LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Leewwota 1:1-27:34
  • Leewwota

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Leewwota
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Leewwota

LEEWWOTA

1 Yihowaanis Musee waamee akkana jedhee dunkaana walgaʼii+ keessaa isatti dubbate: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti* dubbadhu: ‘Isin keessaa eenyu iyyuu beeladoota keessaa Yihowaadhaaf aarsaa kan dhiheessu yoo taʼe, aarsaa keessan loon yookiin bushaayee* keessaa dhiheessaa.+

3 “‘Inni aarsaa gubamu kan dhiheessu loon keessaa yoo taʼe, jibicha mudaa hin qabne haa dhiheessu.+ Jibicha kana fedhii isaatiin+ balbala dunkaana walgaʼii biratti Yihowaa duratti haa dhiheessu. 4 Harka isaas mataa horii aarsaa gubamu taʼee dhihaatu sanaa irra haa kaaʼu; aarsaan sunis akka araara isaaf argamsiisutti namichaaf fudhatama ni argata.

5 “‘Achiis jibichi sun Yihowaa duratti haa qalamu; ilmaan Aaron warri luboota+ taʼanis dhiiga isaa fidanii cinaa iddoo aarsaa isa karra dunkaana walgaʼiitti argamu hundumaa irratti ni facaasu.+ 6 Horiin aarsaa gubamu taʼee dhihaatu sun gogaan isaa irraa haa baafamu; achiis haa kukkutamu.+ 7 Ilmaan Aaron warri luboota taʼan iddoo aarsaa irratti ibidda haa qabsiisan;+ ibiddicha irrattis qoraan haa naqan. 8 Isaan aarsaa isa kukkutame+ sana mataa isaa fi moora isaa* wajjin qoraan isa iddoo aarsaa irratti bobaʼaa jiru sana irra tarree galchanii naqu. 9 Marʼimaanii fi lukti isaa bishaaniin haa dhiqamu; lubichis guutummaa isaa aarsaa gubamu, jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti haa aarsu.+

10 “‘Inni aarsaa gubamu kan dhiheessu bushaayee,+ jechuunis xobbaallaa* hoolaa yookiin reʼee keessaa yoo taʼe, kormaa mudaa hin qabne haa dhiheessu.+ 11 Horiin sunis iddoo aarsaa irraa kallattii kaabaatiin Yihowaa duratti haa qalamu; luboonni warri ilmaan Aaron taʼanis dhiiga isaa cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti haa facaasan.+ 12 Lubichis horii sana buusaa buusaa isaatti kukkutee mataa isaa fi moora isaa* wajjin qoraan isa iddoo aarsaa irratti bobaʼu irratti tarree galchee haa naqu. 13 Inni marʼimaan isaa fi luka isaa bishaaniin ni dhiqa; lubichi guutummaa isaa dhiheessee iddoo aarsaa irratti akka aaru ni godha. Kunis aarsaa gubamu, jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* dha.

14 “‘Haa taʼu malee, inni simbirroota Yihowaadhaaf aarsaa gubaman godhee kan dhiheessu yoo taʼe, aarsaa isaa gugee* bosonaa yookiin cuucii gugee keessaa haa dhiheessu.+ 15 Lubichis iddoo aarsaa biratti gugee sana dhiheessee morma isaa irraa hamma tokko erga kutee booda iddoo aarsaa irratti ni aarsa; dhiigni isaa garuu iddoo aarsaa sana cinaatti dhangalaʼuu qaba. 16 Innis qalqalloo midhaanii isaa keessaa baasee, baallee isaas irraa ciree iddoo aarsaa biratti kallattii bahaatiin, bakka daaraan* itti gad naqamutti haa gatu.+ 17 Inni bakka lamatti utuu addaan hin baasin qoochoowwan* isaa biratti isa ni tarsaasa. Achiis lubichi qoraan isa iddoo aarsaa irratti bobaʼu irratti isa ni aarsa. Kunis aarsaa gubamu, jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* dha.

2 “‘Namni* tokko Yihowaadhaaf aarsaa midhaanii+ kan dhiheessu yoo taʼe, aarsaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu; isa irrattis zayitii haa dhangalaasu; ixaana adiis irra haa kaaʼu.+ 2 Achiis gara ilmaan Aaron warra luboota taʼanitti ni fida; lubichis daakuu bullaaʼaa hammaarraa* tokkoo fi zayitii, ixaana isaa isa adii hundumaas fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan,+ jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti haa dhiheessu. 3 Wanti aarsaa midhaanii irraa hafe kam iyyuu kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ti;+ kunis wanta aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan irraa hafe waan taʼeef hundumaa caalaa qulqulluu dha.+

4 “‘Ati aarsaa midhaanii iddoo ibiddaa* keessatti tolfame kan dhiheessitu yoo taʼe, aarsaan sun maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan jiidhe yookiin maxinoo haphii daakuu bullaaʼaa irraa tolfamee fi zayitii dibame haa taʼu.+

5 “‘Aarsaan kee aarsaa midhaanii eeleedhaan tolfame yoo taʼe,+ maxinoo daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame irraa tolfame haa taʼu. 6 Maxinoo sana caccabsiitii zayitii irratti dhangalaasi.+ Kunis aarsaa midhaanii ti.

7 “‘Aarsaan kee aarsaa midhaanii distii keessatti qophaaʼe yoo taʼe, aarsaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa kan tolfame haa taʼu. 8 Aarsaa midhaanii wantoota kana irraa qophaaʼe gara Yihowaatti ni fidda; innis lubootaaf ni dhihaata; isaanis gara iddoo aarsaatti isa ni fidu. 9 Lubichis aarsaa midhaanii sana keessaa muraasa isaa fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu+ gochuudhaan, jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti ni aarsa.+ 10 Wanti aarsaa midhaanii irraa hafe kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ti; kunis aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan keessaa hundumaa caalaa qulqulluu dha.+

11 “‘Bukoo raacitii qabu yookiin damma aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu gootanii aarsuu waan hin qabneef, aarsaan midhaanii Yihowaadhaaf dhiheessitan kam iyyuu raacitii qabaachuu hin qabu.+

12 “‘Wantoota kana akka aarsaa firiiwwan jalqabaatti+ Yihowaadhaaf dhiheessuu ni dandeessu; haa taʼu malee, isaan aarsaa urgaan isaa gammachiisu* taʼanii gara iddoo aarsaatti dhiheeffamuu hin qaban.

13 “‘Aarsaan midhaanii dhiheessitu hundi soogiddaan kan makame haa taʼu; soogiddi kakuu Waaqa keetii aarsaa midhaanii kee keessaa akka dhabamu hin godhin. Aarsaa kee hundumaa wajjin soogidda ni dhiheessita.+

14 “‘Firiiwwan jalqaba gaʼan aarsaa midhaanii gootee Yihowaadhaaf yommuu dhiheessitu, midhaan haaraa* ibiddaan waadamee fi hororame, aarsaa midhaanii firiiwwan jalqabaa godhii dhiheessi.+ 15 Isa irratti zayitii dhangalaasi; ixaana adiis irra kaaʼi. Kun aarsaa midhaanii ti. 16 Lubichis midhaan hororamee fi zayiticha keessaa muraasa, ixaana isaa isa adii hundumaas fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan,+ jechuunis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee haa aarsu.

3 “‘Aarsaan isaa aarsaa gamtaa*+ yoo taʼee fi kormaas taʼe dhaltuu horii isaa keessaa kan dhiheessu yoo taʼe, Yihowaa duratti horii mudaa hin qabne dhiheessuu qaba. 2 Inni harka isaa mataa horii sanaa irra haa kaaʼu; horiin sun balbala dunkaana walgaʼii irratti ni qalama; ilmaan Aaron warri luboota taʼanis dhiiga sana cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti ni facaasu. 3 Inni kutaa aarsaa gamtaa kana aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee ni dhiheessa:+ cooma+ marʼimaan uwwise, cooma marʼimaanitti marsee jiru hundumaa, 4 akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru. Kana malees inni cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+ 5 Ilmaan Aaronis qoraan isa iddoo aarsaa irratti bobaʼu irratti aarsaa gubamu sana gubbaatti isa ni aarsu;+ kunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* dha.+

6 “‘Inni bushaayee isaa keessaa aarsaa gamtaa Yihowaadhaaf kan dhiheessu yoo taʼe, horii kormaa yookiin dhaltuu mudaa hin qabne dhiheessuu qaba.+ 7 Xobbaallaa hoolaa aarsaa godhee kan dhiheessu yoo taʼe, Yihowaa duratti isa ni dhiheessa. 8 Harka isaas mataa horii sanaa irra haa kaaʼu; horiin sun dunkaana walgaʼii duratti ni qalama. Ilmaan Aaronis dhiiga isaa cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti ni facaasu. 9 Inni cooma aarsaa gamtaa kana aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee ni dhiheessa.+ Duboo isa lafee dugdaa bira jiru hundumaa, cooma marʼimaan uwwise, cooma marʼimaanitti marsee jiru hundumaa, 10 akkasumas, kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru ni baasa. Kana malees inni cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+ 11 Lubichis nyaata,* jechuunis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee iddoo aarsaa irratti isa aarsa.+

12 “‘Aarsaan inni dhiheessu reʼee yoo taʼe, Yihowaa duratti isa haa dhiheessu. 13 Harka isaa mataa isaa irra haa kaaʼu; horiin sunis dunkaana walgaʼii duratti ni qalama; ilmaan Aaronis dhiiga isaa cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti ni facaasu. 14 Kutaan aarsaa isaa inni namichi aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee dhiheessu kana dha: cooma marʼimaan uwwise, cooma marʼimaanitti marsee jiru hundumaa,+ 15 akkasumas, kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru. Kana malees cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa. 16 Lubichis nyaata,* jechuunis aarsaa urgaan isaa gammachiisuu* fi ibiddaan dhihaatu godhee iddoo aarsaa irratti isa ni aarsa. Coomni hundi kan Yihowaa ti.+

17 “‘Iddoowwan jiraattan hundumaatti, kun guutummaa dhaloota keessaniitiif dambii dhaabbataa taʼe dha: Cooma kam iyyuu yookiin dhiiga kam iyyuu matumaa hin nyaatinaa.’”+

4 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni* tokko wantoota Yihowaan raawwatamuu akka hin qabne ajaje keessaa isa kam iyyuu raawwachuudhaan utuu itti hin yaadin cubbuu yoo hojjete,+ wanti godhamuu qabu kana dha:

3 “‘Lubni dibame+ tokko cubbuu hojjechuudhaan+ sabicha irratti yakka yoo fide, cubbuu hojjete sanaaf aarsaa cubbuu godhee jibicha mudaa hin qabne Yihowaadhaaf haa dhiheessu.+ 4 Jibicha sana gara balbala dunkaana walgaʼiitti+ Yihowaa duratti fidee harka isaa mataa jibicha sanaa irra haa kaaʼu; achiis jibicha sana Yihowaa duratti haa qalu.+ 5 Sana booda lubni dibame+ sun dhiiga jibicha sanaa irraa muraasa fuudhee gara dunkaana walgaʼichaatti haa fidu; 6 achiis quba isaa dhiiga sana keessa cuuphee,+ dhiiga sana irraa muraasa isaa golgaa iddoo qulqulluu sana fuulduratti Yihowaa duratti siʼa torba haa facaasu.+ 7 Kana malees, lubichi dhiiga sana irraa muraasa isaa gaanfota iddoo aarsaa ixaana urgaaʼuu isa dunkaana walgaʼii keessa Yihowaa dura jiru sanaa ni diba;+ dhiiga jibicha sanaa isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu isa balbala dunkaana walgaʼii duratti argamu jalatti ni dhangalaasa.+

8 “‘Achiis cooma jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaate sanaa hundumaa, jechuunis cooma marʼimaan uwwisee fi cooma marʼimaanitti marsee jiru, 9 akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru ni baasa. Kana malees cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+ 10 Wantoonni jibicha kana irraa baafaman, wantoota qotiyyoo aarsaa gamtaa+ irraa baafamanii wajjin tokko dha. Lubichis wantoota kana iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu irratti aarsa.

11 “‘Haa taʼu malee, gogaa jibicha kanaa, foon isaa hundumaa, mataa isaa, luka isaa, marʼimaan isaa, cumaa*+ isaa, 12 jechuunis qaama jibicha sanaa isa hafe hundumaa buufatichaa alatti iddoo qulqulluu bakka daaraan* itti gatamutti akka geeffamu godha; achiis qoraan irra kaaʼee ibiddaan haa gubu.+ Wanti kun bakka daaraan itti gatamutti haa gubamu.

13 “‘Guutummaan yaaʼii Israaʼel utuu itti hin yaadin cubbuu hojjechuudhaan yakka yoo ofitti fidee+ fi gumichi garuu wanta Yihowaan akka hin raawwanne isaan ajaje raawwachuu isaanii yoo hubachuu baate,+ 14 boodas cubbuun sun yoo beekame, gumichi aarsaa cubbuutiif jibicha tokko dhiheessee dunkaana walgaʼii duratti isa haa fidu. 15 Jaarsoliin yaaʼii sanaa Yihowaa duratti harka isaanii mataa jibicha sanaa irra ni kaaʼu; jibichi sunis Yihowaa duratti ni qalama.

16 “‘Lubni dibame sun dhiiga jibicha sanaa irraa muraasa isaa gara dunkaana walgaʼiitti haa fidu. 17 Achiis lubichi quba isaa dhiiga sana keessa cuuphee, dhiiga sana irraa muraasa isaa golgaa sana fuulduratti Yihowaa duratti siʼa torba ni facaasa.+ 18 Innis dhiiga sana irraa muraasa isaa gaanfota iddoo aarsaa dunkaana walgaʼii keessa Yihowaa dura jiru sanaa ni diba;+ dhiiga isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu isa balbala dunkaana walgaʼii duratti argamu jalatti ni dhangalaasa.+ 19 Cooma isaa hundumaas irraa baasee iddoo aarsaa irratti aarsa.+ 20 Wantuma jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaate sana irratti raawwate jibicha kana irrattis ni raawwata. Lubichi araara isaaniif argamsiisuuf wanti inni godhu kana dha;+ isaanis dhiifama ni argatu. 21 Inni akkuma jibicha isa jalqabaa gubetti, jibichi sun buufatichaa alatti akka geeffamu godhee isa ni guba.+ Kunis aarsaa cubbuu gumichaaf dhihaatu dha.+

22 “‘Dura buʼaan+ tokko wantoota Waaqni isaa Yihowaan raawwatamuu akka hin qabne ajaje hundumaa keessaa isa tokko raawwatee utuu itti hin yaadin cubbuu hojjechuudhaan yakkamaa yommuu taʼu 23 yookiin ajajawwan kennaman cabsuudhaan cubbuu tokko hojjechuu isaa yoo hubate, xobbaallaa reʼee kormaa mudaa hin qabne tokko aarsaadhaaf haa fidu. 24 Innis harka isaa mataa xobbaallaa reʼee sanaa irra ni kaaʼa; achiis bakka aarsaan gubamu itti qalamutti Yihowaa duratti isa ni qala.+ Kun aarsaa cubbuu ti. 25 Lubichis quba isaatiin dhiiga aarsaa cubbuutiif dhihaatu irraa muraasa fuudhee gaanfota iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sanaa ni diba;+ dhiiga isaa isa hafe immoo iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu jalatti ni dhangalaasa.+ 26 Cooma isaa hundumaa akkuma cooma aarsaa gamtaa sanaatti iddoo aarsaa irratti aarsa;+ lubichis cubbuu isaatiif araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.

27 “‘Sabicha keessaa eenyu iyyuu* wantoota Yihowaan raawwatamuu akka hin qabne ajaje keessaa isa tokko raawwatee utuu itti hin yaadin cubbuu hojjechuudhaan yakkamaa yoo taʼe+ 28 yookiin cubbuu hojjechuu isaa yoo hubate, cubbuu hojjete sanaaf xobbaallaa reʼee goromtii mudaa hin qabne tokko aarsaadhaaf haa fidu. 29 Harka isaa mataa horii aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu sanaa irra haa kaaʼu; achiis horii aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu sana bakkuma horiin aarsaa gubamu taʼee dhihaatu itti qalamutti haa qalu.+ 30 Lubichi dhiiga sana irraa muraasa isaa quba isaatiin fuudhee gaanfota iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sanaa ni diba; dhiiga isaa isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa jalatti ni dhangalaasa.+ 31 Inni akkuma cooma aarsaa gamtaa+ irraa baafamutti cooma isaa hundumaa isa irraa ni baasa;+ lubichis cooma sana foolii urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti aarsa; cubbuu isaatiifis araara ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.

32 “‘Haa taʼu malee, inni aarsaa cubbuutiif xobbaallaa tokko yoo dhiheesse, hoolaa goromtii mudaa hin qabne haa fidu. 33 Harka isaas mataa horii aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu sanaa irra haa kaaʼu; achiis horii sana aarsaa cubbuu godhee bakkuma horiin aarsaa gubamu taʼee dhihaatu itti qalamutti haa qalu.+ 34 Lubichi dhiiga sana irraa muraasa isaa quba isaatiin fuudhee gaanfota iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sanaa ni diba;+ dhiiga isaa isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa sana jalatti ni dhangalaasa. 35 Inni akkuma xobbaallaa hoolaa aarsaa gamtaa irraa coomni baafamutti cooma isaa hundumaa isa irraa ni baasa; lubichis cooma sana iddoo aarsaa irratti aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan gubbaatti ni aarsa;+ lubichis cubbuu isaatiif araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+

5 “‘Namni* tokko namoonni ragaa akka baʼan* labsamuu isaa dhagaʼee,+ ragaa baʼuu utuma dandaʼuu yookiin dhimma sana argee yookiin dhagaʼee utuma jiruu, utuu hin dubbatin hafuudhaan cubbuu yoo hojjete, balleessaa isaatiif itti gaafatama.

2 “‘Yookiin namni* tokko raqa bineensa bosonaa qulqulluu hin taanee, raqa beeladoota qulqulluu hin taanee yookiin raqa uumama tuutaan yaaʼuu fi qulqulluu hin taanee dabalatee wanta qulqulluu hin taane kam iyyuu yoo tuqe,+ inni kana kan godhe utuu hin beekin yoo taʼe illee xuraaʼaa ni taʼa; yakkamaas ni taʼa. 3 Yookiin tarii namni tokko utuu hin beekin xuraaʼummaa namaa,+ jechuunis wanta xuraaʼaa isa xureessuu dandaʼu kam iyyuu yoo tuqe, boodas kana yoo beeke inni yakkamaa ni taʼa.

4 “‘Yookiin namni* tokko, gaariis taʼe hamaa wanta tokko gochuuf jarjaree yoo kakate, sana booda garuu jarjaree kakachuu isaa yoo hubate, dhimmichi maal iyyuu yoo taʼe inni yakkamaa ni taʼa.*+

5 “‘Wantoota kana keessaa isa tokkoon yakkamaa yoo taʼe, karaa kamiin cubbuu akka raawwate himachuu+ qaba. 6 Cubbuu hojjete kanaaf aarsaa yakkaa,+ jechuunis bushaayee isaa keessaa xobbaallaa hoolaa goromtii tokko yookiin xobbaallaa reʼee goromtii tokko aarsaa cubbuutiif Yihowaadhaaf haa fidu. Achiis lubichi cubbuu isaatiif araara isaaf ni argamsiisa.

7 “‘Hoolaa fiduu hin dandaʼu yoo taʼe garuu, cubbuu raawwatameef aarsaa yakkaa akka taʼuuf isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu+ godhee gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama Yihowaadhaaf haa fidu.+ 8 Wantoota kanas gara lubichaatti ni fida; lubichis jalqaba isa aarsaa cubbuutiif dhihaatu sana fidee guutummaatti utuu irraa hin kutin karaa fuulduraatiin morma isaa irraa hamma tokko ni kuta. 9 Dhiiga gugee aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu sanaa irraas muraasa isaa cinaa iddoo aarsaa irratti ni facaasa; dhiiga isa hafe immoo iddoo aarsaa jalatti ni dhangalaasa.+ Kun aarsaa cubbuu ti. 10 Inni gugee isa kan biraa akkuma yeroo hundumaa godhamutti aarsaa gubamu godhee ni dhiheessa;+ lubichis cubbuu inni hojjeteef araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+

11 “‘Inni gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama dhiheessuu hin dandaʼu yoo taʼe, daakuu bullaaʼaa eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko*+ cubbuu isaatiif aarsaa cubbuu godhee haa fidu. Kun aarsaa cubbuu waan taʼeef, zayitii itti naquu yookiin ixaana adii irra kaaʼuu hin qabu. 12 Gara lubichaattis isa haa geessu; lubichis isa irraa hammaarraa tokko fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan, iddoo aarsaa irratti aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan gubbaatti ni aarsa. Kun aarsaa cubbuu ti. 13 Lubichis cubbuuwwan kana keessaa cubbuu inni hojjete kamiif iyyuu araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+ Aarsaan inni hafe akkuma aarsaa midhaanii+ kan lubichaa ni taʼa.’”+

14 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 15 “Namni* tokko utuu itti hin yaadin wantoota qulqulluu warra kan Yihowaa taʼan irratti cubbuu hojjechuudhaan amanamaa utuu hin taʼin yoo hafe,+ bushaayee isaa keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne aarsaa yakkaaf dhihaatu godhee Yihowaadhaaf haa fidu;+ gatiin isaa akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti meetii sheeqiliitiin* haa shallagamu.+ 16 Cubbuu iddoo qulqulluu sana irratti raawwateef kiisii haa kaffalu; kana malees, gatii isaa irratti harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu.+ Lubichi korbeessa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhihaatu sanaan araara akka isaaf argamsiisuuf,+ inni wanta kana lubichaaf ni kenna; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+

17 “Namni* tokko wantoota Yihowaan raawwatamuu akka hin qabne ajaje kam iyyuu gochuudhaan cubbuu yoo raawwate, kana kan godhe utuu itti hin yaadin yoo taʼe iyyuu, yakkamaa ni taʼa; balleessaa isaatiifis itti gaafatama.+ 18 Inni akka gatii shallagametti aarsaa yakkaatiif bushaayee isaa keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko gara lubichaatti haa fidu.+ Achiis lubichi dogoggora inni utuu hin beekin raawwateef araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama. 19 Kun aarsaa yakkaa ti. Inni dhugumaan Yihowaa irratti cubbuu hojjechuudhaan yakkamaa taʼeera.”

6 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Namni* tokko wanta imaanaadhaan isatti kenname yookiin wanta isa bira kaaʼamee wajjin haala wal qabateen+ nama kan biraa gowwoomsee Yihowaadhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafuudhaan cubbuu yoo hojjete+ yookiin nama kan biraa yoo saame yookiin yoo gowwoomse 3 yookiin wanta bade tokko argatee waaʼee kanaa yoo ganee fi cubbuu kana fakkaatu akkamii iyyuu ilaalchisee sobaan yoo kakate,+ wanti inni gochuu qabu kana dha: 4 Inni cubbuu yoo hojjetee fi yakkamaa yoo taʼe, wanta hate, wanta saame, wanta gowwoomsee fudhate, wanta imaanaadhaan isatti kenname yookiin wanta badee argate sana haa deebisu; 5 yookiin wanta waaʼee isaa sobaan kakate kam iyyuu haa deebisu; wanta sanaaf kiisii haa kaffalu;+ gatii isaa irrattis harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu. Guyyaa yakkamaa taʼuun isaa itti mirkanaaʼetti wanta sana abbaa isaatiif haa kennu. 6 Akkuma gatii shallagametti bushaayee isaa keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko aarsaa yakkaa Yihowaadhaaf dhihaatu godhee gara lubichaatti haa fidu.+ 7 Lubichis Yihowaa duratti araara isaaf ni argamsiisa; wanti yakkamaa isa godhe kam iyyuu akka isaaf dhiifamus ni godha.”+

8 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 9 “Akkana jedhiitii Aaronii fi ilmaan isaa ajaji: ‘Seerri aarsaa gubamuu kana dha:+ Aarsaan gubamu halkan guutuu iddoo aarsaa irratti hamma ganamaatti bakka ibiddi itti bobaʼu irra ni tura; ibiddichis iddoo aarsaa irratti bobaʼuu isaa ittuma fufa. 10 Lubichis uffata lubummaa isaa argisiisuu fi quncee talbaa irraa tolfame ni uffata;+ qullaa isaa dhoksuufis qumxaa+ isaa* isa quncee talbaa irraa tolfame ni uffata. Achiis daaraa*+ aarsaa gubamu isa iddoo aarsaa irratti ibiddaan gubate sanaa fuudhee iddoo aarsaa sana cinaa kaaʼa. 11 Achiis uffata isaa of irraa baasee+ uffata kan biraa uffachuudhaan daaraa sana bakka qulqulluu buufatichaa alatti argamutti geessa.+ 12 Ibiddichi iddoo aarsaa irratti bobaʼuu isaa ittuma fufa. Dhaamuu hin qabu. Lubichis yeroo hundumaa ganama ganama achi irratti qoraan haa bobeessu;+ aarsaa gubamu sanas isa irratti tarree galchee haa naqu; coomni aarsaa gamtaa sunis achi irratti akka aaru haa godhu.+ 13 Yeroo hundumaa iddoo aarsaa irratti ibiddi ni bobaʼa. Dhaamuu hin qabu.

14 “‘Seerri aarsaa midhaanii kana dha:+ Isin warri ilmaan Aaron taatan, iddoo aarsaa fuulduratti Yihowaa duratti isa ni dhiheessitu. 15 Isaan keessaa inni tokko daakuu bullaaʼaa aarsaa midhaanii irraa hammaarraa tokko, zayitii muraasaa fi ixaana adii isa aarsaa midhaanii irra jiru sana hundumaa ni fuudha; achiis guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan aarsaa urgaan isaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti Yihowaadhaaf akka aaru godha.+ 16 Wanta isa irraa hafe Aaronii fi ilmaan isaa ni nyaatu.+ Innis iddoo qulqulluu keessatti akka maxinootti tolfamee nyaatama. Isaan mooraa dunkaana walgaʼii keessatti isa nyaatu.+ 17 Aarsaan midhaanii kun wanta raacitii qabu akkamii iyyuu wajjin tolfamuu hin qabu.+ Ani aarsaa koo isa ibiddaan dhihaatu irraa gaʼee isaanii godhee kana isaaniif kenneera.+ Kun akkuma aarsaa cubbuu fi akkuma aarsaa yakkaa, hundumaa caalaa qulqulluu dha.+ 18 Ilmaan Aaron keessaa dhiironni hundi isa ni nyaatu.+ Kun aarsaawwan Yihowaa warra ibiddaan dhihaatan irraa guutummaa dhaloota keessanii keessatti isaaniif gaʼee dhaabbataa taʼe dha.+ Wanti isaan* tuqu kam iyyuu qulqulluu taʼa.’”

19 Ammas Yihowaan akkana jechuudhaan Museetti dubbate: 20 “Guyyaa inni dibamutti+ wanti Aaronii fi ilmaan isaa Yihowaadhaaf aarsaa godhanii dhiheessan kana dha: aarsaa midhaanii+ isa yeroo hundumaa dhihaatu akka taʼuuf daakuu bullaaʼaa eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko*+ walakkaa isaa ganama, walakkaa isaa immoo galgala ni dhiheessu. 21 Innis eelee irratti zayitiidhaan ni tolfama.+ Atis akka gaariitti zayitiidhaan isa ni makta; aarsaa midhaanii isa tolfame sana caccabsitees aarsaa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootee ni dhiheessita. 22 Ilmaan isaa keessaa lubni dibamaan bakka isaa buʼu+ isa ni dhiheessa. Kun seera dhaabbataa taʼe dha: Inni aarsaa guutummaatti dhihaatu taʼee Yihowaadhaaf akka aaru ni godhama. 23 Aarsaan midhaanii lubni tokko dhiheessu hundi aarsaa guutummaatti dhihaatu taʼuu qaba. Nyaatamuu hin qabu.”

24 Yihowaan ammas akkana jedhee Museetti dubbate: 25 “Akkana jedhii Aaronii fi ilmaan isaatti himi: ‘Seerri aarsaa cubbuu kana dha:+ Horiin aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu bakkuma horiin aarsaa gubamu taʼee dhihaatu itti qalamutti+ Yihowaa duratti ni qalama. Inni hundumaa caalaa qulqulluu dha. 26 Lubni sababii cubbuutiif isa dhiheessu isa ni nyaata.+ Iddoo qulqulluu keessatti, jechuunis mooraa dunkaana walgaʼii keessatti nyaatama.+

27 “‘Wanti foonicha tuqe hundi qulqulluu ni taʼa; namni kam iyyuu dhiiga sana uffata isaa irratti yoo facaase, wanta dhiigni irratti facaʼe sana iddoo qulqulluu keessatti dhiquu qabda. 28 Miini suphee foonichi ittiin affeelame haa caccabsamu. Foonichi miʼa sibiila diimaa keessatti kan affeelame yoo taʼe garuu, miini sun rigamee bishaaniin haa dhiqamu.

29 “‘Dhiironni luboota taʼan hundi isa ni nyaatu.+ Inni hundumaa caalaa qulqulluu dha.+ 30 Horiin aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu dhiigni isaa iddoo qulqulluu keessatti araara argamsiisuuf gara dunkaana walgaʼiitti kan fidame yoo taʼe garuu nyaatamuu hin qabu.+ Ibiddaan gubamuu qaba.

7 “‘Seerri aarsaa yakkaa+ kana dha: Inni hundumaa caalaa qulqulluu dha. 2 Isaan idduma horii aarsaa gubamuu itti qalanitti, horii aarsaa yakkaa sana ni qalu; dhiigni+ isaas cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti haa facaafamu.+ 3 Inni duboo isaa fi cooma marʼimaan uwwise dabalatee cooma isaa hundumaa,+ 4 akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru ni dhiheessa. Kana malees cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+ 5 Lubichis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee iddoo aarsaa irratti akka aaran ni godha.+ Kun aarsaa yakkaa ti. 6 Dhiirri luba taʼe hundi isa ni nyaata;+ iddoo qulqulluu keessatti nyaatamuu qaba. Kun hundumaa caalaa qulqulluu dha.+ 7 Seerri aarsaa cubbuu ilaalchisee kenname aarsaa yakkaatiifis ni hojjeta; inni kan luba isa araara ittiin argamsiisu sanaa ni taʼa.+

8 “‘Lubichi nama tokkoof aarsaa gubamu yommuu dhiheessu, horii aarsaa gubamuu isa namichi lubichaaf dhiheesse sana keessaa gogaan isaa+ kan lubichaa ni taʼa.

9 “‘Aarsaan midhaanii iddoo ibiddaa keessatti tolfame yookiin distii keessatti yookiin eelee irratti+ qophaaʼe kam iyyuu kan luba isa isa dhiheessu sanaa ti. Kun kan isaa ni taʼa.+ 10 Aarsaan midhaanii zayitiidhaan makame+ yookiin goggogaa taʼe+ kam iyyuu garuu kan ilmaan Aaron hundumaa ni taʼa; hundi isaanii gaʼee wal qixa taʼe ni qabaatu.

11 “‘Seerri aarsaa gamtaa+ namni tokko Yihowaadhaaf dhiheessuu isa kana dha: 12 Inni galata isaa ibsuuf kan isa dhiheessu yoo taʼe,+ maxinoo bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan makame, maxinoo haphii zayitii dibame, akkasumas maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa bifa amartiitiin tolfamee fi akka gaariitti zayitiidhaan makamee jiidhe aarsaa galataa sanaa wajjin ni dhiheessa. 13 Aarsaa isaa daabboo bukaaʼaa bifa amartiitiin tolfamee fi aarsaa gamtaa isa aarsaa galataa godhee dhiheessuu wajjin ni dhiheessa. 14 Innis tokkoon tokkoon aarsaawwan sanaa irraa tokko tokko gaʼee qulqulluu godhee Yihowaadhaaf ni dhiheessa; innis kan lubicha isa dhiiga aarsaawwan gamtaa facaasu sanaa ni taʼa.+ 15 Foon horii aarsaa gamtaa aarsaa galataa taʼee dhihaatu sun guyyaa inni isa dhiheessutti nyaatama. Inni hamma ganamaatti isa irraa homaa hambisuu hin qabu.+

16 “‘Aarsaan inni dhiheessu wareega+ yookiin kennaa fedhiidhaan kennamu yoo taʼe,+ aarsaan sun guyyaa inni aarsaa isaa itti dhiheessutti haa nyaatamu; wanti isa irraa hafes guyyaa itti aanutti nyaatamuu dandaʼa. 17 Foon aarsaa sanaa hamma guyyaa sadaffaatti hafe kam iyyuu garuu ibiddaan haa gubamu.+ 18 Foon aarsaa gamtaa namichi dhiheesse irraa kam iyyuu guyyaa sadaffaatti yoo nyaatame garuu, namichi isa dhiheesse fudhatama hin argatu. Aarsichi isaaf hin lakkaaʼamu; foon kun wanta jibbisiisaa dha; namni* isa irraa nyaatus balleessaa isaatiif itti gaafatama.+ 19 Foon wanta xuraaʼaa taʼe kam iyyuu tuqe nyaatamuu hin qabu. Ibiddaan gubamuu qaba. Namni qulqulluu taʼe kam iyyuu foon qulqulluu taʼe nyaachuu ni dandaʼa.

20 “‘Haa taʼu malee, namni* qulqulluu hin taanee fi foon aarsaa gamtaa isa kan Yihowaa taʼe nyaatu kam iyyuu saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.*+ 21 Namni* tokko wanta qulqulluu hin taane kam iyyuu, jechuunis xuraaʼummaa namaa+ yookiin horii xuraaʼaa+ yookiin wanta jibbisiisaa xuraaʼaa taʼe kam iyyuu yoo+ tuqee fi foon aarsaa gamtaa isa kan Yihowaa taʼe irraa yoo nyaate, namni* sun saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.’”*

22 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 23 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Isin cooma qotiyyoo yookiin cooma xobbaallaa hoolaa yookiin cooma reʼee kam iyyuu hin nyaatinaa.+ 24 Coomni horii duʼee argamee yookiin coomni horii horii biraan ajjeesee kaayyoo kan biraa kamiif iyyuu ooluu ni dandaʼa; haa taʼu malee, isin matumaa isa hin nyaatinaa.+ 25 Namni cooma horii isa aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee dhiheesse sanaa nyaatu kam iyyuu saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.*

26 “‘Iddoowwan jireenyaa keessan keessaa isa kamitti iyyuu dhiiga simbirrootaas taʼe dhiiga horii kamii iyyuu hin nyaatinaa.+ 27 Namni* dhiiga akkamii iyyuu nyaatu hundi saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.’”*+

28 Yihowaan ammas Museedhaan akkana jedhe: 29 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni Yihowaadhaaf aarsaa gamtaa dhiheessu kam iyyuu, aarsaa gamtaa+ isaa irraa hamma tokko Yihowaadhaaf haa fidu. 30 Aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu akka taʼuufis cooma sana handaraafa isaa wajjin harka isaatiin ni fida;+ achiis asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee ni dhiheessa.+ 31 Lubichi coomni isaa iddoo aarsaa irratti akka aaru godha;+ handaraafni isaa garuu kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ni taʼa.+

32 “‘Aarsaawwan gamtaa keessan keessaa luka mirgaa gaʼee qulqulluu gootanii lubichaaf ni kennitu.+ 33 Ilmi Aaron inni dhiiga aarsaawwan gamtaa sanaa fi cooma sana dhiheessu luka mirgaa gaʼee isaa godhee ni fudhata.+ 34 Ani aarsaawwan gamtaa isa Israaʼelonni dhiheessan irraa handaraafa horii aarsaa sochoofamu taʼee dhihaatee fi luka isa gaʼee qulqulluu taʼee dhihaate nan fudhadha; Israaʼelotaaf dambii dhaabbataa akka taʼuufis Aaron lubichaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+

35 “‘Guyyaa inni Yihowaadhaaf luboota taʼanii akka tajaajilan isaan dhiheessetti+ lubootaaf, jechuunis Aaronii fi ilmaan isaatiif akka adda baafamuuf gaʼeen aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu irraa fudhatame isa kana. 36 Yihowaan guyyaa isaan dibetti+ gaʼeen kun Israaʼelota irraa fuudhamee akka isaaniif kennamu ajajeera. Kun dhaloota isaanii keessatti dambii dhaabbataa taʼe dha.’”

37 Aarsaa gubamu,+ aarsaa midhaanii,+ aarsaa cubbuu,+ aarsaa yakkaa,+ aarsaa muudamaa+ fi aarsaa gamtaa+ ilaalchisee seerri kenname kana dha; 38 seerri kun, isa Yihowaan guyyaa Israaʼelonni aarsaawwan isaanii lafa onaa Siinaa keessatti Yihowaadhaaf akka dhiheessan ajajetti+ Gaara Siinaa irratti Musee ajaje sana dha.+

8 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Aaronii fi ilmaan isaa,+ uffatawwan sana,+ zayitii dibataa,+ jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaatu, korbeeyyii hoolaa lamaanii fi guuboo maxinoo sana fudhadhuutii+ 3 guutummaan yaaʼichaa balbala dunkaana walgaʼii irratti akka walitti qabamu godhi.”

4 Achiis Museen akkuma Yihowaan isa ajaje godhe; yaaʼiin sunis balbala dunkaana walgaʼii irratti walitti qabame. 5 Museenis yaaʼii sanaan, “Yihowaan akkana akka goonu nu ajajeera” jedhe. 6 Kanaafuu, Museen Aaronii fi ilmaan isaa dhiheessee bishaaniin isaan dhiqe.+ 7 Sana booda uffata dheeraa+ sana isatti uwwise; sabbatichas isatti hidhe;+ qoloo sana isatti uwwise;+ efuudichas isa irra kaaʼee+ iddoo isaatii akka hin sochooneef sabbata efuudichaa isa dhaʼame sanaan ni hidhe.+ 8 Kiisii qomaa+ sana isa irra ni kaaʼe; Uuriimii fi Tuumiimii+ sanas kiisii qomaa sana keessa kaaʼe. 9 Achiis akkuma Yihowaan Musee ajajee turetti marata mataa+ sana mataa isaa irra ni kaaʼe; marata mataa sana fuulduraanis warqii diriiraa calaqqisu, jechuunis mallattoo qulqulluu kan murteeffaman taʼuu argisiisu*+ ni kaaʼe.

10 Museenis zayitii dibataa fuudhee godoo qulqulluu sanaa fi wanta achi keessa jiru hundumaa ni dibe,+ ni qulqulleesses. 11 Sana booda isaan qulqulleessuuf zayitii dibataa sana iddoo aarsaa irratti siʼa torba ni facaase; iddoo aarsaa sanaa fi miʼawwan isaa hundumaa, akkasumas miʼa bishaanii fi wanta inni irra taaʼus ni dibe. 12 Dhuma irratti zayitii dibataa sana irraa muraasa isaa mataa Aaron irratti dhangalaase; isa qulqulleessuufis isa dibe.+

13 Achiis akkuma Yihowaan isa ajajetti Museen ilmaan Aaron dhiheessee uffata dheeraa sana isaanitti uwwise; sabbata isaanitti hidhe; akkasumas marata mataa isaan irra kaaʼe.*+

14 Achiis jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaatu sana ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaatu sanaa irra ni kaaʼan.+ 15 Museenis isa qalee dhiiga+ isaa irraa quba isaatiin fuudhee gaanfota iddoo aarsaa kallattii hundumaatiin argaman sana ni dibe; iddoo aarsaa sanas cubbuu irraa ni qulqulleesse; dhiiga isa hafe garuu iddoo aarsaa jalatti dhangalaase; akka kanaan achi irratti araarri akka argamuuf iddoo aarsaa sana qulqulleesse. 16 Sana booda Museen cooma marʼimaan irra jiru hundumaa, cooma tiruu irra jiru, kaleewwan lamaanii fi cooma isaanii fuudhee iddoo aarsaa irratti akka aaran godhe.+ 17 Achiis Museen akkuma Yihowaan isa ajajetti qaama jibicha sanaa isa hafe, gogaa isaa, foon isaa fi cumaa isaa buufatichaa alatti ibiddaan ni gube.+

18 Korbeessa hoolaa aarsaa gubamuuf dhihaatu sanas ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa korbeessa sanaa irra ni kaaʼan.+ 19 Achiis Museen isa qalee dhiiga isaa cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti facaase. 20 Museen korbeessa hoolaa sana buusaa buusaa isaatti kukkutee mataan isaa, buusaawwan isaa fi moorri isaa* akka aaru godhe. 21 Achiis marʼimaan isaa fi luka isaa bishaaniin dhiqee korbeessi hoolaa sun guutummaatti iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe. Kun aarsaa gubamu isa urgaan isaa gammachiisu* dha. Kun akkuma Yihowaan Musee ajajee turetti aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu dha.

22 Achiis korbeessa hoolaa isa lammaffaa, jechuunis korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu irratti dhihaatu+ sana ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa korbeessa hoolaa sanaa irra ni kaaʼan.+ 23 Museenis isa ni qale; dhiiga isaa irraas muraasa fuudhee fiixee gurra mirgaa Aaron, abgudduu harka mirgaa isaa fi abgudduu miila mirgaa isaa ni dibe. 24 Achiis Museen ilmaan Aaron gara fuulduraatti ni dhiheesse; dhiiga sana irraas muraasa fuudhee fiixee gurra mirgaa isaanii, abgudduu harka mirgaa isaanii fi abgudduu miila mirgaa isaanii ni dibe; dhiiga isa hafe garuu cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti facaase.+

25 Achiis cooma sana, duboo sana, cooma marʼimaan irra jiru hundumaa, cooma tiruu irra jiru, kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, akkasumas luka mirgaa ni fuudhe.+ 26 Achiis guuboo maxinoo isa Yihowaa dura jiru sana keessaa, maxinoo bifa amartiitiin tolfame+ tokko, maxinoo bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan jiidhe+ tokko, akkasumas maxinoo haphii tokko ni baase. Achiis cooma sanaa fi luka mirgaa sana irra isaan kaaʼe. 27 Hunduma isaaniis barruu Aaronii fi barruu ilmaan isaa irra kaaʼee, Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheessuuf asii fi achi isaan sochoosuu jalqabe. 28 Achiis Museen harka isaanii irraa fuudhee iddoo aarsaa irratti, aarsaa isa gubamuu olitti akka aaran godhe. Kanneen kun aarsaa muudamaa isa urgaan isaa gammachiisu* turan. Kun aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu ture.

29 Achiis Museen handaraafa sana fuudhee asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheesse.+ Akkuma Yihowaan Musee ajajetti, korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu irratti dhihaatu sana irraa handaraafni isaa gaʼee Musee ni taʼe.+

30 Achiis Museen zayitii dibataa+ sanaa fi dhiiga iddoo aarsaa irra jiru sana irraa muraasa fuudhee Aaronii fi uffata isaa irratti, akkasumas ilmaan isaa fi uffata ilmaan isaa warra isaa wajjin turan irratti ni facaase. Akka kanaan Aaronii fi uffata isaa, akkasumas ilmaan isaa+ fi uffata isaanii ni qulqulleesse.+

31 Achiis Museen Aaronii fi ilmaan isaatiin akkana jedhe: “Foonicha balbala dunkaana walgaʼii irratti affeelaa;+ akkuman, ‘Aaronii fi ilmaan isaa isa ni nyaatu’ jedhamee ajajamettis foonicha maxinoo isa guuboo muudamaa keessa jiruu wajjin achumatti ni nyaattu.+ 32 Foonichaa fi maxinoo sana irraa wanta hafe ibiddaan ni gubdu.+ 33 Luboota godhanii isin muuduuf* guyyaa torba waan fudhatuuf, hamma guyyaan muudamaa keessan xumuramutti guyyaa torbaaf balbala dunkaana walgaʼii sana dura turaa.+ 34 Isiniif araara argamsiisuuf+ wanta harʼa goone kana akka raawwannu Yihowaan ajajeera. 35 Isin guyyaa torbaaf halkanii fi guyyaa balbala dunkaana walgaʼii dura turaa;+ akka hin duuneefis dirqama Yihowaan isin irraa eegu raawwadhaa;+ sababiin isaas, ani kana ajajameera.”

36 Aaronii fi ilmaan isaas wanta Yihowaan karaa Musee ajaje hundumaa ni raawwatan.

9 Guyyaa saddeettaffaatti+ Museen Aaronii fi ilmaan isaa, akkasumas jaarsolii Israaʼel ni waame. 2 Achiis Aaroniin akkana jedhe: “Ofii keetiif aarsaa cubbuutiif+ jabbii mudaa hin qabne tokko, aarsaa gubamuufis korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko fuudhiitii Yihowaa duratti isaan dhiheessi. 3 Israaʼelotaan garuu akkana jedhi: ‘Aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko, aarsaa gubamuufis jabbii fi xobbaallaa hoolaa waggaa tokko taʼanii fi mudaa hin qabne tokko tokko fuudhaa; 4 Yihowaa duratti aarsaa isaan gochuuf aarsaawwan gamtaatiif+ qotiyyoo tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko, akkasumas aarsaa midhaanii+ zayitiidhaan makame fuudhaa; sababiin isaas, Yihowaan harʼa isinitti ni mulʼata.’”+

5 Kanaafuu, isaan wanta Museen isaan ajaje dunkaana walgaʼii duratti ni fidan. Achiis guutummaan yaaʼichaa gara fuulduraatti dhihaatee Yihowaa dura dhaabbate. 6 Museenis, “Ulfinni Yihowaa akka isinitti mulʼatuuf,+ wanti Yihowaan akka gootan isin ajaje kana dha” isaaniin jedhe. 7 Sana booda Museen Aaroniin, “Iddoo aarsaatti dhihaadhu; achiis aarsaa cubbuu+ fi aarsaa gubamu dhiheessiitii ofii keetiif,+ akkasumas mana keetiif araara argamsiisi; sana booda immoo aarsaa sabichaa dhiheessiitii+ araara isaaniif argamsiisi;+ kanas akkuma Yihowaan ajajetti raawwadhu” jedhe.

8 Aaronis yeruma sana gara iddoo aarsaatti dhihaatee jabbii aarsaa cubbuu isaatiif dhihaatu sana ni qale.+ 9 Ilmaan Aaronis dhiigicha gara isaatti fidan;+ innis quba isaa dhiiga sana keessa cuuphee gaanfota iddoo aarsaa dibe; dhiiga isa hafe immoo iddoo aarsaa jalatti dhangalaase.+ 10 Inni akkuma Yihowaan Musee ajajetti, horii aarsaa cubbuutiif dhihaate sana irraa cooma, kaleewwanii fi cooma tiruu irra jiru fuudhee iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe.+ 11 Foonii fi gogaa isaa garuu buufatichaa alatti ibiddaan ni gube.+

12 Achiis horii aarsaa gubamuu sana ni qale; ilmaan Aaronis dhiigicha isatti kennan; innis cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti isa facaase.+ 13 Horii aarsaa gubamuu isa buusaa buusaatti kukkutame sana mataa isaa wajjin isatti ni kennan; innis iddoo aarsaa irratti akka aaran godhe. 14 Kana malees, marʼimaan isaa fi miila isaa ni dhiqe; achiis iddoo aarsaa irratti, aarsaa gubamu sana gubbaatti akka aaran godhe.

15 Achiis aarsaa sabichaa ni dhiheesse; reʼee isa aarsaa cubbuu sabichaatiif dhihaatu sana fuudhee ni qale; isas akkuma isa jalqabaatti aarsaa cubbuu godhee dhiheesse. 16 Horii aarsaa gubamuu sana erga fidee boodas akkuma yeroo hundumaa godhamutti isa dhiheesse.+

17 Achiis, aarsaa gubamu isa ganama ganama dhihaatu+ malees, aarsaa midhaanii sana ni dhiheesse;+ isa irraas harka isaa guutee fudhachuudhaan iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe.

18 Sana booda qotiyyoo fi korbeessa hoolaa aarsaa gamtaa sabichaatiif dhihaatan sana ni qale. Ilmaan Aaronis dhiigicha isatti ni kennan; innis cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti isa facaase.+ 19 Isaanis cooma qotiyyoo,+ duboo korbeessa hoolaa, cooma miʼawwan garaa uwwise, kaleewwanii fi cooma tiruu irra jiru fuudhanii,+ 20 cooma sana hundumaa handaraafa horiiwwan sanaa irra ni kaaʼan; innis coomni sun iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe.+ 21 Handaraafa sanaa fi luka mirgaa sana garuu Aaron akkuma Museen ajajametti asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheesse.+

22 Achiis Aaron harka isaa gara sabichaatti ol kaasee isaan eebbise;+ aarsaa cubbuu, aarsaa gubamuu fi aarsaawwan gamtaa erga dhiheessee boodas iddoo aarsaa sana irraa gad ni buʼe. 23 Dhuma irrattis Musee fi Aaron gara dunkaana walgaʼichaatti seenanii achii erga baʼanii booda sabicha eebbisan.+

Yeroo kanatti ulfinni Yihowaa guutummaa sabichaatti ni mulʼate;+ 24 achiis ibiddi Yihowaa biraa baʼee+ aarsaa gubamuu fi cooma iddoo aarsaa irra jiru sana nyaachuu jalqabe. Guutummaan sabichaas yommuu kana argan gammachuudhaan iyyuu jalqaban; achiis adda isaaniitiin lafatti gombifaman.+

10 Boodas ilmaan Aaron kan taʼan Naadaabii fi Abihuun+ qodaa ibiddaa fuudhanii ibidda erga itti naqanii booda ixaana+ isa irra kaaʼan. Achiis Yihowaa duratti ibidda isa hin heyyamamne,+ jechuunis isa inni akka raawwatan isaan hin ajajne dhiheessuu jalqaban. 2 Yeroo kanatti ibiddi Yihowaa biraa baʼee isaan nyaate;+ kanaafuu, isaan Yihowaa duratti ni duʼan.+ 3 Achiis Museen, “Yihowaan, ‘Ani namoota natti dhihoo jiran gidduutti qulqulluu nan taʼa;+ guutummaa sabichaa durattis ulfina nan argadha’ jedheera” jedhee Aaronitti dubbate. Yeroo kanatti Aaron calluma jedhe.

4 Kanaafuu, Museen Mishaaʼelii fi Elizaafaan warra ilmaan Uuziʼel+ isa wasiila Aaron taʼe sanaa waamee, “As kottaa, obboloota keessan fuudhaatii iddoo qulqulluu kana fuulduraa gara iddoo buufatichaa alatti argamuutti isaan geessaa” isaaniin jedhe. 5 Isaanis akkuma Museen isaan ajajetti, gara fuulduraatti dhufanii namoota sana akkuma uffata isaanii uffatanii jiranitti gara iddoo buufatichaa alatti argamuutti geessan.

6 Achiis Museen Aaroniin, akkasumas Eleʼazaarii fi Itaamaar warra ilmaan Aaron taʼan kaaniin akkana jedhe: “Isin akka hin duunee fi Waaqayyo guutummaa yaaʼichaatti akka hin dheekkamneef, mataa keessan filachuu hin dhiisinaa yookiin uffata keessan hin tarsaasinaa.+ Guutummaan mana Israaʼel warri obboloota keessan taʼan namoota Yihowaan ibiddaan ajjeese sanaaf ni booʼu. 7 Zayitiin dibataa Yihowaa isin irra waan jiruuf, isin balbala dunkaana walgaʼii irraa hin fagaatinaa; taʼuu baannaan garuu ni duutu.”+ Kanaafuu, isaan akkuma Museen jedhe ni godhan.

8 Achiis Yihowaan Aaroniin akkana jedhe: 9 “Isin akka hin duuneef, atii fi ilmaan kee warri sii wajjin jiran yommuu gara dunkaana walgaʼiitti seentan daadhii wayinii yookiin dhugaatii alkoolii kan biraa hin dhuginaa.+ Kun guutummaa dhaloota keessaniitiif dambii dhaabbataa taʼe dha. 10 Kunis wanta Waaqayyoof murteeffamee fi wanta xuraaʼaa taʼe gidduu, akkasumas wanta qulqulluu hin taanee fi wanta qulqulluu taʼe gidduu garaa garummaan akka jiraatu gochuuf,+ 11 dambiiwwan Yihowaan karaa Musee isaanitti dubbate hundumaas Israaʼelota barsiisuufi.”+

12 Achiis Museen Aaroniin, akkasumas Eleʼazaarii fi Itaamaar warra ilmaan Aaron taʼanii fi lubbuudhaan oolaniin akkana jedhe: “Kun hundumaa caalaa qulqulluu waan taʼeef,+ aarsaawwan midhaanii aarsaawwan Yihowaa ibiddaan dhihaatan irraa hafan akka maxinootti tolchaatii iddoo aarsaa biratti nyaadhaa.+ 13 Inni aarsaawwan Yihowaa ibiddaan dhihaatan keessaa gaʼee kee fi gaʼee ilmaan keetii waan taʼeef, isin iddoo qulqulluu keessatti isa nyaadhaa;+ sababiin isaas, wantin ajajame kana dha. 14 Kana malees ati, ijoolleen dhiiraa kee fi ijoolleen durbaa kee warri sii wajjin jiran+ handaraafa aarsaa sochoofamuu fi luka gaʼee qulqulluu taʼe+ sana iddoo qulqulluu keessatti nyaadhaa; sababiin isaas, wantoonni kun aarsaawwan gamtaa Israaʼelonni dhiheessan keessaa gaʼee kee fi gaʼee ilmaan keetii akka taʼaniif kan kennamani dha. 15 Isaan aarsaa sochoofamu Yihowaa duratti asii fi achi sochoosuuf, luka isa gaʼee qulqulluu taʼee fi handaraafa aarsaa sochoofamu sanaa, aarsaawwan coomaa warra ibiddaan dhihaatanii wajjin ni fidu; akkuma Yihowaan ajajettis inni sii fi ilmaan kee warra sii wajjin jiraniif gaʼee dhaabbataa ni taʼa.”+

16 Museenis reʼee aarsaa cubbuutiif+ taʼu sana itti dhimmee barbaade; achiis gubamuu isaa hubate. Kanaafuu, Eleʼazaarii fi Itaamaar warra ilmaan Aaron taʼanii fi lubbuudhaan oolanitti akka malee aaree akkana isaaniin jedhe: 17 “Inni hundumaa caalaa qulqulluu waan taʼeef, akkasumas balleessaa yaaʼichaa akka irraa kaastanii fi Yihowaa duratti araara akka isaaniif argamsiistaniif kan isiniif kenname waan taʼeef, isin aarsaa cubbuu sana iddoo qulqulluu keessatti nyaachuu kan dhiistan maaliifi?+ 18 Kunoo, dhiigni isaa gara iddoo qulqulluutti hin galfamne.+ Akkuman ajajametti isin dhugumaan iddoo qulqulluu keessatti isa nyaachuu qabdu turtan.” 19 Aaronis deebisee Museedhaan akkana jedhe: “Kunoo, harʼa sabichi aarsaa cubbuu fi aarsaa isaanii isa gubamu Yihowaa duratti kan dhiheessan+ taʼus, wantoonni kun ana irra gaʼaniiru. Maarree harʼa aarsaa cubbuu sana utuun nyaadheera taʼee, kun Yihowaa ni gammachiisa turee?” 20 Museen kana yommuu dhagaʼu ni gammade.

11 Achiis Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Akkana jedhaa Israaʼelotatti himaa: ‘Uumamawwan jiraatoon* lafa irraa isin nyaattan kanneen kana dha:+ 3 Horiin kotteen isaa baqaqee lamatti hiramee fi alala guuru kam iyyuu nyaatamuu dandaʼa.

4 “‘Haa taʼu malee, horiiwwan alala guuran yookiin kotteen isaanii baqaqe kana hin nyaatinaa: gaalli alala kan guuru taʼus kotteen isaa baqaqaa miti. Inni isiniif xuraaʼaa dha.+ 5 Osoleen+ alala kan guurtu taʼus kotteen ishii baqaqaa miti. Ishiin isiniif xurooftuu dha. 6 Illeettiin alala kan guurtu taʼus kotteen ishii baqaqaa miti. Ishiin isiniif xurooftuu dha. 7 Booyyeen+ kotteen isaa baqaqee lamatti kan hirame taʼus alala hin guuru. Inni isiniif xuraaʼaa dha. 8 Foon isaanii irraa isa kam iyyuu hin nyaatinaa yookiin raqa isaanii hin tuqinaa. Isaan isiniif xuraaʼoo dha.+

9 “‘Wantoota bishaan keessa jiran hundumaa keessaa kan nyaattan kanneen kana dha: Wantoota bishaan keessa, jechuunis galaana yookiin laga keessa jiran hundumaa keessaa warra baallee fi qola qaban nyaachuu dandeessu.+ 10 Haa taʼu malee, uumamawwan gareedhaan jiraatan dabalatee wantoonni galaana yookiin laga keessa jiraatanii fi baallee fi qola hin qabne hundi, isiniif jibbisiisoo dha. 11 Eeyyee, isaan isiniif wantoota jibbisiisoo dha; foon isaanii keessaa isa kam iyyuu hin nyaatinaa;+ raqa isaaniis jibbaa. 12 Wanta bishaan keessatti argamu keessaa baallee fi qola kan hin qabne kam iyyuu isiniif jibbisiisaa dha.

13 “‘Uumamawwan barrisan keessaa wantoonni jibbuu qabdanii fi jibbamoo waan taʼaniif nyaatamuu hin qabne kanneen kana dha: risaa,+ culullee qurxummii nyaatu, ruumicha gurraacha,+ 14 culullee diimtuu fi culullee gurraattii akaakuu hundumaa, 15 arraagessa akaakuu hundumaa, 16 guchii, hurunguu, simbirroo bishaanii, coroffee akaakuu hundumaa, 17 hurunguu xinnoo, haadha quufoo, hurunguu gurra dheeratu, 18 daakkiyyee guddoo, allaattii bishaanii, ruumicha, 19 allaattii awwaannisaa, haadha gaayyee akaakuu hundumaa, simbira guttiyyaa qabduu fi simbira halkanii. 20 Ilbiisonni baallee qabanii fi luka arfaniin deeman hundi isiniif jibbisiisoo dha.

21 “‘Ilbiisota baallee qabanii fi luka arfaniin deeman keessaa warra faana isaaniitii olitti lukti isaanii dadachaʼuu fi lafa irra utaalan qofa nyaadhaa. 22 Kanneen kana nyaachuu dandeessu: awwaannisa godaanu akaakuu garaa garaa, awwaannisa nyaatamu+ kan biraa, farda waaqayyoo fi kuruphisa. 23 Ilbiisonni baallee qabanii fi luka afuriin deeman kaan hundi isiniif jibbisiisoo dha. 24 Wantoonni kun isin xureessuu dandaʼu. Namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+ 25 Namni raqa isaanii kaase kam iyyuu uffata isaa miiccuu qaba;+ inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.

26 “‘Horiin kotteen isaa kan baqaqe taʼus lamatti hin hiramnee fi alala hin guurre kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha. Namni isaan tuqu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa.+ 27 Uumamawwan miila arfaniin deeman keessaa uumamni jiraataan faana isaatiin deemu kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha. Namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. 28 Namni raqa isaanii kaase kam iyyuu uffata isaa miiccuu qaba;+ inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+ Isaan isiniif xuraaʼoo dha.

29 “‘Uumamawwan lafa irra yaaʼan keessaa kanneen kun isiniif xuraaʼoo dha: fuliyoo, hantuuta,+ loccuu akaakuu hundumaa, 30 lootuu, loccuu guddaa, loccuu bishaanii, loccuu cirrachaa fi gaararraa. 31 Uumamawwan lafa irra yaaʼan kun isiniif xuraaʼoo dha.+ Namni raqa isaanii tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+

32 “‘Miʼa mukaa, uffata, gogaa yookiin keeshaa dabalatee wanti raqni isaanii irra buʼe kam iyyuu xuraaʼaa taʼa. Miini faayidaa irra oolu kam iyyuu bishaan keessa liccifamuu qaba; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa; sana booda qulqulluu taʼa. 33 Raqni isaanii qodaa suphee keessa yoo buʼe, qodaa sana caccabsaa; wanti achi keessa ture hundis xuraaʼaa taʼa.+ 34 Nyaanni bishaan miʼa sana keessa ture tuqe kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; wanti dhugamuu fi miʼa sana keessa ture kam iyyuu xuraaʼaa taʼa. 35 Wanti raqni isaanii irratti kufe kam iyyuu xuraaʼaa taʼa. Miini ibiddaa waa itti tolchanis taʼe wanti distiin irra kaaʼamu* haa caccabsamu. Isaan xuraaʼoo dha; isiniifis hamma dhumaatti xuraaʼoo taʼanii itti fufu. 36 Burqaa bishaanii fi boolla bishaanii bishaan itti kuufamu qofatu isiniif qulqulluu taʼee itti fufa; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu garuu xuraaʼaa taʼa. 37 Raqni isaanii sanyii facaafamu irra yoo buʼe sanyiin sun qulqulluu dha. 38 Sanyicha irratti bishaan yoo naqamee fi raqni isaaniis achi irra yoo buʼe garuu, sanyiin sun isiniif xuraaʼaa taʼa.

39 “‘Horiin isin nyaattan yoo duʼe, namni raqa isaa tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+ 40 Namni foon wanta duʼe sanaa nyaate kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+ Namni raqa isaa baate kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. 41 Uumamni lafa irra yaaʼu kam iyyuu jibbisiisaa dha.+ Inni nyaatamuu hin qabu. 42 Uumama garaa isaatiin loʼu kam iyyuu, uumama miila arfaniin deemu kam iyyuu yookiin uumamawwan miila hedduudhaan lafa irra yaaʼan kam iyyuu hin nyaatinaa; isaan jibbisiisoo dha.+ 43 Uumamawwan lafa irra yaaʼan kana keessaa isa kam iyyuu nyaachuudhaan of* hin xureessinaa.+ 44 Ani Waaqa keessan Yihowaa dha;+ ani qulqulluu waanan taʼeef,+ isin of qulqulleessuu fi qulqulloota taʼuu qabdu.+ Kanaafuu, uumama lafa irra yaaʼu kamiin iyyuu of* hin xureessinaa. 45 Ani Yihowaa isa Waaqa keessan taʼuu koo mirkaneessuuf biyya Gibxii keessaa geggeessee isin baase dha;+ ani qulqulluu waanan taʼeef,+ isinis qulqulloota taʼaa.+

46 “‘Horiiwwan, uumamawwan barrisan, uumama* bishaan keessa sochoʼu hundumaa fi uumama* lafa irra yaaʼu hundumaa ilaalchisee seerri kenname kana dha; 47 kunis kan kenname, isa xuraaʼaa fi isa qulqulluu gidduu, akkasumas uumamawwan jiraatoo nyaatamuu dandaʼanii fi nyaatamuu hin dandeenye gidduu garaa garummaan akka jiraatu gochuufi.’”+

12 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Dubartiin takka ulfooftee dhiira yoo deesse, akkuma xuraaʼummaa yeroo laguu irra jirtuutti guyyaa torbaaf kan xuroofte ni taati.+ 3 Mucichis guyyaa saddeettaffaatti dhaqna haa qabamu.+ 4 Ishiin guyyoota 33 sana booda jiraniif dhiiga sana irraa of qulqulleessuu ishii itti haa fuftu. Hamma guyyoota itti qulqullooftu sana xumurtuttis wanta qulqulluu akkamii iyyuu akka hin tuqne; gara iddoo qulqulluuttis akka hin seenne.

5 “‘Durba yoo deesse immoo, akkuma yeroo laguu irra jirtuutti guyyaa 14f kan xuroofte taati. Guyyoota 66 sana booda jiraniif dhiiga sana irraa of qulqulleessuu ishii itti haa fuftu. 6 Ishiin ilma yookiin intala deessee yeroon itti qulqullooftu yommuu xumuramutti, aarsaa gubamuuf+ akka taʼutti xobbaallaa hoolaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko, aarsaa cubbuutiif akka taʼutti immoo gugee bosonaa yookiin cuucii gugee tokko gara balbala dunkaana walgaʼiitti gara lubichatti fiddi. 7 Innis Yihowaa duratti isa dhiheessee araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis dhiiga ishii isa dhangalaʼu irraa ni qulqulloofti. Seerri dubartii ilma yookiin intala deesse ilaalchisee kenname kana dha. 8 Ishiin hoolaa dhiheessuu hin dandeessu yoo taʼe garuu, gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama,+ isa tokko aarsaa gubamuuf isa tokko immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu; lubichis araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis qulqulluu taati.’”

13 Yihowaan itti fufuudhaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Namni tokko dhiitoon, cittoon yookiin roobbiin gogaa isaa* irratti yoo baʼee fi wanti kun akka dhukkuba nadaayii*+ yoo taʼe, inni gara Aaron lubichaatti yookiin ilmaan isaa warra luboota taʼan keessaa gara isa tokkootti haa geeffamu.+ 3 Lubichis madaa gogaa isaa irra jiru sana ni qora. Rifeensi madaa sana irra jiru yoo addaatee fi madaan sun gogaa sana darbee kan gad seene yoo taʼe, kun dhukkuba nadaayii ti. Lubichi madaa sana erga qoree booda namichi xuraaʼaa akka taʼe ni labsa. 4 Roobbiin gogaa isaa irra jiru adii fi gogaa sana darbee kan gad hin seenne yoo taʼe, akkasumas rifeensi sun yoo addaachuu baate garuu, lubichi namichi dhukkubsate guyyaa torbaaf namoota irraa akka adda baʼu godha.+ 5 Achiis lubichi guyyaa torbaffaatti isa ni qora; madaan sun bakkuma jirutti kan dhaabbatee fi gogaa isaa irratti kan hin babalʼanne yoo taʼe, lubichi namichi ammas guyyaa torbaaf namoota irraa akka adda baʼu ni godha.

6 “Lubichi guyyaa torbaffaatti ammas isa ni qora; madaan sun fayyuu yoo jalqabee fi gogaa sana irratti kan hin babalʼanne yoo taʼe, lubichi namichi qulqulluu taʼuu isaa labsa;+ kun cittoo dha. Achiis namichi uffata isaa miiccatee qulqulluu taʼa. 7 Namichi qulqulluu taʼuu isaa mirkaneessuuf lubicha duratti erga dhihaatee booda cittoon* sun dhugumaan gogaa isaa irratti kan babalʼate yoo taʼe garuu, inni ammas* lubicha duratti dhihaata. 8 Lubichis isa ni qora; cittoon sunis gogaa isaa irratti yoo babalʼate lubichi namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa. Kun dhukkuba nadaayii ti.+

9 “Namni tokko dhukkuba nadaayiitiin yoo qabame, gara lubichaatti fidamuu qaba; 10 lubichis isa ni qora.+ Gogaa isaa irrattis dhiitoo adiin yoo jiraatee fi rifeensa isaa yoo addeesse, akkasumas dhiitoo sana irratti madaan afaan bane+ yoo jiraate, 11 kun dhukkuba nadaayii cimaa gogaa isaa irratti baʼe waan taʼeef, lubichi namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa. Namichi xuraaʼaa waan taʼeef, lubichi deebisee isa qoruuf namoota irraa adda isa baasuun isa hin barbaachisu.+ 12 Dhukkubni nadaayii sun hamma lubichi ifatti arguu dandaʼutti guutummaa gogaa isaa irratti yoo baʼee fi dhukkubni sun mataa isaa irraa jalqabee hamma miila isaatti yoo isa uwwise, 13 lubichi erga isa qoree booda dhukkubni nadaayii guutummaa gogaa isaa akka uwwise yoo arge, namichi dhukkubsate sun qulqulluu* akka taʼe ni labsa. Guutummaan qaama isaa waan addaateef namichi qulqulluu dha. 14 Yeroo madaan afaan bane gogaa isaa irratti mulʼatu hundumaatti garuu, namichi xuraaʼaa taʼa. 15 Lubichis yeroo madaa afaan bane argutti, namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa.+ Madaan afaan bane xuraaʼaa dha. Kun dhukkuba nadaayii ti.+ 16 Madaan afaan bane yoo addaate garuu namichi gara lubichaa ni dhufa. 17 Lubichi isa ni qora;+ madaan sunis yoo addaate, lubichi namichi dhukkubsate sun qulqulluu taʼuu isaa ni labsa. Namichi qulqulluu dha.

18 “Namni tokko gogaa isaa irratti dhullaan baʼee yoo fayye, 19 garuu immoo iddoo dhullaa sanaatti dhiitoo adiin yookiin roobbii adiin gara diimaatti dhihaatu yoo baʼe, inni lubichatti of haa argisiisu. 20 Lubichis isa haa qoru;+ madaan sun gogaa sana darbee kan gad seene yoo taʼee fi rifeensi madaa sana irra jiru yoo addaate, lubichi namichi xuraaʼaa akka taʼe ni labsa. Kun dhukkuba nadaayii dhullaa sana irratti baʼe dha. 21 Lubichi yeroo isa qorutti rifeensi adiin achi irra akka hin jirre, akkasumas gogaa sana darbee akka gad hin seennee fi bifti isaa akka jijjiirame yoo arge garuu, namichi guyyaa torbaaf namoota irraa akka adda baʼu ni godha.+ 22 Madaan sun gogaa isaa irratti babalʼachuun isaa ifatti kan mulʼatu yoo taʼe, lubichi namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa. Kun dhukkuba dha. 23 Roobbiin sun bakkuma tokko kan turuu fi kan hin babalʼanne yoo taʼe garuu, kun madaa dhullaan sun fide qofa waan taʼeef, lubichi namichi qulqulluu taʼuu isaa ni labsa.+

24 “Yookiin namni tokko ibiddaan gubatee godaannisa yoo qabaatee fi foon godaannisa sanaa roobbii adii gara diimaatti dhihaatu yookiin roobbii adii yoo taʼe, 25 lubichi roobbii sana ni qora. Rifeensi roobbii sana irra jiru yoo addaatee fi gogaa sana darbee kan seene yoo taʼe, kun dhukkuba nadaayii godaannisa sana irratti baʼe waan taʼeef, lubichi namichi xuraaʼaa akka taʼe ni labsa. Kun dhukkuba nadaayii ti. 26 Lubichi yeroo isa qorutti rifeensi adiin roobbii sana irra akka hin jirre, akkasumas gogaa sana darbee akka hin seennee fi bifti isaa akka jijjiirame yoo arge garuu, namichi guyyaa torbaaf namoota irraa adda akka baʼu ni godha.+ 27 Achiis lubichi guyyaa torbaffaatti isa ni qora; roobbiin sun gogaa isaa irratti babalʼachuun isaa ifatti kan mulʼatu yoo taʼe, lubichi namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa. Kun dhukkuba nadaayii ti. 28 Roobbiin sun bakkuma tokko kan turu, gogaa isaa irratti kan hin babalʼannee fi bifa isaa kan jijjiire yoo taʼe garuu, kun dhiitoo godaannisa sanaa qofa waan taʼeef, lubichi namichi qulqulluu taʼuu isaa ni labsa; sababiin isaas, kun madaa godaannisni sun fide dha.

29 “Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka mataa isaanii yookiin areeda isaanii irratti madaan yoo baʼe, 30 lubichi madaa sana ni qora.+ Madaan sun gogaa sana darbee kan gad seene yoo taʼe, rifeensi madaa sana irra jirus keelloo fi haphii yoo taʼe, lubichi namichi xuraaʼaa akka taʼe ni labsa; kun madaa gogaa mataa yookiin madaa areedaa ti. Kun dhukkuba nadaayii mataa yookiin areeda irratti baʼu dha. 31 Lubichi madaan sun gogaa sana darbee akka hin seennee fi rifeensi gurraachi achi irra akka hin jirre yoo arge garuu, namichi madaaʼe sun guyyaa torbaaf namoota irraa adda akka baʼu ni godha.+ 32 Lubichi guyyaa torbaffaatti madaa sana ni qora; iddoon madaaʼe sun kan hin babalʼanne, rifeensa keelloo kan hin qabnee fi madaan sun gogaa sana darbee kan hin seenne yoo taʼe, 33 namichi rifeensa isaa haa haaddatu; bakka madaaʼe sana garuu haaddachuu hin qabu. Achiis lubichi namichi madaaʼe sun guyyaa torbaaf namoota irraa adda akka baʼu ni godha.

34 “Lubichi guyyaa torbaffaatti ammas iddoo madaaʼe sana ni qora; madaan gogaa mataa fi madaan areedaa sun gogaa sana irratti kan hin babalʼanne, akkasumas gogaa sana darbee kan hin seenne yoo taʼe, lubichi namichi qulqulluu taʼuu isaa ni labsa; namichis uffata isaa miiccatee qulqulluu taʼa. 35 Namichi qulqulluu taʼuun isaa erga beeksifamee booda madaan sun dhugumaan gogaa isaa irratti yoo babalʼate garuu, 36 lubichi isa ni qora; madaan sun gogaa isaa irratti yoo babalʼate, lubichi rifeensi keelloon jiraachuu isaa ilaaluun isa hin barbaachisu; namichi xuraaʼaa dha. 37 Haa taʼu malee, qorannaan sun madaan sun akka hin babalʼannee fi rifeensi gurraachi achi irratti akka biqile kan argisiisu yoo taʼe, madaan sun fayyeera jechuu dha. Namichi qulqulluu dha; lubichis namichi qulqulluu taʼuu isaa ni labsa.+

38 “Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka gogaa isaanii* irratti roobbiin yoo baʼee fi roobbiin sun adii yoo taʼe, 39 lubichi isa ni qora.+ Roobbiin gogaa irratti baʼe sun bifti isaa yoo addaate, kun shifee gogaa irratti baʼee fi miidhaa hin geessisne dha. Namni sun qulqulluu dha.

40 “Namni tokko rifeensi mataa isaa irraa dhumee moluu yoo taʼe, inni qulqulluu dha. 41 Rifeensi mataa isaa inni gara fuulduraa yoo irraa dhumee fi bakki sun moluu yoo taʼe, inni qulqulluu dha. 42 Haa taʼu malee, madaa adiin gara diimaatti dhihaatu moluu mataa isaa yookiin adda isaa irratti yoo baʼe, kun dhukkuba nadaayii gogaa mataa isaa yookiin adda isaa irratti baʼe dha. 43 Lubichis isa ni qora; dhiitoon madaa sanaa inni moluu mataa isaa irra yookiin adda isaa irra jiru sun adii gara diimaatti dhihaatu yoo taʼee fi gogaa isaa irratti dhukkuba nadaayii kan fakkaatu yoo taʼe, 44 inni dhukkuba nadaayiitiin kan qabame dha. Namichi xuraaʼaa dha; lubichis dhukkuba mataa isaa irra jiruun kan kaʼe namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa. 45 Namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame, uffanni isaa kan tatarsaʼe haa taʼu; mataan isaas utuu hin filamin haa taaʼu; innis afaan isaa* haguuggatee, ‘Ani xuraaʼaa dha, ani xuraaʼaa dha!’ jedhee haa iyyu. 46 Bara dhukkuba sanaan qabamee jiru hundumaatti xuraaʼaa ni taʼa. Inni xuraaʼaa waan taʼeef, namoota irraa adda baʼee jiraachuu qaba. Bakki jireenyaa isaas buufatichaa ala ni taʼa.+

47 “Dhukkubni nadaayii uffata suufii yookiin uffata quncee talbaa irraa tolfame yoo faale, 48 qalʼaa yookiin boffee quncee talbaa yookiin suufii, akkasumas gogaa yookiin miʼa gogaa irraa tolfame kam iyyuu yoo faale, 49 xurii magariisni gara keellootti dhihaatu yookiin xurii diimaan dhukkuba sana irraa dhufe uffaticha, gogaa sana, qalʼaa sana, boffee sana yookiin miʼa gogaa irraa tolfame kam iyyuu yoo faale, inni dhukkuba nadaayiitiin kan faalame waan taʼeef, lubichatti argisiifamuu qaba. 50 Lubichis dhukkuba sana ni qora; innis wanti dhukkubni sun irratti argame, guyyaa torbaaf akka adda baafamu godha.+ 51 Lubichi guyyaa torbaffaatti dhukkubicha yeroo qorutti, dhukkubni sun uffata sana, qalʼaa sana, boffee sana yookiin gogaa sana (gogaan sun faayidaa maaliitiif iyyuu yoo oole) irratti akka babalʼate yoo arge, kun dhukkuba nadaayii baayʼee cimaa taʼe dha; inni xuraaʼaa dha.+ 52 Dhukkubni nadaayii kun baayʼee cimaa waan taʼeef, inni uffata yookiin qalʼaa yookiin boffee suufii yookiin quncee talbaa sanaa yookiin miʼa gogaa irraa tolfamee fi dhukkubichi faale kam iyyuu haa gubu. Wantoonni kun ibiddaan gubamuu qabu.

53 “Haa taʼu malee, lubichi yeroo isa qorutti, dhukkubni sun uffata sana yookiin qalʼaa sana yookiin boffee sana yookiin miʼa gogaa irraa tolfame kam irratti iyyuu hin babalʼanne taanaan, 54 lubichi wanta faalame sana akka miiccan isaan ajaja; achiis miini sun guyyaa dabalataa torbaaf akka adda baafamu godha. 55 Achiis lubichi wanti faalame sun akka gaariitti erga miiccamee booda isa ni qora. Dhukkubichi babalʼachuu baatus, bifti faalama sanaa hin jijjiiramne taanaan inni xuraaʼaa dha. Inni keessi isaa yookiin alli isaa waan nyaatameef, ibiddaan isa gubi.

56 “Haa taʼu malee, lubichi yommuu isa qoru, wanti sun akka gaariitti erga miiccamee booda, iddoon faalame sun yoo bifa jijjiirrate, uffata sana yookiin gogaa sana yookiin qalʼaa sana yookiin boffee sana irraa kutee isa ni baasa. 57 Dhukkubichi kutaa uffatichaa kan biraa irratti yookiin qalʼaa sana yookiin boffee sana yookiin miʼa gogaa akkamii irratti iyyuu yoo mulʼate garuu, babalʼachaa waan jiruuf, wanta faalame kam iyyuu ibiddaan gubi.+ 58 Haa taʼu malee, uffata sana yookiin qalʼaa sana yookiin boffee sana yookiin miʼa gogaa irraa tolfame isa miiccame kam irraa iyyuu faalamni sun badeera yoo taʼe, inni siʼa lammaffaadhaaf haa miiccamu; qulqulluus ni taʼa.

59 “Seerri dhukkuba nadaayii uffanni suufii yookiin quncee talbaa irraa tolfame yookiin qalʼaan yookiin boffeen yookiin miini gogaa irraa tolfame kam iyyuu qulqulluu yookiin xuraaʼaa taʼuu isaa labsuuf kenname kana dha.”

14 Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbachuu isaa itti fufe: 2 “Seerri namni dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko qulqullaaʼuu isaa mirkaneessuuf guyyaa gara lubichaatti geeffamutti hordofamuu qabu kana dha.+ 3 Lubichi buufatichaa alatti baʼee isa ni qora. Namichi dhukkuba nadaayii sana irraa yoo fayye, 4 lubichi namichi of qulqulleessuuf simbirroota qulqulluu taʼan lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii akka fidu isa ajaja.+ 5 Achiis lubichi simbirroon ishiin takka miʼa suphee bishaan burqaa qabate keessatti akka qalamtu ajaja. 6 Simbirroo ishii takka garuu fuudhee muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii sanaa wajjin dhiiga simbirroo ishii bishaan burqaa irratti qalamte sanaa keessa cuupha. 7 Dhiigichas namicha isa dhukkuba nadaayii irraa of qulqulleessu sana irratti siʼa torba ni facaasa; achiis namichi qulqulluu akka taʼe ni labsa; simbirroo ishii lubbuudhaan jirtu garuu dirree keessatti gadhiisa.+

8 “Namichi of qulqulleessu sunis uffata isaa ni miiccata, rifeensa isaa hundumaa ni haaddata, bishaaniinis ni dhiqata, achiis qulqulluu ni taʼa. Sana booda gara buufatichaatti dhufuu kan dandaʼu taʼus, guyyaa torbaaf dunkaana isaatii ala ni taaʼa. 9 Guyyaa torbaffaattis rifeensa mataa isaa, areeda isaa fi nyaara isaa irra jiru hundumaa ni haaddata. Rifeensa isaa hundumaa erga haaddatee booda, uffata isaa ni miiccata, qaama isaa bishaaniin ni dhiqata, achiis qulqulluu ni taʼa.

10 “Guyyaa saddeettaffaattis xobbaallaa hoolaa mudaa hin qabne lama, xobbaallaa hoolaa goromtii mudaa hin qabne+ gara waggaa tokkoo taate takka, aarsaa midhaanii+ akka taʼuufis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii* fi zayitii safartuu loogii* tokko ni fudhata;+ 11 lubichi inni namichi of qulqulleessu sun qulqulluu akka taʼe labsu, namicha sana aarsaawwan sanaa wajjin balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa duratti dhiheessa. 12 Lubichi xobbaallaa hoolaa isa tokko fuudhee zayitii safartuu loogii sanaa wajjin aarsaa gubamu godhee ni dhiheessa;+ asii fi achi isaan sochoosuudhaanis Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheessa.+ 13 Achiis inni xobbaallaa hoolaa sana bakka horiin aarsaa cubbuu taʼee dhihaatuu fi horiin aarsaa gubamu taʼee dhihaatu yeroo hunda itti qalamutti,+ jechuunis iddoo qulqulluu keessatti ni qala; sababiin isaas, akkuma aarsaa cubbuu, aarsaan yakkaas kan lubichaa ti.+ Kun hundumaa caalaa qulqulluu dha.+

14 “Achiis lubichi dhiiga horii aarsaa yakkaatiif dhihaatu sanaa irraa muraasa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha of qulqulleessu sanaa irratti, abgudduu harka mirgaa isaa irrattii fi abgudduu miila mirgaa isaa irratti diba. 15 Achiis lubichi zayitii safartuu loogii sanaa irraa muraasa fuudhee,+ barruu harka isaa isa bitaa irratti naqa. 16 Sana booda quba harka isaa isa mirgaa zayitii barruu harka isaa isa bitaa irra jiru keessa cuuphee, zayitii sana quba isaatiin Yihowaa duratti siʼa torba ni facaasa. 17 Achiis lubichi zayitii barruu harka isaa irratti hafe keessaa muraasa isaa, fiixee gurra mirgaa namicha of qulqulleessu sanaa irratti, abgudduu harka mirgaa isaa irrattii fi abgudduu miila mirgaa isaa irratti dhiiga horii aarsaa yakkaatiif dhihaate sanaa irraan ni diba. 18 Zayitii barruu isaa irratti hafe sana immoo mataa namicha of qulqulleessu sanaa irratti dhangalaasa; achiis Yihowaa duratti namichaaf araara argamsiisa.+

19 “Lubichi horii aarsaa cubbuutiif dhihaatu sana aarsaa ni godha;+ achiis namicha of qulqulleessu sana xuraaʼummaa isaa irraa qulqulleessuuf araara isaaf ni argamsiisa; sana booda horii aarsaa gubamu taʼee dhihaatu sana ni qala. 20 Lubichis aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii+ sana iddoo aarsaa irratti dhiheessee araara isaaf ni argamsiisa;+ namichis qulqulluu ni taʼa.+

21 “Haa taʼu malee, inni hiyyeessa taʼuu isaatiin kan kaʼe wanta barbaachisu hin qabu yoo taʼe, ofii isaatiif araara argamsiisuuf aarsaa cubbuutiif aarsaa sochoofamu godhee dhiheessuuf xobbaallaa hoolaa tokko haa fidu; aarsaa midhaaniitiif akka taʼuttis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko, zayitii safartuu loogii tokko, 22 akkasumas gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama akka humna isaatti haa fidu. Inni tokko aarsaa cubbuutiif, inni kaan immoo aarsaa gubamuuf ni taʼa.+ 23 Guyyaa saddeettaffaatti,+ inni qulqulluu taʼuu isaa mirkaneessuuf balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa duratti wantoota kana gara lubichaatti fida.+

24 “Achiis lubichi xobbaallaa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhihaatee+ fi zayitii safartuu loogii sana fuudhee, asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheessa.+ 25 Lubichi xobbaallaa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhihaatu sana ni qala; achiis dhiiga horii aarsaa yakkaatiif dhihaatu sanaa irraa muraasa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha of qulqulleessu sanaa irratti, abgudduu harka mirgaa isaa irrattii fi abgudduu miila mirgaa isaa irratti ni diba.+ 26 Lubichi zayitii sana irraa muraasa barruu harka bitaa isaa irratti naqa;+ 27 achiis zayitii barruu harka isaa isa bitaa irra jiru sana irraa muraasa isaa quba harka isaa mirgaatiin Yihowaa duratti siʼa torba ni facaasa. 28 Achiis lubichi zayitii barruu harka isaa irra jiru keessaa muraasa isaa, fiixee gurra mirgaa namicha of qulqulleessu sanaa irratti, abgudduu harka mirgaa isaa irrattii fi abgudduu miila mirgaa isaa irratti, bakkuma dhiiga horii aarsaa yakkaatiif dhihaate sana dibe irratti ni diba. 29 Achiis lubichi Yihowaa duratti namichaaf araara argamsiisuuf, zayitii barruu isaa irratti hafe sana mataa namicha of qulqulleessu sanaa irratti dhangalaasa.

30 “Inni gugee bosonaa yookiin cuucii gugee akka humna isaatti fide keessaa isa tokko ni dhiheessa;+ 31 isa akka humna isaatti fide keessaa isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu+ godhee aarsaa midhaanii wajjin dhiheessa; lubichis Yihowaa duratti namicha of qulqulleessu sanaaf araara argamsiisa.+

32 “Seerri nama dhukkuba nadaayiitiin qabamee turee fi qulqulluu taʼuu isaa mirkaneessuuf wanta barbaachisu argachuu hin dandeenye ilaalchisee kenname kana dha.”

33 Achiis Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 34 “Isin gara biyya Kanaʼaan+ isa ani dhaalaan isiniif kennutti+ yommuu seentanii fi anis mana biyya keessan keessatti argamu tokko dhukkuba nadaayiitiin yommuun faalu,+ 35 abbaan mana sanaa dhufee, ‘Faalamni taʼe tokko mana koo keessatti mulʼateera’ jedhee lubichatti haa himu. 36 Lubichi wanti manicha keessa jiru hundi xuraaʼaa akka taʼe godhee akka hin labsinetti, faalama sana qoruuf dhufuu isaa dura miini hundi manicha keessaa akka baafamu ajaja; sana booda lubichi manicha qoruuf ol ni seena. 37 Innis bakka hubame ni qora; achiis girgiddaan manichaa dhooqa bifa magariisaa gara keellootti dhihaatuun yookiin bifa gara diimaatti dhihaatuun kan faalamee fi dhooqni sun girgiddaa sana darbee kan seene yoo taʼe, 38 lubichi manicha keessaa gara balbalaatti gad ni baʼa; achiis manichi guyyaa torbaaf cufamee akka turu godha.+

39 “Sana booda lubichi guyyaa torbaffaatti deebiʼee dhufee manicha qora. Faalamni sun girgiddaa manichaa irratti babalʼateera yoo taʼe, 40 lubichi ajaja kenna; dhagoonni faalaman sun baafamuu fi magaalattiidhaa ala bakka xuraaʼaa taʼetti gatamuu qabu. 41 Achiis inni manichi keessi isaa guutummaatti akka soqamu godha; maraggiin isaa fi dhoqqeen suphee irraa kaafame sunis magaalattiidhaa ala bakka xuraaʼaa taʼetti gatamuu qaba. 42 Isaanis bakka dhagoota baafaman sanaa dhagoota kan biraa haa galchan; innis dhoqqee suphee kan biraatti haa fayyadamu; manichas haa maragsiisu.

43 “Haa taʼu malee, dhagoonni sun erga baafamanii fi manichi soqamee lammata erga maragamee booda faalamni sun deebiʼee manicha keessatti yoo mulʼate, 44 lubichi ol seenee manicha qora. Faalamni sun manicha keessatti yoo babalʼate, dhukkuba nadaayii cimaatu+ manicha keessatti uumame jechuu dha. Manichi xuraaʼaa dha. 45 Innis manichi diigamee, dhagoonni isaa, saanqaawwan isaa, maraggiin isaa fi dhoqqeen suphee manichaa hundi magaalattiidhaa ala bakka xuraaʼaa taʼetti akka geeffamu godha.+ 46 Haa taʼu malee, namni guyyaa manichi cufamee itti turu+ kamitti iyyuu gara manichaatti seenu hundi hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa;+ 47 namni manicha keessa ciisu yookiin namni manicha keessatti nyaatu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu.

48 “Haa taʼu malee, lubichi dhufee manichi lammata erga maragamee booda faalamni sun manicha keessatti akka hin babalʼanne yoo arge, faalamni sun waan badeef manichi qulqulluu taʼuu isaa ni labsa. 49 Innis manicha xuraaʼummaa* isaa irraa qulqulleessuuf, simbirroota lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii ni fudhata.+ 50 Sana booda simbirroo ishii takka miʼa suphee bishaan burqaa qabate irratti ni qala. 51 Achiis muka gaattiraa, hiisoophii, foʼaa diimaa fi simbirroo ishii lubbuudhaan jirtu fuudhee dhiiga simbirroo ishii qalamte sana keessaa fi bishaan burqaa sana keessa cuuphee siʼa torba gara manichaatti ni facaasa.+ 52 Innis dhiiga simbirroo, bishaan burqaa, simbirroo lubbuudhaan jirtu, muka gaattiraa, hiisoophii fi foʼaa diimaa sanaan xuraaʼummaa* irraa manicha ni qulqulleessa. 53 Achiis simbirroo ishii lubbuudhaan jirtu magaalattiidhaa ala dirree keessatti gadhiisa; manichaafis araara argamsiisa; manichis qulqulluu ni taʼa.

54 “Seerri dhukkuba nadaayii akaakuu akkamii iyyuu, madaa gogaa mataa yookiin areeda irratti baʼu,+ 55 dhukkuba nadaayii uffata+ yookiin mana+ irratti mulʼatu, 56 akkasumas, dhiitoo, cittoo fi roobbii ilaalchisee kenname kana dha;+ 57 kunis wanti tokko xuraaʼaa yookiin qulqulluu taʼuu isaa murteessuuf gargaara.+ Seerri dhukkuba nadaayii ilaalchisee kenname kana dha.”+

15 Yihowaan itti fufuudhaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Akkana jedhaatii Israaʼelotatti dubbadhaa: ‘Dhiirri tokko qaama hormaataa* isaa keessaa dhangalaʼaan yoo yaaʼe, dhangalaʼaan kun xuraaʼaa isa godha.+ 3 Namni kun dhangalaʼaa sanaan kan kaʼe xuraaʼaa dha; dhangalaʼaan kun qaama hormaataa isaa keessaa yaaʼuu isaa yoo itti fufes taʼe qaama hormaataa isaa yoo cufe inni xuraaʼaa dha.

4 “‘Sireen namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu sun irra ciise kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa; akkasumas wanti inni irra taaʼe kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa. 5 Namni siree isaa tuqu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa.+ 6 Namni miʼa namichi dhangalaʼaan keessaa yaaʼu sun irra taaʼe irra taaʼu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 7 Namni qaama namicha dhangalaʼaan keessaa yaaʼu sanaa tuqu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 8 Namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu sun nama qulqulluu irratti yoo tufe, namni sun uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 9 Kooraan namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu irra taaʼe kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa. 10 Namni wanta inni irra taaʼu kam iyyuu tuqu hundi hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa; namni miʼawwan kana baatu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 11 Namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu+ sun harka isaa bishaaniin utuu hin dhiqatin nama tokko yoo tuqe, namni sun uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 12 Miini suphee namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu tuqe haa caccabsamu; miini mukaa kam iyyuu garuu bishaaniin haa dhiqamu.+

13 “‘Dhangalaʼaan sun yoo dhaabbatee fi namichis isa irraa yoo qulqullaaʼe, inni qulqulluu taʼuuf guyyaa torba ni lakkaaʼa; achiis uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaan burqaatti dhiqachuu qaba; innis qulqulluu ni taʼa.+ 14 Guyyaa saddeettaffaattis gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama+ fidee balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa duratti dhihaatee lubichatti isaan haa kennu. 15 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu godhee dhiheessa; achiis lubichi sababii dhangalaʼaa isaatiif namichaaf Yihowaa duratti araara ni argamsiisa.

16 “‘Dhiirri tokko sanyiin isaa yoo dhangalaʼe, guutummaa qaama isaa bishaaniin haa dhiqatu; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa.+ 17 Inni uffata yookiin gogaa sanyiin sun tuqe kam iyyuu bishaaniin haa miiccu; miini sunis hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.

18 “‘Dhiirri tokko dubartii takka wajjin yoo ciisee fi sanyiin isaa yoo dhangalaʼe, isaan qaama isaanii bishaaniin haa dhiqatan; hamma galgalaattis xuraaʼoo ni taʼu.+

19 “‘Dubartiin takka dhangalaʼaa qaama ishii keessaa yaaʼu yoo qabaatte, laguu ishiitiin kan kaʼe guyyaa torbaaf kan xuroofte ni taati.+ Namni ishii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.+ 20 Wanti ishiin yeroo xuraaʼummaa laguu ishiitti irra ciistu kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa; wanti ishiin irra teessu hundis xuraaʼaa ni taʼa.+ 21 Namni siree ishii tuqu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 22 Namni miʼa ishiin irra teesse kam iyyuu tuqu hundi uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 23 Namni siree yookiin miʼa ishiin irra teesse kan biraa tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.+ 24 Dhiirri tokko ishii wajjin yoo ciisee fi laguun xuraaʼummaa ishii yoo isa tuqe,+ guyyaa torbaaf xuraaʼaa ni taʼa; sireen inni irra ciisu kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa.

25 “‘Dubartiin takka guyyoota hedduudhaaf dhiigni ishii yoo dhangalaʼe,+ yeroon kun yeroo laguun ishii itti dhufu yoo taʼuu baate+ yookiin yeroo laguun ishii turu caalaa dhiigni ishii kan dhangalaʼu yoo taʼe, ishiin akkuma guyyoota laguu xuraaʼummaa ishiitti guyyoota dhangalaʼaan ishii keessaa yaaʼu hundumaatti kan xuroofte ni taati. 26 Sireen ishiin yeroo dhangalaʼaan ishii keessaa yaaʼu kanatti irra ciistu kam iyyuu akkuma siree yeroo xuraaʼummaa laguu ishii taʼa;+ miini ishiin irra teessu kam iyyuu akkuma yeroo xuraaʼummaa laguu ishiitti xuraaʼaa ni taʼa. 27 Namni wantoota kana tuqu kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa; inni uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa.+

28 “‘Dhangalaʼaan ishii yommuu dhaabbatu garuu, guyyaa torba ni lakkaaʼatti; sana booda qulqulluu ni taati.+ 29 Guyyaa saddeettaffaattis ishiin gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama+ haa fudhattu; achiis balbala dunkaana walgaʼii irratti gara lubichaatti isaan haa fiddu.+ 30 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu godhee dhiheessa; achiis sababii dhangalaʼaa ishii isa xuraaʼaa taʼe sanaaf Yihowaa duratti araara ishiidhaaf ni argamsiisa.+

31 “‘Akka kanaan isaan xuraaʼummaa isaaniitiin godoo qulqulluu koo isa isaan gidduu jiru xureessanii akka hin duuneef, Israaʼelonni xuraaʼummaa isaanii irraa akka fagaatan ni gootu.+

32 “‘Seerri nama dhangalaʼaan keessaa yaaʼu, nama sanyiin isaa dhangalaʼuu isaatiin kan kaʼe xuraaʼaa taʼe,+ 33 dubartii xuraaʼummaa laguu irra jirtu,+ dhiira yookiin dubartii dhangalaʼaan qaama isaanii keessaa yaaʼu kam iyyuu,+ akkasumas dhiira dubartii xurooftee wajjin ciisu ilaalchisee kenname kana dha.’”

16 Ilmaan Aaron lamaan gara Yihowaatti dhihaachuu isaaniitiin kan kaʼe erga duʼanii booda Yihowaan Museetti ni dubbate.+ 2 Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ani duumessa+ keessatti qadaadicha gubbaatti waanan mulʼadhuuf,+ inni akka hin duuneef+ golgicha+ keessa gara iddoo qulqulluutti,+ jechuunis gara qadaada isa Taaboticha irra jiru fuulleetti yeruma barbaadetti akka hin seenne obboleessa kee Aaronitti himi.

3 “Aaron yeroo iddoo qulqulluu keessa seenutti aarsaa cubbuutiif jibicha+ tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa+ tokko haa fidu. 4 Inni uffata qulqulluu dheeraa quncee talbaa+ irraa tolfame haa uffatu; qumxaa* quncee talbaa+ irraa tolfameen qaama isaa* haa dhoksu; sabbata quncee talbaa+ irraa tolfame haa hidhatu; mataa isaattis marata mataa quncee talbaa+ irraa tolfame haa maratu. Kanneen kun uffatawwan qulqulluu+ dha. Inni qaama isaa bishaaniin erga dhiqatee+ booda isaan ni uffata.

5 “Inni yaaʼii Israaʼel+ irraa aarsaa cubbuutiif reʼoota xobbaallaa kormaa lama, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fudhatu.

6 “Achiis Aaron jibicha aarsaa cubbuu ofii isaatiif taʼu haa dhiheessu; inni ofii isaatii+ fi mana isaatiif araara ni argamsiisa.

7 “Sana booda reʼoota lamaan sana fidee balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa dura isaan dhaabbachiisa. 8 Aaron reʼoota lamaan irratti carraa buusuudhaan, carraan inni tokko Yihowaadhaaf, carraan inni kan biraan immoo Azaazeeliif* akka baʼu godha. 9 Achiis reʼee isa carraadhaan+ Yihowaadhaaf baʼe fidee aarsaa cubbuu godhee dhiheessa. 10 Reʼeen inni carraadhaan Azaazeeliif baʼe garuu araara argamsiisuuf utuma lubbuudhaan jiruu Yihowaa duratti dhiheeffama; sana booda reʼeen sun Azaazeeliif akka taʼutti gara lafa onaatti ergama.+

11 “Aaron jibicha aarsaa cubbuu isaatiif dhihaatu sana dhiheessee, ofii isaatii fi mana isaatiif araara ni argamsiisa; sana booda jibicha aarsaa cubbuu ofii isaatiif taʼu sana ni qala.+

12 “Achiis inni miʼa ibiddaa,+ ibidda iddoo aarsaa Yihowaa dura jiru irraa fuudhameen guutamee+ fi ixaana urgaa gaarii qabu+ hammaarraa lama fuudhee gara golgichaatti seena.+ 13 Akkasumas inni akka hin duuneef, ixaana sana ibidda Yihowaa dura jiru irra kaaʼa;+ aarri ixaana sanaas qadaada Taabotichaa+ isa Dhugaa Baatuu+ sana irra jiru ni uwwisa.

14 “Dhiiga jibicha sanaa irraa muraasa fuudhee+ qadaadicha fuulduratti kallattii bahaatti quba isaatiin ni facaasa; dhiiga sana irraa muraasa isaa immoo qadaadicha fuulduratti quba isaatiin siʼa torba ni facaasa.+

15 “Sana booda inni reʼee aarsaa cubbuu sabichaatiif dhihaate+ sana qalee, dhiiga isaa fuudhee gara golgichaatti seenuudhaan,+ dhiiga isaatiin+ wantuma dhiiga jibicha sanaatiin raawwatee wajjin wal fakkaatu ni raawwata; dhiiga sana gara qadaadichaattii fi qadaadicha fuulduratti ni facaasa.

16 “Inni gocha xuraaʼummaa Israaʼelotaa, yakka isaanii fi cubbuu isaanii ilaalchisee+ iddoo qulqulluu sanaaf araara haa argamsiisu; dunkaana walgaʼii isa warra gocha xuraaʼummaa raawwatan gidduutti argamu sanaafis wanta kana haa godhu.

17 “Yeroo inni araara argamsiisuuf gara iddoo qulqulluutti seenee jalqabee hamma achi keessaa baʼutti, namni kan biraan dunkaana walgaʼii keessatti argamuu hin qabu. Inni ofii isaatiif, mana isaatii+ fi guutummaa gumii Israaʼeliif araara ni argamsiisa.+

18 “Sana booda gara iddoo aarsaa+ isa Yihowaa dura jiruutti gad baʼee iddoo aarsaa sanaaf araara ni argamsiisa; achiis dhiiga jibicha sanaa fi dhiiga reʼee sanaa irraa muraasa fuudhee gaanfota iddoo aarsaa kallattii hundumaatiin argaman sana ni diba. 19 Achiis dhiiga sana irraa muraasa isaa fuudhee quba isaatiin iddoo aarsaa sana irratti siʼa torba facaasuudhaan, gocha xuraaʼummaa Israaʼelotaa irraa isa ni qulqulleessa.

20 “Inni iddoo qulqulluu, dunkaana walgaʼii fi iddoo aarsaa sanaaf+ araara argamsiisuu isaa erga xumuree booda,+ reʼee isa lubbuudhaan jiru sanas ni dhiheessa.+ 21 Aaron harka isaa lamaan mataa reʼee isa lubbuudhaan jiru sanaa irra kaaʼee, balleessaa Israaʼelotaa hundumaa, yakka isaanii hundumaa fi cubbuu isaanii hundumaa isa irratti ni himata; achiis cubbuuwwan kana mataa reʼee sanaa irra kaaʼee+ namni hojii kanaaf ramadame* gara lafa onaatti akka isa geessu godha. 22 Reʼeen sunis balleessaa isaanii hundumaa baatee+ gara lafa gammoojjii deema;+ innis reʼee sana gara lafa onaatti erga.+

23 “Achiis Aaron gara dunkaana walgaʼichaatti seenee, uffata quncee talbaa irraa tolfame isa yeroo gara iddoo qulqulluutti seenetti uffate sana of irraa baasee achi kaaʼa. 24 Inni iddoo qulqulluu keessatti qaama isaa bishaaniin dhiqatee+ uffata isaa uffata;+ achii baʼees aarsaa isaa isa gubamuu+ fi aarsaa sabichaa isa gubamu dhiheessuudhaan+ ofii isaatii fi sabichaaf araara argamsiisa.+ 25 Coomni aarsaa cubbuus iddoo aarsaa irratti akka aaru godha.

26 “Namichi reʼee Azaazeeliif+ dhihaate sana geesse uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; sana booda gara buufatichaatti seenuu dandaʼa.

27 “Jibichi aarsaa cubbuu fi reʼeen aarsaa cubbuu warri araara argamsiisuuf dhiigni isaanii gara iddoo qulqulluutti geeffame sun, buufatichaa alatti geeffamu; gogaan isaanii, foon isaanii fi cumaan isaanii ibiddaan ni gubama.+ 28 Namni isaan gubu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; sana booda gara buufatichaatti seenuu dandaʼa.

29 “Kun isiniif dambii dhaabbataa ni taʼa: Jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa kurnaffaatti of cunqursaa;* lammiin biyyattiis taʼe namni biyya ormaa isin gidduu jiraatu hojii akkamii iyyuu hin hojjetin.+ 30 Isin qulqulluu akka taatan labsuuf guyyaa kanatti araarri+ isiniif ni godhama. Isinis cubbuu keessan hundumaa irraa Yihowaa duratti qulqulluu ni taatu.+ 31 Guyyaan kun isiniif sanbata guutummaatti itti boqottani dha; isin of* cunqursuu qabdu.+ Kun dambii dhaabbataa taʼe dha.

32 “Lubni abbaa isaa bakka buʼuudhaan+ luba taʼee+ akka tajaajilu dibamuu+ fi muudamu* sun araara ni argamsiisa; akkasumas uffata quncee talbaa irraa tolfame, jechuunis uffata qulqulluu+ sana ni uffata.+ 33 Inni iddoo qulqulluu sanaaf,+ dunkaana walgaʼii+ fi iddoo aarsaa+ sanaaf araara ni argamsiisa; lubootaa fi guutummaa gumii sabichaatiifis araara ni argamsiisa.+ 34 Israaʼelotaaf cubbuu isaanii hundumaatiif waggaatti siʼa tokko araara argamsiisuuf,+ kun isiniif dambii dhaabbataa taʼee tajaajila.”+

Kanaafuu, inni akkuma Yihowaan Musee ajaje ni godhe.

17 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Aaronitti, ilmaan isaattii fi Israaʼelota hundumaatti akkana jedhii dubbadhu: ‘Yihowaan akkana jedhee ajajeera:

3 “‘“Mana Israaʼel keessaa namni kam iyyuu, buufaticha keessattis taʼe buufatichaa alatti jibicha yookiin xobbaallaa hoolaa yookiin reʼee qalee, 4 aarsaa godhee godoo qulqulluu Yihowaa duratti Yihowaadhaaf dhiheessuuf gara balbala dunkaana walgaʼichaatti yoo fiduu baate, namni sun dhiiga isaatiif itti gaafatama. Dhiiga waan dhangalaaseef, namni sun saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.* 5 Kunis kan taʼu, Israaʼelonni aarsaawwan isaanii warra amma dirree keessatti dhiheessaa jiran gara Yihowaatti, gara balbala dunkaana walgaʼichaattii fi gara lubichaatti akka fidaniifi. Isaan wantoota kana aarsaawwan gamtaa godhanii Yihowaadhaaf haa dhiheessan.+ 6 Lubichis dhiiga sana balbala dunkaana walgaʼii biratti iddoo aarsaa Yihowaa irratti facaasa; cooma sanas aarsaa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee aarsa.+ 7 Kanaafuu, isaan kana booda jinniiwwan reʼee fakkaatan*+ warra wajjin sagaagalan+ sanaaf aarsaawwan dhiheessuu hin qaban. Kun guutummaa dhaloota keessanii keessatti isiniif dambii dhaabbataa ni taʼa.”’

8 “Akkana isaaniin jedhi: ‘Mana Israaʼel keessaa yookiin nama biyya ormaa isin gidduu jiraatu keessaa namni kam iyyuu aarsaa gubamu yookiin aarsaa kan biraa dhiheessee, 9 Yihowaadhaaf dhiheessuuf gara balbala dunkaana walgaʼichaatti yoo isa fiduu baate inni saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.*+

10 “‘Mana Israaʼel keessaa yookiin nama biyya ormaa isin gidduu jiraatu keessaa namni kam iyyuu dhiiga akkamii iyyuu yoo nyaate,+ ani dhugumaan fuula koo nama* dhiiga nyaatu sanatti nan gurraachessa; saba isaa gidduudhaas isa nan balleessa.* 11 Sababiin isaas, lubbuun foonii dhiiga keessa jira;+ anis akka araara isiniif* argamsiisuuf iddoo aarsaa irratti isa isiniif kenneera;+ kunis kan taʼe, karaa lubbuu isa keessa jiruun araarri akka argamu kan godhu dhiiga sana waan taʼeefi.+ 12 Ani Israaʼelotaan, “Isin keessaa eenyu iyyuu* dhiiga nyaachuu hin qabu; nama biyya ormaa isin gidduu jiraatu+ keessaas eenyu iyyuu dhiiga nyaachuu hin qabu”+ kanan jedhe kanaafi.

13 “‘Israaʼelota yookiin nama biyya ormaa isin gidduu jiraatu keessaa namni tokko bineensa bosonaa yookiin simbirroo nyaatamu tokko adamsee yoo qabe, dhiiga isaa dhangalaasee+ biyyoo itti uwwisuu qaba. 14 Sababiin isaas, lubbuun foon akkamii iyyuu dhiiga isaa ti; lubbuun achi keessa jira. Kanaan kan kaʼes ani Israaʼelotaan, “Lubbuun foon akkamii iyyuu dhiiga isaa waan taʼeef, dhiiga foon akkamii iyyuu nyaachuu hin qabdan. Namni isa nyaatu kam iyyuu ni balleeffama”*+ jedheera. 15 Namni* lammii biyyattii yookiin namni biyya ormaa horii duʼee argame yookiin horii bineensi bosonaa ciccire nyaate kam iyyuu,+ uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa;+ sana booda inni qulqulluu ni taʼa. 16 Yoo uffata isaa miiccachuu fi qaama* isaa dhiqachuu baate garuu balleessaa isaatiif itti gaafatama.’”+

18 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhiitii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.+ 3 Isin akka isaan biyya Gibxii isa isin keessa jiraachaa turtan keessatti raawwatan sanaatti hin raawwatinaa; akkasumas isin wanta isaan biyya Kanaʼaan isa ani itti isin galchu keessatti raawwatan sana hin raawwatinaa.+ Akka dambiiwwan isaaniittis hin deddeebiʼinaa. 4 Heerawwan koo raawwadhaa; dambiiwwan koo hordofaa, ittiinis deddeebiʼaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha. 5 Dambiiwwan koo fi heerawwan koo eegaa; namni akkana godhu kam iyyuu isaaniin ni jiraata.+ Ani Yihowaa dha.

6 “‘Isin keessaa eenyu iyyuu fira dhihoo isaa wajjin saalqunnamtii raawwachuuf* itti hin dhihaatin.+ Ani Yihowaa dha. 7 Abbaa kee wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; haadha tee wajjinis saalqunnamtii hin raawwatin. Ishiin haadha tee waan taateef ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.

8 “‘Haadha manaa abbaa keetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.+ Kun abbaa kee salphinaaf saaxiluu dha.*

9 “‘Intala abbaa keetiis taate intala haadha teetii, mana keessatti kan dhalattes taate alaa kan dhalatte, obboleettii tee wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.+

10 “‘Intala ilma keetii yookiin intala intala teetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; sababiin isaas, isaan qullaa ofii keetii ti.

11 “‘Intala haadha manaa abbaa keetii ishii sanyii abbaa keetii taatee wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; sababiin isaas, ishiin obboleettii tee ti.

12 “‘Obboleettii abbaa keetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin. Ishiin fira dhiigaa abbaa keetii ti.+

13 “‘Obboleettii haadha teetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; sababiin isaas, ishiin fira dhiigaa haadha teetii ti.

14 “‘Haadha manaa obboleessa abbaa keetii wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaan salphinaaf isa hin saaxilin.* Ishiin adaadaa tee ti.+

15 “‘Haadha manaa ilma keetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.+ Ishiin haadha manaa ilma keetii waan taateef ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.

16 “‘Haadha manaa obboleessa keetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin;+ sababiin isaas, kun obboleessa kee salphinaaf saaxiluu dha.*

17 “‘Dubartii takkaa fi intala ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.+ Saalqunnamtii wajjin raawwachuufis intala ilma ishii fi intala intala ishii hin fudhatin. Isaan ishiidhaaf fira dhihoo ti; kun gocha qaanessaa taʼe* dha.

18 “‘Haati manaa tee utuma lubbuudhaan jirtuu, obboleettii ishii akka haadha manaa lammaffaatti+ fudhattee ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.

19 “‘Dubartiin takka utuma xuraaʼummaa laguu irra jirtuu ishii wajjin saalqunnamtii raawwachuuf itti hin dhihaatin.+

20 “‘Haadha manaa nama kan biraa* wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaan of hin xureessin.+

21 “‘Ijoollee kee keessaa eenyu illee Moleekiif akka dhihaatu* hin godhin.+ Akkana gochuudhaan maqaa Waaqa keetii hin xureessin.+ Ani Yihowaa dha.

22 “‘Akkuma dubartii wajjin ciistutti, dhiiraa wajjin hin ciisin.+ Kun gocha jibbisiisaa taʼe dha.

23 “‘Dhiirri tokko horii wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaan of hin xureessin; dubartiin takkas horii wajjin saalqunnamtii raawwachuuf of hin dhiheessin.+ Kun wanta uumamaa ala taʼe dha.

24 “‘Saboonni warri ani isin duraa ariʼu sun wantoota kana hundumaatiin waan of xureessaniif, isin wantoota kana keessaa isa tokkoon illee of hin xureessinaa.+ 25 Kanaan kan kaʼes, biyyattiin xuroofteetti; anis sababii balleessaa ishiitiin ishii nan adaba; biyyattiinis namoota ishii keessa jiraatan ni tufti.+ 26 Haa taʼu malee, isin dambiiwwanii fi heerawwan koo eegaa;+ lammiin biyyattiis taʼe namni biyya ormaa isin gidduu jiraatu wantoota jibbisiisoo taʼan kana keessaa isa kam iyyuu raawwachuu hin qabu.+ 27 Sababiin isaas, namoonni isin dura biyyattii keessa jiraachaa turan wantoota jibbisiisoo taʼan kana hundumaa raawwataniiru;+ kunoo, amma biyyattiin xuroofteetti. 28 Isin garuu biyyattii waan hin xureessineef, akkuma saboota isin dura achi jiraatan tuftutti isin hin tuftu. 29 Namni kam iyyuu wantoota jibbisiisoo taʼan kana keessaa isa tokko illee yoo raawwate, warri* wantoota kana raawwatan hundi saba isaanii gidduudhaa haa balleeffaman.* 30 Isin wantoota kanaan akka of hin xureessineef, barsiifatawwan jibbisiisoo isin dura raawwatamaa turan kana keessaa isa kam iyyuu raawwachuu irraa fagaachuudhaan dirqama ani isin irraa eegu raawwadhaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.’”

19 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhiitii guutummaa yaaʼii Israaʼelitti dubbadhu: ‘Ani Waaqni keessan Yihowaan qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼuu qabdu.+

3 “‘Tokkoon tokkoon namaa haadha isaa fi abbaa isaa haa kabaju;*+ sanbatawwan koos eegaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha. 4 Gara waaqolii gatii hin qabnetti hin garagalinaa+ yookiin sibiila baqfame irraa ofii keessaniif waaqolii hin tolfatinaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.

5 “‘Isin Yihowaadhaaf aarsaa gamtaa yommuu dhiheessitan,+ karaa fudhatama isiniif argamsiisuun dhiheessaa.+ 6 Inni guyyaa isin aarsaa keessan dhiheessitanittii fi guyyaa itti aanutti haa nyaatamu; wanti hamma guyyaa sadaffaatti isa irraa hafe garuu ibiddaan gubamuu qaba.+ 7 Haa taʼu malee, isa irraa wanti kam iyyuu guyyaa sadaffaatti yoo nyaatame, kun wanta jibbisiisaa fudhatama hin arganne dha. 8 Namni isa nyaate wanta qulqulluu isa kan Yihowaa taʼe waan xureesseef, balleessaa isaatiif itti gaafatama; namni* sun saba isaa gidduudhaa haa balleeffamu.*

9 “‘Midhaan maasii keessanii yommuu haammattan qarqara maasii keessanii guutummaatti hin haaminaa; qaarmii* maasii keessanii hin funaannatinaa.+ 10 Kana malees, wanta muka wayinii kee irratti hafe hin funaannatin yookiin firii wayinii muka wayinii kee irraa harcaʼe hin funaannatin. Hiyyeessaa* fi nama biyya ormaatiif isa dhiisi.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.

11 “‘Hin hatinaa;+ hin gowwoomsinaa;+ akkasumas wal hin sobinaa. 12 Isin maqaa kootiin sobaan kakattanii+ maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa. Ani Yihowaa dha. 13 Nama hin gowwoomsin,+ akkasumas hin saamin.+ Mindaa nama mindeeffamee hojjetu tokkoo hamma ganamaatti of bira hin bulchin.+

14 “‘Nama gurri isaa duude hin abaarin yookiin nama qaro dhabeessa taʼe dura gufuu hin kaaʼin;+ Waaqa kee sodaadhu.+ Ani Yihowaa dha.

15 “‘Murtii hin jalʼisinaa. Isa hiyyeessa taʼeef hin loogin; isa sooressa taʼes ija addaatiin hin ilaalin.+ Namaaf haqaan murtii kenni.

16 “‘Saba kee gidduu naannoftee maqaa hin balleessin.+ Lubbuu* namaa balleessuuf hin kaʼin.*+ Ani Yihowaa dha.

17 “‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin.+ Ati cubbuu nama kan biraa irratti akka hin hirmaanneef, yeroo barbaachisu hundumaatti nama sana akeekkachiisi.+

18 “‘Ilmaan saba keetii irratti haaloo hin baʼin+ yookiin haaloo itti hin qabatin; nama akka ofii keetti jaalladhu.+ Ani Yihowaa dha.

19 Isin dambiiwwan koo kana eegaa: Beeladoota kee keessaa akaakuu adda addaa lama hin diqaalomsin. Sanyii akaakuu adda addaa lama maasii kee irratti hin facaasin;+ uffata foʼaa akaakuu adda addaa lama irraa dhaʼame hin uffatin.+

20 Namni tokko dubartii takkaa wajjin ciisee ishii wajjin saalqunnamtii yoo raawwate, ishiinis tajaajiltuu nama kan biraatiif kaadhimatamte taatus, kan hin furamne yookiin bilisa kan hin baane yoo taate, isaan ni adabamu. Haa taʼu malee, ishiin yeroo kanatti bilisa waan hin baaneef, isaan ajjeefamuu hin qaban. 21 Namichi aarsaa yakkaa isaa, jechuunis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaatiif taʼu tokko gara balbala dunkaana walgaʼichaatti gara Yihowaatti haa fidu.+ 22 Lubichis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhihaate sanatti fayyadamee cubbuu inni raawwateef Yihowaa duratti araara isaaf ni argamsiisa; innis cubbuu raawwateef dhiifama ni argata.

23 “‘Isin yommuu gara biyyattiitti seentanii fi nyaataaf akka taʼutti muka akkamii iyyuu yeroo dhaabdan, firiin isaa xuraaʼaa fi dhowwamaa* akka taʼetti ilaalaa. Inni waggaa sadiif kan dhowwame* dha. Nyaatamuu hin qabu. 24 Waggaa arfaffaatti garuu firiin isaa hundi qulqulluu ni taʼa; yeroon kun yeroo Yihowaa duratti itti gammadan ni taʼa.+ 25 Achiis waggaa shanaffaatti firii isaa nyaachuu dandeessu; oomisha dabalataas ni argattu. Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.

26 “‘Wanta dhiiga qabu akkamii iyyuu hin nyaatinaa.+

“‘Milkii hin ilaallatinaa yookiin falfala hin raawwatinaa.+

27 “‘Rifeensa mataa keessanii garanaa fi garasiin jiru hin haaddatinaa* yookiin qarqara areeda keessanii hin haaddatinaa.+

28 “‘Nama duʼeef* jettanii qaama keessan hin kukkutinaa;+ akkasumas qaama keessan hin tumatinaa. Ani Yihowaa dha.

29 “‘Biyyattiin sagaagalummaa akka hin raawwannee fi addaggummaadhaan akka hin guutamneef,+ intalli tee sagaagaltuu akka taatu gochuudhaan+ ishii hin salphisin.

30 “‘Sanbatawwan koo eegaa;+ iddoo qulqulluu kootiif kabaja guddaa qabaadhaa.* Ani Yihowaa dha.

31 “‘Isaan akka isin hin xureessineef eker dubbistoota bira hin dhaqinaa;+ raagdotas hin gaafatinaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.

32 “‘Nama mataa harrii duratti ol kaʼi;+ maanguddoos kabaji;+ Waaqa kee sodaadhu.+ Ani Yihowaa dha.

33 “‘Namni biyya ormaa isinii wajjin biyya keessan keessa kan jiraatu yoo taʼe isa hin miidhinaa.+ 34 Namni biyya ormaa isinii wajjin jiraatu akkuma lammii biyyattii isiniif haa taʼu;+ isin akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; sababiin isaas, isin biyya Gibxii keessatti namoota biyya ormaa turtan.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.

35 “‘Dheerina, ulfaatina yookiin hamma wanta tokkoo safaruuf safartuu sirrii hin taanetti hin fayyadaminaa.+ 36 Madaallii, dhagaa madaallii, safartuu wantoota jajjaboo* fi safartuu wantoota dhangalaʼoo* sirrii taʼetti fayyadamaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa isin baase dha. 37 Kanaafuu, dambiiwwan koo hundumaa fi heerawwan koo hundumaa eegaa, isaan hordofaas.+ Ani Yihowaa dha.’”

20 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Namni biyya Israaʼel yookiin namni biyya ormaa Israaʼel keessa jiraatuu fi ijoollee isaa Moleekiif kennu kam iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ Namoonni biyyattii dhagaadhaan tumanii isa haa ajjeesan. 3 Inni ijoollee isaa Moleekiif waan kenneef, iddoo qulqulluu koo waan xureessee+ fi maqaa koo isa qulqulluu waan salphiseef, anumti fuula koo nama sanatti nan gurraachessa; saba isaa gidduudhaas isa nan balleessa.* 4 Namoonni biyyattiis namichi dhala isaa Moleekiif yommuu kennu utuma arganii yoo callisanii fi yoo isa ajjeesuu baatan,+ 5 ani dhugumaan nama sanaa fi maatii isaatti fuula koo nan gurraachessa.+ Nama sanaa fi warra isa waliin Moleekii wajjin sagaagalan hundumaa saba isaanii gidduudhaa nan balleessa.*

6 “‘Nama* isaanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuuf gara eker dubbistootaa+ fi gara raagdotaatti+ garagale kam iyyuu, ani dhugumaan itti garagalee saba isaa gidduudhaa isa nan balleessa.*+

7 “‘Ani Waaqa keessan Yihowaa waanan taʼeef, isin of qulqulleessaa; qulqullootas taʼaa.+ 8 Dambiiwwan koo eegaa; isaaniinis raawwadhaa.+ Ani Yihowaa isa isin qulqulleessu dha.+

9 “‘Namni abbaa isaa yookiin haadha isaa abaaru kam iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ Inni abbaa isaa yookiin haadha isaa waan abaareef, dhiigni isaa mataa isaa irra ni taʼa.

10 “‘Nama haadha manaa nama kan biraa wajjin ejja raawwatu ilaalchisee wanti godhamu kana dha: Namni haadha manaa nama kan biraa wajjin ejja raawwatu mamii tokko malee haa ajjeefamu; lamaan isaanii iyyuu* haa ajjeefaman.+ 11 Namni haadha manaa abbaa isaa wajjin ciisu abbaa isaa salphinaaf* saaxileera.+ Lamaan isaanii iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefaman. Dhiigni isaanii mataa isaanii irra ni taʼa. 12 Namni tokko haadha manaa ilma isaatii wajjin yoo ciise lamaan isaanii iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefaman. Isaan wanta uumamaa ala taʼe raawwataniiru. Dhiigni isaanii mataa isaanii irra ni taʼa.+

13 “‘Dhiirri tokko akkuma dubartii takka wajjin ciisutti dhiiraa wajjin yoo ciise, lamaan isaanii iyyuu wanta jibbisiisaa raawwataniiru.+ Isaan mamii tokko malee haa ajjeefaman. Dhiigni isaanii mataa isaanii irra ni taʼa.

14 “‘Dhiirri tokko dubartii takkaa fi intala ishii yoo fuudhe, kun gocha qaanessaa* dha.+ Gochi qaanessaa taʼe kun isin gidduutti akka itti hin fufneef, innis taʼe isaan ibiddaan haa gubaman.+

15 “‘Namni tokko horii wajjin saalqunnamtii yoo raawwate, mamii tokko malee haa ajjeefamu; horii sanas ajjeesaa.+ 16 Dubartiin takka saalqunnamtii raawwachuuf horii akkamiitti iyyuu yoo dhihaatte,+ dubartii sanaa fi horii sana ajjeesi. Isaan mamii tokko malee haa ajjeefaman. Dhiigni isaanii mataa isaanii irra ni taʼa.

17 “‘Dhiirri tokko obboleettii isaa, jechuunis intala abbaa isaa yookiin intala haadha isaa wajjin saalqunnamtii yoo raawwatee fi qullaa ishii yoo arge, ishiinis qullaa isaa yoo argite kun salphina dha.+ Isaan ilmaan saba isaanii fuulduratti haa balleeffaman.* Inni obboleettii isaa salphinaaf* saaxileera. Balleessaa isaatiif itti gaafatama.

18 “‘Dhiirri tokko dubartii laguu irra jirtu takka wajjin yoo ciisee fi ishii wajjin saalqunnamtii yoo raawwate, innis taʼe ishiin lamaan isaanii iyyuu dhiiga ishii isa dhangalaʼu saaxilaniiru.+ Lamaan isaanii iyyuu saba isaanii gidduudhaa haa balleeffaman.*

19 “‘Obboleettii haadha teetii yookiin obboleettii abbaa keetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; sababiin isaas, kun fira dhiigaa salphinaaf saaxiluu dha.+ Isaan balleessaa isaaniitiif itti gaafatamu. 20 Namni haadha manaa wasiila isaa wajjin ciisu wasiila isaa salphinaaf* saaxila.+ Isaan dogoggora isaaniitiif itti gaafatamu. Isaan utuu ijoollee hin qabaatin haa duʼan. 21 Namni tokko haadha manaa obboleessa isaa yoo fuudhe, kun wanta jibbisiisaa taʼe dha.+ Inni obboleessa isaa salphinaaf* saaxileera. Isaan utuu ijoollee hin qabaatin haa duʼan.

22 “‘Biyyi akka keessa jiraattaniif ani itti isin galchu sun akka isin hin tufneef,+ dambiiwwan koo hundumaa fi heerawwan koo hundumaa eegaa;+ isaaniinis raawwadhaa.+ 23 Isin akka dambiiwwan saboota warra ani isin duraa ariʼu sanaatti hin deddeebiʼinaa;+ isaan wantoota kana hundumaa waan raawwataniif ani isaan nan jibbe.+ 24 Ani akkana kanan isiniin jedhe kanaafi: “Biyya isaanii dhaalaan ni qabattu; anis biyya aannanii fi damma maddisiistu dhaalaan isiniif nan kenna.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa isa saboota irraa adda isin baase sana dha.”+ 25 Isin horii qulqulluu fi horii xuraaʼaa gidduu, akkasumas simbirroo xurooftuu fi simbirroo qulqulluu gidduu garaa garummaan akka jiraatu godhaa;+ horii yookiin simbirroo yookiin wantoota lafa irra munyuuqan warra ani akka xuraaʼootti akka ilaalamaniif adda baase kamiin iyyuu of* hin xureessinaa.+ 26 Ani Yihowaan qulqulluu waanan taʼeef, akkasumas kan koo akka taataniif+ saboota irraa adda kan isin baase ana waan taʼeef, isin anaaf qulqulloota taʼaa.+

27 “‘Dhiirri yookiin dubartiin eker dubbistuu yookiin raagduu taʼan* kam iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefaman.+ Sabichi dhagaadhaan tumee isaan haa ajjeesu. Dhiigni isaanii isaan irra ni taʼa.’”

21 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: “Luboota warra ilmaan Aaron taʼaniin akkana jedhi: ‘Namni kam iyyuu saba isaa gidduudhaa nama* duʼeen of hin xureessin.+ 2 Haa taʼu malee, fira dhiigaa isaa warra dhihoo taʼaniif, jechuunis haadha isaatiif, abbaa isaatiif, ilma isaatiif, intala isaatii fi obboleessa isaatiif akkana gochuu ni dandaʼa; 3 obboleettiin isaa durba yoo taate, akkasumas naannoo isaa kan jiraattuu fi kan hin heerumne yoo taate ishiidhaaf of xureessuu ni dandaʼa. 4 Dubartii saba isaa keessaa abbaa manaa qabdu tokkoof garuu of xureessuu fi of salphisuu hin qabu. 5 Isaan mataa isaanii haaddachuu+ yookiin qarqara areeda isaanii haaddachuu yookiin qaama isaanii kukkutuu hin qaban.+ 6 Aarsaawwan Yihowaa warra ibiddaan dhihaatan, jechuunis nyaata* Waaqa isaaniitiif dhihaatu waan dhiheessaniif, Waaqa isaaniitiif qulqulluu taʼuu qabu;+ maqaa Waaqa isaaniis xureessuu hin qaban;+ isaan qulqulluu taʼuu qabu.+ 7 Lubichi Waaqa isaatiif qulqulluu waan taʼeef, dubartii sagaagaltuu,+ dubartii xuroofte yookiin dubartii abbaa manaa ishii wajjin wal hiikte fuudhuu hin qabu.+ 8 Nyaata Waaqa keetiif dhihaatu kan dhiheessu isa waan taʼeef, isa qulqulleessi.+ Ani Yihowaan inni isin qulqulleessu qulqulluu waanan taʼeef,+ lubichi isiniif qulqulluu haa taʼu.

9 “‘Intalli luba tokkoo sagaagalummaa raawwachuudhaan yoo of xureessite, abbaa ishii ni xureessiti. Ishiin ibiddaan haa gubamtu.+

10 “‘Obboloota isaa keessaa lubni ol aanaan inni zayitiin dibataa mataa isaa irratti dhangalaʼee+ fi uffata lubummaa akka uffatu muudame,*+ mataa isaa filachuu dhiisuu yookiin uffata isaa tarsaasuu hin qabu.+ 11 Abbaa isaa yookiin haadha isaa yoo taʼan illee, inni akka of hin xureessineef nama duʼe* kamitti iyyuu hin dhihaatin.+ 12 Mallattoon of murteessuu isaa argisiisu, jechuunis zayitiin dibataa kan Waaqa isaatii+ taʼe sun isa irra waan jiruuf, inni iddoo qulqulluu keessaa hin baʼin; iddoo qulqulluu Waaqa isaatiis hin xureessin.+ Ani Yihowaa dha.

13 “‘Inni durba haa fuudhu.+ 14 Dubartii abbaan manaa irraa duʼe, dubartii abbaa manaa ishii wajjin wal hiikte, dubartii xuroofte yookiin dubartii sagaagaltuu taate hin fuudhin; kanaa mannaa, saba isaa keessaa durba haa fuudhu. 15 Ani Yihowaa isa isin qulqulleessu waanan taʼeef, inni saba isaa keessatti warra sanyii isaa taʼan hin xureessin.’”+

16 Yihowaan itti fufuudhaan akkana jedhee Museetti dubbate: 17 “Aaroniin akkana jedhi: ‘Guutummaa dhaloota isaanii keessatti sanyii kee keessaa namni mudaa qabu kam iyyuu nyaata Waaqa isaatiif dhihaatu dhiheessuuf hin dhihaatin. 18 Namni mudaa kana qabu kam iyyuu hin dhihaatin: nama qaro dhabeessa taʼe yookiin nama naafa taʼe yookiin bifti fuula isaa bade* yookiin nama harki yookiin miilli isaa tokko dheeratu, 19 nama miilli isaa cabe yookiin nama harki isaa cabe, 20 goophoo yookiin dinkii* yookiin nama rakkina ijaa qabu yookiin nama cittoo qabu yookiin nama roobbii qabu yookiin nama cidhaan isaa miidhame.+ 21 Sanyii Aaron lubichaa keessaa namni mudaa qabu kam iyyuu aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan dhiheessuuf hin dhufin. Inni mudaa waan qabuuf, nyaata Waaqa isaatiif dhihaatu dhiheessuuf dhufuu hin dandaʼu. 22 Wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼanii+ fi wantoota qulqulluu taʼan+ irraa nyaata Waaqa isaatiif dhihaatu garuu nyaachuu ni dandaʼa. 23 Haa taʼu malee, mudaan isa irra waan jiruuf, gara golgichaatti dhihaachuu+ fi gara iddoo aarsaatti dhihaachuu hin dandaʼu;+ ani Yihowaa isa isaan qulqulleessu waanan taʼeef,+ inni iddoo qulqulluu koo xureessuu hin qabu.’”+

24 Kanaafuu, Museen Aaronitti, ilmaan isaattii fi Israaʼelota hundumaatti ni dubbate.

22 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Wantoota qulqulluu Israaʼelonni fidan akkaataa itti qaban irratti of eeggannoo akka godhan,* akkasumas wantoota anaaf qulqulleessanii wajjin haala wal qabateen+ maqaa koo isa qulqulluu akka hin xureessine+ Aaronii fi ilmaan isaatti himi. Ani Yihowaa dha. 3 Akkana isaaniin jedhi: ‘Guutummaa dhaloota keessanii keessatti sanyii keessan keessaa namni utuu xuraaʼee jiruu gara wantoota qulqulluu Israaʼelonni Yihowaadhaaf qulqulleessaniitti dhihaatu kam iyyuu ana duraa ni balleeffama.*+ Ani Yihowaa dha. 4 Sanyii Aaron keessaa namni dhukkuba nadaayii+ qabu yookiin namni dhangalaʼaan qaama isaa keessaa yaaʼu+ yookiin namni nama reeffaan* xuraaʼe tuqe+ yookiin namni sanyiin isaa dhangalaʼu,+ hamma qulqulluu taʼutti wantoota qulqulluu hin nyaatin;+ 5 akkasumas namni uumama xuraaʼaa tuutaan yaaʼu tuqe+ yookiin namni nama sababii kamiin iyyuu xuraaʼee fi isa xureessuu dandaʼu tuqe,+ hamma qulqulluu taʼutti wantoota qulqulluu hin nyaatin. 6 Namni* wantoota kana keessaa isa kam iyyuu tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa; inni qaama isaa bishaaniin yoo dhiqachuu baate, wantoota qulqulluu keessaa isa kam iyyuu nyaachuu hin dandaʼu.+ 7 Yommuu aduun lixxu inni qulqulluu ni taʼa; sana booda nyaata isaa waan taʼeef wantoota qulqulluu irraa nyaachuu dandaʼa.+ 8 Kana malees, horii duʼee argame yookiin wanta bineensi bosonaa ciccire kam iyyuu nyaatee of hin xureessin.+ Ani Yihowaa dha.

9 “‘Isaan sababii kanaan cubbuu akka ofitti hin finnee fi isa xureessuu isaaniitiin akka hin duuneef, dirqama ani isaan irraa eegu haa raawwatan. Ani Yihowaa isa isaan qulqulleessu dha.

10 “‘Namni isaaf hin heyyamamne* wanta qulqulluu kam iyyuu nyaachuu hin qabu.+ Namni biyya ormaa keessummaa luba tokkoo taʼe yookiin namni mindeeffamee hojjetu tokko wanta qulqulluu kam iyyuu nyaachuu hin qabu. 11 Lubni tokko maallaqa isaatiin nama* tokko yoo bitate garuu, namni sun isa irraa nyaachuu dandaʼa. Garboonni mana isaa keessatti dhalatanis nyaata isaa irraa nyaachuu dandaʼu.+ 12 Intalli luba tokkoo nama luba hin taanetti* yoo heerumte, ishiin buusii wantoota qulqulluu irraa nyaachuu hin dandeessu. 13 Haa taʼu malee, intalli luba tokkoo abbaan manaa yoo irraa duʼe yookiin abbaa manaa ishii wajjin yoo wal hiikte, akkasumas dhala hin qabdu yoo taʼee fi akkuma yeroo ijoollummaa ishiitti gara mana abbaa ishiitti yoo deebite, nyaata abbaa ishii irraa nyaachuu dandeessi;+ namni isaaf hin heyyamamne* garuu isa irraa nyaachuu hin dandaʼu.

14 “‘Namni tokko dogoggoraan wanta qulqulluu irraa yoo nyaate, inni harka shan keessaa harka tokko itti dabalee aarsaa qulqulluu sana lubichaaf haa kennu.+ 15 Isaan wantoota qulqulluu Israaʼelonni Yihowaadhaaf buusii godhan xureessuu hin qaban;+ 16 wantoota qulqulluu isaanii nyaatanii yakka raawwachuudhaanis adaba isaanitti fiduu hin qaban; ani Yihowaa isa isaan qulqulleessu dha.’”

17 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 18 “Akkana jedhii Aaronitti, ilmaan isaattii fi Israaʼelota hundumaatti dubbadhu: ‘Namni Israaʼel tokko yookiin namni biyya ormaa Israaʼel keessa jiraatu tokko wareega isaa raawwachuuf yookiin kennaa fedhiidhaan kennamu+ dhiheessuuf aarsaa gubamu Yihowaadhaaf yoo dhiheesse,+ 19 inni fudhatama argachuuf, horii isaa keessaa jibicha mudaa hin qabne,+ hoolota xobbaallaa yookiin reʼoota haa dhiheessu. 20 Fudhatama waan isiniif hin argamsiisneef, wanta mudaa qabu akkamii iyyuu hin dhiheessinaa.+

21 “‘Namni tokko wareega isaa raawwachuuf yookiin kennaa fedhiidhaan kennamu dhiheessuuf aarsaa gamtaa Yihowaadhaaf yoo dhiheesse,+ fudhatama akka argatuuf loon yookiin bushaayee isaa keessaa horii mudaa hin qabne haa dhiheessu. Mudaan akkamii iyyuu horii sana irratti argamuu hin qabu. 22 Horiin aarsaa taʼee dhihaatu kam iyyuu kan jaame, kan cabe, kan cite, akkasumas kormammuu, cittoo yookiin roobbii kan qabu taʼuu hin qabu; horii akkanaa keessaa isa kam iyyuu Yihowaadhaaf hin dhiheessinaa yookiin iddoo aarsaa Yihowaa irratti aarsaa hin godhinaa. 23 Jibicha yookiin hoolaa harki yookiin miilli isaa baayʼee dheeratu yookiin baayʼee gabaabbatu kennaa fedhiidhaan kennamu gootee dhiheessuu dandeessa; haa taʼu malee, horiin akkanaa kennaa wareegaa taʼee yoo dhihaate fudhatama hin argatu. 24 Horii cidhaan isaa miidhame yookiin tumame yookiin tarsaʼee baʼe yookiin cite Yihowaadhaaf hin dhiheessinaa; biyya keessan keessattis horii akkanaa hin dhiheessinaa. 25 Horiiwwan kun kan xuraaʼanii fi mudaa kan qaban waan taʼaniif, isin horiiwwan akkanaa keessaa isa kam iyyuu harka nama biyya ormaa irraa fuutanii nyaata Waaqayyoof dhihaatu gootanii hin dhiheessinaa. Isaan isiniif fudhatama hin argatan.’”

26 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 27 “Jibichi yookiin xobbaallaan hoolaa yookiin reʼeen tokko yommuu dhalatu guyyaa torbaaf haadha isaa wajjin haa turu;+ guyyaa saddeettaffaa booda garuu aarsaa, jechuunis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu taʼee yoo dhihaate fudhatama ni argata. 28 Saʼa yookiin hoolaa tokko ilmoo ishii wajjin guyyaa tokkotti hin qalinaa.+

29 “Yihowaadhaaf aarsaa galataa yoo dhiheessitan,+ karaa fudhatama isiniif argamsiisuun dhiheessaa. 30 Aarsaan sun guyyuma sanatti haa nyaatamu. Hamma ganamaatti isa irraa homaa hin hambisinaa.+ Ani Yihowaa dha.

31 “Ajajawwan koo eegaa; isaaniinis raawwadhaa.+ Ani Yihowaa dha. 32 Maqaa koo isa qulqulluu hin xureessinaa;+ ani Israaʼelota gidduutti qulqulluu nan taʼa.+ Ani Yihowaa isa isin qulqulleessu,+ 33 isa Waaqa keessan taʼuu koo mirkaneessuuf biyya Gibxii keessaa isin baase dha.+ Ani Yihowaa dha.”

23 Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbachuu isaa itti fufe: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Ayyaanonni Yihowaa yeroo murtaaʼetti kabajaman+ warri isin labsuu qabdan+ walgaʼiiwwan qulqulluu dha. Ayyaanonni koo warri yeroo murtaaʼetti kabajaman kanneen kana dha:

3 “‘Guyyaa jaʼaaf hojiin hojjetamuu dandaʼa; guyyaan torbaffaan garuu sanbata guutummaatti itti boqotamu,+ jechuunis walgaʼii qulqulluu dha. Hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa. Eessa iyyuu yoo jiraattan guyyichi sanbata Yihowaa ti.+

4 “‘Ayyaanonni Yihowaa yeroo murtaaʼetti kabajaman, jechuunis walgaʼiiwwan qulqulluun yeroo isaaniif ramadametti labsuu qabdan kanneen kana dha: 5 Jiʼa tokkoffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 14ffaatti+ yeroo dimimmisaaʼu* Yihowaadhaaf Faasikaan+ ni kabajama.

6 “‘Guyyaa 15ffaa jiʼa kanaatti Ayyaanni Maxinoo Yihowaadhaaf ni kabajama.+ Guyyaa torbaaf maxinoo nyaadhaa.+ 7 Guyyaa jalqabaatti walgaʼii qulqulluu ni kabajju.+ Guyyaa sanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa. 8 Haa taʼu malee, guyyaa torbaaf aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu ni dhiheessitu. Guyyaa torbaffaatti walgaʼii qulqulluun ni taʼa. Guyyaa sanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa.”’

9 Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbachuu isaa itti fufe: 10 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Yeroo booda biyya ani isiniif kennutti yommuu galtanii fi oomisha isaa yommuu haammattan, oomisha keessan irraa bissii* firii jalqabaa+ gara lubichaatti fiduu qabdu.+ 11 Innis fudhatama isiniif argamsiisuuf bissii sana Yihowaa duratti asii fi achi ni sochoosa. Lubichi bissii sana guyyaa Sanbata booda jirutti haa sochoosu. 12 Guyyaa bissiin akka sochoofamu gootanitti xobbaallaa hoolaa mudaa hin qabnee fi gara waggaa tokkoo taʼe Yihowaadhaaf aarsaa gubamu gootanii dhiheessuu qabdu. 13 Aarsaan midhaanii isaa wajjin dhihaatu daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harki lama aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* haa taʼu. Aarsaan dhugaatii isaa wajjin dhihaatu daadhii wayinii hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokko haa taʼu. 14 Isinis hamma guyyaa kanaatti, jechuunis hamma aarsaa Waaqa keessanii fiddanitti daabboo, akaayii yookiin asheeta akkamii iyyuu nyaachuu hin qabdan. Kun, eessa iyyuu yoo jiraattan dhaloota keessan hundumaatiif dambii dhaabbataa taʼe dha.

15 “‘Guyyaa Sanbata booda jiru sana irraa, jechuunis guyyaa bissii aarsaa sochoofamu+ itti fiddan sana irraa jalqabee sanbatawwan torba ni lakkooftu. Sanbatawwan kun torbeewwan guutuu taʼuu qabu. 16 Hamma guyyaa Sanbata torbaffaa booda jiruutti guyyaa 50 ni lakkooftu;+ achiis aarsaa midhaan haaraa Yihowaadhaaf dhiheessaa.+ 17 Iddoowwan jireenyaa keessan irraa aarsaa sochoofamuuf daabboo lama fidaa. Daabboowwan kun daakuu bullaaʼaa eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama irraa kan tolfaman taʼuu qabu. Isaan firiiwwan jalqaba bilchaatan warra Yihowaadhaaf dhihaatan waan taʼaniif+ raacitiidhaan haa tolfaman.+ 18 Daabboowwan kanaa wajjinis hoolota xobbaallaa kormaa mudaa hin qabnee fi waggaa tokko taʼan torba, jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa lama dhiheessaa.+ Isaanis aarsaa midhaanii fi aarsaawwan dhugaatii wajjin akka aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisuutti* aarsaa gubamu taʼanii Yihowaadhaaf ni dhihaatu. 19 Isinis xobbaallaa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif,+ hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼan lama immoo aarsaa gamtaatiif dhiheessaa.+ 20 Lubichis daabboowwan firiiwwan jalqaba bilchaatan irraa qophaaʼan sana hoolota xobbaallaa kormaa lamaanii wajjin asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheessa. Isaan wantoota Yihowaadhaaf qulqulluu taʼanii fi lubichaaf kennamani dha.+ 21 Guyyaa kanatti ofii keessaniif walgaʼii qulqulluu ni labsitu.+ Hojii cimaa akkamii iyyuus hin hojjetinaa. Kun, bakka jiraattan hundumaatti dhaloota keessan hundumaatiif dambii dhaabbataa taʼe dha.

22 “‘Midhaan maasii keessanii yommuu haammattan qarqara maasii keessanii guutummaatti hin haaminaa; qaarmii maasii keessaniis hin funaannatinaa.+ Hiyyeessaa*+ fi nama biyya ormaatiif dhiisaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.’”

23 Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbachuu isaa itti fufe: 24 “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa isa jalqabaatti hojii keessan hundumaa irraa boqodhaa; guyyaan kun guyyaa walgaʼii qulqulluu taʼuu isaa akka yaadattaniif malakanni afuufamee beeksifama.+ 25 Hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa; guyyaa kanatti Yihowaadhaaf aarsaa ibiddaan dhihaatu ni dhiheessitu.’”

26 Ammas Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbate: 27 “Haa taʼu malee, jiʼa torbaffaa kana keessaa guyyaan kurnaffaan Guyyaa Araaraa ti.+ Walgaʼii qulqulluu kabajaa, of cunqursaa,*+ akkasumas aarsaa ibiddaan dhihaatu Yihowaadhaaf dhiheessaa. 28 Guyyaan kun guyyaa araaraa isa Waaqa keessan Yihowaa duratti araarri itti isiniif godhamu waan taʼeef,+ guyyaa kanatti hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa. 29 Namni* guyyaa kanatti of hin cunqursine* kam iyyuu saba isaa gidduudhaa ni balleeffama.*+ 30 Ani nama* guyyaa kanatti hojii akkamii iyyuu hojjetu hundumaa saba isaa gidduudhaa nan balleessa. 31 Hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa. Kun, eessa iyyuu yoo jiraattan dhaloota keessan hundumaatiif dambii dhaabbataa taʼe dha. 32 Guyyaan kun isiniif sanbata guutummaatti itti boqottani dha; isin jiʼicha keessaa guyyaa saglaffaatti galgala of* ni cunqursitu.+ Galgala isa tokko irraa hamma galgala isa kaaniitti sanbata keessan kabajaa.”

33 Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbachuu isaa itti fufe: 34 “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Guyyaa 15ffaa jiʼa torbaffaa kanaa irraa jalqabee guyyaa torbaaf Yihowaadhaaf Ayyaanni Daasii* ni kabajama.+ 35 Guyyaa jalqabaatti walgaʼii qulqulluutu taʼa; isin guyyaa sanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa. 36 Guyyaa torbaaf aarsaa ibiddaan dhihaatu Yihowaadhaaf dhiheessaa. Guyyaa saddeettaffaatti walgaʼii qulqulluu kabajaa;+ aarsaa ibiddaan dhihaatus Yihowaadhaaf dhiheessaa. Guyyichi guyyaa walgaʼii qulqulluu ti. Guyyaa kanatti hojii cimaa akkamii iyyuu hin hojjetinaa.

37 “‘Ayyaanonni Yihowaa yeroo murtaaʼetti kabajaman+ warri isin walgaʼiiwwan qulqulluu akka taʼanitti labsuu qabdanii+ fi aarsaan ibiddaan gubamu, jechuunis akkuma guyyaa guyyaadhaan akka dhihaatan ajajametti aarsaan gubamuu+ fi aarsaan midhaanii,+ akkasumas aarsaawwan dhugaatii+ Yihowaadhaaf itti dhihaatu kanneen kana dha. 38 Kanneen kun, warra guyyoota sanbataatti Yihowaadhaaf dhihaatan,+ kennaawwan keessan,+ kennaawwan wareegaa keessanii+ fi aarsaawwan fedhii keessaniin dhiheessitan,+ jechuunis warra Yihowaadhaaf kennuu qabdan irratti dabaltanii dhiheessitani dha. 39 Haa taʼu malee, jiʼa torbaffaa keessaa guyyaa 15ffaatti yommuu oomisha lafichaa walitti qabdanitti, guyyaa torbaaf ayyaana Yihowaa kabajaa.+ Guyyaan jalqabaa guyyaa guutummaatti itti boqotamu dha; guyyaan saddeettaffaanis guyyaa guutummaatti itti boqotamu dha.+ 40 Guyyaa jalqabaatti firii mukeetii gaggaarii, dameewwan muka meexxii,+ dameewwan mukeetii baala hedduu qabanii fi alaltuuwwan sululaa* ni fudhattu; guyyaa torbaafis Waaqa keessan Yihowaa duratti+ ni gammaddu.+ 41 Ayyaana kanas ayyaana Yihowaadhaaf kabajamu gootanii waggaatti guyyaa torbaaf ni kabajju.+ Isin dhaloota keessan hundumaa keessatti dambii dhaabbataa godhaatii ayyaana kana jiʼa torbaffaatti kabajaa. 42 Guyyaa torbaaf daasii keessa taaʼaa.+ Israaʼelonni hundi daasii keessa haa taaʼan; 43 kunis, dhaloonni keessan inni gara fuulduraa ani yeroon biyya Gibxiitii isaan baasetti Israaʼelonni daasii keessa akka taaʼan gochuu koo+ akka beekuufi.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.’”

44 Kanaafuu, Museen waaʼee ayyaanota Yihowaa warra yeroo murtaaʼetti kabajamanii Israaʼelotatti ni hime.

24 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Yeroo hundumaa ibsaawwan sun akka ifaniif,+ zayitii qulqulluu ejersa tumame irraa argamuu fi ibsaadhaaf taʼu akka sii fidan Israaʼelota ajaji. 3 Aaron dunkaana walgaʼii keessatti, golgaa Dhugaa Baatuu sanaa irraa gara alaatti ibsaawwan sun galgalaa jalqabee hamma ganamaatti Yihowaa duratti akka ifan ni godha. Kun, guutummaa dhaloota keessaniitiif dambii dhaabbataa taʼe dha. 4 Inni yeroo hunda Yihowaa duratti ibsaawwan sun baattuu ibsaa+ warqii qulqulluu irraa tolfame irra tarree galanii akka taaʼan haa godhu.

5 “Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii maxinoo bifa amartiitiin tolfame 12 tolchi. Tokkoon tokkoon maxinoo sanaa daakuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lamaan* haa tolfamu. 6 Achiis toora tokko irra jaʼa godhiitii+ toora lamaan minjaala warqii qulqulluu irraa tolfame irra Yihowaa dura isaan kaaʼi.+ 7 Toora lamaan maxinoo sanaa irras ixaana adii qulqulluu kaaʼi; innis aarsaa isa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu taʼee maxinoo sana kan bakka buʼu ni taʼa.+ 8 Inni Sanbata Sanbata, yeroo hunda Yihowaa duratti tarree galchee isaan haa kaaʼu.+ Kun, Israaʼelotaaf kakuu dhaabbataa taʼe dha. 9 Inni kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ni taʼa;+ aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu keessaas isaaf hundumaa caalaa qulqulluu waan taʼeef, isaan iddoo qulqulluu keessatti isa ni nyaatu.+ Kun, dambii dhaabbataa taʼe dha.”

10 Namichi haati isaa nama biyya Israaʼel taatee fi abbaan isaa nama biyya Gibxii taʼe tokko Israaʼelota gidduu jiraata ture;+ achiis innii fi namichi biyya Israaʼel tokko buufaticha keessatti wal lolan. 11 Ilmi dubartii nama biyya Israaʼel sanaa Maqicha* arrabsuu fi abaaruu jalqabe.+ Kanaafuu, gara Museetti isa fidan.+ Maqaan haadha isaa Shelomiit yeroo taʼu, ishiin intala Dibrii isa gosa Daan taʼe sanaa turte. 12 Murtiin Yihowaa hamma isaanitti himamutti, inni eegumsa jala akka turu godhan.+

13 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 14 “Isa maqaa Waaqayyoo abaare sana buufatichaa alatti baasaa; namoonni isa dhagaʼan hundi harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan; achiis guutummaan yaaʼichaa dhagaadhaan tumee isa haa ajjeesu.+ 15 Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni kam iyyuu Waaqa isaa yoo abaare cubbuu isaatiif itti gaafatama. 16 Kanaafuu, namichi maqaa Yihowaa arrabse sun mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ Guutummaan yaaʼichaa dhagaadhaan tumee isa haa ajjeesu. Namni biyya ormaas Maqicha yoo arrabse akkuma lammii biyyattiitti haa ajjeefamu.

17 “‘Namni tokko lubbuu namaa yoo balleesse,* mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ 18 Namni beelada* rukutee ajjeese kam iyyuu bakka lubbuu lubbuu kennuudhaan kiisii isaa haa kaffalu. 19 Namni tokko nama kaan yoo miidhe, wanti inni godhe isa irrattis haa raawwatamu.+ 20 Bakka cabaa caba, bakka ijaa ija, bakka ilkaanii ilkaan gochuudhaan miidhaan isa inni geessisee wajjin wal fakkaatu isa irrattis haa raawwatamu.+ 21 Namni horii tokko rukutee ajjeese kiisii isaa haa kaffalu;+ namni nama rukutee ajjeese garuu haa ajjeefamu.+

22 “‘Nama biyya ormaatiifis taʼe lammii biyyattiitiif heerri tokko hojii irra haa oolu;+ ani Waaqa keessan Yihowaa dha.’”

23 Achiis Museen Israaʼelotatti ni dubbate; isaanis isa maqaa Waaqayyoo abaare sana buufatichaa alatti baasanii dhagaadhaan tumanii ajjeesan.+ Akka kanaan Israaʼelonni akkuma Yihowaan Musee ajaje ni godhan.

25 Yihowaan itti fufuudhaan Gaara Siinaa irratti akkana jedhee Museetti dubbate: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Isin dhuma irratti gara biyya ani isiniif kennutti yommuu seentan,+ lafattiin Yihowaadhaaf sanbata ni kabajji.+ 3 Waggaa jaʼaaf maasii kee irratti sanyii facaasi; waggaa jaʼaaf muka wayinii kee gondoli;* oomisha lafattiis sassaabbadhu.+ 4 Waggaa torbaffaan garuu biyyattiidhaaf sanbata guutummaatti itti boqotamu, jechuunis sanbata Yihowaa haa taʼu. Maasii kee irratti sanyii hin facaasin yookiin muka wayinii kee hin gondolin. 5 Wanta midhaan sassaabame irraa hafee ofii isaatiin biqile hin haamin; wayinii muka wayinii hin gondolamne irra jirus hin sassaabin. Lafattiin waggaa guutummaatti itti boqottu haa qabaattu. 6 Haa taʼu malee, nyaata yeroo sanbata ishiitti biyyattii keessatti biqile nyaachuu ni dandeessu; ati, garboonnii fi garbittiiwwan kee, namoonni mindeeffamanii siif hojjetan, akkasumas namoonni biyya ormaa sii wajjin jiraatan isa nyaachuu ni dandeessu; 7 horiiwwan qeʼee fi bineensonni bosonaa biyya kee keessa jiranis isa nyaachuu ni dandaʼu. Oomishni lafattiin kennitu hundi nyaatamuu dandaʼa.

8 “‘Waggoota sanbataa torba, jechuunis waggoota torba baayʼisuu waggoota torba ni lakkoofta; waggoonni sanbataa torba walumaa galatti waggoota 49 ni taʼu. 9 Achiis jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa kurnaffaatti sagalee isaa guddistee xurumbaa* afuufta; Guyyaa Araaraattis+ sagaleen xurumbaa guutummaa biyya kee keessatti akka dhagaʼamu ni goota. 10 Waggaa 50ffaa sana qulqulleessaa; biyyattii keessattis jiraattota biyyattii hundumaatiif bilisummaa labsaa.+ Innis Iyyobeeliyyuu isiniif ni taʼa; tokkoon tokkoon keessan gara qabeenya keessaniitti, tokkoon tokkoon keessan gara maatii keessaniitti deebitu.+ 11 Waggaa 50ffaan sun isiniif Iyyobeeliyyuu ni taʼa. Sanyii hin facaastan yookiin wanta midhaan hafe irraa ofii isaatiin biqile hin haammattan; wayinii muka wayinii hin gondolamne irra jirus hin sassaabbattan.+ 12 Sababiin isaas, kun Iyyobeeliyyuu dha. Inni isiniif qulqulluu haa taʼu. Oomisha lafattiin ofiin argamsiistu qofa nyaachuu dandeessu.+

13 “‘Waggaa Iyyobeeliyyuu kanatti tokkoon tokkoon keessan gara qabeenya keessaniitti deebiʼaa.+ 14 Nama tokkotti wanta akkamii iyyuu yoo gurgurtan yookiin isa irraa yoo bittan, wal hin saaminaa.+ 15 Baayʼina waggoota Iyyobeeliyyuu booda jiranii tilmaama keessa galchuudhaan nama tokko irraa biti; innis baayʼina waggoota oomishaa hafanii tilmaama keessa galchee sitti haa gurguru.+ 16 Inni sitti gurguraa kan jiru lakkoofsa waggoota oomishni irraa galfamuun waan taʼeef, waggoonni hafan hedduu yoo taʼan gatii gurgurtaa isaa haa dabalu; waggoonni hafan muraasa yoo taʼan immoo gatii gurgurtaa isaa haa hirʼisu. 17 Isin keessaa eenyu iyyuu nama kan biraa hin saamin;+ Waaqa keessan sodaadhaa;+ ani Waaqa keessan Yihowaa dha.+ 18 Dambiiwwan koo hojii irra yoo oolchitanii fi heerawwan koo yoo eegdan tasgabbiidhaan biyyattii keessa ni jiraattu.+ 19 Biyyattiin firii ishii ni kenniti;+ isinis nyaattanii ni quuftu; tasgabbiidhaanis achi ni jiraattu.+

20 “‘Taʼus, “Sanyii hin facaafannu yookiin midhaan hin sassaabbannu taanaan, waggaa torbaffaatti maal nyaanna?”+ kan jettan yoo taʼe, 21 ani waggaa jaʼaffaatti eebba koo isiniif nan ajaja; lafattiinis midhaan waggaa sadiif gaʼu ni kenniti.+ 22 Achiis waggaa saddeettaffaatti sanyii ni facaastu; hamma waggaa saglaffaattis midhaan isa duraanii irraa ni nyaattu. Midhaan kun hamma gaʼutti, midhaan isa duraanii irraa ni nyaattu.

23 “‘Lafti kan koo waan taʼeef,+ lafti yeroo hundumaatiif gurguramuu hin qabu.+ Isin anaaf namoota biyya ormaa fi qubattoota dha.+ 24 Guutummaa lafa keessanii isa qabeenya keessan taʼe keessatti, namni lafa isaa gurgure tokko laficha deebisee bitachuuf mirga akka qabaatu godhaa.

25 “‘Obboleessi kee yoo hiyyoomee fi lafa isaa irraa muraasa isaa yoo gurgure, firri dhihoo isaa inni furu sun dhufee wanta obboleessi isaa gurgure deebisee haa bitu.+ 26 Namni tokko kan isa furu qabaachuu baatus, sooromee wanta ittiin deebisee bitatu yoo argate, 27 gatii midhaanii isa waggoota yeroo laficha itti gurgure booda jiranitti argame shallaguudhaan, gatii jalqaba ittiin gurgure sana irraa hirʼisee nama itti gurgure sanaaf haa kaffalu. Achiis lafa isaatti deebiʼuu dandaʼa.+

28 “‘Lafa sana deebifachuuf wanta barbaachisu yoo dhabe garuu, wanti inni gurgure sun hamma waggaa Iyyobeeliyyuutti kan namicha isa bitate sanaa ni taʼa;+ waggaa Iyyobeeliyyuutti isaaf ni deebifama; innis gara lafa isaatti deebiʼa.+

29 “‘Namni tokko mana magaalaa dallaa dhagaa qabdu keessatti argamu yoo gurgure, yeroo gurgurtaan isaa itti xumuramu irraa jalqabee hamma dhuma waggichaatti mirgi inni deebisee bitachuuf qabu+ itti fufa; inni waggaa tokko keessatti deebisee bitachuuf mirga ni qabaata. 30 Manichi waggaan tokko guutuun xumuramuu isaa dura deebifamee yoo bitamuu baate garuu, manni magaalaa dallaa qabdu keessa jiru sun namicha bite sanaaf guutummaa dhaloota isaatiif dhaala dhaabbataa ni taʼa. Manichi waggaa Iyyobeeliyyuutti hin deebifamu. 31 Manneen gandeen dallaa dhagaa hin qabne keessa jiran garuu, akka kutaa maasii baadiyyaa keessatti argamuutti haa ilaalaman. Mirgi mana akkanaa deebisanii bituuf kenname itti haa fufu; manichi waggaa Iyyobeeliyyuutti haa deebifamu.

32 “‘Manneen Leewwonni magaalaa isaanii keessatti qaban+ ilaalchisee garuu, Leewwonni deebisanii isaan bitachuuf yeroo hundumaa mirga ni qabaatu. 33 Qabeenyi Leewwotaa deebifamee yoo bitamuu baate, manni isaanii inni magaalaa keessa jiruu fi inni gurgurame waggaa Iyyobeeliyyuutti isaaniif ni deebiʼa;+ sababiin isaas, manneen magaalota Leewwotaa keessa jiran Israaʼelota gidduutti qabeenya isaanii ti.+ 34 Kana malees, lafti dheedichaa+ magaalota isaaniitti marsee jiru dhaala isaanii isa dhaabbataa waan taʼeef gurguramuu hin dandaʼu.

35 “‘Obboleessi kee sitti dhihoo jiraatu tokko yoo hiyyoomee fi of gargaaruu yoo dadhabe, inni sii wajjin lubbuudhaan jiraachuu isaa akka itti fufuuf, akkuma nama biyya ormaa fi qubataadhaaf+ gootu isas gargaaruu qabda.+ 36 Isa irraa dhala yookiin buʼaa* hin fudhatin.+ Waaqa kee sodaadhu;+ obboleessi kees lubbuudhaan sii wajjin ni jiraata. 37 Maallaqa kee dhalaan isaaf hin liqeessin+ yookiin nyaata yommuu isaaf kennitu buʼaa isa hin gaafatin. 38 Ani Waaqa keessan Yihowaa isa biyya Kanaʼaan isiniif kennuuf, akkasumas Waaqa keessan taʼuu koo mirkaneessuuf+ biyya Gibxiitii isin baase sana dha.+

39 “‘Obboleessi kee sitti dhihoo jiraatu tokko hiyyoomee yoo sitti of gurgure,+ hojii garbummaa akka siif hojjetu isa hin dirqisiisin.+ 40 Inni akkuma hojjetaa mindeeffamee hojjetuutti,+ akkasumas akka qubataatti haa ilaalamu. Hamma waggaa Iyyobeeliyyuuttis si haa tajaajilu. 41 Achiis ijoollee* isaa wajjin si biraa deemee maatii isaatti deebiʼa. Qabeenya abbootii isaattis haa deebiʼu.+ 42 Sababiin isaas, isaan garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baase dha.+ Isaan akka garbi tokko gurguramutti of gurguruu hin qaban. 43 Isa hin cunqursin;+ Waaqa kees sodaadhu.+ 44 Garboonni yookiin garbittiiwwan kee saboota naannoo kee jiran keessaa kan dhufan haa taʼan; isin isaan keessaa garbicha yookiin garbittii bitachuu ni dandeessu. 45 Kana malees, qubattoota biyya ormaa isinii wajjin jiraatanii+ fi maatiiwwan isaanii warra biyya keessan keessatti isaaniif dhalatan keessaa garboota bitachuu dandeessu; isaanis qabeenya keessan ni taʼu. 46 Isin ilmaan keessan akka dhaala dhaabbataatti akka isaan dhaalaniif, garboota sana dhaalaan isaanitti dabarsuu dandeessu. Israaʼelota warra obboloota keessan taʼan hojjechiifachuu kan dandeessan taʼus isaan cunqursuu hin qabdan.+

47 “‘Haa taʼu malee, namni biyya ormaa yookiin qubataan si gidduu jiraatu sooressa yoo taʼee fi obboleessi kee inni isaa wajjin jiraatu immoo hiyyoomee nama biyya ormaatti yookiin qubataa si gidduu jiraatu sanatti yookiin miseensa maatii nama biyya ormaa taʼe tokkootti of gurguruuf yoo dirqame, 48 inni erga of gurguree booda deebisee bitamuuf yeroo hundumaa mirga ni qabaata. Obboloota isaa keessaa tokko deebisee isa bituu ni dandaʼa;+ 49 wasiilli isaa yookiin ilmi wasiila isaa yookiin maatii isaa keessaa namni fira dhihoo* isaa taʼe kam iyyuu deebisee isa bituu dandaʼa.

“‘Yookiin yoo soorome, innumti iyyuu deebisee of bituu dandaʼa.+ 50 Inni yeroo waggaa itti isaaf of gurgure irraa jalqabee hamma waggaa Iyyobeeliyyuutti+ jiru namicha isa bite sanaa wajjin haa shallagu; maallaqni itti gurgurame sunis baayʼina waggoota sanaa wajjin wal qixa ni taʼa.+ Guyyoonni hojii yeroo gurguramee turetti inni itti hojjete gatii hojjetaa mindeeffamee hojjetu tokkootiin isaaf ni shallagamu.+ 51 Waggoonni hedduun hafaniiru yoo taʼe, inni deebisee of bituuf, maallaqa waggoota hafan sanaa haa deebisu. 52 Hamma waggaa Iyyobeeliyyuutti waggoota muraasa qofatu isa hafe yoo taʼe garuu, inni ofii isaatiif shallagee waggoota hafan sanaaf gatii deebisee ittiin bitamu haa kaffalu. 53 Inni waggaa waggaadhaan akka hojjetaa mindeeffamee hojjetuutti isa tajaajiluu isaa itti haa fufu; atis gooftaan isaa akka isa hin cunqursine toʼadhu.+ 54 Karaa kanaan deebisee of bituu hin dandaʼu yoo taʼe garuu, ijoollee* isaa wajjin waggaa Iyyobeeliyyuutti bilisa ni baʼa.+

55 “‘Kun kan taʼu, Israaʼelonni garboota koo waan taʼaniifi. Isaan garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baase dha.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.

26 “‘Waaqolii gatii hin qabne ofii keessaniif hin tolfatinaa;+ fakkii bocame+ yookiin siidaa waaqeffannaa ofii keessaniif hin dhaabbatinaa; gara isaatti sagaduufis+ fakkii dhagaa bocamee+ biyya keessan keessa hin dhaabbatinaa; ani Waaqa keessan Yihowaa dha. 2 Sanbatawwan koo eegaa; iddoo qulqulluu kootiifis kabaja guddaa qabaadhaa.* Ani Yihowaa dha.

3 “‘Akka dambiiwwan kootti deddeebiʼuu fi ajajawwan koo eeguu keessan yoo itti fuftan, akkasumas hojii irra yoo isaan oolchitan,+ 4 ani yeroo isaatti bokkaa isiniif nan roobsa;+ lafattiinis firii ishii ni kenniti;+ mukeetiin dirree keessaas firii isaanii ni kennu. 5 Waqtiin midhaan itti dhooftan hamma yeroo firiin wayinii itti sassaabamuutti tura; yeroon firiin wayinii itti sassaabamus hamma yeroo midhaan itti facaafamuutti tura; isinis nyaata keessan nyaattanii ni quuftu; tasgabbiidhaanis biyya keessan keessa jiraattu.+ 6 Biyya keessan keessatti nagaa nan buusa;+ namni tokko illee utuu isin hin sodaachisin ciistu;+ bineensota bosonaa hamoo taʼan biyya keessan keessaa nan baasa; goraadeen lolaas biyya keessan keessa hin darbu. 7 Isin diinota keessan dhugumaan ni ariitu; isaanis goraadeedhaan isin duratti ni kukkufu. 8 Isin keessaa namni shan nama 100 ni ariʼa; namni 100 immoo nama 10,000 ni ariʼa; diinonni keessanis goraadeedhaan isin duratti ni kukkufu.+

9 “‘Ani isin nan eebbisa;* akka hortanii fi akka baayʼattanis nan godha;+ kakuun isinii wajjin gales nan eega.+ 10 Oomisha duraanii isa waggaa darbe irraa hafe utuma nyaattanii, oomisha haaraadhaaf iddoo argachuuf isa duraanii iddoo gadhiisistu. 11 Godoo qulqulluu koo isin gidduu nan dhaaba;+ ani* isin hin dhiisu. 12 Isin gidduu nan deddeebiʼa; Waaqa keessanis nan taʼa;+ isin immoo saba koo ni taatu.+ 13 Ani Waaqa keessan Yihowaa isa kana booda garboota isaanii akka hin taaneef biyya Gibxii keessaa isin baase dha; waanjoo* keessan cabseera; mataa keessan ol qabdanii* akka deemtanis godheera.

14 Haa taʼu malee, isin na dhagaʼuu yookiin ajajawwan koo kana hundumaa eeguu yoo diddan,+ 15 dambiiwwan koo yoo tuffattan,+ heerawwan koo jibbuudhaan ajajawwan koo hundumaa eeguu yoo diddanii fi kakuu koo yoo cabsitan,+ 16 ani immoo wantoota kana isin irratti nan raawwadha: Dhiphinaan, daranyoo sombaatiin, akkasumas dhaqna gubaa cimaadhaan isin adabee ijji keessan akka dadhabuu fi lubbuun keessan akka dhumu nan godha. Diinota keessantu isa nyaata waan taʼeef, isin akkanumaan sanyii keessan facaaftu.+ 17 Ani fuula koo isinitti nan gurraachessa; isinis diinota keessaniin ni moʼamtu;+ warri isin jibban isin irra ejjetu;+ isinis eenyu illee utuu isin hin ariʼin ni baqattu.+

18 “‘Isin kana booda illee yoo na dhagaʼuu diddan, isa kanaan duraa irra harka torba caalchisee cubbuu keessaniif isin nan adaba. 19 Of tuulummaa keessan isa cimaa nan cabsa; samii keessan akka sibiilaa,+ lafa keessanis akka sibiila diimaa nan godha. 20 Lafti keessan firii ishii waan hin kennineef,+ mukeetiin biyya keessaniis firii waan hin godhanneef, isin akkanumaan humna keessan fixxu.

21 “‘Isin ammas na mormuu keessan yoo itti fuftanii fi na dhagaʼuu yoo diddan, akkuma cubbuu keessaniitti isa kanaan duraa irra siʼa torba caalchisee isin nan rukuta. 22 Bineensota bosonaa isin gidduutti nan erga;+ isaanis ijoollee malee isin hambisu;+ beeladoota keessan isin jalaa fixu; lakkoofsa keessan ni xiqqeessu; daandiiwwan keessanis ona ni taʼu.+

23 “‘Wantoonni kun erga isin irra gaʼanii booda illee, sirreeffama ani isiniif kennu fudhachuu yoo diddanii+ fi na mormuu keessan yoo itti fuftan, 24 anis isin nan morma; isa kanaan duraa irra harka torba caalchisees cubbuu keessaniif isin nan rukuta. 25 Kakuu anaa wajjin galtan waan cabsitaniif,+ goraadee isa haaloo baʼu isin irratti nan fida. Magaalota keessan keessatti yoo walitti qabamtan, ani isin gidduutti dhukkuba nan erga;+ harka diinaattis dabarfamtanii kennamtu.+ 26 Ani karaa nyaata ittiin argattan yommuun cufu,*+ dubartoonni kudhan iddoo ibiddaa tokkittii keessatti nyaata keessan tolchanii madaalliidhaan isiniif ni hiru;+ isinis ni nyaattu, garuu hin quuftan.+

27 “‘Kun erga isin irra gaʼee booda illee, isin na dhagaʼuu yoo diddanii fi na mormuu keessan yoo itti fuftan, 28 ani cimsee isin nan morma;+ isa kanaan duraa irra harka torba caalchisees cubbuu keessaniif isin nan adaba. 29 Kanaan kan kaʼes, isin foon ijoollee dhiiraa fi foon ijoollee durbaa keessanii nyaachuuf dirqamtu.+ 30 Iddoowwan waaqeffannaa keessan warra ol kaʼoo nan balleessa;+ iddoowwan aarsaa ixaanaa keessan nan jijjigsa; reeffa keessan, reeffa waaqolii tolfamoo keessan warra balfamoo* taʼanii irratti nan tuula;+ isin jibbees isin irraa nan garagala.+ 31 Magaalota keessan goraadeedhaaf dabarsee nan kenna;+ iddoowwan qulqulluu keessanis ona nan godha; aarsaawwan keessan warra urgaan isaanii gammachiisu* hin urgeeffadhu. 32 Anumti iyyuu biyyattiin ona akka taatu nan godha;+ diinonni keessan warri ishii keessa jiraatanis ajaaʼibsiifannaadhaan ishii ni ilaalu.+ 33 Saboota gidduutti isin nan bittinneessa;+ isin duubaan goraadeen akka luqqifamu nan godha;+ biyyi keessan ona taʼa;+ magaalonni keessanis ni balleeffamu.

34 “‘Isin utuma biyya diinota keessanii keessa jirtanii, biyyattiin guyyoota ona taatee itti turtu hundumaatti idaa sanbataa ishii irra jiru ni kaffalti. Yeroo sanatti biyyattiin idaa sanbataa ishii irra jiru kaffaluu waan qabduuf ni boqotti.*+ 35 Yommuu isin ishii keessa jiraachaa turtanitti biyyattiin guyyoota sanbataa keessanitti waan hin boqonneef, ishiin guyyoota ona taatee itti turtu hundumaatti ni boqotti.

36 “‘Warri hafan+ immoo biyya diinota isaaniitti garaan isaanii abdii akka kutatu nan godha; sagaleen yommuu bubbeen baala sochoosu dhagaʼmu akka baqatan isaan godha; isaan akka nama goraadee jalaa baqatuutti ni baqatu; eenyu iyyuu utuu isaan hin ariʼinis ni kukkufu.+ 37 Namni tokko illee utuu isaan hin ariʼin akka namoota goraadee jalaa baqataniitti wal guggufachiisu. Diinota keessan dura dhaabbachuu hin dandeessan.+ 38 Isin saboota gidduutti ni dhumtu;+ biyyi diinota keessaniis isin nyaatti. 39 Warri haftan immoo balleessaa keessaniin kan kaʼe biyyoota diinota keessanii keessatti ni tortortu.+ Eeyyee, isaan balleessaa abbootii isaaniitiin kan kaʼe tortoranii badu.+ 40 Achiis balleessaa ofii isaanii, akkasumas balleessaa fi amanamummaa dhabuu abbootii isaanii ni himatu;+ ana mormuudhaan amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniis ni amanu.+ 41 Anis gara biyya diinota isaaniitti isaan fidee+ isaaniin nan morma.+

“‘Tarii garaan isaanii inni didaan gad ni qabama taʼa;+ isaanis gatii balleessaa isaanii ni kaffalu taʼa. 42 Anis kakuu koo isan Yaaqoobii wajjin galee+ fi kakuu koo isan Yisihaaqii wajjin gale nan yaadadha;+ akkasumas kakuu koo isan Abrahaamii wajjin gale nan yaadadha;+ biyyattiis nan yaadadha. 43 Isaan* lafattii dhiisanii yommuu turanitti ishiin idaa sanbataa ishii irra jiru ni kaffalti,+ bakka isaan hin jirrettis ona taatee ni jiraatti; isaanis gatii balleessaa isaanii ni kaffalu; sababiin isaas, isaan heerawwan koo tuffataniiru, dambiiwwan koos jibbaniiru.+ 44 Kun hundi isaan irra gaʼus, yeroo isaan biyya diinota isaanii keessa jiranitti ani guutummaatti isaan dhiisuudhaan+ yookiin guutummaatti hamman isaan balleessutti isaan gatuudhaan kakuun isaanii wajjin gale hin cabsu;+ ani Waaqa isaanii Yihowaa dha. 45 Ani Waaqa isaanii taʼuu koo mirkaneessuuf, isaaniif jedhee kakuun abbootii isaanii warra saboonni kaan utuma arganii+ biyya Gibxii keessaa baase sanaa wajjin gale nan yaadadha.+ Ani Yihowaa dha.’”

46 Dambiiwwan, heerawwanii fi seerawwan Yihowaan Gaara Siinaa irratti karaa Musee ofii isaa fi Israaʼelota gidduutti hundeesse kanneen kana dha.+

27 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni tokko gatii nama* tokkoof shallagame Yihowaadhaaf dhiheessuuf wareega addaa yoo wareege,+ 3 dhiira umuriin isaa waggaa 20 hamma 60 taʼeef gatiin shallagamu akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti meetii sheeqilii* 50 taʼa. 4 Dubartii yoo taate immoo gatiin ishiidhaaf shallagamu sheeqilii 30 taʼa. 5 Nama umuriin isaa waggaa 5 hamma 20 taʼeef, dhiira yoo taʼe gatiin isaaf shallagamu sheeqilii 20, dubartii yoo taate immoo sheeqilii 10 taʼa. 6 Nama umuriin isaa jiʼa tokko irraa jalqabee hamma waggaa shanii taʼeef, dhiira yoo taʼe gatiin isaaf shallagamu meetii sheeqilii shan, dubartii yoo taate immoo meetii sheeqilii sadii taʼa.

7 “‘Nama umuriin isaa waggaa 60 fi isaa ol taʼeef, dhiira yoo taʼe gatiin isaaf shallagamu sheeqilii 15, dubartii yoo taate immoo sheeqilii 10 taʼa. 8 Haa taʼu malee, inni baayʼee hiyyeessa taʼuu isaatiin kan kaʼe gatii shallagame kaffaluu hin dandaʼu yoo taʼe,+ namichi lubicha dura ni dhaabbata; lubichis gatii isaaf ni shallaga. Lubichi humna namicha wareega wareege sanaa tilmaama keessa galchuudhaan gatii isaaf ni shallaga.+

9 “‘Wareegni sun horii Yihowaadhaaf aarsaa taʼee dhihaachuu dandaʼu yoo taʼe, wanti Yihowaadhaaf kennamu kam iyyuu qulqulluu ni taʼa. 10 Inni horii sana wanta kan biraatiin bakka buusuu yookiin isa badaa isa gaariidhaan yookiin isa gaarii isa badaadhaan jijjiiruu hin dandaʼu. Inni horii tokko horii kan biraatiin jijjiiruu qaba yoo taʼe garuu, horiin inni jalqabaas taʼe inni ittiin jijjiirame sun qulqulluu ni taʼu. 11 Horiin sun xuraaʼaa+ taʼuu isaatiin kan kaʼe Yihowaadhaaf aarsaa taʼee dhihaachuu hin dandaʼu yoo taʼe, inni horii sana lubicha dura ni dhaabbachiisa. 12 Sana booda lubichi horiin sun gaariis taʼe badaa gatii isaa ni shallaga. Gatiin lubichi shallage sunis gatii horii sanaa ni taʼa. 13 Namichi horii sana deebisee bituu yoo barbaade garuu, gatii shallagame sana irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee haa kennu.+

14 “‘Namni tokko mana isaa Yihowaadhaaf qulqulluu godhee yoo kenne, manichi gaariis taʼe badaa lubichi gatii isaa ni shallaga. Gatiin lubichi shallage sunis gatii mana sanaa ni taʼa.+ 15 Namichi mana isaa qulqulluu godhee kenne sun mana sana deebisee bituu yoo barbaade garuu, gatii shallagame sana irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee haa kennu; manichis kan isaa ni taʼa.

16 “‘Namni tokko maasii dhaala isaa taʼe irraa muraasa Yihowaadhaaf qulqulluu godhee yoo kenne, gatiin isaaf shallagamu sanyii maasicha irratti facaasuuf barbaachisuu wajjin qixxee ni taʼa; sanyiin garbuu homeerii* tokko meetii sheeqilii 50 taʼa. 17 Inni maasicha qulqulluu godhee kan kenne waggaa Iyyobeeliyyuu+ keessatti yoo taʼe, gatiin shallagame hin jijjiiramu. 18 Maasicha qulqulluu godhee kan kenne waggaa Iyyobeeliyyuu booda yoo taʼe, lubichi waggoota hamma waggaa Iyyobeeliyyuu itti aanuutti jiran tilmaama keessa galchee gatii isaa isaaf ni shallaga; gatiin isaas wanta shallagame sana irraa haa hirʼifamu.+ 19 Namichi maasii isaa qulqulluu godhee kenne sun maasii sana deebisee bituu yoo barbaade garuu, gatii shallagame sana irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee haa kennu; maasichis kan isaa taʼee itti fufa. 20 Namichi maasicha deebisee yoo bituu baatee fi nama kan biraatti yoo gurgurame garuu, sana booda maasicha deebisanii bituun hin dandaʼamu. 21 Maasichi waggaa Iyyobeeliyyuutti yommuu gadhiifamu, maasii isaaf murteeffame taʼee Yihowaadhaaf kan qulqulleeffame ni taʼa. Maasichi qabeenya lubootaa ni taʼa.+

22 “‘Namni tokko maasii kutaa dhaala isaa hin taanee fi maallaqa isaatiin bitate Yihowaadhaaf qulqulluu godhee yoo kenne,+ 23 lubichi gatii hamma waggaa Iyyobeeliyyuutti baasu isaaf ni shallaga; innis gatii shallagame sana guyyuma sanatti ni kenna.+ Kun Yihowaadhaaf qulqulluu dha. 24 Waggaa Iyyobeeliyyuuttis maasichi namicha inni irraa bitate sanaaf, jechuunis abbaa lafichaatiif ni deebiʼa.+

25 “‘Gatiin hundi akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe sanaatti haa shallagamu. Sheeqiliin tokko geeraa* 20 wajjin qixxee taʼuu qaba.

26 “‘Haa taʼu malee, inni Yihowaadhaaf angafa taʼee waan dhalateef,+ eenyu iyyuu horii jalqaba dhalate qulqulluu godhee kennuu hin dandaʼu. Jibichas taʼe hoolaa, duruma iyyuu inni kan Yihowaa ti.+ 27 Horiin sun horiiwwan qulqulluu hin taane keessaa tokko yoo taʼee fi namichis akka gatii shallagame sanaatti yoo isa fure, gatii sana irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee haa kennu.+ Deebiʼee kan hin bitamne yoo taʼe garuu, gatii shallagame sanaan ni gurgurama.

28 “‘Haa taʼu malee, namas taʼe horii yookiin maasii dhaalaan argame, wanti namni tokko qabeenya isaa keessaa mamii tokko malee Yihowaadhaaf adda baase* kam iyyuu gurguramuu yookiin deebifamee bitamuu hin dandaʼu. Wanti adda baafame kam iyyuu Yihowaadhaaf hundumaa caalaa qulqulluu dha.+ 29 Kana malees, namni yakkamaan* badiisaaf adda baafame kam iyyuu furamuu hin qabu.+ Inni mamii tokko malee haa ajjeefamu.+

30 “‘Oomisha maasii irraa argamu keessaas taʼe firii mukeetii irraa argamu keessaa, wanti lafattii irraa argamu harka kudhan keessaa harki tokko*+ kan Yihowaa ti. Kun Yihowaadhaaf qulqulluu dha. 31 Namni tokko wanta harka kudhan keessaa harka tokko godhee kenne sana deebisee bituu yoo barbaade, gatii sana irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee haa kennu. 32 Loonii fi bushaayee keessaa harka kudhan keessaa harki tokko, jechuunis horiin* ulee tiksituu jala darbu inni kurnaffaan hundi wanta Yihowaadhaaf qulqulleeffame ni taʼa. 33 Innis gaarii yookiin badaa taʼuu isaa qoree ilaaluu yookiin isa jijjiiruu hin qabu. Isa jijjiiruu yoo barbaade garuu, horiin inni jalqabaas taʼe inni ittiin jijjiirame sun qulqulluu ni taʼu.+ Horiin sun deebifamee bitamuu hin dandaʼu.’”

34 Ajajawwan Yihowaan Gaara Siinaa irratti karaa Musee Israaʼelotaaf kenne kanneen kana dha.+

Kal., “ilmaan Israaʼelitti.”

Bushaayeen hoolaa fi reʼee argisiisa.

Ykn., “cooma kaleetti marsee jiruu.”

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Jechuunis, ilmoo.

Ykn., “cooma kaleetti marsee jiruu.”

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “makoodii; andarii.”

Ykn., “daaraan coome,” jechuunis, daaraa cooma aarsaatiin jiidhe.

Jechuunis, goflaawwan.

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “Lubbuun.”

Jechuunis, kaballaa.

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Jechuunis, midijjaa.

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “asheeta.”

Ykn., “aarsaa nagaa.”

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Kal., “daabboo,” jechuunis, aarsaa gamtaa keessaa isa gaʼee Waaqayyoo taʼe.

Kal., “daabboo,” jechuunis, aarsaa gamtaa keessaa isa gaʼee Waaqayyoo taʼe.

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “Lubbuun.”

Jechuunis, faltii marʼimaan horii keessa jiru.

Ykn., “daaraan coome,” jechuunis, daaraa cooma aarsaatiin jiidhe.

Ykn., “lubbuun kam iyyuu.”

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “Lubbuun.”

Kal., “sagaleen abaarsaa (kakaan).” Tarii kun labsii abaarsa nama dogoggora raawwate irratti ykn ragaa baatuu tarii ragaa baʼuu dide irratti dabarfamu dabalatee, labsii balleessaa raawwatame irratti dabarfamu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Ykn., “lubbuun.”

Ykn., “lubbuun.”

Yaanni kun wareega isaa akka hin raawwanne kan argisiisu fakkaata.

Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko 2.2 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “Lubbuun.”

Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “Lubbuun.”

Ykn., “Lubbuun.”

Ykn., “uffata jalatti uffatamu.”

Ykn., “daaraa coomaa,” jechuunis, daaraa cooma aarsaatiin jiidhe.

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “aarsaawwan sana.”

Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko 2.2 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “lubbuun.”

Ykn., “lubbuun.”

Ykn., “haa ajjeefamu.”

Ykn., “Lubbuun.”

Ykn., “lubbuun.”

Ykn., “haa ajjeefamu.”

Ykn., “haa ajjeefamu.”

Ykn., “Lubbuun.”

Ykn., “haa ajjeefamu.”

Ykn., “gonfoo qulqulluu.”

Ykn., “isaanitti ni mare.”

Ykn., “coomni kaleetti marsee jiru.”

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Kal., “harka keessan guutuuf.”

Ykn., “Horiiwwan.”

Jechuunis, wanta nyaata hoʼisuuf distiin irra kaaʼamu.

Ykn., “lubbuu keessan.”

Ykn., “lubbuu keessan.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “lubbuu.”

Kal., “gogaa foon isaa.”

Jechi Afaan Ibrootaa “dhukkuba nadaayii” jedhamee hiikame hiika balʼaa kan qabuu fi dhukkuboota gogaa daddarboo taʼan adda addaa kan dabalatu dha. Tarii dhukkuboota uffata irrattii fi mana keessatti argaman kan dabalatu taʼuu dandaʼa.

Ykn., “madaan.”

Ykn., “yeroo lammaffaadhaaf.”

Ykn., “dhukkubni isaa kan hin daddarbine.”

Kal., “gogaa foon isaanii.”

Ykn., “areeda funyaan isaa jala jiru.”

Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki sadii 6.6 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Loogiin tokko 0.31 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko 2.2 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “cubbuu.”

Kal., “cubbuu.”

Kal., “foon.”

Ykn., “uffata jalatti uffatamu.”

Ykn., “qullaa isaa.”

Tarii, “Reʼee Isa Badu” jechuu dha.

Ykn., “namni qophaaʼee dhaabbate.”

Ykn., “lubbuu keessan cunqursaa.” “Of cunqursuun” walumaa galatti soomuu dabalatee karaawwan adda addaatiin wanta barbaadan gochuu irraa of qusachuu akka taʼetti hubatama.

Ykn., “lubbuu keessan.”

Kal., “harki isaa guutamu.”

Ykn., “haa ajjeefamu.”

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Kal., “reʼoota.”

Ykn., “haa ajjeefamu.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “nan ajjeesa.”

Ykn., “lubbuu keessaniif.”

Ykn., “lubbuun kam iyyuu.”

Ykn., “ni ajjeefama.”

Ykn., “Lubbuun.”

Kal., “foon.”

Kal., “qullaa saaxiluudhaaf,” kun iddoowwan itti aananii jiraniifis ni hojjeta.

Kal., “Kun qullaa abbaa keetii ti.”

Kal., “qullaa obboleessa abbaa keetii hin saaxilin.”

Kal., “kun qullaa obboleessa keetii ti.”

Ykn., “gocha salphinaa; halalummaa.”

Ykn., “ollaa kee; michuu kee.”

Ykn., “akka murteeffamu; aarsaa akka taʼu.”

Ykn., “lubbuuwwan.”

Ykn., “haa ajjeefaman.”

Kal., “haa sodaatu.”

Ykn., “lubbuun.”

Ykn., “haa ajjeefamu.”

Ykn., “wanta hafe.”

Ykn., “rakkataa.”

Kal., “Dhiiga.”

Ykn tarii, “Yommuu lubbuun nama tokkoo balaadhaaf saaxilamutti callistee hin ilaalin.”

Kal., “qolofa isaa.”

Kal., “dhaqna kan hin qabanne.”

Ykn., “hin muratinaa.”

Ykn., “Lubbuudhaaf.” Jechi Afaan Ibrootaa nafash jedhu as irratti nama duʼe argisiisa.

Ykn., “sodaadhaan dhaabbadhaa.” Kal., “sodaadhaa.”

Kal., “eefaa sirrii taʼe.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kal., “hiinii.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “nan ajjeesa.”

Ykn., “nan ajjeesa.”

Ykn., “Lubbuu.”

Ykn., “nan ajjeesa.”

Kal., “namichi ejjituun sunii fi dubartiin ejjituun sun.”

Kal., “qullaa abbaa isaa.”

Ykn., “gocha salphinaa; halalummaa.”

Ykn., “haa ajjeefaman.”

Kal., “qullaa obboleettii isaa.”

Ykn., “haa ajjeefaman.”

Kal., “qullaa wasiila isaa.”

Kal., “qullaa obboleessa isaa.”

Ykn., “lubbuu keessan.”

Ykn., “hafuura raagdummaa qaban.”

Ykn., “lubbuu.”

Kun aarsaa argisiisa.

Kal., “harki isaa guutame.”

Ykn., “lubbuu duʼe.” Jechi Afaan Ibrootaa nafash jedhu as irratti jecha Afaan Ibrootaa hiika “duʼaa” jedhu qabuu wajjin wal qabata.

Kal., “funyaan isaa baqaqe.”

Ykn tarii, “huqqataa.”

Kal., “irraa akka adda of baasan.”

Ykn., “ni ajjeefama.”

Ykn., “lubbuudhaan.”

Ykn., “Lubbuun.”

Kal., “Ormi,” jechuunis, namni maatii Aaron keessaa hin taane.

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “ormatti.”

Kal., “ormi,” jechuunis, namni maatii Aaron keessaa hin taane.

Kal., “galgaloota lamaan gidduu.”

Jechuunis, nadoo ykn ladoo.

Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki lama 4.4 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Hiiniin tokko 3.67 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki lama 4.4 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “garaa ciibsuutti; qabbaneessuutti.” Kal., “boqochiisuutti.”

Ykn., “Nama cunqurfamee.”

Ykn., “lubbuu keessan cunqursaa.” “Of cunqursuun” walumaa galatti soomuu dabalatee karaawwan adda addaatiin wanta barbaadan gochuu irraa of qusachuu akka taʼetti hubatama.

Ykn., “Lubbuun.”

Ykn tarii, “hin soomne.”

Ykn., “ni ajjeefama.”

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “lubbuu keessan.”

Ykn., “Bakka Yeroo Muraasaaf Keessa Turanii.”

Ykn., “laga gogaa.”

Eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki lama 4.4 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Kun akkuma lakk. 15 fi 16 irratti ibsametti maqaa Yihowaa jedhu argisiisa.

Ykn., “lubbuu nama kamii iyyuu rukutee yoo ajjeese.”

Ykn., “lubbuu horii qeʼee.”

Gondoluu jechuun damee mukaa dulloome irraa muruu jechuu dha.

Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Ykn., “haraaxaa.”

Kal., “ilmaan.”

Ykn., “fira dhiigaa.”

Kal., “ilmaan.”

Ykn., “sodaadhaan dhaabbadhaa.” Kal., “sodaadhaa.”

Kal., “isinitti nan garagala.”

Ykn., “lubbuun koo.”

Jechuunis, harqoota, qambara.

Kal., “ol jettanii.”

Kal., “ulee daabboo keessanii yommuun cabsu.” Tarii kun uleewwan daabboo kuusuuf oolan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”

Ykn., “sanbata ni kabajji.”

Jechuunis, sabni Israaʼel.

Ykn., “lubbuu.”

Ykn., “akka sheeqilii qulqulluu.”

Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Homeeriin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Geeraan tokko 0.57 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Ykn., “balleessuuf murteesse.”

Ykn., “itti murteeffamee.”

Ykn., “kurnoon.”

Ykn., “mataan.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi