MOOTOTA TOKKOFFAA
1 Daawit Mootichi ni dulloome;+ umuriin isaas ni sokke;* uffata dabalataa yoo itti uwwisan iyyuu isatti hoʼuu hin dandeenye. 2 Kanaafuu, tajaajiltoonni isaa, “Durbi takka gooftaa keenya mootichaaf haa barbaadamtu; ishiinis mooticha haa tajaajiltu, akkasumas isa haa kunuunsitu. Gooftaan keenya mootichi akka itti hoʼuuf, ishiin isatti siqxee ni ciisti” isaan jedhan. 3 Isaanis guutummaa naannoo Israaʼel keessaa shamarree bareedduu barbaadanii Abishaag+ Shunaamittii+ argatan; gara mootichaattis ishii fidan. 4 Shamarreen tun baayʼee bareedduu turte; ishiinis isa ni kunuunsite, akkasumas ni tajaajilte; haa taʼu malee, mootichi ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwanne.
5 Kana gidduutti Adoniyaa+ ilmi Haagiit, “Ani mootiin taʼa!” jechuudhaan of guguddisuu jalqabe. Inni gaarii fardaa abbootii fardeenii wajjin, akkasumas namoota 50 isa dura fiigan qopheeffate.+ 6 Haa taʼu malee, abbaan isaa takkaa illee, “Maaliif akkana goote?” jedhee isa mormee* hin beeku ture. Kana malees, inni baayʼee miidhagaa ture; haati isaa kan isa deesse erga Abishaalom dhalatee booda ture. 7 Innis Yoʼaab ilma Zeruuyaa fi Abiyaataar+ lubichaa wajjin ni mariʼate; isaanis Adoniyaadhaaf gargaarsaa fi deggersa ni godhan.+ 8 Saadoq+ lubichi, Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa, Naataan+ raajichi, Shimeʼiin,+ Reʼiinii fi loltoonni Daawit warri jajjaboon+ garuu Adoniyaa hin deggerre.
9 Dhuma irrattis Adoniyaan hoolota, loonii fi horiiwwan coccoomoo dhagaa Zoheleet isa Een Rogeelitti dhihoo jiru biratti aarsaa godhee dhiheesse;+ inni obboloota isaa warra ilmaan mootichaa taʼan hundumaa fi namoota Yihudaa warra tajaajiltoota mootichaa taʼan hundumaa ni waame. 10 Haa taʼu malee, inni Naataan raajicha, Benaayaa fi loltoota jajjaboo, yookiin obboleessa isaa Solomooniin hin waamne. 11 Achiis Naataan+ Baat Sheebaa+ haadha Solomooniin+ akkana jedhe: “Ati Adoniyaan+ ilmi Haagiit mootii akka taʼe, gooftaan keenya Daawit immoo waaʼee kanaa homaa akka hin beekne hin dhageenyee? 12 Ammas maaloo, kottu, lubbuu kee fi lubbuu ilma kee Solomoon akka oolchitu sin gorsa.+ 13 Gara Daawit Mootichaatti seeniitii akkana isaan jedhi: ‘Yaa gooftaa koo yaa mootii, “Ilmi kee Solomoon ana booda mootii ni taʼa; teessoo koo irra kan taaʼu isa dha”+ jechuudhaan ana tajaajiltuu teetiif kan kakate si mitii? Maarree, Adoniyaan mootii kan taʼe maaliifi?’ 14 Ati utuu mootichatti dubbachaa jirtuu, ani si booda seenee wanti ati dubbatte dhugaa taʼuu isaa nan mirkaneessa.”
15 Kanaafuu, Baat Sheebaan gara mootichaa, gara kutaa dhuunfaa isaatti ni seente. Mootichi baayʼee dulloomee ture; Abishaag+ Shunaamittiinis mooticha kunuunsaa turte. 16 Achiis Baat Sheebaan gad jettee mootichaaf ni sagadde; mootichis, “Gaaffiin kee maali dha?” ishiidhaan jedhe. 17 Ishiinis deebistee akkana jette: “Yaa gooftaa koo, ‘Ilmi kee Solomoon ana booda mootii ni taʼa; teessoo koo irra kan taaʼu isa dha’ jechuudhaan maqaa Waaqa kee Yihowaatiin ana tajaajiltuu teetiif kan kakate siʼi.+ 18 Garuu kunoo, Adoniyaan mootii taʼeera; gooftaan koo mootichis waaʼee kanaa homaa hin beeku.+ 19 Inni qotiyyoo, horiiwwan coccoomoo fi hoolota hedduu aarsaa godhee, ilmaan mootichaa hunda, Abiyaataar lubichaa fi ajajaa raayyaa waraanaa kan taʼe Yoʼaabiin waameera;+ tajaajilaa kee Solomooniin garuu hin waamne.+ 20 Ammas yaa gooftaa koo yaa mootii, gooftaa koo mooticha booda teessoo isaa irra kan taaʼu eenyu akka taʼe akka isaanitti himtuuf Israaʼelonni hundi si eegaa jiru. 21 Taʼuu baannaan, akkuma gooftaan koo mootichi abbootii isaa wajjin boqoteen, anii fi ilmi koo Solomoon akka gantootaatti ilaalamna.”
22 Ishiin utuma mootichatti dubbachaa jirtuu, Naataan raajichi ol ni seene.+ 23 Yeruma sanas, “Naataan raajichi kunoo ti” jedhamee mootichatti himame. Innis gara mootichaatti seenee, adda isaatiin lafatti gombifamee mootichaaf ni sagade. 24 Achiis Naataan akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo yaa mootii, ati, ‘Adoniyaan anatti aansee mootii ni taʼa; teessoo koo irra kan taaʼu isa dha’ jetteettaa?+ 25 Harʼa inni qotiyyoo, horii coccoomoo fi hoolota hedduu aarsaa godhee dhiheessuuf gad buʼeera;+ ilmaan mootichaa hunda, ajajjoota raayyaa waraanaa fi Abiyaataar lubichas waameera.+ Isaan achitti isaa wajjin nyaachaa fi dhugaa, akkasumas ‘Adoniyaan Mootichi bara baraaf haa jiraatu!’ jechaa jiru. 26 Haa taʼu malee, inni ana tajaajilaa kee yookiin Saadoq lubicha yookiin Benaayaa+ ilma Yehoyaadaa yookiin tajaajilaa kee Solomooniin hin waamne. 27 Gooftaan koo mootichi namni isatti aansee teessoo gooftaa koo mootichaa irra taaʼu eenyu akka taʼe utuu ana tajaajilaa isaatti hin himin kun akka taʼu heyyameeraa?”
28 Yeroo kanatti Daawit Mootichi deebisee, “Baat Sheebaa naaf waamaa” jedhe. Ishiinis ol seentee mooticha dura dhaabbatte. 29 Achiis mootichi akkana jedhee kakate: “Yihowaa isa jiraataa isa dhiphina hundumaa irraa na oolcheen*+ nan kakadha, 30 akkuma ani, ‘Ilmi kee Solomoon ana booda mootii ni taʼa; bakka koo buʼee teessoo koo irra kan taaʼu isa dha!’ jedhee Yihowaa Waaqa Israaʼeliin siif kakadhe, harʼa kana nan raawwadha.” 31 Achiis Baat Sheebaan adda ishiitiin lafa geessee mootichaaf sagaduudhaan, “Gooftaan koo Daawit Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jette.
32 Daawit Mootichis yeruma sana, “Saadoq lubicha, Naataan raajichaa fi Benaayaa+ ilma Yehoyaadaa+ naaf waamaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan ol seenanii mooticha duratti dhihaatan. 33 Mootichis akkana isaaniin jedhe: “Tajaajiltoota gooftaa keessanii fudhadhaa; ilma koo Solomooniinis gaangee*+ koo irra kaaʼaatii gara Giyoonitti+ gad isa geessaa. 34 Saadoq lubichii fi Naataan raajichi achitti Israaʼel irratti mootii godhanii isa ni dibu;+ achiis xurumbaa* afuufaatii, ‘Solomoon Mootichi bara baraaf haa jiraatu!’+ jedhaa. 35 Sana booda isa duukaa buʼaatii deebiʼaa; innis ol seenee teessoo koo irra ni taaʼa; bakka koos mootii ni taʼa; anis Israaʼelii fi Yihudaa irratti geggeessaa godhee isa nan muuda.” 36 Benaayaan ilmi Yehoyaadaas yeruma sana mootichaan akkana jedhe: “Ameen! Yihowaan Waaqni gooftaa koo mootichaa kana haa dhugoomsu. 37 Yihowaan akkuma gooftaa koo mootichaa wajjin ture, Solomoonii wajjinis haa taʼu;+ inni teessoo isaa teessoo gooftaa koo Daawit Mootichaa caalaa guddaa haa godhu.”+
38 Achiis Saadoq lubichi, Naataan raajichi, Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa, akkasumas Kereetonnii fi Pheleetonni+ gad buʼanii Solomooniin gaangee Daawit Mootichaa irra kaaʼanii+ gara Giyoonitti+ isa fidan. 39 Saadoq lubichis gaanfa zayitichaa+ dunkaana+ keessaa fudhatee Solomooniin ni dibe;+ isaanis xurumbaa afuufuu jalqaban; namoonni sun hundis, “Solomoon Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhanii iyyuu jalqaban. 40 Sana booda namoonni sun hundi ulullee afuufaa fi baayʼee gammadaa isa duukaa buʼanii ol baʼan; iyya isaanii irraan kan kaʼes lafti ni baqaqxe.+
41 Adoniyaanii fi namoonni inni waame hundi yommuu nyaatanii fixan sagalee kana ni dhagaʼan.+ Yoʼaab sagalee xurumbaa akkuma dhagaʼeen, “Iyyi magaalaa keessaa dhagaʼamu kun maal inni?” jedhe. 42 Utuma inni dubbachaa jiruus, Yonaataan+ ilmi Abiyaataar lubichaa ni dhufe. Achiis Adoniyaan, “Ol seeni, ati nama gaarii* waan taateef oduu gaarii fiddee dhuftee taʼuu qaba” isaan jedhe. 43 Yonaataan garuu akkana jedhee Adoniyaadhaaf deebise: “Lakki akkana miti! Gooftaan keenya Daawit Mootichi Solomooniin mootii godheera. 44 Mootichi Saadoq lubicha, Naataan raajicha, Benaayaa ilma Yehoyaadaa, akkasumas Kereetotaa fi Pheleetota isaa wajjin ergeera; isaanis gaangee mootichaa irra isa kaaʼaniiru.+ 45 Achiis Saadoq lubichii fi Naataan raajichi Giyoon keessatti mootii godhanii isa diban. Sana booda isaan gammachuudhaan achii ni dhufan; magaalattiinis iyyaan guutamte. Iyyi isin dhageessanis isa kana dha. 46 Kana malees, Solomoon teessoo mootii irra taaʼeera. 47 Dabalataanis tajaajiltoonni mootichaa, ‘Waaqni kee maqaa Solomoon maqaa kee caalaa ulfina qabeessa haa godhu; inni teessoo isaa teessoo kee caalaa guddaa haa godhu!’ jechuudhaan gooftaa keenya Daawit Mootichaaf gammachuu isaanii ibsuuf ol seenaniiru. Yeroo kanatti mootichi siree isaa irratti ni sagade. 48 Achiis mootichi, ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel inni harʼa ilmi koo teessoo koo irra akka taaʼu godhee fi ijji koos kana akka argu heyyame haa eebbifamu!’ jedhe.”
49 Namoonni Adoniyaan waame hundis ni sodaatan; achiis tokkoon tokkoon isaanii kaʼanii karaa karaa isaanii qajeelan. 50 Adoniyaanis Solomooniin kan kaʼe ni sodaate; kanaafuu, kaʼee dhaqee gaanfota iddoo aarsaa qabate.+ 51 Solomoonis, “Kunoo, Adoniyaan Solomoon Mooticha sodaateera; inni, ‘Solomoon Mootichi ana tajaajilaa isaa goraadeedhaan akka hin ajjeesne dura naaf haa kakatu’ jechuudhaan gaanfota iddoo aarsaa qabateera” oduu jedhu ni dhagaʼe. 52 Yeroo kanatti Solomoon, “Inni amala gaarii yoo qabaate, rifeensa mataa isaa keessaa tokko illee lafa hin buʼu; wanti hamaan isa irratti yoo argame+ garuu ni ajjeefama” jedhe. 53 Kanaafuu, Solomoon Mootichi iddoo aarsaatii akka gad isa buusaniif nama itti erge. Innis ol seenee Solomoon mootichaaf ni sagade; sana booda Solomoon, “Gara mana kee dhaqi” isaan jedhe.
2 Daawit yeroon inni itti duʼu yommuu dhihaachaa dhufetti, ilma isaa Solomooniif qajeelfama kana kenne: 2 “Ani duʼuufan jedha.* Kanaafuu, jabaadhu;+ dhiira taʼi.+ 3 Daandiiwwan isaa irra deemuudhaan, dambiiwwan isaa, ajajawwan isaa, murtiiwwan isaa fi yaadachiisawwan isaa warra Seera Musee keessatti barreeffaman eeguudhaan, dirqama Waaqa kee Yihowaa duratti qabdu raawwadhu;+ kana yoo goote wanta gootu hundaanis taʼe bakka deemtu hundatti milkaaʼina ni argatta.* 4 Yihowaanis, ‘Ilmaan kee garaa isaanii fi lubbuu* isaanii guutuu+ amanamummaadhaan na dura deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa hin dhabamu’ jechuudhaan waadaa gale ni raawwata.+
5 “Atis wanta Yoʼaab ilmi Zeruuyaa na irratti raawwate, wanta inni ajajjoota raayyaa waraanaa Israaʼel lamaan, jechuunis Abneer+ ilma Neerii fi Amaasaa+ ilma Yeteer irratti raawwate akka gaariitti beekta. Inni isaan ajjeesuudhaan waraanni utuu hin jiraatin yeroo nagaatti dhiiga dhangalaaseera;+ akkasumas qabattoo mudhii isaatti hidhatee fi kophee miila isaatti kaaʼate dhiiga yeroo waraanaatti dhangalaʼuun faaleera. 6 Atis akka ogummaa keetti isa irratti tarkaanfii fudhadhu; harriin isaas nagaadhaan gara Awwaalaatti* akka gad buʼu hin godhin.+
7 “Ilmaan Baarzilaay+ Giiliyaadichaa garuu yommuu ani obboleessa kee Abishaalom jalaa baqadhetti+ na cinaa waan dhaabbataniif,+ jaalala amanamaa isaanitti argisiisi; isaan warra maaddii kee irraa nyaatan keessaa tokko akka taʼanis godhi.
8 “Shimeʼiin ilmi Geeraa Biiniyaamtichi inni Baahuriimii dhufes sii wajjin jira. Inni guyyaa ani gara Mahaanaayim dhaqaa turetti+ abaarsa cimaa na abaareera;+ na simachuuf gara Yordaanositti yeroo gad buʼetti garuu, ‘Ani goraadeedhaan si hin ajjeesu’ jedhee maqaa Yihowaatiin isaaf kakadheera.+ 9 Ammas inni utuu hin adabamin akka hafu hin godhin;+ ati nama ogeessa waan taateef wanta isa irratti raawwachuu qabdu ni beekta; harriin isaa dhiigaan gara Awwaalaatti* akka gad buʼu godhi.”+
10 Achiis Daawit abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit+ keessattis ni awwaalame. 11 Barri* Daawit Israaʼel irratti itti bulche waggaa 40 ture. Kebroon+ keessatti waggaa 7f bulche; Yerusaalem keessatti immoo waggaa 33f bulche.+
12 Achiis Solomoon teessoo abbaa isaa Daawit irra taaʼe; mootummaan isaas suutuma suuta jabaatee dhaabbate.+
13 Yeroo booda Adoniyaan ilmi Haagiit gara Baat Sheebaa gara haadha Solomoon ni dhufe. Ishiinis, “Naguma dhuftee?” jettee isa gaafatte. Innis, “Naguman dhufe” jedhee ishiidhaaf deebise. 14 Achiis inni, “Wantan sitti himadhu tokkon qaba” ishiidhaan jedhe. Ishiinis, “Tole, natti himi” isaan jette. 15 Innis itti fufuudhaan akkana jedhe: “Mootummichi kan koo taʼuuf akka ture, Israaʼelonni hundi ani mootii akkan taʼu eegaa* akka turan akka gaariitti ni beekta;+ garuu mootummichi kan isaa akka taʼu fedhii Yihowaa waan taʼeef, na harkaa baʼee obboleessa kootiif taʼeera.+ 16 Amma garuu wanta tokko qofa akka naaf gootun si gaafadha. Na hin didin.” Ishiinis, “Tole, natti himi” isaan jette. 17 Achiis inni, “Maaloo, inni waan si hin dinneef, Abishaag+ Shunaamittii akka natti heerumsiisuuf Solomoon mooticha naaf gaafadhu” ishiidhaan jedhe. 18 Yeroo kanatti Baat Sheebaan, “Gaarii dha! Ani mootichatti siif nan hima” isaan jette.
19 Kanaafuu, Baat Sheebaan waaʼee Adoniyaa itti himuuf gara Solomoon Mootichaatti ol seente. Mootichis yeruma sana ishii simachuuf kaʼee ishiidhaaf sagade. Achiis teessoo isaa irra ni taaʼe; akka ishiin karaa mirga isaa teessuufis haadha mootichaatiif teessoo tokko ni fichisiise. 20 Achiis ishiin, “Waanuma xinnoo tokko akka naaf gootun si gaafadha. Na hin didin” isaan jette. Kanaafuu mootichi, “Haadha too, natti himi; ani si hin didu” ishiidhaan jedhe. 21 Ishiinis, “Abishaag Shunaamittiin obboleessa kee Adoniyaatti haa heerumtu” isaan jette. 22 Yeroo kanatti Solomoon Mootichi, “Ati, Adoniyaadhaaf Abishaag Shunaamittii qofa maaliif gaafatta ree? Inni obboleessa koo isa angafaa+ waan taʼeef, mootummichas isaaf gaafachuu dandeessa;+ Abiyaataar lubichii fi Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaas+ isa deggeraa jiru” jedhee ishiidhaaf deebise.
23 Yeroo kanatti Solomoon Mootichi akkana jedhee maqaa Yihowaatiin kakate: “Adoniyaan kana waan gaafateef, inni lubbuu isaa yoo dhabuu baate, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu. 24 Ammas Yihowaa isa jiraataa, isa akkuma waadaa galetti jabeessee na dhaabe,+ teessoo abbaa koo Daawit irra na kaaʼee fi mana naaf ijaareen*+ nan kakadha, Adoniyaan harʼa ni ajjeefama.”+ 25 Solomoon Mootichis yeruma sana Benaayaa+ ilma Yehoyaadaa ni erge; innis gad baʼee Adoniyaa rukutee* isa ajjeese.
26 Mootichis Abiyaataar+ lubichaan, “Gara maasii kee isa Anaatot+ keessatti argamuu dhaqi! Ati duʼuu qabda turte; garuu ani harʼa si hin ajjeesu; sababiin isaas, ati abbaa koo Daawit duratti Taabota Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa baatteetta;+ rakkina abbaa koo irra gaʼe hundumaa keessattis isaa wajjin rakkatteetta”+ jedhe. 27 Kanaafuu, Solomoon dubbiin Yihowaan Shiiloo+ keessatti mana Eelii+ irratti dubbate akka raawwatamuuf, luba Yihowaa taʼee akka hin tajaajilleef Abiyaataariin ni ariʼe.
28 Yoʼaab Abishaalomiin+ kan hin deggerre taʼus, Adoniyaa+ waan deggereef, inni yommuu oduu kana dhagaʼu, gara dunkaana Yihowaatti+ baqatee gaanfota iddoo aarsaa ni qabate. 29 Achiis Solomoon Mootichi, “Yoʼaab gara dunkaana Yihowaatti baqatee achi iddoo aarsaa cinaa jira” jedhamee itti himame. Kanaafuu Solomoon, “Dhaqi, isa ajjeesi!” jedhee Benaayaa ilma Yehoyaadaa erge. 30 Kanaafuu, Benaayaan gara dunkaana Yihowaa dhaqee, “Mootichi, ‘Gad baʼi!’ siin jedha” isaan jedhe. Inni garuu, “Asumattan duʼa malee, hin baʼu!” isaan jedhe. Benaayaanis, “Yoʼaab akkana akkana naan jedhe; inni akkana akkana jedhee naaf deebise” jedhee mootichatti hime. 31 Achiis mootichi akkana isaan jedhe: “Akkuma inni jedhe isa irratti raawwadhu; ajjeesiitii isa awwaali; dhiiga isa Yoʼaab sababii malee dhangalaase sana anaa fi mana abbaa koo irraa balleessi.+ 32 Yihowaan dhiiga isaa mataa isaa irratti ni deebisa; sababiin isaas, inni abbaan koo Daawit utuu hin beekin namoota isa caalaa qajeeloo fi gaggaarii taʼan lama, jechuunis Abneer+ ilma Neer isa ajajaa raayyaa waraanaa Israaʼel+ taʼee fi Amaasaa+ ilma Yeteer isa ajajaa raayyaa waraanaa Yihudaa+ taʼe goraadeedhaan rukutee ajjeeseera. 33 Dhiigni isaanii bara baraaf mataa Yoʼaabii fi mataa sanyii isaa irratti ni deebiʼa;+ Daawitiif, sanyii isaatiif, mana isaatii fi teessoo isaatiif garuu bara baraaf Yihowaa biraa nagaan haa taʼu.” 34 Achiis Benaayaan ilmi Yehoyaadaa ol baʼee Yoʼaabiin rukutee ajjeese; innis mana isaa isa lafa onaa keessa jiru biratti ni awwaalame. 35 Achiis mootichi bakka Yoʼaab, Benaayaa+ ilma Yehoyaadaa ajajaa raayyaa waraanaa godhee muude; akkasumas mootichi bakka Abiyaataar, Saadoq+ lubicha ni muude.
36 Achiis mootichi Shimeʼii+ waamsisee akkana isaan jedhe: “Yerusaalemitti mana ijaarradhuutii achuma jiraadhu; achii baatee eessa iyyuu akka hin dhaqne. 37 Haa taʼu malee, guyyaa achii baatee Sulula Qedroon+ ceetutti akka ajjeefamtu beekkadhu. Dhiigni kee matuma kee irra ni taʼa.” 38 Shimeʼiinis deebisee mootichaan, “Wanti ati jette sirrii dha. Ani tajaajilaan kee akkuma gooftaan koo mootichi jedhe nan godha” jedhe. Kanaan kan kaʼes, Shimeʼiin guyyoota hedduudhaaf Yerusaalem keessa taaʼe.
39 Dhuma waggaa sadaffaatti garuu, garboota Shimeʼii keessaa lamaan isaanii badanii Akiish+ ilma Maʼaakaa isa mootii Gaat taʼe bira dhaqan. Shimeʼiin yommuu, “Kunoo, garboonni kee Gaat keessa jiru” jedhamee itti himamu, 40 yeruma sana harree isaa feʼatee, garboota isaa barbaacha gara Akiish isa Gaat keessa jiruu dhaqe. Shimeʼiin garboota isaa wajjin Gaat irraa yommuu deebiʼu, 41 Solomoon, “Shimeʼiin Yerusaalem keessaa baʼee gara Gaat dhaqee deebiʼeera” jedhamee itti himame. 42 Yeroo kanatti mootichi Shimeʼii waamsisee akkana isaan jedhe: “Ani, ‘Guyyaa asii baatee bakka kan biraa kam iyyuu itti deemtutti akka ajjeefamtu beekkadhu’ jedhee Yihowaa duratti si kakachiisee fi si akeekkachiisee hin turree? Atis, ‘Wanti ati jette sirrii dha; nan ajajama’ naan jettee hin turree?+ 43 Maarree, wanta Yihowaadhaaf kakattee fi ajaja ani sii kenne utuu hin eegin kan hafte maaliifi?” 44 Achiis mootichi Shimeʼiidhaan akkana jedhe: “Wanta hamaa abbaa koo Daawit irratti raawwatte hunda garaan kee ni beeka;+ Yihowaanis wanta hamaa sana mataa keetti ni deebisa.+ 45 Solomoon Mootichi garuu ni eebbifama;+ teessoon Daawitis Yihowaa duratti bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.” 46 Achiis mootichi Benaayaa ilma Yehoyaadaa ni ajaje; innis gad baʼee Shimeʼii rukutee ajjeese.+
Akka kanaan, mootummichi harka Solomoon keessatti ni jabaate.+
3 Solomoon gaaʼelaan Faraʼoon mootii Gibxiitti ni firoome. Inni intala Faraʼoon ni fuudhe;*+ mana ofii isaa,+ mana Yihowaa+ fi dallaa Yerusaalemitti marsu+ ijaaree hanga xumuruttis gara Magaalaa Daawititti+ ishii fide. 2 Haa taʼu malee, hanga yeroo sanaatti manni maqaa Yihowaatiif taʼu waan hin ijaaramneef,+ namoonni aarsaa kan dhiheessan iddoowwan ol kaʼoo+ irratti ture. 3 Solomoon iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa dhiheessuu fi aarsaawwan gubaman aarsuu isaatiin alatti, akka dambiiwwan abbaa isaa Daawititti deddeebiʼuudhaan Yihowaa jaallachuu isaa itti fufee ture.+
4 Iddoon ol kaʼaan hunda caalaa beekamaa* taʼe Gibeʼon waan tureef, mootichi achitti aarsaa dhiheessuuf ni dhaqe.+ Solomoon iddoo aarsaa sana irratti aarsaawwan gubaman 1,000 ni dhiheesse.+ 5 Gibeʼonittis Yihowaan halkan abjuudhaan Solomoonitti ni mulʼate; Waaqayyos, “Wanta akkan siif kennu barbaaddu na gaafadhu” isaan jedhe.+ 6 Yeroo kanatti Solomoon akkana jedhe: “Inni amanamummaadhaan, qajeelummaa fi garaa qajeelaadhaan si duratti deddeebiʼaa waan tureef, ati tajaajilaa kee abbaa koo Daawititti jaalala amanamaa guddaa taʼe argisiisteetta. Ilma teessoo isaa irra taaʼu isaaf kennuudhaan, hanga guyyaa kanaatti jaalala amanamaa guddaa taʼe kana isatti argisiisuu kee itti fufteetta.+ 7 Ammas yaa Waaqa koo Yihowaa, ani mucaa xinnaa fi muuxannoo kan hin qabne*+ yoon taʼe illee, ana tajaajilaa kee bakka abbaa koo Daawit mootii gooteetta. 8 Tajaajilaan kee saba ati filatte,+ saba hedduu baayʼina isaatiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenye gidduutti argama. 9 Kanaafuu, tajaajilaan kee saba keetiif murtii kennuu, akkasumas wanta gaarii taʼee fi wanta hamaa taʼe gargar baasee beekuu akka dandaʼuuf,+ garaa ajajamu isaaf kenni;+ taʼuu baannaan, saba kee isa baayʼee hedduu* taʼe kanaaf eenyutu murtii kennuu dandaʼa?”
10 Solomoon kana gaafachuun isaa Yihowaa ni gammachiise.+ 11 Achiis Waaqayyo akkana isaan jedhe: “Ati kana waan gaafattee fi ofii keetiif umurii dheeraa* yookiin sooruma yookiin duʼa* diinota keetii waan hin gaafanneef, kanaa mannaa, dhimma murtii irratti hubannaa murtii sirrii dabarsuuf* si barbaachisu waan gaafatteef,+ 12 wanta ati gaafatte siifan godha.+ Ani garaa ogeessaa fi hubataa si dura namni kam iyyuu hin qabnee fi si boodas eenyu iyyuu hin arganne+ siifan kenna.+ 13 Kana malees, bara jireenyaa keetti* mootiin akka keetii kan biraan akka hin jiraanneef,+ soorumaa fi ulfina+ isa ati na hin gaafanne siifan kenna.+ 14 Akkuma abbaan kee Daawit deeme,+ atis dambiiwwan koo fi ajajawwan koo eeguudhaan daandiiwwan koo irra yoo deemte, umurii dheeraas siifan kenna.”*+
15 Solomoon yommuu dammaqu kun abjuu akka ture hubate. Achiis gara Yerusaalem dhaqee taabota kakuu Yihowaa dura dhaabbate; aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa+ ni dhiheesse; tajaajiltoota isaa hundaafis affeerraa ni qopheesse.
16 Yeroo sanatti sagaagaltoonni lama gara mootichaatti seenanii isa dura dhaabbatan. 17 Dubartiin ishiin jalqabaa akkana jette: “Yaa gooftaa koo, anii fi dubartiin tun mana tokko keessa jiraanna turre; utuu ishiin mana keessa jirtuu ani nan daʼe. 18 Erga ani daʼee guyyaa sadii booda dubartiin tunis ni deesse. Lamaan keenya qofatu waliin jiraata ture; nuu wajjin manicha keessa namni kan biraan hin jiru ture. 19 Ishiin halkan waan irra ciisteef, ilmi dubartii tanaa ni duʼe. 20 Kanaafuu, ishiin halkan walakkaa kaatee ani garbittiin tee rafaa utuun jiruu ilma koo ana biraa fudhattee bobaa ishii jala ciibsite; ilma ishii isa duʼe immoo bobaa koo jala ciibsite. 21 Ganama ilma koo hoosisuuf yommuun kaʼu, inni duʼuu isaa nan arge. Kanaafuu, ganamaan xiyyeeffannaadhaan yommuun isa ilaalu, inni ilma koo isa ani daʼe akka hin taane nan hubadhe.” 22 Dubartiin ishiin kan biraan garuu, “Lakki, ilmi koo isa lubbuudhaan jiru dha; ilmi kee immoo isa duʼe dha!” jette. Dubartiin ishiin jalqabaa immoo, “Lakki, ilmi kee isa duʼe dha; ilmi koo immoo isa lubbuudhaan jiru dha” jette. Isaanis akkanatti mooticha duratti wal falman.
23 Dhuma irrattis mootichi, “Ishiin tun, ‘Ilmi koo isa lubbuudhaan jiru kana dha; ilmi kee immoo isa duʼe dha’ jetti; ishiin sunis, ‘Lakki, ilmi kee isa duʼe dha; ilmi koo immoo isa lubbuudhaan jiru dha’ jetti” jedhe. 24 Mootichis, “Goraadee naa fidaa” jedhe. Kanaafuu, isaan goraadee isaaf fidan. 25 Achiis mootichi, “Mucicha isa lubbuudhaan jiru bakka lamatti kutaatii walakkaa isaa dubartii ishii tokkoof, walakkaa isaa immoo dubartii ishii kan biraatiif kennaa” jedhe. 26 Yeruma sana dubartittiin ishiin ilmi ishii lubbuudhaan jiru sun sababii ilma ishiitiin garaan ishii waan raafameef, “Maaloo, yaa gooftaa koo, mucicha isa lubbuudhaan jiru ishiidhaaf kenni! Matumaa isa hin ajjeesin!” jettee mooticha kadhatte. Dubartiin ishiin kan biraan garuu, “Mucichi kan koos, kan kees hin taʼu! Bakka lamatti isa haa kutan!” jette. 27 Yeroo kanatti mootichi deebisee, “Mucicha isa lubbuudhaan jiru dubartii ishii jalqabaatiif kennaa! Ishiin haadha isaa waan taateef, matumaa isa hin ajjeesinaa” jedhe.
28 Kanaan kan kaʼes, Israaʼelonni hundi waaʼee murtii mootichi dabarse kanaa ni dhagaʼan; inni murtii haqaa akka kennuuf Waaqayyo ogummaa akka isaaf kenne+ waan arganiif, mooticha ni kabajan.*+
4 Solomoon Mootichi guutummaa Israaʼel ni bulcha ture.+ 2 Abbootiin taayitaa isaa warri ol aanoon* kanneen kana turan: Azaariyaan ilmi Saadoq+ luba ture; 3 Elihoreefii fi Ahiyaan warri ilmaan Shiishaa taʼan barreessitoota turan;+ Yoshaafaax+ ilmi Ahiluud barreessaa seenaa ture; 4 Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa ajajaa raayyaa waraanaa ture; Saadoqii fi Abiyaataar+ luboota turan; 5 Azaariyaan ilmi Naataan+ hogganaa bulchitootaa ture; Zaabuud ilmi Naataan luba kan ture yeroo taʼu, michuu mootichaa ture;+ 6 Ahishaar mana mootichaa irratti itti gaafatamaa ture; Adoniraam+ ilmi Abdaa warra hojii dirqamaa akka hojjetan filataman+ irratti itti gaafatamaa ture.
7 Solomoon bulchitoota guutummaa Israaʼel irratti muudamanii mootichaa fi maatii isaatiif soorata dhiheessan 12 qaba ture. Tokkoon tokkoon isaanii waggaatti jiʼa tokkoof soorata dhiheessuuf itti gaafatamummaa qabu turan.+ 8 Maqaan isaanii kanaa gaditti ibsameera: Naannoo gaarotaa Efreem irratti ilma Huur; 9 Maaqaaz, Shaʼaalbiim,+ Beet Sheemeshii fi Eeloon Beet Hanaan irratti ilma Deeqer; 10 Aruboot irratti ilma Heseed (Sookoonii fi guutummaan biyya Hefeer isa jala turan); 11 guutummaa tulloota Door irratti ilma Abinaadaab (Inni intala Solomoon Xaafaatiin fuudhee ture); 12 Taʼaanaak, Megidoo+ fi guutummaa Beet Shiʼaan+ isa Yezriʼelii gaditti Zaaretaan biratti argamu, akkasumas Beet Shiʼaanii hamma Abeel Meholaa, hamma Yoqmeʼaam+ irratti Baʼaanaa ilma Ahiluud; 13 Raamot Giiliyaad+ irratti ilma Geeber (gandoonni dunkaanaa Yaaʼir+ ilma Minaasee warri Giiliyaad+ keessatti argamanis isa jala turan; kana malees, naannoon Argoob+ inni Baashaan+ keessa jiru, jechuunis magaalonni guguddoon warri dallaa fi danqaraa sibiila diimaa qaban 60ni isa jala turan); 14 Mahaanaayim+ irratti Ahinaadaab ilma Idoo; 15 Niftaalem irratti Ahimaʼaaz (inni intala Solomoon ishii Baasemaat jedhamtu fuudhee ture); 16 Asheerii fi Baʼaalot irratti Baʼaanaa ilma Hushaay; 17 Yisaakor irratti Yoshaafaax ilma Paaruu; 18 Biiniyaam+ irratti Shimeʼii+ ilma Eelaa; 19 biyya Giiliyaad,+ biyya Sihoon+ mootii Amoorotaa fi biyya Oog+ mootii Baashaan irratti Geeber ilma Uurii. Bulchaan bulchitoota biyyattii keessa jiran kana hunda irratti aangoo qabu tokkos jira ture.
20 Namoonni Yihudaa fi namoonni Israaʼel akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu turan;+ isaan nyaachaa, dhugaa fi gammadaa turan.+
21 Solomoonis mootummoota Laga*+ sanaa jalqabee hamma biyya Filisxeemotaatti, akkasumas hamma daangaa biyya Gibxiitti jiran hundumaa irratti ni bulche. Isaanis guutummaa jireenya isaatti Solomooniif gibira fidaa fi isa tajaajilaa turan.+
22 Nyaanni guyyaa guyyaadhaan Solomooniif galu, daakuu bullaaʼaa safartuu qorosii* 30 fi daakuu safartuu qorosii 60, 23 loon gabbifaman 10, loon kaloo dheedan 20, hoolota 100, akkasumas gosoota gadamsaa garaa garaa, borofawwan gosa adda addaa fi simbirroota gagabbatoo turan. 24 Innis mootota Lagicha irraa gamana jiran* hunda dabalatee, wantoota Lagicha+ gamana jiran hunda Tifsaadhaa hamma Gaazaatti+ ni toʼata ture; naannoowwan isatti marsanii jiran hunda keessa nagaan jira ture.+ 25 Guutummaa bara Solomoonitti namoonni Yihudaa fi namoonni Israaʼel Daanii jalqabee hamma Ber Sheebaatti argaman tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jalatti tasgabbiidhaan jiraatu turan.
26 Solomoon gola fardeen gaariiwwan isaa harkisaniif qophaaʼe 4,000* fi fardeen* 12,000 qaba ture.+
27 Bulchitoonni kun Solomoon Mootichaa fi warra maaddii Solomoon Mootichaa irraa nyaatan hundaaf soorata dhiheessu turan. Tokkoon tokkoon isaanii jiʼa itti ramadaman sanaaf itti gaafatamummaa qabu turan; wanti tokko illee akka hin hirʼannes of eeggannoo godhu turan.+ 28 Kana malees, tokkoon tokkoon isaaniis akka isaan irraa eegamutti fardeenii fi sangoota fardeenii sanaaf bakka barbaachisu hundatti garbuu fi galabaa ni fidu turan.
29 Waaqayyos ogummaa fi hubannaa guddaa, akkasumas gara balʼina* akka cirracha qarqara galaanaa taʼe Solomooniif ni kenne.+ 30 Ogummaan Solomoon ogummaa namoota Bahaa hundumaa fi ogummaa Gibxii hundumaa irra ni caala ture.+ 31 Inni nama kam iyyuu caalaa ogeessa ture; Eetaan+ Izraahicha, akkasumas Hemaan,+ Kaalkolii+ fi Daardaa warra ilmaan Maahol taʼan caalaa ogeessa ture; saboota naannoo isaa jiran hunda gidduuttis beekamaa ni taʼe.+ 32 Inni fakkeenyota+ 3,000 ni qindeesse;* lakkoofsi faarfannaawwan+ isaatiis 1,005 ture. 33 Muka gaattiraa Libaanonitti argamuu jalqabee hamma hiisoophii+ isa dallaa irratti biqiluutti waaʼee mukeetii dubbateera; waaʼee horii fi waaʼee bineensotaa,+ waaʼee simbirrootaa,*+ waaʼee uumamawwan lafa irra sochoʼanii*+ fi waaʼee qurxummii dubbateera. 34 Mootota guutummaa lafaa warra waaʼee ogummaa isaa dhagaʼan dabalatee, namoonni saba hundumaa keessa jiran ogummaa Solomoon dhagaʼuuf gara isaa ni dhufu turan.+
5 Hiiraam mootiin Xiiros+ yeroo hunda michuu Daawit waan tureef,* Solomoon bakka abbaa isaa mootii taʼee akka dibame yommuu dhagaʼu tajaajiltoota isaa gara Solomoonitti erge.+ 2 Solomoonis deebisee akkana jedhee Hiiraamitti+ dhaame: 3 “Abbaan koo Daawit hanga Yihowaan diinota isaa faana miila isaa jala isaaf galchutti kallattii hundumaatiin waraanni waan isa irratti banamaa tureef, maqaa Waaqa isaa Yihowaatiif mana ijaaruu akka hin dandeenye akka gaariitti beekta.+ 4 Amma garuu Waaqni koo Yihowaan kallattii hundumaatiin boqonnaa naaf kenneera.+ Kan na mormu tokko illee hin jiru; wanti hamaanis raawwatamaa hin jiru.+ 5 Kanaafuu, akkuma Yihowaan, ‘Maqaa kootiif mana kan ijaaru, ilma kee isa ani bakka kee teessoo kee irra kaaʼu dha’ jedhee abbaa koo Daawitiif waadaa gale, ani maqaa Waaqa koo Yihowaatiif mana ijaaruu yaadeera.+ 6 Egaa muka gaattiraa Libaanon+ akka naaf muran namoota kee ajaji. Nu keessaa namni tokko illee akka Siidoonotaatti muka muruu akka hin dandeenye ni beekta; kanaafuu, tajaajiltoonni koo tajaajiltoota kee wajjin ni hojjetu; anis akka ati murteessitetti tajaajiltoota keetiif mindaa nan kaffala.”+
7 Hiiraamis dhaamsa Solomoon kana yommuu dhagaʼu baayʼee gammadee, “Saba guddaa* kana akka bulchuuf Daawitiif ilma ogeessa taʼe waan kenneef harʼa Yihowaan haa jajamu!” jedhe.+ 8 Kanaafuu, Hiiraam akkana jedhee Solomoonitti dhaame: “Ergaa ati natti ergite dhagaʼeera. Anis saanqaa gaattiraa fi birbirsaa siif qopheessuudhaan wanta ati barbaaddu hunda nan godha.+ 9 Tajaajiltoonni koos Libaanonii gara galaanichaatti gad isaan ni fidu; achiis ani walitti isaan hidhee galaanicha irra kaaʼee bakka ati jettetti siif nan erga. Ani achitti akka hiikaman nan godha; atis achii isaan fudhachuu dandeessa. Ati immoo gama keetiin soorata ani si gaafadhu maatii kootiif ni dhiheessita.”+
10 Kanaafuu, Hiiraam saanqaa gaattiraa fi birbirsaa Solomoon barbaadu hunda ni dhiheesse. 11 Solomoonis maatii isaatiif soorata akka taʼuuf, qamadii safartuu qorosii* 20,000 fi zayitii ejersaa baayʼee gaarii taʼe* safartuu qorosii 20 Hiiraamiif ni kenne. Solomoon waggaa waggaadhaan Hiiraamiif kana ni kenna ture.+ 12 Yihowaanis akkuma waadaa isaaf galee turetti Solomooniif ogummaa ni kenne.+ Hiiraamii fi Solomoon gidduu nagaan jira ture; lamaan isaaniis walii galtee ni godhan.*
13 Solomoon Mootichi guutummaa Israaʼel keessaa namoota hojii dirqamaa hojjetan ni filate; namoonni filatamanis 30,000 turan.+ 14 Innis jiʼa jiʼaan 10,000 godhee dabaree dabareedhaan gara Libaanonitti isaan erga ture. Isaanis jiʼa tokko Libaanon keessatti, jiʼa lama immoo mana isaaniitti dabarsu turan; Adoniraamis+ warra hojii dirqamaa hojjetan irratti itti gaafatamaa ture. 15 Solomoon namoota hojii humnaa hojjetan* 70,000 fi namoota gaarota+ irratti dhagaa bocan+ 80,000 qaba ture; 16 kana malees, Solomoon bulchitoota+ warra ol aantummaadhaan hojjettoota toʼatan 3,300 qaba ture. 17 Isaan dhagoota bocamaniin buʼuura manichaa kaaʼuuf,+ ajaja mootichaatiin dhagoota guguddaa+ fi dhagoota gatii guddaa qaban+ ni baasu turan. 18 Kanaafuu, ijaartonni Solomoon, ijaartonni Hiiraamii fi Geebaalonni+ dhagaa ni bocan; manicha ijaaruufis saanqaawwanii fi dhagoota ni qopheessan.
6 Israaʼelonni* biyya Gibxiitii baʼanii+ waggaa 480ffaa isaatti, Solomoon Israaʼel irratti mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jiʼa Ziifitti*+ (jechuunis jiʼa lammaffaatti) Solomoon mana Yihowaa* ijaaruu jalqabe.+ 2 Manni Solomoon Mootichi Yihowaadhaaf ijaare dheerinni isaa dhundhuma* 60, dalgi isaa dhundhuma 20, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 30 ture.+ 3 Dheerinni* barandaa+ fuuldura mana qulqullummaa* jiru dhundhuma 20 yeroo taʼu, dalga manichaa wajjin qixxee dha. Barandichi manicha irraa dhundhuma kudhan gara fuulduraatti baʼa ture.
4 Inni foddaawwan fireemiiwwan* wal irra kaaʼamanii keessaa gara alaatti dhiphachaa deeman+ qaban manichaaf ni hojjete. 5 Kana malees, inni girgiddaa manichaatti maxxansee mana dabalataa ni ijaare; manichis, girgiddaa manichaatti, jechuunis girgiddaa mana qulqullummaa* sanaa fi kutaa isa keessaatti+ naanneffamee kan ijaarame ture; akka kanaan itti naannessee kutaawwan dabalataa ni ijaare.+ 6 Kutaan dabalataa inni gadii dalgi isaa dhundhuma shan ture; kutaan inni gidduu kutaa isa gadii irratti ijaarame dalgi isaa dhundhuma jaʼa ture; kutaan inni olii immoo dalgi isaa dhundhuma torba ture; inni manichatti naannessee baattuuwwan* waan tolcheef, girgiddaawwan manichaa wajjin wanti wal qabate tokko illee hin turre.+
7 Manichi kan ijaarame dhagaa iddoo qotamee baafametti bocamee qopheeffameen waan taʼeef,+ yommuu manichi ijaaramaa turetti sagaleen burruusaa yookiin sagaleen qottoo yookiin sagaleen meeshaa sibiilaa tokko illee hin dhagaʼamne. 8 Balballi kutaa dabalataa isa gad aanuu kallattii kibba* manichaatti argama ture;+ kortoon jajalʼaan gara kutaa isa gidduutti geessu, kutaa isa gidduu irraa immoo gara kutaa isa oliitti geessu jira ture. 9 Innis manicha ijaaruu isaa itti fufee ni xumure;+ baaxii manichaas baattuuwwan gaattiraa fi saanqaawwan gaattiraa tarree naqamaniin ni uwwise.+ 10 Inni kutaawwan dabalataa tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma shan shan ol dheeratan manichatti naannessee ijaare;+ kutaawwan kunis saanqaawwan gaattiraatiin manichaa wajjin walitti qabsiifamanii turan.
11 Kana gidduutti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Solomoon ni dhufe: 12 “Ati akka dambiiwwan kootti yoo deemte, murtiiwwan koo yoo raawwatte, ajajawwan koo hunda yoo eegdee fi isaanii wajjin haala wal simuun yoo jiraatte,+ mana ijaaraa jirtu kana ilaalchisee waadaa isan abbaa kee Daawitiif gale siif nan raawwadha;+ 13 akkasumas Israaʼelota gidduu nan jiraadha;+ saba koo Israaʼeliinis hin dhiisu.”+
14 Solomoonis manicha ijaaree xumuruuf hojii ijaarsaa sana itti fufe. 15 Girgiddaa manichaa isa keessaa saanqaa gaattiraatiin ni ijaare. Girgiddaa manichaa isa keessaa lafa manichaatii jalqabee hamma baattuuwwan koornisii isaatti saanqaadhaan ni uwwise; lafa manichaas saanqaa birbirsaatiin ni uwwise.+ 16 Manicha keessa gara duubaatiin kutaa dhundhuma 20 taʼu tokko lafa isaatii jalqabee hanga baattuuwwan baaxii isaatti saanqaa gaattiraatiin ni ijaare; achi keessatti* immoo kutaa isa keessaa,+ jechuunis Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe+ ni ijaare. 17 Kutaan manichaa inni fuuldura isaa jiru, jechuunis manni qulqullummaa*+ dhundhuma 40 ture. 18 Saanqaa gaattiraa keessa manichaatti maxxanfame irratti fakkiiwwan buqqee*+ fi fakkiiwwan abaaboo+ bocamanii turan. Guutummaan isaa saanqaa gaattiraatiin waan uwwifameef, dhagaan tokko illee hin mulʼatu ture.
19 Kana malees inni taabota kakuu Yihowaa+ achi keessa kaaʼuuf, manicha keessatti kutaa isa keessaa+ ni qopheesse. 20 Kutaan inni keessaa dheerinni isaa dhundhuma 20, dalgi isaa dhundhuma 20, ol dheerinni isaas dhundhuma 20 ture;+ innis kuticha warqii qulqulluudhaan ni uwwise; iddoo aarsaa+ sanas muka gaattiraatiin ni uwwise. 21 Solomoon keessa manichaa warqii qulqulluudhaan ni uwwise;+ kutaa isa keessaa+ isa warqiidhaan uwwifame fuuldurattis funcaa warqii ni diriirse. 22 Manicha guutummaatti warqiidhaan ni uwwise; guutummaa iddoo aarsaa+ isa kutaa isa keessaa bira jirus warqiidhaan ni uwwise.
23 Kutaa isa keessaa keessattis kiruubelota+ ol dheerinni isaanii dhundhuma kudhan+ taʼe lama muka gaattiraa* irraa ni hojjete. 24 Qoochoon* kiruubel inni tokko dhundhuma shan, qoochoon isaa inni kan biraanis dhundhuma shan ture. Fiixee qoochoo isa tokko irraa hamma fiixee qoochoo isa kan biraatti dhundhuma kudhan ture. 25 Kiruubel inni lammaffaanis dhundhuma kudhan ture. Kiruubelonni lamaanuu hammi isaanii fi bifti isaanii tokko ture. 26 Ol dheerinni kiruubel isa tokkoo, akkuma kiruubel isa kan biraa dhundhuma kudhan ture. 27 Achiis inni kiruubelota+ sana mana isa keessaa* keessa ni kaaʼe. Qoochoowwan kiruubelotaa kan diriiran waan taʼaniif, qoochoon kiruubel isa tokkoo girgiddaa isa tokko bira kan gaʼu yeroo taʼu, qoochoon kiruubel isa kan biraa immoo girgiddaa isa kan biraa bira ni gaʼa ture; qoochoowwan isaanii gara gidduu manichaatti waan diriiraniif qoochoowwan kun wal tuqu turan. 28 Innis kiruubelota sana warqiidhaan ni uwwise.
29 Guutummaa girgiddaa manichaa, jechuunis guutummaa girgiddaa kutaa manichaa isa duubaa fi isa fuulduraa* irratti fakkii kiruubelotaa,+ fakkii muka meexxii+ fi fakkii abaaboo+ ni boce. 30 Lafa kutaawwan manichaa lamaanis warqiidhaan ni uwwise. 31 Kutaa isa keessaatti ittiin seenuuf akka taʼuufis, balbaloota muka gaattiraa, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan, akkasumas maqaaniiwwan kutaa shanaffaa* godhee ni hojjete. 32 Balbaloonni lamaan sun muka gaattiraa irraa kan tolfaman turan; innis isaan irratti fakkii kiruubelotaa, fakkii mukeetii meexxii fi fakkii abaaboowwanii bocee warqiidhaan isaan uwwise; fakkii kiruubelotaa fi fakkii mukeetii meexxii sanas warqiidhaan ni uwwise. 33 Balbala mana qulqullummaa* sanaaf, kutaa arfaffaatiif* akka kanaan muka gaattiraa irraa maqaaniiwwan ni hojjete. 34 Kana malees, muka birbirsaa irraa balbaloota lama ni hojjete. Balballi inni tokko saanqaawwan wiirtuuwwan irratti naannaʼan lama qaba ture; balballi inni kan biraanis saanqaawwan wiirtuuwwan irratti naannaʼan lama qaba ture.+ 35 Innis fakkii kiruubelotaa, fakkii mukeetii meexxii fi fakkii abaaboowwanii bocee, bocawwan sana warqiidhaan uwwise.
36 Mooraa+ isa keessaa dhagaa bocamee tarree sadiin wal irra kaaʼamee fi saanqaa gaattiraa tarree tokkoon kaaʼameen ni ijaare.+
37 Waggaa 4ffaatti jiʼa Ziifitti* buʼuurri mana Yihowaa ni kaaʼame;+ 38 waggaa 11ffaatti jiʼa Buulitti* (jechuunis jiʼa saddeettaffaatti) manichi akka pilaanii isaatti guutummaan hojii isaa ni xumurame.+ Akka kanaan manicha ijaaruuf waggaa torba isatti fudhate.
7 Solomoon mana* ofii isaa+ guutummaatti ijaaree xumuruuf waggaa 13 isatti fudhate.+
2 Inni Mana Bosona Libaanon+ jedhamuu fi dheerinni isaa dhundhuma* 100, dalgi isaa dhundhuma 50, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 30 taʼe utubaawwan gaattiraa tarree afuriin dhaabamaniin ni ijaare; baattuuwwan muka gaattiraas+ utubaawwan sana irra kaaʼamanii turan. 3 Manichi saanqaawwan gaattiraa baattuuwwan utubaawwan sana irra taaʼan irra naqamaniin kan uwwifame ture; lakkoofsi isaanii* 45 yeroo taʼu, tarree tokko irra 15tu jira ture. 4 Foddaawwan fireemii qaban tarree sadiin jiru turan; foddaawwan sunis tokkoon tokkoon isaanii fuullee waliitiin tarree sadi sadiin ol tarreeffamanii jiru turan. 5 Akkuma foddaawwan fuullee waliitiin tarree sadi sadiin ol tarreeffaman sun fireemiiwwan rogarfee taʼan qaban, balbaloonnii fi maqaaniiwwan hundis fireemiiwwan rogarfee taʼan qabu turan.
6 Inni Galma* Utubaawwanii dheerinni isaa dhundhuma 50 fi dalgi isaa dhundhuma 30 taʼe ni ijaare; fuuldura isaatiin barandaan utubaawwanii fi baaxii qabu tokkos jira ture.
7 Kana malees, inni Galma* Teessoo+ bakka itti murtii kennu, jechuunis Galma Murtii+ ni ijaare; isaanis lafa isaatii jalqabee hamma baattuuwwan baaxii isaatti saanqaa gaattiraatiin galmicha ni uwwisan.
8 Manni* inni keessa jiraatu Galmicha* duubaan mooraa kan biraa+ keessa kan jiru yeroo taʼu, akki itti hojjetamanis wal fakkaata ture. Kana malees, inni mana Galma kanaa wajjin wal fakkaatu tokko intala Faraʼoon ishii Solomoon fuudheef ni ijaare.+
9 Kanneen kun hundi buʼuura isaaniitii jalqabee hamma demdemoo isaaniitti, alaan immoo hamma mooraa isa guddaatti,+ dhagoota gatii guddaa qaban+ warra keessaa fi alaan safaramanii, bocamanii fi magaazii dhagaatiin muramaniin kan ijaaraman turan. 10 Buʼuurri isaa dhagoota gatii guddaa qabanii fi baayʼee guguddaa taʼaniin kan kaaʼame ture; dhagoonni tokko tokko dhundhuma kudhan, dhagoonni tokko tokko immoo dhundhuma saddeet turan. 11 Isaan irras dhagoonni safaramanii bocamanii fi mukti gaattiraa jira ture. 12 Akkuma mooraa isa keessaa+ mana Yihowaa fi akkuma barandaa manichaatti,+ mooraan inni guddaanis dhagoota bocamanii tarree sadiin wal irra kaaʼamanii fi saanqaa gaattiraa tarree tokkoon kaaʼameen kan ijaarame ture.
13 Solomoon Mootichi Hiiraamitti+ nama ergee Xiirosii isa fichisiise. 14 Inni ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi gosa Niftaalem taate takkaa ture; abbaan isaa nama biyya Xiiros isa sibiila diimaa hojjetu ture;+ Hiiraam akaakuu hojii sibiila diimaa* hundumaatiin nama dandeettii, hubannaa+ fi muuxannoo guddaa qabu ture. Kanaafuu, gara Solomoon Mootichaa dhufee hojii inni isaaf kenne hunda ni hojjete.
15 Innis sibiila diimaa baqsee utubaawwan lamaan+ ni hojjete; utubaawwan kun tokkoon tokkoon isaanii ol dheerinni isaanii dhundhuma 18 yeroo taʼu, utubaawwan lamaan kun tokkoon tokkoon isaanii naannoon isaanii wadaroo safaraatiin dhundhuma 12 taʼu turan.+ 16 Kana malees, mataa utubaawwan kanaa irra kaaʼuuf, sibiila diimaa baqsee gubbeewwan lama ni hojjete. Gubbeen inni tokko dhundhuma shan ol dheerata; gubbeen inni kan biraanis dhundhuma shan ol dheerata ture. 17 Gubbeewwan sanas saaphana isa funcaa xixinnoo akka wadarootti dhaʼame irraa hojjetameen miidhagsanii turan;+ gubbeen inni tokko saaphana torba, gubbeen inni kan biraanis saaphana torba qaba ture. 18 Innis gubbeewwan mataa utubaawwan sana irra jiran uwwisuuf, romaanota tarree lamaan saaphana isa tokkotti marsan ni hojjete; utubaawwan lamaaniifuu wanta wal fakkaatu ni hojjete. 19 Gubbeewwan mataa utubaawwan barandaa bira jiran sana irra jiran irratti fakkiin abaaboo ol dheerinni isaa dhundhuma afur taʼe bocamee ture. 20 Gubbeewwan sun utubaawwan lamaan sana irra, bakka saaphanichatti aansee jiruu olitti argamu turan; romaanonni 200 tarree kaaʼamanis guutummaa gubbeewwan lamaaniitti naannaʼanii jiru turan.+
21 Inni utubaawwan barandaa mana qulqullummaa* sanaa ni dhaabe.+ Utubaa gara mirgaa* jiru dhaabee Yaakiin* jedhee moggaase; achiis utubaa gara bitaa* jiru dhaabee Boʼaaz* jedhee moggaase.+ 22 Mataan utubaawwan sanaa boca abaaboo qaba ture. Akka kanaan hojiin utubaawwan sanaa ni xumurame.
23 Achiis sibiila baqfameen Galaanicha* ni hojjete.+ Bocni isaa geengoo ture; afaan isaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniitti dhundhuma 10 yeroo taʼu, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 5 ture; naannoon isaa wadaroo safaraatiin dhundhuma 30 ture.+ 24 Afaan Galaanichaa jala dhundhuma tokko tokko keessatti faayaan buqqee+ kudhan kudhan itti naanneffamee jira ture; buqqeen sunis tarree lamaan Galaanichaa wajjin tokko taʼee kan hojjetame ture. 25 Galaanichi qotiyyoo 12+ irra kan taaʼe yeroo taʼu, qotiyyoon 3 gara kaabaatti, 3 gara dhihaatti, 3 gara kibbaatti, 3 immoo gara bahaatti garagalanii turan; Galaanichis isaan irra taaʼee ture; duubni hunda isaaniis gara walakkaatti kan seene ture. 26 Furdinni isaa hamma balʼina barruu harkaa* ture; afaan isaa afaan shinii fi abaaboo daraare fakkaata ture. Innis safartuu baatii* 2,000 baata ture.
27 Achiis sibiila diimaa irraa gaariiwwan*+ kudhan ni hojjete. Tokkoon tokkoon gaarii kanaa dheerinni isaa dhundhuma afur, dalgi isaa dhundhuma afur, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma sadii ture. 28 Akkaataan gaariiwwan itti hojjetaman akka kanaa gadii ti: Gaariiwwan kun cinaacha battee kan qaban yeroo taʼu, cinaachi isaanii kunis dagaleewwan gidduu oola ture. 29 Cinaacha battee isa dagaleewwan gidduu oolu sana irratti fakkiin leencotaa,+ fakkiin qotiyyoowwanii fi fakkiin kiruubelotaa+ jira ture; fakkiiwwan kun dagaleewwan sana irrattis ni argamu turan. Fakkii leencotaa fi fakkii qotiyyoowwanii sanaa olittii fi gadittis fakkiiwwan abaaboo walitti foʼamanii rarraafaman jiru turan. 30 Gaariiwwan kun geengoo sibiila diimaa afurii fi loloosoo geengoo sibiila diimaa qabu turan; utubaawwan roga arfaniin jiranis isaan deggeruuf tajaajilu turan. Miʼa bishaanichaa jalatti utubaawwan kan argaman yeroo taʼu, tokkoon tokkoon isaanii irrattis fakkiiwwan abaaboo walitti foʼaman fakkaatan bocamanii turan. 31 Afaan miʼa bishaanii sun mataa gaarii sanaa keessa kan jiru yeroo taʼu, jala isaatii kaasee hamma afaan isaatti dhundhuma tokko ol dheerata ture; afaan gaarii sanaa geengoo ture; iddoon miini bishaanii keessa taaʼu sun dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol kan dheeratu yeroo taʼu, afaan isaa irrattis fakkiiwwan bocaman jiru turan. Cinaachawwan battee taʼan sunis rogarfee turan malee geengoo hin turre. 32 Geengoowwan arfan sun cinaachawwan battee taʼan sanaa gaditti argamu turan; utubaawwan geengoo sanaas gaarii sanaa wajjin kan wal qabatan turan; geengoowwan sun tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheeratu turan. 33 Geengoowwan kun akka geengoowwan gaarii fardaatti kan tolfaman turan. Utubaawwan isaanii, andaarri isaanii, dagaleewwan isaanii fi wiirtuuwwan isaanii hundi sibiila baqfame irraa kan tolfaman turan. 34 Golee arfan tokkoon tokkoon gaariiwwan sanaa irratti utubaawwan afur jiru turan; utubaawwan kunis akka kutaa gaarii sanaatti* kan hojjetaman turan. 35 Mataa gaarii sanaa irra maraan geengoo taʼee fi ol dheerinni isaa dhundhuma walakkaa taʼu jira ture; mataa gaarii sanaa, dagaleewwan isaa fi cinaachawwan battee isaas akka kutaa gaarii sanaatti* kan hojjetaman turan. 36 Dagaleewwan sana irrattii fi cinaachawwan battee sana irratti akkuma balʼina isaaniitti fakkii kiruubelotaa, fakkii leencotaa fi fakkii mukeetii meexxii ni boce; naannoo isaa hundattis fakkiiwwan abaaboo walitti foʼaman fakkaatan ni hojjete.+ 37 Inni gaariiwwan kurnan+ kan hojjete akka kanaan ture; hundi isaanii baqfamanii kan hojjetaman yeroo taʼu, hammi isaaniis taʼe bifti isaanii wal fakkaata ture.+
38 Inni miʼa bishaanii+ tokkoon tokkoon isaanii safartuu baatii 40 qabatan kudhan sibiila diimaa irraa ni hojjete. Miini bishaanii kun tokkoon tokkoon isaa dhundhuma afur ture.* Gaariiwwan kurnan hundi miʼa bishaanii tokko tokko qabu turan. 39 Innis gaariiwwan shan manicha irraa gara mirgaa, gaariiwwan shan immoo manicha irraa gara bitaa ni kaaʼe; Galaanichas manicha irraa gara mirgaa, jechuunis kallattii kibba bahaatiin ni kaaʼe.+
40 Kana malees Hiiraam+ miʼawwan bishaanii, akaafaawwanii+ fi saaniiwwan golboo+ ni hojjete.
Kanaafuu, Hiiraam mana Yihowaa ilaalchisee hojiiwwan Solomoon Mootichaaf hojjetu hunda hojjetee xumure.+ Wanti inni hojjetes, 41 utubaawwan lamaan,+ akkasumas gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan lamaan irra jiran, saaphanawwan+ lamaan warra gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan sana irra jiran lamaan miidhagsuuf oolan, 42 romaanota+ 400 saaphanawwan lamaaniif hojjetaman, jechuunis romaanota tokkoon tokkoon saaphanaa irratti tarree lamaan jiranii fi gubbeewwan boca saanii golboo qaban lamaan warra utubaawwan lamaan irra jiran miidhagsuuf hojjetaman, 43 gaariiwwan+ kurnanii fi miʼawwan bishaanii+ kurnan warra gaariiwwan sana irra jiran, 44 Galaanichaa+ fi qotiyyoowwan 12 warra Galaanicha jala jiran, 45 akkasumas miʼawwan daaraa, akaafaawwan, saaniiwwan golboo fi miʼawwan Hiiraam mana Yihowaatiif akka oolaniif sibiila diimaa cululuqfame irraa Solomoon Mootichaaf hojjete hunda turan. 46 Mootichi koonyaa Yordaanos keessatti Suukootii fi Zaaretaan gidduutti miʼawwan suphee boca baasuuf oolanitti fayyadamee miʼawwan kun baqfamanii akka hojjetaman godhe.
47 Miʼawwan kun baayʼee waan taʼaniif, Solomoon miʼawwan hunda utuu hin madaalsisin dhiise. Ulfaatinni sibiila diimaa hammi isaa hin beekamu ture.+ 48 Solomoon mana Yihowaatiif miʼawwan kana hundumaa ni hojjete: iddoo aarsaa+ warqii, minjaala+ warqii daabboon ilaalchaa* irra kaaʼamu, 49 baattuuwwan ibsaa+ warqii qulqulluu irraa tolfamanii kutaa isa keessaa fuuldura gara mirgaa shan gara bitaas shan godhamanii kaaʼaman, akkasumas abaaboowwan,+ ibsaawwanii fi qabduuwwan warqii irraa tolfaman,+ 50 saaniiwwan, dhaamsituuwwan ibsaa,+ saaniiwwan golboo, xoofoowwanii+ fi qodaawwan ibiddaa+ sana warqii qulqulluu irraa ni hojjete; qabsiistuuwwan balbaloota mana isa keessaa,+ jechuunis balbaloota Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼee fi qabsiistuuwwan balbaloota mana qulqullummaa+ warqii irraa ni hojjete.
51 Kanaafuu, Solomoon Mootichi hojiiwwan mana Yihowaatiif hojjechuu qabu hunda hojjetee xumure. Achiis Solomoon wantoota abbaan isaa Daawit qulqulleesse achitti ni galche;+ meeticha, warqichaa fi miʼawwan sanas manneen qabeenyaa mana Yihowaa keessa ni kaaʼe.+
8 Yeroo sanatti Solomoon jaarsolii Israaʼel, dura buutota gosootaa hundumaa fi dura buutota abbootii manneen Israaʼel+ walitti ni qabe.+ Isaanis taabota kakuu Yihowaa Xiyoon+ ishii Magaalaa Daawit+ taate keessaa fiduuf Solomoon Mooticha isa Yerusaalemitti argamu bira dhufan. 2 Namoonni Israaʼel hundi jiʼa Etaaniim,* jechuunis jiʼa torbaffaatti ayyaanicha* irratti Solomoon Mooticha duratti walitti ni qabaman.+ 3 Jaarsoliin Israaʼel hundis ni dhufan; luboonnis Taaboticha ol fuudhanii baatan.+ 4 Isaanis Taabota Yihowaa, dunkaana walgaʼii+ fi miʼawwan qulqulluu dunkaanicha keessa jiran hundumaa ni fidan. Luboonnii fi Leewwonni wantoota kana ni fidan. 5 Solomoon Mootichii fi guutummaan yaaʼii Israaʼel warri gara isaa akka dhufan waamaman Taabota sana dura jiru turan. Hoolonnii fi loon baayʼina isaaniitiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenye hedduunis aarsaa godhamanii dhihaatan.+
6 Achiis luboonni taabota kakuu Yihowaa sana fidanii kutaa manichaa isa keessaa,+ jechuunis Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa qoochoowwan kiruubelotaa sana jala bakka isaaf qophaaʼe ni kaaʼan.+
7 Kanaafuu, qoochoowwan kiruubelotaa sun bakka Taabotichi taaʼu irratti diriiranii turan; kanaan kan kaʼes, kiruubelonni sun Taabotichaa fi danqaraawwan isaa golboobanii turan.+ 8 Danqaraawwan+ sun baayʼee dhedheeroo waan turaniif, Kutaa Qulqulluu kutaa isa keessaa fuuldura jiru keessa dhaabbatanii fiixeewwan isaanii arguun ni dandaʼama ture; alaan garuu arguun hin dandaʼamu ture. Isaanis hamma harʼaatti achitti ni argamu. 9 Gabateewwan dhagaa lamaan+ yommuu sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼanii+ fi Yihowaan isaanii wajjin kakuu galetti+ Museen Horeebitti achi keessa kaaʼeen+ alatti wanti kan biraan Taaboticha keessa hin jiru ture.
10 Yommuu luboonni iddoo qulqulluu sanaa gad baʼanitti duumessichi+ mana Yihowaa ni guute.+ 11 Ulfinni Yihowaa mana Yihowaa waan guuteef, duumessichaan kan kaʼe luboonni achi dhaabbatanii tajaajiluu hin dandeenye.+ 12 Yeroo kanatti Solomoon akkana jedhe: “Yihowaan duumessa gurraacha+ keessa akka jiraatu dubbateera. 13 Ani mana ulfina qabeessa iddoo dhaabbataa ati bara baraaf keessa jiraattu+ siif ijaareera.”
14 Achiis mootichi guutummaan gumii Israaʼel utuma dhaabbatee jiruu garagalee guutummaa gumii Israaʼel eebbisuu jalqabe.+ 15 Akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel haa jajamu; inni akkana jechuudhaan waadaa afaanuma isaatiin abbaa koo Daawitiif gale harkuma isaatiin raawwateera: 16 ‘Guyyaa ani saba koo Israaʼeliin Gibxiidhaa itti baasee jalqabee mana maqaan koo ittiin waamamu achitti ijaaruuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa magaalaa tokko illee hin filanne;+ haa taʼu malee, saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuuf Daawitiin filadheera.’ 17 Abbaan koo Daawitis mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaaruun hawwii garaa isaa ture.+ 18 Yihowaan garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe: ‘Mana maqaa kootiif taʼu ijaaruun hawwii garaa keetii ture; garaa keetti kana hawwuun kee gaarii dha. 19 Haa taʼu malee, ati manicha hin ijaartu; kanaa mannaa mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru ilma kee isa si irraa dhalatu* dha.’+ 20 Yihowaan waadaa gale raawwateera; akkuma Yihowaan waadaa galetti ani bakka abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeera. Kana malees, ani mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaareera;+ 21 akkasumas ani bakka Taabonni inni kakuu Yihowaan yeroo abbootii keenya biyya Gibxiitii baasetti isaanii wajjin gale qabate+ keessa taaʼus qopheesseera.”
22 Achiis Solomoon iddoo aarsaa Yihowaa dura, guutummaa gumii Israaʼel fuuldura dhaabbatee harka isaa gara samiitti ol kaasee+ 23 akkana jedhe: “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, tajaajiltoota isaa warra garaa isaanii guutuudhaan isa dura deemaniif+ kakuu isaa kan eeguu fi jaalala amanamaa+ kan argisiisu ol samii irrattis taʼe gad lafa irratti Waaqni akka keetii hin jiru.+ 24 Ati waadaa tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte eegdeetta. Waadaa afaanuma keetiin galtes harʼa harkuma keetiin raawwatteetta.+ 25 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaa, ‘Akkuma ati na dura deemte, ilmaan kee na dura deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa na duraa hin dhabamu’ jettee tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegi.+ 26 Ammas yaa Waaqa Israaʼel, maaloo, waadaan ati tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte haa raawwatamu.
27 “Garuu Waaqni dhuguma lafa irra ni jiraataa?+ Kunoo, samiin, eeyyee samiin samiiwwanii si baachuu hin dandaʼan;+ manni ani ijaare kun immoo hammam haa xinnaatu ree!+ 28 Ammas yaa Waaqa koo Yihowaa, kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessuu fi wawwaannaa fudhatama argachuuf dhiheessu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi; iyya tajaajilaan kee gargaarsa argachuuf dhageessisuu fi kadhannaa harʼa si duratti dhiheessu dhaggeeffadhu. 29 Kadhannaa tajaajilaan kee gara bakka kanaatti dhiheessu dhagaʼuuf, halkanii fi guyyaa ijji kee gara bakka ati, ‘Maqaan koo achi ni taʼa’+ jette kanaatti kan baname haa taʼu.+ 30 Kadhannaa tajaajilaan kee fudhatama argachuuf dhiheessuu fi sabni kee Israaʼel gara bakka kanaatti kadhannaa gochuudhaan wawwaannaa dhiheessan dhagaʼi; samii isa bakka jireenyaa kee taʼe keessaa dhagaʼi;+ eeyyee, dhagaʼi; dhiifamas godhi.+
31 “Namni tokko nama kan biraa irratti cubbuu yoo hojjetee fi akka kakatu yoo godhame,* kakaa* isaa sanattis kan itti gaafatamu yoo taʼe, utuu kakaa* sana jala jiruus iddoo aarsaa keetii isa mana kana keessa jiru duratti yoo dhihaate,+ 32 ati samii keessaa dhagaʼi; isa hamaa yakkamaa* taʼuu isaa ibsitee wanta inni raawwate mataa isaa irratti deebisuudhaan, isa qajeelaa taʼe immoo qulqulluu* taʼuu isaa ibsitee akka qajeelummaa isaatti isa kiisuudhaan tarkaanfii fudhadhu; tajaajiltoota keetiifis murtii kenni.+
33 “Sabni kee Israaʼel irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe diinota isaaniitiin yommuu moʼamanitti,+ gara keetti deebiʼanii maqaa keetiif ulfina yoo kennan,+ mana kana keessatti yoo kadhannaa dhiheessanii fi fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 34 ati samii keessaa dhagaʼiitii cubbuu sabni kee Israaʼel hojjeteef dhiifama godhi; gara biyya abbootii isaaniitiif kennitettis isaan deebisi.+
35 “Isaan irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe+ samiin cufamee bokkaan roobuu yommuu didutti,+ ati gad waan isaan qabdeef* isaan gara iddoo kanaatti kadhannaa yoo dhiheessan, maqaa keetiif ulfina yoo kennanii fi cubbuu isaanii irraa yoo deebiʼan,+ 36 samii keessaa isaan dhagaʼiitii cubbuu tajaajiltoota kee saba Israaʼeliif dhiifama godhi; daandii isa gaarii irra deemuu qaban isaan barsiisi;+ biyya kee isa saba keetiif dhaalaan kennite irrattis bokkaa roobsi.+
37 “Biyyattii irratti beelli+ yookiin golfaan yookiin bubbeen waxalu* yookiin waagiin+ yookiin hoomaan awwaannisaa yookiin awwaannisni* hin quufne yoo dhufe yookiin diinni isaanii magaalota biyyattii* kamitti iyyuu yoo isaanitti marse yookiin dhaʼichi yookiin dhukkubni kan biraan akkamii iyyuu yoo uumame,+ 38 namni kam iyyuu yookiin sabni kee Israaʼel hundi (namni hundi madaa garaa isaa waan beekuuf)+ kadhannaa akkamii iyyuu dhiheessuuf, akkasumas fudhatama argachuuf wawwaannaa+ akkamii iyyuu dhiheessuuf harka isaanii gara mana kanaatti yommuu ol kaasan, 39 bakka jireenyaa kee+ samii keessaa dhagaʼiitii dhiifama godhi;+ tarkaanfiis fudhadhu; garaa isaa kan beeku si waan taʼeef (dhugumaan garaa nama hundumaa kan beeku si qofa dha)+ tokkoon tokkoon namaatiif akka daandiiwwan isaa hundumaatti isaaf deebisi;+ 40 kunis, biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa yeroo jiraatan hundumaatti akka si sodaataniifi.
41 “Kana malees, namni biyya ormaa saba kee Israaʼel keessaa hin taanee fi maqaa keetiin kan kaʼe biyya fagoodhaa dhufe tokko+ 42 (isaan waaʼee maqaa kee isa guddaa,+ harka kee isa jabaa fi irree kee isa diriirfame waan dhagaʼaniif), dhufee gara mana kanaatti kadhannaa yoo dhiheesse, 43 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa+ dhagaʼi; sabni lafa irraa hundi akkuma saba kee Israaʼel maqaa kee akka beekanii fi akka si sodaataniif,+ akkasumas maqaan kee mana ani ijaare kana irratti akka waamamu akka beekaniif, wanta namni biyya ormaa sun si kadhate hunda isaaf godhi.
44 “Sabni kee diina isaanii waraanuuf karaa ati isaan ergite irra yoo deeman,+ isaanis gara kallattii magaalaa ati filatte+ kanaattii fi gara mana ani maqaa keetiif ijaare+ kanaatti Yihowaatti kadhannaa yoo dhiheessan,+ 45 ati samii keessaa kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni.
46 “Isaan si irratti cubbuu yoo hojjetan (silaa namni cubbuu hin hojjenne hin jiru),+ atis isaanitti baayʼee aartee diina tokkotti dabarsitee yoo isaan kennite, warri isaan boojiʼan sunis boojuudhaan gara biyya diinaa fagoos taʼe dhihootti yoo isaan geessan,+ 47 isaaniis biyya boojuudhaan itti fudhataman keessa utuu jiranii gara qalbii isaaniitti yoo deebiʼanii+ fi gara keetti yoo garagalan,+ biyya namoota isaan boojiʼan sanaa keessa utuu jiraniis, ‘Cubbuu fi dogoggora raawwanneerra; hammina raawwanneerra’+ jedhanii fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 48 isaanis biyya diinonni isaanii boojuudhaan itti isaan fudhatan keessa utuu jiranii garaa isaanii guutuu fi lubbuu* isaanii guutuudhaan gara keetti yoo deebiʼan,+ gara kallattii biyya isaanii isa ati abbootii isaaniitiif kennitettii fi magaalaa ati filatteetti, akkasumas gara mana ani maqaa keetiif ijaaretti kadhannaa yoo sitti dhiheessan,+ 49 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa+ kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni; 50 yakka isaan si irratti raawwatan hunda isaaniif dhiisuudhaan, saba kee warra si irratti cubbuu hojjetaniif dhiifama godhi. Ati warri isaan boojiʼan akka isaaniif gaddan ni goota; isaanis isaaniif ni gaddu+ 51 (isaan saba kee warra dhaala+ kee taʼan, warra ati Gibxii ishii iddoo ibiddaa* sibiila itti baqsan+ taate keessaa baaste+ dha). 52 Ijji kee wawwaannaa tajaajilaan kee fudhatama argachuuf dhiheessuu+ fi yommuu isaan si waammatan hundatti isaan dhagaʼuudhaan* wawwaannaa sabni kee Israaʼel fudhatama argachuuf dhiheessaniif kan baname haa taʼu.+ 53 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, yommuu abbootii keenya Gibxiidhaa baaste akkuma karaa tajaajilaa kee Musee dubbattee turtetti, saba lafa irraa hunda keessaa isaaniin addaan baastee dhaala kee godhatteetta.”+
54 Solomoon kadhannaa kanaa fi wawwaannaa fudhatama argachuuf dhiheessu kana hunda Yihowaadhaaf dhiheessee akkuma xumureen, iddoo aarsaa Yihowaa sana fulduraa bakka jilbeenfatee harka isaa gara samiitti itti ol kaasee ture irraa ni kaʼe.+ 55 Achiis sagalee guddaadhaan guutummaa gumii Israaʼel akkana jedhee eebbise: 56 “Yihowaan inni akkuma abdachiisetti saba isaa Israaʼeliif bakka boqonnaa kenne haa jajamu.+ Waadaa gaarii inni karaa tajaajilaa isaa Musee gale hunda keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne.+ 57 Yihowaan Waaqni keenya akkuma abbootii keenyaa wajjin ture nuu wajjinis haa taʼu.+ Inni nu hin gatin, nu hin dhiisinis.+ 58 Inni daandiiwwan isaa hundumaa irra akka deemnuuf, ajajawwan isaa, dambiiwwan isaa fi murtiiwwan isaa warra inni abbootiin keenya akka eeganiif isaan ajaje akka eegnuuf garaa keenya gara ofii isaatti haa deebisu.+ 59 Kadhannaan ani fudhatama argachuuf Yihowaatti dhiheesse kun halkanii fi guyyaa Waaqa keenya Yihowaa duratti haa yaadatamu; inni tajaajilaa isaatii fi saba isaa Israaʼeliif guyyaa guyyaadhaan murtii barbaachisaa taʼe haa kennu; 60 kunis sabni lafa irraa hundi Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa akka beekaniifi.+ Isa malee Waaqni kan biraan hin jiru!+ 61 Kanaafuu, akkuma harʼa gootan, dambiiwwan isaatiin deemuu fi ajajawwan isaa eeguudhaan garaan keessan Waaqa keenya Yihowaa duratti guutuu* haa taʼu.”+
62 Achiis mootichii fi guutummaan Israaʼel warri isaa wajjin turan Yihowaa duratti aarsaa guddaa dhiheessan.+ 63 Solomoon loon 22,000 fi hoolota 120,000 Yihowaadhaaf aarsaawwan gamtaa+ godhee ni dhiheesse. Akka kanaan mootichii fi Israaʼelonni hundi mana Yihowaa ni eebbisan.+ 64 Iddoon aarsaa sibiila diimaa+ inni Yihowaa dura jiru xinnoo taʼuu isaatiin kan kaʼe aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi cooma aarsaawwan gamtaa sana qabachuu waan hin dandeenyeef, guyyaa sanatti mootichi aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi cooma+ aarsaawwan gamtaa sana achitti dhiheessuuf, gidduu mooraa isa mana Yihowaa dura jiru ni qulqulleesse. 65 Yeroo sanatti Solomoon guutummaa Israaʼel, jechuunis gumii guddaa biyya Lebo Hamaatii* hanga Laga Gogaa* Gibxiitti+ argamu irraa dhufee wajjin Waaqa keenya Yihowaa duratti guyyaa 7f achiis guyyaa dabalataa 7f, walumatti guyyaa 14f ayyaanicha ni ayyaaneffate.+ 66 Guyyaa itti aanuttis* inni namoota sana ni geggeesse; isaanis mooticha ni eebbisan; gaarummaa Yihowaan tajaajilaa isaa Daawitittii fi saba isaa Israaʼelitti argisiise hundaan kan kaʼes ililchaa fi garaan isaanii gammadaa+ gara mana mana isaanii deeman.
9 Solomoon mana Yihowaa, mana mootichaa+ fi wanta hojjechuu barbaade hunda ijaaree akkuma xumureen,+ 2 Yihowaan akkuma Gibeʼon keessatti isatti mulʼatee ture, yeroo lammaffaadhaaf Solomoonitti ni mulʼate.+ 3 Yihowaan akkana isaan jedhe: “Kadhannaa kee fi wawwaannaa ati fudhatama argachuuf na duratti dhiheessite dhagaʼeera. Ani maqaan koo yeroo hunda akka ittiin waamamu gochuudhaan+ mana ati ijaarte kana qulqulleesseera; ijji koo fi garaan koos yeroo hunda achi ni taʼa.+ 4 Wantan si ajaje hunda hojjechuudhaan+ akkuma abbaan kee Daawit deemetti+ garaa qulqulluu+ fi qajeelummaadhaan+ na dura yoo deemte, dambiiwwan koo fi murtiiwwan kootiif yoo ajajamte,+ 5 akkuman, ‘Sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa hin dhabamu’ jedhee abbaa kee Daawitiif waadaa galetti, teessoo mootummaa keetii bara baraaf Israaʼel irratti jabeessee nan dhaaba.+ 6 Haa taʼu malee, isinii fi ilmaan keessan ana duukaa buʼuu irraa yoo garagaltan, ajajawwan koo fi dambiiwwan koo warra ani isin dura kaaʼe eeguu yoo dhiistan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi yoo isaaniif sagaddan,+ 7 biyya ani isaaniif kenne irraa Israaʼeliin nan balleessa;+ mana ani maqaa kootiif qulqulleesse kanas ija koo duraa nan gata;+ Israaʼelis saba hundumaa gidduutti kan tuffatamtuu* fi kan itti qoosamu ni taati.+ 8 Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa.+ Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan siiqsanii, ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’+ jedhu. 9 Achiis, ‘Isaan Waaqa isaanii Yihowaa isa abbootii isaanii biyya Gibxiitii baase dhiisanii waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi. Yihowaan rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+
10 Solomoon waggaa 20 keessatti manneen lamaan, jechuunis mana Yihowaa fi mana mootichaa ijaaree xumure.+ 11 Hiiraam+ mootiin Xiiros saanqaawwan gaattiraa fi saanqaawwan birbirsaa, akkasumas warqii hamma inni barbaade Solomooniif ni kenne;+ Solomoon Mootichis biyya Galiilaa keessaa magaalota 20 Hiiraamiif ni kenne. 12 Kanaafuu, Hiiraam magaalota Solomoon isaaf kenne ilaaluuf Xiirosii baʼee deeme; haa taʼu malee, magaalota kanatti hin gammanne.* 13 Innis, “Yaa obboleessa koo, magaalota akkamii naaf kennite?” isaan jedhe. Kanaafuu, magaalonni kun hamma harʼaatti Biyya Kaabuul* jedhamanii waamamu. 14 Hiiraamis warqii taalaantii* 120 mootichaaf ni erge.+
15 Seenaan namoota Solomoon Mootichi mana Yihowaa,+ mana* ofii isaa, Koobicha,*+ dallaa Yerusaalem, Hazooriin,+ Megidoo+ fi Geezeriin+ ijaaruuf hojii dirqamaa+ akka hojjetaniif filate kana dha. 16 (Faraʼoon mootiin Gibxii ol baʼee Geezeriin qabatee, ibiddaan ishii gube; Kanaʼaanota+ magaalattii keessa jiraatanis ni ajjeese. Kanaafuu, inni magaalattii akka kennaatti* intala isaa ishii haadha manaa Solomoon taateef ni kenne.)+ 17 Solomoonis Geezerii fi Beet Hooron+ Ishii Gadii ni ijaare;* 18 Baʼaalaatii+ fi Taamaar ishii biyyattii keessa lafa onaa keessatti argamtu, 19 akkasumas, magaalota Solomoon miʼa itti kuusu hundumaa, magaalota gaarii fardaa,+ magaalota abbootii fardeenii fi wanta Solomoon Yerusaalem, Libaanonii fi guutummaa biyya bulchiinsa isaa jala jiru keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare. 20 Haa taʼu malee, namoota Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota+ irraa hafan hunda warra kutaa Israaʼelotaa hin taanee+ fi 21 sanyiiwwan isaanii warra biyyattii keessatti hafan, jechuunis warra Israaʼelonni guutummaatti balleessuu hin dandeenye sana garboota taʼanii hojii dirqamaa akka hojjetaniif Solomoon isaan ni filate; isaan hamma harʼaatti garboota taʼanii hojjetu.+ 22 Haa taʼu malee, Solomoon Israaʼelota keessaa eenyuun iyyuu garba hin godhanne;+ kanaa mannaa isaan loltoota isaa, tajaajiltoota isaa, bulchitoota isaa, ajajjoota raayyaa waraanaa isaa, ajajjoota warra gaarii fardaa oofanii fi ajajjoota abbootii fardeenii isaa turan. 23 Ajajjoonni bulchitootaa warri hojii Solomoon irratti aangoo qaban, jechuunis warri ol aantummaadhaan namoota hojicha hojjetan toʼatan 550 turan.+
24 Intalli Faraʼoon+ garuu Magaalaa Daawitii+ baatee mana ofii ishii isa Solomoon ishiidhaaf ijaaretti ni galte; sana booda inni Koobicha*+ ni ijaare.
25 Solomoon waggaatti siʼa sadii+ aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa iddoo aarsaa Yihowaadhaaf ijaare irratti ni dhiheessa ture;+ kana malees, iddoo aarsaa isa Yihowaa dura jiru irratti aarsaa aarfamu ni dhiheessa ture; manichas ijaaree ni xumure.+
26 Kana malees, Solomoon Mootichi biyya Edoom+ keessaa Eexiyoon Geber+ ishii Eeloot bira, Galaana Diimaa qarqaratti argamtutti dooniiwwan ni hojjete. 27 Hiiraam tajaajiltoota Solomoonii wajjin akka hojjetaniif tajaajiltoota ofii isaa, jechuunis namoota doonii irratti hojjechuudhaan muuxannoo qaban dooniiwwan kanaa wajjin ni erge.+ 28 Isaanis gara Ofiir+ dhaqanii warqii taalaantii 420 achii fuudhanii Solomoon Mootichaaf fidan.
10 Mootuun biyya Sheebaa beekamummaa Solomoon qabuu fi beekamummaan isaas maqaa Yihowaatiif ulfina akka fide dhageessee,+ gaaffiiwwan ulfaatoo taʼaniin* isa qoruuf ni dhufte.+ 2 Ishiinis namoota hedduu of duukaa buustee,+ zayitii baalsaamii,*+ warqii hedduu fi dhagoota gatii guddaa qaban gaalotatti feetee Yerusaalem geesse. Gara Solomoonitti seentees waan garaa ishii hunda isatti himte. 3 Solomoonis gaaffiiwwan ishii hunda ni deebiseef. Wanti mootichi ishiidhaaf ibsuun isa rakkise* tokko illee hin turre.
4 Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoon+ qabu hunda, mana inni ijaare,+ 5 nyaata maaddii isaa irratti dhihaatu,+ akkaataa tajaajiltoonni isaa itti taaʼan, akkaataa keessummeessitoonni isaa maaddii irratti itti keessummeessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, warra dhugaatii dhiheessan, akkasumas aarsaawwan gubaman warra inni yeroo hunda mana Yihowaa keessatti dhiheessu yommuu argitu wanta jettu wallaalte.* 6 Kanaafuu, mootichaan akkana jette: “Wantoota ati raawwattee* fi ogummaa kee ilaalchisee wanti ani biyya kootti dhagaʼe dhugaa dha. 7 Haa taʼu malee, hamman dhufee ija kootiin argutti oduu kana hin amannen ture. Kunoo, walakkaan isaa illee natti hin himamne. Ati ogummaa fi badhaadhina isa ani dhagaʼe irra baayʼee caalu qabda. 8 Namoonni kee gammadoo dha; tajaajiltoonni kee warri yeroo hunda si dura dhaabbatanii ogummaa kee dhaggeeffatanis gammadoo dha!+ 9 Waaqni kee Yihowaan inni sitti gammadee teessoo Israaʼel irra si kaaʼe haa jajamu.+ Yihowaan jaalala bara baraatiin Israaʼeliin waan jaallateef, ati haqaa fi qajeelummaadhaan akka bulchituuf mootii godhee si muudeera.”
10 Achiis ishiin warqii taalaantii* 120, zayitii baalsaamii+ hedduu fi dhagoota gatii guddaa qaban mootichaaf ni kennite.+ Sana booda zayitiin baalsaamii hamma mootuun Sheebaa Solomoon Mootichaaf kennite gaʼu dhufee hin beeku.
11 Dooniiwwan Hiiraam warri Ofiir+ irraa warqii fidaa turan, saanqaawwan muka sandalii+ hedduu fi dhagoota gatii guddaa qaban+ Ofiir irraa ni fidu turan. 12 Mootichi saanqaawwan muka sandalii irraa deggertuuwwan mana Yihowaa fi deggertuuwwan mana mootichaa, akkasumas faarfattootaaf baganaa fi meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban ni hojjete.+ Saanqaawwan muka sandalii akkanaa sana booda hamma harʼaatti fidamaniis taʼe argamanii hin beekan.
13 Solomoon Mootichi wanta arjummaadhaan* ishiidhaaf kenne dabalatee, wanta mootuun Sheebaa barbaaddee fi isa gaafatte akkamii iyyuu ishiidhaaf ni kenne. Sana booda ishiin achii baatee tajaajiltoota ishii wajjin gara biyya ishiitti deebite.+
14 Warqiin waggaa waggaadhaan Solomooniif dhufu ulfaatinni isaa taalaantii 666 taʼa ture;+ 15 kana malees, daldaltoota imaltoota taʼan irraa fi buʼaa daldaltoota irraa argamu irraa, akkasumas mootota Arabootaa fi bulchitoota biyyattii hunda irraa isaaf ni dhufa ture.
16 Solomoon Mootichi gaachana guguddaa 200 warqii makaa sibiilaa qabu irraa ni hojjete+ (tokkoon tokkoon gaachanichaa warqii sheeqilii* 600 qaba ture);+ 17 kana malees, gaachana xixinnoo* warqii makaa sibiilaa qabu 300 ni hojjete (tokkoon tokkoon gaachana xixinnoo kanaas warqii miinaa* sadii qaba ture). Achiis mootichi Mana Bosona Libaanon+ jedhamu keessa isaan kaaʼe.
18 Kana malees, mootichi ilka arbaa irraa teessoo guddaa tokko hojjetee+ warqii qulqulleeffameen ni uwwise.+ 19 Kortoon gara teessichaatti ol baasu jaʼa jira ture; teessoon sun duuba isaatiin wanti isa golboobu jira ture; teessichi garasii fi garanaan wanta harka irra kaaʼatan qaba ture; bocawwan leencotaa+ lamas wanta harka irra kaaʼatan bira dhaabbatanii jiru turan. 20 Kortoowwan jaʼan sana irras bocawwan leencotaa 12 dhaabbatanii jiru turan; isaanis tokkoon tokkoon fiixee kortoowwan jaʼan sanaa irra jiru turan. Mootummaan wanta akkanaa hojjete kan biraan hin jiru.
21 Miʼawwan Solomoon Mootichi itti dhugu hundi warqii irraa kan tolfaman turan; miʼawwan Mana Bosona Libaanon+ jedhamu keessa jiran hundis warqii qulqulluu irraa kan tolfaman turan. Bara Solomoonitti meetiin akka waan gatii hin qabneetti waan ilaalamuuf, wanti meetii irraa tolfame tokko illee hin jiru ture.+ 22 Mootichi dooniiwwan Tarshiish+ warra dooniiwwan Hiiraamii wajjin galaanicha irra deeman qaba ture. Dooniiwwan Tarshiish waggaa sadiitti siʼa tokko warqii, meetii, ilka arbaa,+ qamaleewwanii fi xaawusoota* feʼanii dhufu turan.
23 Kanaafuu, Solomoon Mootichi badhaadhinaa+ fi ogummaa+ isaatiin mootota lafa irra jiran kaan hundumaa irra ni caala ture. 24 Namoonni lafa irra jiraatan hundi ogummaa Waaqayyo garaa Solomoon keessa kaaʼe+ dhagaʼuuf isaa wajjin wal arguu* barbaadu turan. 25 Isaanis tokkoon tokkoon isaanii waggaa waggaadhaan miʼawwan meetii, miʼawwan warqii, uffata, meeshaa waraanaa, zayitii baalsaamii, fardeenii fi gaangolii akka kennaatti ni fidu turan.
26 Solomoon gaariiwwan fardaa fi fardeen* walitti qabuu isaa itti fufe; inni gaariiwwan fardaa 1,400 fi fardeen* 12,000+ qaba ture; isaanis magaalota gaarii fardaa keessa, akkasumas Yerusaalem keessa naannoo mootichi jiraatu keessa akka jiraatan godhe.+
27 Mootichi Yerusaalem keessa meetiin akkuma dhagaatti baayʼinaan akka argamu godhe; mukti gaattiraas akkuma muka harbuu isa Shefelaa keessa jiruutti baayʼinaan akka argamu godhe.+
28 Fardeen Solomoon biyya Gibxiitii fichisiifamu turan; daldaltoonni mootichaas tuuta fardeenii* sana gatii dhaabbataa taʼeen bitu turan.+ 29 Gaariin fardaa Gibxiidhaa fichisiifamu tokkoon tokkoon isaa meetii sheeqilii* 600 baasa ture; fardi tokkos meetii sheeqilii 150 baasa ture; isaan immoo deebisanii gara guutummaa mootota Heetotaa+ fi mootota Sooriyaatti isaan ergu turan.
11 Haa taʼu malee, Solomoon Mootichi intala Faraʼoon+ malees, dubartoota biyya ormaa+ hedduu, jechuunis dubartoota biyya Moʼaab,+ biyya Amoon,+ biyya Edoom, biyya Siidoonii+ fi biyya Heet+ ni jaallate. 2 Isaan saboota Yihowaan, “Isaan waaqolii isaanii akka hordoftan garaa keessan waan jalʼisaniif, isin isaanii wajjin walitti hin makaminaa;* isaanis isinii wajjin walitti hin makamin”+ jedhee waaʼee isaanii Israaʼelotatti dubbate keessaa kan dhufan turan. Solomoon garuu isaanitti ni maxxane; isaan ni jaallates. 3 Inni haadhotii manaa giiftota taʼan 700 fi saajjatoota* 300 qaba ture; haadhotiin manaa isaas suutuma suuta garaa isaa Waaqayyo irraa ni jalʼisan.* 4 Solomoon bara dulluma+ isaatti haadhotiin manaa isaa waaqolii kan biroo duukaa akka buʼu garaa isaa ni jalʼisan;+ garaan isaas akka garaa abbaa isaa Daawit Waaqa isaa Yihowaa duratti guutuu* hin turre. 5 Solomoonis waaqayyittii Siidoonotaa kan taate Ashtooretii+ fi waaqa balfamaa Amoonotaa kan taʼe Milkoom+ duukaa ni buʼe. 6 Solomoon wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; akka abbaan isaa Daawit godhettis guutummaatti Yihowaa duukaa hin buune.+
7 Solomoon waaqa balfamaa Moʼaab kan taʼe Kemooshii fi waaqa balfamaa Amoonotaa+ kan taʼe Moleekiif+ gaara Yerusaalem fuuldura jiru irratti iddoo ol kaʼaa+ kan ijaare yeroo kanatti ture. 8 Solomoon haadhotii manaa isaa warra biyya ormaa, warra waaqolii isaaniitiif aarsaa aarfamuu fi aarsaa kan biraa dhiheessan hundumaatiif akkanuma godhe.
9 Solomoon garaan isaa Yihowaa Waaqa Israaʼel isa siʼa lama isatti mulʼate+ irraa waan jalʼateef,+ Yihowaan isatti ni dheekkame; 10 kana malees, inni waaqolii kan biroo duukaa akka hin buune isatti himuudhaan waaʼee dhimma kanaa isa akeekkachiisee ture.+ Inni garuu wanta Yihowaan ajaje hojii irra hin oolchine. 11 Yihowaanis Solomooniin akkana jedhe: “Ati kana waan gooteef, akkasumas akka ani si ajajetti kakuu koo fi dambiiwwan koo waan hin eegneef, ani mootummicha si irraa tarsaasee tajaajiltoota kee keessaa isa tokkoof nan kenna.+ 12 Haa taʼu malee, ani abbaa kee Daawitiif jedhee bara jireenyaa keetti kana hin godhu. Harka ilma keetii irraa mootummicha nan tarsaasa;+ 13 taʼus ani guutummaa mootummichaa isa irraa hin tarsaasu.+ Tajaajilaa koo Daawitii fi Yerusaalem ishii ani filadheef+ jedhee gosa tokko ilma keetiif nan kenna.”+
14 Achiis Yihowaan maatii mootii Edoom+ kan taʼe Hadaad Edoomticha mormituu godhee Solomoon irratti ni kaase.+ 15 Yommuu Daawit Edoomiin moʼetti,+ Yoʼaab ajajaan raayyaa waraanaa warra ajjeefaman awwaaluuf ol baʼee, akkasumas dhiirota Edoom keessa jiran hunda ajjeesuuf yaalii godhee ture. 16 (Sababiin isaas Yoʼaabii fi guutummaan Israaʼel hamma inni dhiirota Edoom keessa jiran hundumaa ajjeesee fixutti jiʼa jaʼaaf achi turan.) 17 Taʼus, Hadaad tajaajiltoota abbaa isaa warra Edoomota taʼan tokko tokkoo wajjin ni baqate; isaanis gara Gibxii ni dhaqan; yeroo sanatti Hadaad mucaa xinnoo ture. 18 Kanaafuu, isaan Miidiyaan irraa kaʼanii gara Phaaraan dhaqan. Isaanis Phaaraan+ irraa namoota fudhatanii gara Gibxiitti, jechuunis gara Faraʼoon mootii Gibxiitti dhufan; innis Hadaadiif mana ni kenne; soorannis akka isaaf kennamu ni godhe; akkasumas lafa isaaf ni kenne. 19 Hadaad Faraʼoon duratti fudhatama waan argateef, Faraʼoon obboleettii haadha manaa isaa, jechuunis obboleettii Taafeenes mootittii* isatti ni heerumsiise. 20 Yeroo booda obboleettiin Taafeenes ilma Genubaat jedhamu isaaf ni deesse; Taafeenes mana Faraʼoon keessatti isa ni guddiste;* Genubaatis ilmaan Faraʼoonii wajjin mana Faraʼoon keessa jiraate.
21 Hadaad utuu Gibxii keessa jiruu Daawit abbootii isaa wajjin akka boqotee+ fi ajajaa raayyaa waraanaa kan taʼe Yoʼaabis akka duʼe ni dhagaʼe.+ Kanaafuu, Hadaad Faraʼooniin, “Gara biyya koo akkan dhaquuf na geggeessi” jedhe. 22 Faraʼoon garuu, “Gara biyya kee dhaquu kan barbaadde, ana biraa maaltu sitti hirʼatee ti?” isaan jedhe. Yeroo kanatti inni, “Homtuu natti hin hirʼanne; maaloo, na geggeessi” isaan jedhe.
23 Akkasumas, Waaqayyo Rezoon ilma Eliyaadaa isa gooftaa isaa Hadaadʼezeer+ mootii Zoobaa jalaa baqate sana mormituu godhee Solomoon irratti kaase.+ 24 Inni, yommuu Daawit isaan moʼetti* namoota walitti qabee ajajaa tuuta weerartoota tokkoo taʼee ture.+ Kanaafuu, isaan gara Damaasqoo+ dhaqanii achi buufatan; Damaasqoo keessa taaʼaniis bulchuu jalqaban. 25 Rezoon, miidhaa Hadaad geessisetti dabalee, bara Solomoon hundumaatti Israaʼeliin ni morme; yeroo Sooriyaa irratti bulchaa turettis Israaʼeliin akka malee ni jibba ture.
26 Tajaajilaa Solomoon+ kan taʼe Efreemichi Yeroboʼaam+ jedhamuu fi ilma Neebaat taʼe tokkos jira ture; inni Zeredaadhaa kan dhufe yeroo taʼu, haati isaa Zeruuyaa kan jedhamtuu fi abbaan manaa kan irraa duʼe turte. Innis mooticha irratti fincila* kaasuu jalqabe.+ 27 Sababiin inni mooticha irratti fincila itti kaase kana ture: Solomoon Koobicha*+ ijaaree fi bakka banamaa dallaa Magaalaa abbaa isaa Daawit+ duuchee ture. 28 Yeroboʼaam kun nama dandeettii guddaa qabu ture. Solomoonis dargaggeessi kun nama jabaatee hojjetu taʼuu isaa yommuu argu, tajaajila dirqamaa mana Yoseef keessatti hojjetamu hunda irratti ilaaltuu ol aanaa isa godhe.+ 29 Yeroo sanatti Yeroboʼaam Yerusaalemii baʼee utuu deemuu, Ahiyaan+ Shiiloonichi inni raajii taʼe karaa irratti isa argate. Ahiyaan uffata haaraa uffatee ture; dirree sana irras lamaan isaanii qofatu jira ture. 30 Ahiyaanis uffata haaraa uffate sana qabee bakka 12tti tarsaase. 31 Achiis Yeroboʼaamiin akkana jedhe:
“Erbee kurnan kana ofii keetiif fudhadhu; sababiin isaas, Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Kunoo, ani mootummicha harka Solomoon irraa tarsaasee, gosoota kudhan siif nan kenna.+ 32 Haa taʼu malee, tajaajilaa koo Daawitii+ fi Yerusaalem magaalaa ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadheef+ jecha, gosti tokko kan isaa taʼee itti fufa.+ 33 Ani kana kanan godhu, isaan na dhiisanii+ waaqayyittii Siidoonotaa kan taate Ashtooretiif, waaqa Moʼaabotaa kan taʼe Kemooshii fi waaqa Amoonotaa kan taʼe Milkoomiif waan sagadaniif, akkuma abbaan isaa Daawit godhettis wanta na duratti sirrii taʼe hojjechuudhaan, akkasumas dambiiwwan koo fi murtiiwwan koo eeguudhaan daandiiwwan koo irra waan hin deemneefi. 34 Haa taʼu malee, tajaajilaan koo Daawit inni ani filadhe+ ajajawwan koo fi dambiiwwan kootiif waan ajajameef, ani isaaf jedhee mootummicha guutummaatti harka isaa irraa hin fudhadhu; inni bara jireenyaa isaa hundumaatti ajajaa taʼee akka itti fufu nan godha. 35 Haa taʼu malee, mootummicha, jechuunis gosoota kurnan sana harka ilma isaa irraa fuudhee siif nan kenna.+ 36 Daawit tajaajilaan koo Yerusaalem magaalaa maqaan koo akka ittiin waamamuuf ani ofii kootiif filadhe keessaa na duratti yeroo hunda ibsaa* akka qabaatuuf,+ ilma isaatiif gosa tokko nan kenna. 37 Ani sin filadha; atis wanta barbaadde* hunda irratti ni bulchita; Israaʼel irrattis mootii ni taata. 38 Akkuma tajaajilaan koo Daawit godhe,+ wantan si ajaje hunda yoo hojii irra oolchite, akkasumas dambiiwwan koo fi murtiiwwan kootiif ajajamuudhaan, daandiiwwan koo irra yoo deemtee fi wanta na duratti sirrii taʼe yoo raawwatte ani sii wajjinis nan taʼa. Akkuman Daawitiif ijaare mana bara baraa siif nan ijaara;+ Israaʼeliinis siif nan kenna. 39 Sababii kanaatiin sanyii Daawit nan salphisa;+ garuu akkana kanan godhu yeroo hundumaatiif miti.’”+
40 Kanaafuu, Solomoon Yeroboʼaamiin ajjeesuuf yaalii godhe; Yeroboʼaam garuu gara Gibxiitti, jechuunis gara Shishaaq+ mootii Gibxiitti+ baqatee hanga Solomoon duʼutti Gibxii keessa jiraate.
41 Seenaan Solomoon inni hafe, wanti inni godhe hundii fi ogummaan isaa kitaaba seenaa waaʼee Solomoon dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ 42 Barri* Solomoon Yerusaalem keessa taaʼee guutummaa Israaʼel irratti itti bulche waggaa 40 ture. 43 Achiis Solomoon abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa abbaa isaa Daawit keessattis ni awwaalame; ilmi isaa Rooboʼaamis+ bakka isaa mootii ni taʼe.
12 Guutummaan Israaʼel mootii isa gochuuf+ gara Sheekem+ waan dhufaniif Rooboʼaam gara Sheekem ni dhaqe. 2 Yeroboʼaam ilmi Nebaat waaʼee kanaa akkuma dhagaʼeen (inni Solomoon Mootichaan kan kaʼe baqatee Gibxii keessa jiraachaa waan tureef, amma iyyuu Gibxii keessa jira ture),+ 3 isaan itti erganii isa waamsisan. Sana booda Yeroboʼaamii fi guutummaan gumii Israaʼel gara Rooboʼaam dhufanii akkana isaan jedhan: 4 “Abbaan kee waanjoo* keenya nutti ulfaachiseera.+ Garuu ati tajaajila ulfaataa abbaan kee nuu kennee fi waanjoo ulfaataa* inni nu irratti feʼe yoo nuu salphiste nuti si tajaajilla.”
5 Yeroo kanatti inni, “Amma deemaatii, guyyaa sadii booda gara kootti deebiʼaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, namoonni sun ni deeman.+ 6 Rooboʼaam Mootichis, “Namoota kanaaf deebii akkamii akkan kennu na gorsitu?” jedhee maanguddoota* yeroo abbaan isaa Solomoon lubbuudhaan turetti isa tajaajilaa turanii wajjin mariʼate. 7 Isaanis, “Ati harʼa tajaajilaa uummata kanaa yoo taatee fi wanta isaan si gaafatan yoo isaaniif raawwatte, akkasumas deebii gaarii yoo isaaniif kennite, isaan yeroo hundumaa tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii isaaf deebisan.
8 Haa taʼu malee, inni gorsa maanguddoonni* isaaf kennan fudhachuu didee, dargaggoota isaa wajjin guddatanii fi amma tajaajiltoota isaa taʼanii wajjin mariʼate.+ 9 Inni, “Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nu irratti feʼe nuu salphisi’ naan jedhan kanaaf deebii akkamii akka kenninu na gorsitu?” jedhee isaan gaafate. 10 Dargaggoonni isaa wajjin guddatan sunis akkana isaan jedhan: “Namoota, ‘Abbaan kee waanjoo keenya nutti ulfaachiseera; ati garuu nuuf salphisi’ siin jedhan kanaan akkana jedhi: ‘Qubni koo ishiin xinnoon mudhii abbaa koo irra ni furdatti. 11 Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irratti feʼeera; ani garuu waanjoo keessan caalaatti nan ulfaachisa. Abbaan koo alangaadhaan isin adabeera; ani garuu alangaa wanta nama wawwaraanu qabuun isin nan adaba.’”
12 Yeroboʼaamii fi namoonni sun hundi akkuma mootichi, “Guyyaa sadaffaatti gara kootti deebiʼaa” isaaniin jedhetti, guyyaa sadaffaatti gara Rooboʼaam ni dhufan.+ 13 Mootichi garuu gorsa maanguddoonni* isaaf kennan fudhachuu didee, namoota sanaaf deebii gaarii hin taane kenne. 14 Innis akkuma dargaggoonni sun isa gorsanitti, “Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irratti feʼeera; ani garuu waanjoo keessan caalaatti nan ulfaachisa. Abbaan koo alangaadhaan isin adabeera; ani garuu alangaa wanta nama wawwaraanu qabuun isin nan adaba” isaaniin jedhe. 15 Akka kanaan mootichi namoota sana utuu hin dhaggeeffatin hafe; kunis kan taʼe, wanti Yihowaan karaa Ahiyaa+ Shiiloonichaa, Yeroboʼaam ilma Nebaatitti dubbate akka raawwatamuuf Yihowaan wantoonni kun akka kanaan akka raawwataman waan godheefi.+
16 Guutummaan Israaʼel mootichi isaan dhaggeeffachuu akka dide yommuu hubatan, namoonni sun, “Nuti Daawit biraa qooda maalii qabna? Nuti ilma Issey biraa dhaala hin qabnu. Yaa Israaʼel, gara waaqolii keetti deebiʼi. Yaa Daawit, amma mana kee eeggadhu!” jedhanii mootichaaf deebisan. Achiis Israaʼelonni gara mana mana* isaaniitti deebiʼan.+ 17 Rooboʼaam garuu Israaʼelota warra magaalota Yihudaa keessa jiraatan irratti bulchuu isaa itti fufe.+
18 Achiis Rooboʼaam Mootichi, Adoraam+ isa warra hojii dirqamaa akka hojjetan filataman irratti itti gaafatamaa taʼe gara isaaniitti ni erge; haa taʼu malee, guutummaan Israaʼel dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. Rooboʼaam Mootichi garuu gaarii fardaa isaa irra taaʼee gara Yerusaalemitti baqate.+ 19 Israaʼelonni hamma harʼaatti mana Daawit irratti akkuma fincilanitti jiru.+
20 Guutummaan Israaʼelis Yeroboʼaam deebiʼuu isaa akkuma dhagaʼaniin, gara yaaʼichaatti isa waamanii guutummaa Israaʼel irratti mootii isa godhan.+ Gosa Yihudaatiin alatti, namoota sana keessaa tokko illee mana Daawit duukaa hin buune.+
21 Rooboʼaamis yommuu Yerusaalem gaʼu, mana Israaʼel waraananii mootummaa Rooboʼaam ilma Solomoon akka deebisaniif, yeruma sana guutummaa mana Yihudaa fi gosa Biiniyaam keessaa loltoota leenjiʼan* 180,000 walitti qabe.+ 22 Achiis dubbiin Waaqa dhugaa akkana jedhu gara Shemaayaa+ isa nama Waaqa dhugaa taʼeetti ni dhufe: 23 “Rooboʼaam ilma Solomoon mootii Yihudaatiin, guutummaa mana Yihudaa fi mana Biiniyaamiin, akkasumas namoota hafan kaaniin akkana jedhi: 24 ‘Yihowaan, “Isin Israaʼelota obboloota keessan taʼan waraanuuf ol hin baʼinaa. Ani kun akka taʼu waanan godheef, tokkoon tokkoon keessan gara mana mana keessaniitti deebiʼaa” jedha.’”+ Kanaafuu, isaan dubbii Yihowaatiif ajajamuudhaan akkuma Yihowaan isaaniin jedhetti gara mana mana isaaniitti deebiʼan.
25 Achiis Yeroboʼaam naannoo gaarotaa Efreem keessatti Sheekemiin+ ijaaree* achi jiraachuu jalqabe. Bakka sanaa baʼees Phenuʼeliin+ ni ijaare.* 26 Yeroboʼaam garaa isaatti akkana jedhee yaade: “Egaa amma mootummichi mana Daawitiif ni deebiʼa.+ 27 Namoonni kun mana Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamutti+ aarsaawwan dhiheessuuf ol baʼuu isaanii yoo itti fufan, garaan namoota kanaas gara gooftaa isaanii Rooboʼaam Mootii Yihudaatti ni deebiʼa. Eeyyee, isaan na ajjeesu; gara Rooboʼaam Mootii Yihudaattis ni deebiʼu.” 28 Mootichi erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booda, jabbilee warqii+ lama hojjetee namoota sanaan, “Yerusaalemitti ol baʼuun baayʼee isinitti ulfaata. Yaa Israaʼel, Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase isa kana” jedhe.+ 29 Achiis isa tokko Beetel+ keessa, isa tokko immoo Daan+ keessa ni dhaabe. 30 Kunis cubbuu akka hojjetan isaan godhe;+ namoonni sunis jabbii achi jiru waaqeffachuuf hamma Daanitti deemu turan.
31 Inni iddoowwan ol kaʼoo irrattis manneen waaqeffannaa hojjetee, namoota sana keessaa warra Leewwota hin taane luboota godhee muude.+ 32 Kana malees, Yeroboʼaam jiʼa saddeettaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 15ffaatti ayyaana isa ayyaana Yihudaa keessatti ayyaaneffatamuu wajjin wal fakkaatu tokko ni hundeesse.+ Iddoo aarsaa Beetelitti+ hojjete irratti jabbilee tolche sanaaf aarsaa ni dhiheesse; akkasumas Beetelitti iddoowwan ol kaʼoo hojjete sanaaf luboota ni ramade. 33 Kana malees, inni iddoo aarsaa Beetelitti hojjete irratti jiʼa saddeettaffaa guyyaa 15ffaatti, jiʼa ofii isaatiif filatetti aarsaawwan dhiheessuu jalqabe; namoota Israaʼeliif ayyaana ni hundeesse; aarsaawwanii fi aarsaa aarfamu dhiheessuufis gara iddoo aarsaatti ol ni baʼe.
13 Yeroboʼaam aarsaa aarfamu dhiheessuuf iddoo aarsaa+ bira dhaabbatee utuu jiruu, namni Waaqayyoo+ tokko ajaja Yihowaatiin Yihudaadhaa gara Beetel ni dhufe. 2 Achiis ajaja Yihowaatiin iddoo aarsaa sana mormee akkana jedhee iyye: “Yaa iddoo aarsaa nana! Yaa iddoo aarsaa nana! Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ilmi Yosiyaas+ jedhamu tokko mana Daawitiif ni dhalata! Inni luboota iddoowwan ol kaʼoo warra si irratti aarsaa aarfamu dhiheessan si irratti aarsaa godhee ni dhiheessa; lafee namootaas si irratti ni guba.’”+ 3 Inni guyyaa sanatti, “Mallattoon* Yihowaan kenne isa kana: Kunoo, iddoon aarsaa ni baqaqa; daaraan* achi irra jirus ni dhangalaʼa” jechuudhaan mallattoo* tokko ni kenne.
4 Mootichis namni Waaqa dhugaa iddoo aarsaa Beetelitti argamu mormee iyyuu isaa akkuma dhagaʼeen, Yeroboʼaam harka isaa iddoo aarsaa irraa kaasee diriirsuudhaan, “Isa qabaa!” jedhe.+ Harki isaa inni gara raajichaatti diriirse sunis yeruma sana gogee hafe;* dachaafachuus hin dandeenye.+ 5 Achiis, akkuma mallattoo namni Waaqa dhugaa ajaja Yihowaatiin kenne sanaatti iddoon aarsaa sun ni baqaqe; daaraan sunis iddoo aarsaa irraa ni dhangalaʼe.
6 Mootichis nama Waaqa dhugaa sanaan, “Maaloo, Waaqni kee Yihowaan gara laafina akka natti argisiisuu fi harki koos iddoo isaatti akka naaf deebiʼu isa naaf kadhadhu” jedhe.+ Yeroo kanatti namni Waaqa dhugaa sun Yihowaan mootichatti gara laafina akka argisiisu isaaf ni kadhate; harki mootichaas akkuma duraan turetti isaaf ni deebiʼe. 7 Achiis mootichi nama Waaqa dhugaa sanaan, “Anaa wajjin gara manaa kottuutii nyaata xinnoo nyaadhu; kennaas siif nan kenna” jedhe. 8 Namni Waaqa dhugaa sun garuu mootichaan akkana jedhe: “Ati walakkaa mana keetii utuu naaf kennite illee, ani sii wajjin hin dhufu; iddoo kanattis nyaata hin nyaadhu yookiin bishaan hin dhugu. 9 Sababiin isaas dubbiin Yihowaa, ‘Nyaata hin nyaatin yookiin bishaan hin dhugin; karaa dhufte irras hin deebiʼin’ jedhee na ajajeera.” 10 Kanaafuu, inni karaa kan biraatiin baʼee deeme; karaa gara Beetel ittiin dhufeenis hin deebine.
11 Yeroo sanatti raajiin maanguddoon Beetel keessa jiraatu tokko jira ture; ilmaan isaas gara manaa dhufanii wanta namni Waaqa dhugaa guyyaa sanatti Beetel keessatti raawwate hundumaa fi wanta inni mootichatti dubbate isatti ni himan. Wanta kana abbaa isaaniitti erga himanii boodas, 12 abbaan isaanii, “Karaa kam deeme?” jedhee isaan gaafate. Kanaafuu, ilmaan isaa karaa namni Waaqa dhugaa inni biyya Yihudaatii dhufe sun irra buʼee deeme isatti argisiisan. 13 Innis ilmaan isaatiin, “Harree naa feʼaa!” jedhe. Isaanis harree isaaf ni feʼan; innis harree sana irra ni taaʼe.
14 Achiis namicha Waaqa dhugaa sana duukaa ni buʼe; utuu inni muka guddaa tokko jala taaʼee jiruus isa argate. Achiis, “Namni Waaqa dhugaa inni Yihudaadhaa dhufe siʼii?” isaan jedhe.+ Innis, “Eeyyee, ana dha” jedhee isaaf deebise. 15 Maanguddichis, “Anaa wajjin gara manaa kottuutii nyaata nyaadhu” isaan jedhe. 16 Inni garuu akkana isaan jedhe: “Ani sii wajjin deebiʼuu yookiin affeerraa kee fudhachuu hin dandaʼu; iddoo kanatti sii wajjin nyaata hin nyaadhu; bishaanis hin dhugu. 17 Sababiin isaas dubbiin Yihowaa, ‘Achitti nyaata hin nyaatin yookiin bishaan hin dhugin. Karaa dhufte irras hin deebiʼin’ jedhee na ajajeera.” 18 Yeroo kanatti maanguddichi, “Anis akkuma kee raajii dha; maleekaan tokko ajaja Yihowaatiin, ‘Inni nyaata akka nyaatuu fi bishaan akka dhuguuf sii wajjin gara mana keetti akka deebiʼu godhi’ naan jedheera” isaan jedhe. (Inni isa ni gowwoomse.) 19 Kanaafuu, inni mana isaatti nyaata nyaachuu fi bishaan dhuguuf isaa wajjin ni deebiʼe.
20 Utuma isaan maaddiitti dhihaatanii jiraniis, dubbiin Yihowaa gara raajicha deebisee isa fide sanaatti ni dhufe; 21 innis sagalee isaa ol kaasee nama Waaqa dhugaa isa Yihudaadhaa dhufe sanaan akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ati qajeelfama Yihowaa irratti fincila kaasteetta; ajaja Waaqni kee Yihowaan siif kennes hin eegne; 22 kanaa mannaa, buddeena nyaachuu fi bishaan dhuguuf gara iddoo, “Nyaata itti hin nyaatin yookiin bishaan itti hin dhugin” jedhamtetti waan deebiteef, reeffi kee bakka awwaala abbootii keetti hin awwaalamu.’”+
23 Namichi Waaqa dhugaa sun erga nyaatee dhugee booda, raajichi maanguddoon sun raajicha isa deebisee fide sanaaf harree ni feʼe. 24 Achiis karaa isaa irra buʼee qajeele; inni karaa irra utuu deemaa jiruus leenci tokko isatti dhufee isa ajjeese.+ Reeffi isaa karaa irratti kufee, harreen sunis isa bira dhaabbatee ture; leencichis reefficha bira dhaabbatee ture. 25 Namoonni achiin darbanis reeffichi karaa irratti kufee fi leencichi immoo reefficha bira dhaabbatee argan. Isaanis dhufanii, waaʼee kanaa magaalaa raajichi itti jiraatu keessatti odeessan.
26 Raajichi inni karaa irraa deebisee isa fide sun waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu yeruma sana, “Inni nama Waaqa dhugaa isa qajeelfama Yihowaa irratti fincila kaase sana dha;+ akkuma Yihowaan isatti dubbatee turettis Yihowaan leenci akka isa cicciruu fi akka isa ajjeesuuf leencatti dabarsee isa kenneera” jedhe.+ 27 Achiis ilmaan isaatiin, “Harree naa feʼaa” jedhe. Isaanis harree isaaf ni feʼan. 28 Innis karaa isaa irra buʼee yommuu deemu, reeffichi karaa irratti kufee, harreen sunii fi leencichi reefficha bira dhaabbatanii arge. Leencichi reefficha hin nyaanne; harree sanas hin ciccirre. 29 Raajichis reeffa nama Waaqa dhugaa sanaa fuudhee harree isaa irra erga kaaʼee booda, isaaf booʼuu fi isa awwaaluuf gara magaalaa ofii isaatti isa deebise. 30 Kanaafuu, inni reefficha awwaala ofii isaa keessatti ni awwaale; isaanis, “Wayyoo, yaa obboleessa koo!” jedhanii isaaf ni booʼan. 31 Innis erga isa awwaalee booda ilmaan isaatiin akkana jedhe: “Yommuun duʼu, bakka namni Waaqa dhugaa kun itti awwaalametti na awwaalaa. Lafee koos lafee isaatti aansaatii kaaʼaa.+ 32 Dubbiin inni ajaja Yihowaatiin iddoo aarsaa Beetel keessa jiruu fi manneen waaqeffannaa iddoowwan ol kaʼoo+ magaalota Samaariyaa keessa jiran hunda mormuudhaan dubbate shakkii tokko malee ni raawwatama.”+
33 Kun erga taʼee booda illee, Yeroboʼaam daandii isaa isa hamaa irraa hin deebine; kanaa mannaa, uummaticha keessaa iddoowwan ol kaʼoodhaaf luboota muuduu isaa itti fufe.+ Akkasumas, “Inni luboota iddoowwan ol kaʼoo keessaa tokko haa taʼu” jechuudhaan, nama luba taʼuu barbaadu kam iyyuu luba godhee ni muuda* ture.+ 34 Cubbuun maatiin Yeroboʼaam+ raawwate kun isaan akka badanii fi lafa irraa haxaaʼamanii akka balleeffaman godhe.+
14 Yeroo sanatti Abiyaan ilmi Yeroboʼaam ni dhukkubsate. 2 Kanaafuu, Yeroboʼaam haadha manaa isaatiin akkana jedhe: “Maaloo, kaʼiitii eenyu iyyuu haadha manaa Yeroboʼaam taʼuu kee akka hin beeknetti of jijjiiriitii gara Shiiloo dhaqi. Kunoo, Ahiyaan raajichi achi jira. Ani saba kana irratti mootii akkan taʼu kan dubbate isa dha.+ 3 Daabboo kudhan, maxinoo, akkasumas damma hubboo* tokko qabadhuutii gara isaa dhaqi. Innis mucichi maal akka taʼu sitti hima.”
4 Haati manaa Yeroboʼaamis wanta inni jedhe ni goote. Ishiin kaatee gara Shiiloo+ dhaquudhaan gara mana Ahiyaa dhufte. Ahiyaan ijji isaa fuulleetti kan ilaalu taʼus, dulloomuu isaatiin kan kaʼe arguu hin dandaʼu ture.
5 Yihowaan garuu Ahiyaadhaan, “Kunoo, haati manaa Yeroboʼaam ilmi ishii waan dhukkubsateef, waaʼee isaa si gaafachuuf dhufaa jirti. Wanta ishiidhaan jettu ani sittan hima.* Ishiin yommuu as geessu eenyummaa ishii ni dhoksiti” jedhe.
6 Ahiyaanis utuu ishiin gara balbalaa dhufaa jirtuu, akkuma sagalee kottee ishii dhagaʼeen akkana ishiidhaan jedhe: “Yaa haadha manaa Yeroboʼaam, ol seeni. Eenyummaa kee kan dhoksite maaliifi? Ani ergaa cimaa akkan sitti himu ajajameera. 7 Dhaqi, akkana jedhiitii Yeroboʼaamitti himi: ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani saba koo Israaʼel irratti geggeessaa si gochuuf, saba kee gidduudhaa sin kaase.+ 8 Achiis mootummicha mana Daawit irraa tarsaaseen siif kenne.+ Ati garuu akka tajaajilaa koo Daawit isa na duratti wanta sirrii taʼe qofa gochuudhaan ajajawwan koo eegee fi garaa isaa guutuudhaan ana duukaa buʼe sanaa hin taane.+ 9 Kanaa mannaa, wanta warri si dura turan hundi raawwatan irra hammaatu ni raawwatte; na dheekkamsiisuufis waaqa kan biraa fi fakkiiwwan sibiila irraa tolfaman* ofii keetiif ni tolfatte;+ dugda kees natti garagalchite.+ 10 Sababii kanaatiif, ani mana Yeroboʼaam irratti badiisa nan fida; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo dabalatee dhiira* kan Yeroboʼaam taʼe hunda nan balleessa;* akkuma namni tokko faandoo haxaaʼee balleessuttis mana Yeroboʼaam+ haxaaʼee nan balleessa! 11 Yihowaan kana waan dubbateef, nama kan Yeroboʼaam taʼee fi magaalaa keessatti duʼu sareetu nyaata; isa dirree keessatti duʼu kam iyyuu immoo allaattiiwwan samiitu nyaata.”’
12 “Amma kaʼiitii gara mana kee dhaqi. Miilli kee akkuma magaalattiitti seeneen mucichi ni duʼa. 13 Maatii Yeroboʼaam keessaa bakka awwaalaatti kan awwaalamu isa qofa waan taʼeef, guutummaan Israaʼel booʼee isa ni awwaala; sababiin isaas, mana Yeroboʼaam keessaa Yihowaan Waaqni Israaʼel wanta gaarii kan keessatti argate isa qofa dha. 14 Yihowaan Israaʼel irratti mootii mana Yeroboʼaam+ balleessu* guyyaa sanaa jalqabee ofii isaatiif ni kaasa; yoo barbaade immoo ammuma iyyuu kana gochuu ni dandaʼa. 15 Yihowaan akka shomboqqoo bishaan keessaa raafamuutti Israaʼeliin ni rukuta; isaan utubaawwan waaqeffannaa*+ isaanii hojjetanii Yihowaa waan dheekkamsiisaniif, inni biyya gaarii abbootii isaaniitiif kenne kana irraa Israaʼeliin ni buqqisa;+ Lagicha* gamattis isaan ni bittinneessa.+ 16 Kana malees, cubbuu Yeroboʼaam hojjetee fi Israaʼelonnis akka hojjetan godheen kan kaʼe inni Israaʼeliin ni dhiisa.”+
17 Yeroo kanatti haati manaa Yeroboʼaam kaatee karaa ishii qabattee gara Tirzaa dhufte. Yeroo ishiin balbala manichaa bira geessus mucichi ni duʼe. 18 Kanaafuu, akkuma Yihowaan karaa tajaajilaa isaa Ahiyaa raajichaa dubbatetti isaan isa ni awwaalan; guutummaan Israaʼelis isaaf ni booʼe.
19 Seenaan Yeroboʼaam inni hafe, akkamitti waraana irratti akka bobbaʼee+ fi akkamitti akka bulche kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera. 20 Barri* Yeroboʼaam itti bulche waggaa 22 ture; sana booda inni abbootii isaa wajjin ni boqote;+ ilmi isaa Naadaabis bakka isaa mootii taʼe.+
21 Yeroo kanatti Rooboʼaam ilmi Solomoon Yihudaa keessatti mootii taʼee ture. Rooboʼaam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 41 ture; innis magaalaa Yerusaalem, jechuunis magaalaa Yihowaan maqaan isaa achi akka taʼuuf+ gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filate+ keessa taaʼee waggaa 17f ni bulche. Maqaan haadha Rooboʼaam Naʼaamaa yommuu taʼu, ishiin nama biyya Amoon+ turte. 22 Yihudaan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni hojjete;+ cubbuu hojjetaniinis isa abbootiin isaanii godhan caalaa isa ni dheekkamsiisan.+ 23 Isaanis tabbawwan dhedheeroo hunda irrattii fi muka lalisaa+ hunda jalatti iddoowwan ol kaʼoo,+ siidaawwan waaqeffannaa fi utubaawwan waaqeffannaa*+ ofii isaaniitiif ni hojjetan. 24 Kana malees, biyyattii keessa dhiironni mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan jiru turan.+ Isaan wantoota jibbisiisoo saboonni Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan hunda ni raawwatan.
25 Rooboʼaam Mootichi mootii taʼee waggaa shanaffaa isaatti Shishaaq+ mootiin Gibxii Yerusaalemiin waraanuuf ni dhufe.+ 26 Innis qabeenya mana Yihowaa fi qabeenya mana mootichaa ni fudhate.+ Inni gaachanoota warqii Solomoon hojjete hunda dabalatee wanta hundumaa ni fudhate.+ 27 Kanaafuu, Rooboʼaam Mootichi bakka isaanii gaachanoota sibiila diimaa hojjetee ajajjoota eegduu* warra karra mana mootichaa eeganitti kenne. 28 Eegdonni yeroo mootichi gara mana Yihowaatti dhufu hundumaatti gaachanoota kana ni qabatu turan; sana booda immoo gara kutaa eegduutti ni deebisu turan.
29 Seenaan Rooboʼaam inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ 30 Rooboʼaamii fi Yeroboʼaam gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture.+ 31 Achiis Rooboʼaam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit+ keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame. Maqaan haadha isaa Naʼaamaa yommuu taʼu, ishiin nama biyya Amoon+ turte. Ilmi isaa Abiyaamis*+ bakka isaa mootii taʼe.
15 Yeroboʼaam+ Mootichi ilmi Nebaat mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti Abiyaam Yihudaa irratti mootii taʼe.+ 2 Inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa sadiif ni bulche. Maqaan haadha isaa Maʼaakaa+ yommuu taʼu, ishiin intala intala Abishaalom turte. 3 Inni cubbuu abbaan isaa isa dura raawwate hundumaa ni raawwate; garaan isaas akka garaa abbaa isaa Daawit Waaqa isaa Yihowaa biratti guutuu* hin turre. 4 Haa taʼu malee, Daawitiin+ kan kaʼe Waaqni isaa Yihowaan isa booda ilma isaa kaasuudhaan, akkasumas Yerusaalem jiraachuu ishii akka itti fuftu gochuudhaan Yerusaalem keessatti ibsaa* isaaf ni kenne.+ 5 Kun kan taʼe, Daawit wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe waan raawwateefi; inni Uuriyaa Heetichaa wajjin haala wal qabateen wanta raawwateen alatti, bara jireenyaa isaa guutuu wanta inni isa ajaje kam irraa iyyuu hin jalʼanne.+ 6 Bara jireenya isaa hundumaatti, Rooboʼaamii fi Yeroboʼaam gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture.+
7 Seenaan Abiyaam inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ Kana malees, Abiyaamii fi Yeroboʼaam gidduutti waraanni ni godhama ture.+ 8 Achiis Abiyaam abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis Magaalaa Daawit keessatti isa awwaalan; ilmi isaa Aasaanis+ bakka isaa mootii taʼe.+
9 Yeroboʼaam mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa 20ffaa isaatti Aasaan Yihudaa irratti bulchuu jalqabe. 10 Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 41f ni bulche. Akkoon isaa Maʼaakaa+ kan jedhamtu yommuu taʼu, ishiin intala intala Abishaalom turte. 11 Aasaan akkuma abbaa isaa Daawit wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate.+ 12 Inni dhiirota mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan biyyattii keessaa ni ariʼe;+ waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼanii fi abbootiin isaa hojjetan hundas ni balleesse.+ 13 Akkoon isaa Maʼaakaan+ waaqeffannaa utubaa waaqeffannaatiif* akka taʼuuf waaqa tolfamaa isa balfamaa taʼe waan hojjetteef, aangoo mootuu taʼuudhaan qabdu irraa ishii ni buuse. Aasaan waaqa tolfamaa ishii isa balfamaa taʼe muree+ Sulula Qedroon+ keessatti gube. 14 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan.+ Taʼus Aasaan umurii* isaa guutuu garaan isaa Yihowaa biratti guutuu* ture. 15 Wantoota innii fi abbaan isaa qulqulleessan, jechuunis meetii, warqii fi miʼawwan adda addaa gara mana Yihowaatti ni fide.+
16 Aasaa fi Baʼaashaa+ mootii Israaʼel gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture. 17 Kanaafuu, Baʼaashaan mootiin Israaʼel Yihudaa waraanuuf dhufee eenyu iyyuu Aasaa mootii Yihudaa biraa akka gad hin baanee fi gara isaattis akka hin seenne* dhowwuuf Raamaa+ ijaaruu* jalqabe.+ 18 Yeroo kanatti Aasaan meetii fi warqii manneen qabeenyaa mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti hafe hunda fuudhee tajaajiltoota isaatti kenne. Achiis Aasaan Mootichi tajaajiltoota isaa kana gara Benhadaad ilma Taabrimoon, ilma Heziyoon isa mootii Sooriyaa+ taʼee fi Damaasqoo keessa jiraachaa turetti ni erge; akkana isaan jedhe: 19 “Anaa fi si gidduu, abbaa koo fi abbaa kee gidduus walii galteen* jira. Ani kennaa meetii fi kennaa warqii siif ergeera. Inni ana irraa akka deebiʼuuf, kottuutii walii galtee* Baʼaashaa mootii Israaʼelii wajjin goote diigi.” 20 Benhadaadis Aasaa Mooticha dhagaʼee magaalota Israaʼeliin akka waraananiif ajajjoota raayyawwan waraanaa isaa ni erge; isaanis Iyooniin,+ Daaniin,+ Abeel Beet Maʼaakaa, guutummaa Kinereetii fi guutummaa biyya Niftaalem ni rukutan. 21 Baʼaashaanis wanta kana yommuu dhagaʼu, yeruma sana Raamaa ijaaruu* dhiisee Tirzaa+ keessa jiraachuu isaa itti fufe. 22 Achiis Aasaa Mootichi nama tokko utuu hin hambisin namoota Yihudaa hunda walitti ni qabe; isaanis dhagootaa fi saanqaawwan Raamaa isa Baʼaashaan ittiin ijaaraa ture sana fudhatanii deeman; Aasaa Mootichis wantoota kanatti fayyadamee Geebaa+ ishii Biiniyaam keessa jirtuu fi Misphaa+ ni ijaare.*
23 Seenaan Aasaa inni hafe hundi, jabinni isaa hundii fi wanti inni godhe hundi, magaalonni inni ijaares* kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? Bara dulluma isaatti garuu Aasaan dhukkuba miilaatiin baayʼee rakkata ture.+ 24 Achiis Aasaan abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanii wajjinis Magaalaa abbaa isaa Daawit keessatti ni awwaalame; ilmi isaa Yoshaafaaxis+ bakka isaa mootii taʼe.
25 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti Naadaab+ ilmi Yeroboʼaam Israaʼel irratti mootii taʼe; inni Israaʼel irratti waggaa lamaaf ni bulche. 26 Wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaas itti fufe; akkasumas daandii abbaan isaa irra deemee+ fi cubbuu abbaan isaa Israaʼelonni akka hojjetan godhe irra ni deddeebiʼe.+ 27 Baʼaashaan ilmi Ahiyaa inni mana Yisaakor keessaa taʼe isa irratti ni mariʼate; Naadaabii fi guutummaan Israaʼel Gibetoonitti+ marsanii utuu jiraniis Baʼaashaan Gibetoon ishii magaalaa Filisxeemotaa taate keessatti isa ni ajjeese. 28 Kanaafuu, Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Baʼaashaan Naadaabiin ajjeesee bakka isaa mootii taʼe. 29 Innis akkuma mootii taʼeen maatii Yeroboʼaam hundumaa ni ajjeese. Wanta kan Yeroboʼaam taʼe keessaas hafuura kan baafatu tokko illee hin hambisne; inni akkuma Yihowaan karaa tajaajilaa isaa Ahiyaa Shiiloonichaa dubbatetti akka isaan guutummaatti balleeffaman ni godhe.+ 30 Kunis kan taʼe, cubbuu Yeroboʼaam hojjetee fi Israaʼelonni akka hojjetan godheen, akkasumas inni Yihowaa Waaqa Israaʼeliin akka malee dheekkamsiisuu isaatiin kan kaʼe dha. 31 Seenaan Naadaab inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 32 Aasaa fi Baʼaashaa mootii Israaʼel gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture.+
33 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Baʼaashaan ilmi Ahiyaa Tirzaa keessa taaʼee guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 24fis ni bulche.+ 34 Haa taʼu malee, inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe;+ akkasumas daandii Yeroboʼaam irra deemee fi cubbuu inni Israaʼelonni akka hojjetan godhe irra ni deddeebiʼe.+
16 Yeroo kanatti dubbiin Yihowaan Baʼaashaa irratti akkana jechuudhaan dubbate gara Yehuu+ ilma Hanaanii+ ni dhufe: 2 “Ani awwaara irraa si kaasee saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatu sin godhe;+ ati garuu daandii Yeroboʼaam irra deemuu kee itti fufteetta; sabni koo Israaʼelis cubbuu akka hojjetu gooteetta; isaanis cubbuu isaaniitiin na dheekkamsiisan.+ 3 Kanaafuu, ani Baʼaashaa fi mana isaa haxaaʼee nan balleessa; mana isaas akka mana Yeroboʼaam+ ilma Nebaat nan godha. 4 Nama kan Baʼaashaa taʼee fi magaalaa keessatti duʼu kam iyyuu sareetu nyaata; nama kan isaa taʼee fi dirree keessatti duʼu kam iyyuu immoo allaattiiwwan samiitu nyaata.”
5 Seenaan Baʼaashaa inni hafe, wanti inni godhee fi jabinni isaa, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 6 Achiis Baʼaashaan abbootii isaa wajjin ni boqote; Tirzaa+ keessattis ni awwaalame; ilmi isaa Eelaanis bakka isaa mootii taʼe. 7 Kana malees, dubbiin Yihowaa Baʼaashaa fi maatii isaa irratti dubbatame karaa Yehuu raajichaa isa ilma Hanaanii taʼee ni dhufe; kunis kan taʼe, akkuma mana Yeroboʼaam taʼuudhaan hojiiwwan harka isaatiin isa dheekkamsiisuudhaan hammina Yihowaa duratti hojjete hundumaatiin kan kaʼee fi Naadaabiin ajjeesuu isaatiin kan kaʼe dha.+
8 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 26ffaa isaatti, Eelaan ilmi Baʼaashaa Tirzaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa lamaafis ni bulche. 9 Tajaajilaan isaa Zimriin inni ajajaa walakkaa abbootii gaarii fardaa isaa taʼe isa irratti ni mariʼate; yeroo kanatti Eelaan Tirzaa keessatti mana Arzaa isa maatii mootichaa warra Tirzaatti argaman irratti itti gaafatamaa taʼe sanaa keessatti dhugaatii dhugee machaaʼee ture. 10 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 27ffaa isaatti, Zimriin ol seenee Eelaa rukutee ni ajjeese;+ innis bakka isaa mootii taʼe. 11 Mootii taʼee akkuma teessoo irra taaʼeenis guutummaa mana Baʼaashaa ni fixe. Firoottan isaa* keessaas taʼe michoota isaa keessaa dhiira* tokko illee hin hambisne. 12 Akka kanaan, akkuma Yihowaan karaa Yehuu raajichaa+ mana Baʼaashaa irratti dubbatetti Zimriin guutummaa mana Baʼaashaa ni balleesse. 13 Kunis kan taʼe sababii cubbuu Baʼaashaanii fi ilmi isaa Eelaan hojjetaniin, akkasumas cubbuu isaan Israaʼelonni waaqolii tolfamoo isaanii warra gatii hin qabneen Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuudhaan akka hojjetan godhaniin kan kaʼe dha.+ 14 Seenaan Eelaa inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii?
15 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 27ffaa isaatti, loltoonni sun Gibetoon+ ishii magaalaa Filisxeemotaa taate waraanuuf itti marsanii utuu jiranii Zimriin Tirzaa keessatti guyyaa torbaaf mootii ni taʼe. 16 Boodas loltoonni magaalattiitti marsanii jiran sun, “Zimriin mooticha irratti mariʼatee isa ajjeeseera” jedhamuu isaa ni dhagaʼan. Kanaafuu, guutummaan Israaʼel guyyuma sana buufata sana keessatti Omrii+ isa ajajaa raayyaa waraanaa ture Israaʼel irratti mootii godhan. 17 Omrii fi guutummaan Israaʼel warri isaa wajjin turan Gibetoon keessaa baʼanii Tirzaatti marsan. 18 Zimriinis magaalattiin qabamuu ishii yommuu argu, gara masaraa mana mootichaa isa cimaa taʼe sanaa dhaqee achuma keessa utuu jiruu manicha of irratti gube; achiis ni duʼe.+ 19 Kunis kan taʼe, cubbuu ofii isaa isa inni daandii Yeroboʼaam irra deemee wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan raawwateen, akkasumas cubbuu Israaʼelonni akka hojjetan godheen kan kaʼe dha.+ 20 Seenaan Zimrii inni hafee fi dabni inni raawwate, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii?
21 Sabni Israaʼel gareewwan lamatti kan hiraman yeroo kanatti ture. Sabicha keessaa gareen inni tokko mootii isa gochuu barbaadee duuka buutuu Tiibnii ilma Ginaat taʼe; gareen inni kan biraan immoo Omrii duukaa buʼe. 22 Haa taʼu malee, namoonni Omrii duukaa buʼan namoota Tiibnii ilma Ginaat duukaa buʼan irra humnaan ni caalan. Kanaafuu, Tiibniin ni duʼe; Omriin immoo mootii taʼe.
23 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 31ffaa isaatti, Omriin Israaʼel irratti mootii taʼe; inni waggaa 12f ni bulche. Tirzaa keessa taaʼees waggaa jaʼaaf ni bulche. 24 Inni gaara Samaariyaa meetii taalaantii* lamaan Sheemer irraa bitee, gaaricha irratti magaalaa ni ijaare. Magaalaa ijaare sanas maqaa Sheemer isa abbaa gaarichaa taʼe sanaan Samaariyaa*+ jedhee moggaase. 25 Omriin wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe; warra isa dura turan hunda caalaas wanta hamaa taʼe ni hojjete.+ 26 Daandii Yeroboʼaam ilmi Nebaat irra deeme hundumaa fi cubbuu inni Israaʼelonni waaqolii tolfamoo isaanii warra gatii hin qabneen Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuudhaan akka hojjetan godhe irras ni deddeebiʼe.+ 27 Seenaan Omrii inni hafee fi wanti inni godhe, akkasumas hojiiwwan guguddaan inni hojjete kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 28 Achiis Omriin abbootii isaa wajjin ni boqote; Samaariyaa keessattis ni awwaalame; ilmi isaa Ahaabis+ bakka isaa mootii ni taʼe.
29 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 38ffaa isaatti, Ahaab ilmi Omrii Israaʼel irratti mootii taʼe; Ahaab ilmi Omrii Samaariyaa+ keessa taaʼee waggaa 22f Israaʼeliin ni bulche. 30 Ahaab ilmi Omrii Yihowaa duratti wanta warra isa dura turan hunda caalaa hammaatu ni raawwate.+ 31 Ahaab daandii Yeroboʼaam+ ilma Nebaat irra deemuun isaa iyyuu itti hanqatee, Iizaabel+ ishii intala Etbaʼaal isa mootii Siidoonotaa+ taʼe sanaa ni fuudhe; akkasumas Baʼaaliin tajaajiluu+ fi isaaf sagaduu ni jalqabe. 32 Kana malees, inni mana* Baʼaal+ isa Samaariyaa keessatti hojjete keessatti Baʼaaliif iddoo aarsaa ni ijaare. 33 Ahaab utubaa waaqeffannaas* ni hojjete.+ Ahaab Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuuf mootota Israaʼel warra isa dura turan hunda caalaa wanta hamaa ni raawwate.
34 Bara Ahaabitti Hiʼeel namni Beetel, Yerikoo deebisee ni ijaare. Akkuma dubbii Yihowaan karaa Iyyaasuu ilma Nuun dubbatetti, yeroo inni buʼuura magaalattii kaaʼetti ilmi isaa inni angafaa Abiraam ni duʼe; yeroo inni balbaloota ishii dhaabetti immoo ilmi isaa inni quxisuun Seguub ni duʼe.+
17 Yeroo kanatti Eeliyaas*+ Tishbichi inni Giiliyaad+ keessa jiraatu Ahaabiin, “Yihowaa Waaqa Israaʼel isa jiraataa isa ani tajaajiluun* nan kakadha, ajaja kootiin yoo taʼe malee waggoottan kanatti fixeensis taʼe bokkaan hin jiraatu!” jedhe.+
2 Dubbiin Yihowaa akkana jedhus gara isaa ni dhufe: 3 “Asii baʼiitii gara kallattii bahaatti deemi; Sulula Keriit* isa Yordaanos irraa gara bahaatti argamu keessas dhokadhu. 4 Lagicha keessaa dhugi; anis arraagessonni* achitti nyaata akka sii fidan nan ajaja.”+ 5 Innis yeruma sana deemee akkuma dubbiin Yihowaa jedhe ni godhe; dhaqees Sulula Keriit* isa Yordaanos irraa gara bahaatti argamu keessa ni taaʼe. 6 Arraagessonnis ganama ganama daabboo fi foon, galgala galgalas daabboo fi foon isaaf ni fidu turan; innis lagicha keessaa ni dhuga ture.+ 7 Haa taʼu malee, biyyattii keessa bokkaan waan hin jirreef guyyoota muraasa booda lagichi ni goge.+
8 Yeroo kanatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara isaa ni dhufe: 9 “Kaʼi, gara Saraaptaa ishii Siidoon keessatti argamtuu dhaqiitii achi taaʼi. Kunoo, achitti dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko nyaata akka siif kennitu nan ajaja.”+ 10 Kanaafuu, inni kaʼee gara Saraaptaa deeme. Yommuu gara karra magaalattii dhufus, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe takka utuu qoraan funaannattuu arge. Kanaafuu, ishii waamee, “Maaloo, akkan dhuguuf bishaan xinnoo kubbaayyaatti naa fidi” ishiidhaan jedhe.+ 11 Yommuu isaaf fiduu deemtus ishii waamee, “Maaloo, daabboo xinnoos naa fidi” ishiidhaan jedhe. 12 Yeroo kanatti ishiin, “Waaqa kee Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani daakuu hammaarraa* tokko isa hubboo guddaa keessa jiruu fi zayitii xinnoo hubboo xinnoo keessa jiru malee daabboo hin qabu.+ Amma ani gara manaatti deebiʼee ofii kootii fi ilma kootiif waa qopheessuuf qoraan xinnoo funaannachaan jira. Erga isa nyaannee booda garuu duʼatu nu eeggata” isaan jette.
13 Yeroo kanatti Eeliyaas akkana ishiidhaan jedhe: “Hin sodaatin. Gara manaa dhaqiitii akkuma jette godhi. Jalqaba garuu daakuu hafe sana irraa bixxillee xinnoo tolchiitii naa fidi. Sana booda ofii keetii fi ilma keetiif waa qopheessuu dandeessa. 14 Sababiin isaas Yihowaan Waaqni Israaʼel, ‘Hamma Yihowaan lafa irratti bokkaa roobsutti, daakuun hubboo guddaa sana keessaa hin dhumu; zayitiinis hubboo xinnoo sana keessaa hin dhumu’+ jedha.” 15 Kanaafuu, ishiin dhaqxee akkuma Eeliyaas ishiidhaan jedhe goote; ishiin, innii fi maatiin ishii guyyoota hedduudhaaf ni nyaatan.+ 16 Akkuma Yihowaan karaa Eeliyaas dubbatettis, daakuun hubboo guddaa sana keessaa hin dhumne; zayitiinis hubboo xinnoo sana keessaa hin dhumne.
17 Kana booda, ilmi dubartii abbaa manichaa taate sanaa ni dhukkubsate; dhukkubni isaa baayʼee cimaa waan taʼeefis hafuura baafachuu dhaabe.+ 18 Yeroo kanatti ishiin Eeliyaasiin, “Yaa nama Waaqa dhugaa, maalan si godhe?* Balleessaa koo na yaadachiisuu fi ilma koo ajjeesuuf dhuftee?”+ jette. 19 Inni garuu, “Mucaa kee natti kenni” ishiidhaan jedhe. Achiis mucicha harka ishii irraa fudhatee baatee gara kutaa baaxii irraa isa keessa jiraatutti geesse; siree ofii isaa irras isa ciibse.+ 20 Sana booda, “Yaa Waaqa koo Yihowaa,+ ati ilmi ishii akka duʼu gochuudhaan dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi ani bira taaʼu tana irrattis rakkina ni fiddaa?” jedhee gara Yihowaatti iyye. 21 Achiis siʼa sadii mucicha irratti diriiree, “Yaa Waaqa koo Yihowaa, maaloo, mucaan kun deebiʼee akka jiraatu* godhi” jedhee gara Yihowaatti iyye. 22 Yihowaanis kadhannaa Eeliyaas ni dhagaʼe;+ muchichis gara jireenyaatti deebiʼe; ni fayyes.+ 23 Eeliyaasis mucicha fuudhee kutaa baaxii irraa sana keessaa gara manaatti gad buusee haadha isaatiif isa kenne; achiis Eeliyaas, “Kunoo, ilmi kee fayyeera”+ ishiidhaan jedhe. 24 Yeroo kanatti dubartittiin Eeliyaasiin, “Amma ati dhugumaan nama Waaqayyoo+ taʼuu kee fi dubbiin Yihowaa inni ati dubbattes dhugaa taʼuu isaa beekeera” jette.
18 Yeroo muraasa booda waggaa sadaffaatti+ dubbiin Yihowaa, “Dhaqi, Ahaabitti mulʼadhu; ani lafa irratti bokkaa nan roobsa”+ jedhu gara Eeliyaas ni dhufe. 2 Kanaafuu, yeroo beelli sun Samaariyaa keessatti hammaatee turetti,+ Eeliyaas Ahaabitti mulʼachuu ni dhaqe.
3 Kana gidduutti Ahaab Obaadiyaa isa mana isaa irratti itti gaafatamummaa qabu ni waame. (Obaadiyaan nama baayʼisee Yihowaa sodaatu ture; 4 yeroo Iizaabel+ raajota Yihowaa ajjeesaa turtetti Obaadiyaan raajota 100 fuudhee 50 holqa tokko keessa, 50 immoo holqa kan biraa keessa dhoksee nyaataa fi bishaan isaaniif kennaa ture.) 5 Achiis Ahaab Obaadiyaadhaan, “Biyyattii keessa gara bakka burqaawwan bishaanii fi sululawwan* itti argaman hundumaa dhaqi. Tarii horiiwwan keenya akka hin dhumneef, marga gaʼaa fardeenii fi gaangolii lubbuudhaan tursuuf gargaaru argachuu dandeenya taʼa” jedhe. 6 Kanaafuu, biyya keessa darbanii deemuuf jedhan sana ni hiratan. Ahaab kophaa isaa karaa tokko ni deeme; Obaadiyaanis kophaa isaa karaa kan biraa ni deeme.
7 Obaadiyaan yommuu karaa isaa irra buʼu, Eeliyaas isa argachuuf ni baʼe. Innis yeruma sana eenyummaa isaa ni beeke; achiis adda isaatiin gombifamee, “Eeliyaas gooftaa koo, kun dhuguma siʼii?” isaan jedhe.+ 8 Innis deebisee, “Eeyyee ana dha. Dhaqi, ‘Eeliyaas as jira’ jedhiitii gooftaa keetti himi” isaan jedhe. 9 Obaadiyaan garuu akkana isaan jedhe: “Ahaab akka na ajjeesu ana tajaajilaa kee dabarsitee kan isatti kennitu cubbuu maaliin hojjedhe? 10 Waaqa kee Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, gooftaan koo si barbaacha sabni yookiin mootummaan inni ergaa itti hin ergine hin jiru. Isaan, ‘Inni as hin jiru’ erga jedhanii booda immoo, mootummaanis taʼe sabni sun akka si hin arganne kakatanii akka mirkaneessan godha ture.+ 11 Ati immoo amma, ‘Dhaqi, “Eeliyaas as jira” jedhiitii gooftaa keetti himi’ naan jetta. 12 Ani yommuun si irraa addaan baʼu, hafuurri Yihowaa gara bakka ani hin beeknetti si geessa;+ Ahaabitti ergan himee booda inni yoo si dhabe akka na ajjeesu beekamaa dha. Haa taʼu malee, ani tajaajilaan kee ijoollummaa kootii jalqabee Yihowaa nan sodaadha. 13 Yeroo Iizaabel raajota Yihowaa ajjeesaa turtetti ani raajota Yihowaa keessaa 100 fuudhee 50 holqa tokko keessa, 50 immoo holqa kan biraa keessa dhoksee nyaataa fi bishaan isaaniif kennaa akkan ture ati gooftaan koo hin dhageenyee?+ 14 Ati garuu amma, ‘Dhaqi, “Eeliyaas as jira” jedhiitii gooftaa keetti himi’ naan jechaa jirta. Inni akka na ajjeesu beekamaa dha.” 15 Eeliyaas garuu, “Yihowaa Gooftaa Raayyaa isa ani tajaajiluu* fi jiraataa taʼeen nan kakadha, harʼa isatti nan mulʼadha” isaan jedhe.
16 Kanaafuu, Obaadiyaan gara Ahaab deemee itti hime; Ahaabis Eeliyaasiin argachuuf deeme.
17 Achiis Eeliyaasiin akkuma argeen, “Inni Israaʼel irratti rakkina guddaa fidaa* jiru siʼii?” isaan jedhe.
18 Yeroo kanatti inni akkana isaan jedhe: “Ajajawwan Yihowaa dhiisuudhaan, Baʼaal duukaas buʼuudhaan Israaʼel irratti rakkina fidaa kan jiru+ sii fi mana abbaa keetii ti malee ana miti. 19 Egaa amma Israaʼelota hunda, akkasumas raajota Baʼaal 450 fi raajota utubaa waaqeffannaa*+ 400 warra maaddii Iizaabel irraa nyaatan Gaara Qarmeelos+ irratti walitti naaf qabi.” 20 Kanaafuu, Ahaab namoota Israaʼel hundatti dhaamsa erge; raajota sanas Gaara Qarmeelos irratti walitti qabe.
21 Achiis Eeliyaas namoota sana hundatti dhihaatee, “Hamma yoomiitti yaada lamaan* okkoltu?+ Yihowaan Waaqa dhugaa yoo taʼe, isa duukaa buʼaa;+ Baʼaal Waaqa dhugaa yoo taʼe immoo isa duukaa buʼaa!” isaaniin jedhe. Namoonni sun garuu waan tokko illee isaaf hin deebisne. 22 Achiis Eeliyaas namoota sanaan akkana jedhe: “Raajota Yihowaa keessaa ana qofatu hafe;+ raajonni Baʼaal garuu 450 dha. 23 Namoonni kun jiboota lama nuuf haa kennan; raajonni Baʼaal jibicha tokko filatanii kukkutanii qoraanicha irra haa kaaʼan; garuu ibidda itti qabsiisuu hin qaban. Ani immoo jibicha isa kan biraa qopheessee qoraanicha irra nan kaaʼa; garuu ibidda itti hin qabsiisu. 24 Achiis isin maqaa waaqa keessanii waammadhaa;+ anis maqaa Yihowaa nan waammadha. Waaqni ibidda ergee deebii kennu, inni Waaqa dhugaa dha.”+ Yeroo kanatti namoonni sun hundi, “Wanti ati jette gaarii dha” jedhanii isaaf deebisan.
25 Eeliyaasis raajota Baʼaaliin, “Isin baayʼee waan taataniif, jalqaba jibicha tokko filadhaatii qopheessaa. Achiis maqaa waaqa keessanii waammadhaa; garuu ibidda itti qabsiisuu hin qabdan” jedhe. 26 Kanaafuu, isaan jibicha isaaniif kenname fudhatanii ni qopheessan; achiis, “Yaa Baʼaal, deebii nuu kenni!” jedhanii ganamaa jalqabee hamma waareetti maqaa Baʼaal waammachuu isaanii itti fufan. Haa taʼu malee, sagaleen hin turre; qaamni isaaniif deebii kennes hin turre.+ Isaan okkolaa iddoo aarsaa ijaaran sanatti naannaʼuu isaanii itti fufan. 27 Gara waareettis Eeliyaas, “Sagalee keessan ol kaasaatii iyyaa! Silaa inni waaqa dha!+ Tarii yaadaan fudhatameera yookiin mana boolii* dhaqeera taʼa.* Yookiin rafee taʼuu waan dandaʼuuf namni isa dammaqsu isa barbaachisa taʼa!” jedhee isaanitti qoosuu jalqabe. 28 Isaanis sagalee isaanii ol kaasanii iyyaa, akkasumas akka barsiifata isaaniitti hamma dhiigni isaanii dhangalaʼutti cuubee fi eeboodhaan of mummuraa turan. 29 Waaree boodas hamma yeroon aarsaan midhaanii inni galgalaa itti dhihaatu gaʼutti akka maraachuu taʼan;* haa taʼu malee, sagaleen hin turre; qaamni isaaniif deebii kennes hin turre; xiyyeeffannaa kan kennes hin turre.+
30 Sana booda, Eeliyaas namoota sana hundaan, “Natti dhihaadhaa” jedhe. Kanaafuu, namoonni sun hundi isatti dhihaatan. Innis iddoo aarsaa Yihowaa isa diigamee ture sana ni haaresse.+ 31 Sana booda, Eeliyaas dhagoota 12 lakkoofsi isaanii gosoota ilmaan Yaaqoob isa Yihowaan, “Maqaan kee Israaʼel jedhama”+ jedhee itti hime sanaa wajjin qixxee taʼe ni fudhate. 32 Dhagoota kanaanis maqaa Yihowaatiin iddoo aarsaa ni ijaare.+ Achiis iddoo aarsaa balʼinni isaa sanyii safartuu siihii* lama facaasisuu dandaʼutti naannessee boolla ni qote. 33 Sana booda qoraan sana tarree naqe; jibicha sanas kukkutee qoraanicha irra kaaʼe.+ Achiis, “Hubboo guguddaa afuritti bishaan guutaatii aarsaa gubamuu fi qoraanicha irratti naqaa” isaaniin jedhe. 34 Achiis, “Ammas itti naqaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, ammas itti naqan. Ammas, “Yeroo sadaffaadhaaf itti naqaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan yeroo sadaffaadhaaf itti naqan. 35 Bishaanichis naannoo guutummaa iddoo aarsaa sanaatti ni lolaʼe; Eeliyaas boolla sanas bishaaniin ni guute.
36 Naannoo yeroo aarsaan midhaanii inni galgalaa itti dhihaatutti,+ Eeliyaas raajichi gara fuulduraatti dhihaatee akkana jedhe: “Waaqa Abrahaam,+ Waaqa Yisihaaqii+ fi Waaqa Israaʼel kan taate yaa Yihowaa, ati Israaʼel keessatti Waaqa akka taatee fi ani immoo tajaajilaa kee akkan taʼe, wantoota kana hunda kanan godhes dubbii keetiin akka taʼe harʼa haa beekamu.+ 37 Yaa Yihowaa, deebii naaf kenni! Sabni kun ati Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu kee fi garaa isaaniis ofitti deebisaa akka jirtu akka beekaniif deebii naaf kenni.”+
38 Yeroo kanatti ibiddi Yihowaa gubbaadhaa gad buʼee aarsaa gubamu sana, qoraanicha, dhagoota sanaa fi biyyoo sana ni nyaate;+ bishaan boollicha keessa tures ni arraabe.+ 39 Namoonni sun hundis yommuu kana argan, yeruma sana adda isaaniitiin gombifamanii, “Yihowaan Waaqa dhugaa dha! Yihowaan Waaqa dhugaa dha” jedhan. 40 Achiis Eeliyaas, “Raajota Baʼaal qabaa! Isaan keessaa tokko illee akka hin miliqne!” isaaniin jedhe. Isaanis yeruma sana isaan qaban; Eeliyaasis gara laga* Qiishoonitti+ gad isaan buusee achitti isaan gorraʼe.*+
41 Yeroo kanatti Eeliyaas Ahaabiin, “Sagaleen bokkaa cimaa waan dhagaʼamuuf, ol baʼi, nyaadhu, dhugis” jedhe.+ 42 Kanaafuu, Ahaab nyaachuu fi dhuguuf ol ni baʼe; yeroo kanatti Eeliyaas gara fiixee Qarmeelositti ol baʼee quphanee fuula isaa jilba isaa lamaan gidduu galchee ture.+ 43 Achiis tajaajilaa isaatiin, “Maaloo, ol baʼiitii gara galaanichaa ilaali” jedhe. Innis ol baʼee ilaalee, “Wanti tokko illee hin jiru” isaan jedhe. Eeliyaasis siʼa torba, “Deebiʼii dhaqi” isaan jedhe. 44 Tajaajilaan isaas siʼa torbaffaa irratti, “Kunoo, duumessi xinnoon hamma harka namaa geessu galaanicha keessaa baʼaa jirti” isaan jedhe. Yeroo kanatti inni, “Dhaqiitii Ahaabiin, ‘Gaarii fardaa kee feʼadhu! Bokkaan akka si hin dhowwinetti gad buʼi!’ jedhi” isaan jedhe. 45 Kana gidduutti samiin duumessaan ni gurraachaʼe; bubbeen ni bubbise; bokkaa cimaanis ni roobe;+ Ahaabis gaarii fardaa isaa yaabbatee gara Yezriʼelitti+ qajeele. 46 Haa taʼu malee, harki Yihowaa Eeliyaas irratti ni dhufe; innis uffata isaa maree mudhii isaatti suuqqachuudhaan* hamma Yezriʼel gaʼutti Ahaab dura buʼee fiige.
19 Achiis Ahaab+ wanta Eeliyaas godhe hundumaa fi akkamitti raajota hundumaa goraadeedhaan akka ajjeese+ Iizaabelitti+ ni hime. 2 Yeroo kanatti Iizaabel Eeliyaasitti nama ergitee, “Boru yeroo kana akka raajota ati ajjeeste sanaa yoon si gochuu baadhe,* waaqoliin adaba guddaa na haa adaban!” isaan jette. 3 Yeroo kanatti inni ni sodaate; kanaafuu, lubbuu isaa oolfachuuf kaʼee baqate.+ Achiis gara Ber Sheebaa+ ishii Yihudaatti argamtuu+ ni dhufe; tajaajilaa isaas achitti dhiise. 4 Achiis lafa onaa keessa deemsa guyyaa tokkoo erga deemee booda, dhufee muka dhandhansaa tokko jala taaʼee akka duʼu kadhate. “Amma na gaʼa! Yaa Yihowaa, ani abbootii koo irra waanan hin caalleef, lubbuu koo fudhadhu”+ jedhe.
5 Achiis muka dhandhansaa sana jala ciisee achumaan hirribni isa fudhate. Garuu akkuma tasaa maleekaan tokko isa tuqee,+ “Kaʼiitii nyaadhu”+ isaan jedhe. 6 Innis ol jedhee yommuu ilaalu, daabboon dhagaa hoʼaa irra taaʼee fi bishaan miʼa bishaanii keessa jiru karaa mataa isaatiin jira ture. Innis erga nyaatee dhugee booda deebiʼee ciise. 7 Achiis maleekaan Yihowaa yeroo lammataatiif deebiʼee dhufee erga isa tuqee booda, “Karaa dheeraa waan deemtuuf, kaʼiitii nyaadhu” isaan jedhe. 8 Kanaafuu, inni kaʼee ni nyaate, ni dhuges; humna nyaata sana irraa argateenis hamma Horeeb isa gaara Waaqa dhugaa+ taʼe gaʼutti guyyaa 40 fi halkan 40 ni deeme.
9 Achittis holqa+ tokko keessa seenee achi keessa bule; yeroo kanatti dubbiin Yihowaa gara isaa dhufee, “Eeliyaas, asii maal hojjetta?” isaan jedhe. 10 Innis, “Ani Yihowaa Waaqa Raayyaatiif baayʼee hinaafeera;+ namoonni Israaʼel kakuu kee dhiisaniiru;+ iddoowwan aarsaa kee diiganiiru; raajota kees goraadeedhaan ajjeesaniiru;+ kunoo, kan hafe anuma qofa dha. Amma immoo isaan lubbuu koo balleessuu barbaadu”+ jedhe. 11 Inni garuu, “Baʼiitii Yihowaa dura gaaricha irra dhaabbadhu” isaan jedhe. Yeroo kanatti Yihowaan achiin darbaa+ ture; bubbeen guddaanii fi cimaan Yihowaa duratti gaarota babbaqaqsaa fi qarsaawwan caccabsaa ture;+ Yihowaan garuu bubbee sana keessa hin turre. Bubbee sana booda immoo kirkirri lafaa ni taʼe;+ Yihowaan garuu kirkira lafaa sana keessa hin turre. 12 Kirkira lafaa sana booda ibiddi+ ni dhufe; Yihowaan garuu ibidda sana keessa hin turre. Ibidda sana booda immoo sagaleen tasgabbii qabuu fi laafaa taʼe ni dhagaʼame.+ 13 Eeliyaasis akkuma kana dhagaʼeen, uffata* isaatiin fuula isaa haguuggatee+ gad baʼee afaan holqichaa bira dhaabbate. Achiis sagaleen tokko, “Eeliyaas, asii maal hojjetta?” jedhee isa gaafate. 14 Innis, “Ani Yihowaa Waaqa Raayyaatiif baayʼee hinaafeera; namoonni Israaʼel kakuu kee dhiisaniiru;+ iddoowwan aarsaa kee diiganiiru; raajota kees goraadeedhaan ajjeesaniiru; kunoo, kan hafe anuma qofa dha. Amma immoo isaan lubbuu koo balleessuu barbaadu”+ jedhe.
15 Yihowaanis akkana isaan jedhe: “Deebiʼiitii gara lafa onaa Damaasqoo dhaqi. Yommuu achi geessus Hazaaʼeliin+ mootii Sooriyaa godhii dibi. 16 Ilma ilma Niimshii kan taʼe Yehuu+ mootii Israaʼel godhii dibi; Eelsaa’i* ilma Shaafaat isa nama biyya Abeel Meholaa taʼe immoo bakka kee raajii godhii dibi.+ 17 Nama goraadee Hazaaʼel+ jalaa miliqu kam iyyuu Yehuun ni ajjeesa;+ nama goraadee Yehuu jalaa miliqu kam iyyuu immoo Eelsaa’i ni ajjeesa.+ 18 Ani amma iyyuu Israaʼel keessatti namoota Baʼaaliif hin jilbeenfannee+ fi isa hin dhunganne+ 7,000 qaba.”+
19 Kanaafuu, inni achii baʼee yommuu deemu, Eelsaa’i ilmi Shaafaat qotiyyoon cimdiin 12 fuuldura isaatii utuu qotanii, inni immoo qotiyyoo cimdii isa 12ffaatiin utuu qotuu isa argate. Eeliyaasis gara isaa dhaqee uffata*+ isaa darbatee isa irra buuse. 20 Yeroo kanatti inni qotiyyoowwan sana dhiisee Eeliyaas duukaa buʼee fiige; achiis, “Maaloo, abbaa koo fi haadha tiyya dhungadhee akkan dhufu naaf heyyami. Sana booda si duukaa nan buʼa” isaan jedhe. Innis deebisee, “Deebiʼi kaa, ani yooman si dhowwe?” isaan jedhe. 21 Kanaafuu, inni deebiʼee qotiyyoo cimdii tokko fuudhee aarsaa godhe; miʼawwan qotiisaa sanaan immoo foon qotiyyoowwan sanaa affeelee namoota sanaaf ni kenne; isaanis ni nyaatan. Sana booda inni kaʼee Eeliyaas duukaa ni buʼe; isas tajaajiluu ni jalqabe.+
20 Benhadaad+ mootiin Sooriyaa+ guutummaa raayyaa waraanaa isaa walitti ni qabe; akkasumas mootota kan biroo 32 fardeenii fi gaariiwwan fardaa isaanii wajjin walitti ni qabe; ol baʼees Samaariyaatti+ marsee+ ishii waraanuu jalqabe. 2 Achiis gara Ahaab+ mootii Israaʼel isa magaalattii keessa jirutti namoota ergee akkana isaan jedhe: “Benhadaad akkana siin jedha: 3 ‘Meetiin kee fi warqiin kee kan koo ti; haadhotii manaa kee fi ilmaan kee keessaa warri filatamoo taʼanis kan koo ti.’” 4 Yeroo kanatti mootiin Israaʼel, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, akkuma ati jette anis taʼe wanti ani qabu hundi kan kee ti” jedhee isaaf deebise.+
5 Boodas namoonni ergaman sun deebiʼanii dhufanii akkana isaan jedhan: “Benhadaad akkana siin jedha: ‘“Meetii kee, warqii kee, haadhotii manaa kee fi ilmaan kee naaf kennita” jedhee ergaa sitti ergeen ture. 6 Haa taʼu malee, boru gara saʼaatii kanaatti ani tajaajiltoota koo sitti nan erga; isaanis mana kee fi manneen tajaajiltoota keetii of eeggannodhaan sakattaʼanii qabeenya kee keessaa wantoota gatii guddaa qaban hunda of harka galfatanii fudhatu.’”
7 Yeroo kanatti mootiin Israaʼel maanguddoota biyyattii hunda waamee, “Maaloo, namichi kun rakkina nutti fiduuf akkamitti akka kutate ilaalaa; haadhotii manaa koo, ilmaan koo, meetii koo fi warqii koo akkan isaaf kennu na gaafatee ture; anis isa hin dhowwanne” isaaniin jedhe. 8 Achiis jaarsoliin hundii fi namoonni sun hundi, “Tole hin jedhin; irrattis walii hin galin” isaan jedhan. 9 Kanaafuu, inni namoota Benhadaad erge sanaan akkana jedhe: “Gooftaa koo mootichaan, ‘Wanta jalqaba irratti ana tajaajilaa kee gaafatte hunda nan godha; wanta kana garuu gochuu hin dandaʼu’ jedhaa.” Namoonni ergaman sunis achii deemanii ergaa kana isatti himan.
10 Yeroo kanatti Benhadaad, “Biyyoon Samaariyaa namoota na duukaa buʼan hundaaf hammaarraa tokko tokko illee yoo gaʼe waaqoliin adaba guddaa na haa adaban!” jedhee ergaa isatti erge. 11 Mootiin Israaʼelis, “‘Waraanichi utuu hin jalqabin, akka waan waraanicha irratti injifattetti of hin jajin’ jedhaatii itti himaa” jedhee deebise.+ 12 Innii fi mootonni sun dunkaanota* isaanii keessatti dhugaatii dhugaa utuu jiranii, akkuma deebii kana dhagaʼeen tajaajiltoota isaatiin, “Magaalattii rukutuuf qophaaʼaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan magaalattii rukutuuf ni qophaaʼan.
13 Haa taʼu malee, raajiin tokko Ahaab+ mootii Israaʼelitti dhihaatee, “Yihowaan akkana jedha: ‘Namoota hedduu kana hunda argiteettaa? Kunoo, ani harʼa harka keetti dabarsee isaan nan kenna; atis ani Yihowaa akkan taʼe ni beekta’”+ isaan jedhe. 14 Ahaabis, “Karaa eenyuutiin?” jedhee isa gaafate; innis, “Yihowaan akkana jedha: ‘Karaa tajaajiltoota bulchitoota koonyaatiin’” isaan jedhe. Ahaabis, “Waraanicha eenyutu jalqaba?” jedhee isa gaafate; innis, “Situ jalqaba!” isaan jedhe.
15 Achiis Ahaab tajaajiltoota bulchitoota koonyaa sana ni lakkaaʼe; isaanis 232 turan; sana booda immoo dhiirota Israaʼel hunda ni lakkaaʼe; isaanis 7,000 turan. 16 Isaan guyyaa saafaa Benhadaad dunkaanota* sana keessatti mootota 32n warra isa gargaaraa turanii wajjin dhugee utuu machaaʼee jiruu gad baʼan. 17 Tajaajiltoonni bulchitoota koonyaa sun jalqaba yommuu gad baʼan, Benhadaad yeruma sana namoota isaa erge. Isaanis, “Namoonni Samaariyaadhaa dhufaniiru” jedhanii isatti himan. 18 Yeroo kanatti inni, “Isaan nagaadhaaf dhufan yoo taʼe, akkuma lubbuudhaan jiranitti isaan qabaa; waraanaaf dhufan yoo taʼes, akkuma lubbuudhaan jiranitti isaan qabaa” isaaniin jedhe. 19 Haa taʼu malee, tajaajiltoonni bulchitoota koonyaa sunii fi raayyaawwan waraanaa isaan duukaa buʼan sun yommuu magaalattii keessaa gad baʼan, 20 tokkoon tokkoon isaanii morkattoota isaanii ni ajjeesan. Achiis warri Sooriyaa ni baqatan;+ Israaʼelonnis isaan ni ariʼan; Benhadaad mootiin Sooriyaa garuu abbootii fardeenii muraasaa wajjin fardaan miliqe. 21 Mootiin Israaʼel garuu gad baʼee fardeen isaanii fi gaariiwwan fardaa isaanii rukute; warra Sooriyaa irrattis injifannoo guddaa argate.*
22 Boodas raajichi+ gara mootii Israaʼelitti dhihaatee, “Jalqaba waggaa dhufuutti* mootiin Sooriyaa si waraanuuf waan dhufuuf,+ dhaqiitii humna kee jabeeffadhu; wanta gochuu dandeessu irrattis yaadi”+ isaan jedhe.
23 Tajaajiltoonni mootii Sooriyaas akkana isaan jedhan: “Waaqni isaanii Waaqa gaarotaa ti. Isaan kan nu moʼan kanaafi. Dirree irratti yoo isaan lolle garuu nuti isaan ni moona. 24 Kana malees akkana godhi: Mootota hunda iddoo isaaniitii kaasiitii+ bulchitoota bakka isaanii buusi. 25 Achiis raayyaa waraanaa isa si jalaa dhumee wajjin qixxee taʼe walitti qabi;* farda fardaan, gaarii fardaas gaarii fardaatiin bakka buusi. Dirree irratti isaan haa lollu; shakkii tokko malee isaan ni moona.” Kanaafuu, inni gorsa isaanii ni dhagaʼe; akkuma isaan jedhanis ni godhe.
26 Jalqaba waggichaatti* Benhadaad warra Sooriyaa walitti qabee Israaʼelota waraanuuf gara Afeeqitti+ ol baʼe. 27 Namoonni Israaʼel walitti qabamanii, galaas fudhatanii isaan waraanuuf ni baʼan. Namoonni Israaʼel yommuu isaan dura buufatan tuuta reʼootaa xixinnoo lama fakkaatu turan; warri Sooriyaa garuu guutummaa biyyattii keessa guutanii turan.+ 28 Achiis namni Waaqa dhugaa sun mootii Israaʼelitti dhihaatee akkana isaan jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Warri Sooriyaa, “Yihowaan Waaqa gaarotaa ti malee, Waaqa dirreewwanii miti” waan jedhaniif, namoota hedduu kana harka keetti dabarsee nan kenna;+ isinis ani Yihowaa akkan taʼe dhugumaan ni beektu.’”+
29 Isaanis guyyaa torbaaf fuullee walii buufatanii turan; guyyaa torbaffaattis waraanichi ni jalqabame. Namoonni Israaʼelis guyyaa tokkotti loltoota lafoo warra Sooriyaa 100,000 ajjeesan. 30 Warri hafanis gara Afeeqitti,+ jechuunis gara magaalattiitti baqatan. Haa taʼu malee, dallaan sun warra hafan keessaa namoota 27,000 irratti ni jige. Benhadaadis baqatee gara magaalattiitti seene; achiis kutaa isa gara keessaa tokko keessa dhokate.
31 Kanaafuu tajaajiltoonni isaa, “Ilaa, mootonni mana Israaʼel mootota gara laafeyyii* taʼuu isaanii dhageenyeerra. Maaloo, uffata gaddaa mudhii keenyatti hidhannee, wadaroos mataa keenyatti marannee gara mootii Israaʼelitti haa baanu. Tarii inni lubbuu kee ni oolcha taʼa”+ isaan jedhan. 32 Kanaafuu, isaan uffata gaddaa mudhii isaaniitti hidhatanii, wadaroos mataa isaaniitti maratanii gara mootii Israaʼelitti seenanii, “Tajaajilaan kee Benhadaad, ‘Maaloo, lubbuu koo hin balleessin’ siin jedha” isaan jedhan. Innis deebisee, “Amma iyyuu lubbuudhaan jiraa? Inni obboleessa koo tiim” jedhe. 33 Namoonni sunis kana akka milkii gaariitti ilaalanii wanta mootichi dubbate dafanii fudhachuudhaan, “Benhadaad obboleessa kee ti” isaan jedhan. Yeroo kanatti inni, “Dhaqaatii isa fidaa” isaaniin jedhe. Achiis Benhadaad baʼee gara isaa dhaqe; innis gaarii fardaa irra akka yaabbatu isa godhe.
34 Benhadaadis, “Ani magaalota abbaan koo abbaa kee irraa fudhate nan deebisa; akkuma abbaan koo Samaariyaa keessatti godhe, atis Damaasqoo keessatti ofii keetiif gabaa hundeeffachuu* dandeessa” isaan jedhe.
Ahaabis deebisee, “Akka walii galtee* kanaatti, ani sin gadhiisa” isaan jedhe.
Akka kanaan inni isaa wajjin walii galtee ni godhe; isas ni gadhiise.
35 Ilmaan raajotaa*+ keessaa tokko ajaja Yihowaatiin michuu isaatiin, “Maaloo na rukuti” jedhe. Namichi garuu isa rukutuu dide. 36 Kanaafuu inni, “Ati sagalee Yihowaa waan hin dhageenyeef akkuma na biraa deemteen leenci tokko si ajjeesa”* isaan jedhe. Erga inni isa biraa deemee boodas leenci tokko itti dhufee isa ajjeese.
37 Innis nama kan biraa argatee, “Maaloo, na rukuti” isaan jedhe. Namichis rukutee isa madeesse.
38 Achiis raajichi deemee ija isaatti huccuu maratee eenyummaa isaa dhoksee karaa qarqaratti mooticha eege. 39 Mootichi utuu achiin darbaa jiruus, sagalee isaa ol kaasee mooticha waamuudhaan akkana isaan jedhe: “Ani tajaajilaan kee waraana cimaa taʼetti seeneen ture; achiis namichi tokko achii baʼee namicha tokko gara kootti fidee, ‘Namicha kana eegi. Inni yoo bade garuu bakka lubbuu isaa lubbuu keetu bakka buufama;+ yookiin meetii taalaantii* tokko kaffalta’ naan jedhe. 40 Ani tajaajilaan kee hojiidhaan qabamee utuun asii fi achi jedhuu, akkuma tasaa namichi ni bade.” Mootiin Israaʼelis, “Adabni kee kanuma taʼa; atumti iyyuu murteessiteetta” isaan jedhe. 41 Achiis inni yeruma sana carqicha ija isaa irraa ni fuudhe; mootiin Israaʼelis inni raajota keessaa tokko+ taʼuu isaa ni hubate. 42 Raajichis, “Yihowaan akkana jedha: ‘Ati namichi ani balleeffamuu akka qabu dubbadhe sun harka kee irraa akka miliqu waan gooteef,+ bakka lubbuu isaa lubbuu keetu bakka buufama;+ bakka namoota isaas namoota keetu bakka buufama’”+ isaan jedhe. 43 Yeroo kanatti mootiin Israaʼel nyaara guuree, akkasumas gaddee gara mana isaa isa Samaariyaatti+ argamutti qajeele.
21 Wantoota kana booda, maasii wayinii Naabot Yezriʼelichaa isa Yezriʼel+ keessatti argamuu fi mana mootummaa Ahaab isa mootii Samaariyaa taʼetti aanee jiruu wajjin haala wal qabateen wanti tokko ni raawwatame. 2 Ahaab Naabotiin, “Maasichi mana koo bira waan jiruuf, kuduraa akkan irratti dhaabuuf maasii wayinii kee naaf kenni. Anis bakka isaa maasii wayinii kana irra wayyu siifan kenna. Yoo barbaadde immoo gatii isaa siifan kenna” jedhe. 3 Naabot garuu Ahaabiin, “Kun Yihowaa duratti sirrii waan hin taaneef, dhaala abbootii kootii siif kennuun anaaf wanta hin yaadamne dha” jedhe.+ 4 Kanaafuu Ahaab, Naabot Yezriʼelichi, “Ani dhaala abbootii kootii siif hin kennu” waan isaan jedheef, nyaara guuree, akkasumas gaddee mana isaatti gale. Achiis fuula isaa gara girgiddaatti garagalchee siree isaa irra ciise; nyaatas ni lagate.
5 Haati manaa isaa Iizaabelis+ gara isaatti seentee, “Hamma nyaata lagattutti akkanatti kan gaddite* maaliifi?” jettee isa gaafatte. 6 Innis akkana jedhee ishiidhaaf deebise: “Ani Naabot Yezriʼelichaan, ‘Maasii wayinii kee maallaqaan natti gurguri. Yoo barbaadde immoo bakka isaa maasii wayinii kan biraa siifan kenna’ jedheen ture. Inni garuu, ‘Maasii wayinii koo siif hin kennu’ naan jedhe.” 7 Haati manaa isaa Iizaabelis, “Ati mootii Israaʼeliin bulchaa jiru mitii? Kaʼiitii nyaata nyaadhu; garaan kees haa gammadu. Maasii wayinii Naabot Yezriʼelichaa ani siifan kenna” isaan jette.+ 8 Kanaafuu, ishiin maqaa Ahaabiin xalayaawwan barreessitee isaan irratti chaappaa Ahaab ni goote;+ achiis xalayaawwan sana gara jaarsolii+ fi guguddoota magaalaa Naabot keessa jiraatanitti ergite. 9 Xalayaawwan sana irrattis akkana jettee barreessite: “Sooma labsaa; Naabotis namoota hunda dura akka taaʼu godhaa. 10 Namoota gatii hin qabnee fi isa dura taaʼanii, ‘Ati Waaqayyoo fi mooticha arrabsiteetta!’+ jedhanii isa irratti ragaa baʼan lama qopheessaa.+ Achiis gad baasaatii dhagaadhaan tumaa isa ajjeesaa.”+
11 Kanaafuu, namoonni magaalaa isaa, jaarsoliinii fi guguddoonni magaalaa isaa keessa jiraatan akkuma xalayaawwan Iizaabel isaaniif ergite irratti ibsame ni godhan. 12 Sooma ni labsan; Naabotis namoota hunda dura akka taaʼu ni godhan. 13 Achiis namoonni gatii hin qabne lama seenanii isa dura taaʼanii, “Naabot Waaqayyoo fi mooticha arrabseera!” jedhanii namoota sana duratti isa irratti ragaa baʼuu jalqaban.+ Sana booda, gara qarqara magaalattiitti geessanii dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan.+ 14 Achiis, “Naabot dhagaadhaan tumamee ajjeefameera” jedhanii Iizaabelitti dhaamsa ergan.+
15 Iizaabelis Naabot dhagaadhaan tumamee ajjeefamuu isaa akkuma dhageesseen Ahaabiin, “Kaʼiitii maasii wayinii isa qabeenya Naabot Yezriʼelichaa taʼe, isa inni maallaqaan sitti gurguruu dide sana fudhadhu;+ sababiin isaas, Naabot lubbuudhaan hin jiru. Inni duʼeera” jette. 16 Ahaabis Naabot duʼuu isaa akkuma dhagaʼeen kaʼee maasicha fudhachuuf gara maasii wayinii Naabot Yezriʼelichaatti gad buʼe.
17 Haa taʼu malee, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Eeliyaas+ Tishbichaatti ni dhufe: 18 “Kaʼiitii Ahaab mootii Israaʼel isa Samaariyaa+ keessatti bulchaa jiru argachuuf gad buʼi. Inni maasii wayinii Naabot fudhachuuf dhaqee maasicha keessa jira. 19 Akkana jedhiitii isatti himi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ati nama ajjeestee+ qabeenya isaa fudhatte+ mitii?”’ Achiis akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Saroonni bakkuma dhiiga Naabot arraabanitti dhiiga kees ni arraabu.”’”+
20 Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina koo, na argatte mitii?” jedhe.+ Innis deebisee akkana isaan jedhe: “Eeyyee, si argadheera. ‘Ati wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuuf kutattee waan kaateef,*+ 21 kunoo, ani badiisa si irratti nan fida; si duukaa buʼees haxaaʼee sin balleessa; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo+ dabalatee dhiira* kan Ahaab taʼe hunda nan balleessa.+ 22 Ati aarii koo waan kakaastee fi Israaʼelonni cubbuu akka hojjetan waan gooteef, ani mana kee akka mana Yeroboʼaam+ ilma Nebaatii fi akka mana Baʼaashaa+ ilma Ahiyaa nan godha.’ 23 Iizaabeliin ilaalchisees Yihowaan akkana jedha: ‘Maasii Yezriʼel keessa jiru tokko irratti saroonni Iizaabeliin ni nyaatu.+ 24 Nama kan Ahaab taʼee fi magaalaa keessatti duʼu sareetu nyaata; isa dirree keessatti duʼu kam iyyuu immoo allaattiiwwan samiitu nyaata.+ 25 Dhuguma iyyuu, namni akka Ahaabitti haadha manaa isaa Iizaabeliin oofamee+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuuf kutatee kaʼe* tokko illee hin jiru.+ 26 Inni wanta Amooronni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan hunda raawwachuudhaan waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼan duukaa buʼee wanta hunda caalaa jibbisiisaa taʼe raawwateera.’”+
27 Ahaabis dubbii kana akkuma dhagaʼeen, uffata isaa tarsaasee uffata gaddaa uffate; ni soome; akkasumas uffata gaddaa uffatee ni ciisa ture; gaddaanis mataa isaa gad qabee deema ture. 28 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Eeliyaas Tishbichaa ni dhufe: 29 “Dubbii ani isa ilaalchisee dubbadheen kan kaʼe Ahaab akkam akka gad of qabe ni argitaa?+ Inni na duratti waan gad of qabeef, ani badiisa sana bara jireenyaa isaatti hin fidu. Kanaa mannaa, mana isaa irratti badiisa sana kanan fidu bara ilma isaatti dha.”+
22 Sooriyaa fi Israaʼel gidduu waggaa sadiif waraanni hin turre. 2 Waggaa sadaffaattis Yoshaafaax+ mootiin Yihudaa gara mootii Israaʼelitti gad ni buʼe.+ 3 Mootiin Israaʼelis tajaajiltoota isaatiin, “Raamot Giiliyaad+ kan keenya taʼuu ishii beektuu? Nuti garuu mootii Sooriyaa irraa deebisnee fudhachuuf mamaa jirra” jedhe. 4 Achiis Yoshaafaaxiin, “Raamot Giiliyaaditti waraana irratti hirmaachuuf anaa wajjin ni deemtaa?” jedhe. Yoshaafaaxis, “Ana jechuun si jechuu dha. Saba koo jechuun saba kee jechuu dha. Fardeen koo jechuunis fardeen kee jechuu dha” jedhee mootii Israaʼeliif deebise.+
5 Taʼus Yoshaafaax mootii Israaʼeliin, “Maaloo, jalqaba dubbii Yihowaa+ gaafadhu”+ jedhe. 6 Kanaafuu, mootiin Israaʼel raajota gara 400 taʼan walitti qabee, “Raamot Giiliyaadiin waraanuuf dhaqu moo dhiisu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Yihowaan harka mootichaatti dabarsee ishii ni kenna” isaan jedhan.
7 Yeroo kanatti Yoshaafaax, “Bakka kana raajiin Yihowaa hin jiruu? Mee karaa isaatiinis haa gaafannu” jedhe.+ 8 Mootiin Israaʼelis Yoshaafaaxiin, “Karaa isaa Yihowaa gaafachuu kan dandeenyu namni hafe tokko jira;+ garuu inni waaʼee koo wanta hamaa malee takkaa raajii gaarii waan hin dubbanneef+ ani isa nan jibba.+ Innis Mikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yoshaafaax garuu, “Mootichi wanta akkanaa dubbachuu hin qabu” isaan jedhe.
9 Kanaafuu, mootiin Israaʼel abbaa taayitaa mana mootummaa tokko waamee, “Mikaayaa ilma Yimlaa hatattamaan fidi” isaan jedhe.+ 10 Yeroo kanatti mootiin Israaʼelii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa bakka oobdii balbala karra Samaariyaa duratti argamu irratti uffata mootii uffatanii teessoo isaanii irra taaʼanii turan; raajonni sun hundis isaan duratti raajii dubbatu turan.+ 11 Yeroo kanatti Zedeeqiyaan ilmi Kenaʼaanaa ofii isaatiif gaanfota sibiilaa hojjetee akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Hamma isaan balleessitutti wantoota kanaan warra Sooriyaa ni waraanta.’”* 12 Raajonni kaan hundis, “Raamot Giiliyaaditti ol baʼi; milkaaʼina ni argatta; Yihowaan harka mootichaatti dabarsee ishii ni kenna” jedhanii raajii wal fakkaatu dubbatu turan.
13 Kanaafuu, namichi Mikaayaa waamuuf deeme sun, “Ilaa, wanti raajonni tokko taʼanii mootichatti dubbatan gaarii dha. Maaloo, dubbiin kees dubbii isaanii wajjin tokko haa taʼu; atis wanta gaarii dubbadhu” isaan jedhe.+ 14 Mikaayaan garuu, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, wantuma Yihowaan naan jedhun dubbadha” jedhe. 15 Achiis gara mootichaatti seene; mootichis, “Mikaayaa, Raamot Giiliyaadiin waraanuuf dhaqnu moo dhiisnu?” jedhee isa gaafate. Innis yeruma sana, “Dhaqi; milkaaʼina ni argatta; Yihowaan harka mootichaatti dabarsee ishii ni kenna” jedhee isaaf deebise. 16 Yeroo kanatti mootichi, “Maqaa Yihowaatiin dhugaa isaa malee wanta kan biraa akka natti hin himne yeroo meeqan si kakachiisa?” isaan jedhe. 17 Kanaafuu inni, “Israaʼelonni hundi akka hoolota tiksee hin qabneetti gaarota irratti faffacaʼanii nan arga.+ Yihowaan, ‘Isaan kun gooftaa hin qaban. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan gara mana mana isaaniitti haa deebiʼan’ jedheera” jedhe.
18 Mootiin Israaʼelis Yoshaafaaxiin, “‘Inni waaʼee koo wanta hamaa malee raajii gaarii taʼe hin dubbatu’ jedhee sitti himee hin turree?” jedhe.+
19 Achiis Mikaayaan akkana jedhe: “Egaa, dubbii Yihowaa dhagaʼi: Ani, Yihowaan teessoo isaa irra taaʼee,+ guutummaan raayyaa samiis karaa mirga isaa fi karaa bitaa isaa isa bira dhaabbatanii+ nan arge. 20 Achiis Yihowaan, ‘Inni ol baʼee Raamot Giiliyaaditti akka duʼuuf, eenyutu Ahaabiin gowwoomsa?’ jedhe. Inni tokko yommuu wanta tokko jedhu, inni kan biraan immoo wanta biraa jedha ture. 21 Achiis hafuurri*+ tokko gara fuulduraatti siqee Yihowaa dura dhaabbatee, ‘Ani isa nan gowwoomsa’ jedhe. Yihowaanis, ‘Akkamitti isa gowwoomsita?’ jedhee isa gaafate. 22 Innis deebisee, ‘Ani baʼee afaan raajota isaa hundumaa keessatti hafuura dogoggorsu nan taʼa’ jedhe.+ Kanaafuu inni, ‘Ati isa ni gowwoomsita; milkaaʼinas ni argatta. Gad baʼiitii akkuma jette godhi’ isaan jedhe. 23 Yihowaan afaan raajota kee hunda keessa hafuura dogoggorsiisu kaaʼeera;+ garuu Yihowaan si irratti badiisa fiduuf murteesseera.”+
24 Yeroo kanatti Zedeeqiyaan ilmi Kenaʼaanaa Mikaayaatti dhihaatee kaballaadhaan isa rukute; achiis, “Hafuurri Yihowaa karaa kam na bira darbee sitti dubbate?” isaan jedhe.+ 25 Mikaayaanis, “Eessaan akka si bira darbe guyyaa dhokachuuf kutaa isa gara keessaatti seentu argita” jedhee isaaf deebise. 26 Achiis mootiin Israaʼel akkana jedhe: “Mikaayaa geessaatii Amoon isa ajajaa magaalattii taʼetti, akkasumas Yoʼaas isa ilma mootichaa taʼetti isa kennaa. 27 Akkana isaaniin jedhaa: ‘Mootichi, “Namicha kana mana hidhaatti galchaatii+ hamma ani nagaadhaan deebiʼutti nyaata muraasaa fi bishaan xinnoo qofa isaaf kennaa” jedheera.’” 28 Mikaayaan garuu, “Ati nagaadhaan yoo deebite, Yihowaan karaa koo hin dubbanne jechuu dha” isaan jedhe.+ Itti dabaluudhaanis, “Namoota nana, hundi keessan iyyuu kana dhagaʼaa” jedhe.
29 Kanaafuu, mootiin Israaʼelii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa gara Raamot Giiliyaaditti+ ol ni baʼan. 30 Mootiin Israaʼelis yeroo kanatti Yoshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhoksee gara waraanichaatti nan seena; ati garuu uffata mootii uffadhu” jedhe. Kanaafuu, mootiin Israaʼel eenyummaa isaa dhoksee+ gara waraanichaatti ni seene. 31 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa, “Mootii Israaʼelii wajjin malee, xinnaas taʼe guddaa eenyu iyyuu wajjin wal hin waraaninaa” jedhee ajajjoota gaarii fardaa+ isaa 32 ajajee ture. 32 Ajajjoonni gaarii fardaa sunis Yoshaafaaxiin akkuma arganiin, “Mootiin Israaʼel isa kana akka taʼe hin shakkisiisu” jedhanii yaadan. Kanaafuu, isa waraanuuf itti garagalan; Yoshaafaaxis gargaarsa argachuuf ni iyye. 33 Ajajjoonni gaarii fardaa sunis inni mootii Israaʼel akka hin taane yommuu argan, yeruma sana isa ariʼuu dhiisanii deebiʼan.
34 Haa taʼu malee, namni tokko akkuma tasaa* iddaa isaa darbatee bakka kootiin sibiilaa isaa itti wal qabatuun mootii Israaʼel ni waraane. Kanaafuu, mootichi namicha gaarii fardaa isaaf oofu sanaan, “Akka malee waanan madaaʼeef, gaarii kana naannessiitii waraanicha* keessaa na baasi” jedhe.+ 35 Waraanichi guyyaa sana guutuu ni finiine; mootichas fuula isaa gara warra Sooriyaatti naannessanii gaarii fardaa sana keessatti hirkisanii dhaaban. Dhiigni isaas gaarii fardaa sana keessatti ni dhangalaʼe; innis galgaluma sana ni duʼe.+ 36 Yeroo aduun lixuuf jettuttis iyyi, “Tokkoon tokkoon keessan gara magaalaa magaalaa keessaniitti deebiʼaa! Tokkoon tokkoon keessan gara biyya biyya keessaniitti deebiʼaa!” jedhu buufaticha keessatti ni dhagaʼame.+ 37 Akka kanaan, mootichi ni duʼe; gara Samaariyaattis ni geeffame; isaanis Samaariyaatti mooticha ni awwaalan. 38 Gaarii fardaa waraanaa sana bishaan kuufamaa Samaariyaatiin yommuu dhiqanis, akkuma Yihowaan dubbatetti saroonni dhiiga isaa ni arraaban; sagaagaltoonnis achitti ni dhiqatan.*+
39 Seenaan Ahaab inni hafee fi wanti inni godhe hundi, manni* inni ilka arbaatiin ijaaree+ fi magaalonni inni ijaare hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 40 Achiis Ahaab abbootii isaa wajjin ni boqote;+ ilmi isaa Akaaziyaanis+ bakka isaa mootii taʼe.
41 Ahaab mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti Yoshaafaax+ ilmi Aasaa mootii Yihudaa taʼe. 42 Yoshaafaax yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 35 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 25f ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa yommuu taʼu, ishiin intala Shilhii turte. 43 Innis daandii abbaa isaa Aasaa+ hundumaa irra deemuu isaa itti fufe. Isa irraas hin jalʼanne; wanta Yihowaa duratti sirrii taʼes ni raawwate.+ Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan; namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ 44 Yoshaafaax mootii Israaʼelii wajjin nagaadhaan ni jiraate.+ 45 Seenaan Yoshaafaax inni hafe, hojiiwwan guguddaan inni hojjetee fi akkamitti waraana irratti akka bobbaʼe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 46 Kana malees, inni dhiirota mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan,+ warra bara abbaa isaa Aasaatti+ utuu hin balleeffamin hafan biyyattii keessaa ni balleesse.
47 Bara sanatti Edoom+ keessa mootiin hin jiru ture; bulchaa naannootu akka mootiitti bulcha ture.+
48 Kana malees, Yoshaafaax gara Ofiir deemanii warqii akka fidaniif dooniiwwan Tarshiish* ni hojjete;+ taʼus dooniiwwan sun Eexiyoon Geberitti+ waan caccabaniif utuu hin deemin hafan. 49 Akaaziyaan ilmi Ahaab Yoshaafaaxiin, “Tajaajiltoonni koo tajaajiltoota kee wajjin dooniiwwaniin haa deeman” kan jedhe yeroo kanatti ture; Yoshaafaax garuu tole hin jenne.
50 Sana booda Yoshaafaax abbootii isaa wajjin ni boqote;+ Magaalaa abbaa isaa Daawit keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame; ilmi isaa Yooraamis+ bakka isaa mootii taʼe.
51 Yoshaafaax mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 17ffaa isaatti, Akaaziyaan+ ilmi Ahaab Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa lamaafis Israaʼeliin ni bulche. 52 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe; daandii abbaa+ isaa fi haadha+ isaa irra, akkasumas daandii Yeroboʼaam ilma Nebaat isa Israaʼelonni cubbuu akka hojjetan godhe irra deemuu isaa itti fufe.+ 53 Akkuma abbaan isaa godhe, Baʼaaliin tajaajiluu+ isaa, isaaf sagaduu isaa fi Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuu isaa itti fufe.+
Kal., “guyyoonni isaas ni sokkan.”
Ykn., “miira isaa miidhee; isa ifatee.”
Ykn., “lubbuu koo fureen.”
Ykn., “gaangee dhaltuu.”
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Ykn., “ulfina qabeessa.”
Kal., “Ani daandii lafaa hunda deemuufan jedha.”
Kal., “ogummaadhaan sochoota.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Guyyoonni.”
Kal., “fuula isaanii ana irra kaaʼanii.”
Ykn., “mootummaa dhalatti darbu naaf hundeesseen.”
Ykn., “Adoniyaa irratti kufee.”
Ykn., “ni fudhate.”
Kal., “guddaa.”
Kal., “akkamitti akkan baʼuu fi akkamitti akkan seenu kanan hin beekne.”
Ykn tarii, “rakkisaa.” Kal., “ulfaataa.”
Kal., “guyyoota hedduu.”
Ykn., “lubbuu.”
Kal., “hubannaa dhimma murtii dhagaʼuuf.”
Kal., “guyyoota kee hundatti.”
Kal., “guyyoota kees nan dheeressa.”
Kal., “sodaatan.”
Ykn., “bulchitoonni isaa.”
Jechuunis, Efraaxis.
Qorosiin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Jechuunis, Efraaxis irraa gara dhihaatti.
Lakkoofsi kun barreeffamoota harkaan garagalfaman tokko tokko irrattii fi caqasa waaʼee seenaa kanaa dubbatu kaan irratti ni argama. Barreeffamoonni harkaan garagalfaman kaan immoo 40,000 jedhu.
Ykn., “abbootii fardeenii.”
Ykn., “garaa hubataa.”
Ykn., “dubbate.”
Ykn., “uumamawwan barrisanii.”
Tarii uumamawwan lafa irra loʼanii fi ilbiisota kan dabalatu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “yeroo kamitti iyyuu Daawitiin kan jaallatu waan tureef.”
Ykn., “hedduu.”
Qorosiin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “zayitii tumame.”
Ykn., “kakuu waliif ni galan.”
Ykn., “baʼaa baatan.”
Kal., “Ilmaan Israaʼel.”
Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Kutaa Dabalataa B8 ilaali.
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Dalgi.”
Kal., “mana qulqullummaa manichaa.”
Ykn., “ittisawwan.”
Kun Kutaa Qulqulluu argisiisa.
Ykn., “bakka dhooqaa.”
Kal., “mirga.”
Jechuunis, manicha keessatti.
Jechuunis, Kutaa Qulqulluu, isa Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu fuuldura jiru.
Jechuunis, masaaqula.
Kal., “muka zayitii,” tarii immoo gaattiraa Aleeppoo.
Jechuunis, goflaan.
Jechuunis, Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe.
Kal., “isa keessaa fi isa alaa.”
Tarii ijaarsa fireemii balbalaa ykn hamma balbaloota sanaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Kun Kutaa Qulqulluu argisiisa.
Tarii ijaarsa fireemii balbalaa ykn hamma balbaloota sanaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Ykn., “mana mootummaa.”
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Tarii baattuuwwan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “Barandaa.”
Ykn., “Barandaa.”
Ykn., “Manni mootii.”
Kal., “mana Galmichaa.”
Ykn., “nahaasii,” iddoowwan kanatti aananii boqonnaa kana keessatti argaman kaaniifis ni hojjeta.
Kun Kutaa Qulqulluu argisiisa.
Ykn., “karaa kibbaa.”
“Inni (jechuunis, Yihowaan) Jabeessee haa Dhaabu” jechuu dha.
Ykn., “karaa kaabaa.”
Tarii, “Jabinaan” jechuu dha.
Ykn., “miʼa bishaanii.”
Gara 7.4 cm. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Baatiin tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “gaariiwwan bishaanii.”
Ykn., “gaarichaa wajjin tokko taʼanii.”
Ykn., “gaarichaa wajjin tokko taʼanii.”
Ykn., “afaan isaa gidduu gar tokkoo hamma gara isa kaaniitti dhundhuma afur ture.”
Ykn., “daabboon Waaqayyo duratti dhihaatu.”
Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Jechuunis, Ayyaana Daasii.
Kal., “ilma kee isa mudhii kee keessaa baʼu.”
Ykn., “namni kan biraan abaarsa jala yoo isa galche.” Jechuunis, namichi kakate sun kan kakate sobaan yoo taʼe ykn utuu hin raawwatin yoo hafe abaarsi sun adaba isa irra geessisa.
Kal., “abaarsa.”
Kal., “abaarsa.”
Kal., “hamaa.”
Kal., “qajeelaa.”
Ykn., “waan isaan rakkisteef.”
Jechuunis, gubu.
Ykn., “kuruphisni.”
Kal., “biyya karrawwan isaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechuunis, midijjaa.
Ykn., “wanta isaan si kadhatan hunda isaaniif dhagaʼuudhaan.”
Ykn., “Yihowaadhaaf guutummaatti kan bule.”
Ykn., “karra Hamaatii.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “saddettaffaattis.” Jechuunis, guyyaa isa guyyaa torbaffaa isa dabalataatti aansee jiru.
Kal., “kan itti mammaakamuu.”
Kal., “isaan ija isaa duratti sirrii hin turre.”
Ykn tarii, “Biyya Gatii hin Qabne.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “Miiloo.” Jecha Afaan Ibrootaa hiika “itti guutuu” jedhu qabu.
Ykn., “akka tirmaatti; akka kennaa mana baʼaatti.”
Ykn., “ni jabeesse.”
Ykn., “Miiloo.” Jecha Afaan Ibrootaa hiika “itti guutuu” jedhu qabu.
Ykn., “hibboodhaan.”
Zayitii urgaaʼaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.
Kal., “wanti mooticha jalaa dhokate.”
Kal., “hafuurri ishii keessatti hin hafne.”
Ykn., “dubbatte.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “akka harka Solomoon Mootichaatti.”
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.
Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti miinaan tokko 570 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Gosa allaattii halluuwwan bareedan adda addaa qabdu. Ingiliffaan piikookii.
Kal., “fuula isaa arguu.”
Ykn., “abbootii fardeenii.”
Ykn., “abbootii fardeenii.”
Ykn tarii, “Gibxii fi Kuweedhaa; daldaltoonni mootichaa Kuweedhaa isaan bitu turan,” tarii Kiilqiyaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “isaanii wajjin gaaʼelaan walitti hin firoominaa.”
Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.
Ykn., “haadhotiin manaa isaa dhiibbaa guddaa isa irra geessisan.”
Ykn., “Yihowaadhaaf guutummaatti kan bule.”
Mootuu bulchituu hin taane.
Ykn tarii, “harma guuste.”
Kal., “ajjeesetti.”
Kal., “harka isaa.”
Ykn., “Miiloo.” Jecha Afaan Ibrootaa hiika “itti guutuu” jedhu qabu.
Jechuunis, sanyii.
Ykn., “wanta lubbuun kee barbaadde.”
Kal., “Guyyoonni.”
Jechuunis, harqoota, qambara.
Ykn., “cunqursaa.”
Ykn., “jaarsolii.”
Ykn., “jaarsoliin.”
Ykn., “jaarsoliin.”
Kal., “dunkaanota.”
Kal., “filataman.”
Ykn., “jabeessee.”
Ykn., “ni jabeesse.”
Ykn., “Mallattoon dinqii.”
Ykn., “daaraan coome,” jechuunis, daaraa cooma aarsaatiin jiidhe.
Ykn., “mallattoo dinqii.”
Ykn., “waan lamshaaʼeef.”
Kal., “harka isaa ni guuta.”
Ykn., “okkotee.”
Ykn., “Akkana akkana jedhii ishiitti himi.”
Ykn., “siidaawwan baqfamanii tolfaman.”
Kal., “isa dallaa irratti fincaaʼu hunda.” Yaada Afaan Ibrootaatiin dhiirota tuffachuuf itti hojjetamu dha.
Kal., “nan kuta.”
Kal., “kutu.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Jechuunis, Efraaxis.
Kal., “Guyyoonni.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “fiigdotaa.”
Abiyaas ni jedhama.
Ykn., “Waaqa isaa Yihowaadhaaf guutummaatti kan bule.”
Ykn., “sanyii.”
Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “guyyoota.”
Ykn., “Yihowaadhaaf guutummaatti kan bule.”
Ykn., “naannoo Aasaa Mootichaa keessaa akka gad hin baane ykn gara naannoo isaatti akka hin seenne.”
Ykn., “jabeessuu; deebisee ijaaruu.”
Ykn., “kakuun.”
Ykn., “kakuu.”
Ykn., “jabeessuu; deebisee ijaaruu.”
Ykn., “ni jabeesse; deebisee ni ijaare.”
Ykn., “jabeesses; deebisee ijaares.”
Ykn., “Namoota dhiiga isaatiif haaloo baʼan.”
Kal., “isa dallaa irratti fincaaʼu.” Yaada Afaan Ibrootaatiin dhiirota tuffachuuf itti hojjetamu dha.
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
“Qabeenya Qomoo Shemeer” jechuu dha.
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
“Waaqni Koo Yihowaa Dha” jechuu dha.
Kal., “isa ani dura dhaabbadhuun.”
Ykn., “Laga Gogaa Keriit.”
Ykn., “qurruuwwan.”
Ykn., “Laga Gogaa Keriit.”
Jechuunis, kaballaa.
Ykn., “anii fi ati maal wal irraa qabna?”
Ykn., “lubbuun mucaa kanaa akka itti deebitu.”
Ykn., “lageen goggogan.”
Kal., “isa ani dura dhaabbadhuu.”
Ykn., “Israaʼel akka jibbamu gochaa.”
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “hookkoo ykn kazaraa lama irra.”
Jechuunis, mana fincaanii.
Ykn tarii, “karaa deemeera taʼa.”
Ykn., “akka raajotaa taʼan.”
Safartuun siihii tokko 7.33 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “laga gogaa.”
Jechuunis, qale.
Ykn., “mudhii isaa hidhatee.”
Ykn., “lubbuu kee akka lubbuu raajota ati ajjeeste sanaa yoon gochuu baadhe.”
Ykn., “uffata raajii.”
“Waaqayyo Fayyina Dha” jechuu dha.
Ykn., “uffata raajii.”
Ykn., “daasiiwwan.”
Ykn., “daasiiwwan.”
Ykn., “warra Sooriyaas ni fixe.”
Jechuunis, arfaasaa dhufuutti.
Kal., “lakkaaʼi.”
Jechuunis, tibba arfaasaatti.
Ykn., “mootota jaalala amanamaa qaban.”
Ykn., “daandiiwwan moggaasuu.”
Ykn., “kakuu.”
Yaanni, “Ilmaan raajotaa” jedhu mana barumsaa raajonni itti baratan ykn waldaa raajotaa kan argisiisu fakkaata.
Ykn., “si rukuta.”
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “hafuurri kee kan gadde.”
Kal., “waan of gurgurteef.”
Kal., “isa dallaa irratti fincaaʼu hunda.” Yaada Afaan Ibrootaatiin dhiirota tuffachuuf itti hojjetamu dha.
Kal., “of gurgure.”
Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Ykn., “ni dhiibda.”
Ykn., “maleekaan.”
Ykn., “utuu itti hin yaadin.”
Kal., “buufaticha.”
Ykn tarii, “bakka sagaagaltoonni dhiqatanitti, saroonni dhiiga isaa ni arraaban.”
Ykn., “manni mootii.”
Ibsa Jechootaa ilaali.