ijaara.*+ 12 Barri jireenyaa kee dhumee+ abbootii kee wajjin yommuu boqottutti, sanyii kee isa si booda dhufu, jechuunis ilma kee* nan kaasa; mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba.+ 13 Mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru isa dha;+ anis teessoo mootummaa isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba.+ 14 Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa.+ Yommuu inni balleessaa raawwatu, ulee namootaatiin, harcummee* ilmaan namootaatiinis* isa nan adaba.+ 15 Akkuman jaalala koo isa amanamaa Saaʼol isan si duraa balleesse sana irraa fuudhe,+ jaalalli koo inni amanamaan isa irraa hin fudhatamu. 16 Manni kee fi mootummaan kee si duratti bara baraaf jabaatee ni jiraata; teessoon kees bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”’”+

17 Naataan jechoota kana hundumaa fi guutummaa mulʼata kanaa Daawititti ni hime.+

18 Yeroo kanatti Daawit Mootichi ol seenee Yihowaa dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ani eenyu? Wanta kana hundumaa kan naaf goote, manni koo maali dha?+ 19 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, akka waan wanti kun natti hanqatetti, ati waaʼee mana tajaajilaa keetii isa wanta gara fuulduraatti taʼus dubbatteetta; yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, kun ilmaan namootaa hundumaatiif qajeelfama* dha. 20 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati akka gaariitti na beekta; ani tajaajilaan kee Daawit kana caalaa maal siin jechuun dandaʼa?+ 21 Dubbii keetiif jettee, haala garaa* keetii wajjin wal simuun, wantoota guguddaa kana hunda hojjetteetta; kanas tajaajilaa keetti mulʼisteetta.+ 22 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati dhuguma iyyuu guddaa+ kan taate kanaafi. Kan akka keetii tokko illee hin jiru;+ si malee Waaqni hin jiru;+ wanti gurra keenyaan dhageenye hundi kana mirkaneessa. 23 Lafa irratti sabni kan akka saba kee Israaʼel taʼe kan biraan isa kami?+ Yaa Waaqayyo ati dhaqxee wantoota guguddaa fi sodaachisaa taʼan isaaniif gootee+ maqaa kee waamsifachuudhaan+ saba kee furteetta.+ Ati saba kee warra ofii keetiif Gibxii jalaa furteef jettee, sabootaa fi waaqolii isaanii ariiteetta. 24 Ati saba kee Israaʼeliin bara baraaf saba ofii keetii gootee ni hundeessite;+ yaa Yihowaa, Waaqa isaaniis ni taate.+

25 “Ammas, yaa Yihowaa, tajaajilaa kee fi mana isaa ilaalchisee wanta waadaa galte bara baraaf raawwadhu; akkuma waadaa galtettis raawwadhu.+ 26 Namoonni, ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa Israaʼel irratti Waaqa dha’ akka jedhaniif, maqaan kee bara baraaf ol haa qabamu;+ manni tajaajilaa kee Daawitis si duratti jabaatee haa dhaabbatu.+ 27 Waaqa Israaʼel kan taate yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ati, ‘Ani mana siif nan ijaara’*+ jechuudhaan tajaajilaa keetti mulʼata argisiisteetta. Tajaajilaan kee kadhannaa kana sitti dhiheessuuf kan onnate kanaafi. 28 Ammas yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati Waaqa dhugaa dha; dubbiin kees dhugaa dha;+ ati wantoota gaggaarii kana tajaajilaa keetiif gochuudhaaf waadaa galteetta. 29 Kanaafuu, mana tajaajilaa keetii eebbisi; bara baraafis si dura haa jiraatu;+ yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati akkuma waadaa galtetti manni tajaajilaa keetii eebba keetiin bara baraaf kan eebbifame haa taʼu.”+

8 Yeroo muraasa booda, Daawit Filisxeemota+ moʼee toʼannaa isaa jala isaan galche;+ akkasumas Daawit Filisxeemota harkaa Meteeg Amaa ni fudhate.

2 Inni Moʼaabota ni moʼe;+ achiis lafa irra akka ciciisan erga godhee booda wadaroodhaan isaan safare. Harka sadii keessaa harka lama kan taʼan ajjeesuuf, harka sadii keessaa harka tokko kan taʼan immoo lubbuudhaan hambisuuf isaan safare.+ Moʼaabonnis tajaajiltoota Daawit ni taʼan; gibiras isaaf fiduu jalqaban.+

3 Hadaadʼezeer ilmi Rehoob mootiin Zoobaa+ aangoo Laga Efraaxis+ irratti qabu deebifachuuf utuu dhaqaa jiruu Daawit isa injifate. 4 Daawit abbootii fardeenii 1,700 fi loltoota lafoo 20,000 isa irraa ni boojiʼe. Achiis Daawit fardeen gaarii harkisan 100 qofa hambisee, warra kaan hundumaa morgaa isaanii kukkute.+

5 Namoonni Sooriyaa warri Damaasqoo+ keessa jiran Hadaadʼezeer mootii Zoobaa gargaaruuf yommuu dhufan, Daawit namoota Sooriyaa keessaa 22,000 ajjeese.+ 6 Achiis Daawit Damaasqoo ishii Sooriyaa keessatti buufatawwan loltootaa ni hundeesse; warri Sooriyaas tajaajiltoota Daawit taʼan; gibiras isaaf ni fidan. Yihowaan bakka Daawit dhaqu hundumaatti injifannoo* isaaf ni kenna ture.+ 7 Kana malees, Daawit tajaajiltoota Hadaadʼezeer irraa gaachanoota warqii fudhatee gara Yerusaalemitti fide.+ 8 Daawit Mootichi Beexaa fi Beerotaa warra magaalota Hadaadʼezeer taʼan keessaa sibiila diimaa hedduu fudhate.

9 Toʼiin inni mootii Hamaat+ taʼe, Daawit guutummaa raayyaa waraanaa Hadaadʼezeer injifachuu isaa ni dhagaʼe.+ 10 Kanaafuu, Toʼiin waaʼee nageenya isaa akka isa gaafatuu fi Hadaadʼezeeriin waraanee waan injifateef gammachuu isatti dhagaʼame akka isaaf ibsu, ilma isaa Yoraamiin gara Daawit Mootichaatti erge (Hadaadʼezeer yeroo baayʼee Toʼii wajjin wal waraana ture); innis miʼawwan meetii, miʼawwan warqii fi miʼawwan sibiila diimaa fidee dhufe. 11 Daawit Mootichi miʼawwan kana meetii fi warqii saboota toʼannaa isaa jala galfate hundumaa irraa fudhatee turee wajjin Yihowaadhaaf ni qulqulleesse;+ 12 miʼawwan kunis warra inni Sooriyaa, Moʼaab,+ Amoonota, Filisxeemotaa+ fi Amaaleqota+ irraa fudhate, akkasumas Hadaadʼezeer+ ilma Rehoob mootii Zoobaa irraa boojiʼe turan. 13 Kana malees, Daawit Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota 18,000 ajjeesee yommuu deebiʼutti beekamaa taʼe.+ 14 Inni Edoom keessatti buufatawwan loltootaa ni hundeesse. Guutummaa Edoom keessatti buufatawwan loltootaa ni hundeesse; Edoomonni hundis tajaajiltoota Daawit taʼan.+ Yihowaan bakka Daawit dhaqu hundumaatti injifannoo* isaaf kenna ture.+

15 Daawit guutummaa Israaʼel irratti bulchuu isaa itti fufe;+ inni sabni isaa hundi+ haqaa fi qajeelummaa+ akka argatan godha ture. 16 Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaa itti gaafatamaa raayyaa waraanaa ture; Yoshaafaax+ ilmi Ahiluud immoo barreessaa seenaa ture. 17 Saadoq+ ilmi Ahixuubii fi Ahimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Seraayaan immoo barreessaa ture. 18 Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa itti gaafatamaa Kereetotaa fi Pheleetotaa+ ture. Ilmaan Daawitis geggeessitoota itti gaafatamummaa guddaa qaban* taʼan.

9 Achiis Daawit, “Namni mana Saaʼol keessaa hafee fi ani Yonaataaniif jedhee jaalala amanamaa itti argisiisuu dandaʼu jiraa laata?” jedhe.+ 2 Yeroo kanatti namichi tajaajilaa mana Saaʼol taʼee fi Ziibaa+ jedhamu tokko jira ture. Kanaafuu, isaan gara Daawititti isa waaman; mootichis, “Ati Ziibaa dhaa?” jedhee isa gaafate. Innis, “Eeyyee, ani tajaajilaa kee Ziibaa dha” jedhee isaaf deebise. 3 Mootichis itti fufee, “Namni mana Saaʼol keessaa hafee fi ani jaalala Waaqayyoo isa amanamaa itti argisiisuu dandaʼu jiraa?” jedhee isa gaafate. Ziibaanis, “Amma iyyuu ilmi Yonaataan tokko jira; inni miilli isaa lamaan naafa dha”+ jedhee mootichaaf deebise. 4 Mootichis, “Eessa jira?” jedhee isa gaafate. Ziibaanis, “Mana Maakiir+ ilma Amiʼel isa Loo Debaaritti argamu keessa jira” jedhee mootichaaf deebise.

5 Daawit Mootichis yeruma sana nama ergee mana Maakiir ilma Amiʼel isa Loo Debaaritti argamu keessaa isa fichisiise. 6 Mefibosheet ilmi Yonaataan ilmi Saaʼol yommuu gara Daawititti seenu, yeruma sana adda isaatiin lafatti gombifamee sagade. Achiis Daawit, “Mefibosheet!” jedhee isa waame; innis, “Oo, gooftaa koo” jedhee isaaf deebise. 7 Yeroo kanatti Daawit, “Hin sodaatin; ani abbaa kee Yonaataaniif jedhee jaalala amanamaa sitti nan argisiisa;+ lafa akaakayyuu kee Saaʼol hundumaa siifan deebisa; atis yeroo hundumaa maaddii koo irraa ni nyaatta”*+ isaan jedhe.

8 Yeroo kanatti Mefibosheet sagadee, “Ana nama akka saree duʼee+ taʼeef xiyyeeffannaa* kan kennitu, ani tajaajilaan kee maali dha?” jedhe. 9 Yeroo kanatti mootichi Ziibaa tajaajilaa Saaʼolitti ergee isa waamsisee akkana isaan jedhe: “Wanta kan Saaʼol taʼee fi wanta kan maatii isaa taʼe hundumaa ilma ilma gooftaa keetiitiif kenneera.+ 10 Ati, ilmaan kee fi tajaajiltoonni kee laficha isaaf ni qottu; oomisha isaas walitti ni qabdu; kunis namoota maatii ilma ilma gooftaa keetii taʼan hundumaatiif nyaata ni taʼa. Mefibosheet ilmi ilma gooftaa keetii garuu yeroo hundumaa maaddii koo irraa ni nyaata.”+

Ziibaan ilmaan 15 fi tajaajiltoota 20 qaba ture.+ 11 Ziibaanis mootichaan, “Tajaajilaan kee wanta gooftaan koo mootichi tajaajilaan isaa akka godhu ajaje hundumaa ni raawwata” jedhe. Kanaafuu, Mefibosheet akkuma ilmaan mootichaa keessaa isa tokkootti maaddii Daawit* irraa ni nyaata ture. 12 Mefibosheet mucaa xinnaa Miikaa+ jedhamu tokko qaba ture; warri mana Ziibaa keessa jiraatan hundis tajaajiltoota Mefibosheet ni taʼan. 13 Mefibosheet yeroo hundumaa maaddii mootichaa irraa waan nyaatuuf,+ Yerusaalem keessa jiraata ture; inni miilli isaa lamaan naafa ture.+

10 Boodas mootiin Amoonotaa+ ni duʼe; ilmi isaa Hanuunis bakka isaa mootii taʼe.+ 2 Yeroo kanatti Daawit, “Akkuma abbaan isaa jaalala amanamaa anatti argisiise, anis Hanuun ilma Nahaashitti jaalala amanamaa nan argisiisa” jedhe. Kanaafuu, Daawit sababa duʼa abbaa isaatiif akka isa jajjabeessaniif tajaajiltoota isaa gara isaatti ni erge. Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Daawit yommuu gara biyya Amoonotaa dhufan, 3 bulchitoonni Amoonotaa Hanuun gooftaa isaaniitiin, “Daawit namoota si jajjabeessan gara keetti kan erge, abbaa kee kabajee sitti fakkaataa? Daawit tajaajiltoota isaa gara keetti kan erge, magaalattii akka gaariitti qoruuf, ishii basaasuu fi ishii garagalchuuf jedhee mitii?” jedhan. 4 Kanaafuu, Hanuun tajaajiltoota Daawit areeda isaanii walakkaatti irraa haadee,+ akkasumas uffata isaanii mudhii isaaniitii gaditti irraa muree isaan erge. 5 Namoonni sun akka malee qaanaʼanii waan turaniif, Daawit waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu yeruma sana namoota gara isaaniitti erge; achiis mootichi, “Hamma areedni keessan deebiʼee guddatutti Yerikoo+ keessa turaa; sana booda deebiʼaatii kottaa” isaaniin jedhe.

6 Yeroo booda Amoononni Daawit biratti akka waan xiraaʼaatti ilaalamuu isaanii hubatan; kanaafuu, Amoononni ergamtoota erganii namoota Sooriyaa warra Beet Rehoobii+ fi warra Zoobaa+ keessaa loltoota lafoo 20,000, mootii Maʼaakaa+ namoota 1,000 wajjin, akkasumas Ishtoob* keessaa namoota 12,000 mindeeffatan.+ 7 Daawitis waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu, loltoota isaa warra ciccimoo+ taʼan dabalatee Yoʼaabii fi guutummaa raayyaa waraanaa isaa ni erge. 8 Amoononni gad baʼanii karra magaalattii duratti waraanaaf hiriiran; namoonni Sooriyaa warri Zoobaa fi Rehoob keessaa dhufan, Ishtoobii* fi Maʼaakaa wajjin kophaa isaanii dirree keessa turan.

9 Yoʼaab fuulduraa fi duubaan loltoonni isatti dhufaa akka jiran yommuu argu, loltoota ciccimoo Israaʼel keessa jiran keessaa muraasa filatee warra Sooriyaa loluuf waraanaaf isaan hiriirse.+ 10 Namoonni hafan immoo ajaja* obboleessa isaa Abishaay+ jala taʼanii Amoonota+ waraanuuf akka hiriiran godhe. 11 Achiis akkana isaan jedhe: “Warri Sooriyaa yoo natti ciman ati dhuftee na gargaarta; Amoononni yoo sitti ciman immoo ani dhufeen si gargaara. 12 Saba keenyaa fi magaalota Waaqa keenyaatiif jennee jabaachuu fi onnachuu qabna;+ Yihowaanis wanta isa duratti gaarii taʼe ni godha.”+

13 Achiis Yoʼaabii fi namoonni isaa warra Sooriyaa waraanuuf isaanitti dhihaatan; isaanis isa duraa ni baqatan.+ 14 Amoononni warri Sooriyaa baqachuu isaanii yommuu argan, isaanis Abishaay duraa baqatanii gara magaalattiitti seenan. Sana booda Yoʼaab Amoonota waraanuu dhiisee gara Yerusaalemitti deebiʼe.

15 Warri Sooriyaa, Israaʼeliin moʼamuu isaanii yommuu argan, deebiʼanii gurmaaʼan.+ 16 Kanaafuu, Hadaadʼezeer+ warra Sooriyaa naannoo Lagichaatti*+ argamanitti namoota erge; isaanis ajajaa raayyaa waraanaa Hadaadʼezeer kan taʼe Shoobaakiin geggeeffamanii gara Helaam dhufan.

17 Daawitis waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu, yeruma sana Israaʼelota hundumaa walitti qabee Yordaanosiin ceʼee gara Helaam dhaqe. Yeroo kanatti warri Sooriyaa Daawitiin waraanuuf tarree galan; achiis isaa wajjin wal waraanan.+ 18 Haa taʼu malee, warri Sooriyaa Israaʼel duraa ni baqatan; Daawitis warra Sooriyaa keessaa namoota gaarii fardaa oofan 700 fi abbootii fardeenii 40,000 ajjeese; Shoobaak isa ajajaa raayyaa waraanaa isaanii taʼes ni rukute; innis achumatti duʼe.+ 19 Mootonni tajaajiltoota Hadaadʼezeer taʼan hundi Israaʼelotaan moʼamuu isaanii yommuu argan, yeruma sana Israaʼelotaa wajjin nagaa uumanii isaaniif bitamuu jalqaban;+ warri Sooriyaas sana booda Amoonota gargaaruu ni sodaatan.

11 Jalqaba waggichaatti,* yeroo mootonni duula dhaqanitti, Daawit Amoonota akka balleessaniif Yoʼaabii fi tajaajiltoota isaa, akkasumas guutummaa raayyaa waraanaa Israaʼel ni erge; isaanis Raabaatti+ marsan; yeroo kanatti Daawit Yerusaalem keessatti hafee ture.+

2 Daawit gaaf tokko galgala* siree isaa irraa kaʼee baaxii mana mootichaa* irra asii fi achi deddeebiʼaa ture. Baaxii manichaa irra utuu jiruu dubartii dhaqna dhiqachaa jirtu tokko arge; dubartittiin baayʼee bareedduu turte. 3 Daawitis waaʼee dubartittii akka gaafatuuf nama tokko ni erge; namichis, “Ishiin Baat Sheebaa+ intala Eliyaam+ haadha manaa Uuriyaa+ Heetichaa+ ti” jedhee isaaf deebise. 4 Achiis Daawit akka ishii fidaniif ergamtoota erge.+ Kanaafuu, ishiin gara isaatti ol seente; innis ishii wajjin ciise.+ (Kunis kan taʼe yeroo ishiin xuraaʼummaa* ishii irraa of qulqulleessaa turtetti dha.)+ Sana booda ishiin gara mana ishiitti deebite.

5 Dubartittiinis ni ulfoofte; sana booda, “Ani ulfaaʼeera” jettee gara Daawititti ergaa ergite. 6 Yeroo kanatti Daawit, “Uuriyaa Heeticha gara kootti ergi” jedhee Yoʼaabitti dhaame. Kanaafuu, Yoʼaab Uuriyaa gara Daawititti ni erge. 7 Uuriyaan yommuu gara isaa dhufu, Daawit waaʼee nageenya Yoʼaab, waaʼee nageenya loltootaa, akkasumas haalli waraanichaa maal akka fakkaatu isa gaafate. 8 Achiis Daawit Uuriyaadhaan, “Gara mana keetti gad buʼiitii boqodhu”* jedhe. Uuriyaan yommuu mana mootichaatii gad baʼu, kennaan gaarummaa mootichaa* isa duubaan ni ergameef. 9 Haa taʼu malee, Uuriyaan tajaajiltoota gooftaa isaa kaan hundumaa wajjin karra mana mootichaa dura rafe malee, gara mana isaatti gad hin buune. 10 Kanaafuu, “Uuriyaan gara mana isaatti gad hin buune” jedhanii Daawititti himan. Yeroo kanatti Daawit Uuriyaadhaan, “Reefuu karaadhaa dhufta mitii? Maaliif gara mana keetti gad hin buune?” jedhe. 11 Uuriyaanis, “Taabotichi,+ akkasumas Israaʼelii fi Yihudaan dunkaana keessa jiru; gooftaan koo Yoʼaabii fi tajaajiltoonni gooftaa kootiis dirree irra buufatanii jiru. Maarree, ani nyaachuu fi dhuguuf, akkasumas haadha manaa tiyyaa wajjin ciisuuf gara mana koo dhaquun qabaa?+ Lubbuu kee isa jiraataa taʼee fi siin nan kakadha, ani wanta kana hin godhu!” jedhee Daawitiif deebise.

12 Achiis Daawit Uuriyaadhaan, “Harʼas asuma turi; boru sin erga” jedhe. Kanaafuu, Uuriyaan guyyaa sanaa fi guyyaa itti aanu Yerusaalem keessa ni ture. 13 Achiis Daawit isaa wajjin akka nyaatuu fi akka dhuguuf nama itti ergee isa waamsise; akka inni machaaʼus ni godhe. Yommuu galgalaaʼu garuu, Uuriyaan tajaajiltoota gooftaa isaa wajjin siree isaa irra rafuuf baʼee deeme malee, gara mana isaatti gad hin buune. 14 Yommuu bariʼus Daawit Yoʼaabiif xalayaa barreessee harka Uuriyaatti isaaf erge. 15 Xalayaa sana irrattis, “Uuriyaa bakka lolli cimaan itti godhamutti toora fuulduraa irra dhaabbachiisi. Achiis akka inni rukutamee duʼuuf, isin isa duubaa baqadhaa” jedhee barreesse.+

16 Yoʼaabis of eeggannoodhaan magaalattii ilaala ture; Uuriyaas bakka loltoonni jajjaboon akka jiran beeku dhaabbachiise. 17 Namoonni magaalattii yommuu gad baʼanii Yoʼaabii wajjin wal waraanan, tajaajiltoota Daawit keessaa tokko tokko ni kufan; Uuriyaan Heetichis warra duʼan keessaa tokko ture.+ 18 Yeroo kanatti Yoʼaab oduu waaʼee waraanichaa ibsu hundumaa Daawititti erge. 19 Innis ergamaa sana akkana jedhee ajaje: “Oduu waaʼee waraanichaa ibsu hundumaa mootichatti himtee yommuu xumurtu, 20 mootichi aaree akkana siin jedha taʼa: ‘Magaalattii waraanuuf maaliif baayʼee ishiitti dhihaattan? Dallaa gubbaa irraa xiyya akka isinitti darbatan hin beektanii? 21 Abimelek ilma Yerubesheet+ kan ajjeese eenyu?+ Dubartii takkatu dallaa gubbaa irraa majii itti darbatee Tebeezitti isa ajjeese mitii? Gara dallichaatti baayʼee kan dhihaattan maaliifi?’ Yeroo kanatti, ‘Tajaajilaan kee Uuriyaan Heetichis duʼeera’ isaan jedhi.”

22 Ergamtichis dhaqee wanta Yoʼaab akka inni dubbatu isa erge hundumaa Daawititti hime. 23 Ergamtichi, akkana jedhee Daawititti hime: “Namoonni isaanii humna nu caalan; nu loluufis gara dirreetti nutti baʼan; nuti garuu ariinee gara balbala karra magaalattiitti isaan deebisne. 24 Warri xiyya darbatanis dallicha gubbaa irraa tajaajiltoota keetti xiyya darbatu turan; tajaajiltoota mootichaa keessaa tokko tokkos ni duʼan; tajaajilaan kee Uuriyaan Heetichis ni duʼe.”+ 25 Yeroo kanatti Daawit ergamaa sanaan, “Yoʼaabiin, ‘Goraadeen isa kanas taʼe isa sana waan nyaatuuf, dhimmi kun si hin yaaddessin. Waraana magaalattii irratti gootu caalaatti finiinsiitii toʼannaa jala ishii galfadhu’+ jedhi. Atis isa jajjabeessi” jedhe.

26 Haati manaa Uuriyaa abbaan manaa ishii Uuriyaan duʼuu isaa yommuu dhageessu, abbaa manaa ishiitiif gadduu jalqabde. 27 Yeroon gaddaa sun akkuma xumurameen, Daawit nama ishiitti ergee gara mana isaatti ishii fudhate; ishiinis haadha manaa isaa taate;+ ilmas isaaf ni deesse. Haa taʼu malee, Yihowaan wanta Daawit godhetti baayʼee gadde.*+

12 Kanaafuu, Yihowaan Naataaniin+ gara Daawititti erge. Innis gara isaatti ol seenee+ akkana isaan jedhe: “Magaalaa tokko keessa namoonni lama jiru turan; inni tokko sooressa, inni tokko immoo hiyyeessa ture. 2 Namichi sooressi sun hoolotaa fi loon baayʼee hedduu qaba ture;+ 3 namichi hiyyeessi sun garuu hoolaa goromtii xinnoo bitate tokko qofa malee homaa hin qabu ture.+ Innis ishii kunuunsa ture; ishiinis isaa fi ilmaan isaa wajjin jiraachaa isa biratti guddatte. Ishiin nyaata xinnoo inni qabu irraa nyaatti, xoofoo isaa keessaa dhugdi, bobaa isaa jalas ni ciisti turte. Ishiin isaaf akkuma intala isaa turte. 4 Boodas keessummaan tokko namicha sooressa sanatti dhufe; haa taʼu malee, inni imaltuu isa bira dhufe sanaaf nyaata qopheessuuf hoolotaa fi loon isaa keessaa tokko illee hin fudhanne. Kanaa mannaa, hoolaa namicha hiyyeessa sanaa fuudhee qopheessee namicha gara isaatti dhufe sanaaf dhiheesse.”+

5 Yeroo kanatti Daawit namichatti baayʼee aaree Naataaniin akkana jedhe: “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha,+ namichi kana godhe duʼatu isaaf mala! 6 Inni kana waan godheef, akkasumas gara laafina waan hin argisiisneef, bakka hoolaa sanaa dachaa afur kaffaluu qaba.”+

7 Achiis Naataan Daawitiin akkana jedhe: “Namichi sun si dha! Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼel irratti mootii akka taatu si dibeera;+ harka Saaʼol jalaas si oolcheera.+ 8 Mana gooftaa keetii+ fi haadhotii manaa gooftaa keetii siif kenneera;+ mana Israaʼelii fi mana Yihudaas siif kenneera.+ Kun utuu sitti hanqateera taʼee, kana caalaa siif gochuuf fedhii qaban ture.+ 9 Ati wanta ija isaa duratti hamaa taʼe gochuudhaan dubbii Yihowaa kan tuffatte maaliifi? Uuriyaa Heeticha goraadeedhaan ni ajjeeste!+ Goraadee Amoonotaatiin erga isa ajjeestee+ booda haadha manaa isaa fudhattee haadha manaa godhatte.+ 10 Ammas haadha manaa Uuriyaa fudhattee haadha manaa godhachuudhaan waan na tuffatteef, matumaa goraadeen mana kee irraa hin deebiʼu.’+ 11 Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani manuma kee keessaa rakkina sitti nan fida;+ ijuma kee duratti haadhotii manaa kee fuudhee nama kan biraatiif nan kenna;+ innis guyyuma saafaa* haadhotii manaa kee wajjin ni ciisa.+ 12 Ati kana kan goote dhoksaatti taʼus,+ ani Israaʼelota hundumaa durattii fi guyyaa saafaa* kana nan godha.’”

13 Yeroo kanatti Daawit Naataaniin, “Ani Yihowaa irratti cubbuu hojjedheera” jedhe.+ Naataanis deebisee Daawitiin akkana jedhe: “Yihowaanis cubbuu kee siif dhiisa.*+ Ati hin duutu.+ 14 Haa taʼu malee, dhimma kana ilaalchisee ati akka malee Yihowaa waan tuffatteef, ilmi amma siif dhalate ni duʼa.”

15 Achiis Naataan gara mana isaa deeme.

Yihowaanis ilma haati manaa Uuriyaa Daawitiif deesse ni rukute; innis ni dhukkubsate. 16 Daawitis mucichaaf cimsee Waaqa dhugaa kadhate. Daawit ni soome; gara kutaa isaatti seenees halkan guutuu lafa irra ciise.+ 17 Kanaafuu, jaarsoliin mana isaa keessa jiran isa bira dhaabbatanii lafaa isa kaasuuf yaalii godhan; inni garuu ni dide; isaanii wajjinis nyaata hin nyaanne. 18 Guyyaa torbaffaattis mucichi ni duʼe; tajaajiltoonni Daawit garuu mucichi duʼuu isaa isatti himuu sodaatan. Isaanis, “Mucichi utuu lubbuudhaan jiruu nuti isa haasofsiisnee turre; inni garuu nu hin dhaggeeffanne. Maarree, mucichi duʼuu isaa akkamitti itti himuu dandeenya? Yoo itti himne waa of gochuu dandaʼa” jedhan.

19 Daawit tajaajiltoonni isaa yommuu walitti hasaasan argee mucichi duʼuu isaa hubate. Tajaajiltoota isaas, “Mucichi ni duʼee?” jedhee gaafate. Isaanis, “Eeyyee ni duʼe” jedhanii isaaf deebisan. 20 Kanaafuu, Daawit lafaa ni kaʼe. Achiis, dhiqatee, zayitii dibatee,+ uffata isaas jijjiirratee, gara mana Yihowaa dhaqee+ sagade. Sana booda gara mana* isaatti deebiʼee nyaanni akka isaaf dhihaatu gaafatee nyaate. 21 Tajaajiltoonni isaas akkana jedhanii isa gaafatan: “Maaliif akkana goote? Mucichi utuu lubbuudhaan jiruu ni soomte, ni boosses; akkuma mucichi duʼeen garuu ni kaate, nyaatas ni nyaatte.” 22 Innis akkana jedhee isaaniif deebise: “Mucichi utuu lubbuudhaan jiruu, ‘Yihowaan garaa naa laafee mucichi akka jiraatu kan godhu yoo taʼe maaltu beeka?’+ jedhee waanan yaadeef nan soome,+ nan booʼes. 23 Amma inni duʼeera; maaliifan sooma ree? Isa deebisuu nan dandaʼaa?+ Anatu gara isaa dhaqa malee,+ inni gara kootti hin deebiʼu.”+

24 Achiis Daawit haadha manaa isaa Baat Sheebaa+ ni jajjabeesse. Innis gara ishiitti seenee ishii wajjin ciise. Ishiinis yeroo booda ilma ni deesse; innis Solomoon*+ jedhee maqaa isaaf moggaase. Yihowaanis mucicha ni jaallate;+ 25 karaa Naataan+ raajichaa ergaa ergee akka fedhii Yihowaatti maqaa isaa Yidiidiyaa* jedhee akka moggaasu godhe.

26 Yoʼaabis magaalaa Amoonotaa+ Raabaa+ waraanuu isaa itti fufe; magaalaa moototaas* ni qabate.+ 27 Kanaafuu, Yoʼaab ergamtoota gara Daawititti ergee akkana isaan jedhe: “Ani Raabaa+ waraanee magaalaa bishaanotaa* qabadheera. 28 Ammas loltoota hafan walitti qabiitii magaalattiitti marsii ishii qabadhu. Taʼuu baannaan, ani magaalattii nan qabadha; ulfinni isaas anaaf taʼa.”*

29 Kanaafuu, Daawit loltoota hundumaa erga walitti qabee booda gara Raabaa deemee waraanee ishii qabate. 30 Achiis gonfoo Maalkaam mataa isaa irraa ni fuudhe. Ulfaatinni isaa warqii taalaantii* tokko ture; achi irras dhagoonni gatii guddaa qaban jiru turan; innis mataa Daawit irra ni kaaʼame. Kana malees, inni magaalattii+ keessaa boojuu hedduu ni fudhate.+ 31 Achiis namoota achi keessa jiran gad baasee, dhagaa akka muran, meeshaawwan sibiilaa qara qabanii fi qottoodhaan akka hojjetan, akkasumas xuubii akka tolchan isaan godhe. Magaalota Amoonotaa hundumaattis akkanuma godhe. Dhuma irrattis Daawitii fi loltoonni hundi gara Yerusaalemitti deebiʼan.

13 Abishaalom ilmi Daawit obboleettii bareedduu Taamaar+ jedhamtu qaba ture; Amnoon+ ilmi Daawitis jaalala ishiitiin qabame. 2 Amnoon ishiin durba waan turteef, ishii irratti homaa gochuu akka hin dandeenye itti dhagaʼamee ture; kanaafuu, obboleettii isaa Taamaariin kan kaʼe hamma dhukkubsatutti baayʼee dhiphate. 3 Amnoon michuu Yonaadaab+ jedhamu tokko qaba ture; inni ilma Shimeʼaa+ isa obboleessa Daawit taʼee ti; Yonaadaab baayʼee gamna ture. 4 Kanaafuu Amnooniin, “Yaa ilma mootii, ati guyyuma guyyaadhaan akkana kan dhiphattu maaliifi? Maaliif natti hin himattu?” jedhe. Amnoonis, “Ani jaalala Taamaar ishii obboleettii+ Abishaalom obboleessa kootii taateen qabameera” jedhee isaaf deebise. 5 Yonaadaabis deebisee akkana isaan jedhe: “Kan dhukkubsatte fakkaadhuutii siree kee irra ciisi. Abbaan kee yommuu si gaafachuuf dhufus, ‘Maaloo, obboleettiin tiyya Taamaar dhuftee nyaata naaf haa dhiheessitu. Ishiin nyaata nama dhukkubsatuuf kennamu* ija koo duratti naaf haa qopheessitu; anis harka ishii irraa nan nyaadha’ isaan jedhi.”

6 Kanaafuu, Amnoon kan dhukkubsate fakkaatee ciise; mootichis isa gaafachuuf gara isaatti ol seene. Yeroo kanatti Amnoon mootichaan, “Maaloo, ani harka ishii irraa fudhadhee akkan nyaadhuuf, obboleettiin tiyya Taamaar gara kootti seentee bixxillee* lama ija koo duratti naaf haa tolchitu” jedhe. 7 Daawitis Taamaar ishii mana jirtutti ergaa ergee, “Maaloo, gara mana obboleessa kee Amnoon dhaqiitii nyaata* isaaf qopheessi” ishiidhaan jedhe. 8 Kanaafuu, Taamaar gara mana obboleessa ishii Amnoon bakka inni ciisee jiru ni dhaqxe. Bukoo bukeessitees ija isaa duratti bixxillee tolchite. 9 Achiis bixxillee sana fuutee isaaf dhiheessite. Amnoon garuu nyaachuu didee, “Nama hundumaa gad naa baasaa!” jedhe. Kanaafuu, namni hundi isa biraa baʼe.

10 Yeroo kanatti Amnoon Taamaariin, “Harka kee irraa fudhadhee akkan nyaadhuuf, nyaaticha* gara kutaa ciisichaatti naa fidi” jedhe. Kanaafuu, Taamaar bixxillee tolchite sana fuutee Amnoon obboleessa ishiitiif kutaa ciisichaatti isaaf geessite. 11 Yommuu ishiin bixxillee sana akka inni nyaatuuf isaaf geessitus ishii qabee, “Yaa obboleettii too, kottuu anaa wajjin ciisi” ishiidhaan jedhe. 12 Ishiin garuu akkana isaan jette: “Hin taʼu, yaa obboleessa koo! Na hin salphisin; wanti akkanaa Israaʼel keessatti raawwatamuu hin qabu.+ Wanta nama qaanessu kana hin raawwatin.+ 13 Salphina akkanaa akkamittan baadhee jiraachuu dandaʼa? Atis Israaʼel keessatti namoota salphoo taʼan keessaa akka isa tokkootti ni ilaalamta. Ammas maaloo, mooticha gaafadhu; innis anaan si hin dhowwatu.” 14 Inni garuu ishii dhagaʼuu dide; humnaan ishii irra caalee ishii gudeeduudhaan ishii salphise. 15 Sana booda Amnoon akka malee ishii jibbe; jibbi isaas jaalala sana dura ishiidhaaf qabu irra kan caalu taʼe. Innis, “Kaʼi, asii baʼi!” ishiidhaan jedhe. 16 Yeroo kanatti ishiin, “Hin taʼu yaa obboleessa koo, amma na ariʼuun kee, wanta ana irratti raawwatte irra caalaa kan hammaatu taʼa!” isaan jette. Inni garuu ishii dhaggeeffachuu dide.

17 Yeroo kanatti dargaggeessa tajaajilaa isaa taʼe waamee, “Maaloo, dubartii tana na irraa baasiitii balbalicha itti cufi” isaan jedhe. 18 (Yeroo kanatti ishiin uffata adda taʼe* uffattee turte; uffanni kun uffata ijoolleen mootii warri durbaa uffatan ture.) Kanaafuu, tajaajilaan isaa gad ishii baasee balbalicha itti cufe. 19 Sana booda, Taamaar mataa ishii irratti daaraa firfirsite;+ uffata baʼeessa uffatte sanas ni tarsaaste; achiis mataa ishii qabattee booʼaa deemte.

20 Yeroo kanatti obboleessi ishii Abishaalom,+ “Sii wajjin kan ture Amnoon obboleessa kee tii? Yaa obboleettii too, amma calluma jedhi. Inni obboleessa kee ti.+ Waaʼee kanaa irratti hin xiinxalin” ishiidhaan jedhe. Sana booda Taamaar namoota irraa addaan baatee mana obboleessa ishii Abishaalom keessa jiraatte. 21 Daawit Mootichi waaʼee wantoota kana hundumaa yommuu dhagaʼu baayʼee aare.+ Haa taʼu malee, Amnoon ilma isaa isa angafaa taʼuu isaatiin kan kaʼe waan isa jaallatuuf, miira isaa miidhuu hin barbaanne. 22 Abishaalom, Amnoon obboleettii isaa Taamaariin salphisuu+ isaatiin kan kaʼe waan isa jibbeef,+ hamaas taʼe gaarii wanta tokko illee Amnoonitti hin dubbanne.

23 Waggaa lama booda, namoonni Abishaalomiif rifeensa hoolaa muran Baʼaal Hazoor ishii Efreemitti+ dhihoo jirtu keessa turan; Abishaalomis ilmaan mootichaa hundumaa ni affeere.+ 24 Kanaafuu, Abishaalom gara mootichaatti seenee, “Tajaajilaan kee hoolota isaa irraa rifeensa mursiisaa jira. Maaloo, mootichii fi tajaajiltoonni isaa anaa wajjin haa deeman” isaan jedhe. 25 Mootichi garuu Abishaalomiin, “Lakki, yaa ilma koo. Hundi keenya yoo dhaqne baʼaa sitti taana” jedhe. Inni irra deddeebiʼee kan isa kadhate taʼus, Daawit isa eebbise malee, achi dhaquuf tole hin jenne. 26 Achiis Abishaalom, “Ati hin deemtu taanaan, maaloo, obboleessi koo Amnoon nuu wajjin haa dhaqu”+ isaan jedhe. Mootichis deebisee, “Inni maaliif sii wajjin dhaqa?” isaan jedhe. 27 Haa taʼu malee, Abishaalom cimsee waan isa kadhateef, Daawit Amnoonii fi ilmaan mootichaa hundumaa isaa wajjin ni erge.

28 Achiis Abishaalom akkana jedhee tajaajiltoota isaa ajaje: “Qophaaʼaa eegaa; Amnoon daadhii wayinii dhugee yommuu itti hoʼu, ani, ‘Amnooniin rukutaa!’ isiniin nan jedha. Isinis isa ajjeesaa. Hin sodaatinaa. Kan isin ajaju ana mitii? Jabaadhaa; onnadhaas.” 29 Kanaafuu, tajaajiltoonni Abishaalom akkuma Abishaalom isaan ajaje Amnoon irratti godhan; sana booda ilmaan mootichaa kaan hundi kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gaangee isaanii irra taaʼanii baqatan. 30 Utuma karaa isaanii irra jiranii, Daawit, “Abishaalom ilmaan mootichaa hundumaa ajjeeseera; isaan keessaa tokko illee hin oolle” oduu jedhu dhagaʼe. 31 Yeroo kanatti mootichi kaʼee uffata isaa tarsaasee lafa irra ciise; tajaajiltoonni isaa hundis uffata isaanii tarsaasanii isa cinaa dhaabbatan.

32 Haa taʼu malee, ilma Shimeʼaa+ obboleessa Daawit kan taʼe Yonaadaab+ akkana jedhe: “Gooftaan koo, isaan ilmaan mootichaa hundumaa ajjeesaniiru jedhee hin yaadin; kan ajjeefame Amnoon qofa dha.+ Kunis kan taʼe ajaja Abishaalomiin yeroo taʼu, inni guyyaa Amnoon obboleettii isaa Taamaariin+ itti salphise+ irraa jalqabee kana gochuuf murteessee ture.+ 33 Ammas gooftaan koo mootichi oduu, ‘Ilmaan mootichaa hundi duʼaniiru’ jedhuuf xiyyeeffannaa hin kennin; kan duʼe Amnoon qofa dha.”

34 Kana gidduutti Abishaalom ni baqate.+ Boodas waardiyyaan magaalattii ol jedhee ilaalee, namoonni hedduun isa duubaan daandii gaaricha bira jiru irraa utuu dhufanii arge. 35 Yeroo kanatti Yonaadaab+ mootichaan, “Kunoo, akkuma tajaajilaan kee jedhetti, ilmaan mootichaa deebiʼaniiru” jedhe. 36 Akkuma inni dubbii isaa xumureen, ilmaan mootichaa sagalee isaanii ol kaasanii booʼaa ol seenan; mootichii fi tajaajiltoonni isaa hundis hirqinfatanii booʼan. 37 Abishaalom garuu baqatee gara Taalmaay+ ilma Amihuud isa mootii Geeshur taʼee dhaqe. Daawitis guyyoota hedduudhaaf ilma isaatiif ni booʼe. 38 Abishaalom baqatee gara Geeshur+ erga dhaqee booda, waggaa sadii achi jiraate.

39 Dhuma irrattis Daawit Mootichi duʼa Amnoon irraa waan jajjabaateef, gara Abishaalom dhaquu hawwe.

14 Yoʼaab ilmi Zeruuyaa,+ garaan mootichaa Abishaalomiin akka yaade hubate.+ 2 Kanaafuu, Yoʼaab gara Teqoohaatti+ nama ergee dubartii gamna takka achii waamsisee akkana ishiidhaan jedhe: “Maaloo, akka nama gadda irra jiruu taʼi; uffata gaddaa uffadhu; zayitiis hin dibatin.+ Akka dubartii namni jalaa duʼee fi yeroo dheeraadhaaf gaddaa turtee taʼi. 3 Achiis gara mootichaatti seeniitii akkana jedhii isatti dubbadhu.” Sana booda Yoʼaab wanta dubbattu ishiitti hime.

4 Dubartiin Teqoohaa sunis gara mootichaatti seentee adda ishiitiin lafatti gombifamtee sagaduudhaan, “Yaa mootii, na gargaari!” isaan jette. 5 Mootichis deebisee, “Maaltu si mudate?” ishiidhaan jedhe. Ishiinis akkana isaan jette: “Ani dubartii abbaan manaa irraa duʼe dha. 6 Ani tajaajiltuun tee, ilmaan laman qaba ture; lamaan isaaniis dirree irratti wal lolan. Namni gargar isaan qabu waan hin turreef, inni tokko isa tokko rukutee ajjeese. 7 Kunoo, guutummaan maatichaa ana garbittii tee irratti kaʼanii, ‘Kana gochuun keenya isa dhaalu sana balleessuu yoo nutti taʼe iyyuu, lubbuu obboleessa isaa isa inni ajjeese sanaaf akka isa ajjeesnuuf, gurbaa isa obboleessa isaa ajjeese sana dabarsii nutti kenni!’ naan jechaa jiru.+ Isaan mukukkula tokkittii naaf hafte* sana dhaamsuu fi maqaas taʼe sanyii* abbaa manaa kootii lafa irraa balleessuuf jedhu.”

8 Achiis mootichi dubartittiidhaan, “Gara mana kee dhaqi; ani waaʼee kee ajaja nan dabarsa” jedhe. 9 Yeroo kanatti dubartiin Teqoohaa sun mootichaan, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, mootichii fi teessoon isaa qulqulluu waan taʼaniif, balleessaan isaa anaa fi mana abbaa koo irratti haa taʼu” jette. 10 Achiis mootichi, “Kana booda namni tokko yoo sitti dubbate gara kootti isa fidi; inni matumaa lammata si hin rakkisu” ishiidhaan jedhe. 11 Ishiin garuu deebistee, “Maaloo, inni dhiigaaf haaloo baʼu+ sun ilma koo irratti miidhaa geessisee akka isa hin ajjeesneef, mootichi Waaqa isaa Yihowaa haa yaadatu” jette. Yeroo kanatti inni, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha,+ rifeensa ilma keetii keessaa tokko illee lafa hin buʼu” ishiidhaan jedhe. 12 Yeroo kanatti dubartittiin, “Maaloo, ani tajaajiltuun tee waanuma tokko gooftaa koo mootichatti nan dubbadha” isaan jette. Innis, “Dubbadhu!” ishiidhaan jedhe.

13 Dubartittiinis akkana jette: “Maarree, ati saba Waaqayyoo irratti wanta akkanaa gochuuf kan yaadde maaliifi?+ Mootichi ilma isaa isa biyyaa baafame sana waan hin deebisneef, mootichi yommuu kana dubbatu yakkamaa of gochuu isaa ti.+ 14 Nuti ni duuna; akka bishaan lafatti dhangalaʼee hammaaramuu hin dandeenyees ni taana. Waaqayyo garuu lubbuu hin balleessu; kanaa mannaa, namni biyyaa baʼe isa irraa fagaatee akkuma biyyaa baʼetti akka hin hafne isa deebisuuf mala barbaada. 15 Wanta kana gooftaa koo mootichatti himuuf kanan as dhufe, uummatichi waan na sodaachiseefi. Kanaafuu, ani tajaajiltuun tee akkana jedheen yaade: ‘Ani mootichatti nan dubbadha. Tarii mootichi gaaffii ana garbittii isaa dhagaʼee tarkaanfii ni fudhata taʼa. 16 Mootichi dubbii koo dhagaʼee namicha anaa fi ilma koo tokkicha dhaala Waaqayyo nuu kenne irraa nu balleessuu barbaadu harkaa garbittii isaa ni oolcha taʼa.’+ 17 Achiis ani tajaajiltuun tee, gooftaan koo mootichi wanta gaarii taʼee fi wanta hamaa taʼe gargar baasuudhaan akkuma maleekaa Waaqa dhugaa waan taʼeef, ‘Maaloo, wanti gooftaan koo mootichi dubbatu ana haa jajjabeessu’ nan jedhe. Gooftaan kee Yihowaan sii wajjin haa taʼu.”

18 Yeroo kanatti mootichi deebisee, “Maaloo, waanan si gaafadhu keessaa wanta tokko illee na hin dhoksin” ishiidhaan jedhe. Dubartittiinis, “Maaloo, gooftaan koo mootichi haa dubbatu” jettee isaaf deebiste. 19 Achiis mootichi, “Yoʼaabtu kana hundumaa akka dubbattu sitti himee?” jedhee ishii gaafate.+ Dubartittiinis, “Lubbuu kee isa jiraataadhaan nan kakadha; yaa gooftaa koo yaa mootii, dhimmi isaa akkuma gooftaan koo mootichi jedhe dha;* kana kan na ajajee fi wantoota kana hundumaa ana tajaajiltuu teetti kan hime Yoʼaab tajaajilaa kee ti. 20 Yoʼaab akkana kan godhe, haalli kun akka jijjiiramu gochuufi; gooftaan koo garuu ogummaa akka maleekaa Waaqa dhugaa qaba; wanta biyyattii keessatti raawwatamaa jiru hundumaas beeka.”

21 Achiis mootichi Yoʼaabiin, “Tole, ani kana nan godha.+ Dhaqiitii Abishaalom dargaggeessicha deebisii fidi” jedhe.+ 22 Yeroo kanatti Yoʼaab adda isaatiin lafatti gombifamee sagadee mooticha galateeffate. Achiis, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, mootichi gaaffii tajaajilaan isaa dhiheesse dhagaʼee tarkaanfii waan fudhateef, tajaajilaan kee si duratti fudhatama argachuu isaa harʼa beekeera” jedhe. 23 Sana booda Yoʼaab kaʼee gara Geeshur+ dhaqee Abishaalomiin gara Yerusaalemitti fide. 24 Haa taʼu malee, mootichi, “Inni gara mana isaatti haa deebiʼu; garuu fuula koo hin argu” jedhe. Kanaafuu, Abishaalom gara mana isaatti ni deebiʼe; fuula mootichaas hin argine.

25 Guutummaa Israaʼel keessatti namni miidhagina bifa isaatiin akka Abishaalom baayʼee jajamu hin jiru ture. Faana miila isaatii jalqabee hanga rifeensa mataa isaatti hirʼina tokko illee hin qabu ture. 26 Rifeensi mataa isaa baayʼee waan isatti ulfaatuuf, yeroo hundumaa dhuma waggaatti rifeensa isaa ni murata ture; ulfaatinni rifeensa mataa isaas dhagaa maddaallii mana mootummaatiin* sheeqilii 200* taʼa ture. 27 Abishaalom ilmaan sadii+ fi durba tokko ni dhalche; maqaan intala isaa Taamaar jedhama ture. Ishiin baayʼee bareedduu turte.

28 Abishaalomis waggaa lama guutuu Yerusaalem keessa ni jiraate; garuu fuula mootichaa hin argine.+ 29 Kanaafuu, Abishaalom gara mootichaatti isa erguuf Yoʼaabiin ni waamsise; Yoʼaab garuu gara isaa hin dhufne. Irra deebiʼees yeroo lammaffaadhaaf nama isatti erge; inni garuu ammas dhufuu dide. 30 Dhuma irrattis Abishaalom tajaajiltoota isaatiin, “Maasiin Yoʼaab maasii kootti aanee jira; innis garbuu muraasa maasicha irraa qaba. Dhaqaatii ibidda itti qabsiisaa” jedhe. Kanaafuu, tajaajiltoonni Abishaalom maasichatti ibidda qabsiisan. 31 Yeroo kanatti Yoʼaab kaʼee gara mana Abishaalom dhufee, “Tajaajiltoonni kee maasii kootti ibidda kan qabsiisan maaliifi?” isaan jedhe. 32 Abishaalomis deebisee Yoʼaabiin akkana jedhe: “‘Kottuutii, “Maaliifan Geeshurii dhufe?+ Utuun achuma taaʼee naa wayya ture. Ammas fuula mootichaa ilaaluu nan barbaada; balleessaa yoon qabaadhe inni na haa ajjeesu” jettee mooticha akka naaf gaafattu sin ergadha’ jedhee sitti dhaameen ture.”

33 Kanaafuu, Yoʼaab gara mootichaatti seenee wanta kana itti hime. Mootichis Abishaalomiin ni waame; innis gara mootichaatti seenee, isa duratti adda isaatiin lafatti gombifamee sagade. Achiis mootichi Abishaalomiin ni dhungate.+

15 Wantoota kana hundumaa booda Abishaalom gaarii fardaa, fardeenii fi namoota 50 isa dura fiigan ni qopheeffate.+ 2 Abishaalom ganamaan kaʼee karra magaalattii bira daandii qarqara dhaabbata ture.+ Namni falmii qabu kam iyyuu murtii argachuuf yommuu gara mootichaa dhufu,+ Abishaalom isa waamee, “Ati magaalaa isa kamii dhufte?” jedhee isa gaafata ture; namichis, “Tajaajilaan kee gosoota Israaʼel keessaa isa tokko irraa dhufe” jedhee isaaf deebisa ture. 3 Abishaalomis, “Ilaa, himanni kee sirrii fi dhugaa dha; garuu mooticha biraa namni dhimma kee siif dhagaʼu tokko illee hin jiru” isaan jedha ture. 4 Akkasumas, “Utuun biyyattii keessatti abbaa murtii taʼee muudameera taʼee, silaa namni falmii qabu yookiin murtii argachuu barbaadu kam iyyuu gara koo dhufee murtii haqaa akka argatu nan godhan ture” jedha ture.

5 Namni tokko isaaf sagaduuf yommuu isatti dhihaatus, Abishaalom harka isaa diriirsee qabee isa dhungata ture.+ 6 Abishaalom Israaʼelota murtii argachuuf gara mootichaa dhufan hundumaa irratti akkana godha ture; akka kanaan, Abishaalom garaa namoota Israaʼel gara ofii isaatti jalʼise.+

7 Dhuma waggaa arfaffaattis* Abishaalom mootichaan akkana jedhe: “Maaloo, gara Kebroon+ dhaqeen wareegan Yihowaadhaaf wareege* raawwadha. 8 Sababiin isaas, ani tajaajilaan kee yommuun Geeshur+ ishii Sooriyaatti argamtu keessa jiraachaa turetti, ‘Yihowaan gara Yerusaalemitti yoo na deebise, Yihowaadhaaf kennaa nan dhiheessa’* jedhee wareegeen*+ ture.” 9 Kanaafuu mootichi, “Nagaadhaan dhaqi” isaan jedhe. Innis kaʼee gara Kebroon dhaqe.

10 Yeroo kanatti Abishaalom, “Sagalee xurumbaa akkuma dhageessaniin, ‘Abishaalom Kebroon keessatti mootii taʼeera!’+ jedhaatii labsaa” jedhee gosoota Israaʼel hundumaa gidduutti basaastota erge. 11 Yeroo kanatti namoonni 200 Yerusaalemii baʼanii Abishaalomii wajjin achi deemanii turan; namoonni affeeramanii deeman kun wanta taʼaa jiru ilaalchisee wanta shakkanii fi wanta beekan hin qaban turan. 12 Kana malees, Abishaalom yommuu aarsaawwan dhiheessetti, Ahitoofel+ Giloonicha isa gorsituu+ Daawit taʼetti nama ergee magaalaa isaa Giloon+ keessaa isa waamsise. Dabni Abishaalom qopheesse ittuma cimaa deeme; namoonni Abishaalomiin deggeranis lakkoofsi isaanii baayʼachaa deeme.+

13 Boodas namni tokko gara Daawit dhufee, “Garaan namoota Israaʼel gara Abishaalomitti jalʼateera” jedhee isatti hime. 14 Daawitis yeruma sana tajaajiltoota isaa warra isaa wajjin Yerusaalem keessa jiran hundumaatiin, “Tokkoon keenya illee Abishaalom jalaa miliquu waan hin dandeenyeef, kaʼaa, haa baqannu!+ Inni dafee nu bira gaʼee nu balleessuu fi magaalattiis goraadeedhaan rukutuu waan dandaʼuuf dafaa haa baqannu!”+ jedhe. 15 Tajaajiltoonni mootichaas, “Tajaajiltoonni kee wanta gooftaan keenya mootichi murteesse hundumaa gochuuf qophaaʼoo dha” jedhanii mootichaaf deebisan.+ 16 Kanaafuu, mootichi guutummaa maatii isaa of duukaa buusee baʼee deeme; haa taʼu malee, mootichi manicha* akka eeganiif saajjatoota+ kudhan achumatti hambise. 17 Mootichis namoota hundumaa of duukaa buusee deeme; isaanis yommuu Beet Merhaaq gaʼan ni dhaabbatan.

18 Tajaajiltoonni isaa warri isa duukaa baʼan* hundi, Kereetonni, Pheleetonnii+ fi namoonni Gaat+ 600n warri Gaatii+ baʼanii isa duukaa buʼan hundi mootichi utuu isaan ilaaluu isa* dura darbu turan. 19 Achiis mootichi Iitaay+ isa nama Gaat taʼeen akkana jedhe: “Ati maaliif nuu wajjin deemta? Ati nama biyya ormaa fi nama biyya isaatii baqate waan taateef, deebiʼiitii mootii isa haaraa wajjin jiraadhu. 20 Ati kaleessa dhufte; harʼa immoo bakka ani dhaqu hundumaatti anaa wajjin akka joortu gochuun qabaa? Obboloota kee fudhadhuutii deebiʼi; Yihowaan jaalala amanamaa fi amanamummaa sitti haa argisiisu!”+ 21 Iitaay garuu, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen, akkasumas lubbuu gooftaa koo mootichaa isa jiraataadhaan nan kakadha, bakka gooftaan koo mootichi taʼu hundumaa tajaajilaan kees achi ni taʼa; ani sii wajjin duʼuuf illee qophaaʼaa dha!” jedhee mootichaaf deebise.+ 22 Yeroo kanatti Daawit Iitaayiin,+ “Dhaqi, gamatti ceʼi” jedhe. Kanaafuu, Iitaay inni nama Gaat taʼe namoota isaa fi ijoollee isaanii hundumaa wajjin gamatti ni ceʼe.

23 Yommuu namoonni kun hundi gamatti ceʼanis, namoonni biyyattii keessa jiran hundi sagalee isaanii ol kaasanii booʼu turan; mootichis Sulula Qedroon+ bira dhaabbachaa ture; namoonni hundis daandii gara lafa onaatti geessutti ceʼu turan. 24 Saadoqis+ yeroo kanatti achi ture; Leewwonni+ taabota+ Waaqa dhugaa baatan+ hundis isaa wajjin turan; isaanis Taabota Waaqa dhugaa lafa kaaʼan; namoonni sun hundi magaalattiidhaa baʼanii yommuu gamatti ceʼan, Abiyaataaris+ achitti ol baʼe. 25 Mootichi garuu Saadoqiin akkana jedhe: “Taabota Waaqa dhugaa gara magaalattiitti deebisi.+ Yihowaa duratti fudhatama yoon argadhe, inni achitti na deebisee Taabotichaa fi bakka Taabotichi jiraatu akkan argu ni godha.+ 26 Inni, ‘Ani sitti hin gammanne’ yoo naan jedhe garuu, wanta gaarii fakkaatee itti mulʼate hundumaa ana irratti haa godhu.” 27 Mootichis Saadoq lubichaan akkana jedhe: “Ati nama mulʼata argu mitii?+ Nagaadhaan gara magaalattiitti deebiʼi; ilmaan keessan lamaan, jechuunis Ahimaʼaaz ilma kee fi Yonaataan+ ilma Abiyaataariin fudhadhuutii deebiʼi. 28 Ani hanga isin biraa ergaan naaf dhufutti malkaa lafa onaa keessatti argamu bira nan tura.”+ 29 Kanaafuu, Saadoqii fi Abiyaataar Taabota Waaqa dhugaa fuudhanii Yerusaalemitti deebisan; isaanis achumatti hafan.

30 Daawit yeroo Gaara* Ejersaatti+ ol baʼu booʼaa ture; inni mataa isaa haguuggatee miila duwwaa deema ture. Namoonni isaa wajjin turan hundis mataa isaanii haguuggatanii booʼaa ol baʼu turan. 31 Namoonni, “Ahitoofelis warra Abishaalomii+ wajjin sitti malan+ keessaa tokko dha” jedhanii Daawititti himan. Yeroo kanatti Daawit, “Yaa Yihowaa,+ maaloo, gorsa Ahitoofel gara gowwummaatti+ jijjiiri!” jedhe.

32 Daawit gara fiixee gaarichaa bakka uummatichi yeroo baayʼee Waaqayyoof itti sagadu yommuu dhufu, Hushaay+ Arkichi+ uffata isaa tarsaasee, mataa isaa irrattis biyyoo firfirsee isa argachuuf achitti isa eega ture. 33 Haa taʼu malee, Daawit akkana isaan jedhe: “Ati anaa wajjin yoo ceete, baʼaa natti taata. 34 Garuu gara magaalattiitti deebitee Abishaalomiin, ‘Yaa Mootii, ani tajaajilaa kee ti. Ani kanaan dura tajaajilaa abbaa keetiin ture; amma garuu ani tajaajilaa kee ti’+ yoo jette, gorsa Ahitoofel naa fashaleessuu dandeessa.+ 35 Saadoqii fi Abiyaataar warri luboota taʼan sii wajjin achi jiru mitii? Wanta mana mootichaatii dhageessu hundumaa Saadoqii fi Abiyaataar warra luboota taʼanitti himi.+ 36 Kunoo, ilmaan isaanii lamaan, jechuunis Ahimaʼaaz+ ilmi Saadoqii fi Yonaataan+ ilmi Abiyaataar isaanii wajjin achi jiru; wanta dhageessu hundumaa karaa isaanii natti ergi.” 37 Kanaafuu, akkuma Abishaalom Yerusaalemitti seeneen, Hushaay michuun Daawit*+ gara magaalattii dhaqe.

16 Daawit fiixee gaarichaa+ irraa xinnuma akka siqeen Ziibaan+ tajaajilaan Mefibosheet+ daabboo 200, bixxillee zabiibii 100, bixxillee firii bonaa* 100 fi daadhii wayinii hubboo* guddaa tokko harroota lamatti feʼee isa argachuuf achitti isa eegaa ture.+ 2 Achiis mootichi, “Wantoota kana kan fidde maaliifi?” jedhee Ziibaa gaafate. Ziibaanis deebisee, “Harroota kana maatiin mootichaa akka irra taaʼaniif, daabboo fi firii bonaa kana dargaggoonni akka nyaataniif, daadhii wayinii kana immoo warri lafa onaa keessatti dadhaban akka dhuganiifan fide” isaan jedhe.+ 3 Mootichis yeroo kanatti, “Ilmi* gooftaa keetii eessa jira?” jedhee isa gaafate.+ Ziibaanis, “Inni, ‘Harʼa manni Israaʼel, mootummaa abbaa koo deebisee anaaf ni kenna’ jedhee waan yaadeef, Yerusaalem keessatti hafeera” jedhee mootichaaf deebise.+ 4 Mootichis Ziibaadhaan, “Kunoo, wanti kan Mefibosheet taʼe hundi kan kee ti” jedhe.+ Ziibaanis deebisee, “Ani si duratti nan sagada. Yaa gooftaa koo yaa mootii, si duratti fudhatama akkan argadhu godhi” isaan jedhe.+

5 Daawit yommuu Baahuriim gaʼu, maatii Saaʼol keessaa kan taʼe Shimeʼiin+ ilmi Geeraa gad baʼee Daawitiin abaaraa gara isaatti dhihaate.+ 6 Inni Daawititti, tajaajiltoota Daawit hundumaatti, akkasumas loltoota isaa fi namoota jajjaboo karaa mirga isaa fi karaa bitaa isaa jiran hundumaatti dhagaa darbata ture. 7 Shimeʼiin akkana jedhee isa abaara ture: “Baʼi asii, baʼi, ati yaa nama dhiigaa nana! Ati yaa nama gatii hin qabne nana! 8 Ati maatii Saaʼol waan fixxeef, akkasumas mootummicha isa irraa waan fudhatteef, Yihowaan akka hojii keetti siif deebiseera. Kanaafuu, Yihowaan mootummicha ilma kee Abishaalomiif kenneera. Ati nama dhiigaa waan taateef, kunoo amma rakkinni guddaan si irra gaʼaa jira!”+

9 Yeroo kanatti Abishaay ilmi Zeruuyaa+ mootichaan, “Saree duʼaan+ kun gooftaa koo mooticha kan abaaru maaliifi?+ Maaloo, dhaqeen mataa isaa irraa mura”+ jedhe. 10 Mootichi garuu akkana jedhe: “Isin ilmaan Zeruuyaa dhimma koo keessa maaltu isin galche?+ Na haa abaaru;+ Yihowaatu, ‘Daawitiin abaari!’ isaan jedhe.+ Maarree eenyutu, ‘Maaliif akkana goota?’ isaan jechuu dandaʼa?” 11 Achiis Daawit, Abishaayii fi tajaajiltoota isaa hundumaatiin akkana jedhe: “Kunoo, ilmi koo inni foon koo taʼe illee lubbuu koo balleessuu barbaada erga taʼee,+ namichi Biiniyaam+ kun immoo kana caalaa gochuu hin barbaaduu ree? Yihowaan akka na abaaru waan isatti himeef, dhiisaa na haa abaaru! 12 Tarii Yihowaan miidhamuu koo ilaalee,+ bakka abaarsa harʼa na irra gaʼaa jiru kanaa, Yihowaan wanta gaarii naaf godha taʼa.”+ 13 Daawitii fi namoonni isaa karicha qabatanii gad buʼuu isaanii itti fufan; Shimeʼiinis gaaricha qarqara Daawit cinaa deemee isa abaaraa,+ dhagaa itti darbachaa fi awwaara itti bittinneessaa ture.

14 Boodas mootichii fi namoonni isaa wajjin turan hundi bakka barbaadan yommuu gaʼan dadhabanii waan turaniif ni boqotan.

15 Kana gidduutti Abishaalomii fi namoonni Israaʼel hundi Yerusaalem gaʼan; Ahitoofelis+ isaa wajjin ture. 16 Hushaay+ Arkichi+ michuun Daawit* gara Abishaalomitti seenee, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu!+ Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” isaan jedhe. 17 Yeroo kanatti Abishaalom Hushaayiin, “Jaalalli amanamaan ati michuu keetti argisiistu kanaa? Michuu kee wajjin kan hin deemne maaliifi?” jedhe. 18 Yeroo kanatti Hushaay Abishaalomiin akkana jedhe: “Lakki, ani isa Yihowaan, isa namoonni kunii fi isa namoonni Israaʼel hundi filatan cinaan dhaabbadha. Ani isaa wajjinan taaʼa. 19 Ammas irra deebiʼeen dubbadha: Tajaajiluu kanan qabu eenyuuni? Ilma isaa mitii? Akkuman abbaa kee tajaajile, siinis nan tajaajila.”+

20 Yeroo kanatti, Abishaalom Ahitoofeliin, “Mee gorsa naa kenni.+ Maal gochuu qabna?” jedhe. 21 Ahitoofelis Abishaalomiin akkana jedhe: “Saajjatoota abbaa keetii warra inni akka mana* eeganiif dhiisee deemee+ wajjin saalqunnamtii raawwadhu.+ Achiis guutummaan Israaʼel abbaan kee akka waan xiraaʼaatti akka si ilaalu gochuu kee ni dhagaʼa; warri si deggeranis humna ni argatu.” 22 Kanaafuu, isaan baaxii manichaa+ irratti Abishaalomiif dunkaana ni dhaaban; innis ija guutummaa Israaʼel duratti+ saajjatoota abbaa isaa wajjin saalqunnamtii raawwate.+

23 Bara sanatti gorsi Ahitoofel+ kennu, akka dubbii Waaqa dhugaatti* ilaalama ture. Gorsi Ahitoofel kennu hundi Daawit birattis taʼe Abishaalom biratti bakka guddaa qaba ture.

17 Achiis Ahitoofel Abishaalomiin akkana jedhe: “Maaloo, namoota 12,000 filadhee kaʼeen harʼa galgala Daawitiin ariʼa. 2 Ani yommuu inni bututee fi humna dhabee* jirutti tasa isatti nan baʼa;+ achiis isa nan naasisa; namoonni isaa wajjin jiran hundis ni baqatu; anis mooticha qofa nan rukuta.+ 3 Achiis namoota hundumaa gara keetti nan deebisa. Namoonni hundi gara keetti deebiʼuun isaanii, wanta namicha ati barbaaddu sana irra gaʼu irratti kan hundaaʼe dha. Sana booda namoonni hundi nagaadhaan ni jiraatu.” 4 Yaanni kun Abishaalomii fi jaarsolii Israaʼel hundumaa duratti baʼeessa taʼee argame.

5 Haa taʼu malee Abishaalom, “Maaloo, Hushaay+ Arkichas waamaatii wanta inni jedhus haa dhageenyu” jedhe. 6 Kanaafuu, Hushaay gara Abishaalomitti ol seene. Abishaalomis, “Ahitoofel gorsa akkana akkana jedhu kenneera. Gorsa isaa kana hojii irra oolchinuu? Taʼuu baannaan, yaada kee nutti himi” isaan jedhe. 7 Yeroo kanatti Hushaay Abishaalomiin, “Yeroo kanatti gorsi Ahitoofel kenne kun gaarii miti!” jedhe.+

8 Hushaay itti fufuudhaan akkana jedhe: “Abbaan kee fi namoonni isaa jajjaboo+ akka taʼan, akkasumas akka amaaketa ilmooleen ishii dirree keessatti jalaa badaniitti+ baayʼee aaruu isaanii* akka gaariitti beekta. Kana malees, abbaan kee nama waraana+ beeku dha; halkanis namoota isaa wajjin hin bulu. 9 Yoona holqa* tokko keessa yookiin iddoo kan biraa dhokateera;+ inni dursee yoo nu rukute, warri kana dhagaʼan, ‘Namoonni Abishaalom duukaa buʼan moʼamaniiru!’ jedhanii odeessu. 10 Guutummaan Israaʼel abbaan kee nama jabaa+ akka taʼee fi warri isaa wajjin jiranis onnatoo akka taʼan waan beekuuf, namni onnee akka leencaa+ taʼe qabu illee sodaatee bishaan taʼa. 11 Ani gorsa kanan siif kenna: Daanii jalqabee hamma Ber Sheebaatti+ guutummaan Israaʼel akka cirracha qarqara galaanaatti baayʼatanii+ si biratti walitti haa qabaman; atis gara waraanichaatti isaan geggeessi. 12 Eessatti iyyuu yoo isa arganne, akka fixeensa lafa irra buʼuutti tasa isa rukunna; innis taʼe namoonni isaa wajjin jiran tokkoon isaanii illee lubbuudhaan hin oolan. 13 Gara magaalaa tokkootti yoo baqate, Israaʼelonni hundi wadaroo qabatanii gara magaalaa sanaatti deemuudhaan, dhagaa xinnoo tokko illee utuu hin hambisin magaalattii harkisnee sulula keessatti gatna.”

14 Achiis Abishaalomii fi namoonni Israaʼel hundi, “Gorsa Ahitoofel mannaa, gorsa Hushaay Arkichaa wayya!” jedhan.+ Kunis kan taʼe, Yihowaan Abishaalom irratti badiisa fiduuf jecha, Yihowaan gorsa Ahitoofel+ isa gaarii busheessuuf waan murteesseef* ture.+

15 Boodas Hushaay Saadoqii fi Abiyaataar+ warra luboota taʼaniin akkana jedhe: “Ahitoofel akkana akkana jedhee Abishaalomii fi jaarsolii Israaʼel gorseera; ani immoo gorsa akkana akkana jedhu kenneera. 16 Amma hatattamaan Daawititti dhaamsa ergaatii, ‘Harʼa galgala malkaawwan* lafa onaa keessa jiran keessa hin bulin; dafiitii gamatti ceʼi; taʼuu baannaan, mootichii fi namoonni isaa wajjin jiran hundi ni balleeffamu’* jedhaatii isa akeekkachiisaa.”+

17 Yonaataanii+ fi Ahimaʼaaz,+ namni akka isaan hin argine waan sodaataniif, magaalattiidhaa ala Een Rogeel+ keessa taaʼu turan; kanaafuu, tajaajiltuun takka deemtee isaanitti himte; isaanis dhimma kana Daawit Mootichatti himuuf deeman. 18 Haa taʼu malee, dargaggeessi tokko isaan argee Abishaalomitti hime. Kanaafuu, lamaan isaanii dafanii achii baʼanii gara mana namicha ganda Baahuriim+ keessa jiraatu tokkoo dhufan; namichis dallaa isaa keessatti boolla bishaanii qaba ture. Isaanis boollicha keessa ni seenan; 19 haati manaa namichaas boolla bishaanii sana irratti uffata diriirsitee midhaan hororame irratti afte; waaʼee kanaa namni beeku tokko illee hin jiru ture. 20 Tajaajiltoonni Abishaalomis gara mana ishii dhufanii, “Ahimaʼaazii fi Yonaataan eessa jiru?” jedhanii dubartittii gaafatan. Dubartittiinis, “Isaan asiin darbanii gara lagichaa dhaqaniiru” jettee isaaniif deebiste.+ Namoonni sunis barbaadanii isaan dhaban; kanaafuu, gara Yerusaalemitti deebiʼan.

21 Namoonni sun erga deemanii booda, isaan boolla bishaanii sana keessaa baʼanii deemanii Daawit Mootichatti himan. Isaanis, “Ahitoofel si balleessuuf gorsa akkana akkana jedhu waan kenneef kaʼi, dafiitii lagicha gamatti ceʼi” isaan jedhan.+ 22 Daawitii fi namoonni isaa wajjin jiran hundis yeruma sana kaʼanii Yordaanosiin ceʼan. Yommuu lafti bariʼus namni utuu Yordaanosiin hin ceʼin hafe tokko illee hin turre.

23 Ahitoofel gorsi isaa fudhatama akka dhabe yommuu argu, harree isaa feʼatee gara mana isaa isa magaalaa inni keessa jiraatu keessatti argamuu dhaqe.+ Maatii isaatiif qajeelfama erga kennee+ boodas of fannise.*+ Inni akka kanaan ni duʼe; iddoo awwaalchaa abbootii isaattis ni awwaalame.

24 Kana gidduutti Daawit gara Mahaanaayim+ dhaqe; Abishaalom immoo namoota Israaʼel hundumaa wajjin Yordaanosiin ceʼe. 25 Abishaalom bakka Yoʼaab,+ Amaasaa+ ajajaa raayyaa waraanaa godhee muude; Amaasaan ilma Yitraa* isa nama Israaʼel taʼee fi Abigaayil+ ishii intala Nahaash taate sanaa ture; Abigaayil obboleettii Zeruuyaa yeroo taatu, Zeruuyaan immoo haadha Yoʼaab turte. 26 Israaʼelonnii fi Abishaalom biyya Giiliyaad+ keessa buufatan.

27 Daawit gara Mahaanaayim akkuma dhufeen, Shoobii ilmi Nahaash inni Raabaa+ ishii biyya Amoonotaatii dhufe, Maakiir+ ilmi Amiʼel inni biyya Loo Debaarii dhufee fi Baarzilaay+ Giiliyaadichi inni Rogeeliimii dhufe, 28 afata, saanii golboo, miʼa suphee irraa tolfame, qamadii, garbuu, daakuu, akaayii, baaqelaa, misira, asheeta waadamaa, 29 damma, dhadhaa, hoolaa fi baaduu* fidanii dhufan. Isaan Daawitii fi namoonni isaa wajjin jiran akka nyaataniif wantoota kana hundumaa kan fidan,+ “Namoonni sun lafa onaa keessatti beelaʼaniiru, dadhabaniiru, akkasumas dheebotaniiru” jedhanii waan yaadaniif ture.+

18 Achiis Daawit namoota isaa wajjin jiran ni lakkaaʼe; ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaas isaan irratti ni muude.+ 2 Achiis Daawit namoota harka sadii keessaa harka tokko ajaja* Yoʼaab+ jalatti, namoota harka sadii keessaa harka tokko ajaja Abishaay+ obboleessa Yoʼaab ilma Zeruuyaa+ jalatti, namoota harka sadii keessaa harka tokko immoo ajaja Iitaay+ isa nama Gaat taʼe jalatti ramadee erge. Achiis mootichi, “Anis isinii wajjin nan baʼa” isaaniin jedhe. 3 Isaan garuu, “Ati baʼuu hin qabdu;+ sababiin isaas, nuti yoo baqanne isaan waaʼee keenya dhimma hin qaban; walakkaan keenya yoo duune illee isaan waaʼee keenya dhimma hin qaban; ati garuu namoota keenya 10,000 irra iyyuu ni caalta.+ Kanaafuu, ati magaalattii keessa teessee gargaarsa yoo nuuf goote wayya” isaan jedhan. 4 Mootichis, “Wanta gaarii fakkaatee isinitti mulʼate akkamii iyyuu nan godha” isaaniin jedhe. Kanaafuu, mootichi karra magaalattii bira dhaabbate; namoonni sun hundis dhibba dhibbaa fi kuma kumaan taʼanii gad baʼan. 5 Achiis mootichi Yoʼaab, Abishaayii fi Iitaayiin, “Anaaf jedhaatii ilma koo Abishaalomitti gara laafina argisiisaa” jedhee ajaje.+ Mootichi Abishaalomiin ilaalchisee yommuu ajajjoota hundumaatiif ajaja kennu namoonni sun hundi ni dhagaʼan.

6 Namoonni sunis Israaʼelotaa wajjin wal waraanuuf gara dirreetti baʼan; waraanni sunis bosona Efreem keessatti ni raawwatame.+ 7 Achittis tajaajiltoonni Daawit namoota Israaʼel+ moʼan;+ guyyaa sanattis namoonni hedduun, jechuunis namoonni 20,000 ni dhuman. 8 Waraanichis guutummaa naannichaa keessatti ni babalʼate. Kana malees, guyyaa sanatti namoota goraadeedhaan dhuman irra, namoota bosona keessatti dhumantu caale.

9 Boodas Abishaalom tajaajiltoota Daawitii wajjin walitti dhufe. Abishaalom gaangee tokko irra taaʼee deema ture; gaangeen sunis muka guddaa damee gobbuu qabu jala yommuu darbitu, mukti guddaan sun rifeensa mataa isaa qabate; kanaan kan kaʼes, yommuu gaangeen sun isa jalaa deemtu inni qilleensa irratti* rarraʼee hafe. 10 Achiis namichi tokko kana argee, “Kunoo, Abishaalom muka guddaa tokko irratti rarraʼee isa argeera” jedhee Yoʼaabitti+ hime. 11 Yoʼaabis deebisee namicha wanta kana isatti himeen, “Isa argiteetta taanaan, yeruma sana rukuttee lafaan kan isa hin dhoofne maaliifi? Silaa meetii sheeqilii* kudhanii fi qabattoo tokko siifan kenna ture” jedhe. 12 Namichi garuu Yoʼaabiin akkana jedhe: “Mootichi siin, Abishaayii fi Iitaayiin, ‘Eenyuun keessan iyyuu, Abishaalom ilma koo akka hin miine of eeggadhaa’ jedhee yommuu isin ajaju waan dhageenyeef, meetii sheeqiliin 1,000 utuu naaf kennamee* illee, ani ilma mootichaa irratti harka koo kaasuu hin dandaʼu.+ 13 Ani ajajamuu dhiisee lubbuu isaa balleesseera* utuun taʼee, wanti kun matumaa mooticha jalaa dhokatee hin hafu; atis eegumsa naaf hin gootu.” 14 Yeroo kanatti Yoʼaab, “Ani kana caalaa sii wajjin yeroo hin gubu!” isaan jedhe. Kanaafuu, inni xiyya* sadii harka isaatti qabatee Abishaalom muka guddaa sana irratti rarraʼee utuu lubbuudhaan jiruu onnee isaa keessa baase. 15 Achiis tajaajiltoonni Yoʼaab kurnan warri meeshaa waraanaa isaaf baatan dhufanii hamma inni duʼutti Abishaalomiin rukutan.+ 16 Yoʼaab yeroo kanatti xurumbaa afuufe; namoonni sunis Israaʼelota ariʼuu dhiisanii deebiʼan; Yoʼaabis isaan dhowwe. 17 Isaanis Abishaalomiin fuudhanii boolla guddaa bosona keessatti argamu tokko keessatti darbatanii tuullaa dhagaa guddaa isa irra tuulan.+ Israaʼelonni hundis gara mana mana isaaniitti baqatan.

18 Abishaalom yommuu lubbuudhaan turetti, “Ilma maqaan koo ittiin yaadatamu hin qabu”+ jechuudhaan, siidaa tokko fudhatee Sulula* Mootichaa+ keessatti ofii isaatiif dhaabbatee ture. Kanaafuu, siidaa sana maqaa isaatiin moggaase; siidaan sun hanga guyyaa harʼaatti Siidaa Yaadannoo Abishaalom jedhamee waamama.

19 Ahimaʼaaz+ ilmi Saadoqis, “Yihowaan diinota isaa irraa bilisa isa baasuudhaan murtii haqaa waan isaaf kenneef, maaloo, fiigee dhaqeen oduu kana mootichatti hima” jedhe.+ 20 Yoʼaab garuu, “Guyyaa harʼaatti oduu kan himu si miti. Guyyaa kan biraa oduu himuu ni dandeessa; harʼa garuu kan duʼe ilma mootichaa waan taʼeef, oduu kana kan himu si miti” isaan jedhe.+ 21 Achiis Yoʼaab Kuushicha+ tokkoon, “Dhaqi, wanta argite mootichatti himi” jedhe. Yeroo kanatti Kuushichi sun Yoʼaabiif sagadee fiigaa deeme. 22 Ahimaʼaaz ilmi Saadoq ammas irra deebiʼee Yoʼaabiin, “Wanti fedhe haa dhufu, maaloo, anis Kuushicha duukaa buʼeen fiiga” jedhe. Yoʼaab garuu, “Yaa ilma koo, oduu himtu utuu hin qabaatin maaliif fiigda?” isaan jedhe. 23 Inni garuu ammas, “Wanti fedhe haa dhufu, nan fiiga” jedhe. Kanaafuu Yoʼaab, “Fiigi kaa!” isaan jedhe. Ahimaʼaazis daandii koonyaa Yordaanos* keessa darbu qabatee fiige; boodas Kuushicha bira darbee deeme.

24 Yeroo kanatti Daawit karrawwan magaalattii+ lamaan gidduu taaʼee ture; waardiyyaan+ sunis gara baaxii karrichaa isa dallaa wajjin wal qabatee ijaarametti ol baʼe. Ol jedhee yommuu ilaalus, namicha kophaa isaa fiigaa jiru tokko arge. 25 Kanaafuu, waardiyyaan sun sagalee isaa ol kaasee mootichatti hime. Mootichis, “Inni kophaa isaa yoo taʼe, oduu himu qaba jechuu dha” jedhe. Namichi yommuu itti dhihaachaa dhufus, 26 waardiyyaan sun namni kan biraan yommuu fiigu ni arge. Waardiyyaan sunis isa karra eegu sana waamee, “Kunoo, namni kan biraan kophaa isaa fiigaa dhufaa jira!” isaan jedhe. Mootichis, “Inni kunis oduu fidee dhufe jechuu dha” jedhe. 27 Waardiyyaan sunis, “Namichi inni duraa akka Ahimaʼaaz+ ilma Saadoqitti fiiga” jedhe; yeroo kanatti mootichi, “Inni nama gaarii waan taʼeef, oduu gaarii fidee dhufaa jira” jedhe. 28 Ahimaʼaazis mooticha waamee, “Wanti hundi nagaa dha!” jedhe. Innis adda isaatiin lafatti gombifamee mootichaaf sagade. Achiis, “Waaqni kee Yihowaan, inni namoota gooftaa koo mooticha irratti fincila kaasan harka keetti dabarsee kenne haa jajamu!”+ jedhe.

29 Haa taʼu malee mootichi, “Ilmi koo Abishaalom nagaa dhaa?” jedhee isa gaafate. Yeroo kanatti Ahimaʼaaz, “Yoʼaab tajaajilaa mootichaa fi anaan tajaajilaa kee yommuu ergu, jeequmsi guddaan akka ture argeera; maal akka taʼe garuu ani hin beekne”+ jedhe. 30 Kanaafuu mootichi, “Garana goriitii as dhaabbadhu” isaan jedhe. Innis garasitti goree achi dhaabbate.

31 Sana boodas Kuushichi achi gaʼe;+ innis, “Gooftaan koo mootichi oduu kana haa dhagaʼu: Harʼa Yihowaan harka warra si irratti fincila kaasan hundumaa jalaa bilisa si baasuudhaan murtii haqaa siif kenneera”+ isaan jedhe. 32 Mootichi garuu, “Ilmi koo Abishaalom nagaa dhaa?” jedhee Kuushicha gaafate. Kuushichis, “Diinonni gooftaa koo mootichaa hundii fi namoonni si miidhuuf si irratti fincila kaasan hundi akkuma dargaggeessa sanaa haa taʼan!”+ jedhe.

33 Kunis mooticha ni jeeqe; innis gara kutaa baaxii karra dallichaa irra jiruutti ol baʼee booʼe; asii fi achi deemaas, “Yaa Abishaalom ilma koo, ilma koo, Abishaalom ilma koo! Bakka kee utuun duʼeera taʼee, yaa ilma koo Abishaalom, ilma koo!”+ jedha ture.

19 Yoʼaabis, “Mootichi Abishaalomiif booʼaa fi gaddaa jira” oduu jedhu dhagaʼe.+ 2 Namoonni sun hundi mootichi ilma isaatiif gaddaa akka jiru waan dhagaʼaniif, injifannoon* guyyaa sanatti argame hunduma isaanii biratti gara gaddaatti jijjiirame. 3 Namoonni sunis akkuma namoota waraana irraa baqachuu isaaniitiin kan kaʼe qaanaʼaniitti, guyyaa sana hafuura dhokfatanii gara magaalattiitti deebiʼan.+ 4 Mootichis fuula isaa haguuggatee sagalee isaa ol kaasee, “Yaa ilma koo Abishaalom, Abishaalom ilma koo, ilma koo!” jedhee booʼa ture.+

5 Achiis Yoʼaab gara mooticha isa mana keessa jiruutti ol seenee akkana isaan jedhe: “Ati harʼa tajaajiltoota kee warra lubbuu kee, lubbuu ijoollee dhiiraa keetii,+ lubbuu ijoollee durbaa keetii,+ lubbuu haadhotii manaa keetii fi lubbuu saajjatoota keetii+ oolchan hundumaa qaanessiteetta. 6 Ati namoota si jibban ni jaallatta; namoota si jaallatan immoo ni jibbita; ajajjoonnii fi tajaajiltoonni kee siif homaa akka hin taane harʼa ifatti argisiisteetta; sababiin isaas, harʼa Abishaalom qofti oolee hundi keenya iyyuu utuu duuneerra taʼee akka gammaddu ani mirkanaaʼaa dha. 7 Amma kaʼi, gad baʼiitii tajaajiltoota kee jajjabeessi;* gad hin baatu taanaan garuu, maqaa Yihowaatiin nan kakadha, harʼa galgala namni tokko illee si biratti hin hafu. Kun immoo rakkina ijoollummaa keetii jalqabee hamma ammaatti si irra gaʼe hundumaa irra kan caalu taʼa.” 8 Kanaafuu, mootichi kaʼee karra magaalattii bira taaʼe; namoonni sun hundis, “Amma mootichi karricha bira taaʼeera” oduu jedhu dhagaʼan. Achiis namoonni sun hundi gara mootichaa dhufan.

Israaʼelonni garuu baqatanii gara mana mana isaanii deemanii turan.+ 9 Namoonni gosoota Israaʼel hundumaa keessa jiran hundi akkana jedhanii wal falmu turan: “Mootichi diinota keenya irraa nu oolcheera;+ Filisxeemota jalaas nu oolcheera; amma garuu sababii Abishaalomiin biyyattiidhaa baqateera.+ 10 Abishaalom inni mootii keenya akka taʼuuf dibnes+ waraana irratti duʼeera.+ Maarree isin, mooticha deebistanii fiduuf homaa utuu hin godhin kan haftan maaliifi?”

11 Daawit Mootichis Saadoqii+ fi Abiyaataar+ warra luboota taʼanitti ergaa akkana jedhu erge: “Akkana jedhaatii jaarsolii Yihudaatti+ himaa: ‘Wanti Israaʼelonni hundi dubbatan mooticha mana isaa keessa jiru bira gaʼee utuu jiruu, isin mooticha gara mana isaatti deebisuuf warra dhumaa kan taatan maaliifi? 12 Isin obboloota koo ti; isin lafee koo ti; foon koo tis.* Maarree, mooticha deebistanii fiduudhaaf warra dhumaa kan taatan maaliifi?’ 13 Amaasaadhaan+ immoo, ‘Ati lafee koo fi foon koo mitii? Kanaafuu, ati ammaa jalqabee bakka Yoʼaab+ buutee ajajaa raayyaa waraanaa kootii yoo taʼuu baatte, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu’ isaan jedhaa.”

14 Inni akka kanaan garaa namoota Yihudaa hundumaa akkuma nama tokkootti waan boojiʼeef* isaan, “Atii fi tajaajiltoonni kee hundi deebiʼaa kottaa” jedhanii mootichatti dhaaman.

15 Mootichis deebiʼuuf karaa jalqabee Yordaanos gaʼe; namoonni Yihudaas mooticha simachuu fi gara Yordaanos gamaatti isa geggeessuuf gara Gilgaalitti+ dhufan. 16 Achiis Shimeʼiin+ ilmi Geeraa namni gosa Biiniyaam inni ganda Baahuriimii dhufe, namoota Yihudaa wajjin Daawit Mooticha simachuuf dafee gad buʼe; 17 namoonni 1,000 warri biyya Biiniyaamii dhufanis isaa wajjin jiru turan. Ziibaan+ inni tajaajilaa mana Saaʼol taʼes ilmaan isaa 15 fi tajaajiltoota isaa 20 wajjin dafee mooticha dursee gara Yordaanositti gad buʼe. 18 Innis* maatii mootichaa ceesisee fiduu fi wanta mootichi barbaadu hundumaa isaaf gochuuf malkaa sana ni ceʼe. Haa taʼu malee, Shimeʼiin ilmi Geeraa yommuu mootichi Yordaanosiin ceʼuuf jedhu fuula isaa duratti ni gombifame. 19 Mootichaanis akkana jedhe: “Gooftaan koo yakka koo natti hin lakkaaʼin; guyyaa gooftaan koo mootichi Yerusaalemii baʼetti balleessaa tajaajilaan kee hojjete hin yaadatin.+ Mootichi kana garaa isaatti hin qabatin; 20 sababiin isaas, ani tajaajilaan kee cubbuu hojjechuu koo akka gaariitti nan beeka; kanaan kan kaʼes, ani harʼa mana Yoseef hundumaa keessaa gooftaa koo mooticha simachuuf dursee gad buʼeera.”

21 Abishaay+ ilmi Zeruuyaas+ yeruma sana, “Shimeʼiin, isa Yihowaan dibe waan abaareef ajjeefamuu hin qabuu?” jedhe.+ 22 Daawit garuu, “Isin yaa ilmaan Zeruuyaa, harʼa anaan kan mormitan, dhimma kana keessa maaltu isin galchee ti?+ Harʼa Israaʼel keessatti namni ajjeefamuu qabaa? Ani deebiʼee Israaʼel irratti mootii kanan taʼe harʼa mitii?” jedhe. 23 Achiis mootichi Shimeʼiidhaan, “Ati hin duutu” jedhe. Sana boodas mootichi isaaf kakate.+

24 Mefibosheet+ ilmi ilma Saaʼolis mooticha simachuuf gad buʼe. Inni guyyaa mootichi deemee jalqabee hanga guyyaa inni nagaadhaan deebiʼee dhufeetti, miila isaa hin dhiqanne; areeda isaa hin haaddanne; uffata isaas hin miiccanne. 25 Inni mooticha simachuuf yommuu gara Yerusaalem* dhufetti mootichi, “Mefibosheet, anaa wajjin kan hin deemne maaliifi?” isaan jedhe. 26 Yeroo kanatti Mefibosheet akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo yaa mootii, tajaajilaan koo+ na gowwoomse. Ani tajaajilaan kee naafa+ waanan taʼeef, ‘Harree koo naa feʼaa; irra taaʼeen mootichaa wajjin deema’ jedheen ture. 27 Inni garuu gooftaa koo mooticha duratti maqaa tajaajilaa keetii balleesse.+ Haa taʼu malee, gooftaan koo mootichi akka maleekaa Waaqa dhugaa ti; kanaafuu, wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate hundumaa godhi. 28 Gooftaan koo mootichi guutummaa mana abbaa kootii irratti duʼa murteessuu dandaʼa ture; ati garuu tajaajilaan kee warra maaddii kee irraa nyaatan keessaa tokko akka taʼu gooteetta.+ Maarree, ani mootichi wanta kana caalu akka naaf godhu gaafachuuf mirga maaliin qaba?”

29 Mootichi garuu, “Maaliif irra deddeebitee waaʼee kanaa dubbatta? Atii fi Ziibaan maasicha akka hirattan murteesseera” isaan jedhe.+ 30 Yeroo kanatti Mefibosheet mootichaan, “Gooftaan koo mootichi baga nagaadhaan gara mana isaatti deebiʼe malee, inni hunduma isaa iyyuu haa fudhatu” jedhe.

31 Achiis Baarzilaay+ Giiliyaadichi mooticha gara laga Yordaanositti geggeessuuf Rogeeliim irraa gara Yordaanositti gad buʼe. 32 Baarzilaay nama umurii waggaa 80 yeroo taʼu, baayʼee dulloomee ture; inni baayʼee sooressa waan tureef, mootichi yommuu Mahaanaayim keessa jiraachaa turetti nyaata isaaf fidee ture.+ 33 Kanaafuu, mootichi Baarzilaayiin, “Anaa wajjin ceʼi; anis Yerusaalemitti nyaata siif nan kenna” jedhe.+ 34 Baarzilaay garuu mootichaan akkana jedhe: “Mootichaa wajjin gara Yerusaalemitti kanan ol baʼu, kana booda guyyaa* meeqan jiraadha jedheetani? 35 Ani amma nama umurii waggaa 80 ti.+ Gaarii fi hamaa gargar baasuu nan dandaʼaa? Ani tajaajilaan kee wantan nyaadhuu fi wantan dhugu dhandhamachuu nan dandaʼaa? Ani kana booda sagalee weellistoota dhiiraa fi durbaa dhagaʼuu nan dandaʼaa?+ Maarree, ani tajaajilaan kee gooftaa koo mootichatti baʼaa dabalataa kanan taʼu maaliifi? 36 Ani tajaajilaan kee, mooticha hamma Yordaanositti geggeessuu yoon dandaʼe gaʼaa dha. Mootichi gatii akkasii kan naaf deebisu maaliifi? 37 Maaloo, ani tajaajilaan kee deebiʼee, magaalaa koo keessatti iddoo awwaalchaa abbaa koo fi haadha tiyyaa biratti nan duʼa.+ Haa taʼu malee, tajaajilaan kee Kimhaam+ kunoo ti. Inni gooftaa koo mootichaa wajjin haa ceʼu; atis wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate isaaf gochuu dandeessa.”

38 Kanaafuu mootichi, “Kimhaam anaa wajjin ceʼa; anis wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate isaaf nan godha; siifis wanta na gaafatte hundumaa nan godha” isaan jedhe. 39 Namoonni sun hundis Yordaanosiin ceʼuu jalqaban; mootichis yommuu ceʼuuf jedhu Baarzilaayiin ni dhungate,+ akkasumas isa eebbise; Baarzilaayis gara mana isaatti deebiʼe. 40 Mootichi yommuu gara Gilgaalitti+ ceʼu, Kimhaamis isaa wajjin ni ceʼe. Namoonni Yihudaa hundii fi walakkaan namoota Israaʼel mooticha ni ceesisan.+

41 Achiis namoonni Israaʼel hundi gara mootichaa dhufanii, “Namoonni Yihudaa warri obboloota keenya taʼan dhoksaatti si fudhatanii, mooticha, maatii isaa fi namoota isaa hundumaa Yordaanosiin kan ceesisan maaliifi?” isaan jedhan.+ 42 Namoonni Yihudaa hundis, “Kana kan goone mootichi fira keenya waan taʼeefi.+ Maarree, kun kan isin aarse maaliifi? Baasii mootichaatiin wanta nyaanne qabnaa? Moo kennaan nuuf kennameera?” jedhanii namoota Israaʼeliif deebisan.

43 Haa taʼu malee, namoonni Israaʼel, “Nuti gosa kudhan waan taaneef, isin caalaa Daawit irratti mirga qabna. Maarree maaliif nu tuffattan? Mootii keenya deebisuuf nuti warra jalqabaa taʼuu hin qabnu turree?” jedhanii namoota Yihudaatiif deebisan. Haa taʼu malee, wanti namoonni Yihudaa dubbatan, wanta namoonni Israaʼel dubbatan irra caalee argame.*

20 Yeroo kanatti ilma Bikrii kan taʼe, namni rakkisaan Sheebaa+ jedhamu tokko jira ture; inni nama gosa Biiniyaam ture. Inni xurumbaa afuufee,+ “Nuti Daawit biraa qooda hin qabnu; ilma Issey biraas dhaala hin qabnu.+ Yaa Israaʼel, tokkoon tokkoon kee gara waaqa waaqa* keetti deebiʼi!” jedhe.+ 2 Yeroo kanatti namoonni Israaʼel hundi Daawit duukaa buʼuu dhiisanii, Sheebaa ilma Bikrii duukaa buʼan;+ namoonni Yihudaa garuu mootichatti maxxananii Yordaanosii jalqabee hanga Yerusaalemitti isaa wajjin deeman.+

3 Daawit gara mana* isaa isa Yerusaalemitti argamutti+ yommuu dhufu, mootichi saajjatoota isaa kurnan akka mana isaa eeganiif achitti dhiisee+ ture sana fuudhee mana eegamu tokko keessa isaan kaaʼe. Inni nyaata isaaniif kennaa kan ture taʼus, isaanii wajjin saalqunnamtii hin raawwanne.+ Hamma guyyaa itti duʼanittis adda baafamanii mana tokko keessa jiraatan; isaan abbaa manaa lubbuudhaan jiru kan qaban taʼus, akka dubartoota abbaan manaa irraa duʼetti jiraatan.

4 Mootichis Amaasaadhaan,+ “Guyyaa sadii keessatti namoota Yihudaa walitti naaf qabi; atis asitti argamuu qabda” jedhe. 5 Kanaafuu, Amaasaan namoota Yihudaa walitti qabuuf ni deeme; haa taʼu malee, guyyaa isaaf kenname dabarsee dhufe. 6 Achiis Daawit Abishaayiin,+ “Sheebaan+ ilmi Bikrii Abishaalom caalaa miidhaa nu irraan gaʼuu dandaʼa.+ Inni magaalota dallaa dhagaa qaban argatee akka nu jalaa hin miliqnetti, tajaajiltoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ariʼi” jedhe. 7 Kanaafuu, namoonni Yoʼaab,+ akkasumas Kereetonni, Pheleetonnii+ fi namoonni jajjaboo taʼan hundi isa duukaa buʼan; Sheebaa ilma Bikrii ariʼuufis Yerusaalemii ni baʼan. 8 Dhagaa guddaa Gibeʼon+ keessatti argamu bira yommuu gaʼanis Amaasaan+ isaan simachuu dhufe. Yeroo kanatti Yoʼaab uffata waraanaa isaa uffatee, goraadee manʼee isaa keessa jirus mudhii isaatti hidhatee ture. Yommuu fuulduratti tarkaanfatus goraadeen sun manʼee isaa keessaa ni kufe.

9 Yoʼaabis Amaasaadhaan, “Yaa obboleessa koo, fayyaa dhaa?” jedhe. Achiis Yoʼaab kan isa dhungatu fakkeessee harka isaa mirgaatiin areeda Amaasaa qabate. 10 Amaasaan goraadee harka Yoʼaab irra ture irraa of hin eegganne; Yoʼaabis goraadee sanaan garaa isaa waraane;+ marʼimaan isaas lafatti jige. Irra deebiʼee isa waraanuun isa hin barbaachisne; siʼuma tokko waraanee isa ajjeese. Achiis Yoʼaabii fi obboleessi isaa Abishaay Sheebaa ilma Bikrii ariʼuu isaanii itti fufan.

11 Dargaggoota Yoʼaab keessaa tokko isa bira dhaabbatee, “Namni Yoʼaab cinaa dhaabbatuu fi namni kan Daawit taʼe kam iyyuu, Yoʼaab duukaa haa buʼu!” jedha ture. 12 Yeroo kanatti Amaasaan karaa walakkaa irra dhiiga isaa keessa ciisee dhidhiittata ture. Namichis, namoonni hundi yommuu achi gaʼan akka dhaabbatan argee Amaasaa karicha irraa gara maddiitti siqse. Achiis uffata tokko isa irra buuse; kanas kan godhe, namoonni hundi yommuu isa bira gaʼan akka dhaabbatan waan argeef ture. 13 Inni karaa irraa achi erga isa siqsee booda, namoonni hundi Sheebaa+ ilma Bikrii ariʼuuf Yoʼaab duukaa buʼan.

14 Sheebaanis gosoota Israaʼel hundumaa keessa darbee gara Abeel ishii Beet Maʼaakaa+ dhaqe. Bikroonnis walitti qabamanii isa duukaa buʼanii achi seenan.

15 Yoʼaabii fi namoonni isaas* dhufanii Abeel ishii Beet Maʼaakaatti isatti marsan; magaalattiitti naannessaniis biyyoo tuulan; magaalattiinis tuullaa biyyoo sana gidduu galte. Namoonni Yoʼaabii wajjin turan hundis dallaa magaalattii jigsuuf jala ishii ni qotu turan. 16 Dubartiin ogeettii taate tokkos dallaa magaalattii irraan isaan waamtee, “Dhagaʼaa, namoota nana, dhagaʼaa! Maaloo, ‘As kottu, sin mariisisa’ jedhaatii Yoʼaabitti himaa” isaaniin jette. 17 Kanaafuu, inni gara ishiitti ni dhihaate; dubartittiinis, “Ati Yoʼaabii?” isaan jette. Innis deebisee, “Eeyyee” ishiidhaan jedhe. Yeroo kanatti, “Wanta tajaajiltuun tee dubbattu dhaggeeffadhu” isaan jette. Innis, “Tole nan dhaggeeffadha” ishiidhaan jedhe. 18 Ishiinis itti fufuudhaan akkana jette: “Bara duriitti namoonni, ‘Magaalaa Abeel keessaa haa gaafatan;’ rakkinni isaaniis furmaata ni argata jedhu turan. 19 Ani namoota Israaʼel warra naga qabeeyyii fi amanamoo taʼanan bakka buʼa. Ati Israaʼel keessatti magaalaa akka haadhaa taate balleessuu barbaadda. Dhaala Yihowaa kan balleessitu* maaliifi?”+ 20 Yoʼaabis akkana jedhee deebise: “Magaalattii balleessuu fi barbadeessuun anaaf wanta hin yaadamne dha. 21 Dhimmi isaa matumaa akkana miti. Kanaa mannaa, ilmi Bikrii inni naannoo gaarotaa Efreem+ irraa dhufee fi Sheebaa+ jedhamu tokko Daawit Mooticha irratti fincila* kaaseera. Isin namicha kana qofa harka kootti dabarsitanii yoo kennitan, ani magaalattii dhiisee nan deema.” Achiis dubartittiin Yoʼaabiin, “Kunoo, mataan isaa dallaa irraan siif darbatama!” jette.

22 Dubartii ogeettiin sunis yeruma sana gara namoota sana hundumaa ni dhaqxe; isaanis, mataa Sheebaa ilma Bikrii isa irraa muranii Yoʼaabiif ni darbatan. Yeroo kanatti inni xurumbaa afuufe; isaanis magaalattii irraa dachaʼanii gara mana mana isaaniitti deebiʼan;+ Yoʼaabis gara Yerusaalem gara mootichaatti deebiʼe.

23 Yoʼaab raayyaa waraanaa Israaʼel hundumaa irratti ajajaa ture;+ Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa+ immoo Kereetotaa fi Pheleetota+ irratti aangoo qaba ture. 24 Adoraam+ warra hojii dirqamaa akka hojjetaniif filataman irratti aangoo qaba ture; Yoshaafaax+ ilmi Ahiluud immoo barreessaa seenaa ture. 25 Sheewaan barreessaa ture; Saadoqii+ fi Abiyaataar+ immoo luboota turan. 26 Kana malees, Iiraan Yaaʼirichi itti gaafatamaa ol aanaa* taʼee Daawitiin tajaajila ture.

21 Bara Daawititti waggaa sadiif walitti aansee beelli ni taʼe;+ kanaafuu, Daawit Yihowaa ni gaafate; Yihowaanis, “Inni Gibeʼonota waan ajjeeseef, Saaʼolii fi manni isaa dhiiga dhangalaasuudhaan itti gaafatamu” jedhe.+ 2 Kanaafuu, mootichi Gibeʼonota waamee isaanii wajjin mariʼate. (Gibeʼononni+ Israaʼelota utuu hin taʼin, warra Amoorota+ irraa hafan turan; Israaʼelonnis akka isaan hin balleessine isaaniif kakatanii turan;+ Saaʼol garuu hinaaffaa saba Israaʼelii fi saba Yihudaatiif qabu irraan kan kaʼe isaan balleessuu barbaadee ture.) 3 Daawitis Gibeʼonotaan, “Isin dhaala Yihowaa akka eebbistaniif, ani maal isiniif godhu? Araara uumuuf maal gochuun dandaʼa?” jedhe. 4 Gibeʼononnis, “Saaʼolii fi maatii isaa wajjin haala wal qabateen, nuti meetiis taʼe warqii hin barbaannu;+ Israaʼel keessattis eenyuun iyyuu ajjeesuuf mirga hin qabnu” isaan jedhan. Yeroo kanatti inni, “Wanta isin jettan kam iyyuu isiniif nan godha” isaaniin jedhe. 5 Isaanis mootichaan akkana jedhan: “Ijoollee namicha haxaaʼee nu balleessuuf yaalii godhee fi naannoo Israaʼel keessa eessa iyyuu akka hin jiraanne nu fixuuf nu irratti malate sanaa keessaa,+ 6 ilmaan isaa torba nuuf haa kennaman. Nutis reeffa isaanii Gibeʼaa+ ishii biyya Saaʼol isa Yihowaan filate+ sanaa taate keessatti Yihowaa duratti ni fannisna.”*+ Mootichis, “Ani isaaniin dabarsee isinitti nan kenna” isaaniin jedhe.

7 Haa taʼu malee, kakaa Daawitii fi Yonaataan ilma Saaʼol gidduutti Yihowaa duratti galameen+ kan kaʼe, mootichi Mefibosheet+ ilma Yonaataan ilma Saaʼolitti gara laafina ni argisiise. 8 Kanaafuu, mootichi Armoonii fi Mefibosheet ilmaan Rizphaan+ intalli Aayaa Saaʼoliif deesse lamaan, akkasumas ilmaan Miikaal*+ intalli Saaʼol Adriʼel+ ilma Baarzilaay Meholaatichaaf deesse shanan ni fudhate. 9 Achiis Gibeʼonotatti dabarsee isaan kenne; isaanis Yihowaa duratti gaaricha irratti reeffa isaanii fannisan.+ Torban isaaniis walii wajjin duʼan; isaanis guyyoota jalqabaa makarri itti sassaabamutti, jechuunis yeroo makarri garbuu sassaabamuu jalqabutti ajjeefaman. 10 Achiis Rizphaan+ intalli Aayaa uffata gaddaa fudhattee, yeroo itti jalqaba makarri sassaabamuu kaasee hanga samii irraa bokkaan reeffawwan sana irra buʼeetti qarsaa sana irratti afte; ishiin allaattiiwwan samii guyyaadhaan akka isaan irra hin qubanne, bineensonni bosonaas halkaniin akka isaanitti hin dhihaanne goote.

11 Wanti Rizphaan intalli Aayaa saajjatoon Saaʼol gootes Daawititti himame. 12 Kanaafuu, Daawit dhaqee lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yonaataan geggeessitoota* Yaabeesh Giiliyaad+ irraa fudhate; namoonni kun yeroo Filisxeemonni Gilboʼaa+ keessatti Saaʼoliin itti ajjeesanitti, addabaabayii Beet Shaan bakka Filisxeemonni itti isaan fannisan irraa hatanii isaan fudhatanii turan. 13 Innis lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yonaataan bakka sanaa ni fide; kana malees isaan lafee namoota ajjeefaman* sanaa walitti ni qaban.+ 14 Achiis isaan lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yonaataan awwaala abbaa isaa Qiish+ isa biyya Biiniyaam bakka Zelaa+ jedhamutti argamu keessatti awwaalan. Wanta mootichi ajaje hundumaa erga raawwatanii boodas, Waaqayyo biyyattii ilaalchisee kadhannaa isaan dhiheessan ni dhagaʼe.+

15 Ammas Filisxeemotaa fi Israaʼelota gidduutti waraanni ni godhame.+ Kanaafuu, Daawitii fi tajaajiltoonni isaa gad buʼanii Filisxeemota waraanan; haa taʼu malee, Daawit baayʼee dadhabe. 16 Namichi Ishbii Benoob jedhamuu fi sanyii Refaayim+ taʼe, eeboo sibiila diimaa sheeqilii 300*+ madaalu qabatee fi goraadee haaraa hidhate tokko Daawitiin ajjeesuu barbaade. 17 Abishaay+ ilmi Zeruuyaas yeruma sana Daawitiin gargaaree+ Filisxeemicha rukutee ajjeese. Yeroo kanatti namoonni Daawit, “Kana booda nuu wajjin gara waraanaa dhaquu hin qabdu!+ Ibsaa Israaʼel dhaamsuu hin qabdu!”+ jedhanii isaaf kakatan.

18 Kana booda Goobitti Filisxeemotaa wajjin ammas waraanni ni jalqabame.+ Yeroo sanatti Sibekaay+ Hushaatichi, Saaf isa sanyii Refaayim+ taʼe ni ajjeese.

19 Ammas Goobitti Filisxeemotaa wajjin waraanni ni jalqabame;+ Elhaanaan ilmi Yaaʼaaree Oregim Beetaliheemichaa Goliyaad isa nama Gaat taʼe ni ajjeese; inni eeboo mukti isaa muka shammaaneen wayyaa itti maru fakkaatu qabatee ture.+

20 Ammas Gaatitti waraanni ni jalqabame; namichi akka malee guddaa taʼe, harka isaa lamaan irraa quba jaʼa jaʼa qabuu fi miila isaa lamaan irraa quba jaʼa jaʼa qabu, walumaa galatti quba 24 qabu tokko achi jira ture; inni sanyii Refaayim ture.+ 21 Inni Israaʼelotatti ni qoosa ture.+ Kanaafuu, Yonaataan ilmi Shimeʼii+ obboleessa Daawit isa ni ajjeese.

22 Namoonni arfan kun namoota Gaat sanyii Refaayim turan; isaan harka Daawitii fi harka tajaajiltoota isaatiin ni kufan.+

22 Daawitis guyyaa Yihowaan harka diinota isaa hundumaa jalaa fi harka Saaʼol jalaa isa oolchetti,+ jechoota faarfannaa kana Yihowaadhaaf ni faarfate.+ 2 Akkana jedhe:

“Yihowaan kattaa koo, dahoo koo+ fi isa na oolchu dha.+

 3 Waaqni koo qarsaa+ koo isan koolu itti galu dha;

Inni gaachana+ koo, gaanfa* fayyinaa koo* fi iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* dha;+

Inni iddoo ani itti baqadhuu+ fi fayyisaa koo ti;+ jeequmsa irraa kan na oolchus si’i.

 4 Yihowaa isa jajamuun isaaf malu nan waammadha,

Diinota koo jalaas nan oola.

 5 Dambaliin duʼaa natti marse;+

Lolaan namoonni gatii hin qabne gadhiisanis na naasise.+

 6 Wadaroon Awwaalaa* natti marame;+

Kiyyoon duʼaas na dura dhaabbate.+

 7 Yeroo dhiphina kootti Yihowaa nan waammadhe,+

Irra deddeebiʼee Waaqa koo nan waammadhe.

Innis mana qulqullummaa isaa keessa taʼee sagalee koo dhagaʼe,

Iyyi ani gargaarsa argachuuf dhageessises gurra isaa ni gaʼe.+

 8 Lafti asii fi achi raafamuu fi hurgufamuu jalqabde;+

Buʼuurawwan samiis ni hollatan,+

Inni waan dheekkameef isaan asii fi achi raafaman.+

 9 Funyaan isaa keessaa aarri ni baʼe,

Ibiddi nyaatu afaan isaa keessaa ni baʼe;+

Barbadaanis isa keessaa burqe.

10 Inni yommuu gad buʼu samiin akka gad jedhu godhe,+

Duumessi gurraachis miila isaa jala ture.+

11 Inni kiruubel irra taaʼee+ barrisaa dhufe.

Qoochoowwan* uumama hafuuraa*+ irra taaʼees ni mulʼata ture.

12 Achiis naannoo isaatti dukkanni akkuma dunkaanaa akka taʼu godhe,+

Bishaan gurraachii fi duumessi cimaanis jira ture.

13 Ifa isa dura jiru keessaa barbadaan ibiddaa* ni baʼe.

14 Achiis Yihowaan samii irraa kakawweessaʼuu jalqabe;+

Inni Hundaa Oliis sagaleen isaa akka dhagaʼamu godhe.+

15 Xiyya isaa darbatee+ isaan bittinneesse;

Bakakkaa buusees isaan burjaajesse.+

16 Dheekkamsa Yihowaatiin, hafuura cimaa funyaan isaa keessaa baʼuunis,+

Hundeen galaanaa ni mulʼate;+

Buʼuurawwan lafaas ni saaxilaman.

17 Bakka ol kaʼaa irraa harka isaa diriirse;

Inni na qabee bishaanota gad fagoo keessaa harkisee na baase.+

18 Diina koo isa cimaa jalaa,

Namoota na jibban, warra na caalaa ciccimoo taʼan jalaas na oolche.+

19 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan,+

Yihowaan garuu na gargaare.

20 Inni gara bakka balaa irraa walaba* taʼetti na geesse;+

Waan natti gammadeefis na oolche.+

21 Yihowaan akka qajeelummaa kootti na kiisa;+

Akka qulqullummaa harka koottis naaf deebisa.+

22 Ani daandiiwwan Yihowaa eegeera,

Waaqa koo dhiisuudhaanis hammina hin raawwanne.

23 Murtiiwwan+ isaa hundi fuula koo dura jiru;

Dambiiwwan isaa irraas hin jalʼadhu.+

24 Isa duratti balleessaa malee+ nan jiraadha,

Dogoggora irraas of nan eega.+

25 Yihowaan akka qajeelummaa kootti,+

Akkuman isa duratti qulqulluu taʼettis naaf haa deebisu.+

26 Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata;+

Nama jabaa balleessaa hin qabneefis balleessaa kan hin qabne taʼuu kee ni argisiista;+

27 Nama qulqulluudhaaf qulqulluu ni taata,+

Isa jalʼaatti garuu gamna taʼuu kee ni argisiista.*+

28 Ati warra gad of qaban ni oolchita,+

Ijji kee garuu warra of tuulan ni morma; ati isaan ni salphista.+

29 Yaa Yihowaa ati ibsaa koo ti;+

Dukkana koo kan ibsu Yihowaa dha.+

30 Gargaarsa keetiin tuuta weerartootaa dura dhaabbachuu nan dandaʼa;

Humna Waaqayyootiin dallaa utaaluu nan dandaʼa.+

31 Daandiin Waaqa dhugaa mudaa kan hin qabne dha;+

Dubbiin Yihowaas kan qulqullaaʼe dha.+

Inni warra isatti kooluu galan hundumaatiif gaachana.+

32 Yihowaa malee Waaqni eenyu?+

Waaqa keenya malee qarsaan eenyu?+

33 Waaqni dhugaan anaaf dahoo jabaa dha,+

Inni daandii koo wal naaf qixxeessa.+

34 Miila koo akka miila gadamsaa ni godha;

Iddoowwan ol kaʼoo taʼan irra akkan dhaabbadhu ni godha.+

35 Harka koo waraanaaf ni leenjisa;

Irreen koos iddaa sibiila diimaa dabsuu ni dandaʼa.

36 Ati gaachana fayyinaa naaf kennita,

Gad of qabuun kees guddaa na godha.+

37 Daandii tarkaanfii kootii naaf balʼista;

Miilli* koos hin mucucaatu.+

38 Diinota koo duukaa buʼee isaan nan balleessa;

Hanga isaan haxaaʼamanii badanittis biraa hin deebiʼu.

39 Akka isaan ol hin kaanetti, haxaaʼee isaan nan balleessa; isaan nan caccabsas;+

Isaan miila koo jalatti kufu.

40 Waraanaaf jabina na hidhachiista;+

Diinonni koo na jalatti akka kukkufan goota.+

41 Diinonni koo ana irraa akka baqatan ni goota;*+

Anis warra na jibban nan balleessa.*+

42 Isaan gargaarsaaf ni iyyatu, garuu kan isaan oolchu tokko illee hin jiru;

Yihowaatti illee ni iyyatu, inni garuu isaaniif hin deebisu.+

43 Akka awwaara lafaatti tumee isaan nan bulleessa;

Akka dhoqqee karaa irra jiruuttis isaan nan bulleessa; isaan nan dhidhiitas.

44 Saba koo warra dogoggora funaanan irraa na oolchita.+

Mataa sabootaa akkan taʼuuf na eegda;+

Namoonni ani hin beeknes na tajaajilu.+

45 Namoonni biyya ormaa hollachaa na duratti dhihaatu;+

Waaʼee koo wanti isaan dhagaʼanis akka naaf ajajaman isaan godha.*

46 Namoonni biyya ormaa ni sodaatu;*

Hollachaas dahoo isaanii keessaa ni baʼu.

47 Yihowaan jiraataa dha! Qarsaan+ koo haa jajamu!

Waaqni qarsaa fayyinaa koo taʼe ol haa qabamu.+

48 Waaqni dhugaan anaaf haaloo ni baʼa;+

Namoonnis akka anaaf bitaman ni godha;+

49 Inni diinota koo irraa na oolcha.

Ati warra na miidhan gararraatti ol na kaasta;+

Nama hamaa jalaas na oolchita.+

50 Yaa Yihowaa, saboota gidduutti kanan si galateeffadhu kanaafi,+

Maqaa keetiifis akkana jedhee faarfannaa galataa nan faarfadha:*+

51 Inni mootii isaatiif gochawwan fayyinaa* guguddaa ni raawwata;+

Isa dibe sanatti,

Daawitii fi sanyii isaatti bara baraaf jaalala amanamaa ni argisiisa.”+

23 Dubbiin Daawit dhuma irratti dubbate kanatti aansee kan jiru dha:+

“Dubbiin Daawit ilma Issey,+

Dubbiin nama gara iddoo ol jedhaatti kaafamee,+

Isa Waaqni Yaaqoob dibe,+

Faarfataa jaallatamaa faarfannaawwan+ Israaʼel.

 2 Hafuurri Yihowaa karaa kootiin ni dubbate;+

Dubbiin isaas arraba koo irra ture.+

 3 Waaqni Israaʼel ni dubbate;

Qarsaan Israaʼel+ akkana naan jedhe:

‘Inni ilmaan namootaa bulchu qajeelaa yommuu taʼu,+

Sodaa Waaqayyootiinis yommuu bulchu,+

 4 Bulchiinsi isaa akka ifa barii yommuu aduun baatuu,+

Akka ganama duumessa hin qabnees ni taʼa.

Akka ifa bokkaan erga caamee booda ifuu,

Margis lafa irratti akka margu godhuu ni taʼa.’+

 5 Manni koo Waaqayyo duratti akkuma kanaa mitii?

Inni anaa wajjin kakuu bara baraa galeera;+

Kakuun kunis sirrii fi amansiisaa dha.

Sababiin isaas, kakuun kun guutummaa fayyina koo fi gammachuu koo hundumaa ti;

Inni manni koo akka dagaagu kan godhe kanaaf mitii?+

 6 Namoonni gatii hin qabne hundi garuu akka harangamaatti* gatamaniiru;+

Isaan harkaan walitti qabamuu hin dandaʼan.

 7 Namni tokko yommuu isaan tuqu,

Miʼa sibiilaa hidhachuu fi muka eeboo qabachuu qaba,

Isaan bakkuma jiranitti guutummaatti ibiddaan gubamuu qabu.”

8 Maqaan loltoota jajjaboo+ Daawit kanneen kana dha: Yosheeb Baashebet Hakmoonicha isa dura buʼaa warra sadanii taʼe.+ Inni eeboo isaa mirmirsee takkaatti namoota 800 ajjeese. 9 Isatti aansuudhaan, Eleʼazaar+ ilma Doodoo+ ilma Ahohii yeroo taʼu, inni loltoota jajjaboo sadan warra yommuu isaan Filisxeemota doorsisanitti Daawitii wajjin turan keessaa tokko dha. Filisxeemonni achitti waraanaaf walitti qabamanii turan; namoonni Israaʼel yommuu baqatanittis, 10 inni bakka dhaabbatee utuu hin sochoʼin irreen isaa hamma butututti, akkasumas harki isaa goraadeetti gogee hamma hafutti Filisxeemota ni ajjeese.+ Kanaafuu, Yihowaan guyyaa sanatti injifannoo* guddaan akka argamu godhe;+ namoonni sunis warra ajjeefaman sana saamuuf isa duubaan deebiʼanii dhufan.

11 Isatti aansuudhaan Shaamaa ilma Agee Haraarichaa ture. Filisxeemonnis Lehiitti bakka maasiin misirri irra guute tokko jirutti walitti qabaman; namoonni sunis Filisxeemotaan kan kaʼe ni baqatan. 12 Inni garuu maasicha gidduutti iddoo isaatii utuu hin sochoʼin maasicha irraa isaan ittise; Filisxeemotas ni rukute; akka kanaan Yihowaan injifannoo* guddaa argamsiise.+

13 Dura buutota 30n keessaa sadan isaanii yeroo midhaan sassaabamutti gara Daawit isa holqa Adulaamitti+ argamutti gad buʼan; gareen* Filisxeemotaa tokkos Sulula* Refaayim+ keessa buufatee ture. 14 Yeroo sanatti Daawit dahoo keessa ture;+ buufanni loltoota Filisxeemotaa tokko immoo Beetaliheem keessa ture. 15 Achiis Daawit, “Boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaanan dhugu utuun argadhee natti tola ture!” jedhee fedhii isaa ibse. 16 Yeroo kanatti loltoonni jajjaboon sadan gara buufata Filisxeemotaatti cabsanii seenuudhaan, boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan; inni garuu bishaanicha dhuguu didee Yihowaadhaaf gad dhangalaase.+ 17 Achiis, “Yaa Yihowaa, kana gochuun anaaf wanta hin yaadamne dha! Dhiiga namoota lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii deeman kanaa dhuguun qabaa?”+ jedhe. Kanaan kan kaʼes, bishaanicha dhuguu dide. Kun, wantoota loltoonni jajjaboon isaa sadan raawwatani dha.

18 Abishaay+ obboleessi Yoʼaab ilmi Zeruuyaa+ dura buʼaa namoota kan biroo sadii ture; inni eeboo isaa mirmirsee namoota 300 ni ajjeese; akkuma namoota sadaniis beekamaa ture.+ 19 Inni namoota sadan kaan caalaa beekamaa fi ajajaa isaanii yoo taʼe iyyuu, sadarkaa namoonni jalqabaa sadan sun qaban hin arganne.

20 Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa nama onnataa* Qaabzeʼel+ keessatti gochawwan gootummaa hedduu raawwate dha. Inni ilmaan Ariʼeel isa nama biyya Moʼaab taʼee lamaan ni ajjeese; akkasumas, guyyaa cabbiin buʼe tokkotti boolla bishaanii tokko keessa seenee leenca ajjeese.+ 21 Kana malees, inni namicha Gibxii akka malee guddaa taʼe tokko ajjeeseera. Namichi Gibxii sun harka isaatti eeboo kan qabate taʼus, inni garuu ulee qabatee isa loluu deeme; achiis eeboo namicha Gibxii sanaa harka isaa irraa butee, eeboo sanaan isa ajjeese. 22 Benaayaan ilmi Yehoyaadaa wantoota kana ni raawwate; inni akkuma loltoota jajjaboo sadan sanaa beekamaa ture. 23 Inni namoota soddomman caalaa beekamaa yoo taʼe iyyuu, sadarkaa namoonni sadan sun qaban hin arganne. Haa taʼu malee, Daawit ajajaa eegdota ofii isaa godhee isa muude.

24 Asaahel+ obboleessi Yoʼaab namoota soddomman keessaa tokko ture; namoonni soddomman kanneen kana dabalatu: Elhaanaan ilma Doodoo Beetaliheemichaa,+ 25 Shaamaa Haroodicha, Eliiqaa Haroodicha, 26 Heleez+ Paaleticha, Iiraa+ ilma Iqeesh Teqoohaatichaa, 27 Abiʼezer+ Anaatoticha,+ Mebunaay Hushaaticha, 28 Zaalmon Ahohicha, Maahaaraay+ Netooficha, 29 Heleeb ilma Baʼaanaa Netoofichaa, Iitaay ilma Ribaay Biiniyaamichaa isa nama Gibeʼaa taʼe, 30 Benaayaa+ Phiraatonicha, Hidaay isa nama sululawwan* Gaʼaash+ taʼe, 31 Abiʼalboon Arbaaticha, Azmaawet Baarhumicha, 32 Eliyaabaa Shaʼaalbonicha, ilmaan Yaasheen, Yonaataan, 33 Shaamaa Haraaricha, Ahiʼaam ilma Shaaraar Haraarichaa, 34 Elifeelet ilma Ahaasbaay ilma Maʼaakaatichaa, Eliyaam ilma Ahitoofel+ Giloonichaa, 35 Hezroo Qarmeelosicha, Paaʼaaraay Arbicha, 36 Yigʼaal ilma Naataan isa nama Zoobaa taʼee, Baanii Gaadicha, 37 Zeleeq Amoonicha, Naahaaraay Beʼeeroticha isa Yoʼaab ilma Zeruuyaatiif meeshaa waraanaa baatu, 38 Iiraa Yitricha, Gaareb Yitricha,+ 39 akkasumas Uuriyaa+ Heeticha; walumaa galatti namoota 37 turan.

24 Yommuu inni tokko, “Dhaqi, Israaʼelii fi Yihudaa+ lakkaaʼi”+ jedhee Daawitiin isaan irratti kakaasetti,* ammas aariin Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe.+ 2 Kanaafuu, mootichi Yoʼaab+ isa ajajaa raayyaa waraanaa taʼee fi isaa wajjin tureen, “Ani lakkoofsa uummatichaa akkan beekuuf, maaloo, Daan irraa hamma Ber Sheebaatti+ gosoota Israaʼel hundumaa keessa naannaʼaatii uummaticha galmeessaa” jedhe. 3 Yoʼaab garuu mootichaan, “Waaqni kee Yihowaan uummaticha siʼa 100 haa baayʼisu; ijji gooftaa koo mootichaas kana haa argu; garuu gooftaan koo mootichi wanta akkanaa gochuu kan barbaade maaliifi?” jedhe.

4 Haa taʼu malee, wanti mootichi dubbate wanta Yoʼaabii fi ajajjoonni raayyaa waraanaa dubbatan irra ni caale. Kanaafuu, Yoʼaabii fi ajajjoonni raayyaa waraanaa sun uummata Israaʼel galmeessuuf mooticha duraa baʼanii deeman.+ 5 Isaanis Yordaanosiin ceʼanii magaalattii sululicha gidduu jirtu irraa gara mirgaatti* goranii Aroʼer+ keessa buufatan; achiis gara Gaadotaa fi gara Yaazeer+ dhaqan. 6 Sana booda gara Giiliyaadii+ fi gara biyya Taahtiim Hodshii dhaqan; itti fufaniis gara Daan Yaan, achiis naannaʼanii gara Siidoon+ dhaqan. 7 Sana booda gara dahoo Xiirosii+ fi gara guutummaa magaalota Hiiwitootaa+ fi Kanaʼaanotaa dhaqan; dhuma irrattis gara Ber Sheebaa+ ishii Negeeb+ Yihudaatti argamtuu dhufan. 8 Guutummaa biyyattii keessa naannaʼanii jiʼa sagalii fi guyyaa 20 booda gara Yerusaalem dhufan. 9 Yeroo kanatti Yoʼaab lakkoofsa namoota galmeeffaman sanaa mootichaaf ni kenne. Loltoonni goraadee hidhatan Israaʼelota 800,000 fi namoota Yihudaa 500,000 turan.+

10 Haa taʼu malee, Daawit uummaticha erga lakkaaʼee booda garaan* isaa isa ceephaʼe.+ Achiis Daawit Yihowaadhaan, “Ani kana gochuu kootiin cubbuu guddaa hojjedheera.+ Ammas yaa Yihowaa, ani gowwummaa guddaa waanan raawwadheef,+ maaloo, dogoggora ani tajaajilaan kee raawwadhe naaf dhiisi” jedhe.+ 11 Daawit ganama yommuu kaʼu, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Gaad+ raajichaa isa Daawitiif mulʼata argu sanaa dhufe: 12 “Dhaqiitii Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ani filannoo sadii siif nan kenna. Isaan keessaa wantan si irratti fidu tokko filadhu.”’”+ 13 Kanaafuu, Gaad gara Daawititti seenee akkana isaan jedhe: “Biyya kee irratti waggaa torbaaf beelli haa dhufuu?+ Yookiin diinonni kee jiʼa sadiif utuu si ariʼanii isaan jalaa baqachuu siif wayyaa?+ Moo biyya kee irratti guyyaa sadiif golfaan dhufuu isaa filatta?+ Amma isa na erge sanaaf maal jedhee akkan deebisu of eeggannoodhaan itti yaadi.” 14 Kanaafuu Daawit Gaadiin, “Ani baayʼee dhiphadheera. Gara laafinni isaa guddaa waan taʼeef,+ maaloo, harka Yihowaa irratti kufuu nuuf wayya;+ garuu harka namaa irratti akkan kufu hin godhin”+ jedhe.

15 Achiis Yihowaan ganamaa jalqabee hamma yeroo murteeffame sanaatti Israaʼel irratti golfaa+ erge; kanaan kan kaʼes, warra Daanii jalqabee hanga Ber Sheebaatti+ jiran keessaa namoonni 70,000 ni duʼan.+ 16 Maleekaan sun ishii balleessuuf yommuu harka isaa gara Yerusaalemitti diriirsu, Yihowaan badiisa gaʼaa jiru sanatti gaabbee*+ maleekaa isa sabicha gidduutti badiisa geessisaa ture sanaan, “Ni gaʼa! Amma harka kee irraa deebisi” jedhe. Maleekaan Yihowaa oobdii Arawunaa+ Yebuusichaa+ bira jira ture.

17 Daawitis maleekaa namoota sana ajjeesaa jiru yommuu argu Yihowaadhaan, “Cubbuu kan hojjete ana dha; balleessaa kan raawwates ana dha; hoolonni+ kun garuu maal godhan? Maaloo, harki kee ana irrattii fi mana abbaa koo irratti haa dhufu” jedhe.+

18 Kanaan kan kaʼes, Gaad guyyaa sanatti gara Daawititti seenee, “Ol baʼiitii, oobdii Arawunaa Yebuusichaa irratti Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ijaari” isaan jedhe.+ 19 Kanaafuu, Daawit dubbii Gaad dhagaʼee akka Yihowaan isa ajajetti ol baʼe. 20 Arawunaan gad ilaalee mootichii fi tajaajiltoonni isaa gara isaa dhufaa akka jiran yommuu argu, yeruma sana gad baʼee lafatti gombifamee mootichaaf sagade. 21 Arawunaanis, “Gooftaan koo mootichi gara ana tajaajilaa isaa kan dhufe maaliifi?” jedhee isa gaafate. Daawitis, “Dhaʼichi namoota kana irra gaʼaa jiru akka dhaabbatuuf,+ oobdii kee bitee Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ijaaruufan dhufe” jedhee isaaf deebise. 22 Arawunaan garuu Daawitiin akkana jedhe: “Gooftaan koo mootichi bakka oobdii kana fudhatee, wanta gaarii fakkaatee isatti mulʼate* haa dhiheessu. Loon aarsaa gubamuuf taʼan kunoo ti; konkolaataan* ittiin midhaan siribsiisanii fi miini qotiyyoo qoraaniif taʼus kunoo ti. 23 Yaa mootii, wantoota kana hundumaa Arawunaan mootichaaf ni kenna.” Achiis Arawunaan mootichaan, “Waaqni kee Yihowaan si haa eebbisu” jedhe.

24 Mootichi garuu Arawunaadhaan, “Hin taʼu, gatii kaffalee si irraa bituun qaba. Wantan gatii itti hin baasne aarsaa gubamu godhee Waaqa koo Yihowaadhaaf hin dhiheessu” jedhe. Kanaafuu, Daawit oobdichaa fi loon sana meetii sheeqilii* 50n ni bite.+ 25 Achiis Daawit bakka sanatti Yihowaadhaaf iddoo aarsaa+ ijaaree, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa dhiheesse. Yihowaanis kadhannaa biyyattii ilaalchisee dhihaate ni dhagaʼe;+ dhaʼichi Israaʼel irra gaʼaa tures ni dhaabbate.

Ykn., “rukutee.”

Jechuunis, faaya harkaa.

Ykn., “kan namatti tolan.”

Kal., “Guyyoonni.”

Ykn., “dorgoman.”

Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Ykn tarii, “Bitrooniin.”

1Sen 3:1 irratti, “Daaniʼel” jedhameera.

Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.

Kal., “mataa saree.”

Kal., “kunoo, harki koo sii wajjin jira.”

Gogaa fiixee qaama hormaataa dhiiraa irra jiru argisiisa.

Ykn., “wanta lubbuun kee barbaadde.”

Ykn., “juzaamiin; qurciitiin.”

As irratti nama naafachuu isaatiin kan kaʼe hojii dubartii hojjechuuf dirqame kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “sibiila diimaa keessa.”

Kal., “ilmaan jalʼootaa.”

Ykn., “nyaata gaddaa.”

Kal., “harki isaa ni laafe.”

Ykn., “lubbuu koo fureen.”

Ykn., “firoota dhiigaa kee ti.”

Kal., “Israaʼeliin kan baasuu fi kan galchu si ture.”

Ykn., “warra lubbuun Daawit jibbitu.”

Ykn tarii, “innis dahoo kana Magaalaa Daawit jedhee waame.”

Ykn., “Miiloo.” Jecha Afaan Ibrootaa hiika, “itti guutuu” jedhu qabu.

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”

“Caccabsuudhaan Dandeettii kan Qabu” jechuu dha.

Daawitii fi namoonni isaa waaqolii tolfamoo kana fudhatanii akka balleessan haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. 1Se 14:12 ilaali.

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”

Jechuunis, muka gaggabaabaa gobbatee biqilu.

Jechi “baakaa” jedhu jecha Afaan Ibrootaa ti. Maalummaan biqiltuu kanaa hin beekamu.

1Se 14:16 irratti, ‘Gibeʼon’ jedhameera.

Siimbaaliin meeshaa muuziqaa sibiila irraa hojjetamuu fi yeroo walitti rukutamu sagalee guddaa dhageessisu dha.

Ykn., “gadde.”

“Uuzaa Irratti Aariidhaan Bobaʼuu” jechuu dha.

Tarii, “Gaat” magaalaa “Gaat Rimoon” kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “marxifatee.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Kal., “ilmaan Israaʼel.”

Kal., “nan kuta.”

Ykn., “mootummaa dhalatti darbu siif ni hundeessa.”

Kal., “isa si keessaa baʼu.”

Ykn., “cafaqaa.”

Ykn tarii, “Addaamiinis.”

Ykn., “seera.”

Ykn., “fedhii.”

Ykn., “mootummaa dhalatti darbu siif nan hundeessa.”

Ykn., “fayyina.”

Ykn., “fayyina.”

Kal., “luboota.”

Kal., “daabboo ni nyaatta.”

Kal., “fuula.”

Ykn tarii, “maaddii koo.”

Ykn., “namoota Toob.”

Ykn., “namoota Toobii.”

Kal., “harka.”

Jechuunis, Efraaxis.

Jechuunis, tibba arfaasaatti.

Ykn., “gara galgalaa.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Tarii xuraaʼummaa laguu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “miila kee dhiqadhu.”

Ykn., “gaʼeen mootichaa.” Kun, gaʼee namni keessummeessu tokko keessummaa kabajamaa taʼeef ergu argisiisa.

Kal., “wanti Daawit godhe ija Yihowaa duratti hamaa ture.”

Kal., “ija aduu kanaa duratti.”

Kal., “aduu duratti.”

Ykn., “cubbuun kee akka darbu ni godha.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Jecha Afaan Ibrootaa hiika “Nagaa” jedhu qabu irraa kan argame dha.

“Yaahiin kan Jaallatame” jechuu dha.

Ykn., “magaalaa mootummichaas.”

Maddawwan magaalattiin bishaan irraa argattu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Kal., “maqaan koos ishii irratti ni waamama.”

Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “nyaata jajjabinaa.”

Kal., “bixxillee onnee fakkaatu.”

Ykn., “nyaata jajjabinaa.”

Ykn., “nyaata jajjabinaa.”

Ykn., “miidhagfame.”

Kun abdii isa dhumaa sanyichi qabu argisiisa.

Kal., “hambaa.”

Ykn., “namni tokko illee wanta mootichi jedhe irraa gara bitaatti ykn gara mirgaatti jechuu hin dandaʼu.”

Madaalliin kun madaallii dhaabbataa mana mootummaa keessa taaʼu ykn sheeqilii “mana mootummaa” sheeqilii kaan irraa adda taʼe dha.

Gara 2.3 kg. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn tarii, “waggaa 40ffaatti.”

Ykn., “waadaan Yihowaadhaaf gale.”

Ykn., “waaqeffadha.” Kal., “Yihowaa nan tajaajila.”

Ykn., “waadaa galeen.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “isa bira darban.”

Ykn., “fuula mootichaa.”

Ykn., “irraan olee.”

Ykn., “inni Daawit wanta garaa isaa itti himatu.”

Firiin kun keessumaa harbuu kan argisiisu yeroo taʼu, tarii immoo teemiriis kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Ykn., “okkotee.”

Ykn., “Ilmi ilma.”

Ykn., “inni Daawit wanta garaa isaa itti himatu.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Ykn., “akka waan namni tokko gorsa Waaqa dhugaa gaafatee argatetti.”

Ykn., “harki isaa lamaan laafee.”

Ykn., “jireenyi akka itti hadhaaʼe.”

Ykn., “boolla, hallayyaa.”

Ykn., “ajajeef.”

Ykn tarii, “dirree gammoojjii.”

Kal., “liqimfamu.”

Ykn., “hudhe.”

Yitraan abbaa manaa Abigaayil kan ture fakkaata.

Kal., “itittuu loonii.”

Kal., “harka.”

Kal., “samii fi lafa gidduutti.”

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “barruu harkaa koo irratti naaf madaalame.”

Ykn., “lubbuu isaa balleessuuf haxxummaadhaan itti maleera.”

Ykn tarii, “eeboo.” Kal., “ulee.”

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”

Kal., “koonyaa sana.”

Ykn., “fayyinni.”

Kal., “garaa tajaajiltoota keetti dubbadhu.”

Ykn., “isin anaaf fira dhiigaa ti.”

Kal., “jalʼiseef.”

Ykn tarii, “Isaan.”

Ykn tarii, “yommuu Yerusaalemii.”

Kal., “guyyoota waggaa.”

Ykn., “jabaatee argame.”

Ykn tarii, “dunkaana dunkaana.”

Ykn., “mana mootummaa.”

Kal., “Isaanis.”

Kal., “kan liqimsitu.”

Kal., “harka isaa.”

Kal., “luba.”

Kal., “isaan afna.” Kun, harka isaanii fi miila isaanii cabsanii akka isaan afan argisiisa.

Ykn tarii, “Meeraab.”

Ykn tarii, “abbootii lafaa.”

Kal., “afaman.”

Gara 3.42 kg. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “fayyisaa koo isa humna qabeessaa.”

Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”

Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Jechuunis, goflaawwan.

Ykn., “Qoochoowwan bubbee.”

Ykn., “mukukkulli.”

Ykn., “iddoo balʼaa.”

Ykn tarii, “akka gowwaa ni taata.”

Ykn., “Gulubiin; Koronyoon.”

Ykn., “Ati dugda diinota kootii naaf ni kennita.”

Kal., “callisiisa.”

Kal., “Wanta gurri dhagaʼeen naaf ajajamu.”

Ykn., “ni bututu.”

Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”

Ykn., “injifannoowwan.”

Jechuunis, muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.

Ykn., “fayyinni.”

Ykn., “fayyina.”

Ykn., “gandi dunkaanaa.”

Ykn., “Dirree Gad Buʼaa.”

Kal., “ilma nama goota taʼee.”

Ykn., “lageen gogaa.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Ykn., “Yommuu Daawit kakaʼetti.”

Ykn., “kibbaatti.”

Ykn., “qalbiin.”

Ykn., “gaddee.”

Kal., “wanta ija isaa duratti gaarii taʼe.”

Saanqaa midhaan ittiin dhaʼuuf looniin harkifamu argisiisa.

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi